You are on page 1of 54

INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA

Qajeelfma Faaynaansii

QH/ISFO/---2015

SADAASA, 2015

Finfinnee

i
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

BAAFATA
I. SEENSA.......................................................................................................................................1
II. KEEWWATA TOKKO..............................................................................................................2
1.1. MATA DUREE GABAABAA.......................................................................................................2
1.2. HIIKA............................................................................................................................................2
1.3. KAAYYOO (OBJECTIVE) QAJEELFAMAA.............................................................................4
1.4. BARBAACHISUMMAA QAJEELFAMICHAA...........................................................................5
1.5. DAANGAA (SCOPE) QAJEELFAMICHAA...............................................................................5
III.KEEWWATA LAMA................................................................................................................5
2.1. IMAAMMATA RAAWWII FI QABINSA FAAYINAANSII (ACCOUNTING PRINCIPLES). .6
2.2. BAAJATA.....................................................................................................................................6
2.2.1. Qabinsaa fi Raawwii Baajataa.......................................................................................6
2.2.2. Jijjiirraa Baajataa fi Gaaffii Dabalata Baajataa........................................................7
2.3. SIRNA BULCHIINSA MAALLAQAA (CASH MANAGEMENT)............................................9
2.3.1. Sirna Sassaabbii Galii Maallaqaa.................................................................................9
2.3.2. Sirna Raawwii Kaffaltii Xixiqqa (Petty Cash).......................................................11
2.3.3. Sochii Herrega Baankii..................................................................................................13
2.3.4. Maallaqa Baankiitti Galii Taasisuu............................................................................13
2.3.5. Kaffaltii Baankii..............................................................................................................14
2.3.6. Araarsa Herrega Baankii...............................................................................................17
2.4. HERREEGA SASSAABAMAA FI KAFFALAMAA (ACCOUNT RECEIVABLE &
ACCOUNT PAYABLE)......................................................................................................................17
2.4.1. Herreega Sassaabamaa...................................................................................................17
2.4.2. Herreega Kaffalamaa (Account Payable).................................................................20
2.5. SIRNA BULCHIINSA LIQII BAANKII....................................................................................21
2.6. GALMEEFFAMA ISTOOKII FI MEESHAA DHAABBATAA (GENERAL STOCK,
PRODUCE & FIXED ASSET)..........................................................................................................22
2.6.1. Istookii (Stock).................................................................................................................22
2.6.2. Galmeeffama Meeshaa Dhaabbataa (Fixed Asset Registration).......................27
2.7. KAFFALTII ASHUURAA (TAX) FI DIRQAMA....................................................................32
2.8. DADDABARSA MALLAQAA/MEESHAA KEESSOO (INTER-TRANSACTION)...............34
2.9. GURGURTAA (SALES)............................................................................................................35
2.10. BAASII BARA ITTI AANUU (FUTURE CROP)..................................................................37
2.11. KAFFALTII ADDA ADDAA.................................................................................................37
2.12. INSHURAANSII (INSURANCE)............................................................................................41
2.13. WALQUUNNAMTII GABAASAA.........................................................................................41
2.14. YAA’INSA HOJII (WORK FLOW)......................................................................................42
IV. KEEWWATA SADII................................................................................................................45
3.1. QABIINSA HERREEGAA BAASII (COST ACCOUNTING)..................................................45

ii
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

3.2. BAASII HUMNAA HOJJATAA (LABOUR COST)...................................................................46


3.2.1. Peeyiroolii (payroll)........................................................................................................46
3.2.2. Hojjattoota yeroo (Temporary Workers)..................................................................47
3.2.4. Hojjataa Dhaabbii............................................................................................................48
3.3. BAASII MEESHAA (MATERIAL COST)................................................................................49
3.4. BAASII BULCHIINSAA (OVERHEAD COST).........................................................................49
3.5. BAASII BULCHIINSAA FI GURGURTAA (ADMINISTRATIVE, GENERAL AND SELLING
EXPENSES)........................................................................................................................................49
3.6. SIRREEFFAMA WAGGAA DARBEE (PRIOR YEAR ADJUSTMENTS)................................50
3.7. MALA ITTI FAYYADAMINSA SANADAA (VOUCHER SYSTEM).....................................50
3.8. IBSA HERREEGAA (FINANCIAL STATEMENTS)................................................................50
3.9. CUFINSA HERREEGAA (ACCOUNT CLOSING)..................................................................51
3.10. HORDOFFII ODIITII..............................................................................................................52
3.10.1. Hordoffii Keessaa.........................................................................................................52
3.10.2. Odiitii Alaatiin Herreega sakattaasisuu (External Auditing)...........................53
3.11. ITTI GAAFATAMUMMAA.....................................................................................................53
3.12. FOOYYA’INSA QAJEELFAMA KANAA.............................................................................53
3.13. YEROO QAJEELFAMNI KUN HOJIIRRA OOLU.................................................................53
V. KEEWWATA AFUR................................................................................................................54
4.1. SANADOOTA HOJII (WORKING FORMATS).......................................................................54

iii
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

I.Seensa
Intarpiraayiziin dinagdee biyya keenyaa qonna irratti hundaa’e keessatti oomishaa fi
oomishtummaa qonnaa guddisuun qotee bulaan wabii nyaataa mirkaneessuu irra darbee
oomisha industiriidhaaf dhiyeessee adeemsa biyyi keenya diinagdee ishii gara
industiriitti jijjiiruuf godhaa jirtu keessatti sanyii filatamaa qulqulluu fi baay’inaan
qotee bulaaf dhiyeessuun dirqama kennameef milkeessuun barbaachisaa ta’ee waan
argameef;
Bulchiinsi faayinaansii Intarpiraayizichaa seera qabeessa, iftoomina kan qabuu fi itti
gaafatamummaa garee fi dhuunfaa ibsu qopheessuun barbaachisaa ta’ee waan
argameef;
Qabeenya guddaa Intarpiraayizichaa galmeessee eeguudhaan karaa sirrii ta’een hojii
irra oolchuudhaan, idaa qaama biroo irra jiru galmeessee yeroon deebisuun, galii isaa fi
baasii isaa galmeessuudhaan bu’aa isaa qaama dhimmi ilaaluuf yeroodhaan
odeeffannoo sirrii ta’e dhiyeessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;
Labsiiwwan, dambiiwwanii fi qajeelfamoota mootummaa kallattii kanaan yeroo ammaa
hojii irra jiran akkasumas qajeeltoowwan sadarkaa addunyaatti fudhatama argataniif
akka biyyatti hojii irra akka oolan ta’an yaada keessa galchuun qajeelfamni faayinaansii
bara 2007 ba’ee hojii irra ture keessatti hojmaata irratti dhimmoota hudhaa turan furuuf
barbaachisaa ta’ee waan argameef;
Bu’uura Dambii 108/2000 keewwata 11(5) tiin qajeelfamni kuni qophaa’ee jira.

1
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

II. KEEWWATA TOKKO


1) Mata Duree Gabaabaa
Qajeelfamni Kun” Qajeelfama Faayinaansii Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa
Oromiyaa lakkoofsi isaa haaromsa 001/2015” jedhamee waamamuu danda’a.
2) Hiika
Akkaataan jechootaa hiika biraa kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, qajeelfama kana
keessatti;
1) “Mootummaa” jechuun Bulchiinsa Motummaa Naannoo Oromiyaa jechuu
dha.
2) “Biiroo” jechuun Biiroo Dhaabbilee Misooma Mootummaa Naannoo
Oromiyaa jechuu dha.
3) “Boordii” jechuun Boordii Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaa jechuu
dha.
4) “Waajjira” jechuun Waajjira Ol’aanaa fi gurmaa’insa Intarpiraayizichaa
bu’uura godhatee waajjiraalee sadarkaa sadarkaan hundaa’an jechuu dha.
5) “Waajjira Ol’aanaa” jechuun Magaalaa Finfinneetti kan argamu waajjira
ol’aanaa ISFO jechuu dha.
6) “Intarpiraayizii” jechuun Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaa jechuu
dha.
7) “Hojii Gaggeessaa Ol’aanaa” jechuun Intarpiraayizicha keessatti haala
gurmaayinaatiin itti gaafatamummaa moggaafameen Intarpiraayizicha
ol’aantummaan kan gaggeessu dha.
8) “Waajjira Damee” jechuun Intarpiraayiziin yeroo ammaa kan bulchaa jiru
damee Arsii, damee Balee, damee Lixaa fi fuulduratti akkaataa
barbaachisummaa isaatti kan hundeeffamu dha.
9) “Hojii Gaggeessaa Damee” jechuun akkaataa gurmaa’ina dameelee
kennameen itti gaafatamummaa moggaafameen damee ol’aantummaan kan
gaggeessu dha.
10) “Qonnaa” jechuun Intarpiraayizii sanyii filatamaa Oromiyaatti waajjira
dameewwanii jalatti kan jiran qonna Ukkee, Lolee, Xaameellaa, Garadeellaa,
Addellee, Arbaa Guuguu, Roobee, Sinaanaa, Hunxee, Hereroo, Billittoo
Siraaroo, Goofar, Seeroftaa fi Shaalloo gara fuula duraattis kan dhaabbatan
jechuu dha.
11) “Gaggeessaa Qonnaa” jechuun akkaataa gurmaa’ina qonnaalee kennameen
itti gaafatamummaa moggaafameen qonna ol’aantummaan kan gaggeessu dha.
12) “Herrega Qusannaa” jechuun Maallaqa Baankiin Intarpiraayizichaaf dhala
dhibbantaan (%) kaffalu ta’ee Maallaqa yeroo dheeraadhaaf sochii malee turu
kan akka maallaqa ivastimentii, gurgurtaa gurguddaa fi kkf jechuu dha.
13) “Herrega Baankii Sosocho’aa ykn yeroo” jechuun maallaqa Intarpiraayiziin

2
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

akkaawuntii Baankii keessaa qabu kaffaltii tajaajilaa Baankiidhaaf (service


charge) %dhaan kan kaffalu fi yeroodhaaf baankii keessa taa’u dha.
14) “Herrega Baankii cufamaa” jechuun Herrega waliigaltee Intarpiraayizii fi
Baankiin taasisan irratti hundaa’ee yeroo fi akkaataa maallaqni socho’uu
danda’amutti baasii kan ta’u dha.
15) “Herreega kaffalamaa” jechuun Intarpiraayiziin bittaa fi tajaajila liqiin argatu
kaffalamee hanga xumuramuutti galmee herreegaa kaffaltii ibsu dha.
16) “Herreega sassaabamaa” Jechuun Intarpiraayizichi sanyii yookiin tajaajila
kamuu maamila isaaf liqiin yoo gurgure mala herreegni isaa ittiin galmaa’u
jechuu dha.
17) “Qabeenya” jechuun horataalee Intarpiraayizii kan ta’e qabeenya kamiyyuu
lafaan ala ta’e jechuu dha.
18) “Qabeenyaa Dhaabbii” jechuun qabeenyaa gatiin tokkoo isaa qarshii 5,000
(kuma Shan) fi isaa ol ta’ee faayidaan diinagdummaa isaa waggaa tokkoo oliif
tajaajiluu kan danda’u jechuu dha.
19) “Qabeenyaa Dhumataa” jechuun qabeenyaa dhaabbiin ala ta’ee faayidaan
diinagdummaa isaa waggaa tokkoo fi isaa gadi kan kennuu fi gatiin tokkoo
qarshii 5,000 (kuma shan) gad kan ta’e jechuu dha.
20) “Istookii” jechuun qabeenya Intarpiraayizichaan oomishaman, bitamanii fi
gargaarsaan argaman ta’anii sochii hojii idilee keessatti hanga tajaajila irra
oolaniitti mana kuusaa kan taa’an jechuu dha.
21) “Dhabamsiisuu” Jechuun qabeenya Intarpiraayiziif tajaajila kennuu hin
dandeenye, kan yeroon irra darbe maloota dhabamsiisa qabeenyaa
fayyadamuun qabeenya irraa haquu jechuu dha.
22) “Lakkoofsa qabeenyaa” jechuun mana kuusaa keessa qabeenya jiru tokko-
tokkoon kuufama tarreessuun lakkaa’uu, madaaluu, safaruun galmeessuu
jechuu dha.
23) “Gatii Galmee” jechuun meeshaa dhaabbii tajaajila kennee gatii ka’umsaa
irraa kuufamni dullumaa hir’ifamee gatii hafu jechuu dha.
24) “Gatii dullumaa” jechuun qabeenyichi fayyadama diinagdummaa ni kenna
jedhamee umrii itti tilmaamamu keessatti guyyaa galii ta’ee jalqabee haala
sirna qabuun gatii qabeenyichaa irraa waggaa waggaan akka baasiitti hir’isuu
jechuu dha.
25) “Maamila keessaa” jechuun adeemsalee Ijoo, Adeemsaalee Deeggarsaa fi
kutaalee Tajaajila Adeemsa Hojii Deeggarsa Bulchiinsa Faayinaansiitii fi
To’annoo Baajataatiif maamila kan ta’an jechuu dha.
26) “Maamila alaa” jechuun Adeemsa hojii deeggarsa Bulchiinsa Faayinaansii fi
To’annoo Baajataatiif maamila alaa kan ta’an jechuu dha.
27) “International Financial Reporting Standard” jechuun sirna Gabaasa
Herregaa Waltaawaa jechuu dha.
28) “Daddabarsa qabeenyaa keessaa” jechuun sochii daddabarsa qabeenya

3
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

dhaabbii fi dhumataa Intarpiraayizicha keessatti taasifamu jechuu dha.


29) “Gurgurtaa” jechuun jijjiirraa abbummaa qabeenya dhaabbata ykn dhuunfaa
tokko irraa gara biraatti bifa qaama gurguruu fi bituu giduutti raawwatu jechuu
dha.
3) Kaayyoo Qajeelfamichaa
1) Hojiin Herrega Intarpiraayizichaa hammayyummaa fi saffisa akka qabaatu
taasisuu,
2) Galmeewwan herregaa fi harshammeewwan eegumsa cimaa ta’e qabaatanii
sirnaan akka qabaman gochuu,
3) Ibsawwan faayinaansii (Financial Information) sirrii fi yeroo eeggatan
qopheessuun Herrega Intarpiraayizichaa odiitii taasisuu fi to’annoo qabinsa
maallaqaa cimaa ta’e uumuu,
4) Hojmaanni Faayinaansii Intarpiraayizichaa haala walfakkaataa ta’een
ogeessonni akka ittiin hojjatanii fi hojjattoonni haaraa qaxaraman akka sanada
leenjiitti akka itti fayyadaman taasisuu,
5) Itti fayyadamni faayinaansii bu’a qabeessummaan isaa fi karoora hojii ijoo
Intarpiraayizichaa wajjin karaa walsimeen seeraan itti fayyadamuu fi hojii irra
ooluu isaa sirna mirkaneessuu dandeessisu uumuu,
6) Itti fayyadama qabeenyaa fi qabinsa qabeenyaa irratti sirna itti gaafatamummaa
qabu diriirsuu,
7) Labsii, dambii, qajeelfamootaa fi poolisii faayinaansii hojiitti hiikuu fi
dirqamoota maallaqaan walqabatan yeroodhaan raawwachuu,
8) Qabeenya Intarpiraayizichaa karaa seera qabeessa ta’een bulchuu fi qusannaan
itti fayyadamuudhaan bu’aa qabeessummaa ergama dhaabbatichaa
mirkaneessuu.
4) Daangaa (Scope) Qajeelfamichaa
2
Qajeelfamni Faayinaansii kun caasaalee Intarpiraayizichaa hunda irratti
guutummaan guutuutti raawwatinsa ni qabaata.
III. Kutaa Lama
5) Imaammata Raawwii fi Qabinsa Faayinaansii
1) Imaammatni sirna hordoffii fi raawwii Faayinaansii sirna gabaasa herrega
waltina qabu (International Financial Reporting Standard) kan bu’uureffate ta’a.
2) Haalli qabinsa Herrega Intarpiraayizichaa Adeemsa galmee Herregaa Akkuraalii
(Accrual Basis of Accounting) kan hordofu ta’a.
3) Galmeeffamni hojii herrega Intarpiraayizichaa akkaataa galmee dachaa (double
entry Accounting system) kan hordofu ta’a.
4) Intarpiraayizichi hir’ifama dullumaa qabeenya dhaabbataa mala “straight line

4
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

method’’ kan hordofu ta’a.


