You are on page 1of 49

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

Karoora Ishuraansii Fayyaa


hawaasa bara baajata 2011

1
Qabiyyee Baafta

1. Seensa -------------------------------------------------------------------------------- 4

2. Mul’ata, Ergama fi Duudhaalee -------------------------------------------------5

3. Ka’uumsa karoora bara 2011-----------------------------------------------------8

4. Xiinxala haala keessaa fi alaa ----------------------------------------------------15

5. Xiinxala Qooda Fuudhatoota -----------------------------------------------------21

6. Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo’aa --------------------------------------------24

2
7. Kallattiiwwan madaallii ------------------------------------------------------------27

8. Kaayyoo Tarsiimo’aa fi Bu’aa tarsiimo’aa ------------------------------------38

9. Hudhaalee gurguudoo IFH----------------------------------------------------------42

10. Hojii karoorfamee raawwachuu kallattii hodofamu qabu -----------------45

11. Karoora hojii haala kallattii madaallittin-----------------------------------------47

1. Seensa
Akka naannoo keenyattii Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa karoora guddina fi
Tiraansiiformeeshiin lamaffaa (2008-2012) qopheeffachuun hojiitti seenuun raawwii hojii
qaama karooricha kan ta’e kan bara 2008 - 2010 haala foyyee qabun raawwatame jira. Tajaajila
fayyaa qulqullinaa isaa eeggatee hundaaf qaqqabamaa fi haqa qabeessa tahee keennuu keessatti
Inshuraansiin Fayyaa Hawaasaa (IFH) shoorri inni taphatu olaanaa fi fayyadaamummaa
hawaasaa mirkaneessuu keessattis gaheen inni qabu iddoo guddaa kan qabu dha.Sagantan kun
karoora guddiina fi tiraansformashiini 2ffaa keessaatti akka biyyaatti hojii ijoo fi xiyyeeffannooo
guddaa argaate yommuu tahuu, akkasumaas aanaalee tiraansformii gochuf akka hojii ijoo
tokkootti kan qabaamee waan taheef aanaalee fi magaaloota naannoo keenya keessa jiraan
hundaatti babaalisuuf karoora waggaa shanii keessaatti qabame ciminaan hojaatama jira.

3
Haaluma kanaan IFH naannoo keenya keessatti hojii irra bifa yaalittiin akka oolu murtii
KBMNO caamsaa 16 bara 2001 dabaarseen aanaalee 4 irratti kan jalqabe sagaanta kun
dabalaataniis KBMNO Guraandhala 8 bara 2005 murtee dabarseen Aanaalee 59 keessatti IFH
babbalisuun karoorfamee hojjeetama ture jira. Kana malees manajeemantiin BEFO sagaanta
kana daraan lafa qabsiisu fi cimsuuf bara 2008 Aanaalee haaraa 71 fi aanaalee sabaaba aanaan
iddoo lamaatti hiraaman aanaan 11 dabaalatee sagaantan kun Aanaalee 145 keessaatti hojiin kun
hojjaatama ture jira. Bara baajata 2010 karoora ministeerii Eegumsa fayyaa naannooleef
dabarsee bu’uureefachudhaan dabalaatan Aanaalee 52 kan dabalaman yommuu tahuu akka
walii galaattii hanga bara baajata 2010tti Aanaalee 197 keessaatti uwiisa sagaanticha dhibeenta
68% irraa geessisuun dandaa’ame jira. Bara baajataa 2011 kanatti aanaallee baadiyaa 45 fi
magaala 4 dabaluun uwiisa sagantichaa aanaallee 246 (%74) irraa gahuuf karoorfamee jira.

Karoora Inshuraansi fayyaa hawaasa kara guutuu ta’een raawwachuun kan dand’aamuu karoora
qinda’aa fi wal simata qophessuun qaamoolee raawwataniif sadarka sadarkaan gadi buusuun
akka raawwatan gochuu fi hojii irra oolma isaa fi bu’a qabeessuummaa isaa yeroo yeroon
hordoffiin yoo geggeffame akka ta’e kan beekamu dha. Adeemsi xiqqaan Inshuraansii Fayyaa
Hawaasa Biiroo Eegumsa fayyaa oromiyaas kan hubaachudhaan karoora akka biirootti raawwii
hojii bara 2010 gidduu galeesa godhaachudhaan akkasumas karoora BEFO qopheefatee fi
Ejeensii Ishuraansii Fedeeraala qopheessee ka’umsaa godhaachudhan karooraa qinda’aa fi
hirmaachiisaa tahee haala armaan gadin kan bara 2011 qopheesine jira.

Haala Waligalaa

Baay’ina uummataa bara 2011 Waliigala…. 36,839,051

 Dhiira …… 18,591,161 (50.5%)

 Dubara…........ 18,247,892 (49.5%)

 Jiraattota Baadiyyaa.. 31,273,665 (85%)

 Jiraattota Magaalaa.. 5,565,386 (15%)

Dhaabbilee Fayyaa

1. Kan mootummaa(Government):

 Hospitaala -----------------80 (3) kan Yunivaristii jala galan)

4
 Buufataalee fayyaa------ 1383 fi

 Keellaa fayyaa -------------6,523 tajaajila kennaa jiru

2. Kan dhaabbatoota mit-mootummaa(NGOs)

 Hospitaaloota--------- 4

 Buufataalee fayyaa--- 150

3. Kan dhaabbata misooma mootumma adda addaa(OGO):

 Hospitaaloota---------2 fiBuufataalee fayyaa --5

Dhaabbilee Fayyaa dhuunfaa

 Hospitaloota...........................................8

 Kiliniikoota sadarkaa adda addaa...........3,149

 Manneen qorichaa sadarkaa adda addaa.....1701

 Waliin gahiinsa tajaajila fayyaa Buufata fayyyaan ----- %97

 Waliin gahiinsa tajaajila fayyaa keellaa fayyaan %98 gahee jira

Bay’ina
Aanaa Bay’ina
Bayina IFH Aanaa IFH
Aanaalee duran haaraa Uwiisa
Lakk Godina baadiiyaa turan dabaalamu Ida'aama %

1 Shawaa K/Lixaa 11 7 4 11 100

2 Shawaa kabaa 13 10 3 13 100

3 Shawaa lixaa 22 15 7 22 100


4 Arsii 25 19 4 23 92
5 Baalee 18 13 3 16 89

6 G/A/N/Finfinnee 6 6 0 6 100

5
7 Arsii Lixaa 14 11 1 12 86

8 Shawaa Bahaa 10 8 2 10 100

9 Harargee Bahaa 20 15 0 15 75

10 Wallagaa Lixaa 20 12 4 16 80

11 Gujji Lixaa 9 7 0 7 78
12 Gujjii 15 8 2 10 67

13 Harargee Lixaa 15 10 1 11 73
14 Boorana 13 7 4 11 85

15 Illu Abba boora 13 7 2 9 69

16 Ke/Wallagaa 10 6 2 8 80

17 H/G/Wallaaga 10 7 2 9 90

18 Wallaaga Bahaa 17 8 2 10 59

19 Buunoo Badaale 9 5 1 6 67
20 Jiimmaa 20 16 1 17 8
Aanaalee
Baadiyyaa
  Oromiyaa 290 197 45 242 83

Magaaloota
Yaaliif Filataman 43 0 4 4 9
1 Shaashamanee
2 Holataa
3 Sandaafa
4 Dadar

2. Mul’ata, Ergamaa fi duudhalee Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa

Mul’ata (Vision)
 Uummata naannoo Oromiyaa hundu bara 2017 Tajaajila Ishuraansii fayya hawaasaa
haqaa qabeessa, fi ittifufinsaa qabu irra fayyadama ta’e argu.

6
Ergama (Mission)
 Sirna Inshuraaansii fayyaa hawaasaa ga’umsa, qulqulinaa fi safisaa ta’ee diriirsun,
busii miseensaa irra walitti qabuu fi bulchun tajaajilaa fayyaa hundaa hammate,
dhaaqabama fi qulqullina qabu ittifufinsaan lammii hundaaf kennamu isaa mirkaneessuu.
Duudhaalee (Core Values)
 Tajaajila fedhii maammilaa giddu-galeessa godhate kennuu
 Iftoomina
 Itti gaafatamummaa
 Qindoominaan hojjechuu
 Al-loogummaaa
 Jijjiiramaaf qophaa’uu
 Iccitii eeguu

1. Ka’umsa Karoora bara 2011 IFH BEFO

1.1 Imaammata Fayaa fi damnbii fi qajeelfamoota imaammaticha hojii irra


olchuuf bahaan
 Qajeelfama IFH hojii irra olchuuf Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa tiin ba’e.
 Karoora Guddinaa fi Transfoormeeshinii waggaa shanii seektara fayyaaa naannoo
Oromiyaa
 Karooraa Tarsimoo’a waggaa Shanii kan Adeemsa xiqqaa IFH BEFO
 Xiinxala raawwii Hojii IFH bara 2010 keessatti haallawwan carraa fi sodaa alaa fi
keessaa mul’atan
1.2 Raawwii hojii IFH Bara 2010

Inshuraansiin fayyaa hawaasa Bara 2010 aanaalee 197 irrattii horanaa miseensa gidugalleessan
55% irraan gahuuf karoorfame hojjatama ture.

7
 Yeroo boqonnaa qophii keessattii hojii IFH babaliisuuf Kan gargaaran deegarsa aanaalee
IFH buleeyyii fi haaraa keessatti deeggarsaa fi hordoofii taasiisuun tarkaanfii sireefamaa
fudhachuun horanaa miseensa fi buusii sasaabuun raawatama ture.
 Sadarkaa naannootti hojjii IFH milkeesuuf hogantoonii naannoo, godinaa fi aanaalee
2000 olii bakka argamaniitti koonfaransii IFH gaggeessuun godinaalee fi aanaalee
raawwii gaarii agarsiisaniif beekamtiin keename jira.
 Hubannoo hawaasaa cimsuuf ooggeesoota midiyaa naannoo fi godinaaleef leenjii fi
gamaggama hojii tasiifameera.
 Aanaalee IFH bara 2010 haaraa filataman 52 keessa gaggeesitoota aanaa fi ooggeesota
IFH hundaaf leenjiin hubannoo keenamee jira.
 Unkaa gabaasa haaraa IFH qopheessun ittiin hojjetama jira
 Leenjiin ooggeesoota herreega dhaabbata IFH aanaalee 166 fi ooggeesota faayinaansii
dame Inshuuraansii fayyaa Itiyoophiiyaa naannoo Oromiiyaa keessa jiraan 14
walumaagalatti namoota 180f keenamee jira.
 Hordoofii fi deegarsa aanaalee hundaa irratti taasiisuun hojiin IFH haalan akka lafa
qabatuu qooda fuudhatoota aanaalee fi godinaalee waliin marii bal’aa taasiisuun
tarkaanfii sirreefama adda addaa akkaa fuudhatamu ture jira.
 Gamaggama IFH sadarkaa naannootti yeroo lama gaggeefamee jira. Gamaggama
kanaaniis raawwiin horanaa miseensa IFH yeroo ilaalamu baayee xiqqaa ta’uu waan
hubatameef duula horanaa miseensa IFH sadrkaa naannootii labsuun godinaale hundaa
irraatti gaggeesun dhiibbeenta 17 irraa gara 30tti fooyyeesuun dandaa’ame jira.
 Akka naannoo keenyaatti aanaalee hanga bara 2009 dhaabbata IFH hundeesan116 irraatti
bara 2010tti aanaalee 25 dabaluun waligalaatti aanaalee 141 irratti dhaabbata IFH
hundeesuun tajaajila fayyaa miseensootaf akka keenamu taasiifame jira.
 Buulcha maati 6,000,000 miseensoota IFH ta’u dandaa’an keessa 1298898 miseensa IFH
taasiisun dandaa’amera.
 Namoota harkaqalleeyyi ta’an qajeelfama IFH jiruun fayyadamuudhaan tajaajila fayyaa
akka argataan deegarsa addaa isaaniif barbaachiisuu naannoo irraa miliyoona 38 oli fi
aanaalee irraa 23188531 dhaabbata IFHtti galii akka ta’u taasiisun miseensoota kaffalaa
waliin walqiixaa fayyadama tajaajila fayyaa ta’anii jiru.

8
 Bara 2010 miseensoota kafalaa IFH irraa buusiin 131603900 sasaabamee keessa qarshiii
53024022 kaffaltii tajaajilaa fayyaatiif dhaabbiilee fayyaatiif kalamee jira. Dhuma bara
baajataa 2010 irraattii baankii dhaabbata IFH aanaalee naannoo keenyaa keessa
qarshii303599219 jira.

