You are on page 1of 38

Menu

Walaloo Jaalalaa

walaloo jaalalaa argachuufi jaalallee keessanii qooduuf; fuula kana hordofaa! jaalala

Operating as usual

Claim ownership or report listing

02/08/2021

Anoo hin dandeenye

Yaadumakee kanaa

Kottumee hawwiikoo

Walitti hoo'ifnaa

Wal hammaannee

Waliin yaada jijjiiraa

Ija keessa wal ilaallee

Addunyaa biraa ijaaraa

Seenaa darbe kaasnee

Muudannoon bashannanaa

Kolfa keen booji'amee

Gammadee mirqaanaa

Yerooti gara ilaaltuu

Dhokadhee si ilaalaa
Kan wal hin caalle qabna

Jaalala wal madaalaa

Hawwiikoo lubbuukoo

Jechuunuu sin ibsuu

Dammakoo siin jedhee

Maqaa kee hin xiqqeessu

Bareedduu siin jedhus

Kun jecha hundaatii

Kamiin sin qixxeessu

Naaf hin qabdu fakkaatti

Halkan yeroon rafu

Hawwiikoo sin yaada

Siree koo irra ciisee

Qalbiin koo na bada

Erga ana mootee

Onneen siif bitamee

Hir'uun jireenyakoo

Jaalalaan guutame

Badii badii kottu

Maatii kee dhokadhuu


Bye gaafa jettus

Hidhiikoo dhungadhu

Gaafan sii bilbiluu

Dafii narraa kaasii

Sagalee kee mi'aawaa

Gurraakoo dhageesisi.

Yoo si mijachuu didee

Yeroon beellama keenyaa

Fira fakkaadheen mana dhufa

Wal arguuyyuu dandeenyaa

Jecha tokkon jedha

Jechakoo ishee dhumaa

Hawwiikoo sin dheebodha

Ani yeroo hundumaa

Anoo hin dandeenye

Yaadumakee kanaa

Kottumee hawwiikoo

Walitti hoo'ifnaa

Wal hammaannee

Waliin yaada jijjiiraa

Ija keessa wal ilaallee


Addunyaa biraa ijaaraa

Seenaa darbe kaasnee

Muudannoon bashannanaa

Kolfa keen booji'amee

Gammadee mirqaanaa

Yerooti gara ilaaltuu

Dhokadhee si ilaalaa

Kan wal hin caalle qabna

Jaalala wal madaalaa

Hawwiikoo lubbuukoo

Jechuunuu sin ibsuu

Dammakoo siin jedhee

Maqaa kee hin xiqqeessu

Bareedduu siin jedhus

Kun jecha hundaatii

Kamiin sin qixxeessu

Naaf hin qabdu fakkaatti

Halkan yeroon rafu

Hawwiikoo sin yaada

Siree koo irra ciisee


Qalbiin koo na bada

Erga ana mootee

Onneen siif bitamee

Hir'uun jireenyakoo

Jaalalaan guutame

Badii badii kottu

Maatii kee dhokadhuu

Bye gaafa jettus

Hidhiikoo dhungadhu

Gaafan sii bilbiluu

Dafii narraa kaasii

Sagalee kee mi'aawaa

Gurraakoo dhageesisi.

Yoo si mijachuu didee

Yeroon beellama keenyaa

Fira fakkaadheen mana dhufa

Wal arguuyyuu dandeenyaa

Jecha tokkon jedha

Jechakoo ishee dhumaa

Hawwiikoo sin dheebodha


Ani yeroo hundumaa

30/07/2021

Qalloo mudhii soonsaa

Konkona akkakeetii

Kan biraaf na diddee

Lubbuun koo si feeti

Safuu beektuu intalaa

Kan aadaasheen boontu

Onnee jaalalli cufe

Jaalalaan kan bantu

Ati fakkiidha

Fakkii faayummaa

Ati agarsuftuudha

Mallattoo Oromummaa

Qalloo mudhii soonsaa

Konkona akkakeetii

Kan biraaf na diddee

Lubbuun koo si feeti

Safuu beektuu intalaa

Kan aadaasheen boontu

Onnee jaalalli cufe


Jaalalaan kan bantu

Ati fakkiidha

Fakkii faayummaa

Ati agarsuftuudha

Mallattoo Oromummaa

[11/16/20] Jaallatamtoota hordoftoota fuula kanaaf:-

Walaloo jaalalaa akkamii akka barbaaddan 'comment' jalatti nuuf barreessaa!

