Professional Documents
Culture Documents
Kanaaf
jechoota walfakkaataan gareedhaan qoqqooduun xiinxalluun ala
hundasaa gargaratti xiinxalluun rakkisaadha. Haaluma Kansan Jechoota Afaan Oromoo akkaataa galmaa
fi unkaa( context and Form) irratti hundaa’uun gareewwan shanitti qoodamu. 1. Maqaa(noun) 2.
Maqibsa(adjectives) 3. Xumuraaf(verb) 4. Xumibsa(adverb) 5. Durduubee(pre and post position)
jedhamu. #Maqaa Maqaan itti waamama √namaa, √Iddoo, √meeshaa √yaada waan tokkoo fi kkf
bakka bu’uun kan ibsuudha. Fkn:1 Caaltuun barattuudha. Jechi ‘Caaltuu’ jedhu maqaa hima kanaa
agarsiisa. 2. Birbirsi muka guddaadha. Jechi ‘Birbirsi’ jedhu maqaadha. Gosoota Maqaa Maqaanis
gosoota garagaraa qaba. Haaluma kanaan Maqaa iddoo shanitti addaan hirree ilaaluu dandeenya. a)
Maqaa dhuunfaa/matayyaa b) Maqaa gamtaa c) Maqaa dimshaashaa d) Maqaa meeshaa e) maqaa
killiyyaa/icciitii jedhamuun qoqqoodamu. Maqaa dhuunfaa Kun maqaalee dhuunfaan namni,
bakkee ykn wanti tokko dhuunfatti ykn matamatatti itti beekkamuudha. Fkn: Caalaa Abdiisaa Ejersa
Finfinnee fikkf Maqaa dhuunfaati. Hub: Maqaaleen dhuunfaa hedduumina agarsiisuuf dhamjecha -oota
jedhu hin maxxanfatan. Fkn: Caalaa Jenner Caalota hin jennu. Kun Seerluga Afaan Oromooti.
Haata’uu malee dhamjecha -faa jedhu dabalachuun hedduumina agarsiisuu ni danda’a. Fkn:
Caalaa..Caalaafaa Abdiisaa…Abdiisaafaa Maqaalee Gamtaa Maqaan kun Wantootni amala walfakkataa
qaban iddoo hundatti ykn gamtaan kan ittiin beekkamaniidha. Fkn: Saree biyya Nama laga Farda
haadha Fikkf maqaa gamtaa jedhamu. Maqaaleen gamtaa baay’inna agarsiisuudhaaf dhamjechoota
akka: -oota, -ota, -lee, -waan, -olii, -been jedhaman dabalatu/fudhatu. Fkn: Saree…Saroota
Nama….Namoota Sa’a…..Saawwan fikkf Maqaalee Dimshaashaa Maqaaleen kunneen kan wantootni
adda
addaa bakka tokkotti ittiin waamamaniidha. Fkn: Ummata Bineensa Walda Horii Koree fikkf maqaa
dimshaashaati. Maqaaleen kun yaada danoomaa of keessaa qabaatus yaada qeenxeen kan ibsamuudha.
Fkn: koreen hin hojjattu. Ummanni maal jedha? Himootni armaan olii yaada danoomaa
qeenxessuudhaan ibsaa jiruudha. Maqaalee Meeshaa Kun Maqaalee meeshaaleen garagaraa ittiin
moggaafamaniidha. Fjn: Barcumaa Minjaala Qalama Qubeessaa Fikkf maqaa meeshaalee adda addaati.
Maqaalee killiyyaa/icciitii Kun Maqaalee wantoota gocha, ta’umsa, yaadaa fi kkf irratti
Maqaa bakka bu’uun tajaajiluudha. Hub: Bamaqaan akka maqaa dhamjecha dabalachuun danoommii
hin agarsiisu. Bamaqaan maqaa qeenxee bakka bu’uufi maqaa danuu bakka bu’u gosa adda addaati.
Bamaqaan Afaan Oromoo keessatti beekkaman kanneen armaan gadiiti. Isaanis: ana(I) si’i(You)
Amharic, English. In Oromo, Amharic, and English. Edition1st Revised Edition. Publication Addis Adaba :
[Hinsene Mekuria], 2012. Physical description 622 pages : illustrations ; 20 cm Start at call number:
Librarian view | Catkey: 9632106 Madda suuraa, Getty ImagesDuulli Afaan Oromoo bal'inaan
dubbachuufi sirnaan qubeessuun guddina afaanichaatiif murteessaa ta'uu akeeku tokko tibbana
miidiyaa hawaasaa irratti gaggeefamaa jira. Namoota duula kana duuba jiran keessaa tokko kan ta'aniifi
Yunvarsiitii Wallaggaatti barsiisaan Falaasamaa Obbo Dastaa Alamaayyoo, kaayyoo duula kanaa
ilaalichisuun BBCn dubbiseera.Obbo Dastaan Afaan Oromoo mallattoo eenyummaa sabichaa waan
ta'eef, guddachuufi bal'inaan dubbatamuu qaba jedhu. Barreessaa kitaaba 'Aramaa Jechoota Afaan
Oromoo' kan ta'an, Obbo Dastaan, kana duras miidiyaa hawaasarratti maqaa 'Dassee Alex' jedhuun
dhimmoota guddina Afaan Oromoorratti gufuu ta'an irratti barreessaa turuu himan.Magaalota Oromiyaa
keessatti Afaan Oromoo bal'inaan dubbatamuufi sirnaan qubeeffamuu dhabuun duula kanaaf ka'umsa
akka ta'eef dubbatu. Dhiheenya kana keessammoo namoonni hedduun hordoftoota ykn
dubbiftoota isaanii ilaalcha keessa osoo hin galchiin, Afaan Oromoo dhiisanii afaan biroon barreessuu
filachuun duula kanaaf ka'umsa biraati jedhu. Bakka barbaachisaa ta'etti afaan biroon barreessuun ykn
dubbachuun rakkina akka hin qabne kan ibsan Obbo Dastaan, garuu ammoo namoota
hordoftootasaanii osoo hubannoo keessa hin galchiin barreeffama maxxansan komatan. Namoonni
Afaan Oromoo dhiisaanii Afaan Amaaraan barreessuun, ''araadummaa itti fakkaatu jira. Akkasumas
kanneen Afaan Ingiliffaan dubbachuusaaniif akka waan beekumsi isaanii ol ka'eetti ilaalan jiru. Kunis
dogoggora'' jechuun, kanarratti hubannoo cimsuuf jecha duula kana eegaluu dubbatan. Dhimma afaan
kanarratti ofiin yeroo garaa garaatti barreessaa akka turan kan himan Obbo Dastaan, amma garuu
hiriyoota isaanii waliin ta'uun garee uumanii maaliif bifa duulaatiin xiyyeeffannoo ummataa gara
kanatti hin harkifnu jechuun duula kana eegaluu BBCtti himan.Abbaan Afaan Oromoo eenyu?
Eebbistoota moo dubbistoota ?''Ana dabalatee, keessattuu 'Dhaloonni Quubee' haalli afaanichi ittiin
barraa'aa jiru sirna qabachiisuufi afaanichi akka guddataa adeemu tumsuu keessatti itti-gaafatamummaa
addaa qaban',' jedhan Obbo Dastaan. Obbo Dastaan afaan saba tokkoo akkuma namoonni baayyeen
jedhan meeshaa waliigalte qofa osoo hin taane, mallattoo eenyummaafi baataa aadaa saba sanaati
amantaa jedhu qabu. Kanaafuu, afaanichi yoo bal'inaan dubbatame qabeenyaawwan ummatichaa
afaan sana keessa jiran dagaaguu kan danda'an jedhu.Fakeenya yoo kaasanis, dhimmoota mallattoolee
Oromoon ittiin beekamu kan akka Sirna Gadaa, Guddifachaafi Moggaasaa hanga tokko afaan biraatiin
himamuu ni danda'u ta'a, garuu Afaan Oromoo malee qabiyyeesaanii waliin guutumaatti ibsuun
akka hin danda'amne himu.Kana malees, magaalota Oromiyaa baayyee keessatti Afaan Oromoo
dabalatee wantoonni Oromoo ibsan heduumminaan keessatti kan hin calaqqisne ta'uu
kaasu.Magaaloonni naannicha keessatti guddachaa adeemanilleen faallaa sanaa Afaan Oromoo immoo
waljalaan
dhimma xiyyeeffannoo addaa barbaaduudha,'' jedhan Obbo Dastaan.Akka Obbo Dastaatti, furmaanni
afaan ofii guddisuu tokko tokkoo namaatiiin kan manaa eegaludha. ''Rakkoo kanaaf furmaanni jalqabaa
nuyi. Kunis mana keenya keessaa eegaluun ijoollee, abbaafi haadha keenya waliin afaan kanaan
dubbachuu qabna. Ala yoo baanees saalfannaa tokko malee dubbachuu barbaachisa. Kana keessatti
ammoo nuti Dhaloonni Quubee gahee olaanaa qabna jennee ammana,'' jedhan.Sanaan booda saboota
naannoo biraa irraa dhufuun naannicha keessa jiraatan jaalalaan barsiisuun kan danda'amu ta'uu
kan himan Obbo Dastaan, ''dursa kan gahee keenyaa yoo baane, kuun ofumaanuu of qajeelchaa
adeema'' jedhan. Waan ofiin hojjachuu dandeenyu qaama biraa irraa furmaata eeguun kan hin
baafneedhas jedhan.Kana malees, namoonni fuuldura hawaasaatti mul'ataniifi ijji hawaasaa irra jiru kan
akka
aartistootaa irraa gama kanaan fakkeenyummaa guddaan kan irraa eeggamu ta'u kaasu Obbo Dastaan.
