You are on page 1of 181

HIREE FI HIRAARSA

MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAA

HAGAYYA, 2020
FINFINNEE, OROMIYAA
Yaada Keessaniif:

Lakk. bilbilaa: +251927187088

Email: margaa30fayyoo@gmail.com

Facebook: Margaa Fayyeeraa/Godaannisa Qomoo

Gulaaltonni:

1. Caalchisaa Gammachuu (Yuunibarsiitii Ambootti


Barsiisaa Gaazexeessummaa fi Quunnamtii)
2. Mul‟ataa Dhugumaa (Yuunibarsiitii Ambootti
Barsiisaa Afaan Ingilizii fi Kaadhimamaa PhD)
3. Rabbirraa Dhaabaa (Yuunibarsiitii Ambootti Barsiisaa
Ogbaruu fi Kaadhimamaa PhD)

…………………………………………………………

FINFINNEE, OROMIYAA

1|P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Copyright©MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAA 2020
Kitaaba kana eeyyama barreessaatiin ala karaa kamiin illee baay‟isuus
ta‟ee raabsuun seeraan nama gaafachiisa. Haa ta‟u malee, qorannoofis
ta‟ee waan biraaf madda eeranii wabeeffachuun mirga fayyadamaati.

Maxxansa 1ffaa: Hagayya 2020

…………………………………………………………

FINFINNEE, OROMIYAA
2|P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Yaadannoo

Haacaaluu Hundeessaa Boonsaa nama waan hundaan guutuu dha.


Badhaasa Waaqni Oromoof kennettin yaada. Nama dhimma Oromoo
bakka namuu hiixatee buusuu hin dandeenyetti fageessee suuqe dha.
Wareegama gootaa wareegamuu isaatti gammaduuf iyyuu, umrii
kichuu kanatti wareegamuun isaa namummaa keessaa na baase. Eelaa
hin fayyinen eele. Kitaabni kun Haacaaluu fi warra barbaacha lubbuu
isaa qaalii deebii hin qabneef manaa bahanii gala dhabaniif yaadannoo
naaf haa ta‟u.

.………………………………………..

3|P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Ariirrata

Kabajamtoota dubbiftoota kitaaba kanaa, kitaabni kun asoosama


seenessaati. Seenessa taateewwan dhugaa fi qabatamoo kutaa
Oromiyaa keessatti bara dhufee darbaa gita bittoota biyyattiin dhala
Oromoo irratti raawwatamaa turan seenessa. Maqaaleen taatotaa fi
bakkeewwanii as keessatti fayyadame dhugaa miti; moggaasa dha.
Haa ta‟u malee, dinqisiifannaan maqaalee namoota jajjaboo
hawaasichi qabuu fi kutaalee naannichaaf barreeffamicha keessatti
argaman dhugaa ta‟uu isiniifin mirkaneessa.

4|P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


DHAAMSA

Oromummaan tasa illee, yoom illee hin baduu hin yaadda‟inaa.


Oromummaa gaafa Oromiyaa qofa keessa jiru baduu didetu har‟a
gaafa Ardiiwwan Ameerikaa, Awurooppaa, Eeshiyaa fi Afrikaa mara
keessa jiru badaaf yaaddoftuu? Yoo kan badus ta‟e, wacaa fi tattaaffii
ormaatiin osoo hin ta‟iin hayyamaa fi fedhii Oromootiini. Kana
jechuun Oromoon yoo Oromummaa jibbe qofaa Oromummaan baduu
mala; kun immoo tasa iyyuu hin yaadamu. Kanin isin kadhadhu
Oromoon kamuu yoo lafa Oromummaan hin barbaachifnee fi
mul‟isuun isinitti jabaatu dhaqxan illee irra keessa waan barbaadamu
dibadhaatii keessoo keessanitti Oromummaa dhugaa itichaa.

Dhaladhee yoon of beeku carraa akaakayyuuwwan koo fi abbaa koo


arguu fi isaaniin gorfamee, lolamee fi dhaanamee guddachuu
argadheera. Akkin ani isaan itti arge akka ormi odeessu miti. Dhugaa
Waaqaa fi lafaa abbaan koo illee tarii waan mana barnootaa tureef
bishaan qaroominaa liqemse ta‟aa, akaakayyuuwan koo fi hiriyoonni
isaanii manguddoo naannawaa dabalatee isaanii qumxaa hidhatu hin
agarre. Keessumaa immoo gaafa dhimmaaf manaa bahanii fi sirna
qaban huccuu qaban keessaa isa miiccamaa fi qulqulluu uffatanii shir
jedhanii manaa bahu. Gaafan guddadhee of beekee orma waliin ooluu
jalqabu, garuu waa‟ee qomoo koo waanti odeeffamu waan biraa dha.
Waan baay‟ee odeessan keessaa akka qomoo koo uffata uffachuu
barsiisanitti kan odeeffatan hedduu na dinqa. Waanti nama dhibu,
garuu warri qomoo kootti huccuu uffisuu odeeffatan har‟a illee
walakkaan qaama isaanii qullaa ta‟uu dha. Warri qaroomina sanyii
isaanii akkasiin odeessan baay‟een isaanii warra sanyii ofii keessatti
dhalatanii guddatan osoo hin ta‟iin warra Oromiyaa irratti dhalatanii,
dhangaa Oromoo nyaatanii, aannan Oromoo dhuganii guddatani dha.
Keessumaa warra gar-tokkeetti caala. Gara lachuu irraa dhalatanii
yeroo isaan wal caalchisan hedduun taajjaba. Warri akkasii sun sanyii
gara garaa irraa dhalachuun waan isaan aarseef akka akkas godhanin
5|P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
tilmaama. Kun immoo yaaddoo xiin-sammuuti. Deeggarsa isaan
barbaachisa. Akkas ta‟uu isaaniitiin akka ofitti boonan gargaaraa.
Jaalatanii akka akkatti hin dhalannee fi lachuu isaaniif qixa ta‟uu
hubachiisaatii xiin-sammuu isaanii cimsaa.

Dargaggeessa Oromoo haariin duchiisu, kan xiiqiin miixachiisu argee


namuu halaalaa gojoma‟a. Inni jibbu, inni hinaafu, inni sodaatu, inni
tuffatus osoo hin hafiin “Maal qaba qomoon koos osoo akkatti naaf
baay‟atee, naaf goobee; osoo akkatti qixa naaf gahee?” jechuun ija
hawwii fi kan biraan wal makteen miixatee ilaala. Ilaaluu qofaa miti,
akkamiin akka dhimma itti bahu mala dhawata; ni shookkifata; ni
wiriiqata. Kanaan asii fi achitti, gamaa gamanatti, galgalaa fi
ganamatti, halkanii fi guyyaatti, gannaa fi bonatti, roobaa fi caamatti
qoqqoodee dhimma ofii ittiin bahachuuf wajaga. Kana gochuufis fira,
dhimmamaa, ko‟oommataa fi of kennaa fakkaatee seena. Maal qaba
goobaan obboleessa koo osoo qalbii naaf godhatee firaa fi orma addaa
naaf baasee baree? Maal qaba osoo fira fakkaatee seenaas naaf
hubatee? Maal qaba osoo irraa fi jalaan wal naaf kabajee? Maal qaba
hangafummaa quxisuun osoo wal dhagahee? Beekaa fi wallaalaan
osoo waliif dhaggeeffaatee? Onnee isaa wal irratti qusatee? Maaloon
kadhaa kooti!

Dhaladhee of beeknaan mana barnootaattin of arge. Jabaadhee yeroon


barnoota sadarkaa lammaffaa seenun fincila barattootaa arge; hanga
humna koos ittan hirmaadhe. Hanguma hirmaannaan koo dabalaa
dhufun namoota qabsoo uummatichaatti bilchaatan waliin wal
quunnamuu jalqabe. Akki isaan itti Oromiyaaf dhukkubsatan nama
onnachiisa. Oromiyaan kun bilisa baatee arguun hawwii fi kaayyoo
isaaniti. Anis isaanuma jalaa argeen ejjannoo isaanii qabadhe.
Qabatamaa biyya keenyaa yoo ilaaltu, garuu yaadichi tulluu humnaan
dhiibanii kuffisuuf yaaluu dha. Ani har‟a guddadhee gaaffii “Maaliif?”
jedhu gaafachuu danda‟eera. Gaaffilee ka‟aniifis deebii ta‟u kanin
jedhu eeruuf gaheera. Kanaafuu, mee eeruu koon kenna. Oromoon
6|P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
biyya Itoophiyaa kana keessatti of kabachiisee jiraachuu hin
dandeenye qabsoodhaan injifatee biyya of dandeesse Oromiyaa ijaara
jechuun tasumaa hin yaadamu. Ijaarsa biyyittiitti qoodni Oromoo
guddaa ta‟uu nutti himan illee arkiteektiin ijaarsichaa akka Oromoof
ta‟utti hin ijaarre. Caaseffama ishii akka isaaniif ta‟utti ijaarrachuun
Oromoo of keessaa tuttufaa har‟a gahe.

Garraamummaa siyaasa Oromootiin biyya Itoophiyaa bulchuun tasa


illee hin danda‟amu. Itoophiyaan dabaan ijaaramte; warri ijaare waan
ijaareef beeka, ta‟us lafee Oromoon dhaabee, foon Oromoo dhiiga
Oromoon bukeessee marageetu ijaare waan ta‟eef diiguun tasa iyyuu
hin salphatu. Oromoon “Nan diiga” jedhee yaalus sababa kanaafuu hin
milkaa‟u. Waanti Oromoon gochuu qabu biyya dabaan isa irraa isatti
ijaaramte ogummaa fi qaruxummaan itti dhiyaatee, gamnummaan itti
nam‟ee gooluudhaani.

Itoophiyaa nu jibbisiisanii irraa nu dhiiban akkuma isaanii jaalala


gamnaa jaalannee gatii isheen nu kafalchiifte deeffachuu qabna.
Carraa argatetti fayyadamee namuu seenee bakka qabatee, bakka
qabatetti ofii babal‟achaa, dhaloota dhaalchisaa deemuu qaba. Yoo
sana hin ta‟iin, akkuma kaleessaa nuhiin nu jibbisiisaa, ofiin keessatti
of biqilchaa deemuun Itoophiyittiin kan bara baraan nu nyaachaa ofii
gabbattu taati.

Waa‟een uummata Oromoo yeroo ka‟u dubbannee akka hin injifanne


kan nu hudhan keessaa tokko, uummanni guddaa fi waan hundaan
duroomaan kun sirna barreeffamaa fi ragaa barreeffamaa quubsaa ta‟e
dhabee turuu isaati. Gaaffiin yeroo ijoollummaa koo irraa eegalee
gurra koo na wawwaraanuu fi edduman guddadhee jiruu jalqabee akka
waan sababa guddaa ta‟ee ormoota bira darbee Oromootuma
muraasaan ka‟aa turee fi ka‟aa jiru hanqina sirnaa fi ragaa
barreeffamaa Oromooti. Addunyaan kamuu yeroo bira gahuu hin
dandeenyetti Oromoon waantota ajaa‟ibsiisoo lakkaa‟amanii hin

7|P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


dhumne bira gahe, hojii salphaa kana itti yaaduu dadhabee kalaqa isaa
hundumaa booji‟amuun isaa anuma illee onnee koo na dhiigsa.

Dabalataanis, warri kaleessa “Oromoon hanqina sirnaa fi ragaa


barreeffamaa qaba” jedhanii mudaa haasawuu baran har‟a immoo
kitaaba tokkittii barreessuu mitii kan warri kaan barreessan illee osoo
harka isaanii irraa hin qabaatiin laafina barreeffama Oromoo ishee
kichuu dhaadhessuu fi barreessaa laaffisuuf olii fi gadi fiigu. Namni
laafina barreeffama Oromoo arge ofiif barreessuu hin danda‟u yoo
ta‟e, barreessitoota gorsuu fi qeequun jabeessuun osoo irraa eegamuu,
qaanessuu fi laamshessuun tarkaanfii barreeffama uummatichaa
gufachiisuun rakkoo kaleessa uummatichi sirnaa fi ragaa barreeffamaa
irratti qabu deebisa. Kanaafuu, Oromoon waa‟ee uummata isaatiif
dhiigu/quuqamu waa‟ee warra hojii Oromoo hojjatanii irraanfatee
waa‟ee hojichaatiif dhiphachuu qaba. Nama hojii uummatichaa hojjatu
dhiibuu fi haamilee dhoowwuu irra yoo beekanii fi danda‟an hojii
cimaa fi madaala kaasu jedhanii ittiin madaalanii laafinsa hojii
haasawan gadi baasuu, yoo gadi baasuun itti hin tolle warra hojjachuuf
wixxifatutti siqanii gorsuu fi qajeelchuu, yoo kana lachuu hin
dandeenye ammoo callisanii dhiisuu wayya. Sababa barreeffama
dhabuu isaatiin Oromoon durii waan hedduu booji‟ame; ammas
dhaloonni boruu rakkoodhuma wal fakkaataa akka hin
keessummeessineef namuu barreeffama Oromoo cimsuu irratti duuluu
akka qabu dhaamsan akka Oromoo tokkootti ani dhaamu dha.

Oromoon galaana; qaroominni, duudhaan, safuun, heerri, seerri,


kalaqni, ogummaan, aadaa fi xiinsammuun isaas akkasuma galaana.
Galaana kana, garuu namni muraasni qofti waraabee fixuu hin
danda‟u. Yoo hin waraabamne yookiin gara barbaadamutti yoo hin
makfamne bakkee irra yaa‟ee baduu mala; badaas tureera. Waan
dhaloonni dheengaddaa beeku, dhaloonni kaleessaa hin beeku; waan
dhaloonni kaleessaa beeku dhaloonni har‟aa hin beeku. Sababni kun
ta‟uu danda‟eefis galaana guddaa sana namni waraabee kaa‟e hagas
8|P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
mara waan hin turreefi. Warri har‟aas yoo haalaan waraabee yookiin
maksee hin kuufne, dhaloonni boruu immoo hamma dhaloota har‟aa
iyyuu hin gahu jechuu dha. Kanaafuu, ani itti goree hamma humna koo
irraa qiqqicadheera; itti fufees waanin qiqqicadhu natti fakkaata. Isinis
itti duulaatii hamma humna keessanii irraa waraabbadhaatii dhalootaaf
kuusaa. Kuusaa kaleessaa fi dheengaddaa dhabuun keenya har‟a
salphumatti amansiifamnee keenya fokkisaa, kan isaanii bareedaa
taasisanii nutti agarsiisan fudhannee, miira mo‟amaan guutamnee
deebinee galuu wallaalle; of ta‟uu dadhabne. Osoo hin baratiin, osoo
dubbisuu hin danda‟iin kitaaba ormaa baannee “Isa kanatu sirrii dha;
osoo keenya sirrii ta‟ee, ragaa barreeffamaa qabaannaayyu” jennee
keenya gannee kan namaatiin akka dhaadannu nu taasise.

Waanti nuti hubachuu qabnu tokko immoo bilisummaa uummata


bal‟aa kanaa namni dhuunfaan yookiin namni muraasni qabsaa‟ee kan
dhugoomsu miti. Tarii “Kan koo qofatu ta‟aa fi kan koo qofatu
caalaan” kan baay‟atu yoo ta‟e suni dhimma uummataa ta‟uu hin
danda‟u; yaadaa fi dhimma nama dhuunfaati. Yaada nama dhuunfaa
gaggeessuun kan danda‟amu dhimma nama dhuunfaa qofa irratti.
Obsaan wal hubachaa, kan kaayyoon wal fakkeesse walitti qabachaa,
kan kaayyoon garaa gar taasise suuta suutaan bifa abshaalummaan
guutameen kaayyoo ofii itti ibsachaa amansiisaa deemuudhaan yoo
ta‟e dhimma biyyaaf murteessitoota taana. Faayidaa har‟a harka
ormaatiin argannus harka keenyaa fi harka qomoo keenyaa irraa
hammaarranna.

Bilisummaan mormii qofaan hin argamtu; hojii cimaas dabalachuu


qaba. Hojii fi tajaajila uummataa yeroo hundumaa qaama biraa irraa
eeguun dogoggora. Sabboonummaa huccuu aadaa uffachuu fi faaya
aadaa godhachuu qofatti xiqqeessuun sirrii miti. Qabatama keenya yoo
ilaalle, garuu namoota muraasa irraan kan hafe kaan amaamota.
Gufuun milkii keenyaa inni guddaanis isa kana. Namuu dhugaa
uummata isaa gadi fageenyaan hubatee, hojii qabatamaan jijjiiruu
9|P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
qaba. Gaafuma wal argine sirba ho‟ifnee wal biraa galuun hin taatu.
Dhimminee hojjachuu nu gaafata.

Kan biraa nama Oromoo gandaa fi lagaan qoqqoodee sabboonaa of


fakkeessu irraa waa‟ee tokkummaa dhagahuu caalaa waanti na aarsu
hin jiru. Gamna ta‟uu isaatii? Gamnummaa isaa waliin bowwaa haa
bu‟ubboo. “Nama horii kee hate waliin yoo horii kee barbaacha baate
tasa illee hin argattu.” jedha Oromoon. Warri akkanaa namoota
qajeeloo hedduu madeessanii xiiqii hin jirre qabsiisanii karaa irraa
maksan; maksus, ta‟us achumaa ganda isaanii keessaa naanna‟u malee
fagoo deemuu hin danda‟an. Warri akkanaa boruu uummata kanaa
balleessuuf deemtuutii adabadhaa.

Itti aansuun komiin ofii fi isin irraa qabu irratti xiqqoo wayiin jedha.
Kan walii gorsinee bareeffachuu irra, kan ormaa ajaa‟ibsiifachuu fi
orma guddisuu filanna. Keenya waliif bareechinee waliif mi‟eessinee
wal irraa bitannee walitti gurgurannee wal guddisuu fi wal mul‟isuu
osoo dandeenyuu, kan diinotaa bitaa diinotatti gurguraa isaaniif
hundee jabeessaa keenya hundee laaffifnee hanga buqqisuutti geenya.
Jarri immoo dhimma keenya hin qaban; waan keenya waan gaariin
arguu fi dhagahuu hin fedhan. Oromoon luugama fardaa hin beekne
waan jiru natti hin fakkaatu. Farda yoo luugama isaa dheeressite ni
guula; yoo gabaabsite ni dhaabata. Kanaafuu, luugamni diinota
keenyaa harkuma keenya keessa jiraa maaloo itti haa yaannu.

Waa‟een seenaa, aadaa, duudhaa, afaanii fi ogbarruu hawaasichaas


daran nu yaachiisuu qaba. Karaa fi akkaataa ittiin tarkaanfachiisuu
dandeenyu hundatti fayyadamuun dagaagsuu fi beeksisuun du‟aa fi
badii irraa baraaruu qabna. Beelofnee dheebonnee, daarree qullaa
deemnee, rakkannee dhiphannee jiraachisuu bira dabarree guddifnee
bakkaan gahuu qabna. Affeerraa, kennaa fi gumaachi waliif, firaa fi
nama jaalannuuf gumaachinu illee kan aadaa, duudhaa, afaanii fi

10 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


ogbarruu sabichaa guddisu, deeggaru, cinaa dhaabbatu, fuulduratti
tarkaanfachiisuu fi gabbisuu danda‟an ta‟uu qabu.

Dabalees, qubee Afaan Oromoo qindeessuun jechoota ijaarru irratti of


eegannoo jabaa gochuutu nu irraa eegama. Sirnaan qubeessuu tarii
akka salphaatti ilaaluu hin qabnu; akka nuti salphifnee ilaaluu hin
qabnes tuttuqanii nu agarsiisaniiru. Dhimminee barannee sirnaan
qubeessuu danda‟uu qabna. Osoo akka kootii qaamni dhimmi isaa
ilaalu hunduu irratti duulee leenjii fi yaalii garagaraa wal irraa hin
cinne taasisuun dhaloota sirnaan qubeessuu danda‟u uumuu fi kan
jiru immoo cimsuu irratti hojjatamuu qaba. Warra akka waan abbaa
hin qabneetti lallaaqanii Afaan Oromoo barreessuu isaaniitti afaan
biraa fakkeeessan immoo akkuma badii fi yakka biraatti seera
fuulduratti adabamuu akka qabanin eera.

Ammas taanaan rakkoon ijoollota keenya muraasaa tartiibaan


qubeessuu osoo hin ta‟iin qubeelee akkaataa ser-luga afaanichaatiin
walitti qindeessuun jecha uumuu dha waan ta‟eef, qaamni nu
deeggaruu barbaadus badii biraa dalaguu dhiisee iddoo rakkoo fi
hanqina keenyaa irratti nu cinaa dhaabachuu ni danda‟a. Kana taasisuu
hin danda‟u yoo ta‟e immoo, nu tuttuqee rakkoo biraa nu irratti
dabaluu osoo dhiisee ni filatama.

Dorgommiin cimaan dorgommii mataa ofii waliin dorgomani.


Dorgommii of waliinii mo‟annaan kan biraa injifachuun salphaa dha.
Namoonni baay‟een eenyuun akka dorgoman hin beekani; xiqqaan
waan guddatu waan hin seeneef xiqqaa guddisuu hin fedhani. Xiqqaan,
garuu guddachuun hin oolu waan ta‟eef ofumaa hamaa bahu. Ofumaa
hamaa hin bahiinaa!

Bishaan qarqara dhoqqeetu jira. Kan dhoqqeen uumamee akka huccuu


fi qaamni kee xuraawu taasisus bishaani; kan dhoqqicha balleessee
qulqulleessus isuma bishaanicha. Addunyaa kana bira waanti hunduu
akkuma kana; yoo beekne, kanuma dhibee fidutu qoricha ta‟a; kanuma
11 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
rakkoo fidutu furmaatas ta‟a waan ta‟eef waan hundaa hubannaa fi
xiyyeeffannoon haa ilaallu.

Ani akka kootti, namni gaariis ta‟ee gadheen addunyaa kana irra hin
jiru jedheen amana. Sababni isaa atuu nama waan taateef ulaagaan
madaalliif dhimma itti baatu maal akka ta‟e sumatu beeka. Namni ati
gaarii taasiftee bocce isa biraa biratti gadhee yookiin badaa dha.
Namni ati badaa taasiftee lafa keesse isa biraa biratti gaarii dha. Namni
har‟a gaarii siif oole, boru yaraa/hamaa siif ooluu mala; namni har‟a
yaraa/hamaa siif oole, boru immoo gaarii siif ooluu mala. Gaarummaa
fi yarummaa namaa kan murteessu yeroo fi haala keessa jiru qofaa
dha.

Namni tokko quucaruun nama muraasa quucarsa; namni tokko ifee


mul‟achuun, garuu kumaatamaafi; yoo tole immoo kitilaayotaaf ija
bana. Kanaafuu, nama karaa irra jiru karaa irraa goruufii dhiifnee
quucarsuun namoota hedduu quucarsuu waan ta‟eef, karaa irraa haa
gorruuf.

Yoo barreessuu baattes, isa barreessu jalaa qalama hin dhoksiin. Tarii
kitaaba namni barreesse keessa karaa jireenyi kee itti jijjiiramutu jira
ta‟a.

Amalli namaa wantoota sadiin bocama: dhalootaan, haala keessa turee


fi haala itti jiruuni. Kanaafuu, jijjiiramni nama tokko irratti uumamu
sadan kana keessaa tokkoo isaan dirqameetu waan ta‟eef, jijjiiramuu
namaatti hin haariin; itti hin qabamiin. Atis osoo of ilaaltee tasa illee
akka kaleessaa sana hin jirtuutii.

Namoonni gaaffilee akkamitti, maaliif, eessatti, yoom, garamitti fi


kanneen biroon yeroo isaanii hundumaa ko‟eessan, bara isaanii guutuu
dogoggoraa fi wallaalummaa namootaa osoo lakkaa‟anii barri waan itti
dhumuuf, waan maayii baasu tokkos dalaguu hin danda‟ani;
dogoggora isaaniis ta‟ee wallaalummaa isaanii osoo mul‟isanii hin
12 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
sirreeffamiin hafu. Kuni garaagarummaa warra gaaffilee sana mo‟anii
fi mo‟uu dadhabanii isaanuma irra oolaniiti. Egaa, waantonnin
gubbaatti kaase dhaamsawwan gaggabaaboo ani yeroof qabu dha.
Qabiyyeen kitaaba koo itti aanuu gorsaa fi muuxannoo jireenyaati.
Hanga isaan deebinee wal agarrutti dubbisa gaarii.

