You are on page 1of 3

Saamicha Maqaa fi Seenaa Gototaa!

Eenyu Ilmaan G/Taddasaa?

Po po Ayii Ya Ilmaan G/Taddasaa Birruu,Isinitti hin hafne?

G/Taddasaa Birruu jalqabatti biyya ijaaruu beeka,ojjiisaas yoo jalqabu biyya abbootiin isaa
ijaarte diina irraa dhoowwuun eegale.

G/Taddeen da'immummaa isaa diina biyya isaa weerraruuf daangaa ce'ee dhufe lubbuu isaa
kichuu kenneet falmachuun qabsoo jalqabe!

G/Taddasaan umurii isaa ijoollummaa biyya isaaf jecha baddaa fi gammoojjii biyyattii ,qorraa fi
rooba utuu hin jedhiin utuu falmatuu dhumarratti mana hidhaa Xaaliyaanii keessatti
darbatame.Umurii isaa ijoollummaa waggaa 14 kaasee lola "Maahii Cawu" irraa hanga mana
hidhaa Xaaliyaanii Somaaliitti biyya isaaf aarsaa guddaa kaffalaa ture malee qabsoo isaa
baqachuun hin eegalle!

G/Taddeen hakka itti falmatu beeka,biyyaa fi daba nama dhuunfaa ykn shira gita bittaa murna
bicuun ogganamtu addaan baaseet beeka.

Gita bittaa bicuuf jecha biyya Abbootiin isaa kan akka Raas Gobana Daaccee ,Raas Gabayyoo
Gurmuu,F/Waraarii H/Gihorgis(Qusee) Dinagdee,Daj.Baalchaa Saafoo fi kkf..ijaaran diiguuf hin
ojjanne.

Kan nama ajaa'ibu,yemmuu G/Taddeen biyya isaaf haarsaa hin jirre kaffalaa Xaaliyaaniin
kokkee wal qabaa ture san kaan Xaaliyaaniin nu haa bulchitu jedhee Xaaliyaanii jala eegee
raasaa ture meeqaaf meeqa?

Kaan sirumaa maqaa "Western Galla Confederation" jedhuun qophaatti fottoqneet biyya
ijaarranna jedhaniit murni bicuun wa'ii Giiftii Ingilizii yeroo saniitti "አቤቱታ" galfataniit turan
,faranjiin bilisa nu baafti jedhanii "missionery adii " jalas eegee raasaa turan.

Utuu suni milkaa'eefii ta'ee har'a silaa Oromiyaa wanti jedhamu hin jiru,biyyi maqaa alagaan
Oromoo ittiin waamtu ,maqaa Oromoo biratti jibbamaa ture maqaa "Galla Country" jedhamuun
asuma ollaa keenyatti ummama ture silaa!

Galanni Raas Gobana Daacceef warra biyya ijaaraniif,galanni warra akka G/Taddee Birruu warra
biyya Abbootiin isaanii ijaaran diina irraa tiksanii nutti dabarsaniif haa ga'u jenna malee maal
jennaree!

Utuu warri akka G/Taddee dhalachuuf baate ta'e silaa Oromoon akka minaan mukaa adda adda
faffacaateet afti ture silaa.Kana duwwaa miti kan nama haarsu silaa,yeroo kana asuma nuu
gaditti biyyi maqaa "Western Galla Confederation " jedhamtu wahii ni jiraatti jechuudha.Carraan
Oromoota ar'a naannoo Oromiyaa biroo keessa jiraataniis waan biraa ta'a.
Akkuma Oromoon Boranaa addaan ciccitee kaan Keenyaa "Kenya" fi Somaalii keessatti
hafanii ,kaan keenya ammoo biyya biraa taana turre silaa!

Seenaa gadhee akkasii kana dhaloonni har'aa beekuu qaba,irraas barachuu qaba !
Qaanii Guddaa Jalaa baane jarana!

G/Taddeen waggaa shaniin boodaas gaafa biyyi tun deebitee kolooneefataa Xaaliyaanii jalaa
baatu,inniis mana hidhaa Xaaliyaaniitii ba'ee waahiiloota isaa waliin biyya isaa ijaarutti ka'e.

G/Taddeen warra yalii fonqolcha Motummaa H/Sillaasee irratti gochuuf turan kan ijoollee
"Dabtraa Niwaayi"n ogganamaa ture bara 1953 A.L.H "የታህሳስ ግርግር " jedhamu san adda
dureen nama dura dhaabbate fashaleesse ture.Dura biyyi haa jiraattu jedheeti malaa midhaa gitni
bittaa murna bicuun oogganamtu Oromoo irraan qaqqabsiisaa turte wallaaleet miti !
Kanarratti iraanfachuu kan hin qabne ilmi goota keenyaa ilmi Kol.Alamuu
Qixxeessaa,Haj/Dhi.Abarraa Alamuu Qixxeessa falmii fonqolcha kana fashaleessuu keessatti
lubbuun isaa wareegameera.Kunis seenadha!

