You are on page 1of 80

Leenjii Hubannoo Uumuu “Labsii Sanadoota

Galmeessu fi Mirkaneessu labsii lakk-922/2008”


Irratti Qophaa’e.

Qopheessaan:- Zawdu Mulugetaa


Amajjii, Bara 2015
(LLB,LLM) Shaashamannee
Seensa
• Hojiin mirkaneessa sanadaa waliitti dhufeenyii giddu jiru
wal amantaa irratti kan hundaa’ee akka ta’u gochu keessatti
gahee guddaa qaba.
• Sadarkaa biyyooleessaatti hojiin mirkaneessa sanadaa
hojjetamuu akka wal fakkaachu danda’uf hojmaanni fi sirnii
walfakkaataa akka diriruuf gochun barbaachisaa dha.
• Kuni akka milkaa’uf sadarkaa biyyooleessaatti qaamnii
hojiicha qindeessu fi waliitti dhufeenyi qaamolee sanada
mirkaneessan giddu jiru ciimaa akka ta’uf hojjetu jiraachun
dhimma murteessaa dha.
• Kana milkeessudhaaf bu’ura dambii lakk- 379/2008 dambii
labsii lakk- 922/2008 raawwachisuf baheetin Ejansiin
mirkaneessaa fi galmeessa sanadootaa sadarkaa
biyyooleessaatti bifa haaraatin akka hundaa’u ta’eera.
Cont…
• Sadarkaa naannooleettis aangoon sanada mirkaneessu
haala qabatamaa naannoolee irratti hundaa’udhaan
qaamolee garagaraatif kennamee hojjetamaa kan jiru dha.
• Labsiin lakk-922/2008 labsii mirkaneessa fi galmeessa
sanadaa erga bahee waggoottan 7 ol ta’us hubannoon
labsiichaan walqabatee jiru hanqina kan qabu dha.
• Hojiin mirkaneessa sanadaa kamu labsiichaan kan
hogganamuu waan ta’eef hubannoon labsiichaan
walqabatee jiru akka cimu gochun barbaachisaa dha.
• Barreeffamnii kunis kana tilmaama keessa galchudhaan
kan qophaa’ee waan ta’eef haala kanaan hubatani itti
demun barbaachisaa dha.
Qabiyyee Leenjichaa
• Labsii Sanada Galmeessu fi Mirkaneessu Labsii
lakk- 922/2008
• Seensa
• Kaayyoo Labsiichaa
• Aangoo Labsiicha baasutin walqabatee
yaadotii ka’an
• Daangaa Raawwatinsa labsiichaa
• Dhaabbilee sanada mirkaneessanii fi kaayyoo
hundeeffama isaanii
Cont…
 Hojiiwwan fi adeemsa sanada
mirkaneessu fi dirqamoota qaama sanada
mirkaneessu
 Sanadoota dogoggoraan mirkana’an fi
galma’an
 Tumaalee adda addaa
Kaayyoo Leenjichaa
Xumura leenjii kanaatti leenjitoonni :-
 Hiikkoo seerri sanadaaf kennee jiru ilaalchisee hubannoo isaani
ni gabbifatu
 Kaayyoo fi barbaachisummaa mirkanneessa sanadootaa irratti
hubannoo isaani ni cimsatu
 Haguuggii seeraa hojiin mirkanneessa sanadootaa qabu
ilaalchisee hubannoo qaban ni gabbifatu
 Labsii mirkaneessaa fi galmeessa sanadaa labsii lakk 922/2008
irratti hubannoo qaban ni cimsatu
 Hojiiwwan mirkaneessaa fi galmeessa sanadaa biiroo
A/Alangaatin ala hojjetaman irratti hubannoo isaanii ni cimsatu
 Hojiiwwan mirkaneessaa fi galmeessa sanadaa biiroo Abbaa
Alangaatin hojjetaman muraasa irratti hubannoo isaanii ni
cimsatu
Seerota Leenjichaa

