You are on page 1of 80

Dhiheessa Bishaani, Qulqullina

Dhunfaa fi Eegumsa Naannoo


Saffisaan Hawaasaan Hogganamu
(COWASH)

Qajeelfama Haammachiisummaa
Qaama MidhamtootaaCOWASH

Muddee 2010

Finfinnee

0
Baafata
GABAAJEE .................................................................................................................... 0
GALATA ........................................................................................................................ 1
KUTAA A: HAAMMACHIISUMMAA QAAMA MIDHAMTOOTAA PIROJEKTII COWASH MARSAA
IIIffaa .......................................................................................................................... 2
1. SEENSA ................................................................................................................. 2
2. QAAMA MIDHAMUMMAA HUBACHU ............................................................................ 4
2.1 HIIKA QAAMA MIIDHAMUMMAA............................................................................................. 4
2.2. QAAMA MIIDHAMTOOTA HAMMACHIISUU IRRATTIHUDHAALEE QUNNAMAN . 6
2.2.1 HUDHAALEE ILAALCHAA FI WALIIN JIREENYAA ..................................................... 6
2.2.2 HUDHAALEE NAANNOO FI TEEKNIKAA ....................................................................... 7
2.2.3 HUDHAALEE DHAABBILEE ................................................................................................ 7
2.2.4 WALITTI DHUFEENYA MIIDHAMAA FI HUDHAALEE GIDDUU JIRAN ................ 8
2.3 AKKATAA HUBANNOO QAAMA MIIDHAMUMMAA ................................................................. 9
3. QAAMA MIIDHAMUMMAA WALTAJJII ADUNYAA FI ITIYOOPHIYAA KEESSATTI ................11
3.1 GALMOOTA MISOOMA ITTIFUFIINSAA ..............................................................................11
3.2 WALII GALTEE MIRGOOTA NAMOOTA QAAMA MIIDHAMAA QABAN......................11
3.3 KAROORA HOJII BIYYOOLESSA ITIYOOPHIYAA NAMOOTA MIIDHAMA QAAMA
QABAN(2012 -2021) ............................................................................................................................12
3.4 IMAAMMATA kan BIROO KANA WAJJIN QUUNNAMTII QABAN ................................13
3.5 ITIYOOPHIYAA KEESSATTI QOODA FUDHATTOOTA IJOO SOCHII NAMOOTA
MIIDHAMA QAAMAA QABANII ..........................................................................................................15
4. BARBAACHISUMMAA TAJAAILA WASH FI FAAYIDAA FAASILITOONI QAAMA
HUNDAAFKENNAN ........................................................................................................17
5. HAMMACHIISUMMAA NAMOOTA MIIDHAMA QAAMAa QABAN COWASH KEESSATTI .........19
5.1 QAAMa MIIDHAMummaa IDILEESSUU ..............................................................................19
5.2 QAJEELTOOWWAN HAMMACHIISUMMAA COWASH KEESSATTI .............................20
5.3 QAAMaA MIIDHAMA ADDA BAASUU FI sadarkaa isaa SAFARUU ............................20
5.4 NAMOOTA MIIDHAMA QAAMA QABAN WAJJIN WL-QUUNNAMUU (AFAANII FI
AMALA) ......................................................................................................................................................22
5.5 KAROORA FI BAAJATA NAMOOTA MIIDHAMA QAAMAA QABAN haammatu
NAANOOLEE FI AANAALEE irratti qophessuu..............................................................................25
5.6 HORDOFFII FI GABAASA DHIMMA HAAMMACHISUMMAA QAAMA
MIDHAMTOOTAA ....................................................................................................................................26
6. GAHEE FI ITTI GAAFATAMUMMAA QOODA FUDHATOOTA HAMMACHIISUMMAA QAAMA
MIIDHAMTOOTAA COWASH KEESSATTI ..........................................................................26

1
6.1 SADARKAA FEDERAALAA ........................................................................................................26
6.2 SADARKAA NAANNOO..............................................................................................................28
6.3 SADARKAA Godninaa ...............................................................................................................29
6.4 SADARKAA AANAA ....................................................................................................................30
6.5 SADARKAA HAWAASAA ...........................................................................................................31
7. LEENJIIWWAN COWASH ..........................................................................................34
7.1 LEENJII HIRMAACHISUMMA QAAMA MIDHAMTOOTA ..................................................34
7.2 BARBAACHISSUMMAA LEENJIIWWAN COWASH HUNDAAF WALIIN GAHU.........37
8. MIDHAAMTOOTA QAAMAA MARSAA PIROJEKTII HAWAASAAN HOGGANAMU (CMP PROJECT
CYCLE) KESSATTI HAMMACHU ......................................................................................38
8.1 MIDHAMTOOTA QAAMAARRATTI KOREE WASH AKKASUMAS OGEESOTA
GODINAA FI AANAALEEF LEENJII HUBANNO KENNU ..............................................................38
8.2 LEENJII HAMMACHISUMMAA MIDHAMTOOTA QAAMAA OGEESSOTA GODINAA
FI AANNA WASH TIIF KENNAMU .....................................................................................................38
8.3 HOJII BEEKSIISA (PROMOTION) IRRATTI NAMOOTA MIDHAMTOOTA QAAMAA
HAMMACHU ..............................................................................................................................................39
8.4 NAMOOTA MIDHAMTOOTA QAAMAA HUNDEEFFFAMA FI FILANNOO KOREE
WASHCO KEESSATTII NIRMAACHISU ...........................................................................................39
8.5 LEENJII KOREE WASHCO FI ARTIZHAANII (OGEESSOTA HOJII HARKAA) .........40
8.6 ODEEFFANNOO IYYANNOO PIROJEKTII MIDHAMTOOTA QAAMAA DABALUU ....40
8.7 MIDHAMTOOTA QAAMAA PIROJEEKTII KEESSATTI HAMMATAMU ISAANI
QULQULLEESSUU ...................................................................................................................................40
8.8 PIROJEKTII RAGGAASISUU FI WALIIGALTEE DEGGARSA MAALLAQAA GOCHUU
41
8.9 IJAARSA HAMMATU, TO’ANNOO FI GUMAACHA HAAWAASAA .................................41
8.10 SIRNA EEBBA PIROJEKTII HUNDA HAMMATE.............................................................41
8.11 GAGGEESSUUMMAA IJAARSA BOODAA FI HORDOFFII MIDHAMTOOTA
QAAMAA DABALU...................................................................................................................................42
9. MIDHAMTOOTA QAAMAA ADEEMSA QULQULLINA DHUNFAA FI NAANNOO MARAA
HAWAASAAN HOGGANAMU (CLTSH) KEESSATTI HIRMAACHISU .........................................42
9.1 QOOPHII FI SOCHII DURAA ..................................................................................................43
9.2 HAWAASA KAKAASU FI QOPHAA’INA KAROORA GOCHAA ........................................43
9.3 MIRKANEEFFANNAA FI PIROTOKOLII BEEKAMTII BOBBAATII BAKKEERRA
BILISA TA’UUF ........................................................................................................................................44
10. MISOOMA INTARPIRAAYZII MAAYKIROO FI XIXIQQAA (IMX) KEESSATTI MIDHAMTOOTA
QAAMAA HAMMACHU ....................................................................................................44
MIILTOO 1 : UNKAA RAGAAN NAMOOTA MIDHAMTOOTA QAAMAA ITTIIN FUNAANAMU .........45
KUTAA B: FURMAATAWWAN TEKNIKAA WASH HUNDA DABALATAA ....................................47
1. TAJAAJILOOTA HUNDA DHAQQABUU ........................................................................48

2
2. QULQULLINA MAATII, DHUNFAA FI DHIYEESSII BIISHAANII ........................................54
3. EEGUMSA QULQULLIN (SAANITESHINII) DHAABBILEE FI DHIHEESSII BISHAANII ..........60
3.1. KEELLAAWWANI FI BUUFATAALEE FAYYAA .................................................................60
3.2. MANNEEN BARNOOTAA .......................................................................................................62
3.3. DHAABBILEE GARA GARAA KANBIRAA FI IDDOOWWAN HAWAASNI ITTI
BAAY’INAAN ARGAMU ..........................................................................................................................64
4. TAJAAJILOTA BISHAN HAWAASAA ............................................................................65
KUTAA C :LEENJII QAJEELFAMA IDILEFFAMU (HAMACHISUMMAA) QAAMA MIDHAAMTOOTAA 68
1. QAJEELFAMA RAAWWII LEENJII LEENJISTOOTAA OGEESSOTA NAANNOO
MIDHAAMTOONNI QAAMMAA ITTIN HAMMATAMU .............................................................68
2. QAJEELFAMA RAAWWII LEENJII LEENJISTOOTAA OGEESSOTA NAANNOO
MIDHAAMTOONNI QAAMMAA ITTIN HAMMATAMU (KUTAA 2FFAA) ......................................69
3. MISEENSOOTA GAREELE WASH AANAALEE FI GODINAA HUNDAA FI AKKASUMAS
EEKISPARTOOTAWASH AANAA FI GODINALEE TARREEFAMOTA LEENJII: .............................71
4. LEENJII LEENJISTOOTAA OGEESSOTA GODINAAFI AANAA ITTI FAYYADAMA QAJEELFAMA
MIDHAAMTOONNI QAAMMAA ITTIN HAMMATAMAN IRRATTI ............................................72
5. HAALA WASH SADARKAA AANAATTI MIDHAAMTOTA QAAMMAA ITTIN HAMMATAMURRATTI
HUBANNOO CIMSUU .....................................................................................................73
6. LEENJII QOODA FUDHATOOTA SADARKAA GANDAA WASH MIDHAAMTOTA QAAMMAA
HAMMACHUU/DABALUU IRRATTI ....................................................................................74

3
GABAAJEE

CLTSH -Qulqullina dhunfaa fi naannoo Maraa Hawaasan Hogganamu


CMP- Pirojektii Hawaasaan Hogganamu
COWASH – Dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa naannoo saffisaan
hawaasaan hogganamu
CRPD - Waliigaltee Mirgota Namoota Midhamtoota Qaamaa Mootumoota
Gamtoomanii
DPO - Dhaabbata Midhamtoota Qaamaa
ECDD - Giddugala Midhamtoota Qaamaa fi Misoomaa
Itophiyaa
ENAD -Waldaa Biyyooleessa Dhageettii Dhabeessotaa
Itophiyaa
ENADB - Waldaa Biyyooleessa Dhageettii-Qaroo Dhabeessotaa Itophiyaa
ENAID -Waldaa Biyyooleessa Namota Miidhaa Sammuu QabanItophiyaa
ENAPAL Ethiopian National Association of Persons Affected by Leprosy
ENDAN- Akshiin Networkii Biyyooleessa Midhamtoota Qaamaa Itophiyaa
EWDNA – Waldaa Biyyooleessa Dubartoota Midhamtoota Qaamaa Itophiyaa
FENAPD-Federeshinii Biyyooleessa Waldaalee Namoota Midhamtoota Qaamaa
Itophiyaa
FTAT- Garee Deggarsa teeknikaa Federaalaa
GTP II –Karoora Guddinaa fi Tiraansformeshinii IIffaa
HEW Hoojjataa Ekstenshinii Fayyaa
MoE – Ministeera Barnootaa
MoH- Ministeera Eegumsa Fayyaa
MoLSA- Ministeera Dhimma Hoojjataa fi Hawaasummaa
MoWIE- Ministeera Bishaan, Jallisii fi Ibsaa
MSEs –Interpiraayizoota Maayikiroo fi Xixiqqaa
NGOs – Dhaabbilee Miti mootummaa
NPA- Karoora Biyyooleessa Gochaalee Namoota Midhamtoota Qaamaa
NWCO Waajjiira Qindeessaa Biyyooleessa WASH
ODF- Bobbaatii Bakkeerraa Bilisa tahuu
PTAs – Waldaalee Maatii Barattootaa
RSUs – Gareewwan Deggarsa naannoo
SDG – Galmoota Misooma Itifufinsaa
TVET- Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa

0
WASH-Bishaan, Saaniteeshinii fi Haayijiinii
WASHCO- Koree Bishaan, Qulqullina dhunfaa fi naannoo
WEDC Giddugala Bishaan, Injineeriingii fi misoomaa
WIF –QabataHojjirra Oolmaa WASH

GALATA

Qajeelfamni raawwii kun deggarsaa fi waltahiinsa Giddugala Midhamtoota


Qaamaa fi Misooma Itophiyaatiin godhameen barreeffame. Qajeelfamichi raawwii
kun qajeelfama raawwii ogeessota biyya Finilaandii fi Dhaabbilee Miti
Mootummaatiin bareeffameerratti hundaa’un qophaa’e:

Guzman, Huuhtanen, Katsui, Kilpelä, Koistinen, Pesola and Tuure (2016)


InclusiveWASH activities in the Global South.
https://www.vammaiskumppanuus.fi/wp-
content/uploads/2016/05/Inclusive_WASH_Activities_in_the_Global_South.pdf

Kana malees, Qajeelfamichi raawwii barreeffamoota ‘WaterAid Ethiopia’


qopheessee fi maxxansaalee itti aanan bu’uura gochuun kan qophaa’edha.

Brujin, Regeer, Cornielje, Wolting, van Veen and Maharaj (2012) Count Me In.
Apractical guide for organisations in North and South. Light for the World.

Coe and Wapling (2010) Traveling Together. How to include disabled people on
themain road to development. World Vision UK.

Jones and Wilbur (2014) Compendium of accesssible WASH technologies. WEDC,


WaterAid and Share.

UNRWA (2017) Disability Inclusion Guidelines.

1
KUTAA A: HAAMMACHIISUMMAA QAAMA MIDHAMTOOTAA PIROJEKTII
COWASH MARSAA IIIFFAA

1. SEENSA

Pirojektiin COWASH marsaa III faan Hagayyabara 2016 jalqabame. Pirojektiin kun waggaa
sadiif hojii irra kan turu yommuu ta’uu, aanaalee 76 naannolee shan (Amaaraa, Tigiraay,
SNNP, Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuuz) argaman keessatti hojii irra oola.Kaayyoon
pirojeektii kanaa galma gahinsa karoora Guddinaa fi Tiranisfoormeshinii (KGT II) uwwisa
waliin gahinsa hojii dhiheessa bishaanii, qulqullinaa dhunfaa fi eegumsa qulqullina naannoo
baadiyyaa Itiyoophiyaa keessatti kallattii pirojektii bulchiinsa hirmaannaa uummataa
hordofuudhaan hanga bara 2019 tti hojjetamu keessatti gumaachuu dha.
Pirojektiin COWASH marsaa III ffaa itti fufiinsa marsaa I ffaa fi II ffaa (2011-2016) ti.
Marsaan IIIffaan kun kan adda isa goodhu keessaa tokkoqabiyyee haaraa kan akka dhimma
qaama miidhamtoota hammachiisuu dabalataan qaba. COWASH dammaqina, hubannoo fi
dandeettii qooda fudhattootaa dhimma qaama miidhamtoota hojii waliin gahinsa dhiheessa
bishaanii, qulqullinaa dhunfaa fi eegumsa qulqullina naannoo keessatti gahee qaban hundaa
cimsuuf kaayyefate dha. Hojiin waliin gahinsa bishanii fi haalli qulqullinaa mijeessuuf
hojjetamu hundi nama hundaa fi qaama miidhamtoota hundaaf yaada keessa
galchuudhaanqaqabamaa fi hammataa akka ta’uuf gochuu barbaachisa.

Bu’aan duraa (output) 4.3 bu’aan boodaa (outcome) 4 keessaa argamuu fi pirojektiin
qaama miidhamtootaaf xiyyeeffannaa kennee hammatu kaayyoo ijoo pirojektichaa tokko
dha.
Bu’aa boodaa (outcome) 4: Bara 2019 tti Naannoolee shanan hojiiwwan pirojektii waliin
gahinsa dhiheessa bishaanii, qulqullina dhunfaa fi eegumsa qulqullina naannoo waliin walitti

2
dhufeenya qaban hojjetaman keessatti dubartoota gahoomsuu, gaggeessummaa fi namoota
qaama miidhamtoota hammachiisuun galma gaha.
Bu’aa duraa (output) 4.3: Idileessuu saalaa fi qaama miidhamtootaa Pirojektii waliin
gahinsa dhiheessa bishaanii, qulqullina dhunfaafi eegumsa qulqullina naannoo keessatti
dandeettii karoorsuu fi raawwachuu qooda fudhattootaa cimsuu.
Xiyyeeffannaan barruu-gorsa kanaa hojii dhiheessa bishaani, qulqullina dhunfaa fi eegumsa
qulqullina naannoo (WASH) akka waliigalaa keessatti namoota qaama midhamtoota
hammachiisuu fi akka addaatti ammo hojiiwwan COWASH marsaa III ffaa kana keessatti
hammachiisuu ta’ee, garuu hudhaawwan adda bahanii fi furmaanni kennaman sagantaalee
walfakkaataa fiixeetti dagataman biroofis hojii irra ooluu ni danda’a. Hojiiwwan dhiheessa
dhiyeessa bishaanii, qulqullina dhunfaa fi eegumsa qulqullina naannoo caalaatti
dhaqqabamaa taasisuun nama naannoo san jiraatan hundaa, daa’imman, dubartoota ulfaa,
namoota dhukubsatoo ykn jaarsolii warra fagoo deemuu hin dandeenyef faayidaa guddaa
qaba. Bishaan dhugaatii qulqulluu fi tajaajila qulqullinaa dhaqabamaa argachuu akkasumas
hirmaannaa fi qooda fudhatummaa jiraattota naannoo hundaa mirkanaa’e qabaachuun
jireenya ofitti amanamummaa fi kabajaa jiraachuu dha. Mirga argannaa bishaanii fi tajaajila
qulqullina nama hundaaf guutame (galma guddina misoomaa itti fufiinsaa 6 dhaqabuu)
fiduuf warra fiixeetti dagatamanii fi fayyadamoo hin taane irratti xiyyeeffannaa gadi
fagootiin hojjechuu gaafataAkka ragaan dhimma qaama midhamtoota akka addunyaati jiru
agarsiisuutti, baay’ina uummata Itiyoophiyaa keessaa tilmaamni %17 ta’an qaama
miidhamtoota dha.
Barruun gorsi pirojektii COWASH kuni qoodha fudhattoota sadarkaa hundaa jiraniif kan
barreeffame dha. Hubannoo dhimma qaama miidhamtoota irratti jiru cimsuu fi odeeffannoo
qabatamaa haala itti mirgii fi fedhiin namoota qaama miidhamtoota ta’an hojii pirojektii
COWASH keessatti hojii irra oolu fi itti deebi’u dha. Barruun kun kutaa sadiitti kan
qoodamee dhiyaate yommuu ta’u, akka waliigalaatti bakka tokkotti ykn kutaa tokko tokkoon
isaa of danda’ee hojii irra ooluu ni danda’a.
Kutaa tokkoffaan barruu gorsa kanaa haala walii gala qaama miidhamtootaa akkasumas
hojii COWASH marsaa III ffaa keessatti qooda fudhattoonni sadarkaa federaalaa, naannoo,
godina, aanaa fi gandaatti raawwatan keessatti akkamitti qaama miidhamtoota
hammachiisuu akka danda’amu ibsa.
Kutaa lammaffaan barruu gorsa kanaa hojii furmaata teeknikaa hammachiisuu WASH
keessatti sadarkaa abbaa warraa, hawwasa naannoo fi sekteraatti hojjetamu ibsa.
Kutaa sadaffaan maanuwaalii leenjii leenjistootaa akkasumas leenjii sadarkaa hawaasa
naannootti kennamu qaamota hojii COWASH keessatti qaama miidhamtoota hammachiisuuf
qooda fudhatan ykn gahee qaban(actors) ibsa.

3
2. QAAMA MIDHAMUMMAA HUBACHU

2.1 HIIKA QAAMA MIIDHAMUMMAA

Qaama miidhamummaa hiikuuf/ibsuuf fi hubachuuf hiika yaada ijoo lamaa impairment


/miidhamaa fi qaama miidhamummaa adda baasani baruun barbaachisaa dha. Yeroo
baay’ee jechoota kana lamaan waljala daddabarsuunkan fayyadamnu ta’us garuu
addadummaa kan qaban dha.

Impairment / Miidhama jechuun rakkoo tajaajila kennuu diduu naafaykn qaamaa sababa
haala dhukkuba cimaan (fkf kan akka dhibee sukkaaraa), hanqina nyaataa, dhukkuba (fkf
pooliyoo ykn laamshessaa, ykn busaa), ykn miidhama (fkf balaa mana keessaa, balaa
konkolaataa, walitti bu’insa jeequmsaa, sigigaachoo lafa albuudaa) qaqqabu dha. Takka
takka miidhamni sababa hin beekamneen kan qaqqabu dha. Haalli rakkoo fayyummaa gara
qaama miidhamummaatti namageessan keessaayeroo baay’ee sababoota dhiibbaa qilleensa
naannoo kan akka hanqina qulqullina bishaanii fi qulqullina eegumsa naannoo, nyaata
madaalawaa dhabuu, hiyyummaa, haala hojii, qilleensaa faalamaa, ykn dhabamu
dhaqabamummaa fayyaa ta’uu ni mala. miidhamni dhalootaan ykn booda jireenya keessatti
kan uumamuu danda’u dha.

Haala tajaajila kennuu diduu naafaykn qaamaa namaa irratti hundaa’udhaan miidhamni
gosa babal’aa afur itti hiramuu danda’a.

 Miidhama qaamaa /Physical impairment jechuun rakkoo socho’uu fi demuu


dadhabuu (fkf deemuu, sadarkaa ol yaabuu); socho’uu qaamaa (fkf hiixatanii
qaqqabuu, gadi gugguufuu); fi harka fayyadamuu (fkf daa’imuu ykn foqoquu).
Namoonni miidhama qaamaa qaban meeshaalee deeggaraman kan akka ulee ittiin
deeman, kiraanchii ykn teessoo abbaa gommaa fayyadamu.
 Miidhama qaama miiraa /Sensary impairment rakkoo qaroo, dhageettii fi
dubbachuu of-keessatti dabalata.
o Miidhama qaroo /Visual Impairment: namoota qaroo dhabeeyyii fi
namoota sirriitti hin argine dabalata
o Miidhama dhageettii /Hearing Impairment:namoota dhagahuu hin
dandeenyee fi rakkoo dhageettii qaban dabalata. Haala qabatamaa keessa
jiran irratti hundaa’udhaan namoonni rakkoo akkasii qaban haala dubbiitiin
ykn qooqa mallattootiin waliigalu.
o Miidhama dubbachuu /communication impairment: namoota rakkoo
dubbachuu ykn jechootaan dubbachuu rakkatan dabalata.

 Miidhama Qaroomu /Intellectual impairment namoota waan haaraa ykn


odeeffannoo walxaxaa ta’aan hubachuu, barachuu fi hojii irra oolchuuf dandeettii
murta’aa qaban dha. Dhimmi kun dandeettii gahumsa dubbachuu fi yaadachuu;

4
gahumsa waliin jireenyaa; ykn hojii dhuunfaa isaanii fi gahee hojii isaanii irratti
dhiibbaa geesisa.

 Miidhama Xiin-Sammuurakkoo haamaa fi dhibee sammuu cimaa haala fayyummaa


wajjin kan walqabatu, rakkoo amala rakkisaa, of-eeggannoo ofiif gochuu dhabuu,
barsiifata burjaaja’uu fi cinqamuu wajjin walqabatu dha. Rakkoon akkasii karaa biraa
gahumsa waliin jireenyaa fi hirmaanaa isaanii irratti dhiibbaa fida.

Qaama miidhamummaa: qaama miidhamummaan laamsha’ummaa /impairment caalaa


hiika bal’aa qaba. Qaama miidhamummaa jechuun miidhama /impairment, hir’ina
sosocho’uu (fkf mana fincaaniitti fayyadamuu dhabuu) fi hirmaannaa keessatti murtaa’uu
(fkf mana barumsaa dhaquu dadhabuu ykn hojii qacaramuu dhabuu) sababa miidhama
qofaan otuu hin taane hudhaalee hawaasa keessatti isaan quunnamuun kan ta’u dha.
Miidhama kan inni qaama miidhamummaa ta’u yeroo namoonni sababa dhiibbaa waliin
jireenyaa, siyaasaa, diinagdee, naannoo jireenyaa ykn aadaatiin hawaasa keessatti akka hin
hirmaanne guutumaan dhowwaman dha. “Qaama miidhamummaan waan namoonni qaban
miti. Waan namoonni qaban miidhama /impairment dha. Qaama miidhamummaan waan
namoota miidhama qaama qaban quunnamu irraa waan namoota miidhaa qaama hin qabne
wajjin walbira qabamee hawaasa keessatti isaan irratti uumamu dha.” Kanaafuu qaama
miidhamummaan dhiibbaa bu’aa gahee nama dhuunfaa otuu hin taane hariiroo walitti
dhufeenya namichaa fi haala naannoo /environment inni ykn isheen keessa jiraatu ti.

Akka walii galtee mirgaa namoota qaama miidhamtootaa UN tti hiika armaan gadii ni
qabaata:

Namoota qaama miidhamtoota jechuun namoota warra miidhama qaamaa yeroo


dheeraa irra ture qaban, miidhama sammuu, miidhama qalbeeffachuu
(intellectual) ykn miidhama miiraa qabatanii hudhaalee walitti dhufeenya
ilaalchaa, naannoo jireenyaa (environmental) ykn dhaabbileewajjin qaban akka
isaan guutummaa guutuutti fi karaa gahumsa qabuun hawaasa keessatti bu’uura
walqixee ta’een warra kaan wajjin hin hirmaanne isaan taasisu dha (CRPD, Article
1, 2008).

Itoophiyaa keessatti namoonni qaama miidhamtoota ta’an gosa adda addaa


(heterogeneous) fi heddummina kan qaban dha. Hiikkoon qabatamaa hin taaneen
(stereotypical views) qaama miidhamummaan namoota barcuma–Golollee (Weelchair)
qabuun fayyadamanii fi warren biro akka waan addaatti fudhatanii ilaalaman (classic) kan
akka namoota jaamaa fi namoota duudaa jechuudhaan qaama miidhamummaan akka waan
addaa ta’eetti namoota qaama miidhamtoota hin taane bira qabanii hubatan dha. Namoonni
qaama miidhamummaa qaban sababoota dhuunfaa irratti hundaa’udhaan garaagarummaa
saala, umurii, sadarkaa waliin jireenyaa fi dinagdeen qomoo ykn hambaalee aadaa gidduu
jiruun garaagarummaa ni qabaatu. Tokko tokkoon qaama miidhamaa hiikkoo mataa isaa
ykn ishee ni qabaatu. Qaama miidhamummaan fayyadamummaa dhabuu wajjin walitti
hidhaminsa qabaatus, garuu namoonni qaama miidhamaa ta’an hundi walqixa
miidhamootadha jechuu miti. Dubartoonni qaama midhamtoota ta’an rakkoo
fayyadamummaa dhabuu karaa qaama miidhamummaa qofaa otuu hin taane rakkoo saalaa
wajjin walqabatuunis, qolifannaa saalaairratti hunda’uu fi qaama miidhamummaa irratti
hunda’uun qolifannaa fi dhiibbaa isaan irra gahuun miidhamoodha. Namoonni miidhama

5
qaama cimaa qaban irra caalaa miidhamoodha. Haata’u malee, deeggarsi maatii fi
hawaasaa, barnootaa, galii fi qabeenyaa godhamuuf hanqina hirmaannaa fi sochii isaan
godhani irratti isaan quunnamu jalaa isaan baraaruu ni danda’a.

Kanaafuu, hojiin qaama miidhamtoota irratti kaayyeffatee fi xiyyeeffatee kallattii jireenya


isaanii hundaa irratti hirmaachisuudhaan of dandeesisuuf hojjetamu hojii deebisanii
dhaabuu fi hojii manneen fayyaa keessatti yaaluu bira darbee hojjetamu ta’uu qaba.
Uummata hojiiwwan waliin jireenyaa keessatti akka hirmaatu gochuuf irra caalaa kan
dand’amu qaama miidhamtoota hojii jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti hudhaalee
isaan quunnamu maqasuudhaan dha. Hudhaaleen kun yeroo baay’ee haala hawaasnii fi
naannoo ittiin ijaarame fi ittiin gurmaa’ee dha.

