You are on page 1of 70

Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

BIIROO BARNOOTA OROMIYAA

MOJULA BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA 11FFAA


SEEMISTEERA LAMMAFFAAF QOPHAA‟E

Qopheessaan: Lataa Raggaasaa Soorii(MA)


Email: lata.ragasa@yahoo.com

Ebla/2012
Adaamaa

Biiroo Barnoota Oromiyaa 1


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

BAAFATA
Qabiyyee Fuula
SEENSA ....................................................................................................................... 3
BOQONNAA 9: Injifannoo Walmorkii Olompikii .................................................. 4
9.1 Yaada Hololoon dhiyaate Gabateetti Deebisuu ................................................ 4
9.2 Jecha Diigalaa/Tiishoo...................................................................................... 4
9.3 Hennaa Amsiiqaa .............................................................................................. 6
BOQONNAA 10: Kan Mana Baasan Manaa Nama Baasa ..................................... 8
10.1 Sheekkoo......................................................................................................... 8
10.2 Mammaaksa .................................................................................................. 10
10.3 Hennaa Darbeennaa ...................................................................................... 12
10.4 Raawwima Darbeennaa ................................................................................ 13
10.5 Hennaa Tarsiiqaa .......................................................................................... 13
10.6 Hennaa keessa Murannaa ............................................................................. 13
10.7 Hennaa Murannaalaa .................................................................................... 14
BOQONNAA 11: Ogwalaloo .................................................................................... 17
11. Ogwalaloo ............................................................................................................. 17
11.2 Amaloota Walaloo ........................................................................................ 18
11.2 Jechama......................................................................................................... 21
11.3 Ciigoo ........................................................................................................... 23
11.4 Hibboo ............................................................................................24_Toc20106
BOQONNAA 12: Bifa Jireenya Hawaasa Sirna Gadaa ........................................ 30
12.1 Sirna Gadaa ................................................................................................... 30
12.2 Aadaa ............................................................................................................ 30
12.3 Akaakuu Gochimaa ...................................................................................... 31
BOQONNAA 13: Interpiraayizoota Daldala Xixiqqaa(IDX) ............................... 35
13.1 Sirna Tuqaalee .............................................................................................. 35
13.2 Walqabsiistota............................................................................................... 38
BOQONNAA 14:Balaa Beelaa Biyyoota Addunyaa 3ffaa Keessatti .................... 43
14.1 Akaakuu Gochibsaa ................................................................................... 43
14.2 Amaloota Keeyyataa ..................................................................................... 44
BOQONNAA 15:Faaya Mormaa ............................................................................. 47
15.1 Asoosama ...................................................................................................... 47
15.2 Garaagarummaa Asoosamaafi Alasoosamaa ............................................. 50
15. 3 Jechoota waliin Deeman .............................................................................. 51
15.4 Qoosaa/Baacoo ............................................................................................. 52
BOQONNAA 16: Xalayaa Barreessuu .................................................................... 55
16.1 Kutaawwan xalayaa ...................................................................................... 55
16. 2 Gosoota Xalayaa .......................................................................................... 55
BOQONNAA 17: Madda Odeeffannoo ................................................................... 61
17.1 Faayidaa Maddeen Odeeffannoo .................................................................. 62
17.2 Madda Odeeffannoo eeruu ........................................................................... 62
17.3 Miiljalee Barreessuu ..................................................................................... 62
17.4 Wabii Bareessuu ........................................................................................... 63
17.4 Miiltoo (appendix) ........................................................................................ 64
17.6 Gosoota(Akaakuuwwan) Keeyyataa ......................................................... 65
DEEBII GILGAALOTAA....................................................................................73

Biiroo Barnoota Oromiyaa 2


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

SEENSA

Afaan meeshaa wal-qunnamtiifi ibsituu eenyummaa ta‟uun shoorri inni jiruufi jireenya
hawaasa tokkoo keessatti qabu ol aanaadha. Kanaafuu, hawaasicharraa addaan ba‟ee bu‟aa
buusuu hindanda‟u. Guddinni afaaniis guddina hawaasaa bu‟uureffata. Jiruufi jireenya
hawaasaa saayinsiifi teeknooloojiin wal-qabsiisee guddina fiduu kan danda‟us barnoota,
bulchiisa, siyaasaafi kkf yoo hojiirra oole qofa.
Yeroo ammaa kana sababa dhibee Koronaatiin barnootni addaan citee barattootni mana
mana isaanii jiraachuun isaanii beekamaadha. Kanumaan wal qabatee, callisanii mana
taa‟uun barnoota isaaniirratti dhiibbaa xiinsammuuf ta‟e dhiibbaa biraa waan qabuuf,
qooda callisanii mana taa‟an mujula kana dubbisanii barnoota isaanii fuulduraaf akka of
qopheessan yaadameetu mujulli kun qophaa‟e.

Haaluma kanaan mujulli kun qabiyyee barattootni semisteera 2ffaa keessatti barachuu
qaban bu‟uura godhachuudhaan qophaa‟e. Haaluma kanaan Boqonnaa 9ffaa hanga
17ffaatti qabiyyeewwan jiran cuunfuudhaan yaadannoowwa, fakkeenyawwaniifi gilgaalota
shaakalliif ta‟an deebii isaanii waliin hedduu of keessatti qabachuudhaan qophaa‟e.
Kanaafuu, barattootni mujula kana xiyyeeffannoo itti kennuudhaan dubbisuufi gilgaalota as
keessatti kaa‟aman shaakaluun barbaachisaadha.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 3


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

BOQONNAA 9: Injifannoo Walmorkii Olompikii


Kaayyoo: Xumura Boqonnaa kanaatti
 Yaada Hololoon dhiyaate gabateetti deebistee barreessita
 Jechoota Tishoo ta‟an adda baastee barreessita
 Hennaa Amsiiqaa himaan barreessita

9.1 Yaada Hololoon dhiyaate Gabateetti Deebisuu


Hololoo jechuun yaada bal‟aa jechootaan diddiriiree barreeffamu akka walalootti kan hin
gaggabaabbatiin jechuudha. Yaada bal‟atee hololoodhaan dhiyaate kanammoo gabaabsanii
gabateedhaan bifa salphaatti namaa galuun kaa‟uun salphaatti akka hubatamu gochuun
barbaachisaadha.
Baay‟ina Barattoota Sadarkaa 2ffaa( 9-10ffaa) Magaalaa Adaamaa Bara 2003
Magaalaa Adaamaatti bara 2003 qofa barattootni sadarkaa 2ffaa galmaahanii barachaa
turan 11991 (kuma kudha kudha tokkoofi dhibba sagaliifi sagaltamii tokko) turan. Daataa
barattoota kanaa bal‟inaan yoo ilaallu bara kana keessa kutaa 9ffaatti galmaahanii barachaa
kan turan dhiira 3484 fi dubartoota 3276 yoo ta‟an waliigalatti 6760 ta‟u. Dabalataanis,
kutaa 10ffaa galmaa‟anii barachaa kan turan dhiira 2581 dubara 2650 waliigalatti 5231
kan ta‟anidha. Walumaagalatti bara 2003 magaalaan Adaamaa kutaa 9-10ffaatti
barattoota 11991 barsiisaa turte jechuudha.
Barreeffama kana gara gabateetti yommuu jijjiirru akka armaan gadii ta‟a:
Baay‟ina Barattoota Sadarkaa 2ffaa( 9-10ffaa) Magaalaa Adaamaa Bara 2003
Kutaa Koorniyaa
Dhi Dub W/g
9ffaa 3484 3276 6760
10ffaa 2581 2650 5231
9-10ffaa 6065 5926 11991

9.2 Jecha Diigalaa/Tiishoo


Jechi diigala jedhu kun gaalee “ diigee gala” jedhurraa kan dhufe yommuu ta‟u,
yaadrimeen isaas jechi kun caasaa duraan jiru diigee caasaa haaraa ijaaruusaa bu‟uura
godhachuudhaan kan moggaafamedha.
Getaachoo Rabbirraa(2019:61) Waa‟ee tiishoo yoo ibsu, “jechoota hiika lama qaban
walitti fiduudhaan jecha hiika qabu tokkoofi baay‟achuu(danachuu) danda‟u uumu
jechuudha” jedhee ibsa.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 4


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Haaluma kanaan diigalli/Tiishoon jecha jechootaa caasaafi hiikaan of danda‟an lamarraa


ijaaramuun jecha hiika biraa qabuufi of danda‟aa ta‟ee uumamedha jennee ibsuu ni
dandeenya.
Fakkeenya:
A. Seenaa + qabeessa = Seena-qabeessa
B. Mataa + duree = mata-duree
C. Faayidaa + qabeessa = faayida-qabeessa
Jechoota tishoo armaan gadii yeroo danoomsinu Seena-qabeeyyii, mata- dureewwaniifi
Faayida-qabeeyyii jechuudhaan akkuma wal duraa duuba isaaniitiin danoomsuu ni
dandeenya.
Jechoota tishoo yeroo dhiyeessinu karaa lamaan dhiyeessuu ni dandeenya. Kunis sarara
xiqqaa fayyadamuun dhiyeessuufi sarara xiqqaa osoo hin fayyadamiin walitti siiqsuun
barreessuudha.
Fakkeenya:
Saba + Lammii = sab-lammii yookiin sablammii
Fakkeenya armaan olii irratti yoo ilaallu sarara xiqqaa fayyadamuuniifi walitti siiqsuun
barreessuun akka danda‟amu agarsiisa. Tishoo keessatti jechi sarara xiqqadhaan
barreessuuf hin mijannes ni jira.
Fakkeenyaaf: Diige + gala = diigala ta‟a. Jechi kun sarara xiqqaa fayyadamuuf baayyee
rakkisaadha. Sababni isaas, jechi inni jalqabaa „diige‟ kan jedhu hundeen isaa „diig-‟ yoo
ta‟u jechi inni itti aanu „gala‟ kan jedhu immoo dhamsaga /g/ jedhuun jalqaba. Kanaafuu,
jecha „diigala‟jettu kana keessatti dhamsagni gurraachofte sun kan hundee jecha jalqabaa
keessa jirtuufi kan jalqaba jecha lammaffaarra jirtu bakka waan buuteef adda qooduu hin
dandeenyu. Kanaafuu, sarara xiqqaa hin fayyadamnu jechuudha.
Tishoo keessatti sarara xiqqaa kan fayyadamnu yoo ta‟e seerri hordofuu qabnus ni jira.
Kunis jechoota walitti dhufan keessaa jechi jalqabaa dubbachiiftuu dheeraan kan
xumuramu yoo ta‟e, dubbachiiftuu tokko haquun sarara xiqqaa fayyadamna. Garuu, jechi
sun dubbachiiftuu tokkoon xumurama taanaan dubbachiiftuu sana haqnee sarara xiqqaan
bakka buufna jechuudha.
Fakkeenya:
Seenaa + qabeessa = seena-qabeessa
Roga + sadii = rog-sadee

Gaaffilee shaakallii
Jechoota barmaan gaditti siif kennaman biratti duubaanis ta‟e fuulduraan jecha biraa ida‟un
tishoo/ diigala erga taasisteen booda hima itti ijaari. Jechoota yeroo tisheessitu seera afaanichaa
eeguu hin dagatiin
A. Mataa C. Luga E. Lubbuu F. lammii
Biiroo Barnoota Oromiyaa 5
Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

9.3 Hennaa Amsiiqaa


Hennaan amsiiqaa gocha amma itti fufee raawwatamaa jiru agarsiisa. Maqaamti isaayyuu
kan ibsu “Amma Siiqaa” akka ta‟e agarsiisa. Kanaafuu, amma achi siiqaa kan jiru
yookiin amma itti fufaa kan jiru ta‟uu isaa maqaama isaarraa hubachuun ni danda‟ama.
Fakkeenya:
A. Barattootni Afaan Oromoo barachaa jiru.
B. Boorrataan lafa qotaa jira.
C. Fardi garbuu nyaachaa jira.
Himootni armaan olii kunneen fakkeenyota hennaa amsiiqaati. Jalqaba A irratti kan argamu
wayita ammaa kana barattootni barnoota Afaan Oromoo barachaa jiraachuu isaaniifi
sagantaan xumuramnaan yookiin rakkoon biraa isaan muudannaan barnooticha akka
addaan hin kutiin agarsiisa. B irratti immoo boorrataan lafa ittuma fufee qotaa
jiraachuusaafi C irratti fardi garbuu quufee yookiin fixee nyaachuu akka hin dhiisiiniifi
ittuma fufee nyaachaa jiraachuusaa agarsiisa.
Fakkeenyota armaan olii kanarraa akkuma hubachuun danda‟amu gochi raawwatamaa jiru
sun amma itti fufaa jiraachuusaa kanneen agarsiisaan gochima „jira‟ jedhuufi gochima
„jiru‟ jedhudha. Kanaafuu gochimootni akka jira, jirrafi jiru jedhan agarsiiftota hennaa
amsiiqaa ta‟uu nidanda‟u. Haata‟u malee himootni gochimoota kanaan xumuraman hundi
hennaa amsiiqaadha jechuu miti.

Guduunfaa
Boqonnaa lkana keessatti dhimmoota armaan gadii ilaallee jirra:
 Yaada bifa hololoon dhiyaate tokko salphaatti gabateedhaan ibsuun akka danda‟amu.
 Jechi Tishoo jechoota hiika lama qaban walitti fiduudhaan jecha hiika qabu tokkoofi
baay‟achuu(danachuu) danda‟u kan uumu ta‟uusaa
 Amsiiqaan gocha amma itti fufee raawwatamaa jiru kan ibsu ta‟uu

Gilgaala 1
Gaaffilaan armaan gadii Boqonnaa kana jalaa bahan Siriitti erga dubbistee Booda deebisi.
1. Barreeffamni dhedheeratee dalga jechootaan barreeffamu maal jedhama.
A. Walaloo B. Hololoo C. Gabatee D. ogbarruu
2. Jechoota armaan gadii keessaa jecha Tishoo kan hin taane kami?
A. Xiinsammuu B. miiljala C. mootummaa D. Mata jabeessa
3. Jechoota Armaan gadii keessaa jecha „gadi‟ jedhu waliin tishoo kan hin uumne kami?
A. Aanaa B. Badii C. deemaa D. hojjeta

Biiroo Barnoota Oromiyaa 6


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

4. Waa‟ee jecha tishoo kan sirrii ta‟e isa kami?


A. Jechoota hiika adda addaa qaban lamarraa walitti dhufuun jecha hiika lama qabu uuma.
B. Jechoota hiika adda addaa qaban lamarraa walitti dhufuun jecha addaa hiika tokko qabu uuma.
C. Hima of danda‟e tokko kan uumudha.
D. Deebii sirriin hin kennamneef
5. Hima “ Inni Lubbu-qabeeyyii mancaase” jedhu keessaa jechi tishoo kami?
A. Lubbu-qabeeyyii B. inni C. Lubbuu D. Mancaase.
6. Kanneen armaan gadii keessaa hennaa amsiiqaa kan ibsu kami?
A. Tolaan Finfinnee deeme.
B. Badhaasaan qaama dhiqachaa jira.
C. Barattootni mana barumsaa deemanii deebi‟an
D. Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaati.
7. Waa‟ee amsiiqaa kan dhugaa ta‟e kami?
A. Gocha amma itti fufee raawwatamaa jiru agarsiisa.
B. Gochi tokko gocha biraa dura raawwatamuusaa agarsiisa.
C. Gocha raawwatamuuf deemu agarsiisa.
D. Gocha yeroo mara dhugaa ta‟e agarsiisa.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 7


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

BOQONNAA 10: Kan Mana Baasan Manaa Nama Baasa


Kaayyoo: Dhuma Boqonnaa Kanaatti
 Ergaa sheekkoo addaan baastee barreessita.
 Hiikaafi faayidaa mammaaksa adda addaa himta.
 Hennaa Darbeennaa, raawwima darbeennaa, tarsiiqaa, muranaafi
murannaala hima keessatti fayyadamta.
Mata duree boqonnaa kanaa mammaaksota birootiin bakka buusuun ni danda‟ama.
Fakkeenyaaf:
 Kan daara baasan daara namarraa baasa.
 Kan daabboo afaan kaayan faandoo afaan nama kaaya kan jedhaniifi kan biroos ta‟uu
ni danda‟a. Ergaan mata duree boqonnaa kanaa maali? Osoo dubbisa kenname hin
dubbisiin mata duree isaa qofaaf ergaa ta‟a jettee kan yaaddu tilmaami.

Kitaaba barataa fuula 137 irratti dubbisa dhiyaate dubbisuun ergaa


isaa baasi. Haala jireenya hawaasa keessa jiraattu waliinis wal bira
qabuun xiinxali

10.1 Sheekkoo
Sheekkoon akaakuu afoolaa ta‟ee bifa hololoon kan dhiyaatu ta‟ee taatota adda addaa
fayyadamuudhaan kan himamudha. Sheekkoon kun gosa baayyee qabaachuu danda‟a.
Isaanis Sheekkoo bineensotaa, sheekkoo durdurii, sheekkoo ibsaafi sheekkoo seenessaa
jedhamanii akka ibsaman Rabbirraa(2009:164-166) ibseera.

Qabiyyeen isaa inni guddaan haala hawaasni tokko keessa ture agarsiisuun haala inni irra
jiruuf muuxannoo qooduun egereetiif qopheessuudha. Kana jechuun, rakkoo tokko keessaa
akkamitti akka bahan, akkamitti akka bahuu dadhaban odeeffannoo dhiyeessuun jireenya
ammaafi egereef karaa agarsiisa. Waa‟ee isa darbee kan agarsiisu, waa‟ee isa ammaa kan
xiinxaluufi waa‟ee isa egeree kan yaadachiisuqabeenya hawaasaati jechuudha. Haalli
jireenya isaas, uumaafi uumama kanneen akka bineensaa, beeyladaa, allaattii, namaa,
samiifi kkf qooddattoota taasifachuuni ( Addunyaa,2018)
Mee fakkeenya tokko haa ilaallu:
Qocaa
Bara tokko qocaawwan dhibba hedduutti lakkaawwaman dorgommii maraatooniidhaaf
daandiirratti yaa‟an jedhama. Dorgomtootni hundi walgahanii akkaatuma sa‟aatii
qabameen koreen dorgommichaa sagalee dhageessisuun fiigichi eegalame. Wayita jalqaba

Biiroo Barnoota Oromiyaa 8


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

dorgommichi eegalu daandiin dorgommiif qabame baay‟ina dorgomtootaan


dhiphachuurraa kan ka‟e wal dhiibaa, miila waliirra ejjechaa, walitti bu‟aafi daandii wal
saamaa fiiguu eegalan. Suuta suuta akkuma daandii dheeraa fiiganiin wantootni adda addaa
dorgomtoota harcaasuu eegalan.

Daandii qarqara dhaabbatanii dorgommicha kan ilaalan hawaasni biroon jechoota adda
addaa darbachuun dorgomtoota jajjabeessuufi mogolee buusuus eegalan. Hawaasni garri
tokko “ jabaadhaa fiigaa fuuldurri keessan qajeelaadha, badhaasni keessan guddaadha,
jabaadhaa! Jabaadhaa! Jabaadhaa!” jechaa dorgomtootaaf mogolee yoo ta‟an, hawaasuma
karaarra dhaabbatee daawwatu keessaammoo gariin “ Yaa qocaa har‟a maaluma taatan?
Humna keessan hin beektanii? Hangam akka fiigdan hin beektanii? Karaa hangana
dheeratu fiiguudhaaf, injifattanii badhaafamuudhaaf, ba‟aa dugda keessanirra jiru
agartaniittuu? Saffisa keessan madaaltaniittuu?” jechaa jechoota haamilee isaan buusaniin
itti iyyuu eegalan. Iyyuu keessa darbanii itti caraanan. Kolfanii muka kolfaa godhanii
ilaalan. Sagalee kana yommuu dhaga‟an qocaawwan hedduun abdii kutatanii dorgommii
adda kutanii hawaasa kaanitti makaman.
Warri kaan ammas fiiganii akkuma achi siiqaniin hawaasni daandii cinaa dhaabbatanii
dorgommicha ilaalaa jiran akkas jechuun itti iyyuu eegalan, “karaan isa fuula keessan
duratti hafetu dheeraadha. Gaara baayyee qaba, gadoo baayyee qaba. Kana dandamachuu
hin dandeessan, kanarra as goraati marga kana keessa boqodhaa, dheedaa, nyaadhaa aara
galfadhaa” jechuun itti iyyan. Qocaawwan fiigicharra jiran hunduu jechoota kana gaafa
dhagahn abdii kutachuun dorgommicha dhiisanii ba‟an. Qocaan tokko garuu waca kana
hunda osoo hin dhagahiin fiigichasaa ittuma fufe. Fiigees maraatoonicha xumuruun
tokkoffaa bahee warqee badhaafame. Miidiyaaleefi hawaasni baayyeen itti yaa‟anii
“ Qocaa! rakkoo kana hunda keessa dabartee akkamiin milkoofte? Akkamiin abdii hin
kutanne? Icciitiinsaa maali?” jedhanii yoo gaafatani qocaan calliseetuma isaan ilaala malee
deebii hin deebisu. Ammas irra deebi‟anii yoo gaafatan sanuma. Edaa Qocaan sun gurrisaa
duudaadha. Sagaleen namaa tasumaa isatti hin dhagahamu. Duudaa ta‟uusaatu isa baraare
jedhama.
A. Shaakala Dubbisa Boodaa
1. Ergaan sheekkoo kanaa maali?
2. Qocaawwan fiigicha adda kutanii bahan hawaasa keessa jirtu waliin wal bira qabdee
yoo ilaaltu namoota bakka bu‟an qabuu? Kanneen akkamiiti?

