You are on page 1of 16

QAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSA OROMOO MAMMAAKAMAN

GODINA JIMMAA AANAA SIGIMOO

YUUNIVARSIITII JIMMAATTI

KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI HUMAANIITII

DAMEE BARNOOTA AFAAN OROMOO FI OGBARRUU

WIXINEE QORANNOO ULAAGAA DIGIRII JALQABAA


GUUTTACHUUDHAAF QOPHAA’EE YUUNIVERSIITII JIMMAA
KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI HUUMAANITII DAMEE
BARNOOTA AFAAN OROMOO FI OGBARRUUTIIF DHIYAATE

QORATTUUN: KAZIINAA ZEEYNUU

GORSAAN: DAANDII IBRAAHIM

AMAJJII, 2022

JIMMA
2
Baafata
Qabiyyee fuula
Baafata..............................................................................................................................................I
BOQONNAA TOKKO: SEENSA..................................................................................................1
1.1. Seen-duubee Qorannichaa.....................................................................................................1
1.2. Ka’umsa Qorannichaa...........................................................................................................1
1.3. Kaayyoo Qorannichaa...........................................................................................................2
1.3.1. Kaayyoo Gooroo............................................................................................................2
1.3.2. Kaayyoo Gooree.............................................................................................................3
1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa............................................................................................3
1.5. Daangaa Qorannichaa...........................................................................................................3
BOQONNAA LAMA: SAKATTA’A BARRUU...........................................................................4
2.1. Maalummaa Afoolaa.............................................................................................................4
2.2. Gosoota Afoolaa...................................................................................................................6
2.3. Faayidaa Afoolaa..................................................................................................................6
2.4. Mammaaksa..........................................................................................................................7
2.5. Amaloota Mammaaksaa........................................................................................................7
2.6. Faayidaa Mammaaksaa.........................................................................................................8
BOQONNAA SADII: MALLEEN QORANNOO..........................................................................9
3.1. Saxaxa Qorannoo..................................................................................................................9
3.2. Madda Ragaa Qorannichaa.......................................................................................................9
3.3. Irraawwatama Qorannichaa..................................................................................................9
3.4. Iddattoofi Mala Iddatteessuu.................................................................................................9
3.5 Meeshaalee Odeeffannoo Ittiin Funaanaman.......................................................................10
3.5.1. Af-gaaffii......................................................................................................................10
3.5.2. Marii Garee...................................................................................................................10
3.5. Mala Odeeffannoo Hiikuufi Qaaccessuu............................................................................10
BOQONNAA AFUR: KAROORA YEROOFI BAAJATAA......................................................11
4.1. Karoora Yeroo Raawwii.....................................................................................................11
4.2. Karoora Baajataa.................................................................................................................12
Wabiilee.........................................................................................................................................13

I
BOQONNAA TOKKO: SEENSA

1.1. Seen-duubee Qorannichaa

Afoolli damee og-barruu kalaqaa keessa tokko ta’ee aadaa, seenaa, duudhaa, amantaa, safuu fi
barsiifata hawaasa tokko afaaninn dhaloota dhalootatti kan dabarsudha. Geetaachoo (2008:141)
yoo ibsu, “Afoolli bifa og-barruu ta’ee aadaa, duudhaa, seenaafi eenyummaa dhaloota darbee
himamsa afaaniin kan dhalootatti dabarsudha” jedha.

Yaaduma kanatti dabaluun Melakneh (2003:12) yemmuu ibsu, “oral literature refers to the verbal
heritage of mankind by the word of mouth” jedha. Kana jechuun afoolaa jechuun hambaa seenaa
uummataa kan jecha yookaan dubbii afaaniin dhalootatti dabarsudha.

Yaada kana deeggaruun Abarraa (1999) yemmuu ibsu, “Afoolli dameewwan ogumma kalaqaa
keessaa tokko ta’ee kan afaaniin dhalootaa dhalootatti darbu hambaa uummataati.Hawaasni
tokko qaroomina, aadaa, duudhaa, mudannoo guyyaa guyyaatti isa mudatu, ilaalcha ofii isaafi
namoota biroof qabu ibsatu afaaniin dhalootaa dhalootatti dabarsa kan dhufedha,” jedha.Afoolli
baattuu aadaa, seenaa, duudhaafi barsiifata hawaasa ta’edha. Kunis gosoota garaagaraa of
keessaa qaba.Gosoonni kanneen bifa garaagaraan hambaa hawaasa dhaloota itti aanutti dabarsa.