2.2. QAAMA MIIDHAMTOOTA HAMMACHIISUU IRRATTIHUDHAALEE


QUNNAMAN

Namoota qaama miidhamtoota ta’an fi warren fiixeetti dhiibamanii hafan hojii WASH
keessatti akka isaan hin hirmaannee fi hin hammatamne kan isaan taasisu sababoota
hedduutu jira. Rakkoo baay’een isaa kan uumamu hudhaalee karaa alaa kan akka
hudhaalee waliin jireenyaa, naannoo jireenyaa fi hudhaa dhaabbilee /institutional keessa
jiranii dha. Hojiilee karoorsuu, hojii irra oolchuu fi hoogganuu hojiiwwan dhiheessa bishaani,
qulqullina dhunfaa fi eegumsa qulqullina naannoo (WASH) keessatti hojjetamu hunduma
hammachiisuun akka tajaajilu gochuun hojjechuu fi milkeessuuf hudhaaleen hunda
hammachiisuu beekamuu fi hubatamuu qabu.

2.2.1 HUDHAALEE ILAALCHAA FI WALIIN JIREENYAA

Hudhaaleen ilaalchaa, jibbiinsa sababa malee fi nama qooduu rakkoo guddaa namoota
qaama miidhamtoota ta’an irra gahu dha. Itoophiyaa keessatti qaama miidhamummaan
akka qaaniitti, sodaafi ykn akka safuu cabsuutti waan ilaalamuuf salphaatti gara qophaatti
baasuu ykn dhoksuutti geessa. Qaama miidhamummaan akka salphitaatis ni ilaalama.
Qaaddii gahu qaama miidhamtoota irraa hambisuuf maatiin mana keessa dhoksuun ni jira.
Namoonni qaama midhamaa ta’an bishaanii fi biyyoo maatiin ykn hawwasni naannoo itti
fayyadaman faaluu danda’u jechuutiin akka issan itti hin fayyadamne yeroon dhorkatamanis
ni jira. Hudhaan ilaalchaa fi waliin jireenyaa akkasii kan jiru hawaasa naannoo keessatti
qofaa otuu hin taane ilaalcha dhaabbilee WASH keessatti qooda fudhatan sadarkaa hundaa
irra jiran keessattis mul’atu dha.

“maatiin kiyya obbolaakoo shamarranii fi dhiiraa mana barumsaa galchanii anaan garuu
waan nattiqaana’aniif mana keessatti na hambisan. Isaanis “Isheen obboleettii kiyya”
jechuu hin barbaadan, abbaan kiyyaas shamarrre qaama miidhamtuun qaba jechuu hin
brabaadu. Yeroo ijoolleen bakkee taphatan ani isaan wajjin hin taphadhu. Anis ofin dhoksa.”
(yaada dubartiin tokko haala jireenya isheen maatii fi hawaasa naannoo ishee jiru keessatti
jiraattu itti ibsite dha. Buttaajiraa, SNNPR.)

Hudhaalee waliin jireenya keessatti uumamu yeroo walgahii hawaasni dhimma WASH irratti
mari’atanii fi murtii dabarsan namoonni qaama miidhamaa ta’an keessatti hirmaachuu
dadhaban, sababa iddoon /bakki walgahichaa dhaqabamaa ta’uu hafeef, dhabiinsa
meeshaalee ittiin ykn dhabiinsa deeggarsa namaa bakka walgahii geessuu, dhabiinsa

6
hubannoo sababa maaliif namoonni qaama miidhamaa ta’an walgahii kan irratti hirmaachuu
akka qabanii, dhabiinsa qaabeenyaa /maallaqaa walgahii kana irratti hirmaachuuf isaan
mudatuu, fi /ykn dhabiinsa dhaqabamummaa geejibaa fi odeeffannoo irraa kan ka’e dha.

2.2.2 HUDHAALEE NAANNOO FI TEEKNIKAA

Hudhaaleen naannoo /Environmental ta’anii fi hirmaannaa qaama miidhamtootaa irratti


gufuu ta’an rakkoo uumamaa fi rakkoo teeknikaa kan dabalatu dha. Hudhaaleen kun rakkoo
dhaqabamummaa fasilitii WASH fi rakkoo hirmaannaa walgahii, taateewwanii fi hojiiwwan
WASH keessatti godhamuutiin dha.

Hudhaleen uumamaa kanneen akka lafa bu’aa bayii, daandii walcaalaa fi irranolee dhoqqee
ta’ee fi /ykn lafa mucucaatu dha. Bakka hedduutti immoo lafa gutummaa guututti daandii
hin qabne dha. Bakka baay’eetti lafa fagoo walgahii fi madda bishaanii akkasumas faasilitii
qulqullinaa hin qabne dha.

Hudhaaleen teeknikaa sadarkaa ol-dheeraa fi konkiriitii olka’aa, daandii seens dhiphaa,


dhabiinsa ykn cufaa garmalee ulfaataa, kutaalee dhidhiphaa, dhabiinsa ifaa /ibsaa fi
qabannaa sadarkaa itti olbahan kan hammatu dha. Daa’imman hedduun qaama miidhamaa
ta’an sababa dhabiinsa fi dhaqqabamummaa bishaanii fi faasiliitii qulqullinaan kan ka’e
manneen barnootaa irraa hafaniiru. Fakkeenyaaf, rakkoon ykn dhabiinsa faasiliitii
qulqullinaa akka walii galaatti rakkoo mana fincaanii, mijataa ta’uu dhabuu daandii gara
mana fincaanii, dhabiinsa gargaarsa deeggarsaa fi hanqina bakkaa ykn lafaa ti. Manneen
barnootaa keessatti manni fincaanii fooyya’aa fi itti fayyadamuuf mijataa ta’e qabaachuun
daa’immaniif haala mijataa naannoo uumuudhaan barnoota isaanii akka barataniif bu’aa
guddaa ni buusa.

“Ani mana barumsaa dhaquuf gara Buttaajiraa dhaqe. Mana kireeffatame keessan
ture. Mana fincaanii nama hedduutu itti fayyadama, haalli ijaarsa mana fincaanichaa
anaaf mijataa hin turre. Ani teessoo barcuma-golollee (wheelchair) qabun
fayyadama, garuu sababa hulaan seensa mana fincaanichaa sadarkaa qabuuf,
teessoo gommaakoo irraa bu’ee lafa mana ficaanichaa qulqullina hin qabne irra
foqoqeen seena. Bakki boola fincaanichaa olka’aa waan ta’eef, itti fayyadamuuf
caalaa na rakkisa.” (Aleka, umurii 18)

2.2.3 HUDHAALEE DHAABBILEE

Seeronni, imaammanni fi sagantaan raawwii karooraa dhimma garee fiixeetti dagatamanii


wajjin walqabatee qajeelfama, tarsiimoo fi maanuwaalii hojii irra oolmaa hin qaban.
Dabalataanis, ministiroonni ykn biirooleen hojii dhiyeessa bishaanii fi qulqullinaa gahee fi itti
gaafatamummaa qaban imaammata kana irratti hubannoogahaa hin qaban. Kana irraa
ka’uun, namoonni qaama miidhamtoota ta’anii fi hawaasa keessaa fiixeetti kan dagataman
yeroo baay’ee hojii fi faasiliitii WASH keessatti karoorsuu, hojii irra oolchuu fi hoogganuu
keessatti ni irranfatamu.

Irra caalaammoo, imaammata qopheessitoonni baay’een, warri to’atanii fi dhaabbileen


WASH keessatti qooda fudhatan hubannoo hudhaalee hirmaannaa dhiyeessa bishaanii fi
faasilitii qulqullinaa keessatti qaama miidhamtoota mudatan irratti waan hin qabneef
carraan fedhiin isaanii mariisifamuu xiqqaa dha. Waa’ee hammachiisummaa wajjin sirriitti
7
wal hin barree fi leenjii gahaa hammachiisummaa irrattis hin fudhanne. Haala
walfakkaatuun Ministeerii dhimma hojjataa fi hawaasummaa (MoLSA) fi Dhaabbileen qaama
midhamtootaa (DPOs)hojii qooda fudhattoota WASH keessatti argamuu fi walitti dhufeenyi
isaan qaban laafaa fi gahumsa hin qabne dha. Hojii WASH keessatti maloota furmaataa
hudhaalee teeknikaa furuuf jiran irratti hubannoon dhaabbileen qaama midhamtootaa
(DPOs) qabus laafaa dha. Haala walfakkatuun, qaama miidhamtootaaf tajaajilaa kennuu fi
hojii hammachiisummaa irratti kan hojjetan yoo ta’e iyyuu, qondaaltonni dhimmi
hawaasummaa gara hojii dhimma WASH keessatti hojjetamuutti yeroo dhufan isaanis
hubannoo gahaa hin qabani.

Hudhaaleen dhaabbiilee /Institutional istaandardii safartuu hammachiisummaa, hordoffii fi


gabaasuu hin qaban.

2.2.4 WALITTI DHUFEENYA MIIDHAMAA FI HUDHAALEE GIDDUU JIRAN

Yeroo namni miidhama qabu hudhaaleen isa quunnamu, akka inni hin hirmaanne isa
taasisa. Kanaafuu kan qaama miidhamttota irratti haala hin dandeesifne uume hawaasadha
jechuu dha. Hudhaaleen hawaasa keessatti yeroo dhabamsiifamu, namoonni qaama
miidhamaa ta’an warra fayyaa waajin wal-qixa hirmaachuu danda’u. Kana jechuun
namoonni miidhama walfakkaatu qaban haala hudhaalee isaan quunnamu irratti hunda’uun
haala jireenyaa adda ta’e qabaachuu, eessa akka jiraatan, dhaqabamummaa tajaajilaa
akkamii akka qabanii fi haala akkamiin hawaasni akka isaan hubatuu fi ofitti isaan qabuun
adda ta’uu danda’uu jechuudha

MIIDHAMA
QAAMA
/RAKKOO + = HUDHAALEE =
MIIDHAMUMMAA /
TAJAAJILAA
DHABIINSA
HIRMAANNAA

MIIDHAMA / HAWAASA
RAKKOO += DANDEESISAA = HIRMAACHISAA
TAJAAJILAA /HUDHAALEE
FURAMAN

Fakkeenyi armaan gaditti walitti dhufeenya miidhamaa, tajaajilaa, hudhaalee, hirmaannaa fi


qaama miidhamummaa ibsa.

 Masfin mucaa umurii waggaa 10 yommuu ta’uu, sababa dhukkuba ijaan miidhama
(impairment) kan isa quunnamee fi booda ijji isaa arguu dadhabe (difficulties in
function). Manni barumsaa isaa qabeenya deeggarsa mucaa qaroo miidhame kanaaf
godhu waan hin qabneef fudhachuu dide (Hudhaa ilaalchaa miiltoo mana barumsaa).
Manni barumsaa kan biroon naannoo hawaawsa sanaa hin jiru, kanaafuu Masfin gara
8
mana barumsaa dhaquu hin dandeenye (qaama miidhamummaa /haala
dadhabsiisaa).
 Daani’eel miidhama sammuun dhalate (miidhama), miidhamni kun dandeettii
hubachuu, barachuu fi waa yaadachuu isaa miidhe (rakkoo tajaajilaa). Madaalliin
qaama isaas waan miidhameef danda’ee hin deemu ture (rakkoo tajaajilaa). Maatiin
isaa mana barumsaa hin galchine (qaama miidhamummaa /haala dadhabsiisaa),
manni barumsaa isaa barsiisuu danda’us jira jedhanii hin yaanne, gara fuula duraatis
abdii hin qabu jechuun sodaatan (hudhaa ilaalcha maatii).

2.3 AKKATAA HUBANNOO QAAMA MIIDHAMUMMAA

Qaama miidhamummaan karaa baay’ee hubatamu ykn hiikamu ni danda’a. Akkaataa


hawaasa keessatti hubatamuun Qaama miidhamummaan modeela baay’eedhaan hiika
argateera:

 Moodela Aadaa ykn Arjoominaa/charity model: Namoonni qaama miidhamoon


sababa miidhama isaaniin deggarsa arjoomaa, dawoo ykn eegumsa isaan
barbaachisa yaada jedhu qaba. Namni qaama miidhamaa ta’e bu’aa tokko iyyuu
buusuu hin danda’u yaada jedhuun tilmaama isaanii gadi buusee ilaala. Namoonni
qaama miidhamoon hubamoodha, gargaarsi isaan barbaachisa, isaanii yaadamuu
qaba, arjoomni fi deeggarsi godhamuuf qaba eegamuu qabu. Hubannaan dulloomaan
akkasii rakkoo namoota qaama miidhamaa qaban furuuf karaa gargaarsa
arjoomtotaa, mana barumsaa addaa fi deeggarsa sagantaa addaa (welferii) argachuu
qabuu jedha.

 Modeela Wal’aansaa/Yaalaa /medical model: Qaama miidhamummaan rakkoo


fayyaa dhuunfaa, dhukkuba ykn miidhamaa jechuun hiika. Rakkoon kun nama
dhuunfaa kana quunnameera, kanaafuu deebbiin isaaf malu isa fayyisuuf ykn
deebisanii ijaaruudhaan hawaasa wajjin akka madaqu gochuu barbaachisa. Modeelli
kun yeroo dheeraaf irra jireessan hojii irra oolaa tureera, ammas haala qabatamaa
addaan ni jira. Haata’u malee namoonni qaama miidhamaa qaban hundi eeggannoo
yaalii hakiimaa ykn deebisanii ijaaruu isaan barbaachisa jechuu miti, namoonni
qaama miidhama qaban hundi rakkoo fayyaa qabu jedhanii yaadunis dogongora dha.

 Modeela waliin jireenyaa fi mirga dhala namaa/Social and human rights model:
Fudhatamaa fi hammatamuu argachuu namoota qaama midhamaa qaban irratti
hudhaalee jiran hambisuu irratti xiyyeeffata. Modeelli kun miidhama akka qaama
addadummaa namummaa keessa jiruutti hubata. Barbaachisummaa eeggannoo
fayyaa godhamu hin dagatu, garuu xiyyeeffannaan isaa inni guddaan hudhaalee
/rakkoo hawaasa keessatti uumame hambisuu irratti dha. Kan iddootti deebi’uu qabu
nama dhuunfaa sana miti, garuu yaada hawaasaa keessa jiru gara caalaa
hammachiisaa fi hirmaachisaa ta’etti jijjiruu dha. Akkaataa modeela kanatti
namoonni qaama miidhamaa qaban akka lamiilee hundaatti mirga walqixaan
hirmaachuu fi hammatamuu akkasumas hojiilee misoomaa irraa fayyadamaa ta’uu,
dhaqabamummaa dhiyeessa bishanii fi qulqullinaa dabalatee, manneen barnootaa,
9
tajaajila fayyaa fi kkf jechuu dha. Namoonni qaama miidhamaa qaban hawaasa
keessatti akka miseensa tokkootti hirmaannaa walqixaa fi guutuu gumaachuudhaan
maatii fi hawaasa naannoo isaanii keessatti gahee barbaachisaa bahuu akka dana’an
hubatamuu fi fudhatama argachuu qabu.

Akka karoora biyyoolessaa Itiyoophiyaan namoota qaama midhamaa qabaniif qabduu fi


akka walii galtee biyyoota gamtoomanii (UN) mirga namoota qaama miidhamaa
qabaniitti baruun gorsi COWASH kuni namoota qaama miidhamaa qaban akka moodeelli
waliin jireenyaa fi mirga dhala namaa jedhutti hubata.

Haata’u malee ilaalcha uummata Itiyoophiyaa biratti akka modeela arjoomaa fi modeela
yaaluu ta’eetti hidda gadi fageeffatee jira. Akka haala yeroo ammaatti hirmaannaa
guutuu fi hammatummaan namoota qaama miidhamaa qaban akka haala keessoo
hudhaalee waliin jireenyaa, aadaa fi amantii ibsamu. Akka yaada hundaa fi hubannoo
dogongoraa sababa qaama miidhamummaa itti dhufuu fi dandeettii namoota qaama
miidhamaa qabaniitti irratti hubannoon ilaalcha uummataa irra caalaan faallaa dha.
Qooduun, miidhuun, fiixeetti adda baasuu fi irraa qollifannaan kanumma barame dha.
Amantiin Itiyoophiyaa keessa jiran baay’een isaanii kallattii deeggarsaa fi arjoomaa
jajjabeessu. Kun immoo gumaacha fi gahee hirmaannaa qaama miidhamtootaa
fudhachuun akka qaama miseensa guutuu hawaasa naannoo godhanii fudhachuu irra
gochaa kadhaa babal’isuu fi arjoomaa ti.

Namoonni qaama miidhamaa Itiyoophiyaa keessatti keesumaa iyyuu baadiyyaati itti


fufiinsaan kan isaan quunnamu:

 Qaama miidhamummaa aadaadhaan rakkoo hamaa akka waan ekeraa irraa


namatti dhufu wajjin walqabsiisuu;
 Maatii keessatti miseensi nama qaama miidhamaa jiraachuu fi mul’achuu isaa
uummata biratti akka waan sodaatti ilaaluu;
 Dandeettii gumaachaa fi hirmaannaa namootni qaama miidhamaa ta’an
hawaasa keessatti qaban hubachuu dhabuu irraa kan ka’e murtii taasifamu
keessatti akka hin hirmaannee gochuu;
 Hiyyummaa gar-malee, nyaataan of danda’uu dhabuu, dhiyeessa bishaanii fi
qulqullinaa, uffata, mana fi meeshaalee deeggarsaa dhabuu;
 Tajaaila uummataa, barnootaa fi leenjii gahumsa dandeettii fooyyeesan fi carraa
hojii dhabuu; fi
 Miidhaa arrabaa, qaamaa fi walquunnamtii saala, keessumaa shammarranii fi
dubartoota qaama miidhamaa ta’an irra ghau.

10
3. QAAMA MIIDHAMUMMAA WALTAJJII ADUNYAA FI ITIYOOPHIYAA
KEESSATTI

3.1 GALMOOTA MISOOMA ITTIFUFIINSAA

Bara 2015tti, miseensotni biyyoota gamtoomanii (UN) Itiyoophiyaa dabalatee ajandaa


baafataniin hanga bara 2030tti hiyyummaa garmalee hambisuu, nageenya dhaadessuu,
qabeenya qooddachuu fi ardii kana eeguuf walii galanii jiru. Ajandaan 2030 kun Galmoota
Misoomaa Ittifufiinsaa 17n dabalatee, keessaa iyyuu namoota fiixeetti dagatamaniif
xiyyeeffannaa addaa kennuudhaan namni tokko iyyuu duubatti akka hin hafne mirkaneessuf
dha. Qaama miidhamummaan addatti qaama ajandaa hedduu keessatti ibsameera,
akkasumas agarsiiftota biroonis garee warra caalaa saaxilamoo ta’aniif “dhaqababummaa
hundaaf” (“access for all”) namoota qaama miidhamaa qaban dabalatee kan jedhu dha.
Ajandaan kunneen biyyoota miseensa ta’an hundaa keessatti warra qooda fudhattoota ta’an
hundaa wajjin walitti dhufuudhaan hojii irra ni oola.

Galmoota misooma ittifufiinsaa 6n “dhiheessii fi bulchiinsa itti fufiinsa dhiheessa


bishaani fi qulqullina hundaaf mirkaneessu”kan jedhu dha.

Galma kana jallatti maniiwwan bara 2030 galmageessisuuf qabaman:

 Dhiyeessa bishaan dhugaatii qulqulluu fi gatii madaalawaan bakka


hundumaa fi walqixa hundaaf dhiyeessuu
 Dhiyeessa qulqullinaa fi eegumsa qulqullina naannoo hundaa fi bakkeetti
bobbaa taa’uu dhiisuu (end to open defecation), xiyyeeffannaa addaa fedhii
dubartootaa fi shamarraniif akkasumas warra haala caalaa saaxilamaa ta’e
keessa jiraniif kennuu

Maniiwwan qabaman kuneen akka armaan gadiitti caalaa ibsamanii jiru:

 Bakka hundaa /Universal: qaama hundaa maatii, manneen barnootaa,


dhaabbiileefayyaa kkf dabalatee
 Walqixa /Equitable: garee uummataa gidduutti wal-caaltee dhabamsiisuu
 Dhiyeessa /Access: fedhii mana keessaaf barbaachisu bishaan gahaa fi amansiisaa
manatti dhiyeenyaan, faasilitii qulqullinaa manatti dhiyoo fi haala salphaan bira
gahamuu fi yeroo barbaadamu fayyadamuu danda’amu
 Gatii madaalawaa /Affordable: argachuuf kan gatiin isaa hudhaa /rakkoo hin
taane
 Hundaaf /For all: itti fayyadamuuf dhiirri, dubartiin, shamarran fi ijoolleen dhiiraa
sadarkaa umurii hundaa jiran namoota qaama miidhamaa qaban dabalatee itti
fayyadamuuf mijataa kan ta’e.

3.2 WALII GALTEE MIRGOOTA NAMOOTA QAAMA MIIDHAMAA QABAN

Bara 2006tti walgahiin walii galaa mootummoota gamtoomanii (UN) walii galtee mirgoota
namoota miidhama qaamaa qabanii fudhatee, haaluma kanaanmootummaan Itiyoophiyaas

11
walii galtee mirgoota namoota miidhama qaamaa qaban bara 2010 fudhattee
mirkaneessiteetti. Walii galtee mirgoota namoota miidhama qaamaa qaban kun walii galtee
mirgoota dhala namaa addunyaa mirgaa fi eenyummaa namoota miidhama qaamaa qaban
eeguuf ta’e jedhamee yaadame dha. Qaamonni waliigaltee kana fudhatan irraa wanti
barbaachisu namoota miidhama qaamaa qaban kanaaf mirgoota dhala namaa hunda
jajjabeessuu, eeguu fi mirkaneessuu akkasumas seera jalatti mirga walqixummaa guutuu
argachuu isaanii mirkaneessuu dha.

Walii galtee kana keessa qajeeltoowwan itti bitamnu saddetu jira: walabummaa dhuunfaa,
al-qoodummaa, hirmaannaa gahumsaa fi guutuu fi hawaasa keessatti hammatamuu, kabaja
garaagarummaa, carraa walqixa, dhaqabamummaa, walqixummaa dhiiraa fi dubartii
gidduu, kabaja hirmaachisuu dandeettii ijoollee miidhama qaama qabanii ti.

Walii galteen kun keewwata50kan qabu yommu ta’u,tokko tokkoon


isaanimirgootanamoonni miidhama qaamaa qaban (Fkf mirga barachuu, fayyaa, hojiitti
qacaramuu kkf) fi dirqamoota biyyoota miseensa ta’aan eegu qaban ibsa. Keewwatni 28
walii galtee kanaa akka ibsutti jireenya namoota miidhama qaamaa qaban milkeessuu fi
jajjabeessuudhaan jireenya istaandardii gahaa ta’ee dhugoomsuu, dhiyeessa bishaan
qulqulluu dabalatee mootumoonnitarkaanfii sirrii fudhachuu qabu.

Itiyoophiyaa keessatti Ministeerri Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa bakka ijoo dhimma


hojii irra oolmaa waliigaltee mirgoota namoota miidhama qaamaa qaban kanaa ti. Tokko
tokkoo naannoolee 11 biyyattii keessaatti, Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa hojii
irra oolmaa imaammataa biyoolessaa namoota miidhama qaamaa qaban fi qindoomina hojii
kanaa jajjabeessuu sadarkaa naannootti raawwachuuf itti gaafatamummaa qabu. Ministeera
Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa cinaatti, ministeeronni biroon dhimma hojii irra oolmaa
imaammataa fi sagantaa nammoota miidhama qaama qaban keessaa, Ministeera Eegumsa
Fayyaa fi Barnootaa ti ni caqasamu. Haa ta’u malee ministeeronni sadarkaa federaala jiran
hunduu dhimma nomoota miidhama qaama qaban kana carraa walqixa jajjabeessuu fi haala
guutuun akka hirmaatanii haala armaan gadii kanaan hojjetu: “Tokko tokkoon ministeeraa
aangoo fi hojii isaa keessatti, aangoo isaaf kenname keessatti haala namoota miidhama
qaamaa qabanii fi HIV/AIDS dhaaf saaxilaman faayidaa carraa walqixaa argachuu fi
hirmaannaa guutuu gochuu danda’an uumuu qabu.”

Damee mootummaa hunda keessatti, Fookaal Parsanii (Ogeessa) ramaduudhaan dhimma


hojii namoota miidhama qaamaa qaban sektaroota fi sagantaa hundaa keessatti akka
idileessu gochuu barbaachisa, garuu kun hanga ammaatti naannoo hundaa fi manneen
hojii hundaa keessatt hojii irraa hin oolle.

3.3 KAROORA HOJII BIYYOOLESSA ITIYOOPHIYAA NAMOOTA MIIDHAMA


QAAMA QABAN(2012 -2021)

Walii galtee Mirgoota Namoota Miidhama Qaama Qaban mirkaneessuutti aanee,


mootummaan Itiyoophiyaa karoora hojii biyyoolessaa namoota miidhama qaamaa qabaniif
kan waggaa kudhanii qopheesseera. Karoorri kun kan qophaa’e Itiyoophiyaa keessatti hojii
namoota miidhama qaamaa qaban jajjabeessuu, eeguu fi mirgoota namaa sarbamuu hin
dandeenye (fundamental rights) walqixaa fi guutummaa guutuun mirkaneessuu, tajaajila
12
uummataa, carraa barnootaa fi hojii, fi hirmaannaa guutuu maatii keessatti, hawaasa fi
jireenya biyyoolessaa keessatti hojii irra oolchuuf dha. Kaayyoon isaa haala namoota
miidhama qaamaa qaban fooyyeessuu fi hawaasa keessatti akka hammataman
dandeesisuuf dha.

Karoorri hojii biyyoolessaa yaada bu’uuraa hawaasummaa fi bu’uura mirgoota namaa


hubachuu qaba. Kana jechuun namootni hundaa, namoota miidhama qaamaa qaban
dabalatee, mirgoota walqixa qabu. Akka dhimmi namoota miidhama qaamaa qaban hojii
idileessuu, dhimma seektara baay’ee ta’eetti, tokko tokkoon ministeera ykn ejensii dhimmi
isaa ilaallatu karoora hojii misoomaa fi sagantaalee isaanii keessatti kaayyoo, buaa duraa,
hojiiwwan fi agarsiisftuwwan hojii idileessuu kana haala kamiin akka hoojjatanii fi itti
gaafatamummaa hojii sektera isaanii keessatti agarsiisuu qabu. Ministeerri dhimma
hojjetaa fi hawaasummaa federaalaa hojii dhimma nomoota miidhama qaamaa qaban irratti
hojjechuu qabu isa duraa yoo ta’e iyyuu, ministeeronni hunduu hojii ideleessuu qaama
miidhamummaa fi namoota miidhama qaamaa qaban irratti kallattii gahumsa teeknikaa hojii
isaaniin sadarkaa fi iddoo hojii isaanii hundaatti hojjechuuf dirqama qabu. Tokko tokkoon
ministeera federaalaa fi mootummaan naannoolee biyyattii keessa jiran baajata waggaa
hojii isaanii keessa galchanii qabachuu qabu.

3.4 IMAAMMATA KAN BIROO KANA WAJJIN QUUNNAMTII QABAN

Imaammata mootummaa biroo fi manneen hojii WASH Itiyoophiyaa keessatti hojjetan hundi
namoota miidhama qaamaa qaban yaada keessa galchuu fi barbaachisummaa haqummaa
hundaaf (Equity for all) jedhu beeksisuu qabu.

