Professional Documents
Culture Documents
Final Research D.H
Final Research D.H
HAGAYYA 2019
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA, HARAMAAYAA
Xiinxala Qabiyyee Faaruu Baye-Bayee: Godina Arsii Lixaa, Aanaa Qoree
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA
Hagayya 2019
Yuunivarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa
DAAREEKTOREETA SAGANTAA BARNOOTA DIGRII LAMMAFFAA
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA
Akka miseensa boordii qortoota Sagantaa Barnoota Digrii Duraan Boodaa (MA) tti,
waraqaa qorannoo barataa Daalachaa Hajjiitiin qophaa’e dubbisee madaalee jira. Akka
kootti waraqaan kun uunka waraqaa qorannoo Sagantaa Barnoota Digrii Duraan Boodaa
Afaan Oromoofi Oguma Barsiisuutiin ni guuta jedhee mirkaneessee jira.
5
IBSA QORATICHAA
Ani qorataan maqaafi mallattoon koo armaan gaditti eerame, qorannoon kun hojii koo
ta’uusaati. Kanaan duras yuunivarsiitii kamiyyuu keessatti qorannoo eebbaatiif kan hin
dhiyaanne ta’uu isaa, akkasumas, wabiileen qorannoo kanaaf dubbise haala seera qabeessa
ta’een fudhadhee; wabii keessattis kaa’uu koo nan mirkaneessa.
6
SEENAA QORATICHAA
Qorataan kun bara Fulbaana 10, 1975 ALI Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree ganda Shiree
Kombolchaa jedhamutti dhalate. Barumsa sadarkaa tokkoffaa kutaa 1-6 achuma Mana
Barumsa Shiree sadarkaa tokkoffatti kan barate yoo ta’u, kutaa 7-8 immoo Mana Barumsa
Qoree Sadarkaa tokkoffatti barate. Barnoota sadarkaa lammaffaa kutaa 9-12 Godina Arsii
Lixaatti keessatti kan argamu Aanaa Kofaleetti barate. Sana booda bara 1994 ALI
Kolleejjii Barnoota Barsiisota Adaamaa seenee gosa barnoota Afaan Oromootiin bara
1996 ALI dippiloomaan eebbifame. Itti aansuun bara 2000 ALI Yuunivarsiitii Adaamaa
seenee gosa barnoota Afaan Oromootiin bara 2003 ALI digrii jalqabaan eebbifamee
ogummaa ittiin leenji’e kanaan hanga har’aatti Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoreetti kan
argamu mana barumsa sadarkaa lammaffaa Qoreetti barsiisaa osoo jiru bara 2008 ALI
carraa barnoota digrii lammaffaa (MA) sagantaa barnoota gannaatiin argatee Yuunivarsiitii
Haramaayaa seenee barnoota isaa hordofaa jira.
7
GALATA
Hunda dura Rabbii guddaa qorannoo kana na jalqabsiisee na xumursiise galanni haa gahu.
Itti aansuun, qorannoon kun akka naaf milkaa’uuf qophii waraqaa wixinee irraa kaasee
hanga dhuma qorannoo kanaatti yeroo isaanii aarsaa naaf gochuun nuffiifi mufii tokko
malee deeggarsa cimaa wal irraa hin cinne naaf kennaa, na sirreessaafi na jajjabeessaa kan
turan gorsaa koo Dr. Jeeyilaan Amaaniifi Imaanaa Bayyanaa (PhD) galanni koo
guddaadha. Dabalataan maatii koo qorannoo kana keessatti yaadaafi maallaqaan na
gargaaran abbaa koo obbo Hajjii Badhaasoo, haadha koo aadde Dammee Eda’oofi
obboleewwan koo hunda akkasumas joollee koo naa kunuunsuun barumsa koo yaaddoo
tokko malee akka baradhuuf haala hundaa kan naaf mijeessite haadha warraa koo Fatiyaa
Qaasim, yeroo qorannoo kana hojjadhu kan na booharsaa turan ijoollee koo Diinaraas
Daalachaa, Asaantii Daalachaafi Mooneet Daalachaa osoo hin galateeffatin bira darbuu
hin barbaadu. Akkasumas odeef-kennitoota koo yeroo isaanii aarsaa godhanii nuffii tokko
malee wanta gaafataman hunda irratti yaada naaf kennan mara galata guddaa qabaaf.
8
HIIKA JECHOOTAA
Jechoonni armaan gaditti tarreeffaman qorannoo kan keessatti bakka garaagaraa galanii
jiru. Isaanis, nama qorannoo kana dubbisutti gufuu akka hin taaneef hiikni isaan naannoo
qorannoon kun gaggeeffametti qaban akka armaan gadiitti kennamee jira.
Jecha Hika
Addaarro Maqaa hiriyaan durbaa ittiin wal waamtu yookiin hiriyooma durbaa
Bantii Mallattoo durbi hin heerumni duuba mataa irratti qorattu
Baye-bayee Faaruu guyyaa cidhaa dubartootaafi intalti heerumtu faarfattu
Dhaddacha Gosa mukaa
Dhagaraa Sibiila mukatti godhanii muka ittiin baqassan
Ekeraa Bifa nama du’ee kan hirriba keessa namatti dhufu
Farsangaa Farda yaabbiif oolu
Finna Ilmoo
Garambaa Gosa mukaa
Geegayoo Horii warri intalaa gaafa heerumaa intalaa heerumtuuf kennan
Golloo Kutaa manaa kan golaafi booroo adda fooyu
Goshoo Hiriyaa
Guftaa Shaasii gurraacha dubartiin Arsii matatti hidhattu
Gurguboo Yaaamicha warri intalaa erga heerumsiiseen booda yaamu
9
Hachee Baala muka heexoo jedhamurraa gogee harca’u
Hadaamii Muka baala furdatu kan yoo cabsan aannan bahu
Haliilaa Gosa mukaa
Hansaraa Huuba yookiin qola gumaa midhaanii irraa yoo tuman bahu
Hinaarii Maqaa shamarran ittiin wal waamtu
Keetticha Nama maatii lamaan giddutti dubbii dubbachuun haala mijeessu
Masaanuu Dubartoota abbaan manaa tokko fuudhe
Maxaanaa Farda fe’umsaaf malee yaabbiif hn taane
Nyaapha Kan fira hin taane, amba, alagaa
Orooboo Mi’a yookiin meeshaa aannan itti cim’isatan/kuufatan
Osolee Bineensa hilleentii fakkaattu tan boolla keessa galtu
Qamaacaa Xurii yeroo dheeraadhaaf qama namaa irra ture (keessattuu miila)
Sa’iyyoo Maqaa gosaa
BAAFATA
IBSA QORATICHAA III
SEENAA QORATICHAA IV
GALATA V
HIIKA JECHOOTAA VI
AXAREERAA IX
1. SEENSA 1
1.1. Seenduubee Qorannichaa 1
1.2. Ka’umsa Qorannichaa 2
1.3. Gaaffilee Qorannichaa 5
1.4. Kaayyoo Qorannichaa 5
1.4.1. Kaayyoo Gooroo 5
1.4.2. Kaayyoowwan Gooree 5
1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa 5
1.6. Daangaa Qorannichaa 6
1.7. Hanqina Qorannichaa 6
2. SAKKATTA’A BARRUU FIROOMMII 8
2.1. Yaadiddama Fookiloorii 8
2.2. Maalummaa Faaruu 8
10
2.3. Gosoota Faaruu 9
2.4. Maalummaa Faaruu Baye-Bayee 10
2.5. Faayidaa Faaruu Baye-Bayee 11
3. XIINMALA QORANNICHAA 13
3.1. Ibsa Naannoo Qorannichaa 13
3.2. Wixinee Qorannichaa 16
3.3. Madda Ragaa Qorannichaa 17
3.4. Iddattoofi Mala Iddatteessuu 17
3.5. Meeshaalee Funaansa Ragaalee 18
3.5.1. Afgaaffii 18
3.5.2. Marii Garee 19
3.5.3. Hubdaawwannaa 19
3.5.4. Sakatta’a Harshammee 19
3.6. Mala Qaaccessa Ragaalee 20
Itti fufa…
11
4.1.15. Warra Gurbaa Arrabsuu 44
4.1.16. Gosa Gurbaa Fuudhuu Arrabsuu 45
4.1.17. Masaanuu Arrabsuu 46
4.2. Gahee Faaruu Baye-Bayee Dhimmoota Hawaasummaafi Diinagdee Ibsuu
Keessatti 47
4. 3. Haala Faaruun Baye-Bayee Yeroo Ammaa Irra Jiru 47
5. GUDUUNFAA, ARGANNOOWWANIIFI YABOO 50
5.1. Guduunfaa 50
5.2. Argannoo 50
5.3. Yaboo 51
6. WABIILEE 53
7. DABALEEWWAN 55
DABALEE-A: AFGAAFFII 55
DABALEE-B: MARII GAREE 56
DABALEE-C: CHEEKLISTII DAAWWANNAA 57
DABALEE-D: NAMOOTA ODEEFFANNOON IRRAA FUNAANNAME 58
DABALEE-E: SUURAAWWAN ODEEF-KENNITOOTAA 59
DABALEE-F: WALALOOWWAN FAARUU BAYE-BAYEE 62
AXAREERAA
Qorannoon kun mata duree “Xiinxala Qabiyyee Faaruu Baye-Bayee: Godina Arsii Lixaa,
Aanaa Qoree” jedhu irratti kan gaggeeffameedha. Ka’umsi Qorannoo kanaas, faaruun
baye-bayee safuufi haala jiruufi jireenya hawaasaa barsiisu yeroo ammaa sababoota
adda addaa irraa kan ka’e dagatamaa jiraachuu isaati. Kaayyoon qorannoo kanaa
qabiyyeewwan faaruu baye-bayee Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree Xiinxaluun
barreeffamatti jijjiiruun kaa’uudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf qorataan mala
qorannoo akkamtaa fayyadamee jira. Maddi ragaa qorannoo kanaaf odeeffannoon irraa
funaanname madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaadha. Iddattoon waa’ee
faaruu baye-bayee irratti beekumsaafi hubannoo qaban mala iddetteessuu miti carraa
keessaa iddatteessuu darbaa dabarsatti gargaaramuun filatamaniiru. Odeeffannoo
qorannichaaf barbaachisu funaannachuuf meeshaalee odeeffannoon ittiin funaannamu
keessaa afgaaffii, marii garee, daawwannaafi sakatta’a harshammeetti dhimma
bahameera. Qaaccessa ragaa ilaalchisee odeeffannoon odeefkennitoota irraa
funaanname qabiyyee isaaniitiin qoqqooduun qaacceffamaniiru. Qaaccessa kana irraa
faaruun baye-bayee qabiyyeewwan garagaraa kanneen akka haadhaafi abbatti nagaha
dhaamuu, hiriyyaa, firaafi gosa ofii faarsuu, geegawoo gaafachuu, fira du’e yaadachuu,
kan jirutti nagaha dhaamachuu, dubbataa/ keetticha arrabrsuu, gurbaa fuudhu, gosaafi
12
warra gurbaa fuudhu arrabsuufi kan kana fakkaatan kan of keessaa qabuufi yeroo ammaa
kana sababa dhiibbaa amantiifi saayinsiifi teekinooloojii irraa kan ka’e dagatamaa
jiraachuun hubatamee jira. Dhumarratti, qaamni dhimmi ilaallatu keessattuu waajjirri
Aadaafi Turiizimii Aanaa Qoree faaruu baye-bayee akkaataa qabiyyee isaanitiin walitti
qabee barreeffamatti jijjiiruun dhaloota dhufuuf osoo kaa’ee, faaruun kun dhimmoota
hawaasummaafi diinagdee hawaasichaa ibsuu keessatti gahee ol’aanaa waan qabuuf
hawaasni qabeenya isaa kana kunuunsuun osoo itti fufsiisee gaariidha. Kana malees,
dubartoonni guyyaa cidhaa isaanii faaruu baye-bayee kana faarfachuun itti fufiinsa
afoolichaatiif gahee isaanii osoo bahanii, gaggeessitoonni yookiin abbootiin amantii
garaagarummaa afoolaafi amantii gidduu jiru hawaasa barsiisuun dhiibbaa karaa
amantiin faaruu baye-bayee irra gahu hambisuu osoo yaalanii kan jedhu akka yaada
furmaataatti kaa’amanii jiru.
13
1. SEENSA
Ummanni Oromoo aadaa, duudhaa, safuu, seenaafi hambaalee heddu kan mataa isaa qaba.
Aadaalee kanneenis, wantoota ittiin ibsatan kan saba biroo irraa adda isaan taasisu kan
dhuunfaa isaanii qabu. Isaan keessaa kan ummanni Oromo eenyummaa ofii ittin ibsatu
ogafaaniidha. Faaruun damee ogafaanii keessaa tokko ta’ee, wantoota aadaa uummata
tokkoo calaqqisiisan keessaa isa tokkodha (Gemechu, 2003).
Yaaduma kana deeggaruun Richard, (1992) akka ibsutti, faaruun walaloo gabaabaa yookiin
tuuta jechootaa ijaarsa barreeffama ifaafi gabaabaa ta’een toora tooraan hiramuun
faarfatamaniifi yeedaloo kan of keessatti qabudha jedha.
Kana malees, faaruun yaada adda addaa ibsuuf qooda hedduttiifi cabsata sagaleetiin kan
dhiyaatu ta’ee jaalala, komii, arrabsoo, mararoofi kan kana fakkaatan kan ibsudha. Ummata
seenaan isaa carraa barreeffaman hin argatiin tureef kan akka uummata Oromoof bu’aa
faaruun buusu akka salphaatti hin ilaalamu. Seenaa jechoota adda addaafi safuu keessatti
dhimma itti baanu of keessatti qabatee dhalootaa dhalootatti dabarsa. Guddina afaaniif
hedduu gumaacha (Wasanee, 1984).
