You are on page 1of 84

Badhaasa Oromiyaa

Badhaasa Oromiyaa

Baayyoo Abbabaa Tolasaa


Muddee, 2019

Finfinnee Oromiyaa

1
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Kitaaba kana eeyyama barreessaan alatti


maxxansuun, raabsuunifi gurguruun seeraan nama
gaafachiisa. Garuu waabeffachuun dhimmoota
barnootaafi qorannoolee adda addaaf itti
fayyadamuun ni danda’ama

©Baayyoo Abbabaa Tolasaa

Yaada keessaniif;

Lakk. Bilb; 0917335307

Email:bayoabebe0917@gmail.com

Facebook: bayesa.abebe

2
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

GALATA

Hundaan dursa uumaa isaa na uume uumaa


uumaama Waaqni uumee walaabu hortee kuush
irraa dhalachuu kootif uuma koon galatteffadha. Itti
aansuun ilman Oromoo roorroo diinaa jibbuun
bilisummaa biyyaa isaaniif aarsaa adda addaa
kaffalan maraaf yoo galanni koo isaan quubseef
onnee koorraan isaan galateffadha. Itti fufunis
haadha koo akka lubbuutti jaaladhu addee Gajaattu
Dheeressa yaadattee fi abbaa koo osoo ani hin
beekin akkan beekuuf daa'imummaatti bakka sirni
gadaa jiru iddoo "Buttaan" jiru na fudhate deemu
Obbo Abbabaa Tolassa Wayyeessa akkasumas
obbolaawwan koo Gammachis, Eebbisse,
Tokkummaa, Zaarituu/Waltajjii, Lammaa, Muluu,
Gaaddisaa fi sumee Abbabaa kan jedhaman
ejjennoo kootti hamilee waan na ta'aniif guddaan
isaan galatteffadha. Dhumarratti kallatti kamiinuu
warreen na deeggartanii fi na jajjabessitan hundi
keessan galata guddaa na biraa qabdu.

3
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

BAAFATA

Galata ………………………………………….. 03

Seensa ………………………………………….. 07

BOQONNAA TOKKO

Saba Oromoo

1.1. Maalummaa saba Oromoo............................. 08

1.2. Uummaanni Oromoo ofiin jedhu kun


eenyu?................................................................... 09

1.3. Oromoo jaarraa 16ffaa keessa........................ 15

1.4. Qubsumaa .................................................... 17

BOQONNA LAMA

Oromiyaa

2.1. Waa'ee dachee Oromoo kana beektu


laata?..................................................................... 19

2.2. Moggaasa ishee- Liiwuus Kiraafit(1837-


55)......................................................................... 21

2.3. Kenna fi badhaasa Oromoon qabu................. 23

2.4. Adda bilisuummaa Oromoo/ABO/................ 24

2.5. Waldaa walgargaasa maccaa fi


tuulama.................................................................. 31

4
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

BOQONNA SADIl

Sirna Gadaa

3.1. Waa'ee sirna Gadaa........................................ 39

3.2. Gadaan maali................................................. 39

3.3. Eebba............................................................. 52

3.4. Caam-baatee ................................................. 53

3.5. Gorsa.............................................................. 54

3.6. Eebba Qalluu.................................................. 56

3.7. Hojii Gadaa.................................................... 60

BOQONNA AFUR

Amantii Waaqeffannaa

4.1. Amantii fi falaasama...................................... 62

4.2. Waaqeffannaa................................................ 63

BOQONNA SHAN

Irreecha (Irreessa), Odaa, Dhahaa (Bar-


Lakkoofsa)

5.1. IRREESSA/IRREECHA............................... 66

5.2. ODAA............................................................ 68

5
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

5.3. Dhahaa/bar-lakkoofsa/................................... 71

BOQONNA JAHA

Ateetee, Siiqqee /Siinqee/

6.1. Ateetee/Ayyaana maraama/........................... 74

6.2. Siinqee/Siiqqee/............................................. 76

6.3. Qanafaa ................................................... 77

6.4. Safuu fi cubbuu ............................................. 78

7. Hiika Jechootaa……………………………... 82

8. Waniilee……………………………………... 84

6
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

SEENSA

Barrullee Afaan Oromoo gosa adda addaa fi


seenaa Oromoo ibsan dubbisuun koo fi kallatti
garagaraan namoota Oromummaa isaaniitiif gatii
fi aarsaa guddaa kaffallan akka fakkeenya
godhachuun koo fi hiriyaa taasifachuun koo akkan
kitaaba koo "Badhaasa Oromiyaa" jedhu kana
barressuuf onnee natti horeera. Kan irraa ka'uun
ijoo dubbiin kitaaba “Badhaasa Oromiyaa” jedhu
keessatti hammatame dhiyaate kun sabni Oromoos
ta'ee uummanni addunyaa barnoota waa'ee;

 Oromoo fi Oromiyaa
 Sirna bulchiinsa Gadaa
 Eebba
 Caambaatee fi gorsa
 Eebba qalluu
 Amantii waqqeeffanna
 Irreecha/irreessa
 Odaa
 Dhahaa/bar lakkoofsa
 Ateetee/ayyaanna maaramaa
 Siiqqee/siinqee fi kanneen biroo haala
gaariin akka irraa hubannutti kan
dhiyaatedha.

7
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

BOQONNAA TOKKO

SABA OROMOO

1.1 MAALUMMAA SABA OROMOO

Sabni Oromoo saboota kush afurtama ol ta’an


keessaa angafa kan ta’eefi baay’inaan miliyoona 50
(shantama) kan caalu ta’uun isaa beekamadha.

Uummanni Oromoo jedhamu kun eessaa ba’e?


Yoom? Eessa ture? Amma eessa jira? Akkamitti
jiraata? Oromoon hoo maal ofiin jedha? Ormi
/ambi/ maal isaan jedha? Gaaffilee hedduu
kaasuurra seenaa fi aadaa ummata Oromoo hanga
tokko beekuun barbaachisadha. Saba tokko jechuun
ummata afaan tokko dubbatu, aadaa wal fakkaatu,
daga /daangaa/ tokko keessa walitti aanee bara
dheeraa kan jiratee fi tolaafi hamaa kan waliin
dabarse ta’ee, fuuldurattis waliin jirachuuf kan
fedha qabu, jireenya isaaf kara diinagdee kan walitti
hidhata qabu ta’ee ilaalchaa fi qor-qalbii waloo kan
qabudha. Amantiin, aadaa fi seenaa ummata tokko
walqabatan. Eenyummaa ummata sanii/sanaa/ waan
ibsanif, siyaasa fi diinagdee ummataa guddisuu
irratti ga’ee gudda qaba.

Kanaaf uummani/sabni Oromoo, eenyumma offittin


boonee akka diinagdee fi siyaasan misoomee
guddatufi seenaa, Aadaa fi Amantii mataa isaa kan
ijoollee isaatiin qoratamanii dhiyaatan argatee

8
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

qoratee itti fayyadamuu qaba. Uummani Oromoo


Aadaa, Amantii, seenaa boonsaa fi biyya badhaatuu
qaba. Garuu qabeenya isaa kan biraan diinota
hedduus qaba. Diinota isaa of irraa faccisaa, Afaan,
Aadaa fi Amantii isaa hanga tokko har’aan ga’eera.
Aadaan Oromoo hir’ina qaba yoo jedhame, Aadaa
barreeffamaa dhabuu isaati. Kanarra kan hafe
abbotiin keenyaa wanta biraa waan ormi hin qabne
qabeenya boonsaa aadaa akka sirna bulchinsa
gadaa, Amantii waaqqeeffannaa fi bar-lakkofsa
/dhahaa/ mijjessanii qabeenya uumamaa hedduu
waliin dhaloota haraaf dabarsaniiru. Dhaloonni
amma immoo, wanna dhaale kana barreeffamaan
qabnee guddifnee, abbootiin keenya bara yoo
barreeffama qabu ta’e qorachuu malla. Wanni kun
sabboonummaa dagaagsa; uummanni kamuu
daangaa fi bilisumma ofii wareegamaan eeggata.

1.2. UUMMANNI OROMOO JEDHAMU KUN


EENYU?

Inni maal ofiin jedha? Ormi/ambi/ maal isaan


jedha?

Oromoon damee ummata kush bahaa ta’ee, ummata


hedduumminaan naannoo gaanfa Afrikaa
keessa/keecha bara dheeraaf jiraataa ture, ammallee
jiraataa jirudha. Naannoon gaanfa Afrikammoo
akka Oromoon dhugeeffatuttis ta’ee akkaa
UNESCOn bara 1987 eegalee ragaa kennetti bakka

9
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

sanyiin namaa calqabaaf itti argameedha.


Uuummanni kuush angafa ta’uu isaa ‘baayibiliinis
ragaa /namirud/. Oromoon immoo damee ummata
kuush ta’uun isaa beekadha.

Haala kanaan Oromoon angafa sanyii namaa


warra gaanfa Afrikaa keessatti uumamee ta’ee odoo
jiruu, seenaa barreessitoota habashaa warri akka
abba baahiree, Alaqaa Atsimee fi Alaqaa Taayyee,
Oromoon bar-dhibee 16ffaa keessa alaa dhufe
jedhanii barreessan. Kara biraa immoo “Haati
yikunoo Amlaak hojjettuu Alaqaa Caalaati” jedhu
itti dabaluudhan, “bara yikunoo (1263-1277),
Oromoonni taskaara irratti biyya saaman” jedhanii
barreessaniiru. Yeroon kun yeroo habashoonni
Oromoon biyyaa alaatii dhufe jedhanii barreessan
waggaa dhibba sadiin dursa.

Karaa biraa immoo pirofeesar Geetachoo Hayilee,


“biyyi Itoophiyaa jedhamu kun kan ummata kushii”
jedhu. Ormi jibba keenyarraa ka’ee waan hedduu
jechuu mala. Nuti garuu asumatti uumamne, biyyi
keenyas asuma jenna. Oromoon seenaa ofii
baayyinaan barreessee hin qabu; seenaa afaanin
darbu garuu gaarii qaba akka oduu duriitti
ilaalamus. Wanni Oromoon waayee seenaa ofii
afaaniin dabarsa tureran ormaan gaditii jechuun
xiqqessee beekaa jechuudha.

10
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Jalqabaa sanyiin namaa baddaa baalee keessatti


naannoo lagoota abbayaa, omoo fi waabii shabalee
gidduutti uumamee, achumatti walhoree, booda
addunyaa mara irra tamsa’e jedha. Oduu
maanguddoonni Oromoo dhuggeeffatan kana
qormaanni saayinsii sanyii namaas ni mirkanneessa.
Sanyiin namaa ummata kush irraa calqabuu isaa
qofa odoo hinta’in afaan ittiin dubbatamu, Amantii
fi falaasaamni, Aadaa horsiisuufi qonnayyuu
waggaa kuma kudhan dura gaanfa Afrikaa keessatti
guddatee, akka addunyaa irra tamsa’e, hayyoonni
xiin-qooqaa qoratanii mirkaneessaniiru.
UNSESCOn bara 1987 eegalee dhugaa ta’uu isaa
fudhatee adunyaa ittiin barsiisaa jira.

Akka oduu durii (myth) fi dhugaa qorannoon


argame kanaatti, sanyiin namaa, afaan, Amantiini fi
Aadaa jireenya sanyii namaa marti asuma Afrikaa
keessatti kush irraa madde yoo jedhaame, adda
addummaan afaanii, Amantii fi aadaa amma
addunyaa kanarra jiru eessaa maddee? Gaaffiin
jedhu ka’uu mala. Deebiin gaaffii kanaa qorannoo
dheeraa fi gadi-fagoo barbaadu illee hanga tokko
deebii kennuu yaaluu ni danda’ama. Calqaba lubbu-
qabeeyyiin hundi jireenyaaf waan nyaatamuufi
dhugamu, bakka jireenyaa barbaadu. Kan booda
wal-horu yeroo wal-horanii hedduummatan immoo
bakka jiran sanaa waan nyaatan fixu. Yeroo waan
nyaatan dhaban immoo bakka waan nyaatan
argamutti godaanu. Kun amala lubbu qabeeyyii

11
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

biraa yeroo hedduummatu ykn immoo yoo dhibee


hamaan ykn bineensi hamaan isaa rakkisu, bakka
sana dhiisee bakka biraatti godaana. Yeroo hedduu
immoo kan dura godaanu, namoota harka qalleeyyii
fi daa’immanni malee, buleessaa fi maanguddoota
miti. Daa’imman immoo dafanii Aadaa duraanii
dagatanii haala haaradhaan wal-baru. Bakka biraa
yeroo dhaqan haala qilleensa addaatiin wal-baru.
Haalli qilleensaa immoo akkaataa jirenyaa qofa
odoo hin ta’iin bifa namaayyuu ni jijjira. Wanni
nyaatamu, haala qilleensa naannoo sanaatin
murtaa’a. Horiin manaa, beeladoonni, bineensi
bosonaa, midhaan facaafamus haala qilleessa
sananiin walqabata. Fknf:- baddaan garbuufi
baaqelaa qotaa, hoolaa fi farda horsiisa,
gammoojjiin immoo misingaa qota, re’ee, gaala
horsisa. Kanaaf, baddaa fi gammoojjii gidduu adda
addummaan horii fi midhaanii, akkaataan hojii fi
uffataa ni jijjiirama jechuudha. Wanni ittiin jiraatan,
maqaan waan adda addaa kun immoo addummaa
aadaa fi afaanii fida. Aadaa fi amantiin illee haala
naannoo jirenyaa waliin walqabatee waaqeffatama.
Haala kanaan sanyiin namaa gaanfa Afrikaatti
uumame, addunyaa mararraa tamsa’ee afaan,
amantii fi aadaa adda addaa horate malee bara durii
namni asuma biyya Oromoo keessatti uumame
jedha oduun durii.

Oduun durii (myth) kana hayyoonni afaanii/xiin-


qooqaa/, bara durii uummanni Afrikaa, Eeshiyaa fi

12
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Awuroppaa naannoo giddu–galeessa bahaatti ollaa


walii turan, kanaaf hayyoonni afaanii, afaan
addunyaa kana irra jiran afaan hundee gurguddaa
lamatti yayyabu, yayyaba lamaan kana keessaa
yayyaba tokkoffaa afaan maatii Afroo-Eeshiyaa
qofaa illee fuudhanii isuma immoo afaan chaad,
berbeer, misiri, kuush, seem, Oromoo fi naayiloo
saharaa jedhanii qooduu. Egaa dameewwan afaan
Afro-Eeshiyaa keessa afaan uummattota kush baha-
kibbaa keessaa isaa guddaa, ummata hedduudhaan
dubbatamudha. Dhugaan jiru kana. Ummata
Oromoo qofa odoo hin ta’in sanyiin namaa martuu
asumatti uumame. Garuu, uumanni Isra’eel waan
durii/myth/ abbootii isaanii bareechanii, akka inni
ol-aantumma agarsiisutti maqaa amantii yihuudii, fi
kiristaanatiin maranii kakuu moofaa /old testament/
keessatti barreessaniif ol-aantumaa isaanii ummata
addunyaa barsiisaniif, seenaa dhugaa dabsanii,
sanyiin namaa nu keessaa uumame jedhu.
Waaqayyoo isaan filate eenyutu bakka filmaataatti
argamee isaanii raage? Moototiin isaanii immoo
nama barsiisaa isaanii isa sobaa ta’e morme ni
ajjeessu ture. Egaa haala kanaan angafummaan
ummata kuush fudhatame malee, inni baayibila
keessatti barreeffame oduu durii /myth/ ta’uu irra
taree qormaata saayinsii ammayyaatiin waan ragaa
ta’e tokkolee hin jiru.

