You are on page 1of 77

Bulchiinsa mootummaa Nannoo Ormiyaatti

Biiroo Misooma Qabeenya Beeyiladaa fi Qurxummii

PAAKEEJII TEKINOOLOOJII OMISHA AANNANII

ONKOLOLESSA, 2008
FINFINNEE
Baafata
1.1.Paakeejiiwwan Misooma Qabeenya Aannanii.......................................................................4
1.2. Hanqinoota paakeejiiwwan kanaan duraa............................................................................4
2.Kaayyoo Paakeejii Misooma Qabeenya Aannanii........................................................................5
2.1. Sadarkaa Paakeejii Misooma Qabeenya Aannanii...............................................................5
2.1.1. Paakeejii Teeknoolojii gadi aanaa (Low Input Technology Package)............................6
2.2. Qabiyyee Paakeejii Misooma Qabeenya Aannanii...............................................................7
2.2.1. Pakeejii Fooyya’insa Callaa Aannanii Loon Naannoo..................................................7
3. Tooftaa Tamsaasa Paakeejii.......................................................................................................12
3.1. Paakeejichi Akka Sirriitti Hojiirra Oluuf tooftaa Ergaan Ittiin Darbu............................12
3.2. Tajaajila Liqii..................................................................................................................13
3.2.1. Kaffaltii duraa (down payment)...................................................................................14
3.2.2. Kaffaltii Boodaa (Repayment).....................................................................................14
3.3. Gabatee Yeroo Raawwii..................................................................................................14
3.4. Hordoffii fi Gamaggama Gaggeessuu.............................................................................15
3.5. Gurmaa’insa fi Manajimeentii........................................................................................16
3.5.1. Biiroo Misoomaa Beeyiladaa fi Qurxummii...........................................................17
3.5.2. Institutii Qorannoo Qonnaa Biyyoolessaa fi Dhaabbilee Qorannoo Naannoo........17
3.5.3. Dhaabbilee Mit-Mootummaa (NGO)......................................................................17
3.6. Ibsa Bu’aa Qabeessummaa.............................................................................................18
3.7. Misooma fooyyeessa Omisha Aannanii Wajjin Walqabatan...........................................19
3.8. Barbaachisummaa Tooftaa Hojmaata Paakeejii Misooma Aannanii Deeggaru..............19
4. Tooftaa Horsiisaa Fooyyessuu...................................................................................................21
4.1. Mallattoo fedhii kormaa hordofuu......................................................................................21
5. Madaalli Horsiisee Bulaa Hirmaatanii.......................................................................................25
5.1.1. Paakeejii Guddisa Omisha Raada Diqaalaa Sanyii Aannanii......................................25
5.1.2.. Dhiheessa sa’a ykn raada sanyii naannoo...................................................................27
5.1.3..Raabsa Kormaa Taasisuu.............................................................................................28
5.1.4. Dhiheessa Nyaataa Fooyyessuu...................................................................................28
5.1.5. Qophii Manaa..............................................................................................................28
5.1.6. Qophii Iddoo Diqaalomsaa..........................................................................................29
5.1.7. Tajaajila Eegumsa Fayyaa...........................................................................................29
5.1.8. Paakeejii Fooyyessa Callaa Aannanii Loon Diqaalaa.................................................29
5.1.9.Paakeejii Fooyyessa Callaa Aannan Re’ee naannoo....................................................30
5.2.Sanyii Re’ee.........................................................................................................................31
Re’ee Naannoo filatnoodhaan fooyyessuu fi Ittifayyadama isaanii......................................31
5.2.1. Korbeessa Hormaataa filachuu....................................................................................31
Haaluma walfakkaatuun duuba korbeessaa dhabachuudhaan :-............................................32
5.2.2. Re’ee dhaltuu Hormaataaf filachuu.............................................................................32
5.2.3. Dhiheessa Nyaataa Fooyyessuu...................................................................................33
5.2.4. Mala hormaataa fooyyessuu........................................................................................33
5.2.5.Qabannaa re’ootaa fooyyessuu.....................................................................................34
5.2.6.Eegumsaa Fayyaa Re’ootaa fi Tooftaa Dhukkuba Talaalaan Ittisuu............................34
5.2.3. Dallaa ykn mooraa Re’ootaa.......................................................................................39
6. Madaallii Horsiisee Bulaa Hirmaatanii.................................................................................39
6.1. Paakeejii Fooyessa iti fayyadama Callaa Aannanii fi bu’aa Aannanii...............................39
6.2. Paakeejii Fooyyessa Qindeessaa bu’aa Aannanii Aadaa Fooyya’e................................42
Barbaachisumma Paakeejichaa..............................................................................................42
6.3. Paakeejii teeknoolojii qulqullina aannanii fi yeroo ittifayyadamaa dheeressuu.................43
6.3.1.Aannan Danfisuu..........................................................................................................43
6.3.2.Omisha Itittuu Fooyyessuu...........................................................................................44
6.3. Paakeejii Omisha dhadhaa (Raasaa Aadaa fooyya’een).................................................44
6.4.1. Adeemsa Hojmaataa dhadhaa Baasuu.........................................................................45
6.4.2. Qodaa fi Meeshaalee raasaa aannanii aadaa fooyya’eef barbaachisan........................45
Raastuu Aannanii Fooya’aa Plaastikii...................................................................................47
Paakeejii Teeknoolojii Aannan qulqullinaan tursuu (Lactose Peroxidose, LP).....................48
6.5. Paakeejii Teeknoolojii Omisha Dhadhaa Fooyyessuu........................................................49
6.5.1.Meeshaa qarruu aannanii baasu (centrifugal separator)..............................................49
6.5.2. Hojmaata Ittoo.............................................................................................................50
6.5.3.Haala Aannan ittiin sassaabamu...................................................................................51
6.5.4.Fedhii Bishaanii guuttachuu.........................................................................................51
6.5.5.Barbaachisummaa mana aannan keessatti qindaa’uu...................................................51
6.5.6.Ulaaga filannoo iddoo mana aannan keessatti qindaa’uu.............................................51
6.5.7.Madaalli Horsiisee Bulaa Hirmaatanii..........................................................................52
I.SEENSA
Adunyaarratti fedhiin bu’aa beeyladaa aannaniitiif jiru guddataa dhufee jira. Mootummaan
Naannoo Ormiyaas fedhii kana guutuuf qabeenya beeyladaa guddaa naannoon Oromiyaa qabdu
kana fooyyessuuf carraaqaa jira. Haallii qilleeensa naannoo Oromiyaa hormaata beeylada gosa
adda addaatiif mijaawaa dha. Akka ragaan Staatiksii giddugalaa Oromiyaa bara 2014/2015
agarsiisutti baay’inni loonii fi re’ee gaalaa qofti wal duraa duubaan miliyoona 22.9, miliyoona fi
7.8tti tilmaammama.

Oromiyaan qabeenya beeyladaa guddaa haa qabaattu iyyuu malee sanyiin omisha aannaniif
fooyya’an hin qabdu. Beeyiladni jiran dhiigni isaanii kan hin fooyyofne (unimproved) warra
jedhamani dha. Kanaafuu, bu’aa fi faayidaan qabeenya guddaa kana irraa argamaa jiru hanga
barbaadamu ta’uu hin dandeenye. Akka biyya keenyattis ta’ee akka naannoo Oromiyaatti omisha
aannaniitiin of dandeenyee hin jirru. Omishni aannanii waggaa keessa omishamu baay’ina
uummataa saffisaan dabalaa adeemu waliin yeroo ilaallamu xiqaa dha. Kanarraa kan ka’e
omishni aannani kan biyyoolessaa biyyoota ollaa kan akka Keeniyaa fi Sudaan waliin illee yeroo
ilaallamu baay’ee gadi-aanaa dha. Giddu galeessa callaa aannani yeroo elmaa tokkotti horii
tokkorraa argamuun kan biyya keenya Itoophiyaa 198kg yommu ta’u, kan Sudan fi Keeniyaa
walduraa duubaan, 480kg fi 703kg dha. Gahee namaa tokkoo fayyadama aannanii (per capita
milk consumption) kan biyya keenyaa bara adda addaa fudhannee yeroo ilaallu immoo waggaa
dha gara waggaatti gadi bu’aa akka dhufe hubanna. Bara 1980 (ALA), 26kg kan ture bara 1993
tti 22kg, bara 2000tti 19kg, bara 2004 tti 16kg tti akka gadi bu’e ragaan FAO ni ibsa.

Xiqqeenya calla fi hanqina ittifayyadama aannanitiif wantootni qabata ta’an hedduu dha. Nyaatni
beeyladaa baay’naanis ta’e qulqullinaan hanqina guddaa qaba. Qabiyyee nyaata haftee
midhaanii, haftee qonnaa, marga fi baala adda addaa nyataa beeyladaaf oolan fooyyeessanii
nyaata beeldaaf oolchuuf tooftaan qabannaa hin jiru. Dhiheessi fi ittifayyadamni nyaata
beeyladaa horii dorrobaa fi horii omisha kennaa jiran omisha isaan kennan wajjin kan walgituu
miti. Sanyii horii naannoo fooyyee qaban filachuudhaanis ta’e horii naannoo horii biyya alaa
omisha isaaniin beekaman waliin diqaalomsuu dhaan sanyii horii keenyaa fooyyessuuf tattaaffiin
godhame bu’aa yaadame agarsiisuu hin dandeenye. Tajaajila Eegumsa Fayyaa babal’isuuf hojiin
hojjetame bal’ina tamsa’ina dhukkuubaa fi baay’ina beeylada jiran waliin kan wal madaalu miti.
Tajaajilli leenjii, ekisteenshinii fi qorannoo omisha fi itti fayyadama aannanii irratt godhamu gadi
aanaa dha. Haalli aannan omishuu fi qindeessuu akkasumas haalli gabaa mijaa’aa miti.
Dhimma kanaaf furmaata kennuudhaaf misooma aannanii misooma golbaa bu’uureffate hojiirra
oolchuun barbaachisaa ta’ee argameera. Akka qorannoon kallatti kanaan gaggeeffame agarsiisutti
hanqinni nyaata beeylada dhimmoota misooma aannanii hyudhanii qaban keessaa dhimma
sadarkaa tokkoffaarra jiru dha. Rakkoo ijoo misooma aannanii kan ta’e hanqina nyaata
beeyladaaf furmaata argachuun kan danda’amu immoo misooma sululaa keessatti misooma
aannanii qindoominaan yoo gaggeessine qofa dha.

1.1.Paakeejiiwwan Misooma Qabeenya Aannanii


Akka naannoo Oromiyaatti annan harka caalu horii maalaa irraa omishama. Naannoo
gammoojjiitti garuu dabalataan re’ee fi gaala irraas aannan ni omishama . Omisha kanaaf
horsiisee bulaan ykn horsiisee bulan beeylada aannanii qilleensa naannootti baran keessaa
filachuudhaan akkasumas beeylada callaa aannaniin beekaman waliin horii diqaaloman kan
horsiifatu ta’a. sirni omisha aannanii kunis sirna omisha aannanii horsiisee bulaa harka qalleeyyii
(semi-intensive small holder production) kan hordofu ta’a. Sirna omisha aannanii kana keessatti
qonnnaan bulaan beeylada aannanii 2 ykn 3 qabatee dheedichaaf osoo gadi hin lakkisiin manatti
ykn maasii bukkeetti hidhee haamee nyaachisuu qaba.

Naannoo magaalaatti yoo ta’e malee aannan harka caalu nyaata maatitiif oola. Naannoo
baadiyyaatti aannan nyaata maatiirraa hafu aadaa dhaan dhadhaa baasuu dhaan gurguranii galii
irraa argatu. Kana malees gurgurtaa jabbilee korommii, jibicha gabbate, saawwan hormaataan ala
ta’an, aannan dhugaatii irraa hafe gurguruudhaan galii dabalataa argatu. Dikee hormaata kanarraa
argamus oyiruu isaanii xaa’essuuf kan itti fayyadaman ta’a.

1.2. Hanqinoota paakeejiiwwan kanaan duraa


Aannanii fi omisha aannanii guddisuuf bara 1989/90 eegalee haala sad’in geggefamaa kan ture
yeroo ta’u, innis, rabsaa raada rimaa, rabsaa korma fooyya’aa (dhiiga foyya’aa 75-100% kan
ta’e) fi tajaajila mala namaan horii diqaalomsuu tiin pakeejiin fooyyeessa omisha aannanii
hojjiirra ooluun isaa ni yaadatama. Haa ta’u malee sababa armaan gaditti ibsaman irraa kan ka’e
bu’aa qabeessa hin taane:
• Raabsi sanyii beeyladaa haala bittinna’een ture,
• Callaa guuddistuu guutuu argachu dhabuu (incomplete package element)
• Nyaatni beeyladaa gahumsaan dhihaachu dhabuu,
• Gabaa beeyladaa fi bu’aa beeyladaa bu’uureffachu dhabuu,
• Hordoffii fi to’annoon gahumsa dhabuu,
• Hanqina hordoffii irraa kan ka’e, tajaajilli ekisteenshinii hojjetoota misooma beeyladaa
sadarkaa barbaadameen babal’achuu dhabuu,
• Hojiin agarsiisan degeramuu dhabuu
• Haalli raawwii hojmaata paakeejii qophqaa’e hojiirra ooluu dhabuu fi kkf

2.Kaayyoo Paakeejii Misooma Qabeenya Aannanii


a. Kaayyoo Waliigalaa
 Omisha aannanii haala ittifufiinsa qabuun dabaluu, aannan qulqullina isaa eeggate omishu fi
itti fayyadama isaa fooyyeessuu.
b. Kayyoo Kallattii
 Omishtoota aannanii galii isaanii gaddisuu; jireenyi isaanii akka fooyya’u gochuu, fi wabii
nyaataa mirkaneessuu,
 Aannani fi bu’aa aannanii biyya alaatii galu hambisuudhaan sharafa biyya alaa aannan biyya
alaatii galchuuf oolu hambisuu fi galii biyyaa gabbisuu,
 Sirna misooma qabeenya aannanii diriirsuu fi bu’uura buusuu,
 Qabiyyee qabeenya uumamaa itti fufinsaan kunuunsuu fi gabbisuu dha.

Kanaafuu, paakeejii bara 1989/90 fi paakeejii eergasii fooyyaa’ee qophaa’e irratti yaada
fooyya’insaa dhihaate dabalatee misooma aannanii misooma golbaa bu’uureffate hojiirra
oolchuuf akka armaan gadiitti dhihaateera.

2.1. Sadarkaa Paakeejii Misooma Qabeenya Aannanii


Paakeejiin Misooma Qabeenya Aannanii callaa guddistuu, hojmaata saayinsaawaa, dandeetti
ogummaa fudhachuu horsiisee bulaa, kaappitaala, babal’inna eegumsa fayyaa, haalli naannoo
mijuu ta’uu isaa, kunuunsa qabeenya misooma golbaa fi haala gabaa ilaalcha keessa galchee
hojii raawwatamu fi annanii fi bu’aa aannanii osoo badiin irra hin qaqqabiin itti fayyadamuu
dhaan bu’aa kan guddisu dha. Paakeejiin Misooma Qabeenya Aannanii sadarkaa calla guddistuu
hojii irra ooluunn teeknoolojii gadi aanaa fi teeknoolojii ol’aanaa jedhamee bakka lamaatti
qoodameera. Kana malees naannoo itti hojii irraa ooluun akkasumas sanyii beeyladaa fi
ittifayyadama omisha aananiitiin gargar qoodamee dhihaateera.

2.1.1. Paakeejii Teeknoolojii gadi aanaa (Low Input Technology Package)

Paakeejiiwwan naannoo rooba hanquu, rooba addaan cicitee fi ittifufiinsa hin qabnetti hojii irra
oolan beeyladoota naannoo qotee bultootni ykn horsiisee bultootni duraan itti fayyadaman (horii
maalaa fi re’oota) haala qilleensa saanaaf mijuu ta’anii kan argaman akkasumas omisha
aannaniitiin fooyyee kan argisiisan filachuudhaan kunuunsa fooyya’a (nyaata, fayyaa fi
hormaataa) gaggeesudhaan omisha aannanii itti fufinsaan guddisuudhaan horsiisee bulaan ykn
Qonnan bulaan bu’aa akka irra argatu taasisuu dha. Paakeejiin kuni harka caalu kan hojiirra oolu
naannoo rooba hanquutti ta’a.

2.1.1.1. Teeknooljiiwwan gadi’aanaa (low input Technology)


Paakeejii fooyyessa omisha aannanii loon naannoo
 Paakeejii fooyyessa omisha aannaii re’ee naannoo
 Paakeejii guuddisa raaddeen diqaalaa sanyii aannanii
 Paakeejii fooyyessa qindeessa bu’aa aannanii aadaa fooyya’e

2.1.1.2. Paakeejii Teeknoolojii ol’aanaa (High input Technology)


Paakeejiin kuni iddo roobni gahaan jirutti, iddoo horiin calla guddaa kennan jiranitti, iddoo haala
qilleensa hormaataaf mijuu ta’e qabutti gabaa giddugaleessa godhatee kan hojii irra oolu dha.
Baadiyyaa keessatti iddoo qonni fi horsiisni jirutti akkasumas naannoo magaalaa omishtoota
‘small scale’ ta’aniin kan hojiirra oolu dha. Haala dhiheessa sanyii ilaalchisee loon diqaalaa
omisha ol’aanaa kennan fi kunuunsa fooyya’aa barbaadan mala horsiisa ammayyaa fayyadamuu
dhaan omisha aannanii fi bu’aa aannanii ittifufinsaan guddisuu dha. Haala kanaan nyaata
aannanii fi bu’aa aannaniin of danda’uuf, bu’aa dabalataa argachuuf aannan qulqullinaan
omishanii industrii aannaniif dhiheessuu dhaan akkasumas beeylada aanaanii sanyii fooyya’aa of
keessaa qaban omishanii gurguruu dhaan fehdii calla mataa isaanii, maatii isaanii fi naannoo
isaaanii guutuudhaan gumaachuun mala hojimaataa dandeesisu dha. Gosni paakeejii
ekisteenshinii fooyyessa calla aannanii sadarkaa calla guddistuu fi naannoo itti hojii irra ooluun
kan armaan gadiiti:
Paakeejii Fooyyessa Calla Aannanii naannoo magaalaa rooba gahaa qabu
 Paakeejii fooyyessa calla aannanii loon diqaalaa
 Paakeejii fooyyessa qindeessa bu’aa aannanii ammayyaa fooyya’e
Paakeejii fooyyessa callaa aannanii naannoo baadiyyaa rooba gahaa qabu
 Paakeejii fooyyeessa calla aannanii loon diqaalaa
 Paakeejii guuddisa raaddeen diqaalaa sanyii aannanii
 Paakeejii fooyyessa qindeessa bu’aa aannanii ammayyaa fooyya’e
2.2. Qabiyyee Paakeejii Misooma Qabeenya Aannanii
Paakeejiin misooma qabeenya aannanii qabiyyee afur qaba:
 Kunuunsa beeylada naannoo fooyyessuudhaan calla aannanii guddisuu,
 Beeylada naannoo fooyya’oo fi diqaalaa fayyadamuudhaan calla aannanii fooyyessuu,
 Meeshaalee aannan qindeessuuf oolan (Proccssing) fooyyessuudhaan calla fi itti
fayyadama aannanii guddisuu
 Omisha beeyladaa aannanii fooyya’oo guddisuu dha.

Kunuunsa beeylada naannoo kessatti paakeejiin fooyyessa calla aannanii kan xiyyeeffatu loon
naanno fi re’oota naannoo filataman fayyadamuu dhaan omishha guddisuu irratti dha. Qabiyyeen
paakeejiin fooyyessa calla aannanii beeylada sanyii aannanii fooyya’oo haala naannoo irratti
hundaa’ee loon sanyii fooyya’oo (sadarkaan dhiiga sanyii aannanii 75% fi isaa ol) ta’anitti
fayyadamuudhaan kan gaggeeffamu dha. Bu’aa aannanii guddisuuf paakeejiin dhihaate
meeshaale mijuu fi fooyya’oo bu’aa aannanii qindeessuuf oolan (aadaa dhaan kan fooyya’e fi
teeknoolojii qindeessa aannanii ammayya fooyya’e) fayyadamuu dhaan bu’aa aannanii
guddisudhaaf paakeejii dhihaate dha. Fooyyessa omisha aannanii kanaan paakeejiin armaan gadi
qophaa’eera.
2.2.1. Pakeejii Fooyya’insa Callaa Aannanii Loon Naannoo
Haala Omisha aannan loon naannoof qabata kan ta’e sanyiidhaan gadi’aanaa ta’uu isaanii irraa
akka ta’e ni tilmaamama. Haa ta’u malee filannoo sirrii ta’e gaggeessuudhaan, sirna nyaata calla
eegamu waliin walmadaalu hordofuu dhaan, kunuunsa fooyya’aa gaggeessuudhaan calla
aannanii guyyaatti argamu guddisuu, dheerina yeroo dhalota jabbiilee lamaan gidduu jiru
(calving interval) gabaabsuudhaan calla aannanii fooyyessuun akka danda’amu mirkanaa’eera.
Calla aannanii fooyyessuuf naannoo murtaa’an irratti xiyyeeffachuudhaan loon naannoo keessaa
warra filatamoo ta’an qabachuu dhaan paakeejii fooyyessa calla hirmaachisuudhaan callaa fi
callumma guddisuun barbaachisaa dha. Dhiheessa nyaataa, tajaajila eegumsa fayyaa fi mala
horsiisa loon aannanii fooyyessuudhaan loon naannoo keessa filatamoo kan ta’an fi fuuldurattis
qorannoo bal’aan kan irratti gaggeeffamuu loon Booranaa fi loon Horroo naannoo loon kuni
jiranii fi haala qilleensa wal fakkaatu irratti raaddeenii fi korma filatamoo Booranaa fi Horroo
raabsuu dhaan omishni akka dabalu ni taasifama.

Omishni aannanii loon naannoo gadi aanaa dha. Wayitii elmaa tokkoottii omishni isaan kennaan
200lt hin caalu. Yeroon elmaa tokkoos guyyaa 120 hin caalu. Kunis haalli dhiheessi nyaata
beeyladaa baay’inaanis ta’e qulqullinaan xiqqaa ta’uu irraa akka ta’e qorannoon ni mul’isa.
Qabiyyeen nyaata beeyladaa guutuu miti. Haala nyaataa hormaata fi kunuunsa beeyladaa
fooyyessuudhaan garuu jijjiirama hedduu fiduun ni danda’ama. Kunis jabbii calqabaa dhaluuf
waggaa 4-5 kan ture gabaabsuu dhaan raadni tokko waggaa lamaa fi ji’a jahaa hanga waggaa
sadiitti akka dhaltu gochuun, yeroo dhaltee kaasee hanga rimaa qabdutti yeroo jiru gabaabsuu
dhaan ji’a 3-4 akka rimaa qabdu gochuun, yeroo elmaa tokkoo guyyaa 120 gara 160-200 tti
dheereessuun, kunuunsa jabbilee fi raaddeenii fooyyeessuudhaan guddina gaarii akka qabaatan
gochuun calla aannanii guddisuuf ulaagaalee ijoo dha.

