You are on page 1of 43

BOQONNAA TOKKO: YAADRIMEE MALA QORANNOO

SEENSA

Mata dureen kun yaadrimee qorannoon walqabsiisuun maddeen beekumsaa,


maalummaa qorannoo, kaayyoowwan qorannoo waliigalaa, amaloota qorannoofi
qorataa hammatee jira. Akkasuma, gosoota qorannoo ulaagaa garaagaraan bal’iinaan
yoo dhiyaatuu, keessattu qorannoon gochaa ogummaa ati keessa jirtuu akka
barsiisaatti ta’ee, ogeessa birootti hubannaan isaa waan siif barbaachisu sirritti duukaa
bu’uun sirraa eegama.

Kanaaf, boqonnaan kun waa’ee yaadrimee ilaalchisee yaada waliigalaa qofaa waan si
barsiisuuf kitaabilee wabii as jalatti ka’aniifi kitaabilee biroos yoo argatte dabalataan
dubbisuun gara fuula duraatti wixinee mataa kee qopheeffattee qorannoowwan
garaagaraa hojechuu akka dandeessutti of-qopheessi!

1.1 Maddeen Beekumsaa

Addunyaa odeeffannoon guutamtee geggeeffamtu keessa jiraachuu keenya dagachuun


yookaan mormuun ulfaataadha. Jaallatanis jibbiitanis guyyaa guyyaatti odeeffannoo
garaagaraa, haqa, yaada /ilaalcha nama dhunfaa (kan mirkanaa’ee /hinmirkanoofnee),
kalaqaafi kkf garaagara keessumeessaa olaa bulla. Haata’u malee, maddoota
beekumsaa kunneen keessaa kamtu guutummaatti amansiisaafi yaada sirruummaa
qabaa isa jedhuu sakatta’uun barbaachisaadha. Saayinsiin falaasamaa waa’ee madda
beekkumsaa, haala beekkumsaa ykn akkaataa beekuumsa ittiin argatan qoratu
Eppistimoolojii ‘Epistemology’ jedhama. Eppistimoolojiin madda beekkumsaa
Eppistimoolojii Duudhawaa ykn Eppistimoolojii Saayinsaawaa yommuu ta’an
lamaanuu akkaataa duraa duuba isaaniitiin armaan gaditti dhiyaatanii jiru.

Kanaaf, dhalli namaa hubannoo addunyaa keessa jiraatu maddawwan beekkumsaa


addaddaarraa argatu kana gargaaramee rakkoowwan jireenya keessatti isa mudatuuf
ittiin fala barbaaddata. Odeeffannoo guyyuutti keessummeessinu tokko haala kamiin
madaaluun fudhachuun akka danda’amu hubachuunis barbaachisaadha. Odeeffannoon
guyyuutti keessumeessinu kunis kanneen armaan gadii jalatti kan ramadaman ta’u
Janet (2005) ibsiti.

1
I. Beekumsa Turtii Yeroon Argamu (Time based Knowing: Traditional
Knowledge)

Gosti beekumsaafi odeeffannoo turtii yeroorratti hundaa’e namni tokko gonfatu


beekumsa dudhaawaa jedhamuun yoo beekamu, kunis gosa odeeffannoo adeemsa
keessatti yookaaniis muxannoon mirkanaa’aa adeemuudha.

Duudhaan madda beekkumsaafi tooftaa rakkoo hiikuu miseensi hawaasa tokkoo itti
gargaaramu keessaa isa tokko. Namoonni aadaa, duudhaa, safuufi barsiifata
addaddaatti gargaaramuudhaan hubannoo addunyaa keessa jiraatanii dagaagfatu.
Beekkumsa ambiiriitti “Indigenous knowledge’ gargaaramanii kan wal dhabe
araarsuuf, kan wal ta’e eebbisuuf, kan dhabe abdachiisuuf, kan argate jajjabeessuuf
itti gargaaramu.

Haa ta’u malee, akkaataan tajaajilaafi itti fayyadama duudhaa haalgalumsa (context)
adda addaa keessatti garaagarummaa qaba. Gama tokkoon, dhugaan duudhaa hawaasa
tokko keessatti ittiin hoganaman hawaasa biroo keessatti kan hinbeekkamneefi
hindeeggaramne ta’ee yommuu mul’atu jira. Fakkeennaaf, aadaa tokko tokko
keessatti loon horsiisuun gahee warra dhiiraa yommuu ta’u, midhaan omishuun
ammoo gahee warra dubartootaati. Addaa biroo keessatti ammaa faallaa kanaattu
mul’ata. Lamaanuu taanaan gahee honjii ilaalcha koorniyaatiin hundeeffame malee
sababaafi loojikiin kan deeggaramee miti.

Gama biraatiin ammoo, namoonni duudhaa abbootii, akaakileefi abaabilee isaaniirraa


bifa imaanaatiin dhaalan kabajanii itti fayyadamuu malee hundagaleessummaa
(universality) isaa gama addaddaatiin qeequuf, madaaluufi mirkaneessuuf yaaliin
godhan hinmul’atu. Kanaafuu, duudhaatti gargaaramanii rakkoo hiikuufi beekkumsa
gonfachuun waan tokko ta’ee, hubannoowwan duudhaarraa argaman akkuma jiranitti
dunuunfatanii fudhachuurra sirrummaafi hundagaleessummaa dhugaawwaniifi
qajeelfamoota duudhaa mala saayinsaawaa ta’een qorataa mirkaneessuun itti
gargaaramuun filatamaadha.

II. Ogeessummaa (Methods of Authority)

Gosti beekumsaa yookaan odeeffannoo namoota abbaa taayitaafi ogeessootarratti


hundaa’un argamuu akkanaa immoo amaleeffannaa hawaasa keeenyaa guyyaa
2
guyyaatti keessumeessinudha. Kunis haasaa hiriyyoota keessannifi namoota guyyuutti
wal argitan waliin taasiftan keessatti isiin ykn isaan yeoo nama angoorra jiruu ykn
galaalchaa ykn itti gaafatamaa dhaabbata ta’ee haasaa /dubbii isaa osoo hin
mirkaneeffatiin fudhachuu ilaallata.

Kunis hawaasa yeroo ammaa jiraachaa jiruu kana keessatti kan baay’ee
amaleeffatameefi rakkisaa ta’eedha. Namoota akkanaa amanuufis fedhiin keenya
qeequuf baay’ee ulfaataa ta’ee argama. Hallii akkanaa kunis ‘authority addicted’
ta’uu keenya ragaa baha. Kana mirkaneeffachuufis muxxannoo keenya guyyuu
sakatta’un bira ga’uun nidanda’ama. Fakkeenyaaf, odeeffannoo guyyuutti dhageenyuu
keessaa ‘akkas jedhe’, ‘akkas jette’, fi ‘akkas jedha’ jedhuu ilaaluun nidanda’ama.

As kanatti yaadni isiin akka hubattanii kan barbaadamuu maaliif amantan? Yookaani
fudhattan isa jedhuu osoo hintaanee fudhachuun keenya dura dhugummaa isaa
mirkaneeffachuun barbaachisaa ta’uu agarsiisuuf ta’a. Barattootnis ta’an odeeffannoo
barsiisoota isaaniifi kitaaba barnootarraa argatan kallattumaan dhugummaa osoo
hinmirkaneessiin yoo fudhatan nimul’ata.

Ilmi namaa rakkoowwan namtolfeefi uumamaa jireenya guyyuu keessatti isa


qunnamuuf salphisuufi furmaata barbaaduuf dhimmicharratti namoota ogummaa,
muuxannoo, beekkumsa fooyya’aa qaban jedhee tilmaame mariisisuudhaan fala ittiin
barbaadas. Yeroo hawaasummaafi qaroominni akka ammaa hinbabal’atinillee taanaan
rakkoowwan akka waraanaa, beelaa, dhukkubaa, bokkaa cimaafi kkf yommuu
dararamu abbootii amantaa, ayyaantuuwwan, ogeessota, jaarsa biyyaa mariisisuun
daandii falaa argachuuf carraaqaa ture. Haata’u malee, beekkumsi ogeessaa
daangawaa akka ta’eefi dhimmoota hundaaf fullaasuu akka hindandeenye beekanii itti
fayyadamuun gaariidha.

Fakkeennaaf, maqaa ogummaa fayyaatiin ogeessa gadameessaa, ogeessa dhukkuboota


garaa keessaa, ogeessa dhukkuboota mormaa olii, ogeessa dhukkuboota hargansuu,
kkf yoo ilaalle beekkumsi isaan gama fuulleffannoo qayyabannoo isaaniitiin qaban
cimaa yommuu ta’u, damee fuulleffannoo qayyabannoo isaanii kan hinta’inirratti
ammoo beekkumsi qaban daangawaa waan ta’e abdii guutuu irratti hirkachuun
barbaachisaa miti.

III. Miira Dhunfaa (More Risk Knowledge Sources: Common sense and

3
Intuition)

Maddii beekumsaa baay’ee balaa qabuu jedhamuu immoo madda odeeffannoo


yookaan beekumsaa miira keenyarratti hundaa’un argamudha. Maddii odeeffannoo
akkanaa kun akkuuma faayidaa qabuu yeroo midhaa garaagaraaf nusaaxilu mul’ata.
Kunis mirri keessan yeroo balaa tasaa adda addaarraa yoo isiin eeguu muxannoo
qabaachuu dandeessu.

Fakkeenyaaf, konkoolaataan karaa deemuuf jettee waan ta’ee miila siiqabee


konkolaataa abbaa dabaree dhistee kan itti aanuutti deemtee; yeroo boodas
konkolaataan ati koruuf turtee sun galagaluu dhageessa. Yeroo kanas mirrii kee balaa
tasaarraa sii’olchuu barta. Muxannoo kanaafi kanneen kana fakkaatan hedduu isiin
qunnamuu yokaan dhaga’u dandeessu. Gosti beekumsi akkanaa kunis gosa
beekumsaa miirarratti hundaa’un argamudha. Haata’u malee maddii beekumsaa kunis
yeroo adda addaatti yoo nu midhuu mul’ata. Kanaaf, xiyyeeffannoon fayyadamuun
barbaachisaadha.

IV. Mala Sababeessuu (Method of Reasoning)

Malli sababeessuu gosoota maddawwan beekkumsaafi tooftaa rakkoo hiikuu keessaa


isa tokko. Mala sababeessuutiin beekkumsa addunyaa horachuu keessattuu bara
Aristootil irraa eegalee tajaajilaa kan ture yommuu ta’u yaada ka’umsaa tokkorra
dhaabbatanii yaada biroorra gahuuf fayyada. Malli kun kallattii sadiin gaggeeffamuu
danda’a. Isaanis;

a) Yaada dimshaasharraa gara murtaawaarra ga’uu;

b) Yaada murtaawaarra gara yaada dimshaashaatti deemuu;

c) Malawwan sababeessuu lamaaniittuu qindoominaan kan fayyadamuu.

A. Sababeessuu Callabbeessaa (Deductive Reasoning)

Akkaataa dagaaginafi gonfatama beekkumsaa irratti namoonni dhiyaannaa


sirnaawaa (systematic Approach) yeroo jalqabaa dhiyeessan Falaasfoota
Girikii Duriiti (Ancient Greek philosophers) turan.

Haaluma kanaan ‘Aristotle’fi hordoftoonni isaa mala sababessuu


callabbeessaa (deductive reasoning) hundeessuun beekkumsi himamsa
dimshaashaa irraa ka’anii gara himamsa callaatti deemuun akkamitti akka

4
beekkumsi gonfatamu yaada dhiyeessanii turan. Kanumarraa kan ka’e
malli kun tooftaa Aristootilii jedhamee beekkama.

 Malli kun dhugaa ykn odeeffannoo dimshaashaarraa ka’uudhaan dhugaa ykn


Malli Sababeessuu callabeessaan (Deductive Reasoning) beekkamaan
Isloojizimii (syllogism) jedhama. Isloojizimiin sababeessuu callabbeessa
himamsawwan (statements) sadiirraa walirratti rarra’anirraa uumama.

1) Himamsi ka’umsaa yaada bal’aa kan dhiyeessu yommuu ta’u, innis


Himamsa Muummee (Major Premises) jedhama.

2) Himamsi lammaffaa himamsa muummichaa irratti kan rarra’u


yommuu ta’u, Himamsa Murnee (Minor Premises) jedhama. Himamsi
kun yaada callaa deeggarsaa dhiyeessa.

3) Himamsi dhumaa ammoo Goolabduu (Conclusion) jedhama.


Sababeessuu dimshaashee keessatti himamsawwan dhugaa yoo ta’an
goolabduunillee dirqamatti dhugaa ta’a. In deductive reasoning, if the
premises are true, the conclusion is necessarily true. Otherwise it is
false.

Fkn 1:-

a. Ilmni namaa hunduu ni du’a. (Himamsa Muummee)


b. Mootichi Dhala namaati. (Himamsa Murnee)
c. Kanaafuu, Mootichi nida’a. (Himamsa Goolabaa).
Fkn 2:-

a. Sabni Oromoo Irreecha Kabajuu jaallatu


b. Qajeelaan Oromoodha.
c. Kanaafuu, Qajeelaan Irreecha Kabajuu jaallata.
Fkn 3:-

a. Pilaaneetonni biiftuurra naanna’u.


b. Lafti Pilaaneetiidha.
c. Kanaafuu, Lafti biiftuurra naannofti.
Fkn 4

a. Dubartoonni daandiirra jiraatan salqunnamtii ofeeggannoo hinqabne


gaggeessu.