Seenaan naannoo giddu-galeessaa bahe hanga


yoonaa ture baayibila waaliin walqabataadha. Akka

13
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

dhuggeeffannoo baayibilaatti immoo sanyiin namaa


giddu-galeessa bahaatti argame. Hayyonni biyya
lixaas amantiidhaan walqabachiisanii waanuma
kana barsiisaa jiru. Kun amantiidha, kan
barbaadamu garuu beekumsa malee amantii mitii.
Seenaan dhugaa hojjatamee darbe waan
qabatamaadha; ragaanis ni argamaa fi “Amantiin
garuu waan ragaadhaa ilaalamu miti” jedhu Dr
Laaphisoon.305 Seenaan ummata kuush seenaa
warra giddu–galleessa bahaa ni dursa. Maalif yoo
jenne seenaan uummata Yihudii Abrihaam irraa yoo
eegale umurii waggaa 4000 qaba. Seenaan uummata
gaanfa Afrikaa garuu seenaa Yihuudii, Nahii fi
Musee ni dursa. Jarreen kana dura uummanni kuush
naannoo kana ture jedha. Museen mataan isaatuu
yeroo waayee uummata gaanfa Afrikaa barressu,
ummatootni Puuntii, Sudaan, Misir, Kuush
obbolummadhaan bara dheeraa achi jiraataa turan
jedhe malee, biyya Arabaa ykn Israa’eel dhukan
jenne. Uummanni Adiin dhugaa jiru kana haalee,
soba dhugaa fakkeessee qaroominni fi Amantiin
alaa dhufaan, kan uummata gurraacha miti jedhanii
cufan. Bara amma waan dhugaa kara saayinsii
qoratamuu calqabee wanni hedduun dachee
keessatti awwaalamani turan ba’ani qoratamnan
seenaa sobaa sana gara oduu qofatti jijjiirani.

1.3. OROMOO JAARRAA 16FFAA KEESSA

14
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Ragaan seenaa uummattoota baha Afrikaa


keessattuu kana bara gidduu galeessaa qabatamaafi
bifa quubsaa ta’een ibsu hin argamne. Kanaaf akka
walii galaatti beekumsi seenaa uummattoota
Itoophiyaa keessattuu kan Oromoo jaarraa16ffaa fi
isa dura jiru loogiin kan guuttameedha. kunis
sababa gurguddoo lamaaf ta’a;

1. Dhabinsa aadaa barreeffamaa fi qorannoo seenaa


Itoophiyaa keessatti dagatamu ykn irra darbamuu.
Oromoon seenaa fi aadaa ofii barreeffaman utuu hin
ta’in argaa-dhageettin dhaloota irraa dhalootatti
dabarsaa ture. Dhugeeffannoo keessatti shoora
olaanaa haa qaabaatu malee seenaan hawaasichi
dabarse qabatamaan katabamee akka dhalootatti
darbu taasisuu hin dandeenye. Sababa kanaaf aanga
guyyaa bilisummaa Afikaatti (1960) afoolli akka
ragaa seenaa qabatamaatti waan hin fudhatamneef
uummattonni afaan barreeffamaa kan hin qabaatiin
seenaa hin qaban jedhama ture. Kun immoo
kaayyoo kan biroo dabalatee qorannoo seenaa
Oromoo akka irraa darbamu ykn dagatamuuf sababa
ta’eera.

2. Sababni lamaaffan ta’e jedhamee seenaa Oromoo


bira darbuufi uummaata gama siyaas-diinagdeee fi
hawaasummaa ijaarama isaa irrattii loogii
hojjetamaa ture ta’uu isaati. Qorannoowwan hanga
ammaatti mul’atanis haala seenaa walii gala yeroo
sanarratti hundaa’uun tilmaama ofii kaa’uu irraa

15
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

kan hafe ibsa quubsaa hin kennaan. Barreeffamni


seenaa Oromooo ibsus akkuma armaan dura eerame
ilaalcha madaalamaa hin qabu. Waa’een Oromoos
kan barreeffame dhimma mootummaa habashaa
keessatti barbaadamee waliin walqabsiifameetti
akka walii galaatti garuu kallattinis ta’e al-kallattin
barreffamoonni seenaa jaarraa 16ffaa ibsan seenaan
cimina gurmaa’ina Oromoo fi sirnaa gadaa utuu hin
jaalatiin ragaa bahu. Seenaa barreeffamoonni kun
ifaan ifatti haalanifi deebii hin argatiin hangaafii
biyyaa Oromoo jaarraa 16ffaatti, kun immoo
kaayyoo siyaasaf jecha akka ifatti hin baane
barbaadamee.

Utuu hariiroo Oromooo fi uummattoota baha


Afrikaa yeroo sana tureetti hin cehiin gaaffii
“Oromoo jarraa 16ffaa hawaasa attamii ture? Eessa
jiraataa ture?” isa jedhu ilaaluun barbaachisadha.
Gurmaa’inni siyaasa sirna gadaa irratti hundaa’a.
Gadaan dimookiratawaa yoo ta’eyyuu lubni
hoggansaaf filatame hanga beekamtii abbaa muudaa
argatutti hojii bulchiinsaa gaggeessu hin danda’u.
Yeroo sanatti Oromoon heera ittiin bulmaata akka
tumateefi sirna walqixxummaa deeggaruun akka
bulaa ture ni himama. Itti haa dabalamus, irraa haa
hir’aatus malee aadaa Oromoon jaarraa 16ffaa ittiin
jiraate kan si’anaaf /ammaaf/ bu’uuradha. Gadaan
walakkeessa jaarraa 15ffaa sirna gadaa ammayyaatti
akka ragaan seenaa ibsutti Oromoo waadaa
guddicha waliif qabu /kakaa Oromoo/ kaninni

16
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

madda walaabuutti raawwate jalqaba jarra 16ffaa


ta’uu akka hin oolledha. Kakaan sunis bu’uura
olaantummaa seera gadaa akka turee fi seera walitti
bu’iinsa Oromoo inni gidduu kammiyyuu
daangessuudha. Kaayyoon kakaan Oromoo inni
guddaanis tokkummaa Oromoo mirkannessuu fi
faayidaa waliin hojjechuu akka ture himama.

1.4. QUBSUMA

Seenaa fi qubsuma gosoota Oromoo gurgurddoo


sababa dhiibba fi waraanni yeroo adda addaa irratti
gaggeffamaa turen horteen kuush Oromoon kibba
misiraa irra golba laga mormor qabattanii hanga
taaniyaanitti akka qubaattan ragaaleen seenaa fi
xiinqooqaa ni ibsu. ragaaleen kunis horteen kuush
Dh.K.D wagga 7000tti biyyaa nuubiyaa,
gidduugalessa fi kibba misiraa gara giddu galessa
ltoopiyaa har'atti akka tamsa'uu eegalan,sana
boodas Kaaba baha afrikaa keessattu gidduu sulula
biluu naayilii fi galaana diimatti miidhaan qottuu fi
beeylada horsiisuun yeroo dheeraaf akka jiraatan
ni addeessu.haaluma kanan Dh k D waggoota
4000_3000 gidduutti gurmaa'ina umurii irratti
hundaa'en akka mirgaa fi dirqaama hawaasumaa
akka Baja turan himama. Hortee kuush keessa tokko
kan ta'e sabni Oromoos dhibbaadhumaa kanan
wiirtuullee bunchiinsa gadaa isaa waliin Golba Laga
mormor, kaabaa fi gidduu galessa itoopiyaa irra
gara kibbatti sochoo'a ture. Haalumaa kanan

17
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

dhibbaa jarra 13ffaa_16ffaatti iratti gaggeeffamen


Oromoon wiirtuulle gadaa iddoo adda addaatti akka
hundeeffattu taasiseera. Haaromsi gadaa madda
walaabutti bara 1445 irra eegaale rawwaattus bu'a
dhiibba kanatti. Oromoon damee saboota kuush
keessa isa bal'aa fi ummaata lafa bal'aarraa dagaage
jiraattudha. Haaluma bal'inaa fi guddinaa
ummaattatin Oromoon gosoota/damee/hedduu
qaba. Isaaniis:

 Maccaa fi Tuulama
 Sikkoo fi Mandoo
 Sabboo fi Goona
 Ituu fi Humbaanna
 Raayyaa fi Azeeboodha.

Ibsi seenaa qubsumaa Oromoo baay'inaan ragaa


sochii jarraa 16ffaa irraatti hundaa'a. Ragaan
qubsumaa jarraa 16ffaa dura tures ammaf quubsaa
miti. Darbees dhiibbaaj yeroo sana ture qubsumaa fi
jireenya tasgabba'aa waan eeyyame hin fakkaattu.

BOQONNAA LAMA

OROMIYAA

18
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

2.1. Waa’ee dachee Oromoo kana beektuu laata?

Lafti gaanfa Afrikaa keessa Oromoon irraa tamsa’ee


qubatee jiru Oromiyaa jedhamti. Oromiyaan biyya
Oromooti. Biyyi kun teessuma lafaatin gaanfa
Afrikaa, impayeera Itoophiyaa keessatti argamti.
Sarara sabbata lafaa (equator) irraa gara kaabaatti
digrii lama ykn angaa moyaalee fi digrii kudhaa
lama tuqaa shanii ykn angaa waajiraati gidduutti fi
sarara ykn utubaa lafaa (earth axis) gara bahaa ykn
longitude digrii soodoomii afur fi afurtamii afur
gidduutti argamti. Biyyoota ollaa Oromiyaa
daangessan keessaa; karaa bahaan, Jibbuuti fi
Sumaaliyaa, kibbaan, Ogadeen, Sumaalee fi
Keeniyaa, dhihaan Sudaan akkasumas kaabaan
naannoo Amaraa fi tigreen daangeffamtee jirti.
Bali’inni lafa ishii kilometira kaaree 600,000 /kuma
dhibba jaha/ olitti shallagama. Oromiyaan bal’ina
lafaa biyyoota afrikaa shantamii Jahaa olta’an
keessaa sadaarka 18ffaa irratti argamti.

Haalli qilleensa Oromiyaa jireenyaa fi oomishaaf


baayyee mijataa, kan ho’aa ykn qabbana’aa
jedhamee hin daangeffaamnedhaa. Yeroo kana
jedhamuus qilleensa qabbana’aa garaa hoo’aatti
madaalu giddu-galeessa ta’ee ofii keessaa qabdi.
Bifaa salphaa ta’een Haalli qilleensa naannoo
Oromiyaa baddaa, badda-daree fi gammoojjii
ta’eetu biyyitti keessatti mul’ata. Haalli qilleensa
Oromiyaan qabdu kunis waqtiilee gurguddoo ta’an

19
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

afuritti qoodamuu. Isaanis: birraa, bona, arfaasaa fi


ganna jedhamun beekamu. Oromiyaan uumamaan
badhaatu yoo taatu, laftii ishee biyyee gabbataa
qonnaaf, omishaaf ta’uu fi bosonoomsuuf
mijaatuudhaa. Kan malees lafaa ishii kana
keessaattii albuudaa gosaa garagaraa hedduutu
argama. Akkaa fakkenyaattii

Albuuda Oromiyaan qabdu keessaa muraasni


albuudota sibiilaa kanneen akka warqii (dahaaba),
meetiibirrii (silveerii), pilaatiiniyeemii,
yuuraaniyeemii, nikeelii, koppeerii fi kkf waamuun
ni danda’ama. Oromiyaan bineensota bosonaa
kanneen akka leencaa, qeerransaa, arba, bosonuu,
jaldeessa, qamalee, saattawwaa, gafarsaa,
karkarroo, booyyeefi kkf bal’inaan qabdi.kan
malees Qonnaan bultonni Oromoo horii manaa
kanneen akka sawwaaa (sa’aa fi sangaa), re’ee,
hoolaa, farda, gaangee, harree, lukkuu (hindaanqoo)
fi kkf bay’inaan horsiisu. Lafti ishees gosaa
midhaani akaakuu gargaraa kanneen akka xaafii,
boqqoolloo, shumburraa, gaayyoo, loozii,
akkasumas bunaa fi jimaa fi kkf hedduu biqilchiti.

Oromiyaa lageen akka abbayyaa (mormor) ykn


naayili gurraacha/blue nayile/ kan jedhaamu,
Hawaas, waabee, Gannaalee, Gibbee, Dhidheessa,
Soor, Weeybi fi gabaa maqaa dhahuun ni
danda’ama. Haroowwann naannoo ishee keessatti
argaman hedduu jiruu. Isaan keessaa muraasnii

20
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

kanneen akka qooqaa, laaqii dambal, laanganoo,


shaalaa, abiyaataa, dandii, wancii, fincaawa,
haromayaa, ashangee fi haayiqi (walloo keessaa)
beekamoodha. Kana qofaas osoo hin tanne naannoo
bishooftuu qofatii haroowaan jahatu argamuu.

Oromiyaa keessa kan jiran gaarrewwan akka karraa,


enkelloon, baatuu, tulluu walal, baddaa roggee,
gaara cuqqalaa fi gaara mul’ataa faatu jira. Bishaan
hoo’aa (spring water) jedhaamanii Oromiyaa
keessattii kan argamaan keessaa bishaan Finfinnee
(bishaan danfu), Amboo, Wancii, Walisoo,
soodaree, gargadii (rifti valley) Waadoofi kanneen
sulula guddaa (rift valley) keessatti argaman
heddudha

2.2 Moggasaa ishee - liiwus kiraafit (1837-55)

Gama biraatiin moggasni maqaa Oromiyaa


Lewiskiraafti namni jedhaamu bara (1837-1855)
baha Afrikaa naanna’ee maqaa Oromiyaa jedhamtu
moggassuun, Kaartaas qopheesseraa. Oromiyaa
har’a kanas Oromiyaa jedhee moggaasee ture. Bara
1970 keessa immoo biyya Oromoo jedhamee akka
jedhamee moggafames seenaan ni dubbataa. Kan
irraa ka’uunis 1976 keessaas Oromiyaa jedhamee
akka wamaamuu ta’eera. “Maddi isaa kunis liiwus
kiraaft 1846 Kuushii fi Oromoo kan jedhuu irraa
kan argameedha”. Waa’ee afaan Oromiyaa yoo
ilaalemmoo Oromiyaa keessaattii mittii Afrikaa

21
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

keessattillee afaan Oromoo Hawuusaa fi Araabifatti


aanee sadarkaa 3ffaa irratti argamun bal’inaan
dubbatama. Afaanota Afrikaa 1000 ol ta’an keessa
bal’inaan shan dubbataman keessatti ni ramadama.
Afaanota kuush 40 ol ta’an keessa afaan Oromoo
dubbatamuun sadaarkaa tokkoffadhaa. Afaan
Oromoo sabni akka Geedoo, Kambataa, Harari,
Sumaalee, Atawaa, Bartaa, Sidaamoo, Guraagee,
Amaraafi kanneen biroo ni dubbatu (kitaaba Tekle
Tsadiqii Mekuria 1961) irraa fudhatame.

Bara 1934-1966 Afrikaa keessatti afaan Oromoo


qofatu akka hin dubbatamne dhorkame. Afaan
Oromoo yeroo jalqabaaf karaa miidiyaan kan
tamsa’e bara weerara Itaalii (1928-33) ture.
(lexorkoora pektos of Oromoo garjaajb) irraa
fudhatame. Teessuma lafa Oromoo yoo ilaalemmoo
bal’inaa KML 600,000 olta’a (Tekla Tsadiqii
Mekuriya 1961). Biyyoota Afrikaa 56 keessaa
bal’ina lafaatiin kan Oromiyaa caalu biyyotaa 17
qofadhaa. Oromiyaan bal’ina lafaatiin Faraansayii
ni caalatti. Kana malees Bal’inni lafa ishee biyyoota
kanneen akka Kuubaa, Bulgaariyaa, Birtaniyaa
waliittii idaama'ani qixaatu. Topogiraafiin
Oromiyaa kaabaa digirii 2-12, lixaan digirii 34-44
irraatti argamitti. Akkuumaa armaan duraa
kasneettii Oromiyaan bahan, Sumaalee, Afar fi
Jibbuutiin, lixaan, Sudaan fi Sudaan kibbaan,
kaabaan, Amaaraa fi Tigreen, kibbaan, Keeniyaa fi
gariis Sumaaliyaan daangeeffamti.( kunis kana

22
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

fudhatamee liiwuus kiraafti 1842 irraattii)


Akkasumas bal’inni lafa Oromiyaa Itaaliin dachaa
lama taati.

Oromiyaan nyaata aadaa kanneen akka aannanii,


dhadhaa, dammaa, foonii fi akaakuu midhaanii
cumboo, kashii, caccabsaa, marqaa, mooqaa,
cuukkoo, buna qalaa, buddeenaa, ittoo fi kkf
qabachuun Beekamti.