Saawwan omishtootaa harkatti argaman keessaa saawwan ykn raaddeen naannoo sanatti omisha
aannaniitiin sanyii beekamaa qaban dhaabbiin qaamaa isaanii fi fayyumma isaaniin filachuun
omisha aannaniif akka oolan ni taasifama. Paakeejii kanaan wayitii horsiisni kun humna guutuu
dhaan hojjechu eegalu baay’inni horii jiraachuu danda’an saawwan 2, raada 1, jabbilee 3 fi
raaddeen bakka bu’an (replacement) ta’u. Beeylada kaan irraa akka adda bahaan lakkofsa gurraa
ykn maqaan akka adda bahan ta’a.

2.2.1.1. Sanyii Naannoo filachuudhaan fooyyessuu


Omisha aannanii fooyyessu cinaatti sanyii naannoo filachuu dhaan sanyiin isaanii akka fooyya’u
ni taasifama. Gama kanaanis loon beekaman loon Booranaa, fi Horroo, yommu ta’an loon kun
sanyii isaanii eeggatanii kan argaman ykn har’a kan gahan dhiibbaa haalli naannoo, hanqina
nyaataa, tamsa’ina dhibee dandamatanii wal horuu fi omisha kennuu danda’uu isaniiti.
Kanaafuu, omisha loon kanarraa argamuu daada’u beekuuf, omishaa fi naannootti madaquutiin
warra faayidaa qaban filachuudhaan horsiisuun akka danda’amu Biiroo Misoomaa Beeyiladaa fi
Qurxummii fi Dhaabbile Qorannoo waliin filachuu fi fooyyeessuu dhaan hojii saffisiisuuf
sanyiin loonii tajaajila kanaaf oolan godinaalee filataman waliin akka armaan gadiitti
dhihaateera.
 Loon Booranaa:- Booranaa fi naannoo Booranaatti
 Loon Horroo:- Wallagga afuran, IluuAbbaa Booraa, Jimma, Shawaa Lixaa
 “Loon Baddaa” (Highland Cattle) – Baale, Hararge lamaan, Baddaa Giddugalaa
(central highland).
Hojiin sanyii naannoo filachuudhaan fooyyeessuu kuni Projektii Fooyyessa Sanyii Loon
Naannoo Oromiyaa bara 2003 hojii eegale waliin qindooinaan osoo hojjetame bu’aa Gidu
Galeessa Qorannoo Qonnaa Adaamii Tulluu, Komishinii Horsiise Bullaa Oromiyaa, Gidu
Galeessa Mala-naman Diqaalomsuu Biyyaalessaa (NAIC) Biiroo keenya waliin ta’uudhaan
dokumeentiin projektii haala gaariidhaan qophaa’ee hojii eegaleera. Filannoo dhaan sanyii
fooyyeessuu cinaatti loon omisha dabaluu keessatti gahumsa hin qabne hormaata keessaa baasuu
dhaan (culling) kan hojjetamu ta’ee, loon sanyin isanii aannanin calaa gahumsa qaban filatamaa
deemu.

a. Nyaata loonii omishuu


Loon misooma aannaniif oolan feedhii nyaata isaanii kan waggaa tilmaamuudhaan tooftaa ittiin
nyaata guyyaa guyyaa ittiin argatan mijeessuu fi mirkaneessun barbaachisaa dha. Kanaafis
nyaata deedhumsaan argamuun alatti okaan barraachisu, barsii ykn galabaan haftee midhaanii fi
gosti nyaataa biroon kuufamuu isaanii ykn wayitii barbaadamanitti argamuu akka danda’an
mirkaneessuun barbaachisaa dha. Sa’a 250kg madaaltu tokkoof guyyaatti giddugaleessaan
nyaata 8kg akka barbaachisu tilmaamuudhaan hormaatni suni humna guutuu dhaan yommu hojii
eegalu baay’ina loon inni qabaachuu danda’u saawwan 3, raada 1, jabbilee 3 fi kan bakka bu’an
fudhachuu dhaan akka sadarkaa loon kuni irra jiranitti nyaata omisha aannaniif, yeroo rimaa
qabaniif ykn loon dorrobaniif, guddinaa fi qaama isaanii eeggachuuf (maintenance) oolu
baayyiina fi qulqullinaan adda baasanii horsiisee bulaan tokko hagam akka kuufachuu qabu
tilmaamuun barbaachisaa dha.
Nyaatni guutuun gartuu nyaataa kan akka prootinii, nyaata humna kennan (carbohydrates) fi
albuudaa fi vitaminoota gosa fi hanga barbaachisaniin kan qabate ta’uu qaba.
 Sanyii naannoo fooyya’aniif nyaata gogaa (DM) 2.5% madaalli qaama isaanii irraa
shallaganii kennuu,
 Harka caalu nyaata gosa margaa fi gosa baalaa nyaachisuu,
 Itti fayyadama nyaataa guddisuuf haala nyaatni itti kuufamu fi qabamu haala itti
nyaachifnu, nyaatni akka hin faalamne jidhiinsa wajjin akka wal hin argine gochuu
bu’uura kan godhate ta’uu qaba,
 Raaddeen jabbii calqabaa dhalan guddina isaanii kan hinfixne waan ta’aniif qaama isaanii
dabaluu fi muchi isaanii akka gabbatuuf qaama isaanii eeggachuufis ta’e omishaaf kan
tajaajilu 1kg nyaata dabalataa ji’a lamaaf guyyaa guyyaadhaan kennuun barbaachisaa
dha.
 Raaddeen dhaluu jala gohan yeroo soorru of eegganoo barbaada. Kuufamni dibataa
barbaachisaa hin taane akka hin jiraane wayitii murtaa’ee irratti hanga nyaataa
sirreessuudhaan nyaata gosa margaa irratti hundaa’e nyaachisuun barbaachisaa dha.
 Saawwan dhaluuf guyyaan 60 yeroo isaan hafu nyaata dabalataa 1kg kennuun madaallin
qaama isaanii guyyaatti 250gm akka dabalu ni taasisa.
 Nyaata barbaachisaa fi madaalamaa sooruun sadarkaa umurii jabbii irraa eegalee hojiirra
ooluu qaba.

b,Itti fayyadama nyaataa fooyyessuu


Qabiyyee nyaataa fooyyessuu fi gosa nyaata barbaachisan looniif dhiheessuuf qabiyyee nyaata
naannoo fooyyessuu fi waliin makuudhaan sooruun barbaachisa. Nyaata horii aannaniif
kennaman kan akka galabaa (Barsii) fi haftee midhaanii irratti faagulloo, atalaa
farsoo/araqee/biiraa, molasses fi kkf dabaluudhaan sooruun barbaachisaa dha.

c, Qabannaa ykn Kunuunsa Jabbilee Fooyyessuu


 Jabbiin dhalattuun dhibee of irraa dhorkuu akka danda’u akku dhalatteen yeroo sa’aa 5
gidduutti silga gahaa (tilmaamaan 2lit.) obaasuu.
 Guyyaa 3-4 keessatti jabbii haadha irraa addaan baasuu mana ho’a qabuu fi gogaa ta’e
keessa tursuudhaan torban sadiif aannan qofa akka argatu gochuu.
 Umurii torban 2-3 booda areera obaasuun ni danda’ama.
 Giddugaleessaan bishaan 4-5 lit. guyyaa guyyaatti kennuu
 Aannan guyyaatti jabbii tokkoof kennamu ji’a sadiif 10% maadaalli qaamaisaa yommu
ta’u iddoo lamatti hiramee ganamaa fi galgala kennama.
 Manni jabbiif qophaa’u aduu, bokkaa, fi dhiibbaa qilleensa irraa kan isaan ittisu fi
qulqullinni isaa kan eegame ta’uu qaba.
 Jabbilee gorommiin kan ittiin adda bahan lakkoofsi gurraa ykn maqaan jiraachuu qaba.
 Horiin naannoo aannan akka gadhiisaniif jabbiin haadha hodhuu qabdi waan ta’eef hanga
guu’anitti elmaa dura daqiiqaa 2 elmaa booda daqiiqaa 30 hoosiisuudhaan elmachuun
omishni aannanii akka dabalu godha.

d, Kunuunaa raaddeenii fooyyessuu


 Raaddeen guddinni isaanii akka saffisuuf guddinaa fi qaama isaanii eeggachuuf nyaatni
kennamu (keessattuu ji’a 10-14) gosa nyaata qaama ijaaruun ykn protinii dhaan kan
badhaadhe ta’uu qaba.
 Raadni tokko waggaa sadiitti (ji’a 36tti) akka dhaltuuf ulfinni qaama ishee murteessaa
dha. Jabbileen gormmiin raadatti guddatan akkuma gu’aniin nyaata gahaa argachuu qabu.
 Raaddeen dhaluu jala yeroo gahan nyaata humna kennuu kan akka barsii ykn galabaa,
haftee nyaataa, caccabaa midhaanii fi kkf isaan barbaachisa. Raaddeen aannaniif oolanii
filachuuf:
 Amala sanyiin ishee qabu dhaaluu ishee; amala sanyii aannanii qabaachuu,
 Dhaabbii qaamaa (guddoo, dheertuu) fi hanga omisha aannan haadhaa,
 Gur’uu (udder) sirrii iddoo sirrii qabatanii jiran, mucha afur sirriitti hojjetan fi fayyaa
ta’an,
 Haalluu sanyii isaanii eeguu isaanii fi kkf irratti hundaa’a.

e, Kunuunsa Eegumsa Fayyaa Beeyladaa jajjabeessuu


 Mallattoo dhibbeewwanii ofeeggannoon hordofuu dhaan haalli dhukkubaa loon irratti
yeroo mul’atu battalumatti tajaajila yaala beeyladaa beeksisuu,
 Dhibee dadarbaa ta’aniif (Abba Sangaa, Abbaa Gorbaa kkf) talaalli wayitii isaa eeggatee
waggaa waggadhaan kennamuu isaa mirkanessu,
 Maxxantuu qaama keessaa fi qaama alaa dhorkuuf ofeeggannoo gochuu, qorichi
barbaachisaa ta’ee kennamuu isaa mirkaneessuu,
 Meeshaalee ittiin qulqullina eegnu qopheessuu fi ittifayyadamuu.

f, Qophii manaa
 Hojii hormaataa osoo hin eegaliin dura qophiin manaa xiyyeeffannoo argachuu qaba.
 Aduu, bokkaa fi qilleensa akkasumas bineesota bosanaa irraa ittisuuf gargaara.
 Kana malees sooruuf, kunuunsuu fi eeguuf haala mijuu uuma
 Sa’a tokkoof 2.1m2 akka barbaachisu shallaguudhaan saawwan sadii fi raaddeen bakka
bo’aniif (replacement) mana qopheessuun barbaachisa
 Bishaani fi nyaata kan itti dhiheessaa mana keessatti ykn alatti haala nyaataa fi bishaan
dhiheessuuf namatti toluun qopheessuu barbaachisa.

3. Tooftaa Tamsaasa Paakeejii


Galteen ijoo paakeejii fooyyessa calla ykn omisha aannanii loon omisharra jiranii fi tamsa’ina
meeshaa qindeessa aannanii irratti waan hundaa’uuf naannoo omisha aannaniif mijuu ta’ani fi
dhiheenya gabaaf qaban irratti hundaa’uu dhaan yaa’a aannanii (milk shed) fi garee horsiistotaa
(dairy colony) irratti hundaa’ee kan raawwatamu ta’a. Yaa’a aannanii (milk shed) magaalota
baay’ina uummataa qaban bu’uureffachuu dhaan magaalota gurguddoo kan akka Finfinnee,
Jimma, Harar, Adaamaa, Naqamte, Ambo, Waliso fi kkf bu’uureffachuudhaan kan hundaa’u dha.
Baay’inni garee aannanii tokko akka gosa paakeejiitti garaagarummaa ni qabaata. Horii sanyii
diqaalaaf garee aannan walitti qaban nama kudhanii loon nannoo kunuunsuuf garee nama 20,
qindeessa bu’aa aannaniif garee tokkoo keessatti nama 30 ol hirmaachisuu danda’uu dha.

3.1. Paakeejichi Akka Sirriitti Hojiirra Oluuf tooftaa Ergaan Ittiin Darbu.
i. Leenjii gaggeessu
Humna namaa gama hormaata horii aannanii fi qindeessa bu’aa aannanii guddisuuf
ogeessotni sadarkaa naannoo, godinaa, aanaa fi gandaatti leenjiin yaada rime fi leenjiin
gochaa dandeettii isaanii gabbisu kan kennamu ta’a. Paakeejicha irratti hirmaachuuf
horsiisee bulaan fedhii qaban teeknolojicha wajjin akka walbaran qe’ee isaaniitti karaa
hojjetoota misoomaatiin leenjiin gochaa kennuun barbaachisaa ta’a. Leenjiin kun gosa
paakeejii irratti hundaa’ee guyyaa 5-7 kan fudhatu yommu ta’u leenjiin fooyyeessa ogummaa
itti fufinsa qabu teeknoolojiiwwan haaraa bu’uuraa godhachuudhaan ni gaggeeffama.

Leenjiin fayyadamtoota horsiisee bulaaf kennamu leenjii gochaa ta’a. Baay’ina horsiisee
bulaa paakeejii kanarratti hirmaachisuuf yaadamu hundaaf leenjii kennuun waan hin
danda’amneef horsiisee bulaa moodeela ta’an filachuudhaan naannoo isaaniitti akka
hojjetanii agarsiisuutti akka tajaajilanifi hojii gochaaf leenjistoota calqabaa akka ta’an
gochuu dha. Leenjiin horsiisee bulaa akka hojii qonnaa naannoo sanaatti filaanoo
leenjifamtootaatiin yeroo hojiin qonnaa hin baay’anne kan kennamu yommu ta’u yeroon
leenjii guyyaa 3-5 hin caalu. Haalli horsiisee bulaa moodeelli itti filatamu yaa’a aannanii
naannoo sanaa hordofudhaan garee omishtoota aannanii tokko keessaa nama tokko filachuu
dhaan miseensota hafan inni akka leenjisu gochuun ni danda’ama.

ii. Hojiidhan agarsiisaa (Demonstration) fayyadamuu


iii. Guyyaa ayyaana horsiisee bulaa hojiin agarsiisa irratti qopheessuu
iv. Meeshaalee deeggarsaa kan akka barreeffama adda addaa, poosterii fi kkf fayyadamu
v. Sub quunnamtii fayyadamuu
vi. Qabannaa Ragaa
Qabannan ragaa to’annoo fi hordoffii sadarkaa sadarkaan taasifamuuf ooluu barbaachisaa dha.
Haala kanaan,
 Hordoffii mallattoo fedhii kormaa fi rimaa qabsiisuu
 Hordoffii dhibee fi tajaajila E/Fayyaa
 Hordoffii omisha aannanii fi bu’aa aannanii
 Hordoffii fayyadama fi misooma nyaata beeyladaa
 Hordoffii raga bu’uura kanaaf gabasni kan ittiin sassaabamu unki jiraachuu qaba

3.2. Tajaajila Liqii


Ijaarsa mana loon fooyya’oof, aannan qulqullinaan omishuuf, meeshaalee barbaachisan bituuf,
aannanii fi bu’aa aannanii qindeessuu irratti warra hirmataniif bittaa meeshaaleef akkasumas
baasii ijaarsaa gartokkeef hirmaattotni liqii akka argatan haala mijeessuun barbaachisaa dha.
Kanaafis horsiisee bulaa omisha aannanii irratti hirmaataniif liqii yeroo giddugaleessaa horsiisee
bulaa fi dhaabbile aannanii fi bu’aa aannanii qindeessuu irratti hirmaataniif liqii yeroo dheeraa
mijaa’uu qaba. Haala liqii ilaalchisu Biiroon dhaabbilee liqii kennan waliin kan haala mijeessu
ta’uu qaba. Haalli kaffaltii akka armaan gadii ta’a.
3.2.1. Kaffaltii duraa (down payment)
 Horsiisee bulaa omisha aannanii irratti hirmaataniif 25%
 Horsiisee bulaa qindeessa aannanii fi bu’aa aannanii irratti hirmaataniif 30%
 Aannan qindeessuu fi gabaa irratti warra hirmataniif 20%
3.2.2. Kaffaltii Boodaa (Repayment)
 Horsiisee bulaa omisha aannanii irratti hirmataniif
 Waggaa calqabaa 20%
 Wagga llammaffaa 25%
 Waggaa sadaffaa 30%
 Horsiisee bulaa qindeessa aannanii fi bu’aa aannanii irratti hirmataniif
 Waggaa calqabaa 15%
 Waggaa lammaffaa 20%
 Waggaa sadaffaa 20%
 Waggaa arfaffa 15%
 Horsiisee bulaa aannan qindeessuu fi gabaa irratti hirmaataniif
 Waggaa calqabaa 15%
 Waggaa lammaffaa 25%
 Waggaa sadaffaa 20%
 Waggaa afuraffaa 20%

3.3. Gabatee Yeroo Raawwii


Hojiin misooma aannanii waggaa guutuu kan gaggeeffamu dha. Omisha gahaa argamsiisuuf
hojiin hormaata adda addaa wayitii eeggatanii raawwatamuu qabu. Hojiin wayitii eeguu qaban
dhiheessin nyaata beeyladaa, isa bu’uura ta’e yommu ta’u nyaata beeyladaa omishuu, kuusuu fi
itti fayyadama isaa fooyyeessuuf wayitii murtaa’an fayyadamuun barbaachisaa dha. Bu’uura
kanaan omisha aannanii olguddisuuf guddina jabbilee fooyyessuuf, rimaa qabsiisuuf, mallattoo
fedhii kormaa beekuuf, loonii darban haala qaama gaarii akka qabaatan tooftaa horsiissa fi
kunuunsa wayitii dhiheessa nyaata beeyladaaa bu’uureffate fayyadamuu barbaachisa. Kunis
akka haala naannootti hojii irra ooluu akka danda’u qabxiiwwan ka’umsaa qofti akka armaan
gadiitti kan kaa’aman yommu ta’u yeroon raawwii akka qabatamaa godinaalee fi aanaaleetti kan
kaa’amu ta’a.
 Leenjii leenjistootaa gaggeessuu,
 Hojjetoota misoomaa leenjisuu teeknoolojiiwwan itti fayyadamtoota waliin wal barsiisuu
hirmaattota filachuu fi leenjisuu,
 Bittaa fi omisha calla guddistuu fooyyessa omishaaf oolan gaggeessuu,
 Callaa guddistuu raabsuu,
 Kaffaltii duraa sassaabuu,
 Guyyaa ayyaana horsiisee bulaa qopheessuu,
 Hordoffii hormaataa fayyaa nyaata beeyladaa fi teeknoolojii taasisuu,
 Gamaggama adeemsisuu,
 Haala kaffaltii liqii hordofuu,
 Omisha nyaat beeyladaa (qophii lafaa, sanyii fi kukkutaa marga adda addaa qopheessuu fi
misoomsuu,
 Okaa ykn dirqoosha qopheessuu fi kuusuu,
 Nyaata haftee midhaanii sassaabuu,
 Bittaa nyaataa gaggeessuu fi kkf dha.