Akka waligalaatti horanaa miseensa IFH akka naannoo keenyaatti bara 2010 giduugaleesan
dhiibeentaa 55 irraatti geesuuf karoorfamee keessa dhiibeentaa 30 irratti gahuun raawwiin isaa
hanga barbaadameen akka hin taanee hubatamee jira. Raawwiin galmaa’e haala qabatamaa
naannoo keenyaa keessa dabarfamee waliin yoo madaalamuu garii haata’u malee karoora
karoorfamee waliin yoo madaalamuu gadii’ana ta’un dha. Kanaafu;

 Hoggansii sadrkaa sadrkaan jiruu hojii IFHtiif keennee laafaa ta’u


 Qajeelfama IFH naannoon baasee bifa guutu ta’een hojjii irra olchuu dhabu.
 Aanaalee fi ganda muuxxanoo gaarii qaban addaan baasuun xiinxaalanii gara aanaalee fi
gandaa biraa akka babala’atuu tasiisuu dhabuu
 Sosochii hawaasaa uumu irraattii hojiin hojjatamee gaha ta’u dhabuu fi hojiin isaa caasa
gandaa irratii gatuu fi ijaarsaa ganda gadi jiran duuguganii itti fayyadamu dhabu.
 Miseensoota IFH tiif waraqaa eenyuuma bifa barbaadamuun keenuu dhabuu irra kan
ka’ee miseensooni IFH fayyadamaa tajaajila fayyaa ta’u dhabu.
 Hordoofii nagahee galii gara gandaatti raabsamee irraatti jiru laafaa ta’u fi odiitii
faayanaansii haala barbaadameen gaggeesuu dhabu.
 Dhaabbilee fayyaa tajaajilaa fayyaa qulqulliina isaa eeggate haala barbaadameen keenuuf
qophaa’iinisi fi simanaan jiru laafaa ta’u.

Kanaafu, bara baajata 2011 keessatti hojii IFH irratti ciminoota mul’atan daaran cimsuun
hanqinoota adda ba’an irratti xiyyeeffana adda ittii keenamee hojjachuun barbaachiisa ta’a.

Xiinxala haala Keessaa fi Alaa(Internal and External situation Analysiis)

Sirna madaallii bu’aa karoora tarsiima’aa gara hojjiitti hiikamuu dandaa’uu qopheessuudhaaan
hojiirra oolchuuf duraan dursa haala qabatamaa sagantaa IFH naannnoo keenyaa dhiimmoota
aalaafi keessaaa xiinxaluun barbaachiisadhaa.Haaluuma kanaan Gama tokkoon ciiminaafi
hanqina Gama biiroottiin immoo caarralee itti fayyaadamuu qabnuu fi sodaalee qunamuu
danda’aan addaan baasinee xiinxaaluun murteessa.

Xinxallii kunis akkaataa gabateewwaan armaan gadii keessaatti ibsamaniru.

9
.

Ciminoota (Strengths) Hanqinoota (Weakness)

1.Caaseefama 1.Caasseefama
- Caasan IFH` sadarkaa - Caasfamnii IFH sadarka Naannoo irra kaasee seektarichaa keessa
naannoo irraa hanga haa jiratu malee ergama IFH hubate galman gahuu dhabuu.
Aanaalee jirachuu isaa. - Caasan dirirree haa jiratu malee humna nama barbaachiisuu
guutachuu dhabu. (keessatu sadarka Godinaa fi Aanaaleetti)
2.Sirna Hojimaata
- Seera qajeelfamootaa IFH bahaan kana ittin raawwataman haala
barbaadamaaniin jirachuu dhiisuu(no legal framework)
2.Sirna Hojimaata - Seera manuuwaalootni IFH bahaan ittiin raawwatamu jirachuu
- Qajeelfamoota hojiraa dhabuu.
olmaa IFH garggaaran
qopha’aani jirachuu isaani. 3.Tarsiimoo
- Manuuwaalooni hojiira - Tarsiimoon kommunikeeshennii jirachuu dhabu.
olmaa IFH adda addaa
jiraachuu danda’uu

3.Tarsiimoo
- IFH tarsiimoon waggaa 5
qabaachuu

10
4.Haala Faayinaansii 4. Haala Faayinaansii
- Hanga danda’aama ta’eetti
- Baajataa hojii IFH barbaachiisu sadarka hundatti ramadamuu dhabu.
Aanaalee IFH hundumaaf
- Haalii itti fayyaadama faayyinaansii xiqqaa ta’u
baajata HQ qoodamuu
- Aanaalee baayyeen maallaqaa gudda yaa sochooson malee ittii
danda’uu
fayyaadamuu irratti dadhaabnii jiraachuu.(bankii keessaa kuufamee
- Aanaalee dhabbata IFH
jirachuu)
hundeessan baayyeen
- Odiitiin yeroo isaa eegatee gaggeefamuu dhabu.
isaanii maallaqaa gudda
- Buusiin yeroon sassabamu bankiittii gali gochu dhabu
sochosuu ”mobilize”
gochuun gara bankiitti akka 5.Bulchiinsaa fi gaggeessuuma(leadership & governance)
galuu taasiisuu - Hubannoon gaggeesistootni IFH irratti qaban xiqqaa ta’u
- Gaggeesistootni sadarka sadarkaan jiran haala walfakkatuun
jijjiiramaaf qophii ta’u dhabu
5.Bulchiinsa fi gaggeesuuma
(leadership & governance) 6.Haala qabinsa ragaa
- Sadarkaa tokko tokko
irraatti bulchiinsii  Sirna ragaa bu’uuraa ittin sasaabuuf uunkaaleen qophaa’ani jiran
hirmachiisaa ta’ee jiraachuu kanaatti sirritti fayyadamuu dhabu.
isaa,
 Ragaa barbaachiisa ta’aan gara uunkaalee qophaa’anitti guutuman
6.Haala qabinsa ragaa
- Sirni qabinsaa fi itti guututti yeroon galchuu fi qaama ilaalatuuf ergu dhabu.

fayyaadama ragaatiif
jedhamee uunkaalee adda
- Hanqinaa dandeetti ragaa qabaachuu fi xinxaalan gabaasa dhiyyeesuu dadhabu
addaa kan qopha’ee jiru
balinaan kan jiru ta’u.
isaa. Ragaa bu’uur IFH
sadarka sadarkaan hojii
ittin hoogganaanii fi
gabaasa ittin sassaaban
dirrirree jirachuu isaa

11
7. Humna Nama 7.Humna Nama

o Caasaa humna namaa dhaabbata o Akkaataa istaandaardii ogummaa taa’een humna namaa dhaabbilee fayyaa
IFH akkaataa barbaachiisummaa keessatti guuttachuu dadhabuu,
isaatiin diriirsuun akka guutaman
o kkaataa istaandaardii ogummaa taa’een humna namaa dhaabbata IFH
gochuu yaalu,
keessatti guuttachuu dadhabuu,
o Hanqinoota dandeettii fi gahuumsa ogeessotaa rammadamani sadarkaa
sadarkaan jirachu
o Sadarkaa barnoota hojjetoota IFH haala barbaadameen fooyyessuu
dadhabuu,
o Ogeessotaa fi gaggeessitoota sadarkaa sadarkaan jiran biratti hanqinni
humna raawwachiisummaa sagantaa IFH kan jiru ta’uu isaa,
o Hojjetootni IFH hojii gadi-lakkisuu fi sababa isaa gadi fageenyaan
qorachuu dadhabuu,
o Sirni onnachiiftuu hojjetoota IFH tiif jiraachu dhabuu

12
Sodaa (threat)
Carraa(Opportunities) Sodaa(threat)
Gamaa Siyaasan

- Sagantaa IFH kan deeggaruu Imaammani fayyaa gaariin - Qammini siyaasa sadarka sadarkaan
jirachu jiru IFH abbumman fudhate haala
- Xiyyeefana Mootumman seektaraa hawaasuumaf kennaa walfakkatuun hojiraa olchu dadhabuu.
jirachuu isa - Qajeelfama hojiraa olmaa IFH fi
- Riiformiin kenninsaa tajaajila fayyaa qopha’ee ittin manuwwaaliin raawwii hojii haala
hojjetama Jirachu isaa (HCF,BSC,Health care quality walfakkatuun hubatamuufi hojiraa
startegy) oluu dhabu.
- Tajaajila fayyaa hunda ga’eessa /dhaqqabama (Universal - Qophii dhabbilee fayyaa fedhii
health coverage)KGT keessaatti hammatame raawwatama miseensaa IFH wali simuu dhabun
jirachu isa. Amantan hawaasa xiqqachu.
- Rayyaan fayyaa seektaraa fayyaa keessaatti ijaarammee
jirachu isa.

13
Gama Hawaasummaa Gama Hawaasummaa
- Aadaa walgarggaarsaa hawaasaa giddu jiru kan akka - Ragaaleen IFH ilaalchiisee ummata
idirii, iqubee fi KKF jiraachu isaa. Kunis aadaa irraa dhufan guutuu fi qulqulluu ta’u
waldegaruu hawwaasa giddu jiru kan cimuu ta’u isaa dhabuun tajaajila hawwaasni argatuu
- Waliga’iinsii fi baayyinni dhaabbiilee fayyaa dabala irraattii amantaan xiqqaachu.
jirachuu isa - Tajaajilli fayyaa dhaabbilee fayyaa
- Dhiiyeesii humna oggeessa fayyaa dabalaa jirachuu isa. keessatti hawaasaaf keennamu fedhii
- Hubannoo hawaasni fayyaa irraatti qabuu dabaluu fi itti hawaasa waliin kan hin madaalle fi
fayyadamani tajaajila fayyaa dabalaa jirachuu isa. qulqullina isaa kan hin eeggane ta’u
isaa.
- Dhabbileen fayyaa tajaajila guutuu
kennuu dhabu isaani (qorricha,Lab,X-
ray KKF.)
- IFH irraatti humni nama oggumma
kana irraatti baratee sadarka
hundarraati gahaa ta’u dhabu.
- Hawaasa keessaatti bulchaa maatii
tokkoo jalaattii fayyaadamtootni
baayyachuu isaanii.
- Tajaajila fayyaa seeran alaa (Moral
hazareds) miseensoootan
fayyaadamuu jira.

14
Gama Dinagdee - Hawaasni ballaan naannoo keenyaa
-Gudinni dinagadee arriifataan galmahaa jirachu isaa. baayinaan dinagdee dhabbataa
- Sirnii gibiraatiif taksii waltti qabuu foyyaa’aa dhufu isa. hintannee irraatti boba’ee jirachuu
- KGT biyyaa keenyaa kan hiyyuuma hirrisuu irraattii - Baayyinni ummata naannoo keenyaa
xiyyeefate hojjatamaa ta’u isa. guddina dinagdee jiru waliin kan walii
- Dhaqqabamuummaa dhaabbilee faayinaansii babaalcha hinsimnee ta’u isa
dhufu isaanii - Dhaabbileen tajaajila fayyaa kennaa
jiran tajaajila fayyaa hinmalee kenuun
baasii dabaluu (Moral Hazard)
- Iddoo tokko tokkootti honiggeen
mulachuun ummaani miseensaa IFH
akka hintannee dhibba ummuu.
- Bu’uurii misooma dhaabbilee faayya
kan akka Ibsaa,Bishaani fi KKF bakka
hundaatti guuttamu dhabu.
- Deggarsii arjoomtoota yeroodha gara
yeroottii hirachaa deemu isaa.
- Baasiin tajaajila fayyaa yeroo dha gara
yerootti dabalaa deemu isaa.

15
Gama Teeknoolojii

- Imaammatni xiyyeeffannoo teknoolojjii odeefannoo


(information techanology) kennu jirachu isaa. - Hawaasni teeknoolojii oddeefannoo
- Meeshaaleen hammayaa tajaajila fayyaa kennaan gudacha hammayaa fayyyadamuu irraattii
dhufu. hubaannoo fi dandeetti gahaa dhabuu.
- Tajaajilii bilbilaa moobayilii sadarka baadiyaatti babalcha - Humni nama meeshaaalee yaala
dhufu isa hammayaa ta’een itti fayyadamuu
- Midiiyaan Eleektroniikis balinaan gudacha dhufuu sadarka sadrkaan dhabbilee fayyaa
keesaa jiru gahaa ta’u dhabu.
- Meeshalee fayyaa hammayaa ta’aan
dhaabbilee fayyaa sadarkaa sadarkaan
jiran keesaatti guutamu dhabuu
- Dhiiyyeesiin tajaajila teknoolojii
fayyaa cicciita ta’u
- Gatiin teeknoolojjii oddeeffannoo
humna hawaasa giduu galeessaa
godhatee ta’u dhabu.