13 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


GALATA

Galanni koo kan jalqabaa waaqayyo uumaaf haa ta‟u; si


galateeffachuuf nama ta‟ee uumamuun koo qofti gahaa dha;
keessumaa Oroomoota irraa na uumtee Oromoo na taasisuu keetiif
ulfinni kee haa baay‟atu.

Itti aansee barreessitoota angafaa bu‟aa bahii hunda keessa darbanii


riqicha nuuf ta‟uun dhaaltuu isaanii nu taasisanii tarree
barreessitootaatti nu dabalaniin galatoomaan jedha.

Weelliftoonni Oromoo furii wal harkaa fuudhanii waardiyyaa


eenyumma (Oromummaa), dammaqsituu warraaqsaaa, loltuu fi wabii
Oromoo fi Afaan Oromoo turan maaf galata dhabu! Keessumaa
weelliftoonni weelluu Oromoo duuba irraa fuudhanii qaranii dhaabuun
galmee eenyuu weelluu isaa hin galmeessifne irratti galmeessisanii fi
guca isaan bocan halluu alaalaa mul‟atuu fi yoomuu hin haqamneen
barreessani. Hunduu haa galatoomani!

Dabalees gulaaltota kitaabichaa galata jabaatu ta‟aafi. Dadhabne,


nuffine osoo hin jenne yeroo isaanii aarsaa taasisanii, gorsa ijaarsaa
naaf gumaachaa, gulaallii isaa kan na gargaartan bakka yaaddan gahaa.

Dhuma irrattis milkaa‟ina kitaabichaaf warri na cinaa dhaabattan


hunduu waan yaaddan argadhaa.

…………………………………………………………

14 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Seensa

Himm! Har‟a waareen ho‟iteefii maanguddoon jajjaboon sun wal


argatan immookaa! Ookkoo isaanii qaqaan diimesse dhadhaabbatanii
gara mana Tolaatti yaa‟u. “Yaa daadhii mana Tolaa maal qalbii nama
soraa!” jedha dargaggeessi mana Tolaatti goree daadhii bilillee lama
gombise. Abbaan Urgee fi Abbaan Daalachaa waareedhumaan bilillee
morma hudhanii qabaniiru. Waaqa isaanii kadhatanii, daadhii irraa
dhibaafatanii, bilillee gara afaaniitti ol qabanii, gadi deebisan. Abbaan
Urgee bilillee minjaalaan qos godhee quba isaa laammuccee quba
dubara bareedduu fafakkaattu diriirsee, hidhii irra bubbuusee, cumaa
dammaa hidhii irraa haqatee, “Abbaa Daalachaa…” jedhe; haasaa
jalqabuu isaati. Kan dhugu daadhii nadhii dammaa; kan afaanii bahu
nadhii dubbiiti. Itti fufee, “Dubbiin jabduu ta‟uu hin ooltu; maali
laata kan haadhoo lamaan garaa tokkoo, karaas tokkoo wal
dhabsiifte? Waan dabaati; haadholee kaleessa kaatu wajjin kaatee,
teessu wajjin teessee, argattu wajjin nyaattee, dhabdu wajjin beeloftee,
yaannaan wajjin yaaddee, bannaan wajjin baddee, baanaan wajjin
baatee, gallaan wajjin galtee, iyyinaan wajjin iyyitee, karaa wajjin
cuftee, dhagaa waliin guurtee, aarsaa waliin kafaltee, fiignaan wajjin
fiigdee, maaltu taanaan garaa wal dhabdee? Karaas ta‟ee garaa adda
baafattee, lachuu guungumaa tokko gara mana mootiitti, tokko immoo
gara bosonaatti… himm!”

Abbaa Daalachaa: “Muu yaa michuu, hamaa keetiin muu haa jedhan;
Abbaa Roobaa michuu keenya sana beekta mitii? Oromiyaan amma
Abbaa Roobaati; yoo Abbaan Roobaa fayye, Oromiyaanis ni fayyiti;
rakkoon dhibee Abbaa Roobaa qoricha dhabuu miti bar; baay‟ina
ilmaan isaati; ennaa inni hangafaa dawaa bitee fideef, isheen itti
aantu fuutee jalaa gattee, kan biraa bittee fiddiif; ennaa isheen
qoricha jalqabsiifte, inni isheetti aanu tokko immoo kan ishee gatee,
ofii kan biraa bitee fida; isheen isatti aantus akkanuma gooti;
dabareedhumaan qoricha bitaa, jalqabsiisaa, jalaa gataa,
15 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
jalqabsiisaa, osoo jedhanii dhibeen gurbaa gara badee kunoo nu biraa
itillee irratti ciisee hafe; kan Oromiyaa kunis kanuma kunoo.”

Abbaa Urgee: “Atis hubatteetta, Michuu; adeemsa qabsoo Oromoo


ammaa irraa wal diddaa yaadaatu mul‟ata. Yaadoleen lama waldidu;
waldhiitu; wal nyaatu: isaanis qabsoo Oromoo bosona baadiyaatti
deebisuu fi qabsoo Oromoo magaalaa mandheeffate humnoomsuu kan
jedhani dha. Akka warri yaada jalqabaa deeggaran jedhanitti, turtii
waggaa tokkoon duraa keessatti jijjiiramni hin jiru; bilisummaan hin
mul‟anne. Kanaafuu, duubatti deebinee humnoomnee, fincillee, lollee,
lolchiifnee uummata keenya aangomsina.” jedhanii amanu. Sababa
kanaanis qareeyyiin kaleessa qabsoo magaalaa keessaa gabaa ho‟ite
fakkeessanii mootummaa raasuun ejjannoo jijjiirsisan baay‟een
isaanii akka bosona seenantu mul‟ata. Gareen lammaffaan, warra
qabsoo Oromoo keessatti akkuma warra duraa qooda ol aanaa
bahanii, garuu hiriyootuma isaanii waliin yaadaan wal dhabanii dha.
Akka isaan jedhanitti aarsaan dhaloonni kafale gatii wayii argachuun
biyyattii keessatti jijjiirama fideera; bilisummaa bicuu nuuf laateera.
Taatus, ammas dhamaatii fi bu‟aa bahii baanee bilisummaa guutuutti
dhufuu nu gaafata; kana immoo kan milkaa‟uu dandeenyu qabsoo
Oromoo magaalaa mandheeffatee, miseensota lakkaa‟amee hin
dhumne horate magaalumatti cimsuun malee bosona baadiyyaatti
deebisuun quucarummaa dha; yoo fuulduratti deemuu dadhabne
duubatti deebi‟uu irra bakka jirru turuun ni caala jedhanii amanu.
Qabsoon Oromoo osoo bosona baadiyyaa keessa gangalatuu abbaa fi
ilma fixee akaakayyuutti darbe. Qawween Oromoof lolus magaalaa
galuu dadhabee baadiyyaatti hafe. Kan ormaa, garuu Finfinnee
bataskaanni illee osoo hin hafiin kuufamee taa‟a.”

Abbaan Urgee itti fufee, “Akkuma warri lammaffaa jedhan qabsoon


Oromoo magaalaan bareeda. Yeroo bosona baadiyyaa jiru irra yeroo
magaalaa mandheeffate gaaga‟ama hir‟isee, firootaa fi miseensota
horatee bu‟aa caalu buuse. Qareeyyiin kaleessa wal ta‟anii magaalaa
16 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
raasanii mugaa hedduu dammaksanii, har‟a ifatti adda cabanii
faallaa walitti haasawu. Ol aantummaan isaan magaalaatti qabanis
waan cabe fakkaata. Magaalaan isaan kaleessa Oromoomsanis har‟a
to‟atamtee Oromoo gaarreffatti. Waan humndumaa caala immoo,
obbolootatu wal dhabaa jira; atakarootu hammaate; warra kaleessa
humna walii turetu har‟a faallaa walii ta‟e. Mala kaleessa ittiin
qumaara nyaatamne deebinee filachuun hagam nu milkeessa laata?
Karaa kaleessa irra deemnee waan abbaa fi ilma ijibbaachise
akaakayyuun caala itti milkaa‟e dhiifnee isa itti mo‟amne deebinee
yaaluun maaliifi laata? Waan maraafuu, kan aarsaa xiqqoon milkii
guddoof nu kaadhimu filachuun gamnummaa dha.”

Abbaan Daalachaas dubbii Abbaa Urgee tumsuuf akkas jedha,


“Alaabaan Oromoon garaa jala dhokfatee rafaa ture handhuura
Oromiyaa, Finfinnee irratti hin mirmirfamnee? Oromoon Finfinnee
keessa naannahee hin dhiichifnee? Haati ilmoo ishee waggoota
digdamoota booda argitee imimmaan roobsaa hin dhungannee?
Cubbuun biyyattii keessatti waggoota digdamootaaf Oromoo irratti
hojjatamaa ture arraba mootiin hin seeneffamnee? Oromoon
waggoota digdamootaaf qufa‟uu illee dhorkamaa ture Oromiyaa irra
marsee hin bookkifnee? Waan jaalatu hojjatee waan jaalatu hin
dubbannee? Mankaraarfama mana hidhaa hin hiikkannee? Alaabaa
ofii isaa lafa dhaabbachuu fedhu hin dhaabbannee? Afaan isaan akka
fedhe hin taanee? Qalee walii laatee, naqee wal obaasee ayyaana isaa
bakka takkaa iyyuu hin abjootamnetti akka addunyaan dinqisiifatutti
hin ayyaaneffannee? Warri meeshaa hidhatee biyyaa ari‟ame qe‟ee
irratti salphatetti deebi‟ee hin kabajamnee? Akkuma saba kami
kabajaa namummaa hin gonfannee? Warri kaleessa nu tuffatuu fi
maqaa hin taane nuuf kennaa turan as deebi‟anii “Ani Oromoo dha.”
jechuu hin jalqabnee? Maarree bilisummaan jennu sun adda moo?
Kan arganne hundaa eelleetu itti dhufne; hanqataa immoo akkuma

17 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


kaleessa aarsaa kafallee as geenye, har‟as bakka qabannee
guuttachaa, dabaa sirreeffachaa bakka yaanne geenya.

“Lakkisaa waawuu! Aarsaa guddaa kafalle; waanta dhufes joorree


jawwarreetu finne; namni nuuf hin kennine. Bilisummaan keenya
guutuu ta‟uu qabdi; warri kaleessa cubbuu nu irratti hojjachaa ture
har‟a immoo as garagalee bilisummaa bicuu nuuf qoodee qoodduu
bilisummaa ta‟uu hin qabu. Saggoon saba keenyaa guutummaatti
hiikamee ol jedhee deemuu qaba. Kabajaa fi bakka nuuf malu
argachuu qabna; waadaan nuuf galame kabajamuu qaba; salphina
kaleessa argaa turre har‟as keessummeessaa jirra; baanee gala
dhabaa jirra; har‟a illee gidiraan reebichaa fi mana hidhaa nu irraa
hin dhaabanne; kan nuti itti eelletti kaan duubaan dhufee eelee
dhaabbate; nuti cinaatti dhiibamnee daawwataa taane; kanaaf immoo
hidhannootu furmaata; saba hidhannoo qabutu kabaja qaba.” Gurbaa
magaala bareedaa michuu isaa waliin taa‟ee daadhii dhugutu haasaa
manguddoo lamaanii gidduu bu‟ee dhaammate.

Maqqu namana; cubbuu kaleessaa yoo kaafne kan jaraa qofaa miti.
Jarri diinummaa ishee ifatti labsitee nu miite; keenya kan jennu, garuu
fira fakkaatee qaaliiwwan keenya hunkuta dhahe. Anatu caalaatti
ilmaan addunyaafuu taatu nu harkaa mucuq godhe. Lafa dhalootaan
wal qooddanii lattuu meeqa xoolagsitan. Gaafa cubbuun jaraa ka‟u
inni kunis ka‟uu qaba; gaafa gaariin jaraa ka‟u gaariin kanaas ka‟uu
qaba. Yoo cubbuu walitti lakkaa‟uu taate, gama lachuu jira; mee kan
gamanaa iyyuu maa hin caaliin. “Ani qulqulluu dha; abaluun immoo
cubbamaa” dhaan nagaa uummata kanaa fiduu hin danda‟u.
araaramuutu fala. Abbaa Daalachaatu jedha.

“Yaa Rabbi, ciniinsuu jaalalaa na seensiftee ulfaadhu! Inni kun


immoo rakkoo dirqamanii osoo hin taane, fedhanii rakkatani dha;
jaalalli mummuxaa Waaqni faayee lafa kaa‟e irraa balaqqeessa‟ee ija
na seene, guutummaa ijaarsa qaama koo diige; tarii maaltu beeka

18 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


dirran barbaacha bilisummaatti madaa‟e ittiin na fayyisuuf ta‟a;
Ateetee, akka ijaa fi laphee koo seentee qalbii koo miliksite, kiyyoo
bultii kootii seentee jireenya koo uumamaan hir‟ate guutuu akka
taasiftu abdiin qaba; muu, edaa immoo na hin dhageessu; haasaa
kana sagalee ol fuudhee itti himuun qaba.” Tokkummaa jaalala
Ateeteen machaa‟etu ofitti haasa‟a.

Charchiin deema; Irreessi kan seexanaati irreessa maalin deema? Isin


yoomuma isiniif galee amantii warra qaroomee amantuu?
Irreeffannaa, daddarbaa, facaasaa… isaan kun hunduu tolcha dha;
kennaa seexanaaf kennamani. Dammaqaa malee; waldaa koottaa ni
fayyituu. Ilma Abbaa Kuusaa isa quxisuu Kuusaatu jedhe.

Dubbisa gaarii! Yaannii fi qeeqni keessan na bilcheessa; Ogbarruu


Oromoo immoo fuulduratti tarkaanfachiisa. Dogoggoraa fi badii koof
ustanii na bira hin darbiinaa; qeeqaa na bilcheeffadhaa!

19 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


……………………… Kibxata, Caamsaa 1980 ALH.tti ture. Lafti gara
dhuma Arfaasaa magariisummaan ishee, qilleensi akka aannan reefu
elmamee suuta “shufufufuf” jedhu nama qabbaneessu wayii, biqiltuu
Bonni gogse akka waan beenyaan kafalameefii lalisee magarisa‟uun
isaa, duumessi tulluu qabatee waan samii tuqe fakkaatu waliif galee,
lafa baadiyyaaf miidhagina addaa kenneen nama dinqisiisa. Obboo
Jabeessaa Lammii qonna irratti bututaa oolee, uumama wal gaheen
dinqisiifamaa, sangoota isaa qonna oolte tiksaa oolee waariidhuma
lafaa gara mana isaatti qajeele. Simboonis abbaa manaa dadhabaa
ooleef hirbaata qopheessuuf asii fi achi fiigaa turte.

Sangoonni kaloo ishee of irratti muraa oolte yeroo quufte eegee dugda
irra buufattee burraaqaa gara qe‟eetti gulufti. Jiinis har‟a hoo waanuma
mana biiftuu golgoleessite fakkaatti; ni iftiin ishee hin ibsu. Obboo
Jabeessaa bareedaan amala qabbanaas sangoota isaa mana isaan
bulanitti ol naqee, balbala itti cufee, fuula isaa gara mana jireenyaa
isaatti garagalfachuun luuxuu eegale. Jaartii isaa hirbaata qopheessuuf
gibgibdu wajjin qoosuuf suuta qaxxisee mana seene. Osoo isheen
quba hin qabaanne irraan bahuun ija qabee gara diinqaatti harkifate.
Simboonis wareertee harka qabuun “Eenyu ati?” jetteen. Innis
deebisee “Dhiisi ati abbuma qabeenyichaatii.” jechuun dhungoo isaa
isa al tokkoon kirir nama godhu tokko kasham itti godhe. Simboo
hojiin gamsiisaafii oole yeroo sagalee abbaa manaa ishee dhageessu
dhuka hin qabdu waan ta‟eef, gammaddee siree irratti kasham of
goote. Obboo Jabeessaanis irree isaa suuraa odaan faayame boraasisee,
ofitti qabee dhungoo isaa mi‟ooftuu akka harma haadhaa dabaleef.
Sana booda maalin isinitti himaree! Baasuma!

Warri hirbaata dagachuun achumaan hirriba itti fufuu hin oolle. Obboo
Jabeessaan hedduu dadhabe waan ta‟eef, hirribuma du‟aa tokkoon
qabamee imaaluu jalqabe. Osuma imaluu jarreen fofokkisoo
gurguddoo tokkotti dhufe. Jarreenis isaa Simboo haammatee deemu
arganii inuma irraa harkisu; innis inuma ofitti harkisa; inuma irraa
20 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
harkisu; innis inuma ofitti harkisa; inuma addaan harkisu; innis ittuma
mixixaa jara immoo achi dhiiba; sireenis “Shiqiq shiqiq, shiqiq shiqiq”
jettee wixxifti; osuma dhiibuu simboon siree irraa lafa dhooftee iyyite;
Obboo Jabeessaan dafqi du‟aa akka bishaanii irra yaa‟u naasudhumaan
hirriba isaa keessaa wareere. Yeroo dammaqu Simboon kuftee lafaa
kaati malee jarri isa bira hin jiran. “Rajii dha!.... “jechaa niitii isaa
lafaa kaafatee haasaa eegale.

Lafti egaa marsaa ishee eeggattee abbaa dabareef laatte; dukkanii


dhaamsa ishee dabarfachaa bulte raawwii dhaamsichaa ajaja guyyaatti
dabarsitee ofii bakka gadhiifte. Yaa guyyaa Roobii! Maali guyyaa
maaliiti isheen? Guyyittiinis ajaja halkan irraa fudhatte raawwachuuf
waayyuu hin shakkine. Obboo Jabeessaa miila hooqxee jarjarsitee
buttee manaa baafte. Culullee muka irra teessee cuucii eegdu haadha
jalaa qabattu itti ergitekaa. Yaa Jabeessaa, baadhu egaa rasaasa kee
sinnaara guuttadhuutii! Mootummaan barichaa dargaggoo humna
jijjiiramaa haadha dhalte boochisaa, abbaa dhalche kaachisaa walitti
qabee rasaasa baachisa. Qoodni Obbo Jabeessaas kanuma taate.

Qaccee isaa gateettii irra kaawwatee hordaa isaa qabatee lafa dahoo
wayii sangoota isaa duuba deema; mataa deebisaa irratti sangoota itti
siiksee dhaabuun harqota isaa qulqulleeffatee “Oohaa Boruu; koottu
deeb.” jedhee yeroo inni qonna isaa itti fufuuf sangoota isaa deeffatu
asiis “Shakak shakak”, achiis “Shakak shakak” godhu. Jabuun kees
sangaa itti fooricee dhaabee ”Reefu tote dubbiin; maaltu bade jarana?”
jedheen. Deebii tokko malee dargaggeessicha gaamare argatanii moo
dhabanii! Irrumatti lafa dhahan. Gochaan jarreeniis Jabeessaaf ifa;
wanuma naannoo isaaniitti barame waan ta‟eef gaaffii hin baay‟ifne.
Yoo gaaffii baayise maaltu akka ta‟uuf deemu ni beeka waan ta‟eef
callisee wajjin qajeele. Torban tokko dura dargaggeessi ollaa isaanii
„Galataa‟ jedhamu qabamee akka duula deemu ajajamnaan morme.
Jarreen ergamtoonnis murtee gara jabinaa tokkoon uummata
nannichaa walitti qabanii dargaggeessicha rasaasa adda isaatti naqanii
21 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
abbaa fi haadha deesse fuulduratti conqolaasan. Galataan
jilbeeffachiisuu malee takkaa iyyuu namaaf jilbeeffatee hin beekne
akkuma bineensa waraanamee oo‟ee lafa dhahe. Dhiigni isaas akka
fincaan korbeessaa asii ol gara samiitti fincaa‟e. Achii booda namnis
dhala isaaf garaa kutate.

Obboo Jabeessaanis gochicha waan beekuuf jaratti of kennee jarris


fudhatanii lafa barbaadanitti sokkan. Yeroo bakka isaanii gahanii
namichi galmeessu maqaa gaafatu maqaan Jabeessaa Lammiiti.
Maarree maqaan Oromoo dur karaa nama hin dabarsu waan ta‟eef
akka maqaa yericha leellifamuutti jijjiirratuuf gaafatame. “Du‟een
bada malee ulee abbaan koo naaf kenne hin cabsu; du‟uu kootu
oolaa?” jedhee dheekkame. Namichi galmeessuus akka ajaa‟ibaatti itti
kolfee, namoota bakkicha jiran edda itti kolfisiisee qaanesseen booda,
sagalee tuffatamtuu tokkoon “kkkkk Ani siif dhimmeeni malee
beenukaa ba‟aa si eeggatu yeroo agarte ofumaaf gaabbitaa kkkkkkk”
jedheen.

Dukkanni wal guurtee mana Jabeessaan yaate. “Waan Waaqni fide


lafti ba‟aa hin dadhabu.” akkuma jedhan Aaddee Simboonis
dirqamtee simatte. Jireenya kophummaa dhamdhamuu eegalte. Aaddee
Simboon intala warra Dirree Incinniiti; warra safuu fi safaraan guutee
irra yaa‟u, warra namaaf laatee, obaasee, waan namni quufu hin seene,
warra duudhaa fi aadaan Oromoo ganamaa hundeen biratti hafte,
warra Oromummaan keessatti biqiltee, keessatti firii horte, warra
ogummaa fi gahumsa addaa qabu, warra ilmoo guddisuu fi barsiisuu
itti beeku, warra garaaf guyyaa tokko illee bulee hin beekne, warra
waan jiraatuuf beeku. Simboonis egaa biqiltuu warra Dirree Incinnii
turte. Bobaa harmee ishee erga gadhiiftee qe‟ee warra Abbaa Buttaatti
heerumtee reefu ji‟a ja‟a geessi. Duraan yaada maatii ishee irraa
dhalatteetu ishee rakkisaa ture. Edda isa dagattee foolii abbaa warraa
ishee fudhattee boqonnaa argattee jirti. Innis yoom milkaa‟efiree
heerumtee ji‟a jahatti akkuma cuucii haadha ishee Quubsaan irraa
22 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
fudhatee abbaa manaa ishee inxilifii irraa fudhatan waan ta‟eef
baatus, galtus, raftuus, kaatus, barihus, dhihus kan ishee dukkanuma.

Ollaa warra Simboo dargaggeessi tiriikaadhaan gumbii gidduu


barbaadama. Osuma dargaggeessi waan addaatiif barbaadamee iyyuu
adda waraanaa dhaqanii yoo fidan malee naannichaa hin argatan.
Kanuma sababeeffachuun haadholiin hedduun akka nama ilmoon
jalaa du‟ee iddoo taa‟uu iddoo taa‟anii boo‟u. Manneen warra
dargaggeeyyiin turanii hunda yoo dhaqxe gochaadhuma wal fakkaataa
argita.

Aaddee Simboon jaalala kan jalqabde ji‟a jahan kana gaafa cidha
isheeti. Waan argitee hin beeknee fi jireenya dhamdhamtee hin beekne
hundaa kan ishee agarsiisee fi dhamdhamsiise abbaa warraa isheeti.
Kana waan ta‟eef abbaan warraa ishee ishee biratti iddoo addaa qaba.
Maal maltiree jalaa butatan hoo? Waaqumaaf dabarsitee dhiisuun jiruu
kophummaa osuma dukkana itti fakkaatuu gaggeessuu eegalte.

Obboo Jabeessaan ayyaanta‟aa wayii ta‟uu hin oolu. Akka nama


beekkatee, haadha warraa isaaf badhaasa kophummaa ishee baasu
qopheesseefii deemeera. Isinii marga fudhee Simboon ulfa ji‟a afurii
baattee jirti. Maarree haalichi isaaniif gammachuu addaa ta‟u illee
karoorri isaan ilmoo wal harkatti kunuunsaa guddisuuf karoorfatan
jalaa fashalaa‟ee, isheen qofaa ishee guddiftee, mucaa isheen ilmoo
gaalamootaa jechisiisuu isheef carraa isheetti gadduun ishee hin oolle.