3.4. Hordoffii fi Gamaggama Gaggeessuu


Hordoffii fi gamaggamni Biiroo naannoo irraa kaasee ittigaafatamummaa Waajiraalee Biiroo
jala sadarkaadhaan jiraniin kan gaggeeffamu ta’a. Gandi fi Dirreen misoomaa paakeejii
fooyyessa omishaa aannanii kanaaf xiyyeeffannoo kennuudhaan iddoo filachuurraa kaasee
filannoo horsiisee bulaa hirmaattootaa fi raawwii misooma guyyaa guyyaa hordofuu fi
raawwachiisuuf ittigaafatamummaa qabu.
Kanaafis ogeessonni misooma aannanii aanaa,oggessoni hormata foyya’insa sanyii loon naannoo
akkasumas dirree missomaa irratti hojjetootni misooma beeyladaa hordoffii dhihoo taasisu. Hojii
kanaafis ragaan kan ittiin guuramu, kan ittiin qindaa’u fi yaadni fooyya’e kan ittiin tamsa’u
caasaa Biiroo sadarkaadhaan jiraniin hanga dirree misoomaa kan diriiru ta’a.
Akka waliigalaatti hojjetootni misoomaa beeyiladaa teeknoolojiiwwan fooyyessa omisha
aannanii horsiisee bulaa wajjin walbarsiisuu fi leenjisuu irraa eegalee omishini gabaaf dhihaatee
horsiisee bulaan faayidaa isaa haala sirrii ta’een akka argatuuf haala gargaaruu danda’uun
qabiyyee hojii horsiisee bulaa sanaan hordoffii dhihoo gochuutu irraa eegama. Hojiin kuni
hojjetoota misoomaa beeyiladaa qofatti kan gaatamu osoo hin taane waajjirri Misoomaa
Beeyladaa fi Qurxummii aanaa fi ogeessonni teeknoolojiiwwan haala gaariidhaan dirree
misoomaa fi hojjetootaaf deeggarsa yeroo ykn wayitii gochuutu irraa eegama. Hordoffii fi
deeggarsii hojjetoota misoomaa beeyiladaa fi ogeessota aanaaf godhamu gabatee yeroo raawwii
haala naannoo irratti hundaa’ee irratti ifa ta’ee kan beekamu ta’uu qaba. Kunis rakkoolee jiran
beekuuf yaada fooyya’insaa dhiheessuuf ogeessota biroof tajaajila kennuu fi akkasumas hordoffii
gochuuf ragaa dhihootti argachuuf gargaarsa gochuuf haala dandaniin hojmaatni iftoominni akka
jiraatu kan gargaaru waan ta’eef teeknoolojiin haala gaariin akka raawwatu kan dandeessisu dha.
Gamaggamaa fi hordoffii paakeejii kanaaf kan gargaaru unki ragaan ittiin sassabamu
dokumeentii kana wajjin walqabatee dhihaateera
3.5. Gurmaa’insa fi Manajimeentii
Biiroo Misooma Beeyladaa fi Qurxummii Oromiyaa fi waajjiraalee sadarkaa dhaan jiran:-
 Ulaagaa paakeejii paakeejii dhaan taa’e bu’uureffachuu dhaan iddoo paakeejiin itti tamsa’u fi
horsiisee bulaa hirmaatan filachu
 Omishtootni misooma aannanii paakeejii irratti hirmaatan tajaajila liqii akka argatan
dhaabbilee faayinaansii amansiisuu
 Calla guddistuu madda argamuu daada’an irraa bitanii hirmaattotaaf raabsuu
 Ogeessotaa fi fayyadamtoota horsiisee bulaa isaan jalatti argamaniif haala raawwii paakeejii
irratti leenjii gochaa (practical) kennu
 Iddoo paakeejiin raabsametti tajaajila E/Fayyaa Beeyladaa kennuu
 Ragaan haala sirrii ta’een sassabamuu mirkaneeffachu ragaalee irratti hundaa’anii hordoffii
fi to’annoo barbaachisaa gaggeessuu, kanarratti hundaa’uun tarkanfii sirreeffamaa kurmana
kurmaanan fudhachuu
 Guyyaa ayyaana horsiistotaa fi do’ii misooma aannanii qopheessuu
 Aanaaleen hirmaattotni beeylada ittiin paakejii hirmaataniif manaa fi nyaata qopheessuu
isaanii mirkaneessuu
 Paakeejiin fooyyeessa omisha aannanii akka babal’atuuf barnoota itti fufinsa qabu radiyoo
dhaan akka tamsa’u gochu
 Giddugaleeyyiin Baay’isaa fi Fooyyessa Sanyii loonii kan mootummaa harka jiran korma fi
raaddeen sanyii naannoo kan fooyya’an hanga fi qulqullina barbaadameen fayyadamtootaaf
akka raabsan waan hedduutu isaan irraa eegama.
3.5.1. Biiroo Misoomaa Beeyiladaa fi Qurxummii
 Leenjii leenjistoota ogeessota naannooleef kennuu
 Hojiirra oolmaa paakeejichaa ilaalchisee yeroo dhaa yerootti hordoffii gaggeessuu
 Hojiirra oolmaa paakeejichaa fi adeemsa waliigalaa raga barbaachisaa walitti qabuudhaan
qama ol aanaaf gabasa dhiheessuu
 Hojiin tamsa’ina paakeejii daran akka bal’atuuf kan gargaaraan meshaalee barnootaa
qopheessee naannooleef dhiheessuu
 Guyyaan ayyaana horsiisee bulaa fi do’iin qonnaa akka qophaa’u deeggarsa ogummaa
barbaachisu naannooleef gochuu
 Naannoolee waliin ta’uudhaan paakeejii ekisteenshnii irratti gamaggama itti fufinsa qaba
gaggeessuudhaan paakeejiin fooyya’an itti fufinsaan qophaahanii tamsaasaaf akka dhihaatan
gochuu
3.5.2. Institutii Qorannoo Qonnaa Biyyoolessaa fi Dhaabbilee Qorannoo Naannoo
 Teeknoolojii fooyya’an maddisiisuudhaan hojii irra akka oolan koree
walquunnamsiistuu qorannoo fi tamsaasaa sadarkaa sadarkaan jiraaniif dhiheessuu
 Ministeera Qonnaa fi Biiroo Misooma Beeyladaa Waliin ta’uu dhaan gamaggama
hojii dirree irratti hirmaachuu
 Qophii Paakeejii fooyya’anii irratti hirmaachuu

3.5.3. Dhaabbilee Mit-Mootummaa (NGO)


 Ministeera Misooma Beeyiladaa fi Qurxummi fi Biiroon keenya waliin ta’uudhaan
horsiistota gurmeesuu dhiheessa calla guddistuu fi kenna liqii irratti gargaarsa
guddaatu isaan irraa eegama.
 Misooma naannoo tokkoo itti gaafatamummaadhaan fudhatanii qaamoolee
mootummaa waliin qindaa’anii hojii bu’a qabeessa hojjechuu danda’u.
 Tajaajila liqii fi calla guddistuu kennuu danda’u.
3.6. Ibsa Bu’aa Qabeessummaa
Baay’inni uummata naannoo oromiyaa waggaadhaa waggaatti dabalaa dhufeera. Kallattidhuma
kanaan baay’inni uummata magalaa isa yeroo kamiyyuu caala dabalaa dhufeera. Fedhiin
aannanii fi bu’aa aannaniif uummatni magaalaa qabu baay’ina uumataa fi humni aannani fi bu’aa
aannanii bitachuu nama dhuunfaa guddachuun annan yeroo ammaa omishamu wajjin wal hin
madaalu. Kanaafuu hanqina kana guutuuf omishtoota aannanii naannoo magaalaa jiraataniif
haalli mijaa’aan yoo uumame omisha guddisuu fi itti fayyadama gabbisuudhaan uummata
nyaatuuf waliin gurgurtaadhaan gahuudhaaf omisha guddisuu fi aannan gurgurtaadhaan
dhiheessuuf carraan isaa bal’aadha. Adeemsa hojii kana keessaas bu’aa hedduutu argama
 Nyaataan of danda’uu keessatti gahee guddaa qaba (Aannan, Foon)
 Faltiin wan argamuu lafa qaljeessuu keessatti shoora guddaa taphata
 Carraa hojii dhaabbataa uuma
 Humna ibsaa fi ibiddaa dabalataa (koboota, bayoogaazii)

Paakeejii misooma aannanii dhimmoota daangeessan keessaa kan armaan gaditti tareeffaman
murteessoo waan ta’aniif hubannoo keessa galchuun barbaachisaa dha.
 Humna namaa hojii hormaataa gaggeessuu,
 Nyaata beeyladaa omishuuf horsiisee bulaan lafa qabaachuu isaa,
 Itti fayyadama faltii (lafa xaa’omsuufi ibiddaaf ooluu isaa),
 Gosa omisha horsiisee bulaan omishuu fi gatii naannoo,
 Kaappitaalli jiraachuu,
 Sanyii loon horsiisee bulaan suni horsiisuu, callummaa isaanii fi baay’ina isaaniiti.
Haala dureen afuran gara calqabaa jiran iddoo guutamanii argamanitti aannan omishuun
horsiisee bulaa bu’aa qabeessa taasisu daada’a. Hormaatni horii aannanii humna namaa baay’ee
kan barbaadu ta’u iyyuu humna maatii fayyadamuu danda’a. Faltii xaa’oo ykn ibidaaf oolchuun
ni danda’ama. Aannan omishuun bu’aa fooyyee qabu agarsiisuun isaa adeemsa omisha gaarii
ta’uu isaa agarsiisa. Bu’aa qabeessummaan paakeejii fooyyessa aannanii gosa paakeejii fi gatii
calla guddistuu irratti hundaa’a. Kanaafuu paakeejichi haala jabina qabuun gara hojiitti hiikuun
bu’aa inni kennuu danda’u gamaggamuuf tarreeffama baasii fi galii dursanii beekuu dhaan bu’aa
qabeessummaa isaa dursanii beekuun gaariidha.
 Humna namaa hojii hormaataa gaggeessuu
 Nyaata omishuuf horsiistotni lafa qabaachuu isaanii,
 Itti fayyadama faltii (lafa xaa’omsuu fi ibiddaaf ooluu isaa),
 Gosa omisha horsiistotni omishanii fi gatii naannoo
 Kaappitaalli jiraachuu
 Callummaa fi baay’ina sanyii loon horsiistootni suni horsiisan

3.7. Misooma fooyyeessa Omisha Aannanii Wajjin Walqabatan


Horsiisee bulaa paakeejii fooyyessa calla ykn omisha aannaniirratti hirmaatu calla aannanii
guddisuu galii fi fedhii nyaataa guuttachuurra taree misoomni armaan gadii paakeejii kana wajjin
walqabatan galii waliigalaa horsiisee bulaa guddisuu irratti gumaacha guddaa godhu
1. Qotiyyoo hojii qonnaaf mijuu ta’an fi gabbatanii gatii gaarii baasan argachuu
2. Dikee (xaa’oo uumamaa) argachuu
3. Aannan qindeessuudhaan hojii dabalataa uumuu
4. Galii guyyaa guyyaa akkasumas yeroo balaa ykn rakkinaa maallaqa nama qaqqabu argachuu
5. Sanyii nyaata horii, nyaata horii dhiheessuu fi gurguruu danda’u

3.8. Barbaachisummaa Tooftaa Hojmaata Paakeejii Misooma Aannanii Deeggaru


Yeroo baay’ee aannan galgala elmamu nyaata manaaf kan oolu yommu ta’u omishni ganamaa
giddugaleessaan litra 1-5 kan ta’u gara gabaa naannootti geessanii gurgurama. Aannan sadarkaa
xiqqaan omishame kuni lafa bal’aa irratti kan tamsaa’ee jiru yommu ta’u gabaan aannanii waan
hin babal’atiiniif omishtootnis ta’an warri aannan bitan fayyadamtoota hin taane. Kunis gama
omishtootaatiin manca’ina calla galiin inni kanarraa argachuu qabaa xiqqaa taa’uu yommu ta’u
gama warra shamataniin imoo aannan hang barbaadamu qulqullinaa fi gatii wal madaalun
argachu hin daadeessisuu omisha aannanii gaddisuuf tattaaffin godhamu gabaa bu’uura kan
godhate ta’uun waan irraa eegamuuf aannan qulqullinni isaa eegame omishuudhaan manca’ina
aannanii hir’isuu dhaan aannanii fi bu’aa aannanii gosa fi sadarkaa qulqullinaa inni bitatu
barbaaduun akka dhihaatuuf kan gargaaru dha. Omishtoota aannani sadarkaa adda addaatti
gurmeessuudhaan dhiheessi fi gatiin aannanii fi bu’aa aannanii qulqullina irratti kan hundaa’e
akka ta’u gochuuf to’annoon safara ulaagaa sadarkaa qulqullinaa gurmaainsa biyyaalessaa akka
qabaatu gochuun murteessaa dha. Omisha fi omishtummaan aannanii fi bu’aa aannanii biyyoota
guddina irra jiranii akka agarsiisutti industriin qabeenya aannanii itti fufinsaa fi amansiisaadhaan
itti fufuu kan isa dandeessisu omishtoota aannanii fi bu’aa aannanii qindeessuu irratti gandaan
ykn gooxii dhaan aanaa fi naannoo dhaan akkasumas sadarkaa biyyalessattin gurmeessuun
barbaachisaa dha. Gandaan ykn Gooxiidhaan waldaa omishtoota Aannanii (coops) dhaabuun
hojiilee ijoo armaan gadii qaba.
 Aannan ganda sana fi naannoo ganda sanaatti omishamu ni funaana, qulqullina isaa to’atee ni
bita.
 Gara qindeessa aannanii aanaa ykn naannoo ergee warshaa dhaan akka qindaa’u godha.
 Beeylada aannaniif deeggarsa horsiisaa ni kenna (AI ykn tajaajila kormaatiin).
 Tamsaasa ykn gurgurtaa nyaata madaalamaa ni gaggeessa
 Tajaajila barnoota ekisteenshinii ni kenna.
 Galmee beeylada aannanii naannoo isaanii galmee omishaa ni qabata
 Gabaa omisha aannanii keessatti hirmaannaa dubartootaa guddisuu.
 Leenjii ogeessaa ni kennaa
 Aanaa ykn Naannootti Yuniyeenii omishtoota aannanii (Union) Dhaabuu. Hojiin ijoo
yuniyeeniis,
i. Hojii omisha aannanii ganda horsiisee bulaa, aanaa ni jajjebeessa, deeggarsa teeknikaa ni
kenna
ii. Hordoffii qabeenya aannanii aanaa fi naannoo ni taasisa.
Federeshinii aannanii fi bu’aa aannanii biyyaaleessaa ykn boordii dhaabuu. Hojiin isaa ijoonis:-
i. Sochii hojii Yuniyeenii aannanii aanaa fi naannoo ni deeggara
ii. Gabaa aannanii fi bu’aa aannanii biyyaalessaa ni mijeessa tarsiimoos ni baasa
iii. Qulqullina omisha aannanii fi calla aannanii ni to’ata
iv. Paakeejii ni qopheessa
v. Hojiichaaf human namaa leenji’e ni gurmeessa
vi. Tooftaa fi tarsiimoo diqaalomsuu fi horsiisuu ni baasa
vii. Haala gabaa aannanii ni mijeessa
4. Tooftaa Horsiisaa Fooyyessuu
 Kormi sanyii filatamaa ykn tajaajilti AI dhihootti jiraachuu mirkanessu,
 Saawwan ykn raaddeen dhiiga fooyya’aa qaban korma ykn heefana naannoo gadi aanaa
ta’an (Inferior bull) akka rimaa hin qabne of eeggannoo guddaa gochuu ykn korma
naannoo sana kolaasuu,
 Mallattoo fedhii korma haleellatanii beekuu, saani ykn raadni fedhii korma agarsiifte
tokko yeroo agarsiifte irraa eegalee sa’aa 6-18 gidduutti kormaan ykn mala namaan
tajaajila argachuu ishee mirkaneeffachuu.
4.1. Mallattoo fedhii kormaa hordofuu
Fedhii korma jechuun saani tokko ji’a keessatti guyyaa digdamii tokko tokkoon sa’aa murtaa’eef
korma kajeeluu ishee fi rimaa qabuuf qophaa’uu ishee kan itti agarsiiftuu jechuu dha. Fedhiin
kuni gidugaleessaan sa’aa 21-24 qofaaf kan turu yommu ta’u, mallattoon ijoon kan akka armaan
gadiiti:
 Boqonnaa dhabuu, mar’achuu, horii biraaa koruu, yeroo koramtus callistee dhaabachuu,
 Dugda ishee yeroo qaban callistee dugda gadi qabuu,
 Yoo aannan kennaa kan jirtu ta’ee callaan aannanii hir’isuu,
 Dhangala’aan walharkisuf fi bifa bishaanii qabu dhalfa ishee keessaa ba’uu,
 Dhalfi dhita’uu fi diimachuu,
 Gadaameessi yeroo harkaan tuttuqamu dhita’ee mormi gadaameessaa laafuu fi kkf dha.

a. Saawwan fedhii korma kan agarsiisuu danda’an yoomi?


Saawwan fayyaan isaanii eegame fi kunuunsa fi nyaata garii kan qaban rimaa hin qabiin malee
yeroo kamiyyuu feedhii korma agarsiisuu daada’u. Haa ta’u malee yeroo nyaatni gaariin jiru fi
margi biqilu heddummaachu danda’a. Qorannoo biyyaa alaatti gaggeeffameen loon horsiisee
bulaan tokko qabu keessaa yeroo adda addaatti dhibeentaa armaan gadiin fedhii korma
aagarsiisanii argamaniiru.
 Ganama sa’aa 12:00 hanga guyyaa sa’aa 6:00tti - 22%
 Guyyaa sa’aa 6:00 hanga galgala sa’aa 12:00tti – 10%
 Galgala sa’aa 12:00 hanga halkan sa’aa 6:00tti - 25%
 Halkan sa’aa 6:00 hanga ganama sa’aa 12:00tti - 43%
b. Saawwan ykn raaddeen yoom tajaajila kormaa argachu qabu?
 Rimaa qabsiisuuf yeroon filatamu yeroo fedhiin korma mul’ate irraa gidugaleessaan sa’aa
6-18 gidduutti yoo ta’ee ni filatama. Akka waliigalatti ganama fedhii yoo agarsiifte
waaree booda, galgala yoo fedhii agarsiifte ganama isaa rimaa akka qabattuu gochuun
gaariidha.
 Horiin dhiiga alaa qaban warraa biyyaa keessaa caala fedhii korma agarsiisanii yeroo
dheeraa turu. Kanaaf horiin biyya keessaa fedhii korma agarsiifnaan guyyuma sana rimaa
qabsiisuu barbaachisa.
 Saani tokko dhaltee rimaa itti aanu kan qabachuu qabdu guyyaa 60 booda ta’uu qaba.
 Akka qorannoon armaan olitti ibsame agarsiisuttti loon harki caalan herga dallatti ykn
bakka bultii isaaniitti galanii booda feedhii kormaa waan agarsiisaniif omishtootni of
eeggannoo guddaadhaan hordofuu qabu. Kana ta’uu baannaan osoo rimaa qabu
dandassuu marsaan tokko darbinaan guyyaa 21, marsaa lama darbinaan guyyaa 42,
marsaa sadii darbinaan guyyaa 63 callaa aannanii fi jabbii uumuriin guyyoota ibsaman
kan gahuu danda’u dhabna jechuu dha.
c. Kunuunsa yeroo loon dorroban godhamu
Saani ykn raadni tokko dorrobuun ishee herga mirkanaa’ee booda haala guddina rimaa
hordofuun barbaachisaa dha. Kunis gatachiisaan akka hin jiranne, qaamni ishees akka hin
miidhamne gochu dha. Iddoo dhaltuttis akka hin miidhamne iddoo qopheessuu fi sa’a ykn raada
dhaluuf jettu fo’anii qofaatti eeguu dha.
d. Ofeegnnoo yeroo elmaan dura, yeroo elmaa fi isaan boda godhamuu qaban
Sababiin ijoon aannaan mancaasuu ykn balleessuu danda’an:
 Meeshaalee aannanii qulqullinni isaanii hin eegamne,
 Hanqina of eeggannoottiin kosii aannan keessa galan,
 Hoo’a barbaachisaa hin taane,
 Aannan mucha dhukkubsataa keessaa elmame, fi kkf
Kanaaf yeroo elmaatti of eeggannoo guchuun barbaachisaa dha. Aannan qulqullina isaa eege
dhiheessuuf dhimmoonii armaan gadii hojiitti hikamuu qabu:
 Aannan sa’a dhukubsattu irraa elmame aannan sa’a fayyaa waliin makuu dhiisuu,
 Horiin aannanii kuufama bishaanii fi dhoqqee dhaan akka hin faalamne iddoo akkasii
akka hin oolle gochuu,
 Saawwan elmaman xurii irraa bilisa akka ta’an elmaa dura dhiquu, saamuna ittiin
qulqullina eeganiin mucha isaanii dhiquu fi mucha isaanii samunaa qophaa’e keessaa
cuuphuu,
 Rifeensa dheedheeraa naannoo muchaatti argaman muruu fi xurii goggoge irraa
dhabamsiisuu,
 Yeroo elmaan dhumu mucha sa’aa dhiquu fi dhangala’aa dhibee ittisu keessa cuuphuu,
 Meeshaalee aannanii qulqulluu fayyadamuu,
 Aannan elmuu fi kaa’uuf meeshaa qulqullinni isaa eegame, dhiquu fi qulqulleessuuf
mijuu kan ta’e jiraachuu qaba,
 Meeshaan aannanii xurii akka hin qabanneef dadacha’aa kan hin taane (diriiraa) ta’uu
qaba,
 Aannan elmamee meeshaa biraatti herga garagaleen booda battalumatti dafee qodaadamu
qaba,
 Qulqullina meeshaa aannanii eeguuf jecha herga sirriitti dhiqame gogee booda beenjaala
meeshaan irra taa’u ykn meeshaa irratti rarrabsan irratti gadi gombisanii kaa’uu.
 Manni horii guutuun jiraachuu,
 Bishaan qulqulluu fayyadamuu (horii fi meeshaa dhiquuf),
 Fayyaa fi qulqullinni nama elmuu dhukkuba daddarba, qufaa fi kkf irraa belisa ta’uu
qaba,
 Elmaa osoo hin eegaliin harka isaa sirriitti kan dhiqatu, qeensi harka gabaabbatee kan
qorame ta’u qaba,
 Qulqullinni uffatni inni uffatu kan eegame ta’uu qaba,
 Sirna elmaa sirrii ta’e hordofuu,
 Qulqullina aannanii (mastitis) mucha arfanuu xiqqo xiqqoo elmuudhaan mirkaneeffachu,
 Elmaan harka qulqulluu fi harka gogaadhaan gaggeeffamuu mirkaneessu,
 Mucha irra miidhaan akka hin geenye yeroo elmaa muchi seeraan ala akka hin
harkifamne mirkaneessu.
e. Kunuunsa fi Qabannaa horii dhukkubsatanii
Horii maalas fi bushaayee yeroo dhukkubsatan akkaataa armaan gadiitti kan kunuunfaman ta’a :-
 Horiin dhibamuun isaanii yeroo shakkamu ykn beekamu horii fayyaa irra add baasanii
eeguu,
 Qulqulljina horii sanaa akkasumas qulqullina iddoo horiin dhukkubsatan kuni itti
fo’amanii eeguu,
 Mana horii dhukkubsatanii qofaatti qopheessuu, afaa lafaa fayyadamuu,
 Qabiyyee nyaata isaa fi baay’ina isaatiin nyaataa fi bishaan qulqullina isaa eeggate
dhiheessuu,
 “Nitrogenous feed” horii dhibameef dhihaachu hin qabu.
 Horii dhibameef nyaatni dhihaatu baay’achuu hin qabu.
 Horii dhibameef nyaata kan akka furushkaa, caccabaa mata jaboo fi garbuu kennuun ni
filatama.
 Bishaan qulqulluu horii dhibameef mata mataatti dhiheessuun dadarba dhukkubaa hir’isa.
 Qaama horii dhibamee qaqqabachuu ykn susukkuumuu fi horiin dhibame suni oliif gadi
akka socho’u gochuu
 Yaala beeyladaa kennuu
 Horii fayyuu dadhabanii du’an akka gosa dukkubichaa fi akka gorsa ogeessa yaala
beeyladaatti gatuu, awwaluu ykn gubuu barbaachisa.

f. Qabannaa Galmee horii aannanii fi bu’aa isaa


 Sanyii adda baasuu fi fooyyessuudhaaf
 Omisha hormaatichaa beekuuf
 Callummaa ykn omishtummaa tokko tokkoo sa’aa beekuuf
 Rakkoo hormaaticha keessatti mul’atan to’achuuf
 Karoora hormaatichaa kan gara fuulduraa qopheessuuf
 Rakkoo dhukkuba adda addaa yeroo dhaan beeksisuu fi to’achuuf
 Galii fi baasii hormaataa beekuudhaan haala qabannaa fooyyessuuf fayyada.
5. Madaalli Horsiisee Bulaa Hirmaatanii
 Aadaa naannoo sanaa kan hubate haala baruu fi barsiisuu kan fudhatuu fi kan itti
waliigalu ta’uu.
 Horii maalaa harkaa qabu keessaa filachuudhaan ykn horii filataman argachuudhaan horii
naannoo kunuunsuuf fedha kan qabu
 Wiruuun korma ykn tajaajilli mala namaan diqaalomsuu dhihootti jiraachu
 Gurmaa’uu dhaan aannan walitti qabuu fi qindeessuuf hirmaachuuf fedha kan qabu.
5.1.1. Paakeejii Guddisa Omisha Raada Diqaalaa Sanyii Aannanii
Akka naannootti omisha aannanii guddisuuf yaalii godhameen loon sanyii aannanii filatamoo
fayyadamuudhaan akkasumas loon sanyii aannanii biyya alaatii galan loon naannoo waliin
diqalomsuu dhaan omisha aannanii guddisuuf yaaliin hedduun godhameera. Haa ta’u malee
dhiheessi raaddeen aannanii fooyya’oo xiqqaa ta’uun isaa hormaata kana babal’isuufis ta’e
tamsa’ina paakeejii baay’isuu irratti dangaa kaa’ee waan tureef calla fi callummaa argamuu
danda’u xiqqaa taasiseera. Horsiistota ykn omishtoota dhiheessa raaddeenii kanarratti osoo
hirmaachisnee dhiheessi haala garii dhaan dabala. Galii isaaniis waan guddisuuf lakkoofsa
horsiisee bulaa kallattiidhaan fooyyessa omisha aannanii irratti hirmaatuu ni heddummeessa.
Horsiisee bulaan paakeejii guddisa omisha raaddeen diqaalaa kana irratti hirmaatan harki caalu
naannoo baadiyyaa gabaan aannanii sirriitti hin diriirre fi kallattiidhaan omisha aannanii irratti
hirmaattota ta’uu warra hin dandeenyeef kunuunsa loon diqaalaa fooyyessuudhaan raaddeen
gurgurtaaf dhiheessuu warra danda’ani dha.