16
Xiinxala Qooda Fudhattootaa (Stakeholders Analysis
L Qooda
ak fudhaatoni
k Qooda fudhaatonii BEFO qooda gahee isaani Murteess
Qooda Deebii
dhimooni isaan fudhaatotara kan bahuu ummaa
fudhatoota dhabbaticha
barbaadan barbbadu baannan isaanii
dhiibban
gahuu

1 Miseensota Mirgaa fi Miseensootni fi Miseensuma Olaanaa Waa’ee


IFH fi dirqaama isaani fayyadamtootni addaan mirgaa fi
fayyadamto beeku. tajaajila fayyaa kutuu. dirqaama
ota sirnaan itti isaani
IFH irraatti fayyadamu. Namooni akkasumas
hubaannoo gahaa kun akka IFH irratti
argaachu. Miseensuma miseensa hubannoo
isaani yeroon hintaane uumu
Miseensoota fi haroomsisu. dhiibbaa
fayyaadamtootni uumu. Tajaajila
Miira abbumaa fayyaa
Tajaajila fayyaa akka qabaatan. Tajaajila
qulqulina qabu qulqullina
fayyaa qabu fi si’aata
argaachu. Ragaa isaani fi humnaa ol
maatii isaanii taasisu
WEM yeroon sirrii itti
tahee faayadamu Sirnaa
argachu. yeroon keennu. iftoomina
Baasii kiissii ittigafaatamu
keessaa bahuu ma fi haqaa
hiri’isuu. qabeesa tahee
diriirsu
Buusii dandeetti
irraati hundahee
jiraachu.

Komiin yeroon
qulqulahee yeroon
akka hiikkatu
gochuu

2 Hawaasa Waa’ee IFH Miseensa IFH Miseena IFH olaanaa Hojii


miseensa hubaannoo gahaa akka tahaan, tahuuf fedhii hubaannoo

17
IFH hin qabaachu dhabuu, uumu
taane rawaachu
Ragaa isaani fi
maati isaani sirri
Buusii dandeeti tahee yeroon
irraati hundahee keennu, Hirmaana
jiraachu hawaasa
guddiisu
Miseensa IFH
akka tahaaniif Sirnaa
haala mijeessu, hirmaachisa
tahee diriirsu

3 Yaa’ii Walgahii idilee IFH irraatti Walgahii Deggarsaa


waliigalaa waggaa gaggeesuf murteewan idilee oguummaa fi
dhabaata deegarsa baajataa barbaachiso fi gaggeesu baajataa
IFH fi teeknikaa wa’itaawa dhabuu Olaanaa cimsuu
argaachu dabaarsu.
Murteewan
Miseensa barbaachiso
Horaachu dabaarsu
dhabuu

4 Hojeetota Hoggaansa cimaa Gahee hojii Dhibaawum olaana Haala hojii


dhaabbataa fi haqaa isaani haalaan a fi Abdii mijaawa
IFH qabeessaa, bahuu kuttannaa uumu

Iddo hojii Kaayyoo fi Ijaarsa


mijaawa fi gahee ergama IFH dandeetti
hojii ifaa tahee, galmaan gahuu Hojiiti foyyeessu
gammaduu
Kaffaltii fi dhiisu Madaalli hojii
fayiidalee hojii haqaa
waliin Kaayyo IFH qabeesa fi
walmadaalu galmaan beekamti sirri
gahuu dhiisu akkasumas
Guddina sirri kaffalti
tahee fi beekamti Keenninsa
tajaajila walgituu
hojii argaachu rawaachu
hirr’isuu

18
Bulchiinsa haaqa Hojii biro
qabeessa tahee barbaadu fi
argaachu hojii gadi
dhiisu

5 Hoggansa Qajeelfamtoonni Hoggaansa Dirqaama olaana Ijaarsa


BEFO fi karoorri akka dandeeti qabu isaanii dandeetti fi
hojii irra oolan bahuu gahuumsa
Sirna Hordooffi dhadhabu foyyeessu
Hojjeetoota fi to’aanno bu’a
gahuumsa qaban qabeesa tahee beekamti sirri
akka ramadaman akkasumas
Kaayyoo fi Kaka’umsa kaffalti
Haala hojii mula’aata IFH hojiif qaban walgituu
mijaawa fi galmaan aghuu hira’achu raawaachu
kaffaalti gaarii

Bulchiinsa haqaa
qabeesa tahee

6 Koree Karoora waggaa fi Qajeelfamooni Murteewwan Giddu Karoora fi


olaana tarsiimowwan fi karoorri hojii harkiifachu galeessa gabaasa hojii
naanoo IFH akka yeroon yeroon akka yeroon
dhiyaatu murta’u gochu dhiyeesu

Gabaasa raawwii
hojii yeroon akka
dhiyaatu

7 Ejeensii IF Hojiira olmaa IFH Qajeelfamonnii Murteewwan Giddu Gabaasa fi


biyyoolessa irraatti fi tarsiimowwan tokko tokko galeessa karooora hojii
fi tarsiimowwan fi IFH akka hojiira harkiifachu. yeroo isaa
dameewwa immaamata oolan taasiisu. eeggate
n naannoo haaraa burqiisisu. Hanqiina dhiyeessu
Oromiyaa IFH akka hojii baajataa
Deegarsi waliigala irra oolu hojii
akka yeroon deeggaru. degaaruf
ergaamu taasiisu. haanqachuu.
Qindoominaan
hojjachu.

8 Wajjira Waa’ee IFH IFH akka hojiira Hojiira olaana Qajeelfamoot


Eegumsa irraatti hubaanno oolu olmaa IFH aa fi

19
fayaa fi leenjii argaachu. Baajata HQ ni harkifata. kallaatiwwan
godiinaalee (30%) akka hojii sirri
fi Aanaalee Baajata HQ (30%) qabatan. HQ sagantaa tahee
akka qabamu kanaan dabaarsu
taasisu. Sirnaa fayyadamu
odeeffannoo fi hin
Hordoofi fi ragaa qulqulluu dandahaan.
deggarsa ta’ee qabaachu.
gaggeessu. Murtee sirri
Hordoofi fi tahee
deggarsa dabaarsu
gaggeessu. dhadhabu.

9 Dhabbaata Hojiira olmaa IFH Miseensa Jijjiiramaaf Olaanaa Leenjii


IFH irraatti leenjii horaachu fi qophaa’uu keennu
gahaa argaachu buusi waliiti dhabuu ,
qabu, Deegarsa
Deeggarsa Hojii gadi ogguuma
meeshalee fi Miseensoni lakkisuu, tasiisu
hogguuma tajaajila fayyaa
argaachu ququluu akka Hojii isaani Deeggarsa
argaatan taiisu seeran meeshalee
hojeechu fi
Kaffalttii itti ,
dhabiile fayya gafaatamum
yeroon a bahuu
rawaachu irraatti
hanqiini
Kiliinikaal isaan
odiitti gaggeesu mudaata

10 Dhabbilee Walqunnamtii Walqunnamtii Waliigaaltee Olaanaa Kaffaltii


fayyaa waliigaltee irrati waliigaltee irrati fudhaachuu madaalawaa
hunda’ee. hunda’ee. dhabuu. busuu fi
yeroo yeroon

20
Tajaajilaa fayyaa Miseensoota Waliigaltee hareessaa
kennameef IFH tiif tajaajila addaan kutu. deemu.
kaffaltii qulquliina qabu
madaalawaa fi kennuu. Tajaajila Kaffaltii
yeroon argachuu. qulquullina yeroon
Miseensoota hin qabne raawwachuu.
Sirna IFH irratti IFH tiif tajaajiila kennuu.
hubannoo naamuusa Hubaannoo
waliigala oguuma qabu Tajaajila wali irraa
argachuu. kennuu. oguuma fi hincinne
namuusa kennuu.
Miseensotaa fi Sirna rifeeraalii irrati hin
fayyadamtoota kenyaa cima hundoofnee Gahumsa
IFH ilaalchisee gochuu. kennuu. dhabbilee
odeeffannoo fayyaa
waytaawa Gaafi kaffaltii Deggaru dhimoota
argachuu. tajaajila IFH dhabuu. foyyeessu
ragaa gutuu dandahaan
Tajaajila si’aata fi qabuu fi yeroon baasu.
baasii xiqqeessu. dhiheesuu

11 BMWDO Fiixeen baajataa Baajatni gahaan Baajata Giddu Karoora fi


yeroon qophahee hojii IFH akka gahaa galeesa gabaasa
akka ergaamu. ramadamu. ramadu yeroon
dhisu fi dhiyeessu.
Baajata ramadame Kodiin baajata yeroon
sirna faayinaansii IFH tiif akka gadilakkisu Waliigaltee
eege akka hojiira keenamu. dhisu uumu
oolu.
Maallaqni IFH Mallaqa IFH Qindoomina
Gabaasa raawwii sirna yeroon akka hojii cimsuu.
hojii faayinaansii faayiinaansii hin galee
yeroon akka eege kaayyoo fi taasisu
dhiyaatu. dhimmaa
barbaachisuuf
Odiitiin akka oolu
faayinaansii fi taasiisu.
raawwii hojii akka
dhiyaatu.

21
12 Midiyaalee IFH irrratti IFH irraatti Odeefanno Giddu Hojii hubanno
hawaasa hubannoo gahaa fi hawaasaaf madaalawa galeessa uumu keennu
waayitaawaa odeefanno akka dabarsu
argachu dabarsaan dhabuu Ragaa
waayitaawa
Hojii hubanno Yeroo keennu
uumu adda adda qilleensa
akka hojjeetan gaha keennu
dhiisu

13 Biiroo Caasaa human Caasaa IFH tiif Caasaan Giddu Caasaa


BGMQHN namaa xiqqaa fi barbaachisuu fi haala galeessa qoraanno fi
qisaasama hin sadarka isaa barbaadamee qo’aanno
qabnee dhiyeesu eegatte akka n irraati
mirkaannesuu mirkanahuu hundahee
dhabuu dhiyeesu

14 Dhimamto Deeggarsi bajeeta Deeggarsa Deggarsi Giddu Karoora


ota mitti kaayyoo maallaqa (mallaqa fi galeesa hirmaachisa
motuuma qabaamef akka meeshalee akka meeshaaleeh tahee akka
(deegartota oolu tasiisan iraachu jiraatu gochuu
)
Karoori fi Deeggarsa Karoori wal Qindoomina
gabaasni yeroon ogguma fi leenji dubbisuu hojii cimsuu
akka dhiyaatu akka keennan dhabuu
Saassabbii
Hojiimata ifaa fi Muxxaanno qabeenyaafi
hirmaachisa tahee gaarii babalisuuf keenninsa
akka jiraatu haala akka degarsa
mijeesan oguumma
IFH irraatti dirirsuu
hubaanno gahaa
akka qabaatan

22
Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo’aa (Strategic Focus Area)

Toora xiyyeeffannoo addaan baasuun raawwii isaatiifis tattaaffii cimaa gochuun dhimma
murteessadha. Haaluma kanaan karoora guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii galmaan gahuuf
hawaasichi sagantaa IFH hojii irraa oolchuudhaan maallaqa battalatti kiisi isaa keessa baasiin
humna oliif osoo hin saaxilamin tajaajila fayyaa qulqulluu, saffisaa, ittifufiinsa qabu akka
argatuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneesuudhaaf toorri xiyyeeffannoo IFH sadii akka armaan
gadiitti dhihatanii jiru. Isaanis:-

1. Ciminaa Gaggeessa, Bulchiinsa fi Gahumsa dhabbata (Excellence in Leadership, Gover


nace & Institutional capacity)

2. Sirna IFH itti fufiinsa qabu (Excel in sustainable Heath Insurance)

3. Quluqullina IFH olaanaa mirkaanessuu (Excel in Quality Assurance)

Bu’aa tarsiimo’aa (Strategic Result)

Lk. Toora xiyyeeffannoo tarsiimo’aa Bu’aa tarsiimo’aa

1 Hoggaansa olaanaa fi ijaarsa Sirna IFH Dandeetti raawwaaachisuma olaanaa qabu


dandeettii (Excellence in
Leadership, Governance &
Institutional capacity)

2 Sirna IFH itti fufiinsa qabu (Excel in Hawaasa Yaaddoo baasii tajaajila fayyaa hir’ateef
sustainable Heath Insurance)

3 Quluqullina olaanaa Itti fayyadamuumaTajaajila fayyaa foyya’aa fi qulqullina


mirkaanessu(Excel in Quality qabu
Assurance)

Ibsa toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo’aa (Strategic Focus Area)

1.Hoggaansa olaanaa fi ijaarsa dandeettii (Excellence in Leadership, Governance & Institutional


capacity)

Torrii xiyyefffannoon kun sirna IFH haala si’ataa fi ittifufinsa qabuu dirirsuu fi hojii irra
olchuuf human raawwachisummaa cimaa ta’e horachu fi tursisu, sadarkaa addda addaatti

23
human oggansaa guddisu, meeshaalee hojiichaaf barbaachisan guttachuu, bu’uraalee
misoomaa teknoloojii oddefffannoo cimsuun dhaabbilee sirna IFH keessa fi caasaa
bulchiinsaa haala sirna teeknolojii ammayyaa ta’een (Network) walqunnamsiisu, qabinsa
raga miseensootaa fi sirna kaffaltii tajaajila fayyaa ammayyeessu ni dabalata.
Bu’a Tarsiimoo:- Sirna IFH Dandeetti raawwaaachisuma olaanaa qabu ni jiraata

2.Sirna IFH iiti fufiinsa qabu (Excel in sustainable Heath Insurance)

Ibsa ፡- Torri xiyyeeffannoo kun sirna IFH naannoo keenya keessatti diriirsuuf hawaasa biratti
hojiiwwan hubannoo sagantichaa akka gabbatuu, garee hawaasaa galii dhaabbtaa hin qabne
irratti bobba’ani jiraatan hirmaachisuun fayyadamoo IFH akka ta’an taasiisu, sirna busii IFH
haqa qabeessaa ta’ee hojii irra olchu, sirna bittaa tajaajila fayyaa bu’a qabeessa ta’e hojii irra
olchuun tajaajila fayyaa haqa qabessaa fi dhaqabamaa ta’e mirkaneessuu dabalata. Haluuma
kanaan, sirna IFH itti fufinsa qabu mirkaneessuuf si’aata, baasii xiqeessuu fi soda dursani adda
baasuu fi ittisuuf Kan dandessisuu hojimaata sirrii diriisuu fi hojii irra olchu akkasuumas qoda
fudhatoota waliin hojiimaata qindoominaa qabu diriisuun dhimma xiyyeeffannoo guddaa Kan itti
keennamu ta’a.

