You are on page 1of 15

Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem.

2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

Ibsa koorsii Saayinsii fayyaa(biol.333)

Koorsiin kun boqqonaa 7 qabata.Boqonnaa 1-3 sababoota dhukubootaa,daddarboo,mala ittisaa fi


to’annoo isaaniirratti xiyyeeffata .Akkasumas, tooftaale beektonni yaalii dhukkubicha itti adda
baafatan keessaa,mallattoolee dhukkubsataarratti mul’atan, qorannoo laaboraatorii itti adda
baasuun furmaataaf itti dhiheessan agarsiisa..Kana maless,sabababoota dhukkuboota daddarboo
fi miti daddarboo eeruuf ni yaala. Boqonnaan 4 qorichaa fi itti fayyadama seeraan alaa irratti
xiyyeeffata.Boqonnaa 5ffaan hariiroo saalquunnamtii itti gaafatamummaa qabu dagaagfachuu fi
amala saalaa murteessoo irratti xiyyeeffata.Boqonnaa 6ffaan fayyaa hawaasaa fi uummataa
qo’achuuf yaala.Dhumarrattis boqonnaa 7ffaan fayyaa uummataa fi moodela dimograafii
ummataa fi dhiibbaa saffiisaan dabaluu ummataa irratti xiyyeefata.Atis yaadannoo ijoo
gabaabduu tana akka kallattii agarsiiftuutti fayyadamuun moojula saayinsii fayyaa (Biol.333)
walbiraqabuun gadi fageenyaan erga qo’atteen booda gaaffilee siif qopaa’an dura ofii keetiif
deebistee xumuruun booda sirrummaa isaatiif furtuu gaaffilee siif qophaa’aniin walbira
qabuun mirkaneefadhu.Gaaffilee dogoggorte irra deebitee qoo’achuun sirreefadhu.

Kaayyoo koorsichaa

Dhuma kooorsii kanaatti ati;

 Hiika fayyaa ni ibsita

 Sababoota dhukkubootaa fi gosoota isaanii ni tarreessita.

 Mallatoolee dukkubootaa fi karaalee daddarba isaanii ni ibsita.

 Mallattoolee fi tooftaalee qorannoo dhukkuboota ni ibsita.

 Maloota ittisaa fi to’annoo dhukkubootaa adda baafattee ibsita

 Qorichootaa fi itti fayyadama seeraan alaa addaan baaftee ibsita

 Fayyaan hawaasaa fi uummataa akkamitti akka kunuunfamu ni ibsita

1. Boqonnaa 1: Dhukkuboota fi Ittisa Isaanii

1
Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem. 2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

Kaayyoo

Dhuma boqonnaa kanaatti ati:

 Hiika madinummaa ni ibsita

 Gosoota madinummaa adda addaa ni tarreessita

 Dhukkubootaa fi orgaanizimoota dhukkuboota fidan gabateedhaan qindeessitee ni agarsiifta

 Sababaoota dhukkubootaa daddarboo miti daddarboo ni tarreessita

Hiika fayyaa-Fayyaan haala qaamni orgaanizmootaa rakkina tokko malee dalagaalee


gaggeessuu danda’uuti.Ulagaaleen namni fayyaan tokko guutee argamuu qabu3n, 1.Qaama
guutuu fi fayyaa,2.Sammuu sirriitti yaadu fi3. Hawaasa keesssatti umurii fi sadarkaa irraa
eeggamu guutee argamuu dha. Barbaachisummaan fayyaa hawaasa dhibeerraa mo’atee fi
jireenya badhaadhaa jiraachuuf tattaafatu horachuu danda’uu dha.