Fig 1. Borana X Jersey (50% blood level)

Fig 2.Borana X Holstein (50% blood level)


Paakeejii kana keessatti calla guddistuun ijoon raabsa kormaa fi akkasumas
malanamaanis ta’e kormaa giddugaleessa mootummaa ykn kan dhuunfaatiin diqaalomsuu
ta’a. Kormi dhimma kanaaf hojii irra oolan yeroo dheeraa irratti hojjetamee bu’aa kan
agarsiisan korma Holestinii fi korma Jarsii ta’u. Raabsi korma Holestiinii baadiyyaa
magaalatti dhihoo jiran, iddoo roobni gahaan jiruu fi gabaan aannanii amansiisaa ta’etti
yommu ta’u raabsi korma Jersii aannan caala omishni dhaadhaa iddoo itti barbaadamu,
dhiheessi nyaata beeylada xiqqaa iddoo ta’e naannoo bunni ykn warqeen omishamutti
ta’a.
Hanga ammaatti hojii qorannoo fi hojii misoomaa irratti qo’annoo taasifamen calla
kennanii fi horsiissuf mijuu ta’uudhaan 50% dhiigni alaa kan mirkanaa’ee yommu ta’u
kunis 50-75% tii ol guddisuun akka danda’amu beekameera. Haala kanaan kormaa sanyii
aannanii omisha guddaa kennani fi dafanii guddatan loon naannoo omisha xiqqaa qabanii
fi suuta guddatan garuu immoo haala qilleensa naannoo dandamatan waliin
diqaalomsuudhaan bu’aa hedduutu argama. Diqaalaa duraa (F1) irraa omisha aannanii
harka 6 tiin kan loon naannoo caalu, umurii jabbii calqabaa itti dhalan ji’a 45-50 kan ture
gara ji’a 30-36 gadi buusuun ni danda’ama. Yeroo elmaa tokkoo (lactation length)
dheeressuudhaan yeroo isaan itti omisha keessa turan fooyyessuudhaan omisha aannanii
guddisuunis ni danda’ama. Tooftaa ittiin omisha guddisan kanaaf dhimmooni armaan
gadii guutamuu qabu.
 Kormi dhiiga alaa qabuu ykn mi’oon (semen) haala gahumsa qabuun argamu qaba,
 Wirtuu tajaajila kormaa dhaabuu,
 Mala namaan diqaalomsuu haala jabina qabun gaggeessu,
 Dallaa keessatti diqaalomsan naannoo omishtoota murtaa’anitti qopheessuu,
 Mala namaan diqaalomsuudhaan ogeessotaa gahaa leenjisuu,
 Sanyii fooyyaa’oo irraa omisha argamu hubachiisuuf iddoo do’ii qopheessuu,
 Waa’ee dhibee beeyladaa fi E/Fayyaa Beeyladaa irratti ogeessota fi omishtoota
leenjisuu,
 Haala rekordii fi gabaasa raawwii diqaalomsuu sirriittii diriirsuu fi hojiirra oolchu,
 Omisha sanyi fooyya’oo kana gamaggamuuf sirna hordoffii fi to’annoof ogeessi
gahaan jiraachuu dha.

Giddugaleessoota mootummaas ta’e warra gara dhuunfaatti naanna’an keessatti hanqina


dhiheessa raaddeen diqaalaa mul’atu kana humna omishu irratti hirmaachisuun dhiheessa
raaddeenii guddisuu irra taree galii isaanii waan gaddisuuf baay’inni horsiisee bulaa
paakeejii fooyyessa omisha aannanii irratti hirmaatu nidabala. Horsiisee bulaan paakeejii
guddisa raaddeenii kana irratti hirmaatan horsiisee bulaa naannoo baadiyyaa jiraatani fi
gabaan aannanii gadi aanaa ta’uu irraa kan ka’e kallattiidhaan omisha aannanii keessatti
hirmaattoota warri hin taane garuu horii maalaa diqaalomsuu fi keenuunsa isaanii
fooyyessuu dhaan raaddeen fooyya’an gurgurtaadhaan kan dhiheessani dha.

Paakeejiin guddisa raaddeenii kuni korma biyya alaa kanaan dura iddoo adda addaatti
ilaalamanii bu’aa argamsiisan kan akka korma Jarsii ykn Holestinin kan gaggeeffamu
yomu ta’u
1. Korma jedhaman kana kallattiidhaan naannoo barbaadamanitti raabsuudhaan
horsiisee bulaan mataa isaa fi uummata naannoo isaaf tajaajila diqaalomsuu
kenna, ykn
2. Korma mootummaa ykn dhuunfaa fayyadamuudhaan tajaajila diqaalomsuu argata
ykn
3. Tajaajila mala namaan diqaalomsuudhaan kan hojii irra oolu ta’a.
Haala kanaan diqaalomsuudhaan tooftaan sanyii fooyyessuu bifa lamaan gaggeeffama
1. Loon naannoo filataman sanyii beekamoo biyya alaa waliin diqaalomsuudhaan
diqaalaa duraa 50% (F1) omishuu,
2. Loon diqaalaa dhiiga alaa qaban qilleensa naannoo fi fedhii gabaarratti
hundaa’uudhhaan korma biyyaa alaa mijuu ta’e wajjin diqaalomsuudhaan loon
dhiiga alaa sadarkaa adda addaa qaban omishuu dha.
5.1.2.. Dhiheessa sa’a ykn raada sanyii naannoo
Horsiisee bulaan paakeejii kana irratti hirmaatu yeroo tokkotti sa’a ykn raada dhukkuba
hormaataa irraa bilisa ta’an 2 dhiheessa. Qindoominni ijoon paakejii kanaa:-
 Tajaajila diqaalomsuu kennuu (uumamaan ykn malanamaan),
 Dhiheessa nyaataa fooyyessuu,
 Qophii manaa taasisuu,
 Iddoo itti loon diqaalomsaman qopheessuu,
 Tajaajila E/Fayyaa kennuu,
 Qorannoo rimaa (PD) gaggeessuu,
 Qabannaa raga fooyyessuu fi kkf ammata.
5.1.3..Raabsa Kormaa Taasisuu
Akkuma armaan olitti ibsame hirmattotni paakeejii guddisa raaddenii kuni korma
raabsamu dhuunfaadhaan qabachuu dhaan ykn wirtuu kormaa dhaabuudhaan kan
gaggeeffamu ta’a. Horsiisee bulaan tajaajila diqaalomssuu irratti saawwan
dhuunfaadhaan qaban tajaajila kanaaf dhiheessuudhaan korma sanyii aannanii
qulqulluutiin akka diqaalomsaman ni taasifama. Rimaa qabsiisuun hanga yeroo sadii
gaggeeffamee (ykn sanaa gaditti) rimaa qabuun isaanii akka mirkaanaa’een horsiisee
bulaan abbaa sa’a sanaa sa’aa rimaa qabde kana kunuunsee jabbiin dhalattu goromsa yoo
taate tooftaa kunuunsaa fooyya’e fayyadamuun guddinni ishee akka saffisu gochuudhaan
omisha aannaniif akka ooltu gochuutu irraa eegama. Adeemsi teeknoolojii kanaa
saawwan ykn raaddeen giddugaleessaan yeroo lamatti rimaa akka qaban herga dhaltees
umurii waggaa lama ykn ji’a 24 guddina jabbiif kennuudhaan bu’aa paakeejii kanaa kan
taate raada aananii fooyyofte tokko ji’a 36 keessatti omishuu dha. Horsiisee bulaan raada
omishe kana dabarsee yoo gurgure akka omisha ijootti waan lakkaa’amuuf bu’aa
paakeejii godhametu fudhatama. Horsiisee bulaan kuni raada omishe ofiif oolfachuu yoo
barbaade immoo paakeejii fooyyeessa omisha aannanii irratti haala ibsameen raadni
horsiisee bulaan kuni guddise calla guddiftuu paakeejii fooyyessa omisha aannanii taatee
lakkaa’amti. Tajaajila mala namaan diqaalomsuu fayyadamuu magaalaa fi naannoo
magaalaa akkasumas baadiyyaatti dhiheessa meeshaalee dhaabbataa fi dhumataa AI
fooyyessuu dhaan mi’oo (semen) haala gaariidhaan dhiheessuudhaan lakkoofsa
teeknishaanota dabaluudhaan fayyadamtootni raada diqaala akka dabalu ni taasifama.
5.1.4. Dhiheessa Nyaataa Fooyyessuu
Korma guddina irra jiruuf nyaatni barbaachisu madaallii qaama isaa irraa 2% yommu ta’u
madaallii murtaa’e irra herga gahee booda of eeggannoo qaamaaf qofa (maintenance)
nyaata dabalataa xiqqoo tu’e kennuu barbaachisa. Giddu galeessaan, akka guddina
kormichaatti, nyaatni 18-40 kg dhihaachuu qaba. Nyaatni kormaaf oolu harki caalu okaa
fi haftee qonnaa irratti kan hundaa’e ta’uu qaba.
5.1.5. Qophii Manaa
Qophiin mana kormaa guddina qaama kormaa fi amala isaa kan bu’uureffate ta’u qaba.
Bu’uurri manichaa jabaa, iddoon hidhaas humna kormaa wajjin kan walmadaalu fi
bal’inni isaa 12.00 m2 kan ta’e hojjechuu barbaachisa. Lafti manichaa keessaa konkiriitii
osoo ta’ee ni filatama. Manichaa alatti dhaabataadhaan wanti kormi itti hidhamu
jiraachuu qaba. Dallaan ykn mooraan haala jabina qabuun naannoo manaatti yoo ijaarame
balaa irraa nama eega.
5.1.6. Qophii Iddoo Diqaalomsaa
Iddoon itti diqaalomsan qophaa’uu qaba. Kunis saani ykn raadni qaama korma ulfina
guddaa qabu kana baachuu waan hin dandeenyeef haala ulfina korma asana guutummaan
guutuutti raada diqaalomsamtu sanatti akka hin fe’amne gargaara.
5.1.7. Tajaajila Eegumsa Fayyaa
Of eeggannoo guddaan godhamuu kan qabu to’annoo dhibee naf-saalaa irrattidha. Dhibee
kanaaf qorannoon gaggeeffamuu qaba. Dhukkuboota dadarbaf talaalli ji’a 6 fi
waggaadhaan kennamu qaba. Raada diqaalaa Sanyii Aannanii Omishuuf sanyii kormaa
barbaachisu fi sadarkaa dhiiga alaa qaban:-
1) Korma sanyii qulqulluu Jersii ykn Fresian sanyii naannoo qulqulluu waliin
diqaalomsanii 50% diqaalaa duraa argachuuf
2) Korma 50% dhiga alaa mirkanaa’e qabu sa’a diqaalaa 50% waliin diqaalomsanii
dhiiga alaa 50% irratti eeguuf
3) Korma 25% dhiiga alaa mirkanaa’ee qabu sa’aa diqaalaa 75% waliin
diqaalomsanii sadarkaa dhiiga alaa hir’isuu dhaaf
4) korma sanyii naannoo filatame loon sad. Dhiiga 75% oli qaban waliin
diqaalomsuu dhaan sadarkaa dhiiga alaa hir’isuudhaaf
5.1.8. Paakeejii Fooyyessa Callaa Aannanii Loon Diqaalaa
Qorannoo akka biyyoolessaatti gaggeeffameen loon naannoo calla aannaniitiin gadi aanaa
akka ta’an ibsameera. Haa ta’u malee fedhii aannanii yeroo dhaa yerootti dabalaa adeemu
guutuuf tooftaan yeroo gabaabaa sanyii loon omisha aannaniin beekaman fayyadamuu
dhaan aannan omishuu dha. Kanaafis horsiisa loon aannanii fooyya’oo kanaaf naannoon
oromiyaa harka caalu mijaa’aa waan ta’eef korma sanyii aannanii biyyaa alaa horii
naannoo waliin diqaalomsuu dhaan calla aannanii guddisuu itti fufinsaan hojiirra
oolchuun barbaachisaa ta’ee argameera.
Loon naannoo korma biyyaa alaa waliin diqaalomsuudhaan raaddeen argaman
bu’uureffatee hormaatni eegalu fooyyessa calla aannanii calla guddistuu gadi’aanaa
dhaan kan raawwatamu yommu ta’u saawwan ykn raaddeen diqaalaa duraa (F 1)
fooyyessuu dhaan gara sanyii dhiiga alaa ol’aanaatti jijjiiruudhaan saawwan ykn
raaddeen argamaniin hormaatni eegalu immoo fooyyessa calla aannanii calla guddistuu
olaanaadhaan kan raawwatamu ta’a. Kormi biyyaa alaa hojii irra ooluus ammaaf korma
Holestiinii fi Jersii ta’a.
5.1.9.Paakeejii Fooyyessa Callaa Aannan Re’ee naannoo
Hormaatni re’oota naannoo keenyaa naannoo horsiisee bulaa, naannoo rooba hanquu fi
naannoo rooba gahaa tti waan ta’eef tamsa’inni isaa bal’aadha. Sababni tamsa’inni kuni
bal’ateef:-
 Hormaata re’ootaaf kaappitaalli barbaachisa xiqqaa ta’uu,
 Beeylada kaan waliin makanii horsiisuun waan danda’amuuf,
 Dafanii dafanii wal houru.
Sanyii re’ootaa gidduu akkasumas sanyii dhuma tokko keessattis gaaraagarummaan
“genetic” ol aanaan waan jiruuf filannoodhaan (aannanii fi fooniin ) callumaa isaanii
guddisuun nidaada’ama. Fooyya’insi kunis tajaajila E/Fayyaa amayyaa, nyaata,
akkasumas gabaa giddugaleessa osoo godhatee bu’aan re’ee irraa argamu guddaa ta’uu
danda’a. Re’een yeroo rakkoo akka insuraansiitti tajaajilu gurguramanii rakkoo nama
oolchu wabii nayaataa (aannani fi fooniin ) of nama dandeessisu, dhimmota aadaaf oolu,
kokoriin isaanii xaa’oof oola, iddoo xiqqaa fi baasii xiqqaadhaan wal-horu, galii
dabalataa argamsiisu maatiif carraa hojii uumu, haftee qonnaa dhallinamaa itti hin
fayyadamne nyaatanii aannanii fi foon omishu.
Qabeenyi re’ee naannoo oromiyaa mil 8.28 akka ta’e tilmaamama. Kana keessaa
walakkaan naannoo horsiisee bulaa fi naannoo rooba haaquu keessatti kan argaman
yommu ta’u kan hafan naannoo Badda daree fi Baddaatti argamu. Hormaatni re’ee
keessattuu calla aannanii ilaalchisee qorannoon hedduun gaggeeffamu baatu illee yeroon
elmaa gabaabaa ta’uu fi callaan aannanii xiqqaa ta’uun guddinni calla aannanii re’ee
akka daagatamu godheera.
Fayyadamni aannan re’ee Badda daree fi Baddatti garagarumma qaba. Ilaalcha nama
hedduutti aannan re’ee akka qorichaatti waan ilaalamuuf daa’immaniif kennama.
Naannoo horsiisee bulaa fi naannoo rooba hanquutti immoo maatii hundatu dhuga.
Tooftaan omishaa re’ee gabaa giddugaleessa kan hin godhanne fi haala hormaata
aadaatiin kan gaggeeffamu waan ta’eef kuufamni qabeenya re’ee bu’aa kennuu qabu hin
kennine. Hiyyummaa hir’isuuf kuufama qabeenya re’ee gabbisuuf hudhaalee omishaa
kan ta’an tajaajilli E/Fayyaa gahumsaan diriirsuu dhabuu, hanqina nyaataa fi bishaanii,
gahumsa qorannoo fi teeknolojii maddisiisu dhabuu, gabaa beeyladaa diriirsuu dhabuu fi
kkf dhabamsiisuuf xiyyeeffannoo barbaada.
Dhibeen ree’ee gurguddaan dhibee daddarbaa fi kan biro kan akka :- Peste des petit
ruminants, CCPP (Contangious Caprine Pleuropneumonia), Pasteurellosis, FMD(Foot &
Mouth disease), Abbaa gorbaa (Anthrax), Maxxantuu qaama keessaa fi alaa, Lung worm
(Raammoo Sombaa), Raammoo Mor’immanii, Maagaa, Qumuxxee (Liver fluke),
Injiraan,
Raammoo funyaanii, Maariyyee re’ee (Got Pox), Dhukkuba muchaa ykn jigoo (Mastitii)
5.2.Sanyii Re’ee
1. Re’ee Baddaa Giddugalaa (Central highland goats)
2. Re’aa Baddaa gara Lixaa (Western highland goats)
3. Re’ee Booranaa
4. Re’ee Kafaa
5. Re’ee Arsii Baalee

Re’ee Naannoo filatnoodhaan fooyyessuu fi Ittifayyadama isaanii


Re’ee naannoo filannoodhaan fooyyessuuf hojmaata armaan gaditu raawwatama.
 Misoomaa fi fooyyessa re’ee sanyii naannoo irratti horsiistota fedha qabeeyyii
ta’an garee fi dhuunfaadhaan walitti qabuu fi gurmeessuu,
 Filannoo sanyii hormaataa fi kunuunsaa waliigalaa irratti leenjii gaggessuu
 Ittifayyadama korbeessaa kaffaltii tajaajilaa fi kkf bu’aa waliinii tarreeffamaa
irratti danbii keessaa qopheessuu
 Sanyii re’ee naannoo keessaa yoo danda’ame omisha fi dhaabbii qaama isaaniitiin
korbeessaa fi haadhoo fooyyee qaban filachuudhaan maatiidhaan ykn gareedhaan
Qhorsiisee bulaaB gurmeessanii hojii hormaataa cimaa gaggeessuu.
5.2.1. Korbeessa Hormaataa filachuu
Filannoon korbeessaa of eeggannoo guddaa kan barbaadu dha. Sababni isaas korbeessi
dhaltuu haay’ee bira waan gahuuf qaceen sanyii harka caalu kan tamsa’u karaa
korbeessaa waan ta’eefidha.
Bu’uuruma kanaan yeroo filannoo dhimmonni xiyyeeffannoo barbaadan kan armaan
gadiiti.
 Gabaa re’ootni hedduun dhaabatan keessaa boca alaan mulatuun re’oota kaan
irraa fooyya’ee kan mul’ate filachuudhaa
 Alanafa korbeessa tokkoo ibsuu isaa ilaaluu fi mirkaneessu
 Ijji’isaa lameenuu fayyaa fi kan ifan ta’u mirkaneeffadhu
 Gurri lameen walqixa ta’anii iddoo isaanii irra jrachuu mirkaneeffachu
 Taa’umsi afaan inni olii fi gadii fi walitti qadaadamuun mangaagaa sirrii ta’uu
mirkaneessuu
 Lukti duraa lamaan sirriitti lafa qonxoxanii qabuu kan danda’an fi fayya buleessa
kan ta’e,
 Guddina guutuu kan qabanii fi “firiimbaan” isaa ifaan kan mul’atu
 Amala sanyii isaa (gosa isaa) of keessaa qabaachuu isaa qoruu fi mirkaneessuu.
Haaluma walfakkaatuun duuba korbeessaa dhabachuudhaan :-
 Haala taa’umsa dubooisaa sorooroo ta’uu isaa , kuufama comaa qabachuu fi hin
qabaannee (akka haala sanyii isaatti ilaaluu fi madaaluu.
 Lukti duubaa lamaan lafa qonxoxanii dhabachuu danda’uu isaanii fayyaa fi
guddina guutuu kan qaban akkasumas boca qeensaa fi guddinni guutuun jirachuu
ilaaluu
 Luka duubaa keessaa tokko ykn lachuu boca iddaa yooqabatan kabeelaa fi
guddina walqixxee hin taane yoo qabatan battalumatti filannoo sana haquudha.
 Cidhaan korbeessaa lachuu walqixa duubatti bahanii kan rarra’an ta’uu ilaaluu
harkaan qaqqabatanii dhiitoo fi miiradhukkubaa kan hin qabne ta’uu
mirkaneessuu
 Bitaa fi mirga korbeessichaa naanna’anii ilaaluudhaan lafee cinaachaa irratti
miidaan akka hin jiree mirkaneessuu
 Gadi jedhanii nafsaaala korbeessaa fiixee ishee (prepuee) harkaan
qaqqabachuudhaan miirri dhukkubaa fi malaan (dhangala’aan) akka hin jiraanne
mirkaneessuu.
 Korbeessa hobobsuuf qaqqabe (timaamaan ji’a 12-16 kan ta’u) yoo ta’e achuma
bushaayee gabaa keessa jiranitti gutuudhaan hobobsuuf kaka’umsa inni qabu
(libido) sakatta’uu ykn ilaaluu.
 Mataa korbeessaa irraa kaasee hanga iddoo eegeenisaa biqileetti dugdi isaa
sorooroo fi golboo kan hin taane ta’uu merkaneesuu
5.2.2. Re’ee dhaltuu Hormaataaf filachuu
Korbeessa hormaata filachuuf dhimmooni armaan olitti tarreeffaman naf saalaan alatti
re’ee dhaltuu filachuufis ni ta’a. Dabalataanis
 Dhaabbii fi alanafaa re’ee dhaltuu qabaachuu ishee,
 Mudaa alanafaa ykn qaama alaa kan hin qabne,
 Fiixeen muchaa lachuu walqixxaatee iddoo sirriitti kan argamuu
 Qaamni hormaata re’ee (vulva) bineensaan ykn sibiilaan kan hin madoofne
godaannisa kan hin qabne ta’uu ilaaluudhaan mirkaneessuun dhimmoota ijoo dha.
Ilmooleen re’oota re’oota hormaataaf filataman kanarraa dhalatan haaluma waltakkatuun
filatamanii warra isaanii kan bakka bu’an (replacement) gochuun barbaachisaa dha.
Ulaagaa korbeessa fi haadhoo hormaataaf filachuuf kaa’ame warri hin guunne garuu
guddisanii qalmaaf gurguruu barbaachisa yommu ta’u warri bakka bu’uuf filataman
ragaa ykn rikoordii hormaataa irratti kan hundaa’e ta’uu qaba.
 Isa korbeessa bakka bu’uuf yeroo dhalate, yeroo gu’e, fi umurii ji’a jahaa irratti
madaallii qaamaa dhaabbii (live weight) inni qabu,
 Ishee haadhoof dandeettii dafanii dhaluu, salphaatti dhaluuf dandeettii isheen
qabdu, lakkuu dhaluu, gahumsa guddisuu ykn amala haadhummaa fi dadeettii fi
amalli re’ootaa kuni raga irratti galmaa’anii horii hormaataa kana wajjin
naanna’u qabu.
 Korbeessi re’ee tokko wirtuu ykn garee hormaataa tokkorra tajaajila kan laatu
waggaa tokko qofaaf ta’a.
 Giddugaleeyyii Baay’isa Sanyii iddo itti argaminsa sanyii re’ootaa(place &
origion) qoratu, kan baay’isu fi raga rekoordiidhaan deeggarame kan kennu
Waldaadhaan, abbootii qabeenyaatiin, dhuunfaatiin ykn mootummaatiin dhaabuu,
kan kanaan dura turanis jajjabeessuun barbaachisaa dha.
5.2.3. Dhiheessa Nyaataa Fooyyessuu
 Nyaatni re’ootni nyaatan akkuma naannootti garaagarummaa qabu. Harki caalu
marga, baala mukaa , miciree haftee midhaanii, haftee warshaa, biqiloota nyaataa
fooyya’an kan akka, alfalfa, faayyoo,marga arbaa, shaalloo, sasbaniya fi lukinaa
dha.
 Nyaata yeroo bonaaf tajaajilu bifa okka ykn dirqooshaan qopheeffachuun
omishtummaan re’ootaa akka hin hir’isne godha.
5.2.4. Mala hormaataa fooyyessuu
 Fedhii saalaa korbeessa re’ee hubatanii beekuu,
 Gosa nyaataa guddinaaf gargaaraan beekanii sooruu,
 Ilmoon re’ee tokko daftee habobsaa akka qaqqabdu yaalii gochuu,
 Filannoo korbeessa re’ee irratti of eeggannoo gochuu korbeessichi haadha aannan
gaarii kennitu irraa akka dhalate fi re’ee amma hobobsuuf jedhu kana wajjin
firumma akka hin qabaanne mirkaneessuu,
 Re’een goromtiin tokko habobsaa calqabaaf yeroo itti qaqqabdu, yeroo ilmoo
calqaba godhattu, yeroo ilmoolee ykn dhaloota lamaan giddu jiru nyaata fooya’aa
sooruun gabaabsuu
5.2.5.Qabannaa re’ootaa fooyyessuu
 Ilmoon reefu dhalattuu guyyaa sadiit silga akka isheen argattuu gochuu,
 Hanga guututtu aannan gahaa akka argattu gochuu,
 Bineensa bosonaa irraa eeguu
 Re’ee goromtiin hanga habobsa geessutti kunuunsa olaanaa gochuudhaan
guddisuu
 Re’en haadhoon dorrobaan qaamni ishee haala gaariirra jiraachuu mirkaneessuu.

