You are on page 1of 62

Kutaa 2ffaa

Karoora, Karoorsuu, Karoora


Raawwachuufi Madaaluu
Kutaa 2...

Seensa
• Manneen barnootaa guddachuu, dagaaguufi jijjiiramuudhaan
fedhii qaamota garaagaraatiin irraa eegamu guutuu malu.
• bu’uura jijjiiramaati.
• kompaasii ga’umsaa, imalaafi daandii imalaa agarsiisudha.
• Xiyya egeree ittiin kiyyeessinudha.
• Manneetiin barnootaa keenya karoora tarsiimoofi karoora
yeroo gabaabaa adda adda akka qopheeffatan kan dirqaman.
Kutaa 2
• Yeroo amma kanatti, fooyya’iinsi manneen barnootaa
kaayyoo bu’uuraa sirna barnootaafi yaada ijoo og-barruu
qorannoo barnootaati (Hajisoteriou et al., 2018; Harris et
al., 2015 ).
• Qorannoon hedduun karoorri tarsiimoofi karoorri raawwii
meeshaa fooyya'insaa mana barnootaa ta’uu mirkaneessu
(fkn, Mbugua Rariya, 2014; Meyers Vangronigen, 2019).
• Karoorri dhimma dursaa dha .
• Kanaafuu, karoorsuun, raawwachuun, hordufuufi
madaaluun akkasumas qaama ilaallatuuf gabaasuun ga’ee
hojii suppervaayizaraafi hoogganaati.
Kutaa 2…
• Haa ta’u malee, ragaan maddaafi yeroo garaagaraa kan BBO
akka mul’isutti, hubannaafi raawwiin gama karooraatiin jiru
rakkoo akka qabu agarsiisa.
• Fakkeenyaaf, hubannaa, qophii, hordoffiifi madaallii
karooraa FMB irratti hooggantootni qaban gadi bu’aadha.
• Kanaafuu, kutaan kun kaayyoon isaa inni guddaan
hoogantootni manneen barnootaa yeroo baruufi barsiisuu
geeggeessanitti mul’ata tarsiimoo mana barnooota isaaniif
qaban kaayyachuun karoora yeroo dheeraafi yeroo gabaabaa
qopheeffachuun adeemsa gara mul’ata isaaniitti godhan akka
milkeeffataniif ogummaafi beekumsa gonfachiisuudha.
Kutaa2…
Bu’aa eegamu
Supparvayizarootaafi dura bu’oota:
• Ilaalchiifi hubannaan karoora irratti qaban haala gaariin jijjiirame
• Karoora tarsiimoo onnachiisaafi abdachiisaa haala qabatamaa
irratti hindaye qopheessuu danda’an,
• Karoora raawwii ragaa qabatamaa irratti hundaaye, ifa kan ta’e,
hojiitti jijjiiramuu kan danda’u, kan safaramu,yeroon kan daanga’e
qopheessuu danda’an,
• Ragaa qulqulluudhaan karoora kan hordofan, irradeebiin kan
ilaalan akkasumas kan madaalani murtee fudhachuu danada’an
Kutaa 2…
Fooyya’insa Manneen Barnootaa( FMB)
• Lammii ga’umsa qabu omishuun fuulduree ykn egeree biyyattii
bareechuun yoo barbaadame, bakka lammiin boruu kun itti
omishamu fooyyeessuun dirqama.
• Fooyya’insa mana barnootaa jechuun dhimmoota qabxii barataa
fooyyessan irratti xiyyeeffachuun jijjiirama eegamu fiduudha.
• Jijjiiramni eegamu inni dhumaas qulqullina barnootaa mirkanaaye
ta’ee kunis kan ifu, beekumsa, ogummaafii ilaalcha barattootta
fooyya’eefi amalafi,gochaa barattootaati: firii barataa
Kutaa 2…
Gocha 2.1 . Dhimmootni ijoon fooyya’insa manneen
barnootaaf gumaacha guddaa qaban maal fa’i?
( daq.15)

Akkaataa hojii
• Fakkii armaan gadii ilaalaatii ibsa itti kennaa
Kutaa 2..

