You are on page 1of 11

Dambii ittiin Bulmaata Waldaa Hojii Gamta Intarpiraayizii

Maayikiroo ____________________________________________
Itti gaafatamni isaa murtaa'e

Kewwata 1: Maqaa, Teessoo fi Naannoo Hojii Waldichaa

1.1 Maqaa ______________________________________________________

Kewwata 2: Teessoo Lakkoofsa manaa____________


Magaalaa _____________ Bilbila______________________
Ganda _______________

Keewwata 3: Faajjii Waldiichaa

------------------------------------------------------------------------------------------------------------
------------------------------------------------------------------------------------------------------------
-------------------------------------------------------------------------------------------------------------
------------------------------------------------------------------------------------------------------------
Keewwata 4: Chaappaa Waldiicha
----------------------------------------------------------------------------------------------------------------
----------------------------------------------------------------------------------------------------------------
-----------------------------------------------------------------------------------------------------------------
----------------------------------------------------------------------------------------------------- -------------
Keewwata 5: Hiikkoo
Galchi jechichaa hiikaan biro kan kenamuuf yoo ta’en ala jechiif hiimni dambii ittin bulmaata
kana keessa jiran kaan hikaman labsi 147/91 fooya. Insa labsii kana kan ta’e labsi 402/96 yemuu
ta’u itti dabalataaniis kaneen arman gadii qabateera.

Keewwata 6: Kaayyoo Waldichaa


6.1._________________________________________________________________
6.2._________________________________________________________________

1
Keewwata 7: Hojii Waldichi hojjetu
7.1._________________________________________________________________
7.2._________________________________________________________________
7.3._________________________________________________________________

Keewwata 8 : waa’ee kafalitti galmeefamaa

Iyyataan kamiyyuu miseensummaan yoo hayyamameef kan hin deebineef qarshii


______ ____________galmeeffamaaf ni kaffala.

Keewwata 9: Waa’ee kafaltii Aaksiyona /sheerii /

9.1 Waldichi gatiin isaa guutummaa guutuutti qarshii ________ kan ta’e
aksiyoona _________ ni gurgura.
Yaa’iin waligala murtii murteessun miseensi tokko aksiyoona /sheerii /yoo
xinnaatee ________ ni bita.
9.2. Gaatii aksiyoona /sheerii / tokkoo Qr. ______________ ta’a.Haalli
kaffaltiiisaa miseensotaan murtaaha.
9.3. Qoodni miseensa tokkotti gurguramu gurgurtaa qooda gurguramu keessa
% 10 (1/10) caaluu hin danda’u.

Keewwata 10: Waaa’ee galmee Miseensoota

Waldichi galmee miseensotaa fi kaffaltii ni qabata.

Keewwata 11 : Mirga fi diqama miseensoot

11.1 Mirga

11.1.1 Filuu fi filatamuu


11.1.2. Gumii waliigalaa irratti argamuu fi sagalee kennuu.
11.1.3 Miseensummaa isaa dhiisuu fi faayidaa fi gahee isaa argachuu
11.1.4 Odeeffannoo waldicha irraa barbaadu argachuu fi beekuu
11.1.5 Tajaajiloota waldichi kennu irraa fayyadamuu
11.1.6 Gahee sheerii isaa miseensa biraaf babarsuu ykn qaama sadaffaa seerri
eeyyamuuf dabarsuu

2
11.2 Dirqama:
11.2.1 Dambii bulmaata waldichaa fi qajeelfamoota dambicha bu’uureffatanii bahan
fudhachuu fi hojii irra oolchuu

11.2.2Walgayii yaa’ii walii galaa irratti argamuun maree fi murtii darbuu irratti
hirmaachuu

11.2.3 Murtoo sagalee caalmaan darbu fudhachuu fi hojii irra oolchuu

11.2.4 Qabeenya waliinii waldichaa eeguu fi kunuunsuu

11.2.5 Dirqama waldichi irraa barbaadu yeroon bahuu

11.2.6 Duudhawwanii fi Sonawwan waldaalee gamtaa fudhachuu fi hojii irra olchuu

11.2.7 Kisaaraa waldicha irra gahu akkaataa faayidaa fi gahee qabuutiin waliin
hirmaachuu

Keewwata 12: Ooggansa Waldichaa

12.1. Yaa’ii waliigalaa


12.2 Walitti Qabaa Yaa'ii Walii-galaa
12.3. Koree hojii raawwachiiftuu
12.4. Hoji-Gaggeessaa
12.6. Akka barbaachisutti koreewwaan adda addaa qabaachuu ni danda’a