Ulaagaaleen namni fayyaan tokko guutee argamuu qabu isa armaan olii 3n kana

Hiika Dhukkubaa? Dhukkubni jeeqama qaamonni orgaaniziimootaa dalagaalee isaa sirriitti


akka hingaggeessine gufachiisanii dha.Haala nama dhukkubsataarraa isa faayyaatti daddarbuu
isaaniirratti hundaa’uun dhukkuboonni bakka 2tti qoodamu.Isaanis dhukkuboota daddarboo fi
mitidaddarboo dha

Sababootni dhukkuboota daddarbootiif ka’umsa ta’an paatojinootaa fi dhaala sanyiitiin kan


dhufanii dha.Dhukkubootni dhalootaan warrarraa ijoolletti daddarban dhukkuboota dhaala sanyii
jedhamu.

2
Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem. 2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

Sababoota Dhukkuboota miti daddarboo3n 1.Keemikaalaan summaawadhaan2. Miidhama


qaamaatiin 3.Hanqina nyaataatiin kan dhufanii dha.

Sababoota Dhukkuboota miti daddarboo

Paatoojinoota dhukkuoota namatti fidan

Vaayrasoot, baakteeriyoota, pirootozowaa, fangasoota, maxxantoota

Dhukkuboota daddarboo paatoojiinotaan dhufan

Paatoojinootni maaliif dhukkuba namattis ta'e varteebirootatti fiduu? Jireenya isaanii


milkeefachuuf soorata fi tiishuu saammachuun ,summii meettaaboolzimii qaama
keessummeesitootaa keessatti gadidhiisuun dhukkuba itti fidu.

1.1.Dandeettii dhukkuba ittisuu qaamaa(Madinummaa)

3
Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem. 2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

Madinummaan maali?Madinummaan dandeetti qaamni keenya uumamaan dhukkuboota ittiin


ofirraa ittisuu (dandamachuu) ti.Qaamni keenya dhukkuboota adda addaatiif saaxilamus
madinummaa isaa fayyadamuun dhukkuboota ofirraa ittisuu (dandamachuu) danda’a.

Karaalee qaamni keenya dhukkuboota ittiin ofirraa ittisuun


Ittisa waliigalaa(General defense) Ittisa murtaa’oo(specific
defense)
Ittisa sarara 1ffaa Ittisa sarara 2ffaa Ittisa sarara
3ffaa(madinummaa)
Gogaa,laanqessaa dhan Faagoosaayitoonni (WBC) , Liimfoosaayitoonni (WBC)
gal’oo laaysozomootaa, Pirootiinii farra paatojinoota liqimsuu fi
gogaa ,membireenii maayikiroobotaatiin loluunn iittisu summii paatojinootaa
laanqessaa, xannachoot (inflammatory response) qaamota hinbaabsessuun dhukkuboota
a alagaa kiyyeessuun diigu . ittisu.

Gabateen armaan olii haala qaamni keenya madinummaa isaatiin dhukkuboota ofirraa ittisuu
agarsiisa.

1.1.1. Madinummaa(immunity)

Madinummaan maali?Madinummaan dandeetti qaamni keenya uumamaan dhukkuba ittiin


ofirraa ittisuu danda’uuti.Akkamitti?Qaamni keenya dhukkuboota adda addaatiif saaxilamus
madinumaasaatiin gargaaramee dhukkubootarraa ofirraa ittisa (ni dandamata).

Gosoota Madiinummaa argachaa

Madinummaan dhalootaan booda kan argamuu dha. Kanaafuu madinummaa argachaa jedhama.
Madinummaan argachaa bakka 2tti qoodama.Isaanis madinummaa mugaa fi madinummaa
qophee dha. Namni tokko dhukkuboota adda addaatiif saaxilamus yoo dhukkubsachuu baate
madinummaa uumamaa qaba jechuu dha. kunis kan ta'u qaamni isaa farra qaama alagaa
(antibody) waan madisiisufi. Madinummaan uumamaa haadharraa ijoolledhaan kan dhaalamuu
dha.Madinummaa argachaa- dhalootaan booda karaa 2n horatama.isaanis madinummaa
argachaa qophee fi madinummaa argachaa mugaa dha.