5.2.6.Eegumsaa Fayyaa Re’ootaa fi Tooftaa Dhukkuba Talaalaan Ittisuu


5.2.6.1. Dhukkuboota Maxxantuu Qaama alaa tiin dhufaan
Goosa re’ota hundaa maxxantuuwwaan qaama alaa kan akka silmii, injiraan, tafkii fi kkf
umurii isaanii guutuu ykn walaka umurii isaanii qaama re’ootaa irratti dabarsuun
guddachu fi wal-horuu dandau. Sababii dhukkuboota bayeen maxxantuuwwan kanan
dhufuun haala qileensaa adda addaa keessatti gargarsii gama fayyatiin yeroon yoo
kenameef malee re’eotiin hanga duuti niga’u. Yoo du’a irra hafan illee omishni irra
eegamu gar-malee gadi bua. Re’otiin maxxantumaan qaama alaa tiin gar-malee hubamu.
Biyya keenyaa keessatti maxxantuuwwan qaama alaa hanga amatti horsisaa re’ota irratti
hubatiin qaqabsisaan seeran qoratame yoo beekamu baate illee dhibeewaan
maxxantumaan kanan dhufaan akkasumaas dhibban omeeshaa isaan irra qaqabsisan
bayee cimaa akka tae ni tilmaamama. Dhibeewaan maxxantumaan qaama alaa tiin
dhufaan akka armaan gadiitti taeraa.
A. Cittoo
Dhibee maxxantuwaan qaama alaa tiin dhufaan keessa inni tokko ciitoo kan jedhamu
yemmu ta’u sababi Bakteriyaa ijaan hin mulanen maddaa kale Re’eota irratti balinan
mulatuudha. Dhibeen kun balinan kan mulate yeroo ganna yoo ta’u silmii werramuu fi
wal-hormataa titisoota gosaa bayeen immo dhibichi caalaatti akka babalatuu tasisaa.
Malattoowaan dhukkuba ciitoo nanno afaan fi funyaan dhiiteesuun jalqaba, isaan boode
rifeensi ni dhabata dhiitoon dabala yemmu deemu maalaa godhata (qabata).
Akkuma malatoon mulateen ofeganno godhamu qabu
 Re’eotaa dhukkubsataan warra fayya irra addan baasuu,
 Lafaa Re’eotni dhukkubsatan turaan keemikaala bakteriyaa kan ajeesuu dandaani
itti bifuun (dhiquun) qulquleesuu,
 Re’eota wantoota kale isaan madeesuu dandaan kan akka silmii fi titisoota irra
eeguu,
 Qorichoota silmii bituun silmiwwan irra bilisa gochuu.
B. Maraanmartoo (Heart water)
Dhibeen kun kan dhufu wantoota ijaan hin mulanne Riketsiyaa jedhamuun. Beeyladoota
alaala guraan hundaa ni qaba. Dhibichii silmiidhaan dadarbaa.

5.2.6.2. Malattowaan dhibichaa


 Ho’ina qaama gar-malee olkaii (dabaluu),
 Beeyladni yeroo adeemu asiif achii dadarbamaa
 Nanno lukka lameen fulduraa boodee dhiitoo ni mulata, hafuura bafachuu dadhaba.
 Lukkaa fuldura lameen banuun mataa buusee dhabataa
 Dhumaa irratti ni kufa, luka lameen akka addan banameetti nidu’a.

a.Ittisa dhibee kanaa.


 Kemikaaloota silmii ajjeesaan yeroo yeroon beelada biifuu fi silmii balleesu,
 Lafa dhedhumsaa jijiruu (rotational grazing)
 Re’eotaa dhukkubsaatan atataman yaala kenu.
b.Maxantuwaan qaama alaa fi hubati isaan gessisaan
 Beeyladaa Boqonna dhorku (akka hin tasgabofne godhu),
 Kalee isaan madeesuu akkasumaas dhiigaa isaan xuxu,
 Qamni beeyladaa hanqaquu ykn jiisaa maxxantuu qaamaa alaatiin faalama,
 Qamni beeyladaa ni madaaa,
 Dhibeewaan akka Teleriyosis, Babesiyosis fi Anaplasmoosis akka babalatu tasisu.

5.2.6.3.Haalawaan Maxxantuwaan qaama alaa itti itisaan


Re’eota aananii fayya isaanii fi omishtummaa isaanii guddisuuf maxxantuwaan qaama
alaa irra bilisaa gochuun dhimma murteessadha. Hubaati qaama beeyladaa fi
omishtumma irra gahuus ambisuun nidandaama. Ittisa maxxantuwwan qaama alaa akka
arman gadiitti tae’ra.
 Margaa dheeraa fi dulloomaa guubuun silmii hirisuun nidandaama
 Kemikalota (Qoricha) maxxantuwwan qaamaa alaa bifuun (lafaa ogeesi jiruuti )
maxxantuwaan kana itisuun nidadaama
 Nannoo ilbisoota fi maxxantuwaan kanaaf mijawaa ta’e jijiruun, fkn, bishaan
ciisaan yoo jirate akka hinciisne gochuufi maxxantuwaan akka hin gudaneef wal-
hin horre gochuun to’achuun ni dadaama.

5.2.6.4.Hubaati Maxxantuwaan qaama keesa fidan


Yeroo qaama beeyladaa keessatti maxxantuwaan qaama keessa kuni walhoraan
dhibeewwan kan akka Dhukkuba Tiruu, Dhukkuba Somba , Dhukkuba Mar’umman
keesaa fi dhiigaa fiduu ni dandau.
Maxxantuwaan qaama keessa qaama beeyladaa keessa gaaluun (seenun) marumman ,
dhiigaa fi qaamolee biraa keessa jirachuufi wal-horun beeyladichaa irratti hubati cima
geessisu.
Sadarkaa hubatiwaan kannen akkuma haala qileensaatiin adda addaa tau danda’a.
Haaluma kanan:-
 Nyaata (soorata) beeladaa ni saama (ni qoodata),
 Summiwan qaama maxxantuu keessa bahu qaama beeyladaa keessa ni tamsaasa,
 Dhiigaa beeyladicha ni xuuxa, ni huqisaa, ni dadhabsiisa,
 Omishaa aanani garmalee ni hir’isa,
 Dhumma irratti ajeesuu nidanda’a.
5.2.6.5.Halaawaan maxxantuwaan qaama keessa ittin dadarban
Maxxantuwaan qaama keessa qaama beeyladaa keessa kan seenan nyaata (soorata) fi
bishaan maxxantuwaan kanaan faalaman yoo fayyadamani dha. Mallatoo beeyladoonni
maxxantuuwaan qaama keessa tiin qabaman argisisaan
 Rifeensi ni dhabataa
 Beeyladni umurii xiqaa dafee guddachuu fi ulfina dabalu dhabuu,
 Ulfina qaama hir’achuu
 Ilmolee Re’eotaa gara gudachuu
 Gara kaasuu (albaasuu)
 Darbee darbee hoina qaama dabalu.

5.2.6.6. Hubati maxxzntuwaan qaama keessa gessisaan haala itti to’achuun


danda’amu
 Lafa bulti fi lafaa nyaata isaan qulqulinan eeguu,
 Nyaataa maxxantuwaan kanaan hin falamne kenuu,
 Albudoota adda addaa akka argatan tasisuu,
 Qorichoota waytiii isaa eeguun yeroo yeroon beeladaaf kenu.

5.2.6.7.Dhibeewaan Daddarban
Horsisa Re’ota ilaalchise dhibeewwan walxuuquun daddarban hubaatii qaama irratti
geesisanii fi omishtummaa beeyladicha hir’isanin alati bayinan ajeesuu nidandau.
Qotebulaa irrattis hubati cima gesisuu ni dadau . Dhibeewwan dadarboo ta’an kun
beeylada tokk irra kan biraatti karaa adda addaa tiin dadarbuu wanta danda’anif yeroo
isaa egaanii taalala kenun yeroo murta’ef ittisuun ni dandaama. Dhukkuboota cicimoo
dadarboo taan:
 Mariyee bushayee (PPR)
 Dhukkuba somba Re’ee (CCPP)
 Gororsaa (Pasteurollosis)
 Abba Sangaa (Anthrax)
 Maasaa (foot & Mouth disease)

5.2.6.8.Karaa (haala) iti dadarbaan


 Nyaata fi bishaan beeyladaa dhukkubichan faalame yoo fayyadaman,
 Beeyladaa Dhukkubsateen yoo’walxuqaan,
 Dhangala’oo qaama uumama keessa yaa’uun,
 Meeshaalee dhukkubichaan fallame irra,
 Beeyladaa dhukkubichaan due irra,
 Lafaa dheedumsaa faalame irra.

5.2.6.9.Itisaa dhibeewaan daddarboo


 Taalala kenu (ogeessaan )
 Kan dhukubsatani fi fayyaa addan baasuu,
 Dhangala’oo qaama umama beeyladaa dhukkubsate keessa bahu lafaa beeyladoon
fayyan hingeenyetti gatuu (Awwalu),
 Re’eotaa dhukkubsatan meeshalee irratti nyaatan fi bishaan dhugaan addan baasuu,
 Beeyladoota dhukkubsatan yaaluu fi kununsuu, re’ota dhukkubaan du’an awwalu ykn
gubuu.

5.2.6.10.Dhukkuba harmaa ykn Jigoo (Mastitis)


Dhukkubni kun Jarmiwaan ijaan hin mulalnen kan dhufu dha. Dhukkubni kun kan
daddarbu:-
 Hubati wantoota adda addaatiin harmarra ga’een,
 Yeroo elmaman, hanqina qulqulinaatiin,
 Lafaa bullti yoo qulqulina dhabe,
 Meeshaalee harma dhukkubsateef fayyadamne yoo kan beeyladaa fayya irratti itiin
fayyadamne dha.

5.2.6.10.1.Mallatowwan dhukkkuba Harmaa (jiigoo)


 Aannan ciccitaa ykn dhangala’oo gosa bira harma keessa yaa’uu,
 Ho’ina harmaa nidabala,
 Harmi ni dhiita’a,
 Harma keessa maalaan ni yaa’a
 Qaawii harma ni cuufama.

5.2.6.10.2.Ittisa dhukkuba harmaa


 Meeshalee itti elmamu qulqulinan qaabu,
 Lafaa bulti fi iddoo elmaa qulqulinaan eeguu,
 Meeshalee aanan kan Re’ota fayya fi kan dhukkubsatootaa adda baasuu
 Elmuun dura bishaan ho’adhaan harma dhiiquu fi foxxaadhaa qulquleesuu.
 Harmi silmiidhaan akka hin weeraramne eguu.
 Harma dhukkubsate keessa aanan keessa elmuun ogeesi kan ajeeje qorichaakenu.
5.2.6.10.3.Ofeegannoo godhamuu qaban
 Lafa bulti re’ota qulqulinan eeguu,
 Fooxaawwaan itti harma qulquleessan fi ittin gagsaan kan re’ota fayyaafi
dhukkubsatoota addan baasuu,
 Akka dhibichi walti hindadarbine re’eota dhukkubsatan dhumma irratti elmuu,
 Aanan Re’eota fayyaa fi kan dhukkubsatan walin makkuu dhiisuu,
 Ittisaa fi to’anno silmii ciimsuu.

5.2.3. Dallaa ykn mooraa Re’ootaa


Re’oota bineensa bosonaa (kan akka waraabeessaa fi jeedalloo) irraa ittisuuf bakka bultii
isaan barbaachisa. Bakki bultii kuni dallaa muka qoraatti qabu irraa ijaarame ta’uu
danda’a.
 Re’oota 100-125 tiif iddoon barbaachisu 12x18m yoo ta’e ni filatama,
 Bakki bultii halkanii dhoqqee akka hin taane yaalii gochuu,
 Ilmoolee haadha irraa adda baasanii bulchuun gamo omisha aannaniin bu’aa qaba.
 Naannoo baddaa fi badda dareetti bakki bultii isaanii ifa fi qillensa gahaa kan
qabu yoo ta’e dhibeedhaan salphaatti akka hin miidhhamne isaan gargaara.
 Meeshaan itti nyaata kennan yoo jiraate galgala galgala nyaata kennuun calla
aannanii dabala.

6. Madaallii Horsiisee Bulaa Hirmaatanii


 Fedhii irratti kan hundaa’e fi horsiisee bulaa re’oota qabu
 Iddoo gareen horsiistota re’ootaa ol’aanaa itti ta’e
 Naannoo kanaan dura teeknoolojii biroo waliin walbaree jiru.
6.1. Paakeejii Fooyessa iti fayyadama Callaa Aannanii fi bu’aa Aannanii
Aannan dhibeentaa 87% bishaani yommu ta’u kan hafu 13% qabiyyee nyaata addaa
addaa ta’a jechuu dha. Kunis dibata (fat) 3.8%, Protinii 3.4%, sukkaara aannanii 4.8%
yommu ta’u kan hafe vitaminii fi albuuda dha. Egaa aannan 87% bishaan waan ta’eef
lubbuu qabeeyyii xixiqqaan akka walhoraan dabalataan haala mijuu uuma. Kanaaf
aannan gara bu’aa aannanii adda addaatti otoo hin qindaa’iin yoo hafe keessattu iddoo
ho’i qilleensa 160c ol ta’etti aannan osoo hin badiin kan turu baay’ee yeroo gabaabaa
qofaafi dha. Kanaaf, aannan gara bu’aa adda addaatti geeddaruudhaan qabiyyee bishaanii
aannan keessa jiru hir’isuu dhaan qabiyyee nyaataa aannan keessa jiran osoo hin badiin
yeroo dheraa tursuu fi hojii irra oolchuu barbaachisa.

Qabiyyee Nyaataa Aannan Beeylada Adda Addaa (%)


Gosa Protinii sukkaaraa Dibata Albuuda Nyaata
Beeylada Aannanii (fat) Gogaa (DM)
Sa’a 3.3 5.0 4.0 0.7 13.00
Re’ee 3.7 4.2 4.1 0.8 12.80
Hoolaa 5.5 4.8 7.4 1.0 19.30
Gaala 3.7 4.1 4.2 0.9 12.90

Meeshaa aannan itti kuufamu mukootii kan akka Waatoo, Ejenaa fi kkf qoraasuudhaan
aannan yeroo gabaabaaf tursanii bifa itittuutiin fayyadamuun bartee horsiisee bulaa heduu
bira jiru dha. Horsiisee bulaa booranaa magaala irraa fagoo ta’ee argamu biratti immoo
itittuu kuufamu qabiyyee bishaanii guyyaa guyyaatti qasamiidhaan irraa xuuxuudhaan
itittuun qabiyyee bishaanii xiqqaadhaan akka turu godhu. Haala kanaan aanaan ji’a 6-8
tursun ni danda’ama. Yeroo nyaataaf oolu aannan hoo’aa waliin makuu fi
mijeessuudhaan aka faayyadaman ibsameera.
Horsiistonni horii aannanii baadiyyaa keessa jiraatan aannan omishan gara bu’aa aannanii
gara garaatti akka jijjiran kan isaan dirqisiisu sababa hedduuttu jira.
 Gabaan aannan itti gurguran dhihootti jiraachuu dhabuu,
 Aannan gara bu’aa aannanii adda addaatti qindeessanii gurguruun galii dabalataa
waan argamsiisuuf,
 Aannan guyyaatti Omishni xiqqaa waan ta’eef,
 Omishni aannanii wayitii dabalu aannan qindeessuu dhaan gara gabaa fagootti
geejjebsiisun akka danda’amuf,
 Mana keessas tursiisuudhaan wayitii omishni aannanii hir’atu itti fayyadamuufis ta’e
gabaaf dhiheessuuf nama dandeessisa.
Aannan itites ta’e osoo hin ititiin raasuudhaan gara bu’aa aannanii adda addaatti
geeddaruun ni danda’ama. Qabxii ykn dhimmoota murteessoo ta’an sadiitu jiru. Isaanis
 Gosa meeshaa horsiistonni horii aannanii aannan raasuuf itti fayyadaman
 Gosa bu’aa aannanii fayyadamtootni barbaadan fi
 Baay’ina aannan gara bu’aa aannanii adda addaatti geeddaramuuf qophaa’eti
Horsiistota biyya keenya biratti bu’aa aannanii qindeessuun harka caalu kan hundaa’e
aannan itite irratti dha. Kanaafis sababa baay’eetu jira.
 Hoo’i guddaan waan jiruuf aannan salphaatti itita,
 Aannan guyyaatti horsiisee bulaa omishu xiqqaa waan ta’eef aannan raasaa tokkoof
ta’u kan guyyoota hedduu hanga walitti qabataniti aannan itituun isaa dirqama waan
ta’uuf,
 Fayyadamtootni aannan irra itittuu waan filataniif,
 Aannan irra itittuun yeroo dheeraa waan turuuf,
 Meeshaan aadaa aannan raasuuf oolu gahumsi isaa gadi aanaa ta’uu dha.
Horsiisee bulaa horsiisa horii aannanii irratti hirmaatan biratti bu’aa aannanii adda addaa
qindeessanii hojiirra oolchuuf teeknoolojiin babal’atee jiru teeknolojii dhadhaa qofa dha.
Dhadhaan raafamee herga bahee booda kan hafu Baaduun ykn areeran nyaata
daa’immaniif kan oolu yommu ta’u iddoo muraasatti ittoo (ayibii) omishuf oola. Haa
ta’u malee ittoon osoo hin manca’iin turuu kan danda’u yeroo gabaabaaf yommu ta’u kan
inni barbaadamus harka caalu yeroo ayyaana waggaaf qofa dha. Kanaafuu manca’inni
calla fi badiin qabiyyee isaa irra qaqqabu ol aanaa dha.
Qabiyyeen dibata aannanii (milk fat) loon naannoo 5-6.5% tti tilmaamama. Teeknoolojii
horsiisee bulaan amma of harkaa qabuun dhadhaa 1kg omishuuf aannan lit 25
barbaachisa. Akkaataa qabiyyee dibata aannanii irratti hundaa’uu dhaan yeroo ilaalamu
dhadhaan omishamu xiqqaadha. Qabiyyeen dibata aannanii areera keessatti argamu kan
eegamuu ol waan ta’eef galiin argamuu qabu ni manca’a jechuu dha. Kanas,
 Gosa meeshaa aannan raasuuf itti fayyadaman
 Hoo’a aannan raasamuu
 Qabiyee qulqullina meeshaa aannan ittiin kuufamuu
 wayitii itti aannan kuufamu
 Baay’ina aannan raafamuu fi haala itti raasamutu daangessa.
Teeknoolojii amma horsiisee bulaan harkaa qabuun omishni argamu xiqqaa dha. Yeroo
dheeraas kan fudhatu dha. Qabiyyeen aannaniis sadarkaa sadarkaa dhaan ni manca’a.
Kanaafuu, teeknoolojii kana fooyyessuu fi baay’ina fi qabiyyee dhadhaa aannan irraa
argamu guddisuu fi human namaa hojii kanaaf barbaachisu hir’isuuf keessattu ba’aa hojii
dubartootarra jiru hir’issuuf barbaachisaa waan ta’eef qophiin paakeejii fooyessa
qindeessa bu’aa aannanii dhihaateera. Haala kanaan,

