You are on page 1of 50

Fakkeenyaan Barsiisa

Fayisaa Maatiwoos Shinoo


Eebila,2023
@Fayisaa Maatiwoos Shinoo, 2023
Mirgi barreessaa seeraan tikfamaadha. Kitaabicha heyyama barreessaatiin ala
guutummaatti qaama isaa maxxansuunis ta’ee raabsuun dhorkaadha.
Fakkeenyaan Barsiisa : Fakkeenyota Bohaarsoofi Barsiisoo
Fayisaa Maatiwoos Shinoo

Yaada Kitaabicha irratti qabdaniif barreessaa toora asii gadiin quunnamaa!

Jatenifeyisa7@gmail.com

+251928645953

Facebook: Feyisa Shino

I
Galata
Har’as arrabni koo waan ani hojjechuu qabu isa natti agarsiisuufi hojichas fiixaan baasuu
keessatti qoodni isaa kan eenyuuyyuu wajjin kan walbira hin qabamne Yesus iristoos isa warra
du’an keessaa hangafa ta’ee ka’e galateeffachuuf hiikamaadha.

Abbaa koo isa barnoota malee hafee; anaan immoo “yaa ilmako, ati immoo akka koo qubaan
hin mallatteessin” jechuudhaan humna isaatii olitti isa natti dadhabeefi haadha koo ishee
jiruufi jireenya koo keessaa tasuma hin dhabamneen onnee koo keessatti barabaraan
yaadatamtu jechuun barbaada.

Yeroo ani barreeffama kana barreessu obsa guddaadhaan kan na faana turte; yeroo hundumaa
laphee koo keessa kan jiraattu haadha manaa koo Giiftii Dhangiyaa Nagaasaatiin eebbifami
jechuun barbaada.

Dhumarratti obboloonni dubbii koo gara kitaaba xiqqoo kanaatti akkan jijjiiruuf na
jajjabeessitan, sagantaa adda addaarrattis hubannoo keessan naaf qooddan barri jireenya
keessan haa eebbifamun jedha.

II
Yaadannoo
Yaadannoon Barruu kanaa namoota waan isaan bohaarsaa barsiisu irraa bohaartii
malee barumsa argachuu hin dandeenyeef haa ta’u!

III
Kitaabichi:-
Kitaabni „Fakkeenyaan barsiisa‟ jettu yaadama tokko akkuma jiruun bifa salphaafi
bashannansiisaa ta‟een hubachuuf yaadama biraa isa fakkaatuun dhiyeessuudhaani.
Barsiisa akkasii namoonni baay‟een yeroo baay‟ee kan itti gargaaraman yoo ta‟u,
hubachuudhaaf garuu xiinxaluufi itti yaaduu barbaachisa. Dubbatichi ykn barreessichi maal
jedhaa jira? Yaadni inni jalqaba haasa‟aa ykn barreessaa ture maali? jedhanii itti yaaduu
gaafata.

Gara macaafa qulqulluu gaafa dhufnu, macaafni qulqulluun kakuu haaraafi kakuu moofaa
jedhamee iddoo lamatti yoo qoodamu, kakuu moofaa ammas macaafota seeraa, macaafota,
seenaa, macaafota walaloo ykn ogummaafi macaafota raajii jechuudhaan qoodamu. As
keessatti waa‟ee caaseffama macaafa qulqulluu barreessuu barbaadee miti garuu achi
keessas ogummaan ykn walaloon yknis fakkeenyi bal‟inaan akka jiru ibsuu barbaadeeti
malee. Solomoon mootichi dubbii isaa ykn ogummaa isaa isa mi‟aawaa sana karaa
fakkenyota isaa ibseera. Fakkeenyaaf “mixiin waan ganna nyaattu bona tuullatti,
garuummoo isheen uumama hunda caalaa xiqqoodha” jedha. Amma namichi waa‟ee mixii
dhugaama jiru kan dubbate ta‟ullee, dhalli namaammoo akka of yaadatu dadammaqsuu
barbaadeeti.

Naataan raajichi Daawit mootichaan “namicha hoolaa dhibba qabu tokkoofi namicha
hiyyeessa ilmoo hoolaa tokkittii qabu tokkotu mandara tokko keessa ture. Namichi inni
hoolaa dhibba qabu kun gaaf tokko keessummaan itti dhufnaan, hoolota baay‟ee ofiisaatii
qabu qaluun isa mararraan, kan namticha hoolaa tokkottii qabuu qalee keessummaa isatti
dhufe ofirraa geggeesse, nama akkasiitu biyya ati bulchitu keessa jira” jedhe. Daawit
fakkeenyicha utuu itti hin yaadin “Dhugaa Waaqayyo isa jiraataati, nama akkasiitiif
du‟uutu ta‟a” jedhe. Inni dubbittiin akka isa ilaallattu hin hubanne.

Kakuu haaraa keessattis gooftaan keenya Yesus Kiristoos fakkeenyota hedduu


fayyadameera. “Mootummaan Waaqayyoo raacitii xiqqoo dubartiin fuutee qodaa bukoo
keessa buufte fakkaata, Homtinuu hordaa harkaan qabee of duuba hin ilaalu, ……… fikkf”
baay‟ee fayyadameere.

IV
Egaa nutis jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti fakkeenyaan dubbachuu hin dhiifnu,
yookinis utuu nuti hin dubbannu ta‟ees fakkeenyaan nutti dubbatamuun isaa hin hafu.
Kanaafuu barreeffama gabaabduu kana keessatti fakkeenyota hedduudhaan barsiisa bal‟aa
bohaaraa akka irraa barattaniif isiniif qophaa‟eera.

Dhumarratti kitaabichi kan qophaa‟e dubbii namoonni sagantaa adda addaarratti dubbatan
irraa ta‟uu isin hubachiisuun jaalladha. Dubbisa gaarii!

V
Baafata
Qabiyyee Fuula
Galata ........................................................................................................................................................... II
Yaadannoo .................................................................................................................................................. III
Kitaabichi .................................................................................................................................................... IV
Baafata......................................................................................................................................................... VI
Isin Harrichaa Wajjin Asuma Turaa! ........................................................................................................ - 1 -
Karaa Aarri Ba’u ........................................................................................................................................ - 1 -
Kadhannaa Mucaa Xiqqoo .................................................................................................................... - 2 -
Waan Ka‟aniif Hin Awwaalinaa............................................................................................................ - 2 -
Haadha Koollee Hin Fuudhu ................................................................................................................. - 3 -
Maal Isinimmoo Haadha Koo Fuutan Mitii? ....................................................................................... - 4 -
Iji Koo Tokko Haa Badu ........................................................................................................................ - 4 -
Jabbiin Waaqayyoo Jalaa Duute ........................................................................................................... - 5 -
Qodaa Buusii ........................................................................................................................................... - 5 -
Qarshii Sagal Kasaarteetta ...................................................................................................................... - 6 -
Re‟ee Bade ............................................................................................................................................... - 7 -
Ani Namas Miti....................................................................................................................................... - 8 -
Waraqanni Afaan Hin Qabu .................................................................................................................. - 8 -
Maal, Maal Taatan? ................................................................................................................................ - 9 -
Yoo Akkas Ta‟e Asuma Dhiyoodhaa Kaatan Jechuudhakaa! .......................................................... - 10 -
Irra Utaalii Liqimsi................................................................................................................................ - 11 -
Maal Gurbaa Sila Yeroo Isheen Laga Hoofaa Dhugde Hin Agarree Ati? ....................................... - 11 -
Naa Galateeffadhaa! ............................................................................................................................. - 12 -
Edaa Afaan Koo Qofa Keessaayyuu Qarshii Kuma Soddomii Laman Qabaa! ...................................... - 13 -
Jarattii Dhiboofttuu Nana! ................................................................................................................... - 14 -
Yoon Ce‟e Mucaa Koo Bira, Yoon Du‟emmoo Abbaa Koo Biran Deema! .................................... - 15 -
Mataan Koo Boolla Haa Dhaqu .......................................................................................................... - 15 -
Edaa Gaafan Machaa‟u Lafuman Nama Rukutuyyuu Hin Beekuu!................................................ - 17 -
Isin Hin Ilaallatu Luba Taammiru! ...................................................................................................... - 18 -
Yesuus Keessanoo Na Didee ............................................................................................................... - 19 -
Kallattii Olii Kaa‟ameedha ................................................................................................................... - 19 -

VI
Haaduu kootu keessatti Hafe................................................................................................................ - 20 -
Maaf Hirriba koorraa Na Jeeqxuu ....................................................................................................... - 21 -
Waaqayyo Waan Godheef Beeka ........................................................................................................ - 22 -
Hojjettuu Mana Keenyaati ................................................................................................................... - 24 -
Addunyaa Kanatu Natti Mul‟ata ......................................................................................................... - 26 -
Namichattiitu Manaa Waan Irra Raftu Hin Qabdu ........................................................................... - 27 -
Argiteetta Mitii Animmoo Akkan Si Taajjabe .................................................................................... - 27 -
Lafa Wayii Karaan Hunduu Ni Geessa .............................................................................................. - 28 -
Leenca Hoolome ................................................................................................................................... - 29 -
Duuti Biyyaa Wajjinii Hirriba .............................................................................................................. - 30 -
Ani Qoodan Iyyu Bilbilli Koo Yoo Iyye Hin Wayyuu?..................................................................... - 31 -
Nuugiin Waaqayyoo Gama Kanaa Manca‟aa Jira ............................................................................ - 32 -
Yabbuu Jiidhaatti Maru ........................................................................................................................ - 32 -
Namaaf Kennaan Jedhe Malee Yooman Nan Kenna Jedhe? ........................................................... - 34 -
Nuyi Nama Ceesifna Malee Ofii Hin Ceenu ...................................................................................... - 35 -
Fidi Argeeraa! Fidi in fiddaa! ............................................................................................................... - 36 -
Yesuus Kun Namoota Sadiidha Mitii? ................................................................................................ - 38 -
Isa Kanahoo Hin Dadhabduu .............................................................................................................. - 39 -
Kan Galaana Kanarra Dursee Utaale Ni Badhaafama ...................................................................... - 40 -
Yooman Dadhabee laafe? ..................................................................................................................... - 41 -

VII
Isin Harrichaa Wajjin Asuma Turaa!
Waldaa kiristaanaa tokko keessa hojjettoota wangeelaa waliif hin galle namoota lamatu turan.
Ayyaana Waaqayyo isaaniif kenneen namoota badan gara gooftaatti deebisuun utuu isaan irra
jiruu, isaan garuu yeroo isaanii waldhiibuufi walnyaachuudhaan dabarsu turan. Dhimmi kun kan
isaan yaachise, maanguddoonni waldichaa yeroo baay‟ee gorsan, araarsanis. Haata‟u malee
ammaa amma deddeebi‟anii wal loluu itti fufan. Dhumarratti maamguddoonni furmaata gaarii ni
ta‟a jedhanii kan yaadan lamaan isaanii gargar baasuu waan ta‟eef, isa tokko gara baadiyaa, isa
tokkommoo Finfinnee akka tajaajilan godhan. Gargar ba‟uu isaanii dura raawwatanii dhiifama
waliif godhanii deemuu qbu jedhanii sagantaa geggeessaa qopheessaniif. Isaanis raawwatanii
dhiifama akka waliif godhaniif waliin dubbii taasisan. Haa ta‟u malee gara baadiyaa inni deemu
ammayyuu garaa isaatti haaloo qabatee akkas jedhe; “Gara baadiyaa deemuu koo dura sagalee
tokko isiniif qooduun barbaada” jechuudhaan dubbii kana dubbate “isin harrichaa wajjin asuma
turaa! Aniifi mucichi immoo achi garas dhaqnee in saganna” (Uum 22:5)

Firoota ko! Harreen eenyuudha? Sagaleen kun ittiin walxiqqeessuudhaaf yookinis wal
cabsuudhaaf ni ta‟aa? Waaqayyoon tajaajilla, soda Waaqayyoo qabna kan nu jennuuf, nuyi
tajaajiltootaaf dhumni keenya kanaa? Yeroo wal ciniinnuufi wal nyaannu akka hin badneef
hunduma keenya Waaqayyo araara isaatiin nu haa ilaalu. Ameen

Karaa Aarri Ba’u

Namni waldaa keessatti nama biraa, bakkee yeroo ba‟us nama biraa ta‟u tokko ture. Guyyaa
tokko eenyuyyuu na hin argu jedhee daandii yaade irratti tamboo xuuxaa ykn aarsaa utuu
adeemuu akka tasaa soortuun waldaa fuullee isaatii utuu dhufuu arga. Amma tamboo kana
dhaamsuudhaaf yeroo waan hin arganneef, naasuu irraa kan ka‟e akkuma jirutti kiisii ykn borsaa
isaa keessa kaa‟ee soortucha harka fuudhe, nagaas itti baay‟ise, “akkam jirtu, ani fayyaadha,
gooftaan haa eebbifamu, Yesuus gooftaadha, Haalleluuyyaa Ameen” utuu jedhuu yoona kana
tambochi hojiisaa waan itti fufeef kootiin isaa gubatee aaruu jalqabe. Soortuchis “Ati ani
fayyaadha, gooftaan haa eebbifamu, haaleluyyaa jechaa afaan keetiin fayyaa labsita, haa ta‟u
malee cina keetiin aarri ba‟u kun maali? Waaqayyo dhala namaatiif tamboo aarsuun kan

-1-
barbaachisu utuu ta‟ee jalqabuma Addaam yeroo uumamu karaa ittiin aarri ba‟u hojjetaaf ture,
ati sirrii hin jirtu” jedhee ifate.

Waaqayyo Saa‟oliin “ajaja kee raawwadheera jetta, haa ta‟u malee sagaleen saawwaniifi
bushaayee ani dhaga‟u kun immoo maaliree”? jedheen 1Saamu 15: 13-14

Kadhannaa Mucaa Xiqqoo

Mucaan xiqqoo tokko yeroo hundumaa mana yeroo jiru kan kadhatamu nyaata qofaaf, jechuunis
nyaatni yeroo dhiyaatu yeroo hundumaa kan afeeramus isuma ture. Innis afaan isaa xiqqoo
sanaan “Yaa Waaqayyo, nyaata kana waan nuuf kenniteef si galateeffanna. Warra dhabaniifi
warra rakkataniif waan nyaatan akka kennituufiif si kadhanna” jedhee kadhata. Maarree gaaf
tokko haati isaa baay‟ee dhukkubsatanii, innis akka kadhatuufiif abbaan isaa afeeran. Arraba isaa
sanaan waan baratame kan fakkaatu kanarraa kadhannaa biraa akkas jechuudhaan kadhate, “Yaa
gooftaa dhukkuba kana waan nuuf kenniteef si galateeffanna, warra dhabaniifi warra
rakkataniifis akka gaarummaa keetti akka kennituufiif si kadhanna” jedhee kadhate.

Eyyee firootako; har‟as nuti sagalee isaarra yoo jiraanne beekumsa dabalataan kan caalu
beekuudhaaf waamamuu keenya dagannee, waan durii qofa qabannee wanti haaraan gaafa gara
jireenya keenyaa dhufu fudhachuudhaaf hayyamamoo hin taanu. Kanarraa kan ka‟e
Waaqayyoofi namaa wajjinis utuu wal lolluu argamna. Jireenya akkasiirraa Waaqayyo ayyaana
isaatiin waldoota kiristaanaa haa eegu! Ameen.

Waan Ka’aniif Hin Awwaalinaa

Yeroo tokko amanaan tokko du‟ee, mucaan dargaggeessi tokko “waan ka‟aniif akka hin
awwaalle” jedhee namoonni lama akka kadhataniif ajaje. Namoonni sunis “yoo kadhachuudhaa
baanne, sababni isaa nu ta‟a” jedhanii kadhannichatti amanuu baatanis kadhachuu eegalan.
Namni du‟es hin kaane, yaa‟ii awwaalcha dhufettis bitaa gale. Yeroon manaa ba‟anii bakka
awwaalchaa dhaqanis ni ga‟e. Dhumarratti ofii isaatiis kadhate (dargaggeessichi nama du‟e akka
hin awwaalleef dhorke sun jechuudha), garuu hin kaane. Dhumarratti waan jedhee jalaa miliqu
gaafa dhabu “dhiisaa, dhiisaa hin rakkisinaa anatu hammatee jira waan ta‟eef jedhe Abraham tu”
jedhee sababa dhiyeesse. Yeroo kana yaa‟iin sun baay‟ee aaree “amma kani nuti awwaallu isa

-2-
du‟e kana qofa utuu hin taane, sis itti daballeeti” jedhanii gaafa itti ka‟an balbala borootiin ba‟ee
jalaa miliqe.

Yesuus du‟ee du‟aa akka ka‟e erga amannee akkasuma immoo Waaqayyo warra obbaafatan
karaa Yesuus, isumaa wajjinis deebisee akka fidu in amanna 1Tasa 4:14

Eyyee firootako, du‟a yoo ta‟es bu‟aa keenya waan ta‟eef, gadda keenyaaf qixumatti, hafuura
keenyaafis akka sagalee isaatti gochuun nurra jiraata. Kanaafis Waaqayyo nu haa gargaaru.
Ameen.

