You are on page 1of 15

BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA

MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

MOODEELA BARNOOTA AFAAN OROMOO KUTAA 8FFAA BARA 2012

BIIROO BARNOOTA BULCHINSA MAGAALAA FINFINNEETTI

QORMAATA MOODELA KUTAA 8FFAA BARA 2012/2020

Gosa Barnootaa: Baayoloojii . Sa’atii Kenname 1:oo

1. Ajaja kenname sirriitti dubbisi.

2. Yoo gaaffii qabaatte osoo qormaanni hin eegalin nama to’atu gaafadhu. Qorumsi

jalqabnaan gaaffii fi deebiin hin danda’amu.

3. Waraqaan qorumsaa kun barattoota kutaa 8ffaa Mana Barnoota Afaan Oromoo

barataniif kan qophaa’eedha.

4. Tokkoon tokkoo gaaffii filannoowwan afur kan A, B, C fi D jedhamanii dhiyaatan

qaba. Tokkoon tokkoon gaaffii fi filannoowwan isaa erga dubbisteen booda filannoo

deebii ni ta’a jettu waraqaa deebiif qophaa’e irratti qubee filannoo keetii qubeessaadhan

gurraachessi.

Fakkeenyaaf “A” kan filatte yoo ta’e akka armaan gadiitti qubee “A” hammattuu

keessa jiru gurraachessi

[A] [B] [C] [D]

5. Yoo deebii kee jijjiiruu barbaadde dura filannoo kee isa duraa sirriitti haquu qabda.

6. Qormaata kophaa kee hojjachuu qabda.

7. Yoo naamusaan ala hojjattee argamte firiin qormaata ketii nihaqama.

8. Yeroon qormaataaf kenname dhumuu isaa too’ataan yoo sitti hime battalumatti

dhaabuu qabda.

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 1


BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA
MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

Qajeelfama: Gaaffiwwan 1-15 Jiraniif Seera Afaanii Irratti Hundaa’uun Deebisi.

1. Cimnee yoo baranne doofummaa ni injifanna. Mathima hima kanaa kan ta’u isa kami?

A. Isin C. Ati

B. Nuti D. Isaan

2. Himni tokko ergaa guutuu dabarsuuf_______fi______qabaachuu qaba.

A. mathimaafi jecha C. mathimaafi xumura

B. mathimaafi gaalee D. mathimaafi ciroo

3. Jechoota armaan gadii keessaa jechi irra buta qabu isa kami?

A. fedhuu C. tattaaffii

B. kaayyoo D. gargaarsa

4. Kanneen armaan gadii keessaa jechi sagalee jabaa qabu kami?

A. faallaa C. laafaa

B. fal’aana D. morkii

5. Ani sokkeeran se’ee, edaa inni_________ irra dhaabbatee na eega.

A. maqa C. maqaa

B. maaqa D. maaqaa

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 2


BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA
MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

6. Hoomaan waraanaa tulluu gamaa sana irra qubatee jira. Hiika jecha gurraacha’ee kan

ta’u isa kami?

A. ciisee C. naanna’ee

B. buufatee D. marsee

7. Jecha tishoo jechoota biroo irraa adda kan taasisu isa kami?

A. Jabaatee barreeffamuu isaa

B. Dheeratee barreeffamuu isaa

C. Jechoota ofdanda’oo sadirraa ijaaramuu isaa

D. Jechoota ofdanda’oo lama irraa ijaaramuu isaa

8. Afaan Oromoo keessa maxxantuu gosa meeqatu jira?

A. sadi C. lama

B. afur D. tokko

9. Tolaafi Kumeen obboleewwani; _________baay’ee wal hinjaalatan.

A. kanaafuu C. garuu

B. moo D. yookiin

10. Hima “Leenci Gafarsa qabatee nyaate” jedhu keessatti, aantimni isa kami?

A. Leenca C. qabate

B. Gafarsa D. nyaate

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 3


BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA
MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

11.Gorsi Abbaa Gadaa akka laayyootti kan ilaalamu miti. Hiikni jecha jala sararamee

maal ta’a?

A. qoosaatti C. hamaatti

B. cimaatti D. kolfaatti

12.Har’a barruu harka koo na nyaate. Hiika jechama gurraacha’ee kan ta’u kami?

A. na soorate C. na alanfate

B. na cuffate D. na hooqsise

13.Hima “yoo as dhufte, nadubbisi.” jedhu keessatti kan jala murarame maal ta’a?

A. ibsa maqaa C. ciroo hirkataa

B. maqaa D. ciroo of danda’aa

14.Gaaleen gara manaa jedhu gosa gaalee kamii ta’a?

A. gaalee maqaa C. gaalee maqibsii

B. gaalee durduubee D. gaalee xumuraa

15.Badhaasaan hoolaa _____haaduu___. Jechoonni sirriitti qubeeffamanii bakka duwwaa

kennaman walduraa duubaan guutuu danda’an kami?