Mammaaksi gosoota afaanii afoola keessa tokko ta’e, kalaqaa sammuu kan dubbii dheeraa
gabaabsuu yookiin dubbii gabaabaa dheeressuu danda’udha. Mammaaksonni himoota
gaggabaaboo ta’anii ogumma, haqa, hamileefi yaada agartuu yookiin saba tokko biratti
beekameefi fudhatama qabu, dubbii qoolaa dhaabbataa ta’ee kan dubbii afaaniin dhalootaa
dhalootatti lufudha (Misgaanuu, 2011:7).

Mammaaksi kunis gosoota garaagaraa of keessaa qaba. Gosoota kanneen mara eeranii fixuun
waan ulfaatuuf qorattuun qabiyyee mammaaksaa irratti xiyyeeffachuun qoratti.

1.2. Ka’umsa Qorannichaa

Afoola ummanni Oromoo qabu keessaa inni tokko mammaaksa akka ta’e beekamaadha.
Afoolli gosoota hedduu of keessaa qaba. Innis mammaaksa, Sheekkoo, oduu durii, geerrasa,
sirba, jechamaa fi ciigoodha (Wasanee, 1993). Mammaaksaaf hiika kana jedhame laachuun
ulfaataa dha. Haa ta’uu garuu mammaaksi gosa og-afaanii ta’ee kan unka gaggabaaboo fi
bifa walalootiinillee dhiyaachuu danda’uu dha.

II
Mammaaksi qaama xiinqooqaatiin yaada tokko human miidhaksee, sammuu keessatti fakkii
ergichaa kaasee ittin hambisu qaba. Ka’umsi qorannoo tokko bakka qorannoo kana gaggeessuuf
qorattuu kakaasan itti dhiyaatu, qorannoon dhimma walfakkaataa irratti gaggeeffamee maal
akka agarsiisanii fi kallattii qo’annoo irratti gaggeeffamne agarsiisuun gara qorannoo
gaggeeffamuuf deemuutti kan nu dabarsuu dha.

Qorrannoo kana adeemsiisuuf kan qorattuu kakaase jijjiiramaa adeemuqabiyyee mammaaksa


dubartootaa mul’isaniiti. Kunis sababa barreeffamaan dhalootaa dhalootatti darbuu dhabuu isaati.
“Mammaksi jiruufi jireenya saba tokko, duudhaa, aadaa, gaddaa fi gammachuu hawaasaa
kanneen calaqqisiisan yeroodhaa yerootti walitti qabamanii haala barreeffamaan kan hin teenye
ta’ee qabiyyeefi bifa isaanii eeganii dhalootaa dhalootatti darbuu hin danda’an,”
Soofiyaa(1999:13-14).

Akkasumas, qorattuun qabiyyee mammaaksa irratti qorannoo akka raawwattuuf, kan isheen
kakaase qorannoo gosa kanaan wal qabatu hin adeemsifamne. Mammaaksonni kanneen sababa
adda addaatiin baduu irratti argamu. Kanaaf, qorattuun kun ammoo rakkoon kun
barreeffamaan qoratamee yoo ta’e ni hafa jettee akka qorattuuuf ishee kakaaseera.

Kanaafuu qorannoon kun gaaffiilee gadiideebisuu danda’a jettee qorannoo kana gaggeessitee
jirti.

1. Mammaaksonni dhimmoota adda addaa irratti mammaakaman kan Aanaa Sigimoo qabiyyee
maalii qabu?
2. Gaheen mammaaksotni dhimmoota adda addaa irratti mammaakaman Aanaa Sigimoo qaban
maali?
3. Mammaaksonni dhimmoota adda addaa irratti mammaakaman Aanaa Sigimoo yoomiifi
eessatti mammaakama?
4. Mammaaksota kanneen eenyutu mammaaka?

1.3. Kaayyoo Qorannichaa

1.3.1. Kaayyoo Gooroo

Kaayyoo qorannoo kanaa inni guddaan mammaaksota Oromoo dubartoota irratti mammaakaman
kan Godina Jimmaa Aanaa Sigimoo sakatta’uun qaaccessuudha.