7
Labsii Sanadoota Galmeessu fi
Mirkaneessu labsii lakk-922/2008
Ilaalchisee Dhimmoota
Murteessoo ta’an
• Aangoon labsii sanadoota
mirkaneessu fi galmeessu Mana
Maree Bakka bu’oota
Ummataatif haala kamiin
kennamee?
Aangoo Labsiicha baasutin walqabatee yaadotii
ka’an
• Biyyi keenya Itoophiyaan biyyoota sirna bulchinsa
federaalizimii hordofan keessaa tokko dha.
• Kunis Heera mootummaa kwt 1, 46,47 fi 50 irraa kan
hubatamu dha.
• Gurmaa’insii mootummaas sadarkaa federaalaa fi
naannootti gurmaa’ee argama.
• Heerri mootummaa Kwt 50 fi kewwatoota itti anan jalatti
aangoo mootummaa federaalaa fi naannoolee adda baasee
techisee jira.
• Aangoo gurmaa’insa mootummaa lamaan giddutti
qoodamee jiru keessaa aangoon seera baasuu isa tokko
dha.
Cont…
• Haaluma kanaan heerri mootummaa kwt 55 aangoo
qaama seera baastuu federaalaa (mana maree bakka
bu’oota ummataa) tumee jira..
• Haaluma kanaan Manni maree bakka bu’oota ummataa
Seerota dhimmoota hariiroo hawaasaa ilaalchisee seera
hojjetaa fi hojjechisaa akkasumas seera daldalaa
baasu kan danda’u ta’un kwt 55(3) fi (4) tumame jira.
• Erga kana ta’ee labsii galmeessaa fi mirkaneessa
sanadootaa ilaalchisee bakka aangoo ifatti hin
kennaminif akkamiitti baasu danda’ee? kan jedhu
gaaffii namootnii heddu kaasanii dha.
Cont…
• Hojiin mirkaneessaa fi galmeessa sandootaa hawaasa
dinagdee tokko uumuudhaaf gaheen inni qabuu ol’aanaa
dha.
• Heerri mootummaa kwt 55(6) jalatti dhimmoota sivilii
manni maree federeshinii dirqama seerri itti bahuu qaba
jedhe itti amanee fi mana maree bakka bu’oota ummataatiif
qajeelcherratti manni marichaa seera baasu kan danda’u
ta’u tumamee jira.
• Haaluma kanaan Manni Mariichaa labsii 922/2008 yoo
baasu akkaataa heericha kwt 55(6) jalatti tumamee jirun
dhimmicha manni maree federeshinii qajeelchefi labsicha
kan baasan waan ta’eef haalli labsichii itti bahee heerawaa
dha jechun ni danda’ama.
Kaayyoo Labsiichaa
• Kaayyoon dhimmoota bahiiti labsiichaa dirqama
taasisaniin kan walqabatu dha.
• Kanaaf, seerri kamuu kaayyoo milkeessu barbaadu qaba.
• Seerota garagaraa keessatti kaayyoon labsii seensa/
preamble keessatti ykn kewwata of danda’ee akka
qabaatu ta’ee yoo tumamuu ni mul’ata.
• Labsii lakk-922/2008 ilaalchisee kaayyoon labsichii
baheef keewwatoota labsiichaa adda addaa irraa kan
hubatamu ta’us bifa qindaa’een garu; seensa (preamble)
labsiichaa keessatti tumamee argama.
• Haaluma kanaan labsiichii kaayyoowwan kanaa gadii
tarra’anii argaman milkeessuf bahee jira.
Cont…
 Waliitti dhufeenya hawaasummaa fi daldalaa sadarkaa
biyyooleessaa fi addunyaatti hawaasa giddutti
gaggeeffamuu ilaalchisee sanadoota waliigaltee fi
sanadoota kan biraa amanamoo ta’an maddisisuu
 Sanadoota galmeessun ragaan isaanii akka qabamuu
gochun yeroo barbaadamaniitti argamuu akka
danda’aniif hojii sanadoota tursisuu hojjechu
 Sanadootaaf eegumsa taasisuun mirga lammilee heeraan
beekamtii argateef eegumsa taasisuu
 Hojiin sanada mirkaneessu gutu biyyaatti hojjetamuu
walfakkaataa, arifataa fi bu’aa qabeessa akka ta’uf gutu
biyyooleessaatti hojiimaata sadarkaa isaa eggatee
dirirsuuf
Cont…
• Qaamolee sanada mirkaneessan gidduutti waliitti
dhufeenyii gaariin akka uumamuu gochun
sanadoota seeraan ala mirkana’an to’achu
• Waliitti dhufeenyii hawaasummaa fi dinagdee
hawaasa giddu jiru arifataa fi tilmaamamaa akka
ta’u gochun hawaasa dinagdee tokko uumuuf
haala mijataa uumuu
Daangaa Raawwatinsa Labsiichaa
• Daangaan Raawwatinsa labsii 922/2008 labsiicha kwt 3
jalatti tumamee argama.
• Haaluma kanaan labsiin kun enyummaa qaamolee
sanada mirkaneessan irratti hundaa’udhaan sanadoota
lamarratti raawwatinsa kan qabu ta’u kewwatichii ni
tuma. Sanadoonni kunis:-
1. Sanadoota dhaabbilee mootummaa sadarkaa
federaalaa fi naannootti aangoon sanada
mirkaneessu fi galmeessu kennameefin
mirkana’an;
2. Sanadoota dhaabbilee mootummaa federaalaa kan
biroo bu’ura labsii 922/2008 tin aangoon sanada
mirkaneessuf kennameefin mirkana’anii dha.
Cont…
 Akka waliigalaatti labsiichii gutu
biyyooleessaatti sanadoota dhaabbilee
mootummaa aangoon sanada mirkaneessu fi
galmeessu kennameef kaminiyyu mirkana’an
hundarratti raawwatinsa qabaachu fi
dhaabbileen kunis bu’ura labsii kanaatin hojii
isaani hojjechu akka qaban kewwaticha
dubbisun hubachun kan danda’amu dha.
Dhaabbilee sanada mirkaneessani fi Kaayyoo
hundeeffama isaanii
• Labsiicha kwt 4 fi 5 yoo ilaalluu sadarkaa federaalaa fi
naannootti qaamoleen sanada mirkaneessuf aangeeffan
eenyu faa’ii dha kan jedhu adda baasee hin keenye.
• Haa ta’u malee; sadarkaa federaalaatti dambii manni
maree ministeerotaa baasun qaamni sanada mirkaneessu
kan hundaa’u ta’u tumee jira.
• Naannoleenis qaama labsii kana raawwachisu fi sanada
mirkaneessu fi galmeessu haala qabatamaa ofii irratti
hunda’anii hundeeffachu akka qaban ni akeeka.
• Haaluma kanaan sadarkaa federaalaatti Ejansiin
Mirkaneesssaa fi Galmeessa Sanadootaa bu’ura dambii
lakk- 379/2008 tin hundaa’ee hojiicha hojjechaa jira.
Cont…
• Sadarkaa naannoo Oromiyaatti aangoon sanada mirkaneessu
fi galmeessu bu’ura labsii 242/2014(labsii aangoo qaamolee
raawwachiftuu naannoo Oromiyaa irra deebin murteessuf
bahee) haala qabatamaa hojiichaa irratti hundaa’un Biiroo
Abbaa Alangaa Oromiyaa dabalatee qaamolee mootummaa
gara garaatif kennamee hojjetamaa kan jiru dha.
• Karaa gara biraatin labsichii keewwata 4 fi 5 jalatti kaayyoo
qaamoleen sadarkaa federaalaa fi naannoo kunnen hunda’ani
fi dirqama isaanirraa eegamus tumee jira.
• Haaluma kanaan qaamnii sadarkaa federaalaatti sanada
mirkaneessu fi galmeessuf aangeeffamee hojii sanada
mirkaneessu fi galmeessu magaala Finfinnee fi Dirree
dawaatti hojjetuu ciinaatti kaayyoowwan kanaa gadii
milkeessuf hundaa’eera.
Cont…
 Hojiiwwan sanada mirkaneessu fi galmeessu sadarkaa
biyyooleessaatti hojjetamuu qindeessu;
 Hojiiwwan mirkaneessaa fi galmeessa sanadaa sadarkaa
biyyooleessaatti hojjetamuu deggaruu;
 Odeeffannoo sanadoota sadarkaa biyyooleessaatti
mirkanaa’anii fi galma’anii giddugala tokkotti qindeessanii
qabachu;
 Qaamoleen sadarkaa naannootti sanada mirkaneessu fi
galmeessuf aangeeffaman hojiiwwan sanda mirkaneessu fi
galmeessu hojjetan ciinaatti hojii sanada mirkaneessu fi
galmeessu sadarkaa biyyooleessaatti hojjetamuu walfakkaataa
taasisuuf odeeffannoowwan sandoota sadarkaa naannootti
mirkana’anii ejansii galmeessaa fi mirkaneessa sanadaa
federaalaatif erguu fi deggarsa irraa barbaadamuu maraayyu
gochu akka qaban tumamee jira.
Gaaffilee marii
• Qabatama jirun haallii sanadoonni mirkana’an ejansiichaaf itti
gabaafamaa jiran jiraa laata?
• Waliitti dhufeenyii qaamolee sadarkaa naannoo fi federaalaatti
hojii sanada mirkaneessu hojjetaa jiran giddu jiru maal
fakkaata? sadarkaadhuma naannootti waliitti dhufeenyii
qaamolee sanada mirkaneessan giddu jiru maal fakkaata?
• Qaamoleen sadarkaa naannoo Oromiyaatti hojii sanada
mirkaneessu hojjetan hojii isaanii haala labsiicha jalatti
tumamee jiru hojjetaa jiru laata?
• Dirqamnii gama kanaan abbaan alangaa qabu hoo maalii
dha? Keessattu hojiirra oolmaa heeraa fi seerotaa
hordofudhaan walqabatee dirqama qabu faana akkamiitti
ilaaltu? Gahee isaa gama kanaan jiru hoo bahaachaa jiraa
laata?
Qaamolee biraa aangoo sanada mirkaneessun kennameef