Aartistoonni Oromoo baayyee muraasaafi qaxaleewwan, garuu kan ummanni waan hedduu irraa eeguu
ta'u kaasuun, yeroo baayyee garuu waltajjii alatti wayita afaan biraatti fayyadaman akka
mul'atan dubbatu.Maatii biyya ormaatti daa'imman Afaan Oromoo barsiisuutti milkaa'anHaalli kun kan
isaan yaaddeesse Obbo Dastaanis waggoota muraasaan dura barreeeffama mata-duree 'Maal
aartistoota keenya waltajjii baannee jala deemnaa?' jedhu tokkko barreessanii akka turan yaadatu.
Kanaafuu, guddinaafi dagaagina afaan kanaatiif hundumti kan gaheesaa bahachuu qaba jechuun
dhaaman.'Oromummaa tiksee kan asiin gahe Afaan Oromooti'Haaluma walfakkaatun, Yunvarsitii
Finfinneetti barsiisaa Afaaniifi Ogbarruu kan ta'an Obbo Qulqulluu Ijoo, Oromummaa tiksee kan asiin
gahe
Afaan Oromooti jedhan.Dhimmi Afaan Oromoo sirnaan dubbachuufi barreessuu qaama tokko qofa osoo
hin taane, seektaroota mootummaa naannoo Oromiyaa, akkasumas caasaalee hawaasummaa keessatti
xiyyeeffannoo argachuu qabaa jedhan. Caasaalee hawaasummaa keessatti afaan kanatti
CaaliiHar'a, waa'ee dandeettiiwwan keenyaa akkatti dubbannu ilaalla. Gaafii ati 'Kubbaa miilaa 'football'
taphchurratti akkami?' jedhuuf wayita namoonni afur deebii laatan haacaqasnu. Hubachuuf yoo si
rakkise, hinyaadda'iin, gara boodaatti gargaarsa siif goona. Ammaaf, caqasiitii murteessi – eenyutu
haala gaariin kubbaa miila taphataa? 1. I play football quite well, yeah.2. I'm pretty good, but my sister's
better. She's very good at football!3. I'm really bad at football, to be honest.4. I play football very badly.
SamWho was the best at football, did you hear it? CaaliiObboleetti dubbataa lammaffaatu
taphatu cimtuudha! Egaa Saam, akkamitti akka ishiin haalaan cimtuu taate barree? SamLet's listen again
to two of the people. CaaliiOk! Namoonni kunniin jechoota 'good' gaarii ykn 'bad' gadhee fayyadamu.
Wayita irradeebinee caqasnu, gochi kamtu 'good' ykn 'bad' fuuldura akka dhufu qalbeeffachuu
yaali. I'm pretty good…She's very good at football!I'm really bad at football… CaaliiTole, egaa 'good' fi
'bad' maq-ibsoota, kanaafu walumaagalatti gocha 'be' fayyadamna. SamYes, they said 'she is' and 'I am'.
But we naturally say 'she's' and 'I'm' when speaking. Now listen again – what little word do you
hear before 'football'? She's very good at football!I'm really bad at football… CaaliiJechi xiqqoon 'at'
ture . Waan ati ittin gaarii ykn gadhee taate eeruu yoo feete – maqaa – lameen 'good' fi 'bad' f, 'at'
fayyadamuu qabda. SamQuick practice! Repeat after me:She's very good at football!I'm really bad at
football. Shall we listen to the two other people? CaaliiEeyee, Namoonni kunneen 'good' ykn 'bad'
hinfayyadamani, garuu gocha dandeettiiwwansaanii ibsu fayyadamu. Ammas caqasi: I play football quite
well, yeah.I play football very badly. CaaliiGocha 'play' mataadhumasaatiin hennaa ammaatiin
fayyadaman. Gocha kamiyyuu kan akka 'cook' 'bilcheessuu', 'dance' 'shubbisuu' ykn 'speak English'
fayyadamuu dandeessa. Ittaansuun akkatti kubbaa taphattu dubbachuu yoo feete, gocha booda
gochima itti dabaluu qabda. Maal akka ta'an dhaga'uuf al-tokko caqasi. I play football quite well, yeah.I
play
football very badly. CaaliiIsaanis 'well' 'gaarii' fi 'badly' haalaan badaadaa kan jedhaman turani.
Akkasumas 'very' 'baay'ee' kan 'really' 'dhugaatti ykn qabatamaatti' waliin hiika walfakkaato qabus
dhageenyeerra. 'Quite' 'hanga tokko' kan jedhu, isa 'pretty' jedhu wajjin hiika walfakkaata qabanis
dhageenye
turre. Jechoota kunneen, jechoota 'good' fi 'bad' akkasumas 'well' fi 'badly' fuuldura galchuun
fayyadamuu dandeenya. SamLet's practise the pronunciation. Repeat after me:I play football quite well.I
play football very badly. CaaliiAmma, yeroo ati hangam akka baratte itti mirkaneessituudha. Wanta
'hanga
tokko cimaa itti taate' tokko yaadi – baay'ee gaarii otoo hinta'iin, gaariidhuma kan itti taate tokko. Kana
ibsuudhaaf 'good' fuuldura jechoota lama fayyadamuu akka dandeessu yaadadhu. Himicha dubbadhu,
ittansuun Saam waan itii hanga tokko cimtu taate eega nutti himtee booda yoo atis akkas taate
xiinxalu dandeessa. SamI'm quite good at cooking. CaaliiGreat! Waan tokkoon maqaa dhahuudhaan 'I'm
pretty good at…' jechuullee dandeessa turte.Amma hojii sirriitti hojjattu tokko fili. Asitti gocha
fayyadamuu hindagatiin. SamI speak English well. CaaliiYes, Sam, you are quite good at English.
SamThank you! CaaliiAtis 'very good at English; akka ta'uu dandeessuuf kutaa 'How do I…' biroon
torban ittaanuutti walitti deebina. Nag5
Seera Haasawa
Dheeressu fi gabaabsu
Jabeessu fi laaffisuu
Hudhaa
Qube cimdii
Jalqaba sagalee
Qube jechuun barumsa afaan Oromo keessatti mallattoo adda addaa yoo sagaleewwan
barreessinu kan bakke tokko dhaabbatu jechu dha.
Jecha ( Ingl: word) jechuun immoo namnni tokko yeroo dubbatu yookaan barreessu namnni
biraa dhagayee (dubbisee) yaada tokko kan ittiin qalbeefachuu danda'u jechu dha.
Afaan Oromo qube "Laatini" digdamii-ja fi qube "cimdii" shan itti fayyadama. Qube cimdii kan
jennu quboota lama addaan ba'u kan hin dandeenye, sagalee biraa kennuu dhaaf akka qube
tokkotitti kan lakkaawwamani dha. Quboonni afaan Oromo akkaataa lamaan, jechuun qube
guddaa fi qube xiqaa, dhan bareeffamu.
Qube guddaa: A B C D E F G H I J K L M N O P Q R S T U V W X Y X
Qube xiqqaa: a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z
Jara kana keessa, qubeen laatini sadi, jechuun P (p), V (v) fi Z (z) sagalee afaan Oromo isa
qulqullu keessatti hin mul'atani.
Akkuma kanaa ol ilaalu dandeenyu, qubeen afaan Oromo bakka sadiitti hiramee ilaalamu
danda'a.
a. Qube dubbachiiftuu (Ing: vowels)
A, E, I, O, U (qube gurguddaa)
a, e, i, o, u (qube xixiqqaa)
Fkf: B C D F .......