Oolee bulee ulfi dabalaa dhufe. Dadhabbiin illee ittuma cimaa dhufe.
Hawaasichi immoo hawaasa waliif dhimmuu fi wal gargaaru waan
ta‟eef dubartii ulfoofteef mitii lafuma kaa‟ee iyyuu waliif birmachuun
isaa garaa nama nyaataatii Simboofis gumaachi danuu dha. Maatiin
ishees gargaartuu kennaniiruufi. Gargaartuu ishee wajjin taatee jiruu
qe‟ee ishee hundaa akkuma yeroo abbaan warraa ishee jiruutti
jabeessitee qabdeetti. Dhiirri kashalabbeen tokko tokko immoo ganda
irra deemee kan hojii hin taane dalagu qe‟ee ishee irra marsuu hin
23 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
dhiifne. Maarree abbumatu of kennas of dhoowwatas; isheenis of
kennituu miti waan taateef namuu gaaddisa ishee irra hin ejjatu. Yoo
cimee dhufes namoonni ollaa ishee waliif birmachuu fi waliif nahuuf
waanuma wal nama gaafachiisu hin qaban waan ta‟eef Simboon sodaa
hin qabdu.

Yaa Simboo! Geesse kaa guyyittiiin; guyyaan itti ilmoon haadhaaf


garaa hin laafne. Guyyaa fedhii hojii itti dabale; mana warra ishee
deemtee maatii dubbisuunis gaafichuma itti mul‟atee; saawwan ishee
qananiisuunis itti cime. Akka malee ishee si‟eesse. Yeroo halkan
keessaa sa‟a torba geessu ciniinsuun hafuur-kutaan tokko itti dhufe.
“A‟aa… wayyoo… ufff…, Maaloo …, Badekaa …, maaltu ta‟uuf
deema har‟a immoo?” jechaa dhukkubbii sodaan makaa tokko
keessummeessiti. Gargaartuun Simboos Simboo waliin warra Simboo
dubbisuuf deemtee haadha isheef ergaa deemtee hamma deebitutti
aduun dhiinaan Simboon ariifattee gattee galte waan ta‟eef kophuma
isheeti. Mana isheettii durumaanuu goondaan deddeebi‟ee dhufee
rakkisaa ture; har‟a immoo waanuma man‟ee isaatti hafe iyyuu hin
fakkaatu; qe‟eetti tuuta‟e. Ciniinsuunis akka malee itti mudde.
“A‟aa…, ararararar…, badekaa…, wayyoo…, wayyoo…, deessee
koo…, maalookaa…, badekaa…,ani du‟ekaa, uuyii…, uffff…” jettee
mankaraarti. Waan qabattee waan gadhiiftu dhabdi. Ni kaati; ni teessi;
ni dhaabatti; ni ciifti; ni deddeemti; waanuma taatuu walii hin beektu.

Mana kan jiru ishee fi beelladoota qofa. Kophuma ishee aaddi, boochi,
mankaraarti, iyyiti, wixxifti, ni ciifti, ni kaati, ni deemti, ni teessi;
horiinoo akka namaa mitii maal maluufiree? Yeroo isheen asii fi achi
sosochootu goondaan ijaa fi gurratti tima. Asii kutti ”Ush”, achii kutti
“Ush” gurra irraa of haxoofti “Uuyi” harma irraa of haxoofti “
wayyoo”, rifeensa mataatti nam‟ee akkatti guurtu hin qabdu “ Shak
shak shattaf shattaf‟, sarbaa cicciniinu “ Ululuyi”, gurratti nam‟uuf
ka‟u “wayyoo wayyoo Jaabuu koo ani si jalaa salphaadhekaa ona
keessatti; aa a‟aa a‟aa a‟aaaaaaaaa,… maaf dhalachuun koo hin hafiin
24 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
laata; a‟aa … wayyoo … maali carraan koo kuni; yaa ayyaana abbaa
koo ateetee haadha koo maali balleessaan koo?” jechaa dhaloota ishee
illee jibbiti. Alatti yoo baatu sodaattee deebiti; ammas dubbiin
sanuma. Osuma gidirtuu korraasiin isheen bobeeffattus boba‟aa jalaa
fixxee dhaamte. Kuni raajuma, dukkanatti ija dhiibuu jalqabde. Gaafa
kenne hin qacqacu mitiiree lafti immoo waan dachaa taate fakkaatti;
hin bariitu.

Osuma gidirtuu lukkuun iyyite. Goondaan mana ishee keessa seenes


horii fi lukkuutti tuuta‟e. kan isheettuu lubbuutti jirti waan ta‟eef
horii ishee yeroo biraa dhimmituuf ciifteetuma gidiraa isaanii
dhaggeeffatti. Lukkuun goondaan ijaa gurratti time wal jalaa qabanii
koochoo isaanii “Bat batat batatatat batat batat batbatbat” godhu;
adurreenis goondaan waan ciniineef “Mi‟aawu, mi‟aawu, mi‟aawu,
mi‟aawuuuuuuuu” jechaa edduma iyyaa manaa baatee karaa kutte.
Harroonni fi fardis fufurrifachaa loonis lafa dhidhiitu. Homaa itti
cimnaan saani ishee “Qajeel” jettee waamtu tokko mamar‟attee lafa
dhidhiitte.

Horiin Simboo kan dheedan daggala somaan isaa qixa isaanii dheeratu
waan ta‟eef furdinnii fi gurguddinni isaanii raajiidhuma. Sababa
kanaaf, warri saawwanii aannan elmanii jalaa hin dhumu; dhadhaan
isaanis dhimbiibamee hin dhumu. Warra qotiyyoos yoo ta‟e immoo
namichi ittiin qotu danda‟ee wajjin hin deemu. Lafa dhidhiitanii mitii
yeroo karaa deemanuu lafa gir gir godhu. Dirri isaanis hattuu hedduu
gojomaasisuu hin oolle, garuu guyyaa tiksee qabu; galgala immoo
manatti galu waan ta‟eef argachuu hin dandeenye.

Yeroo saani Qajeel mamar‟achaa lafa dhidhiitu namichi ollaa Simboo


tuqan waayeen tokko kan „Obboo Wayyeessaa‟ jedhamu utaalee
hirriba isaa irraa ka‟ee, “Maaloo yaa jarana saawwan Simboo
yaafatanii.” jechaa gara mana Simbootti fiigicha jalqabe. Ammuma
fiigichaan itti siqu sagalee aadduu Simboo dhagaha. Yeroo inni bira

25 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


gahu isheen dadhabdee jirti. Obboo Wayyeessaanis hanna loonii
eegee, garuu kan arge waan biraati. Yeroo dhufee karra irra gahu
karri Simboo cufaa jabaadhaan karaa keessaa xaxamee cufameera.
Obboo Wayyeessaanis cufaa waliin waldhaansoo qabee dadhabnaan
dallaa dheericha wayii irraan utaalee seene. Dallaa seenee balbala
manaa irra dhaabatee Simboon maal akka taate gaafate. Simboonis
sagalee dadhabduu tokkoon, “ga…ga… garaatu na dhukkuba. aa aaaa
aaaaaaa.” jettee hafuura dheeraa tokko hafuurfatte.

Wayyeessaanis deebisee, “safuu yaa Waaq, maali intalaa dubbiin


akkanaa; maali maali; maal sitti balleesine; ana moo dubartii koo moo
olla irraa jibba qabda; maaf nutti falatta; maaf kan maqaa nu taasifta;
nuti Oromoo dhaabar; waa‟ee Oromooo immoo hin beektuu; uummata
gara-laafessa ilmoo fi dhiiga ofiif miti kan ormaatiifuu du‟a jibbu maaf
hojii diinaa nu irraatti hojjatta; har‟aaf kan waliif hin taane yoomifiree;
ani si tuffadhe.” jechaa of ciraa ofitti aaraa utaalee mana seene. Yeroo
mana seenu, tuuta goondaatu jira waan ta‟eef ijumaa fi gurratti isa
nam‟an. “Ush, uf, obbobbosh, Simboo atoo dhugaa qabda intala koo
ani akkanumaafin sitti ori‟a malee atoo sila kophaa kee mitii edaa?”
jedhee itti basha‟aa goondaa of irraa hahhaxaa‟aa rakkoon dukkana
keessa wal guurtee Simboof dhuftus Obboo Wayyeessaan nama olla
hundaa birmachiiseefii mala maluufii eegalan.

Bariin lafaas furmaata fiddeefii dhufuu diddeetuma ciniinsuun Simboo


irra dheeratte. Firoonnii fi ollaan Simboos haalichi cimaa ta‟uu
hubatanii, jabanaa dhaabbatanii, waaqa isaanii kadhatanii, Simboo
baattatanii, gara Hospitaala Ambootti imalan. Konkolaataa fi
dargaggeessi hin argaman waan ta‟eef Simboon sireedhuma isheen
gateettii manguddoo fi dubartoota naannichaa irra ciisaa, yeroo
dadhabanis lafa kaa‟anii boqochiisaa, garuma sa‟a laaqanaa achi
gahan. Yeroo achi gahan Simboon mucaa masqala 16ti waan taateef
dahaaf mitii heerumaafuu hin geenye. Deessiftuun hospitaalichaas
haala uumametti hedduu gadditee takka warraan lolti; takka ni yaalti.
26 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Simboonis gidiraa guyyaa shanii booda dafqa xuruurfattee, ilma abbaa
isaa fakkaatu dib gootee, ofiif kaleessa ganama taate. Abbaan
rakkisaas addunyaa warra isaatti “ Makamu moo dhiisuu?” jedhee
osoo mamuu haadha isaa laaffisee murtee “ Dhufuun qaba.” jedhuun
deessee isaa gaggabsee lafa gahuun sagalee “Dhufeeraa na simadhaa.”
jedhu fakkaatu wayii “waayi waayi waayi waayi waayi” jechuun
dhageessise.

Namoonni achi jiran hunduu saala mucichaa ilaaluuf miixatu. Osoo


maal ta‟eefii fedhu laata? “Anatu dura arguu qaba; anatu dura arguu
qaba.” waan wal saaman fakkaatu. Kamis ta‟ee kam abbaan dursa arge
immoo saala mucichaa jijjiiruu hin danda‟u hoo maaliif dhiphatan
laata. Dubartiin jabduun tokko nama asii fi achi qabdeetuma mucaa
biraan baatee “Oo oo oo Jabeessaan hin duullee si‟a shan ililchaa.”
jettee fuulli hunduu kan ilkaan ta‟e washeeqaa yeroo as garagaltu
dubartoonni achi jiranis “Ilililililili ilililil ililililill ililililil ilililililil,
galanni si haa gahu yaa Waaqayyo!” jechaa dhufaatii mucichaa
simatan.

Dr. Siinan immoo Simboo faana dhahee lubbuu ishee deebisuuf


waldhaansoo qaba. Leenci warra Salaalee kanumti akka J/Taaddee
Birruu waldhaansoo isaatti injifachuu malee injifatamuu hin beekne,
Dr. Siinanis yaalii gochuu danda‟u hundaa gochuun lubbuu Simboo
deebise; gammachuunis dachaa taate.

Simboon deessee mana isheetti galte. “Ulmaa leencaa ciisii!”n eebba


naannichatti dubartii deessee ciiftuuf gumaachamu dha. Mucaa
isheetiinis “Tokkummaa” jetteen; tokkummaan namoota isheef
birmatanii ishee mararraan. Amma isheen dahinsa ishee irraa
damdamattutti maatiin ishee, maatiin abbaa manaa ishee, oollaanii fi
firri wal harkaa bubbutaa guyyaa tokkoof illee osoo hin nuffiin
kunuunsaan ulmaa keessaa kaasan. Simboonis dahinsa ishee irraa
damdamattee jiruu isheetti deebitee jirti. Abbaa warraa ishee waliinis

27 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


ji‟a jaha qofa jiraatte. Amma kunoo ilma ishee waliinis ji‟a jaha
jiraattee dheebuu kophummaa ishee baasee jira.

Bariin lafaa har‟a immoo maal nama hawwataa jarana! Caamni akka
biddeenaa nama quubsu wayii gaarren bahaa irraa as furguggifamaa
jira. Midhaan gahee asis ilaaltee quufa; achis ilaaltee quufa. Birraanis
haalaan bubbise waan ta‟eef ijoollee asheetaa fi agadaa nyaachise.
Gogorriin laga keessaa “Kuwaak Kuwaak Kuwaak Kuwaak kakakaka
kuwaak kuwaak kuwak kuwak kuwak kakakaka.” jettee yoo kaakkiftu
garaa nama raafti. Osoo durii kiyyoo koo fudheen jala goraayyuu
maalan taa‟aree. Simboo qopheenis Roobii ganamaan kaate. Firoonnii
fi olloonnii ishee midhaan haamuufiif ooyiruu ishee guutaniiru.
Sababuma kanaaf hojjattoota isheef nyaataa fi dhugaatii qopheessuuf
asii fi achi fiigdi. Osuma nyaata qopheessaa jirtuu jidduudhaan bishaan
dhume. Bishaan kan waraabbatan laga Indirisii dha; jallisiin mana
ishee cinaa yaa‟u dhugaatii fi nyaata ittiin qopheessuuf qulqulluu waan
hin taaneef, mana ishee irraa daqiiqaa 10 wayii deemtee bishaan
waraabuu laga buute. Lafaaf Birraa gara dhumaati waan ta‟eef laftis
qooree qilleensis bubbisaa jira.

Yeroo Sinboon laga geessee bishaan waraabbattee ol garagaltu ibiddi


isheen daabboo itti tolchaa jirtuuyyu bubbeen itti bubbisee utubaa
mana ishee qabachiiseera. Utubichi immoo moora yeroo abbaan
warraa ishee horii qalu itti dhodhoobaa ture dabalataanis boba‟aa
halkan ibsattutu itti fannifamee jira waan ta‟eef mooricha qabatee
boba‟icha dabalachuun battalumaan guutuu manaatti utaale. Yeroo
namni argee birmatee dhufu ibiddichi guutummaa manaa qabateera
waan ta‟eef namoonni hedduun dhaamsuuf yaalan iyyuu humna isaanii
ol ta‟ee jira.

Yaa Simboo! Bishaan ishee waraabbattee yeroo dallaa ishee jala


geessu ibiddatu mana ishee irraa boba‟a. Lafuma lixxu wallaalte.
Mana ishee gahuuf fageenyi muraasni hafuuf iyyuu kiiloomeetira

28 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


hedduu itti ta‟e. “Yaa mucaa koo! Yaa mucaa koo!” jechaa akka fiiguu
wayii taati. Gidduu gidduunis ni guggufatti; bishaan hubboo guutuu
baattee miila ol fuudhuu dadhabdi. Hubbichuma illee of irraa lafa
kaa‟uuf dagachuu hin oolle. Dhimmichi abjuu wayii itti fakkaata.
Amma kana ibiddi gubbaa boba‟u balbala irraa ka‟ee dhaaba isaa illee
qabatee jira. Yeroo bira geessee mucaa ishee harka namootaa irra
ilaaltu namni mucaa ishee baatee jiru hin jiru. Dugdumatu cite. Ibidda
namoonni alaala dhaabatanii dhaamsuu dadhaban ittuma utaaluun
walakkaa isaa seente. Yeroo ol seentu mucaan ishee awusaan maramee
dabalees hoo‟i ibiddaa jira waan ta‟eef, hirriba hamaa keessa jira.

Simboon bishaan hubboo guutuu baachuu ishee dagatte yeroo gadi


jettee mucaa ishee bakka inni rafuu butattee bahuuf ol jettu bishaan
mataa ishee irraan qaari‟ee mucaa hoo‟i macheessettii fi rifeensa
Simbootti lola‟e. Mucaanis bishaan waan itti qorreef hirriba irraa
dammaqee “waayi, waayi, waayi, waayi” jechaa boo‟a gaggabsaa itti
cimse. Bishaan tasa Simboo wajjin ibidda seene Simboo fi mucaa
isheef fala xiqqoo kennuuf iyyuu furmaata dhumaa hin taaneef.

Kutannoon Simboo namoota hedduu onnachiiseera. Ta‟u illee


deeggarsa alaa irraan kan hafe namni garaa jabaatee murtee Simboo
duukaa bu‟u ni dhibe. Namoonni hunduu bishaanii fi biyyoo ibiddatti
guuru. Dhaamsine yeroo jedhan ni ka‟a.

Simboo! Mucaa ishee baattee ibidda waliin miliqqee taphatti. Yeroo


karaa tokko cime gara tokkotti, yeroo achiin didus gara biraatti osuma
jettuu ibiddi guutummaa manichaa golge. Kan gubbaa boba‟us ciccitee
itti bu‟uu eegale. Simboonis haalli itti ulfaatee achumaa iyyiti,
“Uu‟uuu uuu‟uuuuu, uu‟uuu uu‟uuuuuu, maaloo yaa biyyaa, maaloo
yaa firaa, uffff, wayyoo, uuwi, ush, boba‟ekaa, waadamekaa,
waxalamekaa, jiraa gubadhekaa wayyoo mucaakoo, wayyoo tokkicha
koo uu, uuu uuu‟uuuu, uu‟uuu uu‟uuuuuu, maaloo yaa biyyaa, maaloo
yaa firaa” jechaa watwaatti. Fala wallaallaan mucaa ishee of jala

29 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


keewwattee awusaa mucaa ishee martee ittiin raffifte ofitti golgite.
Innis yeroo yartuu wayii tajaajileen booda innumtuu guutummaan isaa
ibidda ta‟e. Ajaa‟ba! Dubbiin haalaan itti jabaatte. Awusaan ibidda
taanaan achi haatee itillee hafattee raftu of irra garagarchite.

Amma afuura baafatte. Qaamoleen hedduun ibiddaan waxalamus


isheen ammaa abdii hin kunne; karaa baatu mala barbaaddachaa jirti.
Ibiddis itti cime; mallis harkatti dhume. Yeroo yartuu booda ibiddi
gubbaa citee nam‟u dhiibbaa namoonni alaa godhaniin gara
salphachuutti dhufe. Amma kan hammaate kan dhaaba manaa qabate
dha. Osuma jettuu ibiddichi itti cimuun itillee isa jalqabaa waadee
baqsuu jalqabde. Falli isheen qabdu ittillicha gubbaa haatee kan
isheetti aanee jiru of irra buusuu dha. Amma isheenis laafte; mucaan
ishees harkatti laafe.

Gidduudhuma kanaan ibiddi gubbaa waan salphateef isa dhaaba manaa


qabate dhaamsuun namootaafis salphachaa dhufe. Bishanii fi biyyoo
itti guuru. Jarri ittuma jabaatan. Ibiddis laafaafii dhufe; Simboonis
amma akkuma mucaa ishee of jala keessee itillee uffattee jilbeeffattetti
of wallaltee achumatti hafte. Bishaan namoonni alaa ibiddatti darbatan
naannoo isheen jirtu qaqqabuun ibidda irraa dhaamseera. Maal
fayyadaree isheenoo waadamtee fakkaattii kaleessa ganama taateetti;
namoonnis abdii kutataniiru. Ibidda akkasii keessaa “Nama fayyaa
baafna.” jedhamee waanti yaadamu ni ulfaata.

Abbaan Simboo jaarsa furdaa dhiibbaa dhiigaa qabu dha. Waaddii


qaama ilmoo isaa dhaabatee ilaaluu hin dandeenye. Yeroo Simboon
fiigichaan namoota hundaa bira darbitee ibiddatti seentu jaarsa immoo
dhiigni ija dura faca‟e. Guddichi amma arbaa gahu akkuma baargamoo
jala muranii jigaa jiruu dhaabachiisoodhuma huursee qajeela. Yeroo
inni diriiru malee yeroo inni gatantaru illee namni arge hin jiru.
Namoonni qabsoo ibidda waliinii xumuranii yeroo as deebi‟an jaarsi
karaa kuteera. Biyyoon itti haa salphattu.

30 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Akkuma ibiddichi salphateen yeroo ol seenan jarri lachuu of
wallaalanii akkuma walitti marmanitti jiru. Qaamni Simboo bakki
nagaa qabu hin jiru; kan mucaa immoo darbee darbee qaamni tokko
tokko ibiddaan tuttuqameera. Abdii kutannaa tokkoon namni
muraasni ol seenanii achi keessaa gadi baasan. Yeroo ilaalan lubbuu
Waaqayyoo eege maaltu baasaree! Jara lachuu lubbuun keessa jirti,
garuu maqumaafi malee ammuma du‟aati. Saffisaan yaalii aadaa
naannichatti beekamu taasisaniifii gara Hospitaala Ambootti ittiin
fiigan. Ogeessonni Hospitaalichaas haala keessummaa kanaan hedduu
dhiphatanii, hanga humna isaanii waldhaanuun, humna isaanii ol
taanaan akka darbanii yaalchisaniif gara Finfinnee, Hospitaala Leenca
Gurraachaatti xalayaa barreessaniif. Achittis yaaliin barbaachisu
taasifameef. Tokkummaan guyyaa tokko booda of beekee boo‟uu
jalqabe. Boo‟icha isaas addaan kutuu dide. Namoonni gara haadhaa
fidanis harmi haadhaa gogaan irraa guggubaateera waan ta‟eef itti
siksuuf hin yaadamu ture. Achumatti deeggarsa gochuufii eegalan.

Harmeen isaa, garuu torban tokko booda nama ilaaltee libsachuu


jalqabde. Sana boodas suutuma suuta nama ilaalaa, libsachaa,
socho‟aa, hidhii fi arraba sochoofachaa, nama waliin haasa‟uu
jalqabde. Akkuma of beekteen jechi ishii jalqabaa “T…t…t..t…
Tokk… Tokkummaa koo” jette. T irraa kaatee suutuma suuta
Tokkummaa waamte. Maarree silaa Tokkummaan takkaatti akkamiin
argama? Suuta adeemsa keessa malee. Namoonnis, “Jira siif finnuu?”
jedhanii gaafatan. Yeroo isaan akkana jedhan gammaddee imimmaan
dhanquu dhanquun ishee keessaa burquun morma ishee jalatti wal
gahuun deebitee kaleessa ganama taate.

“Yaa haadha ofii! Miciree baattee, gidirtee, bifa namatti jijjiirrattee,


gaafa deessus rakkachaa, edda deessees rakkachaa, nama guddifti.
Maaliree yoo beela ishee beela‟anii, dheebuu ishee dheebotanii,
rakkoo ishee rakkatanii, daara ishee daaranii, dhibee ishee
dhukkubsatanii, maraannaa ishee maraatanii, wayyaa buusanii qullaa
31 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
deemaniifii, du‟a ishee du‟aniifii ishee jiraachisan. Carrichi immoo ni
argamaayii? Lafan dhaqee liqeeffadhee, ergiffadhee yookiis bitadhee
deeffadhu qabaa laata? Ani, garuu namaayii? Ani nama moo? Ani
namaa? Arraba koo bobaatuu, qarriffaa koo biddeeniif gamsiiseen
qabee dhiiga ishee xuuxxadhee, mocommocee ittiin nama ta‟een, foon
ishee immoo rirmaaf arjoomee taa‟e. Marree Ani nama moo? Anaa
ilmoon? Ofiin jibbe. Dhugaa ofin jibbe.” jedhee ofitti haasawa Dr.
Heeraan mucaan doktora ta‟ee hospitaalichatti qacaramee hojjatu, kan
haadha isaa du‟aan dhabe tokko, kan seenaa Simboo dhagahee ishee
duukaa bu‟u.

Maali dubbiin falaa! Fayyite jedhanii osoo gammadanii harkaa


deebitii? Maalumaafuu, obboleessi ishee naasuun fiigee ogeessa
fayyaa waamee haalota turan itti himuun yaaliin akka godhamuuf
gaafate. Ogeessichis hanga danda‟u yaalii isaa ittuma fufe. Simboon
kan yericha of wallaalte guyyaa lama booda deebitee of beekte. Du‟a
hin taane gidiraa ta‟e malee. Yeroo of beektu qaamni ishee hunduu
waadamee, dawaan itti godhamee lafti xaafii buusan hin jiru. Yeroo of
ilaaltu qaama ishee dur beektu tokko illee of irraa dhabde. Nama ta‟uu
ishee iyyuu of shakkite. Amma hoo waan as deebitu hin fakkaattu.
Maatiin ishee gidiraa ilmoo isaanii qooddachuufii dadhaban iyyuu
ishuma biraa yaadaan yeellalu. Yeroo isheen boochu boo‟aa, yeroo
isheen of wallaaltu dhiphachaa, achumaa qalbiin bu‟anii bahu. Isheenis
bakka ta‟e ooltee bultee guyyaa yartuu booda deebiteefii dhufti.
Isaanis imala kafaltii hin qabne argatanii yaadaan addunyaa waliin
gahaa oolanii bulanii dhufu. Har‟a hoo hedduu waan sodaataniif,
maatiin ishee dhiyeenya abbaa isheetti nagaa dhaaman isheettis nagaa
dhaamuuf walitti dhufanii akkaataa gaggeessaa ishee wal mari‟atu.
Yeroo isaan irratti walii galanii murteessan isheenoo hin murteessinee
gaabbitee deebitee dhufte.