Haadha Koollee Hin Fuudhu

Obboleessi tokko bultii ijaarrachuuf barbaadee durba ishee kamtu kaadhimaa har‟aa, gara
fuulduraa immoo haadha manaa isaa akka taatu beekuuf akka itti aanutti fayyadame. Akkas
jechuudhaan “amma haadhi manaa na barbaachifti, kunis jaalala Waaqayyoo dhumaa ta‟uu
daandiin ittiin beekuudha. Har‟a ganama waldaa kiristaanaa deemee utuun jiruu sagantaa
kadhannaa irratti jilbeenfadhee nan kadhadha, dhuftee cina koo jilbeenfattee kan kadhattu yoo
taate jaalala Waaqayyoo ta‟uu isaati, ishee utuu hin mari‟atinan fuudha” jedhee akkuma yaade
dilbata ganama waldaa kiristaanaa deemee jilbeenfatee yoo kadhatu durbartiin tokko dhuftee
jilbeenfatte. Suuta jedhee yoo ilaalu shaarbii isheen uffattee jirtu argee, dubartii ta‟uu isheettis
heedduu gammade. Gooftaan haadha manaa kennuudhaaf jaalalasaa waan mul‟iseef galateeffatee
kadhannaasaa xumuree ol jedhee yoo ilaalu, kan isa deesse haadhasaa taatee argamte. Baay‟ee
aaree “haadha koollee hin fuudhu” jedhee gatee deeme.

Kanaaf jaalalli gooftaa maal akka ta‟e hubadhaa malee, wallaalota hin ta‟inaa! Efes 5:17

Qulqullootaa! Waaqayyo jaalala isaa sagalee isaatiin nuuf ibseera. Sagalecharraa kaannee
daandii mataa keenyaarra yeroo deemnu kufnee akka hin argamneef gooftaan gara dubbii isaatti
nu haa deebisu. Ameen!

-3-
Maal Isinimmoo Haadha Koo Fuutan Mitii?

Gurbaa dargaggeessa waa hubachuun itti ulfaatu tokkotu umrii fuudhaa ga‟ee, calliseema
haadhaafi abbaa isaa wajjin jiraata. Dhimmisaa kun kan isaan yaadchise, maatiin isaa “gurbaa!
Amma fuudha geesseetta, kanaafuu durba siif taatu ilaalladhuutii nutti himi, nuti immoo akka
aadaa keenyaatti maatii ishee dubbisnee si fuusifna” ittiin jedhan. Inni immoo nama salphaatti
waa hin hubanne waan ta‟eef, “fuudhee maalan godha” jedhee maatii isaa gaafate. Maatiin
gaaffii isaa kanaaf deebii kennuufii danqamanii “durba garaan kee jaallatu ilaalladhuutii nutti
himi” ittiin jedhan irra deebi‟anii. Innis “mee erga jettanii haa ta‟ukaa” jechuudhaan yaada
isaanii fudhate.

Yeroo muraasa booddee gurbaan kun maatii isaatiin “amma isa isin naan jettan argadheera,
kanaafuu akkuma jettan na fuusisaakaa” jedheen. Maatiin kana dhaga‟e mucaan isaanii inni waa
hubanne sun durba argachuu isaa hedduu gammadanii “baga dhalatte gurbaa, akkas malee, intala
eenyuummoo argatte, intala safuu beektu, intala nama guddaa ta‟uu qabdi” jedhaniin. “Eyyee
abbayye intala nama guddaa qofa osoo hin taane, isheenuu nama guddadha” jedheen. Abbaafi
haati isaa “mee nutti himikaa, kami isheen laata” jennaaniin, “akkoodha abbayye” jedhee
deebiseef. Abbaan baay‟ee aaruurraa kan ka‟e “maal gurbaa haadha koo fuutaa” jennaaniin, inni
immoo deebisee “maal abbayye, isin immoo haadha koo fuutan mitii” jedheen jedhama.

Iji Koo Tokko Haa Badu

Guyyaa tokko Waaqayyo namicha tokkoon akkas jedhee itti dubbate. “wantan siif godhu hunda
diina keetiif immoo dachaan godhaaf, kanaaf maal akkan siif godhu barbaadda” jedheen. Innis
garaa isaatti “konkolaataa tokko naaf kenni yoon jedhee diina koof immoo konkolaataa lama
ta‟uu isaati, mana tokko naaf kenni yoon jedhee diina kootiif mana lama ta‟uu isaati” jedhee
yaaduu isaa itti fufaa dhumarratti “iji diina koo lamaansaa akka baduuf, ija koo tokko naaf
balleessi” jedhe.

Yesuus “fira kee jaalladhu, diina kees jibbi! jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu
isinittan hima, diinota keessan jaalladhaa, warra isin ari‟ataniifis kadhadhaa! Kana yoo gootan
ijoollee abbaa keessanii isa waaqa irraa in taatu, innoo aduu isaa warra hamootaafi warra
garraamiidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaafi warra jal‟ootaaf in roobsa”. Mat 5:43-

-4-
44. “Eenyuuf iyyuu qooda hamaa hamaadhaan hin deebisinaa, nama hunda biratti wanta gaarii
ta‟e yaadaa”

Eyyee yoomiyyuu yoo ta‟e bakka kamittiyyuu nama hundumaa duratti wanta gaarii ta‟e akka
yaadnuufi akka hojjennuuf Waaqayyo nu haa gargaaru! Ameen.

Jabbiin Waaqayyoo Jalaa Duute

Qotee bulaan tokko”yoom sa‟i koo dhaltee aannan dhugna, haadhimanaa koo dhadhaa dibattee
qabbaneeffatti, ijoolleen koos itittuu, shalalaafi dhama dhuganii kan quufan” jedhaa dhaluu sa‟a
isaatii utuu eeguu sa‟attiin jabbilee lakkuu gurraachaafi adii dhalte. Gammachuu isaa kana
fiigichaan dhaqee haadha manaa isaatti hime. Isheenis “Waaqayyoon haa galatu jettee, jabbii
tokko Waaqayyoof haa kenninu” jetteen. Innis deebisee “maaliif yeroo biraa yeroo isheen sadii
dhaltu hin kenninu” jedhe. Haadhi manaa hin ta‟u jechuudhaan dirqisiiftee tole jechisiifte. “Adda
baafnee haa kenninu, ishee adii moo yookiis ishee gurraattii haa kenninu” jetteen. “Gooftaan bifa
ishee jaallatee haa fudhatu, maaltu nu galche” jedheen. Tole waliin jedhanii baatileen sadii erga
darbanii booda jabbii ishee gurraattin in duute. Bakka horiin dheedduu fiigaa dhufee haadha
manaa isaatiin “jabbiin Waaqayyoo jalaa duute” jedhee itti hime.

Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin ta‟in, akka garaa isaatti murtoo
godhetti kennuutu isaaf ta‟a; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata. 2Qor 9:7

Eyyee nuti, wanti nuti qabnu hundinuus kan Waaqayyooti, wanti nu biraa ta‟e tokkollee hin jiru,
kanaafuu gammachuufi faaruudhaan danuu inni nuuf kenne keessaa deebisnee kennuutu nurra
jiraata. Yeroo kenninus yaada garaa duuba ta‟uun irra hin jiraatu. Nuti gara biyya lafaa kana
gaafa dhufnu wanti nuti qabannee dhufne tokkittiin illee hin jiru, garuu waan qabnu hunda
gooftaa harkaa fudhanne. Hundumtuu isaani, hundumtuu immoo ulfina isaatiif haa ta‟u.

Qodaa Buusii

Waldaa kiristaanaa naannoo tokkotti ijaaruudhaaf maanguddoonni waldaa yaadanii amantoota


walitti qabanii kaayyoo isaanii huubachiisani. Amantootnis yaadicha harka walitti buusanii
simatan. Egaa akkuma beekamu hojiin wangeela babal‟isuu maallaqa waan barbaachisuuf qarshii

-5-
akka bubuusan irratti waliigalii qodaan buusii amantoota hundarra akka naanna‟uuf amantootni
gaafatan. Qodaan buusii naanna‟ee, naanna‟ee luba waldichaa bira yeroo ga‟u waan tokkollee
keessa hin jiru. Lubni kun baay‟ee gaddanii lafaa ol ka‟anii qodaa buusichaa urgufanii akka
waan tokkollee keessa hin jirre uummatatti agrsiisanii “uummata akkasii gidduudhaa qodaan
buusii nagaadhaan waan deebi‟eef, Waaqayyoof galanni haa ta‟u” jedhanii ifatani.

Hojiin Waaqayyoo kan hojjetamu humnaafi qabeenya namoota Waaqayyootiini. Nutis waan
qabnu utuu hin qusatiniifi hin mamin gammachuudhaan ijaarsa mana isaatiif yoo kennine in
buufanna malee hin kasaarru, in fayyadamna malee hin miidhamnu, qabeenyi Waaqayyo saba
isaati, nuti yoo hin kennine hojii mana isaatiif, wangeela babal‟isuutiif eenyuutu kenna? Har‟a
garuu Waaqayyoof kennu namni baay‟een akka kasaaraatti waan ilaalaa jiru fakkaata. Waldaa
keessatti amantoonni hedduun dilbata dilbata walitti in qabamu, garuu yeroo qodaan buusii
naanna‟u kan kennurra kan harka maratee taa‟utu caala. Akkasumas manni sagadaa keessatti
walitti qabamanii itti waaqeffatan baay‟eensaa jalqabamee utuu hin xumuramin karaa dhaabataa
jira, garuu namni baay‟een immoo bara kana mana bareedaa, jireenya fooyyee qabu, konkolaataa
filatee jiraataa jira.

Firootako! Isa nuuf kenne ijaarsa mana Waaqayyootiif nuti yoo hin kennine eenyutu kennuuf
jira? Ofiisaa isa nuuf kenne Waaqayyoof jireenya keenyaafi waan qabnu hunda
gammachuudhaan akka kenninuuf gooftaan nu haa gargaaaru! Ameen

Qarshii Sagal Kasaarteetta

Namni tokko waldaa keessa yeroo qodaan buusii naanna‟u qarshii tokko kennuu barbaadee
qarshii abbaa kudhanii malee sharafa qarshii tokko borsaa isaa hundumaa keessaa dhabuun isaa
isa rakkise. Akka hin dhiifneef namoonni yeroo inni qarshii borsaa keessaa gadi baasu arganiiru,
akka hin kennineef sharafa qarshii tokko dhabeera. Yeroo kana warri buusii fuudhan isa bira
gaafa ga‟an akkuma jirutti qarshii kurnanuu kenne. Gaddaa gara mana isaatti gale. Mana gaafa
ga‟u haati manaasaa haala isaa ilaaltee akkas jettee gaafachuu eegalte. “Maal maal taate, namaa
wajjin wal lolte moo qarshiitu si jalaa bade” jetteen. Innis debisee “namaa wajjin wal hin lolle,
qarshiinis na jalaa hin badne, garuu waldaa keessatti gaafa buusiin funaanamu sharafa qarshii
kudhanii dhabeen namoonni na taajjabu jedhee qarshii tokko kennuun utuu narra jiruu qarshii
abbaa kudhanii akkuma jiruun kenne” jedhe. Isheenis akka jaalala Waaqayyootti akka inni hin
-6-
kennin hubattee “aayi abbaa manaako! Utuu sharafa argattee qarshii tokko kennitee sagal
hambifachuuf turte, haa ta‟u malee sharafa waan hin arganneef namni maal naan jedha jettee
akkuma jirutti qarshii kudhan kennite. Haa ta‟u malee qarshii sagal kasaarteetta, sababnisaa
Waaqayyo kan inni fudhatu ishee qarshii tokkitii ati jalqaba garaa keetti yaadde malee qarshii
sagal isa ati rakkattee kennite miti” jetteen.

Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin ta‟in, akka garaa isaatti murtoo
godhetti kennuutu isaaf ta‟a; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata. 2Qor 9:7

Eyyee wanti nuti qabnu hundinuu kan Waaqayyooti, kanarraas gammachuufi jaalalaan hojiin
isaa akka babal‟atuuf akka kenninuuf Waaqayyo nu haa gargaaru! Ameen.

Re’ee Bade

Soortuun tokko lallabarra utuu jiruu amantoota yeroo ilaalu amantoota gidduudhaa dubartiin
tokko gara isaa xiyyeeffannoodhaan ilaalaa ni boossi turte. Innis “dubartiin kun kan isheen
boossuuf ergaa kootiin tuqamtee ta‟uu qaba, lallaba koo gaafan xumuru maaliif akka boo‟an nan
gaafadha” jedhee lallabee akkuma xumureen amantoonni gara manaatti galuuf yommuu
faffaca‟an barbaadee ishees argatee maaliif akka boosse gaafate. “Harmee! Sila yeroon lallabu
namoota hundumaarraa addatti ana ilaalaa boo‟aa turtan, ergichaan tuqamtaniiti mitii” yeroo
jedhuun isheenis dinqisiifachaa “aayi mucaako, ati akka yaadde ergichaan tuqamee utuu hin
taane, kan na boossise areeda kee isa dheeraa kana. Areeda kee dheeraa kana yeroon argu re‟een
koo kaleessa bade natti yaadatamaa ture” jedhanii deebisaniif.

Egaa nuti tajaajiltoonni yaada amantoonni nuuf kennan isa wangeela bu‟uureeffate akka galteetti
kan fudhannu yoo ta‟eyyuu nama gammachiisuu yookiin immoo gaddisiisuuf hin hojjennu.
Namni akka nu jaallatuuf yookinis namni akka nu jibbuuf matumaa hin kurkurru,
xiyyeeffannoon keenya Waaqayyo akka nurraa barbaadutti ergichi saba bira ga‟eeraa kan jedhu
qofa ta‟uu qaba.

Eyyee firoota ko! Sabni nuti tajaajillu maalis haa jedhu maal nuti garuu sagalecha lallabuurraa of
hin qusannu, abdiis hin kutannu, gooftaa ilaalaa lallaba hojii keenya akka godhannu gooftaan nu
haa gargaaru! Ameen.

-7-
… hojii lallabaan wangeelaa hojjechuun ta‟uuf hojjedhu, hojii itti ergamte guutummaatti
raawwadhu! 2Ximo 4:5

Ani Namas Miti

Geggeessaan sagantaa tokko dhaabbatee “ani jaldeessa miti” kan jedhu yeroosaatti faarfannaa
ittiin jajjabaachaa turre jijjiiree faarfachuu barbaadee bineensota hunda tarreessuu eegale. “Ani
jaldeessa miti, ani qamalee miti, ani karkarroo miti, ani bofa miti, qerrensa, leenca, bosonuu,
arba, daana‟oo, injiraan, tafkii, tuwaanas miti” jedhaa itti fufee yeroodhaaf maqaa bineensaa
hunda gaafa fixu utuu hin yaadin “ani namas” miti jedhe.

Nuti tajaajiltoonni waltajjii tajaajilaa isa nuuf kenne gooftaa akka tajaajilluuf hoollannaafi soda
guddaadhaan Waaqaafi uummaticha sodaataafi kabajnee ta‟uu qaba malee callisnee ija jabinaan
kadhannaafi qophii ga‟aa malee dhaabbachuu hin qabnu. Nuti Waaqayyo isa mudaa hin qabneefi
uummata dhiiga isaatiin qulqullaa‟an gidduu kan dhaabbanu guyyuma guyyaatti daddabarsitoota
eebbaati. Kanaafuu dubbii keenyaafis ta‟ee akkaataa jireenya keenyaaf of eeggannoo haa goonu,
kadhanneefi qophoofnee tajaajiluu qabna malee akka barbaanneetti dhaabbachuu hin qabnu.

Tajaajiltootaa! Hin dogoggorinaa, nuti namootadha. Isayyuu namoota Hafuura Waaqayyoo


qabnu namoota kabajamoodha. Haa ta‟u malee qophaa‟uu dhabuudhaan , kadhannaa malee, ija
jabinaan kiruuseedii irratti muuxannoodhaan dhaabbachuun gara dogoggoraatti nu geessa. Bara
keenya nu hafe keessa kadhannaafi qophii ga‟aadhaan akka tajaajilluuf Waaqayyo nu haa
gargaaru! Ameen

Waraqanni Afaan Hin Qabu

Mandara tokko keessa haadha manaafi abbaa manaa baay‟ee waljaallatantu ture. Ba‟aa walii
walii isaani baataa bultii isaan waltumsuudhaan geggeessu turan. Keessumaa abbaan manaa
ganamaan ka‟uu hin danda‟u, haadhi manaa garuu ganamaan kaatee ciree qopheessitee yerootti
dammaqsitee ciree nyaachiftee gara hojii geggeessiti turte. Akkasitti utuu jiraatanii yeroo tokko
garuu wal loluun waan hin oolleef waan xiqqoo irratti wal mufatanii waliin oodan. Abbaan
manaa baay‟ee dhiphate, ganama eenyutu na dammaqsa jedhee yaadee waraqaa xiqqoo tokko
fudhatee “akkuma amaleeffanne ganamaan na dammaqsi” jedhee irratti barreessee minjaalarra

-8-
karaan isheen arguu dandeessuun kaa‟ee rafe. Isheenis ganamaan kaatee waraqatichumarratti
“akkuma baratame yeroon hojii keetii ga‟eeraa ka‟i” jettee barreessitee isheenis
minjaalichumarra keesse. Haa ta‟u malee waraqanni afaan hin qabu waan ta‟eef namtichi sa‟a
afur erga ta‟ee booda hirribarraa dammaqe. Dhummi kun yeroo hedduu irra deddeebiin waan isa
mudateef, namtichi bakka hojiirraa ari‟ame.

Waliin ooduun jireenya balleessa, daandii qajeelummaarraa nama balleessa, bu‟aan isaas ija kan
hin qabne kasaaraa jireenya hafuuraafi foonii kan fidu, maatii kan gargar baasuufi
walumaagalatti lubbuu kan dhiphisuudha.