Afaan Oromo kessatti sagaloota dheeressu fi gabaabsuf qube dubbachiftutti fayyadamna. Yeroo
qube dubbachiiftun tokko lama taate walitti dhaantee katabamtu, dubbachiiftun suni dheertu
taati. Yoo dubbachiiftun suni tokko duwwa tate garuu, sagalee sana keessatti dubbachiiftun
suni gababa tatee dubbifatmti.
Afaan Oromo keessatti sagalee tokko jabeessu fi laaffisu kan danda'amu qube dubbifamaa itti
fayyadamu dhaani. Sagalee tokko jabeessuf qube dubbifamaa tokko naqa lama wallitti
dhaansine katabna.
Sagalee afaan Oromo keessatti dubbachiiftuun lamaa ol walitti aananii hin barreeffamani.
Haata'u malee garuu, bakkee afuurri cite dubbifamaan hafutti ykn bakkee dubbifamaan hin
jirretti dubbachiiftuun lamaa ol yoo walitti aananii dhufan, bakkee kanatti hudhaa ( ' ) galchuun
barreessama.
Fakkeenyaaf
Bakkee afuurri cite dubbifamaan hafu:
ta'uu (dubbachiiftuu 3)
taa'uu (dubbachiiftuu 4)
oo'u (dubbachiiftuu 3)
bu'uu (dubbachiiftuu 3)
danda'uu (dubbachiiftuu 3)
ka'uu (dubbachiiftuu 3)
kaa'uu (dubbachiiftuu 4)
Sagalee Afaan Oromo keessatti quboonni cimdii lama walitti aananii hin bareeffaman. Jabeenyi
fi laafinni quboota kanaa haasawa keessatti beekkamu.
Fkf.
Jabaa Laafaa
Mudhii Hidhii
Dachaa , Kophee
Afaan Oromo keessatti jalqabni sagalee tokkoo dubbifamaa lamaan hin bareefamu.
1.2.6. Seera barreessa Qubee guddaa fi Qube xiqqaa Afaan Oromo kessatti
- jalqabni sagalee: maqaa namaa, maqaa ummattaa, maqaa biyyaa, maqaa lafaa, maqaa baatii,
maqaa guyyaa fi akkasumas
- Jalqabni dhaabii dubbii - kan tuqa (.) booddee dhufu hundumtuu qube guddaadhaan
bareefamu.
Kan kana irraa hafan hunduu qube xiqaa dhaan bareefamu.
Fakkeenyaaf
4. Maqaa lafaa:
1. Amajjii (January)
2. Guraandhala (Feb)
3. Bitootessa (March)
4. Caamsaa (April)
5. Ebla (May)
6. Waxabajjii (June)
7. Adoolessa (July)
8. Hagayya (Aug)
9. Birraa (Serpt.)
3. Roobii (Arbii)
4. Kamisa
5. Jimaata
Jalqaba
Seera Dubbii
Ibsa dubbi
Dhaaba dubbii
Kutaa dubbii
Dubbii gargaaraa
Kutama dubbii
Dubbii jechuun yeroo tokko keessatti namni tokko akka waan tokko godhu yookaan wanni
tokko akka godhamuu fi akka maal ta'u kan nutti himu walitti qabama jechootati. Walitti
qabamni jechoota (dubbin) kunis hiika kan qabaatu ta'ee dubbisaa fi dhagayaa dhaaf rakko
malee qajeelootti kan galu ta'uutu isa irra jira.
Fkf. Wallistun booru dhufa. Caaltun dhufaa jirtti. Bartuun suni kitaaba diima qaba
Dubbiin walitti qabama jechoota haata'u malee, jechootni kun garuu hiika qajeelaa kennuu
dhaaf bakke qajeelaa qabatanii argamuutu isaan irra jira.
Fkf: Wallistun booru dhufa.
Fakkeenya kana keessa dubbii lammaffaa yoo laalle, akka jiru kanattii dubbatamuu akka
danda'uu fi hiika qajeelaas akka qabu dha. Dubbiin sadaffaa akka jiru kanatti hiika qabaachuu
danda'uus, afaan Oromo keessatti garuu akkanatti dubbatamuu hin danda'u. As irratti wanni
yaaduu dandeenyu, jechi kan wanna godhamu yookaan hojjetamuu fi waan ta'u kan agarsiisu
(Ing: verb) sun dhaabii dubbii keessatti gara jalqabaarratti akka hin galle dha.
Dubbiin tokko kutaa sadii, jechuun gootuu, godhamtuu fi gochaa san agarsiiftuu (gara
fulduraatitti "goosii" jenaan), qabaachuu danda'us yeroo hundumaa kutaa sadeen kanaan turuu
hin danda'u. Dubbiin tokko tokko kan godhamtuu hin qabne yookaan hin mul'ifne jiru. Kanaaf
dubbii kutaa saditti otuu hin ta'in kutaa lamatti baafnee laaluun baayee barbaachisaa dha.
Kutaa tokkofaan nama tokko, wanna tokko yookaan bakke tokko kan dhaabii dubbii tokko
keessatti waayee tokko jedhamuufi dha (afaan Engliziitiin "subject" jedhama). Kuniis sagalee
tokko yookaaniis sagaloota baayee ta'u nidanda'u. Kutaa lammafaani ammoo wanna tokko
dhaabii dubbii tokko keessatti waan kutaa tokkofaan godhu yookaan ta'u kan ibsu (Ing:
"predicate"). Kutaan kun goosii fi godhamtuu walitti qaba jechaa dha.
Fakkeenya kana keessa ijoolee, Jimmaa, fi abaaboon kun kutaa tokkofaa (sabjektti) dha. Kan
hafan garuu kutaa lammafaa (predikaatii) dha. Amma erga baranne booda gara funduraatitti
kutaa dubbii kana "sabjektti" fi "predikaatii" yoo jennee dubbanne rakko fida miti.
1. Dubbii himsaa
Dubbiin kun wanna godhamu, hojjetamu fi ta'u kan agarsiisu jechaa dha. Dubbiin kun dubbii
"ganuu" fi "eeyinaa" ta'u nidanda'a. Fkf. Gammadaan nama gaarii dha. (eeyina) Adureen
hantuuta qabde. (eeyina) Inni boru hin dhufu. (ganuu) Ishiin bareedu miti. (ganuu)
2. Dubbii gaaffii
3. Dubbii ajaja yookaan gorsaa. Fkf. Jabaadhu! Afaan Oromo baradhu! Biyya keetiif hojjedhu!
4. Dubbii raajii
Dubbiin kun jechaa jajuu, rifachuu fi kan kana fakaatu kan agarsiisu dha. Fkf. Bareeduu intallaa!
Maal aboo gamachisaa dha! Baddanii badaa!
Haata'u malee dubbii akka xineenya, guddinaa fi ulfina isaatitti yookaan akka baayyina kutaa
isaatitti (predikaatii) gara saditti hiruus nidandeenya.
1. Dubbii xiqaa (gabaabaa) Dubbiin kun yookaan dubbii xiqaa (gabaabaa) kan jennu dubbii
predikaatii tokko kophaa qabu. Fkf. Ijooleen nitaphatu. Ijooleen karaarra deemu. Ijooleen ganda
kanaa karaa mana barumsaa deeman.
2. Dubbii guddaa (dheeraa) Dubbii guddaa (dheeraa) kan jennu dubbii lama yookaan dubbii
lamaa oli sagaloota biraatiin walitti finee akka dubbii tokko goonee yoo dubbanu yokaaniis
bareessinu jechaa dha. Sagaloonni walittifidduun kun fakkeenyaaf kan akka "garuu", "haata'u
malee" fi kan kana fakkaatani
Dubbiin kun lamaan dubbii garagaraa ti. Dubbii kana lamaan walitti finee dubbi tokko yoo
goone "dubbii guddaa" ta'a.
Fkf. Gammadaan deemee ture, garuu deebi'uu hin dhiisu. Gammadaan deemee ture, haata'u
malee deebi'uu hin dhiisu.
3. Dubbii ulfaataa Dubbii ulfaataa kan jennu moo dubbii predikaatii lama yookaan lamaa ol
qabu dha. Dubbiin kun dubbii of hin dandeenye (kutamadubbii) fi dubbii ofdanda'aa ofkeesaa
qaba.