The 5 Most Common Red Wine Types

14/11/2020

Walaloo Jaalalaa updated their phone number.

Walaloo Jaalalaa updated their phone number.

14/11/2020

Walaloo Jaalalaa updated their phone number.

Walaloo Jaalalaa updated their phone number.

14/11/2020

Walaloo Jaalalaa updated their website address.

Walaloo Jaalalaa updated their website address.

20/09/2020
Garaan si'iin bare

Akkamitti hadeemu?

Gaarii kankee malee

Badisakee hinimu

Garaa kutadhullee

Miillikoo hindeemu

Abbaankee najibbus

An itti hin qabamu

Jaalalli an siif qabu

Abbaakeef hin galu

Maaluma godheetan

Ittiin waliigalu?

Haatikee gaariidha

Abbaakeerra caalu

Akka mucaasaanitti

Mararteen na ilaaluu

Ilmi mootii sunoo

Abbakee biteeraa

Anaan sibiratti

Argaakoo jibbeera
Sibira akka hingenye

Isaaniif himeeraa

Dhaamsan siif qabullee

Haadhakeetti himeera

Gaafa ana yaaddu

Ol koottu Ambootti

Shaashii isaan siibite

Hidhadhuu mataatti

#Barnabas Wendimu

Garaan si'iin bare

Akkamitti hadeemu?

Gaarii kankee malee

Badisakee hinimu

Garaa kutadhullee

Miillikoo hindeemu

Abbaankee najibbus

An itti hin qabamu

Jaalalli an siif qabu

Abbaakeef hin galu

Maaluma godheetan

Ittiin waliigalu?
Haatikee gaariidha

Abbaakeerra caalu

Akka mucaasaanitti

Mararteen na ilaaluu

Ilmi mootii sunoo

Abbakee biteeraa

Anaan sibiratti

Argaakoo jibbeera

Sibira akka hingenye

Isaaniif himeeraa

Dhaamsan siif qabullee

Haadhakeetti himeera

Gaafa ana yaaddu

Ol koottu Ambootti

Shaashii isaan siibite

Hidhadhuu mataatti

#Barnabas Wendimu

[05/28/20] Haa gahu Nagaan koo! Gugeedhaan geejjibamee qilleensa qaxxaamuree, Dooniidhaan
geejjibamee Galaana qaxxaamuree, konkolaataan baatamee lafoo qaxxaamuree. ..Nagaan koo inni
nagaa keen eegamu si haa qaqqabu...Jaalalakoo akkam naa jirtaa? Jiruuf jireenyi Akkami? Ani uumaaf
haa galatuu yaada kee isaa hirriba na dhowwu irraa kan hafe nagaadha. Jaalalakoo Yeroon Waa'ee kee
yaaduu keessikoo boqotee, haaromee, abdii horatee, jabaatee, egeree keenya borii yaada. Egeree
keenya borii immoo kolfakee, gammachuukee fi hubannaakee keessattan ilaala. Har'a yeroodhaaf
fageenyi jiraachuu dandaa'aa. Garuu nuti fooniin wal biraa deeme malee haafuuraafi yaadaan wal bira
jirra. Raabsaa dhiigaakoo, hafuuran baafadhuuf, dhahannaa onnee koo keessaatti si argaan oola.
Jaalalakoo Akkami jiruun biyya fagoo kun siif mijateeraa? Haala har'a keessa jirtu utuu hin taane, isa
dabarsites utuu hin taane, yeroo jaalalaa bareedaa isa waliin dabarsuuf jirru, isa daangaa hin qabne, isa
dhoksaaf yaaddoo hin qabne, isa nama hundaa inaafsisu sana yaadadhuutii haala kee har'aa dagadhu.
Ati cinaachakoo keessaa erga baatee..Cinaachikoo caalatti naaf jabaatee guutame malee hon hir'anne.
Baguma na keessaa baate. Anis gaa yaada kee isa darbee darbee kophaa na teesisu, haasaa na jibbisiisu,
hojii na jibbisiisu sana dhiisee, jaalala keenya borii abdadheen jiraachaa jira. Namootaaf, hiriyootaaf
kophaakoo waanan jiru itti fakkaachuu dandaa'aa. Garuu onnee koo eessatti, maalitti, eenyutti
hidhamee akka jiru hin beekan. Kana immoo ati naa beeknaan na gaha. Suuraa ati dheengadda naaf
ergite immoo Miira addaa na keessatti uumee...guyyaa guutuu isan ilaalaa oole irra
deddeebi'ee. ...Akkuman itti si jaalladhuu...atuu naaf beekta. akkuma kee sanattin si jaallatadha.