Barauufi
barsiisuu
???

Fooyya'ins Haalaafi
Hooggansaa naannoo
a mana barnootaa
fi bulchiinsa
barnootaa mijataa
???
?????? ???

hirmaanna
a hawaasaa
???
Kutaa 2..
Ibsa dabalataa
• Hariiroon fakkii armaan olii irratti mul’atu kan ibsu,
hooggantootni manneen barnootaa dhimmoota ( doomenoota)
arfan jiraniifii caacullee(element) tokkoo tokkoo isaanii jala jiran
hundarratti xiyyeeffatanii yoo hojjetan, calqabatti tokkoo tokkoo
doomenootaa irratti jijjiiramni dhufa itti aansuun immoo
fooyya’insa mana barnootaa akka fidu kan agarsiisudha.
• Fooyya’insi mana barnootaa - qulqullina barnootaa
mirkanaayee - ga’umsa barattootaa- amalaafi gocha
barattootaan - firii barattootaa.
Kutaa2…
Gocha 2.2 Mee yaadota karooraan
walqabatan armaan gadii irratti garee nama
shaniitiin itti mar’adhaatii ergaa waliigalaa
inni qabu baasaa ( daq.15)
Akkaataa hojii
• Gaaffiifi deebii
Karoorsuu dhiisuun kufaatiif
karoorrfachuu dha

Karoora jechuun waa’ee borii ijoollee


murtessuu jechuudha

Dooniin kompaasii hin qabneefii


geggeessaan karoora hin qabne
walfakkaatu
Kutaa 2…
Gocha 2.3 Akka suppervaayizara ykn hoogganaa tokkootti,
dhimma karooraafi karoorsuu ilaalchisee haalli qabatamaan
jiru ( tiyoorii miti) maal fakkaata?(daqiiqaa 10)
Yaada marii
• Haala qabatamaa mana barnootaa keessaniin, haala karoorri itti hubatamuu fi itti
hojjetamu ibsaa
• Karoorri hagam barbaachisaadha jettee yaadda(muuxannoo keerraa)
• Karoora fooya’insaa akkamiin qopheessaa turtan?
• Karoori gosa akkamii qabdu?
Akkaataa marii
• Dhuunfaadhaan hojjetamee,dhuunfaan dhiyaata
• Gara waliigalatti dhufee yaadni itti kennama

Kutaa 2…
Ibsa dabalataa
• Haala qophiifi raawwii akkasumas
hordoffii karooraa irratti hanqinni
ga’umsaa, hanqinni hordoffiifii
qajeelfama dagachuu waan jiruuf
karoorri kallattii agarsiisuu qabu qixaan
agarsiisaa hin jiru.
Kutaa 2…

Kanaaf maaltu wayya? hojii manaa keessan


ta’a. Dhimmoota karooraan walqabatanii jiran
irra deebiin ilaalaa.
Kutaa 2…
Gocha 2.4 Yaadni bu’uuraa karoora fooyya’insa
mana brnoootaa maali? Akkamitti hubattanii itti
hojjechaa jirtu?( 30)
Akkaataa hijii
• Dhuunfaadhaan hojjetanii istiikerii irratti
barressanii maxxansu
Kutaa 2..
jijjiira
ittigaaf ma(ma humn
atamu ali?) a(eess
mmaa a jira)
xiyyeef
fatnaa ergama(
/dursa maaliif)