2.3 Kenna fi badhaasaa Oromoon qabu

Haala qaabataama jiruf seenaa barreeffameee irraa


ka’uun qabeenyoota Oromiyaan qabduu
tilmaamuun namaa rakkiisaa. Hata’uu malee muraas
isaan haala armaan gadiittiin ibsun ni danda’ama.
Bineensotaa fi, halaattiwwan addaa addaa,
haroowwan, laggeewwan, gareewwan,
albuuddootaa, bosonaa, holqaawwan fi kkf ni
qabdii. Qabeenyii oromiyaan qabdu kunis kan arkii
namaa fiiddee dachee ishee irraa misoomsee ykn
kalaqee osoo hin tannee kan uumaamaan raabii
ishee badhaasee isheedhaa kennedhaa. Oromoo
durii irraa jalqabee lafaa isaa qotaatee bulaa fi
horsiisee bulaa waan ta’eef dinadgeen isaa qonaa
irraattii kan xiyyeefaatteedha. Oromiyyaa
keessaattii malii qoonnaa ittii fayyadamaan irraa
caalaattii lamaadhaa. Isaanis malaa aadaa fi malaa
amaayyaattiin faayyadaamuun omiishaa midhaanii
gosaa garagaraa irraattii bobaa’u. Akkumaaa

23
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

armaan dura ibsamettii baay’ina ummataa Oromoo


yoo ilaalee baay’inni isaa milliyyoonaa afurtama ni
caalaa. Kun immoo oromiyaan uummata hedduu
qabachuu fi maddaa dhala namaattins kushitiki
jalaattii rammaadamuun baay’ina qabachuu ishee
mul’isaa.hortee Oromoo jalqabaas horfoowwaan
jedhaamuun beekaamaa.

Mootiin kushootaa durii yeroo jalqabaaf hogannan


Amaarannaa Asiis ykn ateetee fi osiriis
jedhaamuu.liiwwuus kiraafti 1846 irraa kan
fudhaatameedha. Oromiyaan haawwataa
turiziimmiin kan uummaaman badhaafamteedhaa.
holqa soof-umar, dirree shek huseen, maddaa
waallabuu, park dishoo, park hawwas, fiincaawaa,
soor, malka qunxurree, siidaa calanqoo, siidaa
annoollee, masaraa kumsaa moorooda, masaraa
jimmaa Abbaa jifaar, haroowwan sululaa qinxaama,
haroowwan shaalaa fi abijaattaa, laagannoo fi
harroowwaan naannoo bishooftuu fi kkf Oromiyaa
keessaattii ni argamuu. Kan malees Oromoon
gootota lakkawwamaani hin dhuumnee hedduus
qabdii. Isaan keessaa muraasnii Abishee Garbaa,
Oliqaa Dingiil, Muluu waasanuu, Leenjisoo Diigaa,
Roobaa Buttaa, Haaji Aadam Saaddoo, Aliyyii
Cirrii, koloneel Huseen Bunee, jeneral Waaqoo
Guutuu, Waadaayuu Bataa, Bubbaa Bal’aa, Camma
Nur, Elemoo Qilxuu, jeneraal Taaddasaa Birruu,
Faxansaa Illuu, Danoo Berraa, Abbabaa Biqilaa,
Eebbisaa Addunyaa, Abdii Baddeessaa (Cululee,

24
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Amboo), Alamuu Kisii, Kabbabaa Ittichaa,Asafaa


Maraacoo fi kkf hedduu qabdi.kan biraas Oromoon
sirna diimorkiraasii sirna gadaa addaa ta’e ni qaba.
Haala dhahaa (bar-lakkoofsa) yoo ilaallemmoo
addunyaan kalaanderaa guutuu fi hir’uu qabdi.

Garuu Oromoon ammoo kaalendaraa lakkoofsa urjii


fi baatii qara irratti hundaa’ee qaba. Akka dhahaa
Oromootti waggaan ji’oota kudha lama of
keessaattii qabata. Ji’ii tokkos guyyota 28 fi baatii
waqtii Afur qaba. Isaaniis:- ganna, birra, bona fi
Arfaasaa jedhamaanii qooddamuu. Lakkofsi,
dhahaa Oromoo kunis aduun lakkofsa yeroo, urjiin
lakkofsa fi ayyannota carraa, Addeessi lakkofsa ji’a,
tibbanaa fi bara ni ibsa. Akkasumas Oromoon Sirna
gaa’ilaa mataa issiin dudhaa eegaatee fi akkaa
dhalootaa sararaa abbaa turban boodaa malee waalii
hin fudhuu. Sirnii gaa’ilaa kunis kan rawwattuu
eebbaa Abbaa fi Hadhaattin kan gaageeffamuudhaa.

Qoomon koo Oromiyaaf

Duddayyuu dubbiifnee

25
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Kan laafe jabbeessinnee

Diinaa garaa boreessiinna

Dubbii isaanii hadheessinaa

Kutannaan akka qeerroo oromiyaatti

Murataan akka kenyaa kaanatti

Qubaa waal qabnaa galaattaa rabiitti

Waal hordoffaa jiraa bakkaa hundumatti

Gootaraa Oromoo koo guutuuffi

Barbaaadeesuuf mandhee diinaa

Qabsoo haqaa kunoo barbaduufii

Akkuumaa olee buleen silaa finiinaa

Garaa manguuddoo Oromoo

Annaan itittuu obaafnee

Afaan tokkoon dubbannaan

Alagaa akkaa baala mukaattii rafnan

Akkaan beekaa kunoo sabnii koo

Gaafa boree baasuuf tokkoommee

26
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Itti geerraarree ittii dhiichisaakaa

Diinaa isaa fulduraa deemee

Milaa tokkon dhaabnan jarrenne

Hammaas isinni baatuuttii nu keessaa

Hin lafinaa yaa qomoo koo

Bakkaa jirtaanii waal jajjaabeessaa

Akkuumaa gaafa lolaa ajjee

Akkuumaa gaafa lolaa karrayyuu

Faalaamaannee irraa annaa malee

Arkaa hin keninnuu diinaa oromiyaa kamiifiyyu

Jajjaabee harkii rasassaa baatuu

Goototaa onneen siblaa

Hayyuu dachaan qabna galataas

Beektootaa duubbiin taliilaa

Gara duratii deemuu malee

Deebiin hin jiruu gara boodaa

Irraa hin hafnuu riqiichaa billisummaatii

Eebii kan hawwootaaf fi manguuddoottii

27
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Oromiyaan ni bilisoomti(2)

2.4 Adda Bilisuummaa Oromoo (ABO)

Addi bilisuummaa Oromoo dhaaba bilisuumaa


Oromoof qabassawwuu fi oromiyaa bilisaa baasuuf
sochoo’udhaa. Dhaabaan kun kan hundeefamee
bara 1973ttii. Kaayyoon isaa inni guuddaan qabatee
hundeeffamee uummaata Oromoo sirnii kolonii
Itoopiyaa jalaa base oromiyaa biyyaa of dandeessee
akka hundooftuuf dhaabateedha. Kan malees
dhaabnikuun sirna garboonfaataa ilmaan Oromoo
irratti mootummaan abbaa irree rawwatuu
balaaleefachuun Ilmaan Oromoo cunqursaa alagaa
jalaa bilisaa baasuuf falmuudhaa. Addii bilisuumaa
Oromoo angaa yeroo ammaa mootummaa Itoopiyaa
wajjin qabsoo hidhannoo gochaa kan jiruu yoo
ta’uu ummaataa Oromoo birrattii deggarsa guuddaa
kan qabudha.hundeefammiin addaa bilissuummaa
Oromoo bara 1967tti, mootummaan hayyilaa
silassee walda waal gargarsa maccaa fi tulammaa
seeraan dhoorkee, boodaarras hoggaantootaa fi
miseensootaa dhaaba kana kan hidhee kaan immoo
ajjeesse.gaggeessaa waraana olaanaa fi hoggannaa
dhaaba kana kan ta’ee jeneral Taaddasaa Birruus
qabammee hidhame. Tarkaanfiin akkas kun kan
fudhatammeef sababaa waldaa waal gargarsaa
macca fi tulammaa uummata Oromoo birattii

28
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

fudhatamma guddaa kan argattee fi fincillaa


Oromoo baalee wajjiinn ariirroo waan qabuuf
ture.miseensaa dhaaba kana kan ture Huseen Suraa
bara 1967 biyyaa baqaatee sumaliyyaattii gale. Inni
fi baqatoonnii Oromoo biroo dhaaba addaa
bilisuumaa biyyaalleessaa Itoopiyaa jedhamuu
hundeessuun Huseen suraa hoggannaa dhaabichaa
tasisaan.

Dhaabni kun osoo hin turin gara Yemenittii


ceehuun Oromootaa biyyaa allaa jiraatan lejissuu
eegalee.yaaliin jalqaba gara Itoopiyaattii seenuu
jarraa abbaa gadaattiin durfammee godhaammee
ture.garuu karaa kabaa Sumaliyyaa yeroo Itoopiyaa
seenuuf yaalii godhaan humnoonni nagenyaa
sumaliyaa isaan hordooffuudhaan miseensootaa
isaan kana ni hidhaan. Yaalii hin lamaaffaa
milka’ee finciltoonni kuni Itoopiyaa seenun tuulluu
Carcar irraattii buuffattaa hundeessanii
qubattan.yeroo kan dhabbichii maqaa Itoopiyaa
jedhuun ossoo hin tannee maqaa Oromoo jedhuun
sochoo’uf murteessee. Ka’uumsii dhabba addaa
bilissuummaa Oromoo (ABO) bara 1973,haallii
siyaasaa Itoopiyaa jijjiraamaa keessaa ture sababa
godhachuun, humnii waranaa Itoopiyaa
mootuummaa fi’uudaalii haayillaa sillaasee kufiisee
angoo qabateera. Hoggaantoonnii fi miseensoonii
WWMT warrii hidhamuu jalaa bahan karaa lafaa
jalaa gazeexxaa dhoksan maxxanfamuu kana akka
“kana beektaa” fi “the Oromoo voice against

29
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

tyranny”jedhaamuutti fayyadamuun uummaata


kakkaassuun ittii fuffan. Jarroonnii kun
dhooksadhan kora Husee Suraa, Elemoo Qilxuu fi
hoggantoonnii Oromoo biraa baay’een irraattii
hiimachuun qopheessan.

ABOn kan hundeeffammee fi sagantaan siyaasaasaa


barreeffamee kora kana irratii ture. Hidhattoonni
tuulluu Carcar irraa qubatnii akkaa garee waraana
dhabbichattii hammataman, maqaa warana
bilisuummaa Oromoo jedhuu kennameef.waraani
bilisuummaa Oromoo kan tuulluu Carcar irraa jiru
hoggansaa Haasan Ibiraahim kan irraa caalaa maqaa
Elemoo Qilxuu jedhaamuun beekaamuu jalaa galee
bara 1974, WBO sochisaa gareen irratti baballise,
kunis bulchiitootaa naannichaa biratti soda guuddaa
uumee. Keessattuu eergaa abbaa lafaa hamaa
Mulaatuu Taganyii eergaa ajjeessanii boodaadhaa.
Mootuummaan waraan Itoopiyaa jeneraal
Getachoo Shibashii akka finciltootaa kana
dhabamsiisuuf ergeen fulbaana jaha 1974
waraanni bilisuummaa Oromoo kan jalqabaa
dhuukasaa mortaattiin waraana xirroo irraattii
mo’aamee; Ahmad Taqii fi Elemoo Qilxuu yoo
du’aan loltootaa WBO sadii qofatuu lubbuun hafee.
Fincilli Oromoo akka itti hin fufnee gochuuf
mootuummaa fi’uuddaala ykn dargii uummata
maagaalootaa naannoo WBOn itti sochoo’aa ture
sana keessaa jiraatan hidhuu fi ajjeessuun jalqabee.
Keessaattu magaalootaa, Galamoosoo, baddeessaa,

30
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Machaaraa, bookee fi babiillee keessaattii. Waraanii


riphee lolaa gabaabaa kana boodaa, ABOn addaanii
fafaca’ee hoggantootnii isaa murasnii garaa
edaanitti deebi’uun dhaabichaa deebisaan karaa
qabachisuuf yaalan. Garuu hin milkoofnee.jeneeraal
Taddasaa Birruu kan mana hidhaattii ba’ee, qabsoo
waraana shawaa keessaattii haayiluuraagasaa
wajjiin itti fufe. Boodarraa garuu lamaanuu
qabamanii bara 1976 ajjeefamaan. Garuu WBO
innii hundeessee waraanaa ittumma fufee,
namoonnii ittii makamannis ajjeechaa Taddasaa
Biruu bodaa caalaattii dabalee. Kana irraa ka’uunii
fi cuunquursaa hedduu keessaa darbuun dhaabnii
ABO kunii waranaa isaa qabachuun waggootaa
afurtamaa oliif ykn immoo angaa har’attii dhabbaa
Oromiyaa bilisaa baasuuf falmaa jirudhaa.

2.5. Waldaa wal-gargarsa Maccaa fi Tuulamaa

Waldaan wal-gargaarsa maccaa fi tuulama kun


waldaa mirgaa ummaata Oromoof qabsaawuf
dhaabbatedhaa. Dhaabbanni kun leellistoota
oromummaa kan akkaa Maammoo Mazaammir,
Haayilaa Mariyaam gammada fi Taaddaassaa
Biirruufaattin kan dhaabbattedha. Waldaan kun
maqaa kana kan argatte gosoota Oromoo gurguddoo
lama kan maccaa fi tuullummaa jedhama irrattii.
Waldaa maccaa fi tuulluummaa kan dhabbatee bara
1960n keessaa yoo ta’uu kayyoo isaasi eenyuumaan
Oromoo gabbiissuu fi mirga Oromoof qabsaawwuuf

31
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

ture. Akkaa seenaan jedhutti waldaan wal-gargarsaa


maccaa fi tuulamaa magaalaa finfinnee keessaattii
gullaalleettii amajjii 24, 1963 hundeeffamee. Akkaa
hundeeffaameeen waaggaa tokkoo bodaa caamsaa
1964ttii akka waldaa gargaarsaattii akkaa sochoo’uu
mootuummaaa fiwuudaalawwaa irraa eeyyama
argattee. Koloneel Alamuu qixxeessaa piresedanittii
waldichaa fi hoggannaa bordii, Baqqalaa Nadhii
ittii-aanaa peresedanttii, koloneel Qadiidaa
Gurmeessaa itti-Aanaa peresedanti lamaaffaa fi
Hayyilaamaariyyaam Gammadaa waldiichaa ta’an
filataamman.koree seeraa ittiin bulmaataa
waldiichaa baassuun kan hoggaannuu abbaa seeraa
kan ture Hayyilamariyyaam gammadaa yoo ta’u
maqaa kanas maccaa fi tullaammaa akka jedhamuu
isaattuu moggaase. Kan malee Odaan assxaa
waldichaa akkaa ta’us Hayyilaamariyaam
Gammadaatuu murteessee. Waldaa kun koree addaa
addaa torba yoo qabatu namootaa himmaamataa
basaan kudhaa saadii of keessaa kan qabudhaa.

Jalqaba waldaa maccaa fi tullammaa keessaa kan


dursu kayyoon innii dhaabbatteef mana barnootaa
ijarrudhaan Oromiyaa keessattii barnootaa
babal’isuuf, buufaataa fayyaa ijarudhaan rakkoo
fayyaa Oromiyaa keessaa ture furuuf,daadii
geejjiibaa baassuudhaan uummata Oromoo wal-
qunamsiisuuf fi namootaa qamaa midhaamtootaa fi
hojii hin qabnee gargarudhaaf dhabbatee. Boodarraa
garuu hacuuccaa ummaata Oromoorra ga’urraan

32
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

kan ka’e waldaan kun gara sochii siyaasaatti


jijjirrame. Walga’iin ummaata wajjinni kan
jalqabaa konyaa jibaati fi maccaa magaala giincitti
gaggeffame. Itti aansuunis aanaa jalduu keessaatti
walga’iin walfakkataan gageffame. Achirraatti
kolonel Alamuu qixxeessaa lafa hektaara kumaa
kudhaanii hojii misoomatiif akka itti fayyadamu
waldichaaf kenne. Sochiin misoomaa waldichi
godhe waan isaa gammachiseef, koloneel Alamuun,
ogeessoota waraanaa bebbeekkkaamoo Oromoo
ta’an afferuuf murteesse. Namoota akkaataa kanaan
affeeramaan keessaa tokko jeneraal Taddasaa
Biirruu ture. Leellisaa Itoophiyummaa fi hayilaa
silasseef amanaa kan ta’e Taaddasaan waldaa
gosaan hundaa’e keessaatti hin hirmaadhu jedhee
dide. Hoggannaa duubbisuu fi barreessuu
biyyaaleessaa waan tureef hojii waldichi
barnootarratti hojjaturraatti garuu gargaaruf waadaa
seene. Barnoota babballisuuf cichee ykn dhimme
hojeechaa ture. Taaddasaan,garuu gaaf –tokko osoo
muumichi ministeeraa Itoophiyaa Akliluu
habtawaldi wajjiin wayitaa haasa’an, Akliluun
akkaas jedheen “baradhaa baradhaa” jechuu
guddiffiteeta,kun gaariidhaa,garuu eenyu akka
baratuu gargaar baaftee beeku qabda jedheen.nuti
Oromoo jaarraa tokko duubaatti akkaa haafu
goonne bulchinaa jechuu isaatti. Uummaanni
Oromoo galaana wan ta’eef yoo baraatte nuu
liiqimsaa jedheen. Akliluun, Taaddaasaan Oromoo

33
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

akka ta’e hin beeku ture. Dhibbaan sirna


fiwuudaalaawaa ummaata Oromoorraatti hojjetamu
kan baree fi kananis hedduu kana aare
Taaddaassaan dhaqee waldaa macca fi tuulamaatti
makame.

