You are on page 1of 18

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA

SAMII LAFA JALAA


Kun ajaa'iba Waaqaati jedhe Roobaan gaafa tuullaan yaadaa kan qor-qalbiisaa keessaa akka bokka arfaasaa irratti gadi roobu. jiraatus magaalaa abbaa Gadaa Bilisummaa Guyyaasaati. Kan inni ganda

Lafti dhalootasaa

Godina Booranaa aanaa Abbayaa kan ta'e Roobaan dhalootumaan nama roorroofi xiiqiif hinjilbeenfannedha. Mammaaksi lamaan 'Kaleessa farda kortee, yaa warra lafoo jetti; titiisni hin madeessitu; madaa keessa nama nyaatti' kanneen jedhaman kunneen yeroo mara jalqaba haasaa Roobaan dubbii jalqabu keessaa hafanii hinbeekan. Keessasaatu madaan

BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA guutuudha; kan madaan akka sammuu qaaqa'ee isa hooksisaa ooltu...

Mana barumsaa qophaa'ina Gaango'aa keessa kan jiraataa jiru Roobaan nama dhalootumaan gaaffii isaaf hindeebine qabudha. Akka kanniisa saafaa damma loluuf dammeessitee ijaafi funyaan qabdurratti namaatti duudaniitu diinashee eenyummaa

duudduutti gaaffiin hawaasummaa, siyaasaafi sammuu Roobaatti tokkoo isaaniifuu deebii quubsaa tokkichillee dhabame. Yoo deebiin kennameefillee matumaa isa quubsuu hindanda'an. Deebii fakkeessanii deebisaniifis gaaffii kan biraatu sammuusaa keessatti dhalataaf malee waan kijibaa sodaa

BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA namaaf Roobaan. jedhee mormasaa gadi hindabarsu

Miiltoosaa kan ta'e Gololchaa faana waa baay'ee buusee baaseera. Keessumattuu namni akka dhagaa gurraachaa iddoo tokko qofa taa'ee kaayyoo dhabeessaafi hojiitti dhibaa'aa ta'uun kun maalifi? kanarratti Namni akka namaatti addunyaa raawwatee darbu maalfaa?fi kanarra dhufe kun dirqamni inni addunyaa garaagarummaan bu'uuraa kan dhala namaa bineensa sammuu ittiin yaadu hinqabnerraa adda godhu wantoota akkam akkamiiti? kanneen jedhan gaaffilee deebii dhaban kan garaa Roobaa keessaa banbanaa oolan ta'uu Gololchanis beekee jira.
BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA

Yeroo barnootasaatiin ala bosona keessa ooluu jaallata Roobaan. Kanas kan inni godhuuf namarraa waan qajeelaaf hawwu tokko waan dhabeef tarii bineensi bosona keessa jiraatan yoo afaansaa danda'aniif jedhee takka mukarra takkammoo lafarra olii gadi ilaalaa dabtaraafi qalama fudhatee manaa ba'ee walitti buusuun waa barreessuu eegale. Waa baay'ee Mata barreessee harkaa qaba; kan namni tokko hanga ammaatti harkasaarratti hinargiin jiru. dureelee garaagaraa inni irratti barreessee of harkaa qabu keessaa kanneen akka asoosamaa, falaasamaafi dhimma waan haaraa kalaquu isa harka bubbulaniiru. inni Keessumattuu ture kan mata akka dureewwan soonessaa

BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA WALDIIGESSA, GIIMII UKKAAMFAME, SAMII LAFA JALAA, DHIIGA DHIIGA XUUXE, DOOFAA marsaa gadaa JALDEESSA LEENCOME, BULGUU DHIIGA BARE, GALAANA AMMAYYOOME GODAANEEfi jalatti akka

Oromoo mata duree saddeettan kana jalatti barreessee of harkaa qabu ammayyuu hawaasa bira hingeenye.

