You are on page 1of 14

KODHOLLEE

KODHOLLEE

Kodholleen leencarraa kan dhalattu maddi sanyiishee leenca kan dhalattu taatee
gootummaa leencaa kan hin qabne bifan saree kan fakkaattu sanyii abbaaashee
KODHOLLEE

kan hin beekne uumamaan gadhee utuu hin taane dhalattee kan badduudha
waan nama gaddisiisummoo oolmaanshee leencota keessa utuu hintaane
osolee,qofaashee dhumarra waan yaadamteefii uumamteef utuu hintaane
garaaasheef jiraattee kandabartuudha.

Garaasheef haajiraattuyyuu taatee nyaati leencaa uumamumaan foon


nyaatuyyuu filatee kan nyaatu mootii bineensotaadha kodholleen garuu
waanuma argite kan nyaattu yeroo waan nyaattu dhabdu leencota duanille
kanbira hindabarreedha. Waaee jijjiirama karaa hundaashee kanaaf guyyaa
tokkoyyuu yaaddee akkamiinan sirreessaan ishee dhiphisee hinbeektu waan
nyaattuuf kan jiraattu kan nama gaddisiisummoo leencota keessa yoo deemtee
sanyiisaanii haataatu malee hojiisheef jibbamti saree keessa yoo deemtemmoo
garaasheef jaallatamtee sanyiisheef jibbamti uumama biraa bira adeemuuf
immoo bifaanis tae garaasheen jibbamtuudha guyyaa tokko sareen tokko ofitti
waamee akkas ittiin jedhe yee kondholuukoo maaltaanaan sanyiikee baqattee
yoo waan uumaankee yaadee si uume dhiistee kan ormaa jala gugguufta tae inni
si uumeyyuu waan si tuffatu natti fakkaata kanaaf hunduma jala gugguufuukee
kana dhiisii gara sanyiikeetti deebihi ittiinjedhe sanarratti kondholleen afaan isa
ittiin dhiiga duii nyaachaa turte xaragachaa turte xaragachaa akkas jette eci
haasaadhaagaayii?nangatekaa kana boodan itti deebiee jiraadhamoo haasoftee
duuteetta kottumee isa dhiisi waan nyaannu barbaaddannaa waan due fooliin
fulful nuunjettuu ittiinjette. Sarichi miira gammachuudhaan guutamee
afaankeettimmoo dhiiga duii naaf haadiban kondholuu jedhee utuu deemanii
utuu bakka nyaatasaanii hin gain yaada sarichaa keessa waa dhufte yaadichis
akkasitti ibseef sarichi yoo ilaalamu waan aariin guutame fakkaachaa akkas
jedhe atimee kan garaakeef jettee sanyiikee gattee dhufte ani ofiikoof
sisodaadheera jedhee
KODHOLLEE

GAARUMMAAN NAMAA SIBIRATTI MAALIIN MADAALAMA?

Lama tahanii taphataa turan

Guyyaa tokko akka amalashee aduun barii geesseetti ijoolleen maqaan isaanii
madaalee fi bariitee jedhaman lafa barii kaasanii hanga biiftuun dadhabeera
jettee ifashee dhowwattutti oolmaan isaanii walduukaa ture guyyaa tokko akkas
jedhanii walii galu oolmaan keenya arraa maalqaba yoo deemnee naannoo
bishaanii dhagaa darbachuu taphanne jedhanii walii galan. Bariiteen mucaa
keessasheetti hamaa hinbeekne namaaf gaarii yaaduu malee hamaa yaaduu
hinbeekne waan ajajamte ariifattee raawwattu turte. Faallaa Sanaa madaaleen
immoo keessasheetti hamaa yaadaa mucaa baayyee kolfitu turte utuu taphatanii
bariiteedhaan akkas jetti bariiteekoo ani sidura goreen darbadhaa atimmoo
dabareekee yeroo ani darbadhee gadi jedhu darbadhu jette madaaleen jecha
kana yoojettu akka amalashee keessasheetti hamaa yaadaa jirti maatiin bariitee
albuuda gati jabeessa tokko waan qabaniif karaa albuuda kana gurgurchiistu
barbaadaa turte kana yaadaa ani darbadhee yoon gadi jedhu darbadhu jette
bariiteen waanjedhamte gochuu waan jaallattuuf akkuma ajajamteen yeroosheen
darbattu madaaaleen olkaatee dhaichi mataashee walakkaa dhaabbate iddo
lamatti wakak godhe madaaleen durayyuu qophooftee waanjirtuuf idda
qaamashee hundaa kaafattee iyyite biyyi biyya badii tae,madaaleen naatee
KODHOLLEE