5) Qabeenyi Intarpiraayizichaa kamuu mala gatii ittiin bitameen kan galmaa’u
(principle of historical cost) ta’a.
6) Meeshaaleen Intarpiraayizichaa baasii ta’an hundi mala hojii gatii giddu
galeessa (Moving average) kan hordofu ta’a.
7) Imaammatni herregaa Intarpiraayizichaa mala hojii herregaa walfakkaataa fi itti
fufinsa qabu (Principle of consistency) kan hordofu ta’a.
8) Galmeeffamni Intarpiraayizichaa “Perpetual Inventary System” kan hordofu
ta’ee battala gurgurtaan raawwatu baalaansii inventerii yeroo yerootti kan
mul’isu ta’a.
6) Baajata
Baajatni humna maallaqaa murtaa’aa ta’e waliin gahuudhaan bittaa meeshaa, bittaa
tajaajilaa fi baasiiwwan gurgurtaaf bulchiinsa adda addaa dursi kennameefii
raawwachuu, hojiiwwan hojjatamuu qaban hanqina dhiyeessuutiin akka hin
gufanne karooraan gaggeessuu fi tooftaa barbaachisaa ta’e mijeessuu kan
dandeessisu karoora fiizikaalaa irratti kan hundaa’e karoora baasii dha.
7) Qabinsaa fi Raawwii Baajataa
1) Barri baajataa Adoolessa 1 irraa jalqabee hanga Waxabajjii 30tti ta’a.
2) Baajanni mirkanaa’e hanga Adoolessa 20tti xalayaadhaan ibsamee Adeemsa
Deeggarsa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataatiif dhiyaachuu qaba.
3) Haalli itti fayyadama maallaqa Intarpiraayizichaa baajataa fi karoora
Intarpiraayizichi galmaan gahuuf karoorfate irratti hundaa’uu qaba.
4) Waajjira olaanaa, Damee fi qonnaaleen hojii bara baajataa tokko keessatti
raawwachuuf isaan barbaachisu karoora maallaqaa, humna namaa, bittaa adda
addaa, hojii sanyii baay’isuu fi qulqulleessuu yeroodhaan akka wal simu
taasisuun dhiheessuudhaaf dirqama qabu.
5) Baajanni waggaa yeroo qophaa’u, karoora tarsiimoo yeroo dheeraa fi giddu
galeessaa Intarpiraayiziin baafate irratti hundaa’uu qaba.
6) Baajata Adeemsa Hojii Deeggarsa Karoora, Hordoffii, Gamaaggamaa fi
Bulchiinsa Teknooloojiitiin dhiyaate ka’umsa godhachuudhaan baasii fi bittaa
dhiyaatu akkaataa karoora baajata qabameetiin akka raawwatamu Adeemsi
Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataa ni hordofa, ni
to’ata.
7) Qonnaaleen Dameewwaniif akkasumas Dameewwan Waajjira Ol’aanaatiif
akkaataa karoora baajataa mirkanaayeen gaaffii baajataa ji’aa ji’aan yookaan
kurmaanaan dhiyeeffachuu qabu.
8) Baajanni marsaa tokkoo erga ergameen booda baajata marsaa itti aanuu
erguudhaaf baajata marsaa duraa ergame irraa %85 hojii irra ooluun yeroo
mirkanaa’ee fi gabaasni itti fayyadama baasii (cash expenditure report)’n

5
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

akkaataa foormaatii qophaa’een erga ergameen booda baajata marsaa itti aanuu
gaaffii dhiyeessu, akkaataa barbaachisummaa isaatiin baajatni ni ergama.
9) Gulantaa Baajanni hin qabamne irratti kaffaltii raawwachuun hin danda’amu
akkasumas baajata qabameen olitti kaffaltii raawwachuun dhowwaa dha.
10) Gabaasni raawwii baajataa fi yaa’insi maallaqaa (cash flow) qophaa’uun, ji’a
ji’aan maanaajmantii, kurmaanaan Boordii Intarpiraayiziichaatiif ni dhihaata.
11) Adeemsa hojii keessatti rakkoolee akka tasaa mudatanii fi hojiin sun baajata
karoorfameen alatti kan gaafatu yoo ta’ee fi qaamni baajata mirkaneessu haala
salphaatti argachuun waan rakkisuuf karoora baajataa waliigalaa qabame irratti
dabaluun baajanni of eeggannoo (Contingency budget) 10% baajata waliigalaa
jalqaba waggaarratti qabamuu qaba.

8) Jijjiirraa Baajataa fi Gaaffii Dabalata Baajataa


1) Adeemsa hojii raawwii karoora Intarpiraayizichaa keessatti hanqinni baajataa
mudachuu ni danda’a. Haaluma kanaan, jijjiirraan baajataa yookaan gaaffiin
dabalata baajataa dhihaachuu ni danda’a. Jijjiirraan baajata idilee kan raawwatu
sadarkaa Intarpiraayizichaatti yommuu ta’u kan kaappitaalaa sadarkaa Boordiitti
ta’a. Haalli raawwi isaa akkaataa qajeelfama Adeemsa Hojii Deeggarsaa
Karooraa, hordoffii, Dubdeebii fi Bulchiinsa Teeknooloojiitiin ta’a.
2) Gaaffiin jijjiirraa baajata idilee yoo jiraate ibsa gahaa waliin dhihaachuu qaba.
Gaaffiin kun erga xiinxalamee booda barbaachisummaan isaa amansiisaa ta’ee
yoo argame qofa manaajimanti biratti fudhatama erga argatee kan hojii irra oolu
ta’a. Jijjiirraa baajataa ilaalchisee, mata-duree baajata idilee tokko irraa gara
mata duree baajata idilee biraatti yookaan gara baajata kaappitaalaatti jijjiiruun
kan danda’amu yoo ta’u baajata kaappitaalaa irraa gara idileetti jijjiiruun hin
hayyamamu.
3) Gulantaa baasii baajata waggaa irratti hin qabamiin irratti jijjiirraa baajataa
gaggeessuun hin danda’amu.
4) Jijjiirraan baajataa Adeemsa Hojii Deeggarsaa Karooraa, Hordoffii,
Gamaaggamaa fi Bulchiinsa Teeknooloojiitiin raawwate Adeemsi Hojii
Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataa akka beeku
godhamee sirreeffamni akka taasifamu ta’a.
5) Baajata miindaa fi faayidaa hojjattootaa waliin walqabate irraa gara birootti
jijjiiruun dhorkaa dha.
6) Jijjiirraan baajata kaappitaalaa kan raawwatu dhimmoonni murteessoo fi
dirqisiisaan yommuu mudatan yoo ta’u gaaffiin kunis yoo dhihaatu ibsa gahaa fi
amansiisaa waliin ta’uu qaba. Sadarkaa Boordiitti dhiyaatee erga mirkanaa’een
booda kan hojiirra oolu ta’ee jijjjiirraan gaggeeffame Biiroo dhaabbilee
misooma mootummaa Oromiyaatiif xalayaatiin ni beeksifama. Jijjiirraan
sadarkaa kanatti raawwatu jijjiirraa kaappitaala tokko irraa gara kaappitaala
birootti kan raawwatu ta’a.

6
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

7) Qophiin karoora baajataa tilmaama irratti kan hundaa’e waan ta’eef hanqinni
baajata idilee fi kaappitaalaa hojii bara karoorichaatti raawwatamuuf
karoorfame galmaan gahuu irratti dhiibbaa uumuu ni danda’a. Kanafuu, gaaffiin
dabalata baajataa idilee daangaa karoora waggaa keessati ibsa gahaa ta’e waliin
Boordii Intarpiraayizichaatiif dhihaatee mirkanaa’uu qaba.
8) Gaaffiin dabalata baajataa yoo baajata kaappitaalaa ta’e Boordiitti dhiyaatee
erga fudhatama argateen booda Biiroo dhaabbilee misooma mootummaa
Oromiyaatiin mirkanaa’uu qaba. Dabalanni baajataa qaama mirkaneessuun
fudhatama erga argatee booda hojii irra kan oolu ta’a.
9) Sirna Bulchiinsa Maallaqaa (Cash Management)
1) Kaayyoon hojmaata Intarpiraayizii qaama adda addaa irraa maallaqa gale
sassaabuu, galmeessuu fi qaama adda addaatiif kaffaltii raawwachuu fi
galmeessuudhaan bulchiinsi maallaqaa ni hordofama.
2) Hojichi maallaqa qabaa fi Baankiidhaan raawwata. Haala waliigalaatiin hojiin
sochii maallaqaatiin kan walqabate yommuu ta’u maallaqni gurgurtaa,
sassaabamaa fi kan biraa irraa galii ni ta’a, kaffaltiin bittaa, liqeessitoota,
miindaa hojjattootaa fi dhimmoota biraatiif ni kaffalama.
3) Qarshiin haala salphaadhaan socho’uu fi baduu waan danda’uuf hordoffii
cimaa barbaachisa. Akkuma sochiin maallaqaa taasifameen galmeen
barbaachisu raawwachuu qaba, kaffaltiifis ta’e galiif nagaheewwan
barbaachisan lakkoofsaan kan maxxanfamanii fi kan wal hordofan ta’uu qabu.
4) Faayinaansiin sochii bulchiinsa maallaqaa yeroo raawwatu maamila keessaa
(hojjattoota, adeemsota) fi maamila alaa (qaama mootummaa, dhaabbata
dhuunfaa fi daldaltoota adda addaa) waliin ta’a.
10) Sirna Sassaabbii Galii Maallaqaa
1) Galiin maallaqa, Cheekii, Unconditional bank guarantee, CPO fi nagahee
baankiitiin (Bank Advice) galii ta’uu ni danda’a, kunis sanada nagahee galii
Mallaqaa (CRV) irratti galmaa’uu qaba.
2) Nagaheen galii qophaa’ee itti gaafatamaa ilaallatuun mallatteeffamuu qaba.
3) Nagahee galii irratti “fudheera” chaappaa jedhu nagahee irratti dhahuun
qaama maallaqa kaffaleef kennamuu qaba.
4) Guyyaa guyyaadhaan galii funaaname galmee herregaa/journal/ irrattii koodii
herregaa galmeesuun maallaqa funaanameen wal bira ilaaluun guyyaa
guyyaan gara Baankiitti galuu qaba.
5) Galiin kamiyyuu kan sassaabamu gaaffii galii kutaa ilaallatu irraa dhiyaatu
irratti hundaa’uudhaan qofa ta’a.
6) Nagaheen galii yeroo haqamu “Void” ta’u koppiin hundinuu koppii paadii
irratti hafuun alatti kan hafe hundi faayila keessatti hidhamee taa’uu qaba.
7) Paadiin nagahee galii haaraan iddoo furtuu qabutti of eggannoon taa’uu qaba.

7
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

8) Lakkoofsi maallaqaa callaa saanduuqaa guyyaa guyyaadhaan raawwachuu


qaba.Yeroo lakkoofsi maallaqaa raawwatu qarshii qabaa fi hojjataan herregaa
battalumatti walii mallateessuu qabu.
9) Lakkoofsa maallaqaa irratti garaagarummaan caalmaan yoo jiraate nagahee
galiitiin galii ta’uu qaba. Garuu hir’inni maallaqaa yoo muldhate qaama
dhimmi ilaallatuuf gabaasa dhiyeessuun qabaan qarshii akka kaffalu ni
taasifama.hir’inni seeraan kan gaafachiisu yoo ta’e tarkaanfiin seera qabeessa
ta’e ni fudhatama.
10) Qabaan maallaqaa amanamoo ta’uu akka qabu of eggannoo taasisuun
barbaachisa, qarshii sanduuqaa fi dirreetti sochii irra jiruuf inshuraansiin
seenamuu qaba.
11) Qabaan maallaqaa kamiyyuu kaffaltii qopheessuu fi hojii herregaa hojjachuu
hin qabu.Garuu nagahee galiin ittiin funaanamu, foormii gaaffii, gabaasa piitii
kaashii fi gabaasa maallaqni baankii ittiin gale ni qopheessa.
12) Kaazinaan maallaqa, Cheekiiwwanii fi sanadoota keessa kaawuuf ni
barbaachisa.
13) Maallaqni qabeenya Intarpiraayizii hin taane kaazinaa Intarpiraayizichaa
keessa kaa’uun dhorkaa dha.
14) Nagaheen galii gaaffii Adeemsa Hojii Deeggarsa Bulchiinsa Faayinaansii fi
To’annoo Baajataatiin dhiyeessuun maxxanfama.
15) Nagaheen galii duraan dursee lakkoofsi tartiibaa kennameefii kan qophaa’u
ta’ee, akka to’annoof tolu lakkoofsi isaa asii hanga asiitti jedhamee baay’ina
paadii caqasuudhaan mana kuusaa Intarpraayizichaatti galii ni ta’a.
16) Lakkoofsi tartiiba nagahee galii eegamee sakatta’amuun baasii ta’ee hojii irra
ni oola.Yeroo hojii irra oolu lakkoofsa sirrii hin taaneen yoo qophaa’e,
lakkoofsi hin kennamneef yoo jiraate, akkasumas yoo hir’ate gabaasa
Tajaajila Oodiitii fi Inispeekshiniif dhiyeessuudhaan tarkaanfiin akka
fudhatamu ni taasifama.
17) Sanadoonni herregaa galmeen eega raawwatamee xumuramee booda
lakkaawamanii gara kutaa harshammee sanada walharkaa fuudhinsa
sanadaatiin darbuu qaban.
18) Maallaqni Intarpiraayizichaa sassaabamu Baankiitiin ta’e haala dirqisiisaa yoo
ta’e qofa hamma qarshii 5,000.00 (kuma shan) qabaa maallaqaa ykn hojjataa
maallaqa sassaabuu akka danda’u xalaayaadhaan bakka bu’e qofaan
sassaabama.
19) Kaffaltiin maallaqa galii ta’e irraa hin raawwatamu. Galiin funaaname
maallaqa biraatiin adda bahee hanga Baankiitti galii taasifamuutti kaazinaa
keessatti ni qabama.
20) Galiin hundinuu yeroo raawwatamu galmeeffamni herregaa barbaachisaa ta’e
hundi ni raawwata.

8
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

21) Qabaan maallaqaa yeroo qaxaramuu fi ramadamu wabii dhiyeeffachuu qaba.


Raawwiin isaa akkaataa qajeelfama Adeemsa Deeggarsaa Bulchiinsa
Qabeenya Namaa fi Jijjiirama hojii irra jiruun ta’a.
22) Maallaqni galii ta’u maamila keessaa (hojjattoota, adeemsaa fi kkf) fi maamila
alaa (daldaltoota, liqeeffattoota, qaama mootummaa fi kkf) irraa gurgurtaa,
maallaqa sassaabamaa, liqii, adabbii fi kkf irraa Adeemsa Deeggarsa
Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataatiin ragaa dhiyaate irratti
hundaa’ee hordoffii taasisuun sassaabama.
11) Sirna Raawwii Kaffaltii Xixiqqa (Petty Cash)
1) Kaffaltii sochii guyyaa guyyaa keessatti baasii xixiqqaaf kaffaltii raawwatu
dha.
2) Kaffaltii xixiqqaan (petty cash) Waajjira Olaanaa, Damee fi Qonnaa irratti
waliigalaan marsaa tokkoof Qr 50,000.00 (Kuma Shantama) sanada tokkoof
hanga Qr 5,000.00 (Kuma shan) ta’a.
3) Sochii oppireeshinii fi kaffaltii adda addaa qonnaa irratti raawwatuuf
maallaqa barbaachisu akkaawontii baankii qonni itti fayyadamu iddoo
qonnaaf kalaahutti banuun, dameen gaaffii qonni dhiyeessu irratti hundaa’ee
maallaqa akkaawontii qonnaatti galii taasisuun qonni itti fayyadamee
herrega dameetti of irraa akka buusu ni taasifama.
4) Kaffaltiin kamiyyuu yeroo dhiyaatu kaffaltii raawwachuun duratti
harshammeewwan barbaachisanii fi foormiiwwan guutamuu qaban hundi
guutamuu fi itti gaafatamaa ilaallatuun mirkanaa’uu qabu.
5) Kaffaltiin tokko osoo hin raawwatiin dura hojjataan kaffalamuuf maallaqa
duraan baase of irraa buusuu isaa mirkaneessuu qaba.
6) Baasiin sanada baasii yeroo (suspense voucher) itti gaafatamaa ilaallatuun
mirkanaa’uu qaba. Hojjataan tokko hojii dirree irraa deebi’ee guyyaa 3
(sadi) keessatti herrega isa irra jiru buusuu qaba.
7) Hojjetaan qabaa maallaqaa mallattoo mirkaneessitootaa akka fakkiitti ni
qabata.Yommuu sanadni kaffaltii dhihaatu mallattoo akka fakkiitti qabate
waliin ilaalee sirrii ta’uu isaa mirkaneeffachuu qabaata.
8) Sanadoonni dhiyaatan sirriin kaffalamuu isaanii mallattoo fudhataatii fi itti
gaafatamaa ilaallatuun mirkanaa’uun ilaalamee sanadoota barbaachisaa
sakatta’uun foormiin “petty cash report & request form” guutamee
mallattaa’uun koppii tokkoon cheekiin akka qophaa’ee bakka bu’u ta’a,
harshammee kaffaltiin ittiin raawwate hunda irratti chaappaan “bakka
bu’eera “ykn “Replenished” jedhu ni godhama.
9) Kaffaltiin xixiqqaa (Petty cash) qophaa’ee yeroo dhiyaatu itti gaafatamaa
ilaallatuun mirkanaa’uu qaba.
10) Sanadni kaffaltii xixiqqaa (Petty cash) lakkoofsa tartiibaatiin koppii
barbaachisaa ta’e qabaatee akka maxxanfamu ni taasifama.