5
b. Shaashureen dubartii daandiirra jiraattu.
c. Shaashureen saalqunnamtii ofeeggannoo hinqabne gaggeessiti.
Sababeessuu dimshaashessaa keessatti himamsawwan dhugaa yoo ta’an yaanni
goolabaatis dhugaadha. Haala kanaan goolabni fakkeenyawwan 1 ffaafi 3ffaan
dhugaa yommuu ta’an; goolabni fakkeenyawwan 2ffaa fi 4ffaa n ammoo soba.

B. Sababeesuu Dimshaashessaa (Inductive Reasoning)

 Malli sababeessuu kun dhugaa murtaawaarraa ka’anii dhugaa dimshaashaa irra


gahuuf gargaara. Kanaafuu, yaada callaa qayyabachuun dhugaa
dimshaashaarraa gahuun akka danda’amu agarsiisa.

Fkn 1:-

a. Shaashoon dubartii daandiirra jiraattu.

b. Shaashoon saalqunnamtii ofeeggannoo hinqabne gaggeessiti.

C. Dubartoonni daandiirra jiraatan saalqunnamtii ofeeggannoo hinqabne


gaggeessu.

Fkn. 2:-

a. Biqiltoonni jiraachuuf qilleensa barbaadu.

b. Bineensonni jiraachuuf qilleensa barbaadu.

c. Namni jiraachuuf qilleensa barbaada.

d. Kanaafuu, lubbu qabeeyyiin hunduu jiraachuuf qilleensa barbaadu.

Yaanni kun isa xiqqoorraa ka’uudhaan yaada dimshaasha xumuraatirraan nu ga’a.

V. Mala Saayinsaawaa (The Scientific Methods)

Malli saayinsaawaan, qindoomina mala sababeessuu dimshaashessaafi (Deductive


reasoning)fi Malli Sababeessuu Callabbeessa (Inductive reasoning) ta’uu danda’a.
Malli sababeessuu saayinsaawaan mala mirkaneeffannaa karlameetti fayyadama.
Malli sababeessuu lamaan olitti dhiyaatan kophaa kophaatti hanqina mataasaanii
qabu. Hanqina isa tokkoo cimina isa biraaatiin guutuudhaaf lamaan isaanii
qindoominaan fayyadamuun amansiisummaa bu’aa argamuutiif murteessaadha.

6
Cohnfi Manion (1984) akka ibsanitti, malli kun ergaantakkaa (Simultaneously)
dhugaa dimshaashaarra dhaabbatanii goolaba callaarra gahuuf akkasumas, dhugaa
goolaba callaarratti dhaabbatanii goolaba dimshaashaa hundeessuufi amansiisummaa
dhugaa maddisiifamee mirkaneessuuf gargaara. Mala dhaha tokko qindoomina
malawwan sababeessuu lamaaniitiin sakatta’uun ykn madaaluun qabatamummaafi
dhugummaa isaa mirkaneessuufi dhugaa waliigalaa (Generalize) dhiyeessuun
nidanda’ama.

Kanaafuu, malli beekumsa ittiin argannuufi rakkoo ittiin hiiknu kan hunda caalaa
fooyya’aadha jedhamee yaadamu mala saayinsawaati. Malli kun tooftaawwan rakkoo
hiikuufi maddeen beekkumsaa olitti ibsamanirraa adda. Malli kun mala sababeessuu
qindaawaallee of jalatti hammachuu danda’a. Tooftaawwan olitti dhiyaatan mala
saayinsawaatiif akka ciicataatti (Input) tajaajiluu kan danda’an ta’ullee dhugaa
qabatamaafi furmaata amansiisaa akkasumas hundagaleessa ta’e bira gahuuf hanqina
qabu. Malli Saayinsaawaan, rakkoowwan kanniin furmaata cimaadha.

Odeeffannoofi beekumsa sirrii ta’ee argachuuf madda beekumsa saayinsawaarratti


hundaa’un barbaachisaadha. Saayinsiin dogoggoorri garaagaraa akka hinuumamneef
mala, adeemsaafi amaloota addatti hordoofuu qaba. Ragaan yookaan odeeffannoon
madda kanarraa argamuus mala, adeemsaafi ulaagaalee madaallii garaagaraa keessa
darbuun kan mirkanaa’udha. Saayinsiin ragaa qabatamaa, mala tooftaawaafi bu’aa
mirkanaa’erratti hundaa’a.

Malli Saayinsii tooftaawwan madda beekkumsaa kaawwanirraa amaloonni adda


taasisan kanneen armaan gadiiti:

 Dhugaa haala sirii ta’een gaaritti addeessuu danda’uu;

 Tokkoon tokkoo argannoowwan saayinsaawaatiif ragaa mirkaneessaa


qabatamaa dhiyeessuu danda’uu

 Sirnaawummaa;

 Ragaawwan haala saayinsaawaa ta’een hiikuufi hariiroo wantoota gidduutti


mul’aturratti goolabarra gahuu danda’uu;

 Hariiroo wantoota giddutti mul’atanirratti mala dhaha hundeessuufi sakatta’uu


danda’uu;

7
 Qajeelfamoonni Saayinsii jijjiiram fuulduratti mul’atu ilaalchisee tilmaama
sirrii kaa’uu danda’uu;

 Argannoowwan saayinsii qorannoowwan gara fuulduraatti gaggeeffamaniifi


qabatama addunyaa har’aatiif barbaachisaa waan ta’eef;

 Adeemsi saayinsaawaan qabatamaa ta’uusaati.

Kanaafuu, Malli Saayinsiin rakkoowwan sababa uumamaafi haala hawaasummaa


ilma namaatiin mudatan furuuf ykn hiikuuf gargaaran keessaa tooftaa olaanaadha.

Malli saayinsii adeemsa afur keessa darbuu danda’a

Isaanis:

1) Daawwannaa walitti fufaa,

2) Mala dhahiinsa,

3) Tilmaamaafi Yaalii

4) Argannoo bira ga’uudha.

Waan beekuu barbaannu tokko jalqaba walitti fufiinsaan sirriitti daawwachuu; itti
aansuu mala dhaha hundeessuu; sana booda mala dhahiinsi sun isa daawwanne
sanarraa kaanee maal ta’uu akka danda’u tilmaamna. Itti aansudhaan tilmaama keenya
sana mirkaneeffachuuf yaalii gaggeessina; yaaliin sun dhugaa jiru tokkorraan nu ga’a.
Beekumsi mala kanaan argamu beekumsa mala saayinsawaa bu’uurefate ta’a.

1.2 Maalummaa Qorannoo

Hiikaafi Yaadrimee Qorannoo


Yaadrimeen qaorannoo baayyee bal’aafi kallattii hedduun ibsamuu waan danda’uuf
hiikkaawwan muraasa qofaan guutumaan guututti ibsuu kan danda’amuu miti.
Qorannoon hiika dhaabbataa tokko qofa hinqabu. Sababni isaa hiikkaan hayyoonni
addaddaa kennan kallattii qorannoo, kaayyoo, akkaataa hubannoofi ilaalcha isaanitii
wajjiin waan walqabatuufi. Kana malees dirreen qorannoon irratti gaggeeffamu
baay’ee bal’aa waan ta’eef kallattii garagaraatiin ilaalamuu danda’a. Akkana jechuun
garuu qorannoodhaaf hiika laachuun hindanda’amu jechuu miti. Qorannoo gaaffii
beekkumsaa, dhugaa ykn furmaata barbaachaaf gaggeeffamu waan ta’eef adeemsa

8
dhuma hinqabne jechuun nidanda’ama.

Hiikkaan qorannoodhaaf kennamu akkuma tuqame madda adda addaatirratti


garaagara. Kanaafuu, maalummaa qorannoo sirriitti hubachuudhaaf amaloota isaa
xiinxaluun filatamaadha. Gayifi hiriyyoota isaa (2009) yaada gareen adda addaa
qorannoodhaaf kennan cuunfanii dhiyeessu. Yaanni isaan kaa’anis qorannoon haxa
seera qabuun mala saayinsawaa fayyadamanii rakkoo tokkoof furmaata barbaaduu
akka ta’e ibsu. Akka yaada kanaatti qorannoon waan dhaabbataa ta’eefi mala
saayinsawaatti dhimma kan bahudha.

Kanumaan walqabsiisanii qorannoo barnootaatis yemmuu ibsan mala saayinsawaa


kana fayyadamuudhaan rakkoo barnootarratti nama mudatuuf furmaata barbaadudhaa
yaada jedhu dhiheessu. Armaan olitti, ‘qorannoon malaafi haxa saayinsawaa
fayyadamanii gaaffii/ rakkoo tokkoof deebii/ furmaata barbaadudha’ kan jedhu kana
keessatti ammoo gaaffii /rakkoo jedhame sun waa’ee hawaasummaa, naannoo,
barnoota, siyaasa, diinagdeefi kkf ta’uu danda’u jechuun yaada isaani kaa’u.

Dorenyi (2007) jecha qorannoo jedhuu kanaaf jireenya guyyuu keenya keessatti
hubannaa waa’ee naannoo keenyarratti qabnuu balliiffachuuf jecha adeemsa gaaffilee
nuqunnaman deebisuuf taasiisnuu waliin walbira qabuun ibsa.

Salphumatti fakkeenyaaf, mobaayilii qarshii salphaan bitachuu feetan haajennuu;


kana gochuuf manneen gurgurtaa mobaayilii magaalaa kana jiran deemuun qarshii
mobaayilichaa gaafattan sana booda mobaayila keessan haala hawwiitaniin/
karoorfataniin bitachuu dandeessu. Kun hundii akka waligalaatti yaada ykn hiika
‘qorannoon maali’ jedhuu nudeebisa. Qorannoon taasifamee kun immoo
hundagaleessa ykn gahaadha jechuun amanuun ni ulfaata.

Sababni isaas, manneen gurgurtaa kanneen kaan mobaayila walfakkaatuu gatii


binneen gadii dhiyeessuu danda’u. Kanaafuu, qo’annoo gaarii ta’e tokko geggeessuuf
tooftaawaa ta’uun nurraa eegama. Dhumarrattiis bu’aa argameerratti ofittii
amanamummaan mormuufi amansiisuu dandeenya.

Hiika qorannoo ilaalchisee Kothari (1990) ‘‘A search for knowledge’’ jechuun yaada
isaa kaa’a. qorannoo jechuun salphumatti adeemsa dhallii namaa waa’ee naannoo isaa
gadii fageenyaan hubachuuf taasiisuufi akkasuma gaaffii guyyuu isa mudatuu
deebiisuuf carraaqqii mala saayinsawaa hordoofuun taasiisudha.

9
Kerlinger(1986) immo hiika qorannoo saayinsii waliin walqabsiisuun qorannoon
saayinsawaa ta’e seera qabeessa, qabatamaan kan to’atamuufi daawwannaa
karoorfameefi itti yyaadamen waa’ee rakkoo jiru tokko karaa gad-fageenyaan
qoratamudha jedha. Haariroo qorannoofi saayinsii ilaalchisee hubannoo bal’aa
argachii xiyyeeffannaan dubbiisa kana gaditti dhiyaatee hubachuun sirraa eegama.

Hiika ‘qorannoon saayinsiidha’ jedhuu xinxaluuf jalqaba saayinsiin maali? Gaaffii


jedhuuf deebii kennuun barbaachisaadha. Jechuma salphaan ‘scientific’ jechii jedhuu
yaadrimee dhiheessa sirnaawaafi tooftaawaa hordoofuun adeemsa beekumsa
horannuu ykn maddisiisuu jedhuu qaba. Yaadni kunis garaagarummaa namni
saayintisti ta’eefi hintaanee tokko adeemsa beekumsa haaraa horatuu ykn dabalatuu
qaban agarsiisurratti kan hundaa’edha.

Saayintistiin tokko daawwanaa tasaa yookaan itti hin yaadamiinifi haala dhiheessa al-
idileen beekumsa argaturratti hin hundaa’u. Kana jechuun daawwanaa sirnaawaafi
tooftaawaa, akkasuma dhiheessa maleenyaa sirrii hordoofuun beekumsa haaraa
maddisiisurratti hundaa’a(Shaughnessy & Zechmeister, 1997). Saayintistiin tokko
adeemsa kana hordoofuun waan qorachaa jiruurratti yaada dimshaashaa sirriifi
amansiisaa ta’ee kennuu danda’a.

Karaa biroon, amala saayinsii ragaa qabatamaarratti hundaa’uufi adeemsa qabaachuu


Shaughnessy & Zechmeister, (1997) amallii addaa saayinsummaa ragaa
qabatamaarratti hundaa’uu yoo ta’ee; itti ansuun amallii baay’ee barbaachisaadha
jedhamu adeemsa haala argannoon itti argamee agarsiisuu qofa osoo hintaanee
dabalataan adeemsa sana hordoofuun saayintistoonni yookaan ogeessootni biroon kan
deebiisani waan argachuu danda’an adeemsa ifaafi tooftaawaa ta’ee kan qabu yoo
ta’edha jedhu. Kunis meeshaalee walfakkaataniinifi kan biroon sakatta’un bu’aan
duraan eeramee argamuuf wabii ta’uun barbaachisaadha.