Roobeeraan waan barreessee of harkaa qabu kana lammiisaa biraan ga'uuf sodaa guddaa tokko qaba. Akkasaatti namni haqa barreesse nidararfama; ni ukkaamfama; nigidirfama kan jedhu abbaasaa Obbo Mardaasaa Dabbasaa Liiban irraa dhaga'aa tureera. Dhikkifati onneesaa haqa faana jiraatus dhukkuba ulfa
BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA haqaatiin akka hinduune garuu jala mureetu beeka Roobaan. Bara 1982 nama gara addunyaa kanaa dhufe ta'uunsaa ijoollee kan isa fakkeessu yoo ta'eyyuu, akkuma Oromoon 'kan beeku roggeen beekee, kan wallaalu ammoo harriin wallaala' jedhutti, nama waa buusee baasuun xiinxaludha Roobaan.

Keessumattuu

kitaaba

seenaa

barreeffamee

garuu hinmaxxaniin jiru 'Samii lafa Jalaafi Dhiiga dhiiga xuuxe' jedhu jalatti waa hedduu sammuu hayyoota har'a ardii lafaa kanarra jiraniin bira hinga'amne barreesseera. Waraqaan inni irratti barreesse har'ayyuu bosona 'Golga Siidaa' jedhu jala dhokfameetu jira. Kan inni barreessaa ture kan biroon ammoo har'ayyuu gola Hambaa
BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA 'Gadaa Sabaa' kan buufatasaa handhuura

Oromiyaa godhate keessatti walitti qabamee jira.

Addunyaa gaaffii malee fala dhabde kanaaf fala mala dha'eera Roobaan. hawwii guddaa kan Isa faana jiraachuuf qabdu shamarreen

bareedduun Jiituu Oromiyaa Mul'isaa jedhamtu kan godina Wallagga bahaa aanaa Guddina Waliinii keessa jiraattu tokko karaa meeshaa jabanaa kan 'face book' tokko turte. jedhamuun walbaran Jiituun nama kaayyoo qabduufi

abbaaf haadhasheefi qaroowwan firootashee bara mootummaa abbaa bulguu keessa ofirraa du'aan dhabdedha. salphaan rukutamteetti.
BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

Eelaa godaannisi isaa hindandeenyeen

fayyamuu

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA

Jiituu harkaa hiiki jiraachuu erga harkaa badee bubbulus Roobaa faana qaamaan utuu hintaane qilleensumarra turtetti abjuu kaayyoo isheedhaaf walii yeros waliisaanii hiikamuu hubataniiru. Jiituun barattuu kutaa afurii yeroo hindandeenye tokko abjoochuushee niyaadatti. Abjuun kunis: 'Bineensa maqaansaa 'Amtig' jedhamu tokko kan gaafa kudha tokko qabu tokkotu dhiiga booqqataa karaa kaabaa itti dhufu argite. hoolota Bineensi kun gaafa biyya bareedduufi gagarraamii dhalaafi kormaa ta'an lalistuu akka malee nama marartu keessa ga'u, hedduu argee irratti lafa dha'e. Hoolota kana waan isaan ittiin beekamaa turan mara jalaa jijjiiree fixe. Kaan boolla dur ofiisaa keessa ture
BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA keessatti gadi dhidhiite; ta'us baay'ina hoolota kanaarraan kan ka'e, boolli inni qopheesse sun ga'uu waan dadhabeef boolla baay'ee iddoo Akka kanaan garaagaraatti soqsiisuu jalqabe.

utuu jiranii halkan walakkaa tuutni kumaatamaan lakkaa'aman samii lafa jalaa keessaa akka hora bishaanii lafa keessaa danfaa jiruufii akka bakakkaa garaa Waaqaa keessaa harca'aa jiruutti lafa halkanii guyyaa dhiigaafi imimmaan boo'u kanarratti lafa dhadha'an.

Kana booda bineensa guddaa sana lafa inni jirutti caccabsanii fixan; iddoo tokkotti walitti qabaniitu abidda dhaamuu hindandeenye itti qabsiisan. Boolla inni dur qochisiise hoolota kana itti naqaa ture sanas duuchanii fixan. Kana booda
BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA hoolota lubbuun hafan sana boolla sana keessaa yaasaniitu iddoowwan qaqqabsiisan!. gaddu achitti dhiibamuunis jiruuf dubbata; fuulli lafa magariisa tulluu kooticha sanarra ta'an gurguddoo

Kana booda namni boo'uufi hinargamne; hindhaga'amne. nama hundaa dararfamni cunqurfamuufi Namni waa

xiqqoo nyaatee quufa; nagaan akka malee waan cululuqaafi lammata gabbataadha. Uumamni marti afaan tokko

miidhaafi

hindhaga'amne...'.

