You are on page 1of 12

Dursa

Maanuwaliin adeemsa qulqullina eeguu gabaa irratti hundaa’e fedha jajjabeesitoota


adeemsa SaanMaarkii kakkaasuuf tekinikoota gabayaa daldalaa fi hawaasaummaa haala
quubsaatiin hojii irra oolchuunii fi gabaa haawasicha keessatti faasiiliitii eegumsa
qulqullinaa fooya’oo fi tajaajiloota fudhachuun dhiibbaa uumuuf kan karoorfamedha.

Maanuwaaliin dirree adeemsa qulqullina eeguu gabaa irratti hundaa’e adeemsa irra
deddeebiin kan qophaa’eef fayyadamtoonni kaka’umsaan akka yaadota haaraa
uumaaniif,yaadota ijaaraaniif,fayyadamtoota fi mata dureewwan ,malootaa fi
ejjanoowwwan raawwii dabalataa akka qoratuufidha.

Maanuwaaliin dirree kun walumaagalatti kan karoorfameef hawaasa yaadame gargaaruuf,


rakkoollee gaaffii dizaayinoota manneen qulqulinaa yookiin bobbaa hambisuun naannoo
isaaniitti qulqullinaa fi gatii madalawwaan dhiyeesuu fi barnoota beeksisaa daldalaa
kaasee hamma amaloota qulqulinaa fooya’an hojii irra oolchuutti itti fufiinsa faasiliitii
eegumsa qulqullinaa mirkaneesuudha.

Rakkoollee gurguddoo manneen qulqulinnaa ciminaa fi itti fufiinsaan hiikuuf adeemsi


qulqullina naannichaa dizaayinoota humna namaa irratti hundaa’an hojii irra oolchuun
furmaatota hawaasichumaan kalaqamanii fi gaggeefaman burqisiisuun hojjeechaa
jira.Adeemsi kun filannoowwan oomishaallee yookiin tajaajiloota eegumsa qulqulinnaa
madaalawwaa fi barbaadamoo ta’an adda addaa uumuuf haala gaarii uuma.

Kaayyoo Adeemsa Eegumsa Qulqulina Gabaa irratti Hundaa’ee


Raabsitoota gandaa fi aanaa dabalatee dhaabbillee dhuunfaaf filannoowwan oomishaalee fi
tajaajiltoota sirrii fi fudhatama qaban gatii madaalawwan dhiyeesuun oomishaalee fi
tajaajiltoota fooya’oof gabaa itti fufiinsa qabu qopheessuudha.

Kaayyoon adeemsa SaanMaarkii miiraa danda’ummaa,miira abbummaa fi miira guddina


dhuunfaa uumuun furmaatota milkaa’oo fi itti fufiinsa qaban hawaasichaan hawaasichaaf
fiduudha.

Akkaataan raawwii SanMaarkii kan xiyyeeffachuu qabu qulqullinaa fi dhimmoota


qulqulinaatiif qophii yookiin gochaa caalaa adeemsa ta’uu qaba.Kanaafuu,maanuwaalichi
kan gurmaa’eef jalqaba jajjabeesitootaa fi hawaasa fayyadamtoota Sanmaarkii dhimmoota
manneen qulqulinaa fooyya’an madaaluu,naannoo isaaniitti filannoowwan furmaataa sirrii
naannoo irraa burqe argachuun,dhimmoota addaa furuuf karoora hojii qopheessuunii fi
dhuma irratti ejjannoowwan adda ba’an hojii irra oolchuu irratti gaggeessuuf kan
ijaaramedha.
Amref Health Africa Wash-SDG Project Village Sanitation Groups PLA Field Manual

Waa’ee Maanuwaalii Dirree


Maanuwaalii kana keessatti,jalqaba fayyadamtoonni akka isaan walitti dhufeenya wal-
amantii irratti hundaa’e ijaaratan,hariiroo faasiilitii eegumsa qulqullinaa gad-bu’aa fi
daddarbuu dhukkuboota,dhuudhaa hawaasni faasiliitii eegumsa qulqullinaa fooya’aa fi hin
fooyyofne irratti,fayyadamtoota kakkaasuu fi fedha isaan filannoowwan eegumsa
qulqullinaatiif qaban burqisiisuu.Dhuma irratti hawaasichaan itti fayyadama eegumsa
qulqullinaa fooyya’ee itti fufiinsaan cimsuudha.