Waldichis beekkamtummaa jeneraal Taaddaassaan


qabu keessaattuu hariiroo cimaa inni haayila
silaassee wajjiin qabu fayyadamee hojii waldichaa
gufuu tokko malee baabalisuu barbaade. Yeroo
gabaabaa keessaatti Oromoonni ogummaa adda
adda keessa hojjattan hedduun miseensa waldichaa
turan. Maccaa fi tuulamni ummaata misoomaf
dadammaqsuu fi qarshii misoomaf oolu walitti
qabuuf, walga’ii gurguddaa ummaata wajjiin
geggessuu jalqabee. Walga’ii kana kan ispoonserii
godhuu Oromoota qabeenya fi mirga fooyya’aa
qaban kan akka kabbaddaa buuzunaash lafa
hektaara kuma shantama waldaan kun misoomaf
akka itti fayyadamuuf kenne. Yaa’ii seenaa
qabeessaa keessa tokko yaa’ii itayyaa kan caamsaa
1966 dureessa arsii keessaa haajii roobaalee tureetin
qophaa’e yoo ta’u kunis Oromoota bahaa fi dhihaa,
kirstaanaa fi islaamaa walitti fiduun tokkumma
Oromoo mirkaanneessuu keessatti iddoo olaanaa
qaba. Hajii roobaalee turee yaa’icharraatti yoo
dubbaatu “burqaan walitti dabalamtee laga taati.”
“Uummaannis wal qabaatee biyyaa ta’a” jedhee.
Hajii roobaaleen namoota muraassaa waldichaa kan
Oromoon biyyaa mataa isaa akka qabattuu yaadan

34
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

keessaa isaa tokkoodhaa. Yeroo sana afaan


Oromoottiin yaa’iin kamiiyuu gaggeessuun seeraan
dhorka ta’uuyyuu yaa’iin ittaayaa kun kan
gaggeeffaamee afaan Oromoottii ture.
Yaa’iicharraatiis Oromoon kirsitanii foonnii
isilaamiinis foonnii kiristaannii qallee nyaachuun
tokkuummaa isaanii agarsiissaan. Kun kan isaan
nassisee bulchitoonnii Amaaraa waldaa warraa
waqaa hin beknee jechuun maqaa balleesuu
jalqaban.walii-ga’ii walfakkaattaan ittuummaa
fufun kan gageefamee yoo ta’u kan keessaa tokkoo
bishooftuuttii Lammaa Guyyaattiin ykn kapiteen
umna qiilleessaa kan qindeeffamee tokko ture.

Wajjiirrii finfinnee dhabatee eergaa hojii eegalee


boodaa damee waldaa maccaa fi tullaammaa kutaa
biyyaa addaa keessaattii akka banamuu sochin
jalqabamee. Akkatadhuma kanan dame Arsii banuf,
Usmaan sheek, Galatee xaddachoo fi Ahmadii
bunaa filtaamaanii sochii jalqaban. Mangguddoo
Oromoo Arsii Hajjii Roobaalee Turoo ykn
Gutaamaa Hawaas wajjirraa finfinnee dhufaanii
walii ga’ii fulbana 1966 irratti irmatani sochii
naannoo Arsii jiruu warraa wajjiirraa muummeettii
beksiisaan. Hoggantoonni wajjirraa muummees
dheeratti dhufanii uummatan akka walbaran wal-
galan. Warrii bulchaa kutaa biyya Arsii waa’ee wal
gaa’ii kan eergaa dhaaga’ani boodaa akka hin
gaggeffamnee waan hin barbannef Hajjii Roobbalee
turoo fi namootaa walii ga’ii kan qindeesaan

35
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

hidhan. Haa ta’u malee hoggantoonnii muummee


kan finfinnee jiran haluumaa belamaattii dheeraa
deemuuf kutaatan. Haaluuma kananiis koreen
hoggantootaa dheeraa seenaan uummaata Arsii
hedduus bahanii jillaa finfinneedhaa dhuufee kan
haalaa ho’aadhan simaatan. Walii gaa’iichisii
haaluumaa karofaameen adeemsiifamee kayyoon
waldaa kana uummataf ibsamee. Bulchaa Arsii kan
ture namnii Sahilluu Diiffayyee jedhamuu uummata
walii gaa’ii kan irraa bahee garaa manatti debii’aa
jiruu kan irrattii dhukaasaa bannuun namootaarraan
midhaa geessiissan. Lafaa wal gaa’ii irrattii
gageeffamee fi naannoo sana jiru hundaa
mootuummaan waan dhaleef nama birattif waan
keeneef uumannii laffaarraa buqaa’ee Aanaatti,
konyaattii, bulchinsaa kutaa biyyaattii iyyaatanilee
murtii laffaarraa ka’aa jedhuu ittuumaa fufef.

Dhumaarraattii Baqqala Nadhii garaa mana murtii


Hayyilaa silassee murtii garaa gadii sanarattii
murta’ee cimseerraa jedhee.uummannii laftii jallaa
dhallamees olii ka’aan uu,uu,uu,uu yaa waaqa sittii
iyyaanaa jedhanii iyyaan. Haayyilaa Silaasseens
yaadaa isaa jijjirree lafti issaan akka irraa hin
fudhatamee murteessee. Damee wallagaa dhabuu
keessaattii Aaddee Atsaddee H/mariyyaam,
Qana’aa Gummaa,Tasammaa Nagaarii, Bayannaa
Abdii, Abdiisaa Mosissaa, Ollanaa Battii fi
Tassiissoo Eebaa fi namoon biro qodaa guudaa
qabu ture. Damee Harargee akka dhabbatuu

36
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Abdulaaziiz Mohammad fi Abdul ramman lazima


sochii guddaa godhaan. Wajjirraa siidaammoo
dhabuu keessaattii Tasfaayee Dagaagaan kan
hoggannamuu yoo ta’uu namoon Oromoo hin
tannee kan akka W/amaannu’eel Duubaalafaa akka
itti hirmaatan himama. Wajiirrii jimmaa ammoo
abbaa biyyaa abbaa joobirrii fi d/r moggaa
firisaattiin hoggannamee. Wajjirrii illuu abbaa
booraa Balchoo Dhabbaa fi Dr Jamaal
Abdulqadiiriin akka gageeffamee himaamaa.
Wajjiirrii yerer fi karrayyuu ammoo Adamaattii
hundaa’ee Baqqaalaa Waldee, Dadhii Fayyiissaaa fi
Gammaachuu Taffassaa fattiin
gageeffamee.wajjirri baalee sheek Huseen
Mohammad ykn Huseen suraa fi Hajii Adaam
Saddoottiin hoggannaamee.

Sochii waldaa kan sodaatee mootuummaan


gabroomaftaan Hayyilaa sillaassee, waldaa kun
akkaa hin sochone bara 1967 dhorke.
Hoggaantootaa fi miseensootaa waldaa kana kan
finfinnees ta’ee kan kutaa biyyarraa jirtan qabee
mana hidhattii naqee, mana murtittis himman
irraattii bannee. Galmee himanaa
hoggaantootarraatii bannaamee bakka sadiitti
qoodaamee .gareen tokkoffaan jeneeraal Taddassaa
Birruu, Ajajaa dhibbaa Mammoo Mazammir,
Seefuu Tasammaa, Daadhii Fayyissaa, Lammeessaa
Borruu, qanyaazamach Mokonnonni Wasannuu,
Hayilaamariyam Gammaadaa, koloneel Alamuu

37
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Qixxeessaa, Birgedaar jeneraal Dawwitti Abdiif ofii


keessaatti qabata. Garee lamaffaan ragaa soobaa
ta’iin garee tokkoffaa keessaa namootaa jiraani
irrattii raga akkaa ba’aan mootummaan yaalee ture.
Garuu isaan kan fudhachuu dinaan isaanirrattiis
himannii bannaamee. Garee kun Tafassaa
Gammachuu,Tasfayyee Dagaggaa ,Baqqalaa
MOkonnoonnii, loltuu Hayilamariyam Dimaannaa
Fixumaa Hikaa faa of keessaattii qabata.garee
sdaaaffaan jalqabaa mana murtii baaleettiin
himaataman. Boodaarraa garuu gara mana hidhaa
finfinneettii olii dabarfamaan. Garee kun
fitawaraarii Ahmad Imaama, Hajjii Adaam Sadoo,
Giraazamch Umar Huseen, Qanyazmach Abubaakar
Dargaa, Aliyyii Ahmad, Qaasiim Huuseen fi
Hasaan jimaafadhaa.

BOQONNA SADIl

SIRNA GADAA

3.1. WAA’EE SIRNA GADAA

Gadaan sirna ittiin siyaansi, diinadgee fi


hawaasummaan uummata Oromoo ittiin
murteffamu, kan miseensi sabichaa mirga fi
dirqama isaa ittiin waligaluu fi tokkummaan ittiin
waliin jiraataniidha.

Sirni Gadaa Oromoo waan uummata gurracha mara


boonsu, kennaa guddaa uummanni Oromoo,

38
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

addunyaa kanaa kennee waan ta’ef barattoonni


Afrikaa, barattonni Oromoo dhimma saayinsii
hawaasaa qoratan sirna bulchiinsa Gadaa irratti
akka xiyyeeffatan waamichan dabarsa.

3.2. GADAAN MAALI?

Gadaa jechuun wanna jecha ykn himaa tokkoon


ibsamu miti. Waan akka malee guddaa fi icciitii
gadi fagoo ofkeessa qabudha. Hundee seenaa,
siyaasaa fi amantaa uummata Oromootiin jechi
Gadaa jedhu wanna hiika tokko qofa qabu miti.
Waan wal-qabataa, waan hedduu of keessaa qabu,
kanaaf gadaa hubachuuf akkaataa jireenya Oromoo
qorachuu dhimma keenya godhachuun ni mala.
Waa’ee gadaa irratti hayyoonni hedduun waan
hedduu barreessaniiru. Isaan keessaa barreessitoota
muraasa armaan gaditti eeruu yaalla. “The term
gada cannot be given a univocal interpretation. It
stands for several related ideas. It’s first of all, the
concept standing for the whole way of life that is
the subject of our study”. 161

A. GADAAN DIMOOKIRAASIIDHA

Gadaan jaarmiyaa umurii fi dhaloota, sirna


dimookiraasii uummata Oromootiin uumameedha.
Dimookiraasiin gadaa, dimookiraasii warra
lixayyuu ni caala. Maal maaliin akka caalu immoo
ragaaleen ni jiru. “The gada system contains

39
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

complex and seemingly anomaleus features that are


a major challenge to social science”162

“Sirni gadaa qaroominaa fi guddina sanyiin namaa


karaa hawaasummaa, seenaa isaa bara dheeraa
keessatti argate, sirna raajiidha” jedhu piroofesar
Asmarom Laggasaa. Kana irra ka’uun yeroo dhiyoo
keessatti gadaan UNESCOtti hanbaa seenaa
killichaa addunyaa ta’uun galma’eera.

B. GADAAN SIRNA ITTIIN BULMAATATI

Gadaan sirna ittiin bulmaataa dimookiraatawaa ta’e,


kan beektota seenaa, seeraa fi saayinsii hawaasaa
hedduudhan “ajaa’iba!” jedhamee ragaan
ba’ameefidha. Hayyuun seenaa Pilaawudeen
jedhamu kitaabaa seenaa bara 1565 maxxanse
keessaatti (Aspureas are public can exist) “sirna
rippabilikaan jedhaman marayyuu sirni gadaa ni
caala” jedhe.164

“Utuullee uleen cabee; kan abbaa gadaa hin cabu;


beekaa irraa kunne malee! Seenaan hiyyeessa hin
qabu!” Kan biraahoo bade illee, kan abbaa gadaa
baduu hin qabu jechuu isaati Dr kabajaa artist Alii
Birraan.

Namichi lammii Ameerikaanii, Joorjii kaarter


jedhamu tokko yuunivarsiitii Juhanshopki keessaatti
qormaata godheen bara 1967 kitaaba “Man and the
land” jedhee barreesse keessatti “sirni bulmaata

40
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

gadaa siyaasa raajii, baatuu baasa (kalaqa) uummata


gurraachati. Addunyaa kana irraa waan raajii
akkasii kan kalaqe uummanni biraa hin jiru. Kanaf
gadaan uummata Oromoo qofa odoo hin ta’in saba
gurraacha mara’iyyuu ni boonsa jechuudha” jedha.
Itti dabaluunis, “sabni gurraachi sirna ittiin
bulmaata kan namni umurii adda addaa keessaatii,
qoodaa fudhaatu, kan addunyaa kanarraa bakka
biraatti hin argamne uumee” jedha. Baatu–baasii
kun immoo tuffii ormi sabni gurraachi odoo homa
hin hojjetiin bosona Afrikaa naannoo mudhii
lafaa/equator/ irra bara dheeraaf jiraachaa ture
jedhu, sana haqee, bifaa haaraan uummanni
gurraachi wanna raajii raawwateera yaada jedhu
calaqqiisisa jedhani. Hiikni isaa gabaabaan hanga
ammaatti jaarmiyaan hawaasaa gadaan qixxaatu
sammuu namaatin tolfamee hin beekuu jechuudha.
C. GADAAN MAQAA GOGEESSAATI

Gadaan maqaa garee (paartii) bara saddeet


saddeetiin aangoo wal jijjiiruti. Gareen kun shanan
gadaa Oromoo jedhaamu. Maqaan gadaa kun bakka
adda addaatti, adda addummaa qaba. Fknf: maqaan
shanan gadaa Oromoo bar-dhibbee 16ffaa keessaa
maal akka ture, barreessasaan seenaa habashaa
Abbaa Baahiree jedhamu bara sana uummata
Oromoo akka diinatti ilaalaa ture, waa’ee maqaafi
sirna gadaa Oromoo akka arman gaditti barreesse.
Innis malbaa/melba/, muudana, kilolee, biifolee fi
miichilleedha jedhe, ijoollee isaanii immoo

41
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

harmuufa, roobalee, birmajii, mul’ataa fi jabanaa


jedha.16

D. SADAARKAA GADAA

Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu fi murni


ilmaan kormaa tartiiban keessaa dabran sadarkaa
gadaa jedhama.

a. Sadarkaa gadaa dabballee (0-8)- sadarkaa kun


sadarkaa daa’imaati. Mucaan sadarkaa dabballee
irra jiru maqaa hin qabu. Maqaa qoosaatiin
waamama. Boorana biraatti immoo “intal’’
jedhama. Mataan dabballee hin haadamu, guduruu
guddifata. Dabballeen qanaaniidha. Aannan dhuga,
yoo maatiin isaa sa’a dhaltii hin qaban ta’ellee
gosaatu kenna malee dabballeen Aannan hin dhabu.
Dabballeen yoo ballesse ni gorsama malee, hin
dhaanamu. “Dabballee! Dabboo! Dabballee afaan
Aannanii maa miidhananii?” Sirbi jedhaamu jira.
Abbaamatu jira. Aabbas ta’ee haati dabballee
rukutnaan ni adabamu Oromoon durummayyuu
kunuunsa daa’immannis “care for the childer’’
beeka ture.

b. Sadarkaa gadaa gaammee didiqqaa (itti-


makoo) (8-16)-sadarkaa gaammee keessatti
ayyaanni guddaan hin jiru. Waggaa-4 boda
maccaatti gaammee haaddatee; roggee filata, jabbii
tiksa, sirba, geerarsa, bishaan daakuu, farda
yaabbachuu bara, warraaf ergama, loon tiksa.