Biiroo Barnoota Oromiyaa 9


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

3. Hawaasni daandiirra dhaabbatanii dorgommicha osoo daawwatanii qocaawwan akka


abdii kutatan taasisan hawaasa keessaa namoota akkamii bakka bu‟u?
4. Qocaan sun gurri isaa duuduun isa baraare kan jedhu dubbisicha keessa jira. Mee
jireenya barataa waliin wal qabsiisuun ibsi.

10.2 Mammaaksa
Mammaaksi gosoota afoolaa keessaa isa tokkoofi bal‟inaan hawaasni itti fayyadamudha.
Mammaaksi jechoota muraasaan yaada balaafi gadi fagoo ibsuuf kan gargaarudha. Kana
malees, mammaaksi yeroofi humna qusachuudhaafi akkasumas dubbii haala hin
irraanfatamneen kan namatti himudha. Yaadniifi tajaajilli isaa bal‟aa ta‟uu irraa kan ka‟e
mammaaksa ibsuuf mammaaksonni mammaakamaniifi yaadonni dhiyaatan ni jiru.
Fakkeenyaaf:
 Aak jedhanii waa tufani mammaakanii waa himani.
 Ittoon soogidda hin qabneefi dubbiin mammaaksa hin qabne tokko.
Mammaaksonni armaan olii kunneen bu‟aafi waa‟ee mammaaksaa kanneen ibsanidha.
Mammaaksi hiikaafi yaada bal‟aa qabu kun garuu yoom akka uumameefi nama kamtu akka
uume hin beekamu. Kanaafuu Oromoon yoo mammaaku akkas jedha jedhamee himama.
Kana malees, waa‟ee mammaaksaa yaadonni jedhaman hedduudha. Fakkeenyaaf,
mammaaksi dubbii fidas dubbii fixas jedhama. Mammaaksi koobaa dubbiitis jedhama. Kun
hundumtuu jiruu keenya guyyaa guyyaa keessatti mammaaksa waan deeggaramnuufi
tajaajilli isaa waan baay‟atuuf waa‟ee mammaaksaa wantoota baay‟eetu jedhama.
Mammaaksa caasaafi qabiyyee isaatiin qo‟achuufi kaa‟uun akka danda‟amu Addunyaan
(2018) bal‟inaan ibsee jira. Haaluma kanaan mee qabiyyee isaaniirratti hundoofnee
mammaaksa akka armaan gadiitti fakkeenyaan haa ilaallu:

10.2.1 Gaabbii kan ibsan


 Gaabbiifi eegeen booddee deemti.
 Bishaan darbe hin waraaban.
 Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatan.
Mammaaksotni armaan olii kunneen wanti tokko erga darbee gaabbuu caalaa dursa
hojjechuu akka qabnu kan himanidha.

10.2.2. Onnachiisuuf kan oolan


 Ifaajan ifa argu  Dhiittatan dhiittaa kutu
 Eelan eela baasu  Aaran aarfatan

Biiroo Barnoota Oromiyaa 10


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Hiikkaan isaanii waa argachuuf waa keessa darbuun barbaachisaadha. Yookiin immoo osoo
aarsaa hin kaffaliin wanti argamu hin jiru jechuudha.

10.2.3 Oolmaa dagachuu ibsuuf


 Namni mana baasan manaa nama baasa.
 Namni daara baasan daara namarraa baasa.
 Namni karaa saaqaniif karra namaa saaqa
 Namni dhadhaa afaan kaayan dhagaa afaan nama kaaya
 Namni daabboo afaan kaayan faandoo afaan nama kaaya
Namni oolmaa namaa deebiisuu dhiisuu danda‟a. Kanaafuu oolmaa namaaf oolaniif
gatiisaa eeggachuu caalaa waan gaarii namaaf oolleef samuu keenyatti gammadnee dhiisuu
qabna.

10.2.4 Gowwummaa kan ibsan


 Gowwaa al tokko arrabsi; innuu deebisee of arrabsa.
 Gamnatti ni himu; gowwaatti ni hidhu.
 Gowwaatti cinaan itti himanii miti cinaacha waraananuu hin galuuf.
Namni haala naannoo isaa jiru ilaalee hin hubanne, of eeggannoodhaan kan waan tokko hin
hojjenne fudhatama kan hin qabne ta‟uusaati.

10.2.5 Tokkummaa kan ibsan


 Walii galan alaa galu  Mixiin wal qabattee laga ceeti.
 Funyoon wal gargaartee arba hiiti  Mukni tokko qophaa hin bobootu
Tokkummaan barbaachisaa ta‟uufi qofaa deemuu caalaa gamtaan hojjechuu akka
wayyi dhaama.

10.2.6 Aantummaa kan ibsan


 Aanaan reeffatti aana
 Reeffa firaa torba garagalchu
 Hidda gamanaa harkifnaan hiddi gamasii socho‟e
 Foontu fooniif dhiiga
Waan fedhellee yoo ta‟e fira ofiitu gaafa rakkoof namatti aana.

10.2.7 Abshaalummaa kan ibsan


 Abshaalli distii bishaan dhimphistee qoonxaa hambisti
 Iji gamnaa dura boossi

Biiroo Barnoota Oromiyaa 11


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Gamnummaan rakkoo jalaa bahuuf baay‟ee barbaachisaa ta‟uusaa ibsa.

10.2.8 Qabata kan ibsan


 Sababa daammuu biyyee arraabu.
 Sababni harree dhaltuu wadala galaafata.
Waan hundumtuu sababaafi bu‟aa qaba. Sababni waan tokkoo isa kaaniif immoo
waan gaarii yookiin badaa buusee darba.

10.2.9Akkeessaa kan ibsan


 Akkeessaa tafkii injiraan utaaltee cabdi.
 Akka kormaattin gooba jettee raachi dhootee duute.
 Akka abaluun sirbaan morma nama jallisa.
Of danda‟anii akka ofii danda‟anitti jiraachuudha malee akka nama biraa ta‟uun
miidhaa qabaachuusaa ibsa.

10.2.10 Ofittummaa kan ibsan


 Garaa nyaanni seene yaanni hin seenu.
 Ani duunaan marsgi hin margiin
 Kan garaa malee kan maqaa yoom na dhibe jedhe waraabessi.
Ofittummaan barbaachisaa akka hin taaneefi hawaasa birattis fudhatama kan hin qane
ta‟uu agarsiisa.

10.2.11 Tuffii kan ibsan


 Alaa hamma ,manaa amma garbaa
 Alaa amma gaalaa, manaa amma baalaa
 Koortuu saree mangaagaan udaani.
 Hangam baay‟attus titiisni qadaada hin buqqistu
Yeroo kamiyyuu waan hunda tuffachuun gaarii miti.
Walumaa galatti qoqqooddiin mammaaksotaa kana qofa miti. Mammaaksota
qabiyyee armaan gadii qaban immoo ofiikeetii barbaadi. Isaanis:
 Kan sodaa ibsan  Kan tooftaa ibsan
 Kan yeroo ykn bara ibsan  Kan har‟ummaa ibsan
 Kan of dagachuu ibsan  Kan waliinummaa ibsaniifi kk

10.3 Hennaa Darbeennaa


Hennaan darbeennaa gocha raawwatamee darbe kan ibsudha. Hennaan kun gochi
tokko raawwatamuusaa malee ibsa dabalataa waa‟ee gocha sanaa kan hin ibsinedha.
Fakkeenya:
 Siifan dhufte.  Fardi ciise.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 12


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Fakkeenyonni armaan olitti kennaman kunneen gochi tokko raawwatamuusaa qofa


kan agarsiisan malee odeeffannoo bal‟aa ta‟e hin kennine.

10.4 Raawwima Darbeennaa


Raawwimni darbeennaa gochoota armaan gadii lamaan kan ibsudha:
A. Gocha yeroo darbe keessa raawwatamee ture agarsiisa
Fakkeenya:
 Atileetonni fiiganii turan.
 Haacaaluun sirbee ture.
B. Yeroo darbe keessa gocha gocha biraa dursee raawwatame agarsiisa
Fakkeenya
 Yeroo Caaltuun mana barumsaa geessu, barattootni daree seenanii turan.
 Yommuun ani Adaamaa gahu, Tolaan Ciroo deemee ture.
 Galgala yeroo roobni roobe loon dallaa galanii tura

10.5 Hennaa Tarsiiqaa


Tarsiiqaan gocha yeroo darbe keessa raawwatamaa ture kan ibsudha. Mauma isaarraa
yeroo ilaallu yeroo tare keessaa siiqaa kan ture jechuudha. Tarsiiqaan gocha yeroo
darbe keessa yeroo fudhatee( irra siiqaa) raawwatame tokko kan ibsudha.
Fakkeenya:
 Gumiileen Gadaa Oromoo kaleessa dhimma Gadaa Oromoorratti mariyachaa
tura.
 Guyyaa kaleessaa bishaan daakaa oolle.
Fakkeenyota armaan olii kana lameen yoo ilaalle, lamaan isaaniituu gochoota yeroo
darbe keessa sa‟aatii dheeraa fudhatanii raawwatamanidha. Kanaafuu, hennaa
tarsiiqaa jedhamanii waamamu.

10.6 Hennaa keessa Murannaa


Hennaan keessa murannaa gocha gara fuula duraatti raawwatamuunsaa hin oolle ibsa.
Fakkeenya:
 Tolaan finfinnee deemuufi
 Ani barnoota jalqabuufi
Himootni armaan olii kun lameen gocha fuula duratti raawwatamuuf deemanidha.
Yeroo itti raawwatamantu hin beekamne malee raawwatamuun isaanii garuu shakkii
hin qabu.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 13


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

10.7 Hennaa Murannaalaa


Hennaan murannaalaa gocha fuula duratti raawwatamuunsaa shakkii qabu kan
ibsudha. Maqaamti isaatuu Murannaan ala kan jedhu yoo ta‟u, gocha jala hin
muramne yookiin hin murtoofne jechuudha.
Fakkeenya:
 Fiixaan Finfinnee ni deema ta‟a.
 Ani barnoota nan jalqaba ta‟a.
Himoonni kun lameen gochoota raawwatamuun isaanii mamsiisaa ta‟e kan ibsanidha.
Gochimni” ta‟a‟ jedhuufi dhuma himoota sanaarratti kan argamu gochi sun
raawwatamuufi raawwatamuu dhiisuu kan danda‟u ta‟uusaa nutti agarsiisa.

Guduunfaa
Boqonnaa kana keessatti dhimmoota bu‟uuraa armaan gadii ilaallee jirra:

 Sheekkoon gosa afoolaa keessaa tokko ta‟ee taatota adda addaa fayyadamuudhaan
dhimmoota hawaasummaa adda addaa kan dabarsuufi Qabiyyeen isaa inni guddaan
haala hawaasni tokko keessa ture agarsiisuun haala inni irra jiruuf muuxannoo
qooduun egereetiif qopheessuu ta‟uusaa ilaalamee jira.

 Mammaaksi gosa afoolaa keessaa bal‟aafi guyyaa guyyaatti kan fayyadamnu, jechoota
muraasaan ergaa bal‟aa kan dabarsu ta‟uusaa hubachiisuun yaalameera

 Hennaawwaniin wal qabatee, darbeennaan gocha raawwatame kan agarsiisu ta‟uu,


raawwimni darbeennaa gaocha raawwatamee tureefi gochi tokko gocha biraa dursee
raawwatamuusaa, tarsiiqaan gocha raawwatamaa ture, murannaan gocha
raawwatamuunsaa shakkii hin qabne, akkasumsa murannaalli gocha raawwatamuunsaa
shakkisiisaa ta‟e kan ibsan ta‟uun ilaallee jirra.

Gilgaala1
Gaaffilee armaan gadii akkaataa gaafatamteen deebisi.
1. Waa‟ee mammaaksaa ilaalchisee kan sirrii hin taane kami?
A. Mammaaksi soogidda dubbiiti.
B. Mammaaksi dubbii fida ; dubbiis fixa.
C. Mammaaksi eenyuun akka uumameefi yoom akka uumame hin beekamu
D. Deebiin hin kennamne.
2. Mammaaksi boolla hattuu hattuutu beeka jedhu maal agarsiisa?
A. Abshaalummaa B. Waliinummaa C. Gowwummaa D. bara/yeroo
3. Mammaaksi baraafi murxuxxee gadi jedhaniiti dabarsu jedhu maal agarsiisa?
Biiroo Barnoota Oromiyaa 14
Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

A. Gaabbii B. Roorroo C. bara/yeroo D. abshaalummaa


4. Hin qabnus _______________ jette moluun. Mammaaksa hir‟ate kana kan guutu
kami?
A. Hin haaddannus B. Hin qaqqabannus C. Hin filannus D. Hin dibannus
5. Mammaaksota armaan gadii keessaa diinummaa kan mul‟isu kami?
A. Adaamii ollaa gamsaa ganamnis galgallis booya.
B. “Maali fardi ni maraatee” jedhe waraabessi ariiyee dadhabnaan
C. Alagaa gaafa kolfaa fira gaafa golfaa
D. Deebii hin qabu
E. Hunduu deebiidha.
6. Mammaaksa “Yaa anaa durii jette cirriin fardarraa kuftee” jedhuuf mammaaksi
deebii ta‟uu danda‟u kanneen armaan gadii keessaa isa kami?
A. Iyyitus bo‟oo lama qotta jedhe namichi saree camadee.
B. Akka miilanaa ta‟ee hin beeku jette hantutttni qootiirraa kuftee.
C. Waan sangaan arge argi jedhe namichi ameessa garafee.
D. Dhabaaf malee fooniif nu uume jette sareen.
7. Mammaaksa “Aannaan karaa keessa kaa‟anii maqaa koo ballessu jette adurreen”
jedhuuf deebii kan ta‟u kami?
A. Kan ganni ajjeeseef bonni maqaa fuudha
B. Sangaa abbaan gaafa cabse ormi maqaa fuudha
C. Silaa maqaankoo hin tolu karaarratti si hidhanii jedhe waraabessi harree
karaarratti argee.
D. Maqaan baduu mannaa mataan baduu wayya.
8. Salphoo soqolatte_____________________. bakka mammaaksa hir‟ate kanaa kan
guutu kami?
A. Daara bituuf C. ija qabatanii bira darbu
B. Alangeen garafu D. Soqolaa gargaaru
9. Kanneen armaan gadii keessaa mammaaksi aantummaa hin agarsiifne kami?
A. Biyya abbaakoo jettee injiraan moluu gubbaatti hafte.
B. Funyaan rukkutamnaan iji boossi.
C. Aanaan reeffatti aana.
D. Dhoqqeen lafaaf jibban funyaan namaa xuqti.
10. Mammaaksi “ Leenca lagaa baroodu lafti asii roqoma” jedhu maal agarsiisa?
A. Gootummaa B. sodaa C. abshaalummaa D. har‟ummaa

Biiroo Barnoota Oromiyaa 15


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

11. Himoota armaan gadii keessaa hennaa darbeennaa kan agarsiisu kami?
A. Barattootni dhufan. C. Namichi iyye
B. Ijoolleen barachaa turan. D. B malee hunduu deebiidha.
12. Himoota armaan gadii keessaa hennaa raawwima darbeennaa kan hin taane kami?
A. Barattootni dhufanii turan.
B. Sareen dutte.
C. Yeroon ani Aliiboo gahu, Moosisaan Saqalaa gahee jira.
D. Yeroo Caaltuun mana geessu, Badhaatuun raftee jirti.
13. Kanneen armaan gadii keessaa hennaa raawwima darbeennaa kan ta‟e isa kami?
A. Fayisaa Leellisaa fiigee ture.
B. Adaamaan finfinneerraa gara bahaatti argamti.
C. Barattoota abbaltii hojjechaa turan.
D. Koronaan Addunyaa kanarraa ni dhabama ta‟a.
14. Waa‟ee raawwima darbeennaa kan sirrii ta‟e kami?
A. Gocha raawwatamee ture ibsa.
B. Gochi tokko gocha biraa dursee raawwatamuusaa ibsa.
C. Gocha raawwatamaa ture ibsa
D. C malee hunduu deebiidha.
15. Himoota armaan gadii keessaa tokko amsiiqaadha. Isa kami?
A. Biiftuun baate C. Ittiiqaa Tafarii sirbee ture.
B. Tolaan ciree nyaachaa jira D. Yeroo abbaan galu, mucaan rafee ture.
16. Kanneen armaan gadii keessaa tarsiiqaa kan ta‟e isa kami?
A. Fardi garbuu nyaachaa jira.
B. Kaleessa Afaan Oromoo barachaa turre
C. Barnootni goolabame
D. Biiftuun karaa bahaa baatee karaa dhihaa seenti.
17. Waa‟ee Tarsiiqaa kan sirrii ta‟e kami?
A. Gocha yeroo mara dhugaa ta‟e ibsa.
B. Gocha gocha biraa dursee raawwatame ibsa.
C. Gocha yeroo darbe keessa raawwatamaa ture ibsa.
D. Gocha raawwatamuunsaa hin oolle ibsa.
18. Himoota armaan gadii keessaa kamtu hennaa keessa murannaa bakka bu‟a?
A. Ani deemuufi. C. Biliseen ni rafti ta‟a.
B. Caalaan rafuuf jira. D. Afi B n deebiidha.
19. Fakkeenya hennaa murannaalaa kan ta‟e kami?
A. Jarri ni dhufa ta‟a. C. Jarri galee jira.
B. Sooressaan gale. D. Jarri dhufaa jira.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 16


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

BOQONNAA 11: Ogwalaloo

Kaayyoo: Dhuma Boqonnaa kanaatti


 Ergaa walaloo ni himta
 Walaloo ni qaaccessita
 Hiikaafi akaakuu jechamootaa ni ibsita
 Ciigoo keessaa soorgoofi sookoo ni baasta.
 Akkaataa hiibboon itti taphatamu adda baafatta

11. Ogwalaloo
Ogwalaloon yaada tokko miidhaksee, guddiseefi olkaasee bifa muuziqaan kan
dhiheessu yaada bal‟aadha. Ogwalaloon yaada bal‟aa kana garuu yeroo dhiheessu
jechoota muraasaafi ergaa bal‟aa dabarsuu danda‟anitti fayyadamuudhaani.
Ogwalaloon hojiin walaloo tokkoo miira namaatti yookiin immoo qaama namaa
keessaa gurra namaatti akka dhihaatuufi miira akka qirqirsu taasisee kan
dhiheessudha.
Ogwalaloon karaa itti miira keenya of keessaa baasnee ibsannuufi muuxannoo keenya
yookiin muuxannoo hawaasaa jechootaan bifa qindaa‟een baasnee ibsinudha.
Walumaagalatti, ogwalaloon, ilaalcha, miira, yaada, muudannoofi muuxannoo keenya
jechoota muraasaafi ergaa bal‟aa dabarsuu danda‟anitti fayyadamne karaa ittiin
dabarfannudha.
Fakkeenya:

“Black day” moo “white day”?