1.Caasaa Maanuwaalii Dirree


Mata-dureewwanii fi gochaawwan as keessatti raawwataman hundi
hirmaannaa,meeshaallee fi duuraa-duubaa duukaa bu’aman barbaadu.Kunis marichi akka
kallattii fi milkaa’inaan barbaadameen deemuuf fayyada.Itti dabalataanis,maanuwaaliin
kun haala-mijeesitootaf yeroo murta’aa marichaa fi qajeelfamoota barbaachisoo
kenna.Maanuwaaliin kun kutaa afuritti qoodama.

Kutaa 1-Gochaa garee ijaaruu:gochaan kun akka hirmaatonni adeemsaa MBS keessatti
tokkummaan waliin hojjetaniif fayyada.Kutaan kun seensa,adeemsa MBStiif gara
fuulduraatti waan ta’uu danda’uu tilmaamaa qopheessuu fi qajeelfamoota qopheessuu of
keessatti qabata.

Kutaa 2-Mata-dureewwan qulqullinaa fi eegumsa qulqullinaa:Kutaan kun immoo


shaakalaa fi barmaatilee hawaasichi qulqullinaa fi eegumsa qulqullinaa,itti fayyadama
qabeenya bishaanii,harka dhiqachuu,shooraa fi aangoo murteessuu dhiiraa fi dubaraa
hawaasicha keessatti irratti xiyyeeffata.Kutaan kun mataa dureewwani fi gochoota wal-
fakkaataan shan of keessaa qaba.Tokkoon tokkoo mataa dureewwanii fi gochoonni
kaayyoo,yeroo,malootaa fi meeshaalee,duuraa-duubaa fi guduunfaa mataa isaa danda’e
qaba.

Kutaa 3-Fooyya’iinsaa qulqullinaa fi eegumsa qulqullinaatiif filannoowwan adda


baasuu:Kutaan kun shaakala dhukkuba dhiqannaa wajjin wal-qabatanii dhufan
ittisuu,faayidaa manneen bobbaa fooyya’anii manneen bobbaa hin fooyyofne caalaa
qaban,eegumsa qulqullinaatiif filannoowwan gaggaarii dursan qabaachuu fi babal’ina
dhukkuboota faasiliitii eegumsa qulqullinaa duubatti hafoo fi gad-bu’oo qoree dhiyeessa.
Kutaa 3-Raawwiidhaaf karoorfachuu:Kun dhuma marichaati.Murtoowwanii fi
furmaatonni hawaasichaan adda ba’an karoora raawwwii keessatti qabamuu qaba..Karoori
raawwii hawaasichi irrati walii galee hojii irra ooluu furmaataa fi deebii hawaasa dhimoota
qulqullinaa fi eegumsa qulqullinaa dursuu qaban irratti xiyyeeffata.Keesumaayuu faasiiliitii
eegumsa qulqullinaa fooyya’e irratti.

2.Akkaataa itti Maanuwaalii Dirree kana fayyadamnu


Fayyadamtoonni maanuwaalii kanaa,keesumaayuu jajjabeesitoonni MBS marii fi
gochaawwan as keessatti xuqaman raawwachuuf dursa kutaalee jiran gad-fageenyaan
akka dubbisan gorsina.Kun immoo jajjabeesitoonnii yookiin fayyadamtoonni akka isaanii
mata-dureewwan,duuraa-duuboota,malootaa fi meeshaalee itti fayyadamanii wajjin of
barsiisan taasisa.Dabalataanis,fayyadamtoonii yookiin jajjabeesitoonni akka shoora isaan
yeroo marichaa taphatan adda baasanii beekan gargaara.Fakkeenyaaf,shoora isaan
taphatan keessaa mata-dureewwan beeksisuu,marichaaf haala mijeessuu,yaadota
caaseesuu,gareewwan xixiqqoo uumuu,gaaffiiwwan maricha garaa fuulduraatti
adeemsisan gaafachuu,noottii barreeffachuu fi yeroo sirriitti fayyadamuu.Haala-
mijeesitoonni maricha dura itti gaafatamummaa fi shoora isaanii sirriitti beekuu qabu.Itti
dabalataanis,chaartii,maarkerii fi meeshaalee barreeffama qabaachuutu isaan irraa
eegama.Mata-dureewwan maanuwaalii kana keessatti argaman sirriittii fi milkaa’inaan
adeemsisuuf haala-mijeesitoota irraa qabxiilee armaan gadiitu eegama.