• Labsiin kun kwt 6 jalatti qaamolee hojii sanada


mirkaneessu fi galmeessu akka hojjetaniif dambiidhaan
sadarkaa federaalaatti hundeeffamanin alatti qaamolee kan
biraatif sanada akka mirkaneessanii aangeesse jira.
• Qaamoleen bu’ura labsii kanaatin sanada akka
mirkaneessanii aangeeffamanis:-
 Embaasiiwwan Itoophiyaa biyyoota alaa jiran-
Sanadoota biyya alaatirraa gara biyya keessatti ergaman
 Ministeerri dhimma alaa- sanadoota embaasiiwwan
Itoophiyaa biyya alaa jiraniin fi sanadoota
embaasiiwwan biyyoota biroo Itoophiyaa keessa
jiraniin mirkna’anii fi galma’anii gara biyya keessaa
galan ykn gara biyya alaa ergaman
Cont…
Hoggantoota Divizinii raayyaa ittisa biyyaa- sanadoota
miseensootnii raayyaa ittisa biyyaa dirqamarra jiran
dhiyeessaniif ni mirkaneessu
Hoggantoota manneen sirreessaa federaalaa-
Sirreeffamtoota seeraa ykn himatamtoota beellama mana
murtii qaban dhiyeessaniif akka mirkaneessan
Hoggantoota Komishinii Polisii Federaalaa- Sanadoota
miseensoota polisii federaalaa dirqamarra jiraniin
dhiyaateef ni mirkaneessu
Kaayyoo sanada mirkaneessuu fi galmeessu
• Labsiin kun kwt 7 jalatti kaayyoowwan hojiileenn sanada
mirkaneessu fi galmeessu sadarkaa naannoo fi federalaatti
hojjetaman kamuu milkeessun irraa eegamuu tumee jira.
• Haaluma kanaan, hojiiwwan mirkaneessaa fi galmeessa
sanadootaa kaayyoolee kanaa gadii milkeessuf hojjetamutu
irraa eegama. Kaayyooleen kunis:-
 Dhaabbileen sadarkaa federaalaa fi naannootti hojii
sanada mirkaneessu fi galmeessu hojjetan waliitti dhufenya
hojii miira waldeeggaru irratti hundaa’ee giddu isaanitti
uumuutu irraa egama.
 Sadarkaa biyyooleessaatti hojiin sanada mirkaneessu fi
galmeessu hojjetamuu walfakkaatina akka qabaatuf yaadun
hojjechu
Cont…
 Mirga lammilee qabeenya dhunfaa horachu, qabeenya ofiitti
fayyadamuu fi karaa seera qabeessaatin qaama sadaffaatti
dabarsuuf qaban kabachisun sirna haqaa biyyatti deeggarun
olaantummaa seeraa mirkaneessu
 Sanadootnii biyya alaati gara biyya keenyaatti ergaman
seeraa fi safuu ummata biyyattitin akka waliitti hin bunee
mirkaneessu
 Sanadootnii gara biyya alaatti ergamaniis biyya itti
ergamaniitti beekamtii ykn fudhatamuummaa argachu
isaanii mirkaneessu
 Ijaarsa bulchiinsa gaarii fi sirna gabaa bilisaa biyyattin
ijaaraa jirtu milkeessuf carraaqqii biyyattin gochaa jirtu
deggaru
Cont…
 Teeknolojii haaraatti fayyadamun akkasumas
qulqullina kenna tajaajilaa foyyeessun
dhaqqabummaa tajaajilaa mirkaneessu.
 Qaamolee kan biiraa waliin atoominaan hojjechu
Hojiiwwan sanada mirkaneessu/Authentication
Activities
 Hojiin sanada mirkaneessu hojiiwwan garagaraa of
keessatti kan haammatee dha.
 Labsiichi kwt 8 jalatti hojiiwwan sanada mirkaneessu
keessatti haammatamuu danda’an tarreesse jira.
 Haaluma kanaan :-
 Sanadoota garagaraa mirkaneessu
 Sirrummaa koppii sanadootaa orijinaala waliin walbira
qabani ilaalun mirkaneessu
 Jecha kakuu fi mirkaneessa jecha kakuutin kennaman
fuchu
 Gaaffii ykn fedhii maamilaarratti hunda’anii saamuda
mallattoo fi chaappaa fuchu
Cont…
 Sanadoota mirkaneessaaf dhiyaatan seera qabeessummaa
isaanii mirkaneessu
 Sanadoota mirkanaa’uf dhiyaatan irratti namoonni
mallatteessuf jedhan ykn namoonni mallatteessan
dandeetti seeraa, mirgaa fi aangoo sandicharratti
mallatteessu qabaachu isaanii mirkaneesu
 Qabeenyoota mirgii abbaa qabeenyummaa qaama
seeraan aangoon kennameefitiin mirkanaa’un dirqama
ta’e mirga abbaa qabeenyummaa qaama sadaffaatti
dabarsuu ilaalchisee namnii mirga abbaa qabeenyummaa
dabarsuu barbaadu mirga sana qabaachuu isaa
mirkaneessu fi qabeenyiichii liiqaa baankitin ykn dhorgii
mana murtiitin kan hin dhorgamnee ta’u mirkaneessu.
Cont…
Kanaan walqabatee haala qabatamaa federaala jirun ejansiin
mirkaneessa sanadootaa aangoo sanada mirkaneessu ciinaatti
qabeenya hin sochonee fi socho’aniis walqabatee maqaa
naanneessus kan hojjetu ta’u isaatin hojiin kun akka hojii
sanada mirkaneessu keessatti hojjetamuutti tumee jira.
Qabatama keenyaan walqabsisnees yoo ilaallu aangoo isaa
qaamolee mootummaa adda addaa keessatti haa hojjetamuu
malee hojiichii hojii sanada mirkaneessu keessatti kan
haammatamu ta’u hubannoo irratti fudhachun baay’ee
barbaachisaa dha..
Karaa gara biraatin labsiin kunis daangaa raawwatinsa isaa yoo
ilaalluu sanadoota qaama aangoo qabun mirkana’an hundarratti
raawwatinsa kan qabu waan ta’eef sanadoonni seektara
kamiinu mirkana’an labsicha bu’ura godhatee
raawwatamuun akka irra jiraatu kwt 3 jalatti tumamee jira.
Cont…
 Sanadoonni qaama aangoo qaburraa kan keennaman ta’u
mirkaneessu
 Odeeffannoon waa’ee sanadoota mirkana’anii qaama aangoo
qabun yoo gaafataman odeeffannoo barbaachisaa ta’ee kennu
 Gochaalee kanaan walfakkaatan kan biraa hojiiwwan
sanada mirkaneessu keessatti haammatamuu danda’an akka
ta’ee labsiichi tumee jira.
Kanaaf, qabatama naannoo keenyaatin yoo ilaallu hojiiwwan
mirkaneessa sanadaa manneen hojii adda addaa keessatti
hojjetamaa jiraatanis labsii kanaan hogganamuun fi kaayyoo
labsii kanaa karaa milkeessu danda’un hojjetamuun
barbaachisaa dha.
Sanadoota Dirqama qaama aangoo qabun
mirkanaa’un irra jiraatu
 Hojiin sanadoota mirkaneessu dinagdee hawaasa tokko uumuu fi
waliitti dhufeenyii hawaasa giddu jiru wal amantaa irratti kan
hundaa’ee akka ta’u gochu keessatti gaheen qabu olaanaa dha.
 Akka waliigalaatti labsiin 922/2008 sanadoota bu’ura labsiichaatin
mirkana’aan dirqisisummaa mirkaneessa sanadootaa irratti
hundaa’udhaan iddoo lamatti qodee jira.
1. Sanadootnii dirqama mirkanaa’u qabanii fi
2. sanadoota fedhii fi gaaffii abbaa dhimmaa irratti hunda’aanii
mirkana’an
 Labsiichi kwt 9(1) jalatti sanadoota mirkanaa’un isaanii dirqama
ta’an tarreesse jira.
 Sanadoonni kunneen qaama aangoo qabu biratti dhiyaatanii hin
mirkanoofnee taanaan seera qabeessa akka hin taanee fi akka
wixineetti kan ilaalaman ta’u tumee jira.
Cont…
Haaluma kanaan sanadoota mirkanaa’un dirqama
ta’anis :-
 Sanadoota seerota rogummaa qabanin mirkanaa’un
dirqama akka ta’eetti tumamee/ documents that
shall be authenticated and registered in accordance
with the appropriate law;/
 Sanada bakka bu’ummaa kennu fi bakka
bu’ummaa kaasudhaaf dhiyaatan
 Dambii ittin bulmaataa (Seera Daldalaa Haaraatin
akka haafu ta’eera), qaboowwan yaa’ii fi
barreeffama hundeeffamaa dhaabbilee daldalaa
Cont…
በሕግ የውክልና ስልጣን መስጫ ሰነድ አረጋግጦ አንዲመዘግብ ስልጣን በተሰጠው አካል
ያልተረጋገጠና ያልተመዘገብ የውክልና ስልጣን ማስረጃ በመያዝ ሌላ ሰው ወክሎ ለመሟገት
የቀረበን ሰው ለመወከል ብቁ የሚያደርግህን የውክልና ስልጣን ማስረጃ ይዘህ አልቀረብክም
ብሎ ፍርድ ቤቱ ሊያስናብተው የሚገባ ስለመሆኑ የፌ/ብ/ስ/ስ/ህ/ቁ. 63/1፣ አዋጅ ቁጥር
922/2008 አንቀጽ 9(1/ሇ) እና አዋጅ ቁጥር 110/1990 10/1 (Murtii
MMWFDhI Lakk- Galmee 185273, Jildii 25) jechudhaan
murteesse jira

