Professional Documents
Culture Documents
Maarqos Yaadataa
Fulbaana 2015
Yesus Kristos Waaqayyo guutuu fi nama guutuu dha. Yeroo hundumaa warri Gooftummaa
Yesusiin morman kutaalee Macaafa Qulqulluu kan amala namummaa Yesus agarsiisan qofa
caqasuun garuu kutaalee amala Waaqummaa guutuu qabaachuu Yesus callisanii irra utaalu.
Yesus Kristos gara biyya lafaa dhufuuf kan isa dirqisiise cubbamoota fayyisuudhaaf jaalalaan of
nuuf kenne. Cubbuu nama irratti mo'e guutummaatti balleessuuf Waaqayyo foon uffatee gara
biyya lafaa dhufuun barbaachisaa ta'ee argame.
... Yaa Waaqayyoo ko, yaa isa qulqullu, ati hin duutu; .... (Anb 1:12)
Sanyiin Addaam hundumtuu amala cubbamaa Addaam irraa dhaalleerra. Yesus, humna du'aa fi
aangoo cubbuu namummaa foonii keessaatti mo'e guutummaatti balleessuudhaaf foon uffate.
Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi
dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa
argatu ture. (Yoh 1:14)
Inni bifa waaqummaatiin utuuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaatiin
wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. Inni ulfina sana gad
dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate;
fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta'ee argame. (Fil
2:6-7)
3.Guyyoota sadan Yesus du’ee lafa keesssa bule sana addunyaan kun akka gara hin
galle yookiin akka hin kufne eenyutu eegaa turee?
Deebii: Akkuman jalqabatti kaasee ture, Yesus Kristos namummaa guutuu (Yesus/Amaanu’el) fi
Waaqummaa guutuu (Kristos) qaba. Dhoksaan beekuu qabnu tasuma tasumaa waaqummaan
du’uu hin danda’u. Kanaaf fannoo irratti kan du’e namummaa Isaa-Yesus malee, Waaqummaa
Isaa-Kristos miti. Kanaafuu warri, “Gaafa Yesus du’e eenyutu addunyaa kana bulchaa ture?”
jettanii yaaddoftan kan du’e roga namummaa malee roga waaqummaa akka hin taane hubadhaa!
4.Hojii Yesus hojjete qofaatti amanuun namni tokko akkamitti qajeelaa ta’uu fi jireenya
bara baraa argachuu danda’aa?
Egaa nama kan ta’e tokko illee wanta seerri nama irraa barbaadu gochuudhaan
Waaqayyo duratti qajeelaa hin ta’u. Seerri cubbuun maal akka ta’e nama
hubachiisa. (Rom 3:20)
Egaa namni seera eegu waan dhibeef seera isa sababii nama fooniif fiixa ba’uu dadhabe sana
Kristos foon uffatee dubartii irraa dhalachuun guutummaa seerichaa raawwate. Seerri
maayikiroskoppii cubbuu argisiisuu dha; Kristos Yesus immoo qoricha cubbuuttii nama fayyisuu
dha. Yommuu Yesus fannifame cubbuun keenya guutummaatti gara Isaatti darbe; qajeelummaan
Isaa immoo guutummaa guutuutti gara keenyatti darbe. Kun wal jijjiirraa guddicha jedhama.
Karaa ittiin namni qajeelaa ta’uu danda’u hojii mataa ofiitiin utuu hin taanee hojii Yesus fannoo
irratti hojjete qofaani dha.
Amma garuu karaa seerichaa utuu hin ta’in, karaa namni ittiin qajeelaa ta’u
Waaqayyo biraa mul’ateera; seerrii fi raajonni karaa kanaaf dhugaa ba’aniiru.
(Rom 3:21)
Namoonni wallaalonni har’a fayyina argachuudhaaf sirna amantaa isaaniin guyyaatti si’a afur
shan dhiqachuun of qulleessuu yaaluu, akka waan ergamoota yookiin Maariyaam isaan furtuutti
kadhannaa itti dhi’eeffachuu, ergamaa Seexanaa fi barsiisaa sobduu guddicha bara dhumaa kan
ta’e Mahaammadiin akka giddu seentummaa addaatti dhi’eeffachuu, lagaa fi gaaratti yaa’uun
waaqa waliin isaa hin beekamneef sagaduu fi karaa dalgaa birootiin qajeelummaa argachuuf
miixatu; kun immoo tasuma hin danda’amu. Qajeelummaan Kristos Yesus qofaan argama.