Fkf. Ani ishii, kan kaleesa dhuftee turte, kan afaan Oromo sirriitti dubbatu san, harr'a argeen
ture. (dubbii ulfaataa)
Kutama dubbii (dubbii of hin dandeenye) kan jennu dubbii waan tokko akka godhamu yookaan
akka ta'u sirriitti qajeelchee nutti himuu kan hin dandeenye jechaa dha. Dubbiin kun goosii
ofkeesaa qabaachuu yoo danda'es akka dhaabii isaatitti hiika guutuu kennuu kan hin dandeenye
dha. Akkana jechuun dubbii kana keessatti wanni tokko godhamuu fi ta'uun isaa mullatus wanni
sun godhamee yookaan ta'e akka hin argamin hubanna jechuu dha.
Fkf. Ishiin Caaltuu jedhamti. (dubbii of danda'aa) Ishiin bareedun sun,...(dubbii of hin
dandeenye) Ishiin kan afaan Oromo sirriitti dubbatu sun,... (dubbii of hin dandeenye)
Dubbii of hin dandeenye (kutamadubbii) fi dubbii of danda'aa walitti finee dubbii tokko yoo
goone, dubbiin dhaabbatu sun dubbii ulfaataa ta'a jechaa dha.
Fkf. Ishiin, kan afaan Oromo sirriitti dubbatu bareeduun sun, Caaltuu jedhamtti. (dubbii
ulfaataa)
Fakkeenya gara biraa kutamadubbiidhaaf: Inni kan barsiisu sun,..... Otuu akka nubarbaanu
ta'e,.... Yoo yeroo qabaate,.... Yoo boru kan dhuftu ta'e,... fi k.k.f
Fkf. Ani sin eega. (dubbii ofdanda'aa) Yoo daftee kan deebitu ta'e,....(kutamadubbii) Yoo daftee
kan deebitu ta'e, sin eega. Ani sin eega, yoo daftee kan deebitu ta'e. Dubbiin lamaan gara
dhumarraa dhaabii dubbii ulfaataa ti. Hiikasaa yoo laale wulii agarsiisa. Waayee wulii gara
funduraatitti laala.
Jalqaba
Hirmaata Haasawa
Maqaa
Bakka maqaa
Maqaa mul'iftuu
Goosii
Dabalgoosii
Naanoo
Walittifidduu
Raajii
Barnoota afaanii keessatti hirmaata haasawaa gara saddeetitti hirama. Isaaniis akka kanaa gadii
ti:
Maqaa (N)
Goosii (V)
Dabalgoosii (Adv.)
Naanoo (Prep)
Walittifidduu (Conj.)
Raajii (Exc.)
Bakkamaqaani immoo akkuma jedhamni isaa agarsiisu, jecha kan nuti dhaabii dubbii keessatti
bakke maqaa galchinu dha.
Fakkeenya kana keessatti Caala fi Caaltuun maqaa dha. Inni fi isheen bakkee jara kanaa wanna
dhaabbataniif isaan immoo bakkamaqootadha.
Maqamul'iftuu kan jennu jecha dhaabii dubbii keessatti maqaatti dabalamee hiika isaa kan ibsu
dha.
Fkf. Intalli xiqqoon sun bareeddu dha. Gurbaa dheeraan kun afaan Oromoo dubbata.
Fakkeenya kana keessa "xiqqoo" fi "dheeraa"n maqamul'iftoota. Intalli fi gurbaan sun nama
akkamii akka ta'aan hiika isaanii ibsu.
Goosiin jecha waan tokko akka godhamu, godhame, ta'u fi ta'e yookaaniis akka namni tokko
waan tokko godhu kan nutti himu.
Dabalgoosiini immoo akkuma maqaan isaa ibsu, jecha kan hiika goosii, hiika maqamul'iftuu fi
akkasumas hiika jechoota biraa agarsiisuudhaaf galani dha.
Fkf. Inni afaan Oromoo gaaritti dubbata. Isheen intala heddu bareeddu dha.
Naanoo kan jennuu jecha kan jechoota biraatti naana'ee yookaan maxxanee dhaabii dubbii
keessatti walittifirooma isaanii kan agarsiisu.
Walittifiduun jecha kan jechoota biraa, kutamadubbii akkasumas dubbii garagaraa walitti fidu
dha.
Inni gara Finfinee deeme, garuu iftaan deebi'uun isa hin oolu.
Isheen biyya alaa jirti, haata'u malee dhufuun ishee hin haafu.
Raajii kan jennu jecha nuti waan tokko waan nutti dhagayame san gammaduu yookaaniis
rifachuu fi kkf. kan ittin beeksifnnu jechaa dha.
Jalqaba
3.1. Maqaa
1. Maqaa waamsaa
2. Maqaa hundagayii
3. Maqaa walittiqabamaa
4. Maqaa mi'aa
1. Maqaa Waamsaa
Maqaa waamsaa kan jennu maqaa namaa yookaan maqaa waan beekkamaa tokkoo kan akka
biyya, gaaraa, lagaa fi kan kana fakkaatan dha.
2. Maqaa Hundagayii
Maqaa hundagayiin maqaa nuy namoota sanyiin isaanii tokko ta'e yookaan kan firooma waliraa
qaban akkasumas wanna gara biraa bifaa fi jireenyaan kan walfakkaatan hundaaf kan kenninu
dha.
3. Maqaa Walittiqabamaa
Maqaa walittiqabamaa kan jedhamu maqaa walgayii namaa fi walgayii waan biraa bakke
tokkotti laalamuu dha. Asirratti walgayii yoo jennu yeroo tokko keessa kophaa walitti dhufamee
kan bakke tokko taa'u otuu hin ta'in, jireenyumti isaatuu walgayii kan ta'e jechaa dha.
Warrii hin qabamne kan jennu warra ta'asaanii yookaan gochaa- fi godhamasaanii kan arguu
dandeenyu, garuu isaan harka keenyaan qabu kan hin dandeenye dha. Maqaa isaanii
kennamuun maqaa warra hin qabamnee jenaan. Maqoonni akkanaa kun hirmaata dubbii
keessatti bakkee guddaa qabu. Maqoota kana sagaloota biraarraayis uumuu nidandeenya.
fago fageenya
Maqaan akkatti uumamu otuu hin ibsin, duraan dursinee wanna tokko hubachuun, barnoota
kanaaf baayee nugargaara. Ilmaan namota yookaan wanni biraa kan lubbu qabaatanii jiraatan
akka lamatti jiraachuu danda'an. Kuniis akka dhalchaa yookaan akka dhaltuu ti. Ilmaan
namootaatiin garuu "dhiiraa" fi "dubartii" yoo jennu warra kaaniin kormaa fi dhaltuu jechuus
nidandeenya. Warra kanaraa hafan afaan Oromoo keessatti akka dhalchaa yookaan akka
dhaltuu goonee dubbachuu nidandeenya.
Fakkeenya kana keessa dubbii lamaan gara dhumarraa kana yoo laale, akkuma kanaa olitti
ibssametti "aduu" akka lachittuu laaluu akka dandeenyu dha.
adii_ addeenya
fago_ fageenya
hamaa_ hammeenya
dheeraa_ dheerina
bayeessa_ bayeesummaa
wallaalaa _wallaalummaa
3.1.2.3. Uumama Maqaa Goosii fi Maqaarraa Maqaan warra hin qabamnee goosi irraa akkaataa
garagaraatitti uumamuu nidanda'a. Akkaataa garagaraa kana keessaa akkaataa beekkamaan
uumama dhalchaa fi dhaltuu ti.
As irratti wanni qalbeefachuu nubarbaachisu maqoonni asitti kennaman kun akka hojjaa isaan
agarsiisanitti namaafiis dhaabbachuu yoo danda'anis akka maqaa warra hin qabamnee ti.
2. akkaataa biraa
deem- deemsa
abaar- abaarsa
3. uumama maqaa warra hin qabamnee maqaa hundagayii irraa maqaa hundagayii maqaa
warra hin qabamnee
Oromoo Oromummaa
Maqaa lakkaawamu kan jennu maqaa waan tokkoo kan tokko, lama, yookaan baayee dha
jennee meeqa akka ta'e agarsiisuudhaaf kan dubbanu jechaa dha. Haata'u malee maqaa
lakkaawamu tokko, lama, kudhan jenne yeroo hundaa akka baayina isaatitti otuu hin ta'in
barnoota afaanii keessatti gara gurguddaa lamatti hirra. Isaan lamaan kun - tokkee fi - baayee
dha.
Afaan Oromoo keessatti maqaa baayee lakkaawamaan maqaa tokkeerraa akka kanaa gadiititti
uumama.
1. dhuma maqaa tokkeerra dubbachiiftuu gatanii bakkee kanatt "-ota" yookaan "-oota"
daabalanii kan uumaman Fakkeenyaaf tokkee baayee
hoolaa hoolota
harree haroota
nama namoota
Haata'u malee seerii kun yeroo hundaa maqaa hundumaafuu hin hojjeta jechuu hin dandeenyu.