dammakoo yoon siin jedhee namni maqaa kana kanniisa jalaa hatee ittiin wal waama. Bareedduu jedhus
jechi bareedduu jedhu Ofii isaatii iyyuu fokkiseera. Waan koo yoon siin jedhee kana jaalalleewwan
baay'eetu fayyadama. Kanaaf lubbuukoo yoon siin jedhe naaf wayya.

[05/04/20] Golgaa anaaf taatee

Eenyummaakoo eegaa

Hundumaan dagadhe

Quufas ta'e deega

Siidaa onnee kootii

Jaalalaan ijaartee

Lubbuukoof boqonnaa

Aara-galfii laatte

Ati ogeettii kootiim

Hundumaa hubatta

Murtiif hin jarjartu

Yaadas ni gabbatta
Suma filaannoonkoo

Situ oolmaa naaf oole

waa'een koo si dhibee

Situ anaaf lole.

WBO dhaaf!

[04/11/20] page kun kan eenyuuti jettanii warri gaafachaa turtan.....

[02/19/20] jaalalleekoo lubbuu

Isheen jirtu halaala

An argaa yaadaatiin

Guyyuun si ilaalaa

Naaf kan ati galaaste

Jaalala kuufamaa

Kan natti dhagaa'amuu

Anaan yeroo hundumaa

Yaadannoo natti ta'ee

Inni na maraachuu

Jaalala kee qofaa

Kan lubbuukoo oolchu

Fageenya Irra jirta

Wal argaan hammaate

Gubaan jaalala kees

Onneetti na qabatee
Dhaamsuudhaaf ibiddaa

Jaalala isa boba'uu

Anaaf si malee boonii

Eenyullee naan ta'u

[02/11/20] Beellama kee dhufuuf

Manaa na dhorkanii

Bilbila siif bilbiluuf

Neetwoorkii kutanii

Si yaadee si yaadee

Gaafan fala dhabuu

Ciiseen suuraa ilaala

Waanan godhu hin qabu.

[01/23/20] Kabajamtoota hordoftootaaf miseensota garee kanaa!

Nagaan hunda keessaniif bakka jirtanitti haa ta'u.

Mata duree Walaloo barbaaddanii comment irratti nuuf barreessaa!

02/01/2020

Waa'eekeen haasa'a

Iddoo hundumaatti

Dhugaa jaalala keen

Odeessa namatti

Isa ati anaaf jecha


Maatii keen jibbamte

Beellama koo dhufuuf

Obbolaan dhorkamte

Jaalala kee addaa

Isa ati naaf qabdu

Isan raajeffadhee

Afaan koo qabadhu

Anatti agarsiisaa

Jaalala isa guddaa

Kumaatama caalta

Kan hin qabne mudaa

02/01/2020

Sirna hargansuu koof

Si'eessituu dhiigaa

Halkan ciisee bulus

Yaadni sitti fiiga

Abjuudhaan si argee

Yeroon si haammadhu

Kokkolfaa gammadaa

Yeroon si dhungadhuu

Natti hin beekamu


Akka abjuu ta'ee

Ganaman of arga

Siree koorra taa'ee

Simbo-qabeettiikoo

kan funyaan konkonaa

Utuu si hin argin oollaan

Guyyaan naaf duukkana

26/12/2019

Mee eessaa eegaleen

Eessatti xumuraa?