Ummanni Oromoo akkaataa ittiin haadha, abbaa, hiriyaa, fira, jaalallee, lafa, biyyaafi lammii
isaa faarfatu qaba. Haaluma kanaan faaruuf hiika garaagaraatu kennama. Yaaduma kana
deeggaruun Beekaan (2015) yoo ibsu “Faaruun jaalalaa namni tokko waan isaatti
dhagahame, fedhii qabu, hubannaa laphee isaa keessa jiruufi waan ukkaamamee miira isaa
keessa jiru tokko karaa ittiin of keessaa baasee dubbachuudhaan dhiphina jaalalaa keessaa
haara itti galfatuudha” jechuun ibseera. Akkuma yaada kanarraa hubachuun danda’amutti
faaruun karaa uummatni Oromoo barsiifata, duudhaa, amantaa, sirna waaqeffannaa, gaddaafi
gammachuu isaa ittiin ibsatuudha. Karaa biraatiin immoo faaruun karaalee adda addaan
dhiyaachuu ni danda’a. Innis namoonni nama jaallatan tokkoof jaalala nama sanaaf qaban
ibsuuf haala hedduun itti gargaaramu.
Hayyuun Fennegan (1976) akka ibsitetti, afwalaloo Oromoo keessaa faaruun damee tokko
yoo ta’u, aadaa fuudhaa heerumaa uummata Oromoo keessatti gahee guddaa qaba jetti.
Yaada kanarraa akkuma hubatamu ummanni Oromoos baroota dheeraaf kan ittiin jiraataa
tureefi beekamu
16
safuufi duudhaa sabichaa kan bu’uureffate aadaa fuudhaa heerumaa keessatti faaruu
baye-bayee fayyadamaa kan ture ta’uu isaati.
Walumaagalatti, faaruun damee afwalaloo ta’ee, kan hawaasni jiruufi jireenya isaa keessatti
waan isa mudate ittiin ibsatuudha. Kana jechuun hawaasni tokko jireenya guyyuu
gaggeeffatu keessatti gaddaafi gammachuu, jaalalaafi jibbaa, abdiifi hawwii, hiyyummaafi
badhaadhina, gabrummaafi bilisummaa, obsaafi ilaalcha ofii qabu karaa ittiin ibsatu akka
ta’e hubachuun kan nama rakkisuu miti.
Yaada kana ilaalchisuun Nagariin (1995) “Baye-bayeen faaruu sirna gaa’ela naqataan
gaggeeffamuu irratti shamarran weeddisan keessaa tokko ta’ee intala heerumtu, haawwaniifi
hiriyyoota ishiitiin jedhamuudha.” Faaruun baye- bayee kunis hawaasa keessatti gahee
guddaa kan qabu yemmuu ta’u, tajaajilli isaas yoo ibsamu, shamarran yeroo heeruman
ilaalcha isaan keessa jiru kanneen akka jaalalaa, jibbaa, gaddaa, gammachuu, maraaroo
yookiin garanyaattoo hiriyummaa kan ittiin ibsataniidha. Kunis kan agarsiisu faaruun
baye-bayee intalti heerumtu, hiriyyootaafi firoottan ishii warra ishii faarsuuf, geegawoo
kadhachuuf, loon akka kennaniif feetu maqaa dhahuuf, warra ishii kan du’e yaadachuuf, kan
jirutti nagaha dhaamachuuf, warra kan fuudhuu, isuma mataasaa, aanaafi gosa isaa arrabaan
quuncisuuf, akkasumas fira warra intalaa jajjabeessuufi waa’ee jireenya gaa’ela intala
heerumtuu gorsuuf kan faarfatamu ta’uu isaati.
Qorataan tokko mataduree qorannoo isaatiin walqabatu kan duraan barreeffamee jiru
sakatta’uun odeeffannoo dhimma isaatiin hidhata qaban waldorgomsiisuun walfakkiifi
garaagarummaa isaan jidduu jiru hubachuuf gahee olaanaa qaba. Kunis qorataan mataduree
isaa qorannoowwan kanaan dura hojjatamaniin walbira qabuun yookiin walqabsiisaa
sakatta’uun qaawwa banaa jiru agarsiisuufi cufuuf.
Bayyanaa Laggasaa (2016) Faaruu loonii irraatti kan gageesse yoo ta’u, xiyyeeffannaan
qorannoo isaa faaruu loonii irratti. Walfakkeenyi qorannoowwan kanneen lamaanii faaruu
irratti gaggeeffamuu isaaniiti. Namoota mata duree kana irraatti faaruu qorataniif karaa
saaqa. Garaagarumman isaanii kan Bayyanaa faaruu loonii iratti yoo xiyyeeffatu qorannoon
kuni immoo faaruu baye bayee irratti xiyyeeffata.
Barruun walfakkii inni biroo Shuumeen (2007) Qaaccessa Faayidaa Arrabsoo Naqatanii
Fuudhuu Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Haala Aanaa Amuruu kan jedhu yemmuu ta’u,
kaayyoon qorannichaa faayidaa arrabsoofi itti fayyadama jechootaa arrabsoo fuudhaa
heeruma naqataa jedha. Haaluma kanaan walfakkeenyi isaanii faaruuwwan sirna gaa’elaatiin
walqabatan xiinxaluu yemmuu ta’u, Garaagarummaan isaaniis, waraqaan qorattuu duraa
“qaaccessa faayidaa arrabsoo durbaa kan naqataa” irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u,
qorannoon kun immoo “Sakatta’a qabiyyee faaruu baye bayee intala heerumtuu” irratti kan
xiyyeeffatuudha. Gama biraan immoo garaagarummaan isaanii kan qorattuu duraa weedduu
arrabsoo Aanaa Amuruu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, qorannoon kun immoo sakatta’a
qabiyyee faaruu baye bayee aanaa Qoree irratti xiyyeeffatee hojjatamedha.
Seefuun (2008) kaayyoon qorannoo isaa Weedduu Arrabsoo Fuudhaafi Heerumaa Godina
Shawaa Lixaa Aanaa Amboo qaaccessuu yoo ta’u, kan qorannoo kanaa immoo qabiyyeen
faaruu baye-bayee Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree maal akka fakkaatu sakatta’uun
ibsuudha. Tokkummaan qorannoo kanneen lameenii gosoota afoolaa keessaa faaruu irratti
xiyyeeffachuu isaaniiti. Garaagarummaan isaanii immoo qorannoon Seefuu Qaaccessa
Weedduu Arrabsoo Fuudhaafi Heerumaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo kan
xiinxalle yoo ta’u, qorannoon kun immoo sakatta’a qabiyyee faaruu baye-bayee Godina
Arsii Lixaa Aanaa Qoree irratti kan xiyyeeffateedha.
Zabiibaa Muzammil (2007) waraqaa ittiin guuttannaa digrii lammaffaa ishee keessatti
Qaacceessa Weedduu Gaa’elaa Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu Dhaloota
Dhufuuf dabarsuu kan jedhurratti xiyyeeffatte. Kaayyoon qorannoo ishees gosoota weedduu
qoqqoduun agarsiisuu, dhimmoota weedduu gaa’elaa keessatti calaqqisan ibsuufi gahee
hirmaattota weedduu ibsuu kan jedhuudha. Qoraannoon kun qorannoo kana wajjiin walitti
dhiheenya kan qabu yoo ta’u, dhimmoota weedduu gaa’elaa keessatti calaqqisan kan
jedhuun garaagarummaa qaba. Qorannoo waa’ee naqataa (kadhatanii fuudhuu) fi weedduun
19
qorannoo kanaan kan walfakkaatani yoo ta’u, kiyya immoo sakatta’a qabiyyee faaruu
baye-bayee xiinxaluurratti kan xiyyeeffatedha.
a) Namoota dhimma kana irratti qorannoo gaggeessuu barbaadaniif akka wabiifi madda
odeeffannootti ni tajaajila.
b) Hawaasni aadaa isaa akka kunuunfatuufi tursiifatu hubannoo kennuu danda’a.
c) Afoola kana galmeessuun ol kaa’uuf ni fayyada.
d) Faaruu baye-bayee bifa afaaniin ture gara barreeffamaatti jijjiiruun madda
odeeffannoo Aanaa Qoree ta’ee ni tajaajila.
e) Waajjirri aadaa fi turizimii akka ragaatti itti fayyadamuuf ni gargaara.
Faaruun gosoota afoolaa (ogafaanii) keessaa tokko ta’ee kan uummata tokkoof iddoo
ol’aanaa qabuufi miira mararfachuun guuttamee jiruudha. Namni tokko waan faarsu san
jaalatee
25
mararfata. Wanti faarsamu sun haadha, abbaa, biyya, hiriyyaa, loon, dachee, waaqa,
goototaafi kan kana fakkaatan ta’uu danda’a. Ilmi namaas wantoota kanneen keessaa
tokkoof miira jaalalaa qabu faaruun mul’isa. Sababni isaas waan hawaasa keessatti gaarii
ta’e ittiin jajjabeessuuf akkasumas kanneen hawaasa keessatti amala badaa qaban ittiin
gorsuuf yookiin immoo qeequufiidha. Faaruun yeroofi bakka itti jedhamu dabalataanis haala
keessatti jedhamu ni qabaata. Warquufi kaawwan (1993) faaruu gabaabsee yoo ibsu,
“Jajachuu yookiin mararfachuu akka ta’etti lafa kaa’a”. Qabiyyeerratti hundaa’uun faaruu
waaqaa, dachee, jaalalaa, biyyaa, hiriyyaa, loonii, haadhaafi abbaa jechuun gosa adda
addaatti qoodama.
Ummata Oromoo kan seenaan isaa carraa barreeffamaa hin argatin tureef bu’aan faaruun
buusu akka salphaatti hin ilaalamu. Seenaa jechoota adda addaafi safuu keessatti dhimma itti
baanu of keessatti qabatee dhalootaa dhalootatti dabarsa. Guddina afaaniif hedduu gumaacha
(Wasanee, 1984).
Faaruu ergaa yookiin wanta inni faarsuuf dhiyaate irratti hundaa’uun gosoota adda addaatti
qoodamuu ni danda’ama. Kanaaf ragaa kan bahu Shawaayyeefi Fireehiwot (1999) irratti
gosoota faaruu, “Faaruu loonii, faaruu abbaa, faaruu ateetee, faaruu boo’ichaa, faaruu
uruursa daa’immaniifi faaruu oogdii,” jechuun gosoota faaruu tarreessanii jiru. Akka
ramaddii hayyuu kanaatti faaruun ergaa faarfamuuf giddu galeeffachuun waan qoqqoodame
fakkaata.
Dirribii (2009) waaqa mana, ijoollee, looniifi jireenya gaarii nagaha waliin isaanii kenne
galateeffataa, maaram ayyaana dubartii, looniifi deessuu faarsaa; sirbaa oolanii bulu jedha.
Kanaafuu, afwalaloowwan bifa walalootiin dhiyaatan keessaa faaruun gosa adda addaa kan
akka faaruu ateetee, gootaa, waaqa, dacheefi loonii ni argamu. Dabalataanis Beekan (2015)
tti faaruu jaalala, mararoo, faaruu gootaa, faaruu waaqaafi faaruu loonii jechuun faaruu gosa
26
gosaan ramaduuf yaaleera. Yaada hayyoota armaan olii irraa kan hubatamu faaruun gosoota
adda addaa qabaachuu isaati.
Walumaagalatti faaruu ergaa inni dabarsu giddugaleeffachuun faaruu loonii, faaruu ateetee,
faaruu amantii, faaruu jaalalaa, faaruu cidhaafi kan kana fakkaatan jechuun gosoota adda
addaatti kan qoodaman yoo ta’an hundi isaaniituu yoomessaafi hirmaattota mataa isaanii
qabu. Qorannoon kunis, faaruuwwan yeroo cidhaa faarfataman keessaa qabiyyeewwan
faaruu baye-bayee guyyaa fuudhaa heerumaa intalti heerumtuufi hiriyyoonni ishii faarfatan
irrati xiyyeeffata.
Sabni Oromoo akkuma saboota biroo aadaa eenyummaa isaa ibsu kan of danda’e qaba.
Kanneen keessaa aadaa nyaataa, aadaa uffataa, aadaa walgargaarsaa, aadaa wal kabajuufi
aadaa fuudhaa heerumaa maqaa dhahuun ni danda’ama. Aadaa fuudhaa heerumaa kana
keessatti sirna kadhatanii fuudhuun gaggeeffamuu irratti faaruuwwan shamarraniin
faarfataman heddu yoo ta’an, kanneen keessaa faaruun baye-bayee isa tokkodha.
Faaruun baye-bayee faaruuwwan guyyaa cidhaa mana warra intalaatti faarfataman keessaa
isa tokko yoo ta’u, kan faarfamus guyyaa cidhaa yeroo hamoommonni gurbaa intala
fuudhuuf dhufee kaasee hanga hamoommonni intala fudhatee deemutti kan faarfatamuudha.
Faaruu baye-bayee kana kan faarsaniis intala heerumtu, hiriyyoottan intala heerumtuufi
dubartoota ollaati. Walaloon faaruu baye-bayee haala nama mararuufi garaa nama raasuu
danda’uun seenaafi quuqaa garaa tuttuquudhaan dubartootaafi shamarraan yoo kaasanii
faarsan intallii heerumtuufi haati intalaa imimmaan dhangalaasaafi facaasaa dhaggeeffatu.
Gooreen ogafaanii kun akkuma ogafaan biroo kan itti fayyadamtoonni ogafaanichaa ittiin
walbarsiisan, wal gorsaniifi walqeeqan akkasumas amalliifi gochaaleen hawaasichaan
jibbaman kan ittiin qeeqamaniifi akka qajeelan ittiin taasifamuudha. Yaada kana ilaalchisee
Bukenya (1986) yoo ibsu, faaruun baye-bayee kan intalti heerumtu haala gaddaafi abdii
kutannaatiin sagalee laafaadhatti fayyadamuun dhaamsa dhaamtuudha. Faaruun baye-bayee
calaqqee jireenya hawaasichaa haala adda addaan ibsa. Qabiyyeen walaloo faaruu
baye-bayee fira warra intalaa jajjabeessuuf, waa’ee jireenya gaa’ela intala heerumtuu gorsuu
irratti kan xiyyeeffateedha. (Shawaayyeefi Fireehiwoot, 1999).