9
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

11) Sanadoota mirkanaa’anii kaffaltiif dhiyaatan lakkoofsa maxxanfame kan


qabanii fi maqaa Intarpiraayizichaa kan ibsu ta’uu mirkaneeffachuun
kaffaltii raawwachuu.
12) Chaappaan “paid” jedhu sanadoota kaffaltii fi harshammee kaffaltiin
walqabatan irratti dhahamuun gara harshammee darbuu qaba.
13) Kaffaltiin kamiyyuu seera qabeessa ta’uu kan danda’u harshammee fi
nagaheen maallaqni ittiin kaffalame yoo wal-qabatee fi qaamni maallaqa
fudhatu vaawucharii baasii irratti mallatteessee yoo fudhate qofa ta’a.
14) Adeemsa Deeggarsa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataa gaaffii
kaffaltii xixiqqaa hojjattoota keessaatiif maamila alaa irraa dhiyaatu
keessummeessuun kaffaltii ni raawwata.
15) Koodii sanada kaffaltii (PV) irratti galmaa’e sirrii ta’uu mirkaneeffachuun
qabaan maallaqaa guyyaa guyyaadhaan sanada “Replenishment” irratti
galmeessuun ida’ee maallaqa hafeen wal madaalsisuu qaba.
16) Maallaqni callaan maallaqa galii biroon adda bahee taa’uu qaba.
17) Maallaqni bakka bu’uu yeroo barbaachisu “petty cash” murtaa’e irraa %75
hojii irra ooluun yeroo mirkanaa’e “petty cash report & request form” irratti
ida’amee sanadootaaf maallaqa hafe adda baasuun gara hojjataa herregaatti
darba.
18) Kaffaltiin kamiyyuu raawwatamuun dura ragaan gahaa ta’e kan guutamee fi
kan baajanni qabameef ta’uu isaa mirkanaa’uu qaba.
12) Sochii Herrega Baankii
1) Akkaataa Labsii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Hojii
Gaggeessaa Ol’aanaan akkaawuntii Baankii maqaa Intarpiraayiziitiin banuu
fi namoota mallatteessaniif aangoon bakka bu’insaa kennuun kennameefii
jira.
2) Haaluma lakkoofsa 1 jalatti ibsameen herrega Baankii adda addaa Damee fi
Qonnaa irratti banuu, cufuu fi mallatteessitoota ramaduu fi jijjiiruu ni
danda’a. Akkasumas maqaa namoota mallatteessaniif aangoo isaanii ibsuun
mallattoo akka kennan ni taasisa.
3) Maallaqni Intarpiraayizichaa herrega Baankii gosa sadiin socho’a.
a) Herrega Qusannaa Maallaqni Baankiitti herrega qusannaa keessa galu
faayidaan isaa qarshii yeroo dheeraa sochii malee Baankii keessa taa’u
irraa dhalli waan argamuuf galii dabaluu keessatti gahee ol’anaa qaba.
b) Herrega Baankii Sosocho’aa ykn yeroo: Maallaqni herrega Baankii
qusannaa keessaa gara herrega yeroo dhangalaasuu kan danda’amu
xalayaa ajaja hooggantoota Intarpiraayizii cheekii akka mallatteessan
aangoo kennameef qofaan ta’a.
c) Herrega Baankii cufamaa Maallaqni herrega Baankii cufamaa keessaa
gara herrega yeroo fi herrega qusannaa dhangalaasuu kan danda’amu

10
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

akkaataa waliigaltee Intarpiraayizii fi Baankiin taasisaniin xalayaa ajaja


Hooggantoota Intarpiraayizii cheekii akka mallatteessan aangoon
kennameef qofaan ta’a.
2.2.1. Maallaqa Baankiitti Galii Taasisuu
1. Maallaqni gara Baankiitti galii ta’u maallaqaan, Cheekii, CPO fi “Bank transfer”n
yoo ta’u lakkoofsa herrega Baankii Intarpiraayizichaa sirriitti ibsamuu isaa adda
baasuun barbaachisa.
2. Baankiin nagahee galii (Bank Advice) haala asii gadiitiif ni kenna.
I. Galii maallaqaan galeef nagahee kennamu.
II. Galii CPOn galuuf nagahee kennamu.
III. Qarshii ergaan galuuf (Credit Advice).
3. Baankiin nagahee galii (Advice) kooppii barbaachisaan qopheessuun hojjataan
Baankii mallatteessuu fi chaappaa itti rukutuu mirkaneeffachuun nagaheewwan
Baankii hundi galmee Baankii irratti galmaahuu qabu.
4. Itti gaafatamaa Adeemsa hojii deeggarsa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo
Baajataatiin torban torbaniin maallaqni Baankii keessa jiru ilaalamee Hojii
Gaggeessaa Ol’aanaatiif dhihaata.
5. Nagaheen Baankii (Bank Advice) hundi nagahee galii irratti qophaa’ee sanadoota
sakatta’uun galmeeffamni barbaachisu Adeemsa Hojii Deeggarsa Bulchiinsa
Faayinaansii fi To’annoo Baajataatiin raawwatee gara harshammeetti darba.
6. Maallaqni Baankiitti galii ta’u hojjattoota Intarpiraayizii qaama mootummaatii fi
maamila alaa biroo irraa kan galu yommuu ta’u Adeemsa Hojii Deeggarsa
Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataa Baankiidhaan wal quunnamuun
hordoffiii taasisa.
2.2.2. Kaffaltii Baankii
1. Kaffaltiin gama Baankiitiin raawwatu Ckeekiidhaan, Xalayaa (Transfer letter),
“Mobile Banking” - akkaataa waliigaltee Baankii fi Intarpiraayizicha gidduu jiruun
hojii irra ni oola, “Payment letter through individuals account number” fi “CPO”
dhaan kaffalamuu ni danda’a.
2. Kaffaltii “Letter of credit (LC)” dhaan raawwatu haalli raawwii isaa qajeelfama
Baankiin biyyoolessaa yeroo yeroodhaan dabarsuun ta’a.

11
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

3. Kaffaltii “Overdraft “akkaataa waliigaltee Baankii fi Intarpiraayizicha gidduutti


taasifamuun hojii irra ni oola.
4. Baankiin cheekii maqaa Intarpiraayizichaatiin maxxansee qopheessuu fi kaffaltii
Baankii tokko irraa gara Baankii biraatti dabarsuun xalayaa (Transfer Letter)
fayyadamuun kaffaltiin ni raawwata.
5. Baankiin akkaataa gaaffii Intarpiraayiziin dhiyeessuun Cheekii maqaa
Intarpiraayizichaatiin lakkoofsa herregaa fi tartiibni lakkoofsa sirrii ta’uu ilaaluun
maxxansee kenna.
6. Cheekiiwwan ajajamanii fudhataman tartiibni lakkoofsa cheekii sirrii ta’uu isaa
achumatti ilaalamee mirkanaa’uu fi yoo rakkoo qabaate battalumatti Baankii
beeksisuu barbaachisa.
7. Cheekii Baankiin ajaja Intarpiraayiziitiin maxxanse fuudhuun galii fi baasii erga
ta’een booda Baankii Baankiidhaan adda bahee galmee irratti galmeeffamee
qabamuu qaba.
8. Cheekiin haaraan Baankii irraa fuudhame qabduu maallaqaa biratti kaazinaa
keessatti itti cufamee ni taa’a, kan itti hojjatamaa jiru qaama cheekii qopheessu
harka of eeggannoon taa’uu qaba.
9. Kaffaltii xalayaan kaffalamuuf Baankiin “Debit Advice” kenna.
10. Herregni Baankii Intarpiraayizichaa kan socho’uu danda’u mallattoo yoo xiqqaate
nama lamaatiin ta’uu qaba.
11. Namoonni cheekii irratti mallatteessan Hojii Gaggeessaa Ol’aanaa yookiin Itti
Aanaa Hojii Gaggeessaa Olaanaa fi Adeemsa Hojii Deeggarsa Bulchiinsa
Faayinaansii fi To’annoo Baajataa akkasumas qaamota Hoogganaa Olaanaa
Intarpiraayizichaatiin akka mallatteessaniif bakka bu’insi kennameen ta’a.
12. Kaffaltii raawwachuun duratti gaaffiin kaffaltii dhiyaatu hundi Baajata qabaachuu
mirkaneessuu barbaachisa.
13. Kaffaltiin cheekii fi xalayaadhaan raawwatamu nagahee baasii irratti qophaa’ee itti
gaafatamaa ilaallatuun mirkanaa’uu qaba.
14. Cheekiin kobbee ykn taayippiraayitariidhaan ni barreeffama guyyaan garuu
chaappaa (Date stump) ykn barreeffamaan ta’uu danda’a.

12
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

15. Cheekii duwwaa irratti qaama aangoo mallatteessuu qabuun mallattaa’uun dhorkaa
dha.
16. Kaffaltiin cheekii fi xalayaadhaan raawwate akka kaffaltii biraatiif hin dhihaanne
ragaa kaffaltiidhaaf dhihaate tokko tokkoo isaanii irratti chaappaan “kaffalameera”
ykn “PAID” jedhu itti dhahamuu qaba.
17. Cheekiin “VOID” ta’e cittuu cheekii (check stub) irratti qabsiifamee taa’uu qaba.
18. Sanadni kaffaltii cheekii galmee irrattii guyyaa, lakkoofsa sanada kaffaltii,
lakkoofsa cheekii, qaama kaffalameef, sababa kaffaltii, hamma maallaqaa tartiiba
lakkoofsa cheekiitiin guyyaa guyyaan galmaa’uu qaba.
19. Cheekiin haaraan yommuu baasii ta’u guyyaa inni baasii ta’e lakkoofsi cheekii
jalqabaa hanga dhumaatti, eenyu akka baasii godhee fi mallattoon nama baasii
godhee sirriitti galmaa’ee taa’uu qaba. Paadiin cheekii hojii irra oolee galmaa’ee
kutaa harshammeetti galii ta’uu qaba.
20. Yeroo cheekiin qophaa’u hammi qarshii lakkoofsaa fi qubeedhaan erga sirriitti
barreeffamee booda iddoon duwwaan yoo jiraate sararamuu qaba. Barreeffamni kan
jalqabu moggaa gara bitaatiin iddoo osoo hin hambisiin ta’a.
21. Kaffaltiin cheekii osoo hin qophaa’iin dura maallaqni gahaa ta’e Baankii keessa
jiraachuu isaa mirkaneeffachuun barbaachisaa dha.
22. Gaaffiin kaffaltii tokko aangoo kenname (eeyyamamee) ol yommuu ta’u kaffaltii
sana raawwachuuf cheekii addaan hiranii qopheessuun dhorkaa dha.
23. Cheekiin yommuu qophaa’u ragaan baala ckeekii deemu irratti barreeffame hundi
cittuu cheekii (Cheque stub) irratti sirriitti guutamuu qaba.
24. Cheekiin itti hin hojjatamiin yoo bade battalumatti Baankiin akka kaffaltii hin
raawwanne lakkoofsa cheekii bade ibsuudhaan kaffaltiin akka dhaabbatu (stop
payment) taasifamuu qaba.
25. Cheekiin qaama fudhatuun yoo ta’e malee gonkumaa “Self” ykn “cash” jechuun
qophaa’uu hin qabu.
26. Cheekiin maamilaaf qophaa’uu kan qabu guyyaa qophaa’e yoo kaffalamuu danda’e
qofa.

13
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

27. Nagahee kaffaltii cheekii hunda irratti galmeeffamni herregaa barbaachisaan ni


raawwatama. Tartiiba lakkoofsa isaani kan eegan ta’uu akkasumas kan haqamee fi
laaqame yoo jiraate ilaalamuu qaba.
28. Kaffaltiin cheekiin raawwatamu hamma “petty cash” ol ta’uu isaa qopheessuun
dura mirkaneessuu barbaachisa.
29. Kaffaltiin cheekii qarshii 1,000,000.00 (Miliyoona tokkoo) fi isaa ol yoo ta’e
xalayaa dhugoomsaa (Confirmation letter) qophaa’ee cheekii waliin gara Baankiitti
ergama.
30. Kaffaltiin cheekii kan qophaa’u hojjattoota keessaatii fi maamila alaa (daldaltoota,
dhaabbata mootummaa, dhaabbata dhuunfaa fi kkf) yommuu ta’u akkaataa
gaaffiitiin Adeemsa Hojii Deeggarsa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo
Baajataatiin qophaa’ee kaffaltiin raawwata.
2.2.3. Araarsa Herrega Baankii
1. Ji’a ji’aan Baankii irraa “Bank statement” ni fuudhama.
2. “Statement” dhufe ka’umsa godhachuun galmee herrega waajjiratiiin (Enterpirise
Ledger) waliin araarsi herrega Baankii ni raawwata.
3. Araarsi Baankii hojjatamee kooppiin isaa ji’a ji’aan faayila ta’uu qaba.
4. Araarsi Baankii jiini seenee yoo bay’ate hanga guyyaa 10tti raawwatamuu qaba.
5. Araarsi Baankii hojjatamee dogoggorri Baankii yoo argame battalumatti
Baankiidhaaf barreefamaan gaaffii dhiyeessuun dogoggorri akka sirreeffamu
taasisuun barbaachisaa dha.
6. Araarsi herrega Baankii Waajjira Ol’aanaa, Damee fi Qonna irratti qophaa’a.
7. Gabaasni Araarsa Baankii Qonnaa irraa jiini seenee guyyaa 15 ffaa irratti Dameedhaaf
ni gabaafama, Dameen jiini seenee guyyaa 18ffaa irratti gabaasicha Qonnaa fi
Damee qindeesuun gara Waajjira Olaanaa ni dabarsa, Waajjirri Olaanaan
Gabaasicha Dameelee fi kan Waajjira Olaanaa qindeesuun qaama dhimmi ilaaluuf
guyyaa 20ffaa irratti ni dabarsa.

2.3. Herreega Sassaabamaa fi Kaffalamaa (Account receivable &


Account payable)
2.3.1. Herreega Sassaabamaa

14
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

1. Herreegni sassaabamaan gatii qabuun (gatii isaatiin) galmaa’a. Herreegni


sassaabamuuf shakkisiisu yoo jiraate ragaa xiinxala umrii herreega sassaabamuu
(Age Analysis) Adeemsa hojii Deeggarsa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo
Baajataatiin kurmaana kurmaanaan dhihaatu bu’uureffachuun murtii
manaajimeentii Waajjira Olaanaa irraa kennamu irratti hundaa’uun of eggannoo
(Provision for Doubtfull account)’n kan qabamu ta’a.
A. Idaa Daldaltootaa fi kan Biroo (Trade, Pre-payment and sundry Debtors)
1. Idaan daldaltootaa Intarpraayiziin dhaabbata mootummaas ta’e dhuunfaa ykn
namoota dhuunfaaf sanyii oomishee fi tajaajila liqiin gurguru yommuu ta’u,
herregni isaa sassaabamaa (receivable) n galmaa’ee kan turu dha.
2. Chaartiin herregaa (chart of account) Intarpiraayizicha keessatti adda bahee kan
beekamu lakkoofsa herreega sassaabamaa (General Account) qabaachuu qaba.
3. Chaartii herreegaa (chart of account) keessaa itti gaafatamaa ilaallatuun kan
mirkanaa’e herreega sassaabamaa (Subsidiary Account) banamuu qaba. Haata’u
malee, abbaa idaa tokkoof lakkoofsi herreegaa lama banamuu hin qabu.
4. Adeemsa Deeggarsa Bulchiinsa Faayinaansii fi Too’annoo Baajataa liqii qaama
adda addaa irra jiru ji’a ji’aan sirrii ta’uu isaa ilaalee haala waliigaltee jiruun
kaffalaa jiraachuu isaanii hordoffii taasisuu qaba.
5. Leejariin qaama idaan irra jiruu baalaansii kireediitii yoo agarsiise galmeessuu
irratti yoo dogoggorri uumameera ta’e abbaa idaan sun irraa barbaadamuuf gaaffiin
dhihaatee fi waliigaltee uumuun sirraa’uu qaba.
6. Dhuma bara baajataa irratti herrega sassaabamaaf ibsa umrii (Age Analysis)
Adeemsa Deeggarsa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataatiin qophaa’ee
itti gaafatamaa olaanaa Intarpiraayizichaatiif dhiyaata.
7. Herreegni sassaabamaan osoo hin sassaabamiin waggaa tokko yoo ture
manaajimantiif dhiyaatee liqiin sun funaanamuu hin danda’amu jedhamee yoo
shakkamee (Provisions for doubtful account)’n qabamuu qaba.
8. Liqiin funaanamuu hin danda’u jedhamee “Provision” qabame tokko yoo tasa
funaaname, galmeen isaa sirraa’ee ibsa bu’aa fi kisaaraa irratti cufamuu qaba.
9. Liqiin funaanamuu qabu yeroo murtaa’e keessatti osoo hin funaanamiin yoo hafe
hordoffiin barbaachisaa ta’e qaama dhimmi ilaaluun taasifamuu qaba. Liqiin osoo

15
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

hin funaanamiin yeroo dheeraa yoo ture qaama liqiin sun irra jiruuf seeraanis ta’e
gama adda addaatiin gaaffii dhiyeessuudhaan waliigaltee irra yoo gahame akka
kaffalamu taasisu. Garuu akka hin sassaabamne yoo shakkame Hoogganaa
Intarpraayizichaatiif dhiyeessuun (Provisions for doubtful account receivable)
jedhamee akka galmaa’u murtessisiifama. Haata’u malee, herreegni sassaabamaan
(Receivable) yeroo raawwatu herreegni shakkisiisaan akka hin baay’anne of
eeggannoo cimaa taasisuu barbaachisa.
10. Gurgurtaa fi idaan adda addaa Intarpiraayizii Gama Adeemsa Hojii Deeggarsaa
Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataatiin sassaabama.
11. Herreegni sassaabamaan ji’a sadi sadiin herreega maamilaa faana ilaalamee hojiin
araarsa herreega sassaabamaa Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii
fi To’annoo Baajataatiin ni hojjatama.
12. Akkaataa yeroo waliigalteetiin maamila dhiyaatee idaa isaa osoo hin kaffaliin hafe
xalayaan akeekkachisaa itti baarraa’a.
13. Xalayaa akeekkachiisaatiin maamilli idaa hin kaffaliin gama tajaajila seeraa
Intarpiraayizichaatiin hordofamee akka deebisu taasifama.
14. Kaffaltiin kiraa manaa, inshuraansii, tiraansiitii fi kkf kaffaltii dursaatiin kan
walqabatan (pre- payment) dhuma baajata waggaatti akkaataa hojii irra oolmaan
isaanii qulqullaa’uun baasii herreegaatti galmeessuun sirreeffamni (adjustment)
barbaachisaan ni taasifama.
15. Herreegni sassaabamaan galmee irraa akka haqamu taasisuuf dursa sassaabamuu
akka hin dandeenye (Write off bad debt) koree herreega qulqullessuu Hojii
Gaggeessaa Olaanaatiin hundaa’uun qulqullaa’ee mirkanaa’uun Boordiif
dhiyaachuu qaba, qulqulleessuuf dhimmoota barbaachisan:-
I. Maamilli biyya keessaa baduun isaa seeraan yoo mirkanaa’e.
II. Qabeenyi maamilaa balaa umamaatiin baduun seeraan yoo mirkanaa’e.
III. Maamilli yoo du’aan boqatee fi qabeenya kamiyyuu kan hin qabne ta’uu
seeraan yoo mirkanaa’e.
IV. Kisaaraan maamilaa (Bankrupcy) seeraan yoo mirkanaa’e fi kkf.
B. Liqii Hojjattootaa (Staff Debtors)

16
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

1. Hojjattonni dhaabbii Intarpiraayizichaa rakkoo fi sababoota adda addaatiif liqii


ji’aa, kaffaltii durgoo dursaa fi liqii miindaa yeroo dheeraa adeemsa hojii ilaallatu
irraa foormii qophaa’e guutuun yeroo mirkanaa’u nagaheen kaffaltii qophaa’e
qaamni ilaallatu mallatteessuun kaffaltiin ni raawwata.
2. Hojjattoota Intarpiraayiziitiif koodii herreegaa (Subsidary Ledger) waajjira keessatti
beekamaa ta’etu kennamaaf, hojjataa tokkoof koodii herreegaa lama akka hin
banamne of eegganno taasisuun murteessaa dha. Dabalataan maqaa fi lakkoofsa
hojjataatiin kaardiin (subsidiary ledger) banamee liqiin kenname guyyaa
guyyaadhaan galmaa’a.
3. Galmeeffamni idaa koomputaraa fi kaardii irratti galmaa’ee ji’a ji’aan ilaalamee
sirreeffamni barbaachisaan ni raawwata.
4. Idaan hojjattoota Intarpiraayizichaa irraa barbaadamu sirriitti ilaalamee miindaa
hojjattootaa peeyirooliidhaan cituu qaba.
5. Hojjattoota Intarpiraayizii sababa adda addaatiif maallaqa liqeeffatani kaffaluun
irraa eegamuu fi kan hin kaffaliin Adeemsa Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi
To’annoo Baajataatiin hordofuun akka kaffalan ni taasisa.
6. Liqii fi idaan garaagaraa hojjettoota irraa citu akkaataa qajeelfama Adeemsa Hojii
Deeggarsaa Bulchiinsa Qabeenya Namaa fi Jijjiirama Hojiitiin kan raawwatu ta’a.
2.3.2. Herreega Kaffalamaa (Account Payable)
1. Herreegni kaffalamaan sanada waliigaltee seera qabeessa ta’e qabaachuu qaba.
2. Chaartii herrega intarpiraayizii (Chart of account) keessatti adda bahanii qaama
idaan kaffalamuuf “General Account” jiraachuu qaba.
3. Qaama idaa barbaadu tokkoof koodii herregaa lama akka hin banamne of eeganno
taasisuun murteessaadha. Dabalataan maqaa fi lakkofsa idaa barbaadaatiin
“subsidiary ledger” banamee itti gaafatamaa ilaallatuun mirkanaa’ee liqiin
fudhatame batalumatti galmaahu qaba. Galmeen herrega isaas akkuma dhiyaateen
raawatamuu fi yeroo kaffaltii isaa adda baasuun galmeessuu barbaachisa.
4. Yeroo bittaan duubee ykn ganshoo raawwatu gaaffii sanada duubee dhiyaate, ajaja
bittaa ykn tajaajilaaa akkasumas meeshaa galii ta’e akkaataa sanadaatiin
sakatta’amanii mirkanaa’u.