Yaaduma kanas Cuff and Payne (1979, f. 4) “A scientific approach necessarily


involves standards and procedures for demonstrating the ‘‘empirical warrant’’ of its
findings, showing the match or fit between its statements and what is happening or
has happened in the world” jechuun ibsu.

Akkasuma immoo beekumsa saayinsawaa kan jennu tokko yaada dhunfaa namootaafi
miira saayintistii tokkorratti hindundaa’u. Beekumsii saayinsawaa tokko ragaa

10
qorannoo loogii qorataafi hirmaattootarraa karaa biliisa ta’een walitti qabameerratti
hundaa’udha. Qorannon tokkoos qorannoo saayinsawaati kan nujechisiisuu danda’u
mala saayinsawaarratti hundaa’un yoo geggeeffamedha. Mala saayinsawaa kan
jedhamuu kunis adeemsaafi qajeelfamoota qorannoo waligalaarratti xiyyeeffata.
Yaada kanas guutummaatti hubachuuf hiika hayyootni Grinnell (1993), Lundberg
(1942), Burns (1994), Kerlinger(1986) qorannoorratti keennan ilaaluun
barbaachisaadha.

Qorannoo jechuun adeemsa ittiin gaaffii jireenya guyyuu deebisnuu ta’uu isaa
dhugoomsuuf Grinnell (1993) jechi ‘research’ jedhu birsaga lama irraa hundeeffame
jedha. Birsagaleen kunniinis birsaga ‘re-’ jedhu birsaga maxxantuu duraa ta’eefi
birsaga ‘search’ jedhu birsaga of danda’a gocha agarsiisudha. Hiikoon isaaniis ‘re-’
jechuun ‘keessa deebii’uu’ jechuu yemmuu ta’u ‘search’ jechuun immoo barbaaduu
/xiinxaluu yookiin itti hiiqinsaan qorachuufi kkf yaada jedhu qabaata. Kanaaf
birsagaleen lameen kunniin waliin ta’uun jecha qorannoo jedhu Uumaan jedha. Kun
immoo kan agarsiisu gaaffii dhugaa ka’e tokkoof deebii kennuuf ragaa jiru karaa
seera qabeessa ta’een keessa deebi’anii xiinxaluu, haala hawwataa (obsa) qabuun
sakkata’uufi dirree beekumsaa jiru irratti hundaa’uun dhugaa jiru yookiin seera
dhugaa jiru tokko bu’uureesuuf gad-fageenyaan qorachuun ibsa itti kennuu
jechuudha.

Grinell yaada kana yemmuu dabalataan ibsu, qorannoo jechuun karaa qindeeffama
qabuun adeemsa saayinsawaa fayyadamee akkaataa itti qorataan tokko rakkoo
tokkoof fala barbaaduun yaaxxina fudhatama qabuufi haala tokko beekumsa duraan
jiru irratti dabaluudhaa jedha. Kuniis karaa biroon kan agarsiisu gaaffii duraan jiru
tokkoof furmaata haaraa laachuun deebii gahaa kennuu ta’uu isaati.

Lundberg (1942) immoo adeemsi karaa saayinsawaa ta’een gaaffii tokkoof deebii
kennaniifi adeemsi gaaffii jireenya keenya keessatti guyyaa guyyatti ka’uuf deebii
lannu adda adda ta’uu isaa ibsee jira. Adeemsi karaa saayinswaa ta’een deebii kennuu
ragaa karaa seera qabeessa ta’een daawwachuu, qooduufi hiikuun kan
geggeeffamudha. Kanaaf adeemsi saayinsawaa ta’e sirnaawaa, dhaabbi
qabeessummaa, amansissummaafi mirkanaa’uu kan danda’u ta’u qaba jedha.
Qorannoo jechuun gaaffii deebii akkasii keessa darbee deebii argatu yemmuu ta’u
gaaffiin jireenya keenya dhugaa keessatti ka’uun deebii argatu garuu adeemsa akkasii

11
of-keessaa qabaachuu dhiisu waan danda’uuf qorannoodha jedhamu dhiisuu ni
danda’a

Burns (1994) yaada kana cimsuuf hiika qorannoo yemmuu kennu qorannoo jechuun
rakkoo tokkoof furmata kennuuf adeemsa seera qabeessa ta’een gad-fageenyaan
qorachuu (systematic investigation) jechuudha jedha.

Walumaa galatti jechi qorannoo jedhu kan agarsiisu gaaffii ka’e tokko ykn rakko jiru
tokkoof furmaata laachuu jechuu yemmuu ta’u akkaataa ati deebii yookiin furmaata
itti lattu garuu karaa seera qabeessa ta’een raga funaanaman irratti hundaa’ee ta’uu
qaba. Kunimmoo adeemsa saayinsawaa ta’e barbaachiisa. Kanaaf hiika qorannoo isa
karaa saayinsawaa ta’een gaaffii yookiin rakkoo jiru tokkoof furmaata kennuu jedhu
sirritti gad-fageenyaan hubachuu si barbaachiisa.

Karaa biroon immoo qorannoon, kallattii ittiin waa’ee ogummaa ofii yaadan biyya
lafaa kana keessatti namoonni ogummaa adda addaa irratti boba’anii jiru. Namoonni
kunniin immoo ogummaa isaanii keessatti kallattiinis ta’e al-kallattiin gaaffiin adda
addaa sammuu isaanii keessa dhufuun waan oolu miti. Kanaaf qorataan tokko gaaffii
sammuu isaa keessa dhufuuf deebii kennuuf qorannoo gochuu yaaluu ni danda’a.
Kumer (1996) qorannoon ogummaa adda addaa keessatti akka geggeeffamu erga
ibistee booda akkaata itti qorannoo jechuun waa’ee ogummaa ofii yaadu ta’e haala
armaan gadiin mirkaneesa.
More than a set of skills, research is a way of thinking: examining critically the
various aspects of professions, understanding and formulating guiding principles
that govern a particular procedure: and developing and testing new theories for
the enhancement of your professions. It is a habit of questioning about what you
do, and empirical examination to find answers with a view to instituting
appropriate changes for a more effective professional service(f.2).
Akka yaada kumar kanatti, qorannoo jechuun kallattii ittiin waa’ee ogummaa kee gad-
fageenyaan xiinxaltee hubattuufi qajeelfama adeemsa seera waan tokko ittiin
geggeeffatu, qopheeffatuufi yaaxxina haaraa tokko waa’ee ogummaa kee guddisuuf
yaalii gootudha. Kana malees, qorannoo jechuun waa’e waan hojjetu tokkoo amala
ittiin gaaffii gaaffattuufi deebii qabataman qorachuun yaada jijjiramee bu’a qabeessa
ta’e tokko fiduuf yaalii gootudha. Yaada kana irratti hundaa’uun fakkeenyaaf ati
nama barnoota keessaa hojjetu barsiisaa, suupeervayizeera ykn hogannaa ta’u ni

12
dandeessa. Haala kana keessatti mana barumsaatti hojii dirree hojjechuuf osoo
boobaate jirtu gaaffiiwwan armaan gadii gara sammuu keetti dhufuu ni danda’u.
 Barattoonni hangamtu guyyaa guyyaatti guyyaafatee dhufe?
 Lakkoofsi barattoota guyyaafatanii dhufanii maaliif baay’ata?
 Sababoota barattoonni tokko tokko ittiin guyyaafatan warri kan maaliif
dhaban?
 Fedhii barattoota mana barmsaa kanaa maal fakkaata?
 Barattoonni tajaajila manni barumsichaa kennutti hangam gammadu?
 Uummanni waa’ee barnoota ijoollee isaanii hangam hordofa?
 Tajaajila mana barumsichaa qabu foyyeessuuf maaltu ta’u qaba?fi kkf.

Gaaffiiwwan kunniin hundi immoo gaaffii ogummaa kee wajjin walitti dhufeenya
qaban waan ta’aniif itti yaaddee deebii kennuufii yaaluu qabda. Kanaaf akka ogeessa
tokkootti gaaffiiwwan kanneemiif deebii kennuuf yemmuu yaaddutti qorannoo
geggeessita jechuudha. Haala kanaan qorannoo jechuun karaa ittiin waa’ee ogummaa
ofii yaadanidha inni jedhu yaanni kumar fudhatama qaba jechuudha.

Gaaffiin waa’ee hojii kee iddoo hojii keetti gara sammuu kee yemmuu dhufu kallattii
warreen tajaajila laachaa jiranii, tajaajilamaa jiranii, bulchaa ykn karoora baasaa
jiraniif ogummaa keen ilaaluu ni dandeessa (kumar 1996). kana jechuun fakkeenyaaf
gaaffiiwwan armaan olitti ka’an kallatti mana barumsichaafi barsiisootaa, barattootaa,
hogantootaa ykn wajjira barnootaa ykn warra barattootaafi akkaataa ogummaa keen
kana jechuun, barsiisummaa ykn suupeervayizeerummaa ykn hogannummaa kee
irratti hundooftee deebii laachuu yaalta jechuudha.

Karaa biraatiin qorannoo jechuun adeemsa karaa seera qabeessa ta’eefi mala
saayinsawaa fayyadamanii akkaataa itti rakkoo tokkoof furmaata barbaadanidha .
Mala saayinsawaa ta’e jechuunis yaadiddamaan kan deeggaramee dhihatu ta’uu isaa
agarsiisa. kallattii biro Dastaa (2002A.L.I) maalummaa qorannoo yemmuu
ibsu ,qorannoon karaa seera ittiin ragaan funaanamu saayinsawaa ta’uufi adeemsaafi
tartiiba qindaa’e hordofuun qophaa’uu isaati. Kun immoo kan agarsiisu gaaffii gara
sammuu kee dhufuuf adeemsa qorannoo geggeessuu keessatti furmaata itti laachuuf
raga karaa saayinsawaa ta’een funaanachuun yaada beektotaan deggaruu qabda
jechuudha.

13
Gaaffii dhima hojii barnootaa gara sammuu kee dhufeef mala ragaa ittiin sassabaan
daawwannaa, afgaaffii, bargaaffii, dokumantii sakkata’uufi kkf irratti hundaa’uun
ragaa argattee yaada beektotaan deggartee ibsutu sirraa eegema. Fakkeenyaaf, gaaffii
“Lakkoofsi barattoota guyyaafatanii dhufanii maaliif baay’ata?” jedhu keessatti
rakkoo isaa adda baafachuuf gaaffii gaafatee deebii argateef jecha beektotaa karaa
xiinsammuu saayinsii uumamaa, saayinsii hawaaasaafi kkf deebii barattoonni siif
kennaan kan deggaraan wabeeffachuun ibsu qabda. Kunimmoo ragaan ati argatte
kanaan dura karaa saayinsawaa ta’een beektotaan kan mirkana’eef dhugammaan isaa
irra caalaatti akka siif hubatamuuf si gargaara. Walumaagalatti:

 Yaadrimeen qorannoo baayyee bal’aafi kallattii hedduun ilaallamuu danda’a.

 Kanaafuu, qorannoon hiikkaawwan muraasa qofaan guutumatti ibsuu


hindanda’u.

 Hiikkaan hayyoonni qorannoof kannan hiikkaa dhaabbataa tokko qofa miti.

 Sababnis hiikkaan hayyoonni qorannoof kennan adda adda ta’eef akkaataa:

 kallattii qorannoo

 hubannoofi ilaalcha qorattootaa

 qorannoon dirree bal’aa irratti waan adeemsifamuuf

 Akkana jechuun garuu qorannoof hiika laachuun gonkumaa hindanda’amu


jechuu miti.

 Qorannoon:

 gaaffii ykn xiinxala beekkumsa, dhugaa ykn furmaata barbaachaaf


gaggeeffama

 adeemsa dhuma hinqabne jechuun nidanda’ama.

 Hiikkaawwan hayyoota damee kanaatiin kennaman keessaa muraasni kanneen


gadiiti.

1. Qorannoon hojii amanamaa, abdatamaa, ulfaataa, ifaajessaa, obsa


fixachiisaa, haqummaa kan qabu, barbaacha dhugaa beekumsaa
(beekaa)fi ogummaa (ogeessa) kan gaafatu.

14
 Research is an honest, exhaustive, intelligent searching for
facts and their meanings. It is the process of arriving at
dependable and systematic collection, analysis and
interpretation of data (P.M. Cook).

2. Qorannoon adeemsa idilaawaa, sirnaawaa, liixxawaa, ifaajessaa,


xiinxala mala saayinsaawaa ta’een gaggeeffamu.

 Research is considered to be the more formal, systematic,


intensive process of carrying on the scientific method of
analysis (J.D. Best).

3. Qorannoon yaalii beekkumsa guddisuufi mirkaneessuuti.

 Research is an endeavor (effort/attempt) to discover develop


and verify knowledge (J. Francis Rummel).

4. Qorannoon alloogawaa (objectivity) loojikaalawaafi


mititilmaamawaadha (perception)

5. Qorannoon yaalii ykn carraaqqii beekkumsa argachuu, dagaagfachuufi


mirkaneeffachuuf taasifamu.

 Kanaafuu, maalummaa qorannoo sirriitti hubachuudhaaf amaloota isaa


xiinxaluun filatamaadha.

