You are on page 1of 51

BOQONNAA 1 Mana Kiristaanaa

Ortodooksii Tewaahidoo
Amantaan Maali? Itiyoophiyaa

Koorsii
Dubbii Amantaa
Dn. Motuma
10/11/2014 - 04/12/2014 +919537364097
Qabiyyee Barumsa Dubbii Amantaa

1. Boqonnaa 1 Amantaa
2. Boqonnaa 2 Sirna Uumamaa
3. Boqonnaa 3 Seensa Icciitota Utubaa Amantaa Shananii

Qabiyyee 4. Boqonnaa 4 Icciitii Sillaase


5. Boqonnaa 5 Icciitii Foonummaa
6. Boqonnaa 6 Icciitii Cuuphaa
7. Boqonnaa 7 Icciitii Qurbaana
8. Boqonnaa 8 Icciitii Du’aa Ka’umsaa
16/11/2014
 Kaayyoo barumsa Dubbii Amantaa
1. Waaqayyoon Beekuu
Kan darberra 2. Waaqayyoon Jaal’achuu
3. Waaqayyoon Tajaajiluu
Boqonnaa 1 Boqonnaa 1
 Amantaan Maali?
Kutaa 1 fi 2ffaa irraa

❖Amantaan Maali?
❖Amanuu fi Amanamuu
❖Amantaa Fi Amantii
Kan darberra
❖Amantaan akkamin argame? Dhala namaaf akkamiin
kenname?
❖Amantaa Kiristaanaa
❖Ortoodoksi Tewaahidoo
 Doogmaa, Qannoonaa Fi Darbi Darboo
 Manni kiristaanaa keenya manni kiristaanaa ortoodoksi
Tewaahidoo wantoota sadiin qajeelfamti ykn ittiin bulti. Isaanis
1.Doogmaa
• Dogmaan jecha Giriikii “Dookeyin” jedhu irraa kan argame
Doogmaa, yoo ta’u yaadnisaa hundee amantii, kan hin jijjiiramne, kan
hin foyyoofne, kan hin dulloomne jechuudha.
Qannoonaa Fi
• Argamsi isaa Waaqayyoo irraa kan ta’e malee namaan kan
Darbi Darboo murtaa’u miti.
• Rakkinni fi gidiraan barbaade yoo dhufelle hanga du’aatti
jabeessinee kan qabannudha.
• Qaamni kamiyyu (Qulqulluu Sinoodoosii dabalatee) bara
kamitti, haala kam keessattiyyu jijjiiruu kan hin
dandeenyedha.
 Doogmaa mana kiristaanaa keenyaa keessa muraasni
✓ Sadummaa fi Tokkummaa Waaqayyo
✓ Namas Waaqas ta’uu Kiristoos
✓ Dubroo bara baraa ta’uu Dubroo Maariyaamii
✓ Icciitota utubaa amantaa shanan
✓ Abboommiiwwaan kurnan
✓ Jechoota wangeelaa jahan
Dogma
• Qulqulluun Phaawuloos ergaasaa irratti “ . . . haa ta’u
garuu nus haa ta’u ergamaan samiirraa wangeela nuti
siniif lallabne irraa adda kan ta’e wangeela biraa yoo
isinif lallabe kan abaarame haa ta’u” (Gal 1:8) kan
jedhe kana ibsa.
 2. Qannoonaa
• Qannoonaan jecha Giriiki ‘kanon’ jedhurra kan argame yoo
ta’u sirna, danbii, murtii, adabbii, safartuu jechuudha.
• Barumsa mana kiristaanaa keessatti jecha kana karaa lamaa
itti fayyadamna.
1. Seera (Sirna)
2. Safartuu waan tokko sirrii ta’uu fi ta’uu dhiisuu
ittiin mirkaanessinu
Qannonaa • Waan mana kiristaanaa keenya keessatti raawwatamu
hundaaf sirni ni barbaachisaadha. “waanti hunduu sirnaan
haa ta’u” (1Qor 14:40).
• Sirni kunis kan kennamu Qulqulluu Sinoodosiinidha.
• Sinoodosiin jalqabaa walitti qabama duuka bu’ootaa
yommuu ta’u itti aanuun immoo baroota hundumaatti
abbootii itti aananii dhufanidha.
• Sirnoonni mana kiristaanaa kunneen jalqaba duuka
bu’ootaan boodas akka akka bara isaatti abboota adda
addaan kanneen kennamanidha.
• “magaalota keessa yeroo naanna’anis sirna duuka
bu’oonni fi jaarsoliin Iyyeruusalemitti murteessan akka
eeganiif kennaniif” (HoE 16:4-5).
• “yaa obboolota keenya obboloota sirna isiniif
Itti fufa hojjenneen osoo hin taane haxxummaan deddeebi’an
hunda irraa akka adda baatan maqaa Gooftaa keenya
Iyyesuus Kiristoosin isin ajajna” (2Tes 3:6-7).
 Kanaaf Qannoonan
✓ Qulqulluu sinoodosiin kan murtaa’udha.
✓ Yeroo fi haala waliin fooyya’uu ni danda’a.
 Qannoona mana kiristaanaa kanneen ta’an keessa
muraasni