Keewwata 13: Angoo fi Hojii yaa’ii waliigalaa waldichaa

13.1. Dhimma waldichaa irratti murti isaa dhumaa kan kennu yaa’ii waliigalaati.
Dambii keessaa waldichaa ni mirkanessa. Hojii irra ooluu isaa ni hordofa.
13.2. Walitti qabaa yaa’ii,hoji gaggeessaa , koree too’aana fi koreewwan adda addaa
ni filaa, ni buusaa.
13.3. Kafaltii galmee, gatii fi baayina sharii ni murttessa.
13.4. Karoora fi baajata waldichaa ni mirkaneessa.
13.5. Miseensoota haaraa ni fudhata ni gaggeesaa.

3
13.6. Walgahii yaa'ii walii galaa _______ ni gaggeessa. Akkaataa barbaachisumaa
isaatti walga’ii ariifachisaa waamuu ni danda'a
13.7. Hoji gaggeessan waldichaa walitti qabaa gumii waliigalaa ta'u hin danda'u.
13.8. Walitti qabaa gumii waliigalaa hojiiwwan armaa gaditti taa'an niraawwata.
13.8.1. Walga'ii yaa'ii waligalaa ni gaggeessa
13.8.2. Murtee yaa'ii waligalaatiin darbe hojii irra oolu isaa ni hordofa.
10.8..3 Hojii gaggeessaa fi koreellee addaa addaa raawwachiiftuu akkaataaa
seera ittiin bulmaataatiin dirqama isaanii bahaa jiraachuu isaanii
hordofee gabaasa yaa'ii waligalaaf ni dhiyeessa

Keewwata 14: Waamincaha Yaa'ii waliigalaa


14.1. . Yaa’iin waligala waggaatti ykn akkaataa murtiitin ni gaggeeffama. Haa ta'u
malee akkaataa barbaachisumaa isaatti walga'ii ariifachisaa waamuun ni
danda'ama.
14.2. Sagaleen yeroo walqixee ta’e kan dura ta’aan deeggare ni darba

Keewata 15. : Ijaarsa koree hojii raawwachistu waldaa

15.1. Yaa’iin waligala akkaata barbaachisumma isaatiin hojii raawwachiftu ni filata


gahee hojii isaanii fi bara tajaajila isaani ni murteessa.
15.2. Keewwata kana keewwata xiqqaa 16.1 irratti namni iddoo hojii isaa gadhiise
bara isaa waan hojjete ni qorachiisa

Keewwata 16 : Aangoo Koree hojii raawwachiiftuu (waliigalaa)


16.1. Aangoo fi hojii Koreen hojii raawwachistuu walgahii dhaabataa ni qabaata.
16.2. Dambii keessaa fi qajeelfamoota biraa waldichaa qopheessuu, yaa’iin waligala
yoo murteese hojii irra olcha.
16.3. Karoora hojii fi baajata qopheessu, yoo hayyamameef hojii irra olcha.
16.4. Hojiilee baajataa fi madda faayinansitiin wajjin walqabatan xiinxalee ni
dhiyeessa. koree liqii ni dhaaba, hojii isaanii ni to’ata.
16.5. .Galmee herrega waldichaa ni dhaaba, ni qaba

4
15.6. Herrega waldichaa akka qoratamu ni godha. Hirinoon akka siira’ an ni taasisa.
15.7. Hojii waldichaa hojii irra olchuuf barbaachisaa ta’ee yoo argame hojjetoota ni
qaxara.
15.8. Murtii yaa’iin waligala dabarsuufi kan biroo hojii irra ni olcha.
15.9. Murtiin Koree hojii raawwachiiftuu caalmaa sagaleen mirkana’a.
15.10.Angoo fi Sagaleen walqixee yoo ta’e dura ta’aan sagalee murtteessaa ni qabaata.
15. 11.Qaboo yaa'ii seeraan galmeesse ni qaba.