Jaalala agarsiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee wal in kaafnaa! Ibr 10:24

Eyyee wal mufannaan mana keessaa bakkee ba‟ee jireenya keenyarratti rakkoo waan fiduuf gola
keenya keessatti dhiifama waliif gochuu akka dandeenyu Waaqayyo nu haa gargaaru! Ameen.

Maal, Maal Taatan?

Mana barumsaa macaafa qulqulluu tokko keessatti barattoonni baratan yeroo qormaata
fudhatanitti isaan gidduudhaa umriidhaan xiqqoo kan fagaatan qorumsichi itti ulfaatee deebiisaa
argachuuf dabtara irratti baratan galaggalchanii ilaaluudhaan deebiisaa hojjechuu jalqaban.
Yeroo kana barsiisaan haalichi baay‟ee kan isa ajaa‟ibsiise gara baratichaatti dhiyaatee
“maalidha, maal taatan, kun qormaataam, dabatararraa ilaalaa hojjechuun hin danda‟amu” jedhee
itti iyye. Baratichis darabee isaaniitti akkas jechuun deebisan “kanin hojjedhu ofii kootiif seetee,
mana gooftaatiif bar” jedhanii deebisan.

… waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta‟etti qabamaa jiraadhaa! Rom 12:9

Waaqayyo akka isa tajaajilluuf nu filateera. Geggeessummaa hafuura qulqulluutiin kennaawwan


hafuuraa adda addaa nuuf kenneera. Mana isaatti isaafi saba isaa dhugaafi qajeelummaadhaan
akka tajaajilluuf malee hamminaafi haxxummaadhaan tajaajilli sobaan guute isa hin
gammachiisu. Nutis tajaajiltoonni mana isaatii kana beeknee gooftaafis ta‟ee ofii keenyaaf wanti
goonu hunduu dhugaafi dhugaa gochuutu nu barbaachisa.

-9-
Ijoollee Waaqayyoo! Waaqayyoof yommuu hojjennu dhugaa soba irratti, qajeelummaa
hamminarratti dagaagsuuf haa ta‟u malee haxxummaan kan guute dadhabbii akkasumaanii akka
hin taaneef, Waaqayyo nu haa gargaaru! Ameen.

Yoo Akkas Ta’e Asuma Dhiyoodhaa Kaatan Jechuudhakaa!

Akkuma sagaleen Waaqayyoo abboomu nama waa‟ee gooftaa nama hundumaatti dhugaa ba‟uu
jaallatu tokkotu ture. Namni kun akkuma amaleeffate, gaaftokko utuu karaa adeemuu namoota
gooftaa fayisaa lubbuu isaanii hin godhanne harrootatti ba‟aa fe‟anii adeemaa jiraniin walitti
dhufee dhugaa itti ba‟uu barbaade. Dubbii jalqabuuf akka mijatuufiif nagaa erga gaafatee booda
“maal jarana guyyaa sambataatiin eessa deemtu” jedheen. Isaanis wanta inni yaadaa jiru baranii
“mooji hudduu kee” jedhanii deebisaniif. Inni immoo deebiseefii dubbii qabbaneessuu waan
barbaadeef, “harreettis isuma feetu jechuudhaa” jedheenii bira darbee adeeme.

Akkuma kana guyyaa kan biraammoo “yaa Waaqayyo iddoo nagaa na oolchi, nama arrabnisaa
abaarsa bares natti hin qabin” jedhee kadhatee manaa ba‟e. Namni kan biraan immoo “yaa
gooftaa maaloo har‟a namuman dhukkee irraa kaasu natti fidi” jedhee kadhatee manaa ba‟e. Inni
yaa Waaq dubbii narraa qabi jedhee ba‟eefi yaa Waaq har‟a naman wajjin wal tumu natti qabi
jedhee manaa ba‟e karaarratti walitti dhufan. Inni nagaa barbaadu duraan dursee “maal eessaa
kaatan obbo ebalu” yeroo jedhuun, inni dubbii barbaadummoo deebiseefii “mooji hudduu kee
keessaan ka‟e” jedheen silas kan inni barbaadu dubbiidha malee nagaa miti waan ta‟eef. Inni sun
immoo nagaa malee dubbii waan hin barbaanneef, “ahaa! Asuma dhiyoodhaa kaatan
jechuudhakaa” jedhee bira darbee adeemsa isaa itti fufe.

Warri nagaa buusan haa gammadan, isaan ijoollee Waaqayoo in jedhamu

Nagaan kan inni dhufu, nama jibbu jibbuudhaan, nama abaaru abaaruudhaanis utuu hin taane,
jaallachuufi eebbisuudhaani. Michootko! Gaa‟ela keenya, qe‟ee keenya keessattis nagaan maaliif
dhibe laata? Mee kottaa of haa gaafannuu!

- 10 -
Irra Utaalii Liqimsi

Namicha tokkotu dhukkubsatee mana yaalaa deeme, wal‟aansa argachuudhaaf jechuudha.


Dhukkuba isaa hundumaa erga ogeessa fayyaatti himatee booda, ogeessi fayyaas qoricha
kenneefii akkaataa itti fayyadama qorichichaa irratti hubannoo akkas jedhu kenneef “ilaa sirriitti
dhaggeeffadhu, qoricha kana guyyaa tokko liqimsitee, guyyaa isa itti aanummoo irra utaaltee
guyyaa isa sadaffaatti liqimsita” jedheen. Namichis “tole” jedhee gara manaa gale. Akkuma
ajajame, guyyaa jalqabaa liqimsee, guyyaa itti aanutti haadha manaa isaatiin “bishaan naa fidii as
naa kaa‟i” jedheen. Isheenis akkuma ajajamte bishaan fiddeefii dhaabattee ilaalte. Yeroo kana
qoricha of dura lafa kaa‟ee qoricharra utaale. Haadhi manaa kana argite hedduu raajeffattee maal
akka inni godhaa jiru gaafatte, innis deebiseefii “ogeessa fayyaatu guyyaa tokko liqimsiitii
guyyaa 2ffaattimmoo irra utaalii liqimsi naan jedhe” jedhee deebiseef.

Michootako! Namichi kun qoricharra utaaluu isaatiin fayyinni inni argatu hin jiru. Kan inni
ajajame guyyaarra utaaluu malee qoricha lafa kaa‟anii irra utaaluu miti. Har‟as namni baay‟een
waan gooftaan isarraa barbaadu akka biraatti hiikkatee, dubbiin Waaqayyoo nama baay‟eef galuu
didee hiyyummaafi dhukkubaan adamfama.

Maal Gurbaa Sila Yeroo Isheen Laga Hoofaa Dhugde Hin Agarree Ati?

Taateen kun kan raawwatame naannoo lixa Oromiyaatti. Gaaf tokko maanguddoo tokkotu loon
dhaltii tokko gurgurachuuf ilmasaa mucaa xiqqaa tokko oofsifatee gara gabaatti geeffate.
Gabaadhaan erga ga‟anii booda namni horittii bituuf jaallates dhufee gatii gaafate. Gatii waliin
dubbatanii erga waliigalanii booda, namni loon sana bituuf jedhu “ani akka isheen naaf hortun
barbaade, kanaafuu akkam bisshaan garaa qabdii” jedhee gaafate. Namichis deebiseefii “sirriitti
malee ilaali mee, bifumti isheeyyuu hin beeksiftuu….” jedhaa jajuu itti fufe. Akkas jedhee loon
isaa gurguratee maanguddoon kun ilmasaa waliin galuuf karaarra bu‟e. Dubbiin abbaa isaatii kan
isa aarse mucaan abbaa isaatiin “abbayye! Maaliif waan akkasii hojjettu, loon kun bishaan
garaadha qabdi maaliif jettan, kun cubbuudha” jedheen. Yoona kana abbaan hedduu aaree utuu
mucaan haasa‟ee hin fixin “qabi afaan kee gaddeebituu, sila yeroo isheen bishaan laga hoofaa
dhugdee dabarte ati hin arginee” jedheenii mucaatti dute.

- 11 -
Obbolootako! Hin gowwominaa goofticha warra haxxummaadhaan hojjetutti hin gammadu.
Utuuma beeknuu bu‟aa argannu yaadnee dhugaa jal‟isaa galmi jireenyaa nuti itti gallu
barabaraan wotwaachuufi ilkaan qaruu too ta‟e malee hin jiru. Waaqayyo nu haa gargaaru!

Naa Galateeffadhaa!

Jaartii tokkotu yeroo hundumaa dilbata dilbata dhuga ba‟umsan qaba jetee sagantaa qabsiifatti.
Maanguddoonni waldaa utuu nuffanii sagantaa qabuuf turan. Achi baatee (fuula saba Waaqayoo
dura) “Waaqayyo nagargaaree, umurii irratti umrii naaf eda‟ee, nagaadhaan na bulchee nama
har‟aa nagodhe, ana nama namniyyuu hin filanne inni kitila keessaa na fo‟ate, mee harka keessan
walitti buusaatii ilillee guddaadhaan naa galateeffadhaa!” jetti. Dhuga ba‟umsi ishee kun yeroo
hundumaa waan ta‟eef amantoonnis “maal kan ishee addaa, kanahoo Waaqayyo hunduma
keenyaa godhe, maal nutti iyyiti kun” jedhuun, maanguddoonnis akkasuma jedhuun tura. Gaaf
tokko maanguddoonni dhuga ba‟umsa kanaan baay‟ee nuffan mala qopheeffatan, isaan keessaa
tokko mala argadheera dhiisaa isin dilbata dhufu nan qaanessa jaartii kana jedhee warra kaan
harka rukuchiise. Innoo sambata galgala xaafii kuntaala tokko dhaqee mana ishee jala balbala
dura kaa‟eefii deebi‟e. ganama obboroodhaan jaartiin hirribarraa yemmuu kaatu xaafiin kuntaalli
tokko balbala duratti argitee “gooftaa har;‟ammoo waanuma dinqii hojjette, xaafii kuntaala tokko
manumatti naaf fiddee, maqaan kee haa ulfaatukaa” jettee dilbata bariidhaan “mee har‟as
sagantaa naaf qabaa” jetteen maanguddootaan. Inni xaaficha balbalashee dura kaa‟es keessa
isaatti har‟a si qaanessuufan jedhaam jechaa “ harme har‟as isinii qabnaaree? jedhaan . Eyyee
inni har‟aammoo in caalayyuu jetteen. Sagantaa qabaniifii yeroon sagantaa ishee yemmuu ga‟u
“akkuma baratame amma immoo aadde ebalurraa dhuga ba‟umsa waan Waaqayyo isaaniif godhe
dhageenya” jedhen. Isheenis achi baatee “Yesuusko nagaatti na eeegee, barruu harkasaarratti
nabaatee, har‟aan na ga‟e, kunimtiyyuummoo xinnaan xaafii kuntaala tokko fidee balabala dura
naa kaa‟e” yommuu isheen jettu namichi xaafii balbalarra kaa‟e sun afaanitti kutee “hin
amaninaa, hin sobdi, kan xaafii balbala dura kaa‟e Yesuus utuu hin taane, anadha” yemmuu inni
jedhuun “itti dabalaa naa galateeffadhaa, sila Yesuus karaa eenyuu akka naa fide baruu
barbaadaan ture, kunoo amma Yesuus koo namichuma kana baachisee naa fide, haaleluyyaa”
jettee ilillee keessaa fuute.

- 12 -
Edaa Afaan Koo Qofa Keessaayyuu Qarshii Kuma Soddomii Laman Qabaa!

Hojjetaa mootummaa kan ta‟e jireenya gadi bu‟aa kan jiraatuufi yeroo hundumaa namicha
gammachuu hin qabne tokkotu ture. Sababni isaa galiin inni argatuufi baasiin isaa wal hin
madaalu waan ta‟eefi. Wanti nama raajeffachiisee nama kofalchiisu nama kana biratti
homaayyuu miti, sababni isaa inni yeroo hundumaa waa‟ee hiyyummaafi ofiharkaa dhabuusaa
malee waan biraa hin yaadu waan ta‟eefi.

Haaluma kanaan waggaa baay‟ee jiraataa turee guyyaa tokko garuu ilkaan isaa dhukkubnaan
gara mana yaalaa deeme. Ogeessonni fayyaa qorannoo jalqabaa erga taasisaniifiin booda, ilkaan
kee buqqa‟uu qaba, bakki ilkaanichi buqqa‟u garuu waan fookkisuuf ilkaan namtolchee
(artificial) dhaabbachuu dandeessa jedhaniin. Innis tole jedhee ilkaan isaa buqqisiifatee, utuu
ilkaan biraa isa namtolchee hin dhaabsiifatin “dura gatii walii galla, tokkoon isaa meeqaan naaf
dhaabdu” jedhee gaafate. Isaanis tokkoon isaa qarshii kuma tokko jedhaniin. Namichi silayyuu
qarshii dhabuun waan gammachuu isa dhowwateef, hin barbaadu jechuudhaan gara manasaatti
gale.

Guyyaa kanaa jalqabee garuu akka kaleessaa faara badee taa‟uu hin dhiise, kolfuu jalqabe.
Haallisaa kun hiriyoota inni wajjin hojjetu kan raajeffachiise “har‟a maal argatte, erga dhalattee
utuu kofaltuu agarree hin beeknu” jedhanii gaafatan. Innis deebiseefii “ani hiyyeessa ta‟uu
kootiif baay‟een gaddan ture, gammachuunis natti dhaga‟amee hin beeku. Har‟a ilkaan na
dhukkubnaan mana yaalaa deemeen ture, isaanis ilkaan koo naaf buqqisanii wal‟aansa erga naaf
taasisanii booda, yoon barbaade ilkaan namtolchee dhaabbachuu akkan danda‟u naaf ibsan. Anis
yaada isaaniitti waliigalee garuu yeroon gatii gaafadhu ilkaan tokkichi qarshii kuma tokko akka
ta‟e naaf ibsan, baay‟een rifadhe. Ani ilkaan soddomii laman qaban ture, amma garuu soddomii
tokko ta‟e. Akkas jechuun afaan koo dauwwaa keessaa qarshii kuma soddomii laman qaban ture,
amma ani isa yaadadhee galateeffachuu dadhabnaan tokko irraa fuudhee kuma soddomii tokko
naaf hambisee jira, edaa ani dur waan xiqqoo ani dhabe yaadeen waaqa koo mufachiisaa ture,
amma waanan dhabe caalaa wanti ani qabu guddaa akka ta‟e hubadheen jira, kanaafan kolfee
gammada” jedhee deebiseef.

Eyyee obbolootako! Waan nuti dhabne caalaa waan nuti argannetu caala. Warqee of harkaa
qabnu irraanfannee, sibiila dhabneef Waaqayyoon irratti gumgumna. Eeebbisaa Baay‟isaa “yaa

- 13 -
lubbuu koo! Uffatan dhabe jettee hin gumgumin, sababni isaa kan ati dhabde uffata bitamuu
danda‟uudha, garuu dhagna bitamuu hin dandeenye qabda, kopheen dhabe jettee hin gaddin,
miilla bitamuu hin dandeenye qabda, nyaatan dhabe jettee hin gaddin garaacha nyaata daaku
qabaachuu keetiif galateeffadhu” jedhe.

Jarattii Dhiboofttuu Nana!

Gaaf tokko namicha qalbiin isaa nagaa hin taane (abnormal) ta‟e tokkotu Macaafa Qulqulluu
qabatee nama nagaa fakkaatee magaalaarraa gara baadiyaa deema. Guyyuma kana namoonni
baay‟een (afooshaa) nama dhukkubsataa mana yaalaa magaalaa jirutti geessuudhaaf wasaasaa
baatanii utuu adeemana nama maraatuu macaafa qulqulluu baatee deemu kanaan walitti dhufan.
Maraatuchis itti siqee erga nagaa isaan gaafatee booda maal akka isaan baatanii deeman gaafate.
Isaanis “namatu afooshaa keenya keessaa dhukkubsate, naannoo keenyammoo manni yaalaa
waan hin jirreef gara magaalaatti geessaa jirra” jedhaniin. Innis deebiseefii “lafa kaa‟aa! Nan
kadhadhaaf, Waaqayyo ni fayyisa” jedheen. Isaanis nama Waaqayyo itti dubbateedha jedhanii
waan yaadaniif, guddaa gammadanii lafa kaa‟an. Erga isaan lafa kaa‟anii booda “isin utuu gara
mana yaalaa geessuuf hin ka‟in dura kadhattaniittuufii?” jedhee gaafate. Isaanis “lakki hin
kadhanneef” jedhan. Yoona kana naannoosaa (bitaaf mirgasaa) ijaan waa ilaaluu jalqabe, utuu
waa barbaaduu danqaraa guddaa tokko argatee, fiigee is fudhatee “jarattii dhibooftuu nana”
gaafa inni jedhuun hunduu nama dhukkubsataa achitti gatanii baqatan. Takka duukaa fiigee of
duuba garagalee yoo ilaalu namichi inni dhukkubsataan sireerra ciisaa ture naasuudhaan ka‟ee
sireerra utuu taa‟uu arge. Sagalee guddaadhaan isaanis “mee yoo dhiira taate achuma taa‟ii na
eegi” jedhee isattis itti fiige. Dhukkubsatichi naasuurraa kan ka‟e “maal jarana, ani mana
yaalaatti geessitanii na wal‟aantu se‟ee, edaa isin nama na ajjeesutti na fiddanii ofii baqattanii”
jedhee inni hamma miilli isaa fuudhe, baqatee harkaa ba‟e. kanumaan namoonni sila namicha
baatanis “namichi sila nuti baannu amma of danda‟ee fiigaa jira, fayyeera jechuudha” jedhanii
fudhatanii galan. Waan nama gaddisiisu garuu namichi yeroo gabaabaa booda in boqote jechuun
in du‟e.