27
Sirna fuudhaa heerumaa kana keessatti faaruuwwan durbaa hedduudha. Isaanis: tirrii, obbee,
tartaariifi baye-bayeedha. Isaan kana keessaa faaruun baye-bayee sirna fuudhaa heerumaa
irratti kan shamarraniin faarfataman keessaa tokko ta’ee, innis sirna fuudhaa heeruma
kadhatanii fuudhuu irratti kan gaggeeffamuudha.
Yaada kana ilaalchisuun Nagariin (1995) yoo ibsu “Mararoon yookiin baye-bayeen faaruu
sirna gaa’ela naqataan gaggeeffamuu irratti shamarran faarsan keessaa tokko ta’ee intala
heerumtu, hawwaniifi hiriyoota ishiitiin jedhamuudha.” Kunis kan agarsiisu faaruun
baye-bayee shamarree heerumtu, hiriyyootaafi firoottan ishiitiin kan faarfatamu ta’uu isaati.
Faaruun baye-bayee kan intalti heerumtu haala gaddaafi abdii kutannaatiin sagaalee laafaatti
fayyadamuun soddaa yookiin kaadhimaa ishee arrabsuun dhaamsa dhaamattuudha.
Finnegan (1976) akka ibsitetti, “Afwalaloo Oromoo keessaa faaruun baye-bayee damee
tokko yoo ta’u, aadaa fuudhaa heeruma ummata Oromoo keessatti gahee guddaa qaba.”
Kana jechuun faaruun baye-bayee kan dubartoonni quuqaa isaanii ittiin yaadachuun gara
nyaattoo maatii isaaniitti uumuun imimmaan dhangalaasaniidha.
Aadaa Arsii keessatti booyichi durbaa heerumtuu seera qaba. Gaafa cidhaa intalti
heerumtu maal jettee akka boottu gosaa fi hamoommonnillee waan caqasaniif
sagalee ol fudhattee akka garaa nama mararutti boowuun warra ishee faarsaa
geegawoo kadhatti, loon akka kennamuuf feetu maqaa dhoofti, warra ishee
kan du’e yaadatti, kan jiruun nagahatti jetti. Kana malees, gurbaa fuudhu,
warra isaafi gosa isaa arrabsiti. Kan arrabsitus jibbaaf osoo hin taane aadaa
waan ta’eef.
Akka yaada kanaarraa hubachuun danda’amutti durbi heerumtu gaafa warra ishii irraa
addaan baatu yookiin hiriyoota isheen gargar baatu kan boottu warra ishee kan jirutti nagaha
dhaamuufi kan du’e yaadachuuf qofa osoo hin taane qabeenya abbaa manaa ishii wajjin ittiin
jiraattu abbaafi haadha akkasumas firoottan ishii kadhachuu irrattis ni xiyyeefata. Kunis
aadaa hawaasichaa wajjiin kan walqabatu yoo ta’ellee durbi faaruu kana faarfattu kunniin
garaan isaanii gammachuu of keessaa hin qabaatu. Sababni isaas durbi mana nyaaphaa
yookiin alagaa dhaquun abaarsa uumaatiifi hiree jallattuu durbaa akka ta’etti kan ilaalan
ta’uu isaati.
28
Ogafaan jiruufi jireenya ilma namaa keessatti faayidaa heddu qaba. Ilmaan namaa
barreeffamaan fayyadamuu osoo hin eegalin dura afaanitti gargaaramuun fedhiifi yaada
isaanii ibsachaa turan. Kunis kan ibsu ogafaan faayidaa ol’aanaa dhala namaatii kennaa
turuu kan agarsiisudha. Faaruun baye-bayee akkuma ogafaan kamiiyyuu seenaa, aadaa,
duudhaa, safuu, amantaa, fedhii, gammachuufi gadda akkasumas haala jireenya hawaasa
tokkoo akka waliigalaatti kan ibsuudha.
Gama birootiin Nagariin (1995) wirtuu jildii 7, mataduree qorannoo isaa durba durbummaan
faarsu jedhu keessatti faayidaa faaruu baye-bayee dubraa yoo ibsu faaruun kun aadaafi
duudhaa saba Oromoo calaqisiisuu bira darbee gahee barsiisuu qabaata. Bakka faaruun kun
itti faarfatamutti dhageeffattoota kanneen akka dargaggeessaa, shammarraniifi ijoolleen kana
yoo dhaga’an kabaja durbummaan qabu baratu. Kana hubachuun immoo akka of eeggattan
isaan gargaara.
Walumaagalatti, faaruun baye-bayee damee afoolaa keessaa isa tokko hanga ta’etti gahee
afoolli bahu faaruun baye-bayees bahuu ni danda’a. Faaruun baye-bayee dandeettii
hubannoo hawaasaafi beekumsa jechootaa sagalee faaruun sun ittiin dhiyaatuu
guddifachuufis ta’ee haala jiruufi jireenya hawaasaafi seera hawaasa tokkoo hubachuuf
barumsi inni dhaggeeffattootaaf kennu laayyoo miti. Akkasumas, faaruun baye-bayee
hawaasa keessatti nagaha dhaamachuuf, gorsa dabarsuuf, geegawoo kadhachuuf, quuqaa
garaa ofii ibsachuuf, gara nyaattoo yookiin mararoo uumuufi kan kana fakkaatan ibsuuf
faayidaa ol’aanaa qaba.
29
3. XIINMALA QORANNICHAA
Boqonnaan kun ibsa naannoo qorannichaa, wixinee qorannichaa, mala qorannoo, madda
ragaa, iddattoofi mala iddatteessuu, tooftaa funaansa ragaaleefi mala qacceessa ragaalee kan
ofkeessatti haammatedha. Waantonni armaan olitti tuqaman kunneenis, bal’inaan armaan
gaditti tokko tokkoon ibsamanii jiru.
Huseen (2000) akka ibsetti, Arsoomni maqaa hiddaafi dhiiga tokkummaafi yaboo yookiin
waadaa Arsiin ganamaa walitti kennate, dhaamsa akaakileefi abaabilee ilmaan Arsii (Sikkoo
Mandoo) ta’ee, nama ilma Arsii ta’e hunda biratti maqaa ulfaataa kabajaa, jaalalaafi
obbolummaati. Kanarraa kan ka’e Arsiin maqaa Arsooma jedhu kana guddaa kan ulfeeffatu
ta’uu isaa ibsa.
Aanaan Qoree aanaalee godina Arsii Lixaa keessatti argaman keessaa tokko yoo taatu; akka
aanaatti kan hundoofte bara 1998 ALI akka ta’eefi maqaa Qoree jedhamu kanas kan argatte
iddoon amma magaalaan guddoon Aanaa Qoree itti argamtu kun dur bakka manguddoonni
yaa’ii itti taa’uun akka aadaa Arsiitti sirna jaarsummaa keessatti qoraa murtiin koottu dhufee
wal waamaa kennee qori jechuun nama wal dhabe itti araarsaa turan waan turteef iddoon
sun yeroo booda “Kennee Qori” kan jedhurraa ka’uudhaan maqaa Qoree jedhamu kan
moggaafamte akka ta’e odeeffannoon manguddoota bebbeekkamoo aanichaafi Waajjira
Bulchiinsa aanichaa irraa argame ni ibsa.
Akka ragaan ogeeyyii waajjira Aadaafi Turizimii Aanaa Qoree akkasumas, abbootii gadaa,
jaarsolii biyyaafi manguddoota irraa argame ibsutti, Oromoo Arsii kan hore nama Arsee
jedhamuu yoo ta’u, innis ilamaan lama qaba. Isaanis: Sikkoo fi Mandoo jedhamuun
beekkamu. Sikkoon damee ilmaan Arsii keessaa isa duraa yoo ta’u, ilmaan Sikkoo shan
waan ta’eef, shanan Sikkoo jedhamanii beekkaman. Shanan Sikkoo: Bullaalla, Waacaalee,
Jaawwii, Waajjiifi Illaanii jedhamu. Mandoon gosa yookiin damee ilmaan Arsii keessa kan
lammataa yoo ta’u, ilmaan Mandoo torba waan ta’aniif “Torban Mandoo’’ jedhamuun
beekkaman. Ilmaan Mandoo torban: Raayyaa, Hawaxxuu, Kajawaa, Waanama, Utaa,
Waayyuufi Biiltuu jedhamu. Raayyaan hangafa yoo ta’u, gosa soddomii sadii (33) of jalaa
qaba. Gosa Raayyaa
32
keessaa irra guddaan gosa Walasheeti. Mandoon dhalootaan osoo hin ta’in seeraan
hangafummaa Sikkoon irraa akka fudhate himama. Lafti mandoo irra qubatee jiru irra
caalaan Godina Baalee keessa haa ta’u malee, laga Waabee gamaafi gamana Sikkoon
walkeessa makamee qubatee jiraata. Qorannoon kunis damee Arsii Mandoon jalatti kan
argamu damee Utaa jalatti argaman irratti xiyyeeffachuun kan adeemsifameedha.
Aanaan qorannoon kun irratti adeemsifame aanaalee godina Arsii Lixaa keessatti argaman
keessaa tokko yoo taatu, Finfinnee irraa km 299 fagaattee kallattii Kibba Bahaatti, magaala
guddittii godinichaa Shaashamannee irraa immoo km 49 fagaattee kallattii Bahaatti kan
argamtu yoo ta’u, Kaabaan Aanaa Muunessaa, Kibbaan Aanaa Kofalee, Bahaan Aanaa
Gadab Hasaasaa, Dhihaan Aanaa Nageellee Arsiitiin daangeffamtee argamti.
Akka ragaan istaatiksiin lakkoofsa manaafi ummataa bara 1999 A.L.A itti gaggeeffame
agarsiisuutti, baay’inni ummata Aanaa Qoree dhiira 70,325 (49.0%), dubra 73,194 (50.9%),
ida’ama 143,519 ta’ee, kana keessaa ummanni magaalaa dhiira 10502, dubra 8209 ida’ama
18,711 ta’a. Ummanni baadiyaa dhiira 59823, dubra 64985, ida’ama 124808 ta’eetu jira.
Baay’inni ummataa kun sabaan yoo ilaalamu Oromoon 99 %, Amaarri 1 %, aanicha keessa
akka jiraatan beekkameera.
Akka odeeffannoon waajjira aadaafi tuurizimii Aanaa Qoree irraa argame agarsiisutti,
aanicha keessatti amantiiwwan argaman amantii Islaamaafi Kiristaanaa yoo ta’an, aanicha
keessatti amantiin hordoftoota baay’ee qabu amantii Islaamaati. Kunis dhibbeentaadhaan
yoo shallagamu Musliimni 85%, Kiristaanni 15%, ta’ee argama. Akka odeeffannoon
waajjira Bulciinsa Aanaa Qoree irraa argame agarsiisutti, aanicha keessa sabonni jiraatan
Oromoofi Amaara yemmuu ta’u, ummanni aanichaa harki caalu Afaan Oromoo kan dubbatu
yoo ta’u, itti aanee Afaan Amaaraa kan dubbatu ta’uu isaati.
34
Ummanni aanaa Qoree aadaa bal’aafi boonsaa heddu qaba. Isaan keessaa aadaan fuudhaa
heerumaa isa tokko. Aadaan fuudhaa heerumaa ummata Aanaa Qoree keessatti argaman
biratti beekkamoo ta’aniifi kan yeroo amma raawwatamaa jiran saditu jiru. Isaanis:
kadhannaa (Qaadhimatanii fuudhuu), aseennaafi hawii (hawata) yemmuu ta’an kanneen
keessaa kadhatanii fuudhuun kabajamaafi jaalala guddaa qaba.
Aseennaa: Aseennaan gosa fuudhaa heerumaa keessaa isa tokkoodha. Gosti fuudhaa
heerumaa kun karaa lamaan ta’uu danda’a. Inni tokkoffaan osoo gurbaan quba hinqabaatiin
intalti ofii isheetiin gurbaa jaalattee kan itti heerumtu dha. Kun immoo yoo umriin ishee
heerumarra darbe murtoo kana fudhatti. Inni lammaffaan immoo gurbaafi intalti jaalalaan
raasaatti waliin jiraachaa turanii jiddutti durbummaa ishee irraa fudhatee yookiin ulfeessee
yoo dahuu barbaade intalti sun aseennaa seenti. Kanaaf, durbi aseennaan heerumtu hawaasa
kana keessatti iddoon isheef keennamu baay’ee gadaanaa waan ta’eef aseennaan hawaasa
kana keessatti bal’inaan hinmul’atu.
Hawii (Hawata): Sirni fuudhaa heerumaa kun jaalala mucaafi mucayyoo irratti kan
hundaa’u yoo ta’u, isaaniis fedhii walirraa qaban irraa kan ka’e kan waliin deemaniidha.
Gosti fuudhaa heerumaa kun waggoota muraasaan dura kan barameedha. (Maddi: Waajjira
Aadaafi Tuurizimii Aanaa Qoreeti 15/8/20011)
Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala qabiyyee faaruu baye-bayee Godina Arsii Lixaa Aanaa
Qoree taasisuun ibsuudha. Kana gochuuf immoo, qoratichi mala qorannoo akkamtaatti
dhimma bahee jira. Sababni malli kun filatameefis gosti qorannoo kanaa odeeffannoon
kallattiidhaan hawaasicha keessa galuun waan funaanamuuf odeeffannoo argamu mala
ibsaatiin gadi fageenyaan xiinxalanii ibsuudhaan waan duraan hin beekkamnes ifa baasee
35
kan namatti mul'isudha. Yaada kana Dastaan (2013) yoo ibsu, "Qorannoo aadaa hawaasaa
waliin wal qabatu gaggeessuuf immoo qorannoo akkamtaa fayyadamutu gaarii ta’a.’’ jedha.