Olmaa isheen naaf oolte

Hedduudha anarra

Tokko tokkoon himuuf

Yeroonis nan gahu

Muraasan odeessaa

Gurri has dhagahu

Nagaatu na guutee

Keessikoo gammachuu

Galatatu mirgisee

Hin dandeenye himachu

Utuun sitti agarsiisee


Iddoo ati qabdu

Hafuura naaf taatee

Yeroo ati na utubdu

Ulfina koo naaf taatee

Eenyummaakoo eegaa

Hundaa nan dagadhee

Quufas ta'e deega

Haaromsituu sammuukoo

Jireenyakoof qoricha

Abdii koo fuulduraa

Boriifis riqicha

Siidaa onnee kootii

Jaalalaan ijaartee

Lubbuu koof boqonnaa

Aara galfii laattee

Jaalalli kee egaa

Qaamakoo butuchee

Simalee hin yaaduu

Sammuukoo adoochee
Ka'us ciisus sumaa

Akkaman hin yaaduu

Ati anaaf kennaakoo

Jireenya koof waadaa

Mee anatti himadhu

Akkamuma siif ta'u

Du'eeyyuu hin yaaduu

Sirraa adda ba'uu

Ati ogeettii kootiim

Hundumaa hubatta

Murtiif hin jarjartu

Yaadas ni gabbattaa

Gorsikee naaf addaa

Yaadi ati naaf yaaddu

Anoo nan rakkadhee

Maal abbaakoo godhu?

Dhugaa jaalala keen

Onneen koo tarsa'ee

Anis siin faayameen

Nama addaan ta'e


Yoomuu eessattuu

Lubbuukoo siin obsa

Waaqni waliif nu kenne

Yeroosaatti nu boonsa

Anoo yoomuu keetii

Atis anaaf qabeenya

Jaalalatu dhugaadha

Hin qabu hammeenya

Tarii gaaftokkommoo

Kun akka seenaatii

Walumaan jiraannaa

Nuyi hamma dhumaatti

Lubbuu koo urjiikoo

Ati naaf addeessaa

Iddoo guddaa qabda

Ati yoomuu na keessaa

03/12/2019

Akkaataa filannoo keessaniitti

Lakkoofsi 7 filameera

27/11/2019

Mata-duree akka Walaloon irratti isinii barraa'u barbaaddaan filadhaa.

1. Jaalala Haaraa
2. Yaadannoo Jaalalaa

3. Jaallatanii dhabuu

4. Akka jaallatan itti himuu sodaachuu

5. Jaalalleewwan wal lolan

6. Jaalala Dhugaa

7. Utuu wal jaallatanii wal gowwomsuun nama biraa jaallachuu

[11/27/19] Sin jaalladhen jedhe

Anoo sin jibbinee

Jaalalan siif qabu

Anoo sin dhoksine

Natti cimnaan malee

Dhoksee si jaallachuun

Yaada garaa kootii

Si waliin dubbachuun

Atis na hubadhu

maaf anaan na diddaa?