 Teeknoolojii aadaa fooyyessuudhaan qulqullina aannanii fi wayitii itti fayyadamaa


dheeressuu
 Aannan danfisuu fi calla itittuu fooyyessuu
 Raasaa aannanii ykn weessoo aadaa fooyya’e fayyadamuu dhaan paakeejiin fooyessa
calla dhadhaa (bu’aa aannanii ) dhihaateera.
Teeknoolojii qindeessa fi ittifayyadama omisha aannanii ammayyaa tiin immoo
teeknoolojii “LP system” (Laetose peroxidose) jedhamuun aanna hoo’aa osoo hin
manca’iin tooftaa ittiin rasanii fi teeknoolojiin fooyyessa calla dhadhaa qophaa’ee
dhihaateera.
6.2. Paakeejii Fooyyessa Qindeessaa bu’aa Aannanii Aadaa Fooyya’e
Barbaachisumma Paakeejichaa
Aannan omisha guyyaa guyyaatti sanumaayyuu, guyyaatti yeroo lama omishamu dha.
Omishni kunis battalatti hojiirra ooluu yoo baate salphaatti manca’uu danda’a. Kanaaf
qabiyyee nyaata adda addaa aannan keessa jirani fi qaama namaaf barbaachisaa ta’an
keessaa baasanii osoo hin manca’iin ykn badiin osoo irra hin qaqqabiin yeroo dheeraa
akka turuuf aannan qindaa’uu qaba. Kana malees aannan yeroo qindaa’uu galii dabalataas
ni argamsiisa. Paakeejiin kuni teeknoolojii dhadhaa baasuu irratti kan hundaa’ee fi tooftaa
dhadhaa baasuu kan aadaa fooyyessuu dhaan adeemsa hojii humnaa fi yeroo qusatee calla
olaanaa argamsiisu gaggeessuuf kan nama gargaaru dha. Kunis kan hojii irra oolu
 Haala fooyya’ee fi si’ayina qabuun akkaata itti aannan raasan barsiisuudhaan
 Suukiin dhadhaa (fat globules) haala danda’ameen guutummaan guutuutti aannanitti
adda bahanii calla dhadhaa keessatti akka argaman gochuuf kan gargaaru meeshaa
aannan irbuu fi waliin makuu akka fayyadaman gochuu dhaan, akkasumas
 Dhadhaa sadarkaa qulqullina isaa eeggate omishuuf kan dandeesiisu mala qulqullinaa
fi qabannaa meeshaalee barbaachisoo wajjin akka dhihaatan gochuudhan ta’a.
Haala kanaan suukii dhadhaa areera keessatti hafee manca’uu danda’u dhadhaa keessatti
akka argamu gochuudhaan dhadhaa aannan murtaa’e keessaa bahu guddisuu aannan
raasuuf yeroo barbaachisu hir’isuu dhaan humni namaa dhimma kanaaf oolu hojii
biraatiif akka oolu gochuu calla dhadhaa bukkeetti omisha fi ittifayyadama ittoo baaduu
ykn areeraa fi dhamaa gabbisuudhaan qabiyyee nayaataa fooyyessuu dhaan qabiyyeen
nyaataa bu’aa qabeeyyii ta’an sirriitti akka nyaataaf oolan godha.
a. Dhadhaa
Dhadhaan dibata aannanii (milk fat) aannanitti adda bahe jechuu dha. Dibata aannan
keessa jiru kana adda baasuun kan danda’amu aannan itite ykn immoo kreemii meeshaa
dhimma kanaaf qophaa’een raasuudhan ta’a. Dhadhaan haala kanaan aannanitti adda
bahee osoo hin maaca’iin ykn badiin irra hin qaqqabiin yeroo dheeraa turuu danda’a.
Bu’aa argamsiisunis olaanaa dha. Kanaaf, meeshaa raasaa sadarkaan qulqullina isaa
amanisaa ta’e, dhadhaa baay’inaa fi qulqullina qabu aannan murtaa’e keessaa yeroo
gabaabaatti baasuu kan nama dandeessisu fayyadamuun murteessaa dha.
b. Baaduu ykn Areera (Butter milk)
Baaduun ykn areeraan aannan dhadhaatti herga adda bahee booda haftee omishaa hafu
dha.
Baaduu akkuma jirutti dhuguudhaan nyaataaf oolchuun kan danda’mu yommu ta’u, ho’a
xiqqaadhaan (600c) dafisuu dhaan ittoo (ayibii) fi dhamatti add baasuun ni danda’ama.
Kana malees annan ho’aa ykn ayeetuu irraa dibata aannanii (cream) herga bahee booda
aannan hafe (skim milk) irraa ittoo (ayibii) omishuun ni danda’ama.
Qabiyyeen nyaataa ittoo (ayibii) keessa jiru, akkuma haalli itti qophaa’u garaagarummaa
qabutti naannoo dhaa naannootti garagarummaa qaba. Qabiyyeen nyaataa giddu galaan
dibata aannanii (fat) 7%, protinii 14%, Albuuda(ash) 2%, bishaan 76% kan biro 1%
ta’a.

6.3. Paakeejii teeknoolojii qulqullina aannanii fi yeroo ittifayyadamaa dheeressuu


6.3.1.Aannan Danfisuu
Aannan qulqullina qabu hanga barbaadame fayyadamtootaaf dhiheessuuf aannan
baakteeriyaa miidhaa qaqqabsiisani fi lubbuu qabeeyyii biroo dhukkuba fiduu danda’an
irraa bilisa kan ta’e, dhandhama gaarii kan qabu fi qabiyyee nyaataa barbaachisaa kan
qabu ta’uu qaba. Dhibee aannaniin gara namaatti daddarban dhukkuba gatachiisaa
(Brucellosis), dhukkuba sombaa (TB) dhukkubo garaa kaasaa (Diarrhea) fi dhukkuba
dugda (Abdominal pain) to’achuuf aannan qulqulluu dhiheessuun barbaachisaa dha. Kana
guutuuf qabiyeen nyaata aannanii osoo hin hir’atiin, lubbu qabeeyyii dhukkuba fidaniinis
osoo hin faalamiin yeroo murtaa’eef tursuun akka danda’amu aannan ho’a murtaa’e fi
yeroo murtaa’eef danfisuun ykn pasteurization fayyadamuun barbaachisa. Naannoo kana
gochuun hin danda’amnetti aannan akka elmameen meeshaa bal’aa ittiin danfu keessatti
naquudhaan qoraan aara hin qabneen daqiiqaa 30f suutaan akka danfu gochuudhaan
qabiyyee nyaataa eegee guyyaa 2-3 akka turu godha. Iddoo ho’insi naannoo digrii 10 gadi
ta’etti aannan danfe kana qodaa guddaa kan akka manqallii fi baarmeela bishaan qorraa
qabu keessa kaahuudhaan sa’aa 18-30 tooftaan ittiin tursan ni jira. Tooftaa aannan yeroo
dheeraa tursuuf gargaaran keessaa Godina Booranaa keessatti itittuu irraa qasamiidhaan
qabiyyee bishaan aannanii xuuxuu dhaan aannan yeroo dheeraaf tursuun teeknoolojii
biyya keessaa yommu ta’u haaluma walfakkaatuun qabiyyee bishaan aannanii
hir’isuudhaan (condensed milk) aannan ji’a 6-8 tursuun akka danda’amu muuxannoo
biyyoota biroo irraa argameen hubatameera.
6.3.2.Omisha Itittuu Fooyyessuu
Itittuun bu’aa aannanii bara dheeraaf nyaata beekamaa ta’e ture dha. Hojmaatni itittuu
akka naannootti garaagarummaa haa qabaatuyyuu malee adeemsi itti aannan gara
itittuutti geeddaramu garuu walfakkaata. Aannan yeroo murtaa’eef yeroo ol keenyu gosti
Bacteriyaa tokko tokko akka inni walnyaatu (fermentation) godhu. Haala kanaan
sukkaara aannan keessa ykn laktozi gara laktik asidiitti geeddaruudhaan aannan gara
itittuutti geeddaru. Asidiin uumame kuni immoo gama isaatiin qabiyyeen nyaataa
aannan keessa jiran osoo hin manca’iin akka eegaman godha. Kanarraa kan ka’e itittuun
fayyaa namaatiif nyaataa mijaa’aa dha. Adeemsi itittuu omishuu kuni naannoo ho’aatti
yeroo saffisu naannoo qorratti immoo suuta jedha.
Itittuu haala lamaan qopheessuun ni danda’ama. Kunis aannan akkuma elmameen qodaa
qulqulluu keessatti naquudhaan akka inni ititu gochuu ykn aannan danfisuudhaan lubbu
qabeeyyiin dhukkuba fidan herga dhoorkamanii ykn herga hir’ifamanii booda aannan
qodaa qulqulluu keessatti bakteeriyaa aannan itichan harkaan itti naquudhaan ykn aannan
duraan itite irraa fuudhanii akka raacati calqabsiistuutti itti naquudhaan qopheessuun ni
danda’ama.
6.3. Paakeejii Omisha dhadhaa (Raasaa Aadaa fooyya’een)
Adeemsi aannan itite irraa dhadhaa omishuu teeknoolojii biyya keessan kan gabbate fi
bara dheeraaf kan hojii irra oole dha. Teeknoolojii kanaaf sababa ka’umsaa ta’uu kan
danda’an dhimmoota hedduudha.
1) Haalli qilleensa akka waliigalaatti ho’a ta’uu isaa,
2) Aannan nyaataaf ykn gurgurtaaf oolee dhadhaa omishuuf hafu xiqqaa ta’u,
3) Fedhii fayyadamtootaa irratti kan hundaa’e fi aannan tursuuf itittuun mijaa’aa waan
ta’eef aannan xinnoo guyyaa guyyaatti argamtu walitti qabuun dirqaama waan ta’uufi
dha.
Qabiyyeen dhadhaa dibata aannanii (fat) 80%, bishaan (moisture) 16%, soogidda 2%,
wantoota jajjaboo dibata of keessaa hin qabne (SNF) 2% dha.
6.4.1. Adeemsa Hojmaataa dhadhaa Baasuu
Hojmaatni dhadhaa bu’aa qabeessa ta’e dibata aannanii (milk fat) aannan keessatti
argamu hanga danda’ametti qabiyyee nyaataa biro irraa adda baasanii qopheessuu dha.
Omishttummaa kanaaf ulaagaan hojmaataa eeramuu danda’an
1) Sadarkaa asidummaa ykn dhangaggaa’uummaa aannanii (acidity),
Hojimaata aadaa kanaan aannan osoo hin ititiin dhadhaa baasuun rakkisaadha.
Kanaaf aannan itichuudhaan sadarkaan dhangaggaa’ummaa ykn asidummaa isaa
0.6% yoo qaqqabe omisha dhadhaa gaarii yeroo raasaa gabaabaa keessatti omishuun
ni danda’ama
2) Hanga ho’a aannanichaa (milk temperature)
Aannan sadarkaan dhangagga’umma isaa haala lakk (1) irratti ibsame irra gahe irraa
dhadhaa gaarii baasuun yoo barbaadame ho’ii aannanicha 15-20oc ykn
giddugaleessaan 18 oc qaqqabuu qaba. Dhadhaa gariin bahe kan jedhamu dibata
aannanii keessaa 89% dhadhaa keessatti argamsiisuun yoo danda’amedha.
3) Saffisa ittiin aannan raasamu
Saffisni ittiin aanaan raasamuu fi rukkkuttaan aannanii yeroo dabalaa adeemu yeroo
itti dhadhaan bahu ni gabaabsa, omishas nidabala. Raasa aadaa (weessoo ykn
habuubbii) kan akka huubboo ykn okkotee fi weessoo buqqee tiin raasuun dhadhaa
67% kan argamsiisu yommu ta’u raasaa aadaa fooyya’een meeshaa aannan irbu ykn
rukutuuf tajaajilu fayyadamuudhaan dhadhaa 76% argamsisa
4) Hanga aannan raasamuu
Hanga aannan itite raasaa aannanii keessatti argamuu qabu siisoo ykn walakkaa qabiyyee
meeshaa raasaa sanaa ta’uu qaba. Kunis suukii aannanii (fat globules) walitti qabuuf
qilleensa gahaa waan barbaachisuufi dha. Aannan ititee dhangaggaa’e garuu baay’inni
isaa siisoo ykn walakkaa qabiyyee meeshaa raasaa ol yoo ta’e yeroo raasaa dheeressa,
baayinni calla dhadhaas ni hir’ata.
6.4.2. Qodaa fi Meeshaalee raasaa aannanii aadaa fooyya’eef barbaachisan
Weessoo ykn raasaa aadaa keessatti meeshaa muka irraa hojjetame fi aannan rukutuu fi
irbuuuuf tajaajilu galchuu dhaan yeroo raasaa aadaatiin fudhatu walakkaa dhaan hir’isuu
fi omisha dhadhaa ol’aanaa argachuun akka danda’amu mirkanaa’eera.
Meeshaalee raasaa aadaa fooya’e kana waliin adeeman Giddu Galeeyyii Qoranno
Teeknoolojii Baadiyyaa ykn dhaabbilee hojii mukaa irratti bobba’an kamiyyuu biratti
waliigaltee dhaan hojjechiisuun ni danda’ama.
6.4.2.1. Qabiyyee Paakeejii
1. Meeshaalee raasaa aadaa fooyya’e dhiheessuu,
2. Mala raasaa fooyya’aa barsiisuu fi hojii gochaan deeggaruu,
3. Qabannaa aannanii fi bu’aa aannanii fooyyessuu,

Tarreeffamni meeshaalee fi qodaa Raasaa Aannanii aadaa fooyya’e akka armaan gadiitti
dhihaateera.
1. Qadaaddii Muka irraa Hojjetame
Qadaaddiin kuni afan raasaa ykn weessoo sanatti sirriitti akka qadaadamutti bocamee kan
hojjetamu dha. Walakkeessa qadaaddii kanaa irratti uraan meeshaa aannan ruk’utuuf
tajaajilu (agitating pad) itti galu ni hojjetama. Tajaajilli qadaaddii kanaa aannan akka ol
hin facaanee ykn hin dhangalane akkasumas immoo meeshaa aannan irbu kana (agitating
pad) walakkeessa meeshaa sanaatti cimsee qabuu dha.
2. Meeshaa raasaa ykn weessoo
Meeshaan kuni akkuma naannootti suphee, buqqee, mukaa fi kkf irraa kan hojjetamu dha.
Qabiyyeen meeshaa kanaas akkuma baay’ina aannan raasamuutti garaagarummaa qaba.
Garuu akka waliigalaatti qabiyyeen meeshaa raasaa 12-15 lit kan qabatu ta’uu qaba.
Raasuudhaaf garuu meeshaan kuni walakkaa qabiyyee isaa caalaa guutamu hin qabu.
Kanaaf aannan itite 6-71/2 lit caala raasaa akkasiitti naquu hin qabnu jechuudha.
3. Muka dhabataa fi qofoo
Mukti dhaabataan ykn deeggaraan kuni dheerinnii isaa 1.5m, furdinni isaa 55mm (5.5cm)
kan ta’e dha. Mukti dhaabataan kuni dhaabbii isaa cimsuuf 40cm lafa keessa akka gadi
galu kan godhamu yommu ta’u 110cm lafaa olitti hafa jechuu dha. Mukti dhabataan kuni
gara irra keessa isaatti qaawwii hedduun bal’inni isaanii 13mm ta’an 3cm wal irraa
fagaatanii kan uraman yommu ta’u qaawwi xixxiqqaan 3cm walirraa fagatan kuni muka
dhaabataa kanaa fi muka irbaaf tajaajilu kana walitti hidhuu fi sirriitti dhisuuf gargaara.
4. Muka dalgee (dhisuuf tajaajilu)
Muka dhaabbataa lakk. (3) irratti ibsame irbaa (internal agitator) waliin kan walqabsiisee
dhisu muka dalgee 2 fayyadamna. Muka dalgeen kuni lameen tokkoon tokkoon isaanii
42cm kan dheeratan, 10cm kan bal’atan, 15mm kan furdatanidha. Muka dalgeen kuni
lamaan muka dhadbataa kana irratti 20cm wal irraa fagaatanii qaawwa ykn uraa
qophaa’e irratti qofoo dhimma kanaaf qophaa’ee qaawwa muka dhaabataa irratti
qophaa’e keessa galchuu dhaan akka dhifamee ykn jabaatee dhaabatu godha. Caalaatti
akka cimee dhaabatu yoo barbaachise qofoo 4 fayyadamuun ni danda’ama
5. Irbaa aannanii (agitating pad)
Irbaan aannanii akkuma maqaan isaa ibsu aannan irbuuf ykn rukutuuf kan tajaajilu
yommu ta’u iddoo sadiitti hirama. Inni duraa qabannaa dheeraa muka dheerinni isaa
70cm ta’e fi furdinni isaa 34cm ta’e fiixee ol aanu irra 12cm safaruudhaan uraan 12mm
bal’atu ni urama. Uraan kuni funyoon ittiin irbaa kana naannessan kan keessa bahu dha.
Kan hafan lamaan saanduqa dhuma qabannaa irbaa kana irratti hojjetamu fi bal’inni isaa
5.5cm dheerinni isaa immoo 8cm ta’e irratti muka galani dha. Dhugaatti tajaajila aannan
irbuu kan raawwatan mukoota lameen kana yommu ta’an bal’inni muka kanaa bal’ina
sanduqa dhuma qabannaa irbaa irratti galee (5.5cm) yommu ta’u dheerinni isaanii 13.5cm
kan ta’e dha. Mukootiin kuni lameen fiixee gama tokkoon uraa qophaa’uun uraa walakka
sanduqichaa irratti talfamuun akka loloosootti mukaan walqabatu. Yeroo irbaan kuni
hojii irra hin jirre gadi rarra’u yeroo irbaan hojii calqabu bitaa fi mirgaatti diriiranii hojii
irbuu raawwatu.
6. Funyoo fi Qabannaa Mukaa
Funyoon 1.6m dheeratu qaawwa qabannaa irbaa irratti qophaa’e keessa bahee walakkaan
isaa muka irbaa irratti kan maramu yommu ta’u qabannaaf akka tolu fiixee lamaan irratti
mukti itti hidhama yeroo funyoon qabannaa qabu kuni walduraa duubaan harkifamu iffaa
sana waan naannessuuf mukti saanduqa jedhame sana irratti galan bitaa fi mirgatti
diriiranii hojii irbuu eegalu.

Raastuu Aannanii Fooya’aa Plaastikii


Amala teknoloojichaa:
 Meeshaadhuma naannotti argaman irraa hojjatama,
 Yeroo fi humna ittifayyadamtootaa qusata,
 Haala salphaan dubartootni, dhiirri fi ijoollen ittifayyadamuu danda’u
 Bakka qilleensa naannoo kamiyyuu keessatti faayidaa kennuu ni danda’a,

Bu’aa Teknoloojichaa:

 Akka giddugalaatti yeroo gabaabaa daqiiqaa 40 keessatti aannan litira 10 ittiin


raafamee dhadha graama 570 ni baasa,
 Akkaataa baayyina litira aannaii raafnu, hoo’a naannoo, dangaga’ina itituu (pH) fi
taa’umsa raaftuu aannanichaatiin bu’aan dhadhaa argamu haala gabatee kanaan
gadii keessati ibsameera.

Gabatee: Bu’aa dhadhaa haalawan adda addaa keessatti argamu

Taa’umsa Baayyina Dhangaga’in Hoo’in Hoo’ina Yeeroo Dhadhaa


Raaftuu ittituu a itituu a qileensa fudhat ba’u
annanii aannanii aannanii aannan naanoo u
litiraan (pH) ii (Room
To)
30o 10 lit. 4.5 22 oC 24.3 oC 50min 568 gm
50 o 4 lit 4.35 20 oC 24oC 20min 161.79gm
50 o 8 lit. 4.7 22 oC 24 oC 30min 467 gm
50 o 10 lit. 4.8 21 oC 24 oC 40min Gm
6.4.2.2. Paakeejii fooyyessa omisha Bu’aa Aannanii Ammayyaa (fooyya’e)
Paakeejii Teeknoolojii Aannan qulqullinaan tursuu (Lactose Peroxidose, LP)
Keemikaala ‘Lactose Peroxidose’ jedhamu fayyadamuudhaan aannan dheedhiin osoo hin
manca’iin sa’aa 7-10 tursuun ni danda’ama. Keemikaalli kuni fayyaa namaa irratti
dhiibbaa hin qaqqabsiisu. LPn Kuni gosa lamaan kan qophaa’e yommu ta’u “thyocynate”
fi “Percarbonate” jedhamanii beekamu. LPn bittaadhaan kan argamu yommu ta’u
paakeetiin tokko aannan 50 lt . tajaajiluu danda’a.
Barbachisummaa LP
 Aannan galgala elmame keemikaala kanaan tursanii aannan ganama elmamu wajjin
warra aannan qindeessaniif dhiheessuu nama dandeessisa,
 Isa guyyaatti yeroo 2 geejjibsiisaa yeroo tokko qofa geejjebsiisuun waan
danda’amuuf aannan gejjibsiisuuf baasii bahu salphisa,
 Iddoo wanti aannan ittiin qabbaneessan hin jirretti aanaan tursiisuuf nama gargaara.
6.5. Paakeejii Teeknoolojii Omisha Dhadhaa Fooyyessuu
Aannaan itite raasuu dhaan akkuma dhaadhaa baasnu aannan dheedhii osoo hin itiin
kreemii keessaa baasuudhaan kreemii keessaa immoo dhadhaa baasuu daadeenya.
Dhadhaa haala kanaan baasuun omisha guddaa kenna. Aannan kreemiin keessaa bahe
(skim milk) badii tokko malee aannan ho’aa (fresh milk) ta’ee faayidaa irra oola.
kanaafuu paakeejiin teeknoolojii kreemii irraa dhadhaa omishuu kuni naannoo omishni
aannanii gahaan jiru fi gabaan aannanii immo xiqqaa ta’eetti akka hojiirra ooluuf
dhihaateera.