G/Taddeen erga Motummaa H/Sillaaseetti mufatee gara Waldaa Maccaa fi Tulamaatti makamee
asiis biyya ijaaruu hin dhiifne,dhaloonni akka barumsaan jijiramu waan danda'u hundumaa
gochaa ture.Waldaa Maccaa fi Tulamaa dadammaqsuun ilma Raas Abbabaa Aragaayi Bacharee
(akaakilee Raas.Goobana Daaccee), G/Abiyyi Abbabaa faa waliin(Haati Raas Abbabaa Aragaayi
intla Goobanaati,Askaalaa Goobanaa ) Oromoo Itiyoophiyaa keessatti ijaaranii biyyatti irratti
walqixxummaan jiraachuuf ifaajjaa turan.
Waldaan Maccaa fi Tulamaa yemmuu hundeeffamu, bu'uura caasefama isaa keessatti nuti
jedha,nuti Oromoonni Itiyoophiyaa " Saboota Itiyoophiyaa biroos akka obboleeyyii keenyatti
ilaaleet waan Oromoof awwinu marayyuu isaaniif ni awwina " jedhaniit jalqaban.
G/Taddeen umurii isaa biyya kana keessa lubbuun jiraateetti baqatee hin beeku,sodaatees
waraqaa lammummaa isaa jijjiree hin beeku.

Egaa jarri kaayyoo Maccaa fi Tulamaa ,kaayyoo G/Taddasaa Birruu diiguuf biyya ambaatti
baqattee ifaajaa baate kun amma ammoo as garagalteet nuti ijoollee G/Taddasaat ofiin jechuu
egalte!

Aja'iba Rabbii,ija ashaboon dhiqachuun kana mitiiree?

G/Taddeen utuu du'aa ol jedhee warra lugna kaleessa hanga daarii addunyaatti baqachaa baatee
,lammummaa ishee jijjirtee amma ammoo haalli itti tollaan asii maqaa isaatiin lafa dhiitaa jirtu
kana argee ammam qaana'a!

G/Taddeen yaada moggaa hin qabu,yaada biyya kana diiguufiis hin qabsoofne!
Seenaa Taddee warri hin beekne irra debi'aa baradhaa, yoo barachuu hin feene garuu nagumaan
maqaa goota kanaa akka isiniif tolutti fayyadamtanii biyya G/Taaddeen ijaare hin diiginaa!

Kaayyoon Maccaa fi Tulamaa,kaayyoon G/Taddee biyyi kun akka Oromoof taatutti ijaaruuf ture
malee,akka amma warri lugni biyyaa baqattee haalli itti tollaan biyyatti debitee asi maqqaa
Taaddeetiin waccu kana miti.
Jarri kun ammas Oromoo jeequmsa fi boo'icha keessa tursuu barbaaddi!

Walumaa galatti kaayyoo G/Taddasaa Birruu jal'isanii itti gargaarramuun hin danda'amuu jenna!
Yaada moggaa,Qabsoo Baqachuu,miira lugnummaa fi Waraqaa Lammii ambaa baattanii nuti
ijoollee Taaddeeti oggaa jettan ammoo ekeraan G/Taddasaa Biruu iyyuu isinitti qana'a!

Malumaafuu,mee dura waraqaa lammummaa biyyatti debfadhaa qabadha ,kaayyoo Waldaan


Maccaa fi Tulamaa Itiyoophiyaa ilaalchisee bu'uurarratti ol kaayyate, akkasumaas kayyoo
G/Taaddee Birruu sirriitti gadi fageenyaan qoradhaa utuu iyyaan gurra nu hin duuchiin!

Hakka Korpheessa Re'ee miira keessa galanii Obobsuun kun biyya diiguuf yoo ta'e malee
ijaaruuf hin taatu!

Arraba dhedherachuun kuniis gaarii miti!


Yaada mo'ataa fi Sagantaa Siyaasaa Kaayyo Qabeessa qabatanii wal morkuudha malee Ummata
safuu qabu fuldura ijaajjaa araba hin malle "Diqaalaa,ilmaan Mallasaa,...garamalee" jechuun kun
boodarra yoo nama salphise malee nama hin kabachiisu!

Ijoollee Arabsoo hin ta'inaa,afaan dhedherachuu kanarraas of qusadhaa!

Nagaatti!

You might also like