A. qaluf/qaratee C. qaluuf/qarate

B. qaaluf/qaraate D. qaaluuf/qaratte

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 4


BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA
MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

Qajeelfama: Gaaffiwwan 16-20 Jiraniif Jechoota kennamaniif jecha hiika faallaa isaanii

qabate filadhuu deebisi.

16.Lugna

A. diina C. dabeessa

B. fira D. goota

17.Arjaa

A. doqna C. kan namaa tolu

B. garraamii D. gara laafessa

18.Wallaalaa

A. doofaa C. kan homaa hinbeekne

B. beekaa D. Gowwaa

19.Dhara

A. dhugaa C. soba

B. kijiba D. kan haqa hintaane

20.Beela

A. gogiinsa C. quufa

B. hongee D. rakkina

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 5


BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA
MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

Qajeelfama: Gaaffiwwan 21-25Jiraniif Jechoota kennamaniif qubee jecha hiika sirrii

qabate filadhu.

21.Saalfii

A. qaanii C. badii

B. ija jabina D. muddama

22.Beeke

A. hayyuu C. bare

B. wallaale D. guddate

23.Qaruuxee

A. baaduu C. gabaabduu

B. gamna D. qal’oo

24.Aantee

A. alagaa C. diina

D. nama fagoo D. fira

25.Barraaqa

A. waarii C. barii

B. galgala D. guyyaa

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 6


BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA
MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

Qajeelfama: Gaaffiwwan 26-40Jiraniif haala gaafatamteen qubee deebii sirrii qabate

filaduu deebisi.

26.Dandeettiiwwan afaanii keessaa osoo mana barumsaa hingalin kan baratamuu kami?

A. dhaggeeffachuu C. barreessuu

B. dubbisuu D. qubeessuu

27.Amala afaanii kan hintaane kami? Afaan:

A. seera mataasaa dhabuu C. baratamuu

B. Walqixa tahuu D. akka feetee tahuu

28.Kanneen armaan gadii keessaa gabaajee kan ta’e kami?

A. Hub. C. fkn.

B. L.S. P. D. ykn.

29.Keeyyanni tokko caasaalee meeqa of keessaaqaba?

A. 3 C. 2

B. 4 D. 5

30.Kanneen gadii keessaa xalayaan dhuunfaa kan of keessaa hinqabne kami?

A. guyyaa C. qaama ergu

B. qaama fudhatu D. chaappaa

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 7


BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA
MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

31.Jechi shan jedhu birsaga meeqa qaba?

A. 2 C. 3

B. 1 D. 4

32.Yaada haqaa kan ta’e kami?

A. Waan duumessaa’eef roobuu danda’a

B. Abdiin boru dhufuu nidanda’a

C. Dammi dhandhama mi’aawaa qaba

D. Dammi waan mi’aawuf namni hundi nijaalata

33.Jechoota asii gadii keessaa durduubee kan hintaane kami?

A. keessa C. jala

B. irra D. diimaa

34.Obbo Tolaan handhuuraa daa’ima kootiif kenne. Handhuuraan maali?

A. kennaa yeroo gaddaa kennamu

B. kennaa yeroo cidhaa kennamu

C. kennaa yeroo daa’imni dhalattu kennamu

D. kennaa yeroon ayyaanaa kennamu

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 8


BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA
MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

35.Jecha fardeen jedhu keessatti maxxantuun argamu kami?

A. fard- C. –en

B. –een D. –n

36.Isheen yeroo hunda dubbisti;_______daree ishee keessaa tokkoffaa baate.

A. kanaafuu C. garuu

B. haata’umalee D. ta’ullee

37.Hundee jecha deeman jedhuu ta’uu kan danda’u kami?

A. dee- C. deema-

B. deemuu- D. deem-

38.Hima “Obsaan sangaa dulloomaa bite.” jedhu keessatti ibsi maqaa kami?

A. dulloomaa C. bite

B. sangaa D. Obsaa

39.Kununsi naannoo keenyaa dantaa mara keenyaa ta’uu qaba. Hiikni jecha gurraacha’ee

kam ?

A. dhimma C. jiruu

B. hunda D. muraasa

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 9


BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA
MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

40.Ani nama walitti naqee gidduutti fayyadamuu hinbarbaadu. Walitti naqee jechuun:

A. araarsee C. sirbisiisee

B. gammachiisee D. wallolchiisee

Qajeelfama: Gaaffilee 41-43Jiraniif, hima qub-guddeessaafi sirna-tuqaalee sirriitti

fayyadame filadhu.