42
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Ayyaana taabore obbolaa fi hiriyaa ofii waliin


ayyaanneffata. Yeroo gaammee haaddatu ijoollee
durbaatifis goromsi tokko dhuunfaatti ni
kennamaafi. Bakka hedduutti ayyaana taaboree
dhiira qofaatu bakka tokkotti ayyaanneffata.
Taaboreen ayyaana ijoolleetti.

c. Sadarkaa gadaa gaammee guguddaa


/foollee/ /16-24/- calqaba ukee/unkee baha/initiation
ceremonay/. Yeroo sadarka gadaa foollee seenuu
calqaba godoo ukeetu ijaarama. Achitti haati mucaa
kanaa coqorsa kichuu miila isaa irratti hirreeffattee;
bixxillee sagal caccabsitee irreessarra keessee
itittuufi Aannan itti dhibaafattee

Hoofkaalii! Arfii siyaa baraaru!

Bineensa hamaa si yaa bararuu!

Galaana si yaa baraaru!

Dhibee si yaa baraaru!

Hiriyaa kee waliin nagaa si yaa kennu!

Jettee eebifti sirni ukee kun sirna booranatti hiriyaa


kuuchu jedhamuun walfakkaata. Erga haati eebiftee,
sirbi eegalama. Sirbuma kana keessa godoo cabsee
karaa boroo keessaa baha. Yeroo sana ijoolleen
maaliif godoo keenya keessaa bahe jedhanii
dhaanuuf itti fiigu, innis Arreedee harka bahaa,
ukee cabsee bahee jedhama. Ijoollummaa keessaa

43
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

bahe jechuudha. Ciisa ijoolleetii baheetu mana jala


buluu eegala. Ayyaanni ukee kun yeroo gannaa
raawwatama. Namni ukee bahe birraa masqalarratti
gufatee sirbee horii fudhaata. Achumaan foollee
sirbuu itti fufa. Dardaroonni sadarkaa gadaa foollee
keesaa jiran adamoo adamsuu, arba gaadu, horii
darabaagalchu, barumsaa waraanaa, eeboo
darbachuu, gachaanaan faccisuu, bishaan daakuu,
fardan loluu baru. Tulluu fi malkaarraa adeemanii
sirbu, foollisu achuumanis, namaan, biyyaan
walbaru. Yeroo buttaan qalamu foolleen korma
qabee kuffisa. Cinaachoo korma buttaa akkuma
jirutti foolleetu fudhata. Foolleen foon buttaa akka
leencatti walharkatti ciree nyaata. Foolleen seera
malee nama hin sodaatu, wanna jedhuu fedhe saalfii
tokko malee absaala, siba foollisa. Wannaa foolleen
jedhee weeddisu barreessunnama saalfachiisa. Fknfi
foolleen akkas jedhe gaa’elaa faarsa

“Heerumaa fuudhaa

Heerumaaan waa arganii

Wayyaa jalaan, wayyaa jalaan

Walitti loosu halkanii’’

Yoo fedhe, abbaa gadaa ni faarsa, yoo abbaan gadaa


seera tolchuu baatee garuu, sirbaan, walaloodhaan
ni abaara, ni arrabsa. Gaazexessaa bilisaati /free
press/ jechuudha foolleen. Seera hin beeku dhiisi

44
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

jedhama malee, hin adabamu. Yoo sirni buttaa


jallate, foollee kormaas hin kuffisu; foonis hin
nyaadhu jechuuf mirga. Foollee malee immoo
buttaan hin qalamu. Sirna buttaa guuttachuuf namni
buttaa qabu sun nama seera gadaa guuttate, tahuu
isaa foollee qoratee hubate. kun qooda fi dirqama
foolleettii

d. Sadarkaa gadaa kuusaa /qondaala/ /24-32/-


sadarkaa gadaa foollee /gaammee guguddaa/ irraa
gara sadarkaa gadaa kuusaa /qondaalatti/ darbu.
Gadaa Oromoo Booranaa biratti sirna fi qooda
hedduu of keessaa qaba. Sirni ce’umsaa kun
booranatti, Ayyaana goodiyyaa jedhama.173
Hayyoota gadaa sadarkaa buusaa hoogganatu
filatama. Galma (masaraa) guddaatu ijaarama.
Abbootiin ijoollee kanaa sadarkaa gadaa sadaffaa
ykn yuuba 3ffaa keessaa jiru. Ijoollee ofii aangoo
adda addaarratti filachiisuf sossu’u. Akka gosa
gosattii galmis ni ijaarama. Alaabaa mallattoo
dhaabbatu. Sirba umrii isaanii, xunneefi sirbaa
ce’umsa gadaa morkee sirbu. Abbootiin ijoollee
kanatti galagalanii walitti sirbu, abbaan ijoollee
haadha ijoollee ni faarsa. Sirbuma kanaan abbootiin
ijoollee walqabatanii sirbaa bosona bu’aanii baala
mi’eessaa muratanii qabatanii deebi’u. Baala
mi’eessaa karratti suuqu. Haadhotiin immoo
bishaan aannaniin makanii gabaatee guutuu
dhiiheessu. Abbootiin mataa ijoollee ofii bishaan
aannanii kanaan laaffisanii haadanii callee, imu

45
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

morma ilmaan ofii gonfu. Mataa mataatti sa’a


aannanii tokko tokko jabbii ishii waliin badhaasa
goddiyyaa kennuuf. Ijoolleen sa’a ofii fudhaatanii
dargaggonni/dardarri sadarkaa kana keessaa jira
turban lamaaf bakka tokkotti ulmaa galu.
Haadhotiin isaanii garuu ijoolleedhaan walhin
dubbisan.

Haati yeroo galaa fiddu maqaa gosa isaa malee


maqaa mucaa ofii hin waamtu, galaan kennamus
kan gosati malee, kan dhuunfaa miti torbaan lama
booda wayyaa (huccuu) aadaa uffatanii liichoo
bokkuu xiqqoon ittiin hidhamte qabatanii galma
ulma keessaa bahu. Horii badhaasa godiyyaa
fudhaatan. Kana booda uumaa baatee jedhamu.
Horii isaan akka badhaasa goddiyyatti fudhatan sun
yoo walhoreef, gadaan kenna milkii-qabeessa
jedhanii boonu, gammadu, erga sirni kun raawwatee
booda hanga sirni fi ilmaa inni wal morkii guddaa
gadaa sadarkaa kanaa gidduutti kaasu eegalamutti
warra ofii tajaajilaa dabarsa.

Hubadhu, jarreen kun umurii isaanii gannaa 24 kana


keessatti walfaana giifatoo, foollee sirbaa, wal-
argiifi nyaachisoo nyaataa, sirbanii horii fudhatanii
qalachaa, bineensa fi diina adamsaa bara saddeetiif
walfaana turaniiru. Torba lamaaf immoo galma
tokko keessaa ulmaa galanii (dormitory life)
turaniiru. Kanaaf sirritti ofiis waliis beeku, kanaaf
asirraa gara filmataa fi lallabaatti darbama.

46
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Hayyuu aduulaa jechuun koree gadaa sadarkaa


kuusaa keessaa filatamee ammumaa eegalee
fuulduratti gadaa hooggannuudhaf of mijeessudha.
Filmaanni hayyuu aduulaa bara ammaa kan
raawwatamu Oromoo boorana biratti. Bara durii
garuu bakka maratti ta’uu hin oolu. Hayyuu aduulaa
jechuun koree nama jaha of keessaa qabu koree
gadaa sadarkaa kuusaa (qondaalaa) jiru hoogganuuf
filatamu jechuudha.

e. Sadarkaa gadaa Raabaa (32-40) ce’umsi


sadarkaa gadaa kuusaa keessaa gara sadarkaa
raabaatti godhamu hangas sirna guddaa hin qabu.
Hayyonni aduulaa warri sadarkaa gadaa kuusaa
keessatti filataman kan du’anii fi kan dadhaboo
ta’an bakka buufatamu malee warri hafan akkuma
jiranitti itti fufu. Sadarkaa gadaa raabaa keessattis
hayyuu aduulaa jedhamuudhaan beekamu. Gadaan
raabaan itti gaafatamni isaan sadarkaa
biyyoolessatti qaban waraana hoggaanudha. Yeroo
nagaa aadaa, seenaa fi seera adda addaa baru.
Turban tokkoof jaarsolii gosa sadii, waliin ardaa
jilaatti ulmaa galu. Yeroo ulmaa keessaa jiran
jaarsoliin waan hedduu isaan gorsu. Turban booda
yeroo isaan ulmaadhaa bahan hiriyyoonni isaanii
damee daannisaa qabanii, “fudhadhaa daannisaa
dooyyoo!” jechaa sirbaa dhufanii damee daannisaa
isaan badhaasu. Isaa gara bahatti garagalaanii,
galataa daannisaa dooyyoo jechaa, sirbaan

47
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

fudhatanii, daannisaa sana irraa dhaabaata (bordoo)


tolfatu.

Sadarkaa gadaa raabaa keessattii niitii fuudhuufi


qabeenya dhuunfaa horuunis namarraa eegama.
Warri kaan yoo fuudhuu baatanillee waarri hayyuu
aduulaa odoo gadaa raabaa keessa jiranii fuudhuu
qabu. Qabeenya dhuunfaas, kan kottee afuriin
adeemu, yoo dhabee dhabee shan qabaachu mala,
namni gadaa raabaa keessatti hin fuune fi namni
qabeenya dhuunfaa homaa tokkoyyuu hin qabne
akkuma raaba ta’etti hafa malee hin gadoomu.
Qolee ykn cufattee jedhama. Cuffatteen nama waan
waamu fi waan yaasu hin qabneedha. Cuffatteen hin
gadoomu malee yakka miti Oromoo biratti.

Namni akkamii akka gadoomee biyya bulchu malu,


waggaa kan hubadhaa, namni ofiif ta’uu dadhabee
biyyaafis hin ta’u, hayyuun raabaa jaldhaaba biratti
namoota isaan tajaajilan torbii jedhaman dabalatu,
dhimma jila waaqqeeffannaa kan isaanii geggeessan
namoota bokkuu fi tufa yaa’aa jedhaman gosa ofii
keessaa dabalatu, bokkichaa fi tufa yaa’aa
sanyiidhaa ta’u malee filmaatan miti.

“The bokku is the most senior ritual leaders and


takes precedence over the abba geda himself in all
ritual activities. In all other sphers, he is under the
authority of the abba gada and of the adula council
as a whole, this completes the rosters of gada

48
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

officials. Its evident that the core bond has already


developed some characteristics of a function ally
differentiated bureaueracy”155

Hayyuu aduulaa sadarkaa raabaa namoota umuriin


isaanii 32-40 ta’e keessaa filatamu. Haayyuun kun
haayyuu gadaa warra dirqama biyyarraa diinaa
eeguu raawwatee fuulduratti gadoome biyya
bulchuuf of qopheessuti. Gadaan sadarkaa raabaa
kun, bara saddeet booda, raaba durii kun
umriidhaanis ta’ee muuxaannoodhaan, waan cimaa
ta’eef eenyu maal akka danda’u sirritti wal beeka,
kanaaf dhimma gadaa kana keessatti dirqama isa
eeggatuuf muuxannoo horata.

f. Sadarkaa Gadaa Gadoomaa /40-48/- sadarkaa


ooggana siyaasaa fi Amantii itti to’atamudha. “The
stage of political and ritual leaders ship”186
sadarkaan gadoomaa kun sirna bulchiinsa gadaa
Oromoo keessatti sadarkaa murteessadha. Sadarkaa
Oromoon tokko mootummaa fi amantaa hoogganuf
aangoo itti argatudha. Ta’us umuriidhaan as ga’uu
qofaan laman darban kuusaa fi raaba-doorii
keessatti hubannetti, dandeettii adda addaa
agarsiisudhaan morkii hedduu keessa darbameetu,
sadarkaa gadaatti hoggantummaan argamee
namoonni sadarkaa gadaattii biyyaa hoogganan kun,
akka booranaatti gadaa kuusaa keessatti hayyuu
aduulaa ta’anii filatamanii achumaanis sadarkaa
gadaa raaba-doorii keessatti hayyuu aduulaa

49
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

turaniidha. Hayyoonni kun booranatti sadarkaa


gadaa gadoomee keessatti hayyuu aduulaa fixe, ykn
hayyuu arbooraa jedhamu. Barreeffama kana
keessattis ta’ee, gara fuulduraatti maqaa tokkoo
bakka lama sadiitti itti fayyadamuu manna:

1. Hayyuu gadaa kuusaa (Qondaalaatiin)


hayyuu hiriyyaa
2. Hayyuu Gadaa Raabaa Dooriitiin hayyuu
Aduulaa
3. Hayyuu Gadaa aangoo qabatee jiruutin
immoo hayyuu arbooraa haa jennu.

Asii calqabee ani akka armaan oliittin itti


fayyadama. Hayyuu jechuun koree hoggansa kennu
ta’uu isaa haa qalbeeffannu.

Amma sirna ce’umsa Gadaa Raabaa keessaa gara


gadoomaatti godhamuu fi hayyuu Gadaa Arbooraa
maal akka hojjetan xiqqoo haa ilaallu. Sirni
ce’umsaa kun sirna Baallii, jarraa wal-irraa fuudhuu
jedhama. Namoonni tokko tokko baallii fuudhuu
akka bokkuu fuudhutti hubatu. Kun sirra’u mala.
Gadaan baallii kenna malee; bokkuu hin kennu.
Gadaan Oromoo shananuu, bokkuu ofii matuma-
mataatti qabu. Melbaan bokkuu qaba, Muudaan
bokkuu qaba, kiiloleen bokkuu qaba, Biifoleen
bokkuu qaba akkasumas Michilleen bokkuu qaba.
Bokkuun gadaa qaba. Tokko tokkoof hin kennamu.

50
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Bokkuun waan akka asxaa Gadaa sanaatti


ilaalamudha.

Abbaan bokkuu filmaatan odoo hin ta’iin dhaloonni


darbaa qoodni abbaa bokkuu inni duraa, yeroo
raabni baallii fudhachuuf bobba’u hogganuudha,
ergaa baallii fudhatu jennee wanni baallii jedhamu
kun maali? Gaaffiin jedhu ka’uu mala. Gababumatti
baalliin aangoodha. Sirni baallii /jarraa/ walirraa
fuudhu. Kun bakka adda addatti xiqqoo adda
addummaa qabaachuu ni mala. Haala ce’umsa
kanaa babal’isee ibsuuf, sirna Gadaa Booranaa,
Gujii fi Maccaa, bara Makkoo Bilii waliin makeetan
itti fayyadama. Booranni, Humbaanaa fi Gujiin,
hayyuu filachuu jedha. Macci, bara Makkoo Bilii
immoo mootii, Guulaa, Fo’anii magarfachuu jedha.
Waajjira Abbaa Gadaatiin immoo Booranni, Gujii fi
Ituu-Humbaana, Galma Abbaa Gadaa jedhu. Macca
Makkoo Bilii immoo Masaraa Mootii jedhu. (Seera
Makkoo Bilii lak. 26-34)

Wanni guddaan akka bu’uuraatti ilaalamuu qabu,


mootiis jedhee Abba Gadaas jedhee, aangoon
bulchiinsa karaa seeraa dandeettidhaan filama
malee hin argamu. Uummata Oromoo biratti
aangoon!
1. Ani ergamaa Waaqati jechuudhaan hin
qabatamu
2. Aangoon dhaalaan abbaa irraa ilmatti hin
darbu

51
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

3. Aangoon humnaan hin fudhatamu ture.


Aangoon dandeettii fi heyyama uummataatin malee
hin argamu. Kun waan sirritti hubatamuu qabu.
Hundeen diimokirasii uummata Oromooti kan jedhu
barressan ilaalcha Oromoo keessatti nuf ka'erra.
3.3. EEBBA
“Ifa anii Gadaa Gadoomaa sikenne
yoo gadi baatu Gadaamisa jedhi!
Gadaan mirga jedhi! Gadaan quufa jedhi!
Mitta misi jedhi; Sa’a misi jedhi!
Aadaa deebisi jedhi! Haadha debisi jedhi!
Hawwan deebisi jedhi, hin gallu’un jira
Aadaa Gadaa misa jette, Gadaa mirga jette,

Karaa gar-biccoo galtu, Bokkuu galtu,

Uraga galtu, maqaa kiyya hin de’in (hin dagatin)

Maqaa kee hin de’in; quufni kee, quufa kiyya tara,

Misi, misa kiyya tare, le’in taani le’intaa tiyya tare,

Deeti de’a tiyya tare, uummanni uummata tiyya


tare,

Saani gabatee ana tare, fardi gabatee ana tare,

Ilmi le’i ana tare, jarsi le’i ana tare,

52
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Jedhe; ya eebbisi “190

Erga eebbi raawwatee caam-baateetu ta’u.