6.5.1.Meeshaa qarruu aannanii baasu (centrifugal separator)


Kreemii aannan keessaa meeshaa kanaan baasuun kan bu’uureffatu dhangala’oon
“specific gravity” adda addaa qaban irratti dha. Aannan dhangala’aa bifa lama of keessaa
qabuutti lakkaa’ama. Inni kunis dibata aannanii (milk fat) slphaa kan ta’e fi dhangala’oo
hafan ulfaataa kan ta’an qabata. Dhangala’aan akkasii iddoo giddugaleessa tokko irraa
akka naanna’an yeroo taasifamu “centrifugal force” guddaan dhangalaa’aa isa salphaa
ta’e caala dhangala’aa ulfaataa ta’etti bu’a. Kanaaf humni guddaan dhangala’oo dibata
aannaniin ala jiranitti bu’u kuni dibata aannanii fi dhangala’oon biroon meeshaa kanatti
naqaman karaa adda addaa akka yaa’an carraa kenna jechuu dha.
6.5.1.1.Meeshaa kreemii baasu walitti hidhuu (Assembling)
1. Meeshaa ijoon kreemii baasu herga walitti hidhamee booda isa creamii baasuu fi
areera baasu hidhuu
2. Qootii aannan qabatu sirriitti kaa’uu,
3. Bishaan hoo’aa qootii aannaniitti naquu,
4. Adda baastuu kreemii suutaan naannessuu, suuta suutaan akka saffisee naanna’u
gochuu dhaan saffisa murta’eerra akka gahu gochuu (Mallattoon kanaa sagaleen
bilbilaa dhaabachuudha)
5. Bishaan ho’aan baaftuu kreemii keessatti naqamee karaa baastuu kreemii fi baaftuu
areeraa akka bahu gochu. Faayidaan bishaan hoo’aa kanaa meeshaa sirriitti dhiquu fi
ho’a dabaluu dha.
6. Aannan ho’ii isaa 37-40oc ta’e qootii aannaniitti naquu,
7. Baaftuu kreemii suuta suutaan saffisa isaa naanneessuu saffisa murtaa’ee irra yommu
gahu aannan qootii keessa jiru hundi isaa baaftuu keessa hanga darbutti naanneessuu.
8. Aannan qootii keessa jiru herga dhumee booda areeraa adda bahe keessaa litra 3
qootiitti deebisuudhaan dibata aannanii hafe kreemii bahe irratti akka bahu gochuu
9. Bishaan hoo’aa qootii aannanii keessatti naquudhaan lolla’uu
10. Baaftuu kreemii hiikanii qulqulleessuu
11. Baaftuu kreemii adda addaa dhiquu fi gogsuu
6.5.1.2. Teeknoolojii Hojmaata Dhadhaa
Kreemii baasuu dhaan dhadhaan omishamu fat 80%, Bishaan 16%, sogiddi 2% kan
biraan 2% ta’uu qaba. Hojmaatni kreemii keessa dhadhaa baasuu akka armaan gadiiti:-
1. Meeshaa raasaa qopheessuu
2. Meeshaa raasaa bishaan hoo’aa 80oc fi sogiddaan qophaa’e keessa cuuphuu fi dhiquu,
3. Yeroo raasamu ho’aa kreemii sanaa sirressuu
 Qorraa yoo ta’e yeroo raasaatu dheerata suukii xixinnaa ta’a.
 Baay’ee hoo’aa yoo ta’e dhadhaan bahu xiqqaa ta’a dibata areeraa keessa jiru ni
heddummata.
6.5.2. Hojmaata Ittoo

Tooftaa qindeessaa aannanii ammayyaatiin dhadhaa qopheessuuf kreemii fi baaduun ykn


areeraan herga adda bahee booda, ittoo ykn ayibii hojjechuuf wantoota armaan gadiitu
raawwatama.
 Baaduu ykn areera ho’a xiqqaadhaan hanga 50oc gahutti sirriitti danfisuu. Ho’a 65oc
gahu fayyadamuun ni danda’ama. Kunis lubbu qabeeyyii dhukkuba fidan ni balleessa
ittoon sunis yeroo dheeraa akka turu godha.
 Baaduu kantare kana (ittoo) sa’a tokkoof akka inni qabbannaa’u gochuu
 Ittoo qabbanaa’e kana cunnfuudhaan ykn uffata ykn meeshaa bishaan calaalchuu
dand’utti garagalchanii dhamatti gargar baasuu.
 Ittoo 100 gm soogidda 10 gm waliin makiuu (Ittoon osoo hin manca’iin yeroo
dheeraa akka turu godha)
Ittoo haala kanaan omishame qodaa qulqulluu keessa gochuudhaan iddoo qabbanaa’aa
kaa’uun barbaachisaa dha. Ho’a naannoo 30oc qaqqabutti ittoon osoo hin manca’iin kan
turu guyyaa 2 qofaaf yammu ta’u 4oc irratti hanga torban tokkoo akka turu qorannoon ni
ibsa.
6.5.3.Haala Aannan ittiin sassaabamu
Kreemii baassuudhaan dhadhaa omishuuf qulqullinni aannanii murteessaa dha. Kanaafuu
aannan dhimma kanaaf sassaabamu qodaa qulqulluudhaan dhufuu isaa kosii fi xurii adda
addaa irraa bilisa ta’uu foolii hamaa kan hin qabne ta’uu fi hangi dibata aannanii (milk
fat) aannanichi qabu safaramee herga mirkanaa’e qofa walitti qabuu barbaachisa. kanaafis
meeshaaleen barbaachisan wirtuu aannan qindeessuu sanaaf akka guutaman kan
taasifamu yommu ta’u horsiisee bulaan aannan dhiheessanis qodaan isan aannan ittiin
dhiheessan sadarkaa isaa kan eege akka ta’u qoodaa aannanii kana bittaadhaan akka
argatan ni taasifama.
6.5.4.Fedhii Bishaanii guuttachuu
Kreemii aannan irraa baasanii gara dhadhaa fi ittootti jijjiiruudhaan gara gabaatti
dhiheessuuf wantoota dhihaachuu qaban keessaa bishaan isa murteessaa dha. Aannan
qindaa’uuf dhihaatu litra tokkoof bishaan 2-3 lit tilmaamamutii barbaachisa waan ta’eef
bishaan qulqulluu fi gahaan naannoo sanatti argamuu qaba. Haala kanaan wirtuun
aannan 500 lit guyyaatti qindeessu tokko bishaan 1000-1500 lt ykn bishaan barmeela 4-6
isa barbaachisa jechuu dha.Mmaddi bishaan kanaa bishaan ujummoo burqaa fi bishaan
boollaa qulqulluu ta’u danda’a. Akka barbaachisummaa isaatti motora bishaan harkisu
fayyadamuun gaarii dha.
6.5.5.Barbaachisummaa mana aannan keessatti qindaa’uu
Aannan qindeessuuf mana bal’aa qulqulleessuu fi aannan kuusuuf mijataa ta’e
barbaachisa. Mana bal’inni isaa 5x5 m ta’e lafti isaa konkriitii conqolaattoo 2% kan
qabu fi keenyaniin isaa waan bishaan ykn jidhiinsi balleessuu hin dandeenye irraa kan
hojjetame ta’uu qaba.
Akkasumas geendaan meeshaalee kussatti dhiqan fi aannanii fi kreemii keessatti
qabbaneessan kan qodaa irraa kaa’an fi irratti qoorsan, iddoo itti aanna fuudhan iddoo
foddaa bira jiru ta’uu qaba. Meeshaaleen barbaachisoon meeshaalee aannaniin ala ta’an
iddoo kaa’aman gurgurtaa fi waajjiraaf illee kan tajaajilu tajaajila fi calla guddistuu
waldaan omishtootaf ykn fayyadamtootaf kennuf kan oolan kutaan adda addaa jiraachuun
hojji saffisiisuun alatti jabina waldaa sanaa agarsiisa.

6.5.6.Ulaaga filannoo iddoo mana aannan keessatti qindaa’uu


 Mana jireenyaa miseensotaa irraa iddoo giddugala irratti kan argamu
 Karaa ykn daandii guddaa irraa 2km caala kan hin fagaanne
 Dhiheessa bishaaniif mijuu fi dhihootti kan argamu
 Hojii ekisteenshiniif E/Fayyaatiif tajaajila miseensotaf kkf mijuu kan ta’e.

6.5.7.Madaalli Horsiisee Bulaa Hirmaatanii


Horsiisee bulaa yaa’a aannanii (milkshed) tokko keessatti argamanii fi horsiisee bulaa
omisha aannanii irratti bobba’an walitti gurmeessuudhaan kan raawwatu yommu ta’u
kunnis garee omishtootaa tokko fi tokkoo oli yaa’a aannanii tokko keessatti argamani fi
horsiisee bulaa hirmaattota paakeejii omisha aannanii ta’an miseensummaa dhaan kan
qabatu ta’e baay’inni isaanii 30 gadi ta’uu hin qabu. Miseensonni kuni fedhii
guutuudhaan waldaa omishtoota annanii keessatti kan gurmaa’an fi sagalee qixxee kan
qaban ta’uu qabu. Madaalli miseensummaa kanaaf dhimmootni dabalataan dhihaatan
akkuma jiranitti ta’ee miseensi tokko yoo xiqqaate aannan 5lt guyyaatti wirtuu qindeessaa
kanaaf dhiheessuu qaba. Waldaafis gumaacha guutuu gochuu qaba.
Aannan sassaabamu missensa waldaa irraa, omishtoota naannoo miseensa waldaa hin
taane akkasumas horsiisee bulaa loon sanyii naannootti fayyadaman irraa ta’a.

Gosaa fi baay’ina qodaa fi meeshaalee wirtuu aannan qindeessu keessatti


barbaachisan
Lakk Ibsa Meeshaa Baayyina Yaada
1 Baasaa kreemii (centrifugal separator) 1
2 Raasaa dhadhaa 1
3 Qodaa aannanii abbaa 5lt 30
4 Qodaa aannanii abbaa 10lt 20
5 Qodaa aannanii abbaa 20lt 5
6 Qodaa aannanii abbaa 50t 5
7 Baaldii aannanii abbaa 14lt 5
8 Safartuu aannanii 2
9 Irbaa (agitator) 2
10 Baattuu kreemii 5
11 Safartuu dibata aannanii (milk fat) 5
12 Madaallii safartuu aannanii 1
13 Calltuu aannanii 1
14 Distii Areeraan ittiin danfu 3
15 Beenjaala dhadhaa 1
16 Haaduu dhadhaa 2
17 Burushii mi’a dhiquuf oolu (maraadhan) 1
18 Qodaa bishaan itti qabatan 3
19 Sumsuma (stove) 1
Sirna hordoffii tekimolojii paakeejii qindeessa aannanii omisha dhadha aadaa foyya’a
Aanan waliti qabame w.g kan Dhadha baasuu
Kan Kan Kan Kan walitti Annan Dhadha jalqaba Dhadha 2ffaa irratti Baayina yaada
jalqabaa 2ffaa 3ffaa 4ffaa qabame ittite argame ergame baaduu
guyyaa baayina guyyaa baayina baayina baayina baayina

Sirna hordoffii tekimolojii paakeejii qindeessa aannanii omisha dhadha baaduu foyya’a

Guyyaa Aannan walitti qabame Kiremii baasuu Dhadha baasuu Ayetuu omishuu
Baayina Qabiyee Baayina Baayina Baayina Baayina Baayina Baayina Ayetuu Baaduu Dhama
coomaa aannanii kiremii ayetuu kiremii dhadhaa ayetuu
Unka hordoffii paakejii omisha aannanii
1.Ragaa barbachisu
1.1.abba qabeenya / A/W/_______________
1.2. lakk galmee______________
1.3.Bakka argamaa
1.3.1. Ganda ________________
1.3.2. Aanaa________________
1.3.2. Godina _______________
1.3.4. Naannoo________________
1.4. Ol-kaína lafaa bishan irraa_____________meetiran
1.5. ho’’ina giddu galeessan________digrii sentigrad
1.6. Baayina bokkaa ________________mm

1.7.Magalaa naannoo sanati argaman tokko tokkon


Maqaa magalaa fagenyaa nannoo horsisaa baayina uummataa
irra

2.Sababa ka’umsa ijaramuu horsisaa


2.1. guyyaa itti wa’ee foyya’insa omisha aannanii hubate__________________________
2.2. Wayitii hirmanaa foyya’insaaf murteesse__________________________________
2.3. guyyaa liqiin itti murta’eef______________________________
2.4. Guyyaa mallaqi itti kennameef_________________________
2.5.wayitii misoomin nyaata beeyiladaa itti eegale___________________
2.6. wayitii calla guddistuu n itti argame _______________________
2.7. Yeroo jabbin isheen duraa itti dhalatte ____________________
3. Gosa fi baayina liqii
Gosa Baayina wali gala

4.Misooma nyaata beeyiladaa


Gosa nyaata Balina lafaa Bayina sanyii guyaa faca’e
beeyiladaa

5. dhaloota jabbii
Guyyaa Korniyaa lakk haadhaa lakk abbaa lakk eenyummaa
dhaloota
Dibicha Raada
6.haala deebii liqii
Guyyaa baayina haadhoo dhala waligala waligala Haftee
hanga
ammaa

7. Ijarsa dawoo
7.1. Gosa dawoo
7.2. meeshaa bitame
guyyaa gosa _ bayina Gatii

7.3.Humna namaa fi gatii hojii hormataaf oole


guyyaa baayina kan kaffalame kan hin hojii hojjetame
guyyaa kaffalamin

8.Gosa meeshaa bitamee, baayinaa fi gatii


guyyaa gosa baayina gatii waan ittin adda
bahu

9. Bittaa qodawwan adda adaa / nyaata/ dawwaa....


Guyyaa gosa baayina gatii waan ittin bakka bitame
adda bahu

10. Omisha nyaata beeyiladaa fi itti fayyadama


gosa guyyaa balina sanyii Wayita itti Bayina Attamin
nyaataa omishame omishame nyataaf
akka oole
gosa Baayina gatii

11.Hordoffii diqalomsaa
Lakk. sa’aa Guyyaa Guyyaa Sanyi ID Rimaa
fedhii sanyii korma kormaa kormichaa mirkaneessuu
argisiifte fudhatte (gosa
kormaa)
12.Hordofii dhukkubaa fi yaalaa

Guyyaa Gosa dhukkubaa Lakk. sa’aa Yaala kenname

12. Itti fayyadama annanii fi bu’aa aannanii

Ji’a/guyyaa Baayina Nyaata Dhadhaaf Dhadhaa Ayetuu Baaduu


omishame mana argame furdaa
keessaaf
kan oole

14.Gabaa annanii fi bu’aa annanii

Ji’a/guyyaa Baayina Gatii Dhadha Ayyetuu Baaduu furdaa


gurgurame annanii gurgurame taasifame
Baayina Gatii Baayina Gatii Baayina Gatii

15. Hordoffii taasifame

Guyyaa Maqaa nama ilaalee Sababa Qajeelfama


kenname

16.Humna turban keessatti hojii hormataaf oole

Torban A/Warraa H/ warraa Mucaa ilma Mucaa durbaa


BIIROO MISOOMAA QABEENYAA BEEYLADAA FI QURXUMII
OROMIYAA

DHUKKUBOOTAA GURGUDOO HORII AANANII


Qopheessaan: Dr.Saadiyaa Hajii

Bara 2008
Finfinnee
DHUKKUBOOTA GURGUDOO HORII AANANII
Dhukkubni Horii aanaanii sadarkaawwan horsiisa kamiyyuu irratti kan
uumamu yemmuu ta’u,horsiisa horii aananiitiif rakoo shakkisiisaa fi farra-
misoomaati.Baay’een dhukkubooni horii aanaanii kan irraa ka’u jarmoota
ijaan hin argamneen jechuunis: Vaayrasii, Baakteeriyaa, Fangasii fi
dabalataan maxxantuu qaama keessaa fi maxxantuu qaama alaa, kan gogaas
ni argamu.Sooranni hamma eegamuu gadi bu’e, qabuumsii fi kunuunsi gadin
aanaan dhibeedhaaf tumsa ta’uun dhukkubbii fi bu`aa horii aananiiraa
argamuu gadii buusaa .Haa ta’uu malee baay’innan dhukkuba horii aanaanii
talaalliidhaan fi kunuunsa gaariin too’achuun Kan danda’amu yemmuu ta’u.
Vaayrasiin alatti warreen dhukkuba fidan harki caalaan qorichatti
fayyadamuun yaaluunis ni danda’ama. Horsiisa horii aanaanii
keessatti bal’innaan baratamee balaa guddaa fidan isa baay’ee xinnaa ta’e
haala itti aanuun dhiyaataniiru.
1. DHUKKUBOOTA BAAKTEERIYAAN DHUFAN
1.1 Jiigoo (Dhukkubaa muchaa ykn mastitis)
Dhukkubni muchaa mallatto, wanta fiduu fi karaan ittiin daddarbuu
daran baay’ee kan walfakkaatuu fi walxaxaadha.
Dhukkubni muchaa ka`uu kan danda`uu qindoominaa wantoota sadii irratii
hunda`un isaanis;
 Jarmoota ijaan hin argamnee (Vaayrasii,Baakteeriyaa),
 Dandeeyti ittisaa beeyladaa fi
 Haala naanoo irratii hunda`un

Dhukkubni jigoo gosaa lamaa isaaniis-


 Cilinical mastitis fi
 Sub cilinical mastitis

Cilinical mastitis -Mallatoo kan qabuu yemmu ta`uu, amaloota mallatoo


keesaa
 Jijiiramaa bifaa fi foolii aananii
 Jijjirama gurma`insaa aananii
 Hi`rachuu keniinsaa anaanii fi
 Itaa`uu,dhukubuu fi ho`insii muchaa ni mul`dhataa.

Mallatoon isaatis ifaatii Kan muldhatuu fi haala saalphaan adaan baafachuun


kan danda`amuu.
Subclinical mastitis-Mallatoo kan hin qabnee yemmu ta`uu haala salphaan
aadaan baafachuu fi yaala kenuun kan nama raakiisuu dha.
Subclinical mastitis clinical mastitis waliin wal birraa yemu ilaalamuu
harkaa 15-40 caalaa Kan argamu fi gara clinical mastitis jijiraamuuf yeroo
Kan fudhatuu dha.
Beeyladinii dhukkubaa muchaa subclinical mastitisiin hubamee
beeyladootaa biraatiifis madda dhukkubaa ta`uu danda`aa.
.Ka`umsaa dhiibee:dhukkubni muchaa uumamuu kan danda`uu
 Jarmoota tutuqaan dadarban(Contagious),
 Jarmoot naanoo irraatii argamanii (Environmental pathogens) fi
 Jaarmoota uumamaan harmaa irraatii argamaanin dhan (Normal teat
flora ).

i. Jarmoota tutuqaan dadarban (Contagious pathogens):

Jermiiwan tutuqaan dadarban jireenyii fi wal hormaanii isaanii muchaa sa`aa


keessaa yemmu ta`uu horii garaa horiiti tutuqaan dadarbuu kan danda`nii,
keessaatuu yeroo horiin eelmamanii. Jarmoota tutuqaan dadarban kuninis
Staphylococcus aureus, Streptococcus agalactiae, Mycoplasma species. and
Corynebacterium bovis jedhamuun beekaman.
ii. Jarmoota naanoo irraatii argamanii (Environmental pathogens):

Jarmoonii kuninii yeroo bay`ee naanoo irraatii kan argamanii dha ,isaanis
Streptococci, Staphylococus and gram-negative bacteria such as Escherichia
coli, Klebsiella spp. and Enterobacter species jedhamu.
iii. Jaarmoota uumamaan harmaa horii irraatii argamaani (Normal
teat flora),

fakeenyaaf Staphylococcus hyeus, Staphylococus Epideridis, coagulase-


negative staphylococci and corynebacterium bovis dha.
Wantoota uumamuu dhibeetiif sababaa ta`uu danda`an;
 Beeylada,
 Haala naannoo fi
 Akaataa kunuunsaa beeyladaa

Beeyladaa
Beeyladni dhukkuba muchaatiin qabaman horii aanaani yoo ta`an keessaatuu
horii dhiigaa sanyii alaa (Holstein Friesian (HF), Jersey or HF and Jersey
crossbred) qaban fi horii aanani lettiraa guddaa keenan irraatii bali`naan
muldhataa.
Akkasumas haala uumriin sa`aa dabaluun fi saanii baayee dhaltee (parity)
caaraan dhukkubaa muchaa kanaan qabamuu ni dabalaa.yeroo umriin sa`aa
(age) dabaluun fi saani bay`ee dhaltee (parity) dandeetiin aanaan kennuu
waan dabaluuf humni qaama dhukkubaa ittisuu (immunity) ni hir`ataa
akkasumas caraan dhukkuba kanaaf saaxilamuu baayee waan ta`eef haala
salphaan dhukkubaa kanaan qabamuu danda`an.
Haala naanoo
Lafti jidhinsaa qabu,dhoqeen ni fi faltiin horii madaa jaarmoota naanoo irraa
jiraanii fi dhukkuba kennaa uumuu danda`aniif madda ta`uu danda`aa.
Kuununsaa Horii
 Qulqulinii horii keessatuu yeroo horiin eelmamaan qulqulinii yoo hin
eegamnee carraa dhukuubaa kanaan qabamuu fi caaraa tamsa`inaa
dhiibee ni dabalaa.
 Idoon/laftii horiin irraa jiraatuu qulqulinaa yoo hin qabaatinee fi
jidhiinsaa yoo qabaatee akkasumas qilleensaa qulquluu yoo hin
arganee ta`ee carraa dhukkubaa kanaan qabamuu ni dabalaa.
 Horiin moonaa keessaatii kuunuunsamanii fi horii alaa keesaa
dheedan waliin walbiraa yemmu ilaalaman qulqulini hin eegamne
ta`ee horiin moona keessatii kunuunsamani carraan dhukkubaa kenaaf
saxilaamuu danda`an ni dabalaa.
 Idoon bultii qulqulinaa hin qabne,meshaan qulqullina hin qabne,idoo
qilleensii qulqulluun gahaa hin jiree fi idoon jidhiinsaa qabuu madda
dhukkubaa ta`uu danda`aa.
 Idoon jireenyaa yoo dhiiphatee walhormaata baakteeriyaaf miijataa
waan ta`eef haala salphaan dhukkubaa muchaa fiduu danda`aa.
 Saanii dhukkubaa muchaatiin qabamtee dhummaraa yoo hin
eelmamnee ta`ee tatamsa`inaa dhiibee horii tokko irraa garaa horii
birraatii darbuu nidabalaa.