‘Tokko—tokkicha’ inni jedhu kun afaan Ibrootaatiin “Iikaad” kan jedhu irraa kan dhufe yoo
ta’u, hiikni isaa kan addaan hin baane tokkummaa (Undifferentiate unity) jechuu dha. Waaqayyo
daangaa kan hin qabne waaqa waan ta’eef, sadan tokkummaa yommuu jennu kutaa sadii kan
qabu utuu hin taane tokko ta’ee sadii, sadiis ta’ee tokko dha. Mee fakkeenya tokko siif haa
kennu. Aduu irraa ho’a, ifaa fi annisaawwan biroo ni arganna. Aduu sadii irraa wantoota kana
argataa jirra moo aduu tokkotu wantoota adda addaa sadii nuuf maddisiisee? Egaa akkuma
wantoota sadan sana aduu tokko irraa argannu, Waaqayyo qaamaan sadii ta’ee mul’achuun Isaas
waaqa sadii Isa hin jechisiisu. Nuyi sadummaa Isaatti tokkummaa Isaa, tokkummaa Isaattis
sadummaa Isaattis amannee Waaqayyo tokkicha in waaqeffanna; kun amantii isa dhugaa dha.
6.Yesus ani humna kootiin homaa gochuu hin danda’u jedhee utuu dubbatuu isin
maaliif itti amantuu? (Yoh 5:30)
Deebii: Sagalichi, Waaqayyo hin daangeffamne ta'ee utuu jiruu nama daangeeffame ta'e.
Kanaafuu, "Ofii kootiin utuu hin ta'in yaada isa ana ergeen tajaajila" jechuun isaa amala
namummaa isaa calaqqisiisuuf malee Waaqa ta'uu dhabuu Isaa haaluuf miti.
Yesus itti fufee, "Dhuguman isinitti hima, ilmi ofuma isaatiin homaa gochuu hin
danda'u, isa abbaan isaa hojjetu ilaalee in hojjeta; isuma abbaan hojjetu ilmis
immoo akkuma kanatti in hojjeta. (Yoh 5:19)
Yesus itti dabalee, “Ani humna kootiin homaa gochuu hin danda’u; abbaa koo irraa
akkan dhaga’etti nan farada; firdiin ani faradus qajeelaa dha. Anoo yaada koo
duukaa bu’uu hin barbaadu, yaada isa ana ergee duukaan bu’a malee. (Yoh 5:30)
Kutaan kun akka Yesus namummaa guutuu, miiraa fi fedha mataa isaatii utuuma qabaatee jiruu,
garuu fedha namummaa Isaatii irraa jiraachuu mannaa fedha waaqummaa irraa jiraachuu qabu
ifatti nu hubachiisa. Addaam inni duraa fedha mataa isaatii irraa jiraatee kufaatiif saaxilame.
Garuu Addaam Inni lammaffaan miiraa fi fedha Ofii Isaa qadaadee kaa’ee jireenya
Waaqummaatiin hoogganame. Egaa Yesus, “An ofii kootii homaa gochuu hin danda’u” jechuun
Isaa roga namummaa Isaa daangeffama jala galchuu Isaa kan agarsiisuu dha. Kutaalee biroon
daangeffama namummaa, gad of deebisuu Isaa fi abboomamuun fedha Abbaa raawwachuu
Yesus ibsan Yoh 6:38, Yoh 4:34, Mat 26:39, Ibr 10:9, Yoh 12:44, Yoh 8:40 irratti
barreeffameera. Egaa gad of deebisee fedha Abbaa raawwachuun Isaa waaqummaa Isaa
mulqisiise utuu hin taane namummaa Isaa guutummaatti nuuf ibsuufi dha. Yesus
7. Yesus Waaqa yoo ta’e, akkamitti yerichaa fi guyyaa dhumaa sana beekuu dadhabe ree?
Deebii: "Guyyicha sanaa fi yericha abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamootni waaqa irraa
ilmis, namni tokko illees kana hin beekan" (Mat 24:36-44 fi Mar 13:32-36). Kutaan kun amala
namummaa guutuu Yesus Kristos kan agarsiisuu fi dubbii inni utuu hin fannifamin dubbatee dha.