Suutuma suuta sossobaa, tasgabbeessaa, yaala torban lamaa booda


gara nama nagaatti dhufaa deemte. Amma mucaa ishee arguuf
32 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
sardamti. Dhiphiftee rakkifnaan dhaqanii kutaa inni itti yaalamaa jiruu
fidaniif. Yeroo mucaa ishee argitu dhugaa itti hin fakkaanne. “Atumti
baga lubbuun naaf jiraatte malee ani bagan waadame; hiq hiq hiq kun
natti xiqqaata; situ galaana kophummaa keessaa na base; hiq hiq hiq
hiq hiq osoon gaaficha akkuma namoota biroo dhaabadhee si ilaalee
qaamni koo waadamee lubbuu kee naaf ta‟uu hin danda‟uuyyu;
miidhaginni qaama kootii badus atuu miidhagina kooti; hiq hiq hiq hiq
hiq Waaqayyo ulfinni kee hin badiin.” jettee mucaa ishee dhungattee
quufuu dadhabde. Qaamni hunduu waadameera wan ta‟eef baachuuf
hin dandeessu; namumatu baateefii isheen immoo mucaa dubbii hin
beekne wajjin haasofti. Hunduu dhaabatanii jaalala isheen mucaa
isheef laattu “Ajab!” jedhu. Aarsaa isheen kafalteef hundaa kan
dhaga‟es “Raajiidhuma!” jechuun dinqisiifata. Namoonni ishee arganii
waa‟ee ishee dhagahan hunduu namni dur imimmaan buusee hin
beekne illee har‟a “Goroggor” jedha. Imimmaan rooba Hagayyaa
roobsu. “Yaa haadha ofii; yaa deessee ofii; eenyu amma kee namaaf
gahaa!” dinqisiifannaa namoota Simboo argan hundaati.

Lubbuu Waaqni kaa‟e maaltu iddoo isaatii kaasaree! Ji‟a sadii booda
yaalamtee wayyooftee, isa dura baatanii geessan ofiif deemtee galuuf
qajeelte. Dhuftee yeroo fuullee mana ishee geessu maatiin wayyaa
gaddaa uffatan simachuuf gadi itti girrisan. Naasuudhumaan maaltu
akka ta‟e irra deddeebitee gaaffiidhaan rakkifnaan du‟a abbaa isheetiif
ta‟uu itti himan; fuulleettis achi ilaallaan manni abbaan warraa ishee
ijaareef hin jiru. Ilaallaan utubaa inni dhaabee deeme gubatee
dooluudhuma isaatu dhaabata. Bakkuma jirtutti kufte. Naasuun wal
gargaartee achumatti hambifatte. Namoonni waliin jiranis mataa ishee
ol qabanii bishaaniin laphee fi mataa qaqqabatu. Achi qabu; as qabu;
wajjumaan gidiru. Gammachuun maatii Simboo Finfinnee kaatee
imala ishee jabeessitee lubbuu bahuuf turte fayyiftee fiddee dhuftus,
qe‟eetti dhihaatte malee wajjin qe‟eetti galuu didde; garaa isaan gante.
Du‟aa fuudhanii bahanii jiraa of danda‟ee deemu fudhatanii fuullee

33 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


mana isaanii yeroo gahan boonaa turan. Fuulleen mana isaanii waan
isaan fidanii dhufan mormitee faallaa taasifte. Namoonni hunduu afaan
cufameera; ijaan walitti haasawu; imimmaaniin fuula dhiqatu.

Lubbuun Simboo wadaroo cimaan waan biyya lafaatti hidhamte


fakkaatti. Du‟a hin taane; turtii yeroo muraasaa booda ammas deebitee
dhufte, garuu amma kan deebite guutummaa ishee miti. Simboon
gogaa qaama ishee mucaa isheef aarsaa goote, amma immoo qalbii
ishee abbaa fi mana abbaa warraa isheef aarsite. Akka qalbii butaa
ishee godhe. Fiigsisuuf ka‟a; ni iyyisiisa; nama jibbisiisa; nama
arrabsiti; nama rukutuuf gamti; waan qabattee waan dhiiftu
wallaalchisa; as utaalti; achi utaalti. Fala wallaallaan mana yaalaatti
deebisan. Turtii yeroo muraasaa boodas yaalli dhibee isheetiif fala ta‟u
ni dhabame. Gaafa tokko yaalamtee wayyoofte jedhanii yeroo galchan,
gaafa biraa immoo itti deebi‟a. booda wayyaa buuftee tuuta maraattota
biyya lafaatti makamte.

Yaa Simboo! Qullaa deemuu, sirbuu, boo‟uu, oliif gadi deemuu,


dhagaa darbachuu, nama ari‟achuu fi hojiileen maraattota warra kaanii
hojii ishee idilee ta‟an. Maatiin ishees wajjin gidiranii yaalanii
dadhabnaan gadhiisan. Isaan rakkoon lama waan itti taateef, ishee
gadhiisanii mucaa ishee guddisuutti deebi‟an. Isheenis yeroo ijoollee
dhiiraa kanuma abbaa fedhee karaa irratti argitu “Koottu mucaa koo,
bareedaa koo, boonaa koo, mootii koo, waan hunda koo…” jechaa
duukaa fiigdi. Yeroo qabattes dhungattee, baattee waliin taphachaa
oolti malee akka namoota gurguddoo hin ariitu; hin reebdus. Kan
dhala ormaa argite hundaa waliin fiigdee taphattu osoo kan ishee
argitee hoo maal taati laata?

Haaluma kanaan guyyaan guyyaa dhalee, turban torbanitti dhaamee,


baatileen walitti tutanii Ganna jaha lakkoofsisaniiru edda Simboo
qalbiin darbee jireenya karaa irraa jalqabdee. Tokkummaanis jabaatee
mana barnootaa galeera. Isa kan guddisaa jiru haadha haadha isaati;

34 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


akkawoo isaa jechuudha. Haadhaa fi abbaa isaa sirrii namni itti hime
hin jiru, garuu gaafa mana barnootaa galu maqaa abbaa isaa isa sirriin
gale, “Tokkummaa Jabeessaa” jedhama. Maaliif akka akkas jedhamus
hin beeku. Yoo gaafates haariidhuman hidhii xuuxanii bira darbu
malee namni itti himu hin jiru.

********************

Obboo Lammeessaan harka-qalleessa mana barnootaa dhaqee hin


beekne dha. Waa‟een hiyyummaa isaa yeroo hundumaa isa haarsa.
Maal hojjatee akka isaaf darbus hin beeku. Dhamaatii hin dhiifne,
ta‟us isaaf darbuu hin dandeenye. Kuusaan ilma isaa hangafaati.
Bochoraa ilma sooressaa fakkaatu dha. Beeki waa nyaatee osoo hin
ta‟iin suguma Waaqaatiin marartee ilmoon hiyyeessaa qabdu qaba.
Obboo Lammeessaan gaafa manatti deebi‟ee Kuusaa argu
hiyyummaan isaa caalumatti mataa gadi isa qabachiisa. “Mucaa doffee
kana naaf kennuun kee na gammachiisa; jiruun ani keessa jiraadhu
kanatti guddataa? Maali yaa Waaq isa iyyuu naaf kennitee hoo jiruun
ittiin isa guddisu naaf kennuun maaf sitti ulfaate?” kadhaa Obboo
Lammmeessaati.

Tokkummaan barataa cimaa, jaalatamaa fi kabajamaa dha; ta‟us,


namootuma olla isaa fi barattoota beekantu isa leellisa malee firoota
waliin wal hin beeku waan ta‟eef mi‟aa isaanii hin qabu. Akkawoon
isaa humni dhumes lafaa fi jiruu qabdu hundaa gurbaa maqaan isaa
“Ashabbir” jedhamu kan akaakayyuun Tokkummaa sababa mucaa
dhiiraa hin qabneef dur warra beela‟anii godaanan irraa fudhatee akka
ilmoo isaatti guddifate tokkoof kennitee harka isaatiin jiraatti.
Galgallis waan itti dhufeef hin muuxatanii egaa gara galuuti.

Wixatni uummata naannoo Gudar jiraatuuf guyyaa ayyaanaa


torbaniiti; hunduu waan qabu ruuqqatee fi guduunfatee ganamaan
ka‟ee itti girrisa. Wal irraa bitee, walitti gurguree, walii laatee, wal
obaasee, walitti wacaa, walitti hasaasaa, walitti marmee wal dubbisaa,
35 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
kan wal kajeele yoo jiraates qelaa isaa ganama haxaawwatee baheen
wal haleelaa oolee dhiha lafaatu wal irraa galcha. Sababuma kanaan
Obboo Lammeessaanis har‟a ganamaan ka‟ee somaa isaa gateettii irra
kaawwatee gara Gudaritti qajeele. Karaan Gudar geessitu har‟as
akkuma amala ishee namoota machaara dhaqanii fi horii machaara
geeffamaa jiraniin guutteetti. Obboo Lammeessaanis isaan keessaa
tokko ta‟ee jira. Yeroo biraa hiriyoota ofii waliin walitti beellamatanii
deemu ture; har‟a, garuu sagantuma malee waan manaa baheef
kophuma isaati. Kophuma ofitti haasawaa qelaa isaa takka gateettii irra
kaawwachaa, takka dhadhaabbachaa, takka immoo dalga ciibsee harka
isaa asii fi achi raasaa jawwisa. Daandiin yeroo biraa haasaa fi kolfa
hiriyoota isaatiin jala hin dhaabanne, har‟a daandii biraa waan itti
dabalan fakkaata; inuma deema hin dhumuuf. Ta‟us, Gudar gahuun
hin oolle egaa. Akkuma Magaalaa Gudar seeneen dubartoota ijatti
tolan sadii ta‟anii waliin haasawaa yaa‟anitti dhufe. Dubartoonni kun
giddu-galeeyyiidhuma umriin isaanii 27- hanga 32 gidduu jiran, warra
magaalaa jiraatan, kan haalli uffannaa fi urgaan foolii dibata isaanii
halaalaa nama waamu turan.

Ashabbir jiruu isaa saammachuu malee jaartiis ta‟ee Tokkummaaf


marartee hin qabu. Tokkummaas jaartiin dhugaan isa guddifte harkatti
dadhabuun yaaddoo itti uume. Waa‟een maqaa inni ittiin waamamuus
gaaffii guddaa itti ta‟e. Guyyaa keessaa gaafa tokko, garuu icitii jiru
osoo hin bariin manguddoon dadhaban akka harkaa hin galle waan
yaadda‟eef baruuf sardee gaafate. Akkawoonis itti himuu
barbaadduyyuu, haalli ture sammuu mucichaatti akka hin tolle waan
beektuuf itti himuu sodaatte. Mucaan, garuu muddee qabe; jaartiinis
hedduu sodaachuun garaan ishee akka dhaha galaanaa raafame, “Itti
himu moo dhiisu?” jetti. “Himuu dhiisuu?” irruma deddeebite. Homaa
gochuu waan hin dandeenyeef waadaa galchiifattee itti himuuf
murteessite.

36 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Akkawoo: “Tokkummaa kiyya, egaa haalonni nuti dabarsine haala
suukanneessaa fi wal xaxaa ture; Abbaan kee „Jabeessaa Lammii‟
jedhama; haati kee „Simboo Waaqkennee‟ jedhamti, intala kooti
jechuudha; Jabeessaan…” jettee mudannoo jireenya isaanii tokko
illee osoo hin hambisiin itti himte.

Mucaan haalota suukanneessoo dhaga‟e, duraanuu gaggabdoo qabu,


bakkuma taa‟utti hafe; dafqi irra yaa‟e; ija babaase. Jaartiin gara biraa
ilaalaa haasoftu, yeroo of cina ilaaltee taatee mucaa hubattu dugdi cite.
Achuma teessee iyya itti keesse. Asii fi achi qabdee haalli mucichaa
itti fokkifnaan jaartiin murtee ishee fudhatteetti. Yeroo namoonni iyya
dhagahan birmatanii dhufanitti jaartiin dur of fanniftee karaa kutte;
mucaanis akkuma of wallaaletti jira. Namoonni achi gahanis kaan
jaartii fannoo irraa buusanii, manatti galchanii, kafananii, kaan immoo
mucicha fudhatanii gara mana yaalaa deeman. Mucichi yaala argateen
yeroo muraasa booda wayyaa‟ee boo‟icha guddisa isaa, akkawoo
isaatti gale. Carraan isaa ganamaan abbaa isaa irraa fudhatte, haadhaa
fi warra haadhaa irraa mulqitee hambaa malee isa hambifte.

Obboo Lammeessaan akkuma magaalaa seeneen ija dubartoota sanaa


seene; beeki Obboo Lammeessaa kan ija dubartootaa seensise warra
kaan irraa adda ta‟uu isaa osoo hin ta‟iin kophaa deemuu isaa qofa.
Nama kophaa deemu dubbisuun ni salphata jechuudhumaafi.

Dubartoota: Obboo, akkam jirtu?

Obboo Lammeessaa: Nagaa dha; akkam jirtu?

Dubartoota: Nagaa galata gooftaa; isin dubbisuu barbaanneetu; isinitti


tolaa?

Obboo Lammeessaa: Maali waatu isin jalaa bade moo maali rakkootu
jiraa?

37 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Dubartoota: Lakki, rakkoon hin jiru; waan isinitti himnutu jira;
daqiiqaa shan qofa nuuf kennuu dandeessuu?

Obboo Lammeessaa: Kunookkaa Giiftii Jijoo, har‟a immoo maaliin


karaatti na eegdee; maali inni mmoo laata? Eeyyee; rakkoo hin qabu;
daqiiqaa shan mitii ana iyyuu fudhachuu dandeessu. Naasuu fi
shakkiin guutamuun ulee ofii lafatti dhaabee bobaa jala keewwatee itti
hirkachuun harka isaa bitaan areeda isaa qaqqabachaa sesseeqa.

Dubartoota: Kokkolfaa ani Kuulaniin jedhama; ani Ililliin jedhama; ani


immoo Feeneetin jedhama. Waldaa Amantootaa Guutuu Wangeelaa
irraa dhufne; kaayyoon dhufaatii keenyaas fayyisaa addunyaa labsuu
dha. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos nuuf jedhee fannifame; nuti
immoo akka inni nuuf jedhee fannifame labsinee uummanni keenya
maqaa isaatti amananii akka fayyan barsiisuu qabna… yoo amantan ni
fayyitu; mana isaa keessa jiraachuun jireenya bara baraa argattu; foonii
fi lubbuu keessantu gammachuun jiraata. Osuma jarri wal harkaa
butanii itti haasa‟anuu

Obboo Lammeessaan: Giiftii Elemoo har‟a immoo maal natti fidde


jarana! Amma anaan maal godhi jetturee?

Dubartoota: Homaayyuu; amanaa ni fayyituu; maatii keessan fidaa


amansiisaa; fayyina fudhattanii galtu; ijoollee yoo qabaattan immoo
waan isaan barbaachisu hundaa guunneefii isiniif barsiifna; gargaarsi
qabeenyaa muraasnis isiniif taasifama.

Obboo Lammeessaa: Maal maal? Mucaa koo naaf barsiiftu; deeggarsa


hundaa taasiftuuf; gowwoomsaa keessan na dhiisaa; maal koo waan
taataniif mucaa koo naaf barsiiftu? Maal warri akkanaa? jedhee miila
haariin yoo qajeelu

Kuulanii: Hin ariifatiinaa; kuni fedhii keessani; carraa kana of jala hin
dabarsiinaa; dirqama hin qabdan; dhiisuu dandeessu, garuu carricha

38 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


eenyu iyyuu hin argatu. Yoo feetan mana Abbaa Gosoomsaa
kireeffannee achitti hojjachaa jirra; achitti dhuftanii nu dubbisuu
dandeessu. Mucaa keessanis carra compaashinii hirmaachisuu
dandeessu.

Obboo Lammeessaa: Naa hin dhimmiin; shiinshinii kee uffadhu;


nagaatti.

Tokkummaan amma mala hin qabu. Guddiftuun isaa duutee gaafa ji‟a
jaha gahu Ashabbir, Tokkummaan qe‟ee akka gadhiisuuf gaafate.
Ajab! Mucaa lafa seenu hin qabne maqaaf eessumni isaa immoo jiruu
warraatti seenuuf muddama. Mucaanis boo‟aa, “Eessa abbaa kootan
dhaqa; ni beekta silaa abbaas ta‟ee haadha hin qabu; si malees fira
biraa hin beeku hoo eessuman dhaqa Eessumee?” jedhee kadhate.
Ashabbir, “Ani hin beeku; naaf deemi qe‟ee warra kootiitii; badi
amma naannoo kanaa; ta‟uu baatu sin ajjeesaa.” jedhee yeroo
garaagaraatti irra deddeebi‟ee doorsise. Mucaanis kadhatee gamnaaniif
du‟a sodaatee boo‟aa gadhiiseefii baqate.

Obboo Lammeessaan dubartootittiitti qasa‟aa ulee isaa gateettii irra


kaawwatee gaggaragalee ilaalaa gara mana bookaatti qajeele. Booka
bira geenyaan kanniisa waliin adda baasuun ni ulfaata; irruma taa‟ee
xuxxuuxaa oolee galgala ulee isaa lafaan reebaa, abbaa itti dhuftes
gollobaa, weedduu isaa talaliisaa mana gaha. Itti ho‟iteetti waan ta‟eef
akkuma mana gaheen:

Obboo Lammeessaa: Haadha Kuusaa, a... ak… akkam oolte? Ijoolleen


nagumaa? Horiin hunduu galanii?

Itti fufuun arraba hidhamtuu tokkoon oolmaa isaa ganama irraa qabee
itti hime. Haati Kuusaas haasaa isaa kana haasaa dhugaatii waan ta‟eef
ittuma kolfitee bira darbuun hirbaata nyaatanii rafan. “Hirribni gaafa
dhugaatii shaambassoo araarsa” jedhu manguddoonni. Beeki hirribichi
isa mugan miti; isa wal irra badanii wal keessa badan sana. Obboo
39 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Lammeessaanis gaafa lafaa iyyuu nyaattuu siree keessaatii gaafa biqila
hidhiin tuqe immoo sirumaa gooftummaa isaa mallatteessifata;
halkanis hin barakattuuf.

Tokkummaan karaa hin beekne wasiilli isaa Obboo Tolaan jiraachuu


waan beekuuf galgaluma lafaa ka‟ee bakka Obboo Tolaan jiru
iyyaafataa qajeele. Karaan fagoo ta‟uu isaa waan hin beekneef otuma
deemuu halkan itti ta‟e. Lafa deemuu fi akkatti deemu dhabe; ni
sodaate. Waan malu dhabnaan boqoonqee tokko keessa muka laaftoo
guddaa fi haafa qabu tokko yaabbatee irra buluu murteesse. Bakkicha
immoo mucaatu hin beeku malee lafa wal gahii bineensotaati jechuun
ni danda‟ama. Yeroo xiqqoo turu waraabessi waan man‟ee isaatti hafe
hin fakkaatu. Asiis “kikikikikik uuwuu kikikikik”, achiis “kikikikikik
uuwuu kikikikik”, gamaas “kikikikikik uuwuu kikikikik”, gamanaas
“kikikikikik uuwuu kikikikik”, mukicha jalaas “kikikikikik uuwuu
kikikikik” edaa jarri foolii mucaatu itti dhufee itti wal waamuu
isaaniiti. Mucaanis mukicha irra taa‟eetu kirkira; sodaa guddina takka
fincaantu qaba; takka bobbaatu qaba. “Nyaatamuu kooti; osoodhuma
namichichi illee na ajjeeseeyyuu, wayyoo nyaatame; wayyoo du‟uu
koo illee namni hin argu maalaan godha egaa?” jedhee keessa isaatti
dhiphachaa gorora shan liqimsa. Osuma mucaan kanaan gidiruu roobni
hamaan cabbiin makaan lafa ciree fuudhe. Mucaan wayyaa of irraa hin
qabne “atatatatatat achachachachach” jechaa ilkaan waliin qara.
Qorraaf qorra rooba halkan keessaati; lafaaf halkani; wayyaa furdaas
hin qabu; guyyaas waa hin nyaanne waan ta‟eef beellis itti hammaate
kirkiraadhum isaa lafti bari‟eef.

Qe‟ee Oromoo ganamaan yoo dhaqxu, hunduu hirribaa ka‟ee, huccuu


uffatee, loon to‟atee, fincaan fifincaa‟ee, fuula dhidhiqatee, walitti
dacha‟uun ciree nyaatee, buna urgaan isaa ayyaana qabu unata. Qe‟ee
Obboo Lammeessaas xiqqaattus kanumatu jira. Ciree nyaatanii osuma
buna dhugaa jiranii Obboo lammeessaan oolmaa isaa kaleessaa kaasee
haasawuutti jedhe.
40 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Obboo Lammeessaa: Kaleessa immoo raajumatu na mudate; akkuman
magaalaa seeneen…

Haadha Kuusaa: Abbaa Kuusaa kan ati galgala haasawaa turte sun
edaa dhugumaa? Anibar haasaa biqilaati jedheen calluma jedhee.

Obboo Lammeessaa: Edaa sitti himeeraa? Maal taate namana


“Dhugaatiin dhugaa baafti” jechaa homaa hin dhageenyee?

Haadha Kuusaa: Tole mee itti fufi.

Obboo Lammeessaa: Gooftaa maaliitu nuuf fannifame naan jettee sila?


… mucaa kee siif barsiifna; si gargaarra…

Haadha Kuusaa: Ohooyi! Akka maali akkisaa? Dhala koo


fudhachiisuufii? Kun illee tasa hin ta‟u; hagabuu buleen guddifadha.

Obboo Lammeessaa: Haadha Kuusaa, afachu dubbiin akkasii mitii.


Sambata Guddaa isaan argachuun akka danda‟amu natti himaniiru.
Sambata Guddaa dhufu kana dhaqee qulqulleeffadha; mucaa koo na
biratti kan gargaaran yoo ta‟e argadheenii? Ati obsi.

Haadha Kuusaa: Anaan na hin corre haalli keessan; hundaafuu dubbii


keessan jala dubbachuutu gaarii mitiif malee tole hin jedhuuyyu. Edda
jettanii akka feetan.

Tokkummaa roobni tortorse yeroo lafti ifee jedhu lubbuu laaftoo irratti
tiksaa bule tirsee mana wasiila isaa iyyaafachaa qajeele. Wasiila isaas
iyyaafannaa fi rakkoo guyyaa guutuu booda argatee mana isaatti gale.
Rakkoo manaa isa baasees wasiila isaatti himee namaan wal lolchiisuu
waan hin barbaanneef, dhoksee wasiiluma isaa bira jiraachuu akka
filate itti hime. Wasiilli isaa obboo Tolaan ijoollee sadii qabu keessaa
tokko hiriyuma Tokkummaati. Ijoollota sadan keessaa isuma hiriyaa
Tokkummaa qofaatu kan Obboo Tolaati malee warri kaan osoo hin
beekiin qubataa tokkoof manni hatameera. Tokkummaanis kan dur
41 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
qe‟ee akkawoo isaatti ilma tokkicha ta‟ee jiraatu amma maatii guutuu
waliin hiree qooddachuu jalqabe.

Tokkummaa amala namatti tolu qabu, quufee malee beela‟een kan


afaanii hin baane, natti tolee malee natti badee kan hin beekne, nama
waliin buluun illee isa hin rakkifne. Durumaan iyyuu lafa abbaa isaa,
dabalees kan akaakayyuun isaa harmee isaaf kenne, horii dabalatee
walitti qabaan yeroo Simboon maraatte qe‟ee gadhiiste waadaadhaan
Obboo Tolaatti kennamee ture. Jirichis haalaan dagaagee wasiila isaa
dureessa taasisee jira waan ta‟eef niitiin wasiila isaa “Asalafechi”
jedhamtu immoo dhufaatii mucaatti gammachuu hin qabdu.