Erga dhuftee mul‟attee dhufuunke erga hin oollee
Manatti erga galchitee nama guddaaf ijoollee
Erga fixuunke hin oollee lubbuu kumaatamootaa
Erga wal qixxeessitee hunda ilmaan namootaa
Baga karaakoon dhufiin Karaa biyya gurraachaa
Silaa jechi warra adii Guyyumaan na maraachaa

Duruu nuun jechuu beeku wanti hamaan keessani


Ofii dhamaatu malee sin eessayyuun geessanii
Unuun baqataa jechaa kansaaniimmoo tuuristii

Biiroo Barnoota Oromiyaa 17


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Wanta akkasii kanaan tuffii keenya mul‟isti


Guyyaa dhumaatiif balaa black day moggaasanii
Guyyaa milkiif gammachuun maqaa keenya hin kaasani

Inni miilanaa garuu karaa saanii mul‟ate


Lubbuu kumaatamatu dhibee kanaan dhumate
Uummata guraachatu hulaa itti cufate
Kan akkasiis jiraachuu amma hunduu hubate
Kan karaa adii dhufeef “black day” jedhamaaree
Egaa har‟arraa kaasne “white day” yoo jenne maarree?

Egaa walaloo armaan olii kana yoo ilaalle ilaalchi barreessichaa keessatti
calaqqisiifameera. Moggaasni wantootaa hariiroo uummata gurraachaan wal qabatee
wanti badaan gurraachaan fakkeeffamuufi wanti adiin gaariidhaan fakkeeffamuu
barreessaan walaloo kanaa ni morma. Akkuma walaloo kanarraa ilaallutti guyyaan
du‟aa, balaafi dhumaatii hamaa “black day” yookiin immoo “guyyaa gurraacha”
jedhamee waamama warra adii biratti. Kunimmoo ilaalchaafi tuffii isaan warra adiif
qaban kan mul‟isu ta‟uusaa qeeqa barreessichi. Dabalataanis, akka walaloo kanaatti
osoo Dhibeen koronaa kun jalqaba Afrikaa keessatti mul‟ateera ta‟e akka yakkaatti
fudhatamee akka waan Afrikaanonni dhibee waliin uumamaniitti dhiibbaan karaa
xiinsammuu irra gahu hangana hin jedhamu ture. Kanaafuu, Koronaan jalqaba ardii
kanarratti mul‟achuu dhabuusaatiif waan galateeffate fakkaata. Walumaagalatti
ogwalaloon yaadaafi ilaalacha nama tokkoo jechoota murtaa‟oofi mimmiidhagoo
ta‟aniin kan dabarsu ta‟uusaa walaloon armaan olii ragaadha.

11.2 Amaloota Walaloo


Walaloon oguma jaallatamaafi amala muuziqaa kan qabu ta‟uu isaa armaan olitti
ilaallee jirra. Namni muuziqaa dhaggeeffachuu hin jaallanneefi walaloo
dhaggeeffachuu hin jaallanne waan jiru hin fakkaatu. Yoo jiraates muraasa ta‟a. Akka
saayinsiin jedhutti uumamni lubbuu qabu kamuu biqiloota dabalatee muuziqaa akka
dhaggeeffatu ni himama. Walaloonis amala muuziqaa waan qabuuf waan kana kaasne.
Walaloon akka jaallatamu kan taasisan amala walaloon qabudha. Walaloon amaloota
hedduu qaba. Isaan keessaa warra ijoo haa ilaallu:

Biiroo Barnoota Oromiyaa 18


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

i. Fakkii uumuu
Walaloon waa‟ee wanta walaleeffamuu sana jechootaan fakkii sammuu namaa
keessatti uumuun yaad-qalbiin daawwachiisa. Kunimmoo namoonni wanta
dhagahan/dubbisan sana yaadaan daawwachaa akka isaan hin iraanfannetti sammuu
isaanii keessatti hambisa
ii. Mana rukkunnaa (wal unata sagalee) qabaachuu
Walaloo tokko walaloo kan isa taasisu keessaa inni guddaan mana rukkunnaadha.
Walaloon mana hin rukkutu taanaan hin mi‟aayu. Miira namaas hin harkisu.
Kanaafuu mana rukkunnaan walaloof miidhagina kan kennudha. Fakkeenya:

koronaa siin jidhanii sitti moggaasan maqaa


Faannikee ariifataadha lafa hundumaa dhaqaa
.Booduma kana dhuftee addunyaa keenya dhaalte
Warra dur sodaataman HIV, faa caalte
.Gagam gootee qabdeetu kimbil goota hin saalfattu
Mana hiyyeessaatti ol lixxee mana mootii hin sodaattu
( Madda Toora fb Daraaraa Nurgii)

Walaloo armaan olii kanarraa akkuma ilaaluun danda‟amutti walalichi mana


rukkunnaa qaba. Mana rukkunnaanimmoo akaakuu adda addaa qaba. Kunis kan bo‟oo
bo‟oodhaan mana rukkutu jira. Kan immoo bo‟oo tokko darbee isa itti aanutti mana
rukkutu jira. Walaloon kun amala isa lammaffaa kana kan qabudha. Walalicha
keessatti kan jalala sararame mana rukkunnaa agarsiisa.

iii. Yeedaloo (yaa‟a sagalee) qaba.


Walaloon yeroo dubbifamu uumamuma isaatiin amala faaruu yookiin yaa‟a muuziqaa
isa fakkeessu qaba. Namni walaloo dubbisu tokko sagalee yeroo barreeffama hololoo
dubbisuun walaloo hin dubbisu. Yeroo walaloo bu‟aa ba‟ii sagalee (intonation) itti
godhee dubbisa. Kun amala walaloon uumamaan qabudha. Yeedaloo qabaachuu
walaloof mana rukunnaan gahee qaba.
iv. Qusannaafi filannaa jechootaa qaba
Walaloon jechoota qusata. Kana jechuun immoo jechoota gaggabaabaatti
fayyadamuun ergaa kan dabarsudha. Kana malees, jecha filatamaa bakka filatamaatti
fayyadama. Jecha filatamaa yeroo jennu immoo jechi afaanicha keessa jiru hamaafi
gaarii qaba jechuu osoo hin taanu ergaa dabarfachuu barbaaderratti hundaa‟uun

Biiroo Barnoota Oromiyaa 19


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

waloon jechoota filatama. Jechootuma hawaasni beeku iddoo barbaadamutti


fayyadama.
Fakkeenya:

Hin lolu qaamakoo


1. Dhiisi naan jettaniiree Wajjin jiraadhuuf malee
Eeyyee dhiiseke tolee rabbuu maaliif natti uuma
Silas maalan buufadha
Kanan waliin uumame 3. Lakki ani kana hin godhu
Qaamakootiin walloolee Yoon ta‟eyyuu wallaa
Ofumakootii ajjeeseen
2. Qaamako madaa himatu, Ofumakootii awwaalaa?
Caalaattuu madeessuudhaaf, Hin lolu!
Barbareedhaan sukkuumaa? (Lataa Qana‟ii)
Waalaloo kana yoo ilaalle ergaa dhoksaa qaba. Qaamakoo jedhee kan inni haasa‟u waa‟ee
harkaafi miillaa miti. Waa‟ee sabaati. Waa‟ee Oromummaa. Ergaa barbaade dabarfachuuf
garuu kan inni filate jechootuma nuti hundi keenya beeknudha.
v. Safara wal qixa qabaachuu
Walaloon safara qabaachuudhaan beekama. Bo‟oowwan walaloo tokko keessa jiran birsagatti
qoqqoodamanii yoo ilaalaman bo‟oo bo‟oodhaan yookiin immoo bo‟oo tokko darbee isa itti
aanutti safarri isaanii wal qixa ta‟a.
Fakkeenya1, mee walaloo sirbaa armaan gadii haa ilaallu:
Qa/ma/leen ci/raa cir/ti =7
Ween/niin ja/la daad/di/sa=7
Ho/jiin war/ra hin dhu/mu=7
Bee/nu tee/nya gaad/di/sa=7
Akkuma walaloo kanarraa arginutti walaloon bo‟oowwan afranuu birasaga torba torba
qabaachuudhaan wal qixa. Kanaafuu, walalichi safara qaba jedhama.
Fakkeenya 2: walaloo geerarsaa armaan gadiis haa ilaallu:
Ween/nii mu/kar/raa bu/‟e = 7
Ee/geen bar/sii fak/kaa/ta = 7
Gee/rar/si/ du/ra way/ya = 7
Bood/deen ma/chii fak/kaa/ta = 7

Biiroo Barnoota Oromiyaa 20


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Fakkeenya 3
Bad/dees/saa soof/te ma/lee = 7
Qil/xuu soof/tee hin a/gar/ree =8
Qan/ca/raaf boos/se ma/lee =7
Ki/chuu jool/lee hin a/gar/ree= 8
Haaluma kanaan walaloowwan armaan olitti ilaalle kunneen warri duraa lamaan bo‟oo
bo‟oodhaan safara kan qaban yoo ta‟an inni boodaa immoo bo‟oo tokko darbee isa itti aanutti
safara qaba. Kanaafuu hundinuu safara qabu.
Vi. Miira namaa qirqirsa
Walaloon gosoota ogumaa biroorraa addumatti miira namaa qiqirsuuf humna qaba. Osoo hin
jaallatiin dhaggeeffachuu, osoo hin jaallatiin kolfuufi harka akka dhoofnuufi qalbiidhaan isa
waliin akka geejjibnu nu taasisa. Kanaafi walaloon qaamota namaa keessaa gurratti
dhiyoodha kan jedhamuuf.

11.2 Jechama
Jechamni jechi, gaaleewwaniifi ciroowwan ergaa haala idilee keessatti qabaniin alatti hiika
biraa yookiin ergaa biraa akka dabarsan gochuun kan itti fayyadamanidha. Afaan Oromoo
keessatti jechootni hiika galmee jechootaa keessatti qabaniin alatti hiika biroo akka kennuu
danda‟anitti hawaasni keenya itti fayyadamu jechama jedhama.
Fakkeenya: Nyaara haaddatte.
Jechamni armaan olii kun jechoota adda addaa nyaaaraafi haaddatte jedhanirraa ijaarame.
Jechootni lameenuu galmee jechootaa keessatti hiika adda addaa qabu. Kunis nyaarri qaama
namaa kan ija gararraan gad uwwisee jiru yoo ta‟u, haaddatte kan jedhummoo nyaarri
rifeensa waan ta‟eef isa sana qarabaadhaan haaddatte jechuudha. Haata‟u malee akka
jechamaatti nyaara haaddatte jechuun safuu gatte jechuudha.
Jechamootni akaakuu adda addaatti qoodamuu danda‟u. Isaanis:
A. Jechamoota qaama namaa bu‟uureffatan
B. Jechamoota lubbu qabeeyyii biroo bu‟uureffataniifi
C. Jechamoota lubbu-maleeyyii biroo bu‟uureffatan jedhamuun qoodamuu danda‟u.

11.2.1 Jechamoota qaama namaa bu‟uureffatan


Afaan Oromoo keessatti jechamootni qaama namaa rifeensa mataatii hanga qeensa miillaatti
bu‟uureffachuun dubbataman ni niru.
Fakkeenya:
 Mataa jabaata.--------------------> tole hin jedhu, didaadha
Biiroo Barnoota Oromiyaa 21
Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

 Gurra guddata.-------------------->beekkamaadha
 Funyaan dhaabe.-----------------> dallane
 Ija wallaalte.-----------------------> maal naan jedhuu wallaalte, saalfachuu didde.
 Garaa bal‟ata.----------------------> danda‟aadha
 Dugda narraa qaba.----------------> liqii(keessumaa humnaan) narraa qaba.
 Miilla fageeffate.-------------------> deemee fagaate, bade.
 Faana dhahe.-----------------------> hordofe, duukaa bu‟e
 Qeensaan ejjeta.-------------------> of tuula, faxuula, ni boona.
Jechamoonni armaan olii kunneen hundinuu qaama namaa bu‟uureffachuun ergaa biroo
kanneen dabarsanidha.

11.2.2 Jechamoota lubbu qabeeyyii biroo bu‟uureffataniifi


Akaakuun jechamoota kanaa immoo namarraa kan hafe lubbu-qabeeyyii biroo kanneen
bu‟uureffachuun amala lubbu-qabeeyyii sanaa hordofuun ergaa kanneen dabarsanidha.
Fakkeenya:
 Harree cabde ---------------------------------> gatii hin qabdu
 Waraabessa ------------------------------------> albaadhessa, nyaataa
 Bofa---------------------------------------------> hamaa
 Bofarra ejjete-----------------------------------> salphate
 Kanniisa quba kaa‟e --------------------------> namoota hamoo harka seene
 Funyaan saree----------------------------------> ni qorra
 Deemsa saree------------------------------------> jarjaraa
 Saree masgiida seente--------------------------> salphatte

11.2.3 Jechamoota lubbu-maleeyyii biroo bu‟uureffatan


Amala lubbu-maleeyyii kanneen akka bishaa, qilleensa, abidda, lafaafi kkf
bu‟uureffachuudhaan ergaa kanneen dabarsanidha.
Fakkeenya:
 Dhadhaa abidda buute------------------------------------> kan hin deebine
 Bishaan jige -----------------------------------------------> kan hin deebine
 Jirma ta‟e---------------------------------------------------> ulfaate
 Qilleensa abootuu-----------------------------------------> akkasumatti dhama‟uu
 abidda------------------------------------------------------> balaa
 Lafaa hin argamu-----------------------------------------> dhamaatee hedduu barbaada
 Bishaan ta‟e-----------------------------------------------> qal‟ate,
Biiroo Barnoota Oromiyaa 22
Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

 Guyyaan itti dukkanaa‟e---------------------------------> burjaaja‟e, nahe


Fakkeenyonni armaan olitti ilaalle kun lubbu-maleeyyii bu‟uureffachuun jechamoota ergaa
dabarsanidha.

11.3 Ciigoo
Ciigoon akaakuu afoolaa ta‟ee, akkaataa itti fayyadama afaanii ergaa dhokataa tokko isa
mul‟ataadhaan haguuganii qaama barbaadaniif itti dabarfatanidha. Ciigoo keessatti kan
barbaadamu yaada isa namni kamiyyuu hubataa jiru yookiin isa irra keessaa osoo hin taane
isa dhokataadha.
Ciigoon caacculee sadii of keessaa qaba. Isaanis jecha dachaa(sabbooqoo), soorgoofi
sookoodha. Jechi dachaa jecha isa hiikni tokkoo ol kennameefii yoo ta‟u, sookoofi
soorgoon kan keessaa argamudha. Soorgoon hiika irra keessaati. Sookoon garuu ergaa
dhokataa ta‟e yookiin ergaa golgamee dhiyaate sanadha.
Afaan Oromoo keessattis ta‟e afaanota adda addaa keessatti jecha dachaa argachuudhaaf
tooftaa adda addaa fayyadamna. Yaada kanaan walqabatee Addunyaa (2018:215-219)
yaaduma kana deeggara. Mee tooftaalee kanneen haa ilaallu:
Tooftaa 1ffaa: Jecha hiika tokkoo ol qabu aadaa hawaasichaa faana bu‟uun ciigoo
kenname keessa ilaaluu
Fakkeenya.
Hidhaa itti cimsaa funyoo fo’ee sutaa
Dhiittatee aergama bariin ka’ee kuta
Ciigoo kana keessatti jechi dachaa kuta kan jedhudha. Jechi kun akka looga hedduu biratti
beekamutti mura, cira, iddoo lamatti baasa jedhamuun hiikama. Kun soorgoo isaati. Sookoon
isaa immoo deema, sokka, bada jechuudha. Jechi kuta jedhu kun Oromoo Harargee biratti
deema jechuudha. Kanaafuu, sookoo ciigoo kanaa beekuuf waa‟ee aadaa uummata harargee
beekuu nu gaafata jechuudha.
Tooftaa 2ffaa: Sagalee olkaasuufi gad buusuun dubbisuu
Fakkeenya:
Osoo karaa deemnuu mana cidhaa gorree
Seenaa ijoollee Oromoo kan nuun jedhe meerree?
Jechi dachaa seenaa kan jedhudha. Jecha kana ol kaasnee yeroo dubbisnu soorgoo ciigoo
sanaa arganna. Innis ol lixaa jechuudha. Gadi buufnee yeroo dubbisnu immoo sookoo
arganna. Innis waa‟ee achii as dhufa Oromoo(history) nama nutti hime dhabne jechuudha.
Tooftaa 3ffaa: Galumsa (haala) keessatti dubbatamerra dhaabbachuun tilmaamuudha.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 23


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Fakkeenya: Mee fakkeenya bifa hololoon jiru kana haa ilaallu. Asumaanis ciigoon bifa
hololoonis himamuu akka danda‟u hubadhaa.
Yeroo tokko abbaa manaafi haati manaa guyyaa ayyaanaatti qircaa foonii fudhachuu
barbaadanii yaadaan wal dhaban. Innis haati manaa iddootii finnee kaffallu hin qabnu
yoo jettu abbaan manaa immoo lafa feenee finne kaffalla malee hin hafu jechuun wal
lolanii manaa bahee deeme. Kanumaan qircaa fidee dhufe. Kana gidduutti haati
manaasaa sanyoo baafattee ollaatii waan qabduuf isa waamtee waliin bashannanaa osoo
jirtuu sagalee abbaa manaashee dhageessee sanyooshee sana baaxii yaabsifte. Abbaan
manaas foon fidee yeroo dhufu namicha baaxiirratti argee akka nama hin argineetti
fakkeessee foon lafa kaa‟ee taa‟e. Kanumaan haati manaasaa namicha nana gatii foon
kanaa eessaa fiddee kaffalta?” yeroo jettuun inni kana olii ni kaffala jedhee deebiseef
jedhama.
Egaa jechi dachaa ciigoo kanaa inni kana olii kan jedhu yoo ta‟u soorgoon isaa waaqa.
Sookoon isaa immoo sanyoo haadha manaa namichaa isa baaxiirra taa‟u sana.
Tooftaa 4ffaa: Jecha dhiyaate sana addaa n siiqsuun dubbisuudha. Fakkeenya.
Kan akkas bariin kaate
Mucattiin sinbira taate
Jechi dachaa sinbira kan jedhu yoo ta‟u soorgoon isaa sinbira gosa allaattii taate kan jedhu
yoo ta‟u sookoon isaa immoo sin bira (isin waliin )taate kan jedhu ta‟a.
Tooftaa 5ffaa: Jecha adda adda jiru walitti fiduun dubbisuu. Fakkeenya.
Yaa intala ilkaan baddeessaa
Quba natti hin qabiin nama deessaa
Jechi dacha : nama deessa kan jedhu yoo ta‟u soorgoon isaa qubnike na dhiigsa yookiin na
miidha jechuudha. Sookoon isaa immoo daa‟ima godhatta yookiin nama akkakoo deessa)
jechuudha.
Tooftaa 6ffaa: jecha dachaa bo‟oo walaloo keessaa sarara dhumaarra barbaaduu
Fakkeenya.
Silaa raammoo miti yoom ba’ee mul’ataa
Suuta suuta jedhee gurra nama nyaataa
Jecha dachaa: gurra nama nyaataa
Soorgoo: gurra isa qaama miiraa keessaa tokko ta‟e kana nama hooqsisa
Sookoo: maqaa nama balleessaa, maqaa nama gurraachessaa ta‟uu danda‟a.

11.4 Hibboo
Hiibboon gosa afoolaa keessaa tokko ta‟ee kan namoota lamaafi isaa ol gidduutti
taphatamudha. Yeroo baay‟ee kan dhihaatus bifa gaaffiifi deebiidhaan ta‟a. Hiibboo kan
taphatan irra caalaa daa‟immani. Hibboon qofaa hin taphatamu jechuudha. Hiibboon kan
taphatamu yeroo baay‟ee galgala galgala erga loon galanii boodadha. Inumaayyuu hibboon
Biiroo Barnoota Oromiyaa 24
Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

guyyaa akka hin taphatamne seerri keessa beekessaan bahe waan jiru fakkaata. Fakeenyaaf,
daa‟imni tokko guyyaa hiibboo! Jedhee yoo gaafate inni biroo immoo “ hiibboon guyyaa hin
jirtu muka gogaatti si haa dirtu” jedhee deebisaaf jechuudha. Kunimmoo, daa‟imman
walirraa dhagahuun hibboon akka guyyaa hin taphatamne akka wal dhorkan gargaara.
Hibboon guyyaa akka hin taphatamne kan dhorkamuuf ijoolleen guyyaa osoo hiibboo
taphattuu hojii akka hin balleessineefidha. Horii kan eegan yoo ta‟e osoo hiibboo taphatanii
horiin midhaan namaa nyaachuu yookiin immoo horii sanayyuu bineensi nyaachuu danda‟a.
Isa kana hambisuudhaaf hiibboon akka guyyaa hin taphatamne dhorkan.

