You are on page 1of 3

Mootummaa Naannoo Oromiyaatti u*aT>Á ŒGF”ëì L¿·^r

Waajjira Barnoota Godina Sh/Ki/Lixaa ¾Åu<w U°^w gª µ” ƒ/u?„‹ ê/u?ƒ

Lakko WBG/22/________/11
Guyyaa16 /08/2016
Waajjira Barnoota Aanaa 12tiif
B/J
Dhimmi: Leenjii Addaa Ganna Dandeettii Barsiisotaafi Hoggansa M/B Cimsuuf
Kennamu Ta'a
Ministeerri barnootaafi Biiroo Barnootaa Oromiyaa rakkoo sirna barnootaa mudatan furuuf
hojiiwwan adda addaa hojjechaa jiru. Biiroon Barnootaa Oromiyaa rakkoolee gahumsa
barsiisotaa yeroo ammaa mullatan bu'uura irraa furuuf hojiiwwan baay'een hojjetamaa
turee jira. Hojiiwwan kanneen keessaa sagantaa tuutoriyaalii barsiisota manneen barnootaa
sad.2ffaa qopheessuun hojiirra oolchaa tureera.
Ministeerri Barnootaa xalayaa lakk 10/242/888/16 guyyaa 11/8/2016 barreessaniin gahumsa
barsiisotaa fi hoggansa manneen barnootaa sad. 2ffaa cimsuuf leenjii addaa ji' a gannaa 2016
keessa kennuuf qophii xumuraa akka jiran ibsuun ulaagaa filannoo barsiisotaafi hoggansa
manneen barnootaafi gahoo naannoo keenyaa beeksisanii BBOn Immoo goyoo Godina keenyaa
xalayaa lakko BBO/4-2G/9349/01/3 gaafa guyyaa 15/08/2016 nu qaqabsiisee jira

Leenjiin ganna hara 2016 yuunivarsiitii filataman keessatti kan kennamu ta'ee,
marsaajalqabaatiif kan haammatu barsiisoota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa gosa
barnootaa Ingiliffaa, Herrega, Fiiziksii, Keemistriifi Baayoloojii barsiisaniifi hoggansa
manneen barnootaa sad.2ffaa hojiirra jiraniidha.
Ulaagaa Filannoo
1. Gosa barnootaa kanaan olitti ibsamaniin qophaa'ummaa barnootaan digrii
duraafi isaa ol kan qaban barsiisummaan mana barumsaa sadarkaa 2ffaa
keessatti waggaa sadiifi isaa ol kan tajaajilan.
2. Yaadni qabxii (1) irratti ibsame akkumajirutti ta'ee barsiisotni leenjiif
ergaman gosa barnootaa ittiin eebbifaman barsiisaa kan jiran ta'uu qaba.
3. Hoggansi manneen barnootaa leenjiif ergaman kanneen manneen
barnootaa sad. 2ffaa keessatti dura bu'aan, Itti Aanaa dura bu'aan fi
supparvaayizaraan hojii hojjetaa jiraniifi hoggansa barnootaan ykn gosa
barnootaa manneen barnootaa keessatti kennamu kamiyyuutiin
qophaa'uummaa barnootaa isaanii digrii duraafi isaa ol kan qaban.
4. Ogummaa barsiisummaatiin ykn hoggansa mana barumsaa kennaniin
gahumsa barachuu barattootaa fooyyeessuuf kan carraaqan, raawwii
hojiitiin fooyyee kan ta'aniifi galateeffaman
5. Ulaagaalee olitti ibsaman kan guutan dubartootni barsiisummaan fi
hoggansa mana bamootaa irra jiraniif dursa kennuun gahoo baay'ina
barsiisotaafi hoggansa manneen barnootaa marsaa jalqabaaf isiniif
kenname haala ulaagaa armaan olitti qophaa'ee isiniif ergame bu'uura
taasisuun ragaa qulqulluu unkaa Afaan Ingiliffaatiin xalayaa kanaan
walqabsiifamee isiniif ergame kana qofaan 'hard copy' fi "softcopy'
excel'n guutanii hanga guyyaa 18/08/2016tti Waajjira Barnoota
Godinaatiif ergitan cimsinee isin beeksifna
Gahoo Godina Sh/K/Lixaa Barsiisota Leenjii Addaa Ministeera barnootaan Ganna 2016 Qophaa'e

Biolog
Tl Aanaalee Maths English Physics Chemistry y Principal V/Principal Supp
1 Ammayya 11 9 8 5 5 3 3 1
2 Bachoo 13 11 8 7 7 3 4 1
3 Daawoo 8 7 7 6 5 4 2 1
4 Gooroo 6 5 4 4 4 2 2 1
5 Iluu 9 8 6 6 6 2 2 1
6 S/Hawaas 8 7 5 5 7 3 1 1
7 S/Daaccii 6 4 3 4 3 2 2 1
8 S/Sooddoo 7 5 5 4 3 4 2 1
9 Tolee 7 4 5 4 4 2 2 1
10 Waliso 7 7 3 5 3 4 2 1
11 Wancii 9 10 5 7 5 4 3 1
12 Q/Maallimaa 12 9 9 5 6 2 3 2
13 Godiina 101 87 68 63 60 35 28 13

Hub:- 1. Hoggansii Waajjira Barnootaa Aanaa Dhimma kana Xiyeeffannoo itti keenuun guyaa
jedhameetti akka godina qaqabuu akka taasiftan
2. Taabileetiin Aanaa keesanii eergame waan godina qaqabeef guyuma kana hogeessa ragaa kana
fidu xalayaan bakka buusuun akka fudhatan haata’u
Nagaa Wajjiin
 Garagalchaa kutaa Itt/Gaf/Waajjira keenyaatii
 Kutaa Misooma barsiisootaa fi HMB Gaodina keenyaatiif
 Waldaa Barsiisoota Godina keenyaatiif
Walisoo
Form1 List of teachers, for capacity building in summer program by MoE in 2016
S. Full Sex Qualifica Subj. Service Region Zone Woreda Name Phone Univ Remark
No Name tion year of No
school
1

Form1 List of teachers, for capacity building in summer program by MoE in 2016
S. Full Sex Qualifica Subj. Respon Servic Regi Zone Wor Na Phone Univ Remar
No Name tion sibilit e year on eda me No k
of
scho
ol
1

You might also like