Madinumaa argachaa qophee-Madinummaan kun hirmaannaa qaamaatiin kan horatamuu


dha.Kunis namni tokko dhukkubsatee erga fayyeen booda lammata dhukkuba saniin lammata

4
Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem. 2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

akka hinqabne gargaara.Maaliiif? Qaamni yeroo dura dhukkuba saniin qabame sana farra
alagaa dhukkuba san ofirraa ittisu waan qopheefateef dhukkuba snaan deebi'ee hinqabamu. Fkn
gifira.Madinummaa qopheen qaama keessa yeroo dheeraa(umrii guutuu) turuu danda'a.

Madinummaa mugaa- Namni tokko osoo hindhukkubsatin dhukkuba ofirraa ittisuuf talallii
fudhachuun kan horatamuuu dha.Kunis kan ta'u yoo qaamni nama sanii farra alagaa (antibody)
dhukkaba sanaaf yoo hin maddsiifne kan raawa'atamuu dha.

Gosoota madinummaa argachaa

Talaalliin maal irraa qophaa'aa? Tallalliin vaayrasii ykn baakteeriyaa dadhaboo wal horuu
hindandeenyerraa qophaa’uun namootaaf kennama.Kanaafuu qaamni keenyas paatoojinoota
dadhaboo kanaan wajjin walloluu erga shaakalee booda dhukkuba paatojiinii saanaan dhufuuf
farra qaama alagaa qopheefata.Kanaan booda qaamni keenya dhukkuba sanaaf yoo saaxilame
ofirraa ittisa(qolata).

Paatojininni yeroo hunda maaliif qaama namaa fi vartebireetotaatti seenuu


barbaaduu?Paatojinoonni akka vaayirasii fi baakteeriyaa fangasii,maxxantootaa fi kkf qaama
namaa fi varteebireetotaatiin hariiroo walirraa hincinne qabu.Sababnis madda badhaadhaa
kana irraa saammachuu fi marsaa jireenya isaaii itti fufuuf waan isaan
dandeessisuufi.Varteebireetonnis paatoojinoota ofirraa ittisuun jireenya isaanii itti fufu.

1.1.Sababa dhukkubootaa

5
Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem. 2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

Dhukkubni maali? Dhukkubni jeeqama qaamani orgaanizimii dalagaa isaa haala gaariin
hojjachuu dadhabuu ti. Sababoonni dhukkubootaa maalii? Sababoonni dhukkubootaa
paatoojiinotaa, dhukkuboota dhaala sanyii fi dhukkuboota akka miidhama qaamaa, hanqina
nyaataa fi keemikaalaan summaa’uu ti.Walumaa galatti dhukkuboonni bakka 2tti qoodamu.
Isaanis dhukkuboota daddarboo fi miti-daddarboo dha.

1.2.1 Dhukkuboota Daddarboo

Dhukkuboota daddarboon-paatojinootaan dhukkubsataarraa gara nama fayyaatti


dadarbu. Dhukkubootni daddarboon bakka 2tti qoodamu.Issanis paatoojiinootaa fi Dhaala
sanyiitiin kan daddarbanii dha.Paatojinootni dhukkuboota fayyaarraa nama dhukubsataatti
daddabarsan Vaayirasoota, baakteeriyaa, Pirotozoo’aa fangasoota fi maxxantoota.
Karaalee dhukkubootni daddarboon dhukkubsataarraa nama fayyaatti daddarban
keessaadhangala’oo qaamatiin, qilleensaan, soorataa fi bishaan faalameen, wal-qunnamtii saala fi
kallattiin wal tuquudhaani..Kuun immoo orgaanizimii giddu galeessaa (baattoo) fayyadamuun
dhukkubsataarraa nama fayyaatti daddarbu. Fkn bookeen busaa nama dhukkubsataa idduudhaan
pilaasmoodiyeemii nama fayyaatti dabarsiti.