Keewwata 17 : Aangoo Koree hojii raawwachistoota (dhuunfaa dhaan)

17.1. Aangoo Hojii Gaggeessaa

17.1.1. Walgahii koree hojii raawachiiftuu ni gaggeesa.


17.1.2. Waldaa bakka bu’un iddoo hundattu ni argama
17.1.3. Xalayaallee maqaa waldaatiin ba’an irratti ni mallatteessa
17.1.4. Waldaa bakka bu’uun qarshii qabaa fi itti gaafatamaa herregaa waliin
ta’uudhaan mallatteessee baasii maallaqaa ni ajaja, ni mirkaneessa.
17.1.5. Bulchiinsa waldichaa olaantummaadhaan ni gaggeessa.
17.1.6 . Qajeelfamoota baasuun raawwanaa hojii koreellee xixiqaa ni hordofa.
17. 1.7 Murtilee biroo yaa’ii waligalaatiin murtaa’an ni raawwachisa.

17.2. Itti Aanaa fi barreessaa

17.2.1. Gargaaraa dhiyoo dura ta’aa ta’e ni hojjeta.


17.2.2. Bakka dura ta’aan hin jirretti bakka bu’ee hojii barbaachisaa ta'an ni
raawwachiisa.
17.2.3. Ajandaa walgahii barreessee waldichaa ni qopheessa.
17.2.4.Qaboo yaa’ii dubisuun miseensoota dhageessisee mallattoo
miseensootaatiin akka mirkanaa’u ni godha
17.2.5. Hoji barreefamaa, galii fi bahii xalayaa ni hojeta.
17.2.6. Chaappaa, galmee fi xalayyoota waldaa itti gaafatamummaa fi of-
eeggannoon ni qaba.
17.2.7. Hojii biraa barbaachisaa ta’an ni raawwata.

5
17.3. Itti gaafatamaa Herregaa

17.3.1. Galmee herregaa, nagaheewwan maallaqaa fi ajaja baasii waldichaa akka


qophaa’u ni godha.
17.3.2. Herrega galii fi baasii maallaqaa ni galmeessa, herregni yeroon bu’uu isaa
ni mirkaneessa.
17.3.3. Galmee fi nagahee herregni maallaqaa itti hojjatamu itti gaafatamummaa
fi of-eeggannoo ni qaba.
17.3.4. Sadarkaa maallaqa waldaa irra jiru ilaalchisee gabaasa herregaa
qopheessee koree hojii raawwachiistuuf ni dhi'eesa.
17.3.5. Maallaqa qabaa waldaa wajjiin waliti dhiyeenan hojjachuun maallaqa
waldaa seeraan eegamuu isaa ni mirkaneessa.

17.4. Maallaqa Qabaa (Qabduu)

Walgayii waligalaatiin kan filamu/ filamtu qabduun maallaqaa itti waamni


isaa/ishee dura taa’aa waldaaf ta’ee hojiiwwan rawwataman.
17.4.1 Galii fi baasiin waldichaa herreega sirrii ta’een deeggaramuu isaa ni
mirkaneessa.
17.4.2 Baasiinii fi galiin maallaqaa seeraan raawwatamuu ni mirkaneessa.
17.4.3 Maallaqa waldichaa seeraan ni qaba.
17.4.4 Baasii seera guutee ajajame ni raawwata.
17.4.5 Herreega baanki Dura Ta’aa Waldicha walin ta’uun ni mallatteessa,
17.4.6 Ennaa barbaachisaa ta’e maallaqa ni lakkoofsisa
17.4.7 Hojii biroo barbaachisaa ta’an ni raawwata.

Keewwata 18: To'annaa fi Hordoffii

18.1. Miseensooni koree To’anaa marii yaa’ii waligaltaatiin filataman itti


waamamni isaanii yaaii waligalaatiif ta’a.
18.2. Koree to’anaa miseensoota nama 3 ni qabaata.
18.3. Baarrii hojii koree to’anaa waggaa 2 ta’a

6
18.4. Koree to’anaa yeroo tajaajilaa erga xumuranii booda yeroo lamataaf
dorgomanii filatamuu ni danda’u

Keewwata 19 : Aangoo fi Hojii Koree To’anaa fi hordoffii Waldichaa

19.1. Koreen to’anaa herrega, qarshii callaa fi qabeenya waldichaa akkasumas


nagahee adda addaa yeroo kamiyyuu aangoo qorachuu fi to’achuu ni
qaba.
19.2. Koree hojii raawwachiiftuu itti gaafatamumaa isaanii sirriitti ba’u isaanii
ni hordofa.
19.3. Maallaqaa fi qabeenya waldichaa sirriitti hojii irra oluu isaa ni to’ata.
19.4. Soochiin adda addaa waldichaa bu’ura dambii bulmaataa fi dambii
keessaatiin raawwatamuu isaa ni hordofa.
19.5. Soochii waligalaa waldichaa ilaalchisee yaa’ii waliigalaatiif gabaasa ni
dhiyeesa.
19.6. Hojii biroo yaa’ii waligalaatiin keenamuufi ni raawata.