 Kwt 9(2) jalatti sanadootnii labsii kana kwt 9(1) jalatti


mirkanaa’un isaanii dirqama jedhamani tarra’anin
ala jiran hundu fedhii fi gaaffii abbaa dhimmaarratti
hunda’anii kan mirkana’aan ta’u tumee jira.
Cont…
• Labsiichi kwt 10-14 jiran jalatti akaakuu sandoota mirkanaa’uf
dhiyaatan irratti hundaa’ee ulaagaalee sanadicha mirkaneessuf
gutamuun irra jiraatu fi dirqama qaama sanadoota kana
mirkaneessurraa eegamuu tumee jira.
• Haaluma kanaan sanadnii akka mirkanaa’uf dhiyaatee sanada
haaraa yeroo ta’eetti qaamnii sanada mirkaneessuf aangeeffamee
enyummaa, maqaa fi tessoon nama sanadicharratti mallatteessuf
dhiyaatee enyummaa, maqaa fi tessoo sanadiicharratti barraa’een
walfakkaachu isaa mirkaneeffatee sanadiicha mirkaneessu kan
qabu ta’u kwt 10(1) jalatti tumee jira.
• Sanadoota duraan mallatta’anii turan akka mirkaneessuf yoo
dhiyaatanif mallattoon sanadiicharra jiru kan nama duraan
sanadiicharratti mallatteesse ta’u isaa mirkaneessun barbaachisaa
ta’u kwt 11(1) jalatti tumee jira.
Cont…
• Dabalataanis qaamnii sanadicha akka mirkaneessuf
isaaf dhiyaatee chaappaan sanada duraan
mallattaa’eerra jiru chaappaa isa sirrii fi dhugaa ta’u
dursee mirkaneessu akka qabu labsichii tumee jira.
• Sanadnii duraan mallattaa’ee fi amma akka
mirkanaa’uf dhiyaatee kun sanada qaama aangoo
qabu kan biraatin duraan mirkanaa’ee turee yoo ta’e;
mallattoo fi chaappaan sanadiicharra jiru kan qaama
sanadiicha mirkaneesse ta’u mirkaneessutu irraa
eegama. Kwt 11(2)
• Sanadnii akka mirkanaa’uf dhiyaatuu koppii sanadaa
ta’u danada’a.
Cont…
• Koppiin sanada tokko koppii sirri ta’u akka
mirkanaa’uf gaafa dhiyaatu koppii sanadichaa sanada
orijinaala (muummichaa) waliin wal bira qabee
ilaaluudhaan mallattoo fi chaappaan sanada koppii
ta’eerra jiru kan sanada orijinaala (sanada
mummichaa) irra jiru waliin kan walfakkaatu fi tokko
ta’u walmadaalchisuun mirkaneessun akka irraa
eegamuu kwt 12(1) jalatti tumee jira.
• Sanadnii koppii akkaataa labsii kana kwt 12(1) tin
mirkanaa’ee qixa sanada orijinaalaa (sanada
mummichaa) tti seera duratti fudhatamuummaa kan
qabu ta’un labsicha kwt 12(2) jalatti tumamee jira.
Cont…
• Qaamnii sanada mirkaneessuf aangeeffamee sanada
kamuu mirkaneessu fi galmeessu isaatin duratti
qabiyyeen sanadiichaa seeraa fi safuu ykn duudhaa
ummataa waliin kan wal hin faalleessinee ta’u
mirkaneeffachun kan irraa eegamuu ta’u labsicha kwt
13(1) jalatti tumamee jira.
• Haa ta’u malee, qaamnii aangoon sanada mirkaneessu
fi galmeessu kennameef kun seera qabeessummaa
qabiyyee sanadichaa mirkaneessu irra darbee
qabiyyee sanadiichaa jijjiruu fi jijjirsisuudhaaf
aangoo kan hin qabnee ta’u labsicha kwt 13(2)
dubbisuun hubachun kan dand’amu dha.
Aangoo fi dandeetti seeraa namoota sanada
mallattessuf dhiyaatani mirkaneessu
• Qaamnii sanada mirkaneessu aangoon seeraan
kennameef kamuu sanada isaaf dhiyaatee mirkaneessu
isaatin duratti namoonni sanadiicharratti
mallatteessan mallatteessuf aangoo fi dandeetti
seeraa qabaachu isaanii mirkaneeffachutu irraa
eegama. Kwt 15(1)
• Keewwata kana jalatti jechii aangoo jedhu mirga ykn
itti gaafatamuummaa namnii sanada sana mallattessuf
dhiyaatee qabun kan wal qabatuu yoo ta’u; dandeettin
seeraa ammoo akkaataa SHH kwt 194-388 jiran jalatti
tumamee jirun ilaalani mirkaneessun barbaachisaa
dha.
Cont…
• Namnii sanadiicharratti mallatteessudhaaf
dhiyaatee dandeetti seeraa qabaachun isaa
shakkisisaa yeroo ta’eetti qaamnii sanadiicha
mirkaneessuf aangeeffamee toftaalee garagaraatin
fayyadamuun mirkaneeffachun barbaachisaa ta’a.
• Keewwata labsiichaa kana yoo ilaallu dirqamnii
qaama sanada mirkaneessurratti gatamee jiru
dandeetti seeraa nama sanadicharratti mallattessu
qofaati.
Gaaffii marii
• As jalatti gaaffiin ka’u sanadoota mirkanaa’uf dirqama
ta’an jedhe labsichii techisee keessaa tokko sanada
bakka bu’ummaa kennu fi kaasuuti. Bakka bu’ummaan
ammoo waliigaltee addaati. SHH kwt 1678(a) jalatti
waliigalteen tokko seera duratti fudhatamuummaa
qabaachuf namoonni waliigalan dandeetti seeraa
qabaachun dirqama ta’u tumee jira. Dabalataanis SHH
kwt 1676 jalatti kewwatoonni seeraa waliigalaa
waliigaltee ilaalchisee tumamanii jiran
waliigalteewwan addaarrattis raawwatinsa kan qaban
ta’u tumee jira. Labsiichi dandeetti seeraa nama sanada
mallatteessu qofaa akka qulqulleeffannu barbaadun isaa
maaliif laata?
Cont…
• Labsiicha kwt 8 jalatti hojiiwwan mirkaneessa sanadaa jalatti
haammataman jedhe tarra’aan keessaa tokko qabeenyoota
mirgii abbaa qabeenyummaa sanadoota qaama aangoo
qaburraa kennamutin mirkana’an ilaalchisee mirga abbaa
qabeenyummaa nama mirgicha qaama 3ffaatti dabarsuuf
deemuu fi qabeenyichii liiqaa baankii fi dhorgii mana murtii
irraa bilisa ta’u qulqulleessu dha.
• Haaluma walfakkaatun labsiichi kwt 15 jalattis qaamnii
sanada mirkaneessu sanadoonni mirga abbaa qabeenyummaa
qabeenyoota goosa kanaa qaama 3ffaatti dabarsuudhaaf
dhiyaatan kamuu mirkaneessun duratti mirgii abbaa
qabeenyummaa namiichaa sanadoota rogummaa qabanii fi
qaama aangoo qabun kennamaniin mirkanaa’un akka irra
jiraatu tumee jira.
Cont…
• Dabalataanis, mirgii abbaa qabeenyummaa sun
liiqaa baankii fi dhorgii mana murtiirraa bilisa
ta’un mirkanaa’u qaba.
• Namnii sanada mirga abbaa qabeenyummaa
qaama 3 ffaatti dabarsuuf qophaa’ee sanarratti
mallatteessuf dhiyaatee ammoo mirga ykn