hirmaannaa baruufi
maatiifi
hawaasaa barsiisuu
olaanaa milkaawaa

Fooyya’ins haalaafi
Dirqa
ma
a mana naannno
barnootaa mijataa

dorgo mul'at
mmii a

hooggansa firii
jijjiiramaa barataa
milkaayi
ga'ee na
hojii karoor dhaloot
a aa
Kutaa2…
Ibsa Dabalataa
• Manneetiin barnootaa humna mana barnootaa
fooyyessu qabu
• Kana jechuun, manneetiin barnootaa mul’ataafi
ergama jijjiiramaa qaban, jijjiirama sana immoo
milkeessuuf karoora fooyya’insaa yeroo dheeraafi
gabaabaa baafatanii itti hojjetan, jijjiirama hawwan
fiduu irraa waan isaan daangessu hin jiru yaada
Kutaa2…
Karoorri fooyyan’insaa yeroo qophaawu gaaffii afur
gurguddaa deebisuu qaba
1. Amma eessa jirra (ofsakatta’uudhaan adda ba’a),
 Doomenoota arfan,caacculleewwan jiran irratti( keessoo
ofii sakatta’uu)
 Manneetii barnootaan ala kan jiran sakatta’uu( PESTLE)
 Ka’umsa/galtee karooraati( input).
 Wanti hojjechaa jirru maali
 Waan xiyyeeffannoo barbaadu akkamitti adda baasta?
 Cimina, hanqina, carraa fi balaan cuunfama,
Kutaa 2…
2. Bakka kam ga’uu barbaadna
 kallattii/ hawwiin kee gara fuula duraa maali?
 Waggaa 5-10 booda waan amma jiruun wal bira qabamee yoo ilaalamu
maaltu adda ta'uu barbaadda?
 Fuulduree filatamaan ati bira ga’uu, ta’uu barbaaddu maali,
3. Akkamitti bakka ga’uu barbaadne sana geenya?
 Bu'aa fooyya'aa argachuuf namni hundi maal karaa adda ta'ee hojjeta?
 Tarsiimoo, sagantaalee, tooftaalee,xiyyeeffatnaa, hojiilee
4. Jijjiirama ykn raawwii keenya akkamitti beekna
 Firii aragame akkamitti safarta?
 Jijjiiramni dhufuu maaliin beekta
 Adeemsa keessan akkamitti hordofta, gabaaftu
Kutaa 2..
Kutaa 2…
Karoora Tarsiimoo FMB
 Karoorri tarsiimoo karoora fooyya’insa manneetii barnootaa walittifufiinsa
qabudha.
 Karoora tarsiimoo jechuun adeemsa galmoota yeroo dheeraa dhaabbata
tokkoo murteessuu fi sana booda galmoota sana galmaan ga’uuf mala
hundarra gaarii ta’e adda baasuun itti hojjechuu jechuudha.
 Biyyoonni fi dhaabbileen haala tarsimawaa ta’een misooma barnootaa
karoorsuu fi bulchuu erga eegalanii turaniiru.
 Hojiiwwan karoora tarsiimoo kamuu keessatti bira darbamuu hin malle
gochootniifii tartiibotni walfakkaatan ni jiru.
 Garuu, akka waliigaalaatti karoorri tarsiimoo qabiyyee gurguddaa maalii