✓ Yeroo cuuphaa (guyyaa 40 fi 80) – yoo daa’imni


guyyaa kana dura du’uuf jedhe dursee cuuphamuu
Itti fufa ni danda’a.
✓ Tsoomiin dogma yeroon tsoomii immoo qannoonaa
✓ Qiddaaseen dogma yeroon isaa (sa’aatinsaa)
qannoonaadha.
✓ Baay’inni luboota qaddasanii shan yoo ta’eyyu,
bakka hin jirretti isa gad ta’uu danda’a.
 3. Darbi darboo
• Darbi darboo jechuun walirraa kan fudhatamu, kan dhalamu
jechuu yemmuu ta’u darbii darboon kiristaanummaa
abbootii keenya eeganii kan nuuf dabarsan, barumsa, sirnaa
fi jireenya qulqullootaadha.
• “guyyaa koorebitti fuula Waaqayyo Gooftaa kee dura
dhaabbatte waan ijoonni kee argan akka hin irraanfanne;
bara jireenya kee guutuutti laphee kee keessa akka hin
Darbi darboo buune of eeggadhu; lubbuu kee jabaadhuu eegi; ijoollee
keef ijoollee ijoollee keefis dabarsi.” (Bau 4:9-10).
• Walumaa galatti manni kiristaanaa keenya Kitaabni
qulqulluu osoo hin barreffamin dura abbootiin ijoollee
isaanii waa’ee amantaa barsiisaa kan turan. Fkn Abel aarsaa
gaarii Waaqayyoof dhiyeessu kan bare darbi darboon abbaa
isaarraadha.
 Duuka buutonni barsiisaa kan turan darbidarboonidha.
• Yaa obboloota koo jabaadha dhaabbadha; jecha keenyaanis
ta’e erga keenyaan tiyufiitii barattan qabadha. 2Tes 2:15
• Iyyaanesifi Iyyaanberes, toshitoonni kun warreen fuuldura
Faari’onitti Muuseetin falmanidha. 2Xim 3:8
• Feri’oonis ogeeyyotaa fi warreen qoricha namatti taasisan
waame; toshitoonni Gibtsiis hafuura isaanin akkasuma
taasisan.Bau 7:11. Qulqulluun Phaawuloos maqaa isaanii kan
Itti fufa argate tiwufiitiinidha.

• Muusenis baay’een sodaadha, nan hoolladhas hanga jedhutti


kan inni argu baay’ee kan sodaachisu ture. Ibr 12:21
• Seenaa Muusee tulluu siinaa irratti (Bau 19:16) irraa kaasee
barreeffameera. Haa ta’u garuu jechootni Qulqulluun
Phaawuloos caqase kun hin jiran. Duuka buutichi kana kan
argate tiwufitiinidha.
 DUBBII WAAQAYYO (Hundee Dubbii Amantaa )

 Mata duree kanaan kanneen armaan gadii baranna.


Hundee Dubbii ❖ Jiraachuu Waaqayyoo
Amantaa ❖ Maqaalee Waqaayyo
❖ Amaloota Waaqayyo
❖ Waaqayyoon Arguun Ni Danda’ama?

18/11/2014
Dubbii Waaqayyoo

 Dubbii Waaqayyoo jechuun barumsa mana kiristaanaa keenyaa


waa’ee Waaqayyoo kan nu barsiisu jechuudha.
Dubbii  Waa’ee Waaqayyoo jechuunis jiraachuu isaa, amala isaa fi
Waaqayyoo ibsituuwwaan isaa jechuudha.
 Kanas kan barnnu innumti Waaqayyo hanga inni nuuf ibsee fi
waa’ee koo kana kana beeka jechuun kitaabilee qulqullaa’oo
irratti kan nuuf kenne gad ofqabummaa fi amantaa guutuunidha.
Jiraachuu Waaqayyoo

• Jiraachuu Waaqayyo barumsa mana kiristaanaa keenyaa waa’ee


jiraattummaa Waaqayyo nu barsiisudha.
• Jiraachuu amantaaf bu’uurri jiraachuu Waaqayyoo dha;
Waaqayyo osoo hin jiraanne amantaan hinjiru ture.
• Uumamni hundumtuu Waaqayyoon kan Uumaman ta’uu Isaa
amanuun, isaaf galataa fi waaqeffannaa dhiyeessuun, seera isaatiin
Jiraachuu gaggeeffamuun dhimma amantaa isa Ol’aanadha.
Waaqayyoo • Waaqayyo yeroo argamutti barbaada, dhiyaatee yeroo jiruuttis isa
waama (Isa 55:6) osoo jedhamuu maal na dhibdeen; qorachuu
dadhabuu irraan kan ka’e Waaqayyoo hin jiru jedhu. Kitaabni
“wallalaan Waaqayyo hin jiru jedha” akkuma jedhu. (Far 55:1).
• Nuti kiristaanonni beektonni biyya lafaa baay’een humni guddaan
tokko jira jechuun kan dubbatan, mataa isaan kan isa argamsiise
kan hin qabne, bara baraaf kan jiraatu, abbaa uumamtoota hundaa
kan ta’e Waaqayyo bara baraaf ni ture, ni jira, ni jiraata jennee
amanna.
 Jiraachu isaa immoo inni ofuma isaati karaalee adda
addaa ibseera. Isaanis kanatti aansinee ilaalla.

Jiraachuu Waaqayyo akkamitti beekna?