Qorannoo gaggeessuu keessatti maddoonni ragaalee lamatu jiru. Isaanis: madda ragaa
tokkoffaa fi madda ragaa lammaffaa jedhamanii beekamu. Madda ragaa tokkoffaa kan
jedhaman kallattiidhaan abbaa dhimmaa sana qunnamuudhaan odeeffannoo irraa
fudhachuudha. Maddi ragaa Lammaffaa immoo osoo qaamaan nama kitaaba sana barreesse
hin dubbisiin kitaabolee adda addaa gadi fageenyaan dubbisuun odeeffannoo irraa
fudhachuudha. Bu’uuruma kanaan maddi ragaa qorataan qorannoo kanaa dhimma itti bahe
madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaati. Akka madda ragaa tokkooffaatti
manguddootaafi dubartoota waa’ee faaruu baye-bayee irratti beekkumsaafi hubannoo qaban
gaaffilee afaanii gaafachuufi marii garee waliin taasisuun sakatta’amee jira. Sabani maddi
ragaa tokkoffaa filatameefis qorannoo tokko gaggeessuuf ragaan gahaan madda ragaa
tokkoffaa irraa argama waan ta’eef. Akka madda ragaa lammaffaatti immoo, barreeffamoota
waa’ee faaruu baye-bayee irratti barreeffaman sakatta’uun kan adeemsifameedha.
karaa Waajjira Aadaafi Tuuriizimii aanichaa gaafatee ragaa namoota kanarraa argachuu
danda'eera.
Malli iddateessuu qorannoo kanaas kan tokkoon tokkoo namoota kanaa bira gahuun
odeeffannoon irraa funaaname mala iddatteessuu miti carraa keessaa mala darbaa
dabrsaatiin. Sababni malli kun filatameefis akka Addunyaan (2011) Denscombe
wabeeffachuun ibsetti, “Namoota qorannichaaf odeeffannoo barbaachisu kennan
iyyaafachuun, itti guuta odeeffannoo argameetiif namichi odeeffannoo kenne sun kan biraas
akka eeru taasisuudha.” jechuun ibsa.
Haaluma kanaan namoota odeeffannoo qorannichaaf barbaachisu kennan iyyaafachuun irraa
funaanname. Odeeffannoo argachuuf namichi odeeffannoo kenne sun kan biraas akka eeru
taasisuudha. Darbaa dabarsaa kan jedhameefis odeeffannoo dabalataaf odeef-kennitoota
kanneen biroo eeruun waan gaggeeffameef. Malli darbaa dabarsaa kun irra caalaa kan
filatameef namoota faaruu baye-bayee beekan waan hin beekneef namoota faaruu kana
sirritti beekaniifii odeeffannoo bal’aa kennuu danda’an kan argattu mala kanaan waan ta’eef
filate.
Qorannoon akkamtaa dhugaa hawaasa tokko keessa jiru bira gahuuf mala funaansa ragaalee
adda addaatti fayyadamuu danda’a. Haaluma kanaan odeeffannoo qorannoo kanaaf
barbaachisoo ta’an funaanuuf meshaalee funaansa ragaalee adda addaatti dhimma bahamee
jira. Meeshaaleen funaansa ragaalee kunneenis afgaaffii, marii garee, daawwannaafi
sakatta’a harshammeeti.
3.5.1. Afgaaffii
3.5.3. Hubdaawwannaa
Qorannoodhaaf ragaalee funaanuu keessatti meeshaaleen qorannaa kan Qoratichi funaansa
ragaaleetiif filatee inni biraa hubdaawwannaa yoo ta’u, kunis guyyaa dubartoonni aanichaa
sirna fuudhaa heerumaa irratti faaruu baye-bayee faarsan qaamaan daawwachuun ragaalee
funaannachuun qorannicha irra caalaatti bu'a qabeessa taasisa. Sababni isaas daawwannaan
qorannoo dirreetiif filatamaa akka ta’e, Dastaan (2013) “…akkaataa itti dalagan,
haasawaan, sochii isaaniifi k.k.f. ilaalaniifi dhaggeeffatanii galmeeffachuuf nama fayyada.”
jechuun ibsa.
Itti dabalees yaaduma kana Addunyaan (2011) akka kanaa gadiitti cimsa. “Qorattoonni
haala jiruufi jireenya hawaasaa irratti qorannoo gaggeessuu barbaadan odeeffannoo kan
argatan waan daawwatan, mari’atan, argan, haala naannoo jiruufi jireenya hawaasichaa
ilaalchisee waan dubbisaniifi kan kana fakkaatan irraatti” jechuun ibsa waan ta’eef malli
kun filatamee jira. Qoratichi daawwannaa kana kan taasisu guyyaa cidhaa aanichatti iddoo
adda addaa keessatti taasifamu irratti hirmaachuun faaruu baye-bayee dubartoonni guyyaa
sana faarsan daawwachuun faaruu faarfatamu suursagaleen waraabbachuufi yaadannoo
qabachuun ragaa funaannatee jira.
38
Boqonnaan kun iddoo gaaffilee bu’uraa boqonnaa tokko keessatti ka’aniif deebii argachuuf
jecha odeeffannoowwan meeshaalee funaansa ragaalee boqonnaa sadi jalatti ibsamaniin
odeefkennitoota irraa walitti qabaman bakka hiikni itti kennamuudha. Kunis kaayyoo gooree
qorannichaa milkeessuuf qaaccessi ragaalee qorannoo kanaa kan itti adeemsifamudha.
Haaluma kanaan odeeffannoowwan afgaaffii, marii garee, daawwannaafi sakatta’a
harshammeetiin iddattoota irraa funaanname mala akkamtaatti gargaaramuun qabiyyeewwan
adda addaatti qoqqooduun qaacceeffameera. Adeemsa qaaccessa ragaalee qorannoo kanaa
keessatti odeeffannoowwan odeefkennitoota irraa funaannaman waldeeggaruun iddoo
tokkotti qaacceffamee akka armaan gadiitti kan dhiyaateedha.
Akka ragaan afgaaffii, marii gareefi daawwannaan odeefkeenitoota irra argame ibsutti,
faaruun baye-bayee faaruuwwan guyyaa cidhaa faarfataman yookiin weeddifaman kanneen
akka hamoommota, weedduu loonii, Ashoo Ashilaa, Tar Taarii, fayfaayyoofi kan kana
fakkaatan keessaa tokko yemmuu ta’u, qabiyyeewwan faaruu baye-bayee Aanaa Qoree
gurguddoon isaan armaan gadiiti. Isaanis: Abbaafi haadhatti nagaha dhaamuu, hiriyyaa
faarsuu, intalti heerumtu of faarsuu, obbooleeyyan faarsuu, geegayoo gaafachuuf,
dubbataa/keetticha arrabsuu, gurbaafi warra gurbaa fuudhu arrabsuu, masaanuu arrabsuu,
fira du’e ittiin yaadachuufi kan jirutti nagaha dhaamuudhaaf faarfatamuudha.
Qabiyyeewwan kanneenis akka armaan gadiitti hiikni itti kennameera.
Akka ragaan sakatta’a harshammeetiin argame ibsutti, intalti abbaarra haadhatti dhiyaatti.
Amalli hojii isaaniis walitti isaan dhiyeessa. Intalti takka yeroo mana warraa jirtutti hojii
mana keessaatiinis ta’ee hojii alaatiin haadha ni gargaarti. Yeroo heerumtu garuu, gargaarsi
kun ni hafa. Ba’aan hojii mana keessaa hundumtuu haadharratti dabalama jechuudha.
Kanaaf, ulfinna
hojii sanaa waan beektuuf guyyaa heerumtu faaruu baye-bayee kanaan haadha isheef waan
baay’ee dhaamti. Kunis, intalli haadha ishee wajjiin waan baay’ee dabarsuu kan
agarsiisuudha. Hojii adda addaaf bu’aa bahii heddu keessa wajjiin ce’aniiru hojiiwwan dura
wajjiin hojjachaa turan haadha ishee qofa irratti hafuun waan ishee yaachiseef faaruu baye-
42
bayee kanaan haadha yaadachiiftee marartee haadhatti uumti (Huseen Badhaasoo, 2000).
Yaaduma kana caalmattii hubachuuf bayee-bayee armaan gadii haa ilaallu
Fakkeenya 1.
Bayee-bayee 2x maaltu waarii wawwaari’aa yoo anaaf aayyaa malee
Maaltu tulluu shan qaari’a yoo anaaf saayyaa malee
Saayyallee daayee gala
Kan duutee hin galle anaa
Hin deebi’uu mananattii
Haadha tiyya nagayatti.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Fakkeenya 1ffaa irraa kan hubatamuu shamarraniif haawwonni hojii baay’ee halkan wajjiin
dhama’aa dalagaa bulu. Kana ibsuuf yaaddee “Maaltuu waarii wawwaari’aa yoo anaaf
aayyaa malee” jetti. Kana malees durbi Arsii loon yeroo maatii ishee bira turte halkanii
guyyaa obbolleewwan ishee dhiiraa wajjiin waan eegaa turteef loon kana keessaa kan
jaalattuu akka kennaniif barbaaddi “Maaltu tulluu shan qari’aa yoo anaaf saayyaa malee,
saayyalee daayee galaa” jechuun yeroo loon maatii ishee tiksaa turtetti loon fagoo yaaftee
tiksaa akka turteefi loon yoo badan lafa suufanii akka galaa turan ibsuu barbaaddeeti. “Hin
deebi’uu mananattii haadha tiyyaa nagaatti” jechuun akka saawwanii san daayee hin galuu
takka ofii irraa na baaftanii nagahaan naa jiraadhaa hin galaaf naan eeginaa jechuun
haadhatti nagaha dhaamachuu barbaaddeeti. Ittii dabaluunis akkas jetti.
Fakkeenya 2
Bayee-bayee 2x haati tiyyaa Simbiyyoon qamadii hafte daaktee
Haati tiyya Aashiyyoon takkattii qabdu baaftee
Takkattii ilma keessaa
Mee baasaa galgaleessaa
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Fakkeenyi 2ffaa n kan agarsiisu haati intala heerumtuu ko’eettii yookiin immoo tan nama
biraa kan qarqaaru hin qabne ta’uufi intalti heerumtu haadha isheetiif takkattii ta’uu fi haati
ijoollee dhiiraa malee akka hin qabne kan mul’isudha. Kanuma irraa ka’uudhaan mee
harmee si haa mararuu silaa deemuun koo hin oollee xiqqoo natti furaatii baasaa koo
galgaleessaa jechuu barbaaddeeti. Kana malees akkas jechuun faarsiti.
43
Fakkeenya 3
Bayee-bayee 2x garambaan caccaafame
Haadha tiyyaa Aashiyyoo baasaan geennaan mar’umaan na raafamee
Mar’umaan ka jaalalaa
Ormi sanuu nu maamalaa
(Madda: Afgaaffii, Dabale D)
Faaruun fakkeenya 3ffaa kan ibsu, intalli heerumtu garaan maatii ishee biraa bahuu yookiin
deemuu kana yoo dadhabe haadhatti mararee uumuuf jettee “Garambaan Caccaafame”
jechuun gosa biqiloota keessaa mukni garambaa jedhamu mammaramee jechuu isheeti
“Haadha tiyyaa Aashiyyoo baasaan geennaan mar’umaan na raafame”. Yeroon bahiinsa
ishee geennaan garaa ishee wajjiin garaan haadhaallee akka raafamuu gochuu barbaaddeeti.
“Haadha tiyyaa Aashiyyoo mar’urmaan ka jalalaa ormi sanuu nu maalala” jechuun immoo
intalti heerumtuufi haati intala heerumtuullee yeroo baasaan intalaa gahe garaan jaalalaa
garmalee waan boochisuuf alagaan garuu, booyicha isaanii kana akka waan isaan fayyaa hin
qabneetti kan maalalan yookiin ajaa’ibsiifata ta’uu isaa agarsiisuu isheeti.
Gama birootiin intalli heerumtu akkuma haadhaaf gaddaaf mararee dhaamtu abbaaf
Obboleeyyanillee garaa laffifattee loon irraa fudhachuuf faaruu baye-bayee armaan gaditiin
faarsiti.
Fakkeenya 4
Bayee-bayee x2
Bona haree, ganna haree
Qamaaca’uu harka kiyyaa
Bona tiksee ganna tiksee
Abbaa kiyya Gabiyyoo
Mee silgaa mana aayyii naa gayyaasi
Yoo arriyyoo naa fooyin
Gaaf du’ellee naa booyin
Booyumallee naa dhufin
Hirmiillee naa hin tufin
Hin deebi’uu mananatti
44
4, 6, 9
Akka odeeffannoon afgaaffiifi marii garee odeefkennitoota (Dabalee D) irraa argame
ibsutti, jaalalli hiriyaa durbi qabdu tokko kan dargaggeessaa yoo ta’u inni biraa immoo kan
hiriyyoota durbaati. Baye-bayee keessatti jaalala dargaggeessaaf qabdu ibsuuf ni saalfatti.
Kanarraa kan ka’e intallii heerumtu hiriyyoota isheetii faaruu baye-bayee kanaan dhaamsaaf
ergawwaan baay’ee dabarsiti. Kanas akkas jechuun faarsiti.
Fakkeenya 5
Bayee-bayee x2
Callee diree ta dachaa torbaatamaa
Goshoon dhufte ta wayta kolfaa taphaa
Golallee gollo taraa
Goshoollee gosho tara
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruu baye-bayee fakkeenya 5ffaa kan agarsiisu intalti heerumtu takka gaafa heeruma ishee
obboleewwaniif hiriyyoota isheetiin gargar bahaa waan jirtuuf garaa nyaattee yookiin
mararoo isaanii qabdu faaruu baye bayee kanaan kan ibsattu ta’uu isaati.
Faaruun armaan olii kun kan ibsu; shamarran faaya ittiin ofi bareechaan haala midhaagaaf
bareeda ta’een tolfachuu, akkasumas hiriyyootaa ishee keessaa kan icciitii itti himattu akka
kutaa manaa isa balbalattii aanuttii osoo hin taane, kutaa manaa kan haati manaa icciitii
keessa kaayattu yookiin boorootti akka ilaaltu ibsuu barbaadeetti. Gaddaafi gammachuus
45
ta’ee rakkoo biraa wanta ishii dhibe hunda hiriyyaa aantee tana wajjiin kan mari’attu ta’uu
ishee kan agarsiisudha. Haluma wal fakkaatuun hiriyyaan kafana akkas jechuun faarsit.