 Heera Federaala Dimokiraatawaa Ripaabilika Itiyoophiyaa (1995),


Motummaa Itiyophiyaa

Heerri kun xiyyeeffannaa haqummaa (equity) fi dhiyeessii (provision) hundaaf:

o“ Hanga qabeenyi humni biyyattii danda’utti, imaammata lammilee


Itiyoophiyaa hunda dhiyeessa fayyaa uummataa fi barnootaa, bishaan
qulqulluu, mana jireenyaa, nyaataa fi nageenya waliinii argachu qabu.”
o “ Namoonni hundi mirga naannoo qulqulluu fi naannoo fayyaa qabaachuu
qabu.”
o “Mootummaan lammiileen Itiyoophiyaa hundi naannoo qulqulluu fi naannoo
fayyaa ta’e akka jiraatan gochuu qaba.”
 Imaammata Bulchiinsa Qabeenya Bishaanii (2001)

Imaammatni seektara bishaanii waa’ee hammannaa namoota miidhama qaamaa qabanii


addatti waan ibse hin qabu, garuu waa’ee haqummaa (equity) bakka hedduutti ibseera.

 Qabatama (framework) Hojii irra Oolmaa WASH (2011)

13
Akeekni hojii irra oolmaa WASH kan xiyyeeffatu fedhiin nomoota miidhama qaamaa qaban
“Sagantaa hojii irra oolmaa biyyoolessaa WASH sadarkaa hundaa keessatti” furmaata
argachuu qaba. qabatamnihojii irra oolmaa WASH akka ibsutti itti gaafatamummaa guddaan
WASHCOs “Tooftaa itti namoonni miidhama qaamaa qabanii fi hawaasa keessaa gareen
fiixeetti gataman fedhiin isaani itti guutamu” uumuu dha. Akeekni hojii irra oolmaa WASH
dhimma “hammatamummaa saalaa fi waliin jireenyaa (qaama miidhamtoota, warra
fayyadamaa hin taanee fi dhukkubsataa, kkf) sagantaa leenjii WASH hundaa keessatti
barnootaa, imaammataa fi karooraa WASH” barbaadu dha.

 Sagantaa Misooma Sektera Barnootaa V (2015/16 – 2019/20), Ministeera


Barnootaa

Fedhiin addaa fi barnoota hammachiisaan sagantaa kana keessatti dursi kan kennameef
dhimma idileessuu ti. Manneen barnootaa keessatti dhiyeessa faasilitii WASH bu’uuraa
xiyyeeffannaan hojjetamee waggaa isa duraa Sagantaa Misooma Seektara Barnootaa V
keessatti mirkaneeffachuu fi isa booda hojii irra oolchuu dha.

 Karoora Ceehumsa Seektara Fayyaa (2015/16 – 2019/20) Ministeera


Fayyaa

Qaama Midhamtoota ilaalchise Bakki ilaalamu/wanni ifatti taa’ee jiruKaroora Ceehumsa


Seektara Fayyaa keessatti agarsiiftuu fi maniin hordoffii qaofaa keessatti: hanga dhaabbilee
fayyaa dhimma saalaa fi namoota miidhama qaama qaban warra paakeejii guutuu WASH
qaban wajjin kan ilaalu dha(dhaabbilee fayyaa 60 waggaa shan keessatti).

 Labsii Ijaarsaa Itiyoophiyaa (Lakk 624/2009) fi Qajeelfama Ijaarsaa (Lakk


243/2011)

Labsiin ijaarsaa Itiyoophiyaa (keewwata 36) bifa addaan kan inni ibsu dhiyeessii dizaayinii fi
ijaarsa namoota miidhama qaamaa fiizikaalaa qabaniif akka armaan gadiiti:

“Ijaarsi uummataa kam iyyuu haala mijataa namoonni miidhama qaama qaban itti
fayyadamuu danda’an, warra teessoo barcuma-golollee (weelchair) fayyadamuu dirqaman fi
warra deemuu danda’an garuu sadarkaa mana olbahuu rakkatan dabalatee (36.1)

Bakka faasilitiin mana fincaanii barbaachisu ijaarsa kamuu keessatti, baay’inni gahaa
faasilitii akkasii namoota miidhama qabaniif mijataa fi dhiyeessiin isaa isaaniif mijachuuqaba
(36.2).”

Haaluma wal-fakkaatuun qajeelfamni ijaarsaas kan ibsu: “ijaarsonni dhiyeessa sadarkaa irra
ol bahanii fi bu’an mijataa, bakka dhaabbii konkolaataa, mana fincaanii fi bakka qaama itti
dhiqatan namoota miidhama qaama qabaniif mijataa kan ta’e qabaachuu qaba (28.3).”
“ijaarsi uummataa kam iyyuu ykn gar tokkoon isaa sochii namoota miidhama qaama qaban
dhorkuu ykn dhowwuu hin qabu (34.1).”

14
3.5 ITIYOOPHIYAA KEESSATTI QOODA FUDHATTOOTA IJOO SOCHII
NAMOOTA MIIDHAMA QAAMAA QABANII

Itiyoophiyaa keessa dhaabileen dhimma namoota miidhama qaamaa qaban irratti hoojjatan
hedduun jiru. Dhaabbilee miseensa namoota miidhama qaama qabanii,, dhaabbilen
namoota miidhama qaama qabaniif hoojjatan, fi dhaabbileen deebisanii dhaabuu fi tajaajila
biro namoota miidhama qaamaa qabaniif keennan ni jiru. Tokko tokkoon gosa dhaabbilee
amalaa fi gahee adda addaa ni qabaatu. Dhaabbilee ijoo namoota miidhama qaamaa qaban
irratti hoojjatan Itiyoophiyaa keessa jiranii muraasi isaanii:

Dhaabbilee Namoota Miidhama Qaamaa Qabanii:

 Dhaabbattoota miseensa namoota miidhama qaama qabanii dha.


 Yeroo baay’ee namoota miidhama addaa murtaa’aa qaban, kan akka namoota warra
qaroo dhabeeyyi, namoota warra gurri itti jabaate, namoota warra
qaroomu/qalbeefachusammuun (intellectual disability) isaanii rakko qabu kkf.
Dhaabbileen biyyoolessaa baay’een naannolee fi magaalota muraasa keessaa warra
damee qabani dha.
 Itiyoophiyaa keessa, dibaabee dhaabbilee biyyoolessaa dhaabbata namoota qaama
miidhamaa qabanii jalatti kan jiran: federeeshinii waldoolee namoota miidhama
qaamaa qaban biyyoolessaa Itiyoophiyaa. Federeeshiniin kun waldaalee miseensoota
jaha qaba (garuu Itiyoophiyaa keessa dhaabbatni namoota qaama miidhamaa
qabanii isaan kana qofaa miti):
o Waldaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa namoota rakkoo dhageettii gurraa qabanii
o Waldaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa namoota dhibee qurciin/ juzeem
miidhamanii
o Waldaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa namoota rakkoo dandeetti qalbeeffachuu
qaban
o Waldaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa miidhama dhageettii fi qaroo dhabeeyyii
o Waldaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa Dubartoota miidhama qaama qaban
o Waldaa biyyoolessaa Misooma namoota Miidhaa qaama qabanii.
 Dhaabbatni Namoota Miidhama Qaamaa Qabanii gahee olaanaa taphatu ni qabaata
sababni isaas fedhii miseensa isaanii hubachuu waan danda’aanii fi namoota
miidhama qaamaa qaban sadarkaa naanno jiraniitti, nannoo fi biyyoolessaatti
sochoosuu ni danda’u.
 Gargaarsaan, dhaabbatni namoota qaama miidhamaa qabanii sagantaa misooma
hawaasa kan akka COWASH keessatti namoota miidhama qaamaa qaban pirojeektii
keessatti hammachiisuudhaan miiltoo fi qabeenya bu’aa qabeessaa ta’uu ni
danda’u.

Garee of-gargaartota Namoota miidhama qaamaa qaban:

 Issan kun garee namoota miidhama qaamaa qaban garuu hanga ammaatti akka
warra Dhaabbata Namoota Qaama Miidhamaa Qabaniitti, ykn akka gamtaatti
seeraankan hin galmoofne, garuu daldala xixiqqaa ykn hojiiwwan galii maddisiisanii
uummatanii kan jiraatani dha.

15
 Namoota miidhama qaamaa qaban warreen biroo wajjiin walquunnamsiisuu fi
hojiiwwan madda galii maddisiisuudhaan naannoo isaanii keessatti gahee olaanaa
taphatani dha.
 Uummataa fi namoota miidhama qaamaa qaban gidduuttii fi sagantaa misooma
hawaasa keessatti wal-quunamsiistu gaarii waan qabaniif yeroo xiinxalli gaggeeffamu
warra ilaalamuu qabani dha.

Dhaabbilee Hidhata –Hawaasaa (Civil society) namoota miidhama qaama qaban


/Daabbilee miti-mootummaa:

 Dhaabbilee namoota miidhama qaama qabaniif hojjatani dha.


 Warren gurguddoo dalalatee, namoota miidhama qaama qabanii – addattii miti-
mootummaa idiladdunyaa kan akka Addunyaaf Ifa (light for the world),
CBM(chirstian Blind Mission), fi handicap International warren biroo miiltoo
dhaabbilee naannoo warra namoota miidhama qaama qaban hammachiisuu
jajjabeessan dha.
 Dhaabbilee Miti-mootummaa idiladdunyaa fi Dhaabbilee hidhata –hawaasaa (Civil
society)namoota miidhama qaama qaban kan naannoo warra tajaajila addaa ta’e
kennan yommuu ta’uu isaan keessaas kan akka Tajaajila Cheshire Itiyoophiyaa
(Cheshire Services Ethiopia),gargaarsa tajaajila idiladdunyaa (International Aid
services), Birihaan Lehitsanbat, Addis Developmet Vision, Addis Guzo, caqasamoo
dha.
 Dhaabbilee miti-mootummaa miisoomaa gurguddoo warren hojii isaanii misoomaa
adeemsifamaa jiru keessatt namoota miidhama qaama qabanii hammachiisan
keessaa kan akka “World Vision Ethiopia”, CARE, mercy Crops, Child Found Ethiopia,
Save the Childern, Water Aid Ethiopia, caqasamoo dha.Dhaabbilee Hidhata–
Hawaasaa (Civil society)namoota miidhama qaama qaban kan naannoo warren
namoota miidhama qaama qabanii hojii misooma keessatti hammachiisuuf
jajjabeessanii fi haala mijeessan keessaa kan akka Ethiopian Centre for Disability
and development (ECDD), Ethiopian national Disability Action Network (ENDAN)
caqasamoo dha.
 Dhaabbilee amantaa garaagaaraa buufataalee fayyaa, Manneen barnootaa addaa fi
giddu galawwan leenjii deggaran.

Dhuma irratti dhaabbileen idiladdunyaa hedduu warren sagantaa issanii keessatti namoota
miidhama qaama qabanii idileessan, dhaabbilee kallattii-hedduminaa qaban dabalatee (fkf
Baankii Addunyaa, UNICEF, UNDP, EU kkf) fi sagantaalee isaaniin deeggaramu, fi sagantaa
kallattii lamanii (bilateral programmes) mootummoota arjooman baay’eedhaan
deeggaraman (fkf DFID, USAID, GIZ, Irish Aid kkf) dabalata.

16
4. BARBAACHISUMMAA TAJAAILA WASH FI FAAYIDAA F AASILITOONI
QAAMA HUNDAAFKENNAN

Itiyoophiyaa keessatti uummata baay’eef dhiyeessiin bishaan qulqulluu fi qulqullinaa qabsoo


dha, garuu namoota miidhama qaama qabaniif irra caalaa rakkoo cimaa dha. Faasiliitiin
WASH kan qopha’an namoota hawaasa keessa gidduu galeessa ta’aniif dha. Haa ta’u malee,
hawaasni hundinuu adda addummaa dhuunfaa hedduu fi fedhii wal-irraa fagaatu qabu, kana
irraa ka’udhaan uummanni hedduun fasiliitii fi hojiiwwan sagantaa WASH keessatti hin
hammatamne. Issan keessaa immoo gareen hiyyeessa gar-malee fi irra caalaa fixeetti
dagataman namoota miidhama qaama qaban dha. Dhiyeessa bishaan nagaa fi qulqulluu fi
faasilitii qulqullinaa mirgoota bu’uuraa uummata hundaa, namoota miidhama qaama qabanii
dabalatee ti.

Bara 2006tti “Water Aid Ethiopia” qo’annoo dhiyeessa bishaanii fi qulqullinaa namoota
miidhama qaama qabanii irratti magaala Buttaajiraa fi aanaa Mesqaan zoonii Guraagee,
naannoo SNNPR keessatti gaggeessee ture. Kaayyoon qo’annoo kanaa hanqinoota adda
baasuu, hanqina kana fala itti dandamachuu fi hanqinaalee kana gara fuula duraaf furmaata
kennuu fi dhiyeessa bishaanii fi qulqullinaa namoota miidhama qaamaa qabanii barbaaduuf
ture. Kanneen armaan gadii argannoo bu’aa qo’annoo sanaa isaan muraasa keessaa:

 Bishaan: namoota miidhama qaama qabanii yeroo baay’ee sababa qaama


miidhamummaa isaaniin bishaan baay’ee barbaadu. Deddeebbiin xuxuqaan lafaa
waan isaanitti baay’atuuf xura’uuf saaxilamoo, fi dhiibbaan kiraanchii ittiin deemanii
fi teessoo abbaa gommaa fayyadamuun waan isaan dafqisiisuuf. Deebistoonni
baay’een dhiyeessi bishaanii dhiyeessa mana fincaanii caalaa rakkisaa ta’uu isaa
ibsaniiru, sababni isaas ofii isaanii bishaan waraabbachuu ykn dhiyeeffachuu waan
hin dandeenyeef dha. Maddi bishaanii yeroo baay’ee waan fagaatuu fi harka isaanii
fayyadamuun waan socho’anii, fi meeshaalee bishaan qabatu baachuu hin mijatuuf.
Sababa namoota birootti maxananiif namoota miidhama qaama qabanii bishaan
gahaa dhaqna isaanii dhiqachuu fi miiccachuuf hin argatan.
 Mana fincaanii: namoota miidhama qaama qabanii namoota war kaan caalaa mana
fincaanii ni barbaadu, sababni isaas bakkeetti bobbaa taa’uun dadhabsiisaa fi balaa
dha, sababni isaas irratti kufuu fi xuraa’uu, ilbiisaa ykn maxxantootaa saaxilamaa
ta’uu isaanii ti. Gar-tokkoon samuuda deebistoota hundaa akka jedhanitti dhiyeessi
mana fincaanii hin jiru. Warrumti dhiyeessii mana fincaanii qabanis taanaan,
dizaayiniin isaa kiraanchii ykn teessoo abbaa gommaa yaada keessa galchee waan
hin hojjetamnee fi isaan itti faayyadamuu waan hin dandeenyeef mijataa miti.
Tokko-sadaffaan warra deebisee mana fincaanii jirutti fayyadamuu waan hin
dandeenye gara bakkeetti deebi’anii warra bobbaa taa’anitti makamaniiru. Warri
mana fincaanii fayyadamna jedhanii gabaasan lafarra harkaan daa’imuun, rakkoo
dhukkubaaf saaxilamoo dha. Manni fincaanii baay’een isaanii lafti isaa muka irraa
waan hojjetameef yeroo jiidhu ni mucucaata, qulqulleessuufis rakkisaa dha.
Kiraanchiin isaanii muka gidduu jala seena, sadarkaan ol-dhaabbatu ol-bahuu fi
bu’uu irratti danqaa waan uumuuf namoota miidhama qaama qabanii rakkisaa dha.

Kutaan B barruu gorsaa kanaa filannoowwan dizaayinii teeknika hammachiisuu bishaanii fi


qulqullinaa baay’ee ibsa.

17
Namoota miidhama qaama qaban hojiiwwan COWASH keessatti hirmaachisuu fi fayyadama
taasisuuf hammachiisuun warren armaan gaditti eeraman nu dandeessisa:

 Galma gahinsa maniiwwan karoora guddinaa fi jijjiiramaa II tiif gumaacha (manii


bobbaa bakkeetti bahuu dhiisuu dabalatee)
 Galma gahinsa maniiwwan galmoota misooma ittifufinsaaf gumaacha
 Waliigaltee mirgoota namoota miidhama qaama qaban wajjin walsimatee deema
 Karoorri hojiiwwan biyyoolessaa namoota miidhama qaama qaban irratti hojjetamu
wajjin wal-simata
 Dhiyeessi haqa qabeessa, gumaach fi hirmaannaa namoota miidhama qaama qaban
hojiiwwan COWASH keessatti mirkaneessa
 Namoota miidhama qaama qabaniif karaa hojiiwwan COWASH interpraayizii
maaykiroo fi xixiqqaa hundeessuudhaan carraa hojii ni uuma
 Dubartootaa fi shamarran irraa ulfaatina hojii hir’isa, hojiiwwan isaan bishaanii fi
qulqullinaa maatii keessatti gahee fi itti gaafatamummaa ol’aanaa fudhatanii fi of-
eeggannoo isaan miseensa namoota miidhama qaama qaban godhan irraa hir’isa
 Dhiyeessii dabalaa fi baasii hir’isuu, gatiin dhiyeessii dhaqabamaa gochuu amma irra
booda waan dabaluuf
 Hojii WASH Itiyoophiyaa keessatti hojjetamu jajjabeessuu fi cimsuudhaan
idileessuun namoota miidhama qaama qaban sekterichi keessatti caalaa
hammachiisaa akka ta’an gochuu dha.
 Wal-deeggaruu fi waliin ta’uun miiltoo sektera WASH fi dhaabbilee namoota
miidhama qaama qaban wajjin jiru akka dabalu taasisa

Dabalataanis, hammachiisummaan WASH gumaacha armaan gadii ni qabaata:

 Kabaja ofiif fi sadarkaa qulqullina jireenyaa ni fooyyessa

Hojiiwwan sadarkaa hawaasatti hojjetamuu fi dhiyeessi faasilitii WASH fooyya’e dhiibbaa


guddaa fayyaa, eegumsa qulqullinaa naanoo, qulqullinaa, kabajaa fi sadarkaa qulqullina
jireenyaa namoota miidhama qaama qabanii fi garee warren biroo fiixeetti dagataman.
Dhiyeessi faasilitii WASH of-danda’uu namoota fixee dagataman akka dabalu taasisa, karaa
biroo immoo miseensa maatii keessatti ulfaatinni baay’ina hojii kenna-eeggumsaaf godhamu
akka hir’isu taasisa. Dhiyeessi faasilitiiwwanii irra salphaa fi eeggannoo qabu birra gahuu fi
fayyadamuun miidhaa gahu ni hir’isa. Haalli hammachiisummaa garee hedduminaa
fayyaduu fi miseensa hawaasa baay’eef carraa of-eeggannoo qabuu fi otuu miidhaa hin
geessisiin gumaachuu danda’a. kun faayidaa guddaa ofitti amanamummaa namaa, kabaja
ofiif fi iciitii qaba.

Hirmaannaan namoota miidhama qaama qaban WASH karoorsuu, hojii irra oolchuu fi
hooggansi isaa ilaalchaa fi amala hawaasa namoota miidhama qaama qaban irratti jijjiirama
bu’aa qabeessaa ni fida. Kana irraa ka’uun xiisammuun arjooma ni hir’isa. Irra caalaa
immoo namoota miidhama qaama qaban misooma hawaasa naannoo keessatti
potenshaalaa fi gaheen taphatu hubatamuu jalqaba. Adeemsi aangessuu ilaalcha namoota
miidhama qaama qaban mataan isaanii potenshaala ofitti amanamummaa akka gonfatan
taasisa.

 Misooma itti fufiinsaa

18
Kallattiin hammachiisummaa adeemsa yeroo dheeraa keessa irra caalaa gahusa baasii ni
dabala. Hammachiisummaan duruma jalqaba pirojektii irraatti yoo karoorfame, baasii
dabalataa ni xiqqeessa ykn ni hambisa. Hammachiisummaan dura illee yoo keessatti otuu
hin karoorfamiin hafe, fi faasilitiwwan jiran irra caalaa hammachiisaa gochuuf madaksuu yoo
barbaachise, waan kun teeknika cimaa ykn adeemsa gatii guddaa baasisu hin barbaachisu.
Baasiin diinagdummaa namoota miidhama qaamaa qaban hammachiisuu dhabuu kan baasii
hammachiisummaaf bahu caalaa madaalii kaasa. Fooyyessuun dhiyeessii fi
hammachiisummaa hiyyummaa gar-malee maqsuu fi misooma diinagdee keessatti
gumaacha bu’aa qabeessa taasisa. Fakeenyaaf Itiyoophiyaa keessa mana barumsaa
keessatti baasiin dhiyeessa faasilitii mana fincaanii gatii dimshaashaa ijaarsa mana fincaanii
irratti % 2.5 qofa dabalata. Faasilitii WASH ijaarsa booda dhiyeessuun yeroo duraa wal-
wajjin hojjechiisuu caala irra gatii nama baasisa.

5. HAMMACHIISUMMAA NAMOOTA MIIDHAMA QAAMAA QABAN COWASH


KEESSATTI

5.1 QAAMA MIIDHAMUMMAA IDILEESSUU

Namoota miidhama qaamaa qaban idileessun tarsiimoo fedhii fi muuxannoo namoota


miidhama qaamaa qaban qaama hojii dizaayinii, hojii irra oolchuu, hordofuu fi madaaluu
imammataa, pirojektii ykn sagantaa ti. Idileessuun namoota miidhama qaamaa qabanii
pirojektichatti “komponentii miidhama qaamaa” biraa dabaluu otuu hin taane, garuu
adeemsa hojii misooma adda addaa keessatti hammachiisummaa fedhii fi muuxannoo
namoota miidhama qaamaa qaban dabaluudha. Dhiimmi kun dhimmaa waliigalaa seektara
hundaa ti. Kun kan barbaadu xiinxalaa fi hojii irra oolmaa bu’aa dhiibbaa hojiiwwan
karoorfamanii rawwataman kamuu namoota miidhama qaama qaban irratti fidhan deebisuu
dha. Kaayyoon idileessuu namoota miidhama qaama qaban COWASH keessatti qabu
tajaajila WASH keessatti dhiyeessi wal-qixaa hundaaf jedhu mirkaneessuu fi haalaa fi
hirmaannaa WASH karoorsuu, hojii irra oolchuu fi bulchiinsa isaa hundaa keessatti
mirkaneessuu dha. Dhimmi kun kan barbaadu namoota miidhama qaamaa qaban hojii
pirojektii WASH dura jiru keessatti qindeessuu qofa otuu hin taane, garuu pirojekticha gara
irra caalaa fedhii namoota miidhama qaama qabaniitti ceesisuu dha.

Pirojektiin WASH namoota miidhama qaamaa qaban qofaa irratti xiyyeeffate namoota
hundaa miidhama qaama qaban bira gahuuf gahaa miti, sababni isaas namoota miidhama
qaama qaban keessa daa’imman, dargaggoonni fi gaheessonni namoota miidhama qaamaa
qaban hawaasa hundaa keessatti ni argamu. Dhimmi idileessuu namoota miidhama qaamaa
qaban sagantaalee dizaayinii addaan namoota miidhama qaamaa qabaniif kan akka WASH
keessatti hin qophoofne dhimmi isaa kan deebii argatu akka dhimma seektara hundaatti dha
(cross-cutting and multi secteral issue). Qajeeltoowwan kanaan hawaasa keessatti
hirmaannaa guutuu warra kaan wajjin bu’uura walqixxee ta’een hundaaf mirkaneessuu dha.

19
5.2 QAJEELTOOWWAN HAMMACHIISUMMAA COWASH KEESSATTI

Kanneen armaan gadii hojii COWASH abboomudhaan qooda fudhattoonni fedhii addaa
namoota miidhama qaamaa qaban fi hojiiwwan COWASH keessatti hammachiisuuf ni
gargaaru.

Al-qoodummaa: jechuun namoota miidhama qaamaa qaban hundi (dhiiraa fi dubartii;


shamarranii fi dargaggoota; nama miidhama qabu, miira, qalbeeffachuu, sammuu fi /ykn
xiinsammuu irratti namoota miidhama qaama qaban) hojiiwwan COWASH irraa carraa wal-
qixaa dhiyeessii fi fayyadamaa akka ta’anii fi hojiin COWASHn hoojjatamu hudhaalee
/rakkoo uumuu ykn rakkoo hudhaalee jabeessuu hin qabu.

Hubannoo Cimsuu: hubannoo namoota miidhama qaama qabanii fi sekteroota qooda


fudhattoota hojiin WASH gaggeeffamu keessatti akkasumas hawaasa biratti
hammachiisummaa namoota miidhama qaamaa qabanii gara fooya’insa dandeesissuutti
tarkaanfii duraa hubannoo uumamu dha.

Hirmaannaa: namoota miidhama qaamaa qabaniin hojiiwwan COWASH keessatti


hojjetaman keessatti hirmaachisuun fedhii miseensa hawaasa hunda guutuu fi bu’aa
qabeessa fi barbaachisaa ta’uu isaa mirkaneessuu dha. Namootni miidhama qaamaa qaban
warreen hudhaalee /rakkoo isaan quunnamu hubatanii fi fala isaas beekan dha. “waa’ee
keenya unu malee waa hin jiru” (Nothing about us without us”) kan jedhu dhaadannoo
namoota miidhama qaamaa qabanii fi dhaabbilee isaaniin bakka bu’anii, fi sektaroonni
WASH qajeeltoo kannan buluu qabu, walii galtee mirgoota namoota miidhama qaama qaban
ti. Hirmaannaan namoota miidhama qaamaa qaban cimsuu fi oftti amanamummaa akka
horatanii fi hubannoo hawaasa keessatti bal’inaa uumuudhaan dandeettii fi gumaachawwan
namooni miidhama qaamaa hin qabne godhan ol kaasa.

Dhaqabamummaa: hudhaalee /rakkoolee qaamaa, odeeffannoo wal-jijjiiruu, ilaalchaa fi


jaarmiyaalee kan namootni miidhama qaamaa qaban hojiiwwan COWASHn hojjetamu
keessatti fayyadamuu fi hirmaachuuf isaan quunnamu hambisuu dha. Namoonni dhuunfaan
hundumti tajaajila walfakkaatu fayyadamu fi faasilitiiwwan bu’uura wal-qixaan warreen kaan
wajjiin argachuu qabu.

5.3 QAAMAA MIIDHAMA ADDA BAASUU FI SADARKAA ISAA SAFARUU

Bara 2011 keessatti, dhaabbanni fayyaa addunyaa, baankii addunyaa wajjin ta’uudhaan,
gabaasa isa duraa namoota miidhama qaamaa qaban irratti barreesse. Qo’annoo bakkee
biyyoota baay’ee irratti Itiyoophiyaa keessatti dabalatee gaggeeffameen, akka tilmaama
gabaasa kanaatti uummata addunyaa keessaa tamsa’inni isaa %15 ol namoota miidhama
qaama qabanii dha. Kan Itiyoophiyaa tilmaamni tamsa’ina namoota miidhama qaama
qabanii %17.6 agarsiisa ture.

Akka waliigalaatti biyyoota hedduu keessatti odeeffannoon qabatamaa fi amanamaa


argachuun Itiyoophiyaa dabalatee, rakkisaa dha. Akka lakkoofsa ummataa bara 2007tti
namoota miidhama qaamaa qaban biyyattii keessatti tamsa’ina %1.2 yommuu ta’u,

20
tilmaamni kun kan baay’ee gadi bu’aa ta’e dha. Argannoon qo’annoo sakata’insa ka’umsa
COWASH 2017 akka agarsiisuutti, tamsa’inni namoota miidhama qaamaa qaban miseensa
maatii gidduutti garaagarummaa %6.2 (aanaalee pirojektii Tigiraay keessatti) fi %2.4
(aanaalee pirojektii SNNPR), gidduu galeessaan aanaalee COWASH naannoolee shanii
keessatti %4 dha.