gaggabdee kufte namni hundumtuu utuu hin hafin dhufan hospitaalli guddaan
beekamaan namoota baayyee baratan qabu tokko jira ture hospitaala sana
seenuufiyyuu gati jabeessa ture madaaleen uttuuma iyyituu achi nagessitan
malee jetti.

Iyyishee achi malee jedhee itti caalaa waan deemeef waangodhan dhabanii
hinduutiiree akkam goonu jedhanii waaee birri yoo haasahan akkas jette
madaaleen kan narukute bakkan ciisutti bariiteedha abbaanshee albuuda argatan
sana qabu isaanitti murteessaa jette abbaan bariitee naasuudhan isheen
haafayyitu malee hingeessina jedhan haalli yeroo Sanaa baayyee ulfaataa bture
madaaleen rukutamtee achi geessan akka tasaa taee yeroon sun yeroo dhuma
wagga ture hospitaalli sun waggaa sana hojii hojjeteen bua qabeessa waan
tureef namooti hospitaala seenan akkasumas tola akka yaalaman akkasumas
namoota gaggabdoodhaan biyya sana keessa turaniif gargaarasa qarshii
miliyoona kudhan akka laatuuf murteessee ture.

Akkuma seenaniin simannaan addaa taasifameefii ijoolleen lachuu kutaa yaalii


seenuun tola wallaanamanii gaafa bauuf turan dhumarratti geggeessaan
hospitaalichaa bariitee waamee waan akka daabboo guddaa tokko bifa
poostaadhaan maree fidee itti laate dhumarratti madaaleen yaadishee
waankufeef ni naate waanjechaa wallaalte teessee daabbooshee isa amma sana
gau kennameef sana ilaaluu eegalte daabboo bareedaa kana dhabuusheef
baayyeema gaddite utuun dhaee gaggabeera taee waanjettu fakkaatti fuullishee
gaafa ilaalamu dhumarra bariiteen akka abbaanshee itti himanitti waan irratti
barte fakkaatti guyyaa tokko utuu waliin haasahanii haasaa madaaleen albuuda
KODHOLLEE

abbaankee qaban kun utuu kan abbaakoo taee baayyee nagammachiisaa birrii
ittiin muuzii ittiin bitattun siikennaa natti gurguradhu ittiin jette yaadattee
madaaleen ariifattee ani gaarii akkan tae namadaaltee beektaa jette kanarratti
bariiteen gaarummaan namaa sibiratti maaliin madaalamaa? ittiin jette ijishee
akka namni dueennaan boossuu fakkaatti ati gaafa dhalatte uumamakeen nama
jedhamta turte bineensa hinturre maaltu akkas sigodhe maaf sanyii abbaa keetii
abaarsista sanyii gaariirraa dhalatte turte arraa kaaseee maqaakee kondhollee
jedheen siwaama jette.

Balleessuuf gurmaauurra hojiidhaaf gurmaauun gaariidha jireenyakee keessatti


balleessuuf deemta taanaan dhumarratti akka baddu hin dagatin garuu gaarii
gochuuf deemta yoo tae bakka deemtu hundumaatti gaarummaankee akka
sibiraa hin hafnee fi faarfamaa akka haftu beeki.