Dhukkuboota dhaala sanyiitiin daddarban (genetical diseases)

Dhukkuboonni dhaala sanyiitiin warrarraa ijooleetti daddarban dhukkuboota dhaala sanyii


jedhamu.Fkn “downy syndrome”

2.Sababota dhukkuboota Miti daddarboo3n

1.keemikaalaan summaawudhaan2.Miidhaa qaamaatiin 3.Hanqina nyaataatiin

1.1.1.1 Dhukkuboota Namaa Paatoojiinotaan dhufan

A. Dhukkuboota vaayiraasiin dhufan- Influweenzaa, Maariyyee (small pox), Gifira (Measles),


Pooliiyoo,HIV AIDS, Heppaatisisii, Dhibee qorraa beekama (common cold), Goobaa Qeerroo
ykn manjalloo (Mumps),Iboolaa,Koroonaa fi kkf

B. Dhukkuboota Baakteeriyaa dhufan- Tetaanasii, Daranyoo sombaa (TB), Difteeraa,


Botalizimii Koleeraa albaasaa), Bakterial dysentery (baakteeriyaa, Cophxoo, Fanxo,
Taayifooyidii

C. Dhukkuboota Pirootozo’aan dhufan, Pilaasmodiyaamii, Entameeba histolitikaa,


Tiraapanoosomiyaasisii

D. Dhukkuboota fangasiin dhufan- Kandidiasis, Baarillee, Athsete’s foot

6
Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem. 2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

E.Dhukkuboota raammolee maxxantootaan dhufan- Raammoo huukkoo, raammoo magaa,


raammoo minnii fi kkf dha.

Boqonnaa 2: Pirootozo’aawwan maxxantoota namaa ta’an

Kaayyoo

Dhuma boqonnaa kanaaatti ati:

 Pirootozoo’aa dhukkuboota namatti fidan ni garteessita

 Morfoolojii pirootozo’aa ni ibsita

 Marsaa jireenyaa pirootozo’aa dhukkuba namatti fidanii ni addeesita.

 Dhukkuboota pirootozo’aan namatti dhufan ni tarreessita.

 Karaalee dhukkuboonni pirootozo’aan namatti dhufanii ni addeessita.

Pirootozoo’aan maali?Pirootozo’aan orgaanizmoota seel-qeenxee,maxxantoota namaa ta’anii fi


meetaaboolizimii seelii 1 keessatti qofa gaggeessuun jiraatanii dha.Isaan keessaa filaajileetota
bayy’een si’aa’inaan ni socho’u.Gariin isaanii ispooroozo’aa waan ta’aniif caasaa sochii
dhabeeyyii dha fkn plaasmoodiyeemii,Tooksoopilaazmaa gondii,Kiriiptoospooriidiyeem
maarvaamii dha.Walhormaata isaanii saalessaa fi alsaalessaan gaggeessu.

Dhukkuboota pirootozowaadhaan dhufan muraasni kan armaan gadii ti.


Ameebaa,Busaa,dhukkuba hirriibaa Afrikaa,dhukkuba chaagaasii,jaardiyaa fi kkf dha.

2.1 Ameebota maxxantoota ta’an

“Entamoeba hisolytica”

Ameebonni mar’imaan namaa kessatti argaman hedduu ta’anis isaan kana keessaa dhukkuba
namarraan geessisus kan beekkamu Entamoeba histolytica qofa. Fkn Entamoeba
hisolytica”,Entamoeba dispar, Entamoeba coli,Entamoeba hartmanni,Endolimax nana fi
Iodamoeba bütschlii ti.Isaan kana keessaa baay’inaan mar’imaan namaa keessatti kan argamu
Entamoeba histolytica/dha. Ameebonni kun dhukkuba namaarraan geessisuun

7
Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem. 2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

hinbeekkaman.Dhukkubni kunis ameebiyaasisii jedhama.Namni tokko ameebiyaasisiidhaan yoo


dhukkubsate eddattoo xiqqoo bobbaa isaarraa fudhachuun maayikirooskoppiidhaan yoo
ilaalamu moorfoolojii lamaan mul’ata.Isaan kunis dhandhalchaa fi tiroofoozooyitii dha.
Dhandhalchi dhukkee sochii dhabeessa yoo ta’u tiroofoozooyitiin sochii kan qabuu dha.