Dilbanni Abbaa Kuusaa guyyaa isaa eeggatee ni dhufe; Abbaan


Kuusaas bu‟aatii Gudar Wixata irraa Dilbatatti fooyyesse. Waaree
hoo‟ite yoo achi gahu, namootuma muraasatu kaan jilbeeffatee, kaan
dhaabatee dunuufkachuun sagadu. Abbaan Kuusaas waan jarri gochaa
jiran argee rifachuun duubatti deebi‟ee hanga jarri fixanitti gara jiga
Colleetti darbee guushii farsoo boruu calalachuutti ka‟e. Abbaa
Kuusaatii guushii tuttufaa afaan isaa haxaawwachaa bahuu
Kuulaniidhaa waldaa baatee gara mana ishee galuu karaatti walitti
dhufan. Kuulaniin bira darbuuf yeroo jettu Abbaan Kuusaa ulee isaa
dura qabee dhaabe. Kuulaniin rifaatuun duubatti butamtee, “Maqaa
Gooftaatiin, maal taate namichoo?” jette

Obboo Lammeessaa: Attam? Torban situ qabee na dhaabe; har‟a


immoo dabaree kootikaa. Kolfa

Kuulanii: Ahaa torban isin dubbifnee tureeyyuu? Ahaa ani namoota


baay‟ee waan dubbiseef isin dagadheera; isin na akeekkattan. Maarree
as keessa jiraattu moo har‟a eessaa baatan?

Obboo Lammeessaa: Lakkii, baadiyyumaan dhufe; haasaa keessan


sanatu qalbii na hateen deebi‟ee dhufe.

42 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Kuulanii: Amanuuf murteessitan moo? Gooftaan mana keessan seene
jechuu dha.

Obboo Lammeessaa: Lakkii waawuu gooftaan masaraa dhiisee godoo


hiyyeessaa maal gochii seenaa mitii qorachuun dhufe; dura beeku
malee akkamiinin amana?

Kuulanii: Maarree kun namatti tolaa

jettee waliin dubbii ho‟isan. Kuulaniin icitii waldaa ishee hundaa itti
himte. Obboo Lammeessaanis icitii mana isaa hundaa itti hime.
Dhuma irrattis akka amanee ofitti fudhate itti hime. Dilbata torbanii
maatii isaa akka fidu itti walii galan.

Waa‟ee Aaddee Asalafechi akka hasoofnu yoo eyyamame immoo bara


mooticha jal‟aa duguuggaa sanyii uummata Oromoo karoorfatee ka‟ee
uummaticha isa dhalatee jiru fixaa akka dhalee/chee hin daballe
immoo warra dubartootaa harma irraa muraa warra dhiiraa immoo
qaama saalaa kolaasaa fi harka irraa muraa sanyii isaa immoo lafa
aannanii fi dammaatti as guuraa tureeyyu, warri ishee dhufanii
naannicha qubatan. Jarri dhufanii qubatanis ergama isaanii akkuma
gorfamanitti bahuun, warra itti dhufan garraamummaan jala seenanii
seenaa, duudhaa, aadaa fi heerrata sabichaa jalaa borcaa turan.
Asalafechis qooduma kana bahuuf Obboo Tolaa bareedaa fi
garraamiitti ollixoo dhaqxee kunoo qulqullina sanyii, aadaa, duudhaa,
safuu fi eenyummaa wasiila Tokkummaa faalte. Yoom isa qofaree
halkan Obboo Tolaa bira bulti malee guyyaa guyyaa immoo qomoo
ishee warra akkuma ishee ergama fudhatanii biyyaa bahaan waliin…

Haati Kuusaa dubbii Obboo Lammeessaa jala hin deebiftu; qaanii dha.
Waanti inni jedhu hunduu ni ta‟a. obboo Lammeessaanis carraa kana
fayyadameetu waan dhagahee gale hundaa ho‟isee itti himuun Haadha
Kuusaa amansiifateera. Dilbata eeggatu. Dilbanni lafoo deemti; isa
iyyuu tirannaa hammaatte. Akkuma ta‟etti dhufte. Barihe moo hin
43 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
bariineen Obboo Lammeessaan maatii isaa waliin Gudaritti of arge.
Yeroo achi gahan Waldaan hin saaqamne. Achuma nananna‟anii yeroo
banamu ol lixan.

Warri waldichaas jaalalaan simatanii maalii fi eessaa akka dhufan


iyyaafatan. Jarris itti himatan. Sana booda teessoon kennameefii
dhuma sagantichaa irratti yeroon amansiisuu waan jiruuf yericha
fuulduratti bahanii akka amanuu qaban itti himan.

Sagantaan waldaa akkaatuma tarree isaatiin raawwachaa dhufee


yeroon amanuu fi amansiisu gahe. Yeroo kana abbaan waltajjii,
“Yeroon kun kan lubbuun haaraa itti gooftaa fudhatan waan ta‟eef
lubbuun haaraa har‟a dhuftan gara fuulduraatti bahaa.” jedhe

Obboo Lammeessaanis maatii isaa fudhatee gadi bahe. Waan


amansiisaan jedhu duukaa jettee amanuutu sirraa eegama. Maatichis
kanuma raawwata. “Gooftaa kana amanee ofitti fudheera” irraa kan
hafe hunduu “Gane, gate jedhii” dha. “Ayyaana abbaa koo gane, kan
haadha koo gane, ateetee haadha koo gane, gane gane gane… gadaa
gate, ateetee gate, gate gate…” akkasiin gansiisanii gachisiisanii
galmee isaanii irratti galmeessanii kitaaba tokko kennaniifii
gaggeessan.

Tokkummaan mana Obboo Tolaatti edda galee waggaa tokko fixe.


Sinsinniin warra inni itti galee illee waan dhumate fakkaata. Barnoota
isaas kutaa torbaan gahe. Horiin isaas haalaan horan. Jiruun isaa qe‟ee
Obboo Tolaas babbal‟achuu isaa mucaan arguunis niitii Obboo
Tolaatti dhukkuba guddaa ta‟e. Karaa dhabde malee mucicha
finqilchuu barbaaddi. Mucichas akka malee ajaja itti baay‟ifti. Hojii
humni isaa danda‟us hin dandeenyes inuma ajajji. Mucaan immoo
ergamaa fi ajajamaa waan ta‟eef waan jedhame hundaa hin mormu.
Ofiif miidhamee nama fayyaduu barbaada. Kanaafuu, sababa ittiin
dubbii kaaftee ariyattu illee dhabdeetti. Nyaata immoo feetu ni laattiif;

44 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


feetu ni dhowwatti. Yeroo laattuufis nyaata beela nama baasu osoo hin
ta‟iin nyaata lubbuu nama keessatti tiksu dha.

Obboo Lammeessaa fi maatiin isaa waldichaa galanii waan aadaa fi


ayyaana maatii isaanii irraa dhaalan hundaa barbadeessuu jala badan.
Hanguma oolanii bulanii waldichatti deddeebi‟an lallabaa kitaabichaas
ta‟uu eegalan. Kuusaanis guyyicha irraa qabee barataa waldichaa ta‟e;
fayyadamaa kompaashinii ta‟e; mana barnootaas gale; uffanni,
kopheen, barulleen, sireen, nyaanni fi waanti cufti isa barbaachisu
yeroo yeroon achii kennamaaf.

Tokkummaan waan mala beekuuf, qoonqoo isaaf hin dhiphatu; yeroo


lagaa horii tiksu takka qorfoo lafa keessaa buqqifata; takka firii goraa,
agamsaa yookiin ingooxoo guurratee nyaata: firii mukaatii jiru beela
hin argu; beelli isaa, garuu gaafa mana barnootaa deemu dha. Mucaan
ishee inni hiriyaa Tokkummaas gocha haadha isaatti hedduu mufatee
haadha isaatiin lola. Yeroon booda, garuu ijoollee ishee waamtee daba
itti gorsuu jalqabde. Tokkummaan kan qe‟ee isaaniitti dhufee gales
qabeenya isaanii irraa fudhachuuf akka ta‟e deddeebiftee hubachiisuun
yaada ijoollee jirjjiirsifte. Inumaa iyyuu gaaf tokko mucaa isa umriin
hiriyooman waamtee daba hamaa lubbuu Tokkummaa balleessu itti
gorsitee laga bu‟anii bishaan akka waraaban ajajje.

Hawaasni naannawaa Obboo Lammeessaa waan qe‟ee Obboo


Lammeessaa seene wallaale; afaan isaas wallaale. Obboo
Lammeessaanis lallaba kitaabichaa jala bade; mana barnootaa galee
hin beeku, garuu kitaabicha lafa kaa‟ee hin beeku; osoo hin dubbisiin
barsiisa; maaltu kitaabicha keessa akka jiru hin beeku; ittiin nama
amansiisuuf hedduu tattaafata. Inni akka dur hiriyoota waliin booka
unanii dhiichisan ni hafe.

45 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Akkuma bokkaan roobee caameen, “Ijoollee nanaa bokkaan gaara
akka malee roobeeraa; koottaa osoo hin boora‟iin fiigaa bishaan
waraabaa.” jetteen. Ijoolleenis akkuma ajajaman fiigichaan bishaan
waraabuu laga deeman. Yeroo isaan laga gahan guunni bishaanis irra
garagale. Dafanii jalaa waraabbachuuf jecha gadi tataa‟an. Osuma
waraabanii gidduun mucaan wasiila Tokkummaa akkuma haadha isaa
irraa ajaja fudhatetti utaalee nama bira darbu fakkaatee Tokkummaa
duubaan dhaqee guuta bishaanitti darbee mataa qabatee dhaabatee
ilaala. “Namni bishaan nyaate oomacha qabata‟‟ hin jenneeree!
Tokkummaanis oomachatti harka marate; oomachi yoom qabata
taatiifii mitii.

Hawaasni Obboo Lammeessan waliin jiraachaa ture amantii heerrata


sabaatti beeka; dhuunfaatti hin qabdu jechuu dha. Waan duudhaa sabaa
ala ta‟e itti fiduuf siif hin hayyamu. Yoo fiddes si adaba. Sababa
kanaaf waan Obboo Lammeessan fide kana qoratee akka dhiisuuf
gorse; akeekkachiise; adabbii jalqabaa adabe. Obboo Lammeessaan
sa‟a haya dhamdhame ta‟e; waanti irraa deebisu ni dhabame.
Hawaasni ijibbaatee murtee dhumaa itti murteesse. Murteen dhumaa
hawaasichaa Obboo Lammeessaa hawaasummaa keessaa baasuu dha.
Hawaasummaa keessaa baasuu jechuun loon isaa loon hawaasaa
keessa ooluu hin danda‟u; yoo ibiddi jalaa dhaame ollaa irraa ibidda
fudhachuu hin danda‟u; yoo rakkate liqeeffachuu fi ergifachuu hin
danda‟u; yoo iyye birmannaa hin argatu; ijoollee fi namni isaa ijoollee
fi nama hawaasichaatti makamuu hin danda‟u. Murtoo kanatu itti
murtaa‟e.

Tokkummaa waan guyyaan geesse fakkaatu, yeroo bishaan keessa


takka cullux jedhee takka ol darbamu, mucaan inni bishaanitti darbe
dhaabatee ija gaabbiitiin ilaala. Tokkummaan qabsoo isaatti hin laafne;
alaltuu bishaan keessaa sirbitu tokko qabachuuf qabsaawa. Yeroo inni
ishee qabachuuf yaalu, guunni bishaanii gudeelcha guuree fidee irra
garagalchee bishaan keessa gadi isa balleesse. Amma waan abdii kute
46 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
fakkaata. Garjallaa isaa fincaa‟aa guddaa tokkotu jira waan ta‟eef isa
bira geenyaan ni dhumateef. Tokkummaa gudeelchi bishaan keessa
fageessees dhuma bishaanii gahee shirfii dhagaa hammaaree ol
deebi‟e. Waan qabata wayii taatuuf se‟eetu hammaare, garuu hin
taaneef.

Amma egaa fiixa fincaa‟ichaatti dhiyaate waan ta‟eef, du‟aaf harka


kennee bishaan irra bololi‟a. Ammas alaltuu biraa qabachuuf
qabsaawa; amma illee milkaa‟e. Akkuma alaltittii qabateen ishee
qabatee bahuuf of harkisaa jira. Bishaanis fincaa‟aaf dabarsee kennuuf
dhiibaa jira. Qabsoon gidduu kanatti hammaatte. Alaltittiitti rarra‟ee
osuma bahuuf yaaluu humni bishaanii itti cimee, innis harkisuutti
cimee alaltittiin jalaa fottoqxe. Yeroo kana bishaanichi injifannoo
gonfachuuf jedha fakkaata.

Oolee bulee wal dhabdeen hawaasichaa fi Obboo Lammeessaa haalaan


cime; “Namittii farroo faallaa hawaasaa deemtu, gantuu fi gattuu
duudhaa fi waan abbaa fi haadhaa, pheenxe qoonxee, misinoonii, …”
maqaa moggaasa Abbaa Kuusaaf hawaasichi moggaase dha;
“Pheenxee balbala fugguu beektee masqala hin gubduun” sirba
hawaasichi itti baase dha. Obboo Lammeessaa murteen itti murtaa‟e
ulfaataa ta‟uu beeka, garuu waanti inni waldaa irraa argatu haamilee
itti hora. Keessumaa haalli mucaan isaa itti jiru haalaan isa
gammachiisa. Ijoolleen sooressaa hawaasichaa iyyuu akkatti hin
taaneef. Isa dur Wixata torbaniin dhufu Gudaritti marmaaru amma
Dilbata torbaniin dhufuun Gudaritti of arga. Gorsaa fi siif jirraa warra
waldaatiin dhiibbaa hawaasaa damdamata.

Guuta bishaanii beektu. Gudeelcha argate hundaa gangalchaa, kosii fi


du‟aa argate hundaa guuraa, muka of dadhabe fofottoksaa, saawwan
karaatti argate hoofaa, meeshaa fi nama akka Tokkummaa argates
qulum gochaa, ofiifuu lafa bultii isaa hin beekuu tuuta walitti qabee
akka waan humna qabaatee cabsuu dhagaatti of bubbuusaa gulufa.

47 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Lagni Indirisis akkasuma bona bona akka reeffaa, ganna ganna immoo
akka leencaa isa taasisa. Bokkaan xiqqoo roobnaan akka jabanaa
bunaa morma dhiphoo irra keessaa foqfoqaa laga Gudaritti gadi
dhidhima. Bakkuma laga gudaritti dabalamu sanatti fincaa‟aan inni
uumu kan gama dhaabatee as ilaale hedduu bohaarsa.

Tokkummaanis yeroo alaltuun ittiin fottoqu naasuun ol utaalee gamatti


darbame. Gama inni itti utaale dhagaa qara qabu tokko bishaan
keessaa xiqqoo ol bahee mul‟atutti harka marate. Qaamni isaa
wawwaraanamee dhidhiigu illee amma afuura baafate. Ta‟u iyyuu
bahuuf carraan isaa baay‟ee dhiphaa dha.

Tokkummaan bishaan daakuu hin beeku. Osoo beekee silaa amma


carraa bahuu bal‟aa qabaayyu. Xiqqoo boqotee amma bahuu barbaade.
Daakuu hoo hin beekuu akkamitti baharee? Dhagittii yoo gadhiise ni
nyaatama; achi turuuf kachabbaa‟e; abdiin jiraachuu isaa harkatti
haphatte. Du‟uu isaa murteessee dhagittitti harka maratee bishaan
waliin qabsootti jabaate.

Waldaan Obboo Lammeessaa fa‟aas dhawatumaan cimaa fi


miseensota baay‟ifachaa dhufe. Deeggarsa seeraa gama mootummaas
gonfachaa dhufe. Mootummaan sirna hawaasichaa cabsuu dadhabee
rakkachaa tures karaa argatee itti fayyadamuun seenee borobboruu
jalqabe. Qananiin ilmi Obboo Lammeessaa itti jiraatuu fi baratus warra
kaan booji‟uu jalqabe. Suutuma suuta namoonni ollaa fi hiriyoonni
muraasni karaa isaa hordofuun dhiibbaan hawaasaas irraa hir‟achaa
dhufe. Warri osoo hin baratiin dubbisanis baay‟atan. Kitaaba baatu;
dubbisuu hin danda‟an; waanuma dhagahan dubbatu; kan akaakayyuu
fi akaakileen itti jiraataa turan xureessanii isa reefu argatan kana
qulqullummaa isaa labsu; lallabu. Kan keessa turan balfaa kaan immoo
qulqulluu, kan keessa turan seexaneessanii kan ammaa waaqessu; kan
keessa turan farreessanii kan ammaa aadessu. Dhimmi hunduu karaa
gadhiise; bakka jijjiirrate; amala jijjiirrate; sirna jijjiirrate; waldaatti

48 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


jalqabamee, achumatti dhumuu jalqabe. Hawaasni dur irraa jalaan wal
kabaju dabareen wal salphisuu, xiqqaan guddaa dhagahuun hafee qixa
haasawuun, wal qajeelchuun hafee wal jallisuu, wal guddisuun hafee
wal quucarsuu, wal tolchuun hafee wal balleessuu, walitti dheensuun
hafee wal dheensuu, wal ijaaruun hafee wal diiguun aadaa ammayyaa
ta‟e. Yoo gaafatte, deebiin kee arrabsso; yoo gorsuuf yaalte ati kan hin
qaroomnee fi kan hin ammayyomne taate.

Mucaan wasiila isaa immoo Tokkummaan faana fageeffachuu isaa


edda hubatee booda abbaan akka “Situ bishaanitti ha‟e.” jedhee hin
lolleef akkuma gorfametti nyaatamuu isaa mirkaneeffachuun iyya
kutee kutee ha‟e. Yeroo kana namoonni ollaa qarreedhuma lagichaatii
sangoota qonna oolte kophaatti fo‟anii tiksaa jiran iyyicha na‟anii
figichaan bakka iyyi dhagahamu dhaqan. Mucaanis akka Tokkummaan
bishaniin nyaatame yoo itti himu, uummanni ollaas hamaa
Tokkummaa arguu mitii dhaga‟uu hin fedhan waan ta‟aniif warri
birmatan hunduu hanga wayyaa of irraa baasanitti sardaman. Hunduu
akkuma dhufan dhufaniin bishaanitti dhidhiman.

Tokkummaanis dhagaa itti marme hin gadhiifne. Laafu illee akka


hafuurrii hin cinneef gidduu gidduun bishaan keessaa ol jedhee
afuurfatee bishaan dhadhahatee deebi‟a. mucaa qabsoo du‟uu fi
jiraachuu jidduu jiru namuu argaa dhabe. Oliin seenanii dakaan bahu,
garuu mucaa arguu hin dandeenye. Ammas daddaabalanii osoo abdii
hin kutiin bishaan keessa sakatta‟an, garuu arguu hin dandeenye.
Yeroo kana Waaqoon miila abdii kutannaa tokkoon karaa inni itti
seenee jalqabee qarqara bishaanii irra deemee ilaaluu jalqabe; hanga
fincaa‟icha bira ga‟utti barbaaduu waan murteeffate fakkaata waan
ta‟eef xiyyeeffannaan ilaaluu itti fufe. Osuma deemuu akkuma
gararraa fincaa‟ichaa gaheen Tokkummaa qilleensa afuurfachuuf
mataa isaa bishaan keessaa ol qabatee mataa raasu arge. Waaqoonis
bishaan daakuu waan danda‟uuf lama rukutatee biraan bahe.
Tokkummaa Jabeessaa lubbuun bahu moo dhiisuu jettu abdii gonfatee
49 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
gaafa Waaqoo argu dhagaa gadhiisee utaalee itti marmuuf yoo yaalu,
Waaqoon immoo miliqee cilliinfoo jalaa seene. Tokkummaan dhagaa
gadhiisuu isaatti hedduu gadduun „‟Nagaatti yaa biyya abbaa koo‟‟
jechaa fincaa‟aa gudddaa sanaaf of wareegee, abdii kutatee, bishaan
irra bololi‟aa qajeele. Waaqoo qaxaleen ittuma utaalee miila isaa
qabachuun harkifatee fincaa‟aa gojomaasisaa Tokkummaa leenca
qabsoo irra oole lubbuu isaa waliin fudhatee bahe.

Tokkummaan edda silaa bishaan ofii dhugaa oolee garaan


wachannaa‟e ruurra‟ee jira. Randa gubbaatti baasanii asii gadi
gombisanii bishaan keessaa naquu eegalan. Akka kanaan kaayyoon
jaraa kutaa tokkoffaan harka Waaqootti fashalaa‟e.

********************

Qe‟een bal‟aan manneen baay‟ee qabu, daandii konkolaataa irra


dhaabattee yoo gara lixa biiftuutti ilaaltu mul‟atu qe‟ee nama guddaa,
qe‟ee ayyaantuu Oromooti. Qe‟ichi qe‟ee waanti duudhaa abbaa
Oromoo ganamaa itti gaggeeffamu dha. Qe‟ee itti ilmoon
hammachiifamtu, hiyyeessi nyaatee quufu, hibboon baay‟een hiikamu,
dhaha Oromoo bartu, sirna gadaa fi ateetee shaakaltu, irreechi birraa fi
arfaasaa irreeffatamani dha. Lafti birraa barii dha; birraa barii masqalli
gubamee, ganna dukkanni bahuu isaatiif walitti dhufee irreeffannaan
Waaqa isaa galateeffata. Guyyaa kanas hawaasichi, “Keelloo Ejersaa
deemna.” jechuun babbareedanii shir jedhanii dargaggeessi qelaa isaa
haxaawwatee, rifeensa isaa filatee, rigaa isaa sararatee yoo qajeelu,
warri shamarranis huccuu bareedaa uffatanii, rifeensa isaanii
dhahatanii foolii gaarii urgeessaa dargaggeessa achi jiru dogoggorsuuf
qophaa‟u.

Tokkummaan lubbuu jabduu akkamii baatee deema laata! Kan ibiddi


dadhabe naasuun waa‟ee warra isaa harkaa fuute; kan isheen dadhabde
immoo bishaan “Anatu danda‟a” jettee itti dabarte; hin milkoofneef.
Raajiidhaa! Tokkummaan bishaaniin nyaatamuu isaa mucaan waan
50 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
beekee itti ha‟e hin seene waan ta‟eef jiruu isaa jarum waliin itti fufe.
Haati manaan wasiila isaas inaaffaa ishee ittuma jabeessite. Qabeenyi
fi ciminni mucichaa akka malee ishee gojomaasise. Abbaan warraa
ishees dhimmicha akka hubannaan ilaalu yaalteetti; innis dubbicha
baay‟ee itti hin dhimmine, garuu yaadaan qabeera. Shira isheefis hin
ciifne; kan duraa milkaa‟uu baattus kutaa itti aanu wixinaa jirti.

Miseensonni Obboo Lammeessaa fa‟aa amma akkaan dabalaniiru.


Namoota baay‟ee ofitti hawwataniiru. Waan waldaa isaaniitii itti
himamu hundaa hojii irra oolchu. Waan Oromoon kaleessa gaggeessu,
dhimma itti bahuu fi itti jiraatu hundaa akka badaa fi cubbuutti, kan
reefu dhufu immoo akka qulqulluu fi dinqiitti akka ilaalanitti
barsiifamu. Sababuma kanaan lafaa fi qe‟ee ulfoo Oromoo salphisaa,
diigaa, mancaasaa fi golgoleessaa jiru. Qe‟een guddaa fi simbo-
qabeessi gama mul‟atus hir‟ina miseensaatiin gaaga‟amuu eegaleera.
Maqaaleen ammayyaas itti moggaafamuu eegalaniiru. Waan Oromoo
kaleessaa hundaa seexanaaf kennanii biraa deebi‟aniiru. “Keelloo
deemnaan” badaa akka dur sagalee guddaan hin dhagahamu.

Tokkummaan kutaa saddeettaffaa barata. Manni barnootichaas isaaf


akka durii bakka itti baratu qofaa osoo hin ta‟iin bakka itti boqotu ille
dha. Dabareen isaa ji‟icha keessa jiranii waaree dura barachuu dha
waan ta‟eef innis mucaa wasiila isaa waliin ganamaan bahan.
Machaarri xiqqoo naannichaas (Mutuluu) guyyaa Jimaataa dhaabatti.

Haati warraan wasiila isaas shira ishee kutaa lammaffaa qindeessitee


mucaa isheetti himtee bobbaafte waan ta‟eef machaara dhaquun ishee
hin oolu. Akkuma ofiifis yaaddee mucaa ishee gorsiteetti nyaata
qopheessiteefii aannanis qabee addaa addaatti naqxeefii keesseefiitti.
Ijoolleen durumaanuu qabee aannan itti dhugan kan ofii isaanii qabu.
Ta‟u illee, har‟a itti yaadameetuma kan wal jala jijjiirame.
Tokkummaan dur qabee xiqqootti, mucaan inni suni immoo kan irra
caalutti dhugu turan. Har‟a garuu “Wal jala jijjiiraatii dhugaa” jettee

51 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


ilma ishee gorsiteetti. Qabee guddaatti aannanii fi summii waliin
maktee qabee ishee xiqqoo immoo aannanum qofa naqxee keesseetti.