Namichi edaa naasuu guddaan waan isa qabeef dhibeesaa irraanfate malee hin fayyine. Namni
baay‟een gaafa gara waldaa kiristaanaa dhufus akkasuma. Fayyee utuu hin taane dhibee isaa
irraanfatee ta‟a. kun immoo gaaf tokko du‟aan nama ga‟a. Hanna, soba, weennoo, xiiqii, ejjaa

- 14 -
fikkf walumaagalatti cubbuurraa fayyuu qabna. Kanarraa hin deebine taanaan, hammamillee
waldaa kiristaanaa keessa yoo jiraanneyyuu kiristoosiin keessa garuu jiraachuu hin dandeenyu.
Waaqayyo nu haa gargaaru!

Yoon Ce’e Mucaa Koo Bira, Yoon Du’emmoo Abbaa Koo Biran Deema!

Gaaf tokko maanguddoo baay‟ee Waaqayyoon amanatan tokkotu intala isaanii baargama jirtu
ilaaluuf manaa ba‟an. Intala isaanii ilaaludhaaf galaanni dura isaanii waan jiruuf isa ce‟uun
dirqama waan ta‟eef, bidiruu ittiin galaana ce‟an imaltoota hedduu wajjjin seenan. Daqiiqaa
muraasa booda garuu wanti namoonni hunduu hin eegne isaan quunname, obomboleettii
hamaatu bidiruchatti ka‟e. namoonni achi keessa jiranis baay‟ee na‟an, ni sodaatan,
wotwaachuufi boo‟uu jalqaban. Harmeen kun garuu qilleensi isaanitti ka‟e kun homaayyuu itti
hin fakkaatu. Dubbii isaan dubbatan tokkichi “yoo jaalala kee ta‟e yaa Waaqayyo bubbeen kun
nurraa gab haa jedhu” kan jedhu qofa ture.

Akka ta‟an ta‟anii raafama baay‟ee booda utuu bidiruun hin cabin, lubbuun nama tokkoos utuu
hin badin bubbichi gab jedhe. Yeroo kana namchi tokko gara harmee kanaatti siqee ariidhaan
“yeroo hundumti keenya boo‟aa turre, ati homaayyuu hin dubbanne, ofii keetiif jiraachuu yoo
hin barbaanne nuyiin immoo maaf nu ficcisiifta”? jedheen. Harmeen kunis deebisanii yaa ilma
koo “yoon ce‟ee intala koo biran dhaqa, yoo qilleensichi galaana keessatti na kuffisee na
ajjeesemmoo abbaa koo biran dhaqa kanaafan akka keessan hin wotwaanne, garuummoo jaalalli
Waaqayyoo akka raawwatuuf kadhadheera” jedhenii deebisan.

Obboloota nana! Dhugumayyuu kiristaanonni qilleensaafi raafama ka‟e ilaalanii wotwaatu utuu
hin taane, abdiifi amantii guutuudhaan sodaafi naasuu tokko malee dhimma isaanii Waaqayyootti
himatu. Boo‟uun, ilkaan qaruun, … kan keenya miti, kan warra kiristoosiin hin beekneeti malee.

Mataan Koo Boolla Haa Dhaqu

Maatii qotee bulaa baadiyaa jiraatantu ture. Maatiin kun intala isaanii baay‟ee jaallatan qabu
turen. Intala kanaan “yaa intala koo, nuti carraa isin argattan kana waan hin arganneef, hamma
har‟aattiyyuu utuu saalfanuu quba nama jala qabanna, xalayaan yoo nuuf ergame icciitiillee yoo
ta‟e, nuti dubbisuu waan hin dandeenyeef, mana namaarra naannofnee nama nuuf dubbisu

- 15 -
barbaanna. Iisn immoo amma carra qabeeyyiidha, barnoota keetti jabaadhu, akkan ta‟u ta‟een si
barsiisa” jedhanii utuuma jabeessanii intalli isaanii kutaa 10ffaa xumurte. Egaa akkuma beekamu
kutaa 10ffaa xumurraan bara sana kolleejjii seenuun waan baratame waan ta‟eef, intala isaanii
gara kolleejjii magaalaa jiruutti ergan. Haala kanaa barnootashee barattee waggaa tokkoffaa
ishee xumurtee yeroo boqonnaa kennameefitti maatii ishee dubbisuuf galte.

Haalli uffannaa, haasaa, nyaataa walumaagalatti wanti hundumtuu ishee jijjiirameera. Mana
isaanii kana bara jireenyaashee guutuu keessa jiraataa turte gaafa galtee agartu “oh my God!
Dhaluma namaatu kana keessa jiraataa?” Yeroo nyaatni dhiyaatuuf immoo “Mom! Dhaluma
namaatu kana nyaatee jiraataa?” jettiin turte. Haalli ishee kun abbaafi haadha ciniinsuu
guddaadhaan ishee barsiisaniifi hawwii guddaadhaan eebba ishee eegaa jiranitti bita gale.
Abbaan “intala kootti maaluma godhan laata, waggaa hangana ga‟u naa wajjin jiraattee,
akkamitti turtii waggaa tokkootiin kana irraanfatti?” jedhee gadda ture.

Haaluma kanaan utuu jiranii gaafa tokko abbaan ishee qotiyyoo camadanii qonnasaanii qotuuf of
duukaa ishee fudhatanii gara ooyruu isaanii deeman. Yeroo abbaan qotiyyoo camadu “Dad!
Maal godhaa jirtaa, yeroo inni sanyii facaasu; maaliif midhaan lafatti dhaqxa”? jettiin silaa
sagaleefi loogni geeddarameeraa!. Abbaan haala kana hundumaa danda‟eema baate. Dhumarratti
garuu qamalee mukarratti agartee “Dad! Maal inni sun, ani sodaadhe” gaafa isheen jettuun,
abbaan aarii guddaadhaan “ani waan hin beekne bartee naaf dhufta jedheen kolleejjiitti si erge,
ati isuma beektuyyuu wallaaltee dhuftee, yoo ati lammata deebitee kolleejjii kana dhaqcxe
mataan koo boolla haa dhaqu! Baasi uffata kee ofirraa, dafii uffata isa moofaa uffadhuu aramaa
arami” jedheenii barnootasheerraa dhorke.

Eyyee obbolootako! Gooftichi warra koortuudhaan in morma, warra gadi of deebisaniif immoo
ayyaana in kenne jedha sagaleen Waaqayoo.

“Namni gaafa farda yaabde siissaa nama bira dabartu, gaafa konkolaataa yaabde namatti
fincoofti waan ta‟eef, Waaqayyo fardattii ajjeesee, konkolaataas dhowwatee miila duwwaa
adeemsisuu qaba”

Har‟a sababiin waan baay‟ee eegallee nuuf milkaa‟uu dideef tokko kanaaf ta‟innaa laata? Wanti
Waaqayyo baay‟ee jibbu tokko oftuulummaadha. Inniyyuu gadi of deebisee bifa garbaummaa in
fudhate, cubbuu keenyaafis in waraaname. Inni akkas ta‟e kunimmoo anaraa baraa, fakkeenya

- 16 -
koos fudhadhaa nuun jedheera. Waan ittiin oftuullu nuti eessaa fuuneree? Warri oftuulan
Kiristoos duukaa bu‟an utuu hin taane, abbaa isaanii isa oftuulummaadhaan guutamee gadi
darbatame duukaa bu‟an.

Bara jireenya keenyaa hundumaa garraamummaa, gadi ofdeebisuufi amanamummaadhaan akka


deddeebinuuf gooftaan nu haa gargaaru!

Edaa Gaafan Machaa’u Lafuman Nama Rukutuyyuu Hin Beekuu!

Leenciifi qerransi mootii bineensotaa ta‟uun isaanii falmisiisaa miti. Bineensonni biroonis
gootummaa isaanii amananii waan fudhatan fakkaatu. Akkuma gootummaadhaan walitti
dhiyaatanitti gaaf tokko leencaafi qerransi waliin ta‟anii mana dhugaatiitii dhugaatii alkoolii
qabu dhugu turan.

Waa‟een gootummaa isaanii kan ishee aarse illeettiin baay‟ee aartee bineensota warra kaaniin
“leencaafi qerransi eenyuun waan ta‟aniif nuti yeroo hundumaa isaan sodaanna? Isaan immoo
maaliif nutti boonu, kun hanga yoomiitti ta‟a” jetteen. Itti dabaltees “meerre amma isaan,
dhaqeen sirrii sirriisaa itti himaa” yommuu isheen jettuun; “isaanoo akkuma amala isaanii achi
mana dhugaatii jiru” jedhaniin.

Akkuma kana dhageesseen illeettii iddoo isaan dhugaatii dhugan dhaqxee; “isin eenyu waan
taataniif nutti boontu, mee yoo dhiira taatan dubbadhaa” jettee itti dhaadatte. Leencis qerrensis
wal ilaalanii calluma jedhanii dhugaatii isaanii dhuguu itti fufan. Ammas irra dedddeebitee
arrabsitee isaan deebii kennuufii dinnaan; dhugaatii isaanii jalaa fuutuu qeqem gootee dhugdee
burciqqoo lafa keesse. Ammas isaan homaa hin dubbanne, waan baay‟ee tuffatan fakkaatu.
Isheen arrabsitee, dhugaatii isaaniis dhugdee isaan homaa waan hin dubbanneef gara manaatti
galuuf qajeelte. Akkuma mana keessaa gadi baateen utuu hin fagaatin alkooliin waan sammuutti
ol ka‟eef, machooftee karaarratti kufte. Achumattis kurruuftee rafuu jalqabde.

Leenciifi qerrensis dhugaatii isaanii quufanii galgalli geenyaan galuuf karaarra bu‟an. Utuma
deemenii illeettii sila isaan arrabsaa, xiqqeessaa turte argatanii akkuma isheen rafaa jirtutti
liqimsuu barbaadan. Egaa akkuma beekamu illeettiin bineensa baay‟ee xiqqoo waan taateef,
“kun lamaan keenya hin geessu waan ta‟eef anatu liqimsa, anatu liqimsaa” irratti wal lolan. Utuu
walitti dhaadatanii utaalanii morma hudhanii walqabatan. Qeensa isaanii isa billaa caalaa
- 17 -
sodaachisu walitti naqanii achumatti wal ajjeesan, tokko garasitti tokkommoo garanatti kufan.
Hamma kana hunda illeettiin of hin beektu, kurruuftee rafti.

Yeroo hirribarraa dammaqxu reeffi leencaafi qerrensaa garasii garanatti kufe argitee
ajaa‟ibsifattee “ha edaa ani gaafan machaa‟u lafuman nama rukutuyyuu hin beekuu” jette.

Obboloota ko yeroo baay‟ee wanti dinqisiisaan hin yaadamne gaafa nuuf godhamu jaboo akka
taane nutti dhaga‟ama. Faallaa kanaa gaafa milkaa‟uu dadhabnummoo Waaqaafi namoota biroo
sababanna. Waaqayyo nu haa gargaaru!

Isin Hin Ilaallatu Luba Taammiru!

Akkuma beekamu amantoonni naannoo tokkoo torbanittis haa ta‟uu akkuma isaaniif mijatetti
sagantaa ollaa (mandaraa) hundeeffatanii waliin kadhatu. Saganticharrattis namoota ykn
tajaajiltoota ol adeemoo adda addaatu tajaajila. Isaan keessaa muraasni isaanii waldaarratti
sagantaa naaf kennuu didan jechuudhaan jaarsolii waldaas ta‟ee qindeessaa hojii hafuuraa
waldichaa komatu.

Garee komattootaa keessaa tokko kan ta‟e gaaf tokko gurbaa tokkoof sagantaan kennama. Innis
komee cimaa keessa isaatti waan qabuuf, akkuma sagantaan kennameefiin lafaa ol ka‟ee
“Waaqayyo diinota keerra si dhaabachiisa, ameen jedhi” jedhe. Itti fufees “Waaqayyo lubootattii
kana nan dhodhoosa naan jedhe” jedhe. Akkuma kana jedheen ija banatee of cina yoo ilaalu Lubi
Taammiruu jedhamu saganticha keessa jira. Waan jedhu wallaalee “Qees Taammiru inni ammaa
isin hin ilaallatu jedha Waaqayyo” jedhe.

Michoota ko, kun goyyomsaa moo fooyyessaadha? Sagaleen Waaqayyoo 1Yoh 4:1 irratti
“Michootako! Warra hafuuraan in dubbanna jedhan hunda hin amaninaa, Waaqayyo biraa
yoo ta’an hafuurota isaan ittiin dubbatan qoraatii ilaalaa malee, raajonni sobduun baay’een
gara biyya lafaatti ba’aniiru” jedha.

- 18 -
Yesuus Keessanoo Na Didee

Maanguddoo waggoota 22 ol waldaa kiristaanaa keessa jiraatan tokkotu akkuma ta‟an ta‟anii
gaaf tokko baajaajii bitatan. Silaa jireenyi addunyaa kun namaaf hin guuttuu bajaajiin bitamte
kunis utuu baay‟ee maanguddoo kana hin tajaajilin konkolaataa guddaan rukutee gartokkee ishee
caccabse. Jaartiin yommuu kana argan baay‟ee aaran, dheekkaman, “eessa jirta Yesus yeroo
baajaajiin ani waggaa meeqa itti dadhabee bitadhe akka kanatti caccabu” jedhan. Yesus akka
isaan yaadanitti isaanitti hin dubbanne.

Maanguddoon kun akkuma aaraniin naxalaa (waan yeroo baay‟ee maanguddoonni uffatan,
Afaan Oromootiin hin arganne) isaanii isa dur naamusumaan uffatan amma ofirraa fuudhanii
gatiittiirra buufatanii qajeelan. Utuu deemaa jiranii jaarsolii waldaa isaanii keessaa tokko itti
dhufee “harme akkam jirtu” jedhee nagaa gaafate. Isaan nagaa deebisuufii waan didaniif, fuula
isaaniirraas aariin waan mul‟atuuf, ammas utuu abdii hin kutin “harme garam deemtu” jedhee
yeroo lammaffaa yommuu gaafatu, maanguddoon kunis deebisanii “mana waa beekaan
deemakaa, Yesus keessanoo na didee” jedhanii deebisan.

Mee ilaalaa michootako! Maanguddoon kun waggaa 20 oliif Yesuus gooftaa jedhaa ba‟anii har‟a
garuu Yesuus kan maanguddoota waldaa qofa ta‟e. Namoonni hedduun har‟as waldaa keessa
fooniin taa‟u malee Yesuus kiristoosin meeshaa mana keessaa qabaniin madaalu.

Kallattii Olii Kaa’ameedha

Adeemsaa bulchiinsaa keessatti caasaaleen mootummaa gubbaarraa eegalee hanga gajjallaa jiran
haala qabatamaa hawaasni isaan hoogganan keessa jiran hubachuuf yeroo adda addaatti hordoffii
gochuun waanuma baratameedha.

Dhimmuma kanaaf gaaf tokko Muummee Ministeeraa, Pirezidaantii Naannoo, Bulchaa


Godinaafi Bulchaa Aanaa baayinaan namoota afur ta‟anii jiraattota ganda baadiyaa tokko
daawwachuuf dhaqan. Yommuu achi ga‟an gandi baadiyaa kun bu‟uuraalee misoomaa kanneen
akka ibsaa, tajaajila bishaan dhugaatii, daandii mijataafikkf hin qabu. Kanaaf MM akkuma achi
ga‟een boo‟uu jalqabe. Pirezidaantiin Naannoos MM yeroo ilaalu boo‟aa jira waan ta‟eef innis
boo‟ee sooftiidhaan ija haxaawachuu eegale. Bulchaan godinaa yeroo Piresidaantii ilaalu boo‟aa
jira waan ta‟eef, innis boo‟icha itti oofe, bulchaan aanaas akkasuma godhe. Dhimmi kun bulchaa
- 19 -
gandaatti bita gale, uummata kana keessa jiraata, wajjin rakkata, rakkoo isaaniis har‟a qofa osoo
hin taane kaleessayyuu beeka. Kanaaf dhimma kana hubachuuf suuta jedhee gara bulchaa aanaa
dhaqee “maal taatan, maaliif boossu” jedhee yemmuu gaafatu; bulchaan aanaas “Cal jedhii boo‟i
kallattii olii kaa‟ameedhaa” jedhee deebiseef.

Obboloota nana! Sagaleen Waaqayyoo sibiilli sibiila akkuma qaru, namnis namaan qarama
jedha. Wanta gaarii walirraa akka barru malee waan hundumaatti akkeessituu akka taanuuf hin
waamamne. Hundumti keenya waan walirraa barannu yoo qabaanne illee wantoota akka tasaas
ta‟ee itti yaadamee nu quunname karaa garaagaraa ilaalla. Kun immoo waan uumamumaan nuuf
kennameedha malee cubbuus miti.

Haaduu kootu keessatti Hafe

Adeemsa jiruufi jireenyaa keessatti dhalli namaa akkuma nagaadhaan waliin jiraatu, darbee
darbees walitti bu‟uun waanuma jiruudha. Walitti bu‟iinsi mataan isaa rakkoo miti, walitti
bu‟iinsa karaa nagaa hiikuu dadhabuutu rakkoodha malee.

