You are on page 1of 9

Date:-…………26-July-2022

phone: 09-30-61-34-25

Email:kedirahmed984@gmail.com

Address: Oromia,Ethiopia

Spc. Irene Gonzalez.

How are you captive my Heart? How are you doing? did you keep
quiet about me while you were doing it? I am thankfully healthy.

You entered my life as a candlelight in the dark. You showed me the


meaning of love with your words , showed me the best and profitable
process of achieving my gaols.You are the most beautiful woman on
the planet and any person would love to be with you. You are the one
I trust and I can share the most loving and bitter experience of life
you have given me hope.

Although I chat you at an unexpected time and in a way, knowing you


has made me happy for the rest of my life. What have I done wrong
with my key,my acquaintance and my love for you since you stopped
talking to me? What happened to her? I am burning with thoughts my
messages as soon as my love letter reaches you please share your
thoughts with me.

Love

Kedir.A

Walaloo#Anis_Hidhamaadha !
Rizqii barbaachaaf male

Hundumtuu biyya qabaa

Hireedhamoo hirreedha

Maaf gidirfamne sabaa?

Gammoojjii qaxxaamurree

laafnee jilbaaf gaateettii

Biyya laatti rakkannee

Maaliif dhabne dhageettii?

Gadadoo jiruu moo'uuf

Rooroodhaan manaa baanee

Irbaata qurxummiitiif

Gariin kan naachaa taane!

Hojjannee jijjiiramuuf

osoo ceenuu gamatti

Nutoo ofiif gubannee

Quba-n qabnee namatti!

Dafqaan argachuufii

Isinootii bu'aa

Adabbii maaliitiin

Murtiin ta'e du'a?

~
Mankaraartee hojjattee

Jijjiiramuu dharraatee

Rakkoof biyyarraa baatee

Gidiraatti rarraate!

Isinoo dafqitanii

Moo'uufii dheebuuf beela

Hireen keessan maaf ta'e?

Hidhaa, du'aafi eela

Hidhaanuu hidhaadhaaree

Gidiraa biyya lafaa.......

Uffata dhabnee daarree

Gubaan cittoofne nafaa

Osoo lammii qabdanii

Homaa wollaalamtanii

Festaaliidhaan duutanii

Isaan awwaalamtani!

Kan darbeef osoo boonyuu

badduu baane barana

Baraan bara lakkoofnee

Gadduu taane jarana

~
Anaan yaa obbolaa koo

Anaa nyaatu yaa tiruu

Qoraafamaan akka kee

Ardii kanarra-n jiru

Gaddikee gadda kooti

Madaan kee na kulkula

Imimmaan lakkuun roobsa

Osoon boo'uun bubbula

Gidiraan keessan kooti

Cabni keessan cabakoo

Rabbiin 'sin haa qaqqabu

Anaa keessan sabakoo!

Rakkinaaf manaa baatan

Homaa badii-n qabdanuu

isa lafarraa dhabdan

Rabbiin biraa-n dhabdanu!

Osoo gidirfamuu argaa

Lammmiinkoo sanyiin gootaa

Gammadee hin jiraadhu

Anillee Hidhamtoota!

~
Garaa keessattin aada

Nan ittana Nan oo'a

Madaa kulkule baadhee

Tasa-n kolfu Nan boo'a

Maaliif hin birmattu

Dhageessee iyyakoo

Alagaa nagootee?

Nadeessee biyyakoo

Hedduu nama yaaddessa

Rakkoon keessan baranaa

Gooftaan hunda danda'u

'Sin haa tiksu jarana

Jireenya fooyyeffachuuf

Rakkoon biyyaa baatanii

Biyya ormaa keessatti

Akkan malle taatani!

Imimmaan keenya-n qooru

Ijji boo'aa bubbula

Madaan keessanis keenya

Nu guba nu kulkula

~
Uumaan uumama hundaa

Kan namaaf qabu naasuu

Dandeettiif humna qabuun

Hidhaadhaa isin haa baasu

Ija keessa si laalee

Ilkaan koo bisiq godha

Situ hunda naaf caale

Kanaaf anillee si fedha

Iddoon kee guddaa

Onnee koo keessaa

Bakka feete filattee

Taa'uus dandeessa

Guutuu qaama kootii

Siif laadhe dabarsee

Jibbi maal nuuf gooti

Onneetu nu araarsee

~🍇

Namni wal jaalate

Halkan ciisa dhaba

Onneensaa birratee

Qalbiidhaan itti caba

~🍎

Sin jaaladha sirritti


Onnee koo guutuu

Yoon si gate karaatti

Qalbiin koo haa duutu🍓

💚♥♥♥

Burtukaana # Leeqaati

Jaalalli kee urgaansaa.

Sombatti nama bu'a

Funyaan nama ukkaamsa!

...

Onnee keessatti ititee

Dhiiga sochii ittisa.

Kana hundaan rakkadheen

Ba'aa baadhee wixxisa.

...

Baddu baasuun dadhabe

Funyoo jaalalaa maree.

Rafee buluu hin dandeenye

Mucaa # Kiiramuu baree.

...

Sitti marmaaraa hin turre

Si hin barre karaa lagaa!

Wajjiniin nuuf haa ta'u

Imalli karaa nagaa!Yaa

simbirroo nana
ishee gubbaa samii

Harmee argiteettaa

haallishee akkamii?

Me itti naaf himi

dhaamsa koo adaraa

Gufuu moo laaqiitu

harmee turse karaa?

"Eessayyuu hin deemne

hidhaa san hiikkadhee

Bakkuma na keessen

jira jilbiinfadhee

Hidhaa hamtuun kuni

utuu nan meelessin

Si eeggachaan jira

turtee nan beelessin

Hidhaa keessa taa'ee

hin danda'u beela

Akkanaan yon ture

suma jalaan eela

Waaqayyoo gaditti

kan koo situ beeka

Dafii na qaqqabi

gaaddidduu keen eega

Qabbaneessituu ko

harka keen araade


Dafii kottu malee

haadha ko sin yaade"

Jedhiitii hasaasii

itti naaf dubbadhu

Achumaan addashee

irra naaf dhungadhu

You might also like