Pirootozoo’aa→Ameebota ,Siiliyeetota ,Filaajileetotaa ,Pilaasmoodiyaamii ,Kiriiptoosporidiyee


m, Parvaamii,Tooksopilaazimaa goondii

2.1 Siiliyeetota maxxantoota ta’an (Parasitic ciliates)

Maxxantoonni kun caasaa rifeensee salphaa fi hedduu akkasumas niwikilaayota lamaa fi


vaakiyuulii kottoonfataa qabu. Maatii siiliyeetotaa kana keessa dhukkuba namarraan geessisuun
beekkaman balantidiyeem kolii qofa.Kunis kan baay’atu naanno qilleensa ho’aa
qabutti.Balantidium koliin maxxantuu mar’imaan furdaa ti.Baay’inaan kan namatti darbu,
booyyee fi roodenchiyaarraati.Yeroo baay’ee booyyeerra namatti darba .“

2.2 Filaajileetotaa Mar’immaanii, afaanii fi qaama walhormaata dhalaa…..16

Filaajileetii Qaama namaa itti Haala itti daddarbu


maxxanu
Jaardiyaa laambiliyaa mar’immaan Nyaataa fi dhugaatii faalameen
Tiraakomoonasii teenaksii Afaanii Wal dhungachuun,meshaa dhugaatii
tokko waliin fayyadamuun

8
Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem. 2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

Tiraakomoonasii qaama wal- saalquunamtiidhaan


vaginalis hormaata
dhalaa
Tiraaypaanosoomaa fi dhiigaa fi Tiisisaan iddamuudhaan
Leshmaaniyaa tishuulee

Gabateen armaan olii filaajileetota, qaama namaa isaan itti maxxanii fi haala dhukkbni isaaniin
dhufan itti daddarban agarsiisa.

Pirotozowaa Sanyii tisisaa baattoo Kuusaa Dhibee namatti fidu


ta’an(tsese fly)
“T.gambiense” “Glosiinaa Saree,re’ee,hoolaa Dhukkua hirriibaa
palpaalis”,Giloosiinaa Afrikaa
tachinodes
T. rhodesiense G. morsitans,G. Pallidipes, G. Bineensota Dhukkuba hirriibaa
avsteni bosonaa Afrikaa
T.crzi Geergoo Geergoo Chaagaasii-fuula
dhiitessuu
(Roomaanaas)

Gabateen armaan olii gosoota tiraayipaanosomaa, sanyii tiisisa baattoo isaanii fi dhukkuboota
tiraayipaanosomoonni kun dhukkuba nama qabsiisan agarsiisa

Leeshimeeniyaa

Sanyiilee leeshmaaniyaa bay’een morfoloojii walfakkaata qabu.Qaama namaa adda addaa


miidhu. Fkn gabatee armaan gadii ilaali.

Qaama namaa adda addaa miidhu. Fkn gabatee armaan gadii ilaali.