11.4.1 Faayidaa Hiibboo


Hiibboon faayidaawwan hedduu qaba. Isaan keessaa muraasni:
A. Daa‟imman naannoo isaanii akka hubatan taasisa.
B. Dandeettii dubbachuufi dhaggeeffachuu cimsa.
C. Yaada tokko gadi fageenyaan qorachuuf gargaara.
D. Galgala galgala ijoolleen osoo nyaata hin nyaatiin akka hin rafneef daa‟imman irbaataaf
tursiisuuf gargaara.
E. Afaaniifi aadaa naannoo isaanii akka baraniif gargaara.
F. Ija jabina akka horataniif jajjabeessa.
G. Hariiroo maatii ni cimsa.
H. Aadaafi falaasama hawaasa tokkoo ni barsiisa.
I. Cimina sammuutiif shoora olaanaa qaba.

11.4.2 Seerota Hiibboo


Hiibboon seera mataasaa qaba. Kan gaafatuufi kan gaafatamu gidduutti wantootni
raawwataman seerota hedduutu jiru.
Jalqabumarraa kan gaafatu „hiibboo‟ yoo jedhu kan deebisu immoo „hibib‟ „hibbaka‟
yookiin „hiph‟jechuun deebisa. Kana jechuun gaaffii gaafatamuuf qophaawaa ta‟uu
mul‟isuudha.
Hibboo gaafatameef deebiin sirrii yoo ta‟e hibboon ittuma fufuun taphatama. Yoo sirrii miti
ta‟e garuu gaafatamaan gaafataaf lafa yookiin biyya kennaaf. Erga lafa fudhatee gaafataan
akka armaan gadiitti ni abaara:
Muka dudduufaa jala bahi
Ganna dhudhuufaa bahi
Kankoo madaalatti
Kankee qadaadatti
Biiroo Barnoota Oromiyaa 25
Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Manakoo jabbiin kuruph


Manakee tafkiin kuruph
Mataakee dhagaa qarsaa
Mataakoo dhadhaa baqsaa
Gabaa bahii lilmoo biti
Achii galii kiyyoo lixi fi kkf jechuun erga abaaree booda deebii isaa itti hima. Hibboo
keessatti abaaruun dirqama miti. Yoo abaaruu hin barbaanne immoo akka armaan gadii erga
jedhee booda deebii itti hima:
Dhugee kooti
Hundee lootii
Fardi hin dannabsu
Ani sin arrabsu erga jedhee booda deebii itti hima.

Fakkeenya 2
Hawwii: hibboo
Gabee: hibib
Hawwii: fayyaan du‟aa baata; du‟aan fayyaa baata.
Gabee: konkolaachisaafi uummata
Hawwii : miti
Gabee: Teessoofi nama
Hawwii: hin arganne
Gabee: Nan soqadha
Hawwii: Soqadhu
Gabee: Manamoo ala gala
Hawwii: mana miti qe‟ee gala
Gabee: Harreefi ba‟aa isheen baattu
Hawwii: hin arganne, biyya naaf kenni.
Gabee: biyya Abiishee Garbaa siif kenne.
Hawwii:
Nan dhuge dhugaakootii
Biyyikoo biyya mootii
Muka dudduufaa jala bahi
Ganna dhudhuufaa bahi
Kankoo madaalatti

Biiroo Barnoota Oromiyaa 26


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Kankee qadaadatti
Manakoo jabbiin kuruph
Manakee tafkiin kuruph
Mataakee dhagaa qarsaa
Mataakoo dhadhaa baqsaa
Gabaa bahii lilmoo biti
Achii galii kiyyoo
Deebiinsaa Farda, koorichaafi namadha.
Hiibboo keessatti hanga fedheyyuu yoo arrabsaman aaruufi haaloo qabachuun hin jiru.
Sababnisaayyuu aadaa miti yookiin hin baratamne. Arrabsuun kan inni barbaachiseef
gaafatamaan deebii hiibboo sanaa cimee yookiin cimtee akka barbaadduufi. Arrabsamanii
aaruu dhiisuun immoo obsa akka baratan gargaara.

Guduunfaa
Boqonnaa kana jalatti dhimmootni armaan gadii kunneen ilaalamaniiru:

 Ogwalaloon wanta tokko karaa miira namaa gammachiisuu danda‟uufi


miidhagaa ta‟een kan dhiyeessu ta‟uusaa.

 Jechamni jechootni hiika idilee qabaniin alatti ergaa biraa akka dabarsan
taasisuun kan itti fayyadamnudha.
Gilgaala 1
 Ciigoon itti fayyadama afaanii kan hiika dhokataa isa mul‟ataadhaan
Gaaffilee kanaan gadiif filannoo siif dhiyaatan keessaa yaada irra caalaa sirrii ta‟e
golganii itti dabarfatanidha.
filachuun deebisi.
1. Kanneen armaan gadii keessaa amala walaloo kan hin taane kami?
A. Mana rukkunnaa qabaachuu C. Bifa hololoon dhiyaachuu
B. Bifa muuziqaa(faaruu) qabaachuu D. Jechoota filatamotti fayyadamuu
2. Waa‟ee jechamaa kan sirrii ta‟e kami?
A. Bifa walaloofi hololoon dhiyaachuu danda‟uu
B. Akkaataa itti fayyadama dubbii ta‟uu
C. Hubachuudhaaf aadaa hawaasichaa beekuun barbaachisaa ta‟uu
D. Hunduu deebii ta‟uu ni danda‟u.
3. Ciigoo:- Asis jennee godaas hin argannee
Ishee qarree gamaa gaafadhaa jedhamnee jedhuuf jechi dachaa isa kami?
A. Ishee qarree gamaa C. godaa
B. Qarree gamaa D. gaafadhaa jedhamnee
4. Soorgoon Ciigoo gaaffii 4ffaa irra jiruu maal ta‟a?

Biiroo Barnoota Oromiyaa 27


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

A. Durba B. Ishee gama jirtu C. dirree loonii D. gaafa loonii


5. Sookoon ciigoo gaaffii 3ffaarra jiruu isa kam ta‟a?
A. Ishee durbummaa qabdu (durba) C. isin gaafadha jedhamne
B. Ishee gama sana jiraattu D. loon
6. Ciigoo :- Lafti keenya kuni irri caalaan tabba
Hojii qonnaa keessaa an meesuman jibba jedhuuf jechi dachaa kami?
A. Hojii qonnaa C. an meesuman
B. Meesii D. jibba
7. Soorgoon ciigoo lakkoofsa 6ffaarratti kennamee maali?
A. Ani meesii meesuu hin jaalladhu C. ani qotisa hin jaalladhu
B. Ani sumaan hin jaalladhu D. deebiin hin kennamne.
8. Sookoon ciigoo lakkoofsa 6ffaa irratti kennamee maal?
A. Ani meesii meesuu hin jaalladhu C. ani qotisa hin jaalladhu
B. Ani mee sumaanan jibba D. deebiin hin kennamne.
9. Ciigoo:- Barumsa biyya alaa baayyeesaa barannee
Keessaa isa kanaadaa tasa hinirraanfanne jedhuuf jechi dachaa isa kami?
A. Baayyeesaa B. Kanaadaa C. biyya alaa D. irraanfanne
10. Sookoon ciigoo armaan olii kanaa maal ta‟a?
A. Biyya kanaadaa B. Kan aadaa C. Biyya biroo D. Yaadachaa jirra
Gilgaala 2.
Jechamoota armaan gadiif hiika ta‟uu kanneen danda‟an filannoo siif kenname keessaa
deebisi.
1. Gurra hodhe
A. Salphate B. Basaase C. arraabe D. quufe
2. Eeboo Waaqaa
A. Dheekkamsa B. Eebba C. lola D. tuffii
3. Tulluu dhiiba
A. Ni carraaqa B. jabaataadha C. Ofumaa dadhaba D. Rakkataadha
4. Akkootu goobse
A. Guddisa bade B. jabaataadha C. hattuudha D. nama gaariidha
5. Arraba dheerata
A. Beekaadha B. wallaalaadha C. gamnadha D. dubbii baay‟isa
6. Ba‟aa laphee
A. Dhibee B. jaalala C. Dhibee onnee D. quufa

Biiroo Barnoota Oromiyaa 28


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

7. Ciqilee jabaata
A. Doqna B. arjaa C. humna qaba D. ispoortii hojjeta
8. Daara baase
A. Qullaa hambise B. nyaate C. uffise D. gowwoomse
9. Durba morma lamaa
A. Bareedduu C. kan durbummaa qabdu
B. durba lakkuu deesse D. beektuu
10. Eegee dhaabe
A. Arii‟e B. faana dhahe C. Baqate D. Gammade
Gilgaala 3
Hibboowwan armaan gadiif deebii isaanii filachuun deebisi.
1. Aaddee maraattee, abidda mataatti baatte
A. Ibsaa B. Aduu C. Dungoo/ kuraazii D. Kibiritii
2. Adii dhala, gurraacha hoosisa, diimaa guddifata.
A. Harree B. geeshoo C. Xaafii D. Qaaraa/ barbaree
3. Abbaan daboo hafee daboon gale.
A. Reeffa B. doqna C. waaqa D.keessummaa
4. Baala fakkaata waaqarra kaata.
A. Hurrii B. Billaacha C. seexana D. Biiftuu

5. Harkaan facaasee ijaan funaane


A. Wallaala B. Barreeffamaafi dubbisa C. beekumsa D. qulleessuu
6. Ciisu akka reenfaa ka‟u akka leencaa.
A. Goota B. qawwee C. arba D. deebii hin qabu
7. Du‟aan jiraa dhalee jiraan du‟aa dhale.
A. Eeleefi buddeena C. lukkuufi killee
B. Lafaafi midhaan D. fardaafi koorichaa
8. Yoo seenu ala ilaala; yoo bahu mana ilaala.
A. Keessummaa B. gaafa re‟ee C. lukkuu D. gaaddidduu
9. Farfattuu ganamaa abaartuu galgalaa.
A. Qamalee B. handaaqqoo C. raacha D. dukkana
10. Gaanii guddaan cabee, qiraaciisaan dhabe.
A. Okkotee B. dhuufuu C. boombii D. abjuu

Biiroo Barnoota Oromiyaa 29


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

BOQONNAA 12: Bifa Jireenya Hawaasa Sirna Gadaa

Kaayyoo: Xumura Boqonnaa Kanaatti

 Sirna gadaafi waa‟ee hawaasa sirna gadaa ni ibsita

 Gochaafi gosoota gochimaa addaan baafatta

12.1 Sirna Gadaa


Sirni gadaa sirna siyaasaa dimokiraatawaa ta‟eefi umurii dheeraa qabudha. Waa‟ee sirna
kanaa ilaalchisee barreeffamoonni baay‟een barreeffamanii jiru. Qorannoowwan
lakkaa‟amanii hin dhumnes afaanota hedduudhaan irratti gaggeeffamanii jiru. Kun hundinuu
kan mirkaneessan sirni gadaa madda dimokiraasii ta‟uusaarraa kan ka‟edha.

Sirni Gadaa sirna ittiin bulmataa Oromoo ti. Gadaan jaarmiyaa umurii fi dhalootan ijaarame
yoo ta'u, sirna bulchiinsaa diimokiraatawaadha. Gadaan sirna
ittiin siyaasni, dinagdeenii fi hawaasummaan ummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan
miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin
waliin jiraatudha. Sirni Gadaa diimookraatawaa ta‟uu isaa beektoonni seenaa fi saayinsii
hawaasaa hedduun mirkaneessanii jiru.

Waa’ee qoqqoodama hawaasummaafi siyaasaa hawaasa sirna gadaa keessa jiru


hubachuudhaaf dubbisa kitaaba barataa fuula 155- 159 jiru dubbisi. Achi boodas
gilgaala itti aanee jirus hojjedhu.

12.2 Aadaa
Aadaan haala hawaasni tokko ittiin jiraatudha. Aadaan kan hawaasni murtaa‟e tokko yaada,
duudhaafi amala hawaasummaa isaa ittiin calaqqisiifatudha. Dabalataanis, aadaan ibsituu
eenyummaa saba tokkooti.
Aadaan amala garee namoota murtaa‟aniifi kan namoota afaan, amantaa, yaada, duudhaa,
ilaalcha, safuufi haala aartii walfakkaatu qabaniin calaqqisiifamudha.

Dhimmoota aadaan ittiin ibsamu keessaa afaan bakka guddaa qaba. Ummanni yookiin sabni
tokko afaan fayyadamuun jireenya isaa ibsa. Gadda, gammachuufi wantoota itti dhaga‟ame

Biiroo Barnoota Oromiyaa 30


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

mara ibsuuf afaan faaydamuu qaba. Odeeffannoo adda addaa dhimmoota siyaasaa,
hawaasummaafi dinagdee afaaniin ibsa. Kun ammoo aadaan ummata ta‟e waliin walitti
dhufeenya cimaa akka qabu agarsiisa.
Karaa biraatiin, uffannaan qaama aadaa saba tokkooti. Yoo hubbattanii ilaaltaniittu ta‟e,
akaakuu uffannaa namni tokko uffatu ilaaluun namni kun saba yookiin 113 naannoo
kanarraa‟i jenne tilmaamuu dandeenya. Kan uffannaa waliin walqabatu meeshaalee faaya
ummanni fayyadamuudha. Fakkeenyaaf, dooqaan uffataa aadaa Shawaa waliin uffatama.
Calleen ammoo uffata aadaa Arsiifi Baalee waliin faayidaa irra oola.
Nyaanni saba tokkoo qaama aadaa saba sanaa akka ta‟e ifaadha. Yemmuu waa‟ee gosoota
nayaata ilaaluu saba tokko waliin walqabsiisuun dirqama. Fakkeenyaaf, marqaan yeroo
hedduu ummata Oromoo waliin walqabata. Ancooteefi cuumboon yemmuu ka‟u sammuu
keenyatti kan dhufu Wallagga. Yoo dhimmoonni armaan olii aadaa ibsuu keessatti qooda
guddaa qabaatan illee, dhimmoota kan biraa hedduu aadaa ibsuuf gargaaran kaasuu
dandeenya.
Fakkeenyaaf, afoolliifi og-barruun(afaan jalatti yoo hammataman illee) akka fakkeenyaatti
ka‟uu nimalu. Haala jireenyaa, hawaasummaafi dinagdee ummata tokkoo ibsuuf afooliifi
og-barruun bakka guddaa qabu. Dhumarratti waanti hubatamuu qabu akka jechi aadaa jedhu
waan hedduu of keessaa qabuuf, dhimmota barreefama kana keessatti ka‟aniin guutummaatti
akka ibsamuu hindandeenyedha. Wanti irra caalaa hubatamuu qabu garuu aadaan
maalummaa ummata yookiin saba tokko ibsuu keessatti bakka guddaa qabaachuu isaati.
Walumaagalatti, aadaan caqqisiiftuu eenyummaa saba tokkooti jenneera. Akkasumas, sabni
tokko aadaa isaa kan inni calaqqisiifatu, nyaataafi dhugaatiin, uffataan, sirbaan,
ogbarruudhaaniifi afaan isaatiin akka ta‟e ilaallee jirra. Kanaafuu, sabni isa kana hin qabne
waan hin jirreef sabni aadaa hin qabne hin jiru.

12.3 Akaakuu Gochimaa


Jechi gochima jedhu gaalee „gocha hima’ jedhurraa dhufe. Kanarraa wanti hubannu
gochimni hima tokko keessatti gocha raawwatame tokko nutti hima jechuudha.
Fakkeenya armaan gadii haa ilaallu.
Ani nyaadhe. Isheen nyaatte. Isin nyaattan.
Ati nyaate. Inni nyaate.
Nuti nyaanne. Isaan nyaatan.
Jechoonni dhummarratti argamaniifi kanneen gurraacheffaman gocha raawwatame agarsiisu.
Jarri kun xumurtoota yookiin gochima jedhamu. Akkuma fakkeenyota sana irraa ilaaluun

Biiroo Barnoota Oromiyaa 31


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

danda‟amettis hariiroo mathima waliin qaban agarsiisuufi akkaataa gara garaatti jijijiiramanii
jiru.
Haaluma kanaan gochimni gosoota adda addaa qaba. Isaanis:

12.3.1 Gochima Darbeeyyii


Gochima darboo keessatti gochaan raawwatame tokko waan irratti darbu qaba.
1. Dabalaan marqaa nyaate. 3. Boortolaan mana ijaare.
2. Seenaan bidden tolchite. 4. Guutaan hoolaa qale.
Jarra kana yoo hubattee ilaalte gochi mathima(subject) irraa gara
antimaatti(object) darbee jira. Haaluma kanaan fakkeenya 1ffaa irratti gochi Dabalaa irraa
gara marqaatti, 2ffaa irratti Seenaa irraa gara biddeenaatti, 3ffaa irratti Boortolaa iraa garaa
manaatti, 4ffaa irratti Guutaa irraa gara hoolaatti darbee jira.

12.3.2 Gochima Faaldarbeeyyii (Gochima hafoo)


Akaakuu gochaa kanarratti gochi raawwatame tokko qaama raawatu sanarratti hafa. Kana
jechuun antima kallattii hin qabu jechuudha.
1. Badhaatuun teesse. 2. Sanbatoon ciise. 3. mucaan rafe
Fakkeenya kana keessatti gochi mathima irraa gara antimaatti darbehinjiru. Kana jechuun
gochi hojjetame matima irratti hafe jechuudha..

12.3.3 Gochima Walqabsiituu


Aakaakuun gochimaa kun hima tokko keessatti yaadota wal qabsiisee ibsa. Fakkeenya:
1. Dhaabaan abbaa ilmaa ta‟e. 2. Ishiin barsiistuu taate.
Fakkeenyota armaan olii kana lameen irratti yoo ilaalle, Isa 1ffaa keessatti Dhaabaafi Ilma kan
wal qunnamsiise goghima ta‟e jedhu yoo ta‟u isa 2ffaa irratti immoo Ishiifi barsiisummaa kan
wali qabsiise taate kan jedhudha
Gochimoonni fakkeenya kana keessa akka walqabsiistuutti fayyadu.163
12.3.4 Gochima Ta‟umsaa
Akaakuun gochimaa tokko wanti tokko maal akka ta‟e kan himudha.
1. Daraartuun atileetiidha. 3. Ani barataadha.
2. Inni obboleessa kooti.

12.3.5 Gochima Gocha Agarsiisu


1. Ishiin kitaaba dubbiste. 2. Inni kitaaba bite.
3. Isaan kitaaba barreessan. 4. Ani walaloon barreesse.
Biiroo Barnoota Oromiyaa 32
Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Gochimoonni fakkeenya kana keessaa gocha agarsiisu.


