You are on page 1of 4

Kuusaa Walaloo

Aadaa keenya

Uffanni Aadaa keenya

Orma hinaafsisaa

Akka Biiftuutti ifee

Dukkanayyuu ibsaa

Diina rifaasisee

Saba Seeqachiisaa

Aadaa baay’ee qabnaa

Maalumaaf dagannaa ?

Waan ormaa lakkifnee

Keenya dagaagfannaa

Maanguddoorraa barree

Dhaloota dhaalchifnaa

Faffaca'uu dhiifnee

Gamtaadhaan Waltaanaa x 2

Arsiin Utaa Waayyuu

Sirna Seera Ambaan

Bulanii wal bulchuu

Hangafaa fi Maandhaan

Waan dabe qajeelchuu

Kan dhabeef ni kennuu

Hin beekan dhoorgachuu


Arsiin Ambatoo Dooyyoo

Waan dhabe hin qabuu

Qabu Galmaaf Kaayyoo

Arsoomni ; qorsoomaa !

Hin se'in waan laayyoo . x 2

Aadaawwan gaggaarii

Hedduun badhaafamnee

Aadaa nyaataas qabnaa

Kan nyaatamee quufnee

Micciiraaf Caccabsaa

Finiinaa fi surree

Kan biroos ni jiru

Marqaa fi Marmaree

Seera ittiin bulmaataa

Sirni Gadaa qabnaa

Abbaa Gadaan bullee

Uumaa Waaqeffannaa

Sirna koottu_dhufeen

Waldhabdee hiikkannaa

Odaa jala teenyee

Waliin Mari'annaa

Duudhaa gabbifannee
Uumaas araarfannaa

Wal sakaaluu dhiifnee

Achii tarkaanfannaa

Meeshaan Aadaa Arsii

Ijaan hin quufamuu

Osoo hin dagatamnee

Nuuf haa qoratamuu

Kallachaa fi Caaccuun

Maaliif dagatamuu

Qorii fi Ciicoon

Akkam babbareedduu

Dagatamuu maluu

Nuuf haa kunuunfamuu....X 2

Kan ormaa mee dhiisaa

Keenyaa kuma kumaa

Boraatii fi Siinqeen

Ni qabuu ulfinaa fi Wooyyoomaa

Fakkeessaan haa hafuu

Keenyumaan faayamaa

Birmajii :- Luba hangafaa birmaduu Sabaatiif hawwii fi fedhii guddaa qabaniin moggaasan .

Bultuma :- Bultii namni dhaabee jennaan Bultuma baase .

Bahara :- Barri gaarii haa ta'uu jechuun Bahara baasan .


Horata :- Hormaata Sa'aa namaatiif Horata baasan .

Roobalee :- Luba maandhaa kana caamni dhufee jennaan nuu roobinnaa jedhanii

Roobalee baasan .

You might also like