Kaniisaa fi hawaannisa

Ilbiisonni kun lamaan gaafa uumaman uumama baallee qaban miilla lama,harka
lama qaban akkasumas qaama guutuu qaban turan.Kanniisonni gurmuudhaan
jiraatanii dammeessuuf dhamau hawaannisni garuu gurmuudhaan hojii
balleessuurratti bobbau kanniisi yoomiyyuu sammuu namaa keessatti hojiima
dammeessuun beekama hawaannisnis yoo kau akkasuma yaaddootu sammuu
keenya keessa dhufa mee ofiikeef yaadi amma utuu namni wayii dhufee
kanniisa siin jedhe sammuukee keessa dhufa hawaannisa yoo jedhameoo waaee
kanniisaa yaadda taanaan waaen dammaa sammuukee keessa akka dhufu wal
nun mormisiisubaayyee damma jaallachuu keerraan kankae utuu kanniisa
argitee baayyisuu barbaadda kanarraa namoonni gaarii hojjetan maal akka tahan
tilmaamuun garuu namni kun gaariidha jechuuf gaarumaan namaa sibiratti
maaliin madaalama gaaffii jedhuuf deebii gahaa qabattee dhihaachuu
qabda.waaeen hawaannisaa yookau waaee qoricha itti biifamuu yaadna kanaaf
maddasaanii balleessuu barbaanna akkasuma namoota hamaa sitti yaadani
dhumnisaa isaanitti akka deebiu yaadii tuffadhuu dhiisi
KODHOLLEE

Gegeessaa hamaan aangoosaaf dhiphata gegeessaa gaariin sabasaaf dhiphata


jechama jedhu dhageessee hinbeektu taanaan arra dhagai kanaaf waan siif
hintaane hinfilatin waan filattemmoo hin hamatin kanan kana siikaaseef waan
gaarii yeroo filattu jalqabaaf miidhamaa tauu dandeessa daandii barsiisaankee
ykn maatiinkee irra adeeman dogoggora yoo tae sababa barsiisaakee ykn
maatiikee jaallattuuf yoo hordoftu deemtee deemtee akka bakka nama ati
hordofu sun itti kufe geessee akka deemsikee dhaabbatu yaadi kanaaf
dogoggora isaanii yoo argite irra deebihii daandii namoonni arra sadarkaa
guguddaara jiran barbaadii hordofi

Dogoggora barsiisaakee argitee yoo duukaa buute bor barsiisaa tauunkee waan
hin hafneef barattoonikees siduukaa buhu barattoonnikees barsiisaa tahaa
….akka nama meeqa balleessitu yaadee kanaafiyyuu namni angafa taee
dhalateef ykn umuriidhaan waan sidursuuf yaadaan sidursuu dhiisuu dandaha
yoon kana jedhummoo nama siin oliin hindhagain yooman siinjedhe amman
maaliif dalg nahubattagaa ammati kanaf gaariinkee gaarummaa siiqabatee waan
dhufuuf duuba hin deebihin.mana guddaa ijaaruuf hawwuurra yaada guddaa
ijaaruun mana guguddaa hedduu tahan akka si ijaarsisu yaaddee beektaa nama
guddaa tauuf hawwuun akeektuu jireenyakee borii wantoota bareechan keessaa
isa jalqabaati. Sooressa tauuf hawwuurra hayyuu tauuf hawwuun sooressoota
hedduu akka bittu si taasisa akkasumas sooressi sooressotaa akkamitti akka
jiraatu nama beeku ogeessadha. Sooressooni yoo duan seenaan isaanii
achumaan due bada ogeessonni yoo duan garuu seenaan isaanii achumaan dua
KODHOLLEE

ogeessi due seenaan isaa hin duhu dhalootaa dhalootatti darba addunyaan kun
sooressoota hdduu dabarsiteetti hojii saanii garuu ijoollee isaanii duwwaatu
yaadata ogeessi due garuu yoomiyyuu seenaan isaa nukeessa jiraata.