Roga namummaa Isaatiin yeroo ilaalluu akkas jechuun Isaa bita waan nu galu hin qabu. Sababni
Isaa waan hundumaa beekuun namaaf hin kennamne. Gama biraatiin utuu hin fannifamin dura,
"Yericha Ilmis hin beeku" jedhe malee, fannifamee, du'ee, erga du'aa ka'ee gara Waaqaatti ol
ba'uuf jedhee booda HoE 1:7 irratti, "Yeroo yookiis bara abbaan gooftummaa isaatiin dhaabe,
beekuun isiniif hin kennamne" jedhe malee akka isa duraa, "An hin beeku" hin jenne. Du'aa
ka'uu isaa booda, "Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera" (Mat
28:18) waan jedheef har’a wanti isa jalaa dhokatu tokko illee hin jiru. Kanaafuu namni har’a,
“Yesus yeroo itti guyyaan firdii xumuraa kennamu hin beeku” jedhee yaadu nama gowwaa waa
keessaa galee dha.
8. Namootatu ykn warra isatti amanutu gooftaadha isaan jedhe malee Macaafa Qulqulluu
keessatti Yesuus Ofii Isaatiin “Gooftaadha” yoom jedhe?
Deebii: Karaa namoota addaa addaatiin “Gooftaa” kan ittiin jedhame danuu dha. Kan
Yesus Ofuma Isaatii Gooftaa ta’uu Isaa of beeksise keessaa luqqisii muraasni kanneen
armaan gadii ti.
“'Barsiisaa, GOOFTAAS' jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa. Ani
barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla
walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta'a.” (Yoh 13:13-14)
“Yesus immoo gara isaaniitti dhi'aatee, "GOOFTUMMAAN hundinuu waaqa irratti lafa
irrattis anaaf kennameera. (Mat 28:18)
“Yesus garuu, "Gara mana keetii fi lammii keetii dhaqi, waan GOOFTAAN siif godhe
hundumaa, attamittis akka si maare isaanitti himi!" ittiin jedhe malee tole hin jenne.” (Mar. 5:19)
9. Alaazaar fa’aan du’ee du’aa kaafameera erga ta’ee, du’ee du’aa ka’uun Yesusiin
akkamitti adda gochuu danda’a? (Yoh 11:44)
10. Luq 2:52, “Yesus immoo Waaqayyoo fi namoota irraa ayyaana argachaa, namummaa
fi ogummaadhaanis ni guddata ture” jedha. Waaqa yoo ta’e waaqni garamitti guddata?
Deebii: Akkuma gararraatti ilaalaa turre, Yesus nama guutuu fi Waaqa guutuu dha. “Ni guddate”
kan jedhame namummaadhaan malee Waaqummaadhaan miti.
11. Yoh 14:12 irratti, ”Namni anatti amanu waan ani hojjedhu hundumaas ni hojjeta, ani
gara abbaa waanan dhaquuf kana irra kan caalu iyyuu ni hojjeta” jedha. Kun maal jechuu
dha?
Deebii: Akkuma beekamu Yesus gara abbaatti ol ba’uu Isaa dura ajaa’ibawwan gurguddaa
hanga 40 ta’an hojjeteera. Ajaa’iboota sana mataa mataa Isaa irraa guutuu bubuqqisee, isa itti
aanee jiru immoo warri Isatti amanan kam iyyuu hojjechuu akka danda’an eeree sokke. Maarree
akkuma Inni waadaa seene bartootni Isaa ol ba’uu Isaa booda ajaa’iboonnii gurguddoon harka
Isaaniitti ta’aa turan. Hanga har’aattis warra Isatti amanan gidduutti ajaa’iboonni hedduun ta’aa
jiru; ta’uuf jirus.
12. Seera Lakkoofsaa 23:19 irratti “Waaqayyo inni ilma namaa miti” jedha. Yoos immoo
Yesus dhuguma Waaqa yoo ta’e akkamitti ilma namaa jedhee of waame?
“Waaqayyo akka namaa miti, inni hin sobu, gaabbuudhaafis inni ilmi namaa miti,
Inni wanta jedhe hin godhuu ree? Wanta dubbates hin raawwatuu ree? (Lakk
23:19)
Mee kutaawwan Yesus, “ILMA NAMAA” jedhe of waame keessaa immoo luqqisii tokko haa
fudhannu!