Bu’a Tarsiimoo:- Hawaasa Yaaddoo baasii tajaajila fayyaa hir’atee fi sirna IFH itti
fufinsa qabu Ni jiraata.

3. Quluqullina olaanaa mirkaanessu

Ibsa: - torri xiyyeeffannoon kun fayyadamtootni IFH tajaajila fayyaa qulqullinni isaa eeggatef
dhaqabamaa ta’e waliin kan walqabatudha. Tilmaama kaffaltii tajaajilawwan fayyaa IFHn
hammataman irra deebi’ani ilaalu, dhaabbilee fayyaa hirmaachisuuf qophii barbaachiisaa ta’e
raawwachu, dhabbilee fayyaa waligaltee mallateessan keessatti tajaajila fayyaa qulqullina qabu
kennamuu isaa mirkaneessuuu fi sirna hordoffi fi to’anno diriirsuu fi hoji irra olchu ni dabalata.
Dabalataaniis fayyadamtootni IFH sirna komii ittiin dhiyeeffatanii fi deebii yeroon itti argatan
diriisuun itti qufinsa isaani mirkaneessun toora xiyyeeffanno kanaati.

Bu’a Tarsiimoo:- Itti fayyadamuumaaTajaajila fayyaa foyya’aa fi qulqullina qabu ni jiraata

7.Maappii Tarsiimoo’aa(Strategic Map)


Maappiin tarsiimo’aa, tarsiimicha haala salphaa ta’een ibsuudhan hubachiisuun
gaggeesitoonni, hojjatoonni fi qaamni hundi hubannoo isaanii akka gabbifatan meeshaa
gargaarudha.

Maappiicha irratti galmootni kallattiiwwan madaallii ol-aanaan (maamila fi faayinaansii)


kaa’aman qabiyyee tarsiimichaa maal akka ta’e kan argisiisu yoo ta’u, galmootni
kallattiiwwan madaallii gar-jalaa (Adeemsa hojii keessaa fi Ijaarsa Dandeettii) kaa’aman
ammoo qabiyyeen tarsiimichaa akkamitti argamuu akka danda’u kan argisiisanidha

24
6.Kallattiiwwan madaallii (Strategic Perspectives)

Sirni Madaallii Bu’aa KarooraTarsiimo’aa ( BSC) madaallii kanaan dura turan irraa waanti adda
isa taasisu kallattii madaallii adda addaatiin bu’aa madaaluu danda’uu isaati. Haala qabatamaa
Biiroo Eegumsa fayyaa Oromiyaatti galmi dhuma ykn xiyyeeffannoo olaanaa kan argachuu malu
hawaasa naannichaa ta’uun beekamadha. Kallattiiwwan madaallii kanneenis tartiibaan haala
armaan gadiitti ibsamaniiru:

Maammiltoota/lammii (Customer)

Faayinaansii (Finance)

Adeemsa hojii keessaa (Internal process)

Ijaarsa Dandeettii (Capacity Building)

Kaallati Ulfaatina
Madaalli kallaati Gaaffii bu’uuratiif deebii isaan keennan
madaalli

25
Maamila 20 Uwisa miseensota IFH fi fayyaadamtota tajaajila fayyaa akkamiin
guddisu dandeenya,dabalataanis miseensota,fayaadamtotaa fi
dhimaamtotaaf haala kamiin itti qufiinsa isaanii dabala

Faayinaansi 15 Fandii IFH haala kamiin sassabina, maallaqa sassaabamee haala


i kamiin iddoo tokkottii fiduun sirna faayinaansii eegameen itti
faayadamna. Akkasumas haalaa akkamin bulchiina

Adeemsa 45 Hojiiwwan hojjeenu haala kamiin quluqulliina fi safiinaan keennu


hojii keessa akka dandeenyuu, akkasumas haala dhaabbilee adda addaa waliin
qindoomina hojii keenyaa cimsina

Ijaarsa 20 Hojii keenya keessatti adda duree tahuuf ijaarsa dandeettii akkamii
dandeetti nu barbaachiisa

8. Kaayyoo Tarsiimo’aa

Kaayyoleen Tarsiimo’aa (strategic objectives) duraan dursee toora xiyyeeffannoo tarsiimo’aa


filataman milkeessuuf kan qophaa’ani fi gara hojiitti jijjiiruuf dandeesisan gochoota
gurguddoodha. Tokkoon tokkoo isaanii toora xiyyeeffannoo tarsiimo’aa fi kallattii madaallii
(perspectives) kaayyoolee tarsiimo’aa ni qabaatu. Kaayyoleen tarsiimo’aa safaramuu kan
danda’amanii fi bu’aalee tarsiimoo mana hojii tokko milkeessu fi itti fufiinsa kan qaban
gochoota fooyya’insaati.

Kanaafuu, toora xiyyeeffannoo tarsiimo’aa galmaan gahuuf kaayyoleen tarsiimo’aa seektara


fayyaa hojiiwwan Bara karoorichaatti hojjetamuu qaban ka’umsa godhachuun haala armaan
gadiitti qophaa’anii jiru

Kaayyolee Tarsiimo’aa (Corporate level Strategic Objectives)


Kallattii kaayyoo Tarsiimawaa
madaallii

Maamila/Hawaas M1: Itti qufiinsa hawaasa guddisu


a

26
M2: Itti fayaadamuma tajaajila fayyaa fooyyessuu

M3: Miiraa Abbumaa hawaasa guddisu

Bulchiinsa F4: Ga’umsaa fi bu’a qabeessummaa itti fayyadama faayinaansii


Faayinaansii fooyyessuu

Adeemsa hojii H5: faandii dhabaata IFH itti fufiinsa qabuu ijaaru/diriirsuu
keessoo
H6: Uwisa miseensumaa IFH ol guddisu

H7: Tajaajila fayyaa qulqulina,haqaa qabeesa taheefi dhaqaabama hawaasn


hunda waliqixaa fayyadama taasisuu.

H8: Bulchiinsa gaarii diriirsu /mirkanneessuu

H9: soda bulchiinsa wantoota tahan hir’isuu

H10: Murtee ragaa irraati hundahee cimsuu

H11: Qindoomina hojii fi walii deegarsa cimsuu

Ijaarsa dandeettii D12: Dandeetti fi hoggansa qabeenya humna namaa dhaabbata IFH
fooyyessuu.

D13 Sirna IFH irratti itti fayyadamuun tecknolojii foyyeessuu

D14: Haala hojii mijaawa uumu.

D15: Hojiirra oolmaa Imaammataa fi qajeeltoowwanii dabaluu

Kallatti Maappii Toora xiyyeffannoo Tarsimo’aa (Strategic Themes)

Hoggansa Olaanaa fi ijaarsa dandeetti sirna IFH itti fufiinsa qabu fi quulqullina olaana
mirkaneessuu

27
Hawaasa

M1. Itti
qufiinsa
hawaasaa
M3. Mira M2. Itti
guddsuu
Abbumma fayyadamumma
Hawaasaa tajaajila fayyaa
Guddisuu fooyyessu
Faayinaansii

F4. Ga’umasaa fi
bu’a
qabeessuummaa
itti fayyadma
faayinaansii
foyyeessu H7 Tajaajila fayyaa
qulqullina, haqaa
qabeessa fi
dhaqabamaa
tahee diriirsuu
Adeemsa Hojii kee

H5 fandii
DhIFH itti
fuufiinsa
H9. Wantoota qabuu ijaaruu
soodaa ta’an
H6. Uwiisa
hirrisuu
miseensa IFH H8. Bulchiinsa
Ssoo

ol guddisuu gaarii
mirkaneessuu
H11.
H10. Murtee
Qindoomina
ragaa irratti
hojii fi
hundaa’e cimsuu
waldeggarsaa
cimsuu
D13. Itti
fayyadamuun
tecknolojii
hojii irra IFH
foyyeessuu 28
Misoomaa
Misoomaa fifi oggansa
oggansa
qabeenya
qabeenya human
human
namaa
namaa DhIFN|H
DhIFN|H
foyyeessuu
Ijaarsa Dandeettii

D15. Hijiirra D14 Bu’uuraalee


olmaa misoomaa fayyaa
Imammataa fi teeknoolojii
fi akka foyyaa’u
qajeeltoww D12. Haala taasisuu
an dabaluu hojii mijawaa
uumuu

8. Ibsa kaayyoo tarsiimo’aa, Safartulee Raawwii Tarsiimo’aa (Strategic performance measures),


manii, tarkaanfiwwaan tarsiimo’aa fi hojiiwwaan gurguddoo

Kaayyoowwan IFH BEFO tiin adda bahaan maal ofii keessatti akka qabatan ilaalchiise ibsaa fi
tarreeffama qabiyyee armaan gadditti dhiyaataniru. Kaayyoolee tarsiimo tokkoo tokkoof
safartuleen raawwii adda Kan bahaan yoo ta’u safartuuleen raawwii kunis hojii irra olmaa
tarsimichaa Kan agarsisanidha. Safartulee raawwii tokkon tokko jalatti waggaa waggaan maniin
bira gahamu qabu ka’amaniiru. Kaayyoowwa tarsimo’aa jalatti tarkaaffiiwwan tarsiimo’a
akkasumas hojiiwwan bu’aa irratti xiyyeffatan adda ba’aniru.

Kaayyoo tarsiimo'aa 1: Itti quufiinsa hawaasa guddisu

Ibsa:- Kaayyoon tarsiimo’aa kana sirna IFH tiin tajaajila fayyaa qulqullina qabu hundaaf
dhaqabamaa taasisuun itti qufiinsa hawaasaa dabaludha. Kaayyoon tarsiimo’a Kun galma ga’u
Kan danda’u kaayyoleen armaan gaditti tarreeffaman yeroo galma gahaaniidha. Kana
mirkaneessuuf sadarkaa ittiqufiinsa hawaasicha yeroo yeroon hordofani tarkaanfi
sirreeffamaa kan fudhatamu ta’a.

Bu’a tarsimichaa:- Yeroo kaayyoon tarsiimo’a kun galma ga’u hawaasa sirna IFHtiin itti qufe
yeroo yeroon dabalaa deema. Dabalataaniis sirna IFH irratti hawaasni amantaa waan qabaatuuf
sirinichi itti fufiinsa akka qabaatu taasiisa.

Safartuu:- Itti qufiinsa miseensootaa fi fayyadamtoota IFH dhibbentaan

Manii:- Itti Quufinsa maamila 85% ture gara %88 ol guddisu

Tarkaanfilee Tarsimoo’aa/ Hojiiwwaan gurguddoo hojjatamu qaban

 Cheeklistii sakataa’iinsa itti quufiinsa maamiila qopheessu

 Sakkatahinsa itti quufiinsa maamila gaggeessu, bu’a isaa qindeessu fi xinxaluu

29
 Firii sakkatahinsa itti quufiinsa maamila qaama dhimmi ilaatuuf dhiyeesuu fi duubdeebii
keennu

 Bu’aa isaa irratti hundaa’uun dhimoota foyya’u qaban irratti qaama dhimmi ilaalu
wajjin marii taasisuu.

 Akkaataa mariitii dhimoolee foyya’u qaban foyya’u isaanii horoffii walii iraa hincinee
taasiisu.

