You are on page 1of 3

Yaadannoo

🖍️Himni qindoomina jechootaa ta’ee; ergaa dabarsuu kan danda’udha. Himni yoo xiqqaate
mathimaafi gochima kan qabu, yaada guutuu kan dabarsu, hawaasa afaanicha dubbatu biratti
fudhatama kan qabuufi tuqaaleedhaan kan goolabamudha. Afaan Oromoo keessatti gosoota
himootaa adda addaatu jiru.1 Himoonni Afaan Oromoo unka yookiin caasaa isaaniirratti
hundaa’uun bakka afuritti 1qoodamu. Isaaniis;- Hima salphaa, dacha, xaxamaafi dacha xaxamaa

✍️ Waa’ee himoota salphaa, dacha, xaxamaafi dacha xaxamaa kaasuun dura waa’ee ciroo
kaasuun barbaachisaadha. Sababiin isaas, walitti hidhamiinsa qabu.

✍️ Ciroon tuuta jechootaa kan gochima ofirraa qabu ta’ee ergaa guutuu ta’e dabarsuu ykn

dabarsuu dhiisuu kan danda’u. Ciroon akaakuu garagaraatu jira. Kunis dhaabbiifi

bakka itti suuqamanii argaman irratti hundaa’uun qoodamu.

Ciroo Dhaabbiin

A) Ciroo of danda’aa: of danda’ee dhaabatee ergaa guutuu kan dabarsu. Himas ta’uu ni
danda’a.

B) Ciroo hirkataa: of danda’ee dhaabbatee ergaa guutuu ta’es kan hin dabarsine.

Fakkeenyaaf:

a. Waan dheeboteef, bishaan dhuge.

• Waan dheeboteef = ciroo hirkataa

• bishaan dhuge = ciroo of danda’aa

b. Waan sirriitti qo’ateef, qabxii olaanaa galmeessise.

• Waan sirriitti qo’ateef, = ciroo hirkataa

• qabxii olaanaa galmeessise = ciroo of danda’aa

1
Ciroo Bakkaan

A. Ciroo Firoomsee- ciroo hirkataa qaama himaa keessaa caasaa gaalee maqaatti
suuqamee argamuudha. Caasaa armaan gadii keessatti qaamni gurraacha’e ciroo
firoomseeti.

Fkn. a) Yoo laaqanni gahe, na waami.

B. Ciroo Guuttuu- ciroo hirkataa caasaa kutimaamaatti ykn gaalee gochimaatti


suuqamee argamuudha. Fakkeenya armaan gadii keessatti warri gurraacheffaman
ciroo guuttuuti.

Fkn. a) Isaan akka Oromiyaan gabroomte hin beekan.

b)Kumeen yommuu dhiirsi galu ni rafti.

Akaakuu Himaa Caasaa Isaan Qabaniin2

Himoonni Afaan Oromoo seera caasaa xinhimaa irratti hundaa’uun bakka afuritti
qoodamu. Isaanis

A. Hima Salphaa

Himni salphaan, gochima tokko qabaatee, ergaa guutuu ta’e kan dabarsu. Himni salphaan ciroo
of danda’aa tokko qaba.

Fakkeenyaaf:

a. Caaltuun gabaadhaa galte.

b. Haati warraa isaa ogeettii fayyaati.

B. Hima Dachaa

2
Himni kun, gochima lamaafi isaa ol of keessatti kan hammate ta’ee, ergaa lamaafi sanaa ol
dabarsuu kan danda’u. Kana jechuun, himni dachaan, ciroo

of danda’aa lamaafi isaa ol of keessaa qabaachuu danda’a.

Fakkeenyaaf:

a. Kumaan Finfinnee deemee deebi’e.

b. Kumeen ganamaan kaatee, fuula ishee dhiqattee, ciree ishee nyaattee, mana barannootaa
deemte.

C. Hima Xaxamaa

Himni xaxamaan, ciroo of danda’aa tokko qofaafi ciroo hirkataa tokkoofi isaa ol of keessaa
qaba.

Fakkeenyaaf:

a. Yoo Kamisee deemteef, uffata aadaa naaf bitta.

b. Bokkaa cimaa waan roobeef, midhaan balleesse.

c. Akka malee waan fiigeef, kufee cabe.

D. Hima Dachaa Xaxamaa

Himni dacha xaxamaan, ciroo of danda’aa lama yookaan isaa oliifi ciroo

hirkataa tokkoofi isaa ol irraa kan ijaaramu.

Fakkeenyaaf:

a. Bokkaan waan roobeef, midhaan tolee, callaa garriin argame.

b. Caaliin qorannoo isaatiif yeroo Finfinnee dhufu, mana keenyatti goree na dubbisee darbe.

c. Bokkaan muummicha roobnaan, galaanni guutee, biyyoo harate.3

You might also like