akka of keeassatti hammatu gabaabsinee ifsina.
Kutaa 2….
Tartiibota ittiin KFMB qophaayuufi qabiyyee
isaa
• Qophii
– Hubannoo hawaasa mana barnootaaf kennuu
– Koree garaagaraa dhaabuu
• Sakatta’insaa Haalaa geggeessuu ( situation analysis)
– Dhimmoota keessoo mana barnootaa sakatta’uu
– Dhimmoota ala-manneen barnootaa sakatta’uu
– Ragaa qulqulluu madda adda addaarraa, meeshaalee garaagaraatiin
funaanuu
Kutaa2…
• Mul’ata bocuu
• Ergama bocuu
• Duudhaalee ijoo adda baasuu
• Dhimmoota ijoo/xiyyeeffatnoo adda baasuu
• Galma
• Tarsiimoo bocuu
• Safartuu/agarsiisftuu raawwii
• Sagantaa raawwii tarsiimoo diriirsuu
• Sagantaa hordoffiifi madaallii bocuu
Hub: Unki karoora tarsiimoo FMB mariin mirkanaa’a/ ykn kan jirutu hojiirra
oola.
Kutaa 2…
Gacha 2.5 Dhimma qabiyyeewwan tarsiimoofi
ibsa isaanii irratti, akkasumas unka karoora
tarsiimoo irratti muuxannoo wal jijjiiraa ( daq.20)
Akkataa hojii
• Garee namoota shaniitiin muuxannoo wal
jijjiiruun yaada ijoo baasuun dhiyeessuu
Kutaa2…
Ibsa Dabalataa
 Adeemsa karoora barnootaa keessatti, yaad-rimeewwan armaan
gaditti tarreeffaman (mul’ata, Ergama, duudhaa, dhimmoota ijoo,
galma, tarsiimoo) kallatti tarsiimowaa ( strategic directions )
hooggansa barnootaa jedhamu.
• Kanneen hundi hojii guyyaa guyyaan mana barnootaa keessatti
hojjetaman irratti dhiibbaa ol’aanaa qabu.
• Kallattii tarsimowaan kunniin hojii manneen barnootaatti barsiisotni,
barattootni raawwataniif, maaliif akka raawwatan akkasumas
tajaajila qulqullina qabu akka kennaniif qajeelfama bu’uuraa ta’anii
fayyadu.
• Ibsa tokkoo tokkoo kenname ilaalaa.
Kutaa 2…
Ergama(maaliif as jirra)
•Sababa guddaa manni barumsaa dhaabbateef kan ifsu
dha
•Hojii ijoon mana barnootichaa maal akka ta’e kan
agrarsiisudha.
Kutaa 2…
Mul’ata (m/bartnootaa akkamii ta’uu barbaanna)
•Hawwii, egeree, fakkii gaarii waloo mana barnootichaa fi
barattootaa ti.
•Mul’atni fakkii egeree kan agarsiisu yoo ta’u, kallattii kan
kennu, miira kaayyoo qabaaqchuu nama keessatti kan
uumudha.
Kutaa 2…
Duudhaa ijoo (amala, yaada )
• Amantaa/ amala mana barnootichaa
keessatti mul’achuu qabu ykn horatamuu
qabu.
• Mul'ata waliin jiru dhugoomsuuf amala
akkamii qabaachuu qabna ibsa jedhu
Kutaa 2…