13.Luq 18:18-20 irratti, “Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha malee namni
gaariin tokko illee hin jiru” jedhee namichaaf deebise. Yoos immoo Yesus akkamitti
barsiisaa gaarii ta’uu danda’a?
Deebii: Warreen Gooftummaa Yesusiin morman Mar 10:17-22 fi Luq 18:18-27 keessatti
Yesus sooressichaan, "Maaliif gaarii naan jetta?" kan inni jedhe wabeeffatu. Namichi sooressi
Yesusiin, "Yaa barsiisaa gaarii" jedhe sun gurguddoota Yihudootaa keessaa isa tokko waan
tureef, gareen sun immoo, "Yesus nama malee waaqa miti" jedhanii warra morman turan.
Sooressichi Yesusiin waaqa miti jechaa, 'Yaa barsiisaa gaarii' ittiin jechuun isaa dogoggora
guddaa akka ta'e isaaf ibsuuf, "Maaliif gaarii naan jetta?" jedheen. Wanti beekuu qabdan Yesus
dhoksaa namni yaada garaa keessa tuullatee afaaniin cuccululuksee irra-dibaa haasa'u sana
sirriitti beeka. Yeroo inni dhugicha gad diiguu jalqabe kan fuulli sobdootaa gurraacha'e. Gama
biraatiin gareen Yihudootaa hojii gaarii hojjechuudhaan nama gaarii yookiin nama qajeelaa
ta'uuf waan dhama'aniif madda qajeelummaa ilmaan namootaa kan Yesus nama hundumaaf hojii
fannootiin xumuruuf dhufe hin beekne ture.
Sababa namichi utuu Gooftummaa Yesusitti hin amaniin roga namummaa qofaan isa hedeef
Yesus, immoo, "Namni gaariin tokko illee hin jiru" jedheen. Isa gurguddootni Yihudootaa nama
gaarii of se'uun fayyina isaaniif waaqa irraa dhufe Kristosiin of irraa dhiibaa jiran sana karaa
biraan ifa galcheef. Namichis qormaata Yesus kenneef kufee baay'ee gaddee achii adeeme.
Kutaadhuma kana Mat 19:16-22 irratti haala baay'ee namaaf ifuun argattu. "Yesus immoo,
waa'ee hojii gaarii maaliif ana gaafatta?....." jedheen. Yihudootni, barsiisotni seeraa fi lubootni
bara sanaa qajeelummaan hojii gaariidhaan argama waan se'aniif, Yesus karaan fayyinaa inni
sirriin hojii gaariin utuu hin taane amantiidhaan ta'uu isaa dubbii haalaatiin sooressichaaf ibse.
Sooressichi ofii isaa fi qabeenya mataa isaa irra dhaabamee waan jiruuf gaafa Yesus hundee
namichaa rukutu gaddee sokke. Har'as namootni eenyummaa ofii isaanii irra of dhaabanii jiran
yommuu nuyi qajeelummaa Kristosiin argame itti lallabnu hundeen isaanii guutummaatti
raafama.
14. Mar 11:12-22, Mat 2118-20 “Yesus utuu waaqa ta’ee mukichi harbuu sun ija akka hin
qabne fagootti maaf hin beeku ture?
Deebii: Ammas yaa firoota ko wanti isin dagachuu hin qabne Yesus namummaa guutuu fi
waaqammaa guutuu qabaachuu Isaa ti. Roga namummaa Isaatiin akka harbuchi ija hin qabne
wallaaluun homaa waan nama dhibu hin qabu. Rogni waaqummaa Isaatii Inni achitti argisiise
immoo akka harbuun sun gogu gochuu Isaa ti. Ajaa’iboota Yesus hojjete keessaa negatiiva kan
8 DHUGICHI BILISA-BAASAA DHA!
ta’e keessaa tokko goguu harbuu kanaa yommuu ta’u, kunis isa Faarisootni, lubootnii fi
barsiisotni seeraa waan Macaafota beekanii fi warra Waaqayyoof hinaafan of fakkeessuun baala
kuusanii garuu iji homtuu irra hin jirre sanaaf badiisa isaanitti dhufuuf jiru agarsiisuuf akkas
godhe.
15. Mat 10:34-35 irratti Yesus, “Ani nagaa fiduuf hin dhufne” jedhee utuu jiruu, Efe 2:14
irratti akkamitti Phaawulos, “Kristos nagaa keenya” jedha?