 Gay’fi kanneen biroo (2009) yaada gareen adda addaa qorannoof kennan
cuunfanii yommuu dhiyeessan qorannoon haxa seera qabuun mala
saayinsawaa fayyadamanii rakkoo tokkoof furmaata barbaaduuti jechuun
ibsan.

 Qorannoo barnootaatis yemmuu ibsan mala saayinsawaa kana fayyadamuun


rakkoo barnootarratti nama mudatuuf furmaata barbaaduudha yaada jedhu
dhiheessu.

 Armaan olitti, “Qorannoon malaafi haxa saayinsawaa fayyadamanii gaaffii/


rakkoo tokkoof deebii/ furmaata barbaadudha,” yaada jedhu kana keessatti
ammoo gaaffiin /rakkoon jedhame kun waa’ee hawaasummaa, naannoo,
barnoota, siyaasa, diinagdeefi kkf ta’uu danda’u.

1.3. Falaasama Qorannoo


15
Qorannoo geggeessaa jirtu galmaan ga’uuf tooftaan ykn meeshaan ragaa ittiin waliin
qabachuu adeemtu kan murteessuu dandeessuu gaaffilee qorannicharratti hundaa’uni.
Fakkeenyaaf, ragaa lakkoofsaan jiru ykn irra-deddeebii waan ta’e sakatta’uf af-gaaffii
gargaaramuu hindandeessu. Kana jechuunis tooftaan ati filattuullee gaaffilee
qorannoo keerratti hundaa’a. Akkuma beekamu qorattoonni fedhii, beekumsaafi
muxannoo qabanirratti hundaa’un kallattii qorannoo isaanii akkamtaa yookaanis
hammamtaa ta’uu murteessuu danda’u.

Hallii filannoo tooftaa ragaa ittiin walitti qabannuu kun buu’ura yaadaa meeshaaleen
kunneen irratti hundaa’an gidduu-galeessa godhata. Fakkeenyaaf, qorattoonni
meeshaaleefi saxaxa qorannoo hammamtaa gidduu galeessa godhachuun dhimmi
bahaan yaada buu’uraa pozativistootaarratti hundaa’u.kanneen meeshaaleefi saxaxa
qorannoo akkamtaa gidduu galeessa gadhatan immoo naachuraalistoota jedhamun
beekamu.

Gareen lamaan kunneen maal qorachuutu murteessaadha? Maaltu bira gahaamu


danda’ama? Tooftaafi saxaxa akkamitu mijataa? Sirrummaafi amasiisummaa
qorannichaa madaaluuf ulaagaa akkamii gargaaramuu qabna? Qabxilee jedhan
kanneenifi kan kana fakkaatanirratti yaadaafi amantaa garaagaraa hordoofu? Yaadaafi
amantaa gareen lamaan kunneen hordoofan kun immoo falaasama qorannoo /research
philosophy/ jedhamuun beekama.

Garaagarummaa falaasama gareen lamaan kunneen gargaaraman beekuun yookaan


adda baasuun maalif nubarbaachise? Yookaanis salphumatti tooftaafi saxaxa
qorannoo nutti tolee filachuun qofa qorannoo keenya maalif hingeggeessinu? Kana
gochuun nidanda’ama. Garuu, jalqaba garaagarummaa falaasamaa jiru hubachuun
sababa armaan gadiiti tarreeffaman niqabaata.

 Yaaxxinni falaasama qorannoo kunneen qorannoo kee haala kamiin


geggeessuu akka qabduu siqajeelcha.

 Malaafi tooftaa gargaaramuu deemtuu sihubachisa.

 Sirrummaafi amansiisummaa qorannoowwan madaaluuf falaasamni kunneen


sadarkeessuu adda addaa waan gargaaramaniifi

 Yaaxxinaafi falaasama gareewwan kunneen galma gahiinsa qorannichaa


milkeessuuf dhimmi itti bahaan garaagarummaa guddaa waan qabuuf ta’a.
16
Dudhaalee qorannoon walqabatee garaagarummaa dhaabbii qorataan adeemsa
qorannoo isaa keessatti qabaachuu danda’un mul’atuu (ontological theory), walitti
dhufeenya waa’ee dhimmichaa beekuufi dhimmi beekamuu gidduu jirufi
(epistemological theory) adeemsa beekumsa maddisiisuu(yaaxxina maleenyaarratti
hundaa’e /methodological theory) jedhamuun qoodamu.

1.4. Kaayyoowwan Qorannoo Waliigalaa

Kaayyoo waliigalaa qorannoo ilaalchisee Kumar (2006) kaayyoo yaaxxinaa, haqaafi


hujummaarratti hundaa’e jechuun ibsa.

Gosti qorannoo kaayyoo yaaxxina hundeessuu qabu tokko kan bu’ura godhatu
qajeelfamaafi yaaxxina haaraa hundeessuu yokaan yaaxxina duraan jiru haaromsuufi
beekumsa dabalurratti xiyyeeffata. Qorannoon yaaxxina haaraa hundeessuu kaayyoo
isaa godhatee tokko yeroo baay’ee saxaxa qorannoo ibsaati dhimmi ba’a. Sababni
isaas, haala walitti dhufeenya vaariyaabilotaa ibsuurratti waan hundaa’ufi. Qorannoo
akkanaa kunis beekumsa buu’uraa gumaachurratti hundaa’a.

Inni lammataa kaayyoo haqa yookaan dhugaa ta’ee adda baasuuf qorannoo
geggeeffamudha. Gosti qorannoo kaayyoo haqarratti hundaa’e tokko haqa yokaan
dhugaa qabatamaa haaraa sakatta’urratti xiyyeeffata. Kaayyoon qorannoo akkanaa
kun haqa yookaan taatee kanaan dura uumamee ibsu gidduu galeessa gudhata.
Qorannoon seenaa yeroo baay’ee yaada akkanaa qabatee adeema.

Inni kaan gosa qorannoo kaayyoo hujummaa gidduu galeessa godhatee adeemuudha.
Kunis qorannoon kaayyoo hujummaarratti hundaa’e tokko beekumsa haaraa
gumaachuu yokaan maddisiisurratti kan xiyyeeffatu osoo hintaanee haala fayyadama
yokaan hujummaa ta’eerratti waan haaraa gumaachuu gidduu galeessa godhata.

Karaa biroon, kaayyoo qorannoo waliigalaa ilaalchisun Walliman (2006) qabxilee ja’a
ibsee jira. Kaayyoon qorannoo murtaa’a tokko yaada qorattootaafi amala qorannichaa
gidduu galeessa godhata. Kaayyoleen qorannoo gurguddoo kunis:

i. Ibsuuf

Gosti qorannoo ibsaa ragaa qorannichaa walitti qabuuf meeshaalee qorannoo keessaa
yeroo baay’ee daawwanaatti dhimmi baha. Barsiifata taatee tokko murteessuufi

17
akkasuma halleen walfakkaataa keessatti gara fuula duraatti maaltu uumamuu
danda’a? isa jedhuu tilmaamuuf haala taateewwan sakatta’urratti hndaa’a.

ii. Gadifageeyaan Ibsuufi Madaaluuf

Kun immoo gosa qorannoo ibsaa jalatti kan ramadamuufi dhimmoota walxaxoo
hawaasummaa qo’achuuf kan saxaxamudha. Kunis ‘dhugaa jiru adda baasuu’ yaada
jedhuun-ol gadifageenyaan xinxaluu karoorfachuun sochoo’a. Gosti qorannoo
madaallii kunis sagantaalee sakatta’uufi qorachuu kaayyoo isaa isa buu’uraa godhata.

iii. Waldorgoomsiisuuf

Sakatta’insa dhimmoota garaagaraa lama haala walfakkeenyaafi garaagarummaa


qaban bira ga’uuf taasifamu keessaa tokko taatee gadiifageenyaan hubachuuf
gargaara.

iv. Firoomiina /Hariiroo Isaanii Ilaaluuf

Gosti ragaa qorannoo firoomiinaa keessatti dhiyaatuu akka ragaa qorannoo akkamtaa
jechaan daawwannaan kan ibsamuu osoo hintaanee lakkoofsaan kan sakatta’amu
ta’uu isaati. As kanatti, qorannoon seenaafi ibsaa saxaxa qorannoo akkamtaa jalatti
kan ramadamuu yoo ta’u qorannoon firoomiinaa kun immoo saxaxa qorannoo
hammamtaa jalatti ramadama. Firoomiinni haala waliitti dhufeenya ykn walitti
dhiheenya taateewwan lama sakatta’uun firoomiinni isaanii sun dhibbaa walirrattii
taasiisuufi taasiisuu dhisuu sakatta’urratti xiyyeefata.

v. Hojimaata, Sirreeffamaafi Jijjiirama Haaraaf

Gosti qorannoo kaayyoo hojimaataaf, sirreeffamaafi jijjiiirama garaagaraa sakatta’uu


gidduu galeessa godhatee socho’u gosa qorannoo yaaliiti. Kunis gareewwan lama
fudhachuun sagantaa garaagaraa lamarratti yaalii taasiisuun hojimaataaf yokaan
sirreeffamaafi jijjiiramaa kallatti kaa’uuf qorannoo geggeeffamudha.

1.4. Amaloota Qorannoo (Characteristics of Research)


Amalootni qorannoo adeemsa qorannoo keessatti wantoota hammataman yokaan
hojiwwan kanneen biroorraa adeemsa yookaan qabeentaa addaa qabaachuu danda’an
ilaallata. Akkasuma amalootni qorannoon kunneen yaadota qorannoon tokko
hammachuun dhiyaachuu danda’uu yaada jedhu qaba.

18
I. Qorannoon Saayinsiidha (Research is Science)

Qorannoon qajeelfamoota kaayyoo dhaabbateef galmaan gahuuf gaggeeffama.


Kunis:-

 Hariiroo sakatta’uuf,

 Rakkoof furmaata barbaaduuf,

 Abuura egeree dhiyeessuuf,

 Beekkumsa dabaluuf ykn gabbisuuf gaggeeffama.

Qorannoon gocha nasiibaan (akka feeteen) raawwatamuu miti. Kanaafuu,


gulantaawwan keessa darbuufi tartiiba qindaawaa hordofuun gaggeeffamu qaba
jechuudha.

Akka dimshaashaatti malli saayinsaawaan tartiiba armaan gadii keessa darbuun


gaggeefama:

a. Haala jiru hubachuu (Observation)

b. Mala Dhaha Hundeessuu (Hypothesis Formulation)

c. Ragaa mala saayinsaawaan funaanuu (Scientific Data Collation)

d. Ragaa Qaaccessuufi Hiikuu (Analysing and Interprating Data)

e. Gabaasa Qopheessuu (Preparing Final Report)

II. Qorannoon Ragaa Qabatamaarratti Hundaa’a (Research is


Empirical)

 Qorannoon haalawwan qabatamaarratti hundaa’a.

 Akka barreeffamoota asoosamaa ykn falaasamaa ilaalcha, fedhiifi tilmaama


dhuunfaarratti kan hundaa’uufi dhugaa suursammuun kalaquun kan
qophaa’uu miti.

 Odeeffannoon funaanamu sun ragaadhaan kan deeggaramu ta’uu qaba.


Ragaan sunis mirkanaa’uu kana danda’u ta’uu qaba.

 Qarataan haala qabatamaafi ragaa dhugaarratti hundaa’uun haala


saayinsaawaa ta’een qindeessee dhiyeessa.

19
 Qorannoon dhugaa hincalaqqisiisu yoo ta’e, hanga fedhellee qarshiifi yeroo
guddaan ramadameefii yoo itti dhangala’e bu’aa dhabuu danda’a.

III. Qorannoon Adeemsa Sirnaawaadha. (Research is Systematic


Process)

 Qorannoon adeemsa. Kanaafuu, adeemsa idileefi sirnaaawaa hordofu qaba


jechuudha.

 Adeemsonni qorannoon hordofu kun ammoo akkuma hedduminafi


addaddumaa hiikkaa qorannoo sana garaagarummaa qabaatullee kanwaliigalaa
kanneen armaan gadiiti.

a) Ka’umsa rakkoo qoratamuu beekuun mata duree filachuu

b) Sakattaa ogbarruu gaggeessuu

c) Kaayyoo qorannoorratti hundaa’uun Mala Dhaha/Gaaffilee Qorannoo


qopheessuu

d) Wixinee qorannoo qopheessuu

e) Madda ragaa murteessuu, qopheessuu, Iddattoo filachuu, mirkaneessuu

f) Ragaa funaanuu, qindeessuu, dhiyeessuu, qaaccessuufi hiikuu

g) Cuunfaa, Goolabaafi Yaboo Qopheessuu.

IV. Qorannoon Dhugummaa Qaba (Validity of Research)

 Qorannoon dhugummaa qabaachuu qaba. Dhugummaan qorannoo ammoo


ragaa barbaachisaafi haala qabatamaa calaqqisiisuun mirkanaa’a.

 Ilaalchaa dhuunfaatiin qorataatiin osoo hinliqimsamin haala qabatamaa bifa


calaqqisiisuun qophaa’uu qaba.

 Qorannoon dhugummaa qabu gulantaawwan olitti dhiyaatan keessa kan


darbeefi kan hordofee meeshaa funaansa ragaa sirriitiin ragaa funaaname
dhiyeessuu, dhiyeessuu, hiikuufi goolabuu qaba.

