You are on page 1of 4

Guyyaa ______________

Lakk---OCGF/

LGMM------------------

Mana Murtii Ol’aanaa Go/Arsii Lixaa tiif

Shaashamannee

Rawwiin Himataan;- Walda Aksiyoonna Daldala Faayinansi Meeshalee Kaappitaala


Oromiyaa.

Teessoon;- Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraniyoo Aanaa 24

B/Bu’aan;- Faxxannee Maammoo

Rawwiin himatamaan;- Waldaa Shariikaa Maamusheet, Gasaasee fi Faasikaa Hojii Oomisha


Saamunaa.

Teessoon;- Magaalaa Shaashamannee Kutaa Magaala Bulchaanaa ganda 05

Himannaa Rawwii Bu’uura S/D/F/H/H/ Kwt. 378 tiin guutamee dhiyate.

Ibsa Himatichaa

 Garagalchi murtii himannaa raawwii kanaaf sababa ta’ee galmeen Ol’iyyanoo lakk.407729
dhaddacha guyyaa 19/08/2015 ooleen M/Murtii Waliigala Oromiyaa Dhaddacha Dhaabbii
Kibbaa tiin murteefame fuula 4 (Afur) himannaa kanaan walqabateera.
 Garagalchi murtii himannaa rawwii kanaaf sababa ta’e galmee haadhoo lakk.43840 dhaddacha
guyyaa 05/02/2015 Ooleen M/Murtii kanaan murteefame fuula 10(Kudhan) himannaa kanaan
walqabateera.
 Murtii kana irrati Ol’iyannoon gaafatamee murtiin Mana Murtii kanaan kenname cimee jira.
 Erga murtiin kennamee Rawwiin himatamaa fi himatamtoota jidduti wanti rawwatame hin jiru.
 Dhimmaa kana ofumaa ykn bakka bu’aan hordofadha.
 Waraqaa Waamichaa R/himatamaaf gama ganda teessoo isaatiin akka ergamuuf gafadha.
Tarree Himannaa Raawwii Keenyaa Gabaabinaan

Himata raawwii kanaaf sababa kan ta’e, himannaa R/himatamaa fi R/ himataan Mana Murtii
Ol’aanaa Go/Arsii Lixaati galmee haadhoo Lakk 43840 ta’e irrati falmii maallaqa kiraa
meeshalee kaappitaalaan walfalmaa erga turee booda manni murtii kun dhaddacha gaafa
guyaa 05/02/2015 A.L.I.Ooleen Kaffaltii Kiraa Meeshaa fi kafaltii tajaajilaa M/A/Iddaa
Walumaagalati qarshii 373,168.42 (Kuma dhibba sadiif kuma torbaatamii sadiif dhibba
tokkoof jaatamii saddeetiif Saantima 42/100)akka nuuf kanfalu jechuun murtii kenneera.

Dabalataanis baasii fi dhamaatii sababa galmee kanaan nurra gahe


himannee kaffalchiifachuu akka dandeenyu mirga nuuf eeguun muteessee
jira.Kanaafuu,Kaffaltii Abbaa-Seerummaa qarshii 14,834(Kuma Kudha Afur fi Dhiba
Saddeetiif Sodomii Afur) gaafa 21/4/2014 Lakk.Nagahee 0209623 ta’ee irrati kaffaluun
himanaa saaqnee nagaheen isaa galmeeti hidhamee jiru akkasumaas baasii fi dhamaatii
keenya guyyaa himanaan kun saaqame 11/4/2014 irraa kaasee hanga gaafa 19/08/2015ti jiru
durgoo Olmaa fi geejjiba Magaala Finfinneerra dedeebi’uun falmaa ture giduma galeessaan
kan beellama 30(Sodomaa) qofa qarshii 78,300(Kuma torbaatamii saddeetiif dhibba sadii)
,turjumaanaaf qarshii 300(dhiba sadii),Kaffaltii dhorkaa Konkolataaf gaafa 18/6/2014
Lakk.Nagahee 2513561 ta’ee irrati qarshii 500(dhiba shan) kaffaluun dhorkisiinee fi Kaffaltii
Abbaa-Seerummaa qarshii 9,317(Kuma sagaliif fi Dhiba Sadiif Kudha-torba)gaafa 25/5/2015
Lakk.Nagahee 0632848 ta’ee irrati MMWO Dhaddacha Dhaabbii Kibbaa ti kaffale dabalatee
walumaagalati qarshii 476,419.42(Kuma dhibba afuriif kuma torbaatamii jahaa fi dhibba
afuriif kudha sagaliif saantima 42/100) baasinee jira.

Haa ta’u malee R/himatamaan kun akkataa murtii kanaan nuuf kanfaluuf eeyamamaa ta’u
waan didaaniif, seeraan dirqamanii akkataa bu’uura murtii kanaan nuuf raawwataniif himannaa
raawwii kana dhiyessuuf dirqamneera.

Kanafuu, Kabajamaan M/Murtii kun qaama ilaalatu ajajuun M/A/Idaa dirqisiisee bu’uura murtii
kanaan akka nuuf raawwatamuuf kabajaan gaafachaa,ibsi raawwii himannaan kun dhugaa fi
ta’uu bu’uura S/d/f/h/h/ kwt.92 tiin nan mirkaneessa.

Mallattoo B/bu’aa M/A/Mirgaa-----------------


Guyyaa----------------

Lakk---OCGF/

LGMM------------------

Mana Murtii Ol’aanaa Go/Arsii Lixaa tiif

Shaashamannee

Rawwiin Himataan;- Walda Aksiyoonna Daldallaa Faayinansi Meeshalle Kaappitalla


Oromiyaa.

Teessoon;- Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Qirqos Aanaa 07

B/Bu’aan;- Faxxannee Maammoo


Rawwiin Himatamaan;- Waldaa Shariikaa Maamusheet, Gasaasee fi Faasikaa Hojii Oomisha
Saamunaa.
Teessoon;- Magaalaa Shaashamannee Kutaa Magaala Bulchaanaa ganda 05

Bu’uura S/d/f/h/h Kewt.414 tiin kan irrati raawwatamu tarree qabeenya M/A/Iddaa
dhiyeefachuu ta’a.

Waliigalati qarshii 476,419.42(Kuma dhibba afuriif kuma torbaatamii jahaa fi dhibba afuriif
kudha sagaliif saantima 42/100) akka nuuf kaffaluuf himata raawwii bananneef maqaa Murtii
Abbaa Iddaa tiin galmaa’ee kan jiru Konkolaataa ISUZU Lakk.Gabatee isaa A-A-03-A00310
ta’e qabeenyumaan isaa kan Maamushet Indashaa kan ta’e kanaan dura mana murtii kanati
galmee haadhoo Lakk.43840 ta’e irrati ajaja dhorkaa gaafa 25/05/2014 kennameen dhorkamee
jira.

Kanaaf,Murtiin Abbaa Iddaa kun dirqama isaa bahaa waan hin jireef Konkolataa ISUZU
Lakk.Gabatee isaa A-A-03-A00310 ta’e maqaa M/A/Iddaa kanaa tiin galmaa’ee jiru qabamee
caalbaasiin gurguramuun raawwii murtii kennameef akka nuuf Oolu Abbaa Taayitaa Geejiba
Federaalaa fi Qajeelcha Poolisii Federaalaati ajajiin akka nuuf kennamu ni gaafana.

Kanaaf,Iyyanni kun bu’uura S/d/f/h/h Kewt.205 tiin kakuudhaan kan dhiyaatedha.

B/Bu’aa Raawwiin Himataa-------------

You might also like