III
1.3.2. Kaayyoo Gooree

1. Qabiyyee mammaaksonni dhimmoota adda addaa irratti mammaakaman kan Aanaa Sigimoo
ibsuu,
2. Gahee mammaaksonni dhimmoota adda addaa irratti mammaakaman Aanaa Sigimoo qaban
tarreessuu,
3. Yoomessa mammaaksonni dhimmoota adda addaa irratti mammaakaman Aanaa Sigimoo
ibsuu,
4. Qaama mammaaksota dhimmoota adda addaa irratti mammaakaman Aanaa Sigimoo
mammaakan ibsuu,

1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa

Qorannoon tokko yeroo gaggeeffamu bu’aa mataasaa qaba. Haaluma kanaan, qorannoon kunis
qaamolee adda addaatiif bu’aa buusa jedhamee yaadama. Qaamolee qorannoon kun ni fayyada
jedhamee yaadame keessaa:

Dhaloonni ammaa beekumsa abbootii isaa huabchuun dhaloota boruu akka dhaalchisuuf
gargaara. Akkasumas, namoota kallattiinis ta’e alkallattiin mata duree kana irratti qorannoo
gaggeessaniif kaka’umsa ta’a. Kana malees, mammaaksi akka hin dagatamneef gargaara.
Waajjiroonni dhimma hawaasummaatiin walqabatan kanneen akka Aadaafi Turiizimii qorannoo
kanatti fayyadamuun aadaa, duudhaa, seenaa, falaasama Oromoo kanakunuunsuufi to’achuu
akka danda’an gargaara. Haalli bu’aa qorannichaa qaamolee ni fayyada jedhamee yaadame bira
ga’uuf faayidaa inni hawaasa keessatti qabu adda baasuuf qorannoon kun baay’ee
barbaachisaadha.

1.5. Daangaa Qorannichaa

Qorannoon kun Godina Jimmaa Aanaa Sigimoo irratti kan daangeffamedha. Karaa biraatiin,
dhimmi qorannoo kanaa qabiyyee mammaaksota dhimmoota adda addaa irratti mammaakaman
qaaccessuu irratti xiyyeeffata. Sababni isaa haala salphaan qorannoo koof odeeffannoo quubsaa
argachuufi bakka kanatti dhalachuun hawaasa aanaa kanaa waliin walitti dhiyaadhee qorachuuf
ni salphata. Akkasumas, aadaan Oromoo akkuma akkuma laafaafi saba isaa bal’aa waan ta’eefi
ayyaanni kun yeroo ammaa hir’ataa waan jiruuf qorachuuf xiyyeeffannoo ishee taasisti.
Akkasumas, mammaaksonni kun yeroo ammaa sababoota adda addaan hir’ataafi badaa jira.
Kanaaf, qorattuun dhimmaafi bakka kana irratti xiyyeeffattee jirti.

IV
BOQONNAA LAMA: SAKATTA’A BARRUU

2.1. Maalummaa Afoolaa

Afoolli abbummaa osoo hin taane uummatummaadhaan kan beekamudha. Namni mirga
abbummaa afoola irratti falmatu hin jiru. Jiruu fi jireenya hawaasa keessaa burqa. Kanaafuu,
afoolli ragaa qabatamaa aadaafi seenaa dhaloota darbe tokkooti.Afoolli kan afaaniin dhalootaa
dhalootatti darbudha. Yeroo tokko tokko immoo gochaanis kan darbudha. Afoolli gosa og-barruu
keessaa tokko ta’ee muuxannoo fi mudannoo hawaasaati (Wasanee Bashaa, 2008:156).Yaada
hayyuu kanaa irraa akkuma hubatamu afoolli calaqqee jiruu fi jireenyaati. Afoolli dhaloota tokko
qofaa kan dhaqqabu osoo hin taane fufee dhaloota dhalootatti darbuu kan addaan hin kunne ta’uu
hubachiisa.

Yaad-rimee og-afaanii ilaalachisee Okpewho (1992:42) ibsutti, “Oral literature is now the most
commonly use a term for subject. It is simply means delivered by word of mouth,” jedha. Kana
jechuun afoolli hambaa uummataa kan dhaabbataan itti fayyadamaa dhalootaa dhalootatti
afaaniin daddarbudha. Yaaduma kanaan walqabatee Melakneh (2006:13) yemmuu ibsu, “Oral
literature refers to verbal heritage, it mankind transmitted from generation to generation by word
of mouth,” jedha. Yaadni kunis afoolli hambaa yookaan haftee seenaa dhala namaa kan himamsa
yookiin afaaniin dhalootaa dhalootatti daddarbu ta’uu eera.