 Dhugummaan qorannoo bakka lamatti qoodamee ibsamuuu mala. Isaanis:

i. Dhugummaa Keessaa (Internal Validity) fi

ii. Dhugummaa Alaa (External Validity)

20
1. Dhugummaa Keessaa

 Tokkummaa ykn garaagarummaa odeefkennitootaarratti hundaa’a.

 Fakkeennaaf qorannoo yaalii (experimental research ykn qo’annoo firoo (co


relational study) keessatti gareewwan lamaan odeefkennitootaa gama hundaanuu
(fkf, saalaan, umriin, sadarkaa barnootaat, ilaalchaafi amantaan, haalaafi naannoo
jireenyaafi gulantaa hawaasummaatiin, sadarkaa si’aa’inaafi xiinsammuutiin, kan
walmadaalan ta’uu qabu.

 Haalawwan kanniiniin garaagarummaan bal’aan odeefkennitoota gidduu yoo


jiraate qorannichi dhugummaa keessaa waan hinqabneef bu’aan qorannicharraa
argame sababa kamiif akka ta’e mirkaneessuun ulfaataadha.

2. Dhugummaa Alaa

 Iddattoon odeeffannoo irraa funaanuuf fudhatame jamaa qorannoo sana bakka


bu’eefi bakka bu’uu dhiisuurratti hundaa’a.

 Iddattoon filatame jamaa keessaa filatame san bakka kan bu’u yoo ta’e,
dhugummaan alaa mirkanaawaa ta’a.

 Iddattoon filatame jamaa bakka hinbu’u taanaan dhugummaa alaa ga’umsa


waan hinqabneef bu’aa iddattoo kanaarra dhaabbatanii yaada dimshaashessaa
kennuun hindanda’amu.

V. Fudhatamummaa Qorannoo (Reliability of Research)

 Fudhatamummaan ulaagaa murteessaa qorannoom tokkooti.

 Fudhatamummaan amansiisummaa qorannichaa mirkaneessa.

 Qorannoon tokko fudhatama qaba kan jedhamu qorannoon qorataa tokkoon


adeemsifame mirkaneeffannoof qorataa biraatiin yoo irra deebi’amee yoo
qoratame bu’aan argamu kan walfakkaatu yookaan kan walitti dhiyaatu ta’uu
qaba.

 Fakkeenyaaf, bal’inni gola tokkoo nama tokkoon ykn nama biraatiin yeroo
addaddaa irra deddeebi’amee yoo safarame madaala dhaabbataa kennuu qaba
malee, ganama meetira 6, guyyaa meetira 5, galgala meetira 4 ta’uu hinqabu.

 Haalli akkanaa kan mullatu yoo ta’e madaalichi fudhatamummaa hinqabu

21
jechuudha.

VI. Qarannoon Akaakuu Addaddaa Qaba

 Namni hojiiwwan qorannoo dubbisu tokko, qorannoon dirreewwan


addaddaarratti tooftaawwan addaddaatiin gaggeeffamu hubachuu danda’a.

 Kanaafuu, qorannoon kallattii addaddaatiin gaggeeffamuu danda’uunsaa


gosoonni qorannoo addaddaa akka jiraataniif sababa ta’ee jira.

 Qorannoon ulaagaalee garagaraarratti hundaa’ee. gosoota gara garaatti


qoqqoodama

 Isaanis: kaayyoo qorannichaa, akaakuu ragaafi haala ittiin ibsanirratti, tooftaa


(Style) qorattootaafi dirree qorannoon itti gaggeeffamurratti hundaa’ani
adeemsifamuu danda’a.

 Waa’ee amaloota qorannoo ilaalchisee beektonni yaada hedduu tarreessu.

 Fakkeenyaaf akka Marietjiefi Marita (2001) ibsanitti,

 Qorannoon rakkoo tokko hiikuudhaaf karoorfama

 Qorannoon beekkumsa dagaagsuuf adeemsifama

 Qorannoon waan qabatamaarratti bu’uureffata

 Qorannoo gaggeessuuf ogummaafi beekumsa ga’aa qabaachuu


barbaada.

 Qorannoon obsa, fedhii, itti gaafatamummaa, hirmaannaa cimaa


gaafata.

1.5. Amaloota Qorataa Gaarii

Amaloota qorataa gaarii jedhuu kana ilaalchisee Doreny (2007) qabxiwwan


gurguddoo jedhu afur haala armaan gadiin kaa’a.

i. Fedhiifi kakka’umsa guddaa qabaachuu

Qorattootni muxannoo qaban yeroo baay’ee mata duree isaan waliin hariiroo
qaburratti qorannoo isaanii geggeeffatu. Wal-hidhatiinsi mata duree keenya waliin
qabnuu baay’ee laafaa yoo ta’e qorannichi hojii guddaa kan nurraa barbaaduu ta’uu
isaa amanuun dirqama. Kanaafu, yeroo baay’ee qorattootni muxannoo hin qabnee

22
naannoo beekumsa qaban sanarratti akka hojjeetaniif jajjabeeffamu. Namootni
naannoo beekumsa isaanirratti qorannoo gaggeessan namoota dhugaafi mata duree
isaanirratti hubannoo guddaa argachuuf carraaqani.

ii. Miira giddu galeessa ta’ee qabaachuu

Inni lammataa immoo adeemsa qorannoo keenya keessatti dhugaan nujalaa wal-
dhahuun beekamaa ta’ee osoo jiru, gara daandii sirriitti deebi’uu osoo dandeenyuu
isuma jalatee sana tarkaanfachisuun loogiin nuun taasifnee ifatti yoo muldhatuu
argama. As kanatti qorataan amala gaarii qaba jechuun danda’amu tokko miira isaa
to’achuun bakka loogiin isaa mul’atutti sirreeffama taasiisaa kan adeemuudha.

iii. Yaada gaarii qabaachuu

Amalli qorataan gaariin qabaachuu danda’u inni sadaffaan yaada gaarii ta’ee
qabaachuudha. Kunis, qorannoo saxaxa hawwataafi bareedaa qabu tokko adeemsa
isaa keessattifi bu’aa isaarratti yoo wantii ifa hintaaneefi walxaxummaa qabaatee
rakkisaa ta’u danda’a. Qorannoon bareedaa jedhamuu tokko salphaadhummatti kan
hubatamu ta’uu qaba. Kana jechuunis qorataan gaariin qorannoon isaanii salphaan
kan hubatamuu, aslummaa kan qabuufi maalif akkas yaaduun dhabee kan nun
jechisiisudha.

iv. Naamusa qabaachuu

Qorataan amala gaarii qabaa jedhamu tokko dirqama guutummaan waa’ee seeraafi
dambii qorannoo ilaalchisee hubannoo giddu-galeessa ta’ee qabaachuun dirqama.
Kana jechunis, qorataan gaariin seera qabeessaafi itti gaafatamummaa kan
fudhatudha. Akkasumas, amaloota qorataan gaarii tokko qabaachuu danda’uu keessaa
kanneen kaan ogeessummaa qorataa, ija jabinaafi obsa qabaachuufi kanneen kana
fakkaatanifaadha.

Kanaaf , akka waliigalaatti amalootni muraasni qorataa tokko gaariidha jechisiisan:

 Gahuumsa/ dandeettii rakkoo jiru addaan baasuu qabaachuu


 Rakkoo adda baheef tooftaa sirrii ta’e filachuu.
 Ragaa qofarratti hundaa’ee kan hojjatu.
 Amanamummaafi kutannoo cimaa kan qabu.
 Fedhii/amala nama biroo waliin hojjachuu qabaachuu

23
 Qabeenyaafi humna jiru tilmaamuufi itti fayyadamuu kan danda’u.
 Fedhii mata duree irratti hojjatuu kan qabu.
1.6. Gosoota Qorannoo

Gosoota qorannoon walqabasiisee barreessittootni garaagaraa qoqqooddiifi maqaa


garaagaraatti dhimma yoo ba’aan mul’ata. Asirratti wanti hubatamuu qabu garuu,
gosti isaanii garaagara haata’u malee gosti qorannoo martinuu adda addummaa
isaaniirratti hunda’uun faayidaa guddaa akka qaban beekuun barbaachisaaadha.
Kunis, gosti qorannoo kunneen garaagarummaa xiyyeeffannaa isaan qaban irraa kan
ka’e adda addumma waan qabaniif, adda addummaa kana beekuun barbaachisaa ta’a.

Akka Doreny (2011), Addunyaa (2011), Duff (2006), Brown (2004) bu’uura ragaa
fayyadamanirratti hundaa’un akkamtaa /qulquulleeffataa, hammamtaa /safarataafi
makaa jechuun qoodu.

Akkasuma kaayyoo qorannoon tokko gaggeeffamurratti hundoofnee qorannoo


qooduu dandeenya. Isaanis: qorannoo hujoo,qorannoo madaalliifi, qorannoo
bu’uuraati

1.1.1. Bu’uura Ragaaleefi tooftaa ragaan ittiin xiinxalamuun

Amalaafi gosa ragaa qorannoon tokkoo bu’uura taasifatuun qooddii qorannoowwaniin


walqabsiisee inni waligalaafi beekamaan gosa ragaa qorannooleen kunneen dhimmi
bu’uura godhataniifi amala ragaalee sanarratti hundaa’uun qorannoo akkamtaa,
hammamtaafi makaa jedhamuun qoodamudha. Ragaaleen qorannoo kunneenis af-
gaaffiifi bargaaffii banoofi daawwannaarratti kan hundaa’an akkasuma ragaalee
lakkoofsaafi istaatiksii bu’uura godhatan ilaallata. Haala qooddii gosa qorannoowwan
akkamtaa, hammamtaafi makaa kanaan walqabsiisee Dorenyi(2011) gosoota
qorannoo ragaa jalqabaarratti hundaa’un geggeeffaman jechuun ibsa. Kunis qorataan
kallattiin dirreettii ba’un yookaanis laaboraatorii keessatti haariiroo jijjiiramootaa
/vaariyaabilootaa sakatta’uun ragaa qorannichaa ofiin walitti qabachuun qorannoo
geggeeffamudha.

i. Qorannoo Akkamtaa

Gosa qorannoo ragaalee gaaffilee banoon, daawwannaan, marii gareen walitti


qabatuufi adeemsa qaacceessa ragaalee jecharratti hundaa’a. Qorattoonni gosa
qorannoo akkamtaa giddu galeessa godhatan yoomessa uumamaa wantotaa yookaan
24
taateewwanirratti hundaa’un gadifageenyaan qo’achuurratti xiyyeeffatu. Kunis kan
ta’uu haala hiikaafi ibsa taateewwanii hirmaattootni qorannichaa isaaniif kennanirratti
hundaa’uni (Denzin & Lincoln ,2000).

Yaaduma kana Addunyaan (2011) haala armaan gadiin ibsuuf yaala.

Qorannoon akkamtaa, gaaffiwwan ‘maaliif? Akkamitti? Jedhaniif deebiisuuf


carraaqa. Akaakuun qorannoo kanaa dhimmoota qorannicha keessatti dhiyaatan
mara jechaan ibsa. Qorattoonni haala jiruufi jireenya hawaasaarratti qorannoo
geggeessuu barbaadan, odeeffannoo kan funaannatan waan daawwatan, mari’atan,
argan, dhaga’an, haala naannoofi jiruufi jireenya uummatichaa ilaalchisanii waan
dubbisaniifi waan kana fakkaaturraati(f.11).

Qorannoon akkamtaa yoomessa uumamaarratti hundaa’un geggeeffama. Kunis


namootni waa’ee naannoo isaanirratti muxannoofi hubannoo akkamii akka qaban
adda baasuufi aadaa, dudhaafi barsiifata isaanii gadifageenyaan xinxaluuf gosa
qorannoo geggeeffamudha.

Kaayyoon gosa qorannoo kanaas amalaafi beekumsa dhala namaa gadifageenyaan


ibsuun haala hawaasummaafi jiruufi jireenya isaanii xinxaluurratti hundaa’a. Haallii
kunis walitti dhufeenya qorataafi irraawwatamtoota isaa gidduutti uumamuurratti
dhibbaa guddaa godha. Kana jechunis, salphumatti qorataafi irraawwatamtoota
gidduutti hariiroon guddaa akka uumamuu dhibbaa taasiisa. Kanaafu, qorataan akka
qorannoo ammamtaa gama dhaabbachuun qorannoo isaa geggeessuus ta’ee argannoo
yookaan bu’uu qorannoo isaa ibsuu hindanda’uu jechuudha.

Yaada kanarraa kan hubannuus, falaasamni qorannoo akkamtaa bu’uura yaadaa


qorataan adeemsa qorannoo isaa keessatti walitti dhufeenya irraawwatamtoota isaa
waliin qabaachuu qabu kan hindaangoofneefi ‘ani’ jechuun gabaasa qorannoo
dhiyeessa yaada jedhu qaba.

Gosti qorannoo kanaa haala yaada nama dhunfaarratti hundaa’un namoonni miira
akkamii akka isaanitti dhagahamuufi maal akka yaadaa jiran odeeffannoo bal’aa ta’e
argachuuf nama gargaara. Haata’u malee akka qorannoo ammamtaa
irraawwatamtoota qorannichaa keessaa meeqa /hammam isaanituu miira akkanaa itti
dhagahamaafi akkasitti yaaduu isa jedhuuf deebii nukennuu hindanda’u.