Garaagarummaan dhaabbata fayyaa addunyaa fi baankii addunyaa, lakkoofsa biyyoolessaa,


fi lakkoofsa ka’umsaa COWASH gidduu jiru tarii sababa garaagarummaa tooftaa
odeeffannoon itti guurame, yeroo sakata’insi gaggeeffame, daangaa sakata’insaa,
meeshaalee odeeffannoof qophaa’e, sadarkaa hubannoo namoota odeeffannoo funaananii,
mul’achuu dhabuu miidhama qaamaa muraasaa, fi fedhii dhabuu uummataa iftoominaa
odeeffannoo kennuu rakkoo dhimmichaa wajjin walqabateen kan ka’e ta’uu ni mala.

Qaama miidhamummaan wayiita safaramu xiyyeeffannoon kan ta’uu qabu hir’ina tajaailaa
irratti (yoo namichi deemuu hin danda’u ta’e) ta’uu kan qabu yommuu ta’uu, kallatiidhaan
namicha midhama qaamaa qabaachuu fi dhisuu gaafachuun yeroo baay’e ani qaama
midhaamaa dha jedhee deebisu waan hin barbanneefgabaasa gadi bu’aa fi tamsa’ina
miidhama qaamaa gadi xiqqeessa. Odeeffannoo sadarkaa miidhama qaamaa adda baasuuf,
gaaffiwwan kallattiidhaan nama dhuunfaatiif, ykn yoo barbaachise karaa miseensa maatii
dhiyaachuu qaba. Haa ta’u malee, gaaffiiwwan tajaajila kennuu diduu qaama ykn namoota
miidhama qaama qaban karaa abbaa warraa gaafachuun odeeffannoo adda baasuu argannu
ni xiqqeessa, namootni hir’ina tajaajila qaamaa qaban dagatamuu (beekaa ykn otuu hin
beekiin) ni danda’u.

Kallattiin namoota miidhama qaama qaban COWASH adda baasuuf itti fayyadame kallattii fi
meeshaalee mootummoota gamtoomaniin (UN) garee istaatiksii waashingiteniin qophaa’e
dha. Kan isaan qopheessan meeshaa salphaa fi sadarkaa idiladdunyaatti hojii sakata’insaaf
mijataa odeeffannoo bu’uuraa namni rakkoo hir’ina tajaajila qaamaa qabaachuu fi hin
qabnee isaa, of danda’ee hawaasa keessatii akka hin hirmaanne kan isa godhu yoo jiraate
itti kennu dha. Odeeffannoon gaafannoo kana irraa argamu sadarkaa hirmaannaa WASH
keessatti jiru walbira qabanii ilaaluuf (fkf leenjiwwan, hirmaannaa sadarkaa hawaasaa kkf)
namoota miidhama qaamaa qabanii fi warra miidhama qaama hin qabne gidduutti akka
namootni miidhama qaamaa qaban hammataman ilaaluuf dha.

Tooftaan kun kallattii tajaajila kennamuu fayyadamuun gaafannoowwan uummanni hojii


isaanii guyyaa guyyaa keessatti rakkoo isaan quunnamu gaafachuudhaan fayyadama.
Tooftaan kun tilmaama sirrii ta’e kennuudhaan namoota miidhama qaamaa qaban adda
baasuuf ni gargaara – sababni isaas namoonni hojiiwwan murtaa’an hojjechuu hin
dandeenye kan akka “adeemuu” ykn “dhagahuu” warra miidhama qaama qabanii fi
uummata isaanii wajjin bu’uura walwixaan hirmaachuun rakkoo isaanitti ta’uu fi kanaafuu
isaan akkasii warra rakkoof saaxilaman ykn namoota miidhama qaama qaban dha. Kallattiin
tajaajila fayyadamuun jecha “namoota miidhama qaama qaban” hambisuu fi sababa soda
kanaan otuu adda hin bahiin hafan sirreesa. Meeshaaleen kun waa’ee arguu, dhagahuu,
socho’uu, yaadachuu fi xiyyeeffannaa, of-eeguu, fi odeeffannoo wal-jijjiiruu adda baasuuf
kan gargaaru dha. Warri deebistoonni gaaffii kamii iyuu yoo eeyyee jedhan, akka nama
miidhama qaama qabutti fudhatama.

21
Gaafannoowwan kun odeeffannoo ka’umsaa COWASH fudhachuuf itt fayyadamnee jirra, fi
gabaasa odeeffannoo hojii pirojektii namoota miidhama qaamaa qaban adda baasnee
dhiyeessinuuf fayyadamuu qabna. Foormiin gaafannoo tamsa’ina namoota miidhama
qaamaa qaban garee istaatiksii Waashingiten leenjii keessatti ittin adda baasan baruu gorsa
kana irratti hidhameera (duuka deemtuu 1).

5.4 NAMOOTA MIIDHAMA QAAMA QABAN WAJJIN WL-QUUNNAMUU


(AFAANII FI AMALA)

Sababoota hubanoowwan adda addaa hawaasa fi aadaa Itiyoophiyaa keessa namoota


miidhama qaama qabaniin irratti jiruun, afaan ykn loqodni naannoo namoota miidhama
qaamaa qaban jiru adda adda dha. Barruu gorsi kun kan fayyadhamu ‘namoota miidhama
qaama qaban’ jechuudhan dha. Kun kan inni hordofe afaan waliigaltee mirgoota namoota
miidhama qaama qabanii fi modeela bu’uura-mirgoota namoota miidhama qaama qaban ti.
Afaan kun dursa namichaaf yaaduu jajjabeessa (qaama miidhamummaa isaa irra) fi
gumaacha isaan godhan kabajuu, gahumsa ogummaa fi dandeettii isaanii kabajuu. Jechoota
boodatti hafoo fi arrabsoo namoota miidhama qaama qaban irratti fayyadamuun
garaagarummaa fi akka isaan hin hammatamne taasisa.

Afaan Tolaa /qajeeloo Afaan Faallaa

Nama miidhama qaamaa qabu Midhamaa, qaama-hanqu, nama foqoqu


/daa’imu, nama qaama miidhamee rakkatu,
nama miidhama qaamaan rakkatu, mudaa,
jajjallataa/ kan booca hin qabne, waan addaa,
kan qaamaan rakkatu
Namoota fayyalessa, qaama guutuu danda’u,
Nama miidhama qaama hin qabne warra fayyaa qaban

Nama dhukuba sammuun ykn miidham Sammuu hir’uu, samuun booddeetti hafaa,
qaama qabu samuu mudaa qabu,

Fayyadamaa teessoo abbaa gommaa Teessoo abbaa gommaatti kan itti cufamee
/marsame

Nama qaroo dhabaa /miidhama agartuu Jaamaa

Nama gurr itti jabaate /miidhama dhageettii Duudaa /kan hin dhageenye

Nama qalbiin dide /miidhama qalbeeffachuu Kan sammuun dide, nama gototamaa

Nama dubbachuu dhadabe/nama arrbni dide Kan duubbachuu hin dandeenye

Nama guddina qaaman miidhame Nama hanqina qaamaa qabu /qaama hir’eessa

Rakkina faasilitii dhiqannaa qaamaa Dhiqannaaf rakkina

22
Akka Itiyoophiyaa keessatti haala qabatamaa jiruun kanneen armaan gadii jechoota sirrii
afaan naannoolee COWASH keessatti sadarkaa hundaatti dhimma namoota miidhama
qaama qaban keessatti itti fayyadamuu dandeenyu:

Afaan Ingiliffa Afaan Amaariffa Afaan oroomoo Afaan Tigiriffaa

Impairment ሰአነት Miidhaa ጉድለት

Person with a disability አካልጉዳተኛሰዉ Nama miidhama ጉድኣትኣካል


qaama qabu

Non-disability Person አካልጉዳተኛአልባ Nama miidhama ጉድኣትዝይብሎም


qaama hin qabne

Person with a visual አይነስዉር Qaroo ዐይነስዉር


Impairment dhabeessa/tti

Person with hearing መስማትየተሳነዉ Dhageettii ምስማዕዝተስኣኖም


Impairment dhabeessa/tti

Person with an intellectual የአእምሮእድገትዉስንነት Nama miidhaa ናይኣእምሮዕብየትዉስንነት


disability sammuu qabu

Accessibility ተደራሽነት Dhaqabamummaa ጽንባረ/ ተበጻሕነት


Misooma hunda
Inclusive Development አካቶልማት hammate ኣብልምዓትምክታት

Akkaataa fi haala ati nama miidhama qaamaa qabutti itti dhiyaattuu haala nama miidhama
qaama hin qabne wajjin tokko ta’uu qaba. Hundumaafuu, kanneen armaan gaditti ibsaman
kun yeroo namoota miidhama qaama qaban wajjin walquunnamtu yaada keessa galuu
qabu.

 Osoo hin deeggariin dura gaafadhu. Namootni miidhama qaamaa qaban yeroo
hundaa gargaarsa barbaadu jettee hin yaadiin. Yoo inni/ isheen akka nama
gargaarsa barbaadaniitti dhiyaatan, akka deeggarsa kee fedhan gaafadhuu,
akkasumas haala akkamiin akka ati isaan deeggaruu qabdu isaan irraa kallattii
fudhadhu.

 Namichumatti kallattiindubbadhu. Yoo namichi mallattoodhaan nama isaaf


hiikudha fayyadama ta’e illee ykn gargaarsa namaan, dubbiinkee kallacha gara
namichhaatti malee gara nama isaa hiikuufiitti ykn gara nama isa gargaaraa isaa
ta’eetti ta’uu hin qabu.

 Xuxuqaa qaama irraa damaqinaan of eegi. Teessoo barcuma-golollee


(weelchair), kiraanchii ykn ulee namaatti hirkachuu irraa of-eergi, meeshaaleen kun
23
akka qaama namichaatti waan ilaalamuuf ykn akka nama itti rarra’ee waan
sifakkeessuf. Yoo namichi nama qaroo dhabeessa ta’ee deeggarsa kee barbaada
ta’e, harka isaa/ishee hin qabatiin; bakka isaa ati ciqileekee kenniif, eessa akka si-
qabachuu barbaadu isaaf dhiiyeessi.

 Yoo nama qaroo dhabeessa quunnamta ta’e, ofiikee fi namoota si-wajjin jiran
ibsiif, akkasumas yeroo garee keessatti yaada wal-jijjiirtu ta’e namicha yaadadhuuti
maqaan adda baasi. Namoota miidhama qaamaa harkaa qabanii fi harka isaanii
fayyadamuuf rakkatan ykn namoota harka nam-tolchee fayyadaman harkakeen
qabattee dubbisuu hin sodaatiin.

 Qalbii nama dhageettii dhabeessa/tti argachuu yoo barbaadde, salgii isaa


xuxuquun ykn harkakee sochoosi. Kallattiidhaan gara namichaa ilaalaa fi qulqulinaa
fi suuta dubbachaa akka namichi hidhiikee irraa dubbisu ykn hubatu godhi.
Namnidhageettii dhabeessa ta’e/taate hundi hidhii irra dubbisuu fi hubachuu hin
danda’ani. Namoota warra hidhii irraa dubbisuu danda’aniif, fedhii isaaniif
dammaqaa ta’iitii bakka isaani of-buusii fuullikee bakka ifaa keessaa fi wayita
dubbattu harkakee, sigaaraa fi nyaata afaankee irraa buti.

 Ati yeroo nama dubbachuuf rakkatu wajjin dubbattu Obsaa fi xiyyeeffannaan


dhageeffadhu. Namicha sirreessitee fi dubbachuu irra of-dhorki; akka fixu/xxu
eegi. Yoo ati hin hubanne ta’e, akka nama hubatee of hin godhiin; waan hubatte
deebisii dubbadhuutii akka inni/isheen siif deebistuuf eeyyamiif.

 Yeroo nama qaroo dhabeessa/ttif kallattii kennitu sirriitti adda baasi. “fuula
duraa kee”, “Duuba kee”, “gara bitaa kee/mirgakee” jedhi. Akka kanaa garuu hin
jedhiin-“Achi sana”, ‘as-kana”, ykn harkaan ykn mallattoo fuulaan gara dhaquu qabu
hin himiini.

 Yeroo nama miidhaa sammuu qabutti dubbattu, dubbii afaan kallacha


faayadami, hima gaggabaaboo fayyadami. Sagalee xiqqaa hin dubbatiin ykn
nama gaheessa akka daa’imaatti kunuunsaa wajjin haasa’i.

 Yaada waliigalaa ibsuutti fayyadamtu jechoota qaani hin fayyadamiin, kan


akka “boodan si arga”, “amma fiigee deemutu narra jira”, ykn “waa’e dhimma sanaa
dhageessettaa?” waan dhimma waa’e namoota miidhama qaama qaban wajjin kan
walqabatu kan fakkaatu.

 Waan hojjettu yoo hin mirkaneeffanne ta’e /walaalte maaloo namicha gaafadhu.

24
5.5 KAROORA FI BAAJATA NAMOOTA MIIDHAMA QAAMAA QABAN
HAAMMATU NAANOOLEE FI AANAALEE IRRATTI QOPHESSUU

Namoota miidhama qaamaa qaba hojiiwwan COWASH sadarkaa hundaa keessatti


hammachiisu qabna, tokko tokkoon qooda fudhattootaa sadarkaa isaaniitti gahee fi
ittigaafatamummaa addaa ni qabaatu. (bal’inni isaa kutaa 6ffaa gadii keessatti ibsameera).

Karoorsuun, baajata ramaduu fi gabaasuun fakkiin isaa sadarkaa federaalaatti ni hojjetama.


COWASH sadarkaa federaalaa akkamitti akka itti fayyadaman naannolee ni leenjisa, isaan
immoo gara sadarkaa aanaaleetti hiranii gadi buusu. Fakkiin kun hojiiwwan pirojektii
hundumaa ni hammata, idileessuu qaama miidhamtootaa dabalatee, qooda fudhattoota
hundaa fi baasi gatii tokko barruu gorsa.

Hojiiwwan hammachiisummaan qaama miidhamtootaa baay’een isaa baasii dabalataa hin


gaafatani –-garuu dhimmi kun akka qaama hojiiwwaniitti keessatti hammachiisamuu qaba.
Baajanni qabamuus wantoota baay’ee irratti hundaa’u danda’aa, haata’u malee yeroo
baajata qabnu dhimmoota armaan gadiitiifxiyyeffaannaa kennuun barbaachisaa dha.

 Baasiiwwan Leenjii:
o Galma leenjii filachuu: walgahii fi leenjiwwan COWASH (keessumaa iyyuu
warri leenji’an namoota miidhama qaama qaban yoo ta’e ykn sadarkaa
hawaasatti kan qopha’u yoo ta’e) bakka galma dhaqabamaa ta’etti qopha’u
qaba (Boqonnaa 7 ffaa leenjii irra ilaalaa). Kun gatii kiraa galma leenjichaa
dabaluus (ykn dabaluu dhiisuus) waan danda’uuf yaada keessa galuu qaba.

o Baasiiwwan gargaartotaa: namoonni miidhama qaamaa qaban muraasni


warra kaan wajjin bu’uura wal-qixaan hirmaachuu akka danda’aniif
gargaartota isaani deeggaru barbaadu danda’u.yeroo leenjii karoorsinuuf kun
yaada keessa galuu qaba, fakkeenyaaf yeroo leenjiwwan COWASH, yoo
miseensi namoota miidhama qaama qaban namoota isaan hordofanii
gargaaran yoo barbaadu ta’an.

o Baasiiwwan Geejibaa: namoonni miidhama qaama qaban muraasni


deeggarsa dabalataa geejiba irratti ni barbaadu ta’a. kunis tarii baasiiwwan
leenjii irratti dhiibbaa qabaachuu ni danda’a.

o Kaffaltii leenjisaa waarra dhaabbata namoota miidhama qaama


qaban Sadarkaa naannoo, godinaa, fi aanaatti leenjiiwwan
hammachiisummaa qaama midhamtootaa keessatti qabeenya ogeessaa
namoota miidhama qaama qaban fayyadamuun barbaachisaa dha. COWASH
gareen gargaaraa teeknikaa federaalaa leenjisaa kana filachuun leenjisa
garuu gareendeggarsa naannoo qabatamummaa isaa toora qabsiisuun ni
mijeessa. Kaffaltiin kun guyyaa leenjii tokkotti qarshii 500 ni dha.

 Baasiiwwan ijaarsa faasiliitii dhaqabamummaa: yeroo faasiliitiin


dhaqabamummaa hundaaf ijaaramu jechuunis dhiyeessa bishaanii ykn fasiliitii
25
qulqullinaa dhaabbatichaa baasii isaa qaala’uu ni danda’a. Haa ta’u malee,
hammachiisaa taasisuuf erga ijaarame booda fooyyessuu irra dura yeroo ijaarsi
raawwatu itti dabaluun gatii isaa irra caala rakasa taasisa.

5.6 HORDOFFII FI GABAASA DHIMMA HAAMMACHISUMMAA QAAMA


MIDHAMTOOTAA

Ibsi gadi fageenyaa siistema raawwii hordofuu kan inni raawwatu hojiiwwan COWASH
hundaa kaayyoolee, bu’aawwan, hojiiwwan, agarsiistota fi maniiwwan dha. Agarsiiftota
hordoffii raawwii karooraa odeeffannoo waliigalaa namoota miidhama qaama qabanii,
odeeffannoon kun funaanamuu, hordofamuu fi gabaafamuu qaba. Ibsi gabaasaas haalli
hammachisummaa dhimmiqaama midhamtootaa maal irra akka jiru ibsu qaba.

Yeroo daawwannaa dirree, dhimmi namoota miidhama qaama qaban yeroo hundaa ka’uu,
mari’atamuu fi ibsamuu qaba. Yoo danda’ame, yaadaa isaanii, fedhii fi hudhaalee isaan
quunname argachuuf mariin namoota miidhama qaama qaban mariisisuu qabna. Seenaan
gaariin muuxanoo ta’uu danda’aan dokumantiin isaa qopha’uu qaba. Odeeffannoon
ka’umsaa namoota miidhama qaamaa qaban irratti jalqaba marsaa IIIffaa fi haala
walfakkaatuun odeeffannoo dhumaa wagga 3 ykn 4 haala walii gala hojii hammachiisummaa
xiinxaluuf funaanamuu qaba. Leenjii fi maanuwaalii kana qabsiisuun booda, qo’annoon
gamaaggama hojii irra oolmaa COWASH garee gargaarsaa teeknikaa federaalaa fi qooda
fudhattoota hundaan ni gaggeeffama.

6. GAHEE FI ITTI GAAFATAMUMMAA QOODA FUDHATOOTA


HAMMACHIISUMMAA QAAMA MIIDHAMTOOTAA COWASH KEESSATTI

Boqonnaan kun gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattoota adda addaa sadarkaa
federaalaa, naannoo, zoonii, aanaa fi hawaasaatti jiru ibsa.

6.1 SADARKAA FEDERAALAA

 COWASH Garee DeggartootaTeeknikaa Federaalaa:


o Baruu gorsa hammachiisummaa qaama miidhamtootaa qooda fudhattoota
COWASH sadarkaa hundaa jiraniif ni qopheessa;
o Dokumentii leenjii qopheessuudhaan qooda fudhattoota hammachiisummaa
qaama miidhamtootaa naannootiif leenjii ni kennu. ni leenjisa;

26
o Fookal persenii qaama miidhamttoota naanootiif deeggarsa teeknikaa ni
kenna;
o Dhaabbattota namoota miidhama qaamaa qaban filataman naannootiif
dandeettii ijaara.Leenjiiwwan sadarkaa naannoo, godinaa fi aanaatti
gaagefaman irrattis akka leenjiisaatti akka itti fayyadaman haala mijeessa.
akkasumas namoota filachuun leenjistoota miidhama qaama qaban akka
leenjisaatti naannoof, zooniif, aanaaf;
o Ministeera hojjataa fi hawaasummaa (MoLSA) wajjin qindoominaa fi walta’uun
fi miiltoolee misoomaa biroo karaa waajjira Qindeessa WASH federaalaa
(NWCO) waliin hojjechuu;
o Barruu gorsa dhimmoota karoorsuu, baajata ramadu, hordofuu fi gabaasuu
garee Deggarsa Naannotiif (RSUs) ni kenna.
o Karoora qopheessa, bajataa fi gabaasa hammachiisummaa qaama
miidhamttoota COWASH ni qopheessa;
o Dhimmoota hammachiisummaa qaama miidhamttoota irratti ka’umsa
bu’uuraa fi dhumaa xiinxala gaggeessa;
o Muuxannoowwan COWASH keessatti argamaman dhaabbilee qaama
midhamtootaa (DPOs) fi sekteroota ministeeraaf ni qooda;
o Dokumantoota COWASH hammachiisummaa qaama miidhamttoota
haaromsuun chaanalota adda addaa irratti ni qooda;
o Qiphoo (link)hundessu fi yeroo yeroon foyyesuun dhaabbilee qaama
midhamtoota Finland fi Walitti dhufeenya Qaama midhamtoota Finlandwaliin
Muxannoo jiru wal jijjiru.
 Ministeera Sektarootaa (Bishaan, Fayyaa, Barnoota)
o Teeknika ogummaa COWASH misooma hammachiisummaa qaama
miidhamttoota wayita gaafatamu ni kenna;

 Ministeera Hojjataa fi Dhimma Hawaasummaa (MoLSA)


o Teeknika ogummaa COWASH misooma hammachiisummaa qaama
miidhamttoota wayita gaafatamu ni kenna;
o Odeeffannoo hojii irra oolmaa fi raawwii karoora hojiiwwan biyyoolessaa
namoota miidhama qaama qaban irratti ni kenna;

 Dhaabbilee Qaama Midhamtootaa (DPOs)


o Teeknika ogummaa COWASH misooma hammachiisummaa qaama
miidhamttoota wayita gaafatam ni kenna;
o Odeeffannoo COWASH dhaabbata qaama midhamtoota (DPO) jiru irratti
qabeenya sadarkaa naannoo, godinaa, aanaa ni kenna.
o Muuxannoo Itiyoophiyaa keessatti hammachiisummaa qaama miidhamummaa
irratti argame ni qooda.

 Qooda Fudhattootaa Misooma WASH fi dhaabbileemiti-mootummaa


o Teeknika ogummaa COWASH misooma hammachiisummaa qaama
miidhamttoota wayita gaafatamu kenna;
o Muuxannoo Itiyoophiyaa keessatti hojii irra oolmaa pirojektii keessatti
hammachiisummaa qaama miidhamummaa irratti argame ni qooda;
o Qo’annoo qaama miidhamummaa fi filannoo misooma teekinoolojii
hammachiisummaa irratti ni gaggeessa.
27
 Waajjira Qindeessaa Biyyoolessaa WASH
o Hirmaachisummaa qaama miidhamummaa sektera WASH qama midhamtoota
(DPs) fi dhaabbilee qaama midhamtootaa (DPOs) wajjin ni qindeessa, ni
misoomsa;
o Miinisteera hojjataa fi hawaasummaa (MoLSA) fi miiltoowwan seektara WASH
gidduutti hojii walitti fiduu fi qindeessuu ni hojjeta;
o Tarsiimoo hammachiisummaa qaama miidhamummaa fi barruu gorsaa fi
karoora hojii biyyoolessaa WASH tokko ni kakaasa, ni qopheessa.

6.2 SADARKAA NAANNOO

 Garee Deggarsa COWASH Naannoo fi fookal persenii qaama miidhamummaa


o Hammachiisummaa qaama miidhamummaa COWASH adda durummaan ni
gaggeessa;
o Hammachiisummaa qaama miidhamummaa COWASH ni karoorsa, baajata ni
qopheessa, ni hordofa akkasumas ni gabaasa;
o Hammachiisummaa qaama miidhamummaa irratti ogeessa godinafi aanaa ni
leenjisa;
o Yeroo danda’ame hundaa hojii ijaarsa dandeettii qabeenya dhaabbile qaama
midhamtootaa (DPO)naannoo ni fayyadama;
o Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa wajjin waliin ni ta’a, ni qindeessa;
o Waajjira sektera misooma hirmaachisummaa qaama miidhamaa WASH fi
WASH naannoo wajjin walitti dhufeenyi dhiyoon akka uumamu ni godha;
o Naannoolee Tigiraayii fi Oromiyaa keessatti barruu gorsaa fi dokumantii leenjii
hammachiisummaa gara afaan naannootti ni jijjiira.

 Sektaroota biiroolee (fookal persenii bishaanii, fayyaa, barnootaa, dhimma


dubartootaa fi daa’immanii, Maallaqaa fi Walta’iinsa dinagdee,
interpiraayizii maayikiroo fi xixxiqqaa, Barnoota Leenjii Teeknikaa fi
Ogummaa (TVET))
o Karoora qopheessa, bajataa hordoffii fi gabaasa hammachiisummaa qaama
miidhamttoota COWASH qopheessa;
o Akka karoora waggaa hammachiisummaa qaama miidhamttoota COWASH
deeggarsa ogummaa ni kenna;
o Akka COWASH gaafatetti leenjii hammachiisummaa qaama miidhamtootaa
irratti ni hirmaata;
o Hojiiwwan COWASH seektaroora kanaan hojjatamu keessatti qaama
midhamummaan akka hammatamu goodha

 Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa


o Hammachisummaa qaama miidhamtootaa leenjiiwwan karaa COWASH yeroo
qophaa’u ni hirmaata;
o Hammachisummaa qaama miidhamtootaagareenn deeggarsaa naannoo
COWASH yeroo gaafatu deeggarsa ogummaa ni godha;

28
o Dhaabbilee namoota miidhaa qaama qabanii kan naannoo fi COWASH
gidduutti wal-quunamsiisuu keessatti gareedeeggarsaa naannoo COWASH
odeefannoo fi gorsa ni kenna.