Kaayyoo tarsiimo'aa 2: Itti fayaadamuma tajaajila fayyaa fooyyessuu

Ibsa Kaayyoo tarsiimihaa: - Kaayyoon tarsiimichaa hawaasni hundi sirina IFH tiif akkuma
human isaatti busii miseensuummaa kaffaluun akka dhibee isaatti tajaajila fayyaa akka argatu
taasiisuu. Itti fayyadamuummaan tajaajila fayyaa hawaasichaa akka guddatu baayyina
aanaalee dhaabbata IFH akka babalatu tasiisuu akkasumas galmee fi horannaa miseensaa haala
hiikoo qabun waggaa waggaan dabalaa deemuu taasiisa. Itti fayyadamuummaa tajaajila fayyaa
miseensoota IFH haalan foyyeessuuf tarkaan fi qorannoo irratti hundaa’ee fudhachaa deemu ni
dabalta.

Bu’a tarsimichaa: - Itti fayyadama tajaajila fayyaa guddate ni jiraata.Safaruulee raawwii fi manii
isaa:

Safartuu: - Itti fayyaadama tajaajila fayyaa nama dhunfaa dhibbentaan

Manii:-Itti fayyaadama tajaajila fayyaa Nama dhunfaa 0.66 Kan amma jiru irra 1.48 irraan gahuu

Safartuu: - Baayyina aanaalee IFH hojii irra olchan.

Manii: - Baayyina aanaalee 196 irraa 243 gessissu

Safartuu: - Baayyina magaaloota IFH hojii irra olcha

Manii:- Baayyina magaaloota 0 irraa 4 gessissu

Safartuu;-Horannaa miseensoota aanaalee tajaajila fayyaa keennuu jalqaban keessatti jiru


dhibbeentaan

Manii: - Kan amma jiruu 27 % irraa 60% tii geessissu

Safartuu: - miiseenaoota Waraqaa Enyuummaa miseensuumaa argatan dhibbentaan

Manii:- keenniisaa WEM kan amma jiru – irraa % 100 gahu.

Tarkaanfilee Tarsimoo’aa/ Hojiiwwaan gurguddoo hojjatamu qaban

Hojiiwwan gurguddoo Kan hojjetaman ta’a.

30
 Aanaaleen dhaabbata IFH hundeessan Dhabbilee Fayyaa waliin waliigaltee keenninsa
tajaajila fayyaa taasisuu isaani hordofu

 Dhaabileen fayyaa haala waligaltee taasiisaniin tajaajila kennu isaanii hordofuu

 Miseensonni IFH hundi WEM argachuu isaanii hordofuu

Kaayyoo tarsiimo'aa 3: Miiraa Abbumaa hawaasa guddisu

Ibsa: - Kaayyooa tarsimo’a kanaa hawaasni IFH irratti hirmaannaa gahaa gochuun abbummaan
akka qabatuu taasiisudha. Abbuummaan hawaasaa akka mirkana’u bakka bu’iinsa ummataa
haalaan akka raawwatamuu deggarsaa fi to’annoo barbaachiisaa ta’e ni raawwatama.

Bu’a tarsimichaa:- Yeroo kaayyoon kun galma ga’u hawaasichi sirna IFH irratti hirmaannaa ni
qabataa, uwwisini miseensumma ni guddata, IFHn abbummaan akka qabamuus ni taasiisa.

Saafartu: - Raawwii ya’ii waliigalaa IFH dhibbentaan

Manii:- kan amma jiruu %83 irraa gara %100 gessuu

Safartuu: - Walgahii boordii IFH gaggeeffame dhibbentaan

Manii:- kan amma jiruu______ irraa gara %100 gessu

Safartuu:- Raayyaa misooma damee dubartoota IFH ajandaa godhate dhibbentaan

Manii:- Raayyaa misooma damee dubartota IFH ajaanda godhatan kan amma jiru irraa %100
gahuu

Tarkaanfilee Tarsimoo’aa/ Hojiiwwaan gurguddoo hojjatamu qaban


 Yaa’iin idilee mana maree IFH akka gaggeefamu deeggarsa fi hordofii taasiisu

 Walgahiin boordiii IFH yeroo isaa eegaatee gaggeefffamuu isaa deggarsaa fi hordoffii
taasiisu.

 Konfaraansii IFH sadarkaa naannootti gaggeessuun raawwii hojii IFH gamaaggamu

 Raayyaan MDD hojii IFH akka ajaanda taasiisan cheekliistti keessa galchanii hojjachuu
isaanii garee koorniyaa BeFO waliin hordofuu

Kaayyoo tarsiimo'aa 4: Ga’umsa fi bu’a qabeessummaa itti fayyadama qabeenyaa


fooyyessuu

Ibsa: - Kaayyoon tarsimo’a kanaa sirni IFH itti fufiinssa akka qabaatu. sirin itti fayyadama
qabeenyaa akka gabbatu taasiisudha. Sirna bulchiinsa faayinaansi IFH haala bu’aa qabeessaa fi

31
itti fufinsa qabuun taasiisuuf odiitii dhaabbata IFH taasiisuun argannoowwan irratti tarkaanfii
sirreefamaa kan fudhatu ta’a.

Bu’a tarsimichaa:- Qabeenyi sassabamuu fi ramadamu haala si’ataa fi bu’a


qabeessuumman kaayyoo yaadameef ni oola.

Safaruu: - Dhaabbata IFH oditii taasifamee dhibbentaan

Manii:- Odiitii Raawwii %___ irra ture gara % 50 tti ol-guddisuu

safartuun:- Qiisasama baajataa xiqqaate dhibbantaan

Manii: - Qisaasama baajataa irratti mul’atu %8 irraa gara % 6 ti gadi buusuu

Tarkaanfilee Tarsimoo’aa /Hojiiwwan Gurguddoo

 Odiiteerootni WMWD sadrkaan ramadamanii jiran maanuwaalii Faayinaansi IFH irratti


hubannoo akka argatan gochu

 Qabeenya jiruu seeraa fi hojimaata faayinaansii mootummaa eege hojii irra oolu isaa
hordofuu.

 Sirna baasiin bahee fi hojiin raawwatamee galma kaa’ameef oluu isaa ittiin madaalamu
qopheesuu

 Galmee fi harshameewwan herreegaa dhabbata IFH qindessani qabachuun odiitiif


qoophii ta’u isaa hordofu.

Kaayyoo tarsiimo'aa 5: faandii dhabaata IFH itti fufiinsa qabuu ijaaru

Ibsa: - Kaayyoon tarsimo’a kana fandiin IFH itti fufiinsa akka qabaatu sirna qabeenya itti
sasaabamu gabbisuu dha. Sirni faayinaansi IFH itti fufiinsa qabaachuu isaa mirkeenassuuf hojii
busii miseensaa irraa sassaabamu cimsuu fi hawaasa kaffalu hin dandeenyeef baajatni
barbaachiisaa ta’e akka qabamu ni hojjatama.

Bu’a tarsimichaa:- Fandii Dhaabbata IFH itti fufiinsa qabu fi amansiisaa ta’e ni jiraata.
Safartuulee raawwii fi manii isaa:-
Safartuu:- Maallaqa IFH baankii galee Dhibbentaan

Manii:-Maallaqa Fandii IFH madda adda addaa irraa sasaabamee %80 irraa jiru % 100 baankii
dhaabbata IFH tti galchu

Safartu: - Deggersa Maallaqa HQ aanaaleef gad darbu dhibbentaan

Mani: - Deggersa mallaaqa HQ gara aanaa dabarsiinu %43 irra turee gara %50 guddisuu.
Tarkaanfilee Tarsimoo’aa /Hojiiwwan Gurguddoo

32
 Busii miseensaas ishuraansii fayyaa hawaasaa irra walitti qabamu dugugame baankii
galuu isaa hordoffii fi deggersa cima taasisuu.
 Hawaasa kafalee yaalamu hin dandeenya fayyadama Ishuraansii fayyaa hawaasaa
taasiisuuf calalliin HQ sadrkaa aanaatti taasifamuu qajeelfama jiruutiin raawwatamuu
isaa hordoffi cimaa taasissuu.
 Target and general subsidy yeroon gara dhabbilee IFH ga’u isaa hordofii cimaa
taasisuu
 Galii Ishuraansii fayyaa hawaasaa bu’uura maanuwaalii faayinaansii IFH naannichaatiin
walitti qabamuu isaa hordofuu fi deggersaa cimaa taasisuu.
 Yaalii puulii IFH bakka tokkoo sadarkaa naannoo/Godinaatti hundeessuu.

Kaayyoo tarsiimo'aa 6: Uwiisa miseensumaa IFH guddisu

Ibsa:- Kaayyoon tarsimo’a kana hawaasa hunda giddugaleessa kan taasisee fi IFH hundaaf
dhaqabamaa taasisuun uwiisa IFH akka guddatu taasisuudha. Hojii hubannoo sadarkaa hundatti
ittifufinsaan hojjechuun uwiisni miseensummaa IFH dabaluun baasii humnaa olif odoo hin
saaxilamiin ittifayyadama tajaajila fayyaa akka taa’an xiyyeeffannaa addaatiin ni hojjetama.

Bu’a Tarsimichaa:- Uwini miseensi IFH ni dabala.

Safartuulee raawwii fi manii isaa:-


Safartu: - uwiisa horannaa miseensaa IFH fi keenninsa WEM dhibbentaan

Manni Uwiisa IFH Aanaalee 196 irraa ture gara 242 guddisu (lakkoofsaan)
Uwiisa horannaa fi haroomsa miseensuma giddu-galeessan %27 irra ture gara %60 gahuu
Aanaalee IFH kenniinsa tajaajila fayyaa keennuu jalqabaan 141 irraa 196
gahuu(lakkoofsaan )

Tarkaanfilee Tarsimoo’aa/hojiiwwan guguddoo

 Hubannoo qaama dhimmi ilaalatu hundaa IFH irratti qaban cimsuu


 Muuxaannoo gaarii qindeessuu fi babali’isuu
 Miseensota IFH tahaaniif WEM akka keenamu hordofuu
 Aanaalee Bara 2010 fi isa dura horannaa miseensa jalqabanii dhaabbata IFH osoo hin
hundessin hafani xiyyeeffannaa addaa itti keenname DHIFH akkaa hundeessani fi
tajaajila fayyaa akka jalqaban taasiisuu.
 Ogeessoota midiyaaleef leenjii hubanno IFH kennudhaan hubanno hawaasa akka cimsan
gochuu
 Midiyaalee elektronikii fayyadamuun hawaasni IHF irratti hubannoon isaa akka
gabbatuuf hojii hubanno IFH hojjechu (spooti TV fi Raadiyoo, filmii dokmantaarii,
diraamaa TV, sagantaa Raadiyoo, marii paanaalii TV)

33
 Midiyaalee barreeffamaa fayyadamuun hubanno IFH uumu (Gaazeexaa, barreeffama
gaggabaaboo, postarii, maxxansuu)
 Hubanno hawaasaa IFH irratti qabuu cimsuuf sosochi hawaasaa fi konfaraansii sadarkaa
naannoo fi godinaatti gaggeessu.
 Aanaalee Haraa IFH Bara 2011tti caqaban maxxansaa nagahee galii fi WEM
maxxansanii raabsuu.

Kaayyoo tarsiimo'aa 7: Tajaajila fayyaa qulqulina,haqaa qabeessaa fi dhaqaabama tahee


diriirsu.

Ibsa:- kaayyoon tarsiimo’aa kana miseensoota IFH fi maatii isaani tajaajila fayyaa qulqulina
qabuu akka argatan taasiisu dha. Kana gochuudhaafi dhaabbilee fayyaa ulaaga xiqqaa guutachuu
dandaa’an waliin waligaltee mallateesu akkasumas keeninsa tajjajila fayyaa qulqulluu keennu
isaanii mirkanneesuuf deegarsaa fi hordofii hojjachuu ni dabalataa.

Bu’a Tarsiimoo፡- Miseensoota IFH fi maatii isaanii tajaajila fayyaa qulqullinaa qabu ni argatu

Safartuulee raawwii fi manii፡-

Safartuu:- Dhaabbilee fayyaa tajaajila fayyaa qulqullina qabu dhiyyeessuuf waliigaltee IFH
mallateesan dhibbeentaan

Manii: - Dhaabbilee fayyaa waligaltee malatteesan %72 irraa %100 geesisuu.

Safartuu:- Haala waligalteetiin fayyadamtoota tajaajila fayyaa guutuu ta’e argatan dhibbeentan

Manii: - Sadrakaa amma jiruu irraa %80 geesisuu

Tarkaanfilee Tarsimoo’aa (Hojjiiwwaan gurguudoo hojjatamu qaban)

 Dhabbiilee fayyaa waligaltee mallatteesan irrattii tajaajila fayyaa guutuu ta’ee keennuu
isaanii deggersaa fi hordoffii taasisuu.