Orgaanizimii(pirootozowaa) Qaama Dhukkuba inni


miidhu geessisu
L. donvaanii Veseeralii Garaa Leeshimeeniyaa
L. biraaziliinsii Kutaaneesii Gogaa Leeshimeeniyaa

9
Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem. 2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

L.biraaziliinsii Mukokutaaneesii(laanqessaa fi Laanqessaa Leeshimeeniyaa


garaa) fi garaa

1.1.Pilaasmoodiyaamii

Pilaasmoodiyaamiin dhukkuba busa nama qabsiisuun beekkamu.Dhukkubsataarraa gara nama


fayyatti kan dabru bookeen busaa nama dhukkubstaa erga idditeen booda nama fayyaa yoo
idditee dha.Gosootni pilaasmoodiyeemii beekkamoon gosa 4n P.faalsifaaramii,P.vaayivaaksii,P.
ovaaleeP. Maalaariyee

Boqonnaa 3 Raammolee Maxxantoota ta’an

Kaayyoo

Boqonnaa kana baratanii booda ati

 Gosoota raammoolee maxxantootaa adda baafatta

 Faffaca’insa raammolee maxxantootaa adda addaa ni tarreessita

 Marsaa jireenya raammolee maxxantootaa adda addaa ni ibsita

 Karaa raammolee maxxantootaa dhukkubsataarraa nama fayyaatti daddarban fi dhibee isaan


fidan ni tarreesita

 Haala dhukkuoota raammolee maxxantoonni ittiin ofirraa ittisuu fi to’achuu ni ibsita

3.1 Raammolee battee (Flat worms)

3.1.1 Tirimaatoodota

Tiriimaatoodotni filuukota (baala fakkaattoo) raammoo battee (platyhelminthes) jalatti


ramadamu.Ga’eessi maxxantoota bineeldota lafee dugdaa qabeeyyii ti.
hedduun saal- lame (hermaphroditic) dha. Marsaa jireenyaa wal-xaxaa ta’e qabu

Sanyii Tireemaatoodaa Maxxantuu Qaama Keessa Jiraataatu

10
Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem. 2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

a. Faashiyoloppis buskii mar’immaan


b. Faashiyoolaa heppaatikaa tiruu
c. Paaragoniimas westermaanii sombaa
d. Raammolee shistosoomaa Maxxantoota dhiigaa kkf

3.1.1.4. (Shiistoosmaa)Maxxantuu dhiigaa ta’an “Schistosoma mansoni”,“Schistosoma


haematobium”,“Schistosoma japonicum”

3.1.2.SIISTOODOTA (RAAMMOOLEE MINNII)

Siistoodo”nni raammolee dhedhheroo maxxantoota mar’imaanii qal’aa soorata bullaa’e


saammachuudhaan jiraatanii dha.

 Keessumeessitoota siitoodota(raammoo minnii) armaan gadii gabatee siif jalqabame


mojula keetirraa dubbisuun guuti.

Siistoodaa Keessummeessituu
Taenia Solium Booyyee
Taenia Saginata Loon
Echinococcus multilocularis
Echinococcus Granulosus Saree
Echinococcus
Hymenolepis nana (Dwarf
Tapeworm)
Hymenolepis Diminuta Hantuuta
Diphylobotrium Latum Qurxummii

3.2 Neemaatoodota (Raammoolee ulee(maagaa)

Neemaatoodotni rammoon ulee caasaa salphaa, boca geengoo dheeraa, sarara dhabeessa,
qarqara lamaaniin qaraa fi qaamni isaanii kutiikiliidhaan uwwifamee dha. Qaama beeneldota
lafee dugdaa itti maxxanuun miidhan keessaa ijaa, afaanii , arraba, dhaaaba bulla’insa
soorataa, tiruu, somba fi kkf dha.Isaan keessa harki caalu saal-tokkee (dioceios) fi hammi
tokko immo saal-lamee (monoceios) dha.
11
Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem. 2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

3.2.1.Nemaatodota maxxantoota nama ta’an

 Neemaatodoota maxxantoota namaa ta’an itti aanan kana moojula keetirraa qo’achuun
gabatee armaan gadii moojula keetirraa qo’achuun keessummeessituu,qaama itti
maxxanan,haala itti nama qabatanii fi ittisa isaanii itti guutii qoo’adhu.Trichuris
trichiura, Ancylostoma duodenale , Necator americanus, Enterobius
vermicularis,Strongyloides stercoralis,Enterobius vermicularis