A.Yaada haaraa burqisiisuu

Jalqaba gochaawwan raawwataman irratti,haala-mijeesitoonni mata-duree marichaa karaa


hirmaatonni baldhisanii yaadanii fi yaadota dura irratti walii galame irra akka hin tureen
beeksisuu qaba.Adeemsa hundumaa keessatti haala-mijeesonni hirmaatonni akka yaada
haaraa burqisiisaniif,fageesanii akka ilaalanii fi waa uumuu akka danda’aniif jajjabeesuu
irra jira.Inni biro haala-mijeesitoonni marichaa yaada walitti nama buusuu keessumeessuu
yookiin yaadota kennaman salphisanii dhiisuu isaan irraa hin eegamu.Garuu,haala-
mijeesitoonni yaadota hirmaatota biraa ka’an akka marichaaf fayyadan beekee kabajuu
qaba.

B.Yaadota ibsuu fi adda baasuu

Shoorri yookiin itti gaafatamummaan ijoon haala-mijeesaa hirmaatonni akka gaaffiillee


ka’an fi meeshaalee yookiin maloota gochaawwan tokkoon tokkoo isaaniitiif xuqaman
guutumaatti hubatanii gochuudha.Kun immoo hirmaatonni hundumtuu akka
danda’an,mijateef fi raawwiichaa keessatti hirmaachaa jiran mirkaneessa.Haala-mijeesaan
yoo hirmaataan tokko kutaa marichaa tokko yookiin isaa ol hin hubanne yeroo fudhatee
hirmaatota hundaaf ibsuu qaba.Kana caalaa,haala-mijeesaan hirmaatonni yeroo kamittu
akka gaaffii kaasaniif kakkasuu fi jajjabeesuu qaba.

C.Yaadota irratti walii galuu

Haala-mijeesitoonni yaadota yeroo marii ka’an hunda caasesee fi ibsee hirmaatonni akka
yaada cuunfamee fi irratti walii galame qabaatan gargaaruu qaba.Haala-mijeesitoonni
yaadota adeemsa marichaa keessatti ka’anii fi yaadi dhuma irratti walii galan Miniit
buukii(minute book) irratti galmaa’uu isaa mirkaneeffachuu qaba.Kaartaa waa’ee
faasiiliitii eegumsa qulqullinaa naannichaa dabalatee miniit buukii fi bu’aawwan
gochaawwan raawwatanii hundi yeroo biraa yoo barbaachise itti faayadamuuf iddoo gaarii
ka’amuu qabu.

D.Bu’aawwan marichaa galmeessuu

Ateendaansii,qabxiilee ijoo irratti mari’ataman fi yaadota irratti walii galaman hunda


adeemsa MBS keessatti galmeesuun barbaachisaadha.Wantoota galma’an kana adeemsota
biro,keesumaayuu yeroo murtoo fi karooraa keessatti deebinee itti
fayyadamna.Akkasumas,hawaasa baldhaaf adeemsa MBS qooduu fi seenaa MBS beeksisuu
keessatti shoora olaanaa taphata.Yeroo guduunfaa gochaawwan hundaa haala-
mijeesitoonni garichi akka odeefannoowwan maricha hunda miniit buukii irratti
galmeefatan mirkaneefachuuf hirmaatonni raawwillee raawwataman cuunfanii,qabxiilee
ijoo mari’atamanii fi irratti walii galaman hundaa akka hubatanii fi qabatan quba
qabaachuu qaba.

Qoqqoodiinsaa mariiwwan maanuwaalii dirrechaa

Kutaalee maanuwaalii dirree Qoqqoodiinsa marichaa


Kutaa 1 Marii 1
Garee ijaaruu fi waa’ee raawwii adeemsa Gochaa 1:Hirmaatota beeksisuu
MBS beeksisuu Gochaa 2:Ittiin bulmaata qopheeffachuu
Gochaa 3:Adeemsa VSG irraa waan
Eegaman
Gochaa 4:Haala teesumaa mijeesuu
Marii 2
Gochaa 5:Risoonaansii hawaasaa beeksisuu
fi akkaataa itti hojjetu
Gochaa 6:Maricha irraa odeefannoo
funaanuu fi galmeesuu
Kutaa 2 Marii 3
Mata-dureewwan qulqullinaa fi eegumsa Mata-duree 1:Amaloota eegumsa
qulqullinaa qulqullinaa gaarii fi badaa
Marii 4
Mata-duree 2:Itti fayyadama sirrii bishaanii
sadarkaa manaati
Mata-duree 3:Shaakalaa fi barmaatilee
harka dhiqanaa hawaasichaa