Afoolli kalaqa sammuu keessatti qindaa’uun kan afaaniin himamuudha. Kana keessatti, haalli
kuufamaafi lufiinsa isaas himiinsa afaaniin malee barreeffamaan miti. Wanti afaaniin lufaa dhufe
kun baattuu seenaa, eenyummaa, falaasama, ilaalcha, duudhaa, safuu, dinagdee, amantii, siyaasa,
beekumsaafi muuxannoo dhala namaa baatanii as gahaniidha. (Misgaanuu, 2011).Geetachoon
(2008:114) irratti yaaduma kana deeggaruun, Afoolli gosa ogbarruu ta’ee aadaa, seenaafi
eenyummaa hawaasaa himinsa afaaniitiin dhalootaaf akka dabarsuu eera.Kanafuu, afoolli aartii
jechaa yookiin ogbarruu dubbii jedhamuu nidanda’a.Sababni isaas wanta sammuu keessatti
qindaa’etu afaaniin himama waanta’eefi.

Okpewho (1992) Afoola Afriikaa gosoota gurguddoo saditti qoode. Isaanis: Seeneffamoota
afoolaa (Oral Narratives), Afwalaloo (Oral Poetry)fi Qareeyyii (Witticisms) jechuun qoqqoode.
Akka inni ibsutti, seeneffamoonni warreen jaargochaa dhangala’aan himamaniidha.Afwalaloon
kanneen amala walaloon guutamanii jiran yemmuu ta’an, qareeyyiin immoo kanneen jechootaa

V
gaggabaaboon himamaniidha.Kanaafuu, Afoolli amaloota hurruubummaa, jijjiiramummaa,
yoomessaafi hirmaannaa jamaa of keessaa qaba jechuudha.

Finnegan (1970:2) akka ibsetti, “Oral literature is belief, traditions, rituals, stories and other
creative expressions of people that have been transmitted orally or shaped by example through
successive generation,” jetti. Yaadni hayyittii kanaa kan hubachiisu Afoolli amantaalee,
duudhaalee, barsiifata, ayyaanota, seenaalee fi ibsama kalaqa adda addaa afaaniin yookaan
fakkeenyaan dhaloota fufuuf kan dabarsanidha. Kanaaf, raawwilee aadaa himamsa afaaniin
daddarban of keessatti haammata.

Haaluma walfakkaatuun, Bukenyaan (1994:45) waa’ee og-afaanii yeroo ibsu, “Oral literature is
the heart of a people way of life; it is the very soul of the culture. As the reservoir of peoples
values, it expresses a given societies world view and gives them a spring board from which their
day to day existence is propelled,” jedha. Akka yaada kanaatti afoolli haala jireenya hawaasaa
kan ibsu; kan murteessuufi kuufama beekumsaa kan fuulduratti hawaasa fuudhee adeemudha.

Dabalataanis, yaad-rimee fookloorii waliin walqabsiisee hayyuun Ben Amos (1983:3) afoola
yemmuu ibsu, “Oral Literature is very an organic phenomenon in the sense that, it is an integral
part of culture,” jedha.Kana jechuun afoolli baay’ee murteessaa qaama aadaa irraa adda bahuu
hin dandeenye isa olaanaadha. Kanaafuu, Afoolli aadaa hawaasaa kan calaqqisiisuufi qaama
aadaa isa adda dureedha. Itti dabaluun hayyuun kun afoola hawaasa tokkoo beekuun eenyummaa
hawaasichaa beekudha, jedha. Ogummaa fi beekumsa hawaasichaaf kan ittiin xiinxalanii hubatan
akka ta’e ni ibsa (Ben Amos, 1983:3).

Afoolli dubbii afaaniin yeedaloon kennametti yookiin hin kennamiin kalaqaa fi ogummaa
dhimma hawaasummaa adda addaa irratti xiyyeeffatudha. Afoolli waantota hawaasni tokko
raawwatu yookaan calaqqisiisu; seenaa, jiruu fi jireenya, eenyummaa fi ilaalcha hawaasaa bifa
dubbii afaanii fi gochaan kan dhalootaa dhalootatti dabarsudha. Kunis karaa gooroo og-
afaanichaan adda ta’a.