Dhimmoota ijoo ( xiyyaaffannaa)


• Hojiiwwan mana barumsaa gurguddoo bira
darbamuu hin malle sakatta’insa irraa
argaman, qabxiilee xiyyeeffannaa mana
barnootaa
Kutaa 2…
Tarsiimoo ( hojii gurguddoo)
• Maloota,tooftaalee, sagantaalee, hojiilee
kallattii tarsiimoo bira ittiin ga’an
Kutaa 2..
Galma( kaayyoo gurguddoo milkeessinu)
• Kaayyoo gurguddoo milkeessuuf
karoorfaman,dhimmoota ijoon walqabatu
Kutaa..

Gocha 2.6 Karoora, karoorsuu, karoora raawwachuu


akkasumas karoora hordofuu, keessa deeb’anii ilaaluufi,
madaaluu irratti muuxannoo mana barnoota keessanii
waliif qooduun ciminaafi laafina jiru adda basaa ( karoora
fooyyainsa mana barnootaa irratti xiyyeeffadhaa). ( daq. 20)
Akkaataa hojii
• Garee namoota afuriitiin hojjetama
• Dhiyaatee irratti mari’atama
Kutaa 2…
Karooraa Raawwii ( operational plan)
Karoora Waggaa kan mana barumsaa
• Karoorri yeroo dheeraa hatattamaan maal gochuu akka qabnu ifatti
nutti hin himu.
• Karoorri tarsiimoo erga qophaayee booda, hojiileen itti aananii dhufan
meeshaalee raawwii karoora tarsiimoo qopheeffachuudha.
• Kanneenis, sagantaalee, piroojektoota, akkasumas karoora adda addaa
qopheeffachuudha.
• Karoorri raawwii, karoora gabaabaa karoora tarsiimoo irratti hundaayee
qophaayu si’a ta’u, karoora tarsiimoo galmaan ga’uuf nuusaan,
ji’ootaan, guyyootaan cicciramee kan qophaayudha.
• Karoorri raawwii karoora waggaa, karoora nuusaa, karoora torbeefi
Kutaa 2…
Karoorri raawwii dhimmoota ( hojiifi qabiyyee) ijoo kanneen of
keessatti qabaachuu mala
• Qophii
– Hubannoo hawaasa mana barnootaaf kennuu
– Koree garaagaraa dhaabuu
• Waa’ee mana barnootichaa ( akka kutaa seensaatti kan fayyadu)
• Sakatta’insaa haalaa geggeessuu ( situation analysis) ( raawwii waggaa
xiyyeeffata)
– Dhimmoota keessoo mana barnootaa sakatta’uu
– Dhimmoota ala-manneen barnootaa sakatta’uu
– Ragaa qulqulluu madda adda addaarraa, meeshaalee garaagaraatiin funaanuu
– Qindeessuu, xiinxaluu, gudunfuu ( cimina, laafina, soda, carraa)
– Dhimmoota ijoo/xiyyeeffannaa adda baasuu( kan waggaa)
Kutaa 2..
• Qabxii ijoo/ xiyyaaffannaa ( kan waggaa)
• Kaayyoo
• qiyyaaffannaa
• Hojii hojjetamu
• Raawwataa
• Yeroo raawwii( nuusaan ykn/ fi ji’aan)
• Leecalloo barbaachisu
• Safartuu/agarsiiftuu raawwii
• Madaalliifi hordoffii
Hub: Unki karoora raawwii qabxiilee kanneen hammate qopheessuu irratti mari’atanii
mirkaneessuun ykn immoo Kan jirutu fayyadamuun ni danada’ama. Garuu mee dabalata 2
ilaali.
Kutaa 2
Gocha 2.7 Garee nama 4 tiin karoora tarsiimoo mana barnootaa
tokko ( kan yaadaa) qopheessuun karoora waggaa immoo isarraa
baasaa.( sa’aatii 4).
Akkaataa Hojii
• Garee namoota afuriitiin gurmaayuu
• Hoogganaafi bareessaa filachuu
• Hojjechuun xumuranii maxxansuu
• Daawwiif dhiyeessuun ibsuu