Jireenyakee keessatti abshaala tauu barbaadda taanaan naacha fakkaadhu malee


raacha hin fakkaatin naachi galaana daaka raachi corroqa daaka gaafan kana
jedhu amfiibiyaanii nabarsiisuuf deemaa jette akka hin yaadne fakkeenya sii
fudhachhuufanii ammuma fageessitee daaktu fageessitee guddistee nyaatta

Jireenyakee keessatti namoota simiidhan akka waraqaa muka soofuu (sand


paper)tti ilaali sababnisaa waan sisoqaniif simiidhaniif hin beekan akkuma
waraqaan muka soofu harka namaan yoo tae malee ofiisaan of dandaee muka
soofuu hindandeenye namoonni akkasiis ofiotti amanamummaa waan
hinqabneef waanuma tau hundumaan simiidhuu barbaadu utuu beekaniimmaa
isa miidhameyyuu gargaaruu barbaadu malee si hinmiidhan turan argitee
beektaa waraqaa muka soofu kana muka soofee,soofee…….gaafa mukichi
bareedee,bareedee gaafa meeshaa mana keessa galu kan akka siree biiffee
akkasumas soofaa irra teessee uffee jettee boqottu ta”aa deemu waraqaan
sooftuu kunimmoo dhumaa,dhumaa…..deemee dhumarratti gatama argitee
namoonni jireenyakee keessatti simiidhuuf jireenyakee keessa seenan
sisoqanii,sisoqanii………..simiidhuu dandau dhumarratti garuu faayida
qabeessa sigodhanii sibareechanii iddoo guddaa ammas jedhamee tilmaamamuu
hindanddeenyerraan sigahanii dhumarrattimmoo ofii isaaniif hojii ala tahaa
adeemu kanaaf namoota akkasii itti fayyadami malee karaa laatteefii
jireenyakee hinmiidhan akkasumas namoota akkasii sammuusaan itiin yaadan
dursii yaadii tilmaamii dhiisi.

Ati garuu yoomiyyuu taanaan ilaalchakeefi dubbannaakee eeggachuu qabda


maaf beektaa waggoota ykn jioota muraasas tae dheeraa booda namoonni haala
uffannaakeefi gochakee caalaa haala dubbannaakeefi jechakeen waan
siyaadataniif tokko dubbachuun dura yoo xinnate sia kudhanii ol itti yaadi
KODHOLLEE

keessumaa namoota reefuu lafaa kahanii adeemaniin jechoota hamoo jechuun


yeroo dhiootti waan siqaanessuuf of qusadhu.

Egaa walumaa galatti namoota jechaan yeroo hunda nama miidhan dhumrratti
maqaa kondhollee jedhu moggaasiifii biraa deebi,i.

Maaliif akka namni walitti buhanii yeroo turan beektaa?

Hiriyyoonni baayyee waljaallatan walitti buanii yeroo baayyee araarsuu


nidadhabna namoonni lamaafi isaa oil taanee yeroo buunee baanu waanuma
gaarii qofa walirraa eeguun gaarii miti. Sababnisaa namoonni yeroo hundumaa
wanuma gaarii qofa walirraa eegu taanaan guyyaa tokko namni waan hamaa
hojjechuunsaa waan hin hafneef walitti gaddu lapheen isaanii walitti caba kaaaf
waliiti araarsuun utuu ulfaatuu argina. Kanas kan fidemmoo yeroo hunda waan
gaarii walirraa eeguudha nama gaarii tauun gaarii taee garuu akka guyyaa tokko
ofiikeef dogoggortus dagachuu hinqabdu.

Yeroo nama baayyee jaallatan tokko waangaarii irraa eegnu tooko yeroonni
hamaa irratti arginu baayyee nu aarsa hinjibbinas baayyee gaddina.maalgochuu
qabna yoo jennes furmaannisaa yeroo hunda namootarra waangaarii eeguu
dhiisuun gaariidha .

