You are on page 1of 2

Guyyaa 02/07/2016

Mana Murtii Aanaa Kutaa magaalaa Addoshee Walasheetiif

Roobe
Iyyattoonni :- 1. Aadde Masarat Tasfaayee Kabbadaa

Teessoon Magaalaa Roobe ganda Walta’ii Caffee

2. Obbo Biraanuu Taaddasaa Badhaadhaa

Teessoon- Magaalaa Roobee ganda Walta’ii Caffee

Ijoon Iyyata Keenyaa:- Fedhii keenyaan waliigalteedhaan gaa’illi keenya akka jigu gaafachuu fi
waliigaltee kana akka manni murtii nuuf mirkaneessu gaafachuu ta’a.

.Nuti Iyyattoonni Ammaa Bara 2008 keessa akkaataa Aadaa Naannoo keenyatti gaa’ila
raawannee waggaa saddeet waliin turree jirra. Turtii waliin dabarsine kana keessatti
daa’ima(dhala) kan wal irraa hin argatin yoo ta’u, yeroo ammaa waliigallee jiraachaa hin jirru
waan ta’eef otoo kana caalaa wal hin dhamaasinii fi hin dararin fedhii keenyaan gaa’illi keenya
akka bu’u barbaannee jirra.

Kanumaan waa’ee qabeenya waliin horannee fi akkaataa itti addaan qooddannu irrattis fedhii
keenyaan waliigallee jirra.

Seerummaan nuti mana murtii kana irraa barbaannu:-

Fedhii keenya kana nuuf hubatee kabajamaan manni murtii kun gaa’ila keenya buusee
waliigaltee keenya kana mirkaneessee ragaaf garagalcha diiggaa gaa’ilaa akka nuuf kennu
kabajaan gaafanna.

Iyyanni keenya kun dhugaa fi sirrii ta’uu isaa mallattoo keenyaan ni mirkaneessina.

Maqaa fi Mallattoo Iyyattoota:-

1. Aadde Masarat Tasfaayee Kabbadaa------------------------------------


2. Obbo Biraanuu Taaddasaa Badhaadhaa--------------------------------
Guyyaa 02/07/2016

Mana Murtii Aanaa Kutaa magaalaa Addoshee Walasheetiif

Roobe
Iyyattoonni :- 1. Aadde Masarat Tasfaayee Kabbadaa

Teessoon Magaalaa Roobe ganda Walta’ii Caffee

2. Obbo Biraanuu Taaddasaa Badhaadhaa

Teessoon- Magaalaa Roobee ganda Walta’ii Caffee

Tarree Ragaa keenyaa:-

A. Ragaa Namaa
1. Obbo Lammaa Tasfaayee
Teesoon Magaalaa Roobee ganda walta’ii Caffee
2. Obbo Faxxanaa Geetuu
Teessoon Magaalaa Roobee ganda Caffee Doonsaa
B. Ragaa Barruu(caafataa)
.Ragaa Gaa’ilaa gaafa guyyaa sadaasa 16 bara 2015 Magaalaa Roobeetti Waajjira
bulchiinsa ganda caffee irraa nuuf kenname garagalcha isaa fuula1x3=3 iyyata keenya
kanaan wal qabsiisnee dhiheeffannee jirra.
Tarreen ragaa keenya kun dhugaa fi sirrii ta’uu bu’uura SDFHH keewwata 92tiin
Mallattoo keenyaan ni mirkaneessina.

Maqaa fi Mallattoo Iyyattoota:-

3. Aadde Masarat Tasfaayee Kabbadaa------------------------------------


Obbo Biraanuu Taaddasaa Badhaadhaa--------------------------------

You might also like