 Qaama dhimmi ilaaluu waliin ta’un dhabbiilee fayyaa ulaagalee jiru guutuu dandahaan
adda baasu

 Hospitaaloota waligaltee mallatteesan keessatti kutaa wal’aansa adda (fast trak opd
Miseensoota IFH tiif qopheessu

 Dhabbilee fayyaa waligalteen matteeffame hunduma keessatti odiitii kilinkaa kurmanan


kurmaan geggeffamu isaadeggersaa fi hordoffii taasisu

Kaayyoo tarsiimo'aa 8: Bulchiinsa gaarii diriirsu

Ibsa:- kaayyoon tarsiimo’aa kana maamiltootaaf tajaajilaa barbaachiisa ta’ee keennu, hariiroo
hojii gaarii umuun akkasumas sirna koomii itti dhaggeffatamuu fi deebiin ittin kennamu cimaa

34
dirirsuun bulchiinsaa garii mirkaneesuu dha. Sirna IFH hojii irraa olchuuf dhaabbilee qooda
qaban ittigaafatamuuma isaaniif keenname qajeeltoowwaan bulchiinsa gaariitiin gaggeefamu
rakkooleef mul’ataniif furmata ka’uu fi IFH bu’a qabeessa taasisuun isaanii irra eeggama.
Kana mirkaneessuuf hojjimaata iftoomina qabuu diriirsu, komiif deebii yeroo isa eeggate
keennuu, gamaagamaa hojii yeroo isaa eeggate akkasumas hordofii fi deegarsa gochu ta’a.

Bu’a Tarsiimoo፡- Buulchiinsa gaarii diirirsun fayyadamtootaa fi qooda fudhatoota sirna IFH
irraa amantaa guutuu akka qabatan ni taasiisa.

Safartuulee raawwii fi manii፡-

Safartuu: - Deebii komii maammila alaa fi keessaa irraa dhufeef kenname dhibbantaadhaan

Manii: - Koomii maamila alaa fi keessaa irra dhufee %100 deebii keennu

Tarkaanfilee Tarsimoo’aa (Hojjiiwwaan gurguudoo hojjatamu qaban)

Sirna keennisaa tajaajila fayyaa ifaa tahee fi koomin ittin keesumaayuu diriirsu

Hirmaana fi hubannoo qaamoota dhimmi ilaalatu cimsuu

Kaayyoo tarsiimo'aa 9: Sirna sodaa bulchiinsa taa’an cimsu.

Ibsa:- kaayyoon tarsiimo’aa kana sirna IFH ittifufsiisuuf dhimoota sodaa taa’an hir’isuuf
tooftaalee adda addaa uumu fi tarkaanfii fudhachuu ni dabalata. Sirna IFH irrattii sodaa gama
dhaabbilee fayyaa fi fayyadamtoota tiin dhufuu hir’isuuf hojimaata adda addaa hojii irraa
olchuu. Dabalatanis sirna sodaa buulchiinsa diriirsuun dhimoota ijoo sodaa bulchiinsaatiif
saaxilaman jechuun; gama faayinaansiin, hojimaata keessaa, tarsiimoon, teekniikaan, gabaa fi
kkf irratti sodaa jiru hir’isuuf hojii hojjatamu dabalata.

Bu’a Tarsiimoo፡- Sodaa bulchiinsa gaarii wantoota tahaan ni hiri’ata.

Safartuu:- Sirna ergiinsa fi walharkaa fudhiinsa tajaajilamtoota IFH cabsaan dhibeentaan

Manii: - Sirna ergiinsa fi walharkaa fudhiinsa tajaajilamtoota cabsaan kan amma jiru irraa gara
%10 gadii buusu

Safartuu:- Kaffaltii fudhatama hin arganee dhibeentaan

Manii:- Kafalti tajaajila fudhatama hin qabnee gara %10 hiri’isu

Safartuu:- Dhimmoota Sodaa ta’aan irrattii tarkaanfiin fudhatamee dhibeentaan

Manii:- Dhimoota sodaa tahaan irraatti tarkaanfi barbaachisuu %100 fudhachu

Tarkaanfilee Tarsimoo’aa (Hojjiiwwaan gurguudoo hojjatamu qaban)

35
 Haala kafaltii dhabbiile fayyaa foyyeesuu
 Hojii hubaannoo dhabbilee fayyaa irratti kennuu
 Dhimmoota baasii xiqqaa barbaadan hojii irra olchuu
 Hojii irra olmaa IFH irrattii sodaa geesisan qoranoo taasisun bu’a argamee irrattii
hunda’uun tarkaanfii sirreefama fudhacha deemu.

Kaayyoo tarsiimo'aa 10: Murtee ragaa irraati hundahee cimsuu

Ibsa:- kaayyoon tarsiimo’aa kana sirna IFH irratti murtoowwaan darban qoranoo fi ragaa dhugaa
irrattii kan hundaa’e akka ta’u taasiisu dha. Ragaa wayitaawa sadarka sadarkaan jiran argachuuf
kan dandeesisu sirna hordoofi fi gamaagama cimsuu yoo ta’u haaluma kanan sirna odeefannoo
ragaa IFH sassaabuu, qindeessu, xinxaluu, rabsuu akkasumas duub- deebii keennu irratti kuusa
ragaa qabachuu ni dabalata. Akkasumas qorannoo fi qo’anoo rakkoole hiiku danda’an iddoo
adda addaa irratti gaggeesuu ta’aa.

Bu’a Tarsiimoo፡- Sirna IFH murtiiwwaan ragaa irraattii hundaa’ee ni jirata.

Safartuulee raawwii fi manni

Safartuu:- Gabaasa qulqullinaa hin qabnee hir’ate dhibbeentaan.

Manii:- Sirna dhugummaa ragaa gabaasaan argamuu fi qabatamaan lafarratti mul’atu


garaagarummaa jiru % 15 irraa gara % 10 tti gadi buusuu

Tarkaanfilee Tarsimoo’aa (Hojjiiwwaan gurguudoo hojjatamu qaban)

Karoora ragaa irraati hundahee qopheessu

Rakkoo qulqullina ragaa IFH hiikuu dandamu irratti sakata’insa adda addaa gaggeessuu

Mirkaneeffannaa qulqullinaa fi odiitii ragaa taasisuun


Humna raawwachiisummaa IFH qu’annoo fi qorannoo gaggeessuu uumuu

Kaayyoo tarsiimo'aa 11: Qindoomina hojii fi waldeegarsa cimsuu

Ibsa:- kaayyoon tarsiimo’aa kana sirna IFH si’ataa fi karaa walduubisuun hojii irraa olchuuf
qooda fudhatoota waliin qindoominaan hojjachuu.Kana milkeesudhaaf qooda fudhatoota waliin
sanadaa waligaltee mallatteesuu, hojiilee adda bahan irratti waliin karoorsuu, hojjachuu,
qabeenyaa fi ogumaan waldegaruun raawwii hojii waliin gamaagamu dabalata.

Bu’a Tarsiimoo፡- Hirmanan qooda fuudhatoota ni dabala, sababa kanaan raawwii hojii
sirna IFH ni fooyya’aa

Safartuu:- Qooda fudhattota jiraan malatahuu fi waliin marii gaggeefamu qabuu lakkoofsaan

36
Manii: - Qooda fudhattota jiraan waliin mallattahuu fi marii gaggeefamu qabuu keessa hunduma
gaggeessu

Tarkaanfilee Tarsimoo’aa (Hojjiiwwaan gurguudoo hojjatamu qaban)

Sirna IFH irratti qooda fudhaatota waliin qindoomina hojjechu cimsuu

Marii qooda fudhaatota waliin tasiisuuf qopha’u barbaachiisuu taasisuu

Kaayyoo tarsiimo'aa 12: Misoomaa (dandeettii) fi hoggansa qabeenya humna namaa


dhaabbata IFH fooyyessuu.

Ibsa:- kaayyoon tarsiimo’aa kana beekumsa , dandeetti hojjatootaa fi hoggantoota


ittigaafatamuuma isaan irraa eeggamu akka bahan taasiisuuf.Leenjiiwaan gabaabaa fi dheeraa
kennun humna raawachiisumma raawwatotaa fi hoggansa cimsu dandaa’an ni keenamu, leenjii
hojii irraa fi deegarsaa ni keennama. Dabalataniis sagantawwan caaraa muuxxannoo waljijiraa
ni umamaa.

Bu’a Tarsiimoo፡- Hoggansaa fi Oggeesota saganta IFH haala fooyee qabun kan hojii irraa
olchuu ni jirata.

Safartuu: - Leenjii IFH ogummaa gaggaababoo hogaansa fi oggeesotaaf keenname lakkoofsan.

Manii: - Leenjii ogummaa gaggaababoo hogaansaa fi oggeesota dhabbaticha 150 kennuu

Safartuu: - Hojjetota IFH hojii gadi lakkisan dhibbeentan

Manii: - Hojjetota IFH hojii gadi lakkisan kana amma irraa jiru– irra– gadi buusu

Tarkaanfilee Tarsimoo’aa (Hojjiiwwaan gurgudoo hojjatamu qaban)

Leenjii gabaabaa karoora irratti hunda’ee qopheesu IFH irratti kennuu


Hojjetonni IFH akka hojii gadi hin lakkifnee haala iddoo hojii fi onnaachiftuu adda adda
mijeesuu

Kaayyoo tarsiimo'aa 13: Sirna Oddeefanoo fi tecknolojii itti fayyadamun hojimata IFH
ammayyeesuu

Ibsa:- kaayyoon tarsiimo’aa kana misooma odeeffanoo fi teknolojii diriirsuun hojimaata sirna
IFH si’ataa fi amansiisa taasisu dha. Haaluma kanaan sirna IFH keessatti jijjirama odeeffanoo
si’ataa gochuuf dhaabbilee IFH fi godinaalee akkasumas BEFO waliin walqinnamtii teknoolojii
ni diriirfama.

Bu’a Tarsiimoo፡- Sagantaa IFH keessatti hoj-maata jiruu fi jijjirama odeeffanoo si’ataa fi
amansiisa ni jiraata.

37
Bu’a Tarsiimoo፡- Hoggansaa fi Oggeesota sirna IFH haala foyyee qabuun Kan hojii irraa olchuu
ni jiraatu.

Safartuu:- Dhaabilee IFH misooma odeeffanoo fi teeknolojiitiin wal-qunnaman lakkoofsan

Manii: - Kan amma jiruu irraa--------- geesisuu

Sooftiweerri sirna IFH deegaraa ta’an hojii irraa olchuuf qophaa’an lakkoofsan

Manii: - -------- Softweerii qopheesuun hojii irraa olchuu

Tarkaanfilee Tarsimoo’aa (Hojjiiwwaan gurgudoo hojjatamu qaban)

Qabiinsa ragaa IFH sooftiweerri qophaa’een ittiffayadamu

Gabaasa Hojii IFH hawaasa Kan gargaaru soft waree salphaa fi safiisaa tahee uumu

Kaayyoo tarsiimo'aa 14: Haala hojii mijaawa uumu

Ibsa:- kaayyoon tarsiimo’aa kana haala hojii mijaawa tahee hojjatootaa fi fayyaddamtootaaf
dhaabbataa IFH keessatti umudha. Haala hojii mijataa gochuuf meeshaalee barbaachiisan
guutaachuuf, faayidalee hojjatoota eegu, haariiroo hojii gaarii umuu fi kkf ni raawwatamu of
keessa ni qabatu. Dabalataanis qorannoo irratti hundaa’un hojimaata mijaawaa ta’ee umuuf ni
hojjatama.

Bu’a Tarsiimoo፡- Hojatoota fi maamiltootaaf haala hojii mijaawaa ta’u ni umamaa.

Safartuulee raawwii fi manii፡-

Safartuu:- Sadrkaa Ittiquufiinsaa hojjatota dhibbeentaan

Manii:- Itti qufiinsa hojjetota amma jiru – irraa %85 irraan gahuu

Tarkaanfilee Tarsimoo’aa (Hojjiiwwaan gurguudoo hojjatamu qaban)

 Iddoo hojii hojjetota dhimootaa barbaachiisoo tahaan hundaan guutuu

 Hojjetoota raawwii gaarii argamsisan beekatmtii kennun jajjabeessu.

 Sadarkaa hundumatti hoj-maataa jijjiirama diriirsuu

 Cheeklistii qopheessun ittiquufinsaa hojjettotaa gaggeessuu.

 Argannoo irratti hunda’ee hanqinni jiru irratti hojjechudha.

Kaayyoo tarsiimo'aa 15: Hojiirra oolmaa Imaammataa keessa fi hojimaata saganta IFH cimsuu

38
Ibsa:- Kaayyoon tarsiimo’aa kana sirna IFH hojiraa olchuuf barbaachiisan qajeelfamootaa fi
maanuwaala adda addaa akka jiraatan taasiisu dha. Haaluma kanan qajeelfamoot, tarsiimoo fi
maanuwaaloota jiran hojii irraa akka olan gochuu.