ABSHAALLI SIIF MAALI?

Akka ilaalcha keetti waan baayyee haasoftuuf ykn uffata gatii qaqqaalii
uffattuuf akkasumas immoo waan namoota kolfisiisaa ooltuuf faal;laa kanaas
immoo ykn waan namoota hedduu boosisaa ooltuuf abshaala ofiin jechuu
dandeessa kun ilaalcha mataa keetiiti ilaalchakee garuu waaltawaa gootee
ilaaluun kankeeti siifan dhiisa garuu dhugaa addunyaa kanarra jiru yoo ilaalle
KODHOLLEE

abshaalli akkamitti akka jiraatu nama beekuudha yeroo hunda namoota


abshaalaa fi gaarii jajadhu daandiisaaniis hordofi garuu jalqaba eenyuufaa akka
tahan beekuu qabda abshaalummaan namaa sibiratti maaliin madaalama itti
yaadi.

GAMMACHUUKEE GUDDISUUF MAALGOOTE

Yeroo tokko tokko namoonni hedduun ani gammachuu hinqabu kanaafan waan
akkasii hojjechuu hindandeenye wantoonni jedhan hedduudha.maddi
rakkoowwan akkas akkasiimmoo

1) Gammachuu ofii kan nama biraatiin madaaluu


Yeroo tokko tokko gaafa sahatiin laaqanaa geenyaan beelofnu waan akka
dhuunfaatti belahamu nutti fakkaata garuu yeroon gaafa gau namooti
addunyaarra jiran hunda rakkoon kun niquunnama garuu kaanii utuuma
beelahanii dhokfatanii quufaan jira kanjedhan kaan isaaniimmoo kan
maafan beelae jedhanii booan danuudha.
Amma gaafa namoonni ati naannookeetti argitu hundumtuu galata
chaayinaa wayyaa keessa ofdhoksanii deeman wantanni haala hundumaa
kan isa gaddisiisu hundumaa fixee madda gaddasaatii hundas cufee
kolfaa deemu sitti fakkaata mitii kanaaf ana duwwaatu gadda jettee akka
nama maraatee qofaakee karaarra guungumaa deemta mitii guyyaa
baayyee aartee ani falas hinqabu jettee qofaakee utuu haasahaa deemtuu
maalan tae jettee naatee dhiiste baayyee hinqabduu? qabdaa? Mee
yaadadhu akkas godhaa jirta taanaan dur maraattee of ilaali.
Ilaamee namni hundumtuu utuuma rakkatuu rakkina obese,utuuma
gubatuu waan qabbanaau itti dhugee utuuma boouu didee xaragatee
wayyaasaa haaluma taeen bitatee keessa ofdhoksee yoo keessaa qallatee
itti tauu diddellee lamafi isaa ol ishee nagaa qabdub irra keessa qabee
KODHOLLEE

ishee cite hinjedhuu ishee rakkoo qabdu jala qabee gaafa baayyee gaddu
imimmaan isa rakkisu dhokfateema dabarfataa gaafa sibira gau kolfasaan
dhokfata kaanaafiyyuu icitii gadda keetii gammachuu keetiin aguuguu
yaali eci hinbooin arri bor mitiim namoota ati arra iddoo guguddaati
argitu waanuma fiiganii achi gahan sitti fakkaatamoo yeroo tokkon carraa
argadhee nama akka magaalaa naqamteetti qabeenyaan sadarkaa
qabatanii jiran carraa argadhee haasofsiise akkas naan jedhe waanan
godhu dhabee paantiikoo lilmoodhaan hodhee uffadheera dhalataan bara
kanaa maaliif surreenkeessan cite gadditan naaf hingalu naanjedhe

GATIIKEE TILMAAMTEE BEEKTAA?