Generally, oral literature has been seen in two ways. The first was transmitting by talking in
word of mouth; the second was transmitted poem\and ryhtm. (Finnegan, 1970:12). Kana jechuun
afoolli dimshaashumatti karaa lamaan ilaalamuu ni danda’ama. Inni tokko kan nama hawwatan

VI
ta’anii dubbiidhaan kan darban; lammaffaan, nifa walaloo fi yadaloon dhihaachuu kan
danda’anidha

2.2. Gosoota Afoolaa

Afoolli gooroowwan adda addaatti kan qoodamudha. Yaada kana deeggaruun Wasanee (2008)
yeroo ibsu, “gooroowwan afoolaa mammaaksa, durdurii, geerarsaafi dirba,” jedha.Dabalataanis
Geetaachoo (2008) yommuu ibsu, “Gooroowwan afoolaa mammaaksa, eebba, hibboo, ciigoo,
durdurii, sirba, tapha ijoolleefi faaruudha, jechuun qoqqoodeera. Gosoota afoolaa kanneen
keessaa qorannoon kun mammaaksa irratti kan xiyyeeffatedha.

2.3. Faayidaa Afoolaa

Geetachoo (2005:4) Afoolli jiruu fi jireenya ilmaan namaa keessatti faayidaa hedduu qaba.Isaan
keessaa muraasni afoolli uummata qubee mataa isaa hin qabne seenaa mataa isaa ittiin dabarsuuf,
akkasumas ittiin bashannanuuf oola. Dabalataan, Jaarraa fi Wasanee (2008:82) “Afoolli faayidaa
inni qabu: barsiisuu, ibsuu, miliquu, tuqama haamilee, amala sirreessu/to’achuu,
bashannansiisuu, dandeettii waa madaaluu, xiinxaluu, hiika kennuu fi kanneen biroo fa’a.

Akaakuun afoolaa kamiyyuu nama isaaf of saaxileef muuxannoo guddina guutummaa namaatiif
baay’ee barbaachisaaf murteessaadha. (Biiroo Aadaa fi Beeksisa Oromiyaa, 1995:43).Kanuma
cimsuudhaaf hayyuun Bukenya (1994) eeruudhaan afoolaa yemmuu ibsu, “Oral literature
impacts on the growing of person useful cognitive informative and effective skills which enable
the person to live rewarding life and to be useful member of society,” jedha (Fuula, 43).

Dhalli namaa jireenya isaa keessatti wantoota isaaf hin galle maraaf deebii argachuu barbaada;
carraaqas. Waa’ee uumamaa, waa’ee naannoo isaa gaaffii hedduu ni kaasa. Daa’imman gaaffii
garagaraa ni kaasu. Kanaaf, jaarsoliin afoolatti gargaaramuun deebii kennu (Asaffaa, 2009).
Seeraa yookiin aadaa uummanni qabu keessatti amaloota badaa ta’aan akka balaaleffatamaniif
amaloonni fudhatama qaban immoo cimanii akka itti fufaniif, aadaan uummatichaa akka hin
cabneef afoolli kan eegudha (Dheeressa, 2003). Uummanni oromoo seerota aadaa, safuu fi
seerota ittiin bulmaataa ni qaba. Jiruu fi jireenya isaa keessatti immoo seerotni aadaa akka hin
cabne,akka kabajamaniif afoolasaatti gargaaramuun to’ata (Aduunyaa, 2011). Yaada kanarraa
kan hubannu afoolli amaloota gadhee hawaasa keessatti argaman hirrisuu fi bareeda kan ta’aan

VII
immoo akka itti fufan taasisuun aadaa hawaasa tokkoo seera akka qabaatu taasisuuf ni gargaara
jechuudha.

2.4. Mammaaksa

Mammaaksi gosoota afoolaa keessaa tokko ta’ee jechoota gaggabaaboon qindaa’ee dubbii
dheeraa gabaabsuu yookaan dubbii gabaabaa dheeressuu kan danda’udha. Oromoo biratti
mammaksi koobaa dubbiiti jedhama. Kana malees, Oromoon dubbii yoo jalqabus ta’ee yoo
xumuru mammaaksaan ta’u isaatiin jaalalaafi kabaja gooreen og-afaanii kun saba kana biratti
qabu dhugoomsa. (Misgaanuu, 2011:50).

Yaada kanatti dabaluun, Gaaddisaan (1991) yommuu ibsu, “Mammaaksi kutaa afoolaa keessaa
tokko ta’ee barreessaa beekamaa kan hin qabne dhalootaa dhalootatti gorsuufi waldhabdee
hawaasa gidduutti uumame yaada barreessaafi furmaataa gahaa ta’e haasawaan kan himu
yookiin warroommiirratti kan mammaakamudha,” jedha.

Abarraan (1999:5) mammaaksa yommuu ibsu, “Mammaaksa yeroo baay’ee kan mammaakamu
bakka namoonni wallolanitti yookaan bakka jaarsummaatti, srna gumaarratti, fuudhaafi
heerumarratti yookkiin warroommiirratti kan mammaakamudha.

2.5. Amaloota Mammaaksaa

Gooroowwan afoola Oromoo keessaa mammaaksi afoolota biroo irraa amalli adda ia taasisu
waan hedduu qaba. Isaan keessaa amaloota mammaaksaa akka hayyuuleen tokko tokko
jedhanitti akka armaan gadiitti kaa’uun ni danda’ama.

1. Mammaaksi mata duree dubbii waliin kan deemuufi waanta dubbatamaa jiru wajjin kan wal
fakkaatu ta’uu mala. Hiika mataa isaa danda’e kan dhimma yookiin dubbii sanaan kennuun
wal fakkaatu kennuu qaba jechuudha. (Soofiyaa, 1999:6).
2. Mammaaksi yaadamuun dhaloota itti aanutti waan lufuuf itti dabalamuufi irraa hir’achuun ni
jiraata. Namoonni dubbatan akkaataa dhuunfaa isaaniin bakka buusuun dubbatu. Kanaaf,
mammaaksi jijjiiramaaf isaa filatamaadha jechuudha. (Finnegan, 1970:70)>
3. Mammaaksi abbummaan isaa murtaa’ee kan nama kanaati yookaan kan sanaati jechuun hin
danda’amu. Namuma hundatu abbummaa irratti qabaata. (Wasanee, 1993:7).
4. Mammaaksi dhaloota tokko qofa irratti kan dhaabbatu miti. Dhaloota itti aanutti ni daddarba.

VIII
5. Mammaaksi yaada bal’aafi hawwataafi gaalee gabaabaadhaan qabiyyee dabarsa. Jechoota
filatamootti dhimma baha. Akkasumas, unka gabaabaafi miidhagaatti dhimma baha.

2.6. Faayidaa Mammaaksaa

Mammaaksi gosa afoolaa tokko ta’e faayidaa hedduu hawaasa dhimma itti bahuuf kan qabudha.
Faayidaa mammaaksa ilaalchisee Finnegan (1970:450) yoo ibsitu, “Proverbs are essential to life
and language without them the language will be skeleton without flesh, abbacy without soil”
jetti. Akka yaada kanaatti mammaaksi jireenya ilma namaa keessatti barbaachisaa ta’uu isaa
isaati.Akkasumas, afaan mammaaksa hin qabne qaama lubbuu hin qabne ta’uu hubachiisa.

Hambaawwan aadaa oromoo keessa takkoo mammaaksa.Mammaaksi hog-barruu dhaloota


tokkoo irraa dhalootaa birraatti afaanii afaanitti darbaa jiruu dha.Namni hundi hin mammaaku
beekaatu mammaaka beekaan keenyaa ammoo buleessaa fi buleettii keenya mammaaksaanii
dubbii eegalaanii isuumaan dubbii goolabuu mammaksoon dubbii fiduu isumaan dubbisii fiixuu
jechuun dubbatu.

Mammaaksi haasawa mi’eessa, dubbii dhangaggeechaa, yaada gabaabsa, haasawa tokkoo


keessatti fakkaatti dubbii sanii gabaabsanii dhiyeessuudhaan qabiyyee bal’atee, dheeratee walitti
qabanii nama biraatiif dabarsuuf gargaaraa (Wasanee, 2016)

IX
BOQONNAA SADII: MALLEEN QORANNOO

3.1. Saxaxa Qorannoo

Qorannoon kungosa qorannoo addeessatti fayyadamuun ni raawwatama. Kaayyoo kana galmaan


gahuuf malli qorannoo kana keessatti hojiirra oolu mala qorannoo qulqulleefataati. Sababni isaa
malli kun odeeffannoo funaannamu qaamaan odeeffannoo kennitoota waliin dubbachuun
dhimma qorannoo kana sirriitti waan sassabbattuufi. Kun immoo dhimmi kun gadi fageenyaan
akka qoratamuufi qabatamummaan isaa akka mirkanaa’uuf ni gargaara.

3.2. Madda Ragaa Qorannichaa

Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaati. Madda ragaa
tokkoffaa manguddoota aanaa Sigimoo kanneen dhimma qorannoo kana odeeffannoo dhugaafi
qabatamaan akka sassabamuuf ni gargaara. Kunis qaamaan hawaasa keessa seenuun odeeffannoo
barbaachisaafi quubsaa ta’e argachuuf qorattuu ni gargaara. Maddi ragaa lammaffaan kitaabilee,
barruulee adda addaa, galaalchaafi kanneen kana fakkaatan kan dhimma qorannoon walitti
dhiyaatanii barreeffamaniin kan wal qabatudha.

3.3. Irraawwatama Qorannichaa

Irraawwatamni qorannoo kanaa hawaasa Oromoo Godina Jimmaa Aanaa Sigimoo keessaa
namoota jiraatanidha.Aanaan kun aanolee baay’een marfamtee kan argamtudha. Bal’inni lafa
aanichaa heektara 27,801, yemmuu ta’u gandoolee qonnaan bulaa kudha sagalii fi bulchiinsa
magaalaa gandoota sadii walumagalatti gandoota 22 qabdi. Baay’inni uummata aanaa dhiirri
32147 fi dhalaan 34,328 ida’amaan 66, 475.

3.4. Iddattoofi Mala Iddatteessuu

Qorattuun qorannoo kana keessatti gandoota aanaan Sigimoo qabdu digdamii lama (22) keessa
gandoota shan (5) fi tokkoon tokkoo ganda keessaa immoo manguddoota waa’ee dhimma
qorannoo kana muuxannoo, beekumsaa fi dandeettii qaban afur afur waliigalaan manguddoota
digdama(20) filachuun qorannoo kana raawwatti. Malli iddattoo qorannoo kanaa itti filatamanis
mala miti-carraa keessaa mala eeruutti gargaaramuun manguddootaa fi namoota muuxannoo fi
beekumsa waa’ee qabiyyee mammaaksa Oromoo irratti qaban irraa odeeffannoo fudhachuuf

X
mijataa ta’eera. Sababa qorattuun filatteef, qorannoo ishee haala bareedaa ta’een argachuu ni
dandeessi.

3.5 Meeshaalee Odeeffannoo Ittiin Funaanaman

Qorannoo kana keesatti meeshaalee funaansa ragaalee qorattuun itti gargaaramtu af-gaaffiifi
marii gareeti.

3.5.1. Af-gaaffii

Af-gaaffiin tooftaalee ittiin odeeffannoon qorannoo kanaa funaanamu keessaa tokko ta’ee
qorattuufi odeeffannoo kennitoonni fuulaa fuulatti wal arguun odeeffannoo waliif kennu.
Odeeffannoo quubsaa fi barbaachisan mala kana keessatti ni argama. Qorattuunis mala kana
gargaaramuun iddattoo ishee keessaa namoota saddeet fuulaa fuulatti bira deemuun odeeffannoo
quubsaafi gahaa ta’e argachuun yaadannoo qabatti. Gaaffileen as keessatti qophaa’an af-gaaffii
caaseffamaadha. Yaadannoo qabattu immoo xiinxaluun (qaaccessuun) waraqaa qorannoo isaa
dhiyeessiti.

3.5.2. Marii Garee

Marii gareen tooftaalee ittiin odeeffannoon qorannoo kanaa funaanamu keessaa tokko ta’ee
odeeffannoo dabalataa funaannachuuf qorattuu ni gargaara. Malli kun namoonni waa’ee
qabiyyee mammaaksa Oromoo dhimmoota adda addaa irratti mammaakaman irratti hubannoo
qaban filachuun akka gareen mari’atan ni taasisti. Mala kana keessatti namoota kudha lama (12)
filachuun garee lamatti qooduun ni mari’achiisti. Gareen tokko namoota jaha of keessaa
qabudha. Mala kanaaf, namoonni filataman kan waa’ee mata duree qorannoo irratti muuxannoo
fi hubannoo gahaa fi quubsaa qabanidha. Sababa malli kun filatameef, qorattuun odeeffannoo
maloota af-gaaffii keessatti ifaa ta’uu fi dhaban qulqulleeffatti.

3.5. Mala Odeeffannoo Hiikuufi Qaaccessuu

Qorannoon kun mala qulqulleeffataatti fayyadamuudhaan odeeffannoo afgaaffiifi marii garee


irra argamu ni qaaccessiti. Kunis, walitti dhufeenyaa fi walitti dhiheenya isaan mata duree mata
dureetti qoqqoodameeti. Malli qaaccessa ittiin dhihaatus mala seeneffamaati.

XI
BOQONNAA AFUR: KAROORA YEROOFI BAAJATAA

4.1. Karoora Yeroo Raawwii

Hojiin tokko hojjechuun dursa dalagaleen sun yoom akka hojjetamu haala tartiiba isaan
qoqqoodanii qindeessuun dhimma murteessaadha. Haaluma kanaan qorattuun qorannoo kana
keessatti karoorri yeroo qorannoon kun itti adeemsifamu haala armaa gadiitiin qoqqoodinsa
yeroo ka’uun karoorfameera.

Lak Hojii Yeroo Raawwii


k Hojjetamu Ado ha Fu On Sa Mu A Gu Bi Ee Ca wa
o g l k d d m r t b a x
1 Mata duree x
filachuu
2 Mata duree x
daangessuu
3 Wixinee x
qopheessuu
4 Odeeffanno X
o funaanuu
5 Odeeffanno x x
o xinxaluu
6 Odeeffanno x x
o
qaaccessuu
7 Barreeffama x x
duraa
barreessuu
8 Barreeffama x
xumuraa
barreessuu
9 Bu’aa x
qorannoo
dhiyeessuu

XII
4.2. Karoora Baajataa

Hojii tokko hojjechuuf dhimmi baajataa qabxii xiyyeeffannoo barbaadudha.Kanaaf qorattuun


qorannoo kanaa qorannoo isaa adeemsisuuf baajata ishee barbaachisu akka armaan gadiitti
keesseetti.

T.L Wantoota barbaachisan Gatii tokko isaa Baay’ina gatii walii gala

1 Qalama 15 3 45.00

2 Qubeessaa 5 2 10.00

3 Sarartuu 30 2 60.00

4 Dabtara qubeessaa 85 1 85.00

5 Waraqaa dosxaadhaan 500 1 500.00

6 Gargaartotaaf 50 4 200.00

7 Qabsiistuu (maxxansuu) 15 6 90.00

8 Barreessituuf 400 1 400.00

9 Of eggannoof 500 500

Ida’ama 1,890.00

Wabiilee

Fedhasaa Taaddasaa. (2013). Subii: Bu’uuraalee Ogbarruu Oromoo. Finfinnee: Mana Maxxansaa
Subii.

XIII
Finnegan, Ruth. (1970). Oral Literature in Africa.Oxford:OxforClaridon.press.

Geetaachoo Rabbirraa. (2008). Furtuu.Seerluga Afaan Oromoo. Finfinnee: Mega


PuplishingEnterprise

Melakne Mangistu.(2003). Fundamentals of Literatures (2nd ed.). Addis Ababa PE.

Melkaneh mengistu (2006). Fundamenta of Literature For College. Third Edition.Addis Ababba
University.

Misgaanuu Gulummaa. (2011).Dilbii.Finfinnee: Oromiyaa.


Abarraa Nafaa (1999). Wiirtuu jil. 8ffaa: Barruulee Qormaata Afaan Oromoo. Finfinnee.
Commercial printing enterprise

Addunyaa Barkeessaa (2011) Akkamtaa. Yaadrimee Qorannoo Hujoo. Finfinnee

Chenua Achebe (1980) Things fall Apart Knopt double day publidhing

Gaaddisaa Birruu (1991). Wiirtuu. Jildii 7ffaa Finfinnee: BATO

Simonay (2010) Proverbs as reflection of life and thinking of English people.Siauliai University.

Soofiyaa (1999) Wiirtuu Jildii 8ffaa:Barruulee Qormaata Afaan Oromoo. Finfinnee. Commercial
printing enterprise

XIV

You might also like