You are on page 1of 2

Guyyaa 17/04/2016

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Adooshee Walasheetiif


Roobe.

R/Hamattuun Aadde Biiftuu Haajii Waaqoo


Teessoon Magaalaa Roobee ganda Caffee Doonsaa
R/Himatamaan obbo Abdii Aliyyii K/Sheeymoo
Teessoon Magaalaa Roobee ganda Caffee Doonsaa

Ijoon himata Kiyyaa Akkaataa Murtii Mana murtii Aadaa jalqabaa Ganda caffee Doonsaa gaafa
07/03/2016 lakk Galmee mana murtii Aadaa 151/15 ta’een kennameen R/Himatamaann Qallaba
daa’imaa qarshii 1200(kuma tokkoo fi dhibba lama) akkaataa murtiitiin dirqamee akka naaf
raawwatuuf himata raawwii dhiheeffachuu ta’a:-

A. Himanni raawwii koo kun bu’uura SDFHH keewwata 378 fi 223 fi Labsii mana murtii
Aadaa Noonnoo Oromiyaa hundeessuu fi beekkamtii kennuuf bahe lakk 240/2013
keewwata 34 (2(c,d))tiin himata dhiyaate dha.
B. Kafaltii seerummaa narraa eegamu nan kafala.
C. Himata raawwii himatamaadhaaf Karaa Magaalaa Roobee Bulchiinsa Caffee
Doonsaatiin akka naaf qaqqabuuf deeggarsa seeraan gaafadha.
D. Anii fi Raawwii Himatamaan dandeettii Seeraa ni qabna.

Ani raawwii himattuun ammaaa fi raawwii himatamaan mana murtii Aadaa sadardaa jalqabaa
Magaalaa Roobee Gaaddisa ganda Caffee Doonsatti wal himachaa turree gaa’illi keenya erga
bu’ee booda; Gaaddisni Daa’ima Raawwii Himataa waliin qabnu maqaan ishee Hikmaa Abdii
Aliyyii jedhamtu kan umriin ishee waggaa tokkoo(1) fi baatii shan(5) taateef qallaba ji’aan
qarshii 1200(kuma tokkoo fi dhibba lama muree murtiin akka raawwatamuuf ajaja kennee ture.
Irra deddeebidhaan himatamaan akka qallaba kennuuf gaafatamus hayyamamaa waan hin taaneef
bu’uura labsii Mana Murtii Aadaa lakk 240/2013 keewwata 34(2)c,d))tiin raawwiif gara mana
murtii kanaa xalayaa lakk 151/15 gaafa 15/04/2016 barraaheen dhimmicha waan raawwiif
qajeelcheef himata raawwii kana asitti dhiheefachuuf dirqameen jira.
Kanaafuu, RaawwiiHimatamaan karaa mana murtiitiin Qallaba baatii tokkoo qarshii
1200(kumatokkoo fi dhibba lama) dirqamee akka naaf raawwatu kabajaan gaafadha.
Himanni koo kun dhugaa fi sirrii ta’uu bu’uura S/D/F/H/H keewwata 92tiin Mallattoo kiyyaan
nan mirkaneessa.
R/Himattuun Aadde Biiftuu Haajii Mallattoo--------------------------------
.
Guyyaa 25/03/2016

Mana Murtii Aanaa Sinaanaatiif


Roobe.

R/Hamattuun Aadde Warqoo H/Muktaar H/Yuunus


Teessoon Aanaa sinaanaa ganda Salqaa baadiyaa
R/Himatamtuun Aadde Ayishaa Aliyyii K/Gurraa
Teessoon Aanaa sinaanaa ganda Salqaa Baadiyaa
Tarree Ragaa Bu’uura S/D/F/H/H/ Keewwata 223tiin dhiyaate

A. Ragaa Barruu

1. Murtii mana murtii Mana Murtii Aaadaa sadarkaa jalqabaa Magaalaa


Roobee ganda Caffeetiin Lakk Galmee 151/15 ta’een irratti dhaddacha
gaafa 07/03/2016 ooleen kenname garagalcha isaa fuula 3x3=9 himata
raawwii kana waliin dhiyeeffadheen jira.
2. Xalayaa lakk MMAGCO 151/151 ta’e kan gaafa 15/04/2016 barraahe
garagalcha isaa fuula 1x3=3 himata raawwii kana waliin dhiheeffadheen
jira.

Tarreen ragaa barruu koo kun dhugaa fi sirrii ta’uu bu’uura SDFHH keewwata 92tiin mallaattoo
kiyyaan nan mirkaneessa.

R/Himattuun Aadde Biiftuu Haajii Mallattoo----------------------------------

You might also like