Afaan Oromoo keessatti seerii uumama maqaa baayee seera kana lamaan kophaa miti.
Akaataan biraatiis jiraachuu hin danda'a.
Maqaan dhaabii dubbii keessatti bakkee garagaraa qabaachuu yookaan hojjaa garagaraa
agarsiisu nidanda'a.
Fakkeenya kana keessatti maqoonni kun gochaa yookaan ta'umsa waan tokkoo agarsiisun. Isaan
sabjekti dhaabii dubbii ti jechaa dha.
bineensaa yoo jennu manni kan namaa, qaawwi kan balbalaa fi kotteen kan bineensaa ta'uun
isaanii waan beekkamuuf jechaa dha.
Gaafii eenyu tu kan eenyu ti? maal tu kan maalii ti? yookaanis maal tu kan eenyu ti? kan
jedhuuf deebisa kenna.
Dubbii kana laman yoo laale "mana namaa" dhaabii dubbii duraa keessatti akka godhamtuu kan
lammata keessatti akka gootuu (sabjektti) ta'u isaa nihubanna.
bareesuu nidandeenya.
Fakk. 3) Mana namaa guddaa irra kan ofii xiqaa tu gaarii dha.
Asirratti "mana namaa" yoo jennu namni qabaa yookaan abboomaa, manni moo qabamaa ta'u
isaanii hubbachuu nidandeenya. Afaan Oromoo keessatti maqaa qabaan isa qabamaa booda
dhufa.
mana namaa
Akka kanaa olitti laalametti "mana namaa" dhaabii dubbii sadeen keessatti otuu of hin jijjirin
gale. Gootuu yookaan godhamtuu ta'usaa beekuu kan dandeenyu hiika dubbii kana irraa dha.
Haata'u malee maqoonni akka gootuu yookaan godhamtuu ta'anii dhaabii dubbii keessatti
galan, maal akka ta'an beekuu kan dandeenyu jijjirama yookaan uumama isaani irra dha.
bultii bultiin
garbuu garbuun
Finfinee Finfineen
ijoolee ijooleen
mana manni
nama namni
muka mukni
3. maqoonni tokko tokko ammoo dhumasaanii jijjirani kan "-ti" fudhatus jiru
ilma ilmii
harma harmi
5. maqoonni dhumnisaanii "-n" ta'an otuu hin jijjiramin akkuma jiranitti galu
Fakk. bishaan
ilkaan
funyaan
afaan fi k.k.f.
Maqoonni yoo akka gootuutitti dhaabii dubbii keessatti galan dhumasaanirratti -n, -ni, -ti, -i
fudhatu. Dhumnisaanii -n yoo ta'e ammoo akkuma jiranitti galan jechaa dha.
Fakk. mana guddaa manni guddaan nama gaarii namni gaariin fi k.k.f.
Dhaabii dubbii keessatti godhamtuun gara gurguddaa lamatti addaan baafnee laala. Isaanis
- godhamtuu sirrii fi
Godhamtuu sirrii kan jennu godhamtuu ofdanda'ee dhaabii dubbii keessa kan jiraatu yookaan
kan ifatti mul'atu jechaa dha. Gochaa gootuurraa dhufu san sirritti fudhatee waan ta'u yookaan
waan godhamu san ifatti mul'isa. Gaafii maal tu maal ta'e? maal tu maal godhe? maal tu maal
godhame? yookaanis ammoo
eenyu tu maal ta'e? ... maal godhe? kan jedhuuf deebisa sirrii kan kennu dha.
Gochaa ta'e sana jechuun asitti "bitama", "qalama" fi "dubifama" gootuu isaaniitirraa sirritti
fudhatan.
Godhamtuu sirri hin taane dhaabii dubbii keessatti ofdanda'e hiika guutuu hin kennu.
Godhamtuu sirri hin taane, kan hojjaa sadeen kanaa olii kana agarssisan godhamtuu naanoo
jedhamu.
Asirratti "Badhaasaan harreetti fe'e." jenne yoo dubbanne, dubbiin kun ofdanda'e hiika guutuu
hin kennu. Wanni tokko harreetti akka fe'amu hima malee wanni fe'ame sun sirritti ifatti baye
hin mul'ane. Harreen godhamtuu taatuus dhaabii dubbii kana keessatti godhamtuu sirrii miti.
Godhamtuun sirrii okaa dha yookaan "Badhaasaan harreetti fe'e" yoo jenne godhamtuun sirrii
harree otuu hinta'in isa waan harreetti fe'ame sana.
Hin xumuramne
#Birsaga
Birsagni jechoota Afaan Oromoo birkii fi sagalee jedhan irraa kan walitti dhufe yoo tayu, iddoo
sagaleen keenya itti addaan citu ykn iddoo hafuura baafannaa sagalee jechuudha. Birsaga
jechuun caasaa sagalee dubbachiiftuu qofaan yookiin qindoomina sagalee dubbifamaa fi
dubbachiistuun ijaaramuudha.
As keessatti birsagni jalqabaa (A)n dubbachiistuu qofaan, birsagni lammaffaa (faan) walitti
qindaa'ina sagalee dubbifamaa fi dubbachiistuutiin ijaarame.Birsagni hiika qabaachuus dhiisuus
danda'a. Birsagoonni hiika qaban jechoota birsag-tokkee ta'aniidha.
Fkn loon, foon, shan fi kkf dha.
#Qaamolee_Birsagaa
Utubaa fi Cufaadha.
≈ walumaa galatti caasaan birsagaa tokko qaamolee gurguddoo sadi qaba. Isaanis:
(Sh)n →ka'umsa
(a)n → Utubaadha
(n)n → cufaa/cuftuudha.
★ hub. Qaamota birsagaa keessaa kan yoomiyyuu hafuu hin dandeenye UTUBAA dha.
#caasaalee_birsagaa
1 -- ds ------------ v
3 ---dsdf ------– vc
Ibsa mallattoolee:
ds - dubbachiistuu
df - dubbifamaa
c - consonant
v - vowel
#seerota_birsagaa
★ jechoota birsagatti yeroo addaan qoqqoodnu yoo dubbifamaan lama taye bakka lamatti
addaa baafna.
Xinjechaafi dhamjecha
Xinjechi dameewwan xinqooqa gooree (‘micro linguistics’) keessaa tokko ta’ee, saayinsii
caasaa jechootaa qo’atuudha. Hayyuun afaanii Katambaa jedhamu dhimma kanarratti akkana
jedha: “Morphology is the study of the internal structure of words or simply a term for that
branch of linguistics which is concerned with the form of words in different uses and
constitutions”. Kana jechuun, xinjechi haala qindaa’ina keessoo jechootaa kan qoratu ykn
moggaasa damee xinqooqaatiif kenname ta’ee, haala ijaarsa unka jechootaa adda addaa
irratti kan xiyyeeffatuudha.
Akkasumas, boca, qabiyyeefi caasaa jechoota afaan tokko keessa jiran tokko tokkoon
qo’achuurratti kan xiyyeeffatuudha. Kanaaf, jechoota bu’uuraa (‘basic words’) afaan
tokko keessa jiran bu’uureffachuun jechoota lakkoofsaan daangamaleessa ta’an ijaaruun
nidanda’ama. Jechoota kanneen ijaaruufis ta’e, isa ijaarame hubachuuf dubbataan
afaanichaa g’umsa niqabaata jedhama. Walumaagalatti, xinjechi saayinsii afaanii waa’ee
caasaalee jechootaa, akkaataa hormaataafi uumama dhamjechootaa gadifageenyaan
qo’atuudha. Bu’aan qorannoo xinjechaa barnoota afaanii keessatti qabus:
Guddinaafi Dagaagina Afaanii Dabala: Xinjechi guddinaafi dagaagina afaan tokkoo keessatti
haala uumamaafi hormaata jechoota afaan sanaa waan qo’atuuf barbaachisummaan isaa
olaanaadha. Yaadrimeewwan jechoota haaraaf bakka bu’aa barbaaduu, galmee jechootaa
qopheessuu, waaltina jechootaatiif haala mijeessuu; akkasumas, caasaa afaan tokkoo kan
sadarkaa jechaa adda baasa.
Haala ijaarsa jechootaa Qorata: Xinjechi haala ijaarsa jechootaafi dhamjechootaa kan
qo’atuudha. Kanaaf, jechi tokko dhaamsa tokko yookaan tokkoo ol of keessatti qabaachuu
kan danda’u dhamjechoota waliin yoo seeraan qindaa’eedha.