aangoo sanadiicha mallatteessu waliigalteerraa
ykn seera irraa madde qabaachu qaba jechun
tumee jira.
Ragaalee waliigalteewwan barreeffamaa fi
Dhaamoo irratti dhiyaatan
• Labsiin kun kewwata 8 jalatti sanadootnii haala
lamaan qaama aangoo qabu biratti dhiyaatanii
mirkanaa’un akka danda’an tumamee jira; sanadoota
dirqama qaama aangoo qabu biratti dhiyaatanii
mirkanaa’un irra jiraatu fi fedhii fi gaaffii abbaa
dhimmaa irratti hunda’anii sanadoota mirkana’an.
• Haala kamiinu dhufanii haa mirkana’an sanadoonni
qaama aangoo qabu biratti mirkanaa’uf jedhan
keessaa kanneen armaan gadii ragoota nama
lamaan mallattaa’u qabu jechudhaan labsichii kwt
15(1) jalatti tumamee jira.
Cont…
• Sanadoonni kunnenis:-
 Waliigalteewwan gurgurtaa ykn kennaa mirga abbaa
qabeenyummaa qabeenya hin sochonee qaama 3ffaatti
dabarsuuf taasifaman;
 Waliigalteewwan qabeenya hin sochonee irratti mirga
qabeenya kana qabsiisudhaan ittin liqeeffachuf ykn akka
wabiitti qabsisuuf namni tokko qabu hundeessuf mallatta’an fi
 Dhaamoo ifatti taasifamuu dha.
 Sanadoonni kunnen ragaa nama lamaatin mallattaa’un dirqama
dha.
 Labsicha kwt 15(1) yoo ilaallu hima “………….the
following documents shall be signed before the relevant
authentication and registration institution by two
witnesses.” jedhu argina.
Cont…
Seera keessatti jechi “shall be” jedhu ammoo
dirqisisummaa qaba.
Kanaaf, sanadoota kanneen irratti ragaan nama lamaa
“validity requirement” ta’u hubannoo irratti
qabaachun barbaachisaa dha.
Sanadoota gubbaatti tarra’an keessaa dhaamoo ifatti
godhamuun walqabatee SHH kwt 881(2) fi (3) jalatti
dhaamoon ifatti godhamu ragoota namoota afur
fulduratti dubbifamee battalatti akka mallatteessan yoo
taasifamuu baatee fi kuni raawwatamuun
sanadicharratti hin ibsamnee taanaan dhaamoon
taasifamee seera duratti fudhatamuummaa kan hin
qabnee ta’u tumee jira.
Cont…
 Karaa gara biraatin dhaamoon ifatti godhamuu kun iddoo
hojii qaama dhaamoo mirkaneessuf aangoo qabutti qaama
dhaamoo sana mirkaneessu fulduratti yoo mallattaa’ee nama
sanadiicha mirkaneessu waliin namnii lama gahaa akka
ta’eetti SHH kwt 882 jalatti tumee jira.
 Kanaaf, labsichii waa’ee dhaamoo qaama aangoo qabu
fulduratti taasifamuun walqabatee dubbachaa kan jiru ta’u
hubannoo irratti fudhachun baay’ee barbaachisaa ta’a.
 Kunis ta’e SHH kwt 882 jalatti ogeessi sanada mirkaneessu
akka ragaatti kan lakka’amuu fi namni lamaan kwt kan jalatti
tumamee jiru isas kan dabalatu ta’u isaatin walqabatee tumaa
labsii lakk 922/2008 kwt 15 isa malee nama lama jedhu faana
akkamiitti ilaalama kan jedhu qabxii ogeeyyii giddutti
garaagartee uumaa jiru dha.
Kan itti fufee….
Haa ta’u malee MMWFDHI “………..ነገር ግን ኑዛዜው የተደረገው ከሁለቱ
ምስክሮች በተጨማሪ ውል ለማዋዋል ስልጣን የተሰጠው ሰው ፊት፣ ስራውን
በሚያካሂዴበት ክፍል ነው፡፡ ምንም እንኳን እኚህ ሰው ምስክር ተብለው
ባይገለፁም ሟች ኑዛዜውን በነፃ ፈቃዳቸውን ሲሰጡና ኑዛዜውም ሲነበብ
አይተው በኑዛዜው ላይ ፈርመዋል፡፡ የምስክሮች ዋና አስፈሊጊነትም ኑዛዜ
አድራጊው ኑዛዜውን በነፃ ፍላጎቱ እና በትክክለኛ አእምሮው የሰጠ መሆኑንና
የኑዛዜ ቃልም የእርሱ መሆኑን ለማረጋገጥ ነው፡፡ ይህንን ደግሞ ውል ለማዋዋል
ስልጣን የተሰጠው ሰው አረጋግጠው ፊርማቸውን ያኖሩ በመሆኑ ምስክር
ተብለው ስማቸው ባለመገለፁ ብቻ ምስክር አልነበሩም የሚባልበት ሕጋዊ
ምክንያት አላገኘንም፡፡ ከምስክሮቹ አንዱ ደግሞ ዳኛ ወይም ውል ለማዋዋል
ስልጣን የተሰጠው ከሆነና ኑዛዜው ይኸው ሰው ስራውን በሚያካሂድበት ክፍል
ከሆነ ሁለት ምስክሮች ብቻ በቂ መሆናቸው በፍ/ብ/ሕ/ቁ. 882 ሥር
ተመልክቷል፡፡ በመሆኑም ሟች አደረጉ የተባለው ኑዛዜ የሕጉን መስፈርት ያሟላ
በመሆኑ አመልካች የሟች ውብዬ ምንዲሁን የኑዛዜ ወራሽ አይደለም በማለት
የተሰጠው ውሣኔ ስህተት ነው፡፡” LGMMWFDHI 36777 JILDII
8FFAA
Kan itti fufee..
 Dabalataanis, jildiidhuma kana LGMMWDHIF 37562 Jalatti
haaluma galmee gubbaatti kaasuf yaallee keessatti murtii
kennameen walfakkaatun murtii dirqisisaa itti kenne jira.
 Murteewwan dhaddacha ijiibbaataa kunneen yoo ilaallu
dhimma mirkaneessa dhaamootin walqabtee bay’inni ragaa
labsicharra taa’ee jiru caalaatti fudhatama kan qabu ta’u
mul’isa.
 Tumaan seera SHH kwt 882 labsii lak
922/2008 kwt 17(1c) fooyya‟eera jechuun ni danda‟ama.
 Kanaafuu yeroo si‟annaa kanatti sanada qaama aangoo qabu
biratti mirkanaa‟u yoo ta‟ellee baay‟inni raga-baatotaa
barbaachisan, ogeessa sanadicha mirkaneesuu ala nama lama
ta‟uutu eegama jechuu dha.
Gaaffii Marii
 Qabeenya hin sochoneen walqabatee waliigalteen
kennaa taasifamuu formii dhaamoo ifatti
godhamuu hordofee waliigaltichii raawwatamuun
akka irra jiraatu SHH kwt 2443 fi 2444 irraa
hubachun kan danda’amuu dha. Formiin dhaamoo
ifatti godhamuu ammoo isa SHH kwt 881-883
jalatti tumamee jiru yoo ta’u; ragaalee namoota
afur fulduratti mallattaa’utu irra jiraata. Tumaa
labsiichaa ragaa nama lama jedhu fi tumaa SHH
kana akkamiitti araarsuun danda’ama?
Itti fufa…
• Karaa gara biraatin ragaan nama lamaa labsiicha
keessatti ibsaman fudhatama qabu yoo jenne
ulaagaaleen SHH kwt 881 jalatti dhaamoon tokko
seera fulduratti fudhatama akka qabaatuf seerichaan
tumamani jiran hoo gutamuu qabu moo hafaa ta’u?
DHIMMWF LGMM 70057 jildii 13ffaa jalatti murtii
murteesse faana ilaalun gaarii dha. Kunis labsiichi
addatti baasee kan tumee waa’ee baay’ina ragaa
malee waa’ee ulaagaalee kan biraa miti waan ta’eef
ulaagaaleen seerichaan tumamanii jiran gutamuu
dirqama dha haala jedhun murtii itti kenne jira.
Sanadoota galmeessu fi techisuu
• Sanadoota galmeessu yaadni jedhu labsii 922/2008
kwt 2(3) jalatti

ሰነድ መመዝገብ” ማለት አንድን ሰነድ ለዚሁ በተዘጋጀ መዝገብ መለያ ቁጥር

በመስጠት መመዝገብና ማስቀመጥ ወይም በሕግ መሠረት በሰነድ አረጋጋጭና መዝጋቢ


ተቋም ዘንድ እንዲቀመጥ የተባለ ሰነድን ተቀብሎ መመዝገብና ማስቀመጥ ነው

jechun hiikkoo itti kennamee jira.