Amma utuu qorannoon gatii namaa timaamuuf addunyaa kanarratti tae tokko
dhufee gatiikee sigaafate meeqa himatta? dhibba tokkoo?kuma tokkoo?kuma
arrakudhanii?.....................gatiinkee meeqaree ……itti yaadi daqiiqaa
muraasaaf gaaffii kana yoo gaafatamtu gatiikee kan nama biraan tilmaamtee
yaaduu dandeessa fakkeenyaaf yoo saayintistiin,Dr engineerin tokko dhufee
gatiisaa himatee sanarraa kaastee atimmoo isaa gadin jira jettee gatiikee
sanarraa kaastee atimmoo amma akka bakka jirtu ykn hojii irra jirtu tilmaamtee
kansaarraa gadui buustee himachuu dandeessa garuu waa sittimuu ati ofiikeef
nama addaafi gati jabeessadha jireenyakee borii akka magaalaa guddaa
tokkootti ilaali jireenyakee borii sana gatiisaa tilmaamuuf hojiinkee fi
oolmaankee arraa akeektuu jireenyakee borii tau.

Namoonni addunyaa kanarra jiran persentii guddaan arra


haasaakee,dubbannaakee uffannaakee ilaalanii gati dhabeessa godhanii si
ilaaluu dandau.Ihim amma utuu hubannaadhaan teessee yaaddee nammoonni
fayyaa addunyaa kanarra jiran persentiidhaan meeqa tau jetta utuuma kana
KODHOLLEE

gaafatamtuu utuu namni wayii fayyummaankeemmoo akkami siinjedheeoo


achumaan addunyaa madaalaa oolte keessatti isa jalaqabaa ofmadaali.

Yeroo hubannaadhaan ilaalamu Addunyaa dhalli namaa irra jiraattu kun


addunyaa sobaa fakkaatti kaan furdaa,kaan qallaa,kaan dureessa kaanis
iyyeessa,kaan wallaalaa kaanis beekaa,kaan fayyaa kaanimmoo maraatuu
yaadni jedhan yeroo hedduu gara keenya ni dhufu.gaafa namni fayyaan akka
maraatuuttinb yaadu,gaafa namni fayyaan akka maraatuu akka maraatuu raroo
uffatee jooru,gaafa namni fayyaan akka nama sammuu dhabee qullaa yaau

Namoota gara jireenya kootti dhufantu akkamitti akkan jiraadhu


nabarsiise.

Hiriyyummaan akka nama muka tokko dhaabee itti soquu suuta guddachuu
qabuudha kanaaf nama tokko arruma bartee osoo eenyummaasaa hinbarin
arruma duukaa fiiguun akka qurxummii utuu maalummaasaa hinbeekin utaaltee
kiyyoon qabamtuudha.

Nama akkasiin miidhame nama hedduu hindhageenyee ofiikeefis hin


miidhamnee miidhamteetta yoo taate miidhama kaleessaarraa baruun kankeeti.
Biqilaan ati dhaabde tokko haalaan guddachuuf suutaan sooramuu qaba biqilaa
sana arruma dhaabdee arruma bishaan itti naqaa sooratasaa hunduma itti
naqanuun madda biqilaa sanaa balleessuu taha akkasumas hiriyyummaa nama
tokkoo isa dhugaa beekuuf suuta ilaaluu qabna erga miidhamnee gaabbuurra
suuta itti yaaduun gaariidha.

Egaa erga hiriyyoomfattee boodammoo warri chaayinaa akkas jedhu nama


tokko hin miindessin yoo miindessite ammoo hin shakkin jedhu.kanaafiyyuu
erga hiriyyoomfannees mudannoo gama kamiinuu gara keenya dhufan dandauu
qabna sababnisaa biqilaan dhaabame firii agarsiisuuf balaa garaa garaa
dandamachuu qaba waan taeef hiriyaa hin baayyisin hiriyyaa siwaliin kolfaa
simiidhan kumaatama qabaachuurra hiriyyaa amanamaa tokko qabaachuun
KODHOLLEE

siinis isas faayida qabeessa godha.hiriyaa qabduufis amanamii jiraadhu


sababnisaa wayita nama biraaf gaarii yaaddu buaan gocha keetii sumaan
fayyada waan taeef.

