You are on page 1of 6

Artikiilii

Guyyaa xiqii fi tokkummaa


Walaaloo lataa kenei
Guyyaa Irreecha keenya
Addunyaan wal waamnee
Bishooftuutti walgeenyee
Kan kallattii hundaa keessaa
Oromoo waliitti hooftu
Iji hamaan si hin argiin
Nuuf jiraadhu Bishooftuu
Bishooftuu biyyaa gootaa
Kan si jaallatu Eebbiseen
Biyya safuun daraaraa
Kan si jibbummoo abaara
Lafeensaayyuu hin mjl’atiin
Diinnii kee haata’u daaraa
Siif dhangalaasuu malee
Eebbaa fi Galata yabbuu
Balleessaan kee maaliinni
Maal yakkinaan si jibbuu
Dachee keetti nuu waamtaa
Eeggattee aduun birraa
Hambaa gumaara seenaa
Sirratti nyaachaa jirraa
Si kabajna si eegganna
Si qusannaa akka hanqaaquu
Kan si jibbuu jiraannaan
Inni dhukkubsataadha.
Gara Hoospitaalaa haa dhaquu
Kiniinii guluukoosii
Fayyinaaf isa hin ga’u
Mataadha hanga miilaatti
Opireeshinii haa ta’u

]
Goota Seenaan Dagate!
Fit Awurari Olaanaa Dhinsaa!
Fit Awuraarii Olaanaa Dhinsaa Godiina shawaa lixaa Aanaa Iluu Galaan Gandaa
Abaakuu Aannootti dhalatan.Umurii Ijoollummaa isaanii irraa ka’ee quuqama
Sabummaa fi Laphee Gootmmaa akka qaban namoonni Aanichaa dhiyootti isaan
beekan tokko tokkoo ni dubbatu.
Uummanni Oromoo Nafxanyoonni Deeggarsa Meeshaalee waraanaa argataniin
Uummata Oromoo Baandaa Uummaticha fayyaadamuun cabsuun Aadaa,Seenaa fi
Dudhaa hawaasichaa irraan dhibbaa gahaa yeroo turaniitti Sadarkaa Aanichaatti
nafxanyoota hawaasa aanichaa irraan dhibbaa gahaa turan tooftaa waraanaa
Riphee loolaatiin akka haleelaa turan Seenaan isaanii ni Addeessa.
Uummanni Oromoo cunqursaa Sabummaa nafxanyootaan irratti fee’ame of irraa
fonkolchuuf qabsoo adda addaa osoo gaggeessaa jiruu,Xaaliyaaniin Biyyaa keenya
yeoo weerarteetti Uummanni Oromoo cunqursaa sabummaa nafxanyootaan irratti
fee’ame bulchachuun Diina biyyaa weerare waraanuuf fardeeniinif Miillaan
Oromiyaa irraa ka’uun hanga maqaleetti deemuun Diina Meeshaa Ammayyaa’aa
hidhatee waliin adda durummaan waraanuun Gootummaan Uummata keenyaa
agarsiisuun Seenaan isaanii labataa labatatti akka darbuu taasisaniiru.
Fiit Awuraarii Olaanaa dhinsaa toftaa qabsoo nafxanyoota irratti bare
fayyadamuun Xaaliyaanoota magaala Ijaajjii hanga Geedootti Godiina shawaa
lixaa weeraran waliin waraana banuun xaaliyaanoota human waraanaa hanga
funyaaniitti hidhatee guutuummaa guutuutti booji’uu goota dandaa’eedha.
Gootni kun wallaggaa dhiyaa hanga Yuubdootti xaaliyaanoota waliin wal
waraanaa kan turee fi injiifannoo boonsaa galmeessaniiru.yuubdootti yeroo
deebi’an Tigraay Maqalee deemuun gootoota biyyaa deeggaruun xaaliyaanoota
haleeluun injiifannoo Tigraayitti galmaa’ee keessaas qooda guddaa qabu.
Haayileesilaasee yeroo biyyaa Ingiliizii goota kana Finfiinneetti waamuun
Moggaasaa maqaa Fit Awurari kennuun beekamti gootaa keennaniif.Goota biyyaa
isaaf dhigaa turee fi injiifannoo culuuluqaa galmeessaa ture uummata biyyaa
biraatti miti Uummata Oromoo biratti illee hin beekaman.kan nama ajaa’ibuu
immoo gootni seenaa guddaa qabuu kun hawaasaa Aaanaa Iluu Galaan biraatti
illee hanga kana beekaman Miti.Namoonni Aanichaa Seenaa Fit Awuraarii
beekan Seenaan goota kanaa beeksisuu irratti qaamni Sadarkaa Aanaa hanga
biyyaatti isaan ilaallatuu akka irratti hin hojjeenne himuun Seenaa Goota
beekamaa kana qorachuun akka Addunyaa fi biyyaatti beekamuuf hojjeetamuu
qaba jechuunis komataniiru Madda Jaarsooliin seenaa goota kanaa beekan irraa.
Kan Qindeessee Rabbumaa Raggaasaa
Gabaasa ji’a----------------------
Guyyaa-----------/------2011
Gumii adda duree mana hojiitiif
Dhimmi; gabaasa raayyaa jijjiiramaa mana keenyaa isin beeksisuu ta’a
Akkuma armaan oliitti ibsamuuf yaalametti torbee lamaan kana keessatti hojiilee
gurguddoo adeemsa lamaan jalatti karoorfameefi raawwii ture qindeessuun akka
armaan gadiitti kaa’amee jira.
 Dursaa garee qorannoo kominikeeshinii jalatti
1. Qorannoo idilee kar 1 raawwii -----------
2. Duub deebii hatattamaa karoora 5 raawwii------
3. Oduu miidiyaa hawaasaa karoora 5 raawwiin --------
4. Olol-faallaa karoora 1rawwii-----------
5. Ergaa rogeessuu karoora 5 raawwii ---------
 Dursaa garee kenninsa odeefanno mootummaa
1. Oduu mootummaa qopheessuu karoora 2 raawwii --------
2. Raabsaa maxxansa gazexaa kallachaa karoora 40 raawwii ------------
3. Raabsaa maxxansa gaazexaa bariisaa karoora 28 raawwii ----------------
4. Artilikii qopheessuu miidiyaa hawasaaf kar
5. Artikilii maxxansaaf qopheessuu kar .-----------------------------rawwii-------
6. Xaal oduu qopheessuu kar .--------------------------------rawwii-----------------
7. Waraabbii suur-sagalee qopheessuu kar.----------------rawwii------------------
8. Birooshara qopheessuu kar------------------------rawwii------------------------
9. Agarsiisa suuraa egzibishinii kar--------------------------- raawwii-------------
Harcaattii torbee kanaa
 -----------------------------------------------------------------------------------------
 ----------------------------------------------------------------------------------------
Furmaata gara duraa