Jiraachu Waaqayyo
 Waaqayyo Gooftaan keenya jiraachuu isaa karaalee
akkamitti armaan gadii ibseera.
beekna? 1. Uumamaa isaa fi walii galtee isaaniin
2. Dubbii inni jecha fi jechaan namoota waliin
dubbateen
3. Kitaabilee qulqullaa’oon
1. Jiraachuu Uumamaa

 Jiraachuun Uumamaa mataan isaa jiraachuu Waaqayyoof


ragaaadha.
 Uumamonni har’a nuti ija keenyan arginuu fi hin argine eessa
dhufan jennee yeroo qorannu humni isaan argamsiise tokko
akka jiru hubanna.
1. Jiraachuu  Humni kun immoo hunduman ol kan ta’e Waaqayyodha.
 Waaqayyo dursee jalqaba kan hin qabne bara barummaan
Uumamaa jiraachaa turee akka beeketti yeroo barbaadetti addunyaa
mul’attu kanaa fi kan hin mul’atne uume.
 “amma garuu bineensota gaafadhu; allattiwwaan samiis
gaafadhu sitti himu ykn lafatti himi; isheenis si barsiisti;
humni Waaqayyo akka kana taasise” (Iyob 12:7).
 Kanaaf uumamtoota ilaaluun, qorachun Uumaan akka jiru ni
hubanna.
 Faallaa kanaa immoo baay’oliin uumama kan argamsiise
Waaqayyo hin jiru kan jedhan jiru.
 Mootichi Daawit namoota akkasii kan ittiin akeekkachiise
faarsaa isaa irratti dhuguma samiiwwaanii fi lafti Gooftummaa
fi uumaa ta’uu Waaqayyoo akka raga bahan yeroo ibsu akkas
jedheera. “Samiiwwaan kabaja Waaqayyo dubbatu; samiin
xeferis hojii harka isaa dubbata” (Far 19:1)
Itti fufa
 Kitaabilee monokkosootaa keessa tokko kan ta’e Maar
Yisihaaqis akkas jedha. “Jiraachuu Waaqayyoo beekuu yoo
barbaadde barsiisaa fi raga ta’ee gara Waaqayyoon beekuutti kan
si geessu uumamtoonni siif jiru” (Maar Yisihaaq boqonnaa 1
keeyyata 2).
Midhaginaa fi Walii galtee Uumamaa
• Uumamni walii isaaniin walii galanii fi sirnaan (seeran) cimanii
jabaatani jiraachuun isaanii ragaa guddaadha.
• Uumamni akka tasaa kan argamee fi jijiirama suuta suutaan kan
dhufedha warrii jedhan walii galtuu Uumamaa kana karaa itti
Midhaginaa fi ibsan hin qaban.

Walii galtee • Biiftuu fi jiini (addeessi), dachee fi Urjiiwwan bakka bakka isaanii
ta’anii osoo walitti hin bu’iinii fi wal-hin balleessiin (osoo hin
Uumamaa jijjiiramiin) wal eeganii naanaa’uun isaanii, aduun guyyaa, jiini
galgala bahanii galuun isaanii Waaqayyoo akkas waan isaan
taasiseefidha.
• Aduun, urjii fi lafti haala amma irra jiran irraa osoo xiqqoo
socho’uun (dogoggoruun) osoo jiratee jireenya addunyaa irra jirru
walii irratti balaa isaan uuman saayinsiin illee ragaa ba’a. haala
kanaan akka jiraatan kan taasise Waaqayyodha.
 Walii galteen kun akka tasaa ykn jijiirama adeemsaan kan dhufe
miti; osoo bifa kanaan kan dhufe ta’eeti har’as jijjiiramni kun
jiraachuu qaba ture.
 Haaluma walfakkaataa ta’een wal-jijiiruun waqtiilee, bareedaa fi
hawwataa kan ta’ee haalli abaabotaa fi uumamoota biroo Waaqayyo
jiraachuu isaaf ragoolee biroodha.
 Haala jiraachuu uumamaallee yeroo ilaallu kan barannu waan
baay’eetu jira. namni fi biqiltoonni osoo waliigaltee tokko hin
Itti fufa qabaatiin qilleensa namaa keessaa ba’u (C02) biqiltoonni, kan
biqiltoota keessaa ba’u (O2) namni akkamiin itti fayyadamuu
danda’e? yeroo jennu waadaatiin kan cimse Waaqni tokko jiraachuu
Isaa akka amannu nu dirqisiisa.
 Kanaafidha mootichi Daawit “Samiiwwan kabaja Waaqayyoo
dubbatu, samiin xefer hojii harka Isaa dubbatu” kan jedheef. Far
18:1).
2. Dubbii inni jecha fi jechaan namoota waliin
dubbateen
 Waaqayyo Gooftaan keenya akka bifaa fi fakkeenya isaatti kan
uume nama waliin yeroowwaan adda addaatti jecha fi jechaan
dubbachuun jiraachuu isaa ibseera.