Jireenyi walitti bu‟iinsa waan qabuuf, gaaf tokko namoonni lama waliin jiraatan walitti bu‟an.
Walitti bu‟iinsi kun lola afaanii bira darbee sadarkaa lola harkaafi meeshaa qabaniin wal
rukutuurra ga‟an. Haaluma kanaan inni tokko haaduu waan of harkaa qabuuf haaduu isaatiin
hudduu namichaa waraane. Namichi waan waraanameef naasuudhaan waldhaansoo walqabaa
jiran dhiisee iyyaa baqachuu jalqabe. Inni waraanes dudduubaan iyyaa duukaa fiiguu jalqabe.
Namoonni waan ta‟aa jiru kana argan baay‟ee raajeffatan, itti siqaniis namicha isa waraane
kanaan “maal taate nama nana, inni sunoo waan waraanameef iyyaa; atimmoo maaliif iyyita”
jedhanii yommuu gaafatan, innis deebisee “haaduu kootu keessatti na jalaa hafe, namichi
hudduusaatti haaduu koo fudhatee fiigaa jira kanaafan iyya” jedhee deebiseef.

Firootako! Jireenya keenya keessatti nama baay‟eedhaan miidhamnee yookinis nama baay‟ee
miineerra ta‟a. Haa ta‟u malee yeroo baay‟ee ebalutu na miidhe jedhama malee ebalu na harkatti
miidhame utuu jedhamuu hin dhageenyu. Mee fakkeenya armaan oliirraa ilaalaa! Inni
waraaname qaamasaatu dhiigaa jira, ni dhukkuba kanaaf iyya; inni sun garuu waa‟ee haaduu
isaatu isa dhiba, sanuu ofiisaatii ittiin waraane malee namichi waraaname jalaa hatee baqate miti.
Jireenya keenya keessatti hanga namaa wajjin jiraachuun dirqama ta‟uu isaa amannee fudhanetti

- 20 -
waa‟ee rakkoo namoota nuti wajjin jiraannurraa nurra ga‟ee qofa yaaduu osoo hin taane, rakkoo
nuti namoota wajjin jiraannu irraan geenyes yaaduun nurra jiraata. Namni yeroo baay‟ee kan inni
nama akka isaatii wajjin jiraachuu dadhabuuf ofiisaatii akka nama biraa miidhu itti hin mul‟atu,
isa namoonni biroo isa miidhan malee. Karaa kun hundumtuu ittiin furamuun danda‟amu immoo
dursanii walitti bu‟iinsa ittisuufi furmaata atattamaa kennuudhaan. Kunis dhiifama, jaalalaafi
dhugaadhaan ta‟uutu irra jiraata. Waaqayyo nu haa gargaaru! Ameen

Maaf Hirriba koorraa Na Jeeqxuu

Namni ni dhalata, ni guddataa dhumarratti ni du‟a. Kun dhugaa hin haalamneefi haqa hin
haqaaqamneedha. Turtii dhalachuutii hanga du‟uutti waan baay‟ee dabarsa. Gadda, gammachuu,
kolfa, boo‟icha, mo‟amuufi mo‟uu, kufuufi milkaa‟uu. Namni ni rafa, ni dammaqa, ni hojjeta, ni
boqota.

Egaa adeemsa kana keessatti gaaf tokko maanguddoon umuriidhaan fagaatan ykn lafa guuran
tokko mucaa tokkicha qaban fuusifatanii haadhi manaa mucaa isaanii kunis akka hojii isaan
gargaartu barbaadan. Dhimma kanas mucaasaanii mariisifnaan innis gammachuudhaan simate.
Akka aadaa isaaniittis jaarsummaa ergatanii adeemsa keessa darbamuu qabu keessa erga darbanii
booda gurbaan intala fuudhe.

Kunis erga ta‟ee booddee ammas ko‟oommachuun (garmalee hojiin itti ulfaachuun) jaartiitti ykn
haadha gurbaatti waan hir‟ate homaa hin argamne. Jaartiin akkuma durii ganama hirribarraa
kaatee mana qulqulleessitee ciree hojjettee hirribarraa isaan dammaqsiti. Haalli kun haadhaafi
gurbaatti waan hin tolleef, gaafa keessummummaa baate haalashee kana ni jijjiirti ta‟aa laata
jechuumaan obsaan eegu, oolee bulee ammayyuu wanti jijjiirame garuu hin jiru.

Gaaf tokko jaartiin ilma isheetiin “yaa ilmako! Anoo akka haati manaa kee na gargaartuuf, buna
danfistee, ciree hojjettee, animmoo xiqqoo boqodhee hirribarraa akkan ka‟uufin si fuusisee;
garuu maal godhu ba‟aan koo naaf hin salphanne ittumaa hammaate malee, isan dur si qofa
jiraachisu amma lama natti taatan” jetteen. Ilmis duraaniyyuu akka itti dubbatu dhabee callisaa
kan ture; carraa kanatti fayyadamuun “haadhako! Amma malli tokko naaf dhufeera, ganama
yeroo hirribarraa kaatu akkuma amala kee kottuu kutaa ciisicha keenyaa qulqulleessuu eegali,
animmoo hirribarraa ka‟een maal harme, utuu ciisuu ati akkamitti kutaa ciisichaa keenya

- 21 -
qulqulleessita jedheen haxooftuu si harkatti qaba, atis lakkii maal ilmako, anumatu qulqulleessa,
maal akkamitti dhiirri kosii hara naan jetta, yommus isheen saalfattee hirribarraa kaatee nu
lachuu harkaa fuutee qulqulleessiti, haala kanaan hojiitti ishee galchina” ittiin jedhe. Tooftaan
kun mala bareedaa ta‟usaatti amantee; akkuma jedhame gochuuf haati gurbaa itti waliigalte.

Akkuma jedhame yeroon sun ganama bariin ga‟e, simbirroon cuucuu jetti, weenniin korrise,
qamaleenis kofaltee, handaaqqoon iyyitee lafti bari‟uu mirkaneessite. Bu‟uuruma waliigalteen
keessa ishheetti har‟aan booda rakkinni kun narraa dhidhima bu‟a jechaa; jaartiin haxooftuu
fudhattee kutaa ciisicha ijoollee seente. Gaafa qulqulleessuu eegaltu gurbaan lafa ciisuu utaalee
“maal harme! Utuun jiruu ati hin qulqulleessitu” yommuu inni jedhuun; haadhi isaas “lakki
ilmako! Dhiirri kosii hin haru, dubartiitu qulqulleessa malee” jetteen. Anatu hara, anatu hara
waliin jedhanii utuu walitti wacanii; intalli hirribarraa xiqqoo mataa ol qabattee “u‟u‟u isin
immoo maaf nama jeeqxuu, akkan rafaa jiru hin beektanii, abbaan tokko har‟a haraatii; abbaan
tokko immoo bor haa haru, kanaa achi hirriba koorraa nan jeeqinaa” jettee hamsoolaa mataatti
deebifattee hirribashee itti fufte.

Waaqayyo Waan Godheef Beeka

Dhalli namaa uumamumaan tokko dheeraa, tokkommoo gabaabaa; tokko furdaa, tokkommoo
qal‟aa; tokko diimaa, tokkommoo magaala yookin gurraacha ta‟ee akkuma dhalate, ofiisaatii
hangam tattaafatullee yookin dhama‟ullee walqixa hin milkaa‟u. Isuma tokkoof tiifuu didetu, kan
biroof immoo yandoo buusee rooba, isuma tokkoof gu‟aatu kan biroof hoomachaa‟ee aannan
ba‟a. “gaafa nama badhaasu; baay‟ee nama hin dhamaasu” jedhamee kan mammaakameefis
kanumaaf ta‟uu hin oolu.

Atis ollaa kee yookiin ofii kee irrattiyyuu waan hedduu agarteetta ta‟a. Namoota humnaafi
beekumsa qaban utuu hin waakkatin hojjetanii garuu ooyiruun isaanii maseene utuu lakkoofne
meeqaaf meeqa ta‟u laata! Tarii karooraafi ogummaa dhaban, kanaaf milkaa‟uu dadhaban malee
hojjennaan jireenyi salphaadha naan jettaa laata? Karooraan hojjechuufi waan hojjetan sirriitti
beekanii hojjechuun galma yaadaniin akka nama ga‟u siin mormuuf miti, garuu kun yeroo
hundumaa ta‟uu hin danda‟u jechuu kooti malee. Faallaa kanaa immoo namoota akkuma carraa
waan muraasa hojjetanii hanga dhamaatii isaanii ol haammatan baay‟eetu jiru. Isaan kanaan utuu
waa‟ee karooraan hojjechuu itti himtee „maal haasa‟a kun immoo‟ siin jechuu danda‟u.
- 22 -
Egaa akkuma namni haala jireenyaa garaagaraa keessa jiraachuu isaa olitti tuqne, gaaf tokko
gurbaa hiyyeessa tokkotu mataa isaatti ba‟aa baadhatee karaarra deema ture. Isa booddeedhaan
immoo abbaan qabeenyaa tokko konkolaataa isaa ooffatee sansakkaa isaa eeggatee dudduubaan
dhufee gurbaa mataatti ba‟aa baatu dhaqqabe. Abbaan qabeenyaa kunis akka nama tokko tokkoo
dhukkee itti kaasee darbuu hin barbaanne, qooda kanaa konkolaataan isaa isa qofa qabatee waan
jiruuf, gurbaan kun konkolaataasaa akka seenuuf balbala baneef.

Yommus gurbaan mataasaa irratti akkuma ba‟aasaa baatee jiruun konkolaataa seene ba‟aasaa
mataatti baateema taa‟e. Abbaan qabeenyichaas “maaliif ba‟aa kee of irraa hin fuutu” yommuu
jedhuun, innis deebisee “lakki konkolaataan kee anas baatee baa‟aa koos hin baatu” jedheen.
Abbaan qabeenyichaa xiqqoo akka aaruus ta‟ee ajaa‟ibsiifataa foddaa konkolaataa hiixatee
yommuu cufu sibiilli harka isaa mure. Baay‟ee aare, siif jechan akkas ta‟e, utuun siif hin dhaabne
ta‟ee..jedheen. Gurbaan suutuma jedhee haala nama ajaa‟ibuun “Waaqayyo waan godheef
beeka” jedhee deebiseef. Deebiinsaa ammas garmalee isa aarse, kanaaf “bu‟i konkolaataa koo
irraa” jedhee buuse. Gurbaan ammas gaafa bu‟u “Waaqayyo waan godheef beeka” jedhee bu‟e.

Abbaan qabeenyichaa konkolaataasaa ooffatee; gurbichas gatee lafa fagoo bosona gidduu ga‟e.
Bosonicha keessa jarri waaqa tolfamaa (hafuura hamaa) waaqeffatan walitti qabamanii waaqa
isaaniitiif waan aarsaa ta‟u barbaadaa jiru. Kan isaan barbaadanis horii yookin nama mudaa hin
qabne, caba lafee kan hin qabne, naafa kan hin taane, qaama guutuu kan qabu utuu barbaadanii
abbaa qabeenyaa kana argatan. Isaanis gammachuu guddaadhaan abbaa qabeenyichaa qabatanii
aarsaa gochuuf yommuu karaa irraa maqsan, qubi harkasaa cite dhiigaa jiru argan. Aarii
guddaadhaan “waaqni keenya waan akkasii hin barbaadu, kana asii balleessaa” jedhanii ari‟an.
Agartanii? Yeroo inni hiixatee foddaa konkolaataasaatii cufuuf jedhu qubi harkasaa cite,
yommus baay‟ee aaree ture; amma garuu lubbuunsaa hafuura hamaaf akka aarsaa hin taane isa
gargaareera.

Namichi akkuma achii ba‟een waan tokkotu gurrasaa irraa haasa‟a, innis isa sila gurbaan ba‟aa
mataatti baatu yommuu qubnisaa cite “Waaqayyo waan godheef beeka” jedhee ture.
Konkolaataasaa ofirra naannesse, gurbicha barbaaduufis qajeele. Akkuma hawwa isaatii in
argate. Waan isa quunname hundumaa tokko lamaan itti hime; yommus gurbichi “galanii
Waaqayyoof haa ta‟u” jedhe. Itti fufees, “Waaqayyo anaanis du‟a na oolcheera, mee yaadi! Si
quba keetu cite jedhanii si dhiisan, animmoo utuun sii wajjin dhaqeera ta‟ee maal keetu citaadha

- 23 -
jedhanii na dhiisu? Waaqayyo ba‟aa baadhee, konkolaataa kee keessaas akkan gadi bu‟u kan
godhe edaa na baraaruuf malee na dararuuf hin turre” jedheen jedhama.

Obbolootako! Karaa isaarra utuu deddeebinuu, wantoonni nuuf ta‟uu qaban nuuf ta‟uu didanii,
bu‟aan dadhabii keenyaas harka qullaa yoo ta‟e, rakkina tokko keessaa ba‟uuf utuu kadhannuu
rakkinni biraa yoo dabalames dhuguma Waaqayyo waan godheef beeka. Hojiin gooftichi hojjetu
jalqabnisaa namaaf hin galu, waan galaana nama nyaatutti nama gatu fakkaata, xumurarratti
garuu akkamitti akkanni xumuru afaan anama qabachiisa, ajab nama jechisiisa.

Atis akkaataa jireenya kee hundumaa ilaali! Kan si yaaddessu yoo jiraate, irraa kaatteetta yoo
ta‟e karaa Yesus Kiristoos qofa haa ta‟u! kanaa achi dhukkubi, lolli, kufaatiin, beelli…maqumti
rakkinaa kamiyyuu si hin yaaddessin! Inni balabala jalaa fuudhee teessoo mootiirra nama
teessisu, leenca beela‟aa wajjin boolla tokko keessa nagaan inni nama bulchu, ibidda keessatti
laboobi ibiddaa akka nama hin gubne inni godhu,..har‟as Waaqayyo hojiirra jira.

Hojjettuu Mana Keenyaati

Namni baay‟een fuula namaatti nama kabajamaa ta‟ee dhiyaachuudhaaf kufee ka‟a. Waan
manasaa keessa jirullee hamma mucaasaa, haadha manaa ykn abbaa manaa, abbaa ykn haadha
isaa dhuksuutti, sababni isaa fira isaa yookiin aantiisaa sana yoo namni biraa arge akka waan
kabaji isaa gadi bu‟uutti ilaala.

Haadha mucaa durbaa tokkittii qaban tokkotu ture, mucaa isaanii kana baay‟ee jaallatu. Yeroo
isheen mana barumsaa dhaqxu hamma isheen deebitee galtuttillee baay‟ee yaaddi.

Mucaan ishee kun guddattee barumsa isheettis milkooftee yunivarsitii seente. Haati ishee yeroo
hundumaa bilbiltiif, “mucaa koo! Har‟ammoo akkamitti oolte? Wanti si rakkisu jiraa? Sabbata
kootii hiikeen siif ergaa” jettiin.

Haaluma kanaan mucattiin yeroon isheen itti eebbifamtu ga‟e. Guyyaan guyyaa eebbaa waan
ta‟eef, hiriyoonni, maatiifi namoonni adda addaa argamanii hirmaattuu gammachuu ta‟uun
waanuma baratameedha. Kanaaf haadhi maucaas guyyaa kana intala ishee tokkittii biratti
argamuu akka qabdu murteessite, murtoo ishee kanas mucaashee beekifte. Haa ta‟uyyuu malee
yaadni ishee kun mucaa ishee biratti hin fudhatamne. “lakki ati hin dhufin, asiyyuu hiriyoonni

- 24 -
baay‟een jiru, ati maallaquma qofa naaf ergi” jetteen. Haati garuu maallaqas ergiteefii; ofiifis
dhalarraa hin hafan waan ta‟eef ni dhaqxe.

Haati yommuu achi geessu, intalli baay‟ee aarte, dheekkamte, hiriyoota isheetiinis “mee ilaalaa
waan haadhi koo na goote! Utuu ofiisheetii dhufuu dandeessuu hojjettuu mana keenyaa natti
ergite, kun hojjettuu mana keenyaati” jetteen. Haati deebisftee “tasgabbaa‟i mucaako! Ani
gammachuu kee si wajjin hirmaachuufan dhufe” jettee utuu hin fixin, intalli afaanitti kuttee
“mucaa koo jettee? Dhaqii mucaa kee barbaadi” ittiin jetteen.

Haadhi ammas deebiftee “mee yeroo tokko qofa na dhaggeeffadhu! Gaaf tokko ani ko‟eettii
waanan ta‟eef, daa‟ima xiqqoo hirribarratti dhiiseen bishaan waraabbachuu laga deeme. Bishaan
waraabbadhee yommuun deebi‟u dubbiin akkan eege hin taane, manni koo gubataa jira, kan na
yaachisu garuu gubachuu manaa caalaa mucaa kichuu mana keessa gubataa jirtuudha. Namoonni
baay‟een (ollaan) birmatanii garuu manicha seenuu hin dandeenye, ani garuu yoon du‟e mucaa
koo waliin yoon jiraadhes isheema waliin jedheen ibidda cite cite lafa bu‟u keessa ol gale. Hanga
sanatti mucaan koo nagaa jirti, haa ta‟u malee yeroon mucaa fudhee ba‟uuf jedhu, saffisni
boba‟uu ibiddaa waan dabaleef ibiddi citee agartuu koo irratti lafa dha‟e. Akkasitti iji koo tokko
na buruqe, garuummoo mucaa koo nagaasheen baafadhe. Kanaafin jaamaa nama agartuu hin
qabne ta‟e malee abaarsa Waaqaatiin miti. Egaa mucattiin ani lubbuu ishee oolchuuf qaroo koo
kenneef sun si‟iidha, si‟i ishee amma jaamuu kootti qaana‟aa jirtu” jettee deebifte.

