You are on page 1of 2

Yaada lakk 2.

Armaan dura garee fi chaanelii addaa addaa irratti walqunnamnu ni qabna ture. Isaan
fayyadamuun yaada fi waantoota wal irraa hubachuu qabnu wal hubachiisaas turreerra.
Amma garuu sababni guddaan nuti garee kana hundeessineef murasni :

1. Barattoota ciccimoo fi yaada waloo ceesisuu danda'an kanneen waan jedhanii fi itti
amanan irraa duubatti hin deebine horachuuf.

2. Butamuu waan mariyannuu fi karoorfannuu hambisuuf.kunis barattootni kaayyoo fi


karoora malee garee fi chaanelii addaa addaa irratti walqunnamnu yoo seenan waliin
adeemuu caala waldiiguu fi Karaa miidhaa tti walgeessuu waan adeemaa turaniif sana
ambisuu feesisa(barbaachisa).

3. Ilaalcha gadbu'aa, qe'ee fi laga tti qooduu fi madallii Oromummaa keenya waliin hin
adeemne hambisuuf

4. Kaayyoo fi karoora egeree Keenyaa waliin tarkaanfannuun qabachuuf

5. Amantaa fi Siyaasa irraa bilisa gochuun garuu immoo dantaa, jiruu fi jireenya uumata
Keenyaaf Xiyyeeffannoo kennuun yeroo hundaa nama kaayyoo fi itti gaafatamummaa
qabaatu ta'uu.

6. Yeroo hundaa waan hojjannu keessatti bilchina qabachuu fi waldhaga'uun akka jiraatu
gochuu.

7. Barnoota keenyaatti cimuun dirree barnootaa keessatti hirmaannan keenya iddoo akka
qabaatu gochuu.

8. Waltaanee waan qabnuun walitti dhufnee, egeree keenyaf akeekaa adeemuu.

9. Yeroo hundaa waan goonuf sababaa fi adeemsa qabachuu

10. Waliin taane, nama kaayyoof adeemuu fi waan jenne hin sharafne ta'uu qabna.

You might also like