Jaallalleewoo hin qabduu

Maalumaaf na sobdaa

13/11/2019

Waa'ee jaalala kee

Har'as waan siif hima

Si hin argin oollaan

Baay'ee natti cima


Yeroon nyaadhee dhugu

Yeroo ciisees ka'uu

An si yaadeenii

Kanan busy ta'u

Jaalala agarsiisaa

Keessakoo na seentee

Dhukkubaaf yaaddookoo

Jaalalaan naf wal'aantee

Kan kee maal jedhuu

Jechuu naaf hin dhufu

Hidhiikee dhungadhee

Anoo tasa hin quufuu

Hafuurakee naa kennitee

Hafuurakoo fudhachaa

Dhugaa jaalala keenyaa

Onneen natti dubbachaa

Ana fuutee deemte

Yaadaan biyya biraa

Fagaadhees hin deemne

An si keessan jiraa
Naaf caaltee argamte

Durba hundaan olii

Ammas jiraadhuutii

Onneekoo keessa buli

31/08/2019

Adda baana hin seene

Gaafa na jaallatte

1ffaan kee anaa

Gaafa anaan jette

Gaafa na dhungattee

Yeroon si haammadhe

Waliin deemna se'een

Icciti koo himadhe

Karaa dheeraa jaalala

Waliin qaxxaamurraa

Nama hin barbaannu

Nuti waliif jirraa

Hafuura keenyatu

Anaaf siif qorichaa

Waadaan keenya ammaatu

Borii keenyaaf riqichaa


Jettee sobaa keetiin

Keessi koo madaa'e

Haamileen koo cabee

Namaa gadin ta'e

Waa'ee keef booniikoo

An yoomuu hin gaabbuu

Kan waaqni naaf kennu

Hiree koos hin dhabu

24/07/2019

Qorra ganna kanaa

kophaakoon dadhabe

jaalallee lubbuukoo

Of biraa si dhabee

Akkati na agartuuf

mana siin baasanii

Si yaadee si hawwee

Burjaaja'eera ani

[06/22/19] SIN GABBARU ANI

Nan aara nan inaafa

Si dhabuu hin barbaadu

Naman hin beekne waliin


Si arguu hin jaalladhu

Sin eegu sin hordofuu

Amanamtee naaf jiraattaa?

Gulaantaan siif kennetti

Yeroo hundaa argamtaa?

Obsaan wal dandeenyaa?

Jaalala utuu hin dabsin

Dhugaan waliif bullaa

Waadaa utuu hin cabsin?

Bara darbe naaf boossa

Jaalala koo naan jechaa

Barana immoo ni dhufe

Jaalalli kee hir'achaa

Akka bishaan ganna guutee

Bona gogee awwaara'uu

Jaalala akka fixeensaaf

Anoo sitti hin rarra'uu

Karaan siif haa ta'u

Akka dudda lukkuu

Deebiteemmoo dhufta
Anis kan hin shakku

06/06/2019

An sin yaadu seetee

An baayyeen si yaadaa

Jireenya amma mitii

Kan boriif sin barbaada

Jaalala salphaa seetee

Isa sirra na qabe

Jaalala keessa badeen

Ofii kooyyuu siif dhabe.

Akka waan dhiyoo wal barree

Waliin dubbachuu sodaannaa

Erga wal biraa gallee

Yaadaan galaana daakna

Waadaa keessa lubbuu

Hidhaa jaalaala addaatii

Haa odeessan oduu

Nuti kan waliiti

Garuu maanni inni akkasii

Jaalalli gosa maxxannee

Inni altokko nama qabee


Onnee namaattii hin baane?

16/05/2019

sittin hima jedhee

akkan si jaalladhu

jaalala dhugaadhaaf

akkan si dheebodhu

Akka ati taatee

qarree mucaa manaa

duruu waanan si beekuuf

sammuun koo ni amana

Ati garuu hin yaadduu

Sin jaalladha jettee

Yeroon sitti siqee

obbolummaa seete

jaalalli qaanii hin qabu

Ofiin of hin qabsiisanii

jaalalli utuu hin beekin

kan keessa seenani

Siifookoo tokkittiikoo

Ishee keessikoo jaallate

itti himachuu yaadee

haalashee sodaatee

maal jedheen siif hima

Akkamitti hubattaa

yoon sin jaalladha jedhe


Siif qoosaa fakkaata

Obboleessaaf obboleettii

Taana jennee waliigallee

Jaalalli na qabanaan

Akkasaan wal'aaalee

Amma nan murteeffadha

yookiin suman dhiisa

obbolummaa sobaa

maafan si gowwomsaa

yookiin sittan hima

akkan siin nyaatame

jaalala dhugaadhaan

akkan liqimfame.