 Dhaabbilee namoota miidhaa qaama qabanii


o Namoota dhaabbilee namoota miidhaa qaama qabanii keessaa hirmaataa
leenjii leenjistootaa (TOT) hammachiisuu qaama miidhamaa COWASHn irratti
qophaa’u hirmaatee leenjiiwwan zoonii fi aanaalee hammachiisuu qaama
miidhamaatiif kennamuu irratti leenjisaa ta’u ni filata;
o Leenjiiwwan garee deggarsa teeknikaa fedaraalaan kontiraata kennamu
Zoonii fi aanaa hammachiisuu qaama miidhamaa irratti akka leenjisaatti ni
hojjeta;
o Hammachisummaa qaama miidhamaa gareendeeggarsaa naannoo COWASH
yeroo gaafatu deeggarsa ogummaa ni godha;

 Miiltoowwan misoomaa fi dhaabbilee miti-mootummaa


o Teeknika ogummaa COWASH misooma hammachiisummaa qaama
miidhamttoota wayita gaafatamu ni kenna;
o Muuxannoo Itiyoophiyaa keessatti hojii irra oolmaa pirojektii keessatti
hammachiisummaa qaama miidhamummaa irratti argame ni qooda;

Qo’annoo qaama miidhamummaa fi filannoo misooma teekinoolojii hammachiisummaa


irratti ni gaggeessa

6.3 SADARKAA GODNINAA

 Garee WASH Godinaafi waajjirrolee seektara WASH Godinaa (bishaan,


fayyaa, barnoota, dhimma dubartootaa fi daa’immanii, Biiroo Maallaqaa fi
Walta’iinsa Dinagdee, ejansii Intarpiraayizii Maayikiroo fi xixiqqaa (MSE) fi
Barnoota leenjii teeknikaa fi ogummaa (TVET)))
o Karoora qopheessa, bajataa hordoffii fi gabaasa hammachiisummaa qaama
miidhamttoota COWASH qopheessa;
o Dizaayiniin dhiheessiiwwanWASH sadarkaa godinaattihojjetaman hunda
dhaqabuu isaanii mirkaneessa;
o Idileessuun qaama miidhamtootaa sadarkaa aanaa fi ijaarsi dizaayinii
hammachiisaa ta’ee hojjetamuu isaanii ni hordofa ni to’ata.
 Waajjira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Godinaa
o Odeeffannoo waa’e dhaabbilee namoota miidhaa qaama qabanii kan godinaafi
aanaalee ni kenna;
o Leenjiiwwan hammachiisummaa qaama miidhamtootaa karaa COWASH
qophaa’u irratti ni hirmaata;
o Deeggarsa ogummaa hammachiisummaa qaama miidhamtootaa irratti
COWASH tiif ni kenna;

29
6.4 SADARKAA AANAA

 Garee WASH aanaa fi waajjirolee seektara WASH aanaa (bishaan, fayyaa,


barnoota, dhimma dubartootaa fi daa’immanii)
o Hammachiisummaa qaama miidhamaa COWASH karoorsuu fi baajata
qopheessuu;
o Odeeffannoo qaama miidhamtootaa adda baasuun karoora hordoffii raawwii
COWASH hordofuu fi gabaasuu;
o Leenjiiwwan hammachiisummaa qaama miidhamtootaagodinaa fi naannootti
kennamu irratti hirmaachuu;
o Dhimma hammachiisuu qaama miidhamtootaa ganda hunda,Koree Bishaan,
qulqullina dhunfaa fi naannoo (WASHCO), gamtaa maatii fayyaa (PTA), koree
bulchiinsa fayyaa fi leenjiwwan sadarkaa hawaasaa keessatti ni hojjeta;
o Fasiliitiin dhiheesiiwwanWASH hundaaf dhiyaachuu isaa ni mirkaneessa;
o Namootni miidhama qaama qaban hojii karoorsuu, raawwachuu fi bulchiinsa
faasilitii dhiheessiWASH keessatti hammatamuu qaama miidhamtootaa
mirkaneessuu;
o Namoota miidhama qaama qaban fi /ykn miseensonni maatii isaanii (maatiin
ijoollee qaama miidhamtootaa) Koree Bishaan, qulqullina dhunfaa fi naannoo
(WASHCO), gamtaa maatii fayyaa (PTA),fi koree bulchiinsa fayyaa fi
gaggeessitoota isaanii keessatti filatamuu mirkaneessuu;
o Namootni miidhama qaama qaban eegumsaa fi quuqamoo faasiliitii WASH
keessatti akka filataman jajjabeessuu;
o Galma leenjii namoonni miidhama qaama qaban keessatti hirmaachuu
danda’an filachuu;
o Namootni miidhama qaama qaban leenjiwwanii fi walgahii irratti akka
hirmaataniif deeggarsaa fi geejiba mijeessuu;
o Dizaayinii fi tekinooloojii faasilitii WASH namootni miidhama qaama qabaniif
fooyyessuu fi dhiyeessuu beeksisuu;
o Yeroo Waa’ee pirojektii hawaasaan hogganamu (CMP) COWASH beeksiifamu
dhimmi qaama midhamtootaa akka waliin beeksiifamu gochuu fi hawaasa
hunda bira gahuu gochu fi mirkaneesu. rriitti akka gahe mirkaaneessuu;
o Yeroo iyyanni gamaagamamu, Bulchiinsi pirojektii hawaasaa iyyannoo fi ibsa
barbaachisaa hunda akka odeeffannoo waajjira dhimma hojjetaa fi
hawaasummaa fi dhaabbileen qaama midhamtootaa (DPOs) aanaa irraa
kennametti namoota miidhama qaama qaban bakka hojii COWASH hojjetamu
hundaatti mirkaaneessuu;
o Yeroo Iyyanni gamaagamamu, Furnaanni faasilitiwwan teeknika WASH fedhii
fi dantaa namoota miidhama qaama qaban hammachiisuu isaa mirkaneessuu;
o Yeroo hojii irra oolmaa hawaasa namoota miidhama qaama qabaniif iyyannoo
keessatti dursi akka kennamuuf gochuu;
o Hojiiwwan ijaarsaa faasilitiiwwan WASH akka dizaayinii hammachiisummaatti
hojjetamaa jiraachuu isaa hordofuu fi mirkaneessuu.

 Waajjira Hojjataa fi dhimmi hawaasummaa (WoLSA) (yoo jiraate)


o Leenjiiwwan hubannoo guddisuu COWASH irratti hirmaachuu;

30
o Odeeffannoo potenshaala namoota miidhama qaama qaban Intarpiraatizi
mayikiroo fi xixiqqaan ijaaraman keessatti miseensa ta’u danda’an adda
baasuun kennuu;
o Odeeffannoo waa’e dhaabbata qaama miidhamtoota naannoo aanaalee jiran
kennuu;
o Odeeffannoo waa’e namoota miidhama qaama qaban bakkeewwan COWASH
keessatti hojjetuu kennuu.

 Barnoota Leenjii Ogummaa fi Teekniikaa (TVET)


o Ogeessota naannoo/Artizhaanii fi qulqullinaa gabaa (sanitation
marketing)namoota intarpiraayizi maaikiroo fi xixiqqaan gurmaa’aniif faasilitii
ijaarsaa fi omisha irratti leenjisuu.

 Ejensii Interpiraayizii Maayikiroo fi Xixxiqqaa


o Hundeeffamni interpiraayizii maayikiroo fi xixxiqqaa miseensota miidhama
qaama qabaniif dursa kenna.

 Interpiraayizii bishaanii fi qulqullinaa


o Ijaarsaa fi omisha faasilitii fi qulqullinaa WASH dhiyeessii faasilitii hundumaa
ni hojjeta;
o Dhaabbilee fi maatiin faasiliitii WASH akkamitti caalaa dhiyaachuu akka
danda’u gorsa.

 Dhaabbata Qaama midhamtoota Aanaa (DPOs) /Garee wal-gargaarsaa (yoo


jiraate)
o Leenjiiwwan hubannoo guddisuu COWASH irratti hirmaachuu;
o Odeeffannoo potenshaala namoota miidhama qaama qaban intarpiraayizi
maaikiroo fi xixiqqaan ijaaraman keessatti miseensa ta’u danda’an adda
baasuun kennuu;
o Odeeffannoo waa’e namoota miidhama qaama qaban bakkeewwan COWASH
keessatti hojjetuu kennuu.

6.5 SADARKAA HAWAASAA

 Garee WASH Gandaa (manaajera Gandaa, Hojjatoota Eksitenshinii Fayyaa ,


Hojjataa Misoomaa , teeknishaana bishaanii, jaarsolii, gaggeessitoota
hawaasaa, barsiisota, dargaggoota, tola ooltota)
o COWASH /CMP/ Qulqullinaa/ eegumsa qulqullina naannoo beeksisuu fi
miseensa hawaasaa hunda wallin gahuu keessatti qaama miidhamaan
hammatamuu isaa mirkaneessuu:

31
 Miseensota hawaasaa koree gamtaa maatii (PTA) koree bulchiisa
fayyaa qaama miidhamummaa akka hubatan cimsuu;
 Faasiliitiin hojii irra oolmaaa WASH qaama miidhamaa hammachiisuu
isaa odeeffannoo maatii fi manneen barnoota keessaatti hubannoo
miseensa hawaasaa cimsuu;
 Faasiliitii WASH mirkaneessuu keessatti miseensota /barattoota
miidhama qaama qabaniif dursa kennamuu akka qabu iyyattoota
hubachiisuu;
 Namoota miidhama qaama qaban /miseensa maatii isaanii keessatti
hammatamuu fi koree bishaan, qulqullina naannoo fi dhunfaa
(WASHCO) keessatti filatamuuf dursi akka kennamuuf iyyattoota
hubachiisu;
 Namootni miidhama qaama qaban filannoo eegumsaa fi of-eeggannoo
godhamu keessatti filatamuu akka danda’an hubachiisuu;
 Maatii namoota miidhama qaama qaban ykn jaarsolii faasiliitiin WASH
dhaqabamaa fi faayidaa kennuu akka danda’u odeeffannoo furmaata
teeknikaa kennuu;
o Garee marii aanaa namoota miidhama qaamaa qaban gandicha keessaatiif
odeeffannoo kennuu;
o Fedhii fi dantaa namoota miidhama qaamaa qabanii hammatamuu isaa
teeknika faasiliitii WASH irratti yeroo mari’atan mirkaneessuu;
o Hawaasa keessatti namootni miidhama qaamaa qaban gumaachaa fi
hirmaannaa isaan gochuu danda’an gorsuu fi hordofuu;
o Namootni miidhama qaamaa qaban hirmaannaa leenjii fi walgahii keessatti
godhan hordofuu fi mijeessuu.

 Bulchiinsa Mana Barumsaa fi barsiisota barnoota fedhii addaa (yoo jira ta’e)
o Miiltoon mana barumsaa, barattoonni fi miseensi hawaasaa qaama
miidhamummaa akka hubatan cimsuu;
o Garee marii aanaatiif waa’ee ijoollee miidhama qaamaa qaban mana
barumsaa fi sulula naannoo mana barumsaa sana jiru irratti odeeffannoo
kennuu;
o Ijoollee miidhama qaamaa qaban leenjiiwwan kilabii mana barumsaan
kennamu keessatti akka hirmaatan hordofuu fi haala mijeessuu;
o Faasiliitiin WASH manneen barumsaa keessatti ijaaraman dizaayinii
hammachiisummaa eeganii hojjetamuu isaanii mirkaneessuu;
o Faasilitiiwwan mana barumsaa keessa jiran qulqullinni isaanii eegamuu fi
nama hundaaf tajaajila kan kennan ta’uu isaa mirkaneessuu;
o Faasiliitiin mana barumsaa keessa jiran dubartoota miidhama qaama qabaniif
kutaa qulqullinaa rakkoo ji’aa itti dhufu itti furachuu danda’an jiraachuu isaa
mirkaneessuu.

 Buufata fayyaa, keellaa fayyaa, koree hooggansa fayyaa fi hojjettoota


eksiteenshinii fayyaa, hojjettoota deebisanii dhaabuu hawaasaa
o Miseensota raayyaa misooma dubartootaa hammatamummaa qaama
miidhamtootaa WASH keessatti jiru cimsuu;
o Maatii miseensota qaama miidhamtootaaf furmaanni fi gorsi deeggarsa
sadarkaa maatii bishaan, qulqullinaa fi eegumsa naannoo irratti gorsuu;
32
o Meeshalee hammachiisummaa WASH keessa jiran maatii fi miseensa raayyaa
dubartootaaf hiruu;
o Garee marii aanaatiif waa’ee namoota miidhama qaama qaban buufata fayyaa
ykn keellaa sulula naannoo sana jiru irratti odeeffannoo kennuu;
o Faasiliitiin WASH buufata fayyaa/ keellaa keessatti ijaaraman dizaayinii
hammachiisummaa eeganii hojjetamuu isaanii mirkaneessuu;
o Faasilitiiwwan buufata fayyaa /keellaa fayyaa keessa jiran qulqullinni isaanii
eegamuu fi nama hundaaf tajaajila kan kennan ta’uu isaa mirkaneessuu.
 Raayyaa misooma dubartootaa /limat budin
o Maatii miseensota qaama miidhamtootaaf furmaanni fi gorsi deeggarsa
sadarkaa maatii bishaan, qulqullinaa fi eegumsa naannoo irratti gorsuu;
o Meeshalee hammachiisummaa WASH keessa jiran maatii rabsuu;
o Odeeffannoo namoota miidhama qaama qaban hojjettoota eksiteenshinii
fayyaatiif kennuu;
 Koree Bishaan, qulqullina dhunfaa fi naannoo (WASHCO), gamtaa maatii
fayyaa (PTA),fi koree bulchiinsa fayyaa
o Namoota miidhama qaama qaban miseensa koree bishaan, qulqullina
naannoo fi dhunfaa (WASHCO) ta’ani akka filataman jajjabeessu
o Namootni miidhama qaama qaban dhimma faasilitii dhiheessi WASH keessatti
waltajiiwwan hawaasaatti hirmaachuu fi murtee dabarsuu keessatti qooda
fudhachuuf carraa qixee qabaachuu isaani mirkaneessuu;
 Walga’iin iddo dhaqabamaatti kan gageefamu ta’u;
 Miseensooni hundii afeeramu mirkaneessuu;
 Miseensooni hundii fedhii fi yaada qaban akka dhageesifatan taasiissu;
o Hojiiwwan ijaarsaa faasilitiiwwan WASH akka dizaayinii hammachiisummaatti
hojjetamaa jiraachuu isaa hordofuu fi mirkaneessuu.
o Miseensota hawaasaa kannen bufatnii bishaan hawaasaa ijaaraman usaan hin
dhaqabnee yoo gama teekniikaa fi faaynaansiitin haali mijetaan gutamee
koree bishaan, qulqullina naannoo fi dhunfaa (WASHCO) tooftaa biraati akka
bishaan isaan dhaqabu mirkaneessu qaba ( sarara ujuumootiin gara maneeni
,omisha bisaandiikkaa, boola bishaan maati, sirna wal’aansa bishaani kan
akka xaliilchituu fi keemikaalaa)
o Maatii namoota miidhama qaama qaban yeroo manneen fincaanii haaraa
ijaaratanis ta’e ykn foyeeffachuu barbaadan hunda hammachiisu kannen
miidhama qaama qabani fi jaarsolifi dhaqabamaa ta’ee akka godhan
jajjabeessu;

 Dhaabbilee Amantii
o Miseensota hawaasaa qaama miidhamummaa akka waan rakkoof
uumamaniitti, ba’aa ta’uuttii fi qaanitti ilaaluu irra haala qajeeloon ilaalan
hubachiisuu;
o Faayidaalee qulqullinaa fi eegumsa qulqullina naannoo irratti miseensa isaaniif
dadamaqsuu;
o Mana fincaanii bakka sagadaatti tajaajila hawaasaaf dhaqabamaa akka ta’uuf
hojjechuu/ ijaaruu.
 Dhaabbilee bu’uura hawaasaa naannoo biroo (iddirii, waldaalee
dargaggootaa fi dubartootaa kkf)

33
o Qaama miidhamummaan hawaasa fi maatii issanii keessatti karaa qajeeloo
akka hubatamu jajjabeessuu;
o Tajaajila dhiyeessii WASH akka fooyya’uu hawaasa keessatti miseensa isaanii
sosochoosuu.

7. LEENJIIWWAN COWASH

7.1 LEENJII HIRMAACHISUMMA QAAMA MIDHAMTOOTA

Leenjiiwwan COWASH Midhamtoota Qaamaa Dabalu, qamonni leenjii irratti hirmaatan,


yeroo leenjichi fudhatu, qabiyee fi leenjistoonni gabatee 1 arman gadi jiru keessati
ibsameera. Gareen deggarsa Teeknikaa feederaalaa (FTAT) Waliigala Qaama midhamtoota
fi Misooma Itophiyaa (ECDD)waliin tahuun istaafii(hojjettoota) gareeDeggarsa
Naannoo(RSU) hundaa fi ogeessa/hojjetaa dhaabbata qaama midhamtootaa (DPO)
naannoo miidhamaa qaamaa tahe tokko naannoolee COWASH tokko tokkoon irraa akka
ogeessa/ekspartii hojiirra oolmaa qajeelfama raawwii Dabalu Midhamtoota Qaamaa
COWASH tahee irratti kan leenjiifamu taha. Kanumarraa ka’uun, leenjichi sadarkaa
sadaarkaan gadi bu’uun kan kennamu taha. Kanneen sadarkaan leenjii fudhatan qooda
fudhatoota sadarkaa naannoo, godinaalee, aanaalee fi gandoolee gareeDeggarsa
Naannoo(RSU)/ ogeessonni dhaabbata qaama midhamtootaa (DPO), ofiisera hirmaannaa
hawaasaa waajjira bishaanii aanaa ni dabalata.

Leenjiin sadarkaa godinaa fi aanaa kutaalee lama qaba. Inni jalqabaa guyyaa takko kan
fudhatu tahee gareewwan godinaa fi aanaa WASH akksumamas hubannoo ogeessota
WASH godinaa fi aanaa cimsuuf kennama. Inni lammaffaa immoo leenjii gadi fageenyaa
dabalataa guyyoota lamaaf ogeessota godinaa fi aanaa WASH’f kennamudha. Leenjii
jalqabaa hubannoo cimsuu sadarkaa aanaatti kennamu irratti hirmaattota murtaa’an qafa
waan taheef, sagantaan hubannoo cimsuu hojjettota godinaa fi aanaa WASH kanneen
leenjii hin arganneef kennuun ogeessoonnii sadarkaa aanaa jiran qaama midhamtoota
irratti odeeffannoo dabalataa akka argatan godhama.

Namoota midhamtootaa qaamaa tahan leenjii kennuu keessatti akka hirmaatan gochuun
faayidaa waan qabuuf, gareen teeknikaa Federaalaa COWASH Naannoolee tokko tokkoon
keessaa midhamtootaa qaamaa leenjiisuu danda’an filachuun erga leenjii leenjistootaa
akka argatan godhame booda naannoo irraa dufan keessatti fi sadarkaa aanaatti leenjii
akka kennan godhama. Walitti dhufeenya fi qindoomina hojii cimsuuf, naannoolee

34
keessatti Biiroon Dhimma Hawaasummaa leenjiiwwan kennaman irratti akka qooda
fudhatan affeerramuu qaba. Godinaalee fi aanaalee keessatti immoo, hubannoo dhimmota
hawaasummaa hojiin hammatamu(dabalamu) midhamtoota qaamaa COWASH qophiilee
hubannoo cimsuu irratti akka fooyya’u taha.

Qabiyeen leenjii takko tokkoon kennamu maateriyaaloonni(sanadoonnii leenjii) ibsa


guutuu wajjin qajeelfama raawwii kana Kutaa C keessatti argama.

35
Gabatee 1: Leenjiiwwan Dabalu(Hammatu)Midhamtoota Qaamaa COWASH marsaa III

Lak Lakk Gosoota leenjii Gareewwan Dheerin Qabiyyeewwan Leenjiiffamtoo Qaama


. hojiiwwan manii a leenjii gurguddoo leenjii ta itti
ii gaafatam
u
1. Leenjii Leenjistootaa Yunitii Guyyoot  Yaada rimee Ogeessota FTAT
Qajeelfama Raawwii Deggarsa a4 midhamuu qaamaa ECDD fi FTAT COWASH
Ogeessota Naannoo Naannoolee 5  Fireemwarkii COWASH
Midhaamtoonni (miseensota Imaammata waliin
Qaammaa Ittin garee hunda) Gufuuwwan
Hammatamu Hammachuu/
Naannoolee Dabaluu
tokko midhamtoota
tokkoorraa qaamaa
bakka  Furmaatawwan
bu’aa/buutuu hammataa
midhamtoota midhamtoota
qaamaa DPO qaamaa WASH
tokko  Gahee fi
gaafatamummaa
Ogeessa EoF qooda fudhattoota
tokko  Hirmaannaa
midhamtoota
qaamaa hundaa
 Leenjii Hojiilee
COWASH karoorsu
2. Qajeelfama Raawwii Ogeessa Guyyoot  Yaada rimee Ogeessa tokko FTAT
Leenjii Leenjistootaa tokko tokkoo a3 midhamuu qaamaa Yunitii COWASH
Ogeessota Naannoo Biiroolee  Fireemwarkii deggarsa
Midhaamtoonni Dhimma Imaammata naannoolee
Qaammaa Ittin Dubartootaa fi Gufuuwwan tokkoo
Hammatamu Daa’immanii, Hammachuu/ tokkoorraa
Eegumsa Dabaluu Gorsaa tokko
Fayyaa, midhamtoota ECDD,
Barnootaa, qaamaa ogeessa
dhimma  Furmaatawwan jalqabaa/
hawaasumma hammataa ispeshalistii
a, IMX, midhamtoota CB) COWASH
Barnoota qaamaa WASH wajjin
Leenjii  Gahee fi
Teeknikaa fi faafatamummaa
Ogummaa qooda fudhattoota
naannoolee  Hirmaannaa
tokko tokkoo midhamtoota
irraa qaamaa hundaa
 Leenjii Hojiilee
COWASH karoorsu
 Leenjii gadii buusuu
3. Qajeelfama Raawwii Gareewwan Guyyaa  Yaada rimee Yunitii FTAT
Leenjii Leenjistootaa godinaa fi 1 midhamuu qaamaa Deggarsa COWASH
Ogeessota Naannoo aanaa fi  Fireemwarkii Naannoolee
Midhaamtoonni WASH Imaammata
Qaammaa Ittin aanaalee( Gufuuwwan Ogeessa DPO
Hammatamu fokaal Hammachuu/ leenji’e
parsonoota Dabaluu
waajjiraalee midhamtoota
Dhimma qaamaa
Dubartootaa fi  Furmaatawwan
Daa’immanii, hammataa
Eegumsa midhamtoota
Fayyaa, qaamaa WASH
Barnootaa,  Gahee fi
dhimma faafatamummaa
hawaasumma qooda fudhattoota
a, IMX, BLTO
DPO (godina
keessa yoo
jiraate)
4. Leenjii Leenjistootaa Yunitii Guyyoot  Gufuuwwan qaama Yunitii Biiroo

36
Qajeelfama Raawwii Deggarsa a2 midhamtootaa Deggarsa Bishaanii
Midhaamtoonni Naannoolee 5 hammachuu/dabalu Naannoolee naannoo
Qaammaa Ittin (miseensota  Gahee fi
Hammatamu garee hunda) faafatamummaa Ogeessota
Ogeessota Godinaafi qooda fudhattoota DPO naannoo
Aanaa Naannoolee  Hirmaannaa leenji’an
tokko midhamtoota
tokkoorraa qaamaa hojii
bakka hundaa keessatti
bu’aa/buutuu  Furmaatawwan
midhamtoota hammachuu/dabalu
qaamaa DPO u qaamaa
tokko maadhamtootaa
WASH keessatti
Ogeessa EoF
tokko
5. WASH Sadarkaa Guyyaa  Yaada rime Ofiisera sochii Waajjira
Aanaatti 1 Midhama qaamaa hawasaa Bishaanii
Midhaamtota  Fireemwarkii Waajjira aanaa
Qaammaa Ittin Imaammata Bishaanii
Hammatamurratti COWASH
Hubannoo Cimsuu Hammachuu/Dabal
uu midhamtoota
qaamaa
 Gahee fi
faafatamummaa
qooda fudhattootaa
 Furmaatawwan
hammachuu/dabalu
u qaamaa
maadhamtootaa
WASH keessatti
6. Leenjii qooda Miseensota Guyyoot  Hubannoo Ofiisera sochii Waajjira
fudhatoota garee WASH a2 dhimmota rime hawasaa Bishaanii
Sadarkaa gandaa Gandaa Midhamtota Waajjira aanaa
WASH qaamaa Bishaanii
Midhaamtota  Gahee fi
Qaammaa faafatamummaa
Hammachuu/Dabal qooda fudhattootaa
uu irratti Furmaatawwan
hammachuu/dabalu
u qaamaa
maadhamtootaa
WASH keessatti

7.2 BARBAACHISSUMMAA LEENJIIWWAN COWASH HUNDAAF WALIIN


GAHU

Leenjiwwan COWASH’n qindaa’an hirmaattota hundaaf iddo mijaahaa fi salphaatti dhaqqamaattti


kennuun hirmaannaa haqa qabeessa hundaaf kan itti mirkanaa’u taha. Hirmaattonni hundii fi
leenjistoonni rakkina malee iddoo leenjii gahuu qabu. Filannoo iddoo leenjiin itti kennamu of
eeggannoon gaggeeffamuu qaba. Kana jechuun daandiin ykn karaan iddoo leenjii geessuu
hundaaf dhaqqabamaa fi mijaahaa tahee fi namni kamiyyuu salphaan gara galma/gamoo leenjiitti
seenuu danda’uu qaba (sadarkaan olbaastuu balballarraa fi olbaastuu barcuma-golollee
(weelchair) fi kkf jiraachu qabu). iddoo leenjii yeroo filatamu tajaajiloonni manneen qulqullinaa fi
faasilitiwaan adda addaa gutamuu isaanii mirkana’uu qaba.

37
Keessattuu yeroo mariiwwanii fi leenjiiwwan sadarkaa gandaa fi hawaasaatti gaggeeffamu,
dhimmota gufuuwwan kominikeeshinii (qunnamtii) midhamtoota qaamaa tahuu danda’an irratti
xiyyeeffannoon addaa kennuun barbaachisaadha. Kominikeeshiniiniin namoota midhaamtoota
qaamaa dhagahuu, dubbachuu, dubbisuu, barreessuu fi/ykn hubachuun walqabatee godhamu
haala namoota biroorraa adda taheen raawwatamu qaba. Dabalataanis, haala walqixa taheen
odeeffannoo argachuu isaani mirkanaa’uu qaba. Fakkeenyaaf, pirezenteshiniin argamu ykn
viidiiyoon leenjii irratti kan dhiyaatuu yoo tahe, ergaa leenjichaa akka argachuu danda’u
qabiyyeen isaa sagaleedhaan haala guutuu taheen namoota qaroo dhabeeyyii ykn rakkina qaroo
qabaniif dhiyaachu qaba. Galma leenjii keessatti teessoon namoonni arguu fi dhagahuu irratti
rakkina qaban sarara fula dura irra yoo tahee filatamaa dha. Namoota dhagahuu ykn dafanii
hubachuu irratti rakkina qabaniif miseensonni maatiisaanii akka hiikaniif gochuu ni danda’aama.
Afaan teknikaatti fayyadamu fi jechoota dheeraa leenjiirratti dhiiheessuu dhisuun namoota
hubanoorratti rakkina qabaniif ni gargaara.

8. MIDHAAMTOOTA QAAMAA MARSAA PIROJEKTII HAWAASAAN HOGGANAMU


(CMP PROJECT CYCLE) KESSATTI HAMMACHU

Sadarkaalee hojimaata adeemsa pirojektii hawasaan hogganamu (CM) tokko tokkoon keessatti,
dhimmonni midhamtoota qaamaa yaada keessa galuu fi hammatamu qaba.

8.1 MIDHAMTOOTA QAAMAARRATTI KOREE WASH AKKASUMAS


OGEESOTA GODINAA FI AANAALEEF LEENJII HUBANNO KENNU

Namoota midhamtoota qaamaa tahan irratti leenjiin koreewwan fi ogeessota godinaa fi aanna
WASH hubannoo cimsuuf kennamu odeeffannoo waa’ee midhamtoota qaamaa, COWASH keessatti
dabalamuu midhamtoota qaamaa, gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattoota fi
furmaatawwan dabalamaa WASH kan of keessaa qabuu dha. Hojiiwwan WASHn raawwataman
keessatti yeroo baayyee namoonnii midhamtoota qaamaa tahan hin hirmaatan. Kunis
hoggantoonni waa’ee feedhiiwwanii fi mirgota namoonni midhamtoota qaama ta’aan qaban
hubanoo dhabuurraa kan ka’eedha. Kanaafuu, dhimma kanarrattii qooda fudhattoonnii hundii
leenjii hubannoo uumuu fudhachuu fi ilaalcha gaarii midhamtoota qaamaa hirmaachiisuu/dabaluu
irratti akkasumas waa’ee karooraa fi hojiiwwan COWASH hubachuu qabu.

8.2 LEENJII HAMMACHISUMMAA MIDHAMTOOTA QAAMAA OGEESSOTA


GODINAA FI AANNA WASH TIIF KENNAMU

Leenjii daran teekniikaala tahe (Leenjii Lenjiistootaa (ToT) Naannoo irratti hundaa’uun fi leenjii
hubannoo cimsuu irraa kan itti fufe kutaa 8.1 ibsame) dabaluu midhamtoota qaamaa ogeessota
godinaa fi aanna WASH tiif ni kennama. Kunis leenjii hubannoo cimsuu irraa duraan kennameerra
kan itti fufe dha.

Kaayyoon leenjichaa maalumma (yaada rime) namoota midhamtoota qaamaa tahan irrattii,
akkamitti hojiilee COWASH hunda keessatti hirmaannaa namoota midhamtoota qaamaa akka
mirkaneessu danda’aan, akkamitti gufuuwwan namoota midhamtoota qaamaa dhaqqabummaa

38
tajaajiloota COWASH irratti qunnaman hiikaman, fi dhaqqabummaan tajaajiilotaa hundaaf
dhaqqabamaa taha jedhan irratti ogeessonni hubannoo fi beekumsa gadi fageenyaa akka qaban
taasiisuu dha. Fakkeenyaaf akkamitti barataan miidhamaa qaamaa tahe tokko mana qulqullinaa
mana barnootaa keessatti rakkina malee fayyadamuusaa mirkaneessina? Kana malees, leenjichii
Tarsiimoo Dabaluu Midhamtoota Qaamaa COWASH fi gahee fi itti gaafatamummaa qooda
fudhattoota adda addaa irratti ibsa bal’aa kenna.