Deebii: Dubbichi bakka lamaanitti iyyuu baay’iseedhuma sirrii dha. Kan Yesus jechaa jiruu,
iddoo itti fayyinni maqaa Yesus qofaan akka argamu barsiifamu maratti gargar cabiinsi akka
ka’u waan beekuuf kana dubbate. Yeroosis ta’e har’as si’a Wangeelli inni birmaduu nama baasu
bilisummaan lallabamu maatiin tokko iyyuu iddoo lamatti cabu. Fakkeenyaaf bara Yesus
barsiisaa ture keessa yoo namni tokko Yesusitti amane wal ga’ii isaanii keessaa baasuun mana
hidhaatti dabarsanii kennaa turan. Biyyuma keenya keessatti iyyuu beekamaa kan ta’e maatii
Musiliima ykn Ortodoksii ta’e tokko keessaa yoo gurbaan/intalli isaanii tokko dhugaan galeefii
Yesus Kristositti amane/amante hamma ajjeesuutti itti duulu—maatii gidduutti gooliin ka’e
jechuu dha. Inni Phaawulos, “Kristos nagaa keenya” jedhe immoo yoo warri dhugaan hin galleef
goolii kaasanii warra Yesusitti amane ari’atan iyyuu, namni Gooftaa Yesus Kristositti amane
ari’atamuma sana keessa taa’ee abdii jireenya bara baraa waan argateef gammachuu fi nagaa
guddaatu itti dhagaa’ama jechuu dha. Nuyi warra Kristos Yesusitti amannetti ari’atama, beela,
jibbamuu fi rakkoowwan gurguddaan hammamii utuuma naannoo keenyaa huursanii, garuu nuyi
karaa Kristos nagaa fi gammachuu guddaa qabna. Aameen! Haleluyyah!
16) Kes 18:15 irratti waa’ee Mohaammadii dubbata moo waa’ee nama isa kan biraati?
Salphaamatti kutaan kun eenyuuf akka barreeffame hubachuudhaaf luqqisii armaan olii kana
hiikuuf achuma jalatti caqasamee keessaa Yoh 1:45 fi Yoh 6:14 haa dubbifannu!
Egaa akkuma kutaa armaan olii irraa hubattan raajichi kan dubbatameef waa’ee dhufaatii Yesus
Kristosiifi dha. Warreen luqqisii kana giddiidhumaan harkisanii, “Kun Maammadiif dubbatame”
jedhan kun namootuma gowwaa akkamii tii? Macaafa Qulqulluu keessatti barsiisotni sobduu fi
raajonni sobduun ka’uuf akka jiran bal’inaan dubbatameera. Egaa Maammad barsiisaa sobduu fi
raajii sobduu bara dhumaa kan nmoota miliyoonota du’aaf daldaaledha malee tasuma iyyuu kan
Kes 18:15 irratti barreeffame isa hin ilaallatu.
17. Uma 2:2 irratti Waaqayyo akka namaa ni dadhaba moo maaliif boqate?
Deebii: Boqochuun Waaqayyoo kun kan agarsiisu hojii karaa Waaqayyo Ilmaa—Sagalichaan
xumurametti gammaduu Isaa ibsa. Wanti hundinuu Sagalichaan ta'e waan ta'eef wanta karaa
Sagalichaatiin ta’etti hamma namni ibsuun olitti itti gammaduu Isaa agarsiisa. Akkas malee
‘Waaqayyo ni boqote' kan jedhu 'Dadhabee aara-galfate' jechuu akka hin taane hubadhu!
Waaqayyo Gooftichi hin dadhabu, hin rafu, hin mugus.
….. “Kun ilma koo isa ani jaalladhu, gammachuun koos isatti in raawwatama; isa
dhaga’aa!” jedhe. (Mat 17:5)
18. Isa 54:5 irratti, “Inni si uume akka abbaa manaa siif in ta’a” jedha. Waaqayyo ni
fuudhaa?
Deebii: “Nama harree barbaadu gurratu ‘gurum gurum’ jedha” jedhe Oromoon. Namoonni
hedduun akki isaan itti waa’ee Waaqayyoo tilmaamuu barbaadan akkuma ofii foon isa biyyoo
irraa tolfamee waan hundumaan isaa asii gad ilaalaa akka mataa harma jigee ta’e sanaa,
waanuma biyya lafaa kanaaf ‘Kamkam’ jedhan Waaqayyos akkuma namaatii jedhanii yaadu.