 Amaloota qorannoo akkamtaa


25
 Gaaffilee maaliif? Akkamitti? Jedhan deebisuuf carraaqa.

 Jecharratti hundaa’a

 Yoomessa uumamaarratti hundaa’a

 Qorataan qaama qorannichaati

 Istaatiksiifi lakkoofsa hingargaaramu

ii. Qorannoo Hammamtaa

Gosa qorannoo barnootaa qorataan maalan qorachuun qaba? gaaffii dhiphaafi


murtaa’a gaafachuu, hirmaattoota irraa ragaa walittii qabuu, istaatiksii fayyadamuun
ragaa lakkoofsaan walitti qabamee qaaccessuuniifi karaa logii qorataa irraa biliisa
ta’een qorannoo geggeefamuudha.

Qorannoo idilawaa, toftaawaa, adeemsa /seera baramaa kan egee, odeeffannoo


maddiisiisuf adeemsa tooftaawaa kan hordoofuufi haala, ta’iinsaafi yaada haaraa
addeessuuf, walittii dhufeenya ykn hariiroo variyabilotaa qorachuunifi bu’aa
qabeessummaa yaalii murteessun qorannoo geggeefamudha(Dorynie 2011). Yaaduma
kana Addunyaan (2011) haala armaan gadiin ibsuuf yaalera.
26
Kaayyoon guddaan qorannoo ammamtaa ammamii walitti dhufeenya jijjiiramootaa
(variables) murteessuudha. Saxaxni qorannoo kanaas ibsa ykn yaalii (either
describtion or experiment) irratti hundaa’a. Ibsi taasifamus walitti dhufeenya
jijjiiramoota gidduu jiru addaan baasurratti xiyyeeffata. Yaaliin taasifamu garuu,
yeroorratti hundaa’ee ‘Dura maal ture? Booda’oo? Jechuun waliin madaala(f.13).

Qorannoo ammamtaa keessattii odeeffannoon /ragaan lakkoofsaan walitti qabama.


Meeshaan baramaan kaayyoo kanaaf oluu qormaata. Kunis gosoota garagaraa
niqabaata(Qormaata afaanii/qormaata xinsammuu fknf.qormaata
gahuumsaa/aptitude).

Gaaffiin qorataan qorannoo ammamtaa geggeessuu qorannicha osoo hin eegaliin dura
of gaafatu nama meeqatu qorannoo kiyyaaf na barbaachisan? Kun jecha madaalliin
yeroo ka’aamu “iddattoon kiyyaa hammam baaya’achuu qabu?” gaaffiin lammaffaan
ittii aanu immoo “ iddattoon kiyyaa eenyuu ta’uu qabu?”. Gaaffiin kuniis qorannoo
qabatamaa /impeerikaalaa keessattii iddattoon hammam galma gahuu qorannootif
murteessoo akka ta’aan muldhisa. Qorannoo ammamtaa keessattii iddatteessuun dursa
murta’uu qaba. Sababnii isaas, qopha’iinsa, yeroofi sagantaa proojektichaafi baasii
irratti dhibbaa fidu ni danda’a.

Ragaa safarataa walittii qabamee jiru tuuta adeemsa herregaan qaaccesuuf istaatiksiitti
dhimmi baha. Ragaa jiruu herregufis adeemsa mataa isaa qaba. Filannoon adeemsa
sirrii gaaffi qorannoofi gosa ragaa walittii qabamee irrattii hunda’a.

Qaacceessi ragaa qorannoo ammamtaa kan akkamtaa waliin yoo wal-dorgoomsisnu


baay’ee salphaadha. Sababnii isaas seera adeemsaa akka waligalaatti fudhatamummaa
qabu waan hordoofuufi. Kunis kompiyutarri erga ragaa keenya herrege booda bu’aan
argamuus baay’ee ifaafi salphaadha. Ragaa walitti qabamee qaaccesuuf qopha’uun
dura qabxiile irrattii hubannoo argachuu qabnu lamatu jiru-

a) adeemsa istaatiksii ‘run’gochuuf sagantaa istaatiksii filachuufi barachuu qabna.

b) Ragaan qaacceefamuuf qopha’aa ta’uu niqabaata.

 Amaloota qorannoo ammamtaa

 Lakkoofsarratti hundaa’a:- qorannoon safarataa lakkoofsarrattii hunda’a.


kunis ciiminaafi hanqina mataa isaa ni qabaata. Akka dame Herregaatti
lakkoofsii humna niqabaa, Gareen kaan immoo yoo dubaan hiika ifaafi
27
sirrii keennineef malee lakkoofsii qofaa isaatti humnas ta’ee hiika hin
qabaatuu.

 Odeeffannoon biifa lakkoofsaan jijjiiramuun qaacceffama

 Logii qorataarraa biliisa

 Adeemsa baramaa hordoofa:- adeemsa qorannoo ammamtaa keessatti


akkaataa ragaan walittii qabnuufi qaaccesinu dabalatee seerrii waligalaa
qorataan akka logii hin taasifne godhu jira.

 Istaatiksii gargaarama:- qorannoon ammamtaafi istaatiksii waliitti


dhufeenya guddaa qabu. Kunis jechootni istaatiksii qorannoo safarataa
keessatti baramoofi hedduudha.

 Saxaxa ibsaa ykn yaalirratti hundaa’a

 Dhimmi /keeziirraa variyabilirratti xiyyeefataa:- qorannoon ammamtaa


amala kan dhunfaa irraa kan garee irrattii xiyyeefata. Gosti qorannoo
kanaa walitti dhufeenya variyabilotaa gidduu jiruu madaalufi sirritti
to’achuurratti xiyyeefata (fknf, qorannoo yaalii).

iii. Qorannoo Makaa

Gosti qorannoo makaa jedhamuun beekamuu kun immoo makaa gosa qorannoo
akkamtaafi Hammamtaadha. As kanatti bakkii wal-maka gosa qorannoowwan kanaa
mala qorannoorratti yookaanis adeemsa qaacceessa ragaa qorannoo keessatti ta’uu
danda’a.

1.1.2. Bu’uura Yoomessaatiin

Gosoota qorannoo ilaalchise Brown (1988) gaaffilee bu’uuraa qorannoo keenyaa


haala lamaan deebiisuu akka dandeenyu ka’aa. Inni tokkoffaan dhimma fedhii
qorataan walqabsiisee waanta namootni kanaan dura eeran yookaanis jedhan
sakatta’uurratti kan xiyyeeffatuu yoo ta’u kunis, gosa ragaa sadarkaa lammaffaa
bu’uurreeffatee geggeeffamaa jechuudha. Gosti qorannoo akkanaa kunis, qorannoo
mana kitaabaa jedhamuun beekama. Gosti qorannoo inni kaan immoo gosa qorannoo
qorataan dhimma fedheen walqabsiisee kallattiin dirreetti bobba’un ragaa walitti
qabuun, qaacceessuun, argannoo bira ga’uu ilaallata. Gosa qorannoo qorataan gara
dirree bahuun ragaalee qorannoo isaaf ta’uu namoota, siidaawwa, fakkii, ambaa

28
aadaa, hawaasa, dareefi kkf walitti qabuun qorannoo isaa geggeeffatudha.Gosti
qorannoo akkanaa kunis qorannoo ragaa sadarkaa tokkoffaa bu’uureeffatee
geggeeffamuu ta’ee qorannoo dirree jedhamunis waamama.

Yaaduma Brown (1988) haala dhugoomsuun Addunyaan (2011) gosoota qorannoo


armaan oliitti eeraman kana bu’uura yoomeessaattiin qorannoo mana kitaabaafi
qorannoo dirree jechuun qooda.

Yoomessi ‘yoomiifi eessatti?’ yaadarimeewwan jedhan bu’uureffachuun yeroofi


bakka qorannoon itti geggeeffamu agarsiisa. Asitti kan xiyyeeffatamu bakka
qorannoon itti geggeeffamudha. Qorataan tokko madda odeeffannoo sadarkaa
lammaffaa (secondary source) gargaaramuun mana kitaabaa ykn kitaabarratti
hundaa’uun qorannoo isaa geggeessuu danda’a. qorataan biraa ammoo, madda
odeeffannoo sadrkaa tokkoffaa (primary source) argachuuf dirreetti bobba’uun
(fieldwork) odeeffannoo funaanee qorannoo isaa geggeessuu mala. Bu’uura kanaan
ammo, qorannoo mana kitaabaafi qorannoo dirree jechuun qooduun
nidanda’ama(f.17

1.1.3. Bu’uura Kaayyootiin

Qorannoon bu’uuraa kaayyoo wantootaafi sirna haala naannoo jiraannuu kana keessa
jiran sakatta’un addunyaan keessa jiraannuu kun haalaafi sirna ittiin geggeeffamtuu
addaan baasuuf qorannoo geggeeffamuu yoo ta’u; qorannoon hujoo immoo haala
hujummaarratti kan hundaa’u yoo tahu, qorannoon madaallii imaammatas ta’ee wanta
haaraa hojirraoolchinu tokko madaaluuf kan geggeeffamudha.

Gosootni qorannoo kunneen adeemsaafi tooftaa walfakkaataafi walitti dhiyaatuu


hordoofu. Garaagarummaan xiqqoo isaan qaban kaayyoo isaan akka bu’uuraatti
qabatanii geggeeffamanirratti.

I. Qorannoo Bu’uuraa (Fundamental/Basic or Pure Research)

Gosoota qorannoo garaagaraa jiran keessaa tokko qorannaa bu’uuraati. Gosti


qorannoo kun karaa biraatiin ‘pure research’ jedhamuunis nibeekama. Gosti
qorannoo kun irra caalaatti yaaxxina hundeessuu ykn beekumsa gumaachuurratti
xiyyeeffata(Addunyaa 2011). Qorannoon bu’uuraa akka qorannoo hujoo rakkoo
tokkoof furmaata hatattamaa barbaaduuf kan gaggeeffamu osoo hinta’in, dhimma

29
tokkorratti beekumsa gahaa ta’e horachuuf yookaan maddisiisuuf kan gaggeffamudha.
Yaada kana Abiyifi hiriyyootni(2009) haala armaan gadiin ibsuu yaalaniru.

Basic research (also called fundamental or pure research) has as its primary
objective the advancement of knowledge and the theoretical understanding of the
relations among variables. It is basically concerned with the formulation of a theory
or a contribution to the existing body of knowledge. That is, basic research is
designed to add to an organized body of scientific knowledge and does not necessarily
produce results of immediate practical value(f.27).

Kaayyoon gooroo gosa qorannoo kanaa daangaa beekumsa waan tokkoo


bal’isuudhaaf yoo ta’u, yeroo hedduu yaalii malee kan gaggeeffamu ta’us, qorannoo
hujoof karaa banuu kan danda’udha. Dastaa (2002:16) qorannoo bu’uraa yeroo ibsu
rakkoodhaaf yaadxina hundeessuu kaayyoo isaa kan godhatee osoo hintaanee
beekumsa dabalataaf qorannoo geggeeffamudha jedha.

II. Qorannoo Hujoo/Hojirraa (Applied Research)

Gosa qorannoo rakkoo tokkoof hatattamaan furmaata kennuuf qorannoo geggeeffamu


qorannoo hujoo jedhamun beekama(Argayfi Dirress 2004). Qorannoon hujoo akka
qorannoo bu’uraa dhimma tokkorratti beekumsa gadifageenyaa gonfachuuf kan
gaggeeffamu osoo hinta’in, rakkina tokkoof furmaata hatattamaa laachuuf kan
gaggeeffamudha. Maalummaa qorannoo hujoo ilaalchisee Abiyifi hiriyyootni(2009)
haala armaan gadiin ibsa kennu.

Applied research is designed to solve practical problems of the modern world, rather
than to acquire knowledge for knowledge's sake. One might say that the goal of the
applied scientist is to improve the human condition. It is undertaken to solve
immediate practical problem and the goal of adding to the scientific knowledge is
secondary. Some scientists feel that the time has come for a shift in emphasis away
from purely basic research and toward applied science. This trend, they feel, is
necessitated by the problems resulting from globalization, migration, overpopulation,
pollution, and the overuse of the earth's natural resources(f.28).

Qorannoon hujoo gosa qorannoo rakkoo qabatamaa addunyaa ammayaaf furmaata


kennuuf gosa qorannoo geggeeffamu yoo ta’u; as kanatti kaayyoon bu’uuraa gosa
qorannoo kanaa beekumsa haaraa maddisiisuuf osoo hintaanee rakkoo qabatamaa

30
jiruu tokkoof furmaata hatattamaa kennuudha. Kanaafu, as kanatti kan hubatamu qabu
gosa qorannoo hujoon beekumsa maddisiisuun yookaan beekumsa haaraa
dabalachuun hindanda’amu jechuu akka hintaaneedha. Sababni isaas, kaayyoon
bu’uuraa qorannoo hujoo rakkoo qabatamaa jiruu tokkoof furmaata kennuu yoo ta’uu;
dabalataan akka kaayyoo gooreetti beekumsa dabalataaf yookaan beekumsa
maddisiisuuf qorannoo geggeeffamu ta’u danda’a.

Qorannoon hujoo rakkoowwan hawaasummaafi diinagee biyya tokko keessa jiru


argannoowwan qorannootiin deeggaramuun waan furmaata kennuuf biyyoota
guddinarra jiran kanneen akka Itoophiyaaf, qorannoo bu’uraa caalaa baay’ee
barbaachisaa kan ta’eefi guddina biyya tokkoof kan tumsudha(Areganyifi Diress
2004).