Bu’a Tarsiimoo፡- Qajeelfamoota fi maanuwaala hojiif hojii IFH barbaachiisan ni jiraatu

Safartuulee raawwii fi manii፡-

Safartuu: - Qajeelfama fi maanuwaala mirkanaa’e IFH lakkoofsan

Manii;-Qajeelfamaa fi maanuwaalaIFH murtee argaatani hojii irra olchu.

Hojii gurgoddoo hojjetamu qaban

 Puulii sadarkaa godinaa /ykn Naannootti shaakaluu maanwaalota qopheessuu

 Qophii maanuwalotaa kanaaf barbaachiisuu ragaa walitti qabu.

 Muuxannoo naannoo biiroo jiruu do’achuun qindeessanii gara naannootti fiduu.

 Qaamaa ilaalatuu waliin marii gaggessuu.

 Maanuwaalii qopha’ee manajimentii BEFO dhiyeessun hojii irra olchuu.

10.Hojii Keenyaa raawwachuuf kallatii hordoofu qabnu, Hudhaalee Sadarkaa sadarkaa


dhaan jiran fi Kallatii Fuurmataa

10.1. Bara baajata 2011 hojii keenyaa raawwachuuf kallatii hordofmu qabanu.
Eergamnii seektaraa fayyaa KGT2ffaa keessattii ka’aamee milkeesuuf sirna IFH hojii irra
olchuu fi babalisuun gahee guddaa qaba. Eergamaa kana milkeesuuf oggeesoota fi hoggansi
walta’anii hojjechun yeroo yeroon gamaagamuu fi sirna duub-deebii haala itti keennamu danda’u
dirsiirsanii hojjatu umu qabna. Adeemsa kananiis rakkoo hojii keessatti mul’atuu furmaata ka’uu
fi hiikuun aadaa hojii keenya ta’ee gudachaa adeemu qaba..
10.2. Hudhaalee Sadarkaa sadarkaa dhaan jiran

10.2.1. Sadarkaa Naannoo

Ilaalcha

Hojii kana akka hojii xiqqaa fi baajata muraasaan hojjetamutti fi qaama deeggartootaan
gaggeeffama jechuun aanaalee qofa irratti irratti dhiisuu fi karoora keessatti
hammachiisuu dhabuu

39
Koreen qindeessituu IFH naannoo hojii kana akka hojii xiqqqaa fi dabalataatti waan
ilaalaniif kallattii kaa’udhaan yeroo yeroon dhimmoota murtii barbaadan murteessuu
dhabuu
Koreen qiindeesituu naannoo dhimmaa IFH tiif jedhanii walgahani rakkiinna muudate
addan baasuun rakkiinna ummamaniif kallaattii kahu dhiisuu

Dandeettii

Humna raawwachisummaa sadarkaa naannoon jiru cimsuudhaan hojiin IFH kun akka
milkaa’uu irratti karoorfatee, hordoffii fi deeggarsa walirraa hin citne taasisuu dhabuu

Dhiyeessii

Dhaabbileen fayyaa tajaajila guutuu akka kennan dhaabbilee fayyaatiif wantoota


barbaachisan yeroo guutuu dhabuu (humna namaa, meeshaalee yaalaa, qoricha,
akkasumas dhaabbileen fayyaa bishaanii fi ibsaa hin qabneef yeroon guutuu dhabuun
bal’inaan kan mul’atu dha). Miseensotnii IFH tajaajilaa guutuu ta’e akka hin arganee itti
quufinsaa miseensaa gadi buusaa jira.

Sadarkaa Godinaa

Ilaalcha

Hojiin IFH cheekliistii naannoon fi godinaa ergu keessatti waan hin hammatamneef akka hojii
xiyyeeffannoo barbaadutti lakkaa’uu dhabuu
Godinnis cheekliistii aanaadhaaf dabarsu keessatti IFH hammachiisuu dhabuu

Dandeettii

Deeggarsaa fi hordoffii isarraa eegamu aanaalee dh.IFH hunda ‘ee keessatti gaggeessuuf
taasisuu dhabuu.

Dhiyeessii

Hanqina dhiyeessii aanaalee IFH keessatti gaggeeffamu irratti mul’atan kan akka humna namaa,
baajata harka qalleeyii, mindaa hojjetoota IFH fi hojii adeemsiftuuf barbaachisan qabachuu irratti
deeggaruu dhabuu,

Dhaabbileen fayyaa ciicolee barbaachisan guuttatanii tajaajila miseensaa IFH kana kennuuf
qophaawaa ta’uu isaanii hordofuu irratti laafinni bal’aan ni mul’ata.

Sadarkaa aanaatti

Ilaalcha

40
Gaggeessaan aanaa hojii IFH kan naannoo, godinaa fi qaamni dhimmamtootaa raawwatu taasisee
ilaaluu fi

Baajata hojii adeemsistuu ramaduu fi harka –qalleeyyiif yeroodhaan filachuu dhiisuu

Rakkoolee adeemsa hojii keessatti IFH qunaman yeroo yeroon hordofuudhaan furmaata kennuu
dhabuu,

Manni maree fi boordii IFH gahee hojii isaanii bahuu dhabuu,

Gaggeessaan tokko tokko gara gandaatti yeroo bobba’u miseensa IFH baay’inaan horachuuf qofa
jecha wanta raawwatamuu hin dandeenye hawaasaaf waadaa seenuu

Dandeettii

Aanaan hanqinaalee IFH irratti mul’ataniif yeroon xiinxaluudhaan furmata barbaachiisaa ta’e
kennuu dhabuu,

Manni maree fi boordiin IFH haala barbaadamuun hogganuu fi qindeessuun ummatni


fayyadamoo akka ta’u gochuu dhabuu,

Boordiin karooraan hogganamuu dhabuu deeggarsaa fi hordoffii barbaachisu saganta IFH


gaggeessuu dadhabuu

Muuxannoo fi barumsa raawwii IFH keessatti argaman qindeessuu fi babal’isuu dadhabuu.

Dhiyeessii

Dhiyeessii adda addaa hojii irra oolmaa IFH barbaachiisan kan akka

hojjetaa IFH qacaruu,

iddoo hojii mijeessuu,

baajata mindaa, hojii adeemsistuu fi bittaa qorichaatiif oolu ramaduu,

namoota harka qalleeyyii ta’an yeroon calalichiisuun mirkaneessuu fi baajata barbaachisu


ramaduu Miseensaa IFH irratti hanqini bal’aan mul’achuu isaa

Sadarkaa dhabbiilee fayyaatti jiran

Ilaalcha

Dhaabbilee fayyaa keessatti hojjettootni jiran tokko tokko hawaasa tajaajiluurra faayidaa
dhuunfaa isaanii dursuudhaan IFH hojii nurratti dabaluun ala nuuf maaltu yaadame jechuu,

IFH yeroo hojiirra oolu namni hundi gara dhaabbilee fayyaa mootummaa waan deemuuf hojii
dhuunfaa keenya nu dhabisiisa jedhanii yaaduu, sadarka sadarkan raawwatamu qaba.
41
Tajaajilamtoota waraqaa eenyummaa miseensummaa IFH qabatanii dhufan sirnaan tajaajila
sadarkaa isaaniitti kennamuu danda’u dhaabbilee fayyaa olaanoo fi dhuunfaatti erguu,

Qorichi osoo jiruu hin jiru jechuun miseensaIFH alatti erguu,

Ogeessota tokko tokko birattis qoricha fi tajaajilatota miseensaa IFH tiif biroo hanga
barbaachisuu ol ajajuun kan mul’atuu ta’uu

Dandeettii

Dhaabbilee fayyaa tokko tokko biratti baajata ramadamuuf dursanii irratti karoorfachuun bittaa
adda addaa raawwachuu osoo qabanii, yeroon karoorfatanii raawwachu dhabuu miseensaa IFH
irratti dhibbaa geggessuu.
Tajaajila kennaniif ragaa qindeessanii qabachuu fi yeroon kafaltii isaanii dhaabbata IFH yeroon
gaafachuu dhabuu

Dhiyeessii

Galteewwan kenniinsa tajaajilaaf barbaachisan kanneen akka qorichaa, rii’eejantii laaboraatoorii


fi meeshaalee guutachuu dhabuu fi miseensoota IFH tajaajila fayyaa barbaadan gara dhaabbilee
fayyaa dhuunfaatti erguun

simachuu dhiisuu, isin warra liqaati jedhanii miseensa IFH maqaa itti moggaasuu

Sadarkaa gandaa

Ilaalcha

Kaabineen gandaa hojiin IFH akka hojii dabalataatti ilaaluu,

Yeroo gaggeessaan aanaa socho’u qofa kan socho’uu fi yeroo biroo hojii IFH qabaneessee kan
hojjetu ta’uu

Gaggeessaan gandaa tokkoo tokkoo ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaatiin qabamuudhaan


‘busii walitti qabamee yeroon bankii galchuu fi naga’ee ol deebisuu dhabu.

Maallaqa miseensota IFH irraa walitti qabamu yeroon baankii galchuu dhabuu,

Nagahee malee maallaqa walitti qabuu ol deebisuu dhabu,

Maqaa fi ragaa warra kafalanii miseensa ta’an yeroon aanaaf dabarsuu dhabuun maallaqani akka
qisaasamu taasisuun darbee darbee ni calaqqisa.

Dandeettii

42
Waa’ee IFH irratti hojiin hubannoo uumuu jalqabarratti hanga tokko sochiin yaa jiraatu
malee itti fufiinsaan raawwachuu dhissuu,

Dhiyeessii

Miseensootni IFH ta’an suuraa yeroon ka’anii dhiyeeffachuun waraqaa eenyummaa


argatan taasiisuu dhabuu,
Buusii miseensummaa yeroon walitti qabuu fi baankiitti galchuu dhabuu,
Nagahee buusiin ittiin walitti qabamu aanaarraa yeroon fudhachuu dhabuu, erga
ittifayyadamaniin booda yeroon deebisuu dhiisuu,
Chaappaa sirnaan qabachuu fi miseensoota hin haaromsiifneef akka haroormisaniti
mirkaneessuu

Hudhaalee Sadarkaa Hawaasaa

Ilaalcha

Iddoo baay’etti hubannoon waa’ee IFH yeroo kennamuuf hawaasni baaddiyyaa sababa
gurmaa’insa adda addaatiin kanan dura ture amanta dhabun kaasuun rakkoon walfakkaatu
ammas ni uumama jedhuun shakkuu

Namootni miseensa ta’uuf fedhii agarsiisaniis tajaajila fayyaa qulqullina qabu fi saffisaa ta’e
argachuu hin dandeenyu jechuun ija shakkiin ilaaluu

Iddoo tokko tokkotti immoo amaantaan walqabsisuun miseensa ta’uu irraa ofqusachuu

Namootni miseensa IFH ta’an tokko tokko immoo sababa miseensa ta’aniif qofa dabaree isaanii
malee dursi nuuf yaa kennamu jechuu

Qoricha ogeessaan ajajamuuf dhiisuun kan ofii barbaadan akka ajajamuuf gaafachuu

Sa’aatiin hojii idileetiin ala dhaabbileen fayyaa akka tajaajila kennaniif gaafachuu

Miseensootni tokko tokko sirna walharkaa fuudhiinsa dhukkubsataa (riiferaalii) cabisuudhaan


iddoo ofii barbaadan deemuun ni mul’ata

Miseensootni tokko tokko tajaajilli fayyaa dhaabbilee fayyaa mootummaa keessatti kennamurra
kan dhuunfaa keessatti tajaajilli kennamu fooyya’aa dha jeedhanii yaaduu

Dandeettii

Namootni baay’een hubannoo gahaa argatanis ta’ee jedhanii miseensa ta’uu dhiisuu,
Hawaasa ollaa isaanii jiranitti hubannoo uumuun akka fayyyadamaa sagantaa kanaa ta’an
gochuu dhabuu,

43
Jijjiiramni maatii iddoo jiruttis yeroodhaan waajjira bulchiinsa gandaa beeksisuu dhabuun
kan mul’atu dha.

Dhiyeessii

Waraqaa eenyummaa miseensummaa yeroo mana yaalaa deeman dursanii agarsiisuu


dhabuu
Waraqaa eenyummaa isaanii nama miseensa hin taaneef dabarsanii kennuu
Osoo hin dhibamiin nama miseensa hin taaneef qoricha fudhachuuf yaalii gochuu

11.Hudhaalee kana hiikuuf hojiiwwan xiyyeeffannoodhan hojjeetamu qaban

11.1Rakkoolee sadarkaa sadarkaan jiran hiikuuf

RJF cimsuu

Hubannoo hoggansa hanga hawaasaatti jiruuf leenjii wal irra hin citne kennuu

Marii hawaasaa walirraa hincitne taasisuu

Hojiin kun hojii qaama hundaa ta’u isaa hubachiisuu

Bu’aa fi faayidaa IFH qaama hunduma hubachiisuu

Rakkoolee dandeetti sadarkaa sadarkaan jiran hiikuuf

Hordoffii deeggarsaa walirraa hin citne gaggeessuu

Rakkoolee gama dhiyyeessitin mul’atan hiikuuf

Hirmaannaa hawaasaa fi ijaarsa ganda gadi cimsuu

Baajata qoo1richa dhabbilee fayyaa sadarkaa biirootti qabuu

Qindoomina hojii A/H/Lojistikii, Humna namaa fi kkf ciminaan hojjeechuu

11.2 Kallaattiidhan Qaama dhimmi ilaalatuu hirmaachiisuu hordofu

Yeroo karoorri qopha’uu qoodaa fudhatootaa hirmaachiisuun dirqama.karoora IFH


raawwaachiisuuf qaammooleen baayyee gahee guddaa Kan qaban seektarallee Mootuummaa adda
addaa raawwii hojii haala qindayyeen waliin hojjeechuun kakaa’umsa hojii Kan uummuuf,
akkasumas waliin karoorafachuun baayyee barbaachisaadha.