Fakkeenya 6
Bayee-bayee 2x
Urgoo maroo ni jaaladhaa
Hinaarii dabarfadha
Goshoo durbaa ni jaaladha
Amiyyoo dabarfadha
Martinuu naa qixxe’e
Amiyyoon naa dhikke’e
Hirishaa harka callee
Kan jaalalaa darboo adda galle.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruun baye-bayee fakkeenya 6ffaa kan ibsu intalli heerumtu hiriyyoota ishee hunda wal
qixxee akka hin jaalannee kan mul’isuudhaa “Urgoo maroo ni jaaladhaa, siinnaarii
dabarfadha” jechuun urgoon maroo meeshaa dhadhaa keessa kaayan kan haalan dhadhaa
urgeessu jechuun yommuu ta’u “Goshoo darbaa ni jaaladhaa Amiyyoo dabarfadha, martinuu
na qixxee Amiyyoon naa dhikkee” jechuun hiriyyoota koo hundaa caalaa kan icciitii koo itti
himadhu Amaanee isaan kaawwan caalaa baay’ee jaaladha jechuu isheeti “Hirishaa harka
callee kan jaalalaa daraboo adda galle” jechuun; hiriyyoota kolfaaf tapha wajjiin dabarsaa
turaniin nagahatti jechuu isheeti.
Fakkeenya 7
Golaa bahee hayi golloo ati badii
Gosaa bahee hayi goshoo ati badii
Goshoo dhiiraa karattuu wal argina
Goshoo durbaa mana teennee ijumaan wal hawwina
Inaarii mataa jalaa ani gossee gossituuree
Hiriyyaa kolfaa taphaa ani obsee obsituuree?
Fakkeenya 8
Goshoo tiyya 2x beena mee ala baana,
Addaarriyyoo beena mee miila taana,
Miillinuu miila hin gituu,
46
Akka odeeffannoon afgaaffiifi marii gareetiin odeefkennitoota irraa argame ibsutti, intalti
takka gaafa heerumtu waa’ee ofii waan ishitti dhagahame hunda gaddaafi gammachuu ishii
akkasumas yeroo turtii ishii keessatti haadha, abbaa, obboleessa, obboleettiifi fira ishii
hangam gargaaraa akka turte faaruu baye-bayee kanaan faarsaa nama hunda garaa raasitee
nagaha itti dhaamaa isheefis hireen gaariin akka ishii qunnamu hawwiti.
Kana malees, hiriyyoota ishiitiin bakka ishii bu’uudhaan haadha ishii akka gargaaran
cimsitee faaruu baye- bayee kannan ergaa ittiin dabarfatti 1, 3, 12 (Dabalee D).
Fakkeenya 9
Baddaa bayaa 2x ee bade sangaa kiyya,
Guftaa hin beekuu ee bade martii kiyya,
Yoom taa’ee si suruba,
Shaashimaan si luxuba.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Akkuma beekkamu dubartoota Oromoo biratti kunuunsi rifeensa dubartootaatiif godhamu
iddoo guddaa qaba. Faaruu baye bayee armaan olii irraa wanti hubatamus kanuma.
Akkuma faaruu baye bayee armaan olii irraa hubachuun danda’amutti intalti takka guyyaa
heerumte irraa kaasee kabaja eeggachuuf jecha akka yeroo hin heerumnii mataa qullaa
yookiin akka feetetti deemuu hin dandeettu. Kanarraa kan ka’e yeroo hunda mataa yookiin
rifeensa ishii shaashii waan itti hidhattuuf rifeensi koo narraa dhuma jettee yaadda’uu ishee
faaruu baye bayee kanaan jaalala rifeensa isheef qabdu ibsatti. Kana malees hanqinna yeroo
irraan kan ka’e akka durii sana yeroo mara teettee isa kunuunsuu dhabuu ishii kan
agarsiisudha.
Fakkeenya 10
Gidoo malee gabayaan wal hin bittuu,
Tiyya malee gabayaan hadha hin jirtu,
Gabayaa arma gadi,
Gabayaa hadhaa badi.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
47
Intalti heerumtu takka guyyaa cidha ishee guyyaan sun guyyaa maatii ishii irraa adda baatee
maatii haaratti makamuuf deemtuu yookiin maatiifi fira isheetiin adda baatuu waan ta’eef
guyyaa sana akka guyyaa gaddaatti fudhattee “Gabayaa arma gadii gabayaa hadhaa badi”
jechuun baye bayee faarsuun guyyaa sana abaa ergaa ishii dabarfatti.
Fakkeenya 11
Eennutu waarii wawwaari’a yoo anaaf aayyaa malee,
Eennutu Tulluu san qaari’a yoo anaaf saayyaa malee,
Saayyalee daayee galaa
Ta duutee hin galee ana.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruun baye-bayee kun kan inni ibsu intalti heermtu sun guyyaa heeruma ishee sanarraa
kasee haati ishee kophaa hafuu isheefi horiin dura ishiin tiksaa turte sun lafa suufee galus
amma booda ishiin deebitee kan hin galle ta’uufi miseensa maatii isaanii keessaa bahuu
ishee kan ibsudha.
Fakkeenya 12
Biyya booruu 2x Booranaa leenci aade,
Ana dhiisii loowwantu lafa yaade,
Loonillee waatii qaba,
Biyyasii ani maal qaba.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Baye-bayeen kun gaafa heerumte sanaa eegaltee lafa dura hin beekneefi nama dura hin
beekne bira dhaqaa waan jirtuuf “Loonillee waatii qaba ani biyyasii maala qaba”
jechuudhaan biyya hin beekneeffi nama hin beekne bira dhaqaa jiraachuu faaruu baye bayee
kanaan gadda ishii kan ibsattu ta’uu faaruun baye bayee kun ni agarsiisa.
Fakkeenya 13
Gogaa arbaa dhiitanii albeen basaqanii,
Naasuu duraa qoma dhiisii qoorraraan baqaqanii,
Urgaa ganyaan karaa gahee,
Urgaa nahee lafa dhahee,
Yoom deebi’ee nama ta’e.
(Madda: Afgaaffii Dabalee D)
48
Intalti heerumtu takka faaruu baye-bayeetiin yemmuu waa’ee ofii ibsitu naasuun guyyaa
ishii kadhachuuf warri gurbaa mana isaanii dhufan qomaa qoorra ishii qabe hanga guyyaa
heeruma isheetti kan irraa hin banne ta’uu faaruu armaan olii irraa hubacuun ni danda’ama.
Akka odeeffannoo afgaaffiifi marii gareetiin odeefkennitoota irraa argame ibsutti intalti
takka guyyaa heeruma ishii abbaafi haadha akkasumas firaafi hiriyyoota ishii keessattuu
obboleeyyan ofii faaruu baye-bayee kanaan faarsitee gara nyaattoo guddaa itti uumuudhaan
boottee ummata boochisaa ergaa garaa ishee kan ittiin dabarfattuudha 5, 7, 11 (Dabalee D).
Fakkeenya 14
Baatiin baate 2x baate moo garaa jirti,
Garaan aayyii Asiyyoon dhufte moo karaa jirti?
Yoo dhufte natti waamaa,
Yoo hin dhufnee itti dhaamaa,
Galaannuu hin ceesisu,
Garaanuu hin teessisu,
Isiinuu dhufa hin didne,
Isintu itti hin himne.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruu armaan olii irraa wanti hubatamu durbi heermtu takka obbolleewwan ishii kan dura
heerumanitti nagaya dhaamachuufi faarsuuf yoo dhuftee jiraatte natti waamaa yoo hin
dhufne ta’e ergaa itti naa ergaa isintu itti hin himni malee ishiinuu osoo dhageettee dhufuu
hin didduu garaanuu ishii hin teessisu galaanni guutee homaa dhufuu ishii hin dhoorguu
isinumatu hin waamuu dhiise jechuun maatii ofii komataa jaalala obboleettiif qabdu kan
ittiin ibsattu ta’uu ishiiti.
Fakkeenya 15
Citaa golaa 2x jabbileen sissiphatte,
Garaa aayyii Gabiyyoo, haganaaf na hifattee?
Intalaan na bitattee,
Intalti sii haa hortu,
Idooteen naa haa toltu.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
49
Gama biratiin obboleessa ishii kan fuudha walgaraa ishiin jijjiirraa fuudhe qeequun booda
immoo isaafi tan inni fuudhellee eebbiftee ofiillee waaqa kadhattee eebbi fudhattee
bayuudhaaf kan faarfattu ta’uu faaruu baye bayee kanarraa hubachuun ni danda’ama. Karaa
biraatiin obboleessa isaas akka armaan gadiitti faarsitee garaa raafti.
Fakkeenya 16
Karaa dheeraa 2x gaange’een gabaabsani,
Garaa aayyii Urgiyyoo qawwe’een araarsani,
Eega qawwee sii hin bitinii,
Eega gaangee sii hin fidnii,
Raada warraa ma hin didini?
Raadattii qalaa jedhi,
Ani gaabbee galaa jedhi.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Guyyaa heerumaa intalti heerumtu obboleessa ofii farsuun waanuma jiru. Faaruun armaan
olii kuni kan ibsu intalti takka kennaa guyyaa heeruma ishee isaaf kennamu kennaa raadaa
sana fudhachuu didee gatii qawwee akka gaafatu yoo qawwee sii fiduu didan raadatti isaanii
didii na hambifadhu yookiin heeruma guyyaa hadhaa na oolch jettee miira keessa
galuudhaan sagalee baay’ee garaa nama raasuun obboleessa ufii kan faarfattu ta’uu ibsa.
Akka odeeffannoon afgaaffiifi marii gareetiin odeefkennitoota irraa argame ibsutti, Intalti
heerumtu takka guyyaa cidha ishii gosa ufii faaruu baye-bayee kanaan faarsitee geegayoo
argachuuf jechoota garaa nama raasaniin miira isaanii kakaasaa yookiin sissi’eessaa ergaa
kan ittiin dabarfattuudha 6, 7, 8 (Dabalee D).
Fakkeenya 17
Hora jedhee 2x Shaalliyyoo bu’ullee si hin dhiqadhu,
Gosa jedhee sa’iyyoo du’ullee si himadhu,
Sa’iyyoo qarree lagaa,
Afaaniin carree naqa.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruu armaan olii kun qabiyyee geegawoo gaafachuu kan of keessaa qabu yoo ta’u kunis
intalti sun yoo gosa ufii irraa geegawoo hin argatinii gosa san maqaa dhooftee isin
50
afaanumaan na sobdan malee horiin harkaa isin hin bahu waan ta’eef hanga fedhellee
rakkadhu gosa tiyya jedhee isin hin himadhu jechuun kan gosa ishii faarsitu ta’uu agarsiisa.
Itti aansuunis faaruu baye bayee armaan gadii kana baafatti.
Fakkeenya 18
Re’een Baalee 2x baala malee qurantaa nyaattee hin beettu,
Yarattullee teenna sanyiin qumaantaa deettee hin beettu,
Qumaantaa dayuu dhiisii,
Dhiirattuu seentee hin beettu.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruu baye-bayee armaan olii irraa kan hubatamu immoo aadaa Oromoo keessatti duudhaa
fi safuun kabaja guddaa qabaachuu kan ittiin faarstu yemmuu ta’u, maatiin yookiin immoo
sanyiin isaanii duudhaafi safuu kan kabajan waan ta’eef ishiinis duudhaafi safuu sana
eeguudhaan qarree yookiin durbummaa qabaachuu ishiitiin boonuu yookiin dhaadachuu kan
agarsiisudha.
Odeeffannoon afgaaffiifi marii gareetiin odeefkennitoota irraa argame akka ibsutti, akkuma
maqaa isaa irraa hubachuun danda’amutti faaruun baye-bayee intalti heerumtu warra ishee
irraa adda bahuun gosa warra gurbaatti dabalamaa jiraachuu hiriyyoota ishee wajjiin ta’uun
faarsuun kan ittiin ibsattuudha. Faaruun kunis sagaleen olfuudhamee boo’ichaan dabalamee
dhiyaata. Sababni isaa durbi yeroo faaruu kana faarsituu jireenya dabarsite yaadachaa
2, 10, 13
yookiin dhundhumuun boossi jedhu (Dabalee D). Faruu yeroo hamoommonni dhufu
jedhamu kunis:
Fakkeenya 19
Bayee-bayee 2x duudee jennaan
Alagaan gaaraa duude
Duudee jennaan garaa aayyii
Mogoleen ana buute
Mogolee buute laali
Abbaa kiyyaa mee takkaa natti laanii
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
51
Faaruun olii kuni kan isheen ibsitu shamareen heerumtu yeroo hamoommonni dhufee farda
irraa bu’u faaruu kanaan “Duudee jennaan algaan gaaraa dude, duudee jennaan garaa aayyii
mogoleen ana buute” kan jettuu obboleessa isheetiin dhufaatii warra na fuudhuu kanattii
baay’ee rifadhee jechuu barbaaddeeti. Akkasumas; “Mogolee buute laali abbaa kiyyaa mee
takkaa natti laanii” kan jettu immoo abbaan ishee akka hamoommonni dhufeen akka ittii hin
kennine xiqqoo galgaleeffachuu akka barbaadu ibsachuu barbaaddeeti. Itti ansuunis faaruu
armaan gadii faarfatti.
Fakkeenya 20
Bayee-bayee 2x
Duudee dhufee warri isaa
Kafaradoo balaqqanii
Balaqqan ittiin bulii
Hin jedhadhaa natti furii
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruu olii kanaa irraa wanti hubannu warra intalaa fuudhuu dhufuuf kan jedhamuu dha.