Jiituun amma kutaa 12ffaa xumurtee Yunivarsiitii 'Sulula Garbii' jedhamu seentee saayinsii 'Qabsoo haqaa' qorachaa jirti. Roobeeraa faanas 'piroojaktii guddaa kan moggaasi maqaasaa
BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

10

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA 'OBDHQ' jedhu hundeessaniitu nama baay'ee itti qacaraniiru. Piroojaktii akka addunyaattuu beekamtummaa qabu waan ta'eef namoonni golee arfanirraa dhufanii waajjiricha keessa hojjetaa duroome. jiru. Nama baay'eetu waajjirichatti boqota. Haadha hiyyeessaa baay'eetu keessatti Gammachuufi nagaa achi keessaa argatanirraan kan ka'e 'waajjira Nagaa' jedhanii kan moggaasanillee lakkoofsa hinqaban.

Roobeeraan itti gaafatamaa kaadhimamaa biyya oogganu ta'ee akka bakka buufamuuf sabasaatiin dhiyeeffamus, waan aangoof jedhanii akka saree koqan kanaaf qalbiisaa dabarsee hin kennine. Yeroo dubbatullee hayyoonni ana caalaa biyya kanaaf hojjetan danuudha jedha ture. Dhaqaati
BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

11

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA sabakoo keessaa keessumattuu warreen umurii giddu galeessaarra jiran qoradhaa ilaalaa malee anaan nan dhamaasiinaa jedha ture Roobeeraan. Roobeeraan sadarkaa barnootaasaa ol butateera. Digrii ammoo tokkoffaa 'Oromiyaan Yunivarsiitii digrii addunyaaf' 'Oromiyaan lammaffaasaa jedhamutti Dagaagsaa'' jedhamutti,

xumureetu amma dooktorummasaaf korsii mara xumuree Yunivarsiitii 'samii Lafa Jalaa' tokko keessa jirtu kan maqaanshee 'gaaffiin deebii qaba' jedhu keessatti walitti fufinsaan halkaniifii guyyaa qorannoo geggeessaa jira.

Gaafa

qorannoosaa

xumurutti

argannoon

qorannoosaatii wiirtuu giddu gala pilaanetii 'addeessa ji'aan urjoome' jedhu irratti fudhatama
BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

12

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA guddaa akka argachuu qabu ammarra taa'ee fuulduraaf raajaa jira. Yeroo guyyaa guutuu samii lafa jalaa keessa naanna'ee dadhabee galee rafullee, dadhabbiirraan kan ka'e eessa akka bulu hinbeeku. Keessumattuu abjuu inni gaaf tokko namoota miliyoonotatti lakkaa'amniif kaayyoo piroojaktii qorannoosaa ibsaafii turee galee halkan abjoote tokko isa duraa hindagatamani.

Akkas ture: Samii tokkotu lafa jala jira: Samiin kun meeshaa ammayyaa kamiinuu safaramee bira hinga'amu. Gadi fageenyisaa akka gadi fageenya yaada namaa kan bira hinga'amnedha. Waan akka barruu namaa tokko ammoo samicha keessa olii gadi balaliiti. Wanti balaliitu kunis,
BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

13

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA lakkoofsaan tokkittii yoo taatu, odeeffannoon samii sana keessaa marti achirraa dubbifamu. Namni waan kamiyyuu dhoksaatti hojjetee meeshittii sana jalaa miliquu yookaan sobuu

hindanda'u. Yoo waan akka barruu sanaa ijaan arge ofiisaa wacabbaree waan dalage mara haasa'a malee namni kamuu soba dubbatee ba'uu hindanda'u. Waan akka barruu harkaa kun lakkoofsaan tokkitti taatus garuu namni biliyoona hedduu ta'u marti walfaana isa arguu danda'a. Meeshichis nama kana hunda al tokkichatti arguu danda'a. Meeshaan kun lafa lalistuufi magariisaa kan ijaan arguunsaa akka malee nama mararurra dhufee iddoosaa jalqabe. teessoon Maqaan bareedaan iddoo tolfameefiitu jiraachuu kanaaf Kana dhaabbataa godhatee

teessoo

kennames 'Obsaa Danboobaa' jedhame.


BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

14

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA booda yeroo hirriba keessaa dammaqu lafa faayamtuufi eebbifamtuu tokkorra Jiituu faana utuu dhaabatuu of arge Roobaan.

Dhooksaan

dhoksaa

dhalee

iccitnis

iccita

hanqaaqaa gaaffiin gaaffiin of baay'isaa akka bara dheeraa hinjiraanne jala muree kan hubate Roobaan imalasaa gara Yunivarsiitii Caffee Araaraatti taasisuun dura bu'aa Yunivarsiitichaa ta'ee hojii ajaa'ibsiisaa jalqabe. Yunivarsiitii namni galuudhaan sadarkaa namni gadi Qorannoon digiriisaa aanaarra taasifamuu jalqabes akka isa durii sana baratanii barateef hojii kan hojjetu qofa utuu hintaane, barnoota baratullee carraa saayintistummaa gonfachuu eegale. Sirni barnootaa olii hanga gadiitti bifa
BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

15

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA haaraan waan haaromfameef, idduma jirutti jijjiirama ajaa'ibsiisaa ka'aniiru. argamsiisuu namni kamuu kalaqa jalqabe.

haaraafi

Saayintistoonni hedduun lafa magariisa sanarra

Samii lafa jalaarratti gochi adeemsifamaa ture marti gara samii lafaa oliitti dalagaasaa jijjiirrate. Mammaaksi 'Niturra malee, ni urra jettee boombiin mammaakte sun balbalarra ga'aa jira. Gololchaan bineensa karaa kaabaa as dhufe sanatti akkas jedhee mammaake: 'Waraabessi biyya ormaa dhaqee, gogaa malee hin afadhu jedhe akkuma jedhan, bineensi lafa keenya qabate kun afatee ciisuu barbaadaam jedhee Roobeeraatti himuu jalqabe. Roobeeraanis gama
BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

16

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA isaatiin ani kana durayyuu jedheeraam bar, 'Nama ani ganna baasetu, manaa na baase jette raafuun jedhan mitiiree? dheeraaf jiraachifneerra; jirti. Bineensa kana bara amma garuu gara Gaaffiin

samii lafa jalaatti isa darbachuun dirqama taatee Amma dabareen keenyadha. gaaffii dhaluunsaa hafeetu amma dabareen deebiitu guddinaafi dagaagina raabsa! jedhe. Roobeeraan milkoomina muudama barnoota hojii guddaa kam keessatti iyyuu jalqabe. gara Jiituunis jechuunis

argachuu

Argannoon inni yeroo gara yerootti taasisus piroofeserummaarraa digirii sadaffaashee Saayintistummaatti isa ceesisee jira.

dooktormmaashee dhimmoota Qor-qalbii dhala namaatiin fudhatteetu yeroo ammaa kana akka
BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

17

SAMII LAFA JALAA-ASOOSAMA GABAABAA biyyattiitti nama rakkoo hiikuun beekamtu taatee Yunivarsiitii Keelloo Masqalaa keessaa hojjetaa jirti. Roobeeraa faanas mana beekamaa haalli ijaarsisaafii meeshaaleen manasaatii adda ta'e tokko ijaarratanii walumaan keessa jiraataa jiru. Namootiin baay'een kan bineensichaan oogganamanis hedduun irratti inaafanii isaan balleessuuf shira baay'ee xaxaniiru. Roobeeraan garuu mammaaksa tokkittii 'akka qotiyyoon gooba jettee raachi dhootee duute' jedhuun dubbiisaa goolabee kaayyoosaatti hanga dhumaatti cichee hafe!

BEEKAN GULUUMMAA IRRANAA YUNIVARSIITII FINFINNEETTI BARATAA Ph. D beekanguluma@gmail.com +251911074437

18

You might also like