Wanti kutaan armaan olii Isa 54:5, “Inni si uume akka abbaa manaa siif in ta’a” jedhu ibsu,
dhoksaa waa’ee Kristosii fi waldaa Kristiyaanaa ti. Kristos mushurricha; waldaan Kristiyaanaa
isheen dhiiga Ilma Waaqayyootiin bitamte immoo mushurrittii dha. Kun fakkeenya gaa’elaatiin
ibsame malee, “Waaqayyotu fuudha” jechuu miti. Yaa saba nana sammuun Macaafa hubatu
namaaf hin banamne taanaan akkuma daa’ima dhoqqee laaqtuu ta’uum.
Deebii: Waaqa guutuu fi nama guutuu ta’uun Isaa kan bara baraa ti. Kun karaa ittiin Waaqayyo
yeroo bara baraa keessatti namoota Isatti amanan wajjin bara baraan jiraachuu fi hariiroo
qabaachuudhaaf qopheessee dha. Nuyi warri Ilma Waaqayyootti amanne kan ayyaanomnee dha.
Deebii: Mat 15:21-28, Mat 10:6 fi Mar 7:24-30 wabeeffachuun, "Yesus Israa'eloota qofa
fayyisuuf ergame" jedhu. Hubadhaa! kutaalee olitti caqasaman sadan Yesus kan dubbate utuu hin
fannifamin dura ture. Kunis Israa'elotni qomoo hunda keessaa dursa waamicha karaa Abrahaam
abbaa qomoo waan argataniif Waaqayyoof akka ilma angafaatti ilaalamu turan. Warri ormootni
immoo akka quxisuutti waan ilaalamaniif dura warri angafni akka ijoollotaatti ilaalaman
nyaatanii qufuu akka qaban dubbate.
Utuu Kristosiin golgichi hin tarsaane ta'ee anaa fi ati qomoo tuffatamaa fi baay'ee fagoo irra
warra jiraniitti ilaalamna turre. Garuu dhiigni Kristos nu dhi'eesse. Warri inni dursa kenneef
Yihudootni fedhiin nyaata hafuuraa isaanii cufamaa waan ta'eef dubartittiin ormaa sun amantii
guddaadhaan fayyina ormootaaf fannoo booda gad dhiifamu Yihudoota iyyuu dursitee fudhatte.
Gaafas ormootaaf samii cufamaa ture amantiin bantee ol seente. Gaafa Yesus fannoo irratti
dhiiga isaatiin Kakuu Haaraa dhaabee, "Fiixaan ba'eera" jedhee hafuura isaa kenne golgaan mana
qulqullummaa olii hamma gadiitti tarsa'uun keenyan diinummaa inni Yihudootaa fi ormoota
gidduu ture ni diigame.
Yihudootni fayyina of irraa dhiibuun caalmaatti fayyina warra ormootaa saffisiise. Deebi'anii
Gooftaa Yesusiif argamuun isaanii immoo hammam bu'aa guddaa akka qabu Ergamaan
Phaawulos qeeqeera. Dhoksaan fayyuu ormootaa durumaa jalqabee yaada Waaqayyoo keessa
ture.
Kanaafis akeeki dhokataan kun maal akka ta'e namoota hundumaaf ibsuun anaaf
kennameera; akeeki dhokataan kun bara durii durii jalqabee yaada Waaqayyoo
yaada isa hundumaa uumee keessa dhokfamee ture. (Efe 3:9)
21.Mat 28:20 fi 18:20 irratti, “Yesus yeroo hundumaa ani isin waliin jira” jedhee
dubbateera. Mar 14:7 fi Yoh 12:8 irratti, “Warra hiyyeessotaa yeroo hundumaa of biratti
argattu, ana garuu yeroo hundumaa of biratti hin argattan” jedha. Wal faallessa moo?