17
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

5. Maqaa gaarii Intarpiraayizichaa eeguuf amanamaa ta’uu mirkaneessuuf idaawwan


(Payable) yeroo isaanii eeguun kaffaltii raawwachuu barbaachisa.
6. Kaffaltii gibira hojii (Income Tax) fi soorama peeyiroolii irratti hir’ifaman idaa
Intarpiraayizichaa waan ta’aniif akkaataa labsii mootummaan baaseen Biiroo
dhimmi ilaallatuuf kaffaltiin raawwachuu qaba.
7. Idaawwan yeroon kaffaltii isaanii ga’e kaffaltii qopheessuun sanada liqeessitootaaf
harshammee ilaallatu walqabsiisuun kaffaltiin ni qophaa’a.
8. Akkaataa sanada dhiyaatuun kaffaltiin maallaqa, cheekii, xalayaa dabarsaa fi kkf
qophaa’ee itti gaafatamaa ilaallatuun mirkanaa’ee kaffaltiin ni raawwata.
9. Sanada kaffaltiin itti raawwate koodiin herreegaa sirrii ta’uu ilaaluun ni
galmeeffama.
10. Galmee irratti lakkoofsa sanada ittiin kaffalamee fi nagahee liqeessaa wal
simsiisuun kaffaltiin raawwachuu mirkaneeffachuu barbaachisa.
11. Akkaataa ibsa liqeessitootaatiin barri isaanii kan adda bahe ta’uu kan mul’isu “Age
Analysis” qopheessuu fi yeroo eeguun kaffaltii raawwachuu barbaachisa.
12. Idaan itti fufinsa kan qabu yoo ta’e ji’a ji’aan ibsa qopheessuun mirkaneessuu,
liqeeffataa beeksisuu fi dub deebii fudhachuu.
13. Akkaataa ibsa herreegaatiin garaagarummaan idaa uumame yoo jiraate sakatta’uun
sirreeffamni hojjatamuu qaba.
14. Leejariin kaffalamaa baalaansii Deebitii yoo agarsiisee fi galmeessuu irratti yoo
dogoggorri uumameera ta’e abbaa kaffaltiin raawwatamuuf gaaffiin dhiyaatee
waliigalteen godhamee sirraa’uu qaba.
15. Kaffaltii darbiinsa yerootiin dhorkame dhuma waggaa irratti galii adda addaatiin
galmaa’uu qaba.
16. Idaa Intarpiraayiziin qaama mootummaa fi miti mootummaa irraa liqeeffate yeroo
eegee qaama kaffalamuu qabuuf gama Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa
Faayinaansii fi To’annoo Baajataatiin kaffaltiin ni raawwata.
17. Bara baajataa hunda keessatti boqonnaan waggaa, kaffaltii tajaajilaa (severance
payment) fi kkf qulqullaa’ee adda ba’ee karaa Adeemsa Hojii Deeggarsaa
Bulchinsa Qabeenya Namaa fi Jijjiirama hojiitiin yommuu dhiyaatu herreega

18
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

kaffalamaadhaan galmaa’uun ibsa bu’aa fi kisaaraa Intarpiraayizichaa keessatti


baasiidhaan mul’achuu qaba.
2.4. Sirna Bulchiinsa Liqii Baankii
1. Intarpiraayizichi liqii Baankii irraa gaafatuuf qabeenya dhaabbataa (collateral)
qabsiisuu gaafatuuf Boordii Intarpiraayizichaa hayyamsiisuu qaba.
2. Intarpiraayizichi liqii Baankii bittaawan adda addaa fi hojii adeemsiftuudhaaf
liqeeffatuuf foormaaliitii Baankiin barbaadu hunda guutuun Baankiif dhiyeessa.
3. Hojii Gaggeessaa Olaanaan Intarpiraayizichaa Baankii waliin waliigaltee liqii ni
mallatteessa.
4. Intarpiraayizichi liqii Baankii irraa argate Adeemsi Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa
Faayinaansii fi To’annoo Baajataa hordofee akka kaffalu ni taasisa.
5. Adeemsi Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaasii fi To’annoo Baajataa herreega
liqii Baankii akkaataa waliigalteetiin idaa fi haftee idaa galmeessee qabuun kan
hordofu fi kaffaltii kan qindeessu humna namaa ni ramada, ni gurmeessa hordoffii
barbaachisus ni taasisa.

2.5. Galmeeffama Istookii fi Meeshaa Dhaabbataa (General Stock,


produce & Fixed Asset)
2.5.1. Istookii (Stock)
1. Mana kuusaa kan jiruu fi tajaajila adda addaatiif kan oolu meeshaa dhumataa,
oomishaa fi kkf jechuu dha. Meeshaan mana kuusaa jiruu fi kan bitamee gale gatii
qabaachuu qaba. Gatiin kuufama adda addaa (Stock price) kan jiru yommuu ta’u
Intarpiraayiziin meeshaa socho’uu fi hin sochoone kan qabu waan ta’eef yeroo
kuufama irra jiran “moving average method” fayyadama. Hordoffiin yeroo
yeroodhaan taasifamuu qaba. Haata’u malee, garaagarummaan yeroo argamu
akkaataa barbaachiseen eeggannoo (provision) qabachuun barbaachisaa dha.
2. Bittaa qabeenyaatiin wal qabatee Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti
Biiroon Dhaabbilee Misoomaa dambii baasee fi qajeelfama bittaa Intarpiraayizii
sanyii filatamaatiin kan raawwatu ta’a.
3. Bittaan baajataan kan raawwatu ta’ee akkaataa barbaachisummaa isaatiin
Intarpiraayizichi qajeelfama bittaa hordofee kan raawwatu ta’uu qaba. Kaffaltiin
bittaa akkaataa waliigaltee umameen ta’a.

19
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

4. Lakkoofsa 2.6.1 qabxii 3 irratti haala ibsameen meeshaa dhumataa hojii


waajjiraatiif barbaachisu biyya keessaas ta’e biyya alaa qaama dhiyeessu irraa gatii
sirrii ta’een fudhachuu ykn gatii gabaa yeroo sanii shallaguun galii taasisuun
akkasumas tajaajilaaf gaaffiiwwan dhiyaatan bu’uureffachuun galmeeffamni
barbaachisaan ni raawwata.
5. Dhuma bara baajataatti bittaan raawwatee gara mana kuusaa oso hin galiin hafee fi
karaa irra kan jiru yoo ta’e “Goods in transit” jedhame galmaa’uu qaba.
6. Bittaa qabeenya dhumataa raawwachuuf gaaffii Adeemsa hojii Deeggarsaa Bittaa fi
Bulchiinsa Qabeenyaa irraa Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi
To’annoo Baajataatiif dhiyaatee sanadni barbaachisaa ta’e guutamuu sakatta’uun
bittaa dhiyaateef kaffaltiin maamila alaaf ykn gama hojjataa bittaatiin raawwata.
7. Maallaqni bittaaf dursaan bahii ta’e kaffaltiin raawwatee herreegni isaa guyyaa 20
keessatti bu’uu qaba.
8. Intarpiraayiziin meeshaa bitamanii galii ta’an “Goods receiving Report”, meeshaa
baasii ta’ee tajaajila osoo hin kenniin hafee gara mana kuusaa ittiin deebi’u “Return
slip” tartiiba lakkoofsaatiin maxxanfamuun tajaajila kan kennu ta’a.
9. Meeshaan bitamee galii ta’ee “stock card” irrattii fi kompuutara irratti galmaa’uu
qaba.
10. Meeshaa bitamee galii ta’eef sanadni wal qabsiifamee Adeemsa Hojii Deeggarsaa
Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataatti yeroo dhiyaatu foormii sirrummaa
meeshaa ibsu “Inspection list” walqabsiifamee dhiyaachuu qaba. Galmeen
herreegaa barbaachisu ni raawwata.
11. Meeshaa gara mana kuusaa deebi’u yeroo “return slip”n qophaa’u lakkoofsaa fi
guyyaa sanada baasii ittiin ta’e barreessuun galmeeffamni herreegaa ni taasifama.
12. Meeshaan bitames ta’e boba’aan sanada ittiin bitame irratti (Invoice) gatii fi
ashuuraa (Tax) yoo irratti dabalamee jiraate keessaa hir’isuun gatii sirriitiin
kaa’uun barbaachisaa dha.
13. Sanadoota galii meeshaa irratti itti gaafatamaan mallatteessuu qabu ni mallatteessa,
wal hordofiinsi lakkofsaas eegamuu qaba.
14. Meeshaa dhumataa bitamee gama Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bittaa fi Bulchiinsa
Qabeenyaatiin galii ta’e sanada galii Adeemsi Hojii Deeggarsa Bulchiinsa

20
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

Faayinaansii fi To’annoo Baajataa irraa fudhachuun galmeeffama herreegaa


barbaachisu raawwata.
15. Intarpiraayiziin meeshaa hojii irra oolchuuf yeroo mana kuusaatii baasii godhu
“Store Issue Voucher”, meeshaan mana kuusaa tokko irra gara mana kuusaa biraa
yeroo darbu “Inter store Transfaer Voucher”, sanada baasii boba’aa “Fuel Issue
Voucher” akkasumas meeshaa dhaabbii suphaman kan ittiin ergamu “Repair and
refill items Despach Voucher”, gaaffii meeshaatiif “Store Requisition” ta’ee
lakkoofsa wal hordofaa “Pre-numbered” ta’een maxxanfamuu qaba.
16. Sanadni “Inter store Transfer Voucher” mana kuusaa tokko irraa gara mana kuusaa
biraatti ittiin dabarfamuu fi sanada meeshaan baasii ittiin ta’u qopheessuun dura
Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataatti
dhiyaatee gatiin meeshichaa “Store Requisition” irratti guutamee itti gaafatamaa
ilaallatuun mallattaa’a. Sanadni “Store Requisition” sanadoota baasiitiin walitti
hidhamuu qaba.
17. Meeshaa dhumataan baasii ta’u kamiyyuu sanadoota irraa akkaataa gatii giddu
galeessaa (Moving Average)’n guutama.
18. Sanadoonni meeshaa fi boba’aan baasii ittiin ta’an battalumatti gara qaama
ilaallatutti bittinnaa’uu qaba.
19. Nagahee baasii meeshaa fi boba’aa guyyaa guyyaan qaqqaban ibsa fayyadaminsa
meeshaa (material consumption analysis sheet) fi ibsa fayyadaminsa boba’aa (fuel
consumption analysis sheet) irratti ibsamee galmaa’uu qaba.
20. Sanadoota irratti haqamaa fi laaqamni yoo jiraate itti gaafatamaa mirkaneesseen
iddoon haaqamee fi laaqame sababaa fi mallattoon mirkaneeffamuu qaba.
21. Tartiibni lakkoofsa nagahee hir’achuu akka hin qabne beekamaadha, sanadoonni
haqaman (VOID) lakkoofsa isaanii eeganii kan paadii irratti hafu qofa hanbisuun
hordoffiif akka mijaa’u gara Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi
To’annoo Baajataatti ergama.
22. Meeshaa fi boba’aa nagahee baasii irratti ibsaman dhuma ji’aa irratti ida’uudhaan
galmeeffamni herreegaa barbaachisaa ta’e koodiin ibsamee ni raawwata.

21
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

23. Adeemsi Hojii Deeggarsa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataa sanada


baasii meeshaa (SIV) Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa
irraa fudhachuun galmeeffama herreegaa barbaachisaa ta’e ni raawwata.
24. Intarpiraayizichi sanyii fi midhaan nyaataa gosa adda addaa akkasumas bunaa fi
kanneen biroo mul’ata Intarpiraayizichaa galmaan ga’uuf ni oomisha. Oomisha
kana akkaataa seera qabeessa ta’een gara mana kuusaatti galchuun akkaataa
barbaachisummaa isaatiin qulqulleessuun fayyadamtootaaf gurgurtaa kallattii,
qoodinsaa fi caalbaasiin raawwachuun mana kuusaatii baasii ta’e galmeeffamni
barbaachisaan ni raawwata.
25. Sanadoonni Oomisha, sanyii dheedhii fi sanyii qulqullaa’ee galii fi baasii ittiin
ta’an;
Galii sanyii fi midhaan nyaataatiif
I. Sanyii dheedhiif- “Raw seed receiving Voucher"
II. Oomishaaf- “Grain receiving Voucher”
III. Sanyii qulqulluuf-“Clean Seed and Impurity Receiving Voucher”
Baasii sanyii fi midhaan nyaataatiif
I. Sanyii dheedhiif- “Raw seed issue voucher”
II. Oomishaaf- “Grain issue voucher”
III. Sanyii Qulqulluu- “Clean Seed and Impurity and impurty issue voucher”
26. Sanyii oomishamee oogdii irraa gara mana kuusaatti darbu gatii qabatee galuu kan
qabu yommuu ta’u akkaataa qajeelfama Adeemsa Hojii Ijoo Fooyya’insa
Oomishtummaa fi Qophii Sanyii irratti ibsameen ni raawwata. (Interface with
production)
27. Lakkoofsa 2.6.1. qabxii 25 irratti haala ibsameen ta’ee sanada kana irratti maqaa fi
mallattoon kennaa fi fudhataa barreeffamuu fi mallattaa’uu qaba.
28. Guyyaa guyyaadhaan sanadni galii fi baasii sanyii ykn midhaanii Adeemsa Hojii
Ijoo fooyya’insa Oomishitummaa fi Qophii sanyii irraa yeroo qaqqabu Adeemsi
Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataa galmeeffama
herreegaa ni raawwata.
29. Oomishni oomishame yeroo maamilatti gurguramu manni kuusaa akka kennu kan
ittiin ajajamu “Delivery Order”n itti gaafatamaa dhimmi ilaallatuun mirkanaa’uu

22
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

qaba.
30. Oomisha midhaan nyaataa oomishame maamilli kan baasii ittiin godhu “Grain issue
Voucher”n yommuu ta’u itti gaafatamaa dhimmi ilaaluun mirkaneeffamuu qaba.
31. Guyyaa guyyaadhaan sanadni baasii sanyii yeroo qaqqabu Adeemsi Hojii
Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataa galmeeffama herreegaa
ni raawwata.

2.5.1.1. Lakkoofsa Istookii (Physical count for stock Items)


1. Galmi guddaan lakkoofsa meeshaa dhumataa kan barbaachisu meeshaan
Intarpiraayizii jiraachuu mirkaneeffachuu, harcaatiif rakkoolee adda addaa dursanii
hambisuuf yoo ta’u dabalataanis baay’ina kuufama meeshaa, meeshaan manca’e,
meeshaa tajaajila hin kenninee fi hin sochoone (Obsolete) jiraachuu fi kkf kan
beeksisu waan ta’eef dursani furmaata kennuuf gargaara.
2. Meeshaa sochii qaban (fast moving items) kurmaana kurmaanaan “Cycle
inventory” n raawwatamuu qaba.
3. Galmeeffamni Intarpirayizichaa “Perpetual Inventory System” kan hordofu ta’ee
battala gurgurtaan raawwatu baalaansii “inventory” yeroo yerootti kan mul’isu ta’a.
4. Hojii cufinsa herreegaatiif lakkoofsi meeshaa waggaan al tokko ni raawwata.
5. Lakkoofsi meeshaa waggaan (annual inventory) koree dhaabbateen ni raawwata,
lakkoofsi yeroo cufinsa herreegaa Waxabajjii 30 irratti raawwatee “inventory
sheet” irratti galmaa’ee sakatta’amuun hanga Adoolessa 30tti qaama ilaallatuuf
qoodamuu qaba.
6. Koreen akka hundeeffamu gaaffiin Adeemsa Hojii deeggarsaa Bittaa fi Bulchiinsa
qabeenyaa fi Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo
Baajataa irraa Hojii Gaggeessaa Ol’aanaa fi hooggantoota sadarkaa sadarkaan
jiraniif dhiyaatee koreen Adeemsaalee lamaan irraa fi kan biroo irraa walitti bahee
dhaabbatu lakkoofsa qabeenyaa (inventory) raawwatee gabaasa isaa
Intarpiraayizichaaf dhiyeessa. Ademsi Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi
To’annoo Baajataas gabaasicha fudhachuun galmeeffama barbaachisu fi gatii
hir’ifama dullumaa dabalatee ni raawwata.