Marii 5
Mata-duree 4:Qoranaa shoora koorniyaa
Mata-duree 5:Kaartaan ibsuu

Kutaa 3 Marii 6
Qulqullinaa fi eegumsa qulqullina fooyya’aaf Mata-duree 6:Tatamsa’iinsa dhukkubootaa
filannoowwan adda baasuu ittisuu
Marii 7:
Mata-duree 7:Eegumsa qulqullinaa
fooya’ee
fi hin fooyyofne
Marii 8
Mata-duree 8:Fooyya’iinsa manneen
bobbaaf filannoowwan
fo’achuu
Kutaa 4 Marii 9
Raawwiif karoorfachuu Mata-duree 9:Manneen bobbaa fooyya’aniif
karoorfachuu
Mata-duree 10:Hojii irra oolchuu fi
gaggeessuuf qophaa’uu
Kutaa 1:Garee ijaaruuf gochaawwan barbaachisanii fi adeemsa VSG beeksisuu

Gochaa 1:Hirmaatota beeksisuu

Qophii haala-mijeesitootaa marii duraa:

1.Marii dura gochaawwan kutaa 1 keessatti xuqamanii wajjin wal baruu qabu

2.Meeshaalee ga’aa barbaachisan qopheessuu.Fknf:-Kubbaa xiqqoo

Kaayyoo:Hirmaatota wal barsiisuu

Duration:daqiiqaa 30

Meeshaa:

Namoonni dubbisuu fi barreessuu hin dandeenye akka odeefannoo yaadatanii fi namoota


biroof dabarsaniif afaaniin irra deddeebi’anii haasa’uun mala baay’ee barbaachisaadha.

Kun namoota armaaan olii hirmaannaa isaanii gaafachuuf meeshaa bu’uuraa itti
fayyadamnudha.Kanaafuu,seenaa pirojektii keenyaa afaaniin dubbatamaniif xiyyeefannoo
kenni.Akkasumas qajeelfama dhiyeesuuf garee P baay’inaan iddoo shufeerii ka’a.Garee F
immoo baay’inaan dugda duuba ka’a.

Gareen yaadannoo filannoon hirmaatota PLA keessaa filatama.Shoora inni taphatu yeroo
murtaa’e keessatti hirmaatotaa eeramu qaba.

Guduunfi:Shaakalicha cuunfi

Kutaa II:Qulqulinaa fi Mata dureewwan Eegumsa Qulqulinaa


Mata duree 1:Amaloota Eegumsa Qulqulinaa Gaarii fi hamaa

Qophii maree duraa:


1.Haala mijeesitoonni Sanmaarkii mata dureewwan marichaa fi duraa duuba duuka bu’an
irratti akkasumas walga’ii marii duraa irratti wantoota haala mijeesuuf oolan beekuu qabu.
2.Mataa duree mari’atama jiruu irratti hojjetoota Ekisteenshinii fayyaa affeeruun
akkasumas odeeffannoo tekiniikaa kennuun adeemsa qulqulinaa Sanmaarkii akka
deeggeran taasisuu.
3.Wantoota armaan gadii qopheessi:
 Tuullaa sadii tuuli(gaarii,giddu-galeessaa fi hamaa)
 Tuullaa lama tuuli(amaloota eegumsa qulqulinaa baratamanii fi hin
baratamne)
4.Marichaaf meeshaalee barbaachisan
 Chaartii fakkiin ibsu
 Maarkerii
 Tuullaa lamaaniif tuuta meeshaalee mul’atan qopheessi

Kaayyota:

 Eegumsa fayyaa fi qulqulina hawaasichaa akkasumas dhiibbaawwan


waliigalaa isaan fayyaa hawaasa irratti fidan irratti hundaa’uun
gaarii,giddu-galeessaa fi hamaa jedhanii murteessuu.