“Duude dhafe worri isaa ka faradoo balaqqanii” jechuun warri faradoo bobbooqaa yaabbatan
dhufuu isaanii ibsuu isheeti. Akkasumas; “Balaqa ittiin bulii ni jedhadhaa nattii furi” kan
jedhu faradoon teessan umrii dheeraa isiniif haa qabaattuu gaddaaf gammachuu qabu
dhaamadhaa naan arifachiisinaa jechuun gosa itti heerumtu kadhaachuu ibsuudha. Kana
malees;
Fakkeenya 21
Bayee-bayee 2x
Ittuu dhugaa sabaree
Maaf qammansaa
Ittuu dhaqaa warrallee
Maaf arrabsaa
Waan arrabaa naa nagayaa
Eebba gosaa fudhee bayaa
Fakkeenya 22
Mana guddaa haranii mallassanii
Gosa guddaa maal jedhanii arrabsanii
Waan arrabaa naa nagayaa
52
Odeeffannoon afgaaffiifi marii gareetiin odeefkennitoota irraa argame akka ibsutti, intalti
heerumtu takka guyyaa heeruma ishii hiriyyootaafi dubartoota waliin ta’uun heerumni
yookiin nyaapha dhaquun abaarsa uumaatiifi hiree jallattuu dubraa ta’uu isaa mararfataafi
4, 6, 9
hirqinfataa bootti jedhu (Dabalee D). Kanas akka armaan gadii kanatti faaruu baye
bayeetiin faarfatti.
Fakkeenya 24
Bayee-bayee garambaan lachoo gahee
53
Fakkeenya 28
Hora bu’aa 2x kurkurri hin bookkisa,
Haga du’aa gurgurri hin boochisa,
Gurgurri du’a biraa,
Hin duunee ima jira.
Fakkeenya 29
Tulluu hachee 2x diqqayyoo gorbi kore,
Gorba dharaa abbiyyoon durba hore,
Hin bayaa na dabarsi,
Harka kee narra marsi.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Akkuma fakkeenyota 27-29 irraa hubachuun danda’amutti,warri koo akka na heerumsiisuuf
ta’an natti himee ture natu hin beekkanne malee,beekkadhus heerumni uumama waan ta’eef
naa hin ooltuu xiqqoo natti furaa ergaa dabarfadhaa, akkasumas heerumni durbaa hanga
du’aa kan ulfaatuufi nama boochisu ta’us hin duunee hafee jira ergaa jedhu kan of keessaa
qabuuf abbaan ishii ijoollee durbaa malee dhiira akka hin qabneefi durbi immoo horoo akka
mana abbaa hin turre ibsaa harkaa narra marsii eebbaan na gaggeessii jechaa faaruu
baye-bayee kanaan kan dhaamattu ta’uu isaati.
Sirna fuudhaa heeruma Oromoo Arsii keessatti guyyaa cidhaa intalti heerumtu faaruu baye-
bayeetiin akkuma haadha, abbaa, firaafi hiriyyaa faarsitu gurbaa jaalaas faarsuudhaan
amaanaa itti dhaamatti jedhu 1, 3, 12 (Dabalee D).
Fakkeenya 30
Gaara nana 2x yoo qarallee gaara taate hadha naa ta’i labba,
Gurbaa jaalaa yoo qarallee jaala taate hadha naa ta’i abbaa,
Akka kophee faana jalaa,
Ani faana tee jala.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruun armaan olii kan ibsu worra itti heerumtu keessaa jaala isheetiin har’a irraa eegalee
ani sitti of keennee jira jaala qofaa mitii abbaallee, firallee naa ta’i jettee bakka abbaafi fira
ofii gurbaa jaalaa buufachuuf faaruu baye kanaan kan itti dhaamattu ta’uu agarsiisa.
55
Intalti takka gaafa heerumtu akkuma haadhaatti gaddaafi mararee dhaamtu abbaa,
Obboleessaasfi fira ishii garaa laaffifattee loon irraa fudhachuuf faaruu baye bayee faarsiti.
Intalti heerumtu faaruu baye bayee kanaan abbaa ishee geegayoo kadhachuuf loon baay’ee
akka kennuufis faaruu baye bayee kanaan akka gaafattu ragaan odeef kennitoota irraa
argame ni ibsa 5, 7, 11 (Dabalee D). Kanas akkas jettee faarsiti:
Fakkeenya 31
Gaara gamaa 2x osoleen wal ariite,
Nyaapha dhaqaa mogoleen walnahiite,
Mogolee ima obsa,
Madhumaan na shokossa,
Madhumaan gad deebsi,
Raadattii naa eebbisi,
Raadattiin naa haa hortu,
Idooteen naa haa toltu.
Fakkeenya 32
Waandhi bonaa 2x maal garaa ol fagaata,
Waandhi kiyya aabbiyyoon maaf garaa najjabaata?
Garaallee hin jabaatini,
Narraallee hin fagaatini.
Fakkeenya 33
Hadhallee natu tiksee borullee koreen tiyya,
Jaalattullee jibbitullee arriyyoon kophee kiyya,
Arriyyoon garaa raadaa aabbiyyoo garaa nyaata,
Arriyyoon ciise karra,
Wolumaan karaa tarra.
Yoo arriyyoo naan fooyin
Gaaf du’ellee naa booyin
Booyumallee naa dhufin
Hirmillee naa hin tufin
Hin deebi’uu mananatti
56
Faaruu armaan olii irraa akka hubatamutti intalli heerumtu guyyaa malee halkan dukkanaan
deemuun gaarii akka hin taaneefi abbaan ishii loon tiksaa turtee keessaa geegayoollee loon
dhibba xiqqaatee xiqqaatu loon shantama yoo hin fooyinii baay’ee akka isa komattu ibsuu
barbaaddeeti.
Akka odeeffannoon afgaaffiifi marii gareetiin odeefkennitoota irraa argame ibsutti, intalti
takka gaafa heerumtu keessumattuu yoo haadhaa abbaa keessaa tokko yookiin lamaanuu kan
lubbuun hin jirre ta’e nama du’e sana yaadachuun warra mara garaa balleessitee boochifti.
Kanas osoo isaan jiraatanii ciini ishii akka barreedu, geegayoonis sirritti akka kennamuuf
6, 7, 8
yaaduudhaan akka komiitti kaaftee faaruu baye-bayeen ibsatti jedhu (Dabalee D).
Kanas akkas jechuun faarsiti:
Fakkeenya 41
Aannan raasee 2x orooboo tutuffise,
Abbaa hin qabu ekeraa dudubbise,
Ka jiru ana gaya,
Afaaniin keessaa baya.
Fakkeenya 42
Abbaa kiyya, eessumitee Ushitee ka woyaan cubusite
Eessumitee Ukitee ka woyaan Cubusite
Ka hafee ana gayaa afaanumaan keessaa baya
Ka biyyeen dharraa baate nu’umaaf dharraa taate
Mee biyyee gadi mulqadhu
Takkattii natti mudhadhu.
Fakkeenya 43
Farda adii ati badi situ karaa kana baase,
Hiree durbaa ati badi situ biyyaa ana baase,
Biyyaa bayee laga shani,
Tiyya oduun haga sani,
Intalti biyyaa baate,
Hanga waan biyyee taate,
Ta biyyaa baate hin baddu,
59
Odeeffannoon afgaaffiifi marii gareetiin odeefkennitoota irraa argame akka ibsutti, intalti
heerumtu guyyaa heeruma ishii warra, firaafi hiriyoota ishiitti nagaa dhammachuufi
hamoommonni dhufe waa’ee warra isheefi fira warra ishee akka hubatu faaruu baye-bayeen
kanaan dhaamsaafi ergaawwaan gurguddoo baay’ee dabarfatti 2, 10, 13 (Dabalee D)
Fakkeenya 44
Calleen cittee 2x ta diraa torbaatamaa
Goshoon lixxe Safiyyaan ta hennaa kolfaa tapha,
Qaataa kolfee tattaphadha,
Amma gayee hin adabadha.
Fakkeenya 45
Karaa horaa 2x billiqqeen buutee bade,
Akka yoo henna durii billisee dhufuun hafte,
Qaraa karaa natu baase,
Amma karaan marga baase.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruuwwan fakkeenyota 44 fi 45 irraa hubachuun akkuma danda’amutti intalti takka gaafa
heerumtu hiriyyoota ishii duri waliin kolfanii taphachaa turaniin amma booda harka namaa
jala galee waan jiruuf akka durii kolfanii taphachuun hafee jira akka duriillee dhufee isin hin
60
gaafadhuu amma eenyutu isin gaafata karaan jaalalaa ani baase har’arraa eegalee marga
baasuu isaati jettee heerumuu isheetti gadduu agarsiisa. Itti dabaluunis akkas jettee faarfatti:
Fakkeenya 46
Golaa bahee hayi golloo ati badii
Gosaa bahee hayi goshoo ati badii
Goshoo dhiiraa karattuu wal arginaa
Goshoo durbaa mana teennee ijumaan wal hawwinaa
Inaarii mataa jalaa ani gossee turee
Hiriyaa kolfaa taphaa ani obsee obsituuree?
Fakkeenya 47
Mootii mukaa 2x ulaagaan dhaddachuma,
Osoo dhiiraa anillee kallachuma,
Kallachi karra hin cufu,
Wal argaan bara dhufu.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruun armaan olii kun kan ibsu shamarri takka gaafa heerumtu hiriyaa shamaraa qofatti
osoo hin ta’in hiriyaa dhiiraatittillee nagaha kan dhaamattu ta’uu isaa agarsiisa. Kunis
hiriyaa dhiiraa karattilee inuma wal arginaa dubartoonni manaa hin bayan waan ta’eef
eessattuu wal hin arginuu ani gama kiyyaan obsee jira isinis obsaa jettee kan itti dhaamtu
ta’uu agarsiisa. Kana malees, akkuma gosa mukaa keessaa dhaddachi mootii dhiirtillee
mootiidha. Ani kallacha akka dhiiraa waan hin taaneef seera uumamni natti mureen heeruma
heerume jettee dubartummaa ofii qeequudhaan teessan martinuu kanuma jettee dhaamsa
hiriyoota ishiitii dabarsiti.
Akka ragaan sakatta’a harshammeetiin argame ibsutti, seerri gurguboo sirna fuudhaa
heeruma Arsii keessaa tokko yoo ta’u, intala heerumsiisan takka warratu gurguboo waama
malee hanga feete namas lafas yaaddu fedhii ishiitiin kaatee warra hin dhaqxu. Osoo
gurguboo hin waamamin mana warra ishiitii yookiin aanaa warraatii namni du’ee yoo booya
dhaqxellee alumatti bootee akkuma ambaa achumaan miiluma dhaqxe saniin ofirra deebit
malee mana warraa hin seentu. Akka kana hin taaneef warri gurguboo daddafee akka waamu
61
guyyaa heerumtu san faaruu baye-bayee kanaan ergaa dhaammatti (Huseen Badhaasoo,
2000).
Fakkeenya 48
Hin dheebodhaa 2x sooqidda naa hin kurini
Yaadee badaa aabbiyyoo gurguboo naa hin turini
Geegayoon ayyaanuma,
Gurguboon awwaaluma,
Geegayoo loon sangootaa
Geggeessaa farsangootaa.
Fakkeenya 49
Gunaan jigee 2x haliilaa talka godhe,
Ani warrasii, jiraa dhiisii du’aallee harma hodhe,
Harma hodhuun worwaatuma,
Hagasi jetteen worraallee mammaakuma,
Hin deebi’uu mananatti,
Dubaroo nagayatti,
Weebileen laga gadi,
Ee hiree durbaa badi.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruuwwan fakkeenya 48 fi49 irraa wanti hubatamu dubartiin gaafa heerumtu abbaan ishii
daddafee gurguboo waamee horii seera gurguboo akka kennaniif dhaammachuu ishii
agarsiisa. Kana malees gosa yookiin warra itti heerumte sanaan ani har’arraa kaasee
teessanii ofitti na maxxanfadhaa jechuun amaanaa jechaa faarfattee akkuma geessiteen uffata
gaa’elaa isheef dhufe uffattee mimmiidhagdi.
Akka odeeffannoon afgaaffiifi marii gareetiin odeefkennitoota irraa argame ibsutti, Oromoo
Arsii biratti sirna fuudhaa heerumaa kaadhimatanii fuudhuun raawwatamu keessatti guyyaa
cidhaa faaruu baye-bayeen dubbataa arrabsuun aadaadha. Kunis intalli heerumtu bifaan,
amalaan, umriin, hojjaan, qabeenyaan, hojiifi kan kana fakkaatan sababeeffachuun dubbataa
yookiin keetticha, maatii gurbaa, firoota gurbaafi gurbaa fuudhu mataa isaa arrabsuun ergaa
gara garaa ittiin dabarfatti 4, 6, 9 (Dabalee D).
62
Fakkeenya 50
Hachee hachee 2x maraaroo baalli hachee,
Situ na godhee dubbataa fuudhu barshee,
Malla’aan boraafadhu,
Malkaan obaafadhu,
Daadhiin bulbuladhu,
Kallachaan gurguradhu.
Fakkeenya 51
Hanfalaan Miila kiyyaa kan garaa na jabeesse
Sabbanni diina kiyyaa kan biyyaa na fageesse
Yoo naaf toltee hiddii ardaa guutte ta’i
Yoo naaf dabdee daaraa bubbeen fuute ta’i
Fakkeenya 52
Bayee-bayee daakuu daakee aayyiyyoo,
Fudhu harcee situ galchee situ halche,
Dubbataa fudhu barsee.
Barseen durbaa si hubduu,
Tiyya keessan si haa gubduu.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Akkuma faaruu baye-bayee armaan olii irraa hubachuu danda’amutti keetticha yookiin
dubbataa maatii lamaan giddutti dubbii dubbataa ture intalti gaafa heeruma ishii arrabsuun
yookiin abaarachuun aadaadha. Kunis dubbataa ishii heerumsiiseen yoo bakki ati naa argite
kun naa tolte sii haa toltu yoo osoo beektu itti na heerumsiiftee bakki ati itti na heerumsiifte
tun naa dabde cubbuun si haa qabdu tiyya keessaan si haa gubdu jette faaruu baye-bayeen
arrabsiti.