Gilgaala 1
A. Gaaffilee armaan gadii akkaataa gaafatamteen deebisi.
1. Kanneen armaan gadii keessaa waa‟ee sirna gadaa kan soba ta‟e kami?
A. Ilmi Oromoo tokko dhalootaa hanga dhumaa caasaa keessa darbu ni qaba.
B. Sirna dimokiraasii addunyaaf fakkeenya ta‟e qaba.
C. Sirni gadaa erga Oromoon bilisoomee booda dhiyoo eegalame.
D. Sirni gadaa sirna wal qixxummaatti amanudha.
2. Akka dubbisa kitaaba barataa 157-158 irratti kennametti sirna gadaa keessatti paartii
siyaasaa keessatti hirmaachuuf kan mirga qaban eenyu?
A. Nama hundumaa D. Warra umuriin isaanii 49-56 keessa
B. Ilmaan kormaa jiran.
C. Ilmaan jaarsaa
3. Akka gadaa Oromootti irra caalaatti marsaan gadaa tokko waggoota meeqa qaba
A. Waggaa 5 B. waggaa 8 C. waggaa 40 Waggaa 100
4. Akka yeroo ammaatti Gadaa Tuulamaa keessatti kan baallii fudhatanii bulchaa jiran Abbaa
Gadaa Goobanaa Hoolaa Miseensa paartii kamiiti?
A. Birmajii B. Muudana C. Meelbaa D. Roobalee
5. Akka dubbisa fuula 155-159 kitaaba barataarra jiruutti umuriin itti biyya bulcha waggaa
meeqaa kanga meeqaati?
A. 25-32 B. 33-40 C. 41-48 D. 49-56
6. Sirna gadaa keessatti bakki walgahiifi teessoon abbaa gadaa maal jedhama?
A. Irreecha B. Odaa C. Ardaa jilaa D. Bakka muudaa
7. Waa‟ee aadaa ilaalchisee kan soba ta‟e isa kami?
A. Calaqqee saba tokkooti.
B. Uffatni karaa aadaan itti calaqqisiifamu keessaa tokko.
C. Kan saba hundaa wal fakkaata.
D. Sabni aadaa hin qabne hin jiru
8. Kanneen armaan gadii keessaa waa‟ee aadaa ilaalchisee kamtu sirriidha?
A. Afaan waliin hidhata tokkollee hin qabu.
B. Guddina saba tokkoof gumaata hin qabu.
C. Saba tokko saba biraarraa adda baasee namatti himuu danda‟a.
D. Aadaan saba tokkoo yoo bades yoo jiraates rakkoo hin qabu.
9. Kanneen armaan gadii keessaa gochima ta‟umsaa kan agarsiisu kami?

Biiroo Barnoota Oromiyaa 33


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

A. Siifan barattuudha.
B. Kachaa Birbirsaa obboleessa Daawwit Birbirsaati.
C. Gaaddiseen doktera taate.
D. Afi Bn deebiidha.
10. Akaakuuwwan gochimaa keessaa gochi mathimarraa gara antimaatti darbuusaa kan
agarsiisu kami?
A. Gochima darbeeyyii C. Gochima ta‟umsaa
B. Gochima faaldarbeeyyii(hafoo) D. gochima walqabsiiftuu

Biiroo Barnoota Oromiyaa 34


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

BOQONNAA 13: Interpiraayizoota Daldala Xixiqqaa(IDX)

Kaayyoo: Dhuma Boqonnaa Kanaatti

 Sirna Tuqaalee Barreeffama keessatti fayyadamta

 Wal qabsiistota barreeffama keessatti fayyadamta

13.1 Sirna Tuqaalee


Sirni Tuqaalee mallattoolee sirna barreeffamaa keessatti galuudhaan tajaajila adda addaa
kennanidha. Akkasumas, barreeffama keessatti qooda guddaa qaba.Akka waanti nu barreessinu
haala qindaa‟eefi ifaan dhiyaatu nu gargaara
Isaanis:
Tuqaa, Tuq-lamee, Mallattoo gaaffii, Raajeffannoo, Qoodduu, Buufata xiqqaa , Sarara
xiqqaa, Mallattoo waraabbii, Hammattuu, Fuftuu(tuttuqaa)fi kkfdha.
Sirna tuqaalee armaan olitti tarreessine kanneen tajaajila isaanii beekuu kan dandeenyu
barreeffama keessatti itti fayyadamanee yaada keenya yommuu ittiin ibsannudha.
13.1.1 Tuqaa
Tuqaan tajaajiloota adda addaa kenna. Tajaajiloota tuqaan kennu yoo ilaalle:
I. yaadni tokko yookiin himni tokko II. Kottoonfachiisuu agarsiisuudhaaf.
xumuramuu isaa agarsiisa.Fakkeenya: Fakkeenyaaf:
a. Manna barnootaa baname. A. Lakkoofsa >>>>>>>>> Lakk.
b. Barattootni barnootarra jiru. B. Hubachiisa>>>>>>>>> Hub.
c. Tolaan laaqana nyaate.
III. Gabaajee agarsiisuudhaaf gala. Iv. Herrega keessatti lakkoofsa guutuufi
Fakkeenyaaf: haftee adda baasuudhaaf
A. Lakkoofsa Sanduuqa Poostaa>> L.S.P Fakkeenyaaf: 5.5
B. Biiroo Barnoota Oromiyaa>>>> B.B.O
IV. Mata duree guddaafi xiqqaa adda baasuuf
Fakkeenyaaf:
1. Afoola
1.1 Maalummaa Afoolaa
1.2 Amaloota Afoolaa
Biiroo Barnoota Oromiyaa 35
Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

1.3 Gosoota Afoolaa


Fakkeenya armaan olii kana keessatti Afoola kan jedhu yoo ta‟u warri itti aananii 1.1, 1.2fi
1.3 irra jiran immoo mata dureewwan xixiqqaadha.

13.1.2 Tuq-lamee
Tuq-lameen faayidaalee adda addaa qaba. Isaanis:
i. Hima keessatti wantoota tarreeffamanii dhufan dura gala.
Fakkeenyaaf:
A. Caalaan ijoollee sadii qaba: Abdii, Leensaafi Gadaadha.
B. Manni wantoota adda addaa irraa ijaarama: muka, dhagaa, cirrachaafi dhoqqeedha.
ii. Yeroo barreessuu keessatti sa‟aatiifi daqiiqaa adda baasuuf tajaajila.
Fakkeenyaaf:
A. Boru sa‟aa 2:00 irratti na eegi.
B. Amma sa‟aatii 7:30 ta‟ee jira.
iii. Baraafi fuula kitaabaa Adda baasuuf
Fkn: Yoomiiyyuu mul‟ataa (2017:21) As keessatti 2017 bara kitaabni itti barreeffame yoo
ta‟u, 21 immoo fuula kitaabichaa kan ragaan irraa fudhatame kan agarsiissudha.
13.1.3 Mallattoo Gaaffii
Mallattoon gaaffii tajaajiloota hedduu qaba. Isaan keessaa kanneen armaan gadii haa ilaallui
i. Hima tokko gara gaaffiitti jijjiiruuf
Fkn: - Tolaan mana barumsaa dhuftee?
- Ati magaalaa deemtee?
ii. Waan barreessinu tokko bara isaa kan shakkinu yoo ta‟e cufaa keessatti mallattii gaaffiin
agarsiifna.
Fkn: -Jeneraal Taaddasaa Birruu bara 1921(?) dhalate.
iii. Dhamjechoota akka ree, moo, hoo, noo, fi w.k.f fayyadamuun gaaffii gaafachuuf
gargaara.
Fkn: -Buna moo shayii dhugda?
- Caalaan dhufe. Tolaan hoo?
iv. Jechoota gaaffii keessatti mallattoo gaaffii fayyadamna.
Fkn: akkami? Eessa?
meeqa? Kam?
yoom? Maaliif?
hangam? Eenyu?

Biiroo Barnoota Oromiyaa 36


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

13.1.4 Raajeffannoo(!)
Maallattoon raajeffannoo sirna tuqaalee keessaa tokko ta‟ee, dhuma waan dinqisiifatamuu,
ajajamuu, gorsaa, akeekkachiisaa, sagalee jabaa akka iyyaa, doorsisaafi kanneen kana
fakkaatan agarsiisuuf gala.

i. Waan tokko Raajeffachuuf iii. Akeekkachiisuuf


fkn: safuu baraaf! Fkn: Ilaa, irraanfannaan beekkadhu!
a. uggum! Uggum! iv. Iyya agarsiisuuf
b. maal ija jabeessi akkasii! Fkn: Uuuu! Uuuu!
ii. Ajaja kennuuf v. Jajuudhaaf
Fkn: Callisi! Fkn:Ishoo ilmakoo!
Hin turiin! Kormee ilmaa!

13.1.5 Qoodduu
Tajaajiloota qoodduu yoo ilaalle:
a. Hima keessatti wantoota wal fakkaatan gargar qooduudhaaf.
Fkn: Oromiyaan midhaan akka xaafii, qamadii, garbuufi boqqolloo ni biqilchiti.
b. Guyyaa ji‟aafi bara adda baasuudhaaf
Fkn: Wixata, mudde 14, 2012
c. Lakkoofsa lakkaawwii adda yeroo tarreessinu adda babaasuuf
Fkn: 1,2,3,4…
d. Magaalota biyya isaaniirraa adda baasuuf
Fkn: Finfinnee, Oromiyaa
e. Teessoo barreeffamu addaan baasuuf
Fkn: Kolleejjii Barsiisota Roobee, L.S.P, Bil.
13.1.6 Buufata Xiqqaa
Buufatni xiqqaan himoota dheerinaan, caasaa himaatiin, akkasumas yeroodhaan wal
madaalan gidduu yoo seenehimoota sana hima tokko ni taasisa. Yoo buufata xiqqaan
haqamee tuqaan bakka bu‟e garuu hima lama ni ta‟a.
Fakkeenyaaf:
a. Badhaasaan kubbaa taphata; Badhaatu kitaaba dubbisti.
b. Barsiisaan ni barsiisa; barattootni ni baratu.
c. Tokko ni baata; tokko ni nyaata.
d. Haxxeen lafa lixxe; gowwaan taa‟ee muga.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 37


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

13.1.7 Sarara Xiqqaa


Jechoota tishoo gidduu galuun jechi sun tifhoo ta‟uu isaa agarsiisa.
Fakkeenya: Mata-duree, Amala-qabeessa, Lubbu-qabeeyyii
Barreeffama keessatti jechoota birsagarratti adda kutnee bo‟oo biraarratti eegaluuf fayyada.
Fkn:Mootummaan naannoo Oromiyaa lammiisaa naannoo daangaarra jiraataniif ee-
gumsa cimaa gochuufii qaba.
13.1.8 Mallattoo Waraabbii( “ ” ykn „ ‟)
a. Haasaa nama tokkoo akkuma jirutti fudhachuudhaaf
Fkn: “ Barnootni karameellaarra mi‟oofti” jedhe Taaddasaa Birruu.
b. Waraabbii xiqqaan yaada biraa waraabbii guddaa keessa jiru agarsiisuuf fayyada.
Fkn: “ Barsiisaan keenya „hojii manaa hojjedhaa‟ nuun jedheera” jedhe Caalaan.
c. Hima keessatti jecha waa‟eesaa dubbannu waraabbii qeenxee keessa kaayuu
dandeenya.
Fkn: Namni Afaan Oromoo hin beekne jecha „dhadhaa‟ jedhu „dadaa‟ jedhee dubbisa.
d. Yaada kitaabarra jiru akkuma jirutti fudhannee fayyadamuuf
Fkn: Dhaabaa Wayyeessaa (1992:1) namaafi kitaaba yeroo waliin madaalu, “qolli kitaabaafi
mata dureen isaa bifa namaa isa alaalatti mul‟atutti yoo fakkeeffamu fuulli tokkoon tokkoon
dubbifamu immoo keessa namaa, eenyummaafi jireenya namaa yeroodhaa yerootti mul‟atutti
fakkeeffama” jedha.
13.1.9 Hammattuu
A. Hiika kallattii agarsiisuudhaaf fayyada.
Fkn: Gugee (mokoddiin) garraamiidha.
Qabeenya (leecalloo) uumamaan qabnu kunuunsuun nurraa eegama.
B. Tartiiba lakkoofsaa agarsiisuuf.
Fkn: (i) Bona (iii) Ganna
(ii) Arfaasaa (iv) Birraa
13.1.10Tuttuqaa
Wanta itti fufu tokko yookiin waan hin barreeffamiin hafe agarsiisuuf fayyada
Fkn: Dubbifamaan Afaan Oromoo b,c,d,f…

13.2 Walqabsiistota
Wal qabsiiftotni barreeffama keessatti jechaafi jecha, gaaleefi gaalee, ciroofi ciroo himaafi
hima walitti hidhuuf tajaajila kan kennanidha. Tajaajilli wal qabsiistotaa seerluga keessatti

Biiroo Barnoota Oromiyaa 38


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

seera afaanii eeguudhaaf kan takaakilanidha. Tajaajila isaanii irratti hundoofnee wal
qabsiistota akkaataa armaan gadiitiin qoqqoodnee dhiyeessuu dandeenya:
A. Wal qabsiistota ida‟ama yaadaa agarsiisan
Fakkeenya:
 Kana malees  Dabalataanis
 Fi  Akkasumas
Wal qabsiiftotni kunneeniifi kkf yaada tokkorratti waa dabaluuf kan gargaaranidha.
Fakkeenya:
i. Mukti mana ijaaruuf ni tajaatila. Kana malees, qoraan isaa fayyadamuu
dandeenya.
ii. Tolasaafi Caalaan barattoota ciccimoodha.
* kanneen biroof immoo fakkeenya mataakeetii yaali.
B. Wal qabsiistota yaada faallaa agarsiisan
Fkn: Garuu, Tahullee, Haata‟umalee, Immoo, Ta‟us
Wal qabsiistotni kunneen yaadadura ibsame yookiin dubbatame tokko faallessuudhaaf
kanneen tajaajilanidha.
Fakkeenya:
i. Karoorrike gaariidha. Garuu, galma gahiinsi isaa shakkisiisaadha.
ii. Yakka kana namni hin jiru jettee raawwatte. Tahullee waaqa sodaachuu qabda.
* Kanneen hafaniif immoo fakkeenya mataakeetii kenni
C. Wal qabsiistota filannoo yaadaa agarsiisan
Fkn: Yookiin, Moo, kanas ta‟e sana, Ta‟e
Fakkeenya:
i. Buna yookiin shaayee filadhu iii. Kanas ta‟e sana jiraachuunko hin
ii. Manamoo ala sii wayya? oolu.
iv. Isas ta‟e ishee naa waami.
D. Wal qabsiistota Bu‟aa agarsiisan
Fkn: Kanaafuu, Waan kana ta‟eef, Kanarraa kan ka‟e, Akka kanaan, Haaluma kanaa
Wal qabsiiftotni armaan olii kunneen bu‟aa gocha tokkoon wal qabatee dhufu kan
agarsiisudha.
Fakkeenya:
i. Yoo jabaatanii hojjetan malee duroomuun hin danda‟amu. Kanaafuu jabaattee
hojjechuu qabda.
ii. Waggoota darban hojiikee amanamummaan hojjetteetta. Waan kana ta‟eef
badhaasa kana siif kenninee jirra.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 39


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

E. Wal qabsiiftota sababa agarsiisan.


FKN: Waan, Sababa, Erga , Kanaaf , Malee
Fakkeenya:
i. Waan machaa‟eef boolla bu‟ee cabe.
ii. Ati dhufnaan malee duraan of jibbeen ture.
iii. Kaleessa natti hin tolle. Kanaafin dhufuu dhiise.
iv. Erga sitti tolee maaliif hafteree?
F. Wal qabsiistota yeroo ibsan
FKN: Yommuu, hoggaa, hennaa, booda
Wal qabsiistotni armaan olii baay‟inaan wal fakkaatu. Mee hima keessatti akka
armaan gadiitti haa ilaallu:
i. Yommuu ani mana jiru, lafti nagaa ture.
ii. Erga waareen darbee booda dhufuu dandeessa.
G. Wal qabsiistota haala agarsiisa.
 Utuu , osoo, yoo, otoo
Fakkeenya:
i. Utuu ani jiraadhe rakkoon kun hundi hin uumamu ture.
ii. Yoo ati dhufte nagaan bu‟uu danda‟a.

Guduunfaa
Boqonnaa kana jalatti qabxiilee gurguddoo lama ilaalle. Isaanis

 Sirna Tuqaaleen wal qabatee, Sirna tuqaalee akaakuu kudhan ta’an fakkeenya
kennuudhaan haala gaarii ta’een ilaalle.

 Walqabsiistotaan wal qabatees, wara yaada dabalataa agarsiisan , warra


aada faallaa agarsiisan, warra filannoo yaadaa agarsiisa, warra haala
Gilgaala 1
A. Gaaffilee armaan gadiitti kennaman filannoo kennaman keessaa deebii
sirrii ta‟e filachuun deebisi.
1. Hima “ kaleessa xaafii meeqaan bitte?” jedhu keessaa jechi gaaffii kami?
A. Kaleessa B. xaafii C. meeqa D. bitte
2. Barreeffama tokko akkuma jirutti barreeffamarraa galagalchuuf sirni tuqaalee itti
fayyadamnu isa kami?
A. Tuq-lamee B. gaaffii C. sarara xiqqaa D. waraabbii

Biiroo Barnoota Oromiyaa 40


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

3. Himoota lama kanneen dheerina, caasaafi yeroon wal madaalan gidduu seenee
hima tokko kan taasisu kami?
A. Waraabbii B. Buufata Xiqqaa C. raajeffannoo D. qoodduu
4. Sirna tuqaalee keessaa bara kitaabni bahe, fuulaafi boqonnaasaa kan addaan baasu kami?
A. Tuq-lamee B. qoodduu C. buufata xiqqaa D. Sarara xiqqaa
5. Dhibee koronaarraa ooltee______ sirna tuqaalee keessaa dhuma kanarratti kan galu
kami? A. tuqaa B. Raajeffannoo C. gaaffii D. qoodduuu
6. Sirna tuqaalee keessaa bakka jecha yookiin jedhuu kan bakka bu‟u isa kami?
A. “ ” B. ( ) C. , D. …
7. Kanneen armaan gadii keessaa tajaajila tuqaa kan hin taane kami?
A. Herrega keessatti gaheefi haftee adda baasa.
B. Himni tokko xumuramuusaa agarsiisa.
C. Himoota caasaa, yeroofi dheerinaan wal qixa ta‟an gidduu galuun tokko
taasisa.
D. Mata duree xiqqaafi guddaa adda baasa.
8. Hima keessatti wantoota tarreeffaman dura kan galu kami?
A. Tuq-lamee B. Sarara xiqqaa C. buufata xiqqaa D. tuttuqaa
9. Himoota armaan gadii keessaa kan sirna tuqaalee sirrii fayyadame kami?
A. “Roobert Mugaabeen konkolaataa Adii tolchanii gommaa gurraacha gochuun
tuffii gurraachotaati” jedhe.
B. Roobert Mugaabeen “konkolaataa Adii tolchanii gommaa gurraacha gochuun
tuffii gurraachotaati.” jedhe.
C. “Roobert Mugaabeen konkolaataa Adii tolchanii gommaa gurraacha gochuun
tuffii gurraachotaati jedhe”.
D. Roobert Mugaabeen konkolaataa Adii tolchanii gommaa gurraacha gochuun
tuffii gurraachotaati jedhe.
10. Himoota armaan gadii keessaa mallattoo raajeffannoo fudhachuu kan danda‟u
kami?
A. Caalaan barataa cimaadha C. Ani bade
B. Kun waan raajiidha D. hunda E. BfiC
11. Walqabsiistota armaan gadii keessaa yaada faallaa kan hin agarsiifne kami?
A. Garuu B. Haata‟u malee C. akkasumas D. Tahullee
12. Wal qabsiistuu haala agarsiisu kan ta‟e kami?
A. Otuu B. Booda C. illee D. yoo E. Afi D

Biiroo Barnoota Oromiyaa 41


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

13. Faayidaa wal qabsiistotaa kan ta‟e kami?


A. Seera afaan tokkoo eeguudhaaf gargaara.
B. Barreeffamni barreeffamu tokkummaa akka qabaatu gargaara.
C. Hiika jechootaa jijjiiruudhaaf gargaara.
D. Afi Bn deebii ta‟u.
14. Sagalee sirbaaf ta‟u qabda. ___________ qophii sirbaaf goote hin qabdu. Wal
qabsiistuun bakka duwwaa sanarra galee himicha guutuu taasisu kami?
A. Garuu B. Haata‟u malee C. Ta‟ullee D. Hunduu deebiidha.