41. A. Ebla 13, bara 2011 walfuudhan.

B. Ebla 13 bara 2011 walfuudhan

C . ebla 13, bara 2011 walfuudhan

D. Ebla, 13 bara 2011 walfuudhan?

42. A. Maqaan kee, eenyu! C. Maqaan kee eenyu

B. Maqaan kee eenyu? D. Maqaan kee: eenyu?

43. A. Badhaasaan, qotee bulaadha! C. Badhaasaan qotee bulaadha.

B. badhaasaan qotee bulaadha? D. badhaasaan Qotee bulaadha.

Qajeelfama: Gaaffilee 44- 47 jiraniif, hiikaa jechamootaa irratti hundaa’uun qubee

deebii sirrii qabate filadhu.

44.Ija laafa:

A. ija xiqqaata C. ija gurguddata

B. ni saalfata D. hinargu

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 10


BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA
MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

45.Jilba qabate:

A. kadhate C. taa’e

B. isa dhukkube D. gugguufe

46.Harka wayaa jalaan:

A. iftoominaan C. dhoksaan

B. haqaan D. karaa jalaa

47.Funyaan bira:

A. fuula bira C. fagoo

B. dhiyoo D. halaala

Qajeelfama: Gaaffilee 48-50 Jiraniif, hiibboowwan dhiyaataniif qubee deebii sirrii

qabate filadhu.

48.Bosona guddaa seeneen ulee qajeelaa dhabe.

A. laga guddaa C. ibidda

B. lafee cinaachaa D. gabaa

49.Wajjumaan nyaannaa maaf huuqqatta?

A. gabatee C. harka

B. fal’aana D. afaan

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 11


BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA
MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

50.Anoo ergaan dhaqa; atoo eessa dhaqxa?

A. miila C. gaaddidduu

B. harka D. funyaan

Qajeelfama:Gaafflee 51-55 Jiraniif, yaada mammaaksota armaan gadii guutuu

danda’an filadhu.

51.Bittaa wallaalanii __________________abaaran.

A. guyyaa gabaa C. of

B. meeshaalee D. gabaa

52.“Harreen hidhaa kutte jennaan, ofittuu_______” jedhe.

A. dire C. gaabsite

B. xaxxe D. marte

53.Kan sangaan iyyuu malu __________________iyyiti.

A. waanjoon C. qacceen

B. hordaan D. tikseen

54.Qalbiin ilaalan malee______________hinargu.

A. yaadni C. funyaan

B. iji D. harki

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 12


BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA
MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

55.Akka abaluun sirbaan ____________nama jallisa.

A. morma C. miila

B. harka D. cinaacha

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 13


BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA
MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

Qajeelfama: Gaaffilee56-60 Jiraniif, dubbisa dhiyaate irratti hundaa’uun gaaffilee

jiraniif qubee deebii sirrii qabate filadhu.

Dubbisa

Namni kanaan dura ishee beeku amanuun isa dhiba. Rifeensi mataa ishee akka bissii garbuu

walirra naqamee jiru sun luqqa’ee akka maasii xaafii lolaan irraa haree jiru fakkaateera.

Ijawwan ishee boqqoolloon sun boolla roobni qote fakkaataniiru. Gaduma buunaan hidhiin

goraa diimate fakkaatu luqqa’eera. Mudhiin duratti harka lamaan wal hingeessifamne akka

lilmoo qal’tee cituu cituu jedha. Gaddaafi naasuu keessa dafee dafee ija koo gadi buufnaan

sarbaan duratti gudeelcha jige fakkaatu muka calii ta’eera. Koomeen dura bilillee fakkaatu

akka lafa bokkaa dhabee jiruu babbaqaqeera. Namni duraan ishee beeku amma yoo ishee

arge foon kan nama gowwoomsitu ta’uu ishee salphaatti mirkaneeffata.

Maddi: Ijaarsa Barreeffama Afaan Oromoo, Yuunivarsiitii Amboo irraa kan fudhatame

56.Mata dureen dubbisa dhiyaatee ta’uu kan danda’u kami?

A. Jijjiirama hir’ina qaamaa C. lafa bokkaa dhabe

B. Gaddaafi naasuu D. Bissii garbuu

57.Hiikni jecha dhiba jedhuu ( sarara jalqabaarratti) maalta’a?

A. mijata C. tola

B. hubachiisa D. rakkisa

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 14


BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA
MODEELA KUTAA 8FFAA SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012

58.Dubbisa kana keessatti jechi maasii hiikni isaa maali?

A. tabba C. sulula

B. laga D. ooyruu

59.Barreeffamni kun keeyyata meeqa qaba?

A. 1 C. 8

B. 3 D. 4

60.Barreeffama armaan olii keessatti maqdhaalli (bamaqaan) ishee jedhu ramaddii

meeqaffaa agarsiisa?

A. 1ffaa C. 2ffaa

B. 3ffaa D. 4ffaa

MOODEELA AFAAN OROMOO SEMISTEERA 2FFAA BARA 2012 Fuula- 15

You might also like