4.1.14. Gurbaa Fuudhu Arrabsuu
Odeeffannoon afgaaffiifi marii gareetiin odeefkennitoota irraa argame akka ibsutti, maatiin
intalaafi maatiin gurbaa soddummaa dura qabeenya isaanii walqoratu. Yoo qabeenyi isaanii
walgite malee walitti soddoomuu hin barbaadan. Kunni kan mul’isuu qabeenyaan kan
walgituu baay’ee wal hin rakkisu qicaafi kutaa walii hin eeggatu jedhanii waan amananiif.
Yoo akka tasaa qabeenyaan kan wal hin madaallee wal fuudhanillee firoonni itti hin
gammadan. Sababiin isaa warrii isaa boruu liqaafi kutaa lafaaf akka isaan gaafachuu
63
danda’uufi qixxee namaa qotuuf gara warraa ollaa akka deemee maqaan isaanii baduutti
waan ilaalaniif 1, 3, 12 (Dabalee D).
Fakkeenya 53
Bayee-bayee 2x duuro roobee baradaan gadi xoxaa
Tikaa galee hansaraa lafaa qocaa
Hayi biyyee lafa qocii
Gadi bahii lafa qotii
Qotiyyoon qotuu hin dinnee
Simatuu nama hin jirre.
Fakkeenya 54
Bayee-bayee x2 leemmaan duuroo ka qacceen unkuruuraa
Ani hin qotuu inni hin qotuu qolletuu nu xuruuraa.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruu armaan olii irraa wanti hubatamu gurbaan intala fuudhu qabeenya ittiin maatii horatu
kan hin qabneefi hojiis kan hin jaalanne ta’uu, “Inni hin qotu ani hin qotu qolletu nu
xuruura” jechuun faaruu baye-bayee kanaan arrabsitee akka inni xiiqii keessa galee hojii
hojjatee qabeenya horatuufi ishiis horachuu danda’u kan ergaa ittiin dabarfattu ta’uu
agasiisa. Kana malees faaruu itti aanu kanaan gurbaan itti heerumaa jirtu kun umriinis akka
ishii hin madaalle akkas jechuun ibsatti.
Fakkeenya 55
Gaara gamaa osoleen rimeetti’ii
Argaa sobdii gurbattiin cimeetti’ii
Cimummaa qabduun bulii
Hin jedhadhaa mee takkaa natti furii
Fakkeenya 56
Horaa galaa 2x sangiyyoon humbaa jedha,
Ana sobaa aabbaan kiyya dullachaan gurbaa jedha.
Garaa aayyii Gammiyyoo laga bu’ii kophee jijjiifadhu,
Gurbaa worraa laga bu’ii qamaacaa gadi dhiqadhu,
Ka qamaacaan kokkee gahe,
Fuudha tiyyaaf manaa baye.
Fakkeenya 57
64
Fakkeenya 58
Akka lagaa 2x burqituun hin bubbiftu,
Akka haadhaa mata fileen na hin guddiftu,
Mataa filii ol buqqisi,
Ani daa’imaa na guddisi,
Harma hodhaa na hin guusini,
Ilma ormaa irbitee na hin buusini.
Fakkeenya 59
Gindoo hodhee 2x gingilchaan daboola’a
Gurbaa woaraa ka qalbii ofoolla’a,
Ofoollii muka dhayi,
Gosumaan ana gayi.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruuwwan baye-bayee armaan olii kan ibsu intalti heerumtu gurbaa fuudhuun mataa filtee
duwwaa oliifi gadi hin deeminii erga haadhaafi abbaa koo biraa na baafte sirritti na
kunuunsii jiruufi jireenya na barsiisi jettee yoo kana ta’uu baatte ati silaa qalbii tee
ofoollaadha ofoollii muka dhahii ana gosumaan na gahi jettee sodaachisuu agarsiisa.
65
Fakkeenya 61
Biyya tiyyaa 2x daldaltuun harree rartee,
Biyya isaa hamattuun tarree galte,
Hamumaaf shushullifti,
Yoom teettee na guddifti.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruu armaan olii irraa kan hubachuun danda’amu warri gurbaa akka warra ishii qotatee
kan hin beekneefi kan gabaa bitataa bulu ta’uu ishiin immoo gabaa bitattee buluu kan hin
beekne waan ta’eef warri gurbaa qotatee akka ishii eegu ergaa dabarfachuuf faaruu
faarfatamu agarsiisa. Kana malees biyya isaaniitti hamattuun hojii hojjachuu caalaa
hamumaaf oliif gadi kan fiigdu ta’uu faaruu kanaan warri gurbaa amala kanarraa akka
sirraahan faaruu baye bayee kanaan arrabsoon madeessiti.
66
Odeeffannoon afgaaffiifi marii gareetiin odeefkennitoota irraa argame akka ibsutti, intalti
heerumtu takka guyyaa cidha ishii akkuma gosa ofii faarsitu gosa gurbaa fuudhuu immoo
6, 7, 8
faaruu baye-bayeen arrabsaa ergaa dabarfachuun aadaadha (Dabalee D). Kanas faaruu
kanaan dhugoomsu.
Fakkeenya 62
Gosti aayyaa 2x Weegiyyoon mismaariin dallawatti,
Gosti aabbii Shiriyyoon mismaariin dallawatti,
Gosti worraa Sa’iyyoon maxaanaa walkadhatti,
Maxaanaa hin yaabbadhu,
Farsangaa na kadhadhu.
Fakkeenya 63
Gosa aabbii 2x ulfaattuu ulfinnaan si beekani,
Gosa aayyii ulfaattuu ulfinnaan si beekanii,
Gosa warraa salphattuu salphinnaan si eegani,
Salphinni si hin dhiisini,
Ekeraan si ciisinii.
Fakkeenya 64
Qaata dheedaa 2x maxaanaan marga shafe,
Qaata deemaa daadditee alagaan hadha rafe,
Alagaa afaan firaa
Dhagaraan garaa jira.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Akkuma faaruu armaan olii irraa hubachuun danda’amutti intalti heerumtu guyyaa cidha
ishii gosa abbaafi haadhaa faarsaa gosa gurbaa fuudhuu immoo arrabsiti. Kunis, fakkeenya
62, irraa akka hubatamutti warri gurbaa fuudhuu farda maxaanaa malee farda sangaa kan hin
qabnee ta’uufi farda sangaa yoo barbaadan abbaa ishii kadhatanii akka ishii yaabbisanii
galatanniin kana ta’uu baannaan farad maxaanaa yaabbattee isaan faana akka hin galle gosa
gurbaa arrabsoon akeekkachiisuu ishiiti. Fakkeenyi, 63 immoo gosa haadhaafi abbaa
faarsuun gosa gurbaa itti heerumtuu ati silaa salphinna malee ulfinna hin beektuu salphinni
gaafa duutellee sin dhiisin jettee yoo arrabsituufi alagaan fira fakkaatee haadhaafi abbaa koo
67
jalaa na fudhate kaayyoon isaa galma gaheefii har’arraa kaasee galee hirriba nagahaa haa
rafuu jettee gara nyaattoo yemmuu ibsattu kan agarsiisudha.
4.1.17. Masaanuu Arrabsuu
Akka odeeffannoon afgaaffiifi marii gareetiin odeefkennitoota irraa argame ibsutti, intalti
heerumtu takka guyyaa cidha ishii akkuma gurbaafi warra gurbaa faaruu baye-bayeen
arrabsaa ergaa dabarfattu masaanuus arrabsuun ergaa dabarfatti 2,10, 13 (Dabalee D). Kanaafis
ragaa kan ta’u faaruuwwan afgaaffiifi marii gareetiin argaman kanneen armaan gadii
keessatti ilaaluun ni danda’ama.
Fakkeenya 65
Ittuu dhugaa 2x sabaree maaf qammansa
Ittuu dhaqaa soddaatii maaf arrabsa
Soddaatiin yaboo tiyya
Masaanuun masoo tiyya.
Fakkeenya 66
Godde jettee 2x hadaamii hin bobeessini,
Tolte jettee daadditee masaanuu hin odeessini,
Masaanuu afaan fira,
Dhagaraan garaa jira.
Fakkeenya 67
Tumi tumi 2x tumtichaa cilee kuusi,
Anuu dhufaa masaanuu qilee buusi,
Masaanuu morma dooqaa,
Boochisan gara dhooqaa.
(Madda: Afgaaffii, Dabalee D)
Faaruu kana irraa wanti hubatamu hammeenya masaanuun qabdu yoo ta’u, intalti heerumtu
takka gurbaan ishii fuudhu kun gara fuulduraa niitii biraa akka irratti hin fuuneefi
masaanuun toltuu akka hin qabneefi toltuus akka namaa hin yaadne ibsuun of eeggannoo
gochuu akka qabdu ibsataa masaanuun yoo jiraatteef na jalaa dhabamsiisaa ani bakka ishii
isinii bu’eeraa jettee jibba masaanuuf qabdu hubachiisuun ergaa kan ittiin dabarfattu ta’uu
isaati.
68
Faaruun baye-bayee kun faaruufi arrabsooo haa ta’u malee keessoon isaanii jirenya
hawwaasumaa keessatti muxannoo bara dheeraa keessa cee’ame kan amma hawaasni ittiin
of ibsuufi kan gara fuula duraatti mul’achuuf deemu seenaafi duudhaa hawasaa dhalootaa
dhalootatti daddabarsa. Faaruu baye-bayee dhiyaatu keessatti wanta gaggaarii faarsuu qofa
osoo hin taane gama hawaasaan jireenya gamtaa keessatti dogoggora mul’atu kaasuun akka
sirra’u ni taasisa. Yeroo akkasii namoonni hanqina akkasii qaban waan keessa jiran
ofilaalanii irraa deebi’u. Faayidaan guddaan tokko, bashannansiisuufi barsiisuudha. Kana
gochuunis mukuu nama baasa; dadhabbii namarraa balleessa; yaadaafi yaaddoo salphisa.
Oromoon Godina Arsii Lixaa Aanaa Qorees faaruu baye-bayee intalti heerumtu,
shamarraaniifi ga’eessoota keessaas hawwaan faarsan kanaan wal faarsaafi wal
bashannansiisaa ergaawwan ciccimoo ta’an ittiin dabarfatu 1 - 13 (Dabalee D).
Afoolli ummata Oromoo haala jiruufi jireenya, duudhaafi aadaa ummatichaa kan ibsuudha.
Afoolli hawaasa tokkoo yoo bade ilaalchifii falaasamni hawaasichi addunyaa kanaaf qabu
dhokate jechuun ni danda’ama. Gama afaanitiinis jechoonniifi moggaasni garagaraa
afoolicha waliin uumaman hafuun guddina afaanii irratti dhiibbaa mataa isaa akka qabu
beekkamaadha. Faaruun gosa afoolaa keessaa bifa afwalaloon kan dhiyaatu ta’ee miira
keenya ittiin ibsachuuf nu gargaara.
Faaruun baye-bayee gosoota faaruu keessaa tokko yoo ta’u, kunis kan intalti heerumtu,
hiriyyootaafi dubartoota ollaa waliin ta’uun guyyaa cidhaa mana warra intalaatti yeroo
hamoommonni dhufee kaasee hanga hamoommonni intala fudhatee deemutti itti
fayyadamuun dhaamsa adda addaa ittiin dabarfachaa turan yeroo ammaa sababoota adda
addaa irraa kan ka’e dagatamaa dhufee jira. Yeroo amma waa’ee faaruu baye-bayee
69
ilaalchisee waanti hawaasa keessatti mul’atu isa bara durii irraa faallaadha. Kunis, yeroo
durii ijoolleen keessattuu baadiyyaa keessatti galgala galgala naannoo mana isaaniittiifi
iddoo dalagaatti faaruuwwan adda addaa shaakalu.
Kana malees, dargaggonniifi shamarran yeroo hojii, bakka tikaatti, yeroo haamaa, yeroo
karaa deemaniifi yeroo fuudhaa heerumaa ergaa miira isaanii keessa jiru faaruun ibsataa
turaniiru. Dhaloonni har’aa garuu, amantii wajjiin walqabsiisuun faarfannaa adda addaa
mobaayiilaafi kompiteeraa isaaniirratti fe’uun dhaggeffachuu malee waa’ee faaruu
baye-bayee dagataa jiru. Irraa caalaan dhaloota har’aa feesbuukii (facebook) taphoota
(games), diraamaafi barruulee adda addaa dubbisuu irratti yeroo isaanii dabarsuu waan
ta’eef faaruu baye-bayeef bakka guddaa hin kennani. Kanarraa kan ka’e faaruun baye-bayee
yeroo ammaa namoota muraasa aadaa isaanii calaqqisiisuuf fedha qaban qofaan iddoo
tokko tokko qofatti faarfatamaa akka jiru ibsu 1- 13 (Dabalee D).
Yaada odeefkennitootaa kana irra akka hubatamutti, faaruun baye-bayee isa yeroo durii
wajjiin walbira qabnee yoo ilaalle yeroo amma hawaasa keessatti haphachaa dhufee jira.