Kabajamaa/kabajamtuu barataa/barattuu wal qabsiistotni isaan armaan


olitti ilaalle qofa jechuun hin danda’amu. Isaan armaan olitti hin
eeramne sakatta’uudhaan ilaali.
Gilgaala2
Wal qabsiistota armaan gaditti tarreeffaman kana keessaa baasuun bakka
duwwaa kenname irratti guuti. Jechi tokko kan iddoo lamatti tajaajilu ni jira
kanaafuu illee moo Jalqaba
waan tahullee Sana booda
Garuu malee Kanneen keessaa
1. Ciminaan_____________ hojjetuuf, qarshii gaarii argata.
2. Rakkattuu taatu_____________ inuma baratti.
3. barsiisaa_____________ barattootni hin dhufne.
4. Daraartuun dandeettii fiigichoo ni qabdi._____________ fiigichoo yeroo darbee
moo‟atte.
5. Lalisee _____________ Boontuu jaallatta?
6. Ganni seeneera; _____________ dhadhaan hin rakasne.
7. Kopheen kun mi‟aadha. _____________ baayyee bareeda.
8. Barattootni kutaa 11ffaa ciccimoodha. _____________ Siifan, Boonsaafi
Qananiin warra jalqabaati.
9. _____________ yeroo mana barumsaa seenu hin beeku ture. Amma __________
sirriitti beeka.
10. Yeroo jalqaba biyya alaa deemu Keeniyaa deeme, _____________ Amerilaafi
Awurooppaa deeme.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 42


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

BOQONNAA 14:Balaa Beelaa Biyyoota Addunyaa 3ffaa Keessatti

Kaayyoo: Dhuma Boqonnaa kanaatti:

 Gochibsaafi akaakuu isaa adda baastee ibsita

 Amaloota keeyyataa adda baasuun keeyyata barreessita

14.1 Akaakuu Gochibsaa

Afaan Oromoo keessatti gochibsi akaakuuwwa afur qaba. Isaanis:

14.1.1 Gochibsa Yeroo

Akaakuun gochimaa kun yeroo gochi tokko itti raawwatame kan ibsudha.

Fakkeenya:
Bantiin ganama ka‟ee saawwan tiksa.
Fakkeenya armaan olii kana keessatti gochibsi ganama ganama jedhu kun gochima
tiksa jedhu ibsa jechuudha.
14.1.2 Gochima Akkaataa(haalaa)
Gochimni haalaa, akkaataa gochi tokko itti raawwatame yookiin raawwatamaa jiru
kan agarsiisudha.
Fakkeenya:
1. Maraatichi lallabaa karaa kana darbe.
2. Caalaan fiigaa dhufe.

Gochibsoonni fakkeenyota armaan olii keessatti jala sararaman akkaataa gochi itti
raawwate sana kan ibsanidha.
14.1.3 Gochibsa Iddoo
Bakka gochi tokko itti raawwatame kan ibsudha. Fakkeenya:
1) Dhaabaan mana barumsaa deeme.
2) Waltajjiin hayyootaa Galma Abbaa Gadaatti taa‟ame.
Kanneen jala sararaman bakka gochi itti raawwatame kanneen ibsanidha.
14.1.4 Gochibsa Irra deddeebii
Gochi tokko yeroo akkam akkamiin akka irra deddeebi‟u agarsiisa. Fakkeenya:
A. Mucichi amma amma bishaan dheebota.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 43


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

14.2 Amaloota Keeyyataa


Keeyyatni amaloota hedduu qaba. Keeyyata armaan gadii erga dubbistee booda isa
kana fakkeenya godhachuudhaan amaloota keeyyataa ilaalla.

Bishaan tajaajila hedduuf oola. Tokkoffaa, dhuganii dheebuu bahuudhaafi lubbuu namaa eeguuf
fayyada. Gama biraatiin, immoo qaama keenyaafi huccuu keenya ittiin miiccachuudhaan
qulqulloofnee nama keessa deemuudhaaf nu gargaara. Dabalataanis, biqiltoota obaasuudhaan
kunuunsinee guddisnee akka isaan gaaddisa ta’an gochuuf gaheen bishaanii olaanaadha.
Akkasumas bishaan aduudhaan hurkee duumessa ta’uun rooba akka argannu godha.
Walumaagalatti, bishaan bishaan faayidaa hammana hin jedhamne qaba.

1. Tokkummaa
-Mata-duree, hima ijoo, himoota gargaartuufi hima goolabaa armaan olii yoo hubattee
ilaalte dhimma tokko irratti xiyyeeffatu. Kun tokkummaa yaadaa jedhama. Kanaafuu,
keeyyanni armaan olii waa‟ee Faayidaa bishaanii qofa irratti xiyyeeffata.
2. Walta‟iinsa
Yemmuu yaanni haala tartiiba qabuun kaa‟amuufi yaadni himootaa haala walqabateen
dhiyaate walta‟iimsa jedhama. Yeroo hedduu, walta‟iinsi walqabsiistoota
fayyadamuun dhufuu danda‟a. Fakkeenya armaan ol dhiyaate keessatti,
walqabsiistoonni adda addaa walta‟insa uumuuf faayidaa irra oolaniiru:
 Tokkoffaa  Akkasumas
 Gama biraatiin  Walumaagalatti
 Dabalataanis
3. Guutummaa
Guutummaa jechuun yaadni tokko keeyyata keessatti ka‟e haala quubsaan yoo
ibsameedha. Bareessitoonni tokko tokko yaada keeyyata keessatti kaasan osoo haala
quubsaan hinibsiin irra darbu. Kun akka namni keeyyaticha dubbisu yaada guutuu
hinarganne godha. Guutummaan amaloota keeyyataa keessaa isa murteessaadha.
Keeyyata olitti dhiyaate yoo ilaalte barreessichi waa‟ee Faayidaa bishaanii
fakkeenyaa adda addaa dhiyeessuun haala quubsaan ibsuu yaaleera. Kaanaafuu,
keeyyatichi guutummaa qaba jechuu dandeenya.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 44


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

4. Kaayyoo
Keeyyatni tokko kan barreeffamu kayyoo tokko qofaa galmaan ga‟uuf. Fakkeenyaaf,
ibsa kennuuf, addeessuuf, seennesuuf, ykn amansiisuuf. Yoo kaayyoowwan kun
keeyyata tokko keessatti walmakanii keeyyatichi xiyyeeffanna dhabe, keeyyatichi
rokkoo qaba jechuudha. Fakkeenaaf, keeyyatni „Faayidaa bishaanii ‟ jedhu
amansiisuuf yaala.
5. Amaloota dabalataa
Keeyyatni dheerina isaatiin murtaa‟uu qaba. Kana jechuun garmalee guddachuu ykn
xiqqaachuu hinqabu. Yeroo hedduu jechoota hanga 100 yookiin 200 of keessaa
qabaachuu danda‟a. Fakkeenyaaf keeyyatni armaan olii jechoota 62 of keessaa qaba.
Amalli keeyyataa kan biraa uunka jedhama. Kana jechuun jechi jalqaba keeyyatarra
jiru mirga waraqaa keeyyatichi itti barreeffamu irraa hanga ta‟ee keessa galee
jalqabuu qaba yoo kana hin taane immoo bo‟oo haaraarratti xiqqoo gadi siiqee
jalqabuu qaba. Kun yaada haaraa agarsiisa.

Guduunfaa
Boqonnaa kana jalatti dhimmoota gurguddoo lama ilaallee jirra.:

 Jalqabarratti waa‟ee gochibsaafi akaakuu isaa yommuu ta‟u


gochibsootni akaakuu afur qabaachuu isaanii ilaallee jirra. Isaanis
gochibsa yeroo, akkaataa, bakkaafi irra deddeebiidha.

 Itti aansuun immoo waa‟ee amaloota keeyyataa yoo ta‟u,


tokkummaa, walta‟iinsa, guutummaa, kaayyoo, safaraafi uunkaan
fa‟a amala keeyyataa ta‟uusaanii ilaalameera.

Gilgaala 1
1. Toleeraan fiigichaan mana barumsaa gahe. Hima kana keessatti gochibsi haala
(akkaataa) agarsiisu kami?
A. Fiigichaa. B. mana barumsaa C. Toleeraan D. gahe
2. Akaakuu gochimaa keessaa gaaffee „eessa?‟ jedhuuf kan deebii kennu kami?
A. Gochibsa akkaataa C. Gochibsa irra deddeebii
B. Gochibsa bakkaa D. Gochibsa yeroo

Biiroo Barnoota Oromiyaa 45


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

3. Keeyyata tokko keessatti himni ijoo, himootni gargaartuufi himni goolabaa


dhimma tokkorratti yoo xiyyeeffatan keeyyatichi amaloota keeyyataa keessaa maal
qaba jenna?
A. Tokkummaa B. guutummaa C. kaayyoo D. safara
4. Keeyyanni tokko guutummaa qaba jechuuf ulaagaa maalii guutuu qaba.
A. Jechoota hanga 100 yookiin 200 qabaachuu qaba.
B. Yaada ibsuu barbaade haala quubsaa ta‟een ibsuu qaba.
C. Sarara haaraarratti jalqabuu yookiin keessa seenee jalqabuu qaba.
D. Yaanni haala tarbiiba qabuun deemuu qaba.
5. Amaloota keeyyataa keessaa kan hafuu danda‟u kami?
A. Tokkummaa B. Walta‟iinsa C. Guutummaa D. Deebii hin qabu
6. Gochibsi akkaataa gaaffii ________ jedhu deebisa.
A. Yoom? B. akkamitti? C. Maaliif? D. eessatti?

Biiroo Barnoota Oromiyaa 46


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

BOQONNAA 15:Faaya Mormaa

Kaayyoo: Dhuma boqonnaa kanaatti:

 Maalummaa asoosamaa ni ibsita

 tokkummaafi garaagarummaa asoosamaafi alasoosamaa ibsita.

 caacullee asoosamaa xiinxalta.

15.1 Asoosama
Asoosamni hojii kalaqa ilma namaa kan bu‟aa ba‟ii jiruufi jireenya ilma namaa
agarsiisudha. Dabalataanis, asoosamni gosa ogbarruu ta‟ee muuxannoo hawaasa
tokkoo, rakkoofi falaasama hawaasaa kan calaqqisiisudha.
Asoosamni tokko yeroo barreeffamu kan inni ka‟umsa godhatu muuxannoo
hawaasichaati. Haala hawaasa sana keessa jiru bu‟uura godhachuudhaan barreessaan
seenaa ijaaruun barreessa. Asoosamni seenaa nama tokkoo dhalootaa hanga du‟aatti
jiru bakka bu‟uu danda‟a

15.1.1 Caacculee Asoosamaa


Asoosamni caacculee jaha qaba. Isaanis: Namfakii, jaargocha, yoomessa, diddaa,
ijaafi ergaadha. Mee isaan kana tokko tokkoon gabaabsinee haa ilaallu.
A. Namfakkii
Namfakkiin namoota asoosama keessatti nama fakkaatanii seenaa hojjetanidha.
Namfakkiin namoota addunyaa asoosamaa keessatti seenaa hojjetan, kan nuti maqaa
isaanii malee ijaan isaanii arguu hin dandeenyedha. Akkuma namoota addunyaa
qabatamaa kanarra namoota jiranii namfakkiiwwanis maqaa, jireenya, biyya,
gaddaafi gammachuu, qananiifi gadadoo, soorumniifi hiyyumni, walumaagalatti
bu‟aan bahii jireenyaa namoota irratti wal furudha.
Fakkeenya: Asoosama „Faaya Mormaa I fi Faaya Mormaa II ‟ jiedhu kan kitaaba
barataa fuula 188-191 keessatti namootni maqaan isaanii Aadde Gameettii, Aadde
Giiftoofi Abbaa warraa Aadde Gameettii fa‟a namfakkiiwwan asoosamichaati.
B. Jaargocha
Jaargochi caasaa sababaafi bu‟aadhaan ijaaramedha. Kana malees, asoosamni lafee
dugdaa asoosamaati jedhamee waamama. Sababni kana jedhameef bu‟aa ba‟iin
Biiroo Barnoota Oromiyaa 47
Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

seenaa asoosama tokko keessatti jalqabaa hanga dhumaatti mul‟atu jaargochaan kan
ijaaramedha. Ta‟iin tokko ta‟ii biraa uumaa, sababni tokko sababa biraa uumaa ,
sababaafi rakkoo achi keessatti uumameef namfakkiiwwan bu‟aa ba‟ii hedduu keessa
akka darban kan taasisu jaargochadha.
Jaargochi caasaalee gurguddoo shan qaba. Isaanis, saaxila, taatee si‟eessituu,
guutmira, taatee qabbaneessituufi fala(xumura) kanneen jedhamanidha. Mee akkaataa
jaargochi itti ijaaramu haa ilaallu:
Caasaalee jaargochaa fakkiidhaan
( Guutmirafiixee)

Finiina

Taatee qabbaneessituu (sigiggoo)


Taatee si‟eessituu
(Tuqata)
Xumura(fala)
Saaxila
Caasaa armaan olii kanarraa akkuma ilaallutti Asoosama tokko keessatti jalqaba
iddoon nuti itti seenaa sana dubbisuu eegalluufi namfakkiiwwaniifi amala isaanii
waliin wal wal barru saaxila (ka‟umsa) jedhama. Itti aansuudhaan iddoon itti
asoosamichi namfakkiiwwan wantoota adda addaa irratti walitti dhufuu eegalaniifi
waan tokko irratti waldiddaafi walitti bu‟iinsi xixiqqaan jalqabu taatee
si‟eessituu(tuqata) jedhama. Walitti bu‟iinsi namfakkiiwwanii dabalaa deemuudhaan
yeoo namfakkiiwwan wal ajjeesuuf wal eeggatan, jechoota adda addaa baasanii wal
abaaran, yeroo isaan walitti dhaadatanimmoo Finiina jedhama. Finiinni kun
hammaachaa deemee dhohuudhaan namfakkiiwwan qaamaan walitti dhufanii harkaan,
uleen, qawweefi meeshaalee adda addaan walloolanii hanga wal ajjeesuutti yoo gahan
immoo fiixee(guutmira irra gahe jedhama.Iddoon kun iddoo tokko olaantummaa itti
argatudha.
Qaamni tokko olaantummaa yookiin dhugaa argatee, hundumtuu miidhama irra
gaheefi miidhama geessise irraanfachaa deema. Seenichis gara xumuraatti sigigaataa
deema. Iddoon kunimmoo sigiggoo (taatee qabbaneessituu) jedhama. Iddoon kun
iddoo itti araarri bu‟uufi murtiin kennamuuf deemudha. Namoota wal lolan gidduu
seenuun qaamotni adda addaa nagaa buusuuf deemu. Dhumarratti, qaamni tokko

Biiroo Barnoota Oromiyaa 48


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

guutummaa guutuutti waan barbaadu yoo argate yookiin yookiin immoo seenaan
amma booda itti fufus yoo hin jiraanne seenichi falaxumura) argate jedhama.
Asoosama Faaya Mormaa II irratti aadde Gameettiifi abbaan manaashee liqaa
isaanii kaffalatanii fixanii dhumarratti waan hundumaa Aadde Giiftootti himanii
dhoksaa keessa saaniifi idaa saanii obbaafachuun fala(xumura)dha.
C. Yoomessa
Yoomessi jechoota yoomii fi eessa jedhamanirraa kan dhufe yoo ta‟u, yeroo seenaan
sun itti hojjetame ( bara, guyyaa, haala qilleensaa, haala nageenyaa, haala baraa,
halkaniifi guyyaa, bara beelaafi bara quufaa) kan of keessatti qabatudha. Eessa kan
jedhu immoo bakkaan wal qabata.
D. Waldiddaa
Akkuma namootni addunyaa kanaa wantoota adda addaa irratti walitti bu‟an
namfakkiiwwanis wantoota adda addaa waliin walitti bu‟u. Wal diddaan kun
akaakuuwwan armaan gadii qabaachuu danda‟u:
I. Waldiddaa Namfakkiifi namfakkii gidduu
II. Waldiddaa namfakkiifi ofiisaa waliin taasisu
III. Waldiddaa namfakkiifi uumama biroo waliin taasisu
IV. Waldiddaa namfakkiin uumaa (waaqa waliin taasisu jedhamanii iddo afran
kanatti qoodamuu danda‟u.
Waldiddaan inni jalqabaa kan namfakkiin namfakkii akkasaa waliin bu‟aafi wantoota
adda addaa irratti wal dhabudha. Inni lammaffaan immoo kan namfakkiin ofumaa
yaadasaa keessatti waa murteessuu dadhabee ofumaan of loludha. Inni sadaffaan
immoo kan namfakkiin uumama biroo kan akka bineensaa, mukaa, lafaa, fi kkf waliin
walitti bu‟udha. Fakkeenyaaf namfakkiin tokko osoo karaa deemuu gufuun dhahee
yoo isa kuffiise uumamatu isa lole jechuudha. Inni dhumaa immoo namfakkiin tokko
rakkoon humnaa olii isa mudatee keessaa bahuu dadhabee yeroo waaqa komatudha.
Fakkeenyaaf “ yaa waaq maalan si godhe?, maaliif na gidirsita?, kana hunda natti
taphachuukeerra maaliif nan ajjeestu?” jedhee yoo waaqatti haasa‟e waaqa
komannaan waaqaan wal dide jechuudha.
E. Ija (Kallattii seeneffamaa)
Iji seeneffamaa nama dubbisaan seenaa irraa dhagahudha. Kunis ija nama 1ffaa, ija
nama 2ffaafi ija nama 3ffaa yoo ta‟an iji nama 2ffaa asoosama afaan Oromoo
keessatti hin fayyadu. Sababni isaas, iji bamaqaaleedhaan wal qabata. Bamaqaan
ramaddii 1ffaa ija nama 1ffaa, bamaqaan ramaddii 2ffaa ija nama 2ffaafi bamaqaan

Biiroo Barnoota Oromiyaa 49


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

ramaddii 3ffaa ija nama 3ffaa ta‟u. Kanumaan wal qabatee, bamaqaan ramaddii 2ffaa
(ana fi nuyi) kan jedhu yoo ta‟an dubbisaan yeroo dubbisu waan seenaa dubbisu osoo
hin ta‟iin waan seenaa namatti himu isa fakkeessa. Kanaaf hin mijatu.

F. Ergaa
Ergaan yaada walii galaa asoosama tokkooti. Barreessaan asoosama tokkoo bu‟aa
bahii hedduu kana keessa namfakkiiwwan dabarsuun yookiin hojjechiisuun kan inni
itti dadhabuuf inni guddaan ergaa dabarfachuufi. Ergaa asoosama tokkoo
argachuudhaaf yoomessa, waldiddaa, haasaa namfakkiiwwaniifi kkf xiixaluun
barbaachisaadha.

15.1.2 Akaakuuwwan Asoosamaa


Asoosamni asoosama dheeraafi gabaabaa jedhamuudhaan bakka lamatti qoodamuu
danda‟a. Asoosamni gabaafi dheeraan lamaan isaaniiyyuu muuxannoo hawaasaafi
jiruuf jireenya ilma namaa bu‟uureffachuufi caacculee asoosamaatti fayyadamuun
isaanii wal isaan fakkeessa. Kana malees, lamaanuu damee ogbarruuti.

Haata‟umalee, garaagarummaan isaanii bal‟ina isaaniiti. Asoosamni dheeraan


dubbisanii xumuruudhaaf yeroo dheeraa kan namatti fudhatu yoo ta‟u asoosama
gabaabaa garuu turtii daqiiqaawwan yookiin sa‟aatiiwwan muraasa keessatti
dubbisanii xumuruun ni danda‟ama. Kanamalees, asoosamni dheeraan caasaalee
jaargochaa jahan armaan olitti ilaalle hunda walfaana qabaachuu dhiisuu danda‟a.
Keessumaa tuqataafi sigiggoo qabaachuu dhiisuu danda.a. Akkasumas, asoosamni
gabaabaan qabiyyeen isaa tatarkaanfataadha yookiin ariifataadha. Ergaa walxaxaas
hin qabu. Asoosamni dheeraan garuu caacculee hunda guuttatee erga walxaxaa ta‟e
kan dabarsudha.

15.2 Garaagarummaa Asoosamaafi Alasoosamaa

Asoosamniifi alasoosamni garaagarummaa guddaa qabu. Asoosamni hojii kalaqa ilma


namaa kan barreessaan ofiisaa addunyaa mataasaa uumee taatota keessatti uummatee
akka barbaadetti egaasaa kan dabarfatudha. Asoosamni dhugaa fakkaata garuu kalaqa
namaati. Walumaa galatti asoosamni dhugaa bu‟uura godhata malee dhugaa miti.
Namoota maqaan isaaii kitaabilee asoosamaa keessa jiran dhugumaan addunyaa
kanarratti argachuu hin dandeenyu. Alasoosamni garuu kalaqa osoo hin taane waan

Biiroo Barnoota Oromiyaa 50


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

saayinsii yookiin qabatamumaan lafa jirudha. Fakkeenyaafa, kitaabileen barnootaa,


seenaa, keeyyatni biyyi ittiin bulu, qajeelfamoonni, kitaabileen saayinsii alasoosadha.
Namoota alasoosama keessatti maqaa dhahaman dhugumaan lafa kanarratti argachuu
dandeenya. Yookiin immoo lafa kanarra turaniiru.

