You are on page 1of 4

Guyyaa 15 /06/2016

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Adooshee Walasheetiif


Roobe.

Hamattuun Aadde Masarat Fayyisaa Hordofaa


Teessoon Magaalaa Roobee Ganda Walta’ii Caffee
Himatamaan Obbo Sintaayyoo Addunyaa Tolaa
Teessoon Magaalaa Roobee Ganda Walta’ii Caffee
Ijoon himata Kiyyaa Abbaan Manaa koo himatamaan daa’imman waliin manatti na gatee
gaa’ila biraa waan raawwateef gaa’illi isa waliin qabu narraa bu’ee; qallabni daa’iimanii naaf
muramee ,waan waliin qabnu naaf qoodee akka addaan baanuuf himata dhiheeffachuu ta’a:-
A. Himanni koo kun bu’uura SDFHH keewwata 222 fi 223tiin himata dhiyaate dha.
B. Kafaltii seerummaa narraa eegamu nan kafala.
C. Himatni kun himatamaadhaaf magaalaa Roobetti karaa bulchiinsa ganda Walta’ii
Caffeetiin akka naaf qaqqabu deeggarsa seeraan gaafa dha.
D. Anii fi Himatamaan dandeettii Seeraa ni qabna.
Ani Himattuun ammaa fi himatamaan akkaataa Aadaa naannoo keenyaatiin Aanaa Sianaanaa
ganda Oborraatti erga wal fuunee waggaa 10 yoo ta’u, turtii waliin turre keessatti
Daa’imman Lama Maqaan isaanii 1. Kiyyaa Sintaayyoo umriin yeroo ammaa Waggaa
Saddeet(8) fi 2. Milkeessaa Sintaayyoo Umriin Baatii 10(kudhan) ta’an waliin argannee
yeroo ammaa kana Himatamaan ijoollee kana waliin manatti na dhiisee bultii biraa ijaaree
jiraachaa jira.
Ani himattuun Ijoolle kana waliin mana Kiraa keessatti rakkoof hedduuf saaxilameen jira.
Seerummaan ani mana murtii kana irraa barbaadu:-
Himatamaa Waliin gaa’ila qabnu narraa buusee ; Qallaba Daa’immanii naaf
muree ;Qabeenya Waliin horanne nuuf hiree murtii akka nuuf kennu kabajamaa mana murtii
kana kabajaan gaafa dha.
Himanni koo kun dhugaa fi sirrii ta’uu bu’uura S/D/F/H/H keewwata 92tiin Mallattoo
kiyyaan nan mirkaneessa.
Himattuun Aadde Masarat Fayyisaa Mallattoo-----------------------------
Guyyaa 15/06/2016
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Adooshee Walasheetiif
Roobe.

Hamattuun Aadde Masarat Fayyisaa Hordofaa


Teessoon Magaalaa Roobee Ganda Walta’ii Caffee
Himatamaan Obbo Sintaayyoo Addunyaa Tolaa
Teessoon Magaalaa Roobee Ganda Walta’ii Caffee
Tarree Ragaa Bu’uura S/D/F/H/H/ Keewwata 223tiin dhiyaate

A. Ragaa Namaa
1. Obbo Gosaa Fayyisaa Hordoffaa-Teessoon Magaalaa Roobee Ganda Caffee Doonsaa
2. Sisaay Addunyaa Tolaa -Teessoon Magaalaa Roobee Ganda Walta’ii Caffee
3. Taaddasaa Simee Addunnaa- Teessoon Magaalaa Roobee ganda Walta’ii Caffee
Tarreen ragaa barruu koo kun dhugaa fi sirrii ta’uu bu’uura SDFHH keewwata 92tiin
mallaattoo kiyyaan nan mirkaneessa.

Himattuun Aadde Masarat Fayyisaa Mallattoo----------------------------------


Guyyaa 15 /06/2016
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Adooshee Walasheetiif
Roobe.

Iyyattuu Aadde Masarat Fayyisaa Hordofaa


Teessoon Magaalaa Roobee Ganda Walta’ii Caffee
Himatamaan Obbo Sintaayyoo Addunyaa Tolaa
Teessoon Magaalaa Roobee Ganda Walta’ii Caffee
Ijoon iyyata Kiyyaa Akkaataa SDFHH Keewwata 154tiin Dhoorkaan murtiin duraa
gaafachuuf iyyata dhiheeffachuu ta’a:-

Ani iyyattuun ammaa fi himatamaan Jireenya keessattii haadha Manaa fi Abbaa Manaa
taanee jiraachaa turrus Yeroo ammaa kana ani iyyattuun diiggaa gaa’ilaa gaafachaa waanan
jiruuf abbaan manaa koo kun qabeenya waliin horanne murtiin dura na jalaa gurguree ykn
jijjiiree balleessuu waan danda’uuf Manni murtii dhoorkaa akka irra naaf qabachiisu
gaafachuun barbaada.
Qabeenyi akka dhoorkan irra naaf qubatu barbaadus:-
1. Sa’a Arrawa tokko Waatii Gurraacha tokko Waliin Yeroo Ammaa kana walitti Kuma
Sadeettama(80,00) baasuu danda’uu fi mana Keenya Magaalaa Roobee ganda Walta’ii
Caffeetti argamu.
2. Farda gaarii tokko Bifti isaa Arrawa Booqaa ta’e kan qarshii 20,000(kuma diigdama)
baasuu magaalaa Roobee ganda Walta’ii Caffeetti argamu.
3. Gaarii Fardaa tokko Kan tilmaamaan kuma Afurtama(40,000) baasu Magaalaa Roobee
ganda Walta’ii Caffeetti argamu.
4. Mana Jireenyaa Ziingoo 18 Lafa bal’inni isaa m 2 200 irratti argamuu kan Magaalaa
Roobee ganda Hora Booqaa keessatti argamuu fi daangaan isaa Bahaan Qaasim Abdaa,
Dhiyaan Darajjee Abbabaa, Kaaban Faantaahun Abbabaa fi kibbaan Gosaa Addunyaa
ta’an .
5. Maqaa Himatamaatiin Kan jiru qarshii hamma isaa ani hin beeku Baankii Daladala
Itiyoophiyaa Damee Sikkoo Mandootti argamu Lakkoofsa Herregaa 1000539550377 ta’e
irratti argamu
6. Baankii Oromiyaa Magaalaa Roobee damee Sinaanaatii Maqaa himatamaatiin lakkoofsa
herregaa baname lakk 1051100080998 ta’e irratti argamu .
Himatamaan na jalaa jijjjiiruu ykn gurguruu fi qaama saddaafaatti dabarsee na duraa
kennuu waan danda’uuf akka ittisni irra naaf qabatu kabajaan gaafadha

iyyanni koo kun dhugaa fi sirrii ta’uu bu’uura S/D/F/H/H keewwata 205tiin Mallattoo
kiyyaan nan mirkaneessa.
Himattuun Aadde Masarat Fayyisaa Mallattoo-----------------------------

You might also like