Leenjiiwwan Dabaluu Midhamtoota Qaamaa bakka bu’oota dhaabbilee qaama midhamtoota (DPO)
naannoo (kanneen COWASH federaalaan filatamanii leenji’an) akka leenjisuurratti akka hirmaatan
godhama. Dhimmota dhaqqabummaa tajaajila mana qulqullinatiin walqabatee muxannoowwan
namoota midhamtoota qaamaa ta’aan qaban akka dhiyeessan (hunda caalaa rakkinichaa waan
beekaniif) gochuun irraa barachuun faayidaa qaba.

8.3 HOJII BEEKSIISA (PROMOTION) IRRATTI NAMOOTA MIDHAMTOOTA


QAAMAA HAMMACHU

Hojiin beeksiisu (promotion) mana qulqullinaa haaraa WASH ykn kanaan dura ijaaramee
haaroomsamuuf yeroo hojjetamu hawaasa tajaajilamaaf waa’e carraa fi itti gaafatamuummaa
hojimaata pirojektii hawasaan hogganamuun (CMP) walqabate beeksisuun barbaachisaadha.
Hojiileen beeksiisuu (promotion) garee ogeesota teknikaa WASH aanaa fi garee WASH gandaan
gaggeeffamu odeeffannoo namoota midhamtoota qaamaa; adeemsa hojii, iyyannoo fi murtii
keennuu pirojektii hawasaan hogganamu (CMP) keessatti barbaachisummaa hirmannaa namoota
midhamtoota qaamaa, waa’ee faayidaa namoota midhamtoota qaamaa dabaluu fi waa’ee
dhaqqabummaa mana qulqullinaa dhiyeessuu qaba.

Dhimmi dabalataan hawaasni beekuu qaban ulaagaalee taa’an hundaan kan haala wal fakkaatun
guutan ta’uus, iyyannoowwan dhaqqabummaa mana qulqullinaa hundaaf hawaasotaa namoota
midhamtoota qaamaa tahan qabaniin dhiyaatu hawaasota kanneen hin qabneen dhiyaatu caalaa
dursi kennameefi ilaalama. Ilaalcha doggongoraa hawaasonnii baayyeen midhamtoota qaamaa
qabanirraa kan ka’e, maatiin tokko tokko odeeffannoo miseensota midhamtoota qaamaa isaanii
kennuuf maatii irratti rakkinni akka hin dhufne jechuun sodaa qaban akka iddoo hin kennineef
jajjabeefamu qaban. Kanumaan walqabatee tarsiimoon hordofamaa jiru maatii tokko qofaa ykn
midhamaa qaamaa nama tokko qofa haala addaatti fudhatee akka ilaalamu kan godhuu osoo hin
tahini, kenninsa dhiyeessii tajaajilaa mana qulqullinaa keessatti fayyadamummaa namoota
midhamtoota qaamaa akka dabalamuu gochuun yaada gaariitti tahee hawaasaan akka fudhatamu
jajjabeessuun barbaachisaadha.

8.4 NAMOOTA MIDHAMTOOTA QAAMAA HUNDEEFFFAMA FI FILANNOO


KOREE WASHCO KEESSATTII NIRMAACHISU

Hawaasni filannoo koree WASHCO yommuu gaggeessu, miseensi WASHCO tokkoo yoo xiqqaatee
nama midhamtoota qaamaa ykn miseensa maatii nama midhamtoota qaamaa qabu (abbaa,
muca/ilma/intala) akka ta’uu ni gorfama. Dabalataanis miseensonni hawaasaa hundi, namoota

39
midhamtoota qaamaa dabalatee, marii hawaassarratti hirmaachuu fi fedhii fi sodaa isaanii bilisaan
ibsuuf carraa qixee tahee kennamuu fi qaba.

8.5 LEENJII KOREE WASHCO FI ARTIZHAANII (OGEESSOTA HOJII


HARKAA)

Miseensonni koree WASHCO fi ogeessonni ijaarsaa faayidaa dhaqqabummaa fi qaamaa hawaasaa


hunda dabaluu irratti leenjii argachuu qaban. Amaloonni dhaqqabummaa dhaabbilee mana
qulqullinaa fi tajaajila dhiyeessii bishaanii sirritti ibsamuufi qaba. Fakeenyaaf waa’ee ol baastuu
barcuma golollee (wheelchair) fi qaboo harkaa ijaaruu hubannoo argachu qabu. Kunis
istaandaardii dizaayinii ijaarsaa qulqullinaan fi foyya’ee akka raawwatamu gargaara.

8.6 ODEEFFANNOO IYYANNOO PIROJEKTII MIDHAMTOOTA QAAMAA


DABALUU

Hawaasni karaa WASHCOtiin barreeffama iyyannoo pirojeektii gara supparviyzerii pirojektii


hawaasaan hogganamu (CMP supervisor)/garee WASH aana Waajjira Bishaanii Aanaatti galfachuu
qaba. Odeeffannoon iyyatarra jirus miseensota maatii midhamtoonnii qaamaa tahanii fi hin taane
sadarkaa irratti argaman ragaa guutuu qabaachuu qaba. Iyyannoon dhiyaatu odeeffannoo/ragaa
midhamtoonnii qaamaa dabaluu yoo baate, supparvaayizariin pirojektii hawaasaan hogganamu
(CMP supervisor) hawaasni odeeffannoo irraa barbaadamuu kennuurratti hubannoo qabaachuu fi
odeeffannoon walittii qabamuusaa xinxala pirojeektii dirree irratti qulqulleessuu qaba.

8.7 MIDHAMTOOTA QAAMAA PIROJEEKTII KEESSATTI HAMMATAMU


ISAANI QULQULLEESSUU

Deeskiin Xinxala Pirojeektii odeeffannoo miidhamtoota qaamaa ilaallatu hawaasarraa waliitti qabe
sirrumaasaa qulqulleessuu qaba. Kunis namoota miidhamtoota qaamaa tahanii fi maatiisaanii
akkasumas WASHCO keessaa (miseensi miidhamaa qaamaa ykn maatiisaa keessaa miidhamaan
qaamaa yoo jiraate) pirojektii keessatti dabalamuu isaa mirkaneessuun barbaachisaadha. Ragaan
miidhamtoota qaamaa ilaalchisee hawaasarraa argame ragaa miidhamtoota qaamaa
miidhamtoota qaamaa kanneeni bulchiinsa Gandaa, waajjira Hojjetotaa fi hawaasummaa Aanaa
ykn Dhaabbata qaama midhamtootaa (DPO) (yoo jiraate) walbira qabuun sirruummaa isaa
qulqulleessuun barbaachiisaa dha.

Xinxalli garee teknikaa WASH’n dirree bahuun odeeffannoon miidhamtoota qaamaa hawaasarraa
waliitti qabame sirrii tahuu isaa mirkanaa’uu qaba. Dabalataanis, fedhiiwwanii fi gaaffiin
miidhamtoota qaamaa hawaasa keessa jiran deebii gahaa argachuu isaani mirkaneessuun
barbaachiisadha. Kan jechuun namoonni iddoo tajaajila/dhiyeessii bishaanii dhaqqabu hin
dandeenye jiran ykn taa’umsa lafaarraa kan ka’e daandiin gara iddoo dhiyeessii bishaanii geessuu
hin hojjetamne yoo tahe, filannoon bishaan itti argachuu danda’an dhiyaachuu qaba.
Filannoowwan keessaa inni tokko paampii mootoraatti fayyadamu ykn sarara ujuumoo bishaanii
diriirsuun madda bishaaniirra gara manaa/maatii akka gahu gochuu yaadni jedhu yoo barbaachise
dizaayinii pirojektii keessatti dabalamuu ni danda’a. Furmaatawwan tekinoolojii jajjabeefamu
qaban keessaa bishaan roobaa kuusuu, bolla bishaanii qotuu, bashaan argame maloota adda

40
addaatiin qulqulleessuu kan akka calaluu, fi keemikaaliin/qorichaan wal’aanuu fkk tahu illee
pirojeekti kanaan baajataan deggaramu hin danda’u.

Furmaannii tekniikaa kamiyyuu (hawaasa gara bishaanii ykn bishaan gara hawaasaa) tajaajila
bishaanii hundaaf dhaqqabamaa gochuu fi hawaasan fudhatame yoo tahe galma gahiinsa
Kaayyoon Misooma itti fufinsaa 6 (SDG 6) f qaama dizaayinii iddoo(tuqaa) bishaanii adda bahee fi
baajata isaa fudhatamuu qaba. (Kaayyoo bishaan dhugaatii hunda galeessa, dhaqqabumaa haqa
qabeessa fi gatii madaalawaa qabu HUNDAAF milkeessuu/galmaan gahu)

8.8 PIROJEKTII RAGGAASISUU FI WALIIGALTEE DEGGARSA MAALLAQAA


GOCHUU

Waliigaltee deggarsa maallaqaa gochuuf galamu kutannoo hawaasni qulqullina (sanitation) maatii
hundaaf dhaqqabamaa gochuu dabalata. Manneen qulqullina hundi namoota hundaaf
dhaqqabama tahuu fi furmaatawwan dhaqqabamaan walqabatan jajjabeffamuu qabaachuun isaa
jala muramee beekamuu qaba.

Iyyannoowwan Pirojektii akka raggaa’u gochuun dura, hawaasota midhamtoota qaamaa


baayi’inaan qabanii fi sirruumaansaa garee teknikaa dirree baheen adda bahaanitti erguun,
iyyannoowwan irra caalan haala walfakkaatuun ulaagaalee biro hunda gutan dursi ni kennamaafi.

8.9 IJAARSA HAMMATU, TO’ANNOO FI GUMAACHA HAAWAASAA

WASHCO’n hojjetoota ijaarsaa naannoo sanaa kontiraataan qacaruun adeemsaa fi qulqullina


ijaarsaa to’aachuu fi hordofuuf gaafatamummaa qaba. Sadarkaa kanatti ijaarsi hojjetamaa jiru
dhaqqabummaa hunda mirkaneessuun ni eegama. Waliigaltee ijaarsa hammataa mana
qulqullinaa hundaaf dhaqqabamaa sanada irratti ibsame yoo hordofuu baate, WASHCO’n kaffaltii
hojjetoota ijaarsaa hin raawwatu.

Hojjetoonni ijaarsaa daandii miilaa gara mana qulqullinaa geessuu foyyeessuun akka ijaaran fi
hawaasni ykn dhaabbilee tajaajiloota akka daandii bira gahuumaa salphaa godhu (akkuma kutaa
B keesatti dhiyaate) waliigaluun hojjechuun kan jajjabefamuudha.

Ogeessonni WASH aanaa gama isaaniin adeemsaa fi qulqullina ijaarsaa to’annoo gaggeessuu
qabu. Ijaarsi manneen qulqullinaa dhaqqabummaa hunda qabaachuu isaanii mirkaneessuu qaban.

8.10 SIRNA EEBBA PIROJEKTII HUNDA HAMMATE

Sirna eebbaa irratti, gabaasni WASHCO raawwii pirojektii faayinaansii fi fizikaalaa guutuu tahe
miseensota hawaasaaf ni dhiyaata. Miseensonni midhamtoota qaamaa sirna kana irratti
affeerramanii argamuu fi jajjabeefamuu qabu. Dabalataanis gabaasichi hawaasnii fi WASHCOn
manoota midhamtoota qaamaa tahan akkamitti akka hirmaachisanii fi raawwii hojii keessatti
gumaacha godhan ibsamu qaba. Gama isaanitiin manoonni midhamtoota qaamaa tahan
dhaqqabuummaa tajaajiloota ilalchisee wanna hojjatame ifatti ibsuu qaban.

41
8.11 GAGGEESSUUMMAA IJAARSA BOODAA FI HORDOFFII MIDHAMTOOTA
QAAMAA DABALU

Namoota paampii hordoofanii fi kununsan filachuuratti namoota midhamtoota qaamaa


xiyyeeffannoo kennuu fi yoo isaan hojii kana raawwachuuf fedhii qabaatan yoo danda’ame dursa
kennuu fi barbaachisaa dha.

Taarifii (kaffalti tajaajilaa) murteessuu irratti namoonni midhamtoota qaamaa tahan akka
qajeeltootti keessaa hafuu hin qaban. Taariifiin kan murtaa’uu qabeenyaa fi humna kaffaltii maatii
irratti hundaa’uun waan taheef, kanneen hiyyummaa sadarkaa guddaa keessa jiraniif taarifii gadii
aanaa ykn bilisaan tajaajila akka argatan hawaasni murteessuu ni danda’a.

Ragaan bishaanii fi dhaabbilee tajaajilota saniiteshinii aanaa hundaa yeroommaan isaa eegame
odeeffannoo dhaqqabumaan hundaaf dabalate gutamuu qaba. Gaggeessuummaa ijaarsa boodaa
ogeesota WASH aanaatiin hordoffii fi WASHCOn immoo dhaqqabummaa tajaajilootaa xinxaluun
foyya’insa ykn sirreeffama barbaachisu akka barbaachisumma isaatti yaada dhiyeessuu irraa
eegama. Ragaaleen raawwii gaggaarii hojiilee WASH dabalataa qindaa’ee qabamuu fi qooda
fudhattoota dhimmi ilaaluuf tamsasuun kanneen biros jajjefamuu fi irraa barachuu qabu

9. MIDHAMTOOTA QAAMAA ADEEMSA QULQULLINA DHUNFAA FI NAANNOO


MARAA HAWAASAAN HOGGANAMU (CLTSH) KEESSATTI HIRMAA CHISU

Mootummaan Itophiyaa, Karaa Sagantaa Ektenshinii Fayyaa Biyyaaleessaatiin, faayidaa qulqullina


dhunfaa fi naannoo maraa hawaasaan hogganamu (CLTSH) beeksiisuun ilaalchii jijjiiramaa
hawaasa bira fiduuf ijaarsa mana qulqullinaa fi harka saamunaan dhiqachuu bal’inaan eegalee
jira. Kanaafuu COWASH gama isaatiin hojiimata qulqullina dhunfaa fi naannoo maraa hawaasaan
hogganamu (CLTSH) deggaruun, kaayyoon bobbaatii bakkee irraa bilisa ta’uu (ODF) sadarkaa
%100 akka gahuu hojii guyyaa guyyaa irratti gargaaraa jira. Galma gahiinsa hojii kanaaf,
adeemsa sadarkaa hunda keessatti midhamtoonnii qaamaa dabalamuu qabu. Dabalataanis,
hojiimaannii namoota midhamtoonnii qaamaa tahaniif hojjetu kanneen biroofis waan hojjetuuf
jechuun adeemsa keessatti qulqullina dhunfaa fi naannoo maraa hawaasaan hogganamu (CLTSH)
qaamoota hawaasa tarii dagate kan akka miseensota hawaasa sadarkaa gadii aanaarra jiran,
qaama hawaasaa xiqqa tahee dagatame, harka qaleeyyii, dubartoota, durboota, fi kanneen biro.
Sagaleewwan, yaadootaa fi feedhiiwwan miseensoota hawaasaa hundi filannoowwan teknikaa kan
akka iddoo ijaarsaa, dhaqqabummaa, suphuu, fi yaada murtoo dhiyeessuu dabalatee, tajaajiloota
qulqullina dhunfaa fi naannoof faayida kan qabuu fi murteessadha.

42
9.1 QOOPHII FI SOCHII DURAA

Gulantaan qophaa’inaa qulqullina dhunfaa fi naannoo maraa hawaasaan hogganamu (CLTSH)


leenjii ijaarsa dandeettii ogeessota feederaalaa, naannoo, godinaa, aanaa fi gandaaf kennamu of
keessaa qaba. Leenjiin kun odeeffannoo waa’ee midhamtoota qaamaa, akkamitti namoota
midhamtoota qaamaa tahan adeemsa hojiirra oolmaa qulqullina dhunfaa fi naannoo maraa
hawaasaan hogganamu (CLTSH) keessatti hammatamanii fi dhaqqabummaa qulqullina hundaaf
furmaatawwan teeknikaa barbaachisan dabalata.

Gulantaan qabsiisuun duraa haawaasa keessatti (maatiiwwan, manneen barnootaa, dhaabbilee


fayyaa, wiirtuuleen leenjii qonnaan bultootaa, manneen sirreessaa, iddoowwan amantii,
iddoowwan gabaa, bufataalee geejibbaa, kkf) gufuuwwan/rakkinaalee adda addaa namoota
midhamtoota qaamaa tahan qunnaman miseensonni hawaasaa wajjin ta’uun adda baasuu qaban.
Hojii kanaaf midhamtoota qaamaa fi maatiiwwan isaanii mariiwwan hawaasaa hunda keessatti
hirmaachisuun murteessaa dha. Hirmaannaa isaanii mijeessuuf, iddoowwan marii midhamtoota
qaamaa sochoo’uuf rakkina qabaniif dhaqqabamaa tahetti fayyadamuun dirqama ta’a. Mariiwwan
gaggeeffaman qaamoolee hawaasaa gara garaa – dubartoota, dargaggoota, mangoddoota,
midhamtoota qaamaa, kkf hundi dammaqinaan hirmaachuusaanii mirkaneessuun murteessa dha.
Qindeessitoonnii mariiwwannii faayidaa bakka bu’oonnii qaamoolee hawaasaa hundi,
midhamtoota qaamaa dabalatee, adeemsa walgahii keessatti qaban jaarsoolii biyyaatiif
hubachiisuu qaban.

Dhaabbileen ummataa fi dhuunfaa hundi karoora dabalataa qulqullina dhunfaa fi eegumsa


naannoo mataasaanii qopheessuu qaban. Tajaajilota dhaqqabamaa qulqullinaa (sanitation)
foyya’e dhaabbilee kanneenii keessatti dhiyaatu malee, bobbaatii bakkee irraa bilisa (ODF)
labsuun hin danda’amu. Dhaqqabamaa saaniteshinii fi manneen qulqullinaa Kutaa B Qajeelfama
Raawwii kana keessatti dhiyaatera.

9.2 HAWAASA KAKAASU FI QOPHAA’INA KAROORA GOCHAA

Gulantaa kakaasu hawaasaa keessatti, marii qophaa’uurratti haala mijeessaan mariichaa ummata
gandaa sochosuuf/kakaasuuf haala haayijinii fi saaniteshinii hawaasa isaanii akka xinxalan fi
dadhabina isaanii kanaan walqabate dhoksuuf waakkachuu ykn amaaloota fakkaaatan dhiisuuf
akka murteessan gochuu qabu. Dhimmonni namoota midhamtoota qaamaa tahan mariiwwan
irratti isaanuma midhamtoota qaamaa hirmaachisuun gaggeeffamu qaban. Mariiwwan
kanneenirratti midhamtoonnii qaamaa dammaqinaan hirmaachuusaanii mirkaneessuun qirqama
tahuu qaba. Yeroo mariin gaggeeffamu, namoota dhagahuu ykn arguu hin dandeenye ykn rakkina
qabaniif miseensonni maatiisaanii mallattootti fayyadamuu fi maateriiyaalonni argaman afaaniin
akka hiikan gochuuf qophiin godhamuu qaba. Kana malees, namoota midhamtoota qaamaa tahan
koree hawaasaa gurmaa’e keessatti dabalamuun sosochiiwwan hawaasaa, taateewwan gara garaa
fi gaggeessuummaa hunda kessaatti akka hirmaatan godhamu qaba.

Iddoon namoota fedhiiwwan addaa qaban adda baasun Kaartaawwan qulqullinaa (sanitation map)
hirmaachisaa hawaasaa irratti mallattoo kaa’uun ni danda’ama. Gulantaa kakaasu hawaasaa
keessatti dhaabbileen gabaa qulqullinaa (sanitation marketing) (aanaa keessa yoo jiraatan)
omishaalee qulqullinaa fooyya’aa qaban hawaasaaf akka dhiyaatan gochuun omishaalee

43
kanneeniitti achumatti filannoodhaan akka fudhatan gochuu dha. Dhaabbileen kanneen fi
hojjettonni ekstenshinii fayyaa akkamitti mana qulqullinaa maatii hundaaf dhaqqabamaa akka
tahuu beekumsa gahaa qabaachuu qabu. Maatiiwwan kaka’uumsaa fi fedhii ofiisaaniitiin
meeshaalee deggarsaa midhamtoonni qaamaa ittin gargaaraman akka hojjetan jajjebeeffamu
qaban. Manni qulqullinaa maatii miseensota isaa hundaaf keessattu midhamtoota qaamaaf daran
tajaajilamuuf salphaa taasisuuf, itti fayyadamuuf caalmatti mija’aafi tolaa taasisuuf odeeffannoon
gahaa tahe waa’ee baasii gadii aanaa fi filannoowwan tekinolojii salphaa dhiyaachuu qaba (Kutaa
B ilaali). Ragaa fi odeeffannoo muxannoowwan jijjiiramaa namoota midhaamtoota qaamaa
argame adda baasuun qindeessuun hawaasa wajjin qooddachuun ykn tamsaasuun faayidaalee
dhaqqabuummaa tajaajiloota manneen qulqullinaa akka tooftaa tokkootti fudhatamuu qaba.

9.3 MIRKANEEFFANNAA FI PIROTOKOLII BEEKAMTII BOBBAATII


BAKKEERRA BILISA TA’UUF

Sadarkaa bobbaati bakkee irraa bilisa (ODF) barbadamurra gahuuf akkataa Pirotokolii
Mirkaneeffannaa fi Beekamtii bobbaati bakkee irraa bilisa (ODF) (MoH 2012) irratti
hundaa’uudhaan gamaagamni gaggeeffamu qaba. Adeemsi mirkaneeffannaa meeshaa ijoo waan
taheef bobbaati bakkee irraa bilisa (ODF) hawaasaa mirkanneessuun dura sadarkaa maatiitiis
tahee sadarkaa dhaabbiilee ummataa fi dhuunfaatti dhaqqabuummaan mana qulqullinaa
midhamtoonnii qaamaa hawaasa keessa jiran mirkanessuun barbaachisaadha.

Gareen Mirkaneeffannaa Pirotokolii keessa jiran bakka butoota midhamtoota qaamaa hin
dabalatu. Kanaafuu aanaalee COWASH keessatti Gareen Mirkaneeffannaa miseensota hawaasaa
midhamtoota qaamaa qooda fudhachuu qabu. Manneen qulqullinaa dhaabbileef, Kan akka
tajaajilota saaniteshinii fi haayijinii manneen barnootaa, baratoonni midhamtoota qaamaa tahan
dubartoota dabalatee akka hirmaatan godhamu qaba.

Hojiin mirkaneeffannaa dhaqqabummaa manneen qulqullinaa fi odiitii nagummaa dabaluu qaba.


Odiitii kana keessatti Gareen Mirkaneeffannaa dhimmota dhaqqabummaa fi iiti fayyadama
tajaajilootaa salphaa fi rakkisaa godhanii adda baasuun foyya’insa ykn sirreeffama barbaachisu
akka barbaachisumma isaatti yaada dhiyeessuu qaba. Ulaagaan ijoo mirkaneeffannaa bobbaati
bakkeerraa bilisa ta’e (ODF) dhabbileen hundi kan akka manneen qulqullinaa manneen barnootaa
fi tajaajilota fayyaa hundaaf dhaqqabummaa tahuu isaanii mirkaneesuu dha.

10. MISOOMA INTARPIRAAYZII MAAYKIROO FI XIXIQQAA (IMX)


KEESSATTI MIDHAMTOOTA QAAMAA HAMMACHU

Misoomni Intarpiraayizoota maayikiroo fi xixiqqaa, Itoophiyaa keesssatti akka dhimma misoomaa


Ijoo motummaan carraa hojii magaalootaa fi naannoo magaalootaatti umuuf ilaalaa jiruu dha.
Kanumaan walqabatee, Karoora Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii (KGT) marsaa lammaffaa
(2008-2012) biyyaaleessaa fedhiiwwan lamiilee galii giddugala gadii aanaa qaban guutuuf
walgahiinsa dhiyeessii tajaajiloota bishaanii fi saaniteeshinii bara 2020tti mirkaneessuuf sektarri
bishaanii akka hojii xiyyeeffannoo guddaatti qabatee jira. Kutaalee COWASH marsaa III ffaa
keessatti hojiilee gurguddoo dursii kennameef galmoota ijoo kaayyoo walqabatee fi kutaalee hojii
haaraa IMX gurmeessuu keessatti gabaa saaniteeshii, dhiyyeessii meeshaalee jijjiirraa, fi tajaajila

44
suphuu tajaajiloota bishaanii of keessatti qabateera. Karoora waggaa sadii keessatti, IMX 26
pirojeektoota naanoolee shananii aanaalee 19 keesatti argaman yaaliif filatamanii fi dubartootan
hogganaman haara gurmeessuu/kanneen ijaaraman cimsuuf karoorfameera jira. (Ibsa dabalataa
Qajeelfama Raawwii IMX Dubartootan Hogganaman marsaa III ilaali)

Midhamtoota qaamaa kutaa pirojektii kana keessatti hammatamuu/dabalamuu isaanii


mirkaneessuuf, namoota midhamtoota qaamaa tahaan IMX keessatti miseensa tahuun
gurmaa’uuf dursi kennamuufi qaba. IMXn kamiiyyuu yoo xiqqaate midhamtoota qaamaa dhiira
ykn dubartii dabaluuf akka kayyootti qabachuu qaba. Waajjira Dhimma hojjata fi hawwaasummaa
fi Ejeensii Misooma IMX dargaggoota fi gameessota midhamtoota qaamaa tahanii leenjii
dandeetti ogummaa akkataa ulaagaatiin fudhachuun meseensa IMX tahuu barbaadan adda
baasuuf qindoominaan kan hojjetan taha. Kunis akkaataa immammata IMX carraa hojii
midhamtoota qaamaaf keessattuu dargaggootaaf uumuu jedhuu waliin wal sima. Dabalataan,
carraan hojii midhamtoota qaamaaf uumuun moodeela fakkeenya gaarii tahuun akka tajaajilan
isaan godha.

Intarpiraayizoonni gabaa ijaarsaa fi saaniteeshii leenji’aanii COWASH keessatti hundeeffamaniif


himamsa (orientation) omiishaa dhimmoota manneen qulqullinaa hunda dabalataa fi omishaalee
saaniteshinii irratti kennamuu qaba. Intarpiraayizoonni gabaa saaniteeshinii akkamitti manneen
qulqullinaa hundaaf dhaqqabuummaa gochuu qaban barsiisuu irratti jajjabeeffamu qabu.

MIILTOO 1 : UNKAA RAGAAN NAMOOTA MIDHAMTOOTA QAAMAA ITTIIN


FUNAANAMU

Meeshaan ragaan namoota midhamtoota qaamaa irraa waliitti qabamu kun leenjiiwwan sadarkaa
naannoo, godinaa, aanaa fi gandaatti kennaman irratti hojiirra ni oola.

Qajeelfamoota Leenjisaan hordofu

1) Hirmaatonni akka waraqaa duwwaa baasanii fi odeeffannoon dhimma fayyummaa isaanii


irratti ibsan ykn barreessan iccitummaan isaa kan eegamuu fi qaama biroo kammiituu
dabarfamee akka hin kennamme ta’uusaa ibsaafi. Eennyummaan abbaa odeeffannoo
kennuu waan hin barbaachifneef maqaa barreessuun hin barbaachisu.

2) Hirmaatonni korniyaa(saala) isaa/ishii DHIIRA ykn DHALAA jedhun akka barreessan


gaafadhu. Maqaa barreesuun hin barbaachisu.
3) Gaaffiwwan fuula ittii aanu keessa jiran irratti hirmaattootaaf ibsa barbaachisaa ta’e kenni.