Ijoolleennis qoonqoof qoonqoo yeroo mana barnootaatii galaniiti waan


ta‟eef, akkuma galaniin nyaata isaanii irratti lafa dhahan. Mucaanis
baay‟ee beela‟ee dhufe waan ta‟eef, kan haati gorsite osoo hin
yaadatiin qabeedhuma isaa duraatiin aannan isaa fudhatee nyaata
isaaniitti taa‟an. Nyaatanii ka‟aniitu gara hojii ergamaniitti deeman.
Tokkummaan loon tika gara laga Heddeetti, mucaan inni suni immoo
jabboota tika gara boroo gara qarree Indris deeme. Mucaanis yeroo
bakka jabbootaa gahu dur lafti ittiin maree, kobbacha dafaqee, lafa
dhahe. Jarreen lama ta‟anii laga Indirisii muka muratanii galan mucaa
of wallaalee gangalatu arganii fuudhanii gara mana yaalaatti deeman.
Akkuma beekamu aannan uumamumaan dandeettii humna summii
laaffisuu ni qaba waan ta‟eef lubbuu mucaaf wabii ta‟ee mana yaalaan
gahe. Mucaanis mana yaalaatti yaalii barbaachisu argatee du‟a oole.

Waan ta‟e kanaanis dubbii jabduun qe‟ee Obboo Tolaa seente. Wal
dhabdeen warra lamaan gidduutti jabaatte. Aaddee Asallafechis jibba
ishee hundee jabeessiteetti. Falmiin mana keessatti galgalaa fi ganama
ka‟u waa‟ee isaa ta‟e. Sana booda abbaa warraa isheetiin deebitee
Tokkummaan akka irraa deemu gaafatte. Innis mucichi isa malee
dahoo biraa hin qabnee fi eessa iyyuu dhaquu akka hin dandeenye itti
hime. Isheenis deebiftee Tokkummaan achii hin deemu taanaan akka
waliin jiraachuu hin dandeenye itti himte. “Anaa fi isa keessaa dafii
abbaa ta‟e filadhu” jetteen. Innis “Iddoo oolan irra iddoo bulantu
caala.” akkuma jedhan mucichi rakkoo jiru hundaa hubachiisee akka
achii deemuuf itti hime. Tokkummaan amma lafa deemu hin qabu
waan ta‟eef xiqqoo ittiin morme.

Obboo Tolaanis haadha manaa isaa gammachiisuu waan qabuuf


“Tolaan si kadhee na dhagahuu diddus, ammaa qabiitii qe‟ee koo
gadhiisii deemi; edaa inni jedhan dhugumaa; qe‟ee natti mormuu

52 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


dhuftee? dafiitii badi asii amma.” jedhee itti dheekkame.
Tokkummaanis “Tole, ani garuu kan ati jettuuf si biratti hin gallee
nagaatti hiq hiq hiq hiq.” jechaa dhiha lafaa karaa jalqabe. Akka tasaa
manni Obboo Tolaa daandii konkolaataa irra waan ta‟eef daandicha
qabatee deemsa itti fufe. Daandichi Magaalaa Gudar geessa.
Tokkummaanis Gudar gahee mana seenu wallaale. As ilaallaan mana
achi ilaallaanis mana, ta‟u illee kan seenan hin jiru; hunduu
cuccufateera. Mucaan lafa seenu dhabes, „Hoteela Maccaa fi
Tuulamaa‟ fuuldura lafa kophee itti qulqulleessan/liistiroo/ golgi wayii
itti hojjatame tokko argatee ishee jala seenee taa‟e. Bakki bultii isaas
achuma ta‟e.

Magaalaa Gudar, magaalaa laga lama gidduuti. Gama bahaan laga


Collee, gama lixaan immoo laga Gudar kan laga Indirisii fi laga
Heddee walitti makamaniin faayamtee gannaa bona magariisa uffattee
Tulluu Gorfoo of irratti ilaalaa jiraatti. Magaalittii waan Tulluun
Gorfoo asii gadi qu‟u fakkaatti. Tullichi akka malee irra caalee gadi
ilaala; akkuma ofii guddaa ta‟ee uumame osoo ishees harkisee
guddisee silaa isumaafuu simboo dabalataa taati ture. Akka gufuu
kakaa jedhanii barumaan achuma jirti; kan biraa hafee magaalaa
laggeen gidduu jirtu taatee bishaan dhugaatiifuu badaa rakkatti.
Waaqayyo ilma guddinaa siif haa kaasuun kadhaa kooti.

Tokkummaa Magaalaa Gudaritti qorri afuufaa bule, lafti bariinaaniif


ka‟ee magaala keessa asii fi achi deemuu eegale. Qorri qorra; gurjaan
gurjaa dha; beellis jiraa; jarri waliif galanii dhukkee irra uwwisaniiru;
hirribnii fi boo‟ichi fajache; magaalaas dhaqee waan hin beekneef
waanuma arge dinqisiifatee ilaala. Osuma dinqisiifachaa deemuu,
halkan qorri waxalee guyyaa aduun yoo itti bahu beela isaa itti cimsee
laaffise; deemus miilli jalatti hollate. Waan malu wallaale; mana seenu
dhabe; waan liqiimsus dhabe. Dadhabee dafqi irra yaanaan dhagaa
tokko irra qucuummate.

53 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Tokkummaa laafee hafuura walitti sassabbachuuf dhagaa irra taa‟u,
mucaa daalacha wayii dubartiin machaaraa deebitu tokko argitee ba‟aa
itti ulfaate akka baatuuf gaafatte. Tokkummaan qaamni hundi kirkirus
dubartittiin toluma naaf ergami waan jettuun se‟ee osuma sodaatuu
figichaan dhaqee ba‟aa harkaa fuudhee gatantaraa qajeele.
Dubartittiinis ba‟aa ishee manaan geessifattee qarshii lama kenniteefii
gaggeessite. Tokkummaanis akkatti hojjatanii maallaqa akka argatan
hubatee osuma sodaatuu maallaqa isaa fudhate. Yeroo mana dubartittii
bahee daandii qabatu qarshii shantama nama harkaa buutee bubbeen
gaggaragalchutti dhufe.Tokkummaanis nama asii fi achii ilaallachaa
fuudhee kiphii isaatti ruuqqate. Qarshii lamaan argate keessaas shaayii
fi buskuuta isaa bitatee lubbuun itti deebite.

Yeroo Yartuun boodas, gara mana dubartittii mi‟a baachifatteetti


fiigicha jalqabe. Yeroo achi gahu, garuu waan murteeffate itti
himachuu waan sodaateef seenuu dhiisee karruma irra taa‟e. Karra irra
taa‟ee “Seenuu dhiisuu?” jedha. Osuma kanaan dhiphatuu dubartittiin
dukkaanaa waa bitachuuf gadi baate. Yeroo baatus mucaa karra irra
taa‟u argitee “Hin deemne moo?” jettee gaafatte. Tokkummaanis
sodaan guutamee akka hin deemnee fi bakka deemu akka hin qabnes
itti himee, dabalataanis qarshii shantamii tokkoo fi sumunii qabaachuu
isaa itti himee, mana xiqqoo ishee kireeffatee, hojii jalqabe kana
hojjatachaa, jiraachuu akka barbaade itti hime.

Dubartittiinis haadha Oromoo niitii nama guddaa, beektuu haadha


korommii, dhalootaan warra Waddeessa gamaati. Warra Waddeessaa
immoo maalin isinitti himaree, warra dhiiraa mitii dubartiin tokkittiin
diina kudhan qoricha qottuuf, warra waan jedhan irraa hin deebine,
warra waan hundatti garaa nama gahan, warra Oromummaan adda irra
dubbifamaa deemu, warra jaalalaa fi kabaja boroo buqqifatani; Warra
goota akka Jaagamaa Badhaanee faa Oromoof arjoome dha. Aaddee
Taliileenis achii maddite waan taateef seenaa mucichaa yoo dhageessu
garaan raafamee mana kireeffamu qaban keessaa kutaa ishee xiqqoo
54 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
barattoonni boqonnaaf gadhiisanii ganda isaanii galan tokkotti akka
galuu fi ciisicha ciccitaa barattoonni manicha keessatti gatanii galan
akka fayyadamu, akkasumas manichaaf ji‟aan qarshii kudha shan akka
kafalu walii galanii Tokkummaan mana kireeffatee jiraachuuf waanti
hedduu isaa hir‟atu abbaa manaa ta‟e.

Gudar gandoota baadiyyaan marfamtee jirti. Jiruun achitti jiraatamu


jiruu akkaan namatti tolu dha. Oomisha kallattiin qonnaan bulaa irraa
dhufu argatti; Jallisiin waan jiruuf oomisha waktii hundaa argatti.
Qilleensa uumamaa magariisa irraa maddu kan makaa homaatuu hin
qabne hafuurfatti. Kuduraa fi muduraan, midhaan daldalaas ta‟ee
midhaan nyaataa naannichatti hin oomishamne hin jiru. Albuudonni
namuu hin beeknee fi xiyyeeffannoo hin argannes hedduun akka jiran
haasa‟ama. Walumaagalatti, Gudar jiraachuun nama hin rakkisu.

Tokkummaan abdi-maleessi mana kiyyoo gogorrii fakkaatu kireeffate,


jiruu kophummaa olii fi gadi gaggargalchee ishee dhamdhamata.
Mucaa firaa fi nama hin beekne ta‟uu isaatiin namni abbaa kanaa
jedhuun illee hin jiru. Ta‟us, mucaa beekumsaa fi ogummaan
uumamni badhaase waan ta‟eef, hundaa bilcheessee ilaala. Barnoota
isaanis nama cimaa fi kennaa uumamaan badhaafame waan ta‟eef
karaa ittiin barnoota isaatti deebi‟us mala malate. Bu‟aa bahii hedduu
boodas barnoota isaa itti deebi‟e. Qabeenya isaa jarri basha‟anii itti
jiraatan inni qooqa isaa maratee jiraata. Wayaan isaa guyyaa fi
halkaniis tokkuma; isheenuu bututtuu dha. Ijoolleen wajjin baratanis
kaan ilaalanii itti kolfu; ittiin arrabsu; kaan immoo ni gadduufi.
Barnoota isaas gaaf tokko yoo dhaqe, gaaf tokko immoo irraa hafee
waan ittiin jiraatu hojjachaa oola. Kan inni guyyaa tokkotti argatus
jireenya guyyaa lamaa irra dabartee waan wayaa bittuufii miti. Ishuma
gaafa dhaqu iyyuu ijoollota quufoo tokko tokkoofuu karaa sammuu
nagaan baratu hin qabu; duuba isaa taa‟aniitu citaa wayyaa isaafaa
harkisanii itti kolfu. Kanaafuu, gaafuma dhaqes sammuun isaa madaa
dha waan ta‟eef, gaafa hafee hojicha oolu ofitti hin gaddu.
55 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Aaddee Asallafech amma illee hin ciifneef. Namoonni Tokkummaa
Gudaritti argan jiruu akkamii irra akka inni jiru gaafatanii Aaddee
Asallafechitti himaniiru. Isheenis jiruu mucichaa barbaaddee duukaa
bu‟aa turuun, mucichi yoo guddate ammas akka isaaniif hin tolle waan
tilmaamteef mucicha dhabamsiisuuf shira ishee kutaa arfaffaa wixintee
xumurteetti. Obboleessi ishee, “Kaabinee isa garaan dura garagale, kan
handhuurri diimate, kan afaan malee gurra hin qabne, kan akka saree
dhiiga lammii dhugee coome, kan waardiyyaa irraa ka‟ee gara
kaabineetti guddate tokko” jedhanii kan namoonni magaalichaa
waaman maqaan isaa warri baasaniif „Massalaa‟ jedhama. “Massalaan
ilma afaanii fi duudhaa Oromoo bare malee, ilma itti dhalatee keessa
beeku miti; silaa maal goodharee goodaadhumaa dhufanii afaan
baraniitu „Nutu isinii beeka‟ jedhanii warra keessa hin beekne
fuudhanii gola keessa baasanii saba gurguranii kana booda mee adda
haa baafamani” jedhu warri keessa beekan. Waan Massalaan qabe
waan ayyaanni warra Giiftii Elemoo fi Booranticha Birraa qabani dha.
Isheenis shira ishee xaxattee gara isaa deemte. Innis obboleetti isaa
mitii horma oduu geessuuf iyyuu kunuunsee deebisa waan ta‟eef, kan
obboleettii isaa immoo addatti ilaaluun isaa hin oolle.

Biiftuun ifaa fi hoo‟a ajaa‟ibaan ija haxaawwattee as baate har‟a


Tokkummaaf mala maluuf kaate fakkaatti. Guyyaan Wixata ganama.
Bariin kaatee warruma machaara Gudar bu‟u waliin akkuma nama
machaara bu‟uu, hidhattee, uffattee, miidhagdee, raawwattee gara
Gudaritti qajeelte. Yeroo Gudar geessu, waajjirri jaraa reefuma
banamee hojii eegala. Lakkoofsa waajjira obboleessa ishee ni beekti
waan ta‟eef, banaa ta‟uu isaa argattee balbala rurrukuttee ol seente.
Innis baay‟ee gammadee, ol ka‟ee simachuun nagaa hoo‟isee gaafatee
teessisee taa‟e.

Isheenis nagaa gaafattee gara dhimma isheetti seenuuf hedduu saffifte.


Innis saffisa ishee argeetu dhimma ishee gaafachuun carraa dubbii
laateef. Isheenis guduunfaa wal hin argine walitti hiitee, korokkoddee,
56 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
mucaa siyaasa jechuun maal jechuu akka ta‟e hin beekne, cancala
dheeressitee hiite. Tokkummaan akka fincila mootummaa ta‟e shira
xaxaa akkasumas namoonni gaaffii eenyummaa fi mirgaa gaafatan
illee mana inni kireeffatee galutti wal gahanii akka mari‟atan ammas
ragaalee hedduu akka qabatee jiru itti himte. “‟Jaamaan maal
barbaadda?‟ jennaan „ifa‟ jedhee.‟‟ jedheetu qalama isaa yaadannoo
isaa irratti mirgisiisuu jalqabe. Maqaa isaa gaafachuun yoo jalqabu,
“hahahahah kis kis kis kis kuni durumaa itti yaadamee maqaan
baheefikaa kunoo maqaan isaa iyyuu daba nama barsiisaa deemabar.”
jedhee qasa‟e. Ishee irraa oduu barbaachisu guurratee erga katabatee
booda, ishee fudhatee hoteela deemuun, laateefii obaasee gaggeesse.
Isheenis hoteela deemuun milkii qabachuu isheetti hedduu waan
gammaddeef udduu of dhiitaa galta.

Namichichis guyyicha irraa eegalee mucaa bifa isaa fi maalummaa


isaa hin beekne irratti oduu sobaa qindaa‟een, duuka-bu‟aa ramadeefii,
Tokkummaa barachuu fi jiraachuu irraan kan hafe waan biraa hin
beeknetti oolmaa fi bultii isaa dhoksaan duukaa buusise.
Baratichi(Biraanuu) duuka–bu‟aa ta‟ee qacarames mucaa qalbi-
qabeessa qoratee baruun duukaa bu‟ee oolmaa fi bultii isaa to‟ata.
Mucaan mana barnootaa keessatti daree barnootaa fi mana dubbisaa,
achii yoo bahe immoo mana kireeffatee fi lafa hojii guyyaa isaa malee
eessa iyyuu hin dhaqu.

Biraanuunis homaa eegee irraa dhabe, garuu gabaasni dirqama waan


itti ta‟eef ta‟eedhuma arge osoo hin hambisiin gabaaseef. Namichis
gabaasa gurbichaa tuffachuun nama bira jijjiireef. Wandimmaagany
akka isa duraa qajeelummaan keessa isaa hin jiru. Haala bultii fi
oolmaa mucichaa qo‟atee irra qaqqabee kophaa isaa galuu shakkee
waanuma shakke akka gaaritti gabaase. Namichichis gabaasa eege
karaa eege argachuu isaatti hedduu gammaduun gurbicha kafaltii sirrii
kafaleefii, onnachiisee itti erge.

57 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Osuma kun ta‟ee jiruu, barattoonni gaaffii mirga hawaasa isaaniif
jecha hiriira nagaa bahan. Qaamoleen bulchiinsa naannichaas “Akkam
hiriira nagaa baatu?” jedhanii gara hiriira dhagaatti jijjiiran. Barataa
qalamaa fi barullee baatuutti dhukaasa banuun adda bittimsan.
Barattoonnis haalli itti cimnaan dhagaan of irraa ittisuutti ciman.
Kaayyoon sirnichaas barattoota qomoo sabichaa kan barnootaan
ciccimoo ta‟an hin jaalatu. Boru baratanii bakka yoo gahan, gaaffii
sabichaa deebisuuf yaalu shakkii jedhu keessa isaaniitii wan dhaban
miti. Sababuma kanaaf warra dareetti ciminaan beekaman dursanii
adda baafatanii adda adda keessa dhahanii lafa buusu. Yeroon booda
gama lachuunuu kan du‟anis du‟anii kan miidhamanis miidhamanii,
kaan immoo mana hidhaatti guuraman. Warra du‟an keessaa hedduun
isaanii warra daree isaanii keessatti barnootaan ciccimoo fi sadarkaa
qabani. Tokkummaan barataa haalli jiruu isaa suukannaa‟aa ta‟e
jiricha keessaa bahee yoom akka namatti makamu yaada malee waa‟ee
sabaaf yaaduuf of irra hin dabarre. Mucaa jiruu dhuunfaa isaa iyyuu
gara dadhabuutti jiru haalonni oolmaa barattootaa guyyaa sanaa
hibboo itti ta‟an. “Anoo of bira iyyuu darbuu dadhabee warri kun
carraa argatanii of bira darbanii lammii isaaniif yaaduuf gahan; anoo
Yaa Waaq?” wan jedhu fakkaata.

Guyyichi oolee dhihe. Haalonnis tasgabbaa‟an. Qaamni bittoota


naannichaas humna dabalatanii naannicha waan to‟ataniif, namni akka
arge keesa socho‟uu hin danda‟u. Kaabinichis oduu laf-jala guuraa
bahe gadi guurekaa. Barattoota 18 irratti ajaja hidhaa baase. Humni
hidhates ajaja fudhatee mana barattootaa irra atattamaan fiiguu eegale.
Lakkoofsa tokkoffaa irra kan jiru Tokkummaa waan ta‟eef, dursanii
isa to‟atan. Innis waan to‟atameef hin beeku. Yoom to‟atamuu qofaree
manni isaa mana walgayii fi ragaaleen hedduun jiru jedhamee waan
himameef sakatta‟uutti nam‟an. Yeroo foolisoonni mana Tokkummaa
seenan wayyaa isaa, diinqa isaa fi meeshaa barnootaa malee homtuu
hin jiru.

58 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Sana boodas “Waanti inni dhokse jira.” jedhanii waan shakkaniif akka
ifa baasu barbaadanii gaafatan. Innis mucaa haadhaa fi abbaa hin
qabne, kan nama yaaduuf tokko illee hin qabne, akkasumas ofiif ofitti
yaadee nama “Naaf darba.” jedhee guyyaa fi waggaa lakkaa‟u ta‟uu
isaa haalaan hubachiisuuf yaalu illee, jarri oduu quufanii waan
dhufaniif, kan inni jedhu hubachuu dhiisanii haalonni inni jechaa jiru
gochichaaf kan mijaa‟eef ta‟uu fi nama to‟annaa hin qabne immoo
haalichi mijataa ta‟uu itti himanii, akkuma waan gocha isaa ta‟eetti
dhidhiitaa fudhatanii deemuun addunyaa inni “Nan arga.” jedhee mitii
akka jiru yaadee hin beeknetti makan.

Tokkummaan mana hidhaa seenee hin beekne maqaa boonsaa gonfatee


tokko jedhee akka mana barnootichaatti galmee seenaa irratti
galmaa‟e. Achi keessatti halkan tafkiitu qarriffaa itti jallifatee nyaataa
bula; guyyaa immoo furii itti darbanii amansiisuuf reebaa fi dhidhiitaa
oolu; kaballaan sammuu jaanjessu; mataa qabanii keenyan manatti
buusu; morma irra ejjatanii itti dhaadatu; yeroo rukutanis ni buruqa
yookis ni caba yaanni jedhu illee keessa isaanii hin dhufu; akkuma
nama waa balleessuuf tumuu ulee harka lamaaniin qabatanii gadi itti
dhiisu. Takka ni teessisu; takka ni dhaabachiisu; takka immoo lafuma
illee hin filaniifii lafa mana hidhaa isa saawwan iyyuu keessa buluu
baqatan, isa fooliin isaa funyaan nama gubu keessa ciibsu. Harka
lamaanis garanaa garasiin muka dhaabbatu lamatti hidhanii hamma
qaamni fayyaan citee dhiigni irra lola‟utti reebu. Hammi kun ta‟ee
iyyuu Tokkummaan waan beeku hin qabu waan ta‟eef, calliseetuma
reebama. Gamnaaniif “Ibiddii fi bishaanuu dabaree natti buufatanii na
dadhabanii, yoo ofii dadhabdan na dhiiftu jedhaakaa.” jedheenii
boo‟ee imimmaan fixannaan itti baacuu eegale.

Jarri furii itti darbanii gidirsanii jabinaa fi dandeettii icciitii qabannaa


Tokkummaa ajaa‟ibsifatu, garuu Tokkummaan icitii beeku hin qabu
bar. Mucichi waan isaanitti toleef yeroon booda reebichas gidiraas
dhiisanii leellisuu eegalan. Tokkummaan dhimma itti adabamaa jiruuf
59 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
keessummaa ta‟us, ilaalcha isaa jijjiiruuf tattaaffiin namoonni
siyaasaan hidhaman taasisan daraan jabaa ture. Simannaa namatti tolu
taasisaniifii jajjabeessaa, waayee gidiraa uummata Oromoo irra jiruu fi
seenaa Oromoo sirriitti barsiisanii, hariiroo barattootaa fi hidhamtoota
siyaasaa waliin akka cimsuuf haala mijeessaniifii, akka gaariitti leenjii
laachuufii itti fufan. Tokkummaanis jireenyicha hedduu jaalatee yeroo
tokko tokko akkas jechuun kophaa haasa‟a.

Tokkummaa: “Edaa kunis jiraa? Ani gidiraa Koo gara fixachuutin


se‟eeyyuu, rakkoon jireenyaa dameedhuma natti babal‟ifataa bultee?
Raajiidha! Ana nama „Har‟a immoo ambaashaa mana eenyuutu
bayeessa laata? jedhee mana ambaashaa filatu, kan ofiifuu ta‟uu
dadhabe, sabboonaa sabaaf dhigu na taasisanii, maqaa guddicha
kanaan na waamanii? Yaa Waaq sitti dhiise. Kuni baga na hin
darbiin iyyuu; edaa ofiif taateef miti kan sabaaf taatu! Anis sabaaf
ta‟uu nan danda‟a waan ta‟eef, har‟aa eegalee bakkan yaadametti
argamuun qaba. „kan hin yaadiin siif haa yaaduun tokko abaarsa
tokko eebba.‟ jedhan. Anaaf egaa kuni eebba. Nama ambaashaa malee
ofii fi eenyummaa isaa hin beekne, akkan baru taasisanii haa ulfaatan.
Yaa uummata Oromoo, kunoo kaa anaa cooma nyaataa hin beekne as
yaa‟anii na nyaachisu; anaa dirriba ijaanuu argee hin beekne
dabareen fidanii natti uwwisu. Raajiidha! Sabaaf jiraachuu irra ofiif
jiraachuutu irra ulfaata jechuudhaa?” jedhee Tokkummaan kophuma
isaa addunyaa waliin gaha. Mucaa fira isaa tokko illee hin beeknes
ta‟uun isa mana hidhaa keessatti namum tokko illee nama isa gaafatu
waan qabu hin see‟u. Haa ta‟u malee, uummanni naannichaa uummata
sabboonummaan miicce waan ta‟aniif, waan namaaf birmachuu wal
nama hin gaafachiisu. Warra Kuttaayee, warra Prof. Mararaa
Guddinaa, warra Maammoo Mazammir, warra Beellamaa Futtaasaa
fa‟aa akkuma kutaalee Oromiyaa biroo warra gootummaan itti
dhalatee, guddatee, haarrii baase, kana irra immoo waa‟ee isaanii
baruu yoo feetan gootota Oromoo Zawugaa Boji‟aa, Kabbadaa

60 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Buzunashii, Alamuu Qixxeessaa, Hayilamaaram Gammadaa fa‟aa
warra abbaa Maccaa fi Tulamaatu bal‟inaan beekaa isaan gaafadhaa.