Amaloonni,gochaawwan akkasumas yaadonni keenya turaniis tae yeroo dhiootti


deebianii gara keenya dhufuun isaanii hin oolu.garuu namaaf waa gootee galata
irraa eeggachuun akka tasumaayyuu hiriyyaa hin qabaanne si taasisa siif
hiriyyaan gadhee maali? Anaaf garuu kodholleedha.

Yeroo tokko iyyummaan maaf addunyaa keenya dhaale gaaffii jedhu deebisuuf
qorannoon bara kudha sagal shantamoota keessa oxford university dhaan
hojjetame tokko akka ibsutti adddunyaa kanarratti namoonni persentiin
shantamaa oli yeroo milkaainatti dhiaatan hojii dhaabu namoonni akkasii
rakkoowwan hedduu dandamatanii dhufanii wayita milkaauuf tarkaanfiin tokko
isaan hafu hojii dhaabu jedha. Qalameen dhaltee dhaltee eegee geessee
dadhabdi inni oromtichi jedhu sun waan baayyee ofkeesssaa qaba innis
qalameen dhaltee eegee bira gauuf fiixee funyaansheetiirraa kaastee hamma
eegee geessutti mataa isa guddaa dhaltee,garaa isa ballaa dhaltee udduu isa
duubaan mullatu hundumaa deessee eegee ishee baayyee qalloo ittiin cinqamuu
mitii akka qaldiitti fiigaa baastu bira geessee dhaabdi jechuu saati oromtichi
oromoon kun hayyuudhaam dhuguma argitee jechoota inni waggoota hedduu
dura dubbate hiikkaasaa safuu oromoo kanaa.

Jecha namaan jettu tilmaamtee beektaa

Inni ure irraanfatus inni urame hin irraanfatu jedha muka boombiin ure tokkotu
maal yaadeetii maaliif jedhee jettee yoo yaadde boombiin ureema dhiisee fiige
mukichi garuu yeroo gara uraasaa sanaa ilaalu hin dagatu.
KODHOLLEE

Namoonni sababa jechakeef miidhamanii achi ciisan nama meeqa ati garuu
irraanfatteetta mitii mee namoota wajjin jiraataa turte hundumaa gaafattee
maaljedhu beektaa gochakeerra jechakee siyaadachiisu kanaaf jechakee
eeggadhu.

Garuu amma dandeessetti beektonni akka jedhanitti yooti eyyamteef malee


hamileekee sicabsuu hin dandau jedhu kanaafuu namoota hamileekee sicabsuu
barbaadanitti yeroo eegduyyuu cimaa taii itti mulladhu jireenya akka ati abdii
kutattuuf akeektuu kan sitti tau inni jalqabaa nama hunda fakkaachuuf
yaaluudha kanaaf ofiikee taii jiraadhu.

Kana jechuunimmoo nama baayyeetti nama hundumaatti amala gaarii agarsiisi


garuu namoota muraasa hiriyyoomfadhu akkasumas hiriyyomfachuudhaaf
immoo namoonni muraasi sun eenyuufaa akka tahan dursii beeki. Kana hintau
taanaan deemtee deemtee maqaan wayii sii moggauun isaa hin hafu maqaa
kodhollee maqaa jeddhu rabbi si haa baraaru abboo.

Ati nama jireenyasaa fooyyessuuf yaaduudhaa.

Tooftaan jireenyaa ati ittiin jireenyakee fooyyeffattuuf kan nama biro garaa
gara tauu dandaha ykn tokkos tahuu dandaha.
KODHOLLEE

You might also like