23
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

7. Yeroo lakkoofsa qabeenyaa (Inventory) odiitarri alaa akka hirmaatu waamichi ni


taasifama.
8. Meeshaalee tajaajilaan ala ta’an, kan badanii fi caccaban “Age analysis”
hojjatameefii herreega of-eeggannoo (Provision for stock Obsolescence) gabaasa
Ademsa Hojii Deeggarsaa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa irraa dhiyaatu
bu’uureffachuun murtii manaajimantii ol’aanaatiin mirkanaa’ee waggaa waggaan
akka qabamu ni taasifama.
9. Dhuma waggaa irratti baay’ina meeshaa lakkoofsaan argamee fi istook kaardii
irratti qabame walbira qabuun ni araarfama. Garaagarummaan yoo jiraate sababni
isaa adda ba’ee rakkoo galmee yoo ta’e, sirreeffamni herreegaa (adjustment) ni
taasifamaaf, erga sirreeffamni taasifameen booda baay’inni lakkoofsaan argame
baalaansii ka’umsa galmee (Beginning Balance) bara baajataa itti aanuu ni ta’a.
10.Sababiin hir’ina rakkoo hojjataa mana kuusa yoo ta’e akkaataa waliigaltee gamtaa
waldaa hojjataa fi qajeelfama jiruun ni gaafatama. Garaagarummaanis gatii ittiin
kaffalamuun hojjatamee akka galii godhu taasifama.
11.Yeroo lakkoofsi qabeenyaa gaggeeffamu sanyiin dheedhii mana kuusaa keessa
oppireetara maashiniitiin bahii ta’ee qulqullaa’aa jiru osoo hin qulqullaa’iin hafe,
gara mana kuusaatti deebi’ee akka sanyii dheedhiitti lakkaa’ama.
2.5.2. Galmeeffama Meeshaa Dhaabbataa (Fixed Asset Registration)
1. Meeshaan dhaabbataa amala dhaabbataa kan qabuu fi dhimmoota armaan gadii of
keessatti kan qabatu ta’uu qaba.
A. Umriin tajaajila meeshaa kan waggaa tokkoo ol tajaajilu yoo ta’e,
B. Gatiin ittiin bitame ykn gatiin qabate Qr 5,000.00 fi isaa ol yoo ta’e,
C. Suphamee tajaajila kennuu kan danda’u yoo ta’e,
D. Of danda’anii tajaajila kennuu kan danda’an yoo ta’ee fi tajaajila
kennuuf gargaarsa meeshaa biraa kan hin barbaanne yoo ta’e dha.
2. Meeshaa gatiin qarshii 5,000.00 (kuma shan) gadi ta’e yommuu bitamu baasiin
galmaa’ee maqaa hojjataa baasii godheen kaardii irratti galmaa’ee to’annoon ni
godhama.
3. Meeshaan dhaabbii kan galmaa’u bittaa, kennaa fi gargaarsaan yeroo argamu ta’a.
Gatiin kan murteeffamu baasii isaaniitiin ta’ee ragaa odeeffannoo qabeenyichaa

24
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

irratti hundaa’uun gatii bittaa, geejjiba, inshuraansii, gatii dhaabinsaa (installation


cost) meeshaa fi kkf of keessatti qabata.
4. Galiin meeshaa dhaabbii “Fixed Asset receiving Voucher”, baasiin meeshaa
dhaabbii “Fixed Asset issue voucher”n kan raawwatu yoo ta’u Intarpraayizii
keessatti iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti dabarsuuf “Fixed Asset inter store
transfer Voucher” ta’ee, qaama kennuu fi fudhatuun galmaa’uu qaba.
5. Meeshaan dhaabbii hundi galmee meeshaa dhaabbii (Fixed Asset Registration Book)
irratti galmaa’uu qaba.
6. Galmeen meeshaa dhaabbii: maqaa, guyyaa itti bitamee ykn hojii irra oole,
moodeela, biyya itti oomishame, gatii ittiin bitame ykn oomishame, lakkoofsa
addummaa, lakkoofsa gabatee yoo barbaachise, dhaabbata dhiyeesse, koodii
herreegaa, lakkoofsa meeshaa dhaabbiif kennamu, tilmaama bara tajaajilaa, bara
tajaajile, dulluma meeshaa (depreciation) fi gatii galmee (book value) fi iddoo itti
argamu qabaachuu qaba.
7. Meeshaan dhaabbii tajaajilaaf bahii ta’uu yeroo barbaachisu “store requisition”niin
itti gaafatamaa dhimmi ilaallatuun mallattaa’ee yoo dhiyaate qaamni eeyyamameef
qabeenyaa itti gaafatamummaan kan hordofu ta’ee sanada baasii irratti mallatteessee
fudhachuu qaba.
8. Bittaan meeshaa dhaabbii baajataan kan mirkanaa’e ta’ee of eeggannoof akka mijatu
bitamee mana kuusaa keessa turuu hin qabu.
9. Gatii hir’ifama dullumaa (Depreciation) galmee meeshaa sirreessuun itti
gaafatamummaa bulchiinsa qabeenyaa ta’ee, Adeemsi Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa
Faayinaansii fi To’annoo Baajataa hir’ifama dullumaa qopheessuun galmeessuu
qaba.
10. Meeshaa dhaabbii baasii ta’e sababa adda addaatiin mana kuusaatti deebisuun yoo
barbaachise nagahee meeshaa ittiin deebisan sababiin isaa guyyaa fi lakkoofsi
nagahee duraan meeshaan baasii ittiin ta’e tuqamee mana kuusaatti seeraan deebi’ee
hojii biraa irra ooluu qaba.
11. Qabeenyi dhaabbataan bitamee hojii irra ooluun dura lakkoofsi addummaa
qabeenyaa (TAG) kennamuufii qaba, lakkoofsi kennamuuf kan wal hordofu ta’uu
qaba.

25
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

12. Qabeenya dhaabbataaf lakkoofsa addummaa “Fixed Asset Identification number”


kennameefii haala ifa ta’een qaama ilaallatu hunda biratti akka beekamu taasifamuu
qaba.
13. Qabeenyi dhaabbi hundi kan akka gamoowwanii, konkolaataa, maashinarii fi kkf
ragaa abbaa qabeenyummaa qabaachuu qabu, ragaaleen kunis of eeggannoon iddoo
furtuu qabutti qaama itti gaafatamumaa qabu bira taa’uu qaba.
14. Baasiin suphaa meeshaa Intarpiraayizii kan umrii tajaajila meeshichaa dabalu ta’uun
yoo mirkanaa’e koree teeknikaa ilaallatuun sakatta’amee hojii gaggeessaa olaanaan
mirkanaa’ee gatiin meeshaa dhaabbataa gatii hafe (Book value) irratti dabalamee
“capitalized” ta’a. Gatiin suphaa waan baay’ateef qofa gatiin dabalamuu (capitalize)
ta’uu hin qabu.
15. Meeshaan dhaabbataa ijaarsaa (construction) yeroo Intarpiraayizichaan hojjatamu
(Ijaaramu) baasiin bahe kophaa isaatti “work in progress” dhaan galmaa’ee hanga
hojiin xumuramuutti eegamuu qaba.
16. Hojiiwwan ijaarsaa Intarpiraayiziin hojjatamaa turan qaama dhimmi ilaalu irraa
hojiin xumuramuu isaa gabaasa gatii qabuun yoo dhiyaate “work in progress” dhaan
galmaa’ee ture hundi sassaabamee erga sakatta’amee booda gara herreega
kappitaalaatti jijjiiruun galmeeffama.
17. Akkaataa gaaffii kaffaltii bittaa meeshaa dhaabbii Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bittaa
fi Bulchiinsa Qabeenyaa irraa dhiyaateen bittaan raawwatee maamilli alaa ykn
hojjataan bittaa meeshaa (purchaser) meeshaa galii taasisuu mirkaneeffachuun
kaffaltii maamila alaatiif ykn gama hojjataa bittaatiin ni raawata.
18. Baasiin suphaa meeshaa dhaabbii qabxilee armaan gadiitti ibsaman keessaa yoo
xinnaate tokko guutee, sababa suphaa godhameefis jijjiiramni meeshaa dhaabbii
irratti jiraachuu qaama dhimmi ilaallatuun barreeffamaan yoo mirkanaa’e akka
meeshaa dhaabbiitti ni qabama;
I. Suphaan meeshaa dhaabbii fooyya’insa ol’aanaa (major improvement)
kan agarsiisu yoo ta’e,
II. Jijjiirama istiraakcherii (change in structure) kan agarsiisu yoo ta’e.
III. Dandeettii oomishtummaa (economic efficiency) yoo dabale,
IV. Dandeettii qabiyyee (space capacity) kan dabalu yoo ta’ee fi

26
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

V. Bara tajaajila isaa kan dabalu yoo ta’e.


19. Qabeenya dhaabbii baasiin dullumaa (depreciation) dhumate tokko suphaa ol’aanaan
taasifamuun duratti baasiin taasifamu bu’aa argamuu ol akka hintaane xiinxala bu’aa
fi baasii (Cost benefit analysis) ogeessaan mirkanaa’uu qaba. Haaluma
walfakkaatuun, yeroo yeroodhaan kan manca’uu fi suphamu yoo ta’es ogeessaan
xiinxalli taasifamuu qaba.
A. Lakkoofsa Meeshaa Dhaabbii (Fixed Asset Inventory)
1. Cufinsa herreegaa yeroo dhuma baajataa irratti meeshaan akkaataa lakkoofsa
meeshaa kennameefiin lakkoofsi qabeenyaa (Inventory) raawwatamuu qaba.
2. Lakkoofsi raawwatamu galmee meeshaa dhaabbii (Fixed Asset Registration book)
waliin walsimuu qaba. Garaagarummaan mul’ate akka sirraa’u ta’a.
B. Galmeeffama Hir’ifama Gatii Dullumaa (Depreciation)
1. Intarpraayiziin hir’ifama dullumaa haala “straight line method” kan fayyadamu ta’a.
2. Hir’ifama dullumaa shallaguudhaaf qabxiiwwan armaan gadii beekamuu qabu.
A. Gatii duraan ittiin galmaa’e (Initial cost)
B. Gatii bara dhuma tajaajilaa hafuu qabu (Residual value)
C. Bara tajaajilaa itti kennu (Useful life) dha
3. Hir’ifamni dullumaa yeroo shallagamu meeshichi yeroon tajaajila itti kennu osoo hin
taane guyyaa mana kuusaatti galii ta’e irraa eegaleeti,
4. Qabeenyi bara hir’ifama dullumaa isaa fixe “zeroo” ta’uu hin qabu, meeshaan
Intarpiraayizii tokko tokkoo isaatiin galmee irratti haala gabaa yerootiin (current
market price) kan shallagamu ta’a.
5. Gatiin galmee (Book Value) gatii meeshaa badee bakka bu’uu, gatii ka’umsa
caalbaasii gurgurtaa ykn dhabamsiisa meeshaatiif gatii ka’umsaa ta’ee hin tajaajilu.
6. Hir’ifamni dullumaa qabeenya dhaabbataa kan shallagamu haala labsii
mootummaatiin ta’ee meeshaan dhaabbii kan armaan gaditti ibsame dha.

Table 1

Estimated useful lives (in Estimated


No Asset class
years) salvage value

27
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

1 Building 40 5% of cost

2 Land Improvements 15 0.1% of cost

3 Furniture 15 1% of cost

4 Office Equipment 15 1% of cost

5 Calculators 5 0.1% of cost

6 Generators 10 1% of cost

7 Lifts and Escalators 15 0.1% of cost

8 Computer and IT equipment 10 0.1% of costs

9 Motor Vehicles 15 5% of costs

10 Machinery 10 1% of costs

Bara Tajaajilaa Hir’ifama


L Akaakuu meeshaa Dhaabbii dulluma
a dhibbantaan
k
1 Land Development (Roads, canals, Dykes, land preparation, 40 2.5%
surveying & topogtaphy, bridge & culvers etc)
2 Manneenii fi ijaarsa (Building & construction) 20 5%
(Manneen dhoqqee, bilookkeettii, mana qorqorroo,
Konteenara, magaazanaa fi kkf).
3 Konkolaataa (Truck,motor car,motor cycle etc) 5 20%
4 Maashinarii (plant machinery) (Generetor, pump, fuel & Waggaa 1ffaaf 16%
water tank, meal, processing machine etc) Waggaa- wagaa 7
12%
5 Meeshaa Hammayyaa (Tractor, Combiner, Implement, 10 10%
grador etc)
6 Meeshaa waajjira keessaa (office furniture & equipment) 10 10%

28
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

7 Meeshaa workshop fi Tools 10 10%


20%
8 Meeshaa waajjira keessatti tajaajila kennuu (House hold) 10 10%
(kitchen utilities,bed, mattres etc)
9 Kan biraa (Others) 10 10%
10 Computer fi software 4 25%
10%
11 Laboratory equipment (for seed) 5 20%

C. Tilmaama Gatii Qabeenya Dhaabbii


1. Gatiin meeshaa dhaabbii kan tilmaamamu ykn irra kan deebi’amu odeeffannoon
bittaa meeshichaa yeroo baduu fi dhabamu dha.
2. Tilmaamni irra deebi’amee akka raawwatu yoo manaajimantiin murtaa’e, koreen
hojii gaggeessaan dhaabamee qabeenya kana akka tilmaamu meeshaa wal
fakkaatuun qixa tokkoon argamuun qoratamee gatii dhiyaatuun murtaa’a.
D. Dhabamsiisa meeshaa dhabbii (Disposal Of fixed Asset)
1. Meeshaan dhaabbii kan dhabamsiifamu mala (procedure) qajeelfama Bulchiinsa
Qabeenyaa Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaatiin ta’a.
2. Ibsi meeshaa maqfamee yeroo faayinaansii gahu, meeshaa dhaabbii akka
dhabamsiifamanii fi galmee irraa haqaman murtaa’e, galmee irraa haquudhaan
galmeeffama herreegaa “Entry for Disposal of Fixed Asset” ni raawwatama.

2.6. Kaffaltii Ashuuraa (TAX) fi Dirqama


 Ashuuraan (tax) mootummaa Labsii adda addaatiin qaama mootummaa fi dhuunfaa
irraa galii sassaabuu dha. Sababa kanaan Intarpiraayizichi dhimma hojiitiin
walqabatee kan kaffalu, hojjattootas ta’e qaama biraa irraa dirqama sassaabuu itti
kennameen sassaabee akkaataa labsii mootummaatiin yeroo kennameef keessatti
ashuuraa (tax) raawwatuu dha. .
A. Gibiraa fi Buusii sooramaa hojjattoota irraa funaanamu (Income Tax &
Pension Contribution)
1. Akkaataa Labsii gibiraa fi Taaksii irratti tuqameen hojjattoonni galii dhuunfaan
argatan irraa ni kaffalu.
29
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

2. Hammi sassaabbii Ashuuraa (Tax) haala labsii irratti ibsameen yoo ta’u akkaataa
barbaachiseen labsii fi dambiin jijjiiramu yoo jiraate akkaatuma jijjiirameen kan
raawwatu ta’a.
3. Labsii irratti akkaataa ibsameen taaksii irraa bilisa kan ta’aniif hin taane ibsamaniiru.
4. Buusii Sooramaa (pension) fi gibirri hojii (Income tax) hojjattoota irraa ji’a ji’aan
peeroolii irratti hir’ifamaa, akkaataa yeroo labsiin kaa’een Biiroo Galiiwwan
sadarkaa sadarkaan ilaallatuuf kaffaltiin ni raawwata.
B. Ashuuraa Kiraa lafaa irra kaffalamu (Land Tax payment)
1. Intarpiraayiziin lafa qonnaa irratti raawwatuuf Ashuuraa (tax) ni kaffala. Hammi
ashuraa kan murtaa’u labsii naannoo qonni keessa jiruun ta’a. Labsiin akka
barbaachisummaa isaatti yoo fooyya’ee fi jijjiirame akkaataa sanaan ni raawwata.
2. Akkaataa Labsii gibiraa fi taaksii irratti tuqameen gibira itti fayyadaminsa lafaa
aanaa qonni irra jirutti ni raawwata.
C. Kaffaltii Bu’aa Hojii (Profit Tax)
1. Intarpiraayiziin dhuma waggaa irratti ibsa bu’aa fi kisaaraa (Income statement)
qabeenyaa fi idaa (Balance Sheet) qopheessuun bu’aa ykn kisaaraa beeksisuun
Biiroo Galiiwwan dhimmi ilaallatuuf yeroodhaaf (tentative) kaffaltii raawwachuu
qaba.
2. Dhuma waggaa irratti ibsa Intarpiraayizichi bu’aa fi kisaaraa Biiroo Galiiwwaniitiif
dhiyeessuun kaffaltii dabalataa ykn kaffaltii deebi’uu qabu beeksisuun
garaagarummaa jiru kaffaluu yookaan deebisiisuu qaba.
D. Taksii dabalata qabeenyaa(15% VAT)
1. Intarpraayiziin gurgurtaa raawwatuuf taaksii dabalata qabeenyaa (VAT) akkaataa
labsiitiin ashuuraa 15% sassaaba.
2. Intarpraayiziin sanadoota taaksii dabalata qabeenyaa gurgurtaaf itti fayyadamnu
Biiroo Galiiwwaniitti beeksisuun ni maxxansiisa.
3. Intarpraayiziin akkaataa labsii irratti tumameen lakkoofsa VAT 1327570032 ji’a
muddee bara 2002 akkasumas lakkoofsa TIN 0004699907 kennamee jira.
4. Intarpiraayiziin foormii Biiroon Galiiwwanii qopheesse foormii beeksisa taaksii (tax
Declerasion) yeroo kennameef keessatti ji’a ji’aan taaksii dabalata qabeenyaa

30
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

kaffaleefii sassaabee ni beeksisa. Garaagarummaan mul’atu kaffaltii yoo ta’e ibsa


wajjin qabsiisuun kaffaltii ni raawwata.
E. VAT With holding
1. Intarpiraayiziin qaama mootummaas ta’e dhuunfaaf bittaa raawwatu akkaataa
labsiitiin dirqama “VAT with holding tax” funaanuu qaba.
2. Nagahee kaffaltii irraa taaksii dabalata qabeenyaa hir’ifamuuu kennamu (VAT
withholding) akkaataa labsii Biiroo Galiiwwan Oromiyaa irraa ba’een kan hojii irra
oolu ta’a.
F. With holding tax
1. Intarpiraayiziin qaama mootummaas ta’e dhuunfaaf gurgurtaa fi tajaajila raawwatu
akkaataa labsiitiin dirqama “with holding tax” funaanuu qaba.
2. “With holding tax %2” ji’a ji’aan sassaabame akkaataa guca kaffaltii labsiin
qophaa’e yeroo labsiin kaa’een Biiroo Galiiwwan ilaallatuuf ni kaffalama.
3. Taaksii hojjattoota irraa sassaabamu kan gibira hojiitiif Sooramaa, gibira lafaa,
Kaffaltii bu’aa hojii akkasumas bittaa meeshaatii fi tajaajila adda addaa raawwate
irraa gibira sassaabame Biiroo Galiiwwan taaksii ilaallatuuf Gama Adeemsa
Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataatiin kaffaltiin ni raawwata.