3.4. CAAM-BAATEE

Caam-baatee jechuun sirna Abbaan Gadaa duranii fi


abbaan Gadaa haaraan hayyoota dabalatanii haala
biyyaa, seenaa darbee fi sagantaa fuulduraarratti
mari’atani icciiti jiru walitti himanii wal-
kaksiisanidha. Sirni caam-baatee hanga guyyaa
torbaniitti turamuu mala. Caam-baatee irratti icciiti
biyyaa gurgudda Abbootii Gadaa lameentu walitti
hima. Gadaan yeroo caam-baatee ta’uu nama waliin
hin dubbatu. Namnis bakka caam-baatee akka hin
dhaqne ni dhorkama.

3.5. GORSA

Gorsi kun yeroo isaan caam-baatee taa’aan


kennama. Caam-batee irratti gadaa warri haaraan
waan hedduu baru. Hayyoonni haaraan, walfaanas
bakka bakkatti qoodamanis wanna adda adda
gorsamu. Wanni abbaa gadaa fixeen qofaatti
gorsamu illee ni jira. Abbaan gadaa gujii akka
armaan gadiitti gorsa;

Odolchaa yaabi

Kana odolchaa, kallacha itti hidheeri

Mucaa qeedhicha fedhanii

53
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Farda yaabii, farda yaabii jedhaniin

Dadhirraa bullee, eda daadhirraa buleera odolchi


kun bilbila lubbu’uu qaba! kooraa duuddaa qaba,
odolchi kuni!

Odolcha gurraacha bixaalane biitaala qaba!

(caancala qaba) waa jedhe gorsa inni yoona.

Haa baallii kennaaru kuni!

Haardaa ebaluu ebeluu, qooree afaanii qaba qorii


buusii! (duubbi araarsi)

He niitii eebeluu, ebeluu qoree afaanii qaba qoree


hin jiruu qorii usii

He raada qabadheera; raada qabadhu! hiyyeessa


qabaadhera; hiyyeetti qabadhu! Niitii abba qaddu
seera qaddee hin qabiini gadaan anii gadaa jettee,
mana biyyaa hin itillee biyyaarra hin ilkatin! Niitii
abbaa qabduun hin dubbatiin! Mana biyyaa yoo
sheentu qofii hin deeminii, qofi hoo deente seera
hin qabdu beekkasi dikan beekkadhu, himattee
seera hin qabduu beekkadhuu!

Qoofii hin deemiin! Jadhaaba waliin buli!

Ciicoo hidhuu; hin unin!

Qorii hidhu; hin nyaatin!

54
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Gadaa namaa hin aabaruu; araddaa hin abaarini!

Gadaan suuta deemaa;

Deemsa hin jabeessin!

Gadaan hin rukkisuu; hin rukkisin!

Gadaan ejjeta hin jabeessu hin jabeessin!

Gadaan lafa hin deemuu, hin deemiin!

Gadaan hin mufatuu; hin mufatiin!

Jedhee kunoo kana gorsa.’’192

3.6. Eebba Qaalluu

Gadaa murtii na geessii:-

Ardaa na geessi kolba na geessi…..hulana geessii!

Afaan nu beessii!.....ardaa nuu teessii!

Ilma nuu bulchii…Abbaa nuu bulchi!

Intala nuu bulchi!.... Haadha nuu bulchi!

Sa’aa namaan nuu bulchi!....... biyya tenna nagaa


nuu godhi!’’ jedhee eebbisa.193

Haala kanaan erga eebbifamanii, gorfamanii booda


bokkichi ykn lakka Gujiitti fasaan baallee guchii
ruuf-baal guddaa, abbaa gadaa duraa irraa luqqisee

55
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

ruufa abbaa gadaa aangoo fudhatuutti suuqa.


Abbaan gadaa gooroo yaa’a isiin kenne jedha.

Yeroo kana Abbaan gadaa inni haaraan, yeroo sadii


gadaa; gadaa; gadaa; jedhee dhaadata yammus
turban baallii (aangoo) fudhachuu dhufan akka
arman gadiittii odolcha yaabbatanii sirbaa,
dhaadataa, deebi’u.

Gadaa; gadaa; gadaa; haalchiisaa

Gadaa; gadaa; gadaa; misoomaa

Gadaa; gadaa; gadaa; Quufaa

Gada; gadaa; gadaa; guddinaa

Gadaa; gadaa; gadaa; ilmaa

Gadaa; gadaa; gadaa; intalaa

Gadaa; gadaa; gadaa; roobaa

Gadaa; gadaa; gadaa; nagaa

Gadaa; gadaa; gadaa; sa’aa

Gadaa; gadaa; gadaa; kormaa jedhanii, sirbaa;


dhaadataa gara qachaa (galma) ofiitti gammachuu
guddaan deebi’u.

Mallattoon baallii:- ruuf baalguda; kallacha


Irbooraa, soddom-buuranii, maxxarrii, qoloo, farda,
kormagolodii kan aanan, damma, fi jifaara adda

56
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

addaatiin gonfame qabudha. Raabni yeroo akkasitti


jifaaramee deebi’u baallii fudhate jedhama. (Ruuf-
baalgudaa, is equivent to the crown) sanii achi
warra raabaa turetu gadaa jedhama. Akka buufata
ofii ga’anii korma qalanii, bokkuu ofii dhiiga
tuqsiisanii guyyaa afuriif ulmaa galu. Yeroo ulmaa
jiran ni gorsamu, hayyuun gogeessa isaanii; qubii
qabachiisee “firooman, wal-beekumsaan,
aanteedhaan, tola-nama ooluf, qabeenyaa ykn tokko
gadduudhaan hin hojjetin; dhugaa ilaalii dhugaa
waaqaa–laafaa qofaa hojjedhu!’’ jedhee
kakachiisaa, Gujiin daba hin qoriin; qorii-mooqaa
hin qoriin; firaa warra hin qoriin! Dhugaa waaqaa–
laafaa qorii! Yoo daba qorte, afaan dabi! 196 Jedhanii
kakachiisanii, gaafa ulmaa ba’an, akka sadarkaa
isaaniitti maqaan isaanii waamamee, odaa jalatti
lallabama, guyyaa sanii eegalee isaantu Abbaa
biyyaati (mootummaa Oromooti). Sirni gadoomuu
akkasiin raawwatama. Sanii achii maqaa isaanii
bara isaanii walii seenaa gadaa keessatti yaadatama.

Seenaa gadaa boorana akka fakkenyaatti

1944-1952…….bara gadaa– Guyyoo Boruu


jedhama;

1952-1960……bara gadaa- Madhaa Galmaa


jedhama;

1960-1968…..bara gadaa- Jaldeessaa Liiban


jedhama;

57
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

1968-1976…..bara gadaa- Gobbaa Bulee jedhama;

1976-1984….bara gadaa- Jiloo Aagaa jedhama;

1984-1992….bara gadaa –Boruu Guyyoo


jedhama.197

Seenaa Abbootii gadaa kanarraa waatokko haa


hubbannu. Abbaan gadaa obboo Guyyoo Boruu
bara 1994-1952tti Abbaa gadaa booranaa turani.
Ilmi isaanii obboo Boruu Guyyoo immoo bara
afurtama booda bara 1984tti Abbaa gadaa ta’ani.
Asirratti ilmi Abbaa gadaa, deebi’ee Abbaa gadaa
ta’uu ni mala. Garuu, gorsa fi muxannoo Abbaa
ofiirraa argata malee, aangoo abbaa ofii irraa
dhaalaan hin argatu. Aangoo mana obbo Guyyoo
Boruutii baatee, gadaa shan naannooftee, bara
afurtama duuba mana Guyyoo deebi’e, sirni
bulchiinsa gadaa sirna bulchiinsa sanyii (monarchy)
miti. Garuu, qabxii dansa isaa sirni bulchiinsa
monarkii of keessaa qaba. Immoo sirni gadaas
xiqqoo of keessa qaba. Innis mana Abbaa gadaatii
dhalatanii ijoolummaa irraa jalqabanii akka
qoosaattii jechoota siyaasaa, akkaataa bulchiinsa fi
seera murtee adda addaatiin walbaruu, gorsa Abbaa
gadaa mana ofiitti rakkoo tokko malee argachuu.
Abbaa gadaa cimaa namaa taasisuuf yoo xiqqaate
akka barreeffama yaadannootti (as a reference
book) akka nama gargaaru hawaasi Oromoo ni
beeka

58
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Dadhabina sirna monarkii isa sanyiin mootii waan


Waaqaan muudameef, dandeettii dhaban illee
gargartutu kennamaaf malee, sanyii dhaala mootii
waan taheef mootii ta’uu qaba yaada jedhu immoo
sirni gadaa Oromoo of keessaa hin qabu. Oromoon
tokko dandeettii qabaannan Abbaa gadaa tahuuf
mirga guutuu qaba. Ilma Abbaa gadaa ta’uun
beekumsa, qaroomina Abbaa gadaa ta’uuf nama
barbaachisu argachuuf namaa gargaara malee,
aangoo dhaalaan namaa hin fidu. Obboo Boruu
Guyyoo kan abbaa gadaa ta’e, dandeetiidhaan,
fudhateetu malee, abbaa ofii isaa bara afurtama dura
baallii kenne irraa fudhatee miti.

“The ceremony by which the gada class assumes


ritual political power of borona land. It is the
investiture of the abbaa gada and of the adula
council as leaders of all borona society. This
investiture should distinguished form their earlier
investiture (lallaba) in the twenty fourth years
because the latter was purelya class event”

3.7. HOJII GADAA

Gadaan mootummaa Oromooti. Akuma ormaa


mootummaan Oromoos haala hojiidhaaf mijaa’aa
taheen ijaarameetu biyya hooggana. Gadaan seera
tuma. Oromoon uummata seera ofumaan tumatu fi
seera tumates hojiirra oolchudhaan beekamudha.
Gadaan seera mura. Akkuma hayyuun raabaa fi luba

59
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

seera tumu, gadaan seera muruudhaan garee abbaa


seeratiin hogganamu seera-muraa qaba. Gadaan
biyya misoomsa. Itti gaafatama sirna gadaa keessaa
inni guddaan biyyaa misoomsudha. Gadaan diina
biyyarraa ittisa. Akkuma afoolaan himamuuf,
barreeffamonni adda addaa agarsiisaan, sirni gadaa
akka gaaritti diina biyya ofiirraa ittisa, dhimma
ittisa kanaaf sadarkaa gadaa qondaalaa (kuusaa 24-
32)tu akka hoomaa waraana idileetti of ijaaree
biyya eega.

Gadaan dhimma gumaa hiika. Jireenyaa hawaasa


keessatti, haala adda addaatin namni wal ajjeessa.
Akka seera gadaatti beekaas ta’ee, akka tasaa namni
lubbuu namaa ajjeessee hin hafu. Gumaa baasa!
Gadaan haraamuu harooma baasa. Haroomuu
jechuun nama fira dhiigaa kan akka obboleettii,
haadha, intala ykn fira dhiiga ofii waliin ciise
jechuudha. Akka ilaalcha Oromootti haraamuu
tahuun yakka guddaadha. Haraamuu ta’u mannaa
attuu ta’u wayya. Haraamun akka nama nama
ajjeessetti tilmaamama. Ijoollee hanga dhaloota
akaakuu torbaatti akka waliin hin ciisne ni gorsamu.

Gadaan cirattee diinomsa, diinomsudhaan dura ni


yuuyyessu. Akka nama waliin hin jiraanne loon
isaanii, ijoollee isaanii gosa, keessaa addaan baasu.
Akka inni karaa seeraa falatu yeroo obsaa ni
kennuufi; kanaan didnaan haraamuu, gadhee fi
yakkamaa waliin jiraachuun balaa fida, aadaa fi

60
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

safuu balleessa waan ta’eef gosuma jarreen kanaatu


bahee jarreen kun cirratteedhaa bokkuun, kallachii
fi caaccuun Oromoo jarreen kana gosa kenna waliin
diinomsaa addaan baasa. Gadaan orma rakkate
kooluu galcha (the qaalu institution)

Kooluu galuu jechuun nama haala adda addaatiin


gosa (lammii) ofii keessaa bahe gara gosa Oromoo
tokkootti dheesse seeraan fudhachuu jechuudha.
Gadaan orma moggaasa (Oroomomsa). Seera gadaa
keessaa tokko moggaasatii, akkaataa itti
moggaasaafi guddifachaan raawwatu irratti
hundaa’uun raawwatama. Gadaan nama daare,
daara baasa.

BOQONNA AFUR

AMANTII WAAQEFFANNAA

4.1. AMANTII FI FALAASAMA

Amantaan kan ittiin uummanni tokko uumaa fi


uumama; akkasumas, jireenya ilaalu, hubatu, abdii
dhaggeeffatee ittiin jiraatudha. Falasamni immoo
uummani akkamittiin, maaliif uumame; Eenyutu
uume? Eessa dhufee? Maal irraa maddee? Jedhee
waa’ee uumaafi uumamaa beekuu fi rakkoo mul’ate
hiikuuf yaalii fi gaaffii godheen kan jalqabee,
akkasumas hiikaa fi hubannoo addunyaa isaatiif
qabuuf kennedha.

61
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Amantaa fi falaasamni Oromoo maddi isaa amantaa


fi falaasama uummata kuush dur-duriiti. Ragaaleen
jiran akkuma addeessanitti waggoottan 6000
(kumaa jaha) durarraa eegaluun amantii kuush
ta’uun kan beekamu, amantii Osiris jedhamuufi
waaqa tokkotti amanuu (waaqa tokkicha
waaqeffachuutu; monotheism) ture, falaasamni fi
aadaan amantaa Oromoo kuush duriirraa madde
kun, seera uumaa uumamaarratti kan hundaa’e
ta’ee, waaqi Ayyaana (guyyaa) adda addaan,
uumama addaa addaa hunda akka uumee fi uumaa
jiru kan dhuggeeffatudha. Walumaagalaan waa’ee
angafummaa filatamu qaroomina uummata kuush fi
Oromoo kana hayyoonni dhimma hawaasa akka
kana gadiitti ibsu. Hundeen uummata kuushii fi
Oromoo asuma tahee osoo jiruu abbaa biyyummaa
Oromoo mulquuf akka isaanii tolutti Oromoon
yeroo dhiyoo bar-gamaa (alaa) dhufe jedhanii
bareessittonni hedduun barreessaniru fakkenyaaf
Alaqaa Taayyeen360 “Eesiyaarraa dhufe” jedha.

Namichi biyya Isra’eel Balthezar Tellez jedhamu


immoo “sanyiin Oromoo hibruudha’’ jedha.
Hanting Ford fi J.Sirimingham immoo yeroo duraa
“Oromoo Eesiyaa (Arabiyaa irraa) dhufe’’ jedhu.
Barreessaan biyya Kotish Jems Birus
jedhamummoo “Oromoon Sudanii dhufe’’ jedhe.
Yaadi Birus kun yaadaa Oromoon tokko tokko
madda isaanii himataniin walsima. Diina Oromoo
ta’ee namni seenaa Oromoo sobaa fi dhugaa wal

62
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

keessaa makee hanga tokko bal’inaan barreesse,


qeesicha habashaa nama Abbaa Baahiiree
jedhamuudha. Barreeffamaa isaa keessaa waa’ee
Oromoo hedduu baruu dandeenya jechuudha361

4.2. WAAQEFFANNAA

Oromoon yeroo waaqa kadhatu, gurraacha garaa


garbaa, leemmoo garaa taliilaa, tokkicha maqaa
dhibbaa, guddicha hiriyaa hin qabne, kan waan
hundaa beeku, kan hunda gochuu danda’u, kan
bakka mara jiru, kan hin kufne, kan hin cabne fi
kan hin duune jedha. Akka ilaalcha waaqeffannatti,
Waaqni hin dhalanne hin dhalchine, hin jooru, hin
dulloomu, hin du’u, hin ka’u kan bara baraan
jiraatudha. Qur’anni Musiliimas, Allahi hin
dhalchine, hin dhalanne, jedha. Waaqqayyoo uumaa
waan hundaati. Caalaan hunda caalu waaqa malee
hin jiru jedha. Waaqeffataan, waaqni Oromoo gara
bal’eessa fi obsa qabeessa malee akka kan warra
semetik “Anii waaqayyoo gooftaan kee waaqayyoo
qanyiisaa, hiinaafadha,” jedhe jedhan sanii miti.43
Waaqni waaqeffataa hin inaafuu, hin qaanyisuu,
ormi ana dhiisee waan biratti waaqeefatta jedhee
hin yaadda’u. Hin inaafu, inaaffaan goommii fi
hiyyummaa irraa madda. Waaqayyoo bakka hunda
jira. Kan waan hundaa beekuu fi waa hunda qabu
eenyuun gomaata? Eenyutti inaafa? Osoo ani hin
argiin namni niitii ykn dhirsa kiyya narraa fudhata
jedhee akka namaa yaaddoo hin qabu.