Amref Health Africa Wash-SDG Project Village Sanitation Groups PLA Field Manual
Kutaa 3: Qulqullinaa fi eegumsa qulqullina fooyya’aaf filannoowwan

adda baasuu
Mata-duree 6: Tatamsa’iinsa dhukkuboota ittisuu

Qophii marii duraa:


 Haala mijeesitoonni marii dura mata-duree ,duuraa duuboota,cheeklistiii haala
mijeesaa maanuwaalii dirree kana keesaa wajjin wal baruu qaba.
 Diyaagiraamii F qopheessuu
 Hojjetoota ekisteenshinii fayyaa dhaabbata fayyaa dhiyoo jiruu irraa maricha irratti
afeeraa
 Wantoota barbaachisan qophessuu
 Karaa ittiin tatamsa’iinsa dhukkubaa ittisnu-diyaagiraamii F
 Meeshaalee barbaachisan:Diyaagiraamii F ga’aa,duraa duuba sadaffaaf karaa ittiin
tatamsa’iinsa dhukkubaa ittisnu

Kaayyolee:

 Hirmaatonni karaalee abdatamoo ittiin naanichatti tatamsa’ina dhukkubaa


ittisnu yookiin dhowwinu nii argatu
 Hirmaatonni filannoowwan ittiin tatamsa’ina dhukkubaa naannichatti ittiin
dhowwinu adda baafatu

Meeshaa;diyaagiraamii F:Karaalee ittiin tatamsa’ina dhukkubaa dhowwinu


Yeroo:Sa’atii 1 fi walakkaa

Duraa duuba 1:Garee waliigalaan mata duree beeksisuu


Kutaa 4:raawwiif Karoorfachuu
Yaadannoo haala-mijeesaatiif:Kutaan kun kan xiyyeefatu qajeelfamootaa fi duuraa-duuba
waliigalaa maanuwaalii kana keessatti xuqaman fayyadamuun fooyya’iinsaa manneen
bobbaa irratti hojjechuudha.

Qophii maree duraa:

1.HEW/haala-mijeesitoonni mata-duree fi duuraa-duubota yeroo marii keessatti fayyadanii


wajjin sirriitti wal baruuf mare dura walga’ii qopheessuu qabu.

2.Maree dura,chaartii karooraa hawaasichaa qopheessuu.

 Jalqaba qabiyyee fi akkaataa chaartiin karooraa itti hojjetan ibsuu fi


fayyadamuuf chaartii karooraa isa guddaa fi baldhaa qabxiilee yookiin
gargaartota hunda qabu (maaliif-maal-akkamitti-eenyuu-eessaa fi
yoom)qopheessuu

3.Meeshaalee marichaaf barbaachisan

 Kobbee yookiin qalama

Kaayyoo:

 Murtoowwanii fi furmaatonni hawaasichaan adda ba’an karoora


raawwwii keessatti qabamuu qaba..Karoori raawwii hawaasichi irrati
walii galee hojii irra ooluu furmaataa fi deebii hawaasa dhimoota
qulqullinaa fi eegumsa qulqullinaa dursuu qaban irratti xiyyeeffata.

Mala:Chaartii karoora raawwii hawaasichaa

Yeroo:Sa’atii 1

Duraa-duuba: chaartii karoora raawwii garee hundumaaf beeksisu

Hirmaatotaaf akka isaan karoora raawwii hawaasa isaanii qabeenya yookiin madda
hawaasichaa fi foormii karoora raawwii fayyadamuun uumaanii fi irratti hojjetan ibsuufii.

Gargaartota yookiin gaaffilee ja’an karooraa raawwii keessaa akka armaan gadiitti
ibsuufii.

1.Maaliif:kun waa’ee dhimma dura hawaasni furuuf yaalaa jirudha.Kaayyoon isaas


haala dhimmichaa jijjiiruudha.
2.Maal:furmaatota dhimmichaaf furmaata ta’anidha
3.Akkamitti :waa;ee gochaaawwan ijoo kaayyoochaaf galmaan ga’uuf fayyadanidha

4.Eenyuu:hojicha eenyuutu hojjeta.Fknf:-nama dhuunfaa,komiitee,miseensota


‘ MBS,hawaasicha,SME,MFIs…fi.k.k.f

5.Eessatti:hawaasicha keessatti eessatti raawwatama(iddoo murtaa’emoo


qopheessuu barbaada)’

6.Yoom:yeroo itti raawwichi jalqabu,hammam akka turuu fi yoom akka dhumu

Yaadannoo:hirmaatonni waa’ee kutaawwan karooricha akka hubatan


mirkaneeffadhu.Akkasumas,akkuma duura-duubii waliigalaa karooricha keessatti duukaa
buunu walfakkaata waan ta’eef furmaatotaa fi qabeenya hawaasicha biratti argamanii fi
hojii irra oolmaa karoorichaa irratti hundaa’uun waa’ee qabiyyoota qulqullinaa fi eegumsa
qulqullinaa(fooyya’iinsaa manneen bobbaa fi dhiqanaa harkaa) karoorafachuuf tokko
tokkoon tartiibaan raawwana.