Keewwata 20 : Haala Koreen hojii raawwachiftuu angoo irraa itti bu’an


20.1. Yeroo tajaajila isaanii yoo xumuran
20.2. Waldicha irratti balleessaa raawwachuu isaaniif ragaan qabatamaa ta’ee yoo
dhiyaate

Keewwata 21 : Waaa’ee Dhaalaa ykn bakka bu’a mogaassu

21..1. Faayidaa miseensummaa irraa argamu malee miseensummaan hin dhaalamu,


(hin darbu).
21.2. Kuni otuu hin raawwatamin hafee miseensi waldichaa yoo du’e /boqote/ namni
seeraan murtaa’eef dhaalaa ni ta’a.
21.3. Dhaaltotni dhaala argachuu kan danda’an liqaan miseensicha irraa
barbaadamuu fi kisaaraan edda miseensicha irraa hir’ifamee ta’a.
7
Keewwata 22: Miseensummaa irra gageefamu

22.1. Miseensi kamiyuu feedhii isaattiin waldaa keessa ba’u ni danda’a.


22.2. Miseensi miseensuma irraa ba’uu barbaadu sababaa isaaa barreefamaan koree
hojii raawwachiftuutti dhiheessuu qaba. Gaggeefamun isaatis yaa’ii waligaalatif
dhiyaatee yoo murta’e kan raga’u ta’a.
22.3. Miseensi kamiyuu dirqama isaa yoo ba’u baate ykn waldiicha irratti balleessaa
raawwachu isaattiif ragaan yoo irratti dhiyaate waldaa keessa akka ba’u kan
murtaa'u gumii waligalaatin ta’a.
22.4. Dambii waldaa hojii gamtaa seera ittiin bulmaataa kanaa fi murtiiwwan
waldichaa kabajuu dhiisuudhaan gorsii fi of eeggannoon kennameefii of
sirreesuuf fedhii yoo qabaachuu baate.
22.5. Kaayyoo fi sochii hojii waldaa kan faallessu yookiin dadhabsiisu yoo raawwate.
22.6.Naannoo hojii waldichaa gadidhiisee yoo deemee fi qabeenya isaa gara iddoo
jireenya haaraatti yoo jijjire.
22.7. Waldichaa wajjin waggaa tokkoo ol walqunamtii yoo dhaabe.
22.8. Miseensichi yoo du’ee.
22.9. Miseensummaan kan haqamu (hafuu) murtii gumii waliigalaatiin ta’a.
22.10 Rakkoo humnaa ol ta’een miseensummaa kan dhiisee deebi’ee miseensa ta’uuf
iyyataa walgayii waliigalaatiif dhiyaatee murtii erga argatee booda miseensa
ta’uu ni danda’a.

Keewwata 23: Waayee waldhabiinsa waldaa keessatti uumamuu


23.1. Waldhabiinsi waldicha kessatti yoo uumame koree hojii adeemsiftuutiin
ilaalamani murtii argatu.
23.2. Murtii kennamu irratti qaama angoon keenametti dhiyaatee murtii argata

Keewwata 24 : Waayee Qusannoo


24.1 Koree hojii adeemsiftu miseensotni waldichaa maallaqa isaani qusachuudhaan
hojii qabatamaa irra akka oolchan dandeesisudhaaf tajaajili qusannoo akka
kennamuuf ni godhama.
24.2 Miseensa waldichaa kamiyyuu galii argatu irraa dhibbantaa __________
qusachuu qaba.

8
24.3. Miseensotni qusannoo waldichaa keessatti kuufataniif dhalli kafaalamu
waggaatti dhala baankiin herreega qusannoo irratti kaffaluu gadi ta'u hin
qabu. Haali raawi isaa dambii keessaa irratti kan ibsamu ta’a.

Keewwata 25 : Akkaataa maallaqni waldichaa ittiin qabamu

25.1. Waldichi herrega baankii ni banata


25.2 Baasiin kamiyyuu Baankii bahee akka kafalamu fi galii yoo qabaate
baankiitti akka galu ni godhama.
25.3. Harka qarshii qabaatti hojii gaggeessu fi of-eeggannoof qarshii ______ ol
ta’u hin qabu.
25.4. Maallaqni waldaa madda adda addaa irra argamu yeroo guyya tokko hin
caale keessatti herrega baankii waldichaatti galu qaba.