Fakkeenyaaf, jecha “saroota” jedhu yoo fudhanne dhaamsawwan lama dabarsa. Kan
jalqabaa, jechi “saree’ jedhamu beelada mana eegdu, miila afur qabduufi yeroo bineensa
argitu duttu; kan lammataa “oota” kan jedhu lakkoofsa danuu tokkoo ol ta’uu kan
mul’isuudha. Kanaaf, xinjechi haala ijaarsaafi hiika jechootaa adda baasee qo’ata.
Dhamjecha
Dhamjechi qaama xiqqaa afaanii ofdanda’ee dhaabbachuun hiika tokko qofa kennuufi
hirkatee argamuun tajaajila caasluga adda addaa argisiisuuf ooluudha. Kanarrattis hayyuun
‘Hockette’ jedhamu “Morphemes are the smallest individually meaningful elements in the
utterance of a language,” jedha. Kana jechuun dhamjechi caasaa xiqqaa afaanii jechoota
afaanichaa keessatti argamuun hiika kennuu danda’u jechuudha. Dhamjechi jecha sana
keessatti of danda’ee hiika haaqabaatu malee yoo addaan qoodaman hiika hinqaban.
“Dhamjechi, jecha yookaan qaama jecha tokkoo ta’ee, hiika tokko qofaa kan qabu, caasaa
afaanii keessatti murteessummaa olaanaa kan qabuufi waa’ee hiikaafi tajaajila jechaa kan
ibsuudha” jedha. Kana malees dhamjechi qaama xiqqaa afaanii ta’ee odeeffannoo hiikaa kan
dabaluufi tajaajila caaslugaa argisiisuuf kan ooluudha. Kanaafuu, unki xinqooqaa tokko addaan
qoodamee hiika dhabeessa yoo ta’e; jecharratti dabalamuun hiika jechichaa kan jijjiiru ykn
kan dabaluufi tajaajila caaslugaatiif oola.
Hayyuun damichaa ‘Hornby’ jedhamus “Morpheme is the smallest unit of meaning that a
word can be divided into one or different meaningful forms. The word “like” contains one
morpheme but
“unlikely” contains three morphemes” jedha. Kana jechuun dhamjechi caasaa xiqqaa
afaanii hiika qabu ta’ee, kan jecha tokko unkaalee hiika qaban tokko ykn tokkoo olitti qoodee
dhiyeessuudha. Afaan Inglizii keessatti jechi “like‟ jedhamu dhamjecha tokko kan qabu yoo
ta’u, “unlikely”n immoo dhamjechoota sadii qaba. Kun immoo jechoonni afaan tokko
keessa jiran dhamjecha tokkoofi isaa ol irraa ijaaramuu akka danda’an ibsa.
Haaluma kanaan, jechoonni Afaan Oromoo keessatti argamanis, dhamjechoota tokkoofi isaa ol
irraa ijaaramuu danda’u. Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle, jechi “idilee” jedhu dhamjecha
tokko kan qabu yoo ta’u, “alidileessuu” kan jedhu immoo dhamjechoota sadii {al-idilee-
ssuu} kan jedhu qaba. As keessatti, maxxantoonni “al-, miti”faan yaada ykn faallaa idilee
ibsu. Idilee kan jedhu immoo wanta sagantaan hojjetamu yoo ibsu, dhamjechi “-ssuu” jedhu
ammoo gochimeessituudha.
Tajaajila Dhamjechootaa
Kana jechuun, dhamjechoonni Afaan Oromoo danoomaafi abbummaa mul’isan looga kan
argisiisan ta’uudha. Kunis, guddina barnoota Afaan Oromoofi dubbattoota afaanichaa biratti
faayidaa olaanaa qaba.
Waaltina Afaaniitiif: Dhamjechoonni waaltina Afaan Oromoo keessatti gahee murteessaa qabu.
Kana jechuun afaan yoo ittiin barataniifi qoratan dhamsagni, latiifi jechi walduraa duubaan
galuun haala itti fayyadama afaan sanaa niwaaltessu. Yaadni kun kan ibsu, dhamjechoonni
waaltina afaanii keessatti gahee kan qaban ta’uudha hayyoonni biroonis kanuma dhugoomsu.
Fakkeenyaaf, dhamjechoota danooma ibsan: Kitaabota: Kitaabilee; gaaffiilee: Gaaffiwwan;
fardeen: Faradoofi kkf garaagarummaa loogaa waan mul’isaniif kitaaba barnootaa, qajeelcha
barsiisaa kitaabilee deggersaa kanneen biroon waliin ta’uun caasaaleen jechootaa afaanicha
keessatti argaman akka waalta’an gochuun guddina Afaan Oromootiif murteessaadha.
Loogni sadarkaa dhamsagaatti, dhamjechaafi jechaatti afaan tokko keessa jiraachuun kan
mirkanaa’u yoo kitaabni waaltessee dhiyeesseedha. Kanaafuu, qopheessitoonni sirna
barnootaa yaada kana hubannoo keessa galchuun kitaabilee barnootaa yeroo qopheessan
bu’aa dhamjechoonni waaltina afaanii keessatti qaban waliin dhiyeessuu qabu.
Matima Mul’isu: Dhamjechoonni Afaan Oromoo maqaa irratti dabalamuun matima yookaan
raawwataa gochaa ibsu. Fakkeenyaaf:
“Tolaan deeme”. Hima kana keessatti dhamjechi {-n} matima mul’isti. “Manni ijaarame”
kana keessattis dhamjechi “-ni” matima mul’isti. “Margi haamame,” hima jedhu
keessatti “-i”n matima mul’isti.
Himoota kanneen keessatti jechoonni manni, margi jedhaman caasaadhaan yookaan bakka
galumsaatiin matima, hiikaan yookaan tajaajilaan antima. “Maqaan hima keessatti yemmuu
matima ta’ee galu, dhamjechoota kanneen akka: {-n, -ni, -tifi -i} maxanfatu; akkuma kana,
antimni caasaadhaan bakka matimaa yammuu galu, matima mul’istoota kanneen
nimaxxanfatu.
Dhamjechoonni {-ni, -ti, -i}n jechoota yookaan maqaalee sagalee gabaabaan xumuraman irratti
kan fufaman yoo ta’an; dhamjechi {-n}n immoo maqaalee yookaan jechoota sagalee dheeraan
xumuraman irratti fufama; akkasumas, maqaaleen sagalee dubbifamaa {-n}dhaan xumuraman
akka matimaatti yookaan antimaatti yemmuu galan dhamjechoota dhokatoo fufatu.
Fakkeenyaaf Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaati. Namni ni yaada. Bishaan dhuge. Akkuma
fakkeenya kanarraa hubatamutti, dhamjechi {-n} jecha sagalee dheeraan xumuramu irratti
fufamee jira. Dhamjechoonni himoota 2fa keessatti gurraacha’ee jiru sagalee gabaabaan
xumuramu irratti fufamanii kan galan yoo ta’u; himni 3fan sagalee dubbifamaan waan
xumuramuuf dhamjecha dhokata fudhata.
Hennaa Argisiisu: Afaan Oromoo keessatti dhamjechoonni hennaa argisiisan gochimoota irratti
fufamuun hennaa darbe, hennaa ammaafi hennaa dhufu ibsu. Kanaaf, dhamjechi hennaa darbe
argisiistu dhamjecha {-e} yoo taatu, kunis, gochima muummeefi gargaartuu irratti galuu
nidanadeessi.
Fakkeenyaaf deeme, gale, ture kan jedhan keessatti hundeen isaanii {deem- , gal-, tur-} kan
jedhan yoo ta’an; hennaa darbe kan mul’istu {-e}dha. As keessatti “deeme” kan jedhu
gochima muummee yoo ta’u, “ture” kan jedhaman gochima gargaartuudha.
Fakkeenyaaf, Tolaan deemee ture, hima jedhu keessatti {-e}n gochima muummee ykn
gargaartuu keessa jirtu haala raawwii gocha hennaa darbee ibsiti. Dhamjechoonni gochima
muummee irratti fufamuun gocha hennaa ammaafi dhufu argisiisu.
HAWWII
‘‘Eenyutu Waddeessa eenyutu Jaldeessa?"'Durbi dur hin geerartuu, kan Ilfee Qannoo raajaa'
Akeekkachiisa Dr. Abiyyii hanga geerarsa Haacaaluu HundeessaattiInni diina isaatti duulee ajjeeseefi
adamoo bahee mirgaan gale geerarsa qondaalaa geerara.
Geerarasaan nama nama dhaanu komachuutii hanga bulchaa cunqursu qeequutti dubbii dachaafi
baaqqeen himu. Yaada isa dubbii qaraan ibsachuu hanqatan geerarsaan labsu.
Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa Fookloorii kan tahan Dr. Darajjee Fufaan immoo geerarsi oguma waan
taheef, Oromoon ittiin of himata, seenaa waan taheefi immoo bu'aa bahii jireenyaa ittiin dubbata.
Geeraraan lafa namni walitti qabametti onneen haa dhuftuufiyyuu malee laftii hundi kan geeraraati
jedhama. Barsiisaan fookloorii dubbisnes, ''cidha, daboo, gadaa bobba'aniillee gaafa laga bulan halkan
ka'anii geeraru, karaa gaafa deeman dadhabbii ittiin bahuuf, mukuu itti bahuuf ni geerama'' jedhu.
''Mallattoo eenyummaa keessaa tokko waan taheef geerarsi lafa Oromoon jiru hundumaa jira'' jedhu
doktar Darajjeen.Muffii, gadadoofi dararaa sabaa geeraraan kan garaa garaatu beeka jedhee hin
hambisuu laphee dhiibbatee jecha isaa qaratee addabaabyitti dhoosa.
Rasaasaan nu waxalee
Rasaasaan nu waxalee Jechuun ture artistiin beekamaa Oromoo waltajjii araaraa Ertiraafi Itoophiyaa
galma miiliniyemiitti kan geerare.
Seenaa jabaa ittiin himuu danda'amuunsaafi meeshaa malee sagalee nama geeraruun qofa
tolchamuunsaa, dandeettii yaada tarreessuu geeraraa san irratti murtaa'a.Namichi gidiraafi bu'aa bahii
keessa darbe nama fuulduratti bahee gaafa of himatu dhaloonnii inni taa'ee dhaggeefatu gootummaa fi
jagnummaa irraa barachaa deema jedhu doktar DarajjeenDur geerarsi dhiiraan geerarama dubartooti
immoo ililleetiin 'ishoo' jechaa jala qabu. Artistiin Oromoo gameettiin tibbana haasaa BBC waliin
taasisteen waan kana cabsuun,
Dubartummaan fafaaree
Jettee geerarteetti.
Sabni oromoo saba aadaa, amantaa, siyaasa,fi duudhaa mataa isaa qabuudha.
Amantaan,aadaa,Duudhaafi siyaasa isaa kana osoo barreeffamatti gargaaramuu hin eegaliin dura
afoollattifayyadamun dhalootaa irraa dhalootatii dabarsaa dhufeera.Afoolli afaaniin dchaloota irraa
dhalootattii darba. Innis jechaa afaanin fi gochaattiifayyadamuun kan dhaloota dhalootattii darbuudha
yaada Abarra (1993:52) Afoola yomuu ibsu
“afooli damee og barruu kaan hin barreeffamin ta’e aadaa, seenaa, falaasaama kan kana
fakkatan dhalootattii dabarsa.Yaada kanarraa wantii hubannuu afoollii afaaniin dhaloota dhalootattii
darbuu isaa akkasumas
91:159) Finniganwabeeffachuun afoollaa bakka sadittii qoode Isaanis Afoola gagababoo, hibboo,
ciigoo,mammaksaa, jechamoota fi kaneen kana fakkatan idha. Inni lammaffan afoola af
hololoo,himamsaa, oduudurii, af seenaa, sheekoo, fi kan kana fakkataniidha Inni sadaffaan immoo af-
walaloo ,faaruu goota, faaruu loonii, hurursa daa’imanni, sirboota gaa’ilaa fi kanneen kana
fakkaataniidha. Jechuun qoodee ilaalee jira. Weedduun Jaafaroon af-walaloo hawaasa oromoo
dha. Innis akkaata hawaasni gammachuu ittiindabarsuu fi ilaalcha hawaasa ibsuu fi sirreessuuf
gargaara.Jaafaroon weedduu halkaan gaafacidhaa mana warra gurbaa intala fuudhutti
taphatamuudha.Akkasuumas, Jaafaroon karaaummanni miira fi dhageeti hubannoo yeroo darbe haala
yeroo amma dhaloota haaraa ittiinbarsiisuu fi dhaloota haarattif dabarsuudha.Qorataan qorannoo kanaa
af-walaloo jiran keessa Jaafaroo fudhachuun sababa iddoo itti
Rating will help us to suggest even better related documents to all of our readers!
0% found this document not useful, Mark this document as not usefulNot useful
Af walaloo oromoon Arsii qabu keessa Jaafaroon isaa tokkoodha .Innis sababoota garaagaraa
irraa kan ka’e dagatamaa dhufuu danda’a . Kun immoo aadaa, duudhaa, falaasamni fi seenaa
sabichaa akka dagataman taasisa. Qorataan kunis haalota kanneen hubatee xinxaluunsababoota
Jaafaroo faayid aan isaa, qabiyyee isaa, fi kan kana fakkaatan akka hin dagatamneef
isaa saaxila baasuun maaltu furmaata akka ta’u irraa gahuun dhaloota haaraaf akka ta’eedhaloota
boruutiif haala dagatamu hin dandeenyeen bifa barreeffamaan ta’ee akka
dubbifamuuf kan kaasee dha. Kan kan taasisuu immoo dirqama nama baratee waan
ta’eefiidha.
Qorannoo kana gaggeessuuf qorataa kana kan kakkaase inni biro Godina Arsii AanaaAminyaatti
qorannoon mata duree kanaan walfakkaatu hojjatame waan hin argaamiinif idha.1.
Jaafaroon maali?2.
Qabiyyeen jaafaroo aanaa Aminyaa of keessaa qabu maali?1.3 Kaayyoo QoranichaaQorannoon kun
kaayyoo gooroo fi gooree of keessaa qaba1.3.1Kaayyoo goorroo qorannichaKaayyoo gooroo qorannoo
kana kallattiidhyaan qabiyyee jaafaroo godina Arsii aanaa Aminyaahubachuun qaaccessuundha.
Bu’aan qarannoo kana irraa argamee hedduu ta’uu danda’a jedhamee yaadama. Jalaqabatii
ensisuu danda’a
Afoolichaa bal’inaan akka qoratamuuf karaa saqaa
ka’uumsa ni ta’a.
1.5 Daangaa qorannichaaQorannoon tokko yommuu gaggeeffamu dangeeffamu qaba. Qorannoon kun
Godina Arsii
Aanaa Amiinya qofa irraatti kan danga’eedha. Sababni isaas Aanoole Godina Arsii keessa jiran
hunda irratti qorannoo gaggeessuun waan ulfaatuufi. Inni jalqaba hanqina baajata fi yeroo yoo
ulqullina qabu gaggeessuuf waan hin mijannee fikanaafuu qorataan kun qorannoo gadifageenyaa fi
qulqullina qabu gaggeessuuf Aanaa kanaqofa irratti fuulleffate. Gama qabiyyeettin immoo sirboota
aadaa hedduu jiran keessaa walaloosirba Jaaafaroo qaaccessuu irratti kan dangeffameedha. Sababni
isaas sirboota aadaa jiranhunda irratti qorannoo gaggeessuun waan hin mijanne
Hanqinni qorataa qorannoo kana muudatan hanqina yeroo, maallaqaa, sakatta’a madda
hin funaannamne g
ufuu ta’eera. Karaa biraatiin hanqinni jiru hanqina sakatta’a wabbiiti.Kunisbarruuleen afaan
oromootiinis ta’e afaanoota biraatiin mataduree Jaafaroo irratti barreffaman
gabaabdu waan taateef yeroo kana keessatti kaameera kireessunis ta’ee waajjira Aadaa fi
turizimii Aanichaa irraa ergifachuun sirbichaa waraabun kan hin mijannee ture. Walumaagalatti
qorataan qorannoo kana hanqinoota armaan olii kanaa osoo daanga’in tooftaa
garagaraattifayyadamuun qorannoo kana galmaan ga’eera. Yeroo boqonnaa isatti maalaaqa xiqqoo
argatetti fayyadamun dhiiroota sirba kana beeku kan olla isatti argamaan irraa walaloo Jaafaroowalitti
qabun qorannoo kana adeemsiseera. Karaa biraatin barreeffamoota kana wal fakkaatanwalbira qabuun
ilaaleera.
BOQONNAA LAMA
2.Sakaatta’aa Barruullee
Abarra(1993:52) Afoola yommu ibsu “afoollii damee og barruu hin barreeffamin ta’e,aadaa,
Akka kitaabni soofiyaa Siraaj (1999:1) irraati ibsuuttii afoola jechuun akkuma maqaa isarraa
hubatamuuti barreeffaman osoo hin hin ta’iin afaanin dhaloota dhalootattii darba.