2. Dubbii inni  Dubbiiwwaan isaa kunis kitaaba qulqulluu irratti barreffamanii kan
argaman yommuu ta’an akka fakkeenyatti ilaaluuf yoo barbaachise:
jecha fi jechaan  Waaqayyoon Gooftaan dhala namaa akkas jedhee ajaje; “firii
namoota waliin gannataa hunda irraa ni nyaatta garuu mukittii gaarii fi hafaa
beeksistu irraa hin nyaatin; guyyaa isheerra nyaatte du’a du’aa
dubbateen duuta” (Uma 2:16).
 Waaqayyoos, namni hiriyyaa isaa waliin fuula fuulatti akka
dudubbatu Muusee waliin dudubachaa ture. Bau 33:11.
 Waaqayyo nama waliin dudubachaa kan ture ifatti karaa mul’ataa fi
abjuudha.
23/11/2014
3. Kitaaba Qulqulluun
 Kitaabni qulqulluun wantoota jiraachuu Waaqayyoo ibsan (ragaa
ba’an) keessaa isa tokko dha.
 Kitaabni qulqulluun
• Waaqayyo Uumaa hundaa fi argamsiisaa ta’uu isaa
3. Kitaaba • uumamni Waaqayyoon akkamiin, yoom akka uumaman
Qulqulluun sirriitti kan dubbatu Kitaaba addaa dha.
 Jalqaba irratti Waaqayyo samii fi lafa uume jedhee jalqabuun isa
darbe qofaa osoo hin ta’iin isa dhufus isa fuula duraas akkuma
kana dhugaatti (sirriitti) kan dubbatu eeyyaamni Waaqayyoo kan
itti mul’atu kitaaba addaa waan ta’eef jiraachuu Waaqayyoof
ragaa ol’aanaa dha.
Hojii Gaarii Yaada Namaa fi Ilaalcha Isaanii
• Namni uumama isaan beekaa akkuma ta’e seerri yaada isaa
keessatti isaaf bocamee jira.
• Fkn: daa’ima amma dhalate yoo ilaalle quba isaa ija isaatti hin
hudumu; irra caalaattuu ija isaa barruu harka isaatiin
sukkuummata malee.
Kan biroos ni • Akkuma kanas seeronni hundumtuu sammuu (yaada) namaatti
jiru bocamanii ykn laphee namaatti barreeffamanii jiru.
• Namni kamiyyu hanni, ejji fi kkf hojii hamoo ta’uu isaanii ni
beeka, yoo raawwatee akka dogoggore ni beeka.
• Kunis sammuun (qalbiin) isaa ofiin of himatee akka of
ceepha’u isa taasisa.
 Fakkeenyaf Yihudoota kan barbadessee fi meeshaalee mana
qulqullummaa kan same Anxiyaakoos akkas jedhee ture.
 “Ija koo keessaa hirribni kan badee fi keessi koos naasun kan
guutamedha; bara aangoo kootti ani nama arjaa fi jaallatamaa
kanan ture, amma maaliif dhiphinni akkasii narra ga’e jedheen
yeroon mataa koo gaafadhetti yakkan Iyyaruusaaleem irratti
Itti fufa raawwadhe yaadachuun jalqabe. meeshaalee warqee fi meetii
kanan fudhadhee fi uummanni yihudaas akka barbadaa’uuf ajaja
kanan dabarse sababa tokko malee ture; rakkoon amma na
quunname yakka ani raawwadheen ta’uu isaatiif
mirkanaa’aadha” (1Maqaabiyaan 6:1-13)
 Qulqulluun Phaawuloosis “Ormoonni warri seera hin qabne
amalummaa isaanin ajaja seeraa yeroo raawwatan, Isaan sun
yoo seera hin qabaannelle mataa isaaniif seeradha; isaan
qalbiin isaanii yeroo ragaa isaanif ba’uufitti, yaadni isaaniis
walii walii isaatiin yennaa wal-himatu hojii seeraa laphee
Itti fufa isaanii keessatti barreffame agarsisu” jedheera (Rom 2:4-5).