Deebii: Kan Yesus Mar 14:7 yookiin Yoh 12:8 irratti dubbachaa jiru, akka namummmaatti
Yesus turtii tajaajila Isaatii qaama fooniin isaan gidduu jiraataa ture gara xumuraatti geessaa
jiraachuu isaa itti himaa jira. Akkuma beekamu nama tokkoof gaarummaa akka fooniitti itti
argisiisuun kan danda’amu utuu inni qaama fooniitiin jiruuti malee erga namni sun du’een booda
homaa gochuufiin hin danda’amu. Maariyam isheen iji qalbii isheetii baname dhoksaa kana hojii
irra oolchuun Yesusiin utuu inni du’ee gara awwaalaa hin deemin dura urgooftuu gati-jabeessa
dhagna Isaa dibde. Dubartootni warri dubbiin kun hin galleef immoo erga Yesus du’ee guyyaa
sadii booda urgooftuu reeffa fudhatanii iddoo awwaalcha Yesusitti itti dibuu dhaqanii Isa
dhaban. Dubbii Inni itti himee ture, argatanii itti dibuu dhabuun ammuma jalqabe. Mat 28:20 fi
Mat 18:20 irratti immoo kan Yesus dubbate, roga waaqummaa Isaatiin iddoo hundumaattii fi
bara baraan warra kan Isaatii wajjin ta’uu Isaa waadaa seeneef. Dhugumas Inni kaleessa, har’a,
bara baraanis nu wajjin jira.
Waaqayyo nama lafa irratti uumuu isaa in jibbe, guutummaa garaa isaatiinis in
gadde. (Uma 6:6)
Akkuma dubbisicha irraa argitan, “In gadde” jedha malee “In gaabbe” hin jedhu. Gadduu fi
gaabbuun immoo jechoota hiika garaa garaa qaban waan ta’eef iddoo wal jijjiirree itti
fayyadamuun tasuma hin danda’amu.
23. 2Mot 4:32-36 irratti raajiin Elsaa’i jedhamuu fi akkasumas HoE 9:37-41 irratti immoo
ergamaan Phexros jedhamu nama du’e kaasanii turan.Yoh 11:40-44 irratti immoo Yesusis
Alaazaar nama jedhamu du’aa kaaseera. Yoos immoo namoota du’an du’aa kaasuun
Yesusiin adda gochuu ni danda’aa?
24.Yoh 20:23 irratti Yesuus bartoota isaatiin , “Cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif,
cubbuun isaanii isaaniif dhiifameeera; cubbuu isaanii irraa kan isin hin hiikne, cubbuu
isaaniitiin hidhamaniiru” jedhe. Namni cubbuu namaaf dhiisuu ni danda’aa?
Deebii: Inni kun humna du’aa Ka’uu Yesusitti warra amananiif aboo (Authority) kennameef kan
argasiisuudha malee nama Waaqa ta’e jechuu miti. Warri lammaffaa dhalachuuun aboo
mucummaa argatan to’annoo Gooftichaa jalatti akkuma Yesus Kristos hojiiwwan aangoo
hojjechuu akka danda’anii fi isa isaan waa’ee Isaa labsan Yesus Kristositti warra amaneefis
dhiifamuun cubbuu akka ta’eef itti himuun hojii ofii hojjetaniin utuu hin taane, hojii Yesus
fannoo irratti hojjetetti amanuun warri Kristos Yesusitti amanan akka fayyan shakkii tokko
malee itti dubbachuu akka ta’e nuuf ibsa. Fakkeenyaaf an gara nama Yesusitti hin amanne
tokkoo deemee waa’ee Yesus Kristos ergan itti himeen booda yoo namni sun dhuguma, “Yesus
Kristos fayyisaa dha” jedhee harka isaa bal’isee amanee fudhate, misiraachoon namichatti himu,
“Cubbuun kee siif dhiifameera; yookiin fayyiteetta” kan jedhuu dha. Kun aboo mucummaa nuuf
kenname keessaa isa tokko.
25. Yoh 6:14 irratti namoonni Yesusiin milikkita inni argisiise ilaaluudhaan, “Kun
dhuguma raajicha gara biyya lafaa dhufuuf jiru sana” jedhan. Yoos akkamitti
kristiyaanonni Yesus Waaqayyoodha malee raajii miti jedhanii mormu?
Deebii: Lakkii Kristiyaanonni warri dhugaan Wangeelaa galeef, “Yesus raajii miti” hin jenne’o.
Dhugaan Macaafaa akka ibsutti Yesus al tokkotti raajii guddicha, luba guddichaa fi mootii
guddicha ta’ee akka mul’ate nu hubachiisa. Dhugaa kana hubachuuf gad itti qabiitii Ergaa Gara
Ibrootaa guutummaa isaa dubbisi!