Sababoonni faaruun baye-bayee akka dagatamaa dhufu taasisaa jiran keessaa kanneen
odeefkennitoonni tarreessan dhaloonni haaraan barnootaan walqabsiisanii akka aadaa
boodatti hafaatti waan ilaalaniifidha. Dhaloonni durii aadaa isaaniitiin waan boonaniif
faaruu baye-bayee faarsuun ergaa gara garaa ittiin dabarfatu. Shamarran yeroo ammaa
garuu, mana barumsaa erga seenanii booda ammayyummaan walqabatee jijjiirama
agarsiisaa waan dhufaniif meeshallee walqunnamtii adda addaatiin fakkeenyaaf bilbilatti
fayyadamuudhan, xalayaa waliif barreessuudhaan akka walqunnamanii ergaa waliif
dabarsan akka sababa tokkootti kaasu. Yeroo durii shamarreen takka hiriyyaa ishee kan
dhiiraas haa ta’uu kan shamaraa kan sirritti yaada ishee ibsituuf guyyaa cidhaa faaruu
baye-bayee kanaani. Amma garuu yeroo barbaadan bilbilaan yookiin xalayaan dhaamsa
waliif dhaamu. Kun immoo dagatamaa jiraachuu faaruu baye-bayeetiif gahee guddaa
taphatee jira 2, 4, 5, 8, 11, 12 (Dabalee D).
daawwachuufi dhaggeeffachuun yeroo isaanii dabarsu. Aadaa ofii leellisuu caalaa waan
ofii keessatti hin hirmaanneefi dhugummaa isaa hin beeknee fiilmii daawwachuuf bakka
guddaa kennu. Dhaloonni har’a of ta’uu dhiisanii waanuma argan fakkaatanii jiraachuu
barbaadu. Haalonni kunneen immoo faaruun baye-bayee akka dagatamuuf gahee ol’aanaa
taphataa jiru 1 – 12 (Dabalee D).
Akka odeeffannoon daawwannaa irraa argame ibsutti, faaruun baye-bayee dhaloota ammaa
biratti dagatamaa jiraachuu isaati. Isuma kanaan walqabatee dhaloonni ammaa dursa aadaa
isaanitiif kennuu dhiisanii guyyaa gaa’ela isaanii sirboota ammayyaa kan aadaa isaanii hin
calaqqisiifneen yeroo liqimsaman argamu. Kun immoo dagatamu faaruu baye-bayeetiif
bakka gudda qabaachuu agarsiisa (Dabalee C)
Gama biraatiin immoo namoonni naannoo kanaa amantiin wal qabsiisanii faaruu baye-bayee
kana ilaaluu isaaniiti. Yeroo amma shamarraniifi dargaggoonni amantii adda addaatiin
liqimsamuun faaruu amantiitiif malee faaruuwwan aadaatiif xiyyeeffannoo kennaa hin jiran.
Namootumatu hubannaa waa’ee amantiifi aadaa wallaale malee, faaruun kun amantii wajjiin
wal hin qabatu; amantiin aadaa balleessus akka hin jirre qorataan yaada odeefkennitootaa
irraa hubatee jira. Kana malees, daawwanna adeemsiseen faaruun baye-bayee yeroo ammaa
baadiyyaafi magaalattis guyyaa cidhaa faarfatamuun dagatamaa jira. Amantii wajjiin
walqabsiisuun fedhiin dhaloonni ammaa faaruu baye-bayeef qabu baay’ee gadi aanaadha.
Kanarraa kan ka’e, yeroo ammaa namni qe’ee cidhaa dhaqe erga nyaatee dhugeen booda
gara mana isaatti deema. Sababni isaas aadaan wanti nama gammachiisu hin jiru. Inni jirus
aadummaa isa gadi dhiisee bifa ammayyummaan mul’ataa jira. Kunis, aadaan uffannaa,
sirbaafi geejjibaa bifa duriin hin argamu. Dur fardaafi gaangeen walfuudhaa turan har’a
garuu, kun hin jiru konkolaataadhaani. Dur faaruu baye-bayee faarsuun ergaa dabarfatu
har’a garuu kun hin jiru sirboota ammayyaa aadaa isaanii hin calaqqisiifneen sirbu (Dabalee
C).
Walumaagalatti, haala faaruun baye-bayee yeroo ammaa kana irra jiru yaada
odeefkennitoota irraa hubachuun akka danda’ametti dhaloonni ammaa baay’inaan faaruu
baye-bayee kana sababoota adda addaa armaan olitti eeramaniin dhiisaa (dagachaa) akka
dhufe hubachuun danda’amee jira.
5. GUDUUNFAA, ARGANNOOWWANIIFI YABOO
Boqonnaan kun haala waliigalaa qorannoo jalqabaa hanga dhumaa kan ilaallatuudha. Iddoo
kanatti irra caalmaadhaan guduunfaa, argannoofi yaboon ibsa isaanii faana dhiyaataniiru.
5.1. Guduunfaa
Qorannoon kun kan adeemsifame naannoo Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoreetti
ta’ee, mata-duree Xiinxala Qabiyyee Faaruu Baye-Bayee Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree
jedhu irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayoon qorannoo kanaa inni guddaan qabiyyeewwan
faaruu baye-bayee xiinxaluun barreeffamatti jijjiiruun dhaloota dhufuuf ol kaa’uudha.
Qorannoo kana keessatti wixineen qorannoo akkamtaa hojiirra ooleera.
Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaa yoo ta’u, akka
madda ragaa tokkoffaatti, manguddootaafi dubartoota waa’ee faaruu baye-bayee irratti
beekumsaafi hubannoo qabaniifi akka madda ragaa lammaffaatti barreeffamoota waa’ee
faaruu baye-bayee irratti barreeffamaniidha. Iddaattoon qorataan filate iddatteessuu
miti-carraati. Akaakuu iddatteessuu miti-carraa keessaa darbaa dabarsa yoo ta’u, ragaa
qorannoo kanaaf barbaachisuu funaannachuuf immoo meeshaaleen funaansa ragaalee
kanneen akka afgaaffii, marii garee, daawwannaafi sakatta’a harshammee tajaajilaniiru.
5.2. Argannoo
Qorannoon tokko erga gaggeeffamee xumurameen booda bu’a qabeessummaa qorannoo
sanaa kan mirkaneessu argannoo qorataan erga qorannoo sana gaggeesseen booda
argatuudha. Qorannoo mataduree Xiinxala Qabiyyee Faaruu Baye-Bayee Godina Arsii Lixaa
Aanaa Qoree jedhu irratti gaggeeffameen argannoowwan qorannoo kanaan argaman akka
armaan gadii kanatti dhiyaataniiru.
5.3. Yaboo
Qorataan qorannoo kanaa qabiyyeewwan faaruu baye-bayee xiinxalee argannoo
qorannichaan bira gahe irratti hundaa’uun yaboo qorannoo kanaa bifa armaan gadiitiin
kaa’eera.
a) Qaamni dhimmi ilaallatu keessattuu waajjirri Aadaafi Turiizimii Aanaa Qoree faaruu
baye-bayee akkaataa qabiyyee isaanitiin walitti qabee barreeffamatti jijjiiruun dhaloota
dhufuuf yookiin hawaasaaf osoo kaa’ee. Ani faaruu baye-bayee kallattii qabiyyeen ilaale
qorattoonni biroo faaruu baye-bayee kallattii ergaatiin osoo ilaalanii gaarii ta’a.
b). Faaruun baye-bayee dhimmoota hawaasummaafi diinagdee hawaasichaa ibsuu keessatti
gahee olaanaa qaba. Faaruun baye-bayee faarfatamu faaruufi arrabsooo haa ta’u malee
keessoon isaanii jirenya hawwaasumaa keessatti muxannoo bara dheeraa keessa darbame,
kan amma hawaasni ittiin ofibsuufi kan gara fuula duraatti mul’achuuf deemu seenaafi
duudhaa hawasaa dhalootaa dhalootatti daddabarsuuf gahee olaanaa qaba. Akkasumas, faaruu
baye-bayee dhiyaatu keessatti wanta gaarii faarsuu qofa osoo hin taane dogoggora hawaasa
keessatti mul’atu kaasuun akka sirra’u taasisuu keessatti shoora guddaa qaba. Kana waan
ta’eef hawaasni qabeenya isaa kana kunuunsuun osoo itti fufsiisee gaariidha.
c). Yeroo ammaa dhaloonni haaraan faaruu baye-bayee irraa of qusachaa jira waan ta’eef
mana barumsaa keessatti bifa gumiin akkasumas waajjirri aadaafi turizimii faaruu
74
baye-bayeen walqabatu funaanuun dhaloota haaraa gara faaruu baye-bayeetti deebisuuf osoo
yaalee gaarii ta’a. Faaruun kun akka hin dagatamneef (haala itti fufiinsa qabuun tursiisuuf)
kitaabbilee barnootaa keessatti hammatamee haala gahaa ta’een osoo barsiifamee gaariidha.
Kana malees, dubartoonni guyyaa cidhaa faaruu baye-bayee kana faarfachuun itti fufiinsa
afoolichaatiif gahee isaanii osoo bahanii. Gaggeessitootni yookiin abbootiin amantii
garaagarummaa afoolaafi amantii giduu jiru hawaasa barsiisuun dhiibbaa karaa amantiin
faaruu baye-bayee irra gahu hambisuu osoo yaalanii kan jedhu yaada qoratichaati.
75
6. WABIILEE
Addunyaa Barkeessaa. 2011. Akkamtaa Yaadrimee qorannoo hujoo. Finfinnee: Mega printing
press.
_____2014. Semmoo: Bu’uura Barnoota Afaaniifi Afoola Oromoo. Oromiyaa Finfinnee:
Far East Trading PLC
Bascom, William R. 1965. Four functions of folklore. In The study of folklore,
ed. Alan Dundes. Englewood Cliffs, NJ: Prentice Hall.
Beekan Gulummaa. 2015. Dimdimoo: Cooma Aadaafi Afoola UummataOromoo.Finfinnee;
Elleni p.p.plc
Bukenya, A.1994. Understanding Oral Liiterature. Nairobi, Univeristy press.
Dastaa Dassaalany. 2002. Bu’uura Qorannoo. Addis Ababa University. Dhaabbata maxxansa
Boolee.
_____2011. Waadaa: Asoosamoota aartii biroo waliin. Finfinnee: dhaabbata maxxansaa
biraanaa
_____ 2013. Bu’uura Qorannoo. Yuunvarsitii Addis Ababaatti barsiisa, qorataafi Barreessaa
maxxansa lamaffaa printed: by far East trading PLC.
Dirribii Damuusee. 2015. Seenaa Eenyummaa Oromoo.Finfinnee.
Finnegan, R.1976. Oral literature in Africa. Nirobi: Oxford University Press.
_____1992. Oral Tradition and verbal Arts. London: Rutledge.
Gemechu Bekele. (2003). A study of major themes in game Sellected songs of Ifinesh
KenoUnpublished MA thesis, Addis Abeba University.
Bayyanaa Laggasaa. 2008. Qaaccessa yoomessaafi qabiyyee faaruu loonii: Godina Baalee
Aanaa Laga Hidhaa. Waraqaa Qorannoo Digirii Lammaffaa Guuttachuuf Dhiyaate:
Yuunivarsiitii Finfinnee.
Iristee Akkawaaq Tooree.2012. Qaaccessa Sirna Lufiinsa: Raawwii Sirna Da’umsaa Godina
Jimmaa Aanaa Mannaa, Waraqaa Qorannoo Digrii lammaffaa Guuttachuuf Muummee
Afaan Oromoo, Hogbarruufi Fooklooriif Dhihaate: Yuunvarsiitii Addis Ababaa.
Qaasim Galatoo.2016. Qaaccessa Qabiyyee Weedduu Aadaa Fuudhaafi Heeruma Oromoo
Arsii Aanaa Shaallaa. Waraqaa Qorannoo Digrii lammaffaa Guuttachuuf Muummee
Afaan Oromoo, Hogbarruufi Fookilooriif Dhihaate. AAU
Seefuu Gaaddisaa. 2008. Qaaccessa Weedduu Arrabsoo Fuudhaafi Heeruma Oromoo Godina
Shawaa Lixaa Aanaa Amboo irratti Kan Xiyyeeffate: Waraqaa Qorannoo Digirii
Lammaffaa (MA) Guutachuuf Qophaa’ee, Muummee Afaan Oromoo, Ogbarruufi
Fookilooriif Dhiyaate: Yuunivarsiitii Finfinnee.
Shuumee Daamxoo.2015. Qaaccessa Faayidaa Arrabsoo Naqatanii Fuudhuu: Godina Horroo
Guduruu Wallaggaa Haala Aanaa Amuruu. Waraqaa Qorannoo Digirii Lammaffaa
Guuttachuuf Qophaa’e.
Zabiibaa Muzammil. 2007. Qaacceesa Weedduu Gaa’elaa Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa
Daarimuu, Waraqaa Qorannoo Digrii lammaffaa Guuttachuuf Muummee Afaan
Oromoo, Hogbarruufi Fookilooriif Dhihaate: Yuunvarsiitii Addis Ababaa.
77
7. DABALEEWWAN
DABALEE-A: AFGAAFFII
7. Faaruu baye-bayee aanaa kanaa ilaalchisee yaada adda ta’e dabalatan naaf kennitan yoo
jiraate?
7. Faaruu baye-bayee aanaa kanaa ilaalchisee yaada adda ta’e dabalatan naaf kennitan yoo
jiraate?
24/7/2011
Turiizimii
Aanaa Qoree
11 Bakkalii Sakattee Dhi 62 Shiree Jaarsa 15/8/2011
Obeesaa Biyyaa
12 Buttaa Makuraa Dhi 70 Qoree 01 Jaarsa 29/8/2011
biyyaa
13 Abdii Waaree Dhi 69 Qoree 01 Jaarsa 29/8/2011
biyyaa
Suuraa 1. Qorataan itti gaafatamtuu Waajjira Aadaafi Turiizimii afgaaffii yeroo gaafatu
gargaaraa kaameeraan kan kaafame
82
Suuraa 2. Qorataan dubartoota afgaaffii yeroo gaafatu gargaaraa kaameraan kan kaafame
Imimmaan harcaafate.
Of biraa na dhidhimsii.
Ka qaraa na hifate,
B. Hiriyyoota Faarsuu
Ta goshoo daraba’a,
Hadhatuu falama’a.
Boollumattiin galatani.
Ijoollee gaafadhinna,
Macureen na shokossa.
Madhumaan na shokossa.
Ka qaraa na hifate,
G. Geegayoo Gaafachuuf
Madhumaan gaddeebsi,
Raadattii naaeebbisi.
Soddomni walabooma.
Mar’umaan gaddeebsii
Daraboo Nagayatti.
Waabiyyoo shaalalatti,
Ka arrii filaanfita,
94
Ka sanuu dhugeeffate,
Sharxummee rukkeeffate.
Ka isii hamatani,