15. 3 Jechoota waliin Deeman


Beekumsi namni tokko jechoota ilaachisee qabu karaa adda addaattiin xiinxalamuu
danda‟a. Hiika jechootaa, akka jarri ittiin sagaleessamanu, qubeeffamanu, hiika
keesatti faayidaa irra oolanuuf dhimmoota kaan kaasuu dandeenya. Jecha jecha biraa
waliin deemu hubachuunis qamaa beekumsa namni tokko jechoota ilaalchisee qabu
keessatti ramadama.
Fakkeenyaaf, „bunni ni dhaabama‟ jechuu dandeenya. Haata‟u malee, „bunni ni
hojjetama‟ jechuun fudhatama hinqabu. Kanaafuu, jechoonni „bunni‟fi „dhaabuun‟
waliin deemu. „Bunaafi hojjechuun‟ waliin hindeeman.
Mee fakkeenyota armaan gadiis haa ilaallu:
A. Buddeena nyaachuu……….. ni jedhama
B. Buddeena gurguruu……….. ni jedhama
C. Buddeena tolchuu …………ni jedhama
D. Buddeena waraabuu……….hin jedhamu
E. Buddeena danfisuu……….hin jedhamu
F. Buddeena dhuguu……….hin jedhamu
Fakkeenya armaan olii irraa akka hubannutti Nyaachuu, gurguruufi tolchuu jechoonni
jedhan jedha biddeena jedhu waliin kan deeman yoo ta‟an, kanneen waraabuu,
danfisuufi dhuguu jedhan immoo waliin hin deeman. Kanaafuu, jechootuma Afaan
Oromoo ta‟anii kan waliin deemuu danda‟aniifi hin dandeenye ni jiru jechuudha.
Dabalataanis mee jechoota jecha bifa jedhan waliin deeman haa ilaallu:
1. Bifa tole 4. Bifa baase
2. Bifa bade 5. Bifa jijjiirrate fi kanneen biriis jiraachuu danda‟u.
3. Bifa qaba
Shaakala
Jechoota armaan gadii waliin deemuu kan danda‟an yoo xiqqaate lama lama
barreessi
Garaa , mataa, Harka , Uffata , Ija

Biiroo Barnoota Oromiyaa 51


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

15.4 Qoosaa/Baacoo
Kun gosoota afoolaa ta‟anii haala nama bashannansiisanuufi barsiisanuun yaada adda
addaa dabarsuuf gargaaru.Qoosaa/baacoo ergaa barbaadamu tokko karaa nama hin
mufachiifneen kofalchiisaa ergaa kan dabarsanidha.
Fakkeenya:
Kunoo ana miti!
Gaaftokko namicha hiyyeessa tokkotu sangaa tokkittii qabu tokko gabaa baasee
gurgurate. Namichi hiyyeessi kun duraanuu dhabatu isa dhorke malee dhugaatii kana
ni kajeela jedhama. Kanumaan har‟ammoo qarshii sangaa gurgurate sana keessaa
baasee hanga quufuutti dhugaatii dhugaa oole. Dhuguurra darbees baay‟ee machaa‟ee
waan tureef osoo galuu of dadhabee karumarra rafe. Kana booda isaa of wallaalee
rafaa jiru hattootni itti dhufani. Waamnaanis sosochoofnaanis of hin beeku. Kana
booda qarshiisaa hunda irraa fudhatanii mataasaa irraa haadaniideeman. Kana booda
ganama aakuma of bareen qarshiisaa ilaallaan hin jiru. Nahee iyyuudhaaf mataa
qabannaan mataa isaa haadamaadha. Yommuu kana kunoo ana miti jedhee deebi‟ee
rafe jedhama.

Kabajamaa barataa/ttuu! Baacoo kanarraa maal hubatte? namoonni akka


namicha kanaa naannoo ati jiraattutti si mudatanii beekuu?

Guduunfaa
 Asoosamni hojii kalaqa ilma namaa kan muuxannoo hawaasaa
bu‟uura godhachuun barreeffamudha.Asoosamni caacculee
garagaraa jaha qaba. Achi keessaa lafee dugdaa asoosamaa
jedhamuun kan beekamu jaargochadha. Asoosamni kalaqa yoo ta‟u
alasoosamni waan qabatamaa kanneen akka kitaabilee saayinsii fa‟I.

 Qoosaa/baacoon bashannansiisaa osoo nama hin mufachiisiin ergaa


kan ittiin dabarfatanidha.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 52


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Gilgaala1
1. Waa‟ee asoosamaa kamtu sirriidha?
A. Gosa ogbarruu keessaa isa tokkodha.
B. Muuxannoo hawaasaa bu‟uura godhachuudhaan barreeffama.
C. Jiruufi jireenya nama tokkoo dhalootaa hanga du‟aatti agarsiisuu danda‟a.
D. Hunduu deebii sirriidha.
2. Caacculee asoosamaa keessaa lafee dugdaa asoosamaati jedhamee kan beekamu
kami?
A. Namfakkii B. Jaargocha C. waldiddaa D. Yoomessa
3. Kanneen armaan gadii keessaa yoomessa keessatti hammatamuu kan danda‟u
kami?
A. Yeroo gochi itti raawwate. C. Haala hawaasni keessa jiru
B. Bara gochi itti raawwate D. Hunduu deebiidha.

4. …Nimoonaan daa’ima waggaa Afuriiti. Isaa daabboo baatee daandii cinaa


ciffachaa deemu sareen abaaramaan tokko itti dhufuun daabboo irraa butatee erga
nyaateen booda osoo inni aariidhaan daandii cinaa taa’ee boo’aa jiruu sarichi
ammas ishee hafte harkasaarraa arraabbachuuf yeroo inni itti siiqee arraabuu
eegalu Nimoonaan aariidhaan utaalee gurra sarichaa qabachuudhaan ciniinnaa
keessaa fuudhe. Sarichis akka waan kolaasanii iyyaa magaalaa qaxxaamure. Yeroo
kana nimoonaan ija imimmaa’eefi funyaan furraa’e waliin gammachuurraa kolfa
keessaa fuudhe.
Barreeffama kana akka asoosamaatti yoo fudhatte gosti wal diddaa asoosamicha
keessatti argamu gosa kami?
A. Wal diddaa namfakkiifi namfakkii
B. Waldiddaa namfakkiifi uumamaa
C. Waldiddaa namfakkiifi namfakkii
D. Waldiddaa namfakkiifi uumaa
5. Yaada walii gala asoosama tokkoo kan of keessaa qabu maali?
A. Ija B. nafakkii C. waldiddaa D. Egaa
6. Afaan Oromoo keessatti iji(kallattiin seenaeffamaa) asoosamni ittiin hin
barreeffamne kami?
A. Ija nama 1ffaa B. Ija nama 2ffaa C. Ija nama 3ffaa D. hunda

Biiroo Barnoota Oromiyaa 53


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

7. Namoomsaan namoota sababa koronaan rakkataniif gargaarsa_______________.


Jecha gargaarsa jedhu waliin deemuun hima kana kan goolabu kami?
A. Bite B. kenne C. godhe D. BfiC
8. Jechoota armaan gadii keessaa jecha „faara‟ jedhu waliin kan hin deemne kami?
A. Bade B. toleessa C. nyaate D. tole
9. Faayidaa qoosaa kan hin taane kami?
A. Ittiin nama aarii irraa qaban arrabsuu
B. Bashannansiisaa ergaa dabarsuu
C. Namoota mukaa‟uu jalaa baraaruudhaaf
D. Karaa namni hin mufanneen/aarreen barsiisuu
10. Asoosama gabaabaafi dheeraa maaltu wal fakkeessa?
A. Muuxannoo hawaasaa calaqqisiisuu
B. Namfakkiileetti gargaaramuu
C. Dheerina wal qixa qabaachuu
D. C malee hunduu deebiidha.
11. Waa‟ee asoosamaafi alasoosamaa ilaalchisee kamtu dhugaadha?
A. Kitaabileen saayinsii alasoosama jalattin ramadamu.
B. Kitaabileen ogbarruu kanneen akka walaloo asoosamadha.
C. Qajeelfamoonniifi barreefamoonni seenaa alasoosamadha.
D. Hunduu dhugaadha.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 54


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

BOQONNAA 16: Xalayaa Barreessuu

Kaayyoo: Dhuma Boqonnaa kanaatti:

 Maalummaafi faayidaa xalayaa adda baafatta.

 Gosaafi kutaalee xalayaa adda baaftee ibsita.

 Xalayaa hiriyaakeef barreessuu ni shaakalta

Xalayaan kan namoonni yaada, fedhii, hawwii, gadda, gammachuufi kkf


barreeffamaan kan isaan ittiin waliif dabarsaniifi walquunnamanidha.

16.1 Kutaawwan xalayaa


A. Teessoo: Teessoon xalayootaa kan barreeffamu jidduutti hiquun yoo ta‟u, maqaa
namicha ergamuufi, aanagoo, maqaa waajjiraa/dhaabbatichaa/ yoo namicha
barreessituuf hin beekne iddoo duwwaa yookiin aangoo isaan qabaniin barreessuu.
Fkn. Itti gaafatamaa human namaa .
B. Nagaa Gaaffii
Kutaan kun iddoo itti kabajamaa Obbo Ebelu Jenne eegaluudha.
C. Keeyyata seensa
Kutaa kana jalatti waan xalayaa barreessinuuf iddoo itti ibsinuudha yookiin dhimma
barreessinuuf iddoo itti kaasnuudha.
D. Qaama xalayaa
Kutaan kun seensa xalayaarratti hundaa‟uun kan bal‟achaa dhufuudha.
E. Xumuraa xalayaa
Iddoo kanatti waan jechuu barbaaddu hunda iddoo itti jettee xumurtuudha
Hiriyaa koo/too
Jaalallee koo/too
Obboleessaa kee/Obboleettii tee

16. 2 Gosoota Xalayaa


Xalayaan gosoota gurguddoo lama qaba. Isaanis
1. Xalayaa dhuunfaa
2. Xalayaa hojii

Biiroo Barnoota Oromiyaa 55


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

16.2.1 Xalayaa Dhuunfaa


Xalayaan dhuunfaa kan firri firaaf, maatiin maatiif, hiriyaan hiriyaaf, jaalalleen
jaalallee barreessaniifi kkfdha. xalayaan dhuunfaa, fira nagaa gaafachuuf, affeerraa
walii gochuuf, gaddaafi gammachuu ibsuuf barreeffamuu danda‟a. Walitti dhufeenyi
namoota xalayaa akkasii walii barreessanu waan beekumsa yookiin firummaa irratti
hundaa‟eef jechoota al-idilee fayyadamuu danda‟u.
Bifa Xalayaa Dhuunfaa
1._____________________
_____________________
_____________________

2._____________________
_____________________
_____________________

____________________________________________________________________
_____________________________________________________________________
________________________________________________________________

3.___________________________________________________________________
_____________________________________________________________________
_____________________________________________________________________
_____________________________________________________________________
_____________________________________________________________________

4._____________________
_____________________
_____________________
_____________________
Ibsa
1. Teessoo nama erguu
2. Teessoo nama ergamuufii
3. Qaama xalayaa
a. Seensa
b. Qaama
c. Xumura
4. Cufaa

Biiroo Barnoota Oromiyaa 56


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Fakkeenya xalayaa Dhuunfaa


Ebla 3/2012
Barataa Taliilaa Guutamaa
M/B Bultii Addaa WMO
L. S.P_______________
Adaamaa
Barataa Barasaa Gammachuu
M/B Sad.2ffaa Aliiboo
M. SP : 109
Aliiboo

Jaallatamaa hiriyaakoo Barasaa akkam jirta? Barnootni akkami? Ani yaadakeerraa


kan hafe nagaakooti. Barnootakoos haala gaariin hordofaan jira. Asitti waan
hundumtuu guutuudha. Haalli barsiisotaafi mana kitaabaa keenyaa kan nama
gammachiisu waan ta‟eef itti gammadeera.

Guyyaa har‟aa kana xalayaa kana siif barreessuuf kan na kakaase barnootakeetti akka
jabaattu ergaakoo siif dhaamuu barbaadeeni. Hiriyaakoo! Ati barnootakeetti
milkaa‟uudhaaf amma durallee tattaafachaa akka ati jirtu xalayaakeerraa dubbiseen
jira. Anis kanuma ammallee cimtee akka itti fuftu si yaadachiisuufi. Kanarrattimmoo
bara kana qormaata kutaa 12ffaaf qophaa‟aa waan jirtuuf qabxii gaarii fiddee
Yuuniversiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Adaamaa yoo seente anis Adaamaa waanan
jiruuf hiriyummaan keenya asittis akka cimu abdii guddaan qaba.

Egaa kana caalaa dubbii sitti baay‟isuu hin barbaadu. Xalayaa biraan deebinee hanga
wal agarruutti nagaan naaf turi.

Hiriyaakee
Barataa Taliilaa Guutamaa

Egaa xalayaa armaan olii irraa akkaataa xalayaan dhuunfaa itti barreeffamu hubannoo
argatteetta jennee amanna. Atis xalayaa mataakeetii hiriyaa jaallattu yookiin fira
jaallattuuf barreesuun shaakali
Itti fayyadama Poostaa
Xalayaan erga barreeffamee booda poostaa keessa taa‟uudhaan qaama barbaadameef
ergama. Akkaataa itti ergamu immoo poostaa armaan gadii irratti kaa‟uudhaa
agarsiifamee jira.

Taliilaa Guutamaa Tampeerii


L.S.P_________
Adaamaa

Barasaa GammachuuNama
L.S.P 109
Aliiboo
Teessoo keenya dugda poostaa qofarratti barreessuu yoo barbaanne.
Biiroo Barnoota Oromiyaa 57
Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Teessoo keenya yoo duraafi duuba poostaa irratti barreessuu barbaanne akka armaan
gadiitti keenya.

Taliilaa Guutamaa Tampeerii

L.S.O________

Adaamaa

Barasaa Gammachuu

L.S.P 109

Aliiboo

16.2.2 Xalayaa Hojii


Xalayaan Hojii xalayaa dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa, waajjirri tokko
nama dhuunfaaf yookiin namni tokko waajjiraaf dhimma hojiilee adda addaa
ilaalchisuun waliif barreessanidha. yemmuu xalayaan hojii barreeffamu of eeggannoo
guddaan godhamuu qaba. Walqunnamtiin namootaafi dhaabilee adda addaa waliin uumuuf
barbaadnu cimina xalayaa keenya irratti hundaa‟a. Kanaafuu, haalli nu jechoota ittiin
fayyadamnuufi himoota ittiin qindeessinu haalaan yaadamuu qabu.
Bifa Xalayaan Hojii itti barreeffamu akka armaan gadiiti:
1._____________________
_____________________

2._____________________
_____________________
_____________________

1. ___________________________________________________________________
_____________________________________________________________________
_____________________________________________________________________
________________________________________________________________

2. _____________________
5. _____________________

Biiroo Barnoota Oromiyaa 58


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Fakkeenya Xalayaa Hojii


Lakk: WBABDH/04/12
Guyyaa: 05/01/2012
Waajjira Barnootaa Godina Harargee Lixaatiif
L. S.P________________________________
Ciroo
Dhimmi: Qacarrii Barsiisotaa Gaafachuu ta‟a
Bara barnootaa 2012 jecha barsiisota 50 qaxartanii nuuf erguun keessan ni yaadatama.
Haata‟uma malee ammallee hanqina barsiisota Afaan Oromoofi Afaan Ingiliffaa
baay‟ee waan qabnuuf dabalataan barsiisota hanqina irratti qabnu kana qaxartanii
akka nuuf ergitan kabajaan isin gaafanna.
Nagaa wajjin
Nugusee Dhaabasaa Ergee
Itti Gaafatamaa

Chaappaa

Kabajamaa barataa/barattuu Fakkeenya dabalataaf kitaaba barataa


fuula 200-209tti kan jiru ilaali

Guduunfaa

 Xalayaan kan nammi yookiin dhaabbanni adda addaa dhimma tokko irratti
barreeffamaan wal quunnamanidha.

 Xalayaan kan dhuunfaafi kan hojii jedhamee bakka lamatti kan qoodamu yoo
ta‟u, tokkummaafi garaagarummaa mataa isaanii qabu. Haalli itti fayyadama
poostaa garuu xalayaa lamaanirrattuu irra jireessa wal fakkaata

 Haata‟u malee keessoo xalayaatti xalayaan hojiifi xalayaan dhuunfaa


garaagarummaa muraasa qabu. Kunis, xalayaan hojii lakkoofsa bahii, chaappaa,
maqaafi mallattoo itti gaafatamaa yoo qabaatu xalayaan dhuunfaa kana hin qabu.

Biiroo Barnoota Oromiyaa 59


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Gilgaala 1
Gaaffilee armaan gadii haala gaafatamteen deebisi.
1. Kanneen armaan gadii keessaa qaama keessoo xalayaa kan hin taane kami?
A. Teessoo nama erguu
B. Teessoo nama ergamuufii
C. Tampeerii
D. Deebii hin qabu.
2. Xalayaa hojii xalayaa dhuunfaarraa kan adda taasisu keessaa tokko kami?
A. Lakkoofsa bahii qabaachuu
B. Chaappaafi mallattoo itti gaafatamaa qabaachuu
C. Nagaa gaafachuu
D. C malee hunduu deebiidha.
3. Keessa xalayaa irratti teessoon nama erguu iddoo kamitti barreeffama?
A. Gama harka bitaan ol siiqee
B. Gama harka mirgaan ol siiqee
C. Gama harka bitaan gadi siiqee
D. Gidduu xalayaarratti barreeffama.
4. Duuba poostaarratti tampeeriin eessatti maxxanfama?
A. Kallattii Teessoo nama ergamuufiin jalatti
B. Kallattii Teessoo nama ergamuufiin gubbaatti
C. Kallattii Teessoo nama erguun jalatti
D. Kallattii Tessoo nama erguun gubbaatti
5. Kutaa Xalayaa kan hin taane kami?
A. Seensa B. Qaama C. Xumura D. poostaa

Biiroo Barnoota Oromiyaa 60


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

BOQONNAA 17: Madda Odeeffannoo

Kaayyoo: Dhuma Boqonnaa Kanaatti:


 Maalummaa Maddeen Odeeffannoo ni himta.
 Faayidaa maddeen odeeffannoo ni ibsita.
 Miiljaleefi wabii barreessuu ni shaakalta.
 Gosoota keeyyataa ni ibsita.

Manneen barnootaa keessatti kitaaba barataafi kitaaboleen wabii akka madda


odeeffannoo guddaatti ka‟uu nimalu. Kana malees, barattoonniifi barsiisonni galmee
jechootaa fayyadamuun jechoota ilaalchisee odeeffannoowwan kan akka hiika,
sagaleessa, qaama dubbii jechootaa argachuu dandeenya.

Karaa biraatiin, barattoonniifi barsiisonni gaazeexaa adda addaa mana kitaabaa


keessatti argamanu irraa odeeffannoo garagaraa argachuu danda‟u. Fakkeenyaaf, oduu
dhimmoota amma gaggeessamaa jiranu, odeeffannoo dhimma siyaasaa, guddina
dinagdee, jireenya hawaasummaafi kkf argachuu danda‟u.

Maddi odeeffannoo kan biraa intarneetiidha. Intarneetii irraa namoonni odeeffannoo


kamiyyuu argachuu danda‟u. Barattoonniifi barsiisonni dhimma barbaadan irratti
odeeffannoo ga‟aa argachuun waan hojjechuuf barbaadan fiixaan baasuu danda‟u.
Fakkeenyaaf, barattoonni qabiyyee barnootaa daree yookiin kitaaba barataa keessatti
dhiyaatan ilaalchisee yaadawwan, ibsa dabalataafi gilgaalota adda addaa yoo
barbaadan intarneetii irraa fudhachuun ogummaafi beekumsa jaraa gabbifachuu
danda‟u.
Maddawwan odeeffannoo yeroo hedduu fayyadamnu keessaa teleeviziiyooniifi
raadiyoon warra ijoodha. Jara kana irraa odeeffannoo gosoota adda addaa argachuu
dandeenya. Fakkeenyaaaf, dhimmoota yeroo ammaa addunyaa keessatti
xiyyeeffannaa argatan baruu yoo barbaanne jara fayyadamuu dandeenya. Haala
qilleensaa, ispoortiifi dorgommiin garagaraa yoom akka gaggeessamanu, oduuwwan
waa‟ee daldalaa, fayyaa, siyaasaafi kkf jaruma kana irraa arganna. Maddawwan

Biiroo Barnoota Oromiyaa 61


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

odeeffannoo yoo hedduu ta‟an illee, warreen armaan olitti ibsaman yeroo hedduu kan
nu fayyadamnuudha.