Fooyya’iinsaa faasiiliitii eegumsa qulqullinaaf karoorafachuu


Qophii marii dura:
1.Miniit buukii fi chaartii fakkii odeefannoo hojii karooraa mariichaaf barbaachisan
qopheessuu
2.Haaa-mijeesitoonni walga’ii marii dura irratti mata-duree wajjin sirriitti walbaruu fi
duuraa duuba duuka bu’aman hubachuu qabu
3.Hojjetoota ekisteenshinii fayyaa maricha irratti afeeruu
4.Wantoota armaan gadii qopheessi:
 Foormii karoora raawwii

5.Meeshaalee ga’aa mata-dureewwaniif qopheessu

Kaayyolee:

 Hirmaatonni fooyya’iinaa manneen bobbaa irratti karoora raawwii


hawaasichaa gochaawwan miseensonni hawaasichaa fi qaamota
naannichaa dhimmichi ilaalatu qopheessa
 Hirmaatonni dhimmoota manneen bobbaa naannichaaf haala gaariinii
fi walta’iinsaan hojjechuff karoora raawwii hawaasichaa qopheessa

Wanta:Foormii karoora raawwii

Yeroo:Sa’aatii 1

Duraa duuba:garee waliigalaaf gochicha beeksisi


Shoora haala-mijeesaa:
Hirmaatotaaf mata-dureen kun fooyya’iinsa itti fayyadama manneen bobbaa naannichaaf
karoora raawwii qopheessuu ta’uu isaa gad’fageenyaan ibsiif.Mata-duricha irratti
hojjechuuf hirmaatonni foormii karoora raawwii fi filannoowwan fooyya’iinsa manneen
bobbaa dursan fayyadamu.Fooyya’iinsa manneen bobbaaf karoorfachuun qabiyyeewwan
akka manneen bobbaa ijaaruu,ergaawwan shaakala isaa fooyyeesanii fi amaloota gaggaarii
dhimma itti fayyadama manneen bobbaa hawaasicha keessatti cimsuu.

Duraa duuba 2:Foormii karoora raawwii dhaabbii chaartii irratti garee hundaaf fannisi

Maaliif Maal Akkamitti Eenyuu Eessa Yoom


(rakkoo (Furmaata (gochaawwan (qaamoota (iddoowwan (yeroo
manneen dhimma foyyaa’insaa) dhimmichi raawwiilleen murtaa’oo
bobbaa manneen ilaalatu karoorfaman hojiiwwan
irratti bobbaa qabeenya itti hojii irra adda addaaf
hojjetamuuf fooyyeessu) isaanii oolan) kennaman)
dursi wajjin)
kennameef)
1.
2.
3.
4.

Duraa duuba 3:Garee xixiqoon

Karoora raawwii iratti hojjechuuf hirmaatota garee xixiqootti qoqqoodii waan isaan
gochuuf jedhan sirriitti ibsiif.Haala caasefameen gareewwan xixiqqoo qajeelchi.Gareen
tokkoon tokkoo isaanii akka nama yaadota garichaa foormii karooraa irratti galmeessuu
qabu mirkaneessi.

Shoora haala-mijeesaa:
Tarree filannoowwwan manneen bobbaa dursan ilaalata.
1.Filannoowwan manneen bobbaa jalqabaa gareewwan sadiif akka isaan foormii karoora
raawwii duraa irrati hundaa’uun karoora raawwwii biraa uumaniif tamsaasuu.
2.Gareewwan xixiqqootti akka karoori raawwii fooyya’iinsa manneen bobbaa
qabiyyeewwan armaan gadii(maaliif,maal,akkamitti,eenyuu,eessaa fi yoom) akka qabanii fi
akka isaan walbira qaban himi.
Duraa duuba 4:Gara garee waliigalaatti deebi’i

Yaada garichaa walmadaalchisi.Gareen tokkoon tokkoo isaa filannoo tokko irratti hojjetu
yaadadhu.Kanaafuu,hirmaatonni waliigalaatti qabiyyee karoorichaa tokkoon tokkoo isaa
irratti akka yaada kennanii fi hojjetanii fi yaada waliigalaa bira ga’uun baay’ee
barbaachisaadha.

Duraa duuba 5:Ammallee garee waliigalaan

``

You might also like