Kutaa 2..
Karoora waggaa kan gosa barnootaa
• Barsiisotni akkuma gosa barnoota barsiisaniitti karoora waggaa ni
qopheeffatu.
• Karoorri gosa barnootaa kun kan bu’uureffatu silabasiifi kitaaba barnootaa
si’a ta’u akkuma bal’inaafii dhiphina, ciminaafi laafina akkasumas
barbaachisummaa kaayyoo barnootaafi qabiyyee barnootichaatti ji’ootaafi
guyyoota bara barnootaa saniif qooduun qophaaya.
• Karoorri waggaa gosa barnootaa, qabiyyee barnootaa, mala baruufi
barsiisuu akkasumas bu’aa barachuu barattootaa waan walsimsiisuuf
qindoomina uuma.
• Gabaasti qorannoofi supparviizyiinii BBOn geggeeffames rakkoo karoora
qixaan baasuufi qabiyyee barnootaa yeroon xumuruu hafuu barsiisotaa
akka rakkoo tokkootti agarsiisa.
Kutaa 2…
Gocha 2.8. Gama karoora waggaa barsiisotaa
kanaan cimina jiruufi hanqina jiru akkasumas
fala ta’uu malu waliif qoodaa ( daq. 15)
Akkaataa hojii
• Garee namoota shanii
• Gabaasa qaba
Kutaa 2..
Yaada dabalataa
• Qabiyyee barbaachisoo.
• Kanneenis kutaa sadiitti qoodnee ilaaluu ni dandeenya.
– Kutaa tokkoffaan odeffannoo waliigalaa qabata. Isaanis, maqaa mana
barnootaa, maqaa barsiisaa, gosa barnootaa, kutaafidaree, guyyaa, bu’aa
eegamufa’i.
– Kutaa lammaffaan kan gabateen taa’u ta’ee, qabiyyee akka
seemisteera, ji’a, torbee, guyyaa, boqonnaafi mata duree, wayitii
ramadameef, kaayyoo gooree, kkf qaba.
– kutaa sadaffaatti, mallatto nama qopheesseefi, maqaa, mallattoofi
chaappaa nama mirkaneessee qabaata.
Hub: Unki karoora karoora waggaa kan gosa barnootaa irratti marii geggeessuun
qopheessuun ni danda’ama ykn immoo kan jirutti fayyadamama.
Kutaa 2…
Karoora torbeefi guyyaa
Gocha 2.9 Karoorri torbeefi guyyaa meesshaalee karoora waggaa
hojjiitti ittiin hiiknu keessaa isa tokko ta’uu olitti ibsameera.
Akka muuxannoo keessaniiti hubannaafii raawwiin karoora torbee
qopheessuu, madaaluu, mirkaneessuu akkasumas itti
fayyadamuun wal qabatee jiru maali ( daqiiqaa 10)
Akkaataa hojii
• Gaaffiifi deebii
Kutaa 2…
Ibsa Dabalataa
• Hubannaafi raawwiin karoora torbeefi guyyaan
– Kanneen hoogganan
• Xiyyeeffannaa
– Kanneen hojjetan
• karoora torbee irratti osoo karaa deemanii mallattoon kan mirkaneessan
akka jiranidha.
• osoo itti hin yaadin, osoo wal hin simsiisiin,kutaa taa’anii yeroo muraasa
gidduutti kan qopheessan ta’uun bira ga’ameera.
• Egaa, yoo dhuguma jijjiirama fidna jenne haalli kun gara saayinsii isaatti deebi’uu
akka mala hundi irratti walliigaluu qabu.
Kutaa 2
Ibsa Dabalataa
Karoorri torbeefi guyyaa waan ijoo sadii kanneen baayyee
walitti hidhaman of keessaa qaba.
• Barattootni maal akka baratan( kaayyoo barnootaa)
• Barattootni akkamitti akka baratan( hojii barataafi
barsiisaa)
• Barachuun barattootaa akkamitti
sakatta’ama( sakatta’insa/madaallii barachuu isaanii)
Barattootni koo
maal akka
barataniin barbaada

milkaayina issaanii Hojiilee baruu fi


ykn barachuu isaanii barsiisuu maaliin
akkamittan madaala fayyadama( mala)
Kutaa2.
Duraa duuba hojii barsiisaa daree keessatti
Daree keessatti, adeemsota gurguddoo afur ( didactic elements) raawwata.
Isaanis:
Seensa
• Waan yeroo darbe baratan/barsiise irratti yaadachiisuu ( tooftaa adda addaan)
• Qabiyyeefi kaayyoo guyyuu sanii himuu
• Waan isaanirraa eegamu qooduufii
• Naamusa irraa eegamu himuu
• Kakaasuu, qopheessuu, xiyyeffannaa fi yaada isaanii sassaabuu
Dhiyeessuu
• Tooftaa dursa adda ba’een dhiyeessuu
• Duraaduuba hojii eeguu
• Baratootni mala dursa karoorfameen akka hirmaatan gochuu
Kutaa 2…
Cuunfuu
• Waan guyyaa sanii dhimmoota ijoo irratti xiyyeeffachuun
cuunfaa isaa gabaabinaan dhiyeessuun xumuruu( barataas
hirmaachisuun ni danada’ama)
Madaaluu
• Kaayyoon barnooticha guyyuu sanii galma ga’uufii dhiisuu
tooftaa dursa taa’een madaaluu. Fkn: gaaffiifi deebii,
hojjechiisuu,
Kutaa 2..
Yaadachiisa: Karooraan Walqabatee dhimmoota Ijoo xiyyeeffannaa barbaadan
• Mul’ata waloo
• Hawwii jijjiiramaa
• Karoora
• Wal-simannaa karoora sadarkaa adda addaa
• Aadaa karooraan hojjechuu
• Hirmaannaa qaamolee adda addaa
• Ragaa qulqulluu
• Xiyyeeffannaa
• Cicha
• Hooggansa abbaa mul’ataa, cimaafi amanamaa
• Hordoffii, irradeebiin ilaaluufi Madaallii
Kutaa ..
Hordoffiifi Madaallii

• itti gaafatamummaa qabna.