17.1 Faayidaa Maddeen Odeeffannoo


Dhimmoota barreessinuufi dubbachuun ibsinu odeeffannoo malee gabbisuu
hindandeenyu. Fakkeenyaaf, waa‟ee haala qilleensaa yoo ibsuu yookiin barreessuu
barbaadne odeeffannoo adda addaatu nu barbaachisa. Yoo waa‟ee dinagdee biyya
tokkoo ibsuu barbaadne odeeffannoo(akka ragaatti) ga‟aa argachuu qabna. Karaa
biraatiin, yoo waa‟ee dhibbeewwan adda addaa barreeffamaan gabaasa ta‟e
dhiyeessuu barbaadne odeeffannoo qabachuu qabna. Maalummaa dhibbeewwanii,
akkamitti akka nama tokko irraa nama biraatti darbanu, akkamitti akka
wal‟aanamanuufi kkf ilaalchisee yoo odeeffannoo qabanne malee homaa ibsuu
yookiin barreesssuu hin dandeenyu.

17.2 Madda Odeeffannoo eeruu


Odeeffannoo maddawwan kanarraa argannu bakka adda addaatti barreeffamaan
yemmuu fayyadamuu barbaannu bakka kamii akka arganne ibsuu qabna. Kana malee
yaada keenya hin taane akka ofiitti fayyadamuun fudhatama hinqabu; nama
yakkisiisuus danda‟a.
Yeroo madda odeeffannoo eerru karaalee adda addaatiin kaa‟uun ni danda‟ama.
Karaalee kana keessaa Miiljaleedhaan barreessuun isa tokko

17.3 Miiljalee Barreessuu


Miiljaleen odeeffannoo tokko erga madda biraarraa fudhannee booda achuma jalatti
madda sana barreessuudha. Kanarraa ka‟uudhaani miila jalatti (Miiljalee) jedhamee
moggaafame. Miiljalee karaa lamaan kan barreessinu yoo ta‟u fakkeenyota armaan
gadii ilaaliFakkeenya-1

Barumsi ol’aanaa dhaabbilee barumsaa leenjii sadarkaa diigrii jalqabaafi digrii


lammaaffaa waggoota sadii, afur, shan yookiin ja’aaf kennamu of keessaa qaba. Bara
2008/09 irraa jalqabee Itoophiyaa keessa dhaabbilee barumsa olaanaa 23tu argama.

1. 1. Ministeera Barnootaa ( 2010 ) Finfinnee – Fuula 8


Dhuma odeeffannoo akka fakkeenyaatti dhiyaate irratti lakkoofsa faayadamneera.
Dhuma fuulaarratti ammoo madda odeeffannoo irraa fudhanne barreessineera .Kunis
barreeffamichi kan ministeera barnootaa ta‟uusaa agarsiisuuhaaf fayyadamne. Kun

Biiroo Barnoota Oromiyaa 62


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

haala miljaleen ittiin agarsiisamuudha. Karaa biraatiin barreessitoonni tokko tokko


madda odeeffannoo kana miila jalatti osoo hin ta‟in odeeffannootti aansuun ka‟u.
Fakkeenya-2
Afaan yoo jedhamu akka feeteen kan uumame, qaamolee dubbii uumanitti
fayyadamuudhaan dhalli namaa waliigalteen akka fudhateefi akka isaa galutti
yaada isaa kan dabarsu meeshaa waliigalteeti.(Geetaachoo 2019:1)

Fakkeenya kana keessatti maqaan nama kitaabicha barreessee, barri inni itti
barreeffameefi fuulli odeeffannoon irraa fudhatame seeraan kaa‟ameera. Maqaa
kitaaba kana ammoo dhuma barreeffamichaa „wabii‟ jalatti agarsiisama jechuudha

17.4 Wabii Bareessuu


Maddawwan odeeffaannoo fayyadamne dhuma barreeffamaa irratti walitti qabanii
barreessuun barbaachisaadha. Yemmuu wabiiwwan adda addaa barreeffaman ammoo
tartiiba jaraa eeggatanii ta‟uu qaba. Fakkeenya armaan gadii ilaali:
Maddi keenya kitaaba yoo ta‟e
Maqaa Bara Itti Maqaa Magaala Itti Mana
barreessaa barreeffam kitaabaa maxxansam maxxansaa
e e

Rabbirraa Tarrafaa 2009 GADAA: Caasluga Finfinnee, Mana


Afaan Oromoo Itoophiyaa maxxansaa
9ffaafi 10ffaa Salaam

Rabbirraa Tarrafaa. 2009. GADAA: Caasluga Afaan Oromoo 9ffaafi 10ffaa.


Finfinnee,Itoophiyaa:Mana maxxansaa Salaam
Fakkeenya kana keessatti tartiiba armaan gadii hordofne. Maqaa barreessaa: bara itti
barreeffame: maqaa kitaabaa :magaala itti maxxansame: mana maxxansaa
Gaazexaa (News paper) irraa Wabii Barreessuu
Maddi Odeeffannoo keenyaa Gaazexaa yoo ta‟e immoo tartiiba armaan gadiitiin
wabii barreessina
Maqaa barreessaa ykn barreessitootaa----------> mata duree oduu irraa fudhanne
sana-----------> maqaa gaazexaa sanaa---------> guyyaa, ji‟aafi bara.
Fakkeenya:

Biiroo Barnoota Oromiyaa 63


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Muummee Gadaa. Abbaan Alangaa Federaalaa Sirreeffamtoota Seeraa 500f


dhiifama godhe. Bariisaa. 03/08/2012.

Barruullee (Journal) irraa Wabii barreessuu


Maddi odeeffannoo keenyaa barruullee yoo ta‟e tartiiba armaan gadii fayyadamna:
Maqaa barreessaa yookiin barreessitootaa---------> Mata duree barreeffama
fudhannee--------> Maqaa barruullee sanaa---------> bara itti maxxanfame………>
fuula barreeffama irraa fudhanne.

Fakkeenya:
Larsen, James E. and Blair, John P. Gahumsi Poolisoonni qaban nageenya hawaasaaf
murteessaadha. American Journal of Economics and Business
Administration. Maxxansa 1, Lakk. 1, 2009: 1-10.

17.4 Miiltoo (appendix)


Miiltoon barreeffama keessatti (keessumaa qorannoo yeroo barreesinu) gaaffilee
namoota odeeffannoo iraa fudhanneef dhiyeessine, suuraa qorannicha keessatti
fayyadamneefi kkf duuba qorannichaatti kan maxxanfamudha. Qorannoo tokko
keessatti namni tokko miiltoo baay‟ee fayyadamuu danda‟a. Miiltoo maxxansuun kan
barbaachiseef dubbistootni keenya qorannoo keenya keessatti gaaffiiwwan akkamii
gaafannee odeeffannoo akka guurranneefi maalummaa namoota odeeffannoo irraa
guurrannee akka hubatan taasisa. Miiltoo fayyadamuu keenya baafata qorannoo
keenyaa keessatti kaa‟uu qabna.
Shaakallii
Wabiiwwan gabatee armaan gadii keessa jiran tartiiba isaanii hin eegne.
Gabateedhaan osoo hin taane akka fakkeenya armaan oliitti wabiilee kanneen
sirreessii barreessi

Bara itti Maqaa Maqaa kitaabaa Maqaalaa itti Mana


maxxanfa barreessaa maxxanfame maxxansaa
me

Hinseenee Galmee Jechootaa Fnfinnee Dhaabbata


2009 Makuriyaa Afaan Maxxansaa
Inglizii, Oromoo, Daldalaa
Amaaraa
Afoolaa
Oromoo,

Biiroo Barnoota Oromiyaa 64


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Shawaayee Jildii II Finfinnee Biiroo Aadaaf


1999 Beellamoo, Turizimii
Firehiwoot Oromiyaa
Tulluu
Asteer Ejersoo, Afoola Oromoo, Finfinnee Komishinii
1995 Laaqachi Durdurii, Aadaaf
Alamee,Atsadaa Jildii–IV Turizimii
Tsaggaayee Oromiyaa

17.6 Gosoota(Akaakuuwwan) Keeyyataa


Keeyyatni akaakuuwwan Afran armaan gadii qaba. Isaanis:
1. Keeyyata Addeessaa 3. Keeyyata ibsaafi
2. Keeyyata amansiisaa 4. Keeyyata Seenessaati

17.5.1 Keeyyata Addeessaa

Keeyyanni addeessaa keeyyata wanta tokko dubbistootni sammuu isaanii keessatti


akka daawwatan taasisuudhaan jechootaan suuraa sammuu dubbistootaa keessatti kan
kaasudha. Gosa keeyyata kanaa barreessuudhaaf jalqaba waa‟ee waan barreessinu
sanaa ofii keenya sirriitti daawwachuufi beekuu qabna. Sana booda dubbistootni akka
nuti daawwanne yooiin arginetti akka daawwataniifi yaadaan akka argan goonee
barreessuu qabna.
Fakkeenya:
Akka guyyaa gaafa sanaa onneenko rukkuttaansaa dabalee hin beeku. Osoon hin
beekiinan akka nama gaara fiigaa oolee wal walirratti afuura baafadhe. Jalqabuma
nama magaalaa Adaamaa keessa wal dhiibu keessaa miilli qalloon miila gogorrii
fakkaatu ija calaw na jechuusaati dhibee onneekoo natti kaasuu eegale. Suuta
daawwachaa gara sarbaasheetti yeroon ija miixu sarbaan sarbaa soolana borofaa
fakkaata. Ammas daawwachuukoo hin dhaabne gara teessumaa yookiin daalleettin ol
ija babaase. Irra dabarsee mudhii ilaaleen daallee sana waliin yeroon wal bira qabu
inumaayyuu amanuun dadhabe. Mudhii qal‟oo cituu geessuufi daallee tuullaa amma
sana gahu wal bira qabee gaafan ilaalu waan daalle sanarra qucuummattee teessu
fakkaatti malee waan miilli qaqalloon sun tuullaa kana hunda baatee deemu hin
fakkaatu. Guntutawwan gaanfa jibichaa fakkaatan sanaan dhaaba taaksii Duqeet
keessa gaafa deemtu waan gaafaan jifachaa jirtu fakkaata. Morma dheedhaa lawwee,
hidhiiwwan hahaphii qalamni diimaan itti hin baay‟anne wal dhungachiiftee, funyaa
Biiroo Barnoota Oromiyaa 65
Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

qara qimixii rifeensa muujjaa balbalaa fakkaatu duubatti jigsitee deemaa garakoo
dhufte. Amanuu hin dandeenye. Waaqumaa! Jettee yeroo natti maramtu yeeeee!
Jedheen utaalee ka‟e. Maal godha otuu abjuu ta‟uu baate.

17.5.2 Keeyyata Amansiisaa


Keeyyatni amansiisaa akkuma maqaasaa dhimma tokkorratti dubbistoota amansiisuuf
kan yaaludha. Kunis mata duree filatame irratti ragaawwan qindeeffachuun
dubbistootni yaada ofiisaanii dhiisanii kan barreessaa sana akka fudhatan taasisuug=f
kan carraaqudha. Fakkeenya.
Namni malaammaltummaa kenneefi fudhate du‟uu qaba. Biyyi keenya akka hin
guddanne kan taasise malaammaltummaa ta‟uunsaa shakkii hin qabu. Namni
malaammaltummaa nyaateefi nyaachises tokkuma waan ta‟aniif du‟uu qabu. Osoo
namni malaammaltummaa kennu hin jiru ta‟e kan fudhatu hin jiru. Osoo kan fudhatu
hin jirres kan kennu hin jiru. Jarri lamaanuu tokkuma jechuudha. Kana waan ta‟eef
murtiin jara lachuu wal fakkaachuu qaba. Fakkeenya biyya Chaayinaa yoo fudhanne
namni malaammaltummaa nyaate fannifamee akka du‟u namootni beekan ni himu.
Kanarraa kan ka‟e Chaayinaa keessatti yeroo ammaa kana Malaammaltummaan akka
badaa jiru ni himama. Kuni kan ta‟eef namootni malaammaltummaa waan jibbaniif
qofa miti. Du‟a waan sodaataniifi malee. Biyya keenya keessatti kuni hojiirra osoo
oole namni haqa ofii maallaqaan hin bitatu. Haqa namaaf maallaqaan kan ofii hin
godhatu. Biyyi keenya kenniinsa tajaajilaatiin adda duree ni taati. Kanaafuu, biyya
kana guddisuu yoo barbaanne namni malaammaltummaa kennus ta‟e fudhatu du‟uu
qaba.

17.5.3 Keeyyata Ibsaa


Keeyyatni ibsaa haqa tokko qabachuudhaan barsiisuufi qajeelfama kennuu irratti
xiyyeeffata. Fakkeenya.
Gareen qo‟achuun faayidaa adda addaa qaba. .Tokkoffaa, yeroo barattoonni gareen
hojjetan yaada hedduu wal jijjiiru; yaada abbaa tokko yaada isa kaan waliin walitti
bu‟uun, yookiin walii galuun hojii hojjetamu gabbisuuf gargaara. Lammaffaa, gareen
hojjechuun hojii qooddachuun ogummaa itti gaafatamummaa horachuuf gargaara.
Kana malees, hojiin barbaadame yeroo gabaabaafi haala qulqullinna qabuun
hojjetamuu danda‟a. Karaa biraatiin, warri gareen hojjetan muuxannoo wal kabaajuu

Biiroo Barnoota Oromiyaa 66


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

horatu. Kana jechuun yaada walii dhaggeeffachuu, yaada dhiyaate xiinxaluun bu‟aa
qabatamaa irra ga‟uu danda‟u. Haala kanaan ogummaa walkabajuu jireenyaa
hawaassummaa keessatti barbaachisu gabbifatu. Kanaafuu, namoonni carraa gareen
hojjechuu yemmuu argatan haalaan itti fayyadamuu qabu.

17.5.4 Keeyyata Seenessaa


Seenessuu jechuun ta‟iinsota, gochootaafi quunnamtoota xumura tokkotti adeeman
gabaasuu jechuudha. Gosti keeyyataa kun ta‟iinsota duraa duuba isaa eeganii
gabaasuudha. Fakkeenya,
Ariifannaan waan bada ta‟e namarraan geessisa. Ganama Jimaata ture. Yeroon
hirribaa ka‟u sa‟aatii lamaafi walakkaadha. Waytiin itti fuula koo dhiqadhe hinbeeku;
yeroon karaa koo jalqabu namootaan dubbiseef dhiise hinyaadadhu. Akkuma ta‟u
ta‟een sa‟aatii sagal yoo jedhu naannoo mana kitaabaan gahe. Qormaanni waan
torbanitti galeeruuf barattoonni balbala dhaabbatan gara hinqaban. Nafa nafa
dhiibbadhee seenee balbala bira gahee giphii koo as lixee achi lixeen akka mukaa
gogee hafe. Edaa furtuu mana kitaabaa irraanfadhee dhufeera. Kanan fiigaa oolee
mana kitaabaa banuuf, manni kitaabaa garuu osoo hinbanamiin oole.

Guduunfaa

 Maddeen odeeffannoo jedhamanii kan waamaman barruulee, gaazexaa,


raadiyoo, televijinii, kitaabaa, interneetiifi kkfdha.

 Odeeffannoo madda adda addaarraa fudhanne beekkamtii kennuun yookiin


madda isaa eeruun barbaachisaadha. Kanaaf immoo miiljalee barreessuufi
dhumarratti wabii kaa‟uun barbaachisaadha.

 Miiltoon dhuma yookiin duuba barreeffama qorannoo fa‟arratti kan galu yoo
ta‟u, gaaffiiwwan ittiin odeeffannoo guurranne dubbistoota keenyaaf ifa
godha.

 Keeyyatni keeyyata addeessaa, keeyyata amansiisaa, keeyyata ibsaafi keeyyata

Biiroo Barnoota Oromiyaa 67


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Gilgaala 1
Gaaffilee armaan gadii akkaatuma gaafatamteen deebisi?
1. Keeyyatni qajeelfama kennuufi barsiisuuf gargaaru isa kami?
A. Keeyyata addeessaa C. Keeyyata Ibsaa
B. Keeyyata Amansiisaa D. Keeyyata seenessaa
2. Odeeffannoo maddeen biroorraa fudhanne jalatti madda kaa‟uun maal jedhama?
A. Miiltoo B. Miiljalee C. Wabii D. agarsiiftuu
3. Ilaalcha, ejjennoofi kaayyoo namaa jijjiiruuf keeyyanni barreeffamu maal jedhama?
A. Keeyyata addeessaa C. Keeyyata Ibsaa
B. Keeyyata Amansiisaa D. Keeyyata seenessaa
4. Waraqaa qorannoo yeroo barreessinu odeeffannoo waa‟ee gaaffii namootaaf
dhiyeessinee odeeffannoo guurranneefi eenyummaa namoota sanaa akka ibsuuf duuba
waraqaatti kan maxxanu maal jedhama?
A. Wabii B. Miiltoo C. Miiljalee D. deebii hin qabu
5. Akaakuu keeyyataa keessaa gochootaafi quunnamtoota xumura tokkotti adeeman
kan gabaasu isa kami?
A. Keeyyata addeessaa C. Keeyyata Ibsaa
B. Keeyyata Amansiisaa D. Keeyyata seenessaa
6. Kanneen armaan gadii keessaa madda odeeffannoo kan hin taane kami?
A. Gaazexaa B. Raadiyoo C. kitaaba D. deebii hin qabu
7. Kanneen armaan gadii keessaa hojiin odeeffannoo hin barbaachifne kami?
A. Baruufi barsiisuu C. hojii qonnaa
B. Hojii daldalaa D. Deebii hin qabu
8. Faayidaa madda odeeffannoo kan ta‟e kami?
A. Hojii keenya keessatti ittiin milkaa‟uuf
B. Waan addunyaan keessa jiru adda hubachuuf
C. Addunyaa kana keessatti dorgomaa ta‟uudhaaf D. hunda

Biiroo Barnoota Oromiyaa 68


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

DEEBII GILGAALOTAA
Boqonnaa Sagal
Gilgaala 1
1. B 2. C 3. D 4. B 5. A 6. B 7. A

Boqonnaa Kudhan
Gilgaala 1
1. D 6. B 11. D 16. B
2. B 7. C 12. B 17. C
3. C 8. D 13. A 18. D
4. B 9. D 14. D 19. A
5. A 10. B 15. B 20. D
Boqonnaa Kudha Tokko
Gilgaala 1
1. C 5. A 9. B
2. D 6. C 10. B
3. A 7. A
4. B 8. B

Gilgaala 2
1. B 3. C 5. D 7. A 9. C
2. A 4. A 6. B 8. A 10. C
Gilgaala 3
1. C 3. A 5. B 7. C 9. C
2. D 4. B 6. B 8. B 10. B
Boqonnaa Kudha Lama
Gilgaala 1
1. C 3. C 5. C 7. C 9. D
2. B 4. C 6. C 8. C 10. A
Boqonnaa Kudha Sadii
Gilgaala 1
1. C 3. B 5. C 7. C 9. B 11. C 13. D
2. D 4. A 6. B 8. A 10. E 12. E 14. D

Biiroo Barnoota Oromiyaa 69


Mojula Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Barnoota Semisteera 2ffaaf Qophaa‟e

Gilgaala 2
1. Waan 5. Moo 9. Jalqaba/ garuu
2. Illee 6. Tahullee 10. Sana booda
3. Malee 7. Garuu
4. Kanaafuu 8. Kanneen keessaa
Boqonnaa Kudha Shan
Gilgaala 1
1. D 3. D 5. D 7. D 9. A 11. D
2. B 4. B 6. B 8. C 10. D
Boqonnaa 16
Gilgaala 1
1. C 2. D 3. B 4. B 5. D
Boqonnaa 17:
Gilgaala 1
1. C 3. B 5. D 7. D
2. B 4. B 6. D 8. D

Biiroo Barnoota Oromiyaa 70

You might also like