Biyya tokkummaan hundeen jabaate; biyya jaalala abbaan fedhe akka


hokaa irraa haammatu; biyya Daraaraa Kafanii fa‟aati. Biyya yoo
dheebottee bishaan gaafatte, aannanii fi damma siif kennan; yoo ati
daarte of irraa baasanii sitti uwwisan; yoo ati beelofte afaanii fuudhanii
afaan si kaa‟an; yoo keessummummaa dhaqxe dhiqanii siree irraa siif
bu‟anii si raffisan; biyya wayinii fi shonkooraa, kuduraa fi muduraa
filannoon argattu; bishaan qe‟ee keessa yaa‟u; biyya xaafiin akka
daggalaa si dhoksu; biyya riqicha uumamaan walitti hidhamte; biyya
albuunni silikonii fi bishaanii filatamaan dhugaatiif oolu filannoon
Baargama ce‟e keessa yaa‟u, biyya uumamaan Bishaan hoo‟aa
dhiqattu; biyya rasaasni itti hojjatamu; warra sirna gadaan bulu:
Bokkuu Cittuu fi Bokkuu Xulee fa‟aa fakkeenya; warra ilmoo isaanii
mitii kan ormaa iyyuu kunuunsuu itti beekan; Tokkummaafis
deeggarsa barbaachisu roobsaafidhuma jira.

Reebichi fi gidiraan jaraas akkasuma guyyuma guyyaani. Foolisoonni


dabaree itti darbanii reebanis hedduun isaanii kutannoo fi jabina
Tokkummaan booji‟amanii “Osoo kan akkanaa malee dhalchuu
baatanii maal qaba!” jedhanii raajeffatu. Tokkummaan namoota wal
quunnamuu qabuun illee wal quunnamee, waan hin beekne barachaa
jira; ofii silaa duruu qabsoo jireenya dhuunfaa isaa malee waan beeku
hin qabu. Barsiisaa seenaa akka ajaa‟ibaa beekuu fi hireen uumata
Oromoo fuulduraa maal akka ta‟uuf dhiphatu tokko wajjin hidhaman
waan ta‟eef firiin faca‟aa jirti.

Tokkummaan akka kanaan gidiraa dabalate. Haalonni cimaa dhufan.


Dubbiin dubbii bofa eegeen lixe ta‟e. “Bofti eegeen lixes gadhiisan ni
seena; harkisan itti cita.” waan ta‟eef rakkoon dhufte. Ta‟u illee,
Tokkummaafaa gadhiisuun dirqama taate. Tokkummaanis uummata
isaaf qabsaa‟uuf waadaa ofii seene. Guyyicha irraa eegalees

61 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Tokkummaan kitaabilee fi barrulee seenaa, duudhaa fi eenyummaa
Oromoo irratti barreeffaman adamsuun dubbisaa, beekumsaa fi
gahumsa isaa cimsachaa adadumaan barsiisaa eenyummaa ta‟e.

Manni Tokkummaa duwwaa turte, amma badhaasaalee mana hidhaatti


guurrateen guutamee jira. Jireenya isaaf illee yaaddoon oolteetti. Nama
cimaa fi beekamaa, sabboonaa fi goota ta‟uun dhufte. Dubbii lafa
marii hundatti waamamuun illee duukaa dhufte. Waadaa mana hidhaa
keessatti waliif seenan kan “Miseensa ijaarrachuun qabsoo uummata
Oromoo saffisiisuu” jedhuun waliif galanis hojiitti hiikuun
Tokkummaa Jabeessaa amma Tokkummaa hedduu oomisheera. Abbaa
hiriyaa ta‟e. Sodaatamaa fi kabajamaa ta‟e. Jaartiin wasiila isaa shira
amma sanaa hojjattee, dhiibdee sadarkaa kana irraan geessee, amma
ofumaafuu darsa buuftee sodaatti. Qabeenya isaa isa dura irraa
hari‟atanis, gaafa barbaadee fi akka barbaadetti dhaqee itti fayyadama.

Osumaa kanaan jiruu, guyyaa keessaa gaafa tokko Yuunibarsiitii


Finfinneetti barattoonni Oromoo gaaffii eenyummaa kaasuun hiriira
nagaa bahan. Achittis namoonni gariin dhumanii, reebamanii,
hidhamaniiru. Maarree qaanqee achii facaates battaluma karra
Finfinnee shananiin babbahii karaa qabadhuutii warra Bachoo tuttuqaa
gamaanis warra Jalduu, Gindoo fi warra Meettaa gamaa
dadammaksaa, warra Torban Kuttaayeen bahe; yoom achitti dhaabate
warra Walisoo fi Jahan Ammayyaa biraan bahee asumaan irraa gadi
qabatee gara kutaalee Oromiyaa biraatti illee tare.

Tokkummaanis dubbicha gaafa dhagahu waan isa eeggatu ni beeka


ture; dabalatanis, foolisoonni jabinaa fi kutannoo Tokkummaan
mararfamaa turan barbaadamuu isaa dhaamaniif iyyuu jalaa miliquu
hin dandeenye. Galgala gaafichaa barattoota dura mana hidhaa turan
hunda isaanii walitti funaannachuu kan eegalan Tokkummaa irraayi.
Yeroo isaan dhufanii balbala isaa qosoqqosan barbaadamuu isaa
dhagaheera waan ta‟eef, baqachuuf tottolfachaa jira ture. Innis uraa

62 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


balbala isaatiin ilaalee “Dhuftanii jarana; oluma seenaa; maaltu immoo
isin jalaa bade har‟a hoo?” jedhee kolfaa gadi itti bahe. “Bakkuma
jirtan teessanii na hin waamtaniiyyuu maaliif dhamaatu?” jechaa
qasa‟a.

Foolisoonni waliin dhufaniis garee lama qabu. Gareen tokko warra


dhugaadhumaan onnee isaanii irraa harka dachaafatanii uummata
keessaa bahan irratti hojii gara jabinaa ajajaman hundaa raawwatanii
dha. Gareen biraan warra jiruudhumaaf jecha bira fafakkaatanii dha.
Kun ta‟uun isaa Tokkummaa waan miidhama irraa harka irra qabatan
fakkaata. Yeroo mucaan qoosaa fi kolfa miira aarii fi abdii kutannaa
tokkoon as bahu, foolisiin abbaan garaa tokko, “Waan raawwattu
raawwattee, garaa of geessee booda, nutti baaccaa?” jedhee itti utaalee
laphee dhiituun lafa buuse. Yeroo kana jarri kaan aaranii mucaa kufe
ol qabuun “Kana booda akka hin rukunne” waliin jedhanii fudhatanii
deeman. Tokkummaan eenyummaa isaatiif dhiitamuu isaatti
gammachuu fi ofitti amanamummaa qabu boonaa, “Akka haalli
jireenyaa fi jiruun qophummaa na nuffisiise eenyutu naaf gaddee,
isinitti himee, naaf yaaddanii, namatti na makuu dhuftan, garuu?”
jedhee itti qoosa.

Jarri ajaja namaan nama dhiitanis, Tokkummaa achiin gahanii, warra


hafan barbaachatti yoo kutan, warra kaan argatanii, warri kaan immoo
“Osoo waan yaanne hin guuttatiin immoo harka diinaaf of hin laannu;
dura kaayyoo keenya....” jedhanii waan miliqan fakkaatu. Jarris
ammuma qabatan fidanii dhufan. Ijoollee karaa adda addaa irra fiigan
walitti qabanii nama kaayyoo taasisuun, ofumaa of rakkisu. Ijoolleen
tafkii mana hidhaatiin guggubatanii fi reebicha isaaniin miidhaman
yoom gadi jedhanii tolaa isaanii yaaduree! Achi keessa taa‟anii
eenyummaa qorachuu fi barsiisuu, qabsoo finiinsuu fi tokkummaa
jabeessuu kkf irratti marii walii cimsatu. Kitaabilee seenaa Oromoo
irratti barreeffaman, asoosamoota Afaan Oromootiin barreeffaman,
gaazexootaa fi barruulee waayee Oromoo ilaalchisee qophaa‟an
63 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
fichisiifatanii dubbisuun, beekumsaa fi quuqama waayee saba isaanii
ilaalchisee qaban daran cimsachuuf baay‟ee hojjachuu akka qaban
waliif galan.

Uumama waaqayyooti lafti barihuu hin dhiifne. Barattoonni mana


barnootaa dhaquu hin dhiifne. Karaanis warra wayyaa buburree
uffatanii fi fuullee dhagaa qolatu uffataniin guutamuu hin dhiifne.
Loltuu fi meeshaalee hidhannoo magaalicha jiru, handhuura biyyaa
lafa nagaa osoo hin ta‟iin, lafa daangaa biyyaa iddoo itti biyya irraa
diina eegan fakkaata. Konkolaattonni addaa akka diina ittiin
waraananiif mootummoonni biyya alaa arjoomaniiff illee magaalicha
keessaa marfii camadatanii asii fi achi fiiguun, uummata nagaa fi
barattoota qalamaa fi barruulee qabatanii yaa‟an doorsisu. Raajii dha!

Barattoonnis yeroo mana barnootaa gahanii, karra mana barnootaa


seenuuf ta‟an humni hidhate karra mana barnootaa irra dhaabatee
barattoota sakatta‟uun ol galcha. Barattoonni haala keessummaa
kanaan rifatanii seenuuf deeman “Sakatta‟amuu qabdu.” jedhaman
waan arganii hin beekne waan ta‟eef, naasuudhaan duubatti deebi‟an.
Namuu ol seenuu dide. “Mana barnootaa yoo ta‟e hoo looltoota irra
barattootatu beekaa; waan manni barnootichaa qabus hoo barattootatu
beekaa; meeshaa barnootaaf oolu malee kan biraa hoo hin jiruu,
dabalees ijoolleen barrulee fi qalama malee hoo homaa harkaa hin
qabani. Sakatta‟uun maaf barbaachise? Hammi beekumsa isaanii
ammana waan ta‟eef hojii hiika hin qabne hojjatu kaa.” jedha barsiisaa
Kennaan sammuu isaatti. Gaaffichis cimeetu sammuu barattoota
hundaa keessa deddeebi‟a waan ta‟eef, kan dhufe hunduu ilaalee
ilaalee duubatti deebi‟a; kan sodaatees fiigee gala. Humni hidhate
hundi isaa dhalootaan naannoo biraa irraa dhufe waan ta‟eef dirra
ijoollee karra mana barnootaa dura dhaabatanii gojoma‟a. Barattoota
sakatta‟amuu didanii dhaabatan maaliif akka ajajaan “Dhidhiitaa
galchaa.” jechuunii dide qofatu gaaffii itti ta‟ee quba isaanii nyaatu.
“Biyya kanatti loltuu yookiin foolisiin deeggaraa mootummaa ta‟uun
64 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
dirqamaayii laata?” jedha barsiisaa Kennaan. “Barataa homaa osoo hin
beekiin barnootaaf qophaa‟ee mana barnootaa dhaqe, ofumaa eeganii
tuttuqanii dubbiitti seensisanii fixuuf ariifatu.” jedhe itti dabalee.

Barsiisonni barsiisuu dhufanis yeroo dhufanii haalicha argan “Ajab!”


jedhu. Isaanis seenuu yoo dhufan loltoonni sakatta‟uuf itti deemu.
Haala keessummaa kanaan kan haaran barsiisonni sakatta‟amuun dura
gaafachuu barbaadu. Deebiin hin jiru “As siqii” malee. Barsiisonni
sodaatan tokko tokko sakatta‟amanii kaan immoo akkuma barattota
isaanii mormanii garagalu. Yeroo yartuun booda dura taa‟aan mana
barnootichaa dhufee yoo karra irra gahu, sakatta‟uuf itti deeman. Innis
dafee, “Ani dura-taa‟aa mana barnootichaati bar.” jedheen. Loltichis
“Min iyalk new?- Maal jechaa jirta” jedheen sagalee tuffatamtuu
tokkoon. Barsiisichis deebisee, “Yetimihirt betu ri‟isa mamihir negn-
ani dura taa‟aa mana barnootichaati” jedheen naasudhumaan. Loltichis
“Alakilihim, bithonis, birk new inde?– ani siif hin beeku, yoo taate
hoo, waan ajaa‟ibaa seetee? jedheen.

Dura-taa‟aan mana barnootichaa leenca Jalduu irraa biqile. Warra


Jalduu immoo maaliin sinitti himaree jechum ittiin jara ibsanu hin
qabnu bar. Boolla isaanii daadhiin haa guutuutii silaa osoo lubbuun
bubbulanii Maammoo Mazammir fa‟aa waa‟ee isaanii waan danuu
nutti himu. Nuti saniif hin carroomnee warri warra Oromoota; warra
baduu dhugaan Oromootaa hirriba dhoowwu, warra homaattuu mudaa
hin qabne, warra diina raasee, kirkirsee, ilkaan waliin qarsiisu, warra
eessattuu, yoom illee sabaaf dhaabbatan, warra Oromootaaf
abbummaan dabarsanii of wareegan, kana irra immoo Waldaan
Maccaa fi Tuulamaa haa dubbatu egaa. Dura-taa‟chis achii madde
waan ta‟eef, yeroo dura-taa‟onni biroo faayidaan moofkaman, diina
gatii gatii ishee itti himee biraa garagalaatii, yoom warra harka gumaa
of sakattaasisaree haaree yoo inni of irraa deebi‟uuf yaalu, loltichi
tokkichuma utaaleen gama sanatti gombise.

65 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


“Barsiisaa abbaa beekumsa addunyaa ta‟e, yeroo warra barnoota
waliin wal hin beekneen dhiitamu, amma gaggeessitoonni biyyattii
barnoota baratanii barnootni maal akka ta‟ee fi abbaan barnootaa
barsiisaan maal akka ta‟e beekanitti barsiisummaa dhiisee osoon loltuu
ta‟ee.” jedhee fiigicha isaa itti fufe Barsiisaa Galgaloon, hangafti
Oromootaa, ilmi warra duudhaa, safuu, ogummaa fi Oromumman
ganamaa biratti haftee. Barattoonni tuuta‟anii dhaabatan salphina
barsiisaa isaanii dur kabajanii fi jaalatanii dhaabatanii ilaaluuf garaan
isaan hin dandeessifne. Barrulee isaanii lafa naqanii dhagaa
guurrachuun itti girrisan. Loltichas conqolaasanii, warra kaanis itti
dabalanii, kaan kukuffisanii, kaan ari‟atanii barsiisaa isaanii
olkaafatanii, wajjin mana barnootaa isaaniitti nam‟an. Sana boodas,
magaalittii keessaa abiddi citee boba‟e.

Barataa barachuuf dareetti nam‟e itti seenuun dhiiraa dhalaa osoo adda
hin foone walumatti qabanii caccabsu. Kan tattaafatee daree keessaa
bahe alatti eeganii hunkuta dhahu. Kan danda‟e immoo fiigichaan
harkaa gala. Kan dahootti argatan immoo rasaasaan gombisu. Manni
barnootichaa bosonaan marfamee jira waan ta‟eef, kan carraan irra
buuse dubaroota baqachaa jiran qabuun bosonicha keessatti dabaree
itti darbanii gudeeduu irra darbanii erga dhimma isaanii fixatanii
booddee gara mana hidhaa geessu. Haaluma kanaan durboota hedduu
boru abdii biyyaa ta‟uu danda‟an kaan dhukkubaan qabamanii, kaan
immoo ulfaa‟anii karaatti hafan. Kan galuu dadhabee bosona keessa
bulus hedduu dha. Kan gidiraa isaanii irraa damdamate immoo
konkoolaataa isaaniin mana hidhaatti guuru.

Tokkummaanfaa amma miseensa gidiraa mana hidhaa irraa hirmatan


heddu dabalataniiru. Oluma guuru. Isa dura nama kudha saddeet
ta‟anii hidhaman amma dhibbaa fi saddeettama ta‟u. Maatii sagalee
dhukaasaa akkatti xaaxa‟u dhaga‟ee hin beekne, yoo dhaga‟u wareeree
daa‟ima isaa barbaacha fiigu illee caccabsanii konkolaataa irratti
darbu. Yeroo konkolaataan guutes geessanii mana hidhaatti naqu.
66 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Barataa fi maatii isaa, jiraataa magaalichaa osoo hin filiin uummata
hundaa walitti guuru. “Biyyi abbaa biyyaa ishee salphifte eenyuuf
akka ta‟uuf deemtu nama hin dhibuu, garuu? Jarreen nagaa biyyattii fi
uummata ishee eeguuf mindeeffaman ishumatti garagalanii gaafa
isheef qoricha qotan addunyaan kana maal jetti laata?” jecha Barsiisaa
Qaasim korma warra Leeqaa. Warra Leeqaa na caala hoo beektuu
Oromoota Maccaa warra namummaanis, eenyummaanis,
beekumsaanis, qabeenyaanis uumamni badhaafte, warra barsiifatee
fullaafachuu beeku, warra Waaq bal‟isee uume.

Yoom achi qofaree edaa manneen barnootaa biyyittii keessumaa kan


naannichaa akkuma jiruun dirree waraanaa ta‟eera. Kan Mana
Barnootaa Ambootti ta‟e immoo inumaa haasa‟uuf nama sodaachisa.
Silaa warra Amboo kanaan maal jennaree warra lafuma deemanitti
Oromoota Oromoota urgaa‟ani. Warra Oromummaa fi waan ofii irratti
qoosaa hin beekne. Warra qabsoo rasaasni dadhabe tokkummaan
injifatani; warra jechi isaanii hafuu irra ilmoon isaanii baduu filatani;
warra harka gumaa waliin qooda hin seenne; warra waan hundaan
guutuu waaqayyoo hundaan eebbisee uume. Kan du‟us du‟aa kan
reebamuu fi hidhamu immoo lakkoofsa hin qabu. Dubaroonnii fi
Dubartoonni karaa fi mana isaaniitti gudeedamanis lakkoofsa hin
qaban. Abbaa manaa biraa kaasanii ofiif itti darbanii gudeedu. Abbaa
fi haadha kaateenaan hidhanii qawwee afaan kaa‟anii intala gudeedu.
Haala kanaanis diqaalaa hedduu dhalchanii sanyii sabichaa faalu.
“Maanguddoon reebamanii, hidhamanii, dhiitamanii, barattoonni
ajjeefamanii maali biyyattiin abbaa hin qabduu laata? Lubbuun bahee,
lafeen cabee dhukti dhangala‟ee, dhiigni lola‟ee sammuun quucaree,
dararri hammaattee biyyis gabroomte.” Yaada ogeessa fayyaa. Dr.
Siingitan ilmi jalaa hidhamee intalli jalaa gudeedamteeti. Dr. Siingitan
dhalataa Meettaa Roobiiti. Warra Meettaa, Gindoo fi warra Mogor
sabboontota jechaan hin ibsamne; warra tokkummaa fi bilisummaa

67 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


sabichaaf lubbuu hin qusanne; warra seenaa malee seelaa hin qabne
warra qulqulluu dhugaa dheebotani dha.

Dubbiin ganama sa‟aatii 2:30 tti mana barnootaa irraa eegale ittuma
fufee guyyaa guutuu oole. Dubbiinis manneen barnootaa hunda irra
oole waan ta‟eef humni hidhate wal hanqachuuf gahe. Amma egaa
kaan du‟ee, kaan reebamee, kaan hidhamee haphate waan ta‟eef,
barataa fi uummanni dadhabaa oolanis mana mana ofiitti galan. Sana
booda, foolisoonnis gara mana hidhaa deemanii hidhamtoonni hedduu
waan baay‟ataniif bakki isaan rakkifnaan adda fo‟uu eegalan. Warra
akka malee „‟Ciccimoo fi hin sarman‟‟ jedhanii yaadan keessaa
filachuun walakkaa isaanii dallaa leenjii foolisoota Sanqalleetti, kaan
immoo Kachallee fi mana Sireessaa Ambootti ergan. Maarree achi
immoo yoom hafe achis gochuma walfakkaataatu ta‟aa jira waan
ta‟eef isaanuu guutanii garrii geessan dhibe. Ammas gulaallii itti aanu
gulaaluun gara Maa‟ikalaawwii, akkasumas Ziwaayii fi Qilinxootti
hoofan. Yoo mana hidhaa hoo baay‟inaan qixxuma mana barnootaa
biyyittitii bal‟inaan manni hidhaa caala malee. Tokkummaan gulaallii
hundaa darbe battalumatti mana kophaa keessaa bahee Ambo dhaqee
hin beekne keessa kutee karaa Finfinnee qabatekaa.

Tokkummaan daandii hin beekne Finfinnee Oromoo fi Afaan isaa of


irraa ittiftutti Oromoo fi Afaan Oromoo fuudhee ol qajeele. Karaa irra
deemaa turanis ija irra buusaa waan arge taajjabaa deema. Beeksisa
Afaan Oromoon barreessuutti waan afaan biraan barraa‟e fakkaatu
fa‟aa hedduu isaanii argee “Ana haa cabsuu eenyumatu akkanatti isin
caccabse laata? jedhee ofitti guunguma. Adaduma Finfinneetti
dhiyaachaa deemu qilleensa Afaan Oromoo fi Oromoo qorrisiisutu itti
bubbisa. Ammuma siqu qilleensichi qorrisiisee qorrisiisee gaafa bira
gahu cabbiitti jijjiireera.

Tokkummaan Oromoo fi Afaan Oromoo hoo‟aa gubaa fuudhee bahe


dhawatumaan harkatti cabbaa‟uun gaafa Finfinnee gahu seensuma

68 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


irratti akka nama meeshaa seeraan alaa wajjin qabamee sakatta‟amuu
waanuma sakatta‟anii harkaa harcaasan fakkaate. Jara lachuu of biraa
dhabe.

Tokkummaanis, “Siif safuu yaa Finfinnee, Ormatti udduu gatattee


edda waan kee dagattee siif safuu; dursitee maqaa nutti jijjiirratte; itti
fuftee nama keenya ari‟atte; achii deebitee lafa keenya saamsifte; achii
deebitee of afuuftee of bokoksitee Oromoonumti kun akka ija koo dura
hin dhaabanne jette; achii deebitee imala kee jalqabde; hihhiixachuu fi
of babal‟isuu baay‟ifte; kaafattee taa‟uu hammaatte; aaffimee kana
hundumaa Oromoon maal si miidhe; maal sitti balleesse? Qabeessa
kadhataa taasifte; abbaa manaa waardiyyaa taasifte; ijoollee isaa
immoo akka ilmaan bofaa dhalannaan gargar facaaftee orma gamoo ol
tuultee keessa ciibsitee warra abbaa biyyaa immoo saroota waliin
barandaa ciibsite; maal si miidhanii maaloo himadhukaa; siif safuu
anoo suman jibbe.” jechaa ofitti haasawaa imala isaa itti fufe.

Tokkummaan Oromoo fi Afaan Oromoo waan gatanii biraa hafan


fakkaatan mana hidhaan gahanii asiis achiis itti yaa‟animmoo. Ilmaan
leencaa, hayyoonnii fi abbootiin furmaataa addunyaa, kanneen
addunyaa jalaa dhokfaman, Baddaa Baalee fi Arsiitti hin hafne; warra
Leeqaatti hin hafne; kukummiin shawaa hin hafne; Boranaa fi Gujii
hin hafne; Karrayyuu fi warri Arfan Qal‟oo hin hafne; Jimmaa fi Iluun
hin hafne; warri Walloos hin hafne; akkuma dur Gadaan ilmaan ishee
gaarummaaf walitti waamtutti har‟a immoo gidiraaf walitti
waamamanii, kaan akka gaangee reefu leenjifamtuu barkaa fi miila
kaateenaan xaxamanii, warri kaan immoo akka waan ifti hin
barbaachifneefii dukkanatti darbamanii, warri hafan immoo akka bofa
saafaa reebamanii, dirraa qunca‟anii, achitti ukkanfamani.