Qorrannoo
Tooftan dhukkubni muchaa itti qoratamuu danda`aan baayee dhaa isaan
keessaa horiin tokkoo dhukkubaa muchaa subclinicallin yoo qabamee
qorranoo baakteeriyaa fi somatic cell countii fayyaadamuun qorraachuu ni
dandeenyaa.Somatiic cell countiin baayee filaatamaa yoo ta`uu muchii sa`aa
dhukkubaa kennaan qabamuu isaa mirkaneefachuuf nuu fayyadaa.
Fiildii irraatii muchii dhukkubaa kennaan hubamuu isaa CMT (californiyaa
mastitisii testii) fayyadamuun addaan baasuu dandeenyaa.Bu`aan SCC fi
CMT fayyadamuun qorraanuu kan wallittii dhiiyaatuu dha, garuu CMT
qarshiin CMT baasinuu xiiqaa fi iddoomaa jiruutii haala salphaan addaan
baafachuu dandeenyaa.
Yeroo horiin qorattaman baayee ta`ee bulk milk somatic seellii fayyadamuun
qoraachuu dandeenyaa.
Ittiisaa fi To`annoo
Kunuunsaa ilaalatee
 Idoo/moona horiin keessaa jiraatuu qulqulinaa eeguu , jidhiinsaa akka
hin qabaanee gochuu,iddoo tokkotii horii akka hin baayanee gochuu
akkasumas qilleensaa qulquluu akka argatan gochuun carraa
dhukkubaan qabamuu ni hir`isaa.
 Yeroo horii eelminuu duraa harkaa keenaa dhiqachuu akkasumas
muchaa sa`aa dhiiquu fi gogosuun barbaachisaa dha.

 Saanii dhukkubaa kenaan qabamtee dhummaraatii eelmamuu qabdii.


 Saararaluujumoo balfii adda adda yookin fincaani fi faltiin horii itti
yaaa`uu qopheessuu (Drainage).

Yaala kenuun
 Sa`aa dhukkubaan qabamtee yaala kennuu,yoo dhukkubni irraa
kan turee yoo ta`ee horii kaawan irraa addaa baasuu.
 Horiin yeroo aanaan kennuu dhaabanitti yaala keennuufi (dry
period treatment).
 Yeroo yeroodhaan muchii dhukkubaan qabamuu isaa`a to`annoo
gochuu.
 Maashiinaa eelmuu seeran fayyadamuu fi yeroo eelmamanis
to`achuun barbaachiisaa dha.
 Horiin osoo hin eelmamin duraa qulqulinaa muchaa eeguu,farra
jarmii fayyadamuun harkaa keenaa fi meshaalee itti fayyadamnuu
qulquleessuu, ergaa elmamanii boodas jaarmooni akka hin seenee
teat diiping fayyadamuu.

2. Brucelloosisii
Ka’umsa dhibee; Baakteeriiyaa Bruceelaa abortus-horiif, Brucelaa
melitensiis-hoola fi re`eef,Bruceelaa suis- booyee fi brucelaa canis-
saareedhaaf.
Baldhinna: Guutuu adunyaatti iddoo baay’etti kan argamu yemmuu ta’u
horii irraa garaa naamatiis darbuu kan danda`uu dha.
Beeylada hubamu;horii aananii dabalatee beeyladinii hundii dhukkuba
keenaan hubamuu danda`uu.

Karaa dabruun;Horii irraa garaa horiitii;


 horii kormaa dhukkubaa kenaan qabamee walhormaataf yoo
fayaadamnee ykn sanyii isaa horii diiqaalomsuuf yoo fayaadamnee.
 Jaabiin yeroo aanaan horii dhukubaa kanaan qabamtee irraaa hootee.
 Garaa haadhaa keessaatii haadhaara garaa jaabitiis daadarbuu ni
danda`aa

Horii irra garaa namatii;


 Aananii osoo hindanfiisin horii dhukkuba kenaan qabamteeraa yoo
fayyadamani.
 Yeroo dhaalchiisan madaa harkaatiin seenuu danda`aa.(dystokia)
 Laaboraatoorii keessaatii samplii ykn naamunaa dhukkubaa kennaa
qaburaa fakeenyaaf gaatachiisaa horii (abortion products).

Mallatoo
Horii irratii- gatachiisaa horii (abortion),ciidhaan ni itahaa (swelling of
testicles),jilbii ni iitahaa,wal hormaata dhabuu(infertility),horiin erga dhalee
bodaa dil`uu basuu dhabu fi jabii du`ee dhaluu (still birth).
Namaa irratii- yeroo bay`ee undulant fever or Malta fever jedhamuun
beekama.
Ho`ii qaama altokko ni dabalaa yookan ni hir`a`taa (undulant fever),mataan
ni dhukkubaa,saamuun ni jeeqamaa,nii fuurisaa,dadhabii walqunamtii saala,
jilbii ni i`tahaa akkasumas uulfaatini qaama ni hir`ataa
Ittisaa fi to`annoo
 Kuunusaa horii fooyyeesuu.
 Horii dhuukuubaa kenaan qabamee addaa baasuu fi qaluu.
 Aanaan osoo hin danfiin fayyadamuu dhiisuu.

Tooftaa ittisaa fi to`annoo keessaa horii dhuukkubaan qabaman adda baasuu


fi qaluun filatamaa dha garuu wantootaa dursaa barbaachiisan keessaa;
o Hubbanoo uumataa cimsuu fi barsiisuu.
o Meshaalee dhukkubini ittiin qoratamu.
o Beeyladaa iddoo tokkoo jiraan irraa dedebi`uun yeroo yeroo
garagaratii qorannoo gochuu.
o Raaga qulquluu qabachuu.
o Beeyladin bakka tokko garaa bakkaa biraati akka hin sochoonee
too`achuu.
o Horii dhukkubaa kenaan qabamee mallatoo dhaabata ta`een addaan
baafachuu.
o Gargaarsaa (fundi) gayaa ta`ee yeroo dheeraaf kan turuu ni
barbaachiisaan.

3.Dhukkubaa sombaa (Bovine Tuberculosis)


Dhukkubni sombaa dhukkubaa yeroo dheeraaf beeylada irraa turuu fi guroo
yookan granulomaa tishuu fi qaama adda adda irraatii uumuun
beekamaa,keessatuu sombaa,lymphnoodii,mari`imanii fi kale irraatii.
Ka`umsaa dhiibee;Baakteeriyaa mykobakteriyam bovis complex M.bovis fi
M.caprae jedhamuun dhufa.Haa ta`uu malee dhuukkubni kun harkii caalaan
bo mykobakteriyam bovisiin kan dhufuu dha.
Beeyladaa huubaman;Beeyladin hundinuu nama dabalatee dhukkuba
kenaan hubamuu danda`aan.Isaan keessaa horiin,re`een fi boyeen baayee
kan hubamman yoo ta`uu hoolaa fi fardii dhukkubaa kennaa uumamaan ni
dandaamatan (natural resistance).

Baldhinaa;dhukkubni kun akka addunyaaratii kan argamuu fi dinagdee


horsiisaa beeylada irraatii rakkoo guddaa uumaa kan jiruu dha.Dhuukubni
kun namatis kan darbuu dha. Keessaatuu biyoota guddataa jiruu iddoo ittisaa
fi to`aanoo gahaa hin jiree keessaatii.
Maddaa dhukkubichaa;Faltii horii,aananii hin daafinee,fincaan,dhangal`aa
qaama saalaa keessaa yaa`uu,lymfiinoodii banamee irraa.
Karaa dabruun;
 Afuuran; beeylada moonaa keessaatii kuununfamanii fi beeyladaa
iddoo tokkoo dheedaan irraatii.
 Nyaatani fi bishaaniin;
 Nyaata fi bishaan faltii horii dhukkubsateen faalamee irraa.
 Bishaan ciisaa horiin dhuukkubaan qabamee ergaa dhugee
boodaa hanga guyyaa 18 beeyladaa biraatiif madda dhuukkubaa
ta`uu danda`aa.
 Aanaan dhuukkubaa kenaan faalamee yoo dhugan keessaatuu
waattiin.
 Yeroo walqunamtii saala fi sanyii beeyladaa dhukkubaa kenaan
qabamee hormaataf yoo fayyadamani.
 Muchii sa`aa fi maashinii aananii eelmuu dhuukkubaa keenaan
yoo faalamee madda dhukkubaa ta`uu danda`aa.
 Foonii horii dhukkubaa kenaan qabamee yoo fayyadamanii.

Dhuukkubni sombaa Kun qaama beeyladaa keessatii ji`aa haangaa waggaatii


turuu kan danda`uu fi yeroo qaamni beeyladaa humni ittisaa dhiibee
(immunity) hir`atuu fi uumriin beeyladaa dabaluu garaa dhukkubatii
jijiramuu danda`aa.
Mallatoo; Huqqachuu qaama, ho`ii qaama ni jijjiramaa, feedhiin nyaataa ni
hir`ataa,ni dadhabsiisaa fi yeroo ganamaati fi yeroo qoraa ni qufaasisaa.
Ittisaa fi To`annoo
o Qorachuu fi beeyladaa dhuukuuban qabamee qaluu yookan beeyladaa
birraa irraa adda baasuu.
o Beeyladaa dhuukuubaan qabamee ergaa yaalamee boodaa beeyladaa
biraatii madda dhuukkubaa akka hin taanee yeroo yeroon qorachuu.
o Qulqulinaa eeguuni fi qorichaa farraa baakteeriyaa (disinfectant)
fayyadamuun tatamsa`inaa dhiibee to`achuu.
o Baayiinaa beeyladaa iddoo tokkotii walittii qabaman diiqeessuu.

2. DHUKKUBOOTAA VAAYRASIIDHAN DHUFAN


1.1 Maasaa (Foot and mouth disease)
Kaumsaa dhiibee;vaayrasii aftoovayirasi jedhaamuun dhuufaa.
Mallatoo dhiibee;dhuukkubaa yeroo gabaaba keessattii baakaa baayeeti
tatamsa`uu danda`uudhaa.Beeyladinii dhuukkubaa kenaan qabamee;ho`ii
qaama ni dabalaa, feedhiin nyaataa ni hir`ataa,dhuugaatiin bishaanii ni
dabalaa,naanoon afaanii ni dhiitaya,yeroo aalanfatuu sagalee dhageesiisaa,ni
goroora,keessii afaanii fi jidduun lukkaa ni madda`aa,sirittii deemuu hin
danda`uu.
 Maadaaan qaama irratii uumamuu kunis haala slphaan dhuukkubaa
biraatiif saaxiilaa.
Arabaa fi miilaa horii dhibee maasatiin
hubamee
Ittisaa fi To`annoo
 Beeyladaa dhukkubsatee dafanii beeyladaa hafan irraa adda baasuu.
 Sochii beeyladaa to`achuun dhuukkubni iddoo birraatii akka hin seene
gochuu.
 Beeyladaa haarawa dhuufan beeyladaa duraa waliin walittii makuu
dhiisuu.
 Dho`insii dhiibee ka`uu isaa yeroo hundaa to`achuu fi dafani qaama
ilaaluf gaabasuu.
 Faltii horii fi horii du`ee seeraan gatuu.yookan awaaluu.
 Farraa jaarmii fayyadamuun moonaa horii fi meeshaalee dhukkubaan
faalamani qulquleessuu.
 Naannoo dhuukkubni kun jiruu dursanii beeyladaa talaalchiisuu.

3. DHUKKUBOOTAA HANQINAA NYAATAA MADAALAWA IRRAA


DHUUFAN (METABOLIC DISEASES OF DAIRY CATTLE)
Horiin aananii oomishaa garii keenuuf nyaata madalawaan
barbachiisaa.Horiin oomishaa guddaa kenniituu fi nyaata madaalawa hin
arganee dhukkubaaf saaxiilammuu danda`an.Dhukkuboonii hanqinaa nyaata
madaalawan dhufan kuninis:
1.1 Hanqinaa kalshiiyeemii (milk fever / hypocalcemia/ parteurent
paresis)
Dhukkubni hanqinaaa kalshiyeemiin yeroo baayee horii aanaanii letiraa
baayee kennituu miidhaa.Dhukkubni kun saanii ergaa dhaltee booda saa`ati
24 keessaatii uumamuu danda`aa.saanii erga dhaltee sa`atii 24 keessaatii
oomishiini aanaanii waan dabaluuf itti fayyadamni kaalshiiyeemii
akkaasumaa dabalaa,garuu kashiiyeemiin gayaan qaama keessaa yoo hin
jiranee haala salphaan dhukkubaa kanaaf saxiilamuu danda`aan.
Kaalshiiyeemiin jajaabinaa qaamatiif kan fayyaduu yoo ta`uu horiin
hanqinaa kalshiiyemii mudatee qaamni isaa ni laamsha`aa ,ka`uu ni
dadhabaa akkasumas du`uu danda`aa.
Mallatoo; dhuukkubni Kun sadarkaa sadii qabaa;
Sadarka1faa: saa`an ni dadamaqaa, boqqonaa dhabaa , ni
ririfataa.Akkasumas horii yaala yoo hi arganee ta`ee garaa sadarkaa lamafatii
guudataa.
Sadarkaa 2faa:saanii ka`uu hin dandeessuu,cinaachaan ciisaa,
nijeeqamaa,ho`ii qaama ni hir`ataa,naaanooni afaanii ni gogogaa.

Sadarkaa 3ffaa:Saanii dadammaqiinsaa ni dhabaa,riifachuu dhabuu,ni


bokokaa,ooneen ni dhayati,dhumni qaama ni qoraa (cold extrimeties)
sadarkaa kannaratii yaala yoo hin arganee ta`ee sa`aatii muuraassaa booda
du`uu danda`aa.

Saa`a dhukkubaa hanqinaa kaalshiiyeemiitiin qabamte


Bu`aa dhukkubichaa
 Jajabiini harmaa waan laafuf baakteeriyaan haala salphaan qaawa
muchaatiin seenuun dhuukkubaa muchaa fiduu danda`aa.
 Saanii ergaa dhaltee boodaa gaadameessii waan laafuf dil`uu baasuu
hin dandeessuu.Akkaasumas gaadameessi garaa alaa bayuu danda`aa.
 Daandeetiin oomiishaa sa`aa ni hir`ataa.

Yaala
 Horii sadarkaa tokkofaa ykn sirrittii hin hubabiniif Kaalshiiyemii
dosii 500 ml bottles 8-11g kalshiiyemii kan qabu foonii keessaan
keenuu (parentral administration).
 Horii sadarkaa sadafaa irraa gayeef ykn baayee hubameef
kaalshiiyeem boroglukonatee dhiigaa keessaan keenuufi.

Ittisaa fi to`annoo
o Nyaataa madaalawaa keenuufi
o Nyaataa protiinii xiiqaa qabuu keenuufi
o Horii sagantaadhaan eelmuu.

1.2 Hanqinaa magniziiyeemii (Hypomagnesaemia or Graas tetany)


Magniziyemiin qaama keessaatii baldhiinan kan argamuu yoo irraa caalan
lafee qaama keessatii argamaa.Akkasumas dhiigaa keessati percentii 1.8-
3.5mg dl-1taa`utuu argamaa.
Faayiidaa maagneziiyemii; Meetaaboolizimii lafee qaamatiif,
dadamaqiinsaa narviitiif, dadamaqiinsaa qaamatiif fi carboohaydireetii fi
foosfeetii garaa aniisaa humnatii jijiruuf nuu fayadaa.
Hanqinii magniziiyeemii yeroo baayee horii aananii irratii kan uumamuu
yoo tokko tokko hoola irratis kan uumamuu dha.
Sababaa ka`umsaa dhiibee; Sa`aa nyaata mdaalawaa hin arganee, sa`aa
aanani letirraa guddaa kennituu fi margaa jiidhaa qofaa dheeduu irraatii.
Mallatoo;Qaamni ni hoolata fi laaftii ni maaran,Mataan ni jeeqama,nama
nyaata,ijaa dudununfachiisaa,pupilin ijaa walitti sasaabamaa,qaamni saala ni
lalaafaa,nikufaa yaala yoo kan hin arganee ta`ee yeroo dhiyoo keessatii
du`uu danda`aa.
Hanqinii magneeziiyeemii yeroo baayee hanqinaa kalshiiyemii waliin kan
walqabatee uumamuu garuu dhalaa horii walin kan wal hin qabanee dha..
Yaala
Hanqinii magniziiyemii yeroo baayee kalshiiyemii fi fosferesii waliin
yaalama fakkeenyaaf magnesium dextrose injectionin,kalshiiyeem
borogluconate fayyadamuun yookan 25% magneziiyeem salphaatii
fayyadamuun yaala keenuun ni danda`amaa.
Ittisaa fi To`annoo
Galabaa magneziiyem oxiidiin yaaalamee horiif keenuu.
1.3 Keetoosisii (Acetonemia)
Ketoosisiin dhukkubaa horii aananii yoo ta`uu saanii ergaa dhaltee booda
guyyaa 10-60 uumamuu danda`aa.Dhuukubni kun kan uumamuu yero
suukaarii qaama hir`atuu qaama keessatii keton bodiin akka oomishaamuu
ta`aa.
Haali dhukkubni ketonbodii addaan bahuu keessaa haafuurii qaama,aanani fi
fincaani horii dhuukkubaa kenaan hubamee ni mi`aawaa akkasumas
dhuukkubni kun horii uumriin deemee fi aanani siiriiti keeniituu irraatii
muldhataa.
Mallatoo;Ulfaatinii qaama ni hir`ataa,oomishini aananii ni hir`ataa,cinaan
qaama paralayzii ta`aa,haafuuraa darbaa,afaan keessatii foolii aceetoonii
qabaa,Faltiin horii waan akka furii fakaatuun( mukaasiin)
haguugamaa,Faltiin horii nii gogogaa.
Sabaaba ka`umsaa dhiibee;Horiin nyaata gaahaa hin arganee,sanyii
beeyladaa keessatuu horii sanyii alaa qabuu irratii, saanii baayee
dhaltee,ulfaatinaa qaama jabbii dhalatee 3.5 oll yoo ta`ee,baayiinaa guyyaa
saa`an ergaa eelmamuu dhabdee boodaa (dry period) guyyaa 35 ol yoo ta`ee.
Yaala;Qoriichii sirrii ta`ee jiiraachuu baatus 300 ml 100% propylene
glycol guyyaatii altokkoo guyyaa shaaniif kennuu dandeenyaa.
4. DHUKKUBOOTA PARASAAYITIIN DHUFAN
Raakoowan gurguddoo paaraasayiitiin qaama beeyladaa irraatii fidan
Qaama beeyladaa maadeeyssuu,Qaamni beeyladaa akkaa loluu gochuu
(defensive reaction) akkasuumas du`atii beeyladaa fiiduu danda`aa.Madaan
paraasayitii keenaan dhufuu
danda`uu,mekaniikalii,keemikallii,inflammatory fi jaarmoonii haala
salphaan qaama keessaa akka seenuu karaa banaa.
Rakkoo maxxantuun fiduu haala nyaataa isaa irraatii hunda`uun;
 Dhiigaa ykn dhangala`aa qaama keessaa xuuxaa.
 Tissue ykn qaama horii soorataa
 Maari`imaan horii nyaataa akkasumas vitaminoota adda adda qaama
horii keessa saamata.

Raakkoo mekaanikaalaa maxxantuun dhufuu danda`uu;


 Marii`maan horii, hadhooftuun, uujuumoon dhiigaa,liiymfiinoodii
fi kookeen horii akka cuufatuu godhaa.
 Qaamni keessaa akka gabaabatuu godhaa fakeenyaaf hydatid cystii.
 Sellii yookan qaamni beeyladaa akka hin guuddanee miidhaa
fakkeenyaaaf kooksiidiyaa fi baabeeziiyaa.

Raakkoo keemikaala fi Infilaamatory (loolinsaa qaama) maxxantuun


dhufuu danda`uu:
 Paaraasayiitiin suumii addaadda mancaasuun seelliin akka du`uu
taasiisaa, dhiignii akka hin itiitnee taasisaa, dhiigaa cacabsaa
(haemolysisii fiidaa).
 Qaama beeyladaa akka looluu taasisaa (allergic reaction).

Jarmiin birraa qaama beeyladaa keessa akka seenuu taasiisaa


Paarasayiitiin jarmootaa dhiibee fiiduu danda`an qaama iirratii bachuun akka
qaama beeyladaa seenuu taasisuu danda`an fakkeenyaaf; E.g. Trypanosomes
( Tsetse fly ), plasmodium ( Anopheles mosquito).
Akka wallii galatii maxxantuun qaama iddoo lamatii qoodamaa;
 Maxxantuu qaama alaa
 Maxxantuu qaama keessa

1. Maxxantuu qaama alaa--qaama alaa beeyladaa irraa


jiiraataa.Maxxantuu qaama alaa kan jedhaman ilbiisotaa adda addati
isaanis;tafkii,bookee,injiraan fi neefkaalee ( mange mites) fi siilmii.

Rakkoo maxxantuun qaama alaa dinagdee irrati fiduu danda`uu;


Oomishini ni xiiqaata , dheekamsaa dhagnaa (irritation), dhiigaa beeeyladaa
ni xuxaa, feedhiin nyaata ni hir`ataa, bu`aan nyaata iraa argatuu ni
xiiqaata.Naafkaleen horii aananii muchaa saa`a miidhuunii fi yeroo
eelmamuu jeequun oomiishaa aananii gadiii diiqeessuu dandayaa.Oomishinii
aananii kan hir`atuu haama ykn baayinaa beeyladin nafkaaleen hubamee
irratii hundayuudhaan.
Sababoota uumama maxxantuu qaama alaa; Idoo silmiin jiruu
dheeduu,horiin iddoo tokkotii walitti yoo baayetan,qilleensaa qooraa,fedhiin
nyaata hirdhachuu,faayiidaa nyaata irraa argamuu yoo diiqaatee,muukaa
dhaabataa irratii horiin yoo hooksiifatee fi daabasaa oolka`aa fi waliitii
baayatee qabaacuu (Rough haircoat).
Ittisaa fi toa`annoo maxxantuu qaama alaa
 Horii haarawa dhufee yoo xiiqaatee turban sadiif addatii tursiisuu.
 Yero yeron horii maxxantuu qaama alaatin qabamuu isaa ilaalun
daafani yaala keenuufi.
 Horii maxxantuu alaatiin qabamee daafanii adda baasu.
 Yeroo hundaaa soorataa (nyaata madaalawaa) keennuufii.

2. Maxxantuu qaama keessaa-qaama beeylada keessaa jiraata keessatu


mar`iima fi tiruu keessa.

Maxxantuun qaama keeesaa kuninis; triimaatoodii, siistoodii fi


neematoodii jedhamuun adaan qoodamani isaanis
fashoolaa,Haemoonkasii,maxxantu somba (lung worm) teelaziiyaa
kan qabatanii nii dha.

 Ittisaa fi to`annoo;
 Yeroo maxxantuun qaama keessa itti baayeetuu keessatuu
rooba duraa fi rooba booda dursanii horiin faarra maxxantuu
qaama keessaa akka fuudhatuu taasiisuu.
 Horii maxxantuu qaama alaatiin qabamee yaala keennuufii.
 Horiin maxxantuu qaama keesaatiin qabamee idddoon
dheedduumsaa akka hin faalee taasiisuun.

You might also like