Akka walli galaati yaada kanarraa kan hubannuu afoollii afaanin dhalootarraa dhalootattii darbakan
dhufee fi darba kan jiruu, fulduuratis kan darbu akkasumaas eenyumaa haala jiruu fi
Dabalataan Zarihuun (1992) Afoola yommu ibsu afoola kalaqaa afaani ta’ee kan muudannoo
hawaasaa tokko afaanin dhalootarraa dhalootattii darbundha. Kunis kan darbu bifa weedduu
Yaada kanarraa waqnti hubannuu afoollii jiruu fi jireenyaa ilma nama keessattii gochaalee dhallinama
keessaa darbe ittiin dhalootarraa dhalootattii dabarsa.Haalumakanaan Tafarii (1998:157) Afoola yommu
ibsu afoolli hojii huccuwwan miidhaginawalitti qindeessee afaanin dhalootarraa dhalootattii kan
dabarsaa ture dha. Kanaafuu aadaa fi
seenaa saba tokko sadarkaa gudinaa saba hawaasichii iirra ture sadarkaa gudinaa fi bal’
innaa
Hawaasichii irraa ture sadarkaa gudinnaa fi bal’innaa afaani kan calaqisiisuudha jechuun
dabalataan Tafariin fuula kana rraattii afoola yommu ibsu afooli hojii kalaqa sammuuuummataati firii
sammuu nama kan dandeettii kalaqasammuu fi(imagination) ilmanama
keessattii mu’aatudha.
Afoolli amaloota hedduu qaba isaan keessaa kanneen bu’uura ta’an hurruubumaa, jijjiiramummaa,
lufumaa, uumatummaa, miidhagummaa fa’aadha.
Isaanis akka armaan gadiitii dhiyaatuu jaarraa fi wasanee yaada kanarraa wantii hubannuu
afoollii amaloota hedduu qabachuu isaati Isaan keessaa murasnii kanneen armaan gadii ta’u
isaa ti.2.2.1 HurruubummaaHurrubummaan og-afaan tokko akka lubbuu horatu taasisa. Afoolli tokko
yoo gochaa waliinwalqabatee midhagina qabaach
uu baate hanquu ta’u danda’a. Yaada kana ilaalchisee Finnegan(1970:2) yoo ibsitu “oral literature is
by definition degend or performer who formulates inwords specific action there is no other way in
which it can be realized as a literary product” jetti
Yaadni kunis kan ibsu afoolli kan gochaa waliin dhihaatu ta’ee hirmaattonni gochaa fi sochiiafaan
isaanii irratti kan hundaa’u ta’uu isaati.
“ogafaan bara kalaqamee hanga har’atti osoo daddarbuu har’a ga’eera.”Yaanni kun kan nu
hubachiisu afoolli uummatummaan uumame, ummataan yeroo sana qofa tajaajilee kan hin
dhaabbannee fi gara dhaloota itti aanutti kan daddarbu ta’uu isaati.
2.2.3 UmmatummaaAfoo
lli qabeenya uummataa waan ta’eef akka kitaaba abbaan barreesse hin beekamnee fidhuunfummaa
hin qabu yaada kana Wasanee (2008:166) irratti yoo ibsu “uummatummaanamala afoola kanneen
gurguddoo keessaatokko yommu ta’u amala garee fi hawaasummaaqaba” jedha
.Yaada kana irraa kan hubannu afoollii qabeenya uummataa fi maddi isaa sammuu uummataa
waan ta’eef dhuunfummaa keessaa hin jiraatu. Kana malees afoollii hawaasni kan addaan hinbaane
ta’uu mul’isa.
2.2.4 JijjiiramummaaAfoolli
yeroodha yerootti taasifamu wajjiin walsimachuuf uumama.Yaada kana irratti Finnegan(1970:7) yoo
ibsitu.there are also the case when the performer introduces.Variation on older piece or even totally
new forms in terms of the detaled wordin. Structure orthe content jetti.Yaada kannarraa kan hubannuu
afoolli dhaloota tokkorraa gara dhaloota birootti kan darbu
2.2.5 miidhagummaaMiidhagummaan afooli sun akkataa miira ofii harkisuu fi dammaksuuf kan
dhiyaatu ta`uu isaanutti agarsiisa.Wasaneen (2008:167) yaani kun kan ibsu,haala afooli sun miira namaa
harkisuuffi dammaksuu danda`uun kan dhiyaate fi miira namaa keessati jechoota
midhagoonama,kakkasu nama gammachisuu finama keessatti waa uumuu danda`uun kan dhiyaatu
jechuudha.
2.3 Faayidaa afoolaaAfooli jiruu jireenyaa ilma namaa keessati faayidaa ol aanaa qaba.Faayidaa
gurguddoo kaneenarmaan gadiiti.2.3.1 IbsuufAfoolli gaaffiwwan bu`uuraa uumamaafi uumama wal
qabsiisaan miseensoon hawaasaakeessattuu ijoolleen olka`anii fi tooftaa deebii itti kennaniifiidha.
Yaaduma kanaan walfakkataan Fiqaadeen (1991:94)akka ibsuuti faayidaa afoolaa keessa tokko ta`e
gaafilee naannookeenya irraa ka`aniif deebii kennan wantoota adda addaa naannoo irrati argamaan
hubbannoocimaa ta`e tokko dabarsa.eessaa dhuftee yookaan namoota,bineensoota ,biqiloota
eenyutuuume jecha jedhuuf gaafiileewwan gaafatamaniif deebisuuf kan gargaruudha jedha.2.3.2
Barsiisuuf
Akka Fiqaadeen (1991:95)yoo ibsitu” amaloota fudhatamummaa qabaan agarsiisuuf jireenya
Gochooni uumataan dhalootaa dhalootatti darbaan cime akka darbuufi akka hin banneef ittifuufaniif
faayidaan isaanii afoolaan ibsama.Wasaneen (2008:170) jechuun ibsa.yaada kana irraakan hubanu
afoola keessatti aadaa ,safuu, seenaa,duudhaa ummatichaa dhaloota irraa akkadhalootatti akka darbuuf
kan taasisuudha.
2.3.4 Miliquu
Faayidaa afoolaa fi uunkaa isaanii irratti hundaa’uun hayyoonni afoola hawaasaa haala adda
addaattiin qoodu.Yaada kana ilaalchisee Soofiyaan (1999:2) irratti yoo ibsutti, “afoolli Oromoo
gosoota heddu qaba. Isaanis kanneen akka mammaaksaa, hiibboo,durdurii, weedduu, geerarsa,
bsitti. Kana irraa kan hubannu, as keessattiweedduun gosa gara garaa waan qabuuf weedduun Jaafaroos
keessatti argama. Dabalataanis,
Jaarraa fi Wasanee (2008:159) akka ibsanitti, “afoola gosa gosatti qooduun ni danda’ama.Gosa
Akkuma yaadota armaan olii irraa hubannutti, fuulleewwannoonni qorannoo kanaa gosoota
afoolaa ka’amanii jiran keessaa weedduu bifa afwalaloo jalatti ramadaman irattti kanxiyyeeffatu
ta’ee isaan keessaa Jaafaroon irratti xiyyeeffachuun kan dhiyaateedha.
2.5 Maalummaa JaafarooJaafaroon sirba uumanni Arsii yeroo fuudhaafi heerumaa mana warra gurbaa
intala fuudhutiierga galanii booda kan weeddifamuudha. Weedduu kanaan aadaa, seenaa ,eenyummaa,
jibba, jaalala, duudhaa,safuu ittiin wal barsiisuufi itiin qeequuf itti fayyadamuudha.Jaafaroon
kanbeekamu arsii keessatti yommuu ta`u, irra caalaatti kan beekamu arsii amiinyaa yoo ta`u innisyeroo
fuudhaa fi heerumaa kan raawwatamuudha.
2.6 Yoomessa jaafarooYoomessa yoo jennu karaa lamaan ilaaluu dandeenya.Yoomessa yeroo fi
yoomessa bakkaa jennee qooduu dandeenya.Yoomessa yeroo yoo jennu jaafaroon yeroo galgalaa kan
sirbamuuyoo ta`u , kan inni eegalu galgala, halkaan, sa`atti torbaa kaasee kan
weeddifamuudha.Yoomessi bakkaa immoo iddoo yoomessi itti gaggeffamuudha. Jaafaroon mana warra
gurbaaintala fuudhutti kan weeddifamuudha.Walumaagalatti jaafaroon kan weeddifamuu mana warra
gurbaaa intala fuudhutti halkaansa`attii torbaa kaasee kan taphatamuudha.