Keewwata 26 : Waahee Durgoo fi kaffaltii Biroo


26.1. Miseensotni waldaa haala walii galaniin galii argatan irra jireenya isaani
baatii baatiin akkaataa hojii isaanitiin kaffalamuu ni murteessuu. Haalaa
kaffaltoo durgoo miseensotni ni murteessu.

Keewwata 27 : Waahee Odiitii Herreega

27.1. Sochiin waliigalaa herreegafi qabeenya waldichaa waggaa keessatti yeroo


tokko odiitii ni ta’a.
27.2. Gabaasni oditii waldichaa oditaraan gumii waliigalaa waldichaatiif
dhiyaatee ni mirkanaa'a.

Keewwata 28 : Diiggaa Waldaa


Sababoota armaan gadittin waldichi diigamuu ni danda’a

28.1. Murtoo adda ya’ii waligalaa waldichatiin waldiichi akka diigamu yemuu
murt’e
28.2. Baayinii miseensolii yemuu Maruf 5 gadi ta’e

9
28.3. Mani murti akka diigamu yemuu murteese.
28.4. Bu’aa qorannoo herrggattin waldichi kisaaraan irra ga’e waldicha akka
waldaatti kan itti fufuu dandeesisuu yoo hin taannee abban taayita aangoo
qabu yemuu mirkaneesuufi ya’iin walgala yamuu murteessu.
28.5. Qabxiwwan keewwata 28/I-4/tti ibsaman akka jiranitti ta’e waldichi akka
diigamu yoo murta’e abban taayita aangoo qabu wa’ee diigamuu waldicha
bultii 7 keessatti akka beekamu ni godha.
28.6. Waldaan tokko qabxoolee keewwata 28 (1-4) jalatti tuqamanin akka
diigamu murtaahus osoo hindiigaminin dura heregni isaani odiitti ta’e
qabeenyi isaanii adda bahee beekamee idaa kam irraa qulquluu ta’uu isaani
eerga mirkanaahe booda ta’uu qaba .

Keewwata 29 : Akkaataa Ramaddii Bu’aa Qulqulluu


29.1. Kaappitaalli waldichaa hanga Qr. _______ guututti bu’aa qulqulluu keessaa
dhibbbantaa 30 (%30) ni ramada.
29.2. Bu’uan qulqulu waldichi argate keessaa dhibbantaa 70 miseensootaaf kan
qoodamu baayinna aksiyoona miseensootni bitataniin heregame ta’a.
29.3. Miseensootni waldichaa bu’aa qulqulu qoodaman deebisanii dabalataan
sheerii bitatanii invest gochu nidanda’u.

29.4. Waldaaleen hojii omishaafi daldala irratti bobba’aniifi akaata kaapitaali


isaanii hayyamutti hayyama daldala nibaafatu ykn nigalmaahu , bu’aa
qulqulu argatanifis akkaata seerii hayamutti gibira nikafalu.

Keewwata 30 : Waa’ee Hiikkaa Dambiiwwanii

30.1. Dambii bulmaata kana keessatti jechi, ibsii mormii kaasisuu yoo dhalate, ykn
waliigalamu baate, hiikni gumi waligala kennu murteessaa ni ta’a.
30.2. Keewatni yaada bu’urra Dambii kana keessatti caqafamee irratti jechi ykn ibsii
mormi kaassuu fudhatama hin qabu.

10
30.3. Dambii kana keessatti dhimmonii hin xuqamin hafan yoo ka’an labsi lakk.
147/1991 ba’ee bu’uraa gochuun ni raawwatama.

Keewwata 31 : Waa’ee Fooyya’insa Dambii

31.1. Dambii bulmaata kuni fi Damboota biiroo gumi waligaltaatiin bahaan


fooyya’uu kandanda’u miseensoota waldichaa harka sadii keessa harka lama
yoo deeggare dha

Keewwata 32 : Yeroo dambiin ittin bulmaata kun hojii irra olu.

Dambiin bulmaataa kun gumi walii galaa waldichaatiin ragaasifamee abbaan aangoo
dhimmi ilaalu hayyamee guyyaa galmeessee kaasee kan raga’u ta’a.

Guyyaa _________________ Bara ________________

Lakk Maqaa Miseensootaa Saala Umrii Mallattoo


1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12

11

You might also like