2.8. Daddabarsa Mallaqaa/Meeshaa Keessoo (Inter-transaction)


1. Intarpirayiizicha keessatti dabarsa maallaqaa/meeshaa fi kkf Waajjira Ol’aanaa fi
Dameewwan, Damee fi Damee, Damee fi Qonnaalee akkasumas qonnaalee fi
qonnaalee gidduutti kan taasifamu yoo ta’u, qaama ergee fi fudhate ragaa irratti
hundaa’uun galmeeffamni herreegaa gama fudhataa fi kennaatiin ni taasifama.
2. Waajjira Ol’aanaa hanga Qonnaaleetti daddabarsa taasifamuuf hordoffii fi to’annoon
ni diriirfama.
3. Sadarkaa Qonnaleetti daddabarsa taasifamuuf, gareen Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa
Faayinaansii fi To’annoo Baajaataa fi gareen Hojii Deeggarsaa Bittaa fi Bulchiinsa
Qabeenyaa qonnaalee waliin qopheessu, erga Hojii Gaggeessaa Qonnaan
mirkanaa’ee ji’a ji’aan gabaasa idilee waliin Dameef kan dhiyaatu ni taasifama.
4. Sadarkaa Qonnaaleetti, daddabarsi kallattiin Qonnaa biroo irraa kan taasifame yoo
ta’e gabaasni qofaatti akka qophaa’u ni taasifama.

31
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

5. Sadarkaa Dameewwaniitti daddabarsa taasifameef gabaasa Qonnaalee fi Buufata


qophii sanyii itti dabaluun Adeemsi Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi
To’annoo Bajaataa fi Adeemsi Hojii Deeggarsaa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa
waliin qopheessuun Hojii Gaggeessaa Dameewwaniin erga mirkanaa’ee jiini
dhumee hanga guyyaa 18ffatti Waajjira Olaanaa Adeemsa Hojii Deeggarsaa
Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataatiif kan gabaafamu ni ta’a.
6. Daddabarsa Dameewwan gidduutti taasifamuuf Qonnaalee fi Buufata isaan jala
jirutti dabaluun Adeemsi Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo
Bajaataa fi Adeemsi Hojii Deeggarsaa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa waliin
qopheessuun Hojii Gaggeessaa Dameen erga mirkanaa’ee booda jiini seenee hanga
guyya 10ffatti kan ergee fi fudhateen adda bahee ibsamuun xalayaatiin akka
beeksifamu ta’ee, yoo garaagarummaan uumame hatattamaan akka sirreeffamu ni
taasifama.
7. Daddabarsa Waajjirri Olaanaa fi Dameewwan waliin taasise, Adeemsi Hojii
Deeggarsaa Bulchinsa Faayinansii fi To’annoo Bajaataa fi Adeemsi Hojii
Deeggarsaa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa waajjira Ol’aanaa ji’a ji’aan waliin
araarsuun qaama dhimmi ilaallatuuf ni dabarsu.
8. Harshammeen bittaa maloota bittaatiin raawwatan akkaataa qajeelfama Bittaatiin
kan raawwatu ta’a.

2.9. Gurgurtaa (Sales)


1. Jijjiirraa haala gurgurtaan Intarpiraayiziin raawwatu galii gurgurtaa ykn tajaajilaa
jedhamuun galmaa’a.
2. Gurgurtaan harkaa harkatti ykn liqiin raawwachuu ni danda’a akkasumas gurgurtaan
jimlaa, qinxaaboo, caalbaasii fi haaraajiin ta’a.
3. Gurgurtaan sanyii fi oomishaa sadarkaa Waajjira Olaanaa, Dameelee, Buufataalee
Qophii sanyiitii fi Qonnaalee irratti ta’ee akkaataa qajeelfama Gurgurtaatiin ni
raawwata.
4. Gurgurtaan midhaanii fi sanyii dheedhii rakkina qulqullinaatiin gara damee hin
darbiin akkaataa qajeelfama gurgurtaatiin qonnaa oomishni irraa oomishame
waajjira olaanaa irraa gatii gurgurtaa fi maallaqni galii ta’e yeroo ibsamu gurgurtaan
ni raawwata.

32
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

5. Gurgurtaan qaama alaa ISFOn ala ta’eef raawwatamee, kennaa, tajaajila facaasaa
qonnaalee fi kkf adda bahee Adeemsa Hojii Ijoo Gabaa fi Dagaagina Biiznasiitiin
qophaa’e adda baasuun galmeeffamni gurgurtaa qulqullaa’ee galmeeffamni
herreegaa ni raawwata.

A. Gurgurtaa Maallaqaa (Cash Sales)


1. Gurgurtaan maallaqaan raawwatu jimlaa, shallaggii, gatii murtaa’e, haaraajii fi
caalbaasiin raawwachuu danda’a.
2. Lakkoofsa 2.9 qabxii A (1) jalatti ibsameen gurgurtaa raawwatuuf hojii gaggeessaa
olaanaan xalayaa murtee ykn waliigalteen mallattaa’ee jiraachuu qaba.
3. Gurgurtaan raawwatu akkaataa murtee kennameen gatiin Sanyii fi oomishaa
maallaqaan ykn Baankiitti galii taasisuu, dabarsa Baankiin (Bank Transfer), CPOn
dhiyaachuu ni danda’a.
4. Maallaqni galii ta’uun yoo mirkanaa’e battalumatti nagaheen galii ni kutama. Kunis
itti gaafatamaa ilaallatuun ni mirkanaa’a.
5. Maammilli nagahee galii kennameef qabachuudhaan tajaajila argachuuf qaama
sanada oomishni ittiin bahii ta’u qopheessuutti kennuun tajaajila ni argata.
6. Sanada gurgurtaa fi harshammeewwan barbaachisan waliin qabsiisuun galmeeffamni
herreegaa barbaachisaan raawwatee sanadni gara harshammee darbuu qaba.
7. Maallaqni gurgurtaa oomishaa erga galii ta’ee nagaheen galii (CRV) itti citeen
booda maamilaaf hin deebi’u. Haata’u malee, sababoota humnaa olii armaan
gadiitiin murtoo manaajimantiitiin deebi’uu ni danda’a. kunis;
i. Oomishni erga gurgurameen booda otuu maamilli oomisha hin kaafatiin
oomishni gurgurame balaa uumamaa fi namtolcheen yoo miidhamee fi
oomishni hojiin ala ta’uun isaa qaama sadarkaa sadarkaan jiruun yoo
mirkanaa’e,
ii. Qabinsaa fi kunuunsa oomishaa ilaalchisee akkaataa qajeelfama Adeemsa
Hojii Ijoo Fooyya’insa oomishtummaa fi qophii sanyiitiin kan hammataman
yoo ta’e,
iii. Murtoo mana murtiitiin ta’a,

33
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

B. Gurgurtaa Duubee ykn ganshoo (Credit Sales)


1. Adeemsi Hojii Ijoo Gabaa fi Dagaagina biizinasii gurgurtaa oomishaa fi sanyii
Intarpiraayizichaa liqiitiin raawwate, qaama kamiif akka gurgurame, “Grain/ Clean
seed & impurity issue voucher”, sanada baay’ina oomishaa (Delivery Order),
Nagahee gurgurtaa ganshoo (Credit Sales invoice) fi odeeffannoo dabalataa
hammate qopheessuun Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi
To’annoo Baajataatiif ni dabarsa.
2. Nagahee gurgurtaa ganshoo “credit sales invoice” akkaataa waliigalteetiin
dhimmoota taaksii barbaachisaa ta’an kan qabate ta’uu mirkaneeffachuun
galmeeffamni herreegaa barbaachisaan ni raawwata. Kaffalamuu isaas hordoffiin ni
taasifama.
3. Baasii fi galii gurgurtaa sanyii ykn oomishaa ji’a ji’aan Adeemsa Hojii Ijoo Gabaa fi
Dagaagina Biizinasii wajjin wal simsiisuun Adeemsi Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa
Faayinaansii fi To’annoo Baajataa herreega barbaachisaa ta’e ni raawwata.

2.10. Baasii bara itti Aanuu (Future crop)


1. Intarpiraayizichi hojii sanyii fi oomishaa kan hojjatu yommuu ta’u waggaatti yeroo
tokko sanyii ni sassaaba. Oomishni Intarpiraayizichaa akkaataa yeroo sassaabbii
oomisha biyyaatti ta’uu waliin gidduu bara baajataatti sanyiin funaanamee baruma
baajataa kana keessatti oomisha bara itti aanuu hojiin isaa ni jalqabama.
2. Oomishni waggaa kan argamuu fi dhumni bara baajataa garagara ta’uu irraa kan ka’e
baasii gara ibsa qabeenyaa fi idaa (Balance sheet) keessatti qabeenya (Asset) irratti
galmeesuun bara itti aanutti baasii ta’ee akka galmaa’u ta’a.
3. Haaluma armaan olitti lakk 2.10 (2) irratti ibsameen oomishni Intarpiraayizichaa
hanga dhuma muddeeti sassaabamee akka dhumeen hojiin oomisha bara itti aanuu
jalqabamee baasii kallattii (Direct cost) baasii waggaa itti aanuu (Future crop)n
qabeenya (Asset) irratti galmaa’aa hanga waxabajjii 30tti tura. Baasii kallattii hin
taane galmeeffama baasii (Expense)tiin mala galmeeffama “Absorbition”
fayyadamuun gara bara oomisha itti aanuutti akka darbu ta’a.
4. Baasii bara oomisha itti aanuuttii galmaa’ee ture (Future crop) baruma oomishaa
kana keessatti amala galmee herreegaa ittiin galmaa’een yommuu cufamu bara
galmee itti aanuuttii garuu ibsa qabeenyaa fi idaa (balance sheet) gara bara galmee

34
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

herreegaa itti aanuutti yommuu jijiiramu, galmee baasii gara gosa baasiitti jijiiramee
akka galmaa’u ta’uu qaba.

2.11. Kaffaltii Adda Addaa


1. Intarpiraayiziin hojii idilee isaa yeroo hojjatu akkaataa labsii, qajeelfama, dambii fi
waliigaltee waldaatiin ni raawwata.
2. Qajeelfamoonni ibsaman yoo jijiiraman akkaatuma jijjiirameen kan itti fufu ta’a.
3. Qaama murtii ilaallatuun murtii dhiyaatu, fedhii hojjataatii fi murtii
Intarpiraayiziitiin hojjataa irraa miindaan hir’ifamuu yoo barbaachise akkaataa
murtii dhiyaateetiin kan raawwatu ta’a.
4. Intarpiraayiziin dhaabbattootaa fi qonnaan bulaa adda addaa waliin ta’uun sanyii
baay’isuuf akkaataa waliigaltee uumuun kaffaltii ni raawwata.
5. Intarpiraayiziin kiraa gamoo, mana kuusaa, maashinarii qonnaa, konkolaataa fi kkf
akkaataa waliigaltee uumuun kaffaltii isaa ni raawwata.
6. Uffata seeraatiif kaffaltiin yaalaa akkaataa qajeelfama Adeemsa Hojii Deeggarsaa
Bulchiinsa Qabeenya Namaa fi Jijiirama Hojiitii fi waliigaltee waldaa
hojjattootaatiin kan raawwatu dha.
7. Kaffaltiin miseensota Boordii akkaataa qajeelfama Biiroo Dhaabbilee Misooma
Mootummaa Oromiyaatiin raawwatama.
8. Kaffaltii Deeggarsaawwan adda addaa baajata qabameen kan kaffalamu ta’ee yeroo
tokkotti hanga qar.2,000,000.00 (miliyoona lama) manaajimantii waajjira
Ol’aanaatiin kan murtaa’u yommuu ta’u kaffaltii kanaa oliif Boordiidhaan murtaa’ee
kan kaffalamu ta’a.
I. Kaffaltii yeroo Hojiin Alaa (Over time payment)
 Kaffaltii yeroo hojiin alaa labsii hojjataaf hojjachiisaatiin ta’ee yeroo Hojii
Gaggeessaa Ol’aanaa Intarpiraayizichaatiin mirkanaa’u raawwatama.
II. Kaffaltii Beenyaa (Severance Payment)
 Kaffaltiin kun kan raawwatu akkaataa labsii hojjataa fi hojjachiisaatiin ta’ee;
A) Tajaajila waggaa jalqabaatiif miindaa ji’a tokkoo,
B) Waggaa tokkoo ol yoo ta’e 1/3 kaffalama.
C) Kaffaltiin beenyaa yeroo raawwatu boqonnaa waggaa hafe yoo qabaate tajaajila
faana shallagamee qophaa’uun kaffaltiin gibiraa barbaachisaa fi idaan jiru yoo

35
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

jiraate irraa cituudhaan kaffaltiin qulqulluun ni raawwata. Haata’u malee,


kaffaltiin beenyaa waggaa tokkoo ol ta’uu hin qabu.
III. Kaffaltii Durgoo
1. Hammi Kaffaltii durgoo fi faayidaalee adda addaa kan murtaa’u akkaataa qajeelfama
Adeemsi Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Namaa fi Jijjiirama Hojii, waliigaltee gamtaa
waldaa hojjettootaa fi seera ittiin bulmaata hojii gaggeessitootaatiin kan raawwatu
ta’a.
2. Shallaggiin herreega durgoo oolmaa akkaataa qajeelfama kana irratti ibsameen ta’a.
I) Hojjattoota gaggeessitoota hojii hin ta’iin
a) Cireen kan shallagamu durgoo guyyaa irraa 10%
b) Laaqanni kan shallagamu durgoo guyyaa irraa 25%
c) Irbaanni kan shallagamu durgoo guyyaa irraa 25%
d) Sireen kan shallagamu durgoo guyyaa irraa 40%

II) Hojii gaggeessitoota Intarpiraayizichaa


Hojii Gaggeessitoota Intarpiraayizichaa kan jedhaman akkaataa qajeelfama hojii
gaggeesitootaatiin kan ibsaman ta’ee shallaggiin durgoo akkaataa armaan gadiitiin kan
raawwatu ta’a.
a) Cireen kan shallagamu durgoo guyyaa irraa 20%
b) Laaqanni kan shallagamu durgoo guyyaa irraa 40%
c) Irbaanni kan shallagamu durgoo guyyaa irraa 40%
d) Sireen nagaheedhaan ta’ee gatiin kaffaltii kan raawwatu murtii qajeelfama bahu
irratti hundaa’a

Sa’aatii seensaaf bahinsa durgoon ittiin kaffalamu (shallagamu)

a) Ganama sa’aa 2:00 dura hojjataa baheef cireen ni kaffalama.


b) Ganama sa’aa 2:00 booda hojjataa galeef cireen ni kaffalama.
c) Guyyaa sa’aa 6:00 dura hojjataa baheef laaqanni ni kaffalama.
d) Guyyaa sa’aa 7:30 booda hojjataa galeef laaqanni ni kaffalama.
e) Galgala sa’aa 2:00 booda hojataa galeef hirbaanni ni kaffalama. Kaffaltiin
geejjibaa taarifa geejjibaa Abbaan Taayitaa Geejjibaa baasuun kaffalama.
3. Kaffaltiin durgoo imala biyya alaa bu’uura qajeelfama biyyaatiin kan rawwatu ta’a.