Akka Areganyifi Diress (2004) ibsanitti waluma galatti qorannoon hujoo kan
gaggeeffamu kaayyoowwan armaan gadii galmaan gahuudhaaf . Isaanis:

• Rakkoo wanti tokko qabu sakatta’ee bira gahuun, rakkoo kanaaf furmaata arifichisaa
uumuuf.

• Tooftaafi adeemsa qabeenya naannoo ofiitti argamu haala gahumsa qabuun


fayyadamuun akka danda’amu qabatamaan argarsiisuuf

• Tooftaafi adeemsa haalli naannoo tokko ittiin mijatu hojiin mul’isuuf.

Qorannoon hujoo gosoota qorannoo garaagaraa of-jalattii yoo hammatuu isaan


keessaa qorannoon gochaa haala armaan gadiin dhiyaateera.

A. Qorannoo Gochaa

Akka Addunyaa (2002) 0. Brien (1998) wabeeffachuun akka ibsutti qorannoon


gochaa maqaalee adda addaatiin beekama. Isaanis qorannoo hojiirraa, qorannoo
hirmaachisaafi qorannoo gocha barnootaa jedhama.

Qorannoon gochaa gosoota qorannoo ragaa qabatamaarratti hundaa’an keessaa isa


tokko kan ta’eefi namoota ogummaa ta’ee keessa jiran waa’ee ogummaa isaanii
waliin walqabsiisuun rakkoo jiruu tokkoof furmaata barbaaduuf yookaan dhimmoota
ogummaa isaanii waliin walqabatanirratti hubannaa isaanii bal’isuu gosa qorannoo
geggeeffamudha. Kunis gaaffilee ogummaa isaanii waliin walqabatan ‘maal
hojjeechaan jira?’, ‘maal foyyeessuun qaba?’, ‘akkammittan foyyeessa?’ jedhan of-

31
gaafachuun addunyaa ogummaa isaanii keessatti hubannoo bal’ifachaa kan adeeman
ta’u isaati.

Qorannoo gochaa waanta adda taasiisuu keessaa namoota ogummicha keessatti


jiraniin kan geggeeffamu ta’u isaati. Kana jechuunis, akka gosoota qorannoo kaanii
ogeessoota qorannoon kan geggeeffamu miti. Kunis gosoota qorannoowwan kaan
keessatti qorataan gaaffiilee ‘namootni gamaa sun maal dalagaa jiru?’, ‘waan isaan
dalagaa jiran akkamitti hubachuun ibsuu dandeenya?’jedhan kanafaarratti
hinhundaa’u. Qorannoo gochaa keessatti qorattootni abbaa ogummaa waan ta’aniif
ofii isaanii dhimmiicha keessatti of-hammachiisuun gaaffilee ‘hojiin kiyya /keenya
akka karooraatti adeemaa jira?’, ‘yeroo barbaachisuutti akkammitti foyyeessuun
danda’ama?’ jedhan akka dhunfaattis ta’ee gareetti deebiisun kan adeeman
ta’a( McNiff & Whitehead, 2006).

Yaada kana olitti dhihaaterraa kan hubatamu, kan namoota dhimma qorannoon sun
irratti gaggeeffamu dhiheenyatti beekuu yookaan itti hirmaataniin kan dalagamu ta’ee,
rakkoo kanaaf furmaata argachuun hojiirra oolchuuf kaayyeffatee kan
gaggeeffamudha. Akkasuma qorannoo gocha qorannoo hujoo waliin kan walfakkaata
yaada jedhuutu jira.

 Amaloota qorannoo Gochaa

Amaloota qorannoo gachaa ilaalchisee Addunyaan (2011) qabxilee armaan gadii eera.

 Qaama hojirra jiruun qofa geggeeffama

 Marsoodha

 Hirmaachisummaa

 Qabatamummaa

 Jijjiiramarratti hundaa’u

Gosoota qorannoo gochaa ilaalchisee qorannoo gochaa namoota dhunfaan


geggeeffamuufi qorannoo gochaa gareen geggeeffamuu jechuun adda addatti ilaaluun
nidanda’ama.

32
Adeemsa Qorannoo Gochaa

1. Mata-duree filachuu

Qorannoo gochaa namni gaggeessu akkuma qorannoo biro mata-duree filachuun


jalqaba. Mata-duree qorannoo gochaa keessa kallattiin tarkaanfii ittiin fudhatanis
jiraachuu qaba. Fakkeenyaaf maloota itti aanuu haa ilaallu. “Barattoota Afaan Ingilizii
dubbachuu sodaatan marii garee keessatti hirmaachisuun dubbachiisuu” Mata duree
kana keessatti qorataan kallattii kamiin rakkina barattoota furuuf akka murteeffate
argina. Rakkina eeree dhiisuu osoo hintaanee furmaata itti laachuuf akka murteesses
adda baasuun nidanda’ama. Kanarra kan hubachuu dandeenyu gochaa rakkina jiru
saaxiluura dabarfatee, furmaata kennuus akka of keessaa qabu ta’a. Mata-duree
qorannoo gochaa baay’ee bal’achuu akka hinqabne, baay’ee dhippachuus hinqabaatu.
Mata-duree qorannoon gochaa irratti gaggeeffamu ta’ee of kennuu qaba.
Fakkeenyaaf “ Barataa hojii manaa isaa dalage” kan jedhu mata duree qorannoo
gochaa ta’uu hindanda’u. Sababni isaas, baay’ee dhiphaa waan ta’eef kallattiin ittiin
deemnu hinjiru. Barattootnin hoj-manee dalaganii argurraatti barsiisaa rakkisanii jiru
yoo ta’e garuu maddi rakkina kanaa maal akka ta’e, beekuudhaaf barsiisichi qorannoo
gochaa gaggeessuu danda’a. Kanaafis mata-duree isaa ”rakkoolee hoj-manee
hojechuu barattootaaratti muldhatan maqsuu” jechuun fooyyessuu nidanda’a. Mata-
duree qorannoo gochaa kanaas kana caala foyyeessuunis nidanda’ama. Kunis
baratoota sadarkaa kamii isa jedhu itti dabaluun ta’a.

2. Sakatta’a Barruu

Eega mata-duree filannee booda hojiin itti aanu barruu sakatta’uudha. Barruun
sakatta’amu waa’ee mata-duree keenyaa beektootni maal jedhan? Rakkina nuti
qorachuuf deemnu namni biraa argee jiraa? Waa’ee furmaata isaa hoo maaltu
jedhame? Gaaffilee kunneenis kallattii deebii keennisa keenya kan murteessan
sakatta’a barruuni. .

3.Odeeffannoo Funaanuu

Sadarkaa kun qorataan gaaffilee odeeffannoo ittiin funaanu erga qopheessee booda,
odeeffannoo qorannichaa funaanuuf ammo meeshaalee kanneen akka: bargaaffii,
daawwannaa, qormaatafaa fayyadamuu dandeenya. Dawwannaa fayyadamna yoo
ta’e, mirkaneessituu(checklist) fayyadamuu qabna. Odeeffannoon funaaname rakkina

33
argine sana addaan baasee nutti agarsiisuu qaba. Fkn. “Rakkina qubeessuu barattoota
Afaan Oromoo” mata-duree jedhuratti qorannoo gaggeessina yoo ta’e, dogoggorri
baratoota sun sagaleen dheera, gabaabaa, kunis karoora gochaa ykn (action plan )
qopheessuuf nu fayyada.

4. Karoora Gochaa (Action plan)

Karoora gochaan kan qopheessinu rakkina mul’aterratti tarkaanfii fudhannee furmaata


battalaa argamsiisuufi waan dalguuf deemnu,tartibaan qopheessina. Karoora keenya
keessatti kan humna keenyaan hojiirra oolchuu dandeenyutti osoo xiyyeeffannee
gaarii ta’a. sababiinsaas, raawwiif gaafa hojiitti boobbane natu hojiirra oolcha waan
ta’eef. Qabxiilee karoora gochaa keessatti qindeessinee barreessine saniin erga itti
fayyadammnee booda, gabaasa jalatti galchuu dagachuu hin qabnu.

6. Raawwii (Implimentation of action plan)

Karoora gochaa erga qopheessinee booda akkaataa sagantaa keenyaatiin gara


raawwiitti ceena. Raawwii keessatti wanti dalgamu isa karoora gochaa keessa jiru
sana. Yeroo dalaga tokkoof qopha’ee akka jirutti hojiitti hiikama. Tartiiba
karoorfanneen deemuunis hojii keenya bu’aa qabeessa waan taasisuuf marteessaadha.
Sadarkaa kana keessatti, rakkoolee karoora gochaa keessatti itti karoorfanne
keenyaatiin gaafa dalagnee fixne, rakkinicha sanaaf furmaata laannee fi laachuu
dhabuu keenya of madaalla.

7. Gabaasa Barreessuu

Gabaasni qorannoo gochaa tartiibuma qorannoo biro kan hardofu ta’ee, boqonnaa
adda addaatti qoqqooduun barbaachisaa miti.

Sakatta’a barruus iddoo yaada cimsachuuf itti gargaaramne galchina malee kutaa
addaa qopheessuun murteessaa miti. Kanarraa kan hafe qabxiileen hafan akkuma
qorannoo duraa tartiibaan barreeffama. Kunis: qola gubbaa irratti mata-dureeni
qorannichaa, maqaan qorataa/ttuu, dhabbananni qorannichi itti qophaa’ee, dhihaatuuf,
ji’aafi barri ni barreeffama.

 Seensa/seenduuba (back ground of the study)

 Ka’umsa qorannichaa(statement of the problem)

 Kaayyoo qorannichaa (objective of study)


34
 Barbaachissummaa qorannichaa (significauce of the study)

 Daangaa qorannichaa (scope of the study)

 Hanqina qorannichaa (limitation of study)

 Malleen qorannoon ittiin geggeffamu (methodology of thestudy)

 Mala iddattoo ( sampling method )

 Odeeffannoo ibsuu (

 Gocha raawwatame (implementation)

 Madaallii

 Argannoo

 Yaada furmaataa (recommeudation)r

 Wabii (reffrences)

 Dabalee

Waluumaagalatti, qorannoon gochaa gosa qorannoo keessaa tokko ta’e kan namoonni
ogummaa tokko keessatti boobba’ani rakkoo adeemsa ogummaa isaani keessatti
isaan mudatu salphisuun ykn ogummaa isaanii daran dagaagsuuf adeemsa hojii
isaani irratti kan geggeesanidha. Gosti qorannoo kun adeemsa garaa garaa keessa
daba.

Isaan keessaa tokko mata-duree filaachuudha. Mata-duree qoranoo qo’annatiif


filmaata keessatti kallattiin tarkaafii itti fudhatamus jiraachuu qaba.

35
Gabaabummatti gulantaa qorannoo gochaa ilaalchisee Addunyaan (2011, f.28)
Ferrance (2009) eeruun haala armaan gadiin kaa’a.

Odeeffannoo
Funaanuufi
Qaaccessuu
/Data Collection
nalysis

Caatoo: Gulantaalee qorannoo gochaa Ferrance (2009:9)

2. Qorannoo Madaallii

Qorannoon madaallii imaammata, karoora, labsii, qajeelfama fikkf haarawa tahe


tokko osoo hojirra hin oolchiin dura qorannoo gaggeessuun yaada( cimina, hanqina)
fudhachuun foyyeessuuf kan tajaajiluudha.

Imaammata

Karoora ---------Haarawa------Qorannoo----------Yaada(cimina ykn hanqina)

Labsii

36
Qajeelfama

1.4.3.Mala /Bifa Ittin Dhiyaatu Irratti Hundaa’uun

A.Qorannoo Addeessaa- waa’ee ta’iinsa ammaa irratti odeeffannoo bal’inaafi


gadifageenyaan funaanuun haala jiru kan mul’isuudha. Gosti qorannoo kanaa kan
irratti xiyyeeffatu:

 Haala qabatama mata duree irratti hojjatamuu ibsuuf


 Sadarkaa dhimma irratti hojjatamuu ibsuuf
 Raga qabatamaa baasuuf
 Walitti dhufeenya qabxiilee qorannoo tokkoo keessatti ka’an gidduu jiru
xiinxaluu.

Qorannoon kun mala sakatta’uu fayyadamuun yeroo gaggeeffamu jamaa baay’ee


waan qabuuf baay’ina bakka bu’aa argachuun ni rakkisa. Kan jechuunis, iddattoofi
iddatteessuu irratti rakkoo fida jechuudha. Amansiisummaan tooftaalee ragaa
funaanuuf oolaanis rakkisaadha.

B.Qorannoo Seenawaa-rakkoolee darban kanneen seenaa waliin walqabataniif


tooftaa saayinsaawaatti gargaaramuun fala kan barbaaduudha.Qorannoon kun:

 Kan kanaan dura darbe kan amma jiruun walbira qabanii ilaaluun kan gara
fuulduraa tilmaamuuf oola.
 Waan yeroo darbe keessa ture sirritti beekuuf
 Ciminaafi hanqina amma ture xiinxaluuf

Haalli dhiheenya qorannoo kanaas kan darberraa gara ammaatti (prospective) ykn kan
ammaa irraa gara waan darbeetti (retrospective) ta’uu danda’a.Yeroo ammaa kana
sababoota armaan gadii irraa ka’uun baay’inaan hojiirra oolaa hin jiru. Kunis:

 Guddinaafi babal’ina qorannoo hammamtaa


 Amanamummaan ragaa kanaan dura darbee xiqqaachaa dhufuu
 Walitti dhufeenya sababaafi fiduumsa wantoota qorannoo keessatti
xiinxalamanii waan hin agarsiifneef.