Maqaalee Waaqaayyo
Maqaalee Waaqayyo
• Nama jiraachuu Waaqa tokkoo amaneef maqaa Waaqa isaa
beekun irraa eegama.
• Namni maqaa waaqa isaa kan beekuuf waamee Isa
quunnamuuf qofa osoo hin ta’iin maqaa amalummaa isaa
kan ibsu kabajamaa waan ta’eef kabaja Isaaf barbaachisu
akka isaaf kennufidha.
Maqaalee
• Maqaan Waaqa keenyaa matuma isaatin an ba’ee fi innumti
Waaqayyo eenyummaasaa namaaf kan ittiin ibsedha.
• Waaqayyo maqaa isaa “ani Waaqayyodha” jedhee kan of
ibse bara Muusee karaa Museedha.
• Isa dura maqaa inni ittiin waamamaa ture guutummaan
guututti kan isa ibsan osoo hin taane amaloota isaa kan
25/11/2014 ibsan turan.
Fakkeenyaaf
• Kitaaba Qulqulluu irra akkuma argannu Waaqayyo
Abirahaamiif yeroo of ibsuu, “maqaan koo
Elshaadayidha”(Uma 17:1) jedhe. Hunda kan danda’u
jechuudha. Maqaan kun amala Waaqayyo keessa tokko kan
ibsudha.
• Waaqayyoof maqaa kan moggaaste Aggar, “Eliroo’i (kan na
Itti fufa . argen arge)”(Uma 16:13) jetteetti. Gocha Waaqayyo isheef
taasise irra ka’uun moggaaste.
• Muusenis Israa’elootan bilisa baasuuf yeroo ergame,
“Waaqa abbootii keessanitu gara keessanitti na erge yeroon
jedhu, maqaansaa eenyudha yoo nan jedhan eenyun jedha”
jedhee Waaqayyoon gaafate. Waaqayyoos deebise, “Kan
Jiruu Fi Kan Jiraatu Anadha. Ijoollee Israa’elitti ‘kan jiruu
fi kan jiraatu’ jedhi” jedhe.
• Maqaan kunis Amaloota Waaqayyo keessa tokko kan ta’e
jalqaba fi xumura kan hin qabne (alfaa fi omeega) ta’uusaa
malee guutummaan guututti Waaqayyoon hin ibsu.
• Kana boodadha egaa Waaqayyo karaa Muusee maqaa isaa
“Ani Waaqayyodha” jedhee kan of ibse.
• Waaqayyo Muusetti dubbate, akkas jedhe “Ani
Waaqayyodha, Abrihaam, Yisihaaq, Yaa’iqoobiif akka
Itti fufa Gooftaa hunda danda’uuttan mul’adheef, haata’u garuu
maqaan koo Waaqayyo hin mul’anneef ture” (Bau 6:3)
• Kanarra kan barannu Waaqayyo maqaa isaa akkas tursiisee
akkuma hime nutis Maqaa Waaqayyo waamuuf itti yaadu fi
hubannoon ta’uu akka qabudha. “Ani Waaqayyo nama
akkasumaan maqaa koo dha’u utuun hin adabiin waanin hin
dhiisnef, ati maqaa koo maqaa Waaqayyo Gooftaa keetii
akkasumaan hin waamin” (Bau 20:7).
• Israa’elonni maqaalee addaa addaan Waaqayyoon waamaa
turan. Maqoonni kun har’as mana kiristaanaa keenya
keessatti kan beekaman ta’anis muraasa isaanii ilaaluuf
✓ Eelohee/Eelohim – Waaqakoo/Waaqa
✓ Adooni/Adoonay – Gooftaa koo / Gooftaa
Itti fufa ✓ El/Eliyon - ልዑል / ol ol kan jedhe/ aangoo qabeessa

• Isa “Waaqayyo” Jedhu yeroo waaman kanneen ol irratti


caqasafamanii fi amalummaa Isaa kan ibsan itti
dabaluunidha.
• Fakkeenyaafis kanneen armaan gadii haa ilaallu
➢Waaqayyo Gooftaa (Faar 7:1, Hizq 2:4, Faar
34:23)
➢Waaqayyo ol’aanaa (Se.uma 4:08-23, Daan.6:20
➢Waaqayyo Jiraataa (Daan. 5:08)
Itti fufa ➢Waaqayyo Gooftaa raayyotaa (maccaa) Isa.6:3

Amaloota Waaqayyo
Amaloota Waaqayyo
• Waaqayyo amalummaa isaan kan hin qoratamne yoo ta’u fedha
fi daandii mataa isaatiin ijoollee isaa qulqullummaatiin
jiraatanii isa gammachiisaniif immoo amala isaas mataa isaas
isaaniif of ibseera.
Amaloota • “Warreen laphee qulqulluu qajeeltotadha Waaqayyoon ni argu
Waaqayyo waan ta’eef” (Mat 5:8) akkuma jedhame.
• Amalootni kun Waaqayyo ofuma isaa kan nuuf of ibse malee
namoonni qoratanii kan bira gahan miti. Bira gahuunis hin
danda’amu.
• Abbootni keenya kan dubbatan kana mee haa ilaallu.