Garuu naa beeki siifo

Si jalaa miidhameeraa

jaalala koo dhoksee

Dhibamaa ta'eera.

06/04/2019

JAALALLEEKEE DHUGAAF qoodi.

Haalli na fageessee

Jaalala koo hin danqu

An sirraa achi deemees

Eessaallee hin dhaqu


Kan keessikoo baree

Hafuurrikoo hubatu

Waamicha kee malee

Kan ormaa hin fudhatu

Gaafan taa'ee yaadee

Namummaakoo qoruu

Ol kaasee gad buusee

Egeree koo boruu

Sin malee hin midhagu

Sugatu itti hir'ataa

Jooraan jireenyakoo

Dubbii keen sirrata

Jaalala jaalala caaluun

An si qofaan jaallatamee

Lubbuunkee lubbuukoorra

Jaalalaan ijaarame

Nu warra wal buusu miti

Bubbeef qilleensa ilaalee

Ofii kee anaaf laattee

Eenyummaankee na dhale
Waa tokko siif himuu

Kennaakoo ishee addaa

Simboo keessa koo lixee

Jaalala booji'aa qabda

Bara jireenyako

Siif jiraachaa hafee

Maramee haammatamee

Gaaddisakee jala rafee

Ganama gaafan ka'u

Ciree si nyaachisee

Qopheessee bareechee

Hojiitti si geggeessee

Hidhiikee dhungadhee

Nagaa sitti dhaamee

Boodammoo deebitee

Ammas wal haammannee

Jaalala lallabaa

Jaalala barsiisaa

Siin si kununfadhee

Daandii si agarsiisaa
Jireenya isa dhugaa

Namootatti abjuu ta'e

Jiraannee jiraanna

Kan jibbi keessaa ba'e.

