You are on page 1of 2

International Food Policy Research Institute IFPRI Ethiopia

sustainable solutions for ending hunger and poverty Bole Sub-City, Kebele 13, C/o ILRI Ethiopia
PO Box 5689, Addis Ababa, Ethiopia
Tel: +251.11.617.2556
Fax: +251.11.646.2318
Email: m.mekuria@cgiar.org
Website: www.ifpri.org

Unkaa Waligalte (ICF): Namoota Aannanii fi bu’aa aannanii omishan

Unkaan waliigalte kuni kutaa lama qaba:


• Afataa Odeeffannoo (odeeffannoo waa’ee wanta qorannu kana si wajjiinin qooduuf)
• Ragaa waliigalte (Mallattoof yoo hirmaachuu filate)

Garagalchaan unkaa waliigalte guutu siif kennama.

Kutaa I: Afataa Odeeffannoo:

Barruu kanaan gadii Afaan gaaffanno gaggeeffamuun dubbisi:

Isiinin dubbisuuf carraa waan nuu keenitaniif galatooma. Nuti qorataa dhaabbata guutuu addunyaa
imaammatta nyaataa qoratu irraa kan dhufne yommuu taanu naannoo kanatti ragaa waa’ee omisha aannanii
fi bu’aa aannanii sassaabachaa jirra. Isinis gaafannoo waa’ee omisha aannanii fi bu’aa aannanii, gurgurta
aannanii, akkaataa itti gaggeeffamu, waa’ee qabeenyaa fi haala nyaataa deebisuuf filatamtanii jirtu.
Gaafannoon kun kutaa gaaffiiwwan maatii hundaa ilaallatuu fi kutaa gaaffiiwwan dargaggeassaa fi
dargaggeetti dursaa qoofa deebisan qaba. Walumaa galatti gaafannoon kun sa’aatii 3 kan fudhatu yommuu
ta’u hirmaannaan keessanis fedhii keessaniitiin ta’u qaba.

Yoo hirmaachuu feetan, akka barbaaddanitti yommiiyuu dhaabuu dandeessu yookaan immoo gaaffii
deebisuu hinbarbaanee yoo jiraate darbuu dandeessu. Deebiin Isin kennitan dhoksaa dha; odeeffannoo
eenyumaa keessani ibsu qaama biraaf gonkummaa hin kennamu. Erga ragaa barbaannu sassaaabbannee fi
kompitaraan katabnee booda, odeeffannoo eenyummaa keessan ibsu ni balleesina.

Maatii biroos naannoo kana jiran akkasumas kanneen Kaabaa fi Lixa Shawaa, Finfinnee fi naannawaa
Finfinneetis jiran gaaffannoo kana keessaa hirmaatu. Edda ragaan hunduu sassaabbannee fixnee booda,
akkaataa sagantaan adda addaa ummata naannawaa kanaa fayyadu danda’u qorachuuf itti fayyadamna.
Waa’ee qorannoo kanaa yookaan immoo waan ani amma jedhe irraa yoo gaaffii qabaattan kaasuu
dandeessu.

Gara fulduraaf qorannoo Kanaan wal-qabatee yoo gaaffiilee yookaan yaachisiisa yookaan himata qabaattan
obbo Getaachaw Abagaaz bilbilla lakkofsa 0911480370 irratti bilbiltanii argachuu ni dandeessu. Akkasumas,
Olivette Burton, Ittigaafatamaa Hubataa Etiiksii, dhaabbata guutuu addunyaa imaammataa nyaata
qoratuu, emelii isaanii kanaan- O.Burton@cgiar.org barreesuu dandeessu. Galagalchi unka tokko isin biratti
waan haafuuf bareeffama waa’ee qorannoo kanaa, maqaa fi bilbila/teessoo nama gara fulduratti dubbisuu
dandeessan ni qabdu jechuu dha.

Kutaa II: Ragaa Walii-galtee

Odeeffannoo Kanaan ol jiru dubbiseera yookan naaf dubbifameera. Carraa gaaffii gaafachuus argadheera.
Akkasumas gaaffiikoof deebii quufsaan naaf kennameera. Qarannaa kana keessaa hirmachuuf fedhii kootiin
waliigaltee kana nan kenna.

HEADQUARTERS
2033 K Street, NW, Washington, DC 20006-1002 USA T + 1-202-862-5600 F +1-202-467-4439 ifpri@cgiar.org
International Food Policy Research Institute IFPRI Ethiopia
sustainable solutions for ending hunger and poverty Bole Sub-City, Kebele 13, C/o ILRI Ethiopia
PO Box 5689, Addis Ababa, Ethiopia
Tel: +251.11.617.2556
Fax: +251.11.646.2318
Email: m.mekuria@cgiar.org
Website: www.ifpri.org

Maqaa nama hirmaatee /Abbaa Manaa/Dargaggeessa Dursa ____________________________________

Ganda: ______________________; Aanaa: ____________________; Godina:______________________

Mallattoo nama hirmaatee/ Abbaa Manaa/Dargaggeessa Dursa ___________________

Guyyaa ___________________________
Guyyaa/Ji’a/Waggaa

Yoo name hin baranne ta’aan


Unkaan waliigaltee kun nama hirmaachuu danda’uuf sirriiti dubbifamuusaa ilaaleera. Nama hirmaatuufis carraan
gaaffii gaafachu kennameefii jira. Hirmaatichis waliigaltee kana fedhiisaatiin akka kenne nan mirkanneessa.

Maqaa nama ragaa kennee__________________________________

Mallattoo nama ragaa kennee _____________ Mallattoo qubaa kan nama hirmaatee
Guyyaa ________________________
Guyyaa/Ji’aa/Waggaa

Barruu nama Ragaa sassaabuun kenname: ‘’Afataa odeeffannoo nama hirmaachuu danda’uuf sirriitii dubbiseera.
Itti dabalatees hanga dandeettiin koo hayyamuutti gaafilleen gaafataman waa’ee maalii akka ta’aan hirmaatichi
akka hubutu godheera. Hirmaaticha gaaffii waa’ee qoratichaa akka gaafatu carraan akka laatamee fi gaaffiiwwan
gaafataman hundaaf hanga dandeettiin koo hayyamuutti sirrittii deebiisuu koo nan mirkaneessa. Waliigaltichi
dirqiin akka hin godhamne fi hirmaaticha bilisaa fi fedhii isaatiin waliigaltee kana akka kenne nan mirkanessa.
Galagalcha waliigaltee kanaa hirmaataaf kennameera.”

Maqaa Qorattaa /Nama waliigaltee kana fudhatee _______________________________

Mallattoo Qorataa /Nama waliigalte kana fudhatee ______________________________

Guyyaa ___________________________
Guyyaa/Ji’a/Waggaa

HEADQUARTERS
2033 K Street, NW, Washington, DC 20006-1002 USA T + 1-202-862-5600 F +1-202-467-4439 ifpri@cgiar.org

You might also like