 Hikkoo kana irraatis hojiin sanada galmeessu:-
 Sanada tokko galmee sanadoonni akka irratti
galama’anif qophaa’ee irratti lakkoofsa galmee
kennufitin galmeessu fi techisuu ykn
Cont…
 Sanadoota seerri qaama sanada galmeesse techisuuf
aangoo qabu bira taa’u qaba jedhetin tumee ofiitti
fudhani galmeessu fi techisuu kan of keessatti
haammatu ta’u hubachun ni danda’ama.
 Kanaan walqabatee labsichii kwt 18 jalatti qaamnii
sanadoota mirkaneessuf aangoon kennameef hundu
sanadoota mirkaneesse galmeessu akka qabu fi haaftee
tokko ammoo of biratti hambifachu akka qabu tumee jira.
 Dabalataanis qaamnii kun sanadoota seeraan qaama
aangoo sanada mirkaneessu fi galmeessu qabu biratti
kuufamun isaanii dirqama taasifamee tumamee gaaffiin
yeroo dhiyaateefitti sanadoota kunnen ofiitti fudhee of
bira techisuu akka qabus kwt 18(2) jalatti tumee jira.
Cont…
Kunis kaayyoo labsiichii baheef keessaa kan
seensa labsichaa kwt 1ffaa jalatti “…….ሰነዶችን
መዝግቦ በመያዝ በማናቸውም ጊዜ እንዲገኙ በማድረግ
…..” jedhe qabatee milkeessuf yaadamee kan
tumamee dha.
Kanas labsichii kwt 18(3) jalatti qaamnii sanada
galmeessu fi techisuu qaama dhimmi ilaallatun
odeeffannoo waa’ee sanadoota galma’aani fi
techifamanii yoo gaafatamuu kaffaltii tajaajilaa
kaffalchisuudhaan odeeffannoo kennun akka irra
jiraatu tumee jira.
Tajaajila mirkaneessa sanadaa iddoo hojiitin
alatti kennamuu
• Biiroon AAWO fi caasaan isaa sadarkaa garagaraatti
jiran sababoota garagaraa irraa kan ka’ee yeroo
abbaan dhimmaa gaafateetti tajaajila namnii gara
waajjirichaatti dhufee argachudhaa maluu ogeeyyii
erguudhaan namoonni biroodhaan alattis tajaajila akka
argatan taasisaa turee jira.
• Namnii bakka bu’ummaa kennu ykn sanadicharratti
mallatteessudhaa qabu dhukkubsataa yoo ta’ee,
namoonni sanadicharratti mallatteessan baay’ina
yoo qabaatanii fi k.k.f muudannoowwan waajjirichi
tajaajla waajjiraa alatti akka kennu taasisaa turan
keessaa muraasa ta’un waan hubatamuu dha.
Cont…
 Labsiin kun kwt 19(1) jalatti

ወደ ሰነድ አረጋጋጩ መደበኛ የሥራ ቦታ ለመሄድ የማይችል ሰው አገልግሎት ሲጠይቅ ሰነድ


አረጋጋጩ የቅርብ የሥራ ኃላፊውን ፈቃድ ሲያገኝ በጠያቂው አድራሻ በመገኘት የሰነድ ማረጋገጥና
ምዝገባ አገልግሎት ይሰጣል፡፡

jechudhaan bifa waliigalaatin tumee jira.


 Kewwata kana yaadnii “namnii gara waajjirichaa tajaajila
argachuf deemu hin dandeenyee tajaajilicha yeroo gaafateetti”
jedhu sababii maaliitin dhufu yoo dadhabee waajjirichii iddoo
hojiidhaa alatti dhaqee tajaajilicha kennaaf kan jedhu ifa miti.
 Ulaagaan taa’ee namnii tajaajila gaafatee gara waajjiraatti dhufu
kan hin dandeenyee ta’u ibsuu fi ogeessii tajaajilicha kennu
heyyamaa fi beekamti hoggansa dhiyoo isaa argachu qofaa dha.
Cont…
Waajjirichii haala kanaan iddoo hojiiti alatti
tajaajila kennuf garu akkaataa labsii kana kwt 34
(2) tin kaffaltii baasii tajaajilichaaf bahuu
haguugu dandeessisuu kaffalchisuu akka qabu fi
raawwii isaatif garu ministeerri haqaa
qajeelfama kan baasuu ta’u tumee jira.
Gaaffii Marii
1. Godina ykn aanaa keessanitti haallii waajjiraa ala deemtanii
tajaajila itti kennitan jiraa?
2. Yoo jiraatee haalotnii dirqisisoo akkamii yoo isiin qunnaman
waajjiraa ala baatanii tajaajila kennitu?
3. Sababootnii waajjiraa alatti tajaajila akka kennitanif isiin
dirqisisaa turan haala labsii kana kwt 19(1) jalatti ibsamee
jalatti hagugamuu danda’u?
4. Akkaataa labsii kana kwt 19(1) jalatti tumamee jirun
waajjiraan ala tajaajila kennudhaaf abbaan dhimmaa
sababoota akkamiin yoo waajjira dhufu dadhabee waajjirichi
iddoo hojiiti ala bahee tajaajila kennuf dirqama?
5. Qaamnii sanada mirkaneessu fi galmeessu waajjiraa ala
haamma fageenya haammamii deemee tajaajila kennuf
dirqama qabaata?
Dhorkaawwan adda addaa
• Labsiichi kwt 20 jalatti dhorkaawwan garagaraa techisee jira.
• Dhorkaawwan kunneen dhorkaawwan nama hojii sanada
mirkaneessu hojjeturratti techifamani dha.
• Haaluma kanaan namnii hojii sanada mirkaneessuf ramadamee
hojjetu kamuu:-
 Sanada ofii, kan haadha/abbaa warraa , kan maatii, kan
obboleessa ykn obboleetti, kan obboleessa ykn obboleetti
abbaa warraa/haadha warraa,
 Sanada nama inni/ishiin bakka bu’ee/buutee fi
 Sanada dhaabbata daldalaa ykn waldaa inni/ishiin irraa
fayyadamaa ta’ee mirkaneessu hin danda’u jechun tumee jira.
 Haalotnii akkasii yoo isa/ishee qunnamee qaama isa
hogganutti beeksisuudhaan hojiicha namnii biraa akka hojjetu
gochutu irraa eegama. Kwt 20(2)
Cont..
• Dabalaanis qaamnii sanada mirkaneessuf
aangeeffamee ulaagaaleen sanadicha mirkaneessu fi
galmeessuf gutamuu qabu jedhamani seeraan
tumamanii jiran gutamuun isaanii otoo hin
mirkanaa’iin sanadicha mirkaneessu akka hin
dandeenye labsiichi kwt 20(3) jalatti tumee jira.
• Ogeessii sanada mirkaneessu fi galmeessurratti
aangeeffamee hojjetaa jiru dhorkaawwan kanarra
darbee sanadoota karaa hin malleen mirkaneesse fi
galmeesse seera rogummaa qabun kan gaafatamuu
ta’us labsiichi kwt 31 jalatti tumee jira.
• Seerri rogummaa qabu kamii? Labsii 881/2007 ta’u
danda’aa laata?
Cont…
• Dhorkaawwan labsichii Kwt 20 jalatti tumamanii
jiranin ala dirqamoota labsichii nama sanada
mirkaneessurrattis gatee jira.
• Kunis namnii sanada mirkaneessuf aangeeffamee
kamuu akka qajeeltootti icciiti sanadoota sababii
hojiitin harka isaa galani dabarsee qaama 3ffaatti
kennu hin danda’u. Kwt 21(1)
• Haa ta’u malee, odeeffannoon sanadoota
mirkaneesse qaama aangoo qabun yoo gaafatamuu
fi sanada mirkaneessu keessati odeeffannoo yakkii
raawwatamuu argisisuu yoo argee odeeffannicha
qaama aangoo qabuf dabarsee laachuf dirqama qaba.
Gaaffii marii
• Qaamnii 3ffaan labsii kana kwt 21 jalatti ibsamee
eenyuu ta’u danda’a?
• Iddoo tokko tokkotti keessattu sadarkaa
federaalaatti sanada bakka bu’ummaa kennamee
bakka bu’aan na jalaa badeera yaada jedhu yoo
dhiyeesse fi koppiin sanadiichaa akka kennamuuf
yoo gaafatuu haallii baheetinin itti kennamaa
jirutu jira. Bakka bu’aan akka qaama 3ffaatti
ilaalamuu danda’a?
Bu’aawwan sanadootni mirkana’an hordofsisanii
fi fudhatamuummaa isaanii
• Labsiin kun kwt 23 fi 24 jalatti bu’aa sanadnii
ulaagaa seeraa gutee tokko hordofsisuu fi
fudhatamuummaa sanadoonni kun qaban tumee
jira.
• Haaluma kanaan bu’aa sanadnii mirkanaa’ee
tokko hordofsisuu ilaalchisee labsichii kwt 23 (1)
fi (2) jalatti
1. …………..በዚህ አዋጅ መሠረት የተረጋገጠ ሰነድ በውስጡ ስለሚገኘው ይዘት ሙሉ እምነት
የሚጣልበት በቂ ማስረጃ ነው፡፡
2. ተረጋግጦ የተመዘገበን ሰነድ በክርክር ሂደት ውስጥ መቃወም የሚቻለው ፍርድ ቤት በበቂ ምክንያት
ሲፈቅድ ብቻ ነው፡፡
jechun tumee jira.
Cont…
• MMWFDHI tis jildii 23 ffaa keessatti bu’aawwan
sanadoota qaama aangoo qabun mirkana’an hordofsisan
ilaalchisee Galmee lakk- isaa 146457 ta’ee irratti