Dargaggootaa! Mee yeroo tokko haadha keenya ykn abbaa keenya akkasumas obboloota keenya
duuba deebinee haa yaadannu!

Maanguddootaa! Mee ijoollee keenya warra gargaarsa keenya malee homaa godhachuu hin
dandeenye haa yaadannu!

Bakka hedduu waliif dhaabannee garuu gaafa walbiraa guddannu meeqan keenyatu deebi‟ee
walitti qaana‟e laata? Kaleessa walumaan gaariif gadhee dabarsinee; har‟a garuu akka waan wal
hin beeknee kan taane nuti namoota hamoo akkamii akka taane namni biraa nutti himuu nu
barbaachisaaree? Waaqayyo nu haa gargaaru!

- 25 -
Addunyaa Kanatu Natti Mul’ata

Dhalli namaa hanga addunyaa ykn biyya lafaa kanarra jiraatutti gaddaafi gammachuun, kufuufi
milkaa‟uun isa mudachuu waan hin oolleedha. Miira isaa kanas akkaataa itti ibsatu qaba. Kaan
waan isa mudate bifa arbeessuutiin himata. (fkn imimmaan koo lafarra lola‟e hima jedhu
keessatti imimmaan namaa lafatti copheeyyuu lafa jiisuu dhiisuu mala, garuu baay‟ee akka
boo‟aa jiru ibsuuf jechatti fayyadamuu mala).

Gaaf tokko namichatu hiriyaa jaalalaa isaa baay‟ee waljaallatan yeroo dheeraaf walirraa
fagaatanii turaniin wal argan. Namni kan biraan immoo harreen isaa jalaa badnaan barbaachaaf
lafa fagoo deemee aduun dhiinaan mana sireetti gore. Yommuu achi ga‟u garuu haalli
nqulqullina sirechaa baay‟ee isa ajaa‟ibe. Faallaa kanaa inni immoo baadiyaa keessa jooraa waan
ooleef baay‟ees dafqee waan jiruuf, siree kanarra bulee siree kana balleessuu akka hin qabne
murteeffate. Malli tokkos dhufeef; innis maafan sirecha jala lafa hin rafu, lafti isaaniiyyuu
baay‟ee qulqulluudha‟oo kan jedhu ture. Akkuma yaade siree sana jala seenee rafe.

Erga inni rafee booda jaalalleewwan lamaan siree barbaacha dhufan. Keessummeessaan mana
sirechaas manni siree hundi akka qabameefi hin qabamne mirkaneeffachuuf, gara kutaa ciisichaa
namicha siree jala seenee rafee dhufe. Yommuu dhufu namni keessa waan hin jirreef, waan hin
qabamne itti fakkaatee “kun kan namni keessa jiru waan hin taaneef, as keessa buluu dandeessu”
jedheen. Jarris itti waliigalanii manicha qabatan. Ega xiqqoo taphatanii jaalala isaaniis
dhandhamanii booda miirri akkamii akka isaanitti dhaga‟ame walgaafachuu eegalan.

Yommus isheen “bareedaa koo! Mee na argachuu keetti maalumatu sitti dhaga‟ama, maaltu sitti
mul‟atas” jettee gaaffii eegalte. Innis utuu isheen jettee afaanii hin fixin “guutummaa addunyaa
kanaatu natti mul‟ata” jedhee yommuu deebisu, namtichi inni siree jala seenee rafaa ture hanga
miirasaa to‟achuu dadhabutti gammadee “addunyaan kun erga sitti mul‟attee maaloo mee harree
koos keessa naaf ilaali” jedheen jedhama.

- 26 -
Namichattiitu Manaa Waan Irra Raftu Hin Qabdu

Guyyichi guyyaa itti namoonni sagalee Waaqayyoo dhaggeeffatan ture. Lallabaan guyyaa sanaas
ofirraa bu‟ee garaasaa guutuu Wangeela Yoh 5:5 irraa kaasee barsiisaa oole. Namoonnis
barsiisichatti baay‟ee gammadan.

Namoota waldichatti tajaajilamaa turan keessaa dargaggeessi tokko tokko ture. Dargaggeessichis
erga manatti galeellee waa‟ee namicha bishaan bukkee ciisaa turee sana itti yaada. Maaliif garuu
kan gaooftaan ka‟ii siree kee baadhuu gali jedheen jedhee itti yaadas ture.

Gaaffii isaa kanas namootaaf qooduu jalqabe. Namichuma guyyaa waldaatti lallabaa ture argatee
“maaliif gooftaan siree kee baadhuu gali jedheen” jedhee gaafate yommus namichi itti yaadee
“dur sirechatu isa baataa ture, amma garuu fayyiteettaa siree kee baattadhu jechuudha” jedhee
deebiseef.

Deebiinsaa waan isa hin quubsineef, namoota kan biraas gaafate. Deebiin namoonni kan biraa
kennaniifis isa hin quubsine. Namoonni sunis deebisanii ati maaliif jettee yaadda jedhanii isuma
mataasaa gaafatan. Innis deebisee “namichatiitu manaa waan irra raftu hin qabdu, akka isheen
manatti galtee sireen dhabe jettee qoramtu gooftaan waan hin barbaanneef siree kee fudhadhuu
gali jedheen jedhee deebiseef.

Argiteetta Mitii Animmoo Akkan Si Taajjabe

Jiruun dhala namaa waliin kolfuufi waliin taphachuu qofa osoo hin taanee walmufachuufi wal
loluudhaanis guutuudha. Kun immoo namoota firooma dhiiga hin qabne gidduutti qofa osoo hin
taanee, obboloota gadameessa haadha tokko keessaa ba‟aniillee ni dabalata.

Egaa wal loluun jiruu dhala namaa keessa waan jiruuf, gaaf tokkos obboloonni lama kan abbaafi
haadhaan tokko ta‟an wal lolan. Lolli isaanii kunis yeroodhaan furmaata waan hin arganneef,
gara wal rukutuutti ce‟an. Yommuu kana hiriyaan obbolaa lamaan keessaa isa tokkoo utuu
obbolaa lamaa wal rukutaa jiranii argee fiigee dhaqee hiriyaa isaa gargaaruudhaan is kaan rukute.
Lama itti ta‟anii isa tokko reebanii erga dadhabsiisanii booda lafatti isa gatanii dhiisanii deeman.

Xiqqoo akkuma achi siqaniin inni dhufee gargaare sun bifa galateeffannaa waan barbaade
fakkaatuun “argiteetta mitiiree akkan itti si gargaaree gurbattii rukutee lafaan dha‟e” jedhee
- 27 -
yommuu haasaa jalqabu, inni sun immoo deebisee “yerooti dhuftee obboleessa koo rukutte
argiteetta mitiiree ani immoo akkan itti si taajjabe” jedhee deebiseef jedhama.

Warri araara buusan haa gammadan isaan ijoollee Waaqayyoo in jedhamu jedha. Obbolootako!
Dhugaa dubbachuuf yoo ta‟e namoota wal mufatan gidduutti kan ibidda facaasu, wal dhabdeen
isaanii daran akka hammaatus kan godhu alagaa fira fakkaattee obboloota gidduu asiifi achi
labduudha. Walitti bu‟iinsi waanuma jiru, garuu walitti bu‟iinsa namaa gidduu galanii warri
dubbii babal‟isan siifis naafis firoota ta‟uu hin danda‟an.

Lafa Wayii Karaan Hunduu Ni Geessa

Dhalli namaa akka carraa kan jiraatu utuu hin taanee, itti yaadee karoorsee akkasumas
qindeessee hojjeta. Akka carraa wanti namaaf akka gufuun utuu hin argin nama rukutuuti. Haa
ta‟uyyuu malee yeroo hundumaa namoonni akeekaan yookiin karooraan jiraatu jechuun hin
danda‟amu. Inumaayyuu hanga namoota karooraan jiraatanii caalaa kan baay‟atu namoota
joormaadhaan jiraataniidha.

Gaaf tokko gurbaa lafa deemu dhabee muka‟aa jiru tokkotu maanguddoo tokko daandii irratti
argate. Isaan argatees eessa akka deemaa jirus, daandichis garamitti akka isa geessaa jiru waan
hin beekneef maanguddoo kanaaf “abbayye! Karaan kun iddoo wayiitti nageessaa laata” jedhee
yommuu gaafatu, gaaffiin dargaggeessa kanaa baay‟ee isaan ajaa‟ibe. Akkamitti namni calluma
jedhee iddoo tokkon dhaqa jedhee deeme, isayyuu lafa hin beekne jedhanii raajeffataa utuu
jiranii gurbaan ammas dabalee gaaffiima sila gaafate ammas irra deebi‟ee gaafate. Maanguddoon
kunis deebisanii “ilmakoo! Iddoo wayii dhaquudhaaf karaa filachuun si hin barbaachisu, sababni
isaa karaan hundumtuu iddoo wayiitti sigeessuu waan danda‟uuf” jedhanii deebisaniif.

Obbolootako! Biyya lafaa kanarratti uumamuun keenya akeekaafi ajandaa Waaqayyoo isa
guddaa ture. Akka goonuu dhabnee, lafa dhaqnus wallaallee guyyaan tokkichi akka waggaa
kumaa akka nutti ta‟uuf miti. Waaqayyo Waaqa karooraa waan ta‟eef, karooraan jiraachuu
keenya barbaada. Ammas utuu humnaafi yeroo qabnuu jireenyi keenya babbadee egereen
keenyas maal akka fakkaatu wallaallee kan jirru mee bakka jirruu haa dammaqnu. Har‟uma yoo
kaate galma wayiitti yoo aggaamte ani dhuguman siin jedhe har‟uma tarkaanfii tokko itti siquu
dandeessa.

- 28 -
Leenca Hoolome

Eenyummaa ofii isa uumamumaan Waaqayyo uumama hundumaaf kenne irraanfatanii


eenyummaa kan biraa uffatanii kan jiraatan dhala namaa warra garboome qofa osoo hin taane,
uumama kan biroos ni dabalata.

Gaaf tokko namichi tokko utuu hoolotasaa tiksuu waanti haaraan tokko isa quunname, innis
ilmoo leencaa kophaa bosona keessa jiruudha. Namni dandeettii bineensota bosonaa madaqsuu
kan qabu waan ta‟eef, ilmoo leencaa kana dhiisee galuu hin barbaanne, fudhatee galee
madaqsuuf murtoo godhe.

Akkuma yaade ilmoo leencaa kana hoolotasaa wajjin walitti qabee fudhatee gale. Waanuma
hoolonni nyaatan nyaachisuu eegale. Innis adeemsa yeroo dheeraa keessa bifaan leenca, amalaafi
bakka oolmaa hundumaan hoolaa ta‟ee guddate. Hoolotaa wajjin yaafama, hoolotaa wajjin
deebi‟ee galas. Yeroo wangoliin akkasumas waraabeyyiin hoolota dammaqsan innis hoolotaa
wajjin baqata. Inumaayyuu kan hoolota dura fiigee galu isa ture.

Haaluma kanaan utuu jiranii gaaf utuu margaa dheedaa jiranii gurmuun leencotaa itti dhufan,
yommus hoolonni akkuma amala isaanii baqannaan innis duukaa fiige, silaammoo kan wangoofi
waraabeyyii baqatetu leenca baqachuu dhiisaa? Wanti baay‟e nama gaddisiisu garuu leenci
leenca akka isaatii hoolotaa wajjin baqachuu isaati. Haa ta‟ummoo malee yeroo kan bifa
leencotaa kana sirriitti hubachuu hin oolle.

Guyyaa kan biraammoo leenci hoolome kun margaa dheedaa oolanii bishaan dhuguuf laga
bu‟an. Silaa leenci foon nyaatee bishaan dhuga malee marga nyaata miti. Yommuu laga bu‟an
akkuma bishaan dhuguuf lagatti gadi jedhaniin suuraa ofiisaa bishaan keessatti argee irraa
baqate, sababni isaa suurichi isa gaafas innis hoolonnis baqatan waan ta‟eef. Hoolonni garuu
akka durii isa duukaa hin fiigne, sababni isaa isaan suuraa hoolaa malee suuraa leencaa hin
agarre waan turaniif. Xiqqoo fiigee erga achi siqee booda of duuba garagalee yommuu ilaalu
hoolonni sodaa tokko malee bishaan dhugaa jiru, kanaaf innis yeroo lammaffaaf itti deebi‟ee
dhuguuf yaale, ammas garuu suuraan inni sodaatu sun itti mul‟ate. Amma xiqqoo irraa achi siqee
ilaale, kallattii hoolonni dhuganiin kan itti mul‟atu suuraa hoolotaati, kallattii inni dhuguun garuu
suuraa leencaatu itti mul‟ata. Kanaaf amma eenyummaasaa shakkaa akkuma ta‟e ta‟ee bishaan
isaa dhugee hoolotaa wajjin gale.

- 29 -
Guyyaa kan biraa akkuma amala isaanii hoolotaa waliin margaa dheeduuuf bobbaafaman. Bakka
isaan dheedaa jiranitti ammas tuuti leencotaa itti dhufan. Gaafa tuuta leencotaa argan hoolonni
hundinuu didichanii baqatan. Inni silayyuu eenyummaan isaa shakkii keessa kan isa galche waan
ta‟eef, utuuma sodaatuu dhaabatee eege. Leenconni itti dhufan, haa ta‟u malee wanti inni eege
isa hin mudanne. Inni nan nyaatama, na balleessu jedhee eegee ture, isaan garuu dhufanii isa
suufan, jaalala itti agarsiisan.

Amma egaa iddoo qooraa manatti galee bulaa hoolaa ta‟ee jiraachuufi qorraafi aduu utuu hin
sodaatin bosonatti galee eenyummaa isaatiin jiraachuun filannoo isaati.

Ati maal filatta? Eenyummaa kee qabattee wal‟aansoo qabaa jiraachuu moo eenyummaa kee
gattee nagaan gabroomtee jiraachuu?

Birmadummaatti akka jiraannuuf Kiristoos birmaduu nu baaseera, deebitaniis waanjoo


gabrummaa jalatti hin qabaminaa!

Duuti Biyyaa Wajjinii Hirriba

Dur dur loowwan baay‟inaan hanga sadii ta‟antu marga funaannachuuf xiqqoo manarraa achi
hiiqanii dheedu turan. Loowwan yeroo marga dheedan ilbiisonni akka kuruphisaa waan
mul‟ataniif andaaqqoon immoo isaan funaannachuuf faana deemti turte. Utuuma soora isaanii
funaannataa jiranii gidduutti loowwan waan isaan hin eegne tokko isaanitti dhufe, yommuu
ilaalan leenca, leenca kuffisee dhiiga dhugu. Baay‟ee sodaatan, nyaachuuf baanee irbaata leencaa
taanaa kan jedhu sodaatanii eegee dugdarra kaawwatannii miila afuriin fiigicha eegalan. Yeroo
kana maaltu ta‟inna laata jettee andaaqqoonis “kut kut kulukkuk, kukut kulukkuk” jechaa
loowwaan bira dabartee mana geessee isaan isaan eegde.

Yommus loowwan dudduubaan dhufanii leenca harkaa hamma xiqqoof oolan waan ta‟eef,
harganuu eegalan. Andaaqqoon waan ta‟e kan hin beekne suuta jettee itti siqxee yommuu
dhaggeeffattu dubbiin cimaadha, jarri baay‟ee harganu. Kanaaf “maaltu ta‟e, maal taatan, maal
baqattanis”? jettee walirra gaafatte. Isaanis yaada isaaniitti ajaa‟ibsiifataa “ati maal baqatteree,
utuu fiigduu kan nu gatee galehoo si‟ii”? jedhanii yommuu gaafatan “du‟i biyyaa wajjinii hirriba
jedheen anis isinii wajjin baqadhe malee ani homaa hin agarre” jettee deebifteem jedhama.

- 30 -
Obboloota ko! Kan yeroo baay‟ee miira sodaa garmalee guddisee dhaadhessu warra waan isaan
sodaachisu sana ijaan arganii hin beekneedha.

Ani Qoodan Iyyu Bilbilli Koo Yoo Iyye Hin Wayyuu?

Namni bakka jiraatuu irraa ka‟ee sababoota adda addaatiin iddoo biraa dhaquu hin dhiisu, kunis
tarii barnootaaf, turizimiif, yaalaaf, fira ilaaluuf, hojiif fikkf ta‟uu mala.

Haaluma kanaan maanguddoon tokko bakka jiraatanii ka‟anii magaalaa guddittii finfinnee
handhuura biyyaa dhaquuf ka‟an. Yeroo kanatti duraan deemanii waan hin beekneef, haalli
magaalaa finfinnee maal akka fakkaattu namoota gaggaafatan. Namoonnis finfinneen magaalaa
baay‟ee guddoo yookiin bal‟oo akka taate, sabaaf sablammiin adda addaa akka keessa jiraatu,
dhaabbilee gurguddoon akka idil addunyaatti ilaalaman akka keessa jiran, faallaa kanaammoo
hattoonni hannarratti muuxannoo baay‟ee ajaa‟ibaa qaban akka jiran itti himan. Haalli kun
maanguddoo kana baay‟ee yaaddessullee finfinnee deemuun garuu dirqama itti ta‟eera. Bilbilli
isaanii akka jalaa hin hatamneef, fala qopheeffatan. Falichis bilbila isaanii iddoo namni biraa
fuudhuu haa hafuu ofiiyyuu fuudhuun isaan rakkisu dhoksuu ture.