63
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Akka ilaalcha waaqeffataatti Waaqayyoo hiriyaa fi


morkataa waan hin qabneef yaaddoo hin qabu.
Namatu inaafa malee, Waaqayyoo hin inaafu, hin
qaanyisu. Waaqayyoo ni inaafa jechuun
Waaqayyoon sadarkaa namaatti gadi xiqqeessanii
ilaaluu ta’a. Kun immoo Waaqeeffataa biratti
safuudha (waa’ee safuu fulduratti ilaalla). Akka
uummanni semetik amanutti seexanni wanna
gurraacha, dabaa fi kan waaqaan morkatu waan
ta’eef, nama dogoggorsa; irraa of eeggadhaa jedhu.
Waaqqeffatan garuu soda fi yaaddoo nama hin
gorsu, waaqaan “irraa gora, dogoggora nu oolchi,
wallaala nu maari /baraarii/’’ jedhu malee waan hin
beekne waan seexana jedhamu jiraachuu isaatuu hin
beeknu. Jecha seexana jedhu yeroo duraa
Muslimoota biraa dhageenye akka Oromoonni Gujii
jedhanitti, Josef Vandeloo barreessera. Uummanni
semetik yaada seexana jedhamu ofumaan fidanii,
seexanni kan keessan nuun jechuu yaalu.

Yeroo malkaa buunee, tulluu baanee Waaqa


kadhannu, seexana kadhatu nuun jedhu, nuti
seexana hin beeknu hin sodaannus, hin kadhannu.
Warri malkaa bu’u hojii seexanati nuun jedhan ofii
isaanitii ammoo taabotaa baatanii bara baraan laga
bu’anii bulu. Uummanni semetik bakka Waaqni itti
sa’uume, tulluu, malkaa fi dachii Waaqni isaaf
kenne (holy place) bakka lafa eebbifamaa (ardaa-
jilaa) jedhee maqaa bareechee kabajata. Kanumaan
qabeetu, amantaa, aadaa fi seenaa ofii nurratti

64
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

dagaagfata malee, biyyi keenyas malkaa fi tulluu


eebbifamtuu ardaa jilaa hedduu qaba. Kanaafuu nuti
dhaloonni amma biyya keenyaa eebbifamtuu kana
irratti nu uume haa waaqeffannu! Of haa taanuu

BOQONNAA SHAN

IRREECHA /IRREESSA/, ODAA, DHAHAA


/BAR-LAKKOOFSA

5.1. IRREESSA /IRREECHA/

Irreessa jechuun marga (coqorsa) daraaraa ykn


baala jiidhaa maqaa galata Waaqatiif bakka
murtaa’e tokko kaa’udha.

Waaqa nagaa kenne, Waaqa marga kana magarse,


Waaqa biqiltoota bosonaa daraarse, mallattoo
fuulduratti jiru abdii kennaa jiru galateeffachuuf
birraa irreeffatama. Irreechi yeroo baay’ee malkaa
yoo qaxxaamuran, ededa bishaanichaatti fi burqaa
irratti irreeffatama. Borootti, balbala irratti, karra
irratti, iddoofi oyiruu keessattis ni irreeffatama.
Haala guutudhaan yeroo irreeffatan, dura margaa fi
daraaraa irreeffatu isarratti waan nyaatamu keessaa
xiqqoo ni daddarbu, isarratti waan dhugamu ni

65
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

dhibaafatu. Kana gochuun; waan Waaqni namaa


kenne keessaa mata-deebii ykn qananiisa Waaqaa
deebisanii Waaqaa kennuudhaan Waaqa
galateeffachuudha.

Irreechi amantaa miti. Irreechi ayyaana aadaa


Waaqa galateeffannaa Waaqeffattootaati (religion
holiday) akkuma warri Kiristaanaa guyyaa dhaloota
kiristoosi fi faasikaa ayyaaneffatan; akkuma warri
Muslimaa guyyaa Arafaa fi maruu (iidaa)
ayyaaneffatan, hordoftoonni amantii Waaqeffannaas
aadaa ayyaana irreechaa ayyaaneffachuu qabu.
Kaayyoo fi irreechi ayyaana aadaa
Waaqeffattootaati malee amantii Waaqeffattootaa
miti. Oromoon durii yoo xiqqaate waggaatti yeroo
lama gamtaadhan walga’a, malkaa bu’ee ykn
tulluu/gaara/ bahee qurii ykn haaloo walii dhiisee
garaa tokkoon Waaqa galateeffa ture. Isaanis
irreecha birraa malkaatti, arfaasaa/afraasaa
tulluurratti ykn akkuma naannoo jiraniitti haroo
irratti ni irreeffatu. Amma irreecha birraa hora
harsadiitti irreeffataa jirra. Waaqa dukkuna gannaa
keessaa booqaa birraatti isa baase galateeffata, akka
Waaqni daraaraa midhaan godhee nagaan nama
sooru kadhata. Yoo nuu mijate irreecha afraasaa
immoo akka aadaa Oromoo duriitti tulluu irratti
korma qallee, yaa Waaq lafti, dheebottee sanyii
baattee, magarsuuf si eegatti, roobii magarsi, roobii
lolaasi; malkaa booressi jennee ji’a caamsaa keessa
tulluu irratti irreeffachuudhan ayyaana aadaa

66
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

waaqeeffattoota durii bakkatti deebisuu yaalla,


Eebba bara 2011, miseensi koree waaqeffattoota
Finfinnee kan nama jaha of keessaa qabuu fi kan
barreessaan kun keessatti argame (Dirribii Damusee
Bokkuu) tulluu salgan dandii irratti yeroo kormi
qalamee, rooba kadhatanii, irreeffatanii fi yeroo
Waaqni yeruma sana roobu argee, raajii Oromoon
hooddatuuf raga ta’eera. (Dirribii Damusee Bokkuu.
Fuula 75-76) irraa fudhatame.

5.2 ODAA

Odaan uummata Oromoof maali? Uummanni


Oromoo odaaf bakka guddaa qaba. Akka afoolli
Oromoo ibsutti horoo fi ateeteen ilmaan horanii
jiraata turan. Jireenya isaanii bara dheeraa keessatti
ilmaan isaanii akka tasaa walitti bu’uun wal
miidhan; walitti bu’iinsi ijoollee kunis haadha
isaanii baayyee gaaddisisee bakka ijoolleen kun wal
miidhan kanatti haati ijoollee kanaa Ateeteen odaa
dhaabde. Kunis bakka hawwalchaati jechuudha
odaan dhaabbatte. Odaan dhaabbate kunis
yaadannoo ilmaan isheeti waan ta’eef haati ilmaan
kanaa haala gaariin kunuunsitee akka guddaatu
taasiste, erga guddatee dagaageen boodas Ateeteen
odaa kana jalatti ijoollee ishee hafanii fi walitti
mufatanii gargar ba’an walitti qabuun araarsitee
nagaan bu’ee jedhama. Kana irraa ka’uun
uummanni Oromoo odaa akka ilmoo namatti ilaalee
kunuunsa. Kun immoo haalota walitti dhufeenya

67
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

uummata Oromoo fi odaaf ka’umsa ta’an keessaa


isaa duraati jechuun nama dandeessisa. Walitti
hidhaminsi kunis caalmaatti cimee hanga har’atti
odaan wiirtuu siyaasaa fi sirna bulchiinsa darbees
faajjii uummata Oromoo ta’uu danda’eera. Akkuma
maanguddoonni Oromoo ibsanitti walitti dhufeenyi
Oromoo fi odaa karaa hedduu ibsa isaanis:-

A. Odaa bakakkaan hin rukutu, hiika qaba, hiika


isaas, sirni odaa jalatti uummata Oromoo
gaggeeffamu uumaafi uumama kan kabaju, dabaa fi
badiin kan hin raawwatamne jechuudha.

B. Odaa jalatti ykn irratti ilbiisonni/bineensi nama


miidhu hin jiraatu. Kunis hiika mataa isaa qaba.
Uummanni Oromoo dhugaa fi jaalalaa odaa jalatti
wal ga’uun faayidaa biyyaafi waliin mari’atu, malee
waa’ee miidhaa fi dabaa miti, silasi odaan bakka
araaraafi nagaan itti bu’eedha. Kana namoonni
bakka kana dhufan safuu uumaa fi uumamaa
miidhuu qabatanii hin dhufani jechuudha.

C. Daraaraan odaa hin mula’atu:- kunis jiruu fi


jireenya ilmaan Oromoon wal-qabata. Hiikaan isaa
Oromoon icciitii isaa eeggata. Kana jechuun diina
isaatiif dabarsee wal hin kennu jechuudha.

D. Odaan gohaa (Awwattuu) hin agesiisu:-


dhootuun osoo naannaa sanatti dhootellee gohaa hin
dhageessisu kan jechuun Oromoon diinaf hin riifatu
jechuudha.

68
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

E. Dameen odaa walqabatee argama. Kunis jiruu fi


jireenya ilmaan Oromoo wal fakkaata jechuun ni
danda’ama. Odaan jirma tokko irraa maddee
walqabataa fi gara hundatti dagaagee argama;
hiikan isaa ilmaan Oromoo hundee tokko irraa
argamanii kallattii adda addaatti babal’atnii kan
jiran ta’uu agarsiisa.

F. Damee odaa tokko yoo muran kan biraa ni


coolaga:- maanguddonni Oromoo akka ibsanitti
damee odaa tokko yoo murani kan hafe ni coolaga.
Kunis ilmaan Oromoo bakka fedhe haa jiraatu,
amantaa fedhe haa hordofuu gaafa diinni isaa tuqe
wal bira dhaabbata, walirratti hin ilaalu
tokkummaan ka’a jechuudha.

G. Odaan bakka dirree irratti marga:- kana jechuun


siyaasni fi sirni bulchiinsa Oromoo lammii kamuu
karaa qixaa fi sirrii ta’een keessummeessuu,
gaggeessuu kan danda’uu fi mijataadha jechuudha.
Gabaabumatti walitti hidhaminni odaa fi uummata
Oromoo kana yoon jedhe namni waan qabu hiixate
doqna hin jedhamu akka jedhamee namoonni biraas
waan dhaga’anii fi beekan irraa qindessee hiixatuun
ergaa/dhaamsa Oromoo maraati.

Argama Odaa shananii

Argamni odaa shanan kanneen armaan gaditi:

1. Odaa Roobaa – Baalee

69
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

2. Odaa Nabee- Shawaa bahaa


3. Odaa Bisiil- Shawaa lixaa
4. Odaa Bultum- Harargee lixaa
5. Odaa Bulluq- Horroo Guduruu

5.3. DHAHAA (BAR-LAKKOOFSAA)

Uummanni Oromoo dhaloota kiristoosiin dura bara


3000 (kuma sadii) yeroo uummanni giddu-galeessa
bahaa Afrikaa fi Awurooppaa guyyaa mootiin
isaanii aangoo qabateen bara lakkawwan uummanni
Oromoo immoo dhahaa ta’uumsaa baatii
(addeessa), urjii fi aduu ilaaluu irratti
hundeeffamuun fayyadamuu isaa qorannoon kaaba
biyya keenyaatti qorattoota arkiyoolojii Linchii fi
Roobinsaan jedhamaniin godhame, mirkanneessera.
Akka saayinsiin (qoranna) ambaa lafa keessaa
qoratu (arkeology) ragaa baheetti uummanni
Oromoo dhaloota kiristoosiin dura waggaa 3000
(kuma saadii) dura dhahaa mataa isaa qaba ture.
Uummata afran dhahaa uumuudhaan addunyaa
kanarratti sanyii namaatiif kenna guddaa kennan
jedhaman keessaa uummanni Oromoo isa tokkodha.
Isaan kaan Chaayinaa, Hindiifi Maayaadha.
Uummanni addunyaa kan biroo isuma uummanni
afran kuni kalaqan akka isaa ta’utti walkeessa
makee itti fayyadama, abbaa itti ta’e malee akka

70
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

uummata Oromootti hin kalaqne. Piroofeesar


Asmaroom Laggaasaa hayyichi (ogeessi) akkaata
dhalootaa, guddinaa, aadaa, amantii fi sanyii namaa
(antheropologist) waa’ee dhahaa uummata Oromoo
Booranaa akkas jedha. “Borana time recording is
unique in Eastern Africa and has been record in
very few cultures in the histors of man kind. The
best known examples of this type of time recording
are the Chinese, Maya and Hindu calenders. It’s
very doubtful that Borana system derives from
many of these cultures.”104

Akkaataan lakkoofsa yeroo (bara) Oromoo


Booranaa, Afrikaa bahaa keesatti kan addaati.
Dhahaan Booranaa biiftuu (aduu), urjii fi addeessa
(baatii) irratti xiyyeeffata. Guyyaan baatii (ji’a)
tokko keessa jiran giddu galeessaan bultii 29.5
qaban. Isaan akka arman gadiitti maqaa guyyaa 27
(digdamii torba) tarreessan. Isaanis: 1_ Lumaasa
2_Gidaada 3_ Ruuda 4_areerii duraa 5_areerii
balloo 6_aduulaa duraa 7_aduulaa balloo
8_garbaa duraa 9_garba balloo 10_garba
dalaacha 11_bita qora 12_bita balloo 13_sorsa
14_arga jima 15_arba 16_walla 17_basa duraa
18_ basa balloo 19_carraa 20_maganatti jarra
21_maganatti biritti 22_salban duraa 23_salban
balloo 24_salbaan duulaacha 25_gardaaduma
26_sonsa 27_rurruma jeechuudhaan barreessan.

71
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Maqaa guyyoota hafanii ammoo warra ayyaantutu


maqootuma kana duubaa fuulduratti sigsuudhaan
sirreessa jechuudha.105 Ayyaantuun Oromoo jimaata
halkan koreedhaan gaaratti bahuudhaan urjii
lakka’aa bula ture. Warri urjii lakkaa’u kuni waa
hedduu lagata. Guyyaa sana akaayii fi buna malee
midhaan (nyaata) biroo hin nyaatan. Halkan guutuu
manatti hin galan. Alatti ibidda bobeessanii
taa’uudhaan akkaataa taa’uumsa urjii ilaaluu. Adda
addummaa isaan ji’a tokko ykn lama keessatti
mul’isan hubatanii walhubachiisaa turan.
Hubannoon isaan kuni immoo dhahaa Oromoo
qopheessuuf isaan qarqaare. Dhahaan Oromoo
wanna Waaqaa bu’e miti. Wanna qorannoo nama
hedduu fi bara dheeraa irraa maddedha malee,
hayyoonni Oromoo akkaataa teessuma urjii sirritti
hubatanii maqaa adda addaa baasafii turan.
Oromoon durii akkasumaan guyyaa lakka’uu qofaaf
osoo hin ta’in, kan dhahaa qopheessu, dhaloota ofii,
jaarmaa ofii, ayyaana ofii, jireenya seeraa, aadaa fi
amantii ofiitiin walqabachisee itti fayyadamaa ture,
sirni dhahaa Oromoo wanna hayyummaa gadaa
irraa maddedha.

