You are on page 1of 1

Lakk.

______________

Guyyaa 25/06/2011

Mana Murtii Aanaa Beddellee tiif

Beddellee

Dhimmi Isaa:- Gabaasa Dhiyeessuu Ta’a.

Akkuma Gubbaatti caqasuuf yaalletti raawwii murtii falmii A/mirgaa Waajjira MMLM
Beddellee fi murtii A/idaa obbo Miruts Gazzaahiny gidduu jiru ilaalchisee bulchiinsa ganda
shuuramuu gootaa fi poolisii waliin taanee qabiyyee lafa daangaan isaa bahaan mana
himatamaa ,lixaan Hoteela Mo’aa, kaabaan gamoo Abdallaa Mahaammad kibbaan karaa keessoo
gidduu jiru lafa ballinni isaa 73M2 ta’e murtii A/mirgaaf kenninee beellama gaafa 26/06/2011 tti
akka dhiyeessinu ajajamuun keenya ni yaadatama.

Haaluma kanaan bakka jedhame kanatti argamnee lafa kana himatamaa harkaa fuunee
A/mirgaa tiin gahuuf yeroo safarree adda baasnu Bu’urri manaa YKN oogdiiniif koloniin manaa
baay’inni isaa kudhan(10) ta’u lafa kana irra waan jiruuf yaroo kanatti qaamni lafa kana irraa
diigee ykn caccabsee kaasu ifa waan nuuf hin taaneef karaa keessaniin haalli raawwii isaa
jechuunis qaamni kam akka bakkicha qulqulleessu ifa akka nuuf gootanu kabajaan isin
gaafanna.

Nagaa Wajjin!

Maqaa Ogeessotaa Mallatoo

1. Sulxaan Mohammed _________


2. Mangistuu Wubisheet __________
3. Geetaachoo Daggafaa ___________

You might also like