Akkuma yaadan bilbilicha iddoo rakkoo dhoksanii magaalaa finfinnee dhaqan. Yommuu achi
ga‟an kan isaan sodaatan hin oolleef, hattoonni maanguddoon kun keessummaa ta‟uu waan
beekaniif biraa deebi‟uu didan. Utuu hattoonni duukaa deemanii maanguddoof bilbilli bilbilama.
Isaan bilbila hin cufanne, silent irras hin godhanne. Egaa yeroo kana bilbilli iddoo rakkoo jiru
kun sagalee guddaadhaan iyye. Hattoonni duukaa deemanii ጋሼ ስልክዎት የጮሄ ነዉ gaafa

jedhaniin ልጆቼ! እኔ ከምጮህ፣ ስልኬ ቢጮህ አይሻልም ብላችሁ ነዉ jedhanii deebisaniif. Dubbii
kana akkuma jiruun Afaan Oromootti gaafa hiiknu “Bilbilli keessan iyyaa jira hattoonni gaafa
jedhaniin; isaan imoo deebisanii ijoolleeko! Ani iyyuurra bilbilli koo iyyuu hin wayyu jettaniitii
akka jechuuti.

- 31 -
Nuugiin Waaqayyoo Gama Kanaa Manca’aa Jira

Waldaan Kiristaanaa hundeeffamuu isheerraa eegalee hojiin ishee wangeela babal‟isuu biratti
hojiilee misooma adda addaa irratti bobbaati. Hojiileen kunis buna dhaabuu, midhaan oomishuu,
manneen daldalaa adda addaa banuufi kkf ta‟uu danda‟a. kana gochuun galii waldichaa
gabbisuudhaan harka amantootaa qofa eeggachuu bira kan darbe, gatii geejjibaa, gargaarsa
namoota deeggarsa barbaadanii, mindaa tajaajiltootaa, ijaarsa mana sagadaa ta‟uudhaan
wangeela babal‟isuu saffisiisa.

Akkaataama kanaan waldaan kiristaanaa tokkos nuugii qotatanii hojiisaa hojjetanii erga sadarkaa
haamaa yookiin makarii ga‟ee booda namni makaru yookiin haamu dhabame. Maanguddoonni
waldichaas guyyaa hundumaa amantootatti beeksisanis amantoonni nuugii kana makaruuf
heyyamamoo hin taane. Utuu haala kana keessa jiranii bonni yeroon loowwan gadi dhiifaman
ga‟e. Loowwan gadi lakkifamanis nuugii kana keessa akka barbaadan waan deemaniif, nuugiin
manca‟uu eegale.

Dilbata tokkorra garuu gurmuun faarfattootaa faarfannaa isaaniitiin “akkamuma siif taana,
jaalala keetu nurra darbe..” jedhanii faarfatu turan. Erga isaan faarfatanii xumuranii booda
maanguddoota waldaa keessaa tokko lafaa ka‟ee “akkuma amma isin dhageessan faarfattoonni
kun „akkamuma siif taana, jaalala keetu nurra darbe, maaluma siif goona..‟ jedhanii faarfataa
turan, nuugiin Waaqayyoo immoo gama kanaa manca‟aa jira” jedhe. Itti fufees “Waaqayyo akka
isiniin jedhuu „akka naaf taatan hin dhabinaa, haamtuu fudhadhaatii dhaaqaa nuugii koo naaf
haamaa, badiirraas oolchaa‟ isiniin jedha” jedheen.

Yabbuu Jiidhaatti Maru

Gurbaa tokkotu fuudha ga‟ee dubartii haadha manaa isaaf taatus argatee fuudhe. Egaa gaa‟ela
keessatti yoo ogummaa Waaqayyo namaaf kenne malee dhiiraafi dubara tasumaa wal hin
beeknetu waliin bultii dhaabbata. Akkas jechuun eenyummaa walii isa dhokataa isa abbaan qofti
of irratti beeku jechuu kooti.

Akkuma keessummoonni isaanii wal fuusisanii “waliin harrii filadhaa, horaa baay‟adhaa,
aannaniif garaa ta‟aa, dhadhaaf mataa ta‟aa, umrii dheeradhaa” jedhanii eebbisanii biraa
deemanii booda, intalli gurbaadhaan “mee amma amala walii haa qorannu, waan jibbinuufi waan
- 32 -
jaallannus walitti haa himnu” jetteen. Gurbaan yaada dhiyaateef kanas baay‟ee jaallatee “tole,
mee ati natti himuu eegalikaa” jedheen.

“Ani amala koo keessaa muraasa yoon sitti hime, ganama ganama hirribarraa ka‟uu hin jaalladhu
hanga sa‟a 3:00 ta‟utti, isan ka‟us ciree qopheessuuf osoo hin taanee, cireen qophaa‟ee kutaa
ciisicha kootiitti naaf dhiyaachuu qaba, isa nyaachuufan ka‟a. Namni yoo na waames hin
jaalladhu, hin owwaadhus; yoon owwaadhe immoo yeroo sadii hanga afurii deddeebi‟anii yoo na
waamaniidha. Har‟aaf kun ni ga‟a, isa kaan immoo yeroo biraan sitti hima” jetteen.

Gurbaan hanga isheen odeessitu kana waan deebisu wallaalee cal jedheema dhaggeeffate. Gaafa
isheen “mee kan kee immoo itti fufi” jettuun “maal seete? Ani immoo amala koo keessa yeroo
tokkon nama waama, yeroo lammaffaas obseeman waama, sadaffaa irratti garuu achumattan
ishee hambisa” jedheen. Dubbiin isaa kun bita waan isheetti galeef “maal jechuudha? Naaf hin
galle” jettee ammas gaafatte. Utuu isheen gaaffii kana gaafataa jirtuu kormaan handaaqqoo tokko
lafa isaan jiranitti dhufee ol gale (mana seene). Yommus gurbaan akka isheedhaaf galuuf akkuma
waan namatti haasa‟aa jiruutti “indaaqqoo nana gadi ba‟i” jedheen. Indaaqqoon dubbii namni
haasa‟u yoo dhaga‟eyyuu namni sun maal jechuu akka barbaade hubachuu waan hin
dandeenyeef, hindaaqqoon mana keessaa gadi ba‟uu hin dandeenye. Kanaaf gurbaan ammas
yeroo lammaffaaf “indaaqqoo nana gadi ba‟i” jedheen. Indaaqqoon ammas gadi ba‟uu hin
dandeenye. Sadaffaa irratti gurbaan bakka taa‟uu utaalee ka‟ee haaduu fudhatee morma
handaaqqoo irraa kutee lafa buusee deebi‟ee taa‟e.

Yommuu kana agartu intalli baay‟ee rifatte, “maal taate, maal jechuu keeti” jettee gaaffiidhaan
muddite. Gabaabaatti amalli koo inni ani sila siin jedhe kanuma, tokko nan waama, lama nan
obsa, sadaffaa irratti morman irraa kuta” jedheen. Amma keessa intalaatti wanti dhaga‟amu
sodaafi naasuu qofa, namichi kun anas akkas na godha, akkamittan lubbuu koo oolfadha kan
jedhutti sammuu ishee keessaa iyya. Kanaafuu guutummaan guutuutti amala ishee jijjiiruu akka
qabdu murteessite. Ganamaan ka‟anii mana qulqulleessuu, ciree hojjechuu, utuu namni hin
waamin maal si gargaaru jechuu shaakaluu akka qabdu hubattee jireenya shaakaluu eegalte.

Yeroo murtaa‟e booda abbaan intalaa “mucaa koon dhaqee ilaala, akkamitti jiru laata, amalli
isheewoo baay‟ee ulfaataadha akkuma haadha isheetiitti” jechaa gara jarreen kanaa dhufe.
Yommuu inni achi ga‟ee haala jiru ilaalu garuu waan inni garaa isaatti hin yaadnetu ta‟e; tasuma

- 33 -
intalli koo akkas colloomtee hojii hojjetti jedhee yaadee hin beeku, kan inni argaa jiru kun garuu
faallaa itti ta‟e.

Abbaan suuta jedhee gurbaa isa intala isaa fuudheen “ilmako! Maaluma gootee intala kana akkas
colloomsite, maaloo akkuma ishee kana leenjistetti haadha ishees naaf leenjisi!” jedheen.
Gurbaan deebisee “abbaako! dur yeroo warri keenya „yabbuu jiidhaatti maru‟ jedhan isin hin
dhageenyee? Amma utuun haadha ishee leenjisee kana booda amalli isa bare ni dhiisa jettaniitii?
Isin akkuma an ganamaan haadha manaa koo sirreeffadhe haadha manaa keessan sirreeffachuutu
isin irra ture” jedhee deebiseef.

Namaaf Kennaan Jedhe Malee Yooman Nan Kenna Jedhe?

Gaaf tokko luba waldaa kiristaanaatu sagalee Waaqayyoo baay‟ee cimsee barsiisa ture. Ofii
isaatiis hafuuraa qulqulluudhaan guutamee, namoonni dubbicha dhaggeeffatanis ergaa luba
kanaatiin dhugumanii dhaggeeffatu turan. Barsiisni inni barsiisu „waa‟ee jaalalaa ture‟. Innis
“akka Qaayin ta‟uun gaarii miti, inni jaalala of keessaa waan hin qaabneef sababa tokko malee
dhiiga obboleessa isaatii dhangalaase. Haa ta‟u iyyuu malee Waaqayyo inni dhiiga nama
qajeelaa falmu Qaayin isa jal‟aa kana cal jedhee ilaalee hin dhiifne, in abaare. Kanaafuu
obbolootako! Kottaa jaalalatti in jiraannaa! Namni kiristoosiin beeka jechaa jaalalatti immoo hin
jiraanne sobduudha, Kiristoosiinis hin argine. Jaalalli immoo afaan duwwaadhaan miti, akkuma
dubbiin Waaqayyoo jedhu ati surree lama qabdu surree tokko nama hin qabneef kenni, ati inni
wanta nyaattuufi dhugdu qabdu isa waan nyaatu hin qabneef qoodi” jedhee barsiisa ture.

Barsiisni isaa kun onnee amantoota kanneen biroo qofa osoo hin taane, haadha manaa luba
dubbicha lallabuullee baay‟ee tuqe. Dubbiin lallabichaa yeroo kaatee gara mana isheetti galtus
keessa ishee deddeebi‟a ture. Akkuma isheen guyyicha mana geesseen wanti lallaba guyyaa
har‟aa isheen dhageesse hojiirra akka oolchitu godhu ishee quunname. Innis kadhataa uffata hin
qabne, nyaatas hin qabne tokkotu mana ishee dhufee “maaloo waanan nyaadhu naaf kennnaa”!
jedhee kadhata. Gaafa namicha argitu haalduree tokko malee dhaqxee nyaata kenniteefii erga
inni quufee booda, uffata abbaa manaa ishee keessaas surree tokko fuutee kenniteef.

Abbaan manaa ishee (lallabaan jaalalaa sun) gaaf tokko uffata jijjiirrachuuf jedhee surree
barbaaduu eegale. Surree barbaadu kanas argachuu dhabe. Kanaaf haadha manaa isaa waamee

- 34 -
“surree koo yeroo miiccitu eessa keesse? Barbaadeen dhabe” jedheen. Isheenis deebifteefii “oh
dhiifama hanga ammaatti sitti himuu dhiisuu kootiif! Dheengadda gaafa dilbataa kadhattuu
tokkotu dhufee ture; akkam garaa nama nyaata seete! Baay‟ee beela‟ee ture, kana biraan immoo
uffanni irra hin jiru, kanaafan nyaata kenneefii uffata kee keessaas surree tokko qofan fuudhee
kenneef” jetteen. Lubichi gaafa kana dhaga‟u baay‟ee aare. Maal jechuu keeti? Uffata koo
akkamitti fuutee namaaf kennita? Isayyuu kadhattuudha, fira miti, maal jechuu keeti? jedhe.
Dheekkamee dhiisuu dide.

Haadha manaadhaaf dubbiin kun galuufii dide. Keessa isheetti “maal ta‟e namichi kun? Isa
dheengadda lallabaa ture irraanfatee laata” jechaa; gaafa dheekkamee hin dhiisu jedhu akkas
jetteen. “dheengadda barsiisa kee yaadattaa? Namni surree lama qabu tokko nama dhabeef haa
kennu jettee turte. Ati immoo surree lama qofa miti baay‟ee qabda, isa ati baay‟ee qabdu
keessaan tokko fuudhee nama dhabeef kenne” gaafa jettuun innis deebisee dheekkamuu isaa
ittuma fufaa; “ani surree lama yoo qabaattan tokko nama hin qabneef kennaa jedheen barsiise
malee ani nan kenna yoomin jedhe”? jedhee deebiseef.

Warra dhaga’uu duwwaadhaan bara isaanii fixan osoo hin taane, gootuu dubbichaas ta’aa!

Nuyi Nama Ceesifna Malee Ofii Hin Ceenu

Biyya lafaa kanarra hanga jiraannutti karaa hundumaan nutti tolee, gaaffiin keenya hunduus
deebi‟ee jiraanna miti. Haalota baay‟ee ulfaatoo ta‟an keessa teenyee gonfoo ulfinaa isa nuuf
kaa‟ame, Yesus kirisros isa du‟aan boodas abdii keenya ta‟e ilaalaa akka nama rakkoo hin
qabneetti gammadnee jiraanna.

Biyya lafaarratti rakkoo tokko yoo ceene, rakkoo kan birootu nu eeggata, gaaffiin keenya har‟aa
yoo nuuf deebi‟e boqonnaa gaaffii itti aanuutu banama. Rakkinoonni keenya gariin in hiikamu,
gariin immoo turanii hiikamu, gariin immoo tasumaa hiikamuu dhiisuu malu.

Egaa akkuma nama kamiiyyuu nama gaaffii utuu qabuu Waaqayyoon immoo baay‟ee jaallatu
tokkotu ture. Namni kun mana jireenyaa isaatiifi mana sagadaa inni itti waaqeffatu gidduu
galaanni guddaan waan jiruuf karaa dheeraa naanna‟ee dhaqee gala ture. Dhimma kanas
Waaqayootti dhiyeessa “ati Waaqa galaana diimaa addaan hirtee ijoollee kee ceesifte,

- 35 -
galaanniYordaanosis fuula isaanii duraa akka baqatu goote, ana immoo maaf cal jettee ilaalte”?
jedhee nama kadhatu ture.

Kadhata isaa kanaaf deebii kan ta‟u, gaaf tokko tajaajilaan tokko utuu Waaqayyoon kadhatuu
“ilaa Waaqayyo nama galaanni karaa itti cufee rakkatu na agarsiisa. Yoo amante galaanni kun si
hin nyaatu, si ceesisa siin jedha Waaqayyo” jedheen. Namichi baay‟ee gammade, baay‟ee
amanes. “Waaaqayyo rakkoo koo in arge qofa osoo hin taane, in dhabamsiises” jedhe. Kanaaf
gaafa gara mana isaatti galuuf jedhu akka durii sana karaa dheeraarra naanna‟uu dhiisee
galaanichatti adeeme, akkuma jedhame galaanichi isa hin liqimsine, in ce‟e jechuudha.

Torban isaatti ammas mana sagadaa sana dhaqee waan Waaqayyo isaaf godhe dhugaa ba‟ee
Waaqayyoon galateeffate. Dhumarrattis tajaajilaa isa gaafas ergaa kana dubbate bira deemee
“har‟a mana kootti si fudheen gala, si afeeruun barbaade” jedheen. Tajaajilichis yaada isaatti
waliif galee dhumarratti duukaa galuuf ka‟e. Utuuma deemanii galaanicha bira ga‟an. Yommus
namichi sodaa tokko malee galaanichatti lixe. Tajaajilichi garuu “maal taate, fayyaa hin qabduu?
Kun galaana guddaadhaam si liqimsa” jedheen. Innis namichi deebisee “nama Waaqayyoo!
Waaqayyo karaa keessan natti dubbateem, amani Waaqayyo galaana kana si ceesisaa naan jettan,
anis akkuma isin jettan nan amane, kanaafin ce‟e. Kanaafuu isinis amma ergaa ergaa dubbachuu
duwwaa miti, amanaa in ceetuu” jedheen. Tajaajilichi waan hin amanneef galaanatti lixuuf
lubbuutu marare, dhiisuuf immoo in saalfate. Yeroo gabaabduudhaaf yaada lama gidduutti
utuuma rakkatuu “nuyi nama ceesifna malee ofii hin ceenu” jedhee dhiisee of duuba deebi‟e.

Ani ofii kootii gara dorgommeetti namoota waamee akkan keessaa hin dhabamneef immoo
cimsee Waaqayyoon nan kadhadha

Fidi Argeeraa! Fidi in fiddaa!

Hojii namoota Waaqayyoon duukaa bu‟anii keessaa tokko kadhannaadha. Sababni isaas Kakuu
Moofaa keessatti geggeessitoonni sabaa, namoonni dhuunfaa, raajonnis Waaqayyoon kadhatanii
deebii argataniiru. Akkasumas Kakuu Haaraa keessatti gooftaan keenya Yesus, ergamoonnis
kadhatanii, nutis akka qabnu nu barsiisanii jiru.