44
Hojii qindoominaan waliin hojjaatamuu qaban dursanii wallin irraatti karoorfatan haala bu’aa
waligalaa fiduu danda’uutti waliin hojjechuun ni eegama. Karoorii yeroo qopha’uu qoodda
fudhatootni adda addaa kan akka miidiyaalee Mootummaa fi dhuunfa, sektarallee
mootuummaafi qoodda fudhatoota akkasumas ijjarsaalee ummata adda addaa waliin ta’uun
dursani dhimmoota waliin raawwachuu danda’aan irratti karoorfachuun raawwii olaana
galmeesiisuuf nigargaara.

11.2 Kallattii Bu’aa hojii dhimma hunda taasisan hojjechuu hordofuu


BEFO bara baajata 2011 hojii IFH mannii ta’aan hundi safartuulee akka qabaatan, yeroo kami
keessattii akka raawwatuu fi eenyuun akka raawwaataman kahuun yaalameera.,akkasumas
Biirroo waliin qaamoolee hojii IFH walti dhiyeenyan hojjechuu danda’aan fi qopha’aatti
hojjatamu danda’aan addaan baasuun danda’aameera

Sodaalee gurguddaa fi kallaattii fuurmataa

Hanqinna dandeetti humna raawwachiisumma irraatti mullatan, hanqinaa dhiyyeesii, addaan


cicciitinsa to’aannoo fi hordoffii, gamaaggama taasisuun duub-deebii kennuu dhiisuun rakkinaa
guddaa yeroo baayyee mulatadha. Yeroo dadhaabinni mul’atuu dafanii irratti karoorfatani
rakkinichaa cufuuf caaraqqiin taasifamu hanqinaa gudda qaba.

Saganta IFH irraatti hubaannoon Uummaatni qabu gadi aanaa fi Kan wali hinfakkannee waan
ta’eef raawwii hojii irraati dhibba mata ofi danda’ee qaba.

Hojii IFH uumma isaatiin qiindominaan hojii hojjeetamu qabudha.Haa ta’u malee dhabbiilleen
Mit-Mootumma tokko tokkoo yeroo hojii isaani xummurani dhaabacha (Phase out) gocha jiran
waan ta’eef karoora kana bifa barbaadameen raawwachun rakkina ta’u danda’aa.

Kenninsa tajaajila fayya irratti mullatan fi rakkinaa dhiyyeessi irra jiraan kan akka qoricha,
meeshaalee diyagonstikiii fi kkf rakkinaa ta’u danda’aan.

Baayyina Aanaaleetiif uwiisa IFH yeroo yeroon dabalaa adeema jiru kana waliin kan wal-
maddaalu loojitikii adeemsa xiqqa IFH naannootiif godinaalee akkasumas Aanalee irra jirachu
dhabamuun isaa raawwii hojii bara karoora kana irraatti dhibba fidu danda’aa jedhamme sodda
jirudha.

Sodaa kana hirrisuuf

Sodaa kana hiriisuuf Aadaa qoodda fudhatootaa fi qaama dhimmi ilaalu walin qiindoomani
hojjaachu xiyyeefanaan ni kennamma.humna raawwachiisumaa sadarka sadarkaan jiran

45
tarsiimoo adda addaattin cimsuun sosochi ummaata IFH uummu.xiyyeefana gudda dhimma kana
irratti kenudhaan rakkina sadarka sadarkaan jiran hiiku ni danda’aama.

IFH sirriitt i lafa qabsiisuuf sosochii ummata addaan hin cinnee gochuudhan hubannoo ummaan
IFH irraatti qabu guddisu.

Rakkiina konkoolata sadarka sadarkaan jiran hiikuuf dhaabbiillee Mootuumaa fi Mit-


Mootuumaa waliin qiindoomiinaan hojjechuun rakkina kana hiikuuf caaraqqiin ni taasifama.

Qulqullina tajaajila fayyaa gama dhabbillee fayyaatiin mullaatan akka fooyya’uu qaama dhimmi
ilaalu waliin qindominan hojjaachu.

 Toftaalee Hojiilen Karoorfaman ittin Galma Gahan


 Tajaajila gurguddoo adeemsa xiqqaa Ishuraansii fayyaa hawaasaa
  Raayyaa jijjiiramaa siviil sarvisii cimsuudhaan tajaajila adeemsa xiqqaa IFH keessatti
kennamaa jiru oolmaa hojii guyyaa galgala galgalaa hojjettootni ilaalaa fi rakkoowwan
jiran furaa deemuu.
  Dhabbataa IFH Aanaa muxxannoowwan gaggaarii qaban addan baasuun bu’a
olaanaa galmeesisaan walitti qindeesuudhaan Aanaa hunda keessatti akka hojiirra olu
taasiisuu.
  Toftaan itti hubannoo hawaasaa cimuu danda’uu kan akka sagantaa Raadiyyoo fi
televizin beeksisuu hojii nirra olchu.
  Leenjii hubannoo hojjetoota dhabbataa Ishuraansii fayyaa hawaasa haaraa
qopheessanii kennun.
  Dhabbilee deggertoota ( pratners) fi qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechuu
12. Raawwii Karoora hordoofu, gamaaggamuu fi sirna Duub-Deebii

Bara baajat 2011 Biirroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti dameen IFH hordoffi raawwii
karoora,gamaaggamaa fi sirna Duub-Deebii.
Hordoffii fi gamaggamaan raawwii karoora tokkoof akkasumas kayyoo keenyaa galaman
gahuuf gahee olaan qaba.kana irra kan ka’ee karoora haala ta’een raawwatamuu isaa hordoffii
deeggarsaa addan hincinnee kenuun rakkina hojii irraatti nu muudatu sadarka sadarkaan hiika
adeemuun baayyee barbaachiisadha.Haaluma kanaan hordoffi fi gamaaggamni qaama karoora
kanaa taasiisnnee hojjaatameera.Hojiin haala karoora ta’ee kanaan raawwiin isaa yeroo yeroon
hordofuu fi bu’aa argame sirrii ta’u isaa gamaagamaa adeemu ni barbaachiisa.kunis murtee
odeeffaannoo irraatti hunda’ee kenuuf shoora gudda ni qabata.

46
Hordoffi fi deeggarsa dhimmoota ka’uumsa ta’an kan akka karoora keessa, kaayyoo
tarsiimoo,safartuu raawwii fi mannii akkasumas odeeffaanno kaayyoo fi ka’uumsaaf sababa
ta’aanidha.mannii galma gahuu fi bu’aa barbaadamee argamuu isaanitiif dursa hordofii agarsistu
hojii addaan baasuu fi odeeffaannoo ka’uumsaaf ta’an baayyee barbaachiisaa yemuu ta’u kana
qabachuudhaan mannii keenyaa waliin hangamtu galma gahee jennee madaaluuf
nugargaara.kanuma irra ka’aamee hordooffii fi gamaagamani haala qixxa ta’een raawwachuuf
dursinee agarsistoota hojii sadarka hundatti murteesuu,madda oddeeffaannoo addaan baasuu fi
haala kamiin odeffaanno akka itti sasabamuu,xiinxxalamu fi bu’an isaa gabaaffamu gochuufi
faayyadamu akka qabanu qophii karoora walin durfammee dhiimma itti yaadamu qabuudha.

12.2 Hordoffii Deeggarsaa

Karoora Guddinaa fi Tiraansformeeshinii (KGT2ffaa) galmaan gahuuf Ishuraansiin fayyaa


hawaasaa Aanaa tiraanformii gochuu keessatti iddoo Olaanaa waan qabuuf raawwii sagantaa
kana irratti sirna hordoffi fi deggeersaa diriirsuu fi cimsanii hojiirra olchuun murteessaa dha.
Haaluma kanaan hojiin bifa karoorfamee fi yeroo karoorfame keessatti akkasumas sadarkaan
raawwii fi qulqullina isaa hordoffii fi deeggarsaa itti fufiinsa qabu fi duub-deebii yeroo isaa
eeggate kennuudhan mirkaneeffachuu fi hojichii qixa barbaadameen akka raawwatamu gochuun
barbaachisa dha.
Akka waligalaatti hojiilee karoorfaman akkaataa karoorfamaniin akka raawwatamanii fi
hojjatooniis itti gaafatamummadhan hojii keessa galanii akka bu’aa barbaadamee galmeessisan
yeroo yeroodhan sadarkaa hundaatti maadaliin, gabaasa guutuu fi yeroo isaa eegate dhiyeessuu,
hordoffii deegarsaa gaggeessuu fi duub-deebii kennun xiyyeefannoon kan hojjatamu qabu ta’a.
I2.2 Madaallii
Hojiin sadarka hundatti hojjatamu bu’a qabeessummaan isaa kan mirkanaayu sirni madaalli
diriiree jiru sadarka sadarkaadhan bifa itti fufiinsa qabuun hojiirra yoo oole qofaa dha. Kanaaf
biiroo irraa eeggale hanga sadarka Dhabbataa Ishuraansii fayyaa aanaatti haalaa miirri
dorgommii uumamuu danda’uun madaalliin bara karooraa kana ciminaan akka gaggeeffamu ni
ta’a. Madaalliin Dhabbataa IFH aanaa akkuma jirutti ta’ee hojjataanisi waggaatti yeroo lama
akka madaallamu gochuudhan bu’a gaarii warra muldhisan iddoo namni hundi arguu danda’utti
maqaa isaani maxxansuudhan jajjabeessuu fi warri kunisi irraa barachuu akka danda’ani
gochuun xiyyeeffannaa addaatiin kan hojjatamu ta’a.
12.3 Gabaasa
Hojiileen hojjataman mirkanaayuu kan danda’u sirni gabaasaa diriiree jiru qajeelloodhaan
hojiirra yoo oole qofaa dha. Haaluma kanaan gabaasni qulqulluu fi dhugaa irratti hundaaye

47
sadarka sadarkaadhan kan ji’aa fi kurmaanaa yeroo isaa eeggatee akka dabaruu danda’u ni
hojjatama.
Gabaasni agarsistotaa raawwii Ishuraansii fayyaa hawaasaan waliqabate jiru kan bara
2008hanqinaalee sirrachuu qaban waan qabuuf bara 2009 keessatti sirreeffamni akka taasifamu
hubannaa Qindeesistooni IFH Godinaa fi hojjattaa jiru jidduutti uumudhan foyya’iinsi guddaan
akka muldhatu ni taasifama.
I2.4 Hordoffii fi deeggarsa
Hordoffii deeggarsa irratti hundaa’e gaggeessuun galma gahiinsa karoora irratti shoora ol’aanaa
kan qabuu dha. Kanaaf biiroo irraa kaasee hanga Dhabbataa Ishuraansii fayyaa hawaasa Aanaatti
bifa itti fufiinsa qabuun ni gaggeeffama. Hojiin waligalaa hundi haala qindoomina qabuun
kurmaanaan cheekilistii fayyadamuudhan akka hordoffamu xiyyeeffannaan itti kenname ni
hojjatama.

48
I2.5 Duub-deebii
Duub-deebiin gabaasa xinxaaluun, hordoffii deegarsaa adeemsisuun fi walga’ii gamaggama
hojii dhaabbata IFH Aanaa fi Qindeessitotaa Godinan gaggeessuun sadarkaa sadarkaan yeroo
isaa eegatee kan kennamu ta’a

Adeemsa Karoora qopheesse ------------- Hoggaanaa mirkaaneesse--------------------------

Maqaa----------------------------------------- Maqaa---------------------

Mallaattooo---------------------- - Mallattoo----------------------

49

You might also like