27/11/2014
“Waa’ee Waaqayyoo qorattee kan bira geessuu fi kan natti
agarsiistu yoo ta’e Waaqayyootti osoo hin taane sittin
amana” Q. Efreem . sababni isaas Waaqayyoon qoratee
yoo bira ga’e inni Waaqayyoon ni caala jechuudha.
Jiraachuu waan tokkoo amanuu fi waa’ee isaa sirritti
beekuun tokko miti.
Itti fufa Fakkeenyaf
• Lubbuu namaa, jiraachuu ni beekna. Garuu kan arge,
qoratees kan bira gahe hin jiru.
• Maars (pilaanetoota keessa tokko kan taate) jiraachuu ni
beekna, garuu amaloota ishee, bishaan ni qabdi hin qabdu, .
.. kan beeku hin jiru.
• Amaloota Waaqayyo yeroo jennu kan mataa isaa qofa kan ta’e,
eenyu irraayyu kan hin fudhanne, uumamtoota biroof akka
kennaatti yoo isaaniif kenne kan irra hin hirranne fi kan hin
qoratamne jechuudha.
• Amaloota isaa nuti beeknu fi barannu guutummaa amaloota
isaa osoo hin taane amaloota baay’ee muraasadha. Kunis
sababni isaa
Itti fufa • Amaloota isaa sammuun dhala namaa baachuu hin dandeenye
waan jiranif
✓ Afaan ittin ibsinu waan hin qabneef
✓ Amaloota Waaqayyoo haa dhiisnuti dhalli namaa
dhufaatii Gooftaa keenya booda kabaja kiristaanotaaf
taa’e hin beeknu, Mootummaan Waaqayyo akkam
akka taate hin beeknu.
• “Michoota koo nuti amma ijoollee Waaqayyooti; isa boodde
immoo maal ta’uuf akka jirru hin beeknu. Haa ta’u garuu yeroo
inni mul’atu isa ni agarra; isas akka fakkaannu ni beekna” (1Yoh
Itti fufa 3:2). Guyyaa dhufaatii Gooftaa dura kabaja Gooftaan keenya
qajeeltotaaf qopheesse hin beeknu jechuu isaati.
• Kanaafuu amaloota isaa keessa beeku kan dandeenyu muraasa
isaanii akka armaan gadiitti ilaalla.
1. Iddoo hundumaatti kan argamuudha:-
• Waaqayyo murtaa’ummaa hin qabu, bakka hundumaatti
argama.
• “Fuula keen duraati eessattin baqadha? gara samiitti yoon
bahe ati achis jirta, gara si’ooliittis yoon bu’e ati achis jirta,
Amaloota akka huummoo kaattuu yoon fudhe haga dhuma galaanaattis
Waaqayyo yoon balali’e, achiin harki kee na qajeelchiti mirgi kees na
qabatti” (Far 139:7-10)
• “Bantiiwwaan waaqaa teessoo kooti; laftis ejjennoo miil’a
kooti” (Isa. 66:1)
• “Namni yoo dhokate ani isa hin arguuree? Samii fi lafarra
kan guute ana mitiiree?” (Erm 23:23-24)
 2. Gargaarsa Eenyuuyyuu Kan Hin Barbaannedha
• Dhalli namaa waan tokko raawwachuuf gargaarsa isa
barbaachisa. (anaan alatti waan tokkoyyu raawwachuu hin
dandeessan Yoh 15:5).
• Waaqayyoo garuu gargaarsa eenyuuyyuu hin barbaadu.
kanaafis kitaabolee qulqullaa’oon ragaani bahu.
Amaloota
• “Afuura Waaqayyoo kan ajaje, yookiin gorsaa ta’ee kan
Waaqayyo barsiise eenyudha? Yookiinis eenyu wajjin mari’atee?
Yookiinis eenyutu isa gorse? Isa 40:13
• Innis lubbuufi hafuura hundumaasaa hundaaf ni laata; waan
tokko akka isa hir’ateetti harka namaatti hin tajaajilamu.”
HoE 17:25