26. Yoh 13:33 irratti warra Yihudootaatiin, “Iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan”
jedhee dubbatee ture. Yoos immoo akkamitti iddoo inni jiru dhaqanii isa qabanii fannisuu
danda’an? Yesus ni sobe jechuu dhaa?
27.Bu’uurri amantii Kiristaanaa, “Yesus cubbuu keenyaaf du’e; lubbuu keenyaafis furee
nuuf ta’e” isa jedhuudha. Garuu inni kun kalaqa (falaasama) Phaawulosiiti malee Yesus
barsiisa kana iddoo Inni itti barsiise jiraa?
Kun dhiiga koo ti, dhiigni kun kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf, dhiifamuu
cubbuu namoota baay’eetiif dhangala’a. (Mat 26:28)
Yommus Yesus, Ana buddeenni jireenyaa, gara koo kan dhufu hin beela’u, kan
anatti amanus matumaa hin dheebotu. (Yoh 6:35)
Ani buddeenicha jiraataa isa waaqa irraa gad bu’ee dha; eenyu illee buddeena
kanattii yoo nyaate bara baraan in jiraata; buddeenni ani biyya lafaatiif jireenya
kennuudhaaf kennus foon kooti” isaaniin jedhe. (Yoh 6:51)
Yesus deebisee, “Karichi, dhugaan, jireenyis ana; anaan yoo ta’e malee, eenyu iyyuu
gara abbaa hin dhufu. (Yoh 14:6)
28.Yoh 5:37 irratti, “Inni na erge abbaanis immoo ofii isaatiif anaaf dhugaa ba’eera; isin
utuu inni dubbatuu sagalee isaa takkaa hin dhageenye; bifa isaas argitanii hin beektan”
jedha. Mat 17:5 irratti immoo, ‘Sagaleen duumessa keessaa, “Inni kun ilma koo isa ani
jaalladhu, gammachuun koos isatti in raawwatama, isa dhaga‘aa” jedhee dubbate.
Bartoonnis sagalicha dhaga‘anii adda isaaniitiin gombifaman, guddaas ni sodaatan jedha.
Kutaan kun lamaan wal hin faallessuu ree?
Deebii: Kutaawwan lamaan armaan olii eenyutti dubbatamaa akka jiran nama beekuuf ergichi
wal rukutaa miti. Yoh 5:37 irratti caafamee kan jiru kan Yesus itti dubbachaa jiru warra beektota
Macaafaa ofiin jedhanii Macaafota qoruutti beekamoo ta’an, garuu warra dhugaa bira ga’uu
dhabee fi dhugaa hubachuu tasuma dadhabanii dha. Isaan kun “Jireenya qabna” warra se’an
garuu kan badiisa bara baraaf qophaa’an barsiisota seeraa, Faarisota, Saaduqoota, luboota didoo
fi kanneen Gooftummaa Yesusiin morman hundumaa of keessatti hammata. Jarreen kun warra
sagalee Waaqayyoo takkaa hin dhageenyee dha. Mat 17:5 irratti warri Sagalee Waaqayyoo isa
gaara ulfinaa sana irratti “Inni kun ilma koo isa ani jaalladhu, gammachuun koos isatti in
raawwatama, isa dhaga‘aa” jedhu dhaga’anii gombifaman immoo Phexros, Yohannisii fi
Yaaqob dha. Isaan kun bartoota Yesus warra Gooftummaa Isaatti amanan keessaatii warra ta’anii
dha. Dubbichi akkas akkasidha malee, wanti wal dha’aan keessa hin jiru.
29. Rom 11:26 irratti, “Israa’elis guutummaatti ni fayyifama” jedha. Israa‘eloota keessaa
baay‘een isaanii bara Yesus fooniin lafarra turettis ta‘ee bara kanatti hin amanne. Yoos
immoo utuu Yesuusitti hin amanin guutummaatti fayyuu ree?
Deebii: Inni kun, “Utuu hin amanin fayyu” jechaa jira utuu hin taane, Waaqayyo namootni
hundinuu akka fayyaniif obsaan eeggataafii akka jiru nu hubachiisa.
… Inni, namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geddaratan malee, garri
tokko iyyuu akka badan waan hin barbaadneef obsaan isiniif in danda’a. (2Phex
3:9)