Duuka buutuu gooftaa kan ta‟e namni tokkos adamoodhaan kan jiraatu; gaaftokko hojii isaa
idilee hojjechuuf bobba‟e. Bosona seenee bineensota nyaataafi gurgurtaaf oolan kanneen akka
- 36 -
gafarsaa, bosonuu, kurupheefi kkf utuu barbaaduu bineensa biraatiin walitti ba‟e. Innis isa
nyaatamu osoo hin taanee, leenca isa nama nyaatuudha. Namichi yookiin adamsichi suuta jedhee
utuu leenci isa hin argin itti siqee ilaale. Leenci ija isaayyuu hin banatu, in muga garuu afaan
banee ciisa. Titiisni yeroo afaan isaa kanatti nam‟itu akkuma jirtuun hundashee walitti qabee
nyaata. Ishee erga liqimsee booda ammas afaan bana, yommus titiisni ofumaan dhuftee afaanitti
nam‟iti. Yeroon isheen afaan isaa keessa guuttu ammas walitti qabee nyaate.

Namichi kana argee bineensota adamsuuf dhaqe sanas dhabee gara manaatti yommuu galu
galgalaa‟eera. Akkuma galeen utuu maatii isaa nyaata hin gaafatin jilbeenfatee kadhannaa
jalqabe. Yommuu kadhatus “fidi argeera, lafa bineensi ciisutti sooraa jirta, fidi argeeraa!” jedhee
kadhata ture. Akka carraa ta‟ee qabeenya guddaa waan qabuuf, abbaan qabeenyaa tokko lafa
naannoo mana adamsituu kanaatii qabu qotee warqee awwaalaa ture. Yommus inni kadhata
namicha kanaa dhaga‟ee adamsituchi waan Waaqa kadhataa jiru osoo hin taane, waan isaan
jechaa jiru itti fakkaate. Kanaaf abbaan qabeenyaa kun “yoon warqee kana fudhee gale
adamsituun kun boru na qabsiisa, yoon asuma awwaale immoo dhufee na jalaa fudhata, kanaafuu
adamsituu kanaa wajjin qixxeetti hirmaachuu qabna” jedhee mana adamsituchaa dhaqe. Suuta
jedhee adamsitucha waame. Adamsituchis “inni halkaniin na waamu kun maali laata”? jechaa
gadi ba‟e. Yommuu gadi ba‟u abbaan qabeenyaa “adaraa warqee kana narkatti hin qabsiisin!
Kanaa manna anis atis in fayyadamnaa” jedheen. Adamsituchaaf wanta ta‟aa jiru kun galuufii
baatus amanee kadhataa waan jiruuf keessa “akkuma leenca sanaaf soorri afaan isaa keessa ofiin
seenu, anaafis Waaqayyo inni ani amadhe akkas godheera” jedhee itti waliigalee gargar
hirmaatan.

Obbolootako! Adamsituun kun hojjetee nyaachuudhaaf hanga ifaajuu qabu ifaajeera, garuu hin
milkoofne. Bosonuufi kuruphee adamsuuf ba‟anii leencaan walitti dhufuun salphaa nama hin
naasisu. Haa ta‟u malee hanga kana dhama‟us kuruphee barbaaduyyuu hin arganne. Waaqni lafa
onaa keessaa burqaa baasuu akka danda‟u amanee waaqasaa kadhate. Waaqayyo inni simbirroota
soorus in owwaateef.

Isinis baay‟ee daldaltanii, barattanii, qottanii garuu hanga dadhabdan bu‟aa kan dhabdan mee isa
dhumaatiif fuula keessan gara Waaqayyootti deebisaa! Nuti warra hojjetanii nyaachuutti amanan
yoo taaneyyuu hojii keenya gara ijaatti akka nuuf geeddaruuf gargaarsa harka Waaqayyoo akka

- 37 -
nu barbaachisus ni beekna. Hojjechuu qofa osoo hin taane kadhachuun akka nu irra jirus
yaadadhaa!

Yesuus Kun Namoota Sadiidha Mitii?

Waaqayyo foon uffatee nama guutuu ta‟ee biyya lafaarra jiraatee abaarsa ilmaan namootarra ture
hundumaaf gatii baasee ulfinaan gara mirga abbaasaatti akka ol ba‟es Macaafni Qulqulluun
dhiichisee nutti hima. Akkaataa jireenyaa hunduman duuka buutonni isaa isa fakkaachuu akka
qabanis Yesus ofii isaatii kallattii kaa‟eera. Dhugumatti warri garaa isaanii guutuudhaan isa
duukaa bu‟anis jireenya isaanii biyya lafaa kanaarratti isa fakkaataniiru. Fakkeenyaaf Phexiros
akkaataa dubbii isaatiin Yesusin akka fakkaatu xomboreen sun dhugaa baateetti.

Namoonni Yesus duukaa bu‟an kunis hamma handaara lafaatti wangeela lallabuu akka qabanis
Yesus ofii isaatii dubbateera. Bu‟uuruma kanaan namoonni sadii gara biyya Yesusin hin beeknee
tokko dhaqan. Calluma jedhanii afaan isaaniitiin waa‟ee Yesus utuu hin dubbatin waggoota
sadiif biyya sana keessa jiraatan. Haa ta‟u malee akkaataan jireenyaa isaanii isa afaaniin
dubbatan caalaa waa‟ee gooftichaa dhugaa ba‟a. Namoota biyya sanaa in jaallatu, warra beela‟an
ni nyaachisu, dhukkubsattoota dhaqanii in gaafatu, deeggarsa in godhuuf, yoo namoonni isaan
miidhan “Waaqayyo isiniif haa dhiisu” jedhu malee ijaa hin ba‟an, sobni afaan isaanii keessaa
hin ba‟u dubbii dhugaa malee, kana kan fakkaatan wantoota baay‟eedhaan Yesuusin fakkaatanii
jiraatan. Haa ta‟u malee waa‟ee Yesus afaan isaaniitiin dubbatanii hin beekan.

Akka kanatti jiraatanii waggoota sadii booda biyyichaa deeman. Akka carraa ta‟ee erga isaan
ba‟anii yeroo murtaa‟e turanii booda waa‟ee Yesus Kiristoos kan dhugaa ba‟u mishineriin tokko
gara biyyichaa dhaqe. Innis akkuma biyyicha ga‟een waa‟ee Yesus Kiristoos gadi fageenyaan
jiraattoota biyyichaatti dhugaa ba‟e. Yesuus kun garaa namaaf laafu akka qabu, gargaaraa akka
ta‟e, utuu inni namoota waan mi‟aawaa nyaachisuu namoonni immoo isa irratti akka hamaa
hojjetan namoota sana barsiise.

Jiraattonni biyyichaa gaafa barsiisa kana dhaga‟an kan sammuu isaaniitti yaadatame hunda
caalaa waa‟ee jarreen sadanii ture. Kanaaf mishineerichaan “ati Yesus kun nama tokko jettee
barsiifta, akkaataa jireenya isaa yeroo ilaallu immoo Yesus kun nama tokko qofa miti, namoota
sadii beekna nuti, waggoottan darban keessa namoonni gara laafeyyiin, kan nama gargaaruutti

- 38 -
beekaman, kan ijaa hin ba‟anne, daba namarratti kan hin hojjenne namoo sadii bayya kana
waggoota sadiif jiraataniiru” ittiin jedhan.

Obbolootako! Karaa hundumaan Kiristoos isa mataa nuuf ta‟e fakkaachuun in dandaa‟ama.
Ayyaana Hafuurri Qulqulluun nuuf kennuun waa‟e Yesus dhugaa ba‟uun mirga amantootaa utuu
hin taanee dirqama amantootaati. Akkasumas afaan keenyaan dubbachuu qofa osoo hin taanee,
jireenya keenya Yesus Kiristoos isa jaalalaafi ho‟aan guutuu ta‟e fakkeessuun nurraa eegama.
Kana akka goonuuf Waaqayyo nu haa gargaaru!

Isa Kanahoo Hin Dadhabduu

Namni yeroo baay‟ee gaafa rakkatuufi waan godhu dhabu gara uumaa isaatti iyyuun waan
baratameedha. Haa ta‟u malee kadhannaan akkasii yeroo baay‟ee akka jaalala Waaqayyootti utuu
hin taanee akka jaalala keenyaatti kadhanna. Kun immoo kadhannichi deebii dhabuu qofa osoo
hin taanee, uumaa keenyaa wajjin walitti nu buusa.

Gaaf tokkos kanuma kan fakkaatu nama tokkotu kophaa isaa dhimmaaf karaa irra deema ture.
Yemmuu kophaa taa‟an yookiin kophaa adeeman sammuun keenya waan baay‟ee nutti odeessa.
Isas akkasuma sammuun isaa waa‟ee rakkinoota isaa tokko lamaan yaachisuu eegale. Yeroo
rakkina isaa yaadu rakkinicha keessaa ba‟uuf, baajata hedduu akka isa barbaachisu hubate.
Kanaafuu furmaanni jiru Waaqa isaa kadhatee argachuu ture. Keessa isaatti Waaqa koo
“warqeen kan keeti, meetiinis akkasuma, wanti mul‟atuufi hin mul‟anne hunduu kankeeti.
Maarree maal qaba yoo qabeenya kee keessaa hanga tokko naaf kennite” jedhee kadhachuuf
daandiirraa maqe akka namni biraa isa hin agarreef.

Kadhannaa eegale. Kadhata isaa keessattis “yaa Waaqayyo warqee naaf kenni” jedhee
kadhachuu eegale. Ammas irra deddeebi‟ee kadhate, homaa warqeen hin jiru. Amma immoo
deebisee mata duree kadhata isaa geeddaree “yaa Waaqayyo erga warqee na dhowwattee, mee
qarshii kitila tokko naaf kenni” jedhee kadhate. Isas hin arganne. Ammas deebisee “amma
immoo Waaqa koo mee qarshii kuma dhibba tokko naaf kenni erga sanas diddee” jedhe. Ammas
homaa hin jiru. Utuu akkasitti kadhatuu qarshii tokkorra ga‟e. “mee amma immoo ishee kana
namni kamiyyuu namaaf kennuu danda‟ahoo mee qarshii tokko naaf kenni” jedhee kadhataa isaa
itti fufe. Akkuma qarshii kitila tokko dhabe, qarshii tokkos argachuu hin dandeenye.

- 39 -
Dhumarratti erga qabeenya kadhatee dhabee “amma waaqni kun maal jechuu isaati, waanuma
qarshii kitila tokkos, qarshii tokkos namaaf kennuu hin dandeenyeen wanti hundumtuu kan keeti
jennee kadhannaa nuti” jedhe.

“Mee amma immoo qoreen ilaala, ammas inuman kadhadha” jedhee kadhata itti fufe. Kadhata
isaa kana keessatti “yaa Waaqayyo! Ani warqee si kadhannaan warqee na dhowwatte, qarshii
kitila, Kuma dhibbas, qarshii tokkos si kadhannaan na dhowwatte. Erga kana hundumaa na
dhowwattee mee amma immoo dhagaa naaf kennikaa! Moo isas hin qabduree”? jedhee
kadhachuu eegale. Akka carraa ta‟ee kadhannaa isaa hundumaa namni tokko dhokatee
dhaggeeffataa ture. Yeroo inni warqee, qarshii kitila, kuma dhibba, qarshii tokkos naaf kenni
jedhee kadhataa ture namichi kun hafuura isaa dhokfatee dhaggeeffataa ture. Dhumarratti gaafa
inni “dhagaa naaf kenni” jedhu; namichi dhokatee dhaggeeffataa ture sun dhagaa tokko lafaa
fuudhee adda isaatti darbatee namicha buruqse. Namichis miira dhukkubbii itti dhaga‟ame
ibsatee Waaqa sila kadhataa tureen “isa kanahoo in dandeessaa; kan kadhatanii si biraa hin
dhabnes isuma kana” jedhee achii ka‟ee karaasaa itti fufe.

Kan Galaana Kanarra Dursee Utaale Ni Badhaafama

Biyya lafaa kanarra hanga jiraannutti ofii keenya kaleessaafi hiriyoota keenya har‟aafi boriin
dorgomaa jiraanna. Sadarkaan jireenya lafarraa kun waan nuti arganne qofaan kan madaalamu
osoo hin taane, ga‟umsaafi dandeettii argannoo waan barbaachisaa namoota nuti waliin
jiraannuuni.

Haaluma kanaan gaaf tokko mootiin bineensotaa bineensonni hundinuu waamicha dirqamaa
garuummoo badhaasa qabu taasise. Waamicha kanarraa bineensi kamiyyuu hafuu hin danda‟u.
Akka waamichichaatti „kan galaanarra dursee utaale badhaasa qaba‟ kan jedhu ture. Hubadhaa!
Galaanicharra utaaluu qofaan utuu hin taane, dursanii galaanicharra utaaluudhaan badhaafamu.
Akkuma beekamu bineensonni akka hilleettii, kuruphee, bosonuu, qerrensaafikkf battaluma
waamichi godhameefiin iddoo dorgommeetti argaman. Kanneen fiiguu hin dandeenye kan akka
arbaa, qocaafikkf immoo turtii yeroo dheeraa booda achi ga‟an. Bakka dorgommiitti bineensonni
walitti qabaman hundinuu dubbiin akka fiiganii dhaqan ta‟uu dide. Sababni isaa galaanni isaan
akka irra utaalaniif waamaman galaana eenyumtiyyuu irra utaaluu danda‟u miti. Kanaaf achi
ga‟anii “eenyumatu galaanicharra utaalee badhaasa mootii fudhata laata”? Jedhanii taa‟anii kan
- 40 -
utaalu eegu. “Qocaan akkam taate?” jedhanii utuu walgaafatanii qocaan dhufte. Egaa akkuma
isinuu beektan qocaan dhagaa fakkaatti. Kanaaf qocaa isaan bira jirtu bineensonni dhagaa se‟an
malee qocaa ta‟uu hin hubanne. Isaan keessaa tokko dhagaa galaana gamatti ilaalee qocaa itti
fakkaatte, kanaaf “kuunnoo qocaan gama jirti” jedhee warra kaanitti hime. Qerransi badhaasni
kun anaaf mala jedhee waan yaadeef, qocaan gamanaa dhagaa itti fakkaattee; dhagaan gamaa
immoo qocaa itti fakkaatee dhagaa fuudheen gamatti darbadhee qocaa rukuta jedhee; qocaa lafaa
fuudhee gamatti darbatee ceesise.

Obbolootako! Yeroo tokko tokko nama miidhuuf jennee yeroo nama sana darbannu dhiibbaa
nuti isarratti hojjenne humna ce’umsaa ta’aaf. Akkasumas yeroo namoonni darbatanii qileetti nu
gatuuf jedhan, Waaqayyo immoo isa gamaatti akka nuti ceenu taasisa. Hamminniifi shirri
jal’oonni nurratti hojjetan utuu Waaqayyoon abbaa keenya godhannee jirruu yaada isaatiin ala
nu miidhuu hin danda’u. Dhiibbaa diinonni kee sirratti hojjetan Waaqayyo gaarummaatti siif
haa jijjiiru.

Yooman Dadhabee laafe?

Namni hundumtuu jaalalaan qabamuun isaa waan beekamaadha. Hiyyeessi, dureessi, beekaan,
wallaalaan hundumtuu jaalalaan qabamuun isaa hin oolu. Sababni isaa jaalalli hiyyummaas ta‟ee
durooma, beekumsas ta‟ee wallaalummaa wajjin hariiroo tokkoyyuu hin qabu waan ta‟eef.
Jaalalaan qabamuun miira fayyummaati malee cubbuu ykn yakka ta‟uu hin danda‟u. As irratti
wanti hubatamuun irra jiraatu jaalalaan qabamuun rakkoo hin qabun jedhe malee akkaataan nuti
itti jaalala nu qabe hoggannu rakkoo hin qabu jechuu koo miti.

Egaa jaalalaan qabamuun waan uumamaati waan ta‟eef, gaaf tokko gurbaa biyya keenyaatu
dubartii warra adii (faranjii) biyya keenya hojiidhaaf dhufterraa jaalalli qabe. Kanaaf utuuma
sodaatuu yeroo hundumaan karaa isheen baatu karaa isheen galtu iddoo hojii ishees deemee
hordofuu jalqabe. Haa ta‟u malee yeroo ijaan ishee argu lapheen isaa sodaarraa kan ka‟e in
dha‟ata, sagaleen isaa in hoollata. Kanaaf yeroo hundumaa ijumaan ishee argee dhiisee deebi‟a.

Utuuma akkas godhuu gaaf tokko garaa murate, du‟us nan du‟a, jiraadhus nan jiraadha jedhee
bakka isheen jirtu dhaqe. Akkuma ishee argeen gaaffiisaa isuma duraa sana utuu hin jijjiirin
dhiyeesseef, isheenis tole hin jenneef. Kanaaf aaree akkuma isheen jirtutti harkaan lafaa

- 41 -
hammaaree gatiittii isaarra kaawwatee fiigicha jalqabe. Fiigee fiigee gaaddisa mukaa manasaa
gajjallaa jiru jala lafa ishee kaa‟ee qasa‟ee kolfuu jalqabe. Isheen achuma lafa inni ishee kaa‟e
ciiftee waan inni kolfuuf kun bitaa itti gale, kanaaf “what do you lough?” jettee gaafatte. Innis
deebisee “yooman dadhabee laafe? Qaatan manaan si ga‟adhee”? jedhee deebiseef jedhama.

- 42 -

You might also like