30/11/2014
3. Kan bara baraa dha
Waaqayyo duris kan ture har’as kan jiru boodas kan jiraatu Waaqa
bara baraan jiraatudha. Kitaabileen qulqullaa’oon akka kanatti
raga ba’u
• “gaarreewwan osoo hin uumamiin laftis addunyaanis osoo hin
hojjetamiin baraa hanga baraatti sidha” (Far. 89:2)
Amaloota • “Maaloo ati garuu bara baraan ni jiraatta; yaddannoon kees
Waaqayyo dhalootaa gara dhalootaattidha.” Far 101:12
• “mootummaankee mootummaa bara baraatti, bittaan kees
dhalootaa dhalootaatti.” Far 144:13
• Inni Waaqni keenya jalqabaa fi dhuma kan hin qabne
duriinsaas hundeensaas isadha. “Gooftaa n loltoota waaqayyo
akkas jedha ani dursaadha ani abbaa boodaatis ana malees
waaqni biraa hin jiru.” Isa. 44, xim.1ffaa 1:17, mul. 1:8
4. Kan hin jijjiiramneedha
 Jijjiiramuu jechuun hala dura hin jirre tokko ta’uu haala dura
jiran irraa gara haala biraatti jechuudha.
• Osoo hin jijjiiramiin haala jiruun dhaabbatanii jiraachuun
Amaloota amala bara baraa wajjin kan wal qabatedha.
Waaqayyoamalamummaa jijjiiramu hin qabu.
Waaqayyo • “Ani waaqayyoo hin jijjiiramu.” Miil.3:6 Iyyesuus kiristoos
kaleessaafi har’a haga bara baraatii sanumadha.” Ibiroota
13:8-9
• “kennaan gaarii hunduu eebbi gonkummaa huudaas
gubbaatiidhajijjiiramuunis isabira hin jiru.”Yaaiqoob. 1:17
5. Kan hin argamneefi Hafuuradha:
• Hafuurummaan waaqayyoo qaamummaadha. Gooftaankeenya
Iyyesuus Kiristoos wangeela yohaannis irratti “Waaqayyo
hafuuradha kan sagadaniifiis afuuraa fi dhugaadhaan
sagaduutu isaan barbachisa” jechuun dubbateera. (Yoh 4:24)
• Waaqayyoon kan arge eenyuyyu hin jiru
• Iji namaa uumaman kan jiran wantoota baay’ee arguu kan hin
Amaloota dandeenye murtaa’aa akkuma ta’e murtaa’aa kan hin taane
waaqayyoonis arguu hin danda’u.
Waaqayyo
• “Yoomiyyu taanan Waaqayyon kan arge tokkollee hin jiru”
Yoh 1:18
• Museetiinis “Namni na argee hin fayyuutii fuula koo arguunis
siif hin danda’amu.” jedheera. Ba’uu 33:21.
• Waaqayyootiin eenyuyyuu kan arge hin jiru yoo jedhamu
amalummaa Waaqummaasaatiin namni arge hinjiru jechuudha
malee qulqullootatti haala adda addaan argameera.
Fakkeenyaaf:
✓ Abrahaamitti bifa namaan. Uma 18;
✓ Muuseetti bifa labooba ibiddaatiin. Ba’u 3
✓ Isaayyaasitti taa’umsa olka’aarra taa’ee fakkeenyaa
mootiitiin qarqarri uuffata isaa mana qulqullummaa guutee
argameera. Isa. 6,
✓ Daani’eelitti bifa nama dulloomaatiin. Daan. 7:13-14
argameera.
Amaloota • Booda immoo Museettis ta’e qulqulloota birootti nama ta’ee
Waaqayyo akka argan akkuma itti dubbateetiin foon namaa waliin tokko
ta’ee argameera. “Duubakoo argita” (Ba’u 33:23)
• Yoomiyyu taanan Waaqayyon kan arge tokkollee hin jiru, Ilma
tokkicha bobaa abbaasaa keessa jiruti waa’ee hiikee beeksise”
jedheera. Yoh. 1:18
• Abbaan Ilmasaatiin akkuma beekamu jiraachuun abbaa ilmaan
beekameera.
 “Anaan kan arge Abbaa arge” Yoh 14:9
 Fakkeenyaaf:
✓ Abrahaamitti bifa namaan. Uma 18;
✓ Muuseetti bifa labooba ibiddaatiin. Ba’u 3
✓ Isaayyaasitti taa’umsa olka’aarra taa’ee fakkeenyaa mootiitiin
qarqarri uuffata isaa mana qulqullummaa guutee argameera.
Isa. 6,
✓ Daani’eelitti bifa nama dulloomaatiin. Daan. 7:13-14
argameera.
• Booda immoo Museettis ta’e qulqulloota birootti nama ta’ee akka
Amaloota argan akkuma itti dubbateetiin foon namaa waliin tokko ta’ee
argameera.
Waaqayyo • “Duubakoo argita” (Ba’u 33:23)
• Yoomiyyu taanan Waaqayyon kan arge tokkollee hin jiru, Ilma
tokkicha bobaa abbaasaa keessa jiruti waa’ee hiikee beeksise”
jedheera. Yoh. 1:18
• Abbaan Ilmasaatiin akkuma beekamu jiraachuun abbaa ilmaan
beekameera.
 “Anaan kan arge Abbaa arge” Yoh 14:9
6. Hundumaa kan beekudha:-
• Waaqayyo beekumsa eenyurraayyuu hin arganne kan
amalummaasaati. Wanti tokko osoo hin raawwatiin dursee ni
beeka.
• Fkn: Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos kan hin amanne
eenyufaa akka ta’an, dabarsee kan laatus eenyu akka ta’e
jalqabumaa ni beeka ture. Yoh 20:25, Yoh 6:64, Mat 24:3
Amaloota
• Namni kan lapheesaa keessa deddeebise yaadu hundas ni
Waaqayyo beeka. “Ani Waaqayyo nama hundaafuu akka karaasaa akka
hojiisaatti firii laachuuf jecha laphee nan sakatta’a” (Erm.
17:10, Erm. 23:24)
• “unuun kan nu to’atu ijaasaa fuula duratti wanti hunduu kan
qullaa ta’eefi kan ifa bahe dha malee isa fuulduratti uumamni
dhokate hin jiru” (Ibr 44:13)
7. Ogeessa ogeessotaati
• Waaqayyo ogeessa ogeessota hundaati.
• “maaloo hojiin kee baay’ee baay’eedha; hundumaa
ogummaa keetin raawwatte” Far 103:24
Amaloota • “Icciitin alagoota hundaan akkuma beekame akka ifa
Waaqayyo baheetti isin jajjabeessu kan danda’u qofaasaa ogummaa
kan qabu Waaqayyoof Iyyesuus kiristoosiin hanga bara
baraatti kabajni haa ta’u” Rom (16:27).
• Caqasoota kanas ilaalun ni danda’ama. Efe 3:10, Fak. 2:6,
Dan. 2:21, Yai 1:5.