Tokkummaan haalota hundaa arge ammas komii Finfinnee ittuma


fufee, “Siif safuu yaa Finfinnee; maali kana irra yoo si jibbine? Edaa
jara asitti ukkaamsitee irra teessaa? Kuusaan kun yoo dhohe akka si

69 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


balleessu hubatteettaa? Waanti kuufamee ukkaamame akka dhohuu
hin oolle beektaa, garuu? Muu, fakkeessitittii; muu yaa Finfinnee;
anoo inuman si taajjabe! Waan galuun kee hin oolleef, warra kee
dheensitee; orma goobsitee; gocha kee kanaaf gaabbita deebitee; muu
ani inuman si tufe.” jedhe immoo dhaqee Oromoo fi Afaan Oromoo
waliin deebi‟ee wal arginaan.

Magaalaa Gudarii fi naannoo isheetti yoo deebinu, magaalittiin


magaalaa osoo hin ta‟iin mana hidhaa taatee jirti. Akka feetee fi yeroo
feete deemuun hin jiru. Ifa qofa sochoota. Loltoonni achi keessa
basha‟u; hojii balleessii malee waan gaarii tokko irraa hin argitu.
Reebicha, ajjeechaa, saamichaa fi gudeeddii malee nagaa eegsisuu
dagatanii jiru. Waan gorfamanii dhufan fakkaatu. Yeroo nama qabanii
namni afaan biraa hin beekne afaan isaa Afaan Oromoo itti dubbatus
“wayi mini iyalk new; kowankowa mahonu iskahun altawakem – maal
jechaa jirta; kunis afaanii? Kaniin ani dhaga‟u dubbadhu kun amma
yoonaatti afaan ta‟uun isaa hin beekamne.” jedhanii dubbii fi jibba
qaban calaqqisiisu.

“Qe‟ee dhalatanitti kara-deemaan bara dabarfachuu dhufe darbee fi


akkas burraaqaa, abbaa qe‟ee salphisaa, yoo fedhe reebaa, hidhaa,
ajjeesaa, yoo fedhe immoo ari‟ee biyyaa baasaa, ofii itti basha‟a; yakki
kan eenyuu isinitti fakkaata, garuu? Ani osoon abbaa murtii ta‟ee
akkan murteessuuf carraan naaf kennamee, abbuma qe‟eettiin
murteessa ture. Jalqabuma, keessummaan galaan bareeda; yoo dide
immoo keessummaan gala fokkisa” jedha sabni koo. Kanaafuu, kara
deemaan bara dabarfachuu dhufe laatee obaasee „gali si ga‟aa kanarra‟
jechuunii didee ofii laatee, ofii obaasee dadhabnaan „Dhaqii achii
cabsadhuu kutadhuu nyaadhuutii buddufkadhuu dhugi‟ jedheenii,
karaa fi bakka dhoksaa isaa hunda agarsiisee, kunoo dubbiin akkanatti
babbade; eenyu komachuufiree har‟a?” jedhee ofitti haasa‟aa deema
Gadaan barataa yuunibarsiitii Haramayaa irraa sababuma gaaffii

70 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


eenyummaatiif barnoota isaa irraa ari‟atamee gale qabamee yoo
gadhiifamu.

Yaa Tokkummaa! Abiddi dadhabdee bishaan harkaa fuute; kan


bishaan dadhabde gidirri jireenyaa harkaa fuute; kan isheen dadhabde
gidirri eenyumma harkaa fuutee amma barri kan isheeti. Amma hoo
isa moo isheetu injifata laata? Tokkumman gaafa Roobii Finfinneetti
argamee ifa waliin nagaa walitti dhaame dukkanatti ija dhiiba; silaa
waan biraa hin argu. Amma jijjiiramni hedduun dhufeefii jira. Isa dur
ifa keessatti hidhamu dukkana keessatti, isa dur alatti baafamee
reebamu har‟a dhoksaatti, isa dur nyaata hiriyoota waliin qooddatee
nyaatu har‟a... lakka‟amee dhuma jettaniituu jijjiiramni dhufeef! Yeroo
reebichaa qullaa isaa, isa iyyuu harkaa fi miila kaateenaan xaxameetu.
Jechoonni dhala namaan hin jedhamne jedhamaatii, gochoonni dhala
namaa irratti hin raawwatamne irratti raawwatamaati. Nyaanni
kennamuufis muraasa. Beellis daran itti hammaata.

Manni hidhichaas dhugaadhumaan mana hidhaati. Namnumti waa hin


dadhabuu fi dirqamee fi sarbamee achi keessa jiraatu malee namni
nama irraa dhalate nama achi keessa jiraachisuu mitii achiinuu
dabarsuu hin qabu ture. Haalonni akka Gudar dachaa dachaa itti ta‟an.
Qaamni isaa ququnca‟ee adii gaggaragalche; iddoon kaan cilaatta‟ee
mucaan bareedichi buburratee ilaalchumaaf iyyuu nama sodaachisa.
Tokkummaan bifa kanaan gidirsanii dadhabanii ajaa‟ibsiifatu. Icitii
beeku hunda akka waan tokko illee hin beekneetti hafuura raafuu osoo
hin baasiin gidiraa isaa xumure. Qaamni isaa gidiraa michuu godhatee
miidhama malee gidiraa isaa simate. Jarris cimina qaama isaa,
ga‟umsa icitii eeguu isaa dinqisiifatanii jiruu kophummaa fi jireenya
dukkanaa keessaa baasanii warra fakkaattota isaatti dabalan.

Tokkummaan dukkana keessaa kan bahe ija isaan qofa miti; sammuu
isaatiinis. Lafa inni itti makame kan jiran piroofeesarootaa fi barsiisota
eenyummaa, warra dhugaa wajjin Finfinneen guutummaa Oromiyaa

71 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


irraa filattee achitti ukkaamsitee, akka hin dhooneef yookiis akka
irigiinuu bahee hin mul‟anne dhorkitu, akkasumas warra dhugaaf
falman, warra dhugaa fi abbaa dhugaa waliin gahuuf qaawwaa
barbaadantu jiru. Tokkummaan immoo mucaa reefu waa‟een dhugaa
fiixni ishee galuufii eegaltu, kan reefu lafaa biqilu, mucaa qaamni isaa
barnoota dheebotu dha.

Barsiisonnis ijoollee qaxalee akka Tokkummaa gaafa argatan hojiin


isaanii inni ijoon karaa kuusaan ukkaamamee isaan waliin achitti hafe
hundi bahee, bakka isaatti mul‟atu soquu dha waan ta‟eef,
Tokkummaa fi fakkaattonni isaa barsiisotaaf carraa guddaa dha.
Dubbiin wal unate. Tokkummaan bifa qabsoo, seenaa, duudhaa, aadaa,
eenyummaa fi achii as dhuftuu waa‟ee saba isaa bilcheeffatee nyaata.
Cunqursaa fi dhiittaa saba isaatiinis hedduu madaa‟a. Barumsaa fi
muuxannoo qooddateen innis barsiisaa fi piroofeesara xiqqaa ta‟eera.

Tokkummaan duruu durii amma immoo beekessa jabaa ta‟e; dubbii


isaa namni harka hin kennineef hin jiru; gaaffii isaatiifis deebiin hin
argamu. Turtii yeroo dheeraa booda yeroo mana murtiitti geessan
beekessii fi gara kuteessichi ilmi sabaaf dhalate abbaa seeraa afaan
qabsiise; waanuma orma ta‟ee imimmaan buusuu dide malee
imimmaan isaa amma boochisutti illee nama gaha. Abbaan seeraas
heddu gaddeefii bilisa baase. Jarris manni murtii bilisa baase jedhanii
hin gadhiifne; biyya itti dhiittaa fi hidhannoon mana murtii caala
humnaa fi fudhatama qabu waan ta‟eef akka fedhan hiraarsanii
dadhabnaan, guyyaa fedha isaanii gadhiisanii turtii waggaa lamaa
booda ganda isaatti deebi‟ee gale.

Gaafa inni galu haalonni hunduu jijjiiramanii, kaan du‟ee, kaan


hidhamee, kaan miidhamee, kaan biyyaa ari‟amee, kaan barnootaan
siqee, kaan immoo miseensaa fi bineensa jedhamee adda babba‟eera.
Akkas kunoo akkuma “Sibiila sibiilaan qabanii sibiila jal‟isu” jedhan
kunoo ishumaan ishee hidhaa, ishumaan ishee fixaa... Tokkummaan

72 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


haalonni keessummaa itti ta‟an uummata isaa dur tokkummaan
hundatti bahu dhabee, kan dhuunfaa isaan fiigu, kan quba walitti
qabuu fi qabee ormaaf wal kennutti gale. Ta‟u illee, gaafa inni galu
uummanni hedduu isa kabajuun, simannaa cimaa taasiseef.

Tokkummaan abbaa biyyaa galee, hiriyoonni garaa isaa hedduun bira


dhaqanii, gorsaa fi jajjabeessaa, waliin basha‟aa oolanii galu. Galgala
yeroo galan, garuu manni isaanii mana hidhaati. “Maaf itti dhaqxu;
maal irraa barachuufi?” waan jedhan fakkaatu. Tokkummaan gochichi
hin wareersine. Hojii isa jalqabe. Warra wal diige walitti deebisee
ijaaruu, kan cabe suphuu, kan wallalummaan qomoo gurguru gorsuu fi
doorsisuu, kuusaa gubbaa xinsifamee dhufe bilcheessee nyaachise.
Tokkummaa hedduu isaanii oomishe. Akkuma ofii piroofeesarummaa
cuuphametti barsiisee piroofeesarootaa fi abukaattota eenyummaa
hedduu cuuphee eebbise. Ibiddi Finfinnee keessa ruuqamee, barbadaa
fi giimii ta‟ee, daaraa jalatti gadi dhiitamee taa‟u, karaa argatee,
qaanqee isaa faffachaasee, daangaa isaa babal‟ifatee, dhugaa fi abbaa
dhugaa waliin barbaaduuf imala jabeesuuf galaa qoqopheeffachuu itti
mudde.

********************

“Birraan bubbise gaaraa yaa damma koo; qilleensi muka raasa yaa
kololee; duumessaan qorra hin jedhu qorra hin jedhuu; si arguuf na
maraacha yaa kuula koo” Yaa Birraa! Qilleensa aannanii, bishaan
taliilaa, fooliin urgaa‟aa. Keelloon randa randa irraa daraaree,
shimbirroon teessoo isaanii jijjirratan deebi‟an; lafti qoore; asheenni
gahe; bareenni bahee “Ajab” nama jechisiisu. Barattoonnis boqonnaa
ji‟a lamaa booda mana barnootaatti deebi‟an. Tokkummaa Jabeessaa!
gidiraa, cunqursaa, rakkoo fi dararaa hundaa dabarsee yeroo manni
barnootaa banamu mana barnootaa isaatti deebi‟e. Tokkummaan
barnootaan qaxalee turtii waggaa lamaa booda itti deebi‟u illee nama
guyyaa lama irraa oole hin fakkaatu, garuu maal fayyadaree yeroo

73 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


fedhan dhufaniituma irraa butanii deemuun torban tokkos lamas
hidhanii gadhiisu. Ta‟u illee, innoo barsiisaa eenyummaatis,
barataadhasii namni qabxii inni galmeessisu galmeessse hin jiru.

Qabsoo jireenyaa, qabsoo barnootaaa fi qabsoo eenyummaa giddu


taa‟ee machaa‟a. Hanga yoonaa sadanuuttu injifataa dha. Ilma gidiraan
dhalatee, gidiraatti dhalatee, gidiratti guddatee, gidiraatti jiraatu,
jajjabina malee laafuu fi abdii kutachuun hin jira.

Guyyaan Dilbata; manni barnootaa cufaa waan ta‟eef guyyaa


baqonnaati. Guyyicha abbaan qe‟ee Tokkummaan kireeffatee galuu
sababa irreessa Birraatiif qophii nyaataa fi dhugaatii qopheessee,
namoota ollaas affeeraa jira. Tokkummaanis quba qabaatu iyyuu lafa
inni seene ni adamsu waan ta‟eef na waamu jedhees abdii hin qabu;
manuma isaa ciisee kitaaba dubbisa. Abbaan qe‟ees jiruu mucichaan
hedduu kan dhiphatu qophii isaa irratti Tokkummaan akka hirmaatuuf
waame. Tokkummaanis, “Namichi kun galgala immoo reebamuu moo
hidhamuu barbaade laata?” jedhee kolfaa affeerraa isaa hirmaachuu
deeme. Tokkummaan takkaa iyyuu mana isaanii seenee hin beekne
dhaqee dhangaa aadaa qophaa‟e hundaa hirmaatee deebi‟ee gale.
Oduun battaluma jara bira ga‟e.

Obboo Kanofii dura iyyuu “Mucicha maaf mana keetii hin baaftu?”
jedhee qorannoon itti deddeebi‟e, har‟a egaa “Mucaa wajjin jiraachuu
eegalte.” Dabalatanis “Maal yaaddeetu of duuba deebitee duudhaa
uummatichaa ayyaanessita? Dhiphummaa keetiifi malee kun dur hafe;
rakkoo cimaa qabda.” jedhanii dhufanii qabatanii gara mana hidhaatti
fudhatan. Qarriffaan tafkii Tokkummaa ciniinte Obboo Kanofiis
dabalatte. Obboo Kanofiinis itti hin gaabbine “Baga; inumaa iyyuu
maaltu dhufaa? Mucaan kun jiruu dhuunfaa isaatii jedheetuu kan
akkatti dararamu? Saba isaaf jedheeti malee innis akkuma nama biraa
waanuma nama tokkoof gahutu isa gaha waan ta‟eef, bashannanee
jiraachuu osoo danda‟uu gidira mitii?” jedhee adaba isaa simate.

74 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Manguddoon bebbeekamoo warra garaa walii ta‟an lama Abbaa Urgee
fi Abbaa Daalachaa jedhaman walitti dhufanii haala yeroo fi jiruu
isaanii irratti haasa‟u.

Abbaa Urgee: Harka fuune, Abbaa Daalachaa!

Abbaa Daalachaa: Harka keessaniin bulaa, mootii leenca gama jigaa.

Abbaa Urgee: Jirtuu, fayyumaa?

Abbaa Daalachaa: Nagaa dha, nagumaa?

Abbaa Urgee: Fayyaa dha; alaa fi manni, sa‟aa fi namni nagumaa?

Abbaa Daalachaa: Maal na gaafatta, Abbaa Urgee? Inni Abbaa Atetee


irra gahe waan nu hanqatu seetaa?

Abbaa Urgee: Muu! Dhiisimee yaa michuu kuni immoo kan dur
barame mitii? Hundi keenya teenyeetuma dabaree keenya eegnaaf
malee magaalatti jiraachuu fi guddachuun yoom saba keenyaaf
eeyyamame?

Abbaa Daalachaa: Isa hoo dhugaa kee jette. Mee ilaalimee nagaalaa
kana keessa. Sanyii keenya sooromee magaalaa kana keessa lubbuun
bubbule iyyuu dhabne. Ni ka‟a; kanuma du‟aan yookiin hidhaan
dhabne argina. Jara immoo tooftaa hin beekamneen kan dagaaganii fi
badhaadhanii saba keenya hacuucan argina. Hunduu harkuma isaanii
jira.

Abbaa Urgee: Sirruma innoo; maal goonaree abbootii fi


akaakayyuuwwan keenyatu murtee dhuma hin qabne nu irratti
mallatteesse. Dhalachuun gantoota Oromoo kan akka Goobanaa
Daaccee, Abbaa Jifaar Waaqayyoo fi fakkaattota isaanii osoo
hafeeyyuu. Harki Taaddee Birruu, miiltoowwanii fi hangafoota isaa

75 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


dabarsee kenne osoo haadha irraa baheeyyuu yoona qabsoo gootota
keenyaan akkuma saboota addunyaa garagalee tureeyyu.

Abbaa Daalachaa: Dhiisi kan isaa maal godhaa mitii! Abbootii fi


akaakayyuuwwan keenya warra of hin taane ta‟anii seenaa xuraawaa
fi badii suukannaa‟aa dalaganis, abaabayyuuwwan keenya seenaa
boonsaa dalaganii kuusaa hedduu nuuf kuusanii Oromiyaa bal‟oo lafa
dammaa fi aannanii, albuudaa fi magariisaa nu dhaalchisanii turan.

Abbaa Urgee: Maal fayyadaree abbaan koo fi abbaan kee eebbicha of


irratti tiksuu hin dandeenye hoo? Kunoo anaa fi sihittuu dhufee. Lafa
naannoo kanaa misoomaa fi babal‟ina magaalaaf saba keenya
baadiyyaatti gugsaa, kan ofii bakka buusaa, qabeenyaa fi duudhaa
sabichaa balleessaa, kan ofii dagaagsaa, bal‟ina lafichaa daangaa
bantii hundaan mummuranii saboota biroof tola bahaa, walakkaan
immoo sababa babal‟ina magaalaatiif folqanii fixaniiru bar. Muka
imalaa mixii fi rirmi keessoo fixe taasisaniiru. Ani babal‟ina magaalaa
hedduun jaaladha, garuu sabuma keenya magaalaa irraa ittisuun
maaf barnaachiseetu gaaffii natti ta‟e malee.

Abbaa Daalachaa: Ayii yaa Abbaa Urgee! Raajii tibba kanaa immoo
hin dhageenyee? Dargaggoo fi manguddoon keenya galma
Waaqeffannaa amantii sabichi jala yaa‟u dhaabuuf lafa irra dhaaban
deddeebi‟anii gaafachaa turan. Guyyaa digdamaa ol edda
deddeebisanii booda warra dura bu‟aa ta‟an hidhanii, warra kaan
doorsisanii ari‟atan. Amantii kamiifuu lafti hin kennamu; yoo ofii
horate malee waan jedhan fakkaatu. Kan nama boochisu, garuu
lubicha gaafa cuuphaa “Isin Afaan Oromoo faarsinaan saanduqni
kakuu deemuu didee dhiisaa.” jedhetu farsoo dhuguu mana farsoo
ishee gaafa horii hora obaafnee gallu itti gorree farsoo bareeda
dhugne qe‟ee fi moocii nama hawwatu ni yaadattaa?

76 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Abbaa Urgee: Ee, ee, yaadadhe. Qe‟ee Oromtichaatikaa yaaboo, qe‟ee
Abbaa Siinan; kanatti akkas nama hawwata bar. Maaltu ta‟eeree
michuu?

Abbaa Daalachaa: Dhiisimee maaloo! Lubichi egaa seenee edda


farsoo dhugeen booda sibiila bifa fannoon hojjatame kiisha isaa
keessaa baasee, lafatti darbatee akka waan harkaa bu‟eetti. Sana
booda, akka waan lafaa fuudhamuufii didee deddeebi‟ee kaasuuf
yaale. Namoota isa arganis haalicha dhugeessee itti odeesse. Akka
namni biraa gadi jedhee hin kaafnes “Namni fannoo kana kaasuuf
yaale abaaramaa dha.” jedhee doorsise. Duuka buutota isaas walitti
qabatee bakkicha gadhiisuu akka hin dandeenye itti hime. Warri
qe‟ees bakkicha yoo gadhiisuu morman abaaramoo yoo gadhiisaniif
eebbifamoo akka ta‟an itti lallabee sodaachisuun qe‟ee irraa
godaansise. Sana booda, sababni innii fi duuka buutonni isaa
odeessanis, “Fannootu kufee kaafamuu dide; yeroo kadhannaa
taasisanii fannicha kaasanis bakka fannoon tureen horatu burqe.” kan
jedhu ture. Itti aansees, qe‟icha fudhatanii saanduqa kakuu fidanii itti
galchuun „Lafa fayyinaati.‟ jedhanii lallabuu eegalan.

Abbaa Urgee: Kunookaa Goolam Jijoo! Raajii maaliiti kun! Tole


namana; ani eessa dhaqeen kana hunda dhagahuu dhaberee?

Abbaa Daalachaa: Anoo hin beeku. Aaffika dubbiin akkasii mitii. Lafti
keenya illee lafuma horri ijaan burqudhaa; hora Amboo isa dhugamu
abbaan qabeenyummaa isaa eenyu akka ta‟e hin beekne, hora hoo‟aa
dhiqannaaf oolu abbummaan isaa eessaa akka dhufe hin beekamnee
lafuma keenyatu burqisiise. Lafichi hora burqisiisuu danda‟u iyyuu,
iddoon isaan qubatan, garuu hora hin burqisiifne. Kanumaan qabikaa
guyyaa boombaan magaalaa keessaa bade hora dhiqatanii fayyuun
hin danda‟amu. Kana egaa kunoo badiiwwan amantii dahoo
godhachuun nu irratti raawwatamu har‟a illee hin dhiifne.

77 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Abbaa Urgee: Safuu yaa Waaq! Inni Kabbadaa Buzunashii fa‟aa
irratti raawwachaa ture bara keenyas hin hafnee siif safuu yaa Waaq!
Maalumaafuu, amma dabareen keenya immoo gahutti waan kana
dabaladhuu ka‟imee ni gallaa; Abbaa Ateetee michuu keenya Waaqni
nuuf haa baasu.

waliin jechaa dhimmoota haala yeroo irratti waliin haasa‟aa oolanii


adda babbahan.

Obboo Kanofiin nama guddaa, beekessaa fi jaalatamaa waan ta‟eef


hidhamuun isaa nama hundaa naasise. Maatiin, firri, hiriyoonnii fi
uummanni naannichaa, barattoonni illee ittuma yaa‟u. Kan dhufu
hunduu waa harkatti qabatee “Obboo Kanofii” jedha. Foolisoonnis
inuma rakkatan; keessummeessanii dadhabnaan “Yoo bahe hoo?
jedhu.” Namni akkatti ka‟uun gama tokkoon jara sodaachisuu hin
oolle; gama biraan immoo hammeenya jaraas Obboo Kanofiitti
dabaluu hin oolle.

Gaafa kaanii Tokkummaanis dhangaa qopheeffatee gaafachuu yoo


deemu foolisoonni arganii, “Gurbaa, lubbuun jirtaa? Baga jiraattekaa;
duuka-buutota kee gaafattaa dabaree kee? Koottu siif waamnaa.”
jedhanii simatan. Innis Obboo Kanofii sababa isaaf hidhame dubbisuuf
ija ol qabachuu dadhabee, mataa gadi gombisee, akka nama waa jalaa
hatee, ija qaanii tokkoon itti dubbata. Ijji isaa edda boochee waggaa
dheeraa lakkoofsiftes har‟a gara isheen imimmaan fidattee hin beekuu
imimmaan dhanquu dhanquun kutee kutee darbate. Obboo Kanofiis
garaan badeetu, “Badi, maal taatee boocha? Kanin hidhameef sababa
keef hin se‟iin, sababa koof, ilmoo koof, maatii koof, firoota koof,
si‟iif; lammii koofi; ani akka nama kaanii miti; hundaa nan beeka.”
jedhee ifate. Tokkummaa boo‟ichi isaa ittuu itti hammaatee, achi
dhaabachuu dadhabee, boo‟aa bahee deeme.

Yeroo inni akkas dhangala‟u hunduu dhaabatee ilaaluun garaan


boora‟e. Mucaan Obboo Kanofii abbaa ishee dubbiftee deebitus
78 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
argitee garaan bade. Intalli yeroo hundumaa ija Tokkummaa
dandeessee hin baanne har‟a isaa akka dubartii gara-laafummaan
imimmaan dhanquu dhanquun roobsu argitee sababa argattee itti
dhaqxe. “Tokkummaa, maal taate?” jetteen. Innis sagalee dur beeku
waan itti ta‟eef dhaabatee of irra garagalee ilaalee, “Waanan hin
ta‟iinan qabaa?” jedhee deemsa isaa itti fufe. Isheenis fiigdee qaqabdee
sossobuu eegalte. Waliin deemuu eegalan; Tokkummaanis nama
sossobamu hin taanee deemsa boo‟icha isaa ittuma fufe. Namni karaa
deemu hunduu rooba imimmaan isaa argee dhaabatee gadda. Kan
waa‟ee isaa beeku. “Mucaan kun maal ta‟e mmoo; yoomum darbeefii
sammuu nagaan jiraataa laata?” jedhu. Tokkummaan akkuma adaamii
ollaa agamsaa osuma lolaafatuu mana gahe. Mucattiinis kan mana isaa
takkaa seentee hin beekne har‟a carraa argattee mana seentee cinaa
isaa teessee takka imimmaan irraa haxaawaa, takka immoo ofitti
qabdee sossobaa waliin turan.

Tokkummaan qaamni durbaa tuqee hