You are on page 1of 3

Micireen kee

Micireen koo kan ganamaa


Ni fakkataa adii waatii
Amma amman marmaramaa
Cisichi koo kan dhiphuutii
Naf hin taanee waarroon waaddii
Gad na eelmee sunturamee
Ni banaan sun maltee yaaddii
Ani hin ciisuu gurguramee
Ija hin taanem miciree dha
Kan dagalaas kan galgalaas
Asi achii koo dhaabuu dha
Malaan mala naf malaasi
Ganamni koo hortee namaa
Galaas fixee beela'eera
Jallaa kootiin miciramaa
Dabareen amma wal ga'eera
Ittaan buufa buufa ibiddaa
Micirummaan na ga'eera
Ciree cireen baasa daandii
Mureen dhoosaa afuufamaa
Ni banaan sun na barbaaddii
Haree hareen baasa gumaa
Abbaan qaba maqaan qaba
Kanaaf sanaan na waamanii
Hunduu natti quba qaba
Wiirtuu sanii awwaalanii
Dhaladheera dhugaaf jedhee
Maqaa hin taaneen na waamani
Anuu beeka garaa gadhee
Soba hin beeku ani abo
Kan miilanna hunduu dhukaa
Lafee seenaa awwaalchaa koo
Baaseen bahaa qola keessaa
Finineen seenaa handhuura koo
Qaaqxee natti aqaaqxee xaddeen
Soba dhaluuf fofolatti
Kan miilaanaa silaa hin hafuu
Malas maltu dhaltuus dhaltii
Diimaaf halluu dhiigaan makaa
Magartutu ol kaasee dhaqaa
Magarsaa dha abbaan lammii
Qer jettuus qerqer jettuus
Hudhamteetta baata amma
Miciree keen gubee waadaa
Sif haa galuu dubbiin haalaa
Micireen kee warri baddaa
Wal waamanis achi alaala
Micireen kee miciraanii
Wal awwaaluuf wal waamanii

Author:-Ambotv@voice of oromo
http://ambotv.business.net

You might also like