C.Qorannoo Yaalii- ka’uumsi qorannoo kanaa jijjiiramoota itti dabaluufi irraa


hir’isuun bu’aa qorannoo jijjiiruun ni danda’ama hubannoo jedhuudha. Kunis
adeemsa irra deddeebiin waan haaraa argachuun ni danda’ama waan jedhuuf

37
saayinsii uumamaa keessatti bakka guddaa qaba. Jijjiiramootni qorannoo kana
keessatti ka’anis:

 Jijjiiramoota dhaabbatoo (Independent variables)


 Jijjiiramoota hirkatoo (dependent variables)
 Jijjiiramoota too’atamoo (Controlled Variables)

Fkn. Odibsiin (lecture method) barsiisuufi odibsiin barsiisanii qabsiisa dabalataa


kennuun jijjiirama dhufu ilaaluun yoo barbaadame jijjiiramoota sadanuu as
keessaa baasanii itti fayyadamuun ni danda’ama.

1.5.Akkaataa Filannoo Mata Duree Qorannoo

Qorannoo gaggeessuuf hojiin jalqabaa mata duree qorannoo filachuudha. Mata duree
qorannoo gaarii filachuuf ammoo dursa dhimma qoratamurratti hubannoo gahaa
qabaachuun murteessaadha. Kanaafuu, mata duree qorannoo filachuun dura ogeessa
mariisisuufi wabiiwwan jiran dubbisuun hubannoo qorannoo gaggeessuuf barbaachisu
gabbifachuun filatamaadha.

Mataduree filachuu keessatti ulaagaaleen barbaachisoon ilaalcha keessa galuu qaban


jiru. Ulaagaaleen kunis: Barbaachisummaa (significance), Aslummaa (originality and
Avoiding duplication), Waqtaawummaa (timeliness), furmaata biraan kan gahuu
(Applicability of the results), fedhii qorataarratti kan hundaa’e (interest to the
researcher), fudhatamummaa kan qabu (Ethnical acceptability) fi kkf irratti kan
xiyyeeffatu ta’uu qaba.

1.6. Maddoota Mata Duree Qorannoo

Namni qorannoo gaggeessu barbaadu kamiiyyuu dursa maddeen mata duree qorannoo
addaan baasee beekuu qaba. Dhimmoonni qorataman kallattii hedduurraa madduu
danda’u. Sukhiafi kanneen biroo (1980) akka ibsanitti maddeen mata duree qorannoo
qorataan kamiiyyuu itti gargaaramuu danda’u kanneen armaan gadiiti.

I. Muuxannoo (Experience)

Muuxannoo hojii guyyuu irraa ka’uudhaan gaaffiiwwan sammuu namaa keessatti


naanna’aniifi deebii barbaadanirraa ka’uudhaan mata duree qorannoo maddisiisuufi
qorannoo gaggeessuun nidanda’ama. Fakkeennaaf, ati barsiisaa Afaan Oromoo mana
barumsaa sadarkaa lammaaffaa yoo taate ga’umsaafi qulqullina gaaffilee Qormaata

38
Guutuu Biyyaa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 10 ffaa bara baraan dhiyaatu
xiinxaluudhaan rakkoowwan mul’atanirraa kaatee muxannoo gonfatteen qorannoo
gaggeessuu dandeessa.

II. Yaadiddama (Theory)

Yaaxinni yaadiddama asiin dura qorannoon mirkanaa’e yommuu ta’u, jijjiirama turtii
keessa dhufurraa kan ka’e itti fufiinsa dhugummaa isaanii qorannoon haaraan
sakatta’uufi mirkaneessuun murteessaadha. Kanaafuu, keessattuu Saayinsii Hawaasaa
keessatti dhugaan dhaabbataan waan hinjirreef dhiibbaa jijjiiramni haala qabatama
addunyaa wajjiin mul’atan yaaxinootarratti qaban qarannoon hordofaa fooyyeffama
barbaachisu taasisuun murteessaadha.

III. Ogbarruu (Literature)

Qorannoowwan asiin dura gaggeeffaman qorammoo haaraaf madda mata duree


qorannoo ta’uu danda’u. Sababnisaas, tokkoffaa, qorannoon tokko gaaffii hundaaf
deebii kennuu hindanda’u. Lammaffaa, qorannoo duraa qorannoo haaraaf karaa
saaquurra darbee gama qoratichi hinilaalin sakatta’uun ykn hojii guutinsaa
raawwachuuf qorannoowwan darban sakatta’uu qaba. Kanaafuu, qorataan qorannoo
adeemsisuun dura maaltu akka qoratame, akkamitti akka qoratame, maaltu akka
hafeefi akkamitti fooyya’uu akka danda’u ogbarruu sakatta’uun addaan baafachuutu
irraa eeggama.

IV. Hariiroo Namootaan Qaban (Contact With People)

Dhimma qorannoorratti namoota hubannoo gabbataa qaban wajjiin carraa mari’achuufi


yaada waljijjiiruu, konfaransii, saminaaraafi waltajjii barnootaarratti bal’inaan hirmaachuu
qabaachuu malla. Carraawwan akkanaa mata duree qorannoo argachuuf murteessaadha.

V. Jijjiirama Hawaasummaafi Teknoolojii (Social and Technological


Changes)

Beekkumsi waan dhaabbataa miti. Akkuma fedhiin, qaroominniifi hubannoon


addunyaa dabalaa deemuun beekkumsi dagaagaa deema. Jijjiiramni hawaasummaafi
dagaaginni saayinsiifi teknoolojii beekkumsaafi itti fayyadamasaarratti dhiibbaa
qabu. Kanaafuu, jijjiiramni hawaasummaafi saayinsiifi teknoolojii akkuma mul’achaa
deemuun beekkumsa dura jirurratti dhiibbaa geessisuun madda qorannoo ta’u.

39
1.7.Gulantaawwan Qorannoo Gurguddoo
1.7.1. Rakkoo Qoratamu Filachuu (Selecting a Problem)

Qorannoo adeemsissuuf tarkaanfiin duraa dhimma ykn rakkoo qoratamu addaan


baafachuufi filachuudha. Deebiin dhimma qoratamu sanii dursa jiraachuu
baatullee, tooftaan deebiin ittiin barbaaddamu jiraachuu qaba.

1.7.2.Ogbarruu Sakatta’uu (Reviewing Literature)

Qorannoo tokko adeemsissuuf ogbarruu dhimma qoratamu wajjiin hariiroo cimaa


qabu sakatta’uu dhimma qoratamurratti hubannoo dabalataa argachuuf gargaara.

Qorattoonni haarolleenis (Novice Researchers) ta’ee qorattoonni buleeyyiin


(Professional researchers) rakkoo qorannichaa dhiyeessuufis ta’ee hundeessuuf
sakattaa ogbarruu taasisuu qabu.

1.7.3. Saxaxa Qopheessuu (Designing the Research)

Qorataan erga ogbarruu sakatta’ee dhimma qoratameefi dhimma hinqoratamin


addaan baafateen booda gaaffilee qorannichaa deebisuufis ta’ee qorannicha
akkamitti akka gaggeessu beekuuf saxaxa qorannoo qopheeffachuu qaba.
Saxaxni qorannoo karoora qoratichi qorannoo gaggeessuuf qopheessee akka
qajeelfamaatti itti gargaaramu. Kun ammoo, mala qorannichaa, gosaa ragaa
funaannamuu, mala iddatteessuu, mala ragaan ittiin funaannamuufi meeshaaleen
funaansa ragaa bakka itti ibsamu.

Qorattoonni qorannoo hammamtaa karoora qorannoo dhaabbataa jalqabumarratii


qopheessanii hanga dhumaatti isumatti fayyadamu. Qorannoo akkamtaa keessatti
ammoo, saxaxni qorannoo adeemsa qorammoo keessatti haala barbaachiseen
fooyya’aafi jijijjiiramaa adeemu. Saxaxni qorannoo hammamtaa makkala (rigid)
yommuu ta’u, saxaxni qorannoo akkamtaa ammoo jijijjiiramuuf (flexible)
kennataadha. Kanaafuu, qorannoo hammamtaa keessatti qorataan saxaxa
qorannoo dhaabbataa dursee kan qopheessu yoommu ta’u, qorannoo akkamtaa
keessatti saxaxa qopheessaa qorannoo gaggeessuun walfaana nidanda’ama.

1.7.4. Odeeffannoo Funaanuu (Collecting Data)

Funaansi odeeffannoo sadarkaa gaaffileen qorannoo karoora qorannichaa


keessatti dhiyaataniif deebii kennuuf ragaan qorannichaa itti funaannamu.

40
Ragaan qorannoo hammamtaa meeshaalee funaansa ragaa kanniin akka
qormaataa, bargaaffii cufaa, iskeelii ilaalchaa (attitude scale), daawwannaa
gabatee mirkaneeffannaa deddeebii ta’iinsaatiin (checklist of frequency of
happening) deeggarame fayyadamuun funaannama. Ragaan qorannoo akkamtaa
ammoo, afgaaffii banaafi gadifagoo, daawwannaa hirmaachisaa qorataafi
qaaccessa galmeetiin funaannama. Kanaafuu, meeshaaleen funaansa ragaa
yommuu filataman gosa qorannichaa wajjiin kan walsimatan ta’uu qabu.

1.7.5.Odeeffannoo Qaaccessuu (Analyzing the Data)

Odeeffannoon funaanname akkaatuma gosa qorannichaatiin qindaa’ee


qaacceffamuu qaba. Odeeffannoon hammamtaa bifa lakkoofsaatiin waan
dhiyaatuuf adeemsawwan istaatiksii addaddaa hordofee qaacceffama.
Odeeffannoon akkamtaa akka waliigalaatti addeessa, daawwannaa, hawwamaa
(impressions) galmeewwaniifi kkf ibsa jechaatiin dhiyaata. Qoratichi ragaa
funaanname qaaccesuufis ta’ee hiikuuf dursee qindeessuufi koodiin bakka
buusutu (dhiyeessutu) irraa eeggama. Qorannoon akkamtaa lakkofsatti
gargaaramuu baatullee, odeeffannoo akkamtaa qaaccessuun yeroo waan
fudhatuufi ifaajessaa waan ta’eef salphaa miti.

1.7.6.Argannoowwan Xiinxaluufi Goolaba Dhiyeessuu


(Interpreting the Findings and Stating Conclusions)

Qorattoonni rakkoo qorannichaarratti hundaa’uun ragaawwaan funaananii


qaaccessaniif hiika kennuufi argannoowwan dhiyeessuu qabu. Ragaan qorannoof
funaanname osoo hin hiikamin faayidaa kennuu hindanda’u. Kanaafuu, qorataan
tokko raga qorannoof funaane mala saayinsaawaan qindeessee, xiinxalee hiika
itti kennuufi goolarra dhaqqabuu qaba.

1.7.7.Argannoo Gabaasuu (Reporting The Result)

Qorattoonni bu’aa qorannoosaanii namoonni dubbisuu barbaadan akka argatan


ifa gochuu qabu. Karaawwan bu’aan qorannoo ittiin balballoomuu
(dissemination) hedduu yommuu ta’an isaan keessaa muraasni kara barnootaa
adda addaa irratti dhiyeessuu, maxxansiisuu, marsariitiirratti gadhiisuu, leenjii
gabaabaa kennuu, gara pirojektiitti jijjiiruufi tajaajila hawaasaa kennuufi kkf
ta’uu danda’a.

41
Marsaa Gulantaawwan Qorannoo (Steps in the Research Process)

1. Selecting Topic

2. Focus
7. Disseminate Result
Questions/Hypothesis

Theory
3. Design
6. Interprate Data
Study

5. Analyse
4. Collect Data
Data

Gabatee 1_
Walbirqaba (Coparison) Qorannoo Akkamtaafi Qorannoo Hammamtaa

Gulantaawwan Akkamtaa (Qualitative) Hammataa (Quantitative)

Kaayyoo Haala wantootaa akkuma Hariiroo, sababaafi bu’aa


jirutti qorata qorata

Saxaxa Qorannoo gaggeessaa Qorannoon gaggeeffamuu


osoon hineegalin
dhiyeessuun nidanda’ama.
qophaa’a.
(Jijijjiiramaadha/Flexible)
(Dhaabbataadha)

42
Dhiyaannaa Yaadiddama Maddisiisa Yaadiddama Madaala
Callaarraa dimshaashatti Dimshaasharraa
Callaatti

Meeshaalee Adeemsa qorannoo keessa Dursa kan murtaa’etti


addaan baasaa fayyadama
qopheessa

Iddattoo Iddattoo Muraasatti Hedduutti gargaarama


gargaarama

Qaaccessa Ragaa Ragaa Jechaa, fakkiifi Ragaa lakkoofsaa mala


hambaa istaatiksiin
qaaccessuu
Addeessuufi Hiikuu

Argannoo Mitidimshaasheffamaa Dimshaasheffamaa

43

You might also like