36
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

IV. Durgoo Bakka Bu’insaa (Acting Allowance)

Hojjataan tokko hojii idilee isaatiin alatti sadarkaa irra jiruu olitti dabalataan iddoo
hooggansaa irratti ramadamee akka hojjatu taasifamee kaffaltii raawwatamu yoo ta’u
akkaataan kaffaltii bu’uura Qajeelfama Bulchiinsa qabeenya namaa fi jijiirama hojii,
qajeelfama hooggantootaa fi waliigaltee gamtaa waldaa hojjatootaatiin haala ibsameen
ta’a.
V. Durgoo hir’ina maallaqaa (Cash Allowance/indeminity)
1. Hojjattoota Qabaa maallaqaa ta’anii ramadamaniif durgoo hir’ina bakka bu’u (Cash
indeminity) kaffaltiin isaa Qr 1,500.00 (kuma tokkoof dhibba shan) ta’a.
2. Qabaan qarshii ji’a ji’aan durgoo hir’ina maallaqaa (cash allowance) kan
kaffalamuuf herreegni waggaa tokkoo maqaa qabaa maallaqaatiin erga ta’ee booda
ta’a.
VI. Durgoo Iddoo (Responsibility Allowance)
 Intarpiraayiziin itti gaafatamtoota akkaataa hojii isaaniitiin kaffaltii iddoo ji’a ji’aan
ni kaffala. Dabalataanis geejjiba, boba’aa, mana jireenyaa, bilbilaaf tajaajila adda
addaa qajeelfama ittiin bulmaata hojii gaggeessitootaan kan raawwatu ta’a.
VII. Risk and hardship Allowance
 Amalli hojii hojjattoota tokko tokkoo keemikaala adda addaatiin kan wal
quunnamsiisu waan ta’eef hojjattoota yeroo murtaa’eef hin murtoofne qaxaramaniif
akkaataa hojii fi balaa quunnamuun adda bahee kaffalama. Kunis Qajeelfama
Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa qabeenya namaa fi jijjiirama hojii fi
waligaltee gamtaa hojjattootaatiin kan raawwatu dha.
VIII. Durgoo gammoojii fi kkf akkaataa dambii biyyattiitiin kan raawwatu
ta’a.
IX. Kaffaltii jajjabeessa hojjataa (Employee incentive)
Raawwiin kaffaltii jajjabeessa hojjattootaatii fi dabalata miindaa akkaataa Qajeelfama
Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa qabeenya namaa fi jijjiirama hojii, qajeelfama
gaggeessitoota hojii fi waligaltee waldaa hojjattootaatiin kan raawwatu ta’a.
X. Kaffaltii komishinii Gurgurtaa sanyii kallattii (Direct seed marketing)
 Intarpiraayizichaan ykn qaama bakka bu’uun waliigaltee uumaniin gurgurtaa sanyii
raawwatamu ta’ee gurgurtaan raawwate hundi galii erga ta’ee booda akkaataa

37
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

waliigaltee taasifameen kaffaltiin komishinii ni raawwata.

2.12. Inshuraansii (Insurance)


1. Sodaa hir’isuudhaan sochii guyyaa guyyaa seeraan raawwachuu fi qabeenya balaa
irraa baraaruu, balaanis yoo uumame uwwisa maallaqaa argachuuf dhaabbata
inshuraansii waliin waliigaltee uumuun barbaachisa dha.
2. Intarpiraayiziin haala hin eegamneen qabeenya baduu danda’an jedhee yaaduuf
inshuraansii gahaa ta’e seenuu qaba.
3. Hojattoota, qabeenyaa fi hojiiwwan inshuraansiin barbaachisuuf, inshuraansiin
bitamuufi mirkaneefachuu barbaachisa. Dhimmoota caalmaan Inshuraansiidhaan
uwwifamuu qaban;
a) Balaa ibidaa tiif ummamaa,
b) Wabii lubbuu hojjattootaa,
c) Balaa konkolaataa fi maashinootaa
d) Inshuraansii Balaa Siyaasaa
e) Sababii gogiinsa (Caamsaa) tiin balaa uumamuuf inshuraansii oomishaa fi
maallaqaa yoo ta’an, amala hojii Intarpiraayizichaatiin akkaataa
barbaachisummaa isaa sakatta’uun inshuraansii seenuun barbaachisaa dha.
4. Dhaabbata inshuraansiitiif kaffaltiin raawwatu akkaataa waliigalteetiin raawwachuu
qaba. Yeroodhaan yoo hin kaffalamne garuu balaa gidduutti gahuu danda’uuf
uwwisa argachuun ni rakisa.
5. Faayinaansiin dhuma waggaa irratti kaffaltii uwwisa inshuraansiitiif kaffalamee
bu’aa madaaluun qabeenyaa fi baasii (Asset & Expense portion) adda baasuun
sirreeffamni herreegaa hojjatama.
6. Dhimmoota Inshuraansii galuu barbaachisuuf Adeemsi Hojii Deeggarsaa Bittaa fi
Bulchiinsa Qabeenyaa waliigaltee inshuraansii waliin raawwachuu mirkaneessee
gaaffiin kaffaltii yeroo dhiyaatu Adeemsi Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii
fi To’annoo Baajataa Inshuraansiidhaaf ykn gama hojjataa bittaatiin kaffaltii
qopheessuun ni raawwata.

38
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

2.13. Walquunnamtii Gabaasaa


1. Qonnaawwan gabaasa ji’aatiif gabaasa faayinaansii adda addaa dameedhaaf
dhiyeessuu, dameen gabaasa qonnaa irraa dhiyaatuuf qindeessuudhaan kan damee
itti dabaluun Waajjira Ol’aanaaf ni gabaasa, akkaataa barbaachisummaa isaatiin
gaaffii waajjira olaanaa irraa dhiyaatutti hundaa’uun qonni waajjira olaanaaf
gabaasa ni kenna.
2. Gabaasota barbaadaman
a) Ibsa agarsiisa gahumsa ykn humna maallaqaa (Cash Flow Statement) fi Araarsa
Baankii (Bank Reconciliation) jiini seenee qonni dameef hanga 12ttii akkasumas
dameen waajjira olaanaaf hanga 15ttii dhiheessa.
b) Ibsa Baajataa fi raawwii isaa garaagarummaa jiru waliin jiini seenee qonni
Dameef hanga 12ttii akkasumas Dameen waajjira olaanaaf hanga 15tti dhiyeessa.
c) Gabaasa itti fayyadama baasii gulantaa baasiif lakkoofsa nagahee baasii (Cash
Expenditure report) marsaa marsaadhaan qaama sadarkaa sadarkaan jiruuf ni
gabaafama.
d) Gabaasa Daddabarsa qabeenyaa keessaa (Inter company transaction) jiini seenee
Qonni Dameef hanga 12ttii akkasumas Dameen Waajjira Olaanaaf hanga 15ttii
dhiyeessa.
3. Adeemsa Hojii Deeggarsaa Karooraa, Hordoffii, Dubdeebii fi Bulchiinsa
Teeknooloojii gabaasa raawwii (Performance report) adeemsichi qopheessun
walsimsiisuuf akka tajaajilu gabaasa raawwii baajataa (Financial report)
faayinaansiin qophaa’ee Adeemsichaaf dhiyaata.
4. Gabaasni ji’aa Qonna irraa gara Damee jiini seenee guyyaa 12ffaa, Damee irraa gara
waajjira olaanaa guyyaa 15ffaa, Waajjira Olaanaatti hanga gaafa 20 qindaa’ee
Adeemsa Hojii Deeggarsaa Karooraa, Hordoffii, Dubdeebii fi Bulchiinsa
Teeknooloojiitiif dhiyaachuu qaba.

2.14. Yaa’insa Hojii (Work Flow)


Walitti dhufeenyi hojii Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo
Baajataa maamila Intarpiraayizii keessaa kan ta’an Hojjattoota, Adeemsota hojii,
Waldaa Hojjattootaa fi kkf akkasumas maamila alaa kan ta’an dhaabbata mootummaa,
dhaabbata dhuunfaa, namoota dhuunfaatii fi kkf kan kallattiin galii fi baasii raawwatu

39
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

keessatti walquunnaman yommuu ta’u hojmaata saffisaan raawwachuu fi fedhii


maamila keessaa fi alaa guutuun baay’ee dhimma murteessaa dha. Kanaafuu, maamila
kallattiin Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Faayinaansii fi To’annoo Baajataa
quunnamu saffisaan tajaajiluuf akka gargaaru walitti dhufeenya hojii galii fi baasii
irratti hundaa’ee akkaataa hojmaata barbaachisuun raawwatamuu qaba.
Walitti hidhaminsa hojii (Inter face);
2.14.1. Fedhii maamilaa sassaabuu (Demand Assessment)
a. Kaffaltii (payment)
Walquunnamtii (Linkage) Maamila Keessaa –Adeemsaalee Ijoo fi deeggarsaa
Maamila alaa–Dhaabbata mootummaa fi dhuunfaa
akkasumas namoota dhuunfaa
Yeroo (Time) – Akkaataa gaaffiin kaffaltii dhiyaateen
b. Galii (collection)
Maamila keessaa –Adeemsaalee Ijoo fi deeggarsaa
Maamila alaa – Dhaabbata mootuummaa fi dhuunfaa akkasumas namoota dhuunfaa
Yeroo (Time) – Akkaataa gaaffiin galii dhiyaateen
c. Karoora – Walitti dhufeenya A/ H/D/ Gamaagama, Duub deebii fi Bulchiinsa
Teeknooloojii

Yeroo – Mudde 1 – Mudde 30 Qophii fedhii Baajataa


Amajji 1 - 20 Baajata mirkanaa’e A/H/ D/Gamaagama, Duub deebii fi
Bulchiinsa Teeknooloojii irraa fudhachuu akkasumas karoorri irra
deebi’amee yoo hojjetame Adoolessa 1-20tti sirreeffama baajata mirkanaa’ee
fudhachuu
d. Kaffaltii bittaa

Maamila Keessaatiif– Adeemsa hojii ijoo fooyya’insa oomishtummaaf qophii sanyii fi


Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa
waliin ta’uun tajaajila faayinaansii kennuu.
Maamila Alaa – Kaffaltii kallattii raawwachuun yeroo barbaachisu kaffaltii
raawwachuu.
Yeroo – yeroo bittaan meeshaa raawwate

40
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

e. Hojjataa dhiyeessuu (Labour supplies & training requirement)

Iddoo banaa fi leenjii adeemsifamu Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Qabeenya


namaa fi Jijjiirama hojiitiif dhiyeessuu
Fedhii Leenjii – Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa qabeenya namaa fi Jijjiirama
hojii
Yeroo – Guraandhala 1 hanga 30
f. Hojii Dirree (Field Operation)
Maamila keessaa–Adeemsaalee Hojii ijoo fi deegarsa waliin ta’uun akkaataa
walquunnamtii hojiitiin kaffaltii raawwachuu.
Yeroo (Time) – yeroo hojiin dirree (Field operation) raawwatu.
g. Bittaa fi geejjiba sanyii (Seed purchase & transport)
Maamila keessaa- Adeemsa Hojii ijoo fooyya’insa oomishtummaaf qophii sanyii fi
Adeemsa hojii Deeggarsa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa waliin
ta’uun tajaajila faayinaansii kennuu.
Yeroo- yeroo hojiin raawwatamu
h. Sanyii Qulqulleessuu (Seed processing)
Maamila keessaa-Adeemsa Hojii ijoo fooyya’insa oomishtummaaf qophii sanyii fi
Adeemsa Hojii Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa waliin ta’uun
tajaajila faayinaansii barbaachisu kennuu
Yeroo (time)- yeroo hojiin raawwatamu
i. Galii Gurgurtaa sassaabuu(Sales collection)
Adeemsa Hojii ijoo Gabaa fi Dagaagina Biizinasii fi maamila alaa waliin ta’uun galii
sassaabuuf galmeessuu
Yeroo (time)– yeroo gurgurtaan raawwatu.
j. Gabaasa
Gabaasa odeefannoo faayinaansiitiif gargaaru Dameewwan hundaa fudhachuun
qopheessuu fi qaama ilaallatuuf dabarsuu.
Yeroo (time)- Jiini seenee guyyaa 18 - 20
k. Duub deebii (Feed back)
Maamila tajaajila argate irraa yeroo tajaajila argatetti yaada funaanuu fi duub deebii
kennuu.

41
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

IV.Keewwata Sadii
III.1. Qabiinsa Herreegaa Baasii (Cost Accounting)
1. Galmeen herreegaa mala odeeffannoo ijoo ta’uun dhaabbata kamuu keessati ni
tajaajila, galmeen herreegaa qabxii gurguddoo sadiin odeeffanno kennuun ni tajaaila.
a. Hooggantoota keessaa (Intarpiraayizii)tiif gabaasa karoora hordoffii hojii
guyyaa guyyaatiif gabaafamu.
b. Hoogantoota keessaa (Intarpiraayizii)tiif murtii hojii guyyaa guyyaatiin ala
ta’an, bittaa meeshaa dhaabbii, gatii oomishaa akkasumas tarsiimoo fi karoora
yeroo dheeraaf,
c. Qaama alaa, abbaa qabeenyaa, mootummaa fi maamila alaa birootiif tajaajila
2. Qaamni alaa qabxii sadaffaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u kunis qabiinsa
faayinaansii kan ibsu dha. Gama biraatiin qaamni keessaa kan xiyyeeffatu tokkoffaa
fi lammaffaa irratti ta’a.
3. Gatii (Cost) jechuun qabeenya ykn maallaqa tajaajila tokkoof hojii irra oolchuun
bu’aa argamsiisuuf jecha baasii raawwatu dha.
4. Gatii sanyii fi oomishni tokko ittiin oomishamu argachuuf cost’n nu tajaajilan (Cost
Elements) akka asii gadiitti taa’u,

Qonna irratti
I. Baasii humnaa kallattii (Direct labour cost)
II. Baasii kallattii meeshaa (Direct material cost)
III. Baasii tajaajila meeshaa (Direct service cost)
IV. Baasii bulchiinsaa qonnaa (Farm overhead cost)
Buufata sanyii qopheessuu irratti
I. Baasii humnaa kallattii (Direct labour cost)

42
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

II. Baasii kallattii meeshaa (Direct material cost)


III. Baasii tajaajila meeshaa (Direct service cost)
IV. Baasii overhead buufata sanyii qopheessuu (Processing center overhead)
Damee irratti (Seed processing)
i. Baasii humnaa kallattii (Direct labour cost)
ii. Baasii kallattii meeshaa (Direct material cost)
iii. Baasii tajaajila meeshaa (Direct service cost)
iv. Baasii Bulchiinsaa damee (Branch overhead cost) buufata sanyii qindessaa hin qabne
qofaaf.
5. Waajjira Olaanaa fi Damee irraa ogeessonni gara Qonnaa deemuun gargaarsa
ogummaa kennaniif baasiin iddoo tajaajilli itti kenname irratti baasii kallattii (Direct
cost) irratti galmaa’a.
6. Baasiin ba’e koodii isaatiin adda baasuun galmeessuun gosaa fi akaakuu
oomishaatiin adda ba’ee gara bu’aa fi kisaaraatti deemuu qaba.
7. Baasiin Bulchiinsaa kan waajjira Ol’aanaa fi Dameelee bu’uura baasii qonnaalee fi
buufata qophii sanyii fayyadamaniin (Cost base over head allocation) tiin qonnaalee
fi buufata qophii sanyii raabsamuun baasii waliigalaa keessatti ni qabama.

III.2. Baasii humnaa hojjataa (Labour Cost)


III.2.1. Peeyiroolii (payroll)
1. Intarpiraayiziin hojii qabu raawwachuuf hojjattoota dhaabbii akkaataa
barbaachisuun immoo hojjattoota kontiraataa qaxaraa bulcha. Peeyirooliin
tarreeffama kaffaltii miindaa ji’atti yeroo tokko raawwatu ta’ee gabaasa raawwii
hojii (Attendance) ji’a ji’aan Adeemsa Hojii Deeggarsaa Bulchiinsa Qabeenya
Namaa fi Jijjiirama Hojii irraa dhiyaatu irratti hundaa’uun qophaa’ee kaffaltiin ittiin
raawwata.
2. Gabaasa raawwii hojii (Attendance) jiini seenee gaafa 20ffaa Adeemsa Hojii
Deeggarsa Bulchiinsa Faayinaansii fi Too’annoo Baajataatiif dhiyaata. Guyyaan
kaffaltii guyyaa 25ffaa irraa jalqabee kan raawwatu yoo ta’u qonnaaleef guyyaa
kana irraa jalqabee sagantaan baheefi peerooliin qonnaan qophaa’e dame biratti
sakata’ama. Akkataa peroolii dhiyaateen chekiin mindaa qulqullu (Net pay)
qophaa’e hojjattoota Interpiraayizichaa hundaaf kaffaltiin mindaa ni raawwata.

43
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

III.2.2. Hojjattoota yeroo (Temporary Workers)


1. Intarpiraayiziin hojii haala kontiraataatiin raawwachuuf hojjataa yeroo (kontiraataa)
qaxaruun hojii ni raawwata. Hojjattoonni kontiraataa akkaataa amala hojiitiin
waliigaltee hojii waajjira waliin uumuun miindaan ni murtaa’a.
2. Hordoffiin akkaataa amala hojii hojjatamuun foormaanii (hojjachiisaa)’n ykn
to’ataa yeroo hojiitiin ta’uu ni danda’a.
3. Guyyaa guyyaadhaan raawwiin hojii kan ittiin galmaa’u kaardii hordoffii
hojjattootaa (Labour control card)dhaan maqaa hojjataa, akaakuu hojii, sa’aatii hojii
(ganamaa fi galgala) adda baasuudhaan hojjachiisaan guutama.
4. Yeroo kaffaltii miindaa itti gaafatamaa ilaallatuun mirkanaa’ee kaffaltiif
faayinaansiif dhiyaata.
5. Faayinaansiin kaardii hordoffii (Labour control card) dhiyaate sakatta’uun
peeyiroolii qophaa’e akkaataa seeraatiin kaffaltiin ni raawwata.
6. Maqaa hojjataa tokko tokkootiin guyyaa guyyaadhaan hojii hojjatamee fi kaffaltii
kan ibsu kaardiin dhuunfaa ni qophaa’a. Yeroo kaffaltiin qabduu maallaqaatiin
raawwatu hojjataan hunduu eenyummaa isaa beekuuf akka mijaa’u kaardicha
qabatee dhiyaachuun kaffaltiin ni raawwata.
7. Hojjataa yerootiif liqiin miindaa hin kennamu.
8. Kaffaltiin miindaa erga raawwatee booda akkaataa kaardiitiin sanada ibsa baasii
humna “Labour cost analysis sheet” akaakuu hojiitiin baasiin raawwatee galmaa’aa
walitti ida’amee galmeeffamni herreegaa raawwata.
9. Sanada ibsa baasii humnaa “Labour cost analysis sheet” galmee (JV) waliin
qabsiifamee qonna irraa dameef dhiyaachu qaba.
10. Dameen sanadoota dhiyaatan sakatta’uun sirrummaa isaa mirkaneeffachuun
galmeeffamni herreegaa raawwatee itti gaafatamaa ilaallatuun mirkanaa’uu qaba.
11. Kaffaltiin osoo hin raawwatiin hafe miindaan kaffalamee guyyaa shanaffaatti
Baankitti dhangala’ee nagaheen galii itti qophaa’a.