Gabaasa ji’a--------- kan torbee ----------------


Guyyaa-----------/------2011
Gumii adda duree mana hojiitiif
Dhimmi; gabaasa raayyaa jijjiiramaa mana keenyaa isin beeksisuu ta’a
Akkuma armaan oliitti ibsamuuf yaalametti torbee lamaan kana keessatti hojiilee
gurguddoo adeemsa lamaan jalatti karoorfameefi raawwii ture qindeessuun akka
armaan gadiitti kaa’amee jira.
 Dursaa garee qorannoo kominikeeshinii jalatti
6. Qorannoo idilee kar 1 raawwii -----------
7. Duub deebii hatattamaa karoora 5 raawwii------
8. Oduu miidiyaa hawaasaa karoora 5 raawwiin --------
9. Olol-faallaa karoora 1rawwii-----------
10. Ergaa rogeessuu karoora 5 raawwii ---------
 Dursaa garee kenninsa odeefanno mootummaa
10. Oduu mootummaa qopheessuu karoora 2 raawwii --------
11. Raabsaa maxxansa gazexaa kallachaa karoora 40 raawwii ------------
12. Raabsaa maxxansa gaazexaa bariisaa karoora 28 raawwii ----------------
13. Artilikii qopheessuu miidiyaa hawasaaf kar
14. Artikilii maxxansaaf qopheessuu kar .-----------------------------rawwii-------
15. Xaal oduu qopheessuu kar .--------------------------------rawwii-----------------
16. Waraabbii suur-sagalee qopheessuu kar.----------------rawwii------------------
17. Birooshara qopheessuu kar------------------------rawwii------------------------
18. Agarsiisa suuraa egzibishinii kar--------------------------- raawwii-------------
Harcaattii torbee kanaa
 -----------------------------------------------------------------------------------------
 ----------------------------------------------------------------------------------------
Furmaata gara duraa
-------------------------------------------------------------------------------------------------
-----------------------------------------

You might also like