– Hojii
– qabeenya nuuf kennameef
– Namoota adda addaatiif
Kutaa 2…
• Kanaafuu,
– hojiin mana hojii tokko akka karoorafametti raawwachaa jiraachuu,
– bu’aan eegamu argamaa jiraachuu,
– leecalloon qixaan faayidaa karoorfameef oolaa jiraachuu,
– hundi ga’ee ofii raawwachaa jiraachuu,
– danqaa quunnamefii kkf haala itti fufiinsa qabuun ykn yeroo murtaaye tokkotti
horduffiifi madaallii geggeessuun ge’ee hooggantoota manneen barnootaa
keessaa isa tokko.
• Hooggantootni manneetii barnootaa raawwii hojii manneetii barnootaa
karaa hamma tokko adda ta’e lamaatiin gamaaggama. Isaanis hordoffifi
madaaalliidha
Kutaa 2..
Hordoffii
• Hordoffiin haala itti fufiinsa qabuun hojii duukaa bu’anii ilaaluudha.
• Sagantaa dhaabbataa hin qabaatu.
• Unkoota garaagaraa
• raga funaanuun, xiinxaluun waan ragaan agrasiise irratti hundaayuun
tarkaanfiifi murtee fooyyessuu
• Hordoffiin harka caalaa leecalloo, adeemsafi hojiilee hojjetaman irratti
kan xiyyeeffatu ta’e hanga tokko bu’aa gaggabaabaa irrattis ni xiyyeeffata.
• Firiin hordoffii qaama ilaallatu hundaaf qaqqabsiisuu barbaada.
• bu’aaleefi galtee karoorfame galtee fi bu’aa qabatamaa wajjin walbira
qabuun dirqama..
Kutaa 2…
• Kaayyoon bu’uuraa hordoffii osoo rakkoo
guddaan hin uumamin yeroon tarkaanfii
sirreessaa fudhachuudha.
Kutaa …
Manneetiin barnootaa maal hordofu? Dhimmoota armaan gadiif kan
biroollee ni hordofu
• Sagantaalee • Ijaarsa
• Adeemsaa • Gocha
• Karooraa fi raawwii • Baajeta
• Quunnamtii
• Bu’aa eegamu
• Hooggansaafi geggeessumaa
• Hooggansa baruufi barsiisuu
• Fooyya’insa
• Supperviizyiinii baruufi barsiisuu • Naamusa
• Deeggarsa • Leecalloo
• Dagaagina ogummaa • Hariiroo
• Sirna barnootaa
• Yeroo
Kutaa 2..
Maaltu hafe? itti dabalaa hordofaatii fooyyessaa
Yaadachiisa: Hordoffiin ragaa qulqulluu,
qindaayaa, amanamaa, sirriifi yeroo isaa
eeggateen ta’uu mala. Ta’uu baatnaan, waan
hundi hojii sobaafi fakkeessuu ta’ee waan
yeroon sirreessuu mallu bira darbuun jijjiirama
hawwinu osoo hawwinuu hafna.
Kutaa 2…
Madaallii
• Karaan lammaffaan hoggansi raawwii hojii mana barnootaa itti gamaaggamu madaalliidha.
• Madaalliin yeroo murtaayetti ( nuusaan, seemisteeraan, waggaadhaan,..) adeemsa galma
ga’insa dhimma tokoo ittiin madaallee murtee laannudha.
• Ragaa funaanuun, xiinxaluufi hiika itti kennuu barbaada.
• Madaalliin ragaa hordoffiirraa argame illee itti fayyadamuu ni danda’a.
• Madaalliin cimina, laafina, milkaayina, qulqullina, barbaachisummaa, dhimma tokkoo irratti
murtee kenna.
Kutaa 2…
• Walumaagalatti, hordoffiifi madaalliin sadarkaa
raawwii kaayyoo ykn gocha tokkoo kaayyoo
eegamu( dursa taa’e) faaana walbira qabuun
waliin madaaluu of keessaa qaba.