44
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

12. Hojjataa miindaa osoo hin fudhatiin hafe sababa miindaa yeroodhaan fudhachuu
dhabuu isaa yeroo ibsu fudhachuu dhabuu adda baasuun kaffaltiin raawwata.

III.2.3. Kaffaltii Tilmaamaa (Piece Rate)


1. Hojiiwwan Intarpiraayiziin haala yerootiin (seasonal) raawwatuuf amala hojii
ilaaluun tilmaama kaffaltii baasuun qaama hojjatu waliin waliigaltee raawwachuun
hojii hojjachiisa.
2. Gaaffii hojjachiisaa irraa dhiyaatu ka’umsa gochuun barbaachisummaan hojii
ilaalamee koreen hojii kanaaf dhaabbate tilmaamaa fi yeroo itti raawwatu kennuun
qaama hojii hojjatu waliin waliigaltee barbaachisaa raawwachuun hojichi qaama
hojjatutti kennama.
3. Hojichi xumuramuu isaa yeroo hojjataan ibsamu mallattoo koreetiin qulqullinni
hojii ni mirkanaa’a.
4. Waliigalteef ibsa raawwii qulqullina hojii walitti qabsiisuun gaaffiin kaffaltii
mirkanaa’ee faayinaansiif dhiyaatee haala waliigaltee mallattaa’een hojjatamuu
mirkaneeffachuun sanadaaf hojmaata barbaachisu hordofuun kaffaltiin ni raawwata.
III.2.4. Hojjataa Dhaabbii
1. Miindaa hojjattootaa qopheessuuf Adeemsa deeggarsaa Bulchiinsa Qabeenya
Namaa fi Jijjiirama hojii irraa eeyyama adda addaa, haftee hojii fi guyyaa hojii
waliigalaa kan ibsu (Service Report) Adeemsa Hojii Deeggarsa Bulchiinsa
Faayinaansii fi To’annoo Baajataatiif ni dhiyaata.
2. Peeyirooliin dirqama mootummaa fi Intarpiraayizii barbaachisaa ta’e hir’isuu kan
danda’u ta’uu qaba.
3. Hojjataan tokko sababa adda addaatiin argamee miindaa fudhachuu yoo baate nama
miindaa isaa fuudhu bakka buusuu ni danda’a. Bakka bu’insi yeroo hagamiif akka
ta’e ibsuu qaba, qabaan qarshii miindaa fi kaffaltii adda addaatiif bakka bu’uu yoo
baate filatamaa dha.
4. Peeyirooliin ji’a darbe faana madaalamuun erga sakatta’amee booda qophaa’ee itti
gaafatamaa ilaallatuun mirkanaa’uu qaba.

45
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

5. Akkaataa peeyiroolii qophaa’eetiin miindaa qulqulluu ta’eef Baankiidhaan yookiin


cheekiin qophaa’ee qabaa maallaqaatiif kennama.
6. Qabaan maallaqaa eegdoo gahaa ta’e waliin ta’uun maallaqa Baankiirraa baasuun
waraqaa eenyummaa hojjattootaa ilaalaa kaffaltii raawwata.
7. Erga kaffaltiin raawwatame akaakuu herreegaatiin galmeen ni raawwatama.
8. Kaffaltiin osoo hin raawwatiin hafe guyyaa shanaffaa Baankiitti dhangala’ee
nagaheen galii itti qophaa’a.
9. Ji’a ji’aan peeyirooliin qophaa’ee peeyiroolii darbe waliin araarfamaa
garaagarummaan yoo jiraatee fi hojjataan dabalame ykn hir’ifame jiraachuu adda
baasuun barbaachisaa dha.
10. Ji’a keessatti hojjattoonni qaxaraman peeyiroolii irratti galmaa’uu, kan gadi
lakkisan yoo jiraatan peeyiroolii irraa haqamu qaban.

III.3. Baasii Meeshaa (Material cost)


1. Baasii meeshaatiif akka odeeffannootti kan tajaajilu sanada mana kuusaa keessatti
baasiif itti fayyadamnu dha.
2. Sanada baasii irratti gatiin guutame sirrii ta’uu mirkaneeffachuun baay’ina meeshaa
gatii tokkootiin baay’isuun sanada irratti guutama.
3. Faayinaansiin sanadoota dhiyaatan akkaataa gaaffiitiin baasii ta’uu ilaaluun koodii
chaartii irra jiruun sanada dhiyaate hundaafuu koodii baasiitiin galmeessa.
4. Akkaataa sanada tokko tokkootiin “Material consumption Analysis sheet” n
galmaa’a.
5. Sanada ibsituu itti fayyadaminsa meeshaa “Material consumption Analysis sheet”
dhiyaateen wal hordofinsa sanadaa ilaalaa ida’uun itti gaafatamaa ilaallatuun erga
mirkanaa’ee booda galmeeffamni herreegaa ni taasifama. Gabaasni galmeef akka
mijaa’u qonnaa irraa gara dameetti akka darbu taasifama.

III.4.Baasii Bulchiinsaa (overhead cost)


Qonnaalee hojii oomishaa raawwataniif baasiin raawwatu seeraan galmaa’uu qaba.
Baasiin kun koodii sirrii akka qabatu taasifamee gara joornaalaa darba. Kanaafuu,
baasiin kuufame akkaataa gosa mala dabarsa baasii (Absorbition Cost)tiin gara akaakuu
oomisha kallattiitti jijjiiruun (qooduun) galmeeffama.

III.5. Baasii Bulchiinsaa fi Gurgurtaa (Administrative,


46
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

General and selling expenses)


Waajjira Ol’aanaa fi Damee irratti basiiwwan bulchiinsaa, waliigalaa fi gurgurtaa ta’e
kan itti galmaa’u dha. Kunis baasiiwwan oomishtummaa saanyiitii fi oomisha adda
addaa kan walitti dhufeenya hin qabneef baasiiwwan bulchiinsa, gurgurtaa fi waliigalaa
jedhamee addatti akka galmeeffamu ni taasifama.

III.6. Sirreeffama waggaa darbee (Prior year


Adjustments)
1. Sirreeffamni waggaa darbee kan uumamu herreegni waggaa erga cufamee booda
sanadoota kaffaltii turanii dhiyaatan, sanada yeroo, sanadoota herreegni hin bu’iin
akkasumas galii kan hammatu yommuu ta’u akkaataa guddina maallaqaatiin herreega
waggaa keessa yoo gale bu’aa fi kisaaraa irratti garaagarummaa guddaa kan uumu
ta’uun yoo beekame sirreeffama baasii ykn galii bara darbee jedhamuun
galmeeffamee mul’ata.

III.7. Mala itti fayyadaminsa Sanadaa (Voucher System)


Intarpiraayizichi herreegaa galmeessu sanada kaffaltii (PV), Journal voucher (JV),
Nagahee galii (CRV) fi kkf irraa raawwata.

III.8. Ibsa Herreegaa (Financial Statements)


Dhuma waggaa irratti galmeen herreegaa cufamee ibsi herreegaa qophaa’uu qaba.
Bu’aa hojii Intarpiraayizichaa madaaluu fi bu’aa qaama fayyadamtoota kessaa fi alaatiif
akkasumas hojjattoota, mootummaa fi kkf beeksisuu bu’aa Intarpiraayizichaa dhugaa fi
ifa ta’e kan mul’isu ibsi herreegaa (Financial Statement) ni qophaa’a.
A. Ibsa Qabeenyaa fi Idaa (Balance Sheet)
Ibsi kun kan agarsiisu qabeenyaa fi idaa akkasumas kaappitaala qulqulluu guyyaa ibsi
ittiin qophaa’een kan ibsu dha.

B. Bu’aa fi kisaaraa (Income Statement)


Ibsi kun kan agarsiisu bu’aa hojii Intarpiraayizii yeroo murtaa’e keessatti kan ibsu ta’ee
galii, baasii, bu’aa, kisaaraa fi kkf qabata.

C. Sochii Maallaqaa (Cash Flow)

47
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

Ibsi kun kan agarsiisu sochii galii fi baasii maallaqa sanadaa itti hojjatamu irratti
hirkatee kan yeroo murtaa’e keessatti agarsiisuu dha.

D. Ibsa Dabalataa (Notes to the Account)


Ibsi kun qabeenya, idaa, bu’aa fi kisaaraa akkasumas sochii maallaqaa kan ibsu
yommuu ta’u akka odeeffannoo dabalataatti ka’umsa ibsaa ta’uun ni tajaajila. Akaakuu
ibsi kun itti qophaa’u koodii herreegaatiin qabsiifamuu qabu.

III.9. Cufinsa Herreegaa (Account Closing)


Galmeen herreegaa waggaa cufamuun dura faayinaansiin Intarpiraayizichaa qophii
taasisuu qabu ilaaluun cufinsa milkaa’aa raawwachuuf qabxiileen barbaachisan armaan
gaditti ibsamaniiru;

a. Gabaasni ji’a ji’aa fi waggaa guutuu Qonnaalee, Damee fi waajjira olaanaa keessatti
hammatamuu qabu jornaala keessatti mirkanaa’uu qaba.
b. Lakkoofsii meeshaa waggaa (annual Inventory) koree kutaa ilaallatu irraa
gurmaa’een yeroo gabaabaa keessatti lakkoofsi raawwatee sirrummaan mirkanaa’ee
dhiyaachuu adda baafachuu.
c. Lakkoofsi maallaqaa (Cash count) Intarpiraayizichaa Waxabajjii 30 raawwachuu
mirkaneeffachuu.
d. Akuraalii adda baasuun galmeeffama barbaachisu raawwachuu.
e. Meeshaa geejjiba irra jiru (goods in transit) herreegni isaa qulqullaa’uun
sirrummaan isaa adda bahuun galmeeffama barbaachisaa raawwachuu.
f. Sochiin galii fi baasii waggaa sanyii, oomisha, xaa’oo, keemikaala, boba’aa fi kkf
tarreeffamaan qophaa’anii lakkoofsa waggaa (inventory) waliin araarsuun
galmeeffamni barbaachisaan raawwatama.
g. Meeshaa dhaabbataa galmeessuun waggaa keessatti meeshaan dabalataa yoo bitame
akka galmaa’u taasisuu.
h. Galmee meeshaa dhaabbii irraa tajaajila waggaa meeshaa hir’isuun galmeeffama
barbaachisaa ta’e raawwachuu.

48
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

i. Ji’oota waggaa hunda keessatti isteetimantii baankii (bank statement) baankii hunda
irraa sassaabuudhaan ji’a ji’aan araarsa Baankii qopheessuun galmee jornaalaa
wajjin ilaaluun galmeeffama barbaachisaa raawwachuu.
j. Dhuma waggaa irratti lakkoofsa maallaqaa Intarpiraayizicha irratti raawwate
galmeeffama herreegaatiin walsimsiisuun sirreeffama barbaachisaa ta’e
raawwachuu.
k. Cufinsi herreegaa kan raawwatu sadarkaa Waajjira olaanaa, Damee fi Qonnaa irratti
ta’a.
l. Cufinsi herreegaa Sadarkaa qonnaatti hanga Adoolessa 30tti fi sadarkaa dameetti
hanga Hagayya 30 tti herregni kan cufamu ta’a.
m. Hojmaata armaan olitti ibsaman qonnaa fi Damee irraa sassaabuun galmeeffama
barbaachisu raawwachuun hanga Fulbaana 30tti cufinsi herreegaa sadarkaa waajjira
Ol’aanaatti raawwata.
n. Herreegota xumura waggaa irratti cufamuu qaban (Temporary Accounts) cufuu fi
bu’aa fi kisaaraa Intarpiraayizichaa gara kaappitaalaatti naannessuun cufinsa
herreegaa (Closing Entry) raawwachuu.
o. Cufinsi herreegaa erga raawwateen booda cufinsa madaallii yaalii boodaa (Post-
Closing Trial Balance) qopheessuu.
III.10. Hordoffii Odiitii
III.10.1. Hordoffii Keessaa
1. Intarpiraayiziin yeroo yeroodhaan imaammataa fi hojmaata jiru sakatta’uu fi
foyyessuun rakkoolee keessaa hojii irratti uumamuu danda’an hordoffi keessaatiin
dhabamsiisuu qaba.
2. Malli hordoffii keessaa qabeenyaa fi maallaqaa Intarpiraayizii seeraan hojii irra
ooluu isaanii galmee faayinaansii fi hojjataa jiruun ni to’ata.
3. Hordoffii keessaa jechuun odeefanno faayinaansii Intarpiraayizichaa galmeessuu fi
walitti fiduun dandeettii fi gahumsa dhimmoota asii gaditti ibsamaniin akka jiraatu
taasisuu dha;
a. Hordoffii hojii herreegaa jechuun galmeen hundinuu ifa haala ta’een waggaa
tokko irraa gara waggaa biraatti wal hordofinsa haala qabuun herreega

49
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

waliigalaan fudhatama qaban (IFRS) fi seera biyyattiitiin galmaa’ee gabaasa


taasifama.
b. Hordoffii Bulchiinsaa jechuun itti gaafatamtoota Intarpiraayizichaa waliin kan
waliiti dhufu yoo ta’u bu’aa hojii faayinaansii dhaabbatichaa ogeessa ilaallatu
fayyadamuun galma akka gahu taasisuu dha.
4. Hordoffiin asii olitti ibsame qulqullina raawwii hojmaata Intarpiraayizichaa kan
ibsu ta’uu qaba.

III.10.2. Odiitii Alaatiin Herreega sakattaasisuu


(External Auditing)
1. Ibsi herreega waggaa bu’aa hojii Intarpiraayizichaa akkaataa faayinaansii akkasumas
hojiin herreegaa dhuma waggaatti sadarkaa irra jiru ibsa.
2. Ibsi faayinaansii yeroo isaa eeggatee qophaa’uu qaba sagantaa qophaa’een ibsi
faayinaansi dhiyaatee sakatta’insi birbaachisu ni taasifama. Kunis, herreegni
Intarpiraayizichaa seeraan qophaa’uu, galmeen kan baajata kanaa ta’uu akkasumas
galmeeffama herreegaa, depreciation, lakkoofsa (Inventory) galmeen walsimuu fi
kkf ilaalamuu qaba.
3. Itti gaafatamaa olaanaa Intarpiraayiziitiif itti gaafatamaa Faayinaansiitiin ibsi
herreegaa erga mirkanaa’ee booda odiitii alaatiif ni qophaa’a.
4. Yeroo sakatta’insaa dogoggorri quunnamu waggaa itti aanu sirreeffamni akka
taasifamu, sirreeffama odiitii jechuun odiitaroota irraa ibsameeni kennama.
5. Odiitaroonni sanada odeeffannoo barbaachisaa ibsa gahaa waliin ibsa herreegaa
dhaabbatichaa ceepha’uun yaada isaani kennuu ibsaa fi gabaasa odiitii gidduu
garaagarumaan jiru ni ibsama.

III.11. Itti gaafatamummaa


Qaamni sadarkaa sadarkaan jiru qabxiiwwan qajeelfama kana keessatti ibsaman yeroo
fi seera isaa eeguun raawwachuuf dirqama qaba.

III.12. Fooyya’insa Qajeelfama Kanaa


Qajeelfamni kun yeroo hojiirra oolu wanti fooyya’uu qaban yoo uumamanii fi Hojii
Gaggeessaa Ol’aanaa Intarpiraayizichaatiin yoo itti amaname fooyya’ee Boordiidhaaf
dhiyaatee akka mirkanaa’u ni taasifama.

50
INTARPIRAAYIZII SANYII FILATAMAA OROMIYAA QH/ISFO/15

OROMIA SEED ENTERPRISE


Haromsa 1 QAJEELFAMA FAYINAANSII

III.13. Yeroo qajeelfamni kun hojiirra oolu


Qajeelfamni kun guyyaa _______________Boordii Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa
Oromiyaatiin dhiyaatee mirkanaa’e irraa eegalee hojii irra kan oolu ta’a.

V. Keewwata Afur
IV.1. Sanadoota Hojii (Working Formats)
1. Maxxansaalee adda addaa fi foormiiwwan Intarpiraayizii amala hojii bu’uura
godhachuun galmeeffama herreegaa raawwachuu, akkasumas hojii haala salphaa fi
saffina qabuun raawwachuu fi tajaajilamaa hatattamaan keessummeessuun dirqama
nurraa barbaadamu ba’uuf sanada tajaajila kenuu dha. Haaluma kanaan, sanadoota
amma hojii irra jiranii fi of duraafis kan tajaajilan waan ta’aniif akkaataa
barbaachisummaa isaanii ilaaluun sanadoota hojii irra olan fudhatamaniiru.
2. Koree armaan dura dhaabbateen maxxansaalee qophaa’e akkuma jirutti fudhachuun
akka hojii irra oolan taasifamanii jiru. Foormaatiin walqabatee sanada hojmaataaf
bu’aa qaban yaada keessa galchuun asiin dura kan jiran irratti dabaluudhaan akka
qophaa’an ta’aniiru. Yeroo hojmaanni faayinaansii raawwatu maxxansaalee fi
foormiiwwan guutamuu qabu hundi guutamee dhiyaachuu qaba.
3. Haaluma kanaan, maxxansaalee fi foormaatiiwwan ibsaman kan hojmaata
faayinaansiitiif qofa tajaajilan ta’uu isaanii beekamee akkaataa barbaachisummaa
hojiitiin kan ilaalamanii sirreefamus ta’ee dabalamuu danda’an ta’uun hubatamuu
qaba.

51

You might also like