3.2.1.8.Raammolee Filaariyaalii

Raammolee filaariyaalii qaama namaa fi varteeireetotaatti maxxanuun dhiiga, sirna liimfaatikii,


cooma gogaa jalaa fi tiishuulee keessa jiraatu.Bocni qaama isaanii kirrii fakkaattoo fi dhedheeroo
dha. Beeladoota fi artiroopodoota gosa adda addaati fayyadamanii naama weeraru.
Walhormaatni hedduu isaanii ovooviiviiparisoota (hanqaaquu buustota).Raammoo dhaltuun
hanqaaquu boca raammoo fakkaatuu fi baa’yee fooyya’aa(microfilaria) dhiigaa fi tiishuulee
keessumeesitootaa keessatti buusiti. Hanqaaquu kun keessumeesitoota gidduu –
galeessaa(artiroopodootaa) hanga argatutti osoo hinjijjiiramin yeroo dheeraa tura.

 Raammolee filaariyaalii armaan gaditti siif tarreeffaman moojula keetirraa qo’achuun


gabatee qopheefadhuutii keessummeessituu,qaama itti maxxanan,haala itti nama
qabatanii fi ittisa isaanii itti guutii qoo’adhu.Isaanis :Wuchereria Bancrofti Onchocerca
Volvulus,Loa Loa ,Dracunculus Medinensis, “Brugia malayi” fi “Brugia timor,
“Mansonella ozzardi”, “Mansonella paristani”, “Mansonella streptoserca”

Boqonnaa 4 Qorichaa fi fayyadamuu seeraan alaa (drug and drug abuse)

Kaayyoo

 Dhuma boqonnaa kanaatti ati:

 Maalummaa qorichaa ni ibsita

 Gosoota qorichoota adda addaa fi miidhaa isaanii ni tarreessita

 Dhiibbaa qorichoota adda addaatti fayyadamuun dagaaginaa fi diinagdee biyyattii irratti


qabu ni addeessita

12
Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem. 2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

Qorichoonni seeraan yoo itti fayyadamne dhukkuboota addaa addaa fayyisuuf


tajaajila.Haat’u malee namoonni qorichoota fayyidaa kanaan ala yoo fayyadaman seeraan
ala fayyadaman jedhama.Namoonni qorichoota adda addaatti seeraan ala fayyadamuun
fayyaa fi jireenya hawwaasumaa isaanii rakkoo cimaaf saaxilu.Fkn araadaa adda
addaatiin qabamuu,yakka adda addaatiif saaxilamuu fi hanga lubbuu dhabuutti isaan
geessisa.

1.1.Qorichi maali?

Qorichi keemikaala dhukkuboota fayyisuu barbaadameef ooludha.Qorichi faayidaa kanaan


ala kan oolu yoo ta’e qorichatti seeraan fayyadamuu agarsiisa.

1.2.Dogogoraa fi seeraan ala itti fayyadamuu Qorichaa

Qoricha seeraan ala fayyadamuu – qorichi haajaa barbaadameen alatti sababa biratiif
fayyadamuu dha.

1.3. Qorichoota seeran alaa fi dhiibbaa isaanii

Qorichoonni seeran ala yoo hojiirraa oolan miira namaa haala adda addaatiin dhiibaa
hinbarbaachifne irratti raaw’atu.Qorichoota akkanaa keessaa fkn yoo fudhanne 1.
Muusesitoota (depressants) 2.kakaastota (stimulants) fi abjuu sobaa mil’istoota
(hallucinogens).

Qorichootni Muusessitoonni qorichoota miira namaa gadiqaboo(callisiisoo)


dha.Muusessitoonni sochii hojii qaama namaa hir’istoota.Haalusinoojiinonni abjuu sobaa
mul’isatoota.Kakastonni qorichoota qaama keenya gochoota adda addaatiif si’eessanii dha.