02/12/2014
8. Hunda kan danda’udha
• hundumaa gochuu kan danda’u Waaqayyoo qofaadha. kan
isaaf dadhabamus hin jiru.
• Uma 18:14 irrattis “Waaqayyoof wanti dadhabamu jiraa?
jechuun Waaqayyo Abrahaamitti dubbateera.
Amaloota • Qulqulluun Gabri’eeliis haadha keenyaan “Waaqayyof
wanti dadhabamu hin jiru” jedheera. Luq. 1:37
Waaqayyo
• Raajichi guddaan Ermiyaasis “maaloo yaa Waaqayyoo
Gooftaa kunoo ati humna kee guddaafi irree kee diriirteen
samiifi lafa uumteetta; sittis wanti hir’atu hin jiru.” Erm.
17:32 jedheera.
• Samiifi lafarratti galaanotaa fi haallayyaawwan hundatti
Waaqayyo waan jaalate raawwate.” Far. 134:6
9. Qulqulluudha:-
• Qulqullummaan Waaqayyoo amalamummaasaati. Qulqulluu
jechuun adda jechuudha. Kitaabni qulqulluun waa’ee
qulqullummaa waaqayyoo bal’inaan raga baha.
• “Qulqullummaasaatiin kan ulfaate kan akka kee eenyutu jiraa?
Bau 15:11
• Waaqayyo mataansaa waa’ee qulqullummaasaa “ani Waaqni
Amaloota keessan qulqulqulludha isinis qulqulloota ta’a.” jechuun
Waaqayyo dubbateera. Lew 19:2.
• Qulqulluun Pheexiroosis “kan isin waame Qulqulluu akkuma
ta’e isinis jireenya keessan hundaan qulqulloota ta’aa.”
jechuun nu gorsa. 1Phex 1:15-16
• Qulqulluun Daawitiis “Gooftaa keenya Waaqayyoon ol ol
qabaa; Qulqulluudhaatii gara ejjannoo miillaasaatti sagadaa.”
jechuun Waaqa Qulqulluu ta’eef sagada amalamummaa akka
isaaf dhiyeessinu ajaja. Far. 98:5
10. Murtii dhugaa kan laatudha
• Waaqayyo dhugaatiin kan murteessudha.
• “Waaqayyo abba murtii dhugaati; cimaa, obsaadhas.” Far.
7:11
Amaloota • “Innis addunyaa qulqullummaadhaan isheetti murteessa;
alagootas walqixxummaan isaan bulcha.” Far. 9:8
Waaqayyo • Qulqulluun Phaawuloos waregamummaa kaffalaa tureef
gara fuulduraatti gonfoon qulqullummaa akka qophaa’eefii
erga dubbatee booda, “murteessaa qajeelaa kan ta’e
Gooftaan guyyaa sana anaaf laata.” jedheera. Xim.2ffaa 4:8,
far. 96:13, 145:17, rom. 2:15, 11:33 qor.2ffaa 2:10, phex. 1ffaa
1:17
11. Kan nama jaal’atu, garraamii fi abbaa furmaataati:-
• Waaqayyo jaalala ta’uu isaatiifi nama hunda waan jaal’atuuf
garraamii fi furaadha. Yeroo hundumaa hin dheekkamu;
obsadhas. Faar.7:109
• “sitti kan amanu dhala namaa fuulduratti kan qopheessite
waarra si sodaatanis kan dhoksite garraamummaan kee akkam
baay’attee” far. 30:19
Amaloota • “Garraamummaan Waaqayyoo lafa guutte” Far.32:5
• “araarri kee samii irratti guddoodha.” Far. 107:4
Waaqayyo
• “Ani jiraataadha cubbamaan karaa sanaa deebi’ee lubbuudhaan
haa jiraatuuf malee cubbamaan haa du’uuf hin eeyyamu.” Hiz
33:11
• Waaqayyo namaan kan uume lubbuudhan ta’uusaa fi baay’ee
nama jaal’achuudhaan badii namaa hin jaalatu fayyinasaa
malee, haa ta’u malee yoo balleessee fi dogoggoere illee ni
obsa. Far. 117:1, Siraks. 5:4, luq. 6:35, yoh. 3:16, xim. 1ffaa,
phex. 2ffaa 3:9
12. Dhugaafi Amanamaadha
• Waaqayyo ofuma isaati dhugaadha. Amanamaadhas
• Ani karaafi dhugaa, jireenyaadhas. Yoh 14:6
• Lapheen Waaqayyoo Qulqulluun Daawitis faarsaasaatiin
“karaan Waaqayyoo hunduu garraamii fi dhugaadha.” jechuun
dhugaa ba’eera. Far. 24:10
Amaloota • Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis yeroo barsiisu “dhugaa
Waaqayyo dhugaan isiniin jedha.” jechaa ture. Kanarraa wanti hubannu
Waaqni sobdoota kan jibbu amalamummaasaatti kan tolu
dhugaa ta’uusaati.
• Raajichi Waaqayyoo Muuseenis “soba dubbachuuf Waaqayyoo
nama miti, hin gaabbu jechuuf dhala namaa miti; inni kan
jedhe hin raawwatuuree? kan dubbates galmaan hin
gahuuree?” jechuun Waaqayyoo kan dubbate kan hin hambisne
Waaqa dhugaa akka ta’e dubbateera. Lakk. 23:29
Waaqayyoon Arguun Ni Danda’ama?
 Gaaffiin kun deebii lama qaba. Isaanis

1. Eyyeen arguun ni danda’ama


Waaqayyoon • Waaqayyoon arguun ni danda’ama yeroo jennu amalummaa
Arguun Ni Waaqummaa isaan osoo hin taane akkkuma armaan olitti
ilaalle bifa adda addaan qulqullootaaf akka inni mul’ateeni.
Danda’ama?
• Waaqayyoon arguuf immoo qajeelummaa qabaachuu,
cubbuu jibbuu fi ajajaa fi seera isaan jiraachuu qabna.
• Haala kanaan yoo jiraanne guyyaa dhufaatii isaa
gammachuun kaanee fuula isaa ilaalaa fuuldura Uumaa
keenyaa dhabbanna.
04/12/2014
2. Lakkii arguun hin danda’amu
• Kun immoo faallaa Uumaa keenya keenyaa warreen
jiraataniif deebii kan ta’udha.
Waaqayyoon • Namoonni akka fedhaa fi eyyema isaaniitti deddeebi’an
Waaqayyoon arguu hin danda’an.
Arguun Ni
• Yeroo dhufaatii isaallee Qulqulluun Yohaannis
Danda’ama? mul’atasaarratti akkuma dubbate isa arguu waan hin
dandeenyeef tulluuwwanii fi gaarotan maaloo nurratti jigaa,
nu dhoksaa jedhu.
Boqonnaa 2
Boqonnaa 2 Sirna Uumamaa

Itti fufa . . .

You might also like