4) Hirmaattoonni gaaffiiwwan dhiyaatan irratti sirritti akka yaadan godhi.

Hirmaattoonni gaaffilee dhiyaatan hundaaf deebiin isaanii MITI yoo ta’e, MITI jechuun akka
waraqaarratti barreesan godhi.

45
Deebiin isaanii gaaffii tokkoof illee yoo EEYYEE ta’e, deebii EEYYEE jedhu akka waraqaarratti
barreessan godhi. Deebii EEYYEE jedhanii kan deebiisan rakkoolee baayyee yoo qabaatanii fi
yeroo dheeraaf kan irra ture yoo tahee qofaadha.

5) Waraqaa irratti kan barreeffamu jechoota lamna 1) DHIIRA ykn DUBARTII 2) EEYYEE or
MITI qofaadha.
6) Waraqaawwan deebii waliiti qabuun EEYYEE fi MITI kan jedhan korniyaan adda baasuun
lakkaa’un haala gabaasa qindeessuuf tolutti kaa’i.
7) Erga ragaa walitti qabdee booda, kaayyoon waraqaa deebii isaanii baay’ina hirmaattota
leenjii midhamota qaamaa murasaa qaban adda baasuu fi deeggarsa barbaadan yeroo
leenjiin gaggeeffamu akka argatan beekuuf akka ta’ee ibsiif. Hirmaatan deebii EEYYEE
kenne, nama midhama qaamaa qabu jedhamu fudhatama.

COWASH hojiilee isaa hunda keessatti namoota midhamtoota qaamaa tahan haammachuuf
kaayyeffatee socho’aa jira. Kanaafuu leenjiiwwan dabalatee, hojiilee raawwataman hunda
keessatti lakkofsa isaanii hordoffii gochuun barbaada. Midhamtoota qaamaa ta’anis ta’uu
baatanis namoonni irra caalan kallattiin yoo gaafataman MITI jedhanii waan debisaniif jechii
midhamtoota qaamaa jedhu guca irratti hin dabalamne taanan, bu’aa gabaasaa ykn xinxalichaa
gadii aanaa godha.

Rakkinaalee fayyummaa itti aanan kamiyyu dhaabbiidhan/yeroo dheeraaf qabdaa:


Rakkinaalee fayyummaa guddaa ija tokkoon ykn lamaan ilaalu (fullee ijaa keewwatte
ille) qabdaa?
Fkn. Rakkinaalee nama walfakkaataa tokko hanga sii bira gahuutti ilaalu fi adda
baasuu dadhabu
YKN Meeshaa tokkoo ciqilee nama tokko irratti adda baasuu fi ilaalu dadhabu
YKN
argaan ija tokko kan birra irraa caalmatti arguu dadhabuu
Rakkinaalee fayyummaa guddaa dhagahuu, deggarsa meeshaatiins tahu?
Fkn. Rakkinaalee sagalee namni gama kuutaa keessaa sirnaan dubbatu dhagahuu
dadhabuu
ykn
dhageettiin gurra tokko kan birra irraa caalmatti dhagahuu dadhabuu
Rakkinaalee fayyummaa hedduu miilaan deemuu ykn sadarkaa olbaastuu miilaa
balbalarraa bahuu?
Fkn. Rakkinaalee mana keessatti sochoo’uu ykn mana keessaa gara alaa bahuu
ykn fageenya deemuu dadhabuu (km 1 ykn isaa ol)
Rakkinaalee fayyummaa guddaa qaama ofii gutummaatti of danda’ee dhiqachuu ykn
uffata of danda’ee ofiin uffachuu?

Rakkinaalee fayyummaa guddaa yaadachuu dadhabuu irraa kan kahe hojii guyya guyyaa
irratti dhiibbaa guddaa fiduu isaa?
Fkn: yaadachuu dadhabuu irraa kan kahe hojii guyya guyyaa raawwachuu
dadhabuu, iddoo beekan deemuu dadhabuu ykn maqaa nama beekanii yaadachuu
dadhabuu irratti dhiibbaa guddaa
Rakkinaalee fayyummaa guddaa hubachuu fi dubbachuu (afaaniin dubbachuu fi afaan
mallattoo) namoota biro wajjin?
Fkn:waan namoonni biro dubbatan hubachuu dadhabuu ykn
waan atti dubbattu namooni biroo hubachuu dadhabuu

46
Meeshaalee gargaarsaa midhamtoota qaamaan gargaarama jirtaa?
Fkn: kiraanchii, barcuma-golollee (wheelchair), qaama nam-tolchee(artefishaalii),
gargaarsa nama biraatiin socho’u/hojjechuu

Rakkinaalee fayyummaa yeroo dheeraa qabdaa


Fkn: dhukkuba nama kuffisu, gartokkeen naafuu

KUTAA B: FURMAATAWWAN TEKNIKAA WASH HUNDA DABALATAA

Kutaa qajeelfama kanaa keessatti, filannoowwan tekinoolojii muraasaa fi qajeeltowwan


dhaqqabummaa tajaajiloota WASH namoota midhaamtoota qaamaa tahaaniif mijaahaa tahe
dhiyaatuus, isaan qofa irratti hin daangahu. Dhaqqabummaan namoota hawaasa keessa jiran
hundaa ni fayyada, garuu tokko tokkoof murteessaadha. Akkuma umuuriin dulloomaa deemnu,
quphanuu ykn madaala eeguun tahuun rakkisaa tahaa dhufuu danda’a. Bakka tajaajillaa
dhaqqabamaa taasisuu jechuun namoota hunda itti fayyadamaa gochuu jechuudha.
Teknoolojiwwan kanneen namoota maatii tokko tokkoo isaanii haala daran salphaa fi mijaahaa
taheen tajaajilamaa taasisuu danda’uu mala.

Namoonni midhaamtoota qaamaa tahaan mana qulqullinaa/mana fincaanii, tajaajila wal qixa tahe
kennu malee, kanneen namoota birootiif ijaaramanirraa kan caalu ykn adda tahe hin eegan.
Haata’u malee, tajaajila wal qixaa argachuu jechuun namni tokko tokkoon haala walfakkaatuun
haa keessuumaa’aan jechuu miti, namoonni muraasni wantoota addaa ykn dabalataa barbaadu
danda’an jechuudha. Tajaajiloonni bishaanii fi saaniteeshinii wayita dizaayiniin qophaa’uu
fedhiiwwan gara garaa keessuummeesuuf filannoowwan tajaajilota gara garaa dhiyeessuu akka
danda’aanitti tahuu qaba. Fedhiiwwan namoonni midhaamtoota qaamaa tahaan irra caalaan isaa
tajaajilota salphaa fi mana qulqullinaatii guutamu kan danda’aniidha. Midhaamtoota qaamaa
tajaajila qulqullinaa keesatti hammachuu irratti garaa garummaa fiduuf kennitoonni tajaajilaa fi
maatiiwwan odeeffannoo, yaadaa fi hubannoo barbaadu. Rakkoolee tajaajilota qulqullinaa
midhaamtoota qaamaa adda addaa furmaata kennuuf ogeessa addaa ykn enjinerii tahuun hin
barbaachisu. Kaayyoo isaas hanga danda’ameetti ‘tajaajila of-danda’ee’ dhiyeessuu jechuun
tajaajiloota namni tokko gargaarsa xiqqoon ykn of-danda’ee’ malee of-danda’ee tajaajilamuu
jechuudha.

Fakkiiwwanii fi barreeffamoonni qajeeffama kana keessa jiran yo maddi isaanii ibsame malee
maxxansa/kitaaba ‘Compendium of Accessible WASH Technologies. WEDC, WaterAid and Share,
by Jones and Wilbur (2014)’ jedhamu irraa kan fudhatamanii fi haala keenya wajjiin akka wal
siman tahanii kan qophaa’aanii dha.

47
1. TAJAAJILOOTA HUNDA DHAQQABUU

Dhaqqabummaa (qaqqabummaa) jechuun dhiyeessiin tajaaajilaa hundii bira gahamuu kan


danda’amu qofa osoo hin tahiin (jechuun namni kamiyyuu ittifayyadamu danda’a), namni
kamiyyuu iiti tajaaajila bira gahuu danda’uu qaba. Kanaafuu, barruun gorsaa (guidelines) kuni
dhiyeessii tajaajilootaa WASH yeroo haaraa ijaaraman ykn kanneen jiran haaroomsaman
dhimmoonni itti aanaan xiyyeeffannoo argachuu qaban.

Fageenya: dhiyeessiin tajaaajilootaa hundii hanga danda’ame iddo dhiyoo taheetti ijaaramu
qaban, kessattuu tajaajiloonnii qulqullinaa (sanitation) maatii. (Fakkii 1 armaan ol jiru
ilaali).

Fakkiin 2 karaa (daandii) mijaa’aa gara mana qulqulliinaa geessuu qarqarrii daandii
dhagaan sararame dubartoota qaroo dhabeeyyii tahaan tajaajilamuuf yeroo deeman
kan gargaaruu kan agarsiisu dha.

48
Fayyadamaa barcumagolollee Fayyadamaa barcuma-golollee
(wheelchair) gargaarsa gargaarsa malee socho’u
wajjin

Nama Kiraanchii ciqileerratti Nama Kiraanchii gateettiirratti


hirkachuun socho’u hirkachuun socho’u (Kiraanchii bobaa jalaa)

Fakkiin 3 nammoonii midhamtoota qaamaa ta’ahan meeshaalee deeggarsaa gara


garaa kallattii adda addaatiin itti fayyadaman agarsiisa. Sababa kanaaf jecha
tajaajiloonni dhaqqabummaa qaban daandii bal’aa, balbala fi iddoo bal’ina qabuu fi
sochiidhaaf mija’u qabaachu qabu. 13

49
Karaa/Daandii Geessuu: Daandiin mijahaa jedhamu bal’ina cm 120-180 (yoo xiqqaate cm
90) kan qabu dha. Manni qulqullina maatii lafti keessaa konkiriitiin ijaarame ykn meeshaa
cimina qabuun ijaarame hundaafu faayiidaa qaba. Sadarkaan miilaan ol baasuu gara balbalaa
gamoo/manaa (darajaan) hojjetamuus kan hin mucuceessinne tahee keessattu namoota qaroo
dhabeeyyii, barcuma-golollee ykn kiraanchiin kan socho’aniif murteessaadha. Afaataan
lafaasaa, keessatti yeroo roobaa, kan dhoqqaa’ee fi mucuceessuu hin qabu. Carrachaan kan
hojjetame filatamaadha. Gufuuwwan hundi qulqulla’uu qabu. Booyiin lolaa, bollii fi lafti gadi
qotame duchamuu ykn uwwifamu qabu. Qarqarri daandiiwwanii lameen dhagaan kaa’aamee
halluu adii dibamuu akkasumas namoota qaroo dhabeeyyiif finyoo akka agarsiistutti fayyadu
danda’u hidhuun gaarii taha. Dhagaawwanii fi finyoowwan namoota kanneenii gara barbaadan
geessiisuuf gargaaarsa guddaa qabu. Qaroo dhabeeyyii keessa kanneen ifa aduu arguu
danda’aan halluun adiin daandii adda baasuuf isaan gargaara.

50
Fakkii 4: Nama gara mana qulqullinaa maatii deemuuf finyoo akka agarsiistutti
fayyadamu

Daandii akkasi hojjeechuun gatii gadii aanaa kan gaafatuu fi meeshaalee naannootti
argamaniirraa hojjetamuu ni danda’a. Daandiicha duwwaa gochuu fi dhagaawwan qarqara
daandii kaa’uuf suphaa xiqqoo kan barbaaduu ta’aa.

Fakkii 5: sadarkaan milaan ol baastuu gaggabaaboo gochuu fi sararri dalga


qaxxaamuru mucuca ittisuuf ykn xiqqeessuuf faayidaa qaba.

51
Sadarkaan milaan ol baastuu (Steps): Ol baastuu balbalrraa ijaaruun barbaachisaa yoo
tahee, lafa ol ka’aa fi iddoo dhiphootti, ol baastuuwwan balbalrraa gaggaboo fi afata bal’aa
qabu godhamuu qaba, ol baastuuwwan hundi illee dheerinaa fi gadi fegeenya walfakkaatu
qabanis. Konkiritiin simiintoo sarara dalga qaxaamooraa yeroo jidhaa mucuca xiqqeessuu
gochuu ni danda’ama. Qarqarri Ol baastuuwwanii halluu adii dibuun akka salphaatti ilaalamu
ykn adda bahuu danda’u qaroo dhabeeyyii keessa kanneen ifa aduu arguu danda’an ni
gargaara.

Qabannaawwan haarkaa (Handrails) Sadarkaawwan milaan ol baastuuwwan irratti ijaaramu


dheerina sm 70-90 qabu madaalii eeguuf gargaara. Gatiin ol baastuuwwan dabaluuf ba’u gadii
aanaa fi meeshaale naannoo irraa argaman, kan akka dhagaatiin ijaaruun ni danda’ama.

Dalga(gadi fegeenya)

Dheerina dhumaa

Fakkii 6: Kallattiwwan ijaarsa ol baastuuwwan filatamaa mm dhaan (gadii fageenya


cm 30 fi dheerina cm 16) fi qabannaawwan haarkaa (cm 70-90)

52
Fakkii 7: Daandii ol baastuu barcuma gololle mukaarraa hojjatame

Fakkii 8: daandii ol baastuu barcuma-gololle konkiritii tajaajila paampii haarkaaf


hoojjatame

Daandii Ol-baastuu barcuma-gololle (weelchair) (Ramps): Ol-baastuuwwan barcuma-


gololle namoota brcuma-gololle tiin fayyadaman qofaaf osoo hin taane, kanneen kiraanchiitti
gargaaramanii akkasumas rakkina salphaatti socha’uu qabanii fi qaroo dhabeeyyii tahaaniif
guddaa gargaara. Ol-baastuuwwan wiilcheerii irraa gadee (slope) % 8 caaluu hin qabu. Kana
jechuun dheerina meetirii 1 keessatti, ol ka’iinsi qabu cm 10 jechuudha. Mana qulqullinaa ykn
iddoon(battala) bishaan dhangala’u fuladura lafti qixa diriire ykn lafti irra qabatamu yoo
baay’ate dheerina cm 100 – cm 120 qabaachuu qaba. Ol-baastuuwwan barcuma-gololle
wiilcheerii yeroo hunda, jidhinni jiraatus , gogaa tahaanii eegamu qabu.

53
2. QULQULLINA MAATII, DHUNFAA FI DHIYEESSII BIISHAANII

Meseensonni maattii hundi fayyadamtoota qulqullinaa (sanitation) akka ta’aan, tajaajilli


qulqullinaa (sanitation) ijaaramu ykn jijjiiramu dhimmota itti aanan hammachu/dabalachu
qaba.

Fakkiiwwan 9-10: Gara bitaatiin kan jiru fakkeenya balbala bal’aa karaa alaatti banamu
agarsiisa. Gara mirgaattii immoo, fakkeenya balbala huccuu/uffata agarsiisa.

Seensaa fi balbalawwan: Balballii mana qulqullinaa hundaaf banamuu kan danda’u fi namni
keessa jiru nama alatti argamuun ilaalamu kan hin dandeenye ta’uu qaba .

Balballii fi iddoon ittiin seenan bal’aa (yoo xiqqaate bal’ina balbalaa sm 90) fi dirirrii lafaa
(keessaa fi allii walqixa diriiraa ykn garaa garuumma baayyee xiqqaa). Balballiichi gutummatti
karaa alaatti kan banamuu fi bantuun alla fi keessaa qaboo xiqqaa baratameerra haarkaan
qabamaa guddaa tahee hojjetamuu qaba. Kunis namoota wiilcheerii fi kiraanchiin
gargaaraman ykn namoota dadhaboo tahaaniif salphaatti banuu fi cufuu dandeessisa. Balballii
akkasii maateriyaalii naannoorra argaman, hucuuwwan, muka ykn sibiilarraa hojjetamuu
danda’an.

54
Fakkiiwwan 11-13: Fakkeenyota qabduwwan balbalaa fi maloota cufinsaa

QABDUWWAN BALBALAA FI MALOOTA CUFINSAA: wayita qulqullinaa iccitiin nama


dhuunfaa (qaamni namaa akka alaa hin mul’anne) fi nagummaan isaani, keessattuu kanneen
haadholee fi durbootaa, eegamuusaa mirkaneessuun barbaachisaa dha. Filannoowwan gatii
gadii aanaa bantuu qabduu balbala mukarra hojetamu, kan gatii giddu gala sibiilarraa ykn
sibiilaa fi mukkaarraa hojjetaman ykn okkoo (hooks) ni dabalata. Ol ka’insi mijaahaa qabduu
balbalaa cm 90 – cm 120 lafarra dheerateedha.

DIRIIRA LAFAA: diriirri lafaa keessoo manaa qulqulluu fi wal qixaa’aa tahee (kan hin
mucuccesine) fi karaa salphaatiin kan qulqullaa’uu danda’u, keessattuu midhamtoota qaamaa
foqoqaa deemaan fi meeshaa deeggarsaa ittiin socho’an hin qabneef tahee hojjetamu qaba.

IFAA Keessaa , QILLENSA’UU (VENTILATION) FI ICCITII DHUUNFAA: Ifaa fi qilleensii


gahaan jiraachuu qaba. Ifa gaariin jiraachuu namoota qaroon isaanii dadhaabaa taheef guddaa
gargaara. Balballii haala salphaan furamuu fi cufamuusaa, akkasumas iccitiin dhuunfaa
(qaamni isaanii alaa akka hin mul’anne) fi nagummaan isaanii eegamuu mirkanneesuun
barbaachisaa dha. Namni midhamaa qaamaa tahee mana qulqullinaa keessa yeroo dheeraaf
turuu akka danda’u hubachuun tilmaama keessa galchu qabna.

HANGA KUTAA: yoo barbaachise barucmni-goloolle cm 120 - cm 150 guutuu gingoo mana
qulqullinaa keessa naanna’uu danda’u isaa, keessoon ykn fulleen mana qulqullinaa bal’ina
gahaa qabaachuu gochuun barbaachisaa dha. Maatii keessaa namoonni barcuma goloolle
(welchair) gargaaramu yoo jiraachuu baate, keessoon mana fincaanii fuula duratti akka
fayyaduuf hanga kan bal’achuu akka qabu beekuuf akka itti aanuutti adda baasuu ni
danda’ama. Mana fincaanii keessattii qulqullaa’uu seenan yeroo quphanaa’aan (qaawwa bollaa
gubbaa qulqullaa’uuf yommuu gadii tahaan) iddoo sochiif isaan gahu gaafachuun odeeffannoo
fudhachuun iddoo sana irrattii mallattoof dhagaa ykn muka kaa’uun adda baasuun ni
danda’ama. Namoonni kiraanchiin deggaramuun socho’an ykn gargaarsa namaatiin socho’aniif
mana finacaanii keessatti iddoon dabalataa barbaachiisu mala.

55
Fakkiiwwan 14-17: Fakkeenyota qaboowwan harkaa meeshaalee gara garaarraa hojatamanii
fi iddoowwan mana qulqullinaa adda addaatti keessatti ijaaraman. Gara bitaatti, fakkeenyota
dhagaa suphee gidgiddaaraa gadi bahaanii bakka bakkatti ijaaraman namoonni qaroo
dhabeeyyii ykn midhaamaa qaamaa socho’uuf gargaarsa barbaadan karaa agarsiisuuf
gargaaran.

KEESSOO MANA QULQULLINAA: Qaboo harkaa cimaa tahe bukkee/cinaa qaawwa mana
fincaanii ykn gidgiddaa irratti lafaa dheerinni isaa cm 70 – cm 90 ol ka’ee hojjetamu
(sibiila,muka ykn shambaqqoorraa) namoota gargaaruuf ykn akka madaala isaani eegan
gochuun haala salphaan gara qaawwa bollaa akka gahan gargaara. Finyoon bantii maniichaa
gubbaa irraa gadi rarra’u ykn finyoo balballaa irraa kaasee hidhameen gargaaramu ni
danda’ama. Qaboon harkaa mukaa fi sibiilarraa hojjetaman gatii guddaa kan hin gafannee fi
meeshaalee irraa hojjetaman naannoo sanatti kan argaman waan taheef hojjeechuu fi
kununsuuf salpha taha. Dheerinni fi iddoon irratti hojjetamuuf adda bahe fedhiiwwan
tajaajimtootaa irratti hunda’uusaa mirkaneessuun barbaachisaa dha. Haa tahu malee,
qaboowwan harkaa konkiritii lafaa afameen hojjetame fi dhagaa konkiritiin wal qabatan
ijaaramuu hin qabu. Afataan lafa mana qulqullinaa konkiritiin kan ijaarame yoo tahe, qaboo
haarkaa sibiilaa yeroo manichii ijaaramuu walumaan ijaaramu ykn ijaarsan booda sibiilarratti
hidhamuu danda’a. Qaboon harkaa sibilarraa hojjetamuu tajaajila yeroo dheeraa kennuu fi
iddoo tajaajilootaa duran ijaaramantti hojjetamu danda’a. Qaboon harka haala kanaan
hojjatamu gatiin isaa guddaa yommu ta’uu, gidgiddaan isaa cimaa fi dihoo ta’uu qaba.

Namoota qaroo dhabeeyyii ykn midhaa qaroon walqabate qabaniif, wantoota tuquun adda
basuuf mallatton gargaaru mana qulqullinaa keessa deemuuf gargaaran (finyoon bantii
maniichaa gubbaa irraa gadi rarra’u ykn wantoota gidgiddaarratti akka mallattoo iddoo
qaawwa mana fincaanii agarsiisuu) hojjechuun gargaarsa guddaa kennafi. Kana malees, ijaarsi
haaraan yeroo ijaaramu, dhakaa suphee(bricks) gidgiddaa irratti konkiriitiin akka agarsiisuutti
ijaaruun ni danda’ama. Ijaarsa haaraa irratti dabaluun garuu rakkisaa taha. Gidgiddaan
ulfaatina nama tajaajilamu baachu qaba. Kana sirreessuuf baasiin barbaachisu gadii aanaa
dha.

56
Fakkiiwwan 18-21: Fakkeenyota teessoo mana fincaanii dhaabbataa fi teessoowwan
qaawwaa mana fincaanii gubbaarra ka’aman.

57
Fakkii 22: Teessoo mana fincaanii tessoo pilaastikii gidduun isaa giingoon murame
dhaabbataa fi teessoowwan qaawwaa mana fincaanii gubbaarra ka’aman.
Qaawwaa mana fincaanii ykn qabduu bishaanii gubbaa kaa’amu ni danda’ama. 15

TEESSOO MANA FINCAANII: namoota quphanaa’uu (gadi taa’uu) rakkina qabaniif,


keessattu dubartoota ulfaa fi manguddootaaf, mijaawaa tahuu qaba. Quphanaa’uu kan
barbaadan yoo jiraatan, teessoon mana qulqullinaa dhaabataa ykn kan socho’u tahuu
danda’a. Maatii baadiyyaattiif teessoon socho’u meeshaawwan naannoo (kan akka
sibiila,muka ykn shambaqqoorraa) irraa hojjetamu mijaawaa, gatii rakasaa akkasumas
filannoof salphaa dha. Bishaanii fi dhangala’oon adda addaa akka namatti hin facaane iddoo
teessoo fula duraa kan ittisu qaboo pilaastikii moofaarraa hojjetamu ykn biyyeen googsuun
ni danda’ama. Teessoo vaarnishii ykn halluu diibuun daran qulqulluu gochuu ni danda’ama.
Teessoo pilaastikirraa qopheessuuf gidduu irratti qaawaa gingoon muruun ni danda’ama.
Tessoon gubbaa qaawwaa mana fincaanii irra ykn baaldii jala ka’uun fayyadamu ni
danda’ama. Inni kun iccitummaa dhuunfaa eeguu irratti rakkina qabaatus, namoota
socho’uuf rakkoo qaban ni gargaara.

DHIQANNAA HARKAA: tajaajilli dhiqannaa harkaa ykn bishaan ujuummoo (bonbaa) itti
kennamu lafarraa ol ka’umsa cm 50 – cm 90 tti irratti (fedhii fayyadamtoota maatii giddu
galeessa godhachuun) saamuunnaa wajjin mooraa keessatti ykn mana qulqullinaa cinaatti
qophaa’uu qaba. Jeeriikaanii ykn qaboo pilaastikii irraa gatii salphaan qaphaa’u namoota
human dadhaboo tahaaniif ykn harka tokkoon qofa gargaaramaniif faayidaa qaba.

58
Fakkii 23: Fakkeenya naannoo qaama dhiqannaa

Shaawarii/ naannoo qaama dhiqannaa: namoonni wayita qaama dhiqatan alaa gara
keessatti waan tokkoollee mul’achuu hin qabu. Iddoon qulqullinaa hundaaf tajaajila
kennuuf banaa tahuu qaba. Namoonni yeroo dheeraaf dhaabbatanii (ijaajjanii) dhiqachuu
hin dandeenyeef (kanneen madaalii isaanii eeganii dhaabbachuu hin dandeenye, socho’uuf
rakkina qaban ykn ulfa yeroon dahuumsaa gaheef) meeshaa irra tahaanii dhiqatan
meeshaale naannoo (muka, dhakaa) irraa hojjechuun ni danda’ama. Qabduun bishaanii
iddoo mijaawaa tahe gubbaa irratti kaa’amu danda’a. Gatiin isaa gadii aanaa tahuus bishaan
itti guutuuf gargaarsa nama biraa barbaada.

Fakkii 24: Bishaan dhugaatii maatii qabduu bishaanii keessaa dhangala’ee faayidaaf oolu.

Bishaan Dhugaatii Maatii: qabduu bishaanii ykn baaldii qadaaddii cimaa qabuu fi
ujummoo bishaaniin dhiyootti akka tajaajilu godhamu namoonni humnaan dadhaboo tahan,
madaala isaanii eeganii kan hin dhabbanne, harka tokkootti qofa kan fayyadaman bishaan
barbaadan haala salphaa fi gargaarsa malee akka argachuu danda’aan taasisuun
barbaachisaadha.

59
3. EEGUMSA QULQULLIN (SAANITESHINII) DHAABBILEE FI DHIHEESSII
BISHAANII

Tajaajilonnii qulqullinaa (sanitation) dhaabbilee kanneen akka manneen barnootaa fi


dhaabbilee fayyaa hundu dhaqqabamaaa tahuu qabu. Ministeeronnii Eegumsa Fayyaa fi
Barnootaa Federaalaa Maanuwaali haala dizaayinii fi ijaarsa qajeelfamoota raawwii
tajaajilota kanneenii gadi fageenyaan qopheessanii jiru. Ibsoonni raawwii qajeelfama
raawwii kutaa 1 keessa dhaqabummaa tajaajilota irratti ibsaman dhaabbilee tajaajilota
WASHn kan hojiirra oolu tahan.

3.1. KEELLAAWWANI FI BUUFATAALEE FAYYAA

Maanuwaaliin Dizaayinii fi Hojiirra Oolmaa Dhaabbilee Fayyaa Tajaajilota WASH


biyyaaleessaa (2012)16 qajeelfama raawwii ijaarsaa fi suphaa dhiyeessii tajaajilota bishaanii,
saaniteshinii fi haayijiinii keellaawwani fi buufataalee fayyaa ibsa.

Tajaajilonni WASH dhaabbilee fayyaa keessatti kennaman midhamtoota qaamaa,


dubartoota ulfaa fi dhiyootti kan da’an, manguddootaa fi dhukkubsatoota midhamaniif
dhaqqabama tahuu qaba.

Filannoo iddoo tajaajilota qulqullinaa (sanitation) ilaalchisee, maanuwaaliin raawwii akka


ibsutti, tajaajiloonni qulqullinaa kun bufaltaalee fayyaa irraafagoo tahuu hin qaban. kunis
dhukkubsatoonni midhamtoota qaamaa dabalatee fageenya dheeraa gara mana fincaanii
deemuu hin qaban yaada jedhuu irraa kan madde. (Haata’u malee meetrii 6 caalu qaba).