Boqonnaa 5: Hariiroo saal-qunnamtii itti gaafatamummaa qabu (Responsible sexual


behavior)

Kaayyoo

 Dhuma boqonnaa kanaatti ati:

13
Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem. 2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

 Barbaachisummaa barnoota saalaa ni addeessita

 Saalummaa fi rakkoowwan saalaan wal-qabatan ni tarreeessita

 Ulaagaalee hariiroo saal-quunnamtiin itti gaafatamummaa guutuu qabu ni ibsita

 Mata dureewwan armaan gadii mojula kee sirriitti dubbisuun ga’ee


saalquunnamtiiin itti gaafatamummaa qabu hawaasaa fi biyya ijaaruu kessatti
qabu gabaabsii ibsi.

5.1 Saalaa fi Saalummaa (Sex and Sexualilty)

5.2 Barnoota saalaa fi faayidaa isaa (Sex education and importance)

5.3 Wal-qunnaamtii saalaa fuudhaa fi heeruma duraa

5.4 Amaleeffannaa saal qunnamtii (sexual Abuse)

Boqonnaa 6: Fayyaa Hawaasaa

Kaayyoo

 Dhuma boqonnaa kanaatti ati:

 Maalummaa fayyaa hawaasaa ni ibsita

 Faayidaa qulqullina naannoo fi dhuunfaa eggachuun qabu ni tarreessita

 Miidhaa barmaatileen miidhaa qabeeyyii geessisan ni tarreessita.

 Moojula boqonnaa 6 erga qo’atteen booda ga’een qulqullina naannoo fi qulqullina


dhunfaa eggachuu fayyaa hawaasaa mirkaneessuurratti qabu tarreessi.Akkasumas
barmaatileen miidhaa yoo dhabasiisuun danda’ame faayidaa hawaasni argachuu
danda’u gabaabsii barreefadhu.

Barmaatilee miidhaa qabeeyyii→ Dhaqna qabaa dubaraa, Huuba qoonqoo


kuchisiisuu,Umurii malee heerumu fi fuudhaa,Misiroo qeensa buqqisuu, Qaama gubachuu,
Ilkaan daa’imaa buqqisuu dha.

14
Yaadannoo ijoo gabaabaa, gaaffilee shaakalaa fi deebii Saayinsii fayyaa(Biol 333) k/barssiisotaa eebbifamtoota bara 2012 sem. 2ffaa xumursiisuuf qophaa’e

Gosoota Dhaqna Qabaa Dubaraa→Serkaamsiishinii,Kiliitoorii diktoomii,Eksiishinii,


Infiibuleeshinii dha.

Rakkoolee dhaqna qabaa dubara dhaqna qabatetti dhufan:Dhukkubbi,Dhiigni


dhangala’uu ,Summaa’uu madaa (Infection),Fincaan tursiisuu , Qunca’uu qaamaa (tarsa’uu
qaamaa)

Boqonnaa 7: Fayyaa fi Uumaata

 Boqonnaa kana moojula keetirraa qo’achuun dimoogiraafii,jijjiirama baay’ina uummata,

dhiibbaa saffisaan dabaluun uummataa ,fayyaa, dinagdee biyyaarratti qabu erga hubatteen
rakkinoota kana dura beekuun akkamitti xiqqeessuun akka danda’amu gabaabsii bareefadhu.

Qabattoota baay’ina uummataa murteessan=Saffiisa hamma dhalatuu (birth


rate),Saffiisa hamma du’uu (death rate,Godaansa (migration. Godaansi bakka 2tti
qoodama.Godaansa keesaa gara alaatti (migration) fi godaansa alaa gara keessatti
(Immigration) taasifamuu dha.Haalota baay’ina uummataa
dabalan→Dhalachuu,godaansa alaa gara keessaatti godhamu dha.Haalota baay’ina
uummataa dabalan→Du’a,godaansa keessaa gara alaatti godhamuu dha.

15

You might also like