• Hordoffiifi madaalliin( harka caalaa madaalliin),
gaaffilee bu’uuraa armaan gadii irratti
xiyyeeffata.
Kutaa 2…
1. Barbbachisummaa/qulqullina ( relevance and quality)): Qulqullinaafi
barbaachisumma dhimma madaalamuu ilaaluu
2. Bu’a qabeessummaa ( efficiency): Firiin argame leecalloo ba’e faana
ilaaluu
3. Milkaayina ( effectiveness): bu’aan barbaadame argamuu madaaluu?
4. Jijjiirama,outcome)( impact: bu’aan argame jijjiirama barbaadame
fiduu ilaaluu
5. Firrin argame kun itti fufiinsa qabaa ( sustainability). Siistemniifi
caasaan diriiraa jiraa
Kutaa 2…
Akka mana brnootaatti maaltu Madaalama?
• Karooraafi Raawwii
• Simannaafi Hirmaannaa barattootaa
• Hirmaannaa barattoota shamarranii
• Hammattummaa fi fedhii addaa
• Harcaatii, oolmaa, kufaatii, darbiinsa
• Qulqullina (kallatti hedduun safarama)
• Firii barattootaa
• Ga’umsa barattootni gonfatan
• Jijjiirama amalaafi gocha barattootaa
• Ga’umsa barsiisotniifi hooggantootni gonfatan ( DOW)
• hariiroo hawaasaa,barattootaa, barsiisotaa, hooggantootaa
• Firii sagantoota garaagaraatu madaalama ( tiitooriyaalii, madda galii, barnoota wal-maddeessaa..)
• Hojii kunuunsa( maintenance) mana barnootaa
• Hojii guddinaafi dagaagina mana barnootaa
• Galii argame,..
Kan hafe itti guutaatii madaalaa
Kutaa 2…
Hub:
Karoorri, Hordoffiin, Madaalliin ragaa qulqulluu,
qindaayaa, amanamaa, sirriifi yeroo isaa eeggateen
ta’uu mala.
Ta’uu baatnaan, waan hundi tapha lakkoofsaa qofa
ta’ee mul’anniifi galmi yaadame karaatti hafa!
Kutaa 2…
Cuunfaa
• Manneen barnootaa guddachuu, dagaaguufi jijjiiramuudhaan
fedhii qaamota garaagaraatiin irraa eegamu guutuu malu.
• Karoorri immoo bu’uura fooyya’insaafi jijjiiramaati.
• Kanaafuu, manneetiin barnootaa karoora tarsiimoofi karoora
yeroo gabaabaa adda adda kan fooyya’insa mana barnootaa
fiduu danda’u qopheeffachuu malu.
Kutaa 2…
• Karoorri tarsiimawaan fooyya’iinsa manneen barnootaa
dhimmoota tarsiimawaa ta’an kan akka mul’ataa, ergamaa,
duudhaa, galmaa, dhimma ijoo, tarsiimoofi safartuu raawwii ijoo of
kessatti qabata.
• Karoorri tarsiimawaan manneen barnootaa gaaffilee gurguddoo
kan deebisudha.
– Har’a eessa jirraa?
– Yeroo maurtaaye tokko keessatti eessa ga’uu barbaadnaa
– Tarsiimoo akkamiitiin ?
– milkaayina maaliin safarra
Kutaa 2…
• Adeemsa qophii
• Sakattainsa haalaa
• Firii sakatta’insaa : ciminaafi laafina akkasumas carraafi
sodaadha.
• kallattii tarsiimoo hawwisiisaa, hiixataaf, onnachiisaa ta’uu
mala.
• Garuu immoo kan carraa milkaayinaa olaanaa qabu ta’uu
mala.
Kutaa
• Hojiitti jijjiiruu
– karoorri yeroo gabaabaa
– Hordoffiifi madaallii
Xumurame
Horaa Bulaa, Deebanaa

You might also like