72
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

BOQONNAA JAHA

ATEETEE, SIIQQEE (SIINQEE)

6.1. ATEETEE /AYYAANA MAARAMAA/

Akka hordoftoota amantaa waaqeeffannaatti


(HAW) ayyaanni ateetee, ayyaana maarama ishii
sanyii fi hormaata qajeelachiitu kabajuuf
ayyaanneeffamuudha. Ateeteen, ayyaanni maaram
dubartootaan kabajama. Gamtaa dubartootaa
jabeessee, mirga dubartootaa eegsisa. Guyyaa
ayyaanna ateetee dubartiin uffata addaa kan mataa
isaa danda’e kan akka qaloo–faanaa, qomee-qomaa,
caaccuu, callee fi kan kana fakkaataniin
jifaarraattee, waggaatti si’a tokko guyyaa maarama
ijoollee ofii ji’a Amajjii keessa dhadhaa baqsaa
cuuphxee (cororsaan) itti facaafattee eebbiftudha.

Ateeteen ayyaana dubartii jedhama. Dhimmi isaas


ateetee kana kan eebbisee naqu haadha waan taatefi.
Ayyaanni haadha irra buufate kun ishiif tolee, dhala
ishiitti akka dabruuf uummatni kan itti waaqa
kadhatudha. Guyyaa ayyaanni ateetee itti kabajamu

73
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

guyyaa maaramaa jedhama. Maramni kun seera


Ateetee qabatee bakka saditti hirama. Isaanis:

 Amajjii - ateetee maraam furmaa


 Hagayya - ateetee maraam hagayyaa
 Sadaasa - ateetee maraam loonii

Ji’ootni sadan kun akka seera ayyaana isaatti


dhangaan qophaa’ee waggaatti altokko kan seerri
ateetee naqaa itti raawwatu ayyaana kabajamaadha.
Ateeteen bakka tokko tokkotti “facaasaa’’
jedhamee beekama. Walumaagalaatti al-tokko kan
kabajamu yoo ta’uu, ji’aan garuu, kan kabajamee
ooludha. Kanaaf sadeenuu akka armaan gaditti
ilaaluun ni danda’ama.

A. Ateetee maaram furmaa- ayyaanni kun baatii


Amajjii keessa kan kabajamu, kan dubartiin
ijoollee ofii ateetee naqxee eebbiftu ayyaana
ateetee gortobbee jedhama.

B. Ateetee maraam Hagayyaa- jechuun ammoo


gindii-hiikoo ykn ateetee midhaanii jedhama.
Ayyaanni kun ji’a Hagayyaa keessaa yeroo
qonnaan-bulaan qonna raawwatee gindii hiikee
midhaan facaase hundatti ateetee naqee, qotiyyootti
addoo (shaashii) maataatti maree eebbisee gad
dhiisuudha.

C. Ateetee sadarkaa /maraam loonii/- ateeteen


kun maramaa loonii jedhama. Ayyaanni kun ji’a

74
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Sadaasaa keessa kan kabajamu ateetee looniiti.


Akasumas ateeteen maarama loonii kun bakka
tokko tokkotti jaarii kormaa gannii loonii jedhama.
Qophiin ayyaana kanaas dallaa loonii bakka duraa
irraa jijjiiranii ijaaru. Ayyaanni kun bakka tokko
tokkotti ayyaana birboo jedhama. Baala
bakkannisaa ykn birbirsaa dallaa irra godhuu.
Wiirtuu dallaa keessa birbirsa sorooroo (qajeelaa)
jabeessanii hordaanii (gad-qotanii) dhaabu. Inni
kun ayyaana birboo ykn kormoomsaa jedhama
(Dirribbii Damusee Bokku 121-122) irraa
fudhatame.

6.2. SIINQEE (SIIQQEE)

Siiqqeen seera garaagaraa kan mirga dubartii


kabachiisuf bahan mul’isuu fi dhugoomsuuf oolti.
Murtii Oromoo Arsii keessattii hayyichi Alangeen
yoo muru, bokkichi bokkuun yoo muru, dubartiin
ammo siiqqeen murtii. Kanaaf siiqqeen meeshaa
murtii keessaa isaa tokko. Gara hiika siiqqeettii
yoo deebinu siiqqeen ulee qal’oo dheertuu
simooftudhaa sunuu kan qaqamtee, diimattee,
simoofte ta’uu qabdi simooftuu callaan siiqqee hin
taatu. Qajeeltuu fi dirraan walqixxooftuu, tan ijoo
hin qabne ta’uu qabdi. Siiqqeen ulee dubartiin
ulfinaaf, wayyoomaafi akkasumas seera guutuf
qabattudha. Siiqqeen muka harooressaa irraa hojjaa
nama qabatuutiin bikkamte muramti. Kan qabatus
nama hunda osoo hin taane, dubartii heerumte

75
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

qofa. Dhiirti ykn ijoolleen dubraa qabachuu hin


dandeessu. Kan heerumte illee yeroo mara hin
qabattu. Yoo lolli, waraanni, gamteen,
muddamuun, daddarbaan, cunqursan;
walumaagalatti, yoo rakkoon jiraate qofaa qabatti.
Siiqqeen qofaas ta’ee, waan biraa waliin ni
qabatamti. Wanni siiqqee waliin qabatamu akka
yeroo fi haala adda addaa keessatti garaagarummaa
qaba. Siiqqeen kabaja, saalfii fi sodaatama guddaa
qabdi.

Akka weebiroo siiqqee horiin hin tikfatan, sareetti


hin darbatan, fardaan hin dhayan, harreen hin
hooffatan akkasumas dugdaaf hin dhadhaabbatan.
Seeraaf qabatan ykn ittiin sirreeffatan. Wayyuuf,
wayyoomaaf qabatan.116

Dubartiin siinqee qabachuu kan jalqabdu gaafa


heerumtu irraa kaasteeti. Siiqqeen faayidaa hedduu
qabdi. Isaan keessaa: siiqqeen wal dhabdee lagdi;
waraana bu’e addaan galchiti. Balaa fi badii
dhufuuf deemus ni dhorkiti. Dubartiin siiqqee
qabatte, haraamticha kuuldha baasti. Oromoon
nama haramaaye kuldha baasee qulqulleessa.
Dubartootni siiqqee qabatanii nama haroommate
sanaan “bayi! Dayi!” jechuun haroomuu irraa
baasan. Oromoo Arsii biratti kun kuldha baasuu
jedhama. Yoo kana godhuu hanqate ykn fudhachuu
dide gosa keessaa ariyatama, naannoo sanarraa

76
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

baasanii ariyatu. Yoo deemu dide ammoo ni


ajjeefama.

6.3. QANAFAA

Qanafaan faaya aadaa Oromoo Arsiitti, faaya


dubartoota kabachiisuun, kan dubartii deettu ykn
deessuun addatti ykn akka kallachaatti hidhattu
dha. Meeshaan kun deessuu takka dubartoota kaan
irraa adda baasee miidhagina kennaaf, qananii
kunuunsas ni muldhisaaf. Dubartii qanafaa addaa
qabdu abbaan manaa hin dhaanu.117

6.4. SAFUU FI CUBBUU

Akkaataa ilaalcha waaqeffaannatti akkaataan itti


uumamaan wal danda’anii, wal kabajanii hanga
danda’ametti bakka walii kennanii jiraatan safuu
jedhama. Safuun seera waaqaa lafaati. Safuun adda
addummaa jiru beekanii nagaan waliin jiraachuu
dha. Waa’ee safuu Baartiles akkas jedhe “safuun
waa hedduu of keessaa qaba, safuu eeguun seera,
garuu seerri hundi safuu miti.” Seerri namaan
tumama ni jiga, garuu safuun hin tumamus, hin
bahus, hin buhus. Safuun seera uumamati. Safuu
eeguun immoo dirqama jireenyaati. Yoo safuu
cabsan cubbuu hojjetu, miidhaa fidu. Yeroo
cubbuu hojjetan immoo waaqni fuula isaa
namarraa garagalfata. Waaqni fuula namarraa
garagalfate jechuun ayyaana dhabuudha. Waan

77
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

ayyaana hin qabne immoo balaatu irra ga’a. Kanaaf


uumamni marti safuu eeggachuu qaba.54

Shanan seera Gadaa Oromoo keessaa safuu


eeggachuun isa duraati. Safuun hin tumamu; garuu
ni eeggama; ni kabajama. Obbo Shaagaaridi
Buukkoo, ayyaantuun sayyoo waa’ee safuu
gaafatamanii kan seeras dabalatee, akka armaan
gadiitti Riivolv Lambartiif deebii laataniiru.
“Yeroo seera tumu namni ni dhaabbata, yoo safuu
jedhu garuu kabaja Waaqaatiif ni jilbeeffatu,”
jedhan. “While beating the law of men they stand;
while saying Waaqaas safuu they kneel down. This
safuu is like a prayer; while pronouncing it they
pay honour to Waaqaa by kneeling.”55.

Obbo Shaagaridiin itti dabaluudhaan “abbootiin


keenya dur Waaqayyoo namatti dhi’oo ture
jedhanii nuuf himaniiru, garuu seera ittiin nama
adabu tumeera nuun hin jenne.” Warri Islaamaa fi
Kiristaanaa bakka itti lubbuun namaa adabamtu, itti
gubattu ykn hell Waaqa bira jira ni jedhu. Warri
adiveentistii ammoo namni dhugee fi namni sirbe
ni gubata ni jedhu. Maanguddoon sayyoo immoo
inni akkas garaa jabeessi kun Waaqa keenya miti ni
jedhu.

Akka ilaalcha Oromootti cubbuu jechuun safuu


cabsuudha. Safuu cabsuun nagaa balleessee nama
miidha. Hanga safuun cabee namni hin

78
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

miidhamnetti cubbuun hin jiru. Safuun seera


Waaqaa lafaati. Safuun mirgaa fi dirqama
uumamni ittiin nagaadhaan waliin jiraatudha. Akka
ilaalcha waaqeffannaatti Waqni fi lafti illee safuu
isaanii eeguu fi guutuu qaban. Akka
Waaqeffannaatti cubbuu jechuun waan orma
miidhu raawwachuu jechuudha. Waaqni roobuu
yoo dide lafti magarsuu yoo dide hongeetu dhufa
ykn goginsatu dhufa. Kun ammo nama qofa osoo
hin ta’iin lubbu-qabeeyyii hunda ykn mara miidha,
ni balleessa. Yeroo kana Waaqayyoo safuu kee nuu
eeggadhu, waan uumte kana hin fixiin; hin
balleessiin jedhee kadhata malee, akka barsiifata
warra kiristaanaa “yoo kiristaanummaa fudhachuu
didde, ni gubatta, yoo sirbite ykn dhugde ni
gubatta” hin jedhu.

Kiristaana ykn Islaama ta’uu diduunis safuu cabsuu


miti. Yoo ani Kiristaana ykn Islaama ta’uu dide
eenyutu miidhama? Yoon ani sagalee fi qaama
gaarii Waaqayyo naaf kenneen sirbe eenyutu
miidhama? Namni miidhamu tokkoyyuu hin jiru.
Animmoo sababan sirbeef, sababan taphadheef nan
sagaagale jechuu miti. Kanaafuu, safuun hin cabne,
cubbuun hin hojjetamne jedha Waaqeffataan.
Waaqni keenya hangas garaa jabeessa miti. Waaqni
keenya yoo namni safuu cabse, cubbuu hojjete
fuula nama irraa garagalfata malee nama hin gubu.

79
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Bakka safuun jiru waaqni jira. Safuun waan


Gadaan alangaa qabatee tumu miti. Safuun waan
Waaqni laphee namaa keessatti uumudha. Waanni
orma irratti miidhaa hin fidne cubbuu miti jedha
Waaqeffataan. Waaqeffataan safuu eeggatee,
Waaqa ija jaalalaatiin ilaala malee, akka warra
Kiristaanaa ykn Islaamaa sodaadhaan hin rooqamu,
jedha Piroofeesar Doonald Liivin. 57

Waaqayyoo yeroo rooba dabarsee hongeen


hammaatte, Waaqayyoo safuu keetti deebi’i
jechuudhaan; dhiirri kallacha qabatee, dubartiin
siiqqee, caaccuu fi hokolee qabattee, kormaa fi
duullacha qalanii Waaqa isaanii kadhatu. Akkasiin
kadhatanii yoo Waaqni garaa jabaate, Oromoon dur
jabbii haadha laga, farda cancalee bishaanii fi
marga laga guutuun Waaqa isaanii kadhatu. Sana
booda, yoo Waaqayyoo safuu cabsee garaa
jabaatee kadhannaan deebi’uu dide, nutis waanuma
inni godhe goona jedhanii kan armaan olii dalagu
ykn jabbii haadha laguu ykn farda cancalanii
margaa fi bishaan lagu. Yeroo kana Waaqayyoos
dafee rooba.

Safuun waan hedduu of keessaa qaba, fakkeenyaaf,


abbaan ilmaaf safuudha, haati intalaaf safuudha.
Garuu, yeroo ammaa safuu eeguun hafee, waan
adda addaa irratti safuu eeggachuunis ni dagatame
ykn irraanfatame. Safuun seera qananiiti. Waa

80
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

hunda wal kabajee, wal qananiisee waliin jiraachuu


mala.

7. Hiika jechootaa (Glossary)

Aduula ..........koree Gadaa warra fuulduratti


aangoo fudhatu

Arboorra...... Bantii, fiixee aangoo kan qabudha

Ardaa jiilaa ........Bakka gamtaadhaan itti


waaqeffatan

Ardaa yaa’aa...... Bakka gumiin itti wal gahu

Baallii.......mallattoo aangoo

Baatu-baasa...... waan hin baramne akkaataa


adda ta’een hojjechuu ykn invention

Bokkuu .......ulee abbaa gadaa; mallattoo


aangoo

Caam-baatee....... Adeemsa gorsaa abbootii


Gadaa duraa warra haaraaf dabarsan

81
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Cirattee .......Nama safuu cabsee hawaasaan


tuffatame

Goodiyyaa ........kennaa ayyaana kuusaa irratti


gadaa kuusaatiif kennamu

Jaldhaaba .......Nama nageenya abbootii Gadaa


eegu ykn gorsu

Qanafaa ........Mallattoo kabajaa, deessuun


ji’a shaniif addatti hidhattu

Raaba....... Warra bara sadeettan dhufu keessa


gadoomu

Ruufa-baalguda....... Jifaara abbaan Gadaa fiixee


mataatti kaayyatu

Siinqee ......Ulee bareedduu, mallattoo


seeraan heerumuu dubartii mirkaneessitu.

Ukkee.......Sirna ayyaana Itti-makoo irraa gara


Foolleetti darbuu; sirna ijoollummaa ba’uuti

82
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

8. Wabii barreefamaa ykn waabara


(Bibliography)
1. Alamaayyoo Hayilee.......Sirna Gadaa
Siyaasa Oromoo Tuulama, Finfinnee, 2007
2. Alaqaa Taayyee............Ye Itoophiyaa izb
taariki, Finfinnee 1995
3. Prof. Asmaroom Laggasaa: ........three
approaches to the study of African society,
nework, 1973
4. Dirribii Damussee Bokkuu;....... (Ilaalcha
Oromoo fuula=143-144,209-2013,347-
351)Finfinnee 2012
5. Seenaa Oromoo hanga jaarraa 20ffaa.........
( jiildii 2ffaa fuula=12-13)
6. Liwuus kiraafit,......(bara 1842 fi 1846)

83
Baayyoo Abbabaa
Badhaasa Oromiyaa

Barreessicha

Qopheessaan kitaaba kanaa yookaan barreessaan


kun Baayyoo Abbabaa Tolasaa kan dhalatee
guddate godina Shawaa lixaa Aanaa Liiban
Kuttaayee durii yookaan Gindabarat ganda Qarree
Sankoorii yoo ta’u barnoota kutaa 1ffaa hanga
saddeettaffaa mana barumsaa Qarree Doobbii
jedhamutti xumuruun barnoota sadarkaa 2ffaa
ammoo godina kibba lixa shawaatti xumuruun
barnoota ogummaa fayyaa beelladaatiin eebbifame.
Addattimmo jalaala Aartii qabu irra kan ka'e kitaaba
isaa badhaasa Oromiyaa jedhu kana ilmaan
Oromoof gumaacha gochuu isaatiif Gammachuu
Guddaa qabudha. "Kan beekuuf lolli tapha" jecha
Abbishee Garbaa /Goota baddaa Horroo/ kan
dubbisee hubate Oromummaa isaaf ittiin boonaa.
Furtuun barreessu qalbiin dubbisuudha.

84
Baayyoo Abbabaa

You might also like