Fakkiin 25 armaan olii maanuuwaliirra fudhatame mana fincaani ammayaa’aa (VIP


Latrine) buufata fayyaa agarsiisa. Kutaalee gara bitaatiin jiran nama hunda
tajaajiiluuf banaa kan tahee, bal’ina dabalataa keessaa, balbala bal’aa (meetirii 1),
olbaastuu barcuma-golollee fi gargaartu qaboo harkaa kan qabu dha.

60
16
http://www.cmpethiopia.org/page/660

Fakkiin 26 armaan olii maanuuwaliirra fudhatame mana fincaani ammayaa’aa (VIP


Latrine) buufata fayyaa agarsiisa. Kutaalee gara bitaatiin jiran nama hunda
tajaajiiluuf banaa tahee, bal’ina dabalataa keessaa, balbala bal’aa (meetirii 1),
olbaastuu barcuma-golollee fi qaboo harkaa gargaartuu kan qabu dha.

Qaboo harkaa ujuummoo siibiilaa ykn


kan bakka bu’u fi kemikaalii ligdii ittisu 1” dibame

Qaboo harkaa ujuummoo siibiilaa


kemikaalii ligdii ittisu 1” dibame
cm30 walirra fagaatu

lafarraa kaasee olbaastuu wiilcheerii


olka’insa irraa oolee %6

61
Fakkiin 27 armaan olii kun ol baastuu barcuma golollee mana qulqullinaa agarsiisa. Qaboo
harkaa bitaaf mirgaan jiran kan ijaaraman sibiilaarraa tahee dibaa sibilli akka hintortorre
ittisu qaba. Bal’inni ol baastuu cm 130 fi ol ka’iinsi %6 dabalaa deemu qaba.

Qaboo harkaa ujuummoo


siibiilaa (materiyaalii bakka
bu’u) kemikaalii sibilli akka
hintortorre ittisu 3/4" dibame
Teessoo qaama
miidhamtootaa

Kutaalee manneen qulqullinaa dhiiraa fi dubartootaa keessaa inni tokko (ijaarsa ol baastuu
kan agarsiisu fi balballi isaa bal’aa kan taheedha) teessoon ol ka’aa qaboo sibiilaa harkaa
(fakkii 28 gubbaa jiru) faayidaarra ooluuf ijaaramuu qaba. Iddoon tajaajila bishaanii,
meeshaa hucuun keessatti miccamu fi kutaaleen dhiqannaa qaamaa, kanneen barcuma-
golollee fayyadaman dabalatee, hundaaf dhaqqabamaan mirkanaa’uu qaba. Ol baastuu
barcuma-golollee, balbalaa bal’aa fi iddoon bishaan dhangalaasu ol ka’insa gara garaatti
qophaa’uu qaba.

3.2. MANNEEN BARNOOTAA

Maanuwaaliin Dizaayinii fi Ijaarsaa Dhiyeessii Tajaajilota Bishaanii fi Qulqullinaa (Sanitation)


Manneen Barnootaa Tokkooffaa Itophiyaa (MoH, MoE, MoWIE) 17 hojiirra oolmaa gochaa
dizaayinii fi ijaarsaa tajaajilota manneen barnootaa tokkooffaa agarsiisa.

Manuuwaaliin kun qajeeltowwan dizaayinii mana qulqullinaa/fincaanii ijoolleef mijaahoo,


hundaaf dhaqqabamaa tahee fi fedhii addaa keessuummeessuu danda’u tahuu qaba.

 Manni qulqullinaa mooraa mana baruumsaa keessatti kutaalee barnoonni itti


kennamuurraa fagoo tahuu hin qabu. (yoo xiqqaate meetrii 6, yoo baayyate meetrii
30 hanga 50tti)
 Manneen qulqullinaa haala salphaan tajaajila kennu qabuu, ol baastuun balbalarraa
haala salphaattii bahuu fi bu’uu dandeessisuu danda’u, qaboon bantuu balbalaa
dhiyootti dhaqqabamaa fi keessoon manichaa ifa gahaa qabaachuu qaba.
 Tajaajilonni mana qulqullinaa ijoollee midhamtoota qaamaa tahaaniif, kutaaleen
dhiiraa fi dubartootaa adda bahaanii sirreeffama barbaachisu wajjin qopha’uu qabu.
Teessoon mana fincaanii keessaa ol ka’aa, ol baastuun barcuma-golollee fi qabaa
harkaa hundi (iddo gahaa wajjin) guutamuu qaban.
 Midhamtoonni qaamaa dubartootaa fi dhiiraa dizaayiniin ijaarsaa sirrii tahuu ykn
fedhii isaanii guutuu isaa mariisiisuun mirkaneessuun barbaachisaa dha.

62
Kutaan ijoollee midhamtoota qaamaaf ijaaramuu ijoollee kanneen biroorraa bal’inaan
caaluu (meetirii 1.5 x 2) fi balbala bal’aa (cm 90) tahuu qaban. Akkaataa
maanuwaaliichaatti olbaastuun barcuma-golollee dhundhula (slope) 12 keessaa 1 tahuu
qaba. Teessoo konkiritii dhagaa fi qaboo harkaa sibiilaa abba ujuummoo jiraachuu qaba.

Fakkii 29 ijaarsa ol baastuu barcuma-golollee gara mana quulqullinaa geessuu.

Fakkii 30 gara bitaatiin safartuu ol ka’insa teessoo mana fincaanii dubartii fi


dhiiraa konkiritiirraa hojjatame seenti meetiriidhaan agarsiisa. Fakkii 31 karaa
mirgaatiin jiru fakkenyota ijaarame agarsiisa. Kutaaleen dubartii fi dhiiraa teessoo
mana fincaanii fi qaboo harkaa qabu.

63
Tajaajiloota Dhiqannaa Harkaa: dhangalaastuu bishaan ujuummoo ijoollee umurii fi gara
garaaf ol ka’insa adda addaratti (sm 50 and 70) hojjetamuu qaba – fakkeenyaaf
dhangalaastuu bishaanii ol ka’insa gabaabaa irra hojjatame ijoollee midhamtoota qaamaa
barcuma-gololleen gargaaraman salphaatti dhaqqabu.

Dhiyeessii Bishaan Dhugaatii: mana baruumsaa keessatti hundaaf dhaqqabamaa tahe


dhiyaachuu qaba. Manni baruumsaa bishaan burqaa dhugaatiif tahu taankarii gubbaatti
kusan bishaan ujuummoo keessaa dhangala’uu olka’insa (50 and 70 cm), kutaalee
barnootaatti kan dhiyaatee ijaaramu qaba. Naaannoo isaas mucucaa fi dhoqqee irraa
qulqulla’uu qaba.

Qulqullina Haayijiinii Addaa Dubartootaa Gaggeessuu (Menstrual Hygiene


Management (MHM)): shamarran midhamtoota qaamaa tahaaniif tajaajiloota qulqullinaa
addaa dhiyaachuu qaba. Qajeeltowwan manneen qulqullinaa mana barnootaa kan
walfakkaatu dha. Daandiin gara mana qulqullinaa geessu adda bahee mallattoo qabaachuu
qaba. Balballi isaas tajaajilamtoota hundaaf banaa tahuu qaba.

Tajaajiloota qulqullinaa manneen barnootaa keessatti WASH dhaan deggaramu bu’aa


qabeessuumaan gaggeessuuf, ijoollee midhamtoota qaamaa fi maatii isaanii dabalatee,
qaamota dhimmi ilaalatu hunda hirmaachisuun barbaachisaadha. Ijaarsi gaggeeffamu
dizaayinii hunda hammate tahuu qaba. Kana irratti hordoffiin ijaarsaa gaggeeffamu qaba.

3.3. DHAABBILEE GARA GARAA KANBIRAA FI IDDOOWWAN


HAWAASNI ITTI BAAY’INAAN ARGAMU

Dhaabbilee gara garaa kan biraa fi iddoowwan hawaasni itti baay’inaan argamu (
wirtuuwwan leenjii qonnqn bultootaa, manneen sirreessaa, iddoowwan amantaa, bufataalee
geejjibaa) tajaajiloota qulqullinaa WASH dhaan deggaramu hundaaf dhaqqabamaa tahuu
qaba. Qajeelfaminni raawwii sanada kana keessatti kanaan dura gubaatti ibsame
hordofamuu qaba. Tajaajilonni dhaqqabumaa fi hundaa banaa tahuu qaban.

64
4. TAJAAJILOTA BISHAN HAWAASAA

Dhiyeessota bishaaniitiif Dizaayinii Istaandaardii (Sadarkaa) Dhaqqabummaa agarsiisu


Ministeera Bishaanii, Jallisii fi Ibsaa qophaa’e hin jiru. Haa tahuu malee, dhiyeessonni
bishaanii haala hundaaf dhaqqabamaa ta’uu danda’uun ijaaramuu qaban.

Fakkiiwwan 32-33: Fakkeenyota dhiyeessii tajaajilota bishaanii


dhaqabamaa ( bolla bishaani abbaa paampii harkaa fi ujuummoo
dhangalaastuu ). Daandii walqixaa, bal’aa, dallaa hin qabne fi sirritti diriiree
barcuma-gololee iif mijaahaa tahe. Iddoo bal’aa tajaajila bishaanii
socho’uuf gahaa tahe qaba.

65
Ijaarsi iddoo tajaajila bishaanii dhaqqabamaa, cimaa, bal’ina gahaa fi karaan
barcumni gololee deemsiisuf mijaahaa tahuu qaba. Karaan itti seenan bal’inaa fi
kan hin mucuceessine tahuu qaba. Dallaan iddoo tajaajila yoo ijaaramee, tajaajila
dhorkuu keessattuu daandii barcuma-gololee cufuu hin qabu.

Fakkii 34: Fakkeenya bishaan bollaa abbaa paampii harkaa fi bakka qabduun
bishaani irra taa’u qubu fi kaasuuf mijaa’aa tahe.Iddoo qabduun bidshaanii irra
taa’u/qubatu (tilmaamaan cm 70) bakka tajaajila bishaaniitti jeerikaanii ol kaasanii
baachuuf mijaa’aa tahee ijaaramu qaba. Kunis namoota humna laafaa qaban, kanneen
madaalii qabduu bishaanii eeguu ykn qabuuf rakkataniif gargaara. Gatii ijaarsa isaas gadii
aanaa dha.

Bakka tajaajila bishaanii eeguuf, ujuummoo keessa dhangala’uu olka’insa gara


garaatiinijaaramu qaba, yoo namoonni tokko tokkoo kanneen istaandaardii 70 cm gahuu
dadhabaniif 50 cm irratti ijaaruu ni danda’ama.

66
Fakkiiwwan 35-36: Fakkeenyota namoonni barcuma-gololee (Weelchair) fi kiraanchii
gargaaraman bishaan waraabanii deeman

Namoonni barcuma gololee (wheelchair)ykn kiraanchiin fayyadaman Meeshaa isaani


fayyadamani bishaan Gejjibu ni danda’u. Jeeriikaaniin miila abbaa wiilcheerii jala lafa
kaa’aame madaalii isaa akka eeguuf guutamuu hin qabu. Jeeriikaaniin xiqqaa qaboo harkaa
qabu immoo gaarii tahuu danda’a.

Namoonnii iddoo bishaan dhangala’uu dhaqqabuu hin dandeenye fi karaan gara iddoo
bishaanii geessuu ta’uumsa lafaarraa kan ka’e kan hin hojjetamne yoo tahee, filannoon
bishaani waraabanii gara manaatti fiduu ilaalamuu qaba. Filannoowwan teknikaa bishaani
waraabanii gara manaatti fiduu jiran ujuumoo bishaanii gara mana jireenyaatti dirirsuu,
bishaan bantii mannarraa kuusuu, bolla bishaaniitti fayyadamu, fi sirna bishaan itti
qulqullaa’u fkn calaluu, keemikaaloota qulqulleessan itti naquu kkf dha.

67
KUTAA C :LEENJII QAJEELFAMA IDILEFFAMU (HAMACHISUMMAA)
QAAMA MIDHAAMTOOTAA

Kutaan kun tarreeffama tokko tokkoon leenjii COWASH midhaamtoonni qaamaa ittin
hammatamuf karoorfameagarsiisa.

1. QAJEELFAMA RAAWWII LEENJII LEENJISTOOTAA OGEESSOTA


NAANNOO MIDHAAMTOONNI QAAMMAA ITTIN HAMMATAMU

Tarreefamota leenjii:

Gosoota Gareewwan turtiileenjii Qabiyyeewwan Leenjiiffamt Qaama itti


leenjii manii leenjii oota gaafatamu
Qajeelfama Garee Guyyoota  Yaad-rimee Ogeessota
Raawwii Deggarsa 4 Miidhama qaamaa ECDD fi Garee
Leenjii Naannoolee 5  Qabatama Garee Deggersa
Leenjistootaa (miseensota Imaammata Deggersa teekniikaa
Ogeessota garee hunda)  Danqaa/Gufuuwwan teekniikaa FederaalaaF
Naannoo haammachu Federaalaa( TAT
Midhaamtoon Naannoolee midhamtoota FTAT) COWASH
ni qaamaa tokko qaamaaFurmaataw COWASH
Ittin tokkoorraa wan hammataa waliin
Hammatamu bakka midhamtoota
bu’aa/buutuu qaamaa WASH
Dhaabbata  Gahee fi
qaama faafatamummaa
midhamtoota qooda fudhattoota
irraa nama  Hirmaannaa
tokko midhamtoota
Ogeessa EoF qaamaa hundaa
tokko  Leenjii Karoorsu

SAGANTAA LEENJII

Guyyaa 1ffaa Jildii 1ffaa Miidhamuun qaamaa maaliidha?


Jildii 2ffaa Gufuuwwan
Jildii 3ffaa Rakkoolee Itophiyaa keessati midhamtoota qaamaa mudatan
Jildii 4ffaa Sababoota fi barmaatilee sobaa midhamtoota qaamaarratti
gaggeefaman
Midhamtoota qaamaa wajjin akkamitti walhubatanii waliin

68
hojjetan
Jildii 5ffaa Mirgoota fi imaammta qaamaa maadhamtootta
Itophiyaa keessatti Qooda fudhattoota ijoo qaamaa
maadhamtoota
Guyyaa 2ffaa Jildii 6ffaa Qaamaa maadhamtootta WASH keessatti hammachuu/dabaluu
maaliif barbaachse?
Jildii 7ffaa Gaggesummaa Pirojektii qaama midhamtoota COWASH keessatti
haala itti hammatamu
Qaama midhamummaa akkaataa ittiin safaran
Karoorsu, Baajateessuu, hordoffii fi gabaasa
Jildii 8ffaa Furmaatawwan hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa
WASH keessatti
Jildii 9ffaa Odiitii Dhaqqabummaa
Jildii 10ffaa Xinxala guufuuwwan WASH fi furmaatan isaanii
Guyyaa 3ffaa Jildii 11ffaa Gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattootaa
Jildii 12ffaa Marsaalee Pirojektii hawasaan hogganamu (CMP)keessatti
Qaamaa maadhamtoota hammachuu
Jildii 13ffaa Adeemsa CLTSH keessatti Qaamaa maadhamtoota hammachuu
Guyyaa 4ffaa Jildii 14ffaa Leenjiiwwan COWASH
Leenjii karoorsuu
Karoora kallttii agarsiistuu waliigalaa qopheessuu

2. QAJEELFAMA RAAWWII LEENJII LEENJISTOOTAA OGEESSOTA


NAANNOO MIDHAAMTOONNI QAAMMAA ITTIN HAMMATAMU (KUTAA
2FFAA)

Tarreefamota leenjii:

Gosoota Gareewwan Turtii Qabiyyeewwan Leenjiiffamtoo Qaama


leenjii manii leenjii leenjii ta itti
gaafatam
u
Qajeelfama Seektaroota Guyyoot  Yaada rimee Ogeessa tokko Garee
Raawwii naannoo a3 midhamuu qaamaa Yunitii Deggarrs
Leenjii armaan gadii  Qabatama deggarsa a
Leenjistootaa irraa Ogeessa Imaammata naannoolee Teeknika
Ogeessota tokko tokko  Danqaa/Gufuu tokkoo a
Naannoo haammachu tokkoorraa federaala
Midhaamtoon Dhimma midhamtoota Gorsaa tokko a (FTAT)
ni Qaammaa Dubartootaa qaamaaFurmaataw ECDD, COWASH
Ittin fi Daa’immani wan hammataa ogeessa
Hammatamu Biiroo midhamtoota jalqabaa/
Eegumsa qaamaa WASH ispeshalistii
Fayyaa  Gahee fi Ijaarsa
Biiroo faafatamummaa dandeetti( CB)
Barnootaa qooda fudhattoota COWASH
Biiroo  Hirmaannaa wajjin
Dhimma midhamtoota
Hojjataa fi qaamaa hundaa
Hawaasumma  Leenjii Hojiilee

69
a COWASH karoorsu
Biiroo  Leenjii gadii
Intarpiraayisii buusuu
Maayikiroo
xixiqqaa
(IMX)
Ejansii
Leenjii
Teeknikaa fi
Ogummaa

SAGANTAA LEENJII

Guyyaa 1ffaa Jildii 1ffaa Miidhamuun qaamaa maaliidha?


Jildii 2ffaa Gufuuwwan
Jildii 3ffaa Rakkoolee Itophiyaa keessati midhamtoota qaamaa mudatan
Jildii 4ffaa Sababoota fi barmaatilee sobaa midhamtoota qaamaarratti
gaggeefaman
Midhamtoota qaamaa wajjin akkamitti walhubatanii waliin
hojjetan
Jildii 5ffaa Mirgoota fi imaammta qaamaa maadhamtootta
Itophiyaa keessatti Qooda fudhattoota ijoo qaamaa
maadhamtoota
Guyyaa 2ffaa Jildii 6ffaa Qaamaa maadhamtootta WASH keessatti hammachuu/dabaluu
maaliif barbaachiise?
Jildii 7ffaa Gaggesummaa Pirojektii qaama midhamtoota COWASH keessatti
haala itti hammatamu
Qaama midhamummaa akkaataa ittiin safaran
Karoorsu, Baajateessuu, hordoffii fi gabaasa
Jildii 8ffaa Furmaatawwan hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa
WASH keessatti
Jildii 9ffaa Odiitii Dhaqqabummaa
Jildii 10ffaa Xinxala guufuuwwan WASH fi furmaatan isaanii
Guyyaa 3ffaa Jildii 11ffaa Gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattootaa
Jildii 12ffaa Marsaa CMO keessatti Qaamaa maadhamtoota hammachuu
Jildii 13ffaa Adeemsa CLTSH keessatti Qaamaa maadhamtoota hammachuu
Jildii 14ffaa LeenJiiwwan COWASH

70
3. MISEENSOOTA GAREELE WASH AANAALEE FI GODINAA HUNDAA FI
AKKASUMAS EEKISPARTOOTAWASH AANAA FI GODINALEE
TARREEFAMOTA LEENJII:

Gosoota Gareewwan Dheerina Qabiyyeewwan Leenjistoota Qaama itti


leenjii manii leenjii leenjii gaafatamu
gareele WASH Miseensoota Guyyaa 1  Yaada rimee Yunitii Biroolee
Aanaalee fi Garee WWT midhamuu qaamaa Deggarsa bishaan kan
godinaa Godinaa fi  Qabatama Naannoolee naanno fi
hundaaf Aanaalee Imaammata Garee
WASH akkasumas  Danqaa/Gufuu Ogeessa Deeggarsa
haammaciisaa Ogeesota haammachu Dhaabbata Teekniikaa
irratti sektaroorta midhamtoota Qaama Federaalaa
hubbannoo armaan gadii qaamaaFurmaataw midhamtoot
cimssu irraa nama wan hammataa aa (DPO
tokko tokko midhamtoota leenji’e
qaamaa WASH
Fayyaa  Gahee fi Itti
gaafatamummaa
Bishaani qooda fudhattoota

Barnoota

dhimmi
Hojjataa fi
Hawaasumma
a

maallaqaa fi
Walta’iinsa
Dinagdee
Ejansii
Intarpiraayizii
Maayikiroo fi
xixiqqaa
Ejansii
Teeknikaa,
Vokeeshinii fi
leenii irra
ta’uu
Dhaabbilee
Qaama
Midhamtoota
irraa (Godina
keessa yoo
jiraate)
(DPOs)(Godin
a keessa yoo
jiraate)

71
SAGANTAA LEENJII

Guyyaa 1ffaa Jildii 1ffaa Miidhamuun qaamaa maaliidha? (Daqiiqaa 120)


Jildii 5ffaa Mirgoota fi imaammta qaamaa maadhamtootta(Daqiiqaa 60)
Jildii 8ffaa Furmaatawwan hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa
WASH keessatti (Daqiiqaa 90)
Hojirra oolman hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa
WASH akkamitti gochaan raawatama? (Daqiiqaa 30)
Jildii 11ffaa Gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattootaa(Daqiiqaa 30)
Waliigala
Gabaabinaa

4. LEENJII LEENJISTOOTAA OGEESSOTA GODINAAFI AANAA ITTI


FAYYADAMA QAJEELFAMA MIDHAAMTOONNI QAAMMAA ITTIN
HAMMATAMAN IRRATTI

Tarreefamota leenjii:

Gosoota Gareewwan Dheerina Qabiyyeewwan leenjii Leenjiiffamt Qaama itti


leenjii manii leenjii oota gaafatamu
Leenjii Eekipartoota Guyyoota  Gufuuwwan qaama Yunitii Biiroo
Leenjistootaa WASH 2 midhamtootaa Deggarsa Bishaan,
Ogeessota Aanaalee fi hammachuu/dabalu Naannoolee Albuudaa fi
Godinaafi godinaalee  Gahee fi Inarjii
Aanaa itti (Fookaal faafatamummaa Ogeessota naannoo
fayyadama parsonii qooda fudhattoota Dhaabbilee
Qajeelfama COWASH  Hirmaannaa Qaama
Midhaamtoon Biroolee midhamtoota qaamaa midhamtoot
ni Qaammaa bishaan, hojii hundaa keessatti aa (DPOs)
Ittin fayyaa,  Furmaatawwan naannoolee
Hammataman barnnota, hammachuu/dabaluu nji’an
irratti dhimma qaamaa
dubartoota, maadhamtootaa
dhimma WASH keessatti
hawaassumm
aa aanaa fi
godinaa yo
jiraate )

Offissara
moobilaayzee
shinii
hawasaa
biroo bishaani

72
SAGANTAA LEENJII

Guyyaa 1ffaa Jildii 2ffaa Gufuuwwan qaama midhamtootaa hammachuu/dabalu


Jildii 3ffaa Rakkoolee Itophiyaa keessati midhamtoota qaamaa mudatan
Jildii 4ffaa Sababoota fi barmaatilee sobaa midhamtoota qaamaarratti
gaggeefaman
Midhamtoota qaamaa wajjin akkamitti walhubatanii waliin
hojjetan
Jildii 6ffaa Qaamaa maadhamtootta WASH keessatti hammachuu/dabaluu
maaliif barbaachse?
Jildii 7ffaa Gaggeessuummaa pirojeektii qaamaa maadhamtootta WASH
keessatti hammachuun midhamuu qaamaa madaaluu
Jildii 9ffaa Odiitii Dhaqqabummaa
Jildii 10ffaa Xinxala guufuuwwan WASH fi furmaatan isaanii
Guyyaa 2ffaa Jildii 11ffaa Gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattootaa
Jildii 12ffaa Marsaa CMO keessatti Qaamaa maadhamtoota hammachuu
Jildii 13ffaa Adeemsa CLTSH keessatti Qaamaa maadhamtoota hammachuu
Guyyaa 4ffaa Jildii 14ffaa Leenjiiwwan COWASH

5. HAALA WASH SADARKAA AANAATTI MIDHAAMTOTA QAAMMAA ITTIN


HAMMATAMURRATTI HUBANNOO CIMSUU

Tarreefamota leenjii:

Gosoota Gareewwan Dheerina Qabiyyeewwan leenjii Leenjiiffamt Qaama itti


leenjii manii leenjii oota gaafatamu
WASH Seektaroota Guyyaa 1  Yaada rime Midhama Ofiisera Waajjira
Sadarkaa WASH qaamaa sochii Bishaanii
Aanaatti sadarkaa  Fireemwarkii hawasaa aanaa
Midhaamtota Aanaa Imaammata COWASH Waajjira
Qaammaa  Bulchiinsa Hammachuu/Dabaluu Bishaanii
Ittin  Bishaan midhamtoota qaamaa
Hammatamu  Fayyaa  Gahee fi
rratti  Barnoota faafatamummaa
Hubannoo  Dhimma qooda fudhattootaa
Cimsuu Dubartii  Furmaatawwan
 Qonnaa hammachuu/dabaluu
 Dhimma qaamaa
hawaasum maadhamtootaa
maa WASH keessatti
 Int

73
Maayikiroo
fi xixiqqaa
 Bakka
bu’oota
Dhaabbile
e Qaama
midhamto
ota
sadarkaa
aanaa
(yoo
Jiraatan)

SAGANTAA LEENJII

Guyyaa 1ffaa Jildii 1ffaa Miidhamuun qaamaa maaliidha? (Daqiiqaa 120)


Jildii 5ffaa Mirgoota fi imaammta qaamaa maadhamtootta(Daqiiqaa 60)
Jildii 8ffaa Furmaatawwan hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa
WASH keessatti (Daqiiqaa 90)
Hojirra oolman hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa
WASH akkamitti gochaan raawatama? (Daqiiqaa 30)
Jildii 11ffaa Gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattootaa(Daqiiqaa 30)
Waliigala
Gabaabinaan

6. LEENJII QOODA FUDHATOOTA SADARKAA GANDAA WASH


MIDHAAMTOTA QAAMMAA HAMMACHUU/DABALUU IRRATTI

Tarreefamota leenjii:

Gosoota Gareewwan Dheerina Qabiyyeewwan leenjii Leenjiiffamt Qaama itti


leenjii manii leenjii oota gaafatamu
Leenjii Miseensota Guyyoota  Hubannoo waa’e Ofiisera Waajjira
qooda garee WASH 2 Yaad-rimee sochii Bishaanii
fudhatoota Gandaa midhamtoota hawasaa aanaa
Sadarkaa qaamaaGahee fi Waajjira
gandaa Dura bu’oota faafatamummaa Bishaanii
WASH Amantii, qooda fudhattootaa
Midhaamtota Maangudoota,  Furmaatawwan
Qaammaa Dhaabile hammachuu/da
Hammachuu Qaama baluu qaamaa
/Dabaluu Midhamtoota maadhamtoota
irratti gandaa (yoo a WASH
jiraatan keessatti

74
SAGANTAA LEENJII

Guyyaa 1ffa Jildii 1ffaa Miidhamuun qaamaa maaliidha?


Jildii 2ffaa Gufuuwwan
Jildii 3ffaa Rakkoolee Itophiyaa keessati midhamtoota qaamaa mudatan
Jildii 4ffaa Sababoota fi barmaatilee sobaa midhamtoota qaamaarratti
gaggeefaman
Midhamtoota qaamaa wajjin akkamitti walhubatanii waliin
hojjetan
Jildii 5ffaa Mirgoota fi imaammta qaamaa maadhamtootta
Itophiyaa keessatti Qooda fudhattoota ijoo qaamaa
maadhamtoota
Jildii 6ffaa Qaamaa maadhamtootta WASH keessatti hammachuu/dabaluu
maaliif barbaachse?
Guyyaa 2ffaa Jildii 8ffaa Furmaatawwan hammachuu/dabaluu qaamaa maadhamtootaa
WASH keessatti
Jildii 9ffaa Odiitii Dhaqqabummaa
Jildii 10ffaa Gahee fi itti gaafatamummaa qooda fudhattootaa
Jildii 12ffaa Marsaa Adeemsa Pirojektii Hawasaan Hogganamu (CMP) keessatti
Qaamaa maadhamtoota hammachuu
Jildii 13ffaa Adeemsa CLTSH keessatti Qaamaa maadhamtoota hammachuu

75

You might also like