You are on page 1of 4

Akka Urjii …

2.
Jajjabee koo,

Xiixaa obonboleettii bonaa,

Madaa qubaa bubbee lafa onaa

Bowwoo mataa asxaa daandii cinaa

Madaa mogolee tolee hinbeekne hinna

Shaffisaarraa haftee Commented [a1]: Shaffisa jechuun maal jechuudha? Saffisa yoo ta’e
wal hinfaallessuu-obonboleettii wajjiin?

Mandi’aa akka qaqawweessa gannaa,

Hurri dukkana gaara haguuge saaqaa

Boorataa adda addooyyee haqaa

Kan lubbuun isaa harka Waaqaa

Yoom akka shoree taa’ee qaaqa

Balaa balasiin irra tarkaanfatee

Kuffisee kufus yoom hifatee

Baradaa sunsumaan darbattee

Bakakkaa gungumaan haleeltee

Tulluu Daalattii ati ol baanaan

Raammoo raaraattiin mana onaa

Roobaan jireettiin boolla lixxi hadhaba

Hinjiraaniifi Tuhaanni gara kaabaa

Sanas injifattee

Danbalii galaanaa

Bubbisaa mo’attee

Qormaata jireenyaas

Obsaan keessa ceetee


Shira danqaa firaa

Qormaata hofkaltee

Aggaammii alagaaf,

Wareegama laattee

Qilleensa birraatiin፣

Karatti yoo hafte

Dhagahi jajjabee,

kuni siif salphinaa,

Lammii keetiif gaddaa,

Anaafis dhiphinaa.

Osoo akka kootii,

Akka si dheebodheef,

Silaa si maddisa

Akka si jaaladhuuf

Malkaa siif jallisa

Hafuura kee dhabnaan

Obseetiin callisa.

Egaa akki gootu,

Kan sitti dhaammadhu,

Bara dhufee dabruun,

Yaaddoon ‘ngubadhu,

Erga bara sanaa,

Lammiin abdii ‘nkunnee,


Lubbuu siif wareegaa.

Atis jajjabee koo,

Amma ‘nriphinii,

Faajjii kufte kaasii,

Injifannoon gali,

Abaaboo qapheetan,

Gulleetti si eegaa. Commented [a2]: Maaliif gullalle jetta? Tulluu Daalattii hinjettuu?
Yeroma hundaa bakkuma diinni kalee nu kaa’e hawwitaa? Yeroo sana
jaalannee mitii bar kan nuti Gullallee qubanne?.....................
Hayyee jajjabee koo,

Asxaa kufte kaasii,

Injifannoon gali,

Xombora qabsiiseen,

Gullallet' si eegaa. Commented [a3]: Why always Gullallee????????

Abshiir jajjabee koo,

Asxaa kufte kaasii,

Milkaa’inaan gali,

Ilillii qapheetan,

Finfitti1 si eegaa. Commented [a4]: Kunneen si hinfakkaatan! Sababiin


isaa hundi isaanituu walaloo namni guyyaa tokko
wallee Umar Suleeyman dhageeffatee currisa sanaan
barreesse fakkaata! Gattaatu itti baay’ate! Rajaatu
Galli yoona yeroo qotiyyoon wal qottu afaan na guute!

Yeroo jaldhaabni naafattee hokkoltu

Yeroo qaamaa qalbiin wal hankaake

Yeroo garbichi lallabee mammaake

Dafii gali akka Urjii furguuggamaa

Karaa Amboo yerroon ammaa

FINFIIN bahii seeni galma

You might also like