10/02/2019

Jaalala isa dhugaa

Jaalala isa sirrii

Kan bultii egeree

Mana isa borii

Jireenya gammachuu

Isa jaalalaan guutuu

Isaa qabaachuuf dhabuu

Isa hundumaa simatu

Isa hin qabne gaabbii

Isa bu'uura jabaa

Isa bareedee argamu

Isa maatiif utubaa

Kan hamma dhumaatti

Jaalalli Mo'ee jiraatu

Daa'imaa gammadee

Jaalalaan guddatu
Gufuu utuu qabuu

Jaalalaa jiraatu

Utuma dhoramuu

Isa firii laatu

Garaa wal argatee

Walitti maxxane

Isa haala ilaalee

Gonkumaa hin naane

Bu'uurri jaalala ammaa

Yeroo itti baran

Callisanii hin jaallatani

Yeroo karaa darban

Wal beektee wal hubattee

Yoo seente jaalala

Kan milkaayina qabu

Isatu hunda caala

29/12/2018

Anoo qabaa tokkittii

Kan naaf caaltu kuma

Jaalalan isheef qabuu

Tasa hin qabu dhuma


Ofii koo kenneefii

Ergan kan ishee ta'ee

Koo jaalalaan dhiyaa

Jaalalaan bari'ee

Na irraanfachiiste

Maatiikootiif fira

Mana yoon ooleyyuu

Qalbiin hawwii bira

Galaanaa jaalalaa

Walakkaa na keessee

Jaalallishee waadee

Onnee koo tarsaasee

Yoo ishee hin agarre

Iji koo na sirbaa

Naman duraan beeku

Odeen bira darba

Isheetu naaf hubata

Waanan qofaa yaadu

Kanaaf ishee malee

Ofuu hin barbaadu

14/12/2018
jaalala qabnu ture

Kan nama hawwatu

Kan namni dubbiidhaaf

Fakkeenya fudhatu

Kan jaalala addaa

Dhugaan bu'uurame

Kan onneen wal ta'ee

Walittis hidhame

Yeroo waliif boonye

Adda hin baanu jennee

Abdiif imimmaaniin

Yeroo waadaa seenne

Kan namni nu beeku

Yeroo waliin turre

Yaadannoo jaalalaa

Waliin keessa tarree

Har'a garuu..har'a garuu

Jaalalli keenyas hafee

Sidaan jaalala keenyaa

Yeroo malee kufee


Namni nu gidduu seenee

Oduu sobaa odeessinaan

Garaan keenya gaddee

Ani hawwii dhiisnaan

Miidhameen miidheeni

Oduu namaa amanee

Jaalalleekoo dabarsee

Nama ormaaf kennee

Maal naan jetta hiriyaa

Sin qaba kan na gorsuu

Hawwiikoo sobaan dhabee

Garaan yoomuu nan obsu

Kan beektan na gargaaraa

Hawwiikoo naaf waamaa

Balleessaakoo taanaan

Gaafadhee dhiifama

Oduun sobaa namaa

Na buusee mogolee

Ergan itti yaadee

Turee anaaf gale


Ishee malee duukkana

Homtuu naan mijatuu

Hawwiikoo naa fidaa

Mee bakka isheen jirtuu

22/09/2018

Keessikoo guungumee

Ofitti hasaasaa

Eenyummaakoo dhiisee

Waa'ee kee odeessa.

Lafeekoo keessatu

Barjaaleekee baataa

Dhiiga raabsuu didee

Onneen siif dhahata

Maqaa addaa baasee

Yeroo ittiin si waamu

Akka ta'u dhabees

Yeroo siif dhimmamu

Dachaa bu'ee bahee

Xinsammuun rakkatee

Jaalala keef jecha

Firayyuu dagate
Garuu ati beektaa?

Waan na godhaa jirtu?

Isaa fooniin na keessee

Yaadaan na bira bultu?

Daawitii jiruukoo

Abdiikoo egeree

Kan akka kee anaaf

Tasumaa jiraaree?

Baay'ee si yaadeera

Gahe yeroon beellamaa

Dafiitii naa kottuu

Yerootu nurraa dhumaa

[09/01/18] Anoo hin dandeenye

Yaadumakee kanaa

Kottumee hawwiikoo

Walitti hoo'ifnaa

Wal hammaannee

Waliin yaada jijjiiraa

Ija keessa wal ilaallee

Addunyaa biraa ijaaraa

Seenaa darbe kaasnee


Muudannoon bashannanaa

Kolfa keen booji'amee

Gammadee mirqaanaa

Yerooti gara ilaaltuu

Dhokadhee si ilaalaa

Kan wal hin caalle qabna

Jaalala wal madaalaa

Hawwiikoo lubbuukoo

Jechuunuu sin ibsuu

Dammakoo siin jedhee

Maqaa kee hin xiqqeessu

Bareedduu siin jedhus

Kun jecha hundaatii

Kamiin sin qixxeessu

Naaf hin qabdu fakkaatti

Halkan yeroon rafu

Hawwiikoo sin yaada

Siree koo irra ciisee

Qalbiin koo na bada

Erga ana mootee


Onneen siif bitamee

Hir'uun jireenyakoo

Jaalalaan guutame

Badii badii kottu

Maatii kee dhokadhuu

Bye gaafa jettus

Hidhiikoo dhungadhu

Gaafan sii bilbiluu

Dafii narraa kaasii

Sagalee kee mi'aawaa

Gurraakoo dhageesisi.

Yoo si mijachuu didee

Yeroon beellama keenyaa

Fira fakkaadheen mana dhufa

Wal arguuyyuu dandeenyaa

Jecha tokkon jedha

Jechakoo ishee dhumaa

Hawwiikoo sin dheebodha

Ani yeroo hundumaa

Contact the business

Click here to send a message to the business


Telephone

+251921844793

Website

http://walaloojalala.com/

About Contact PrivacyFAQ Login C

HomeCitiesCountries

You might also like