የውክልና ሰነድችን ለማረጋገጥና ለመመዝገብ ስልጣን በተሰጠው አካል የተረጋገጠ ሰነድ


ሙሉ እምነት የሚጣልበት ማስረጃ ሆኖ ቅቡልነት ያለዉ ስለመሆኑና የሰነዱን ቅቡልነት
መቃወም የሚቻለውም በበቂ ምክንያት ፍርድ ቤት ሲፈቅድ ብቻ ነው

jechudhaan tumaa labsii lakk 922/2008 kwt 23(1) bu’ura


godhachun murtii kenne jira
Cont…
• Kanaaf, sanadootnii qaama aangoo qabu biratti
dhiyaatanii ulaagaa seeraa gutanii mirkana’an ragaa
fudhatamuummaa seeraa qaban ta’u fi falmii keessatti
manni murtii sababii gahaatin yoo heyyameen alatti
sanadoota kana mormuun hin danda’amu.
• Dabalataanis labsichii kwt 24 jalatti

፩/በዚህ አዋጅ መሠረት በፌዴራል ተቋም ወይም አካል የተረጋገጠና የተመዘገበ


ማንኛውም ሰነድ በክልል መንግስታት ተቀባይነት ይኖረዋል፡፡
፪/ በዚህ አዋጅ መሠረት በክልል ተቋም የተረጋገጠና የተመዘገበ ሰነድ በተመሳሳይ ሁኔታ
በፌዴራል መንግስትና በሌሎች የክልል መንግስታት ተቀባይነት ይኖረዋል

jechun tumee jira


Cont…
• Akkaataa tuma labsicha kanaatin sanadoonni
sadarkaa federaalaattis ta’ee naannooleetti
mirkanaa’an gutu biyyaarratti fudhatamuummaa
kan qaban ta’a.
Gaaffii marii
Dhimmoota tokko tokkorratti hojiimaanni fi
ulaagaaleen sanada tokko mirkaneessu fi
galmeessuf sadarkaa federaalaa fi naannoo
keenyatti gutamuun irra jiraata jedhamee
maanuwaliirra taa’ee jiru garaagarummaa
qabaachu ni danda’a. Sanada ulaagaa labsii kanaa
fi maanuwaalii hojii federaalaa gutee mirkanaa’ee
garuu ulaagaalee maanuwaalii naannoorra
techifaman otoo hin gutin yoo haafee
fudhatamuumma isaarratti dhibbaan inni geessisuu
jiraa laata? Yoo jiraatee akkamiitti haa araarsinuu?
Sanadoota dogoggoraan mirkana’an dhorkuu fi
gahee mana murtii
• Hojiin sanada mirkaneessu hojii adeemsa walxaxaa keessa
darbuu barbaadu fi maamila bal’aa qabu dha.
• Ogeessi hojii kana hojjetus yeroo hundaa sanadoota
mirkaneessu of-eggannootin mirkaneessutu irraa eegama.
• Kuni akkuma jirutti ta’ee hojii hojjetamuu kamuu keessatti
dogoggorri jiraachu danda’a.
• Sanadnii tokko dogoggoraan ykn karaa hin malleen
mirkanaa’ee kan jedhamu yoo maal ta’ee dha kan jedhus
labsiicha kwt 25 (2) jalatti tumamee jira.
• Haaluma kanaan sanadnii tokko:-
1. Dhorkaawwan labsiicha kwt 20 (1) fi (2) jalatti tumamani
jiran irra darbuudhaan sanadichii yoo mirkanaa’ee
Cont…
2.Formiin ykn ulaagaaleen sanadiicha mirkaneessuf murteessoo
ta’an otoo hin gutamiin sanadichi yoo mirkanaa’ee
3.Sanadichii kan mirkanaa’ee ragaa sobaa irratti hundaa’ee yoo
ta’ee fi Sanadni sobaa sun sanadicha waliin otoo dhiyaachu
baatee sanadichii mirkanaa’u kan hin dandeenyee ta’un kan
mirkanaa’ee yoo ta’e akka sanada dogoggoraan ykn karaa hin
malleen akka mirkanaa’eetti fudhatama.
 Hojii sanada mirkaneessu hojjetamee keessatti sanadoonni
dogoggoraan mirkaa’un isaani ragaa qabatamaatin yoo
mirkanaa’ee fi sanadichii dhorkamuu baannaan miidhaan
qaqqabsisuu ol’aanaa yoo ta’ee iyyata qaama dhimmi
ilaallaturratti hundaa’ee ykn kaka’umsa qaama sanadicha
mirkaneessetin yeroof sanadichii mirkanaa’ee dhorkamee akka
turu qaamnii sanadicha mirkaneesse ajaja kennu ni danda’a.
Cont…
• Sanadicha dhorkanii tursisuudhaaf adeemsaaleen
hordofamuu qabanis labsicha kwt 26 jalatti labsichi tumee jira.
• Haaluma kanaan ajajnii sanadicha dhorkanii tursisuu qorannoo
gareen ogeeyyii waajjirichaa nama sadii of keessaa qabu
dogoggoraa fi hanqina sanadicharratti uumamee ilaalchisee
gaggeesserratti hundaa’ee hoggansa ol’aanaa waajjirichaatin
ta’a.
• Sanadnii dhorkamuu kunis guyyaan dogoggora ykn hanqina
sanadicha keessatti uumamee gareen qorannaa qulqulleessu
jalqabeerraa eegalee guyyaa hojii shan keessatti dhorkamuun
akka irra jiraatu labsichii kwt 26(2) jalatti tumee jira.
• Sanadnii haala kanaan dhorkamees yeroo sanadichii dhorkamee
sana keessatti akka sanada hin mirkanoofneetti kan
fudhatamuu ta’us kewwatnii 27 ni dirqisisa.
Cont…
 Haa ta’u malee, sadarkaa qajeeltootti qaamnii sanada
mirkaneessu sanadoota dogoggoraan mirkaneesse yeroof
kan dhorgu danda’u ta’us erga dhimmichii mana murtiitti
dhiyaatee booda garu dhorguu akka hin dandeenye fi
dhimmichii manuma murtii dhimmicha ilaalaa jirun kan
ilaalamu ta’u labsichii kwt. 32 jalatti techisee jira.
 Sanada dogoggoraan mirkanaa’ee dhorkameen
walqabatee iyyannoon mana murtiitti sababoota sadiin
dhiyaachu danda’a.
1.Dhorkiin kennamee mirga ykn dantaa qaama sanadicha
ykn qabeenya sanadiicharratti ibsamee irraa qabu ni
tuqa taanaan ; Kwt 28(1) fi 29
Cont…
2.Qaamnii sanadicha mirkaneesse sanadicha
dhorkee tursisu dhabuun mirga ykn dantaa isaa
qaamnii irraa tuqamuu yoo jiraatee; Kwt 29
3.Dhorkiin yeroof kennamee ciimee sanadichii
gatii akka dhabuuf ;kwt 28
Iyyannoon dhiyaatu qaama lamaan dhiyaachu
danda’a.
1.Qaama sanadicha ykn qabeenya sanadicha
keessatti ibsameerraa mirga ykn dantaa qabun
(dhorkii kennameerraa yeroo komii qabutti
ykn qaamnii sanadicha mirkaneesse sanadicha
dhorkuu yeroo dideetti. Kwt 29)
Cont…
2.Sanadichii kan dhorkamee kaka’umsa qaama
mootummaa sanadicha mirkaneessen yoo ta’e
fi qaama sababi sanadichaan dantaan isaa
tuqamu argun yoo hin danda’amnee ykn hin
jiraannee qaama sanadicha mirkaneessen
Iyyannoon dhiyaatu dhorkiin qaama sanadicha
mirkaneessen kennameen walqabatee dhorkichii
akka ciimuu ykn akka ka’u (qaama sanada
mirkaneessen ykn qaama sanadicha ykn
qabeenya sanadiicha keessatti ibsameerraa
mirga qabun) yoo ta’e ji’a tokko keessatti mana
murtiitti dhiyaachu qaba.
Cont…
• Manni murtiis iyyannoo isaaf dhiyaaterratti
hundaa’udhaan ajaja dhorkii sanadiicharratti qaamnii
sanadicha mirkaneesse kenne ilaalee cimsuu, haqu ykn
foyyeessu ni danda’a. kwt 28(2)
• Kewwata labsii kanaa kewwata 28(2) yoo ilaallu
hiikkoon afaan Ingiliffaa fi Amaariffaa
garaagarummaa muraasa qabaachu isaa dubbisa
kewwatichaarraa hubachun ni danda’ama.
• Kunis hiikkoon Afaan Amaariffaa waa’ee mirga
ol’iyyataa yoo kaasuu kan afaan Ingiliiffaa garu homaa
otoo hin jedhiin bira darbee jira.
Gaaffii marii
1. Iyyannoon dhorkii sanadarratti kennamee
mirkaneessuf ykn dhorkiin kennamuu qabu
kennamuu dhabuu isaatin mirgii koo
midhameera jechun dhiyaatu mana murtii
sadarkaa kamiitti jiruf dhiyaachu qaba?
2. Kewwata 28(2) ilaalchisee hiikkoo kewwatichaa
afaan ingiliffaa fi amaariffaa garaagarummaa
qabaachu ilaallee jirra. Hiikkoo isa kamtu sirrii
dha jenne haa fudhannu?
Cont..
4) Yeroon ji’a tokko iyyannoo dhiyyeessuf
labsiichaan taa’ee iyyannoowwan sababoota gubbaatti
ibsamanin dhiyaatan hundaa irratti raawwatinsa
qabaa? Keessattu dhorkiin sanadicharratti naaf
kennamuu didee jechun iyyannoo dhiyaaturratti?
5) Innumtii ilaallatuu ji’a tokkitti kennamee keessatti
yoo dhiyaachu baatee sanadichii maal ta’a?
6) Iyyannoo dhimma kanaan walqabatee dhiyaatu
ilaalun murtii kennun aangoo mana murtii sadarkaa
kamiiti laata?
Haalota ajaja dhorkii qaama sanada
mirkaneessen kennamee turee hafaa taasisan
• Ajajnii dhorkii qaama sanada mirkaneessen
kennamee sababoota armaan gadii lamaan
haafaa ta’u akka danda’u labsichii kwt 30 jalatti
ifatti tumee jira.
1. Manni murtii iyyannoo dhiyaateef ilaalee
ajajnii dhorkaa kennamee turee haafaa akka
ta’u yeroo murteessetti fi
2. Iyyannoon ajaja dhorkaa kennamee turee irratti
yeroo ji’a tokko seeraan kennamee keessatti
mana murtiitti dhiyaachu qabu otoo hin
dhiyaatin yoo haafee dha
Tumaalee adda addaa
• Labsiin kun kutaa 5ffaa jalatti tumaalee adda addaa dhimmoota
garagaraa ilaallatan haammatee jira.
• Haaluma kanaan kwt 33 jalatti tajaajilaa qaamnii sanada
mirkaneessu kennun walqabatee komii yoo qabaatee komii isaa
hoggansa mana hojiichaatti dhiyeeffachu akka danda’u tumee
jira.
• Tajaajila kennu qabu yoo dhowwee ykn tajaajila kennu hin
qabnee kenne yoo jiraatee qaamnii komii qabu komii isaa guyyaa
15 keessatti hoggansa olaanaa waajjirichaatiif komii isaa
dhiyeeffachu ni danda’a.
• Hoggansii komiin biratti dhiyaatees komii dhiyaatef qoratee
guyyaa 30 keessatti furmaata kennu qaba.
• Guyyaa 30 keessatti furmaata yoo kennu baatee abbaan dhimmaa
komii isaa mana murtii aangoo qabutti dhiyeeffachu akka
danda’u labsiichi tumee jira.
Cont…
• Dabalataanis labsiichi tumaalee adda addaa jalatti
kaffaltiiwwan garagaraa qaamnii sanada mirkaneessu qaama
tajaajila isaan biraa argatee kaffalchisu qabanis tumee jira.
• Haaluma kanaan qaamnii sanada mirkaneessu fi galmeessu
sanada mirkaneessu fi galmeessu isaatin duratti kaffaltii
tembiraa seera rogummaa qabun taa’ee jiru abbaa dhimmaa
tajaajila argatee kaffalchisuu akka qabu tumee jira.
• Dabalataanis, haammii kaffaltii dambii manni maree
ministerootaa baasun kan murtaa’u ta’ee kaffaltii tajaajilaa
baasii tajaajilichaaf bahee hagugu danda’u kaffalchisuu
qaba.
• Kaaffaltiiwwan lamaan fedhii qaama sanada mirkaneessutin
kan kaffalamanii fi yoo hin barbaadamnee dhifamuu danda’an
hin fakkaatan dorqisisoo dha.
Cont…
• Kewwatnii 36 ammoo tumaa itti gaafatamuummaa
yakkaa hordofsisuu dha.
• Haaluma kanaan namni kamuu (qaamni sanada
mirkaneessu ykn namnii kamuu) labsii kana irra
darbee yoo argamee seera yakkaa ykn seerota
rogummaa qaban kan biraatin kan gaafatamuu ta’u
tumee jira.
• Labsii kana raawwachisuuf manni maree
ministerotaa dambii kan baasuu fi naannoleen
ammoo dhimmoota labsii kanaa fi dambii manni
maree ministerotaa baasun hin hagugamnee irratti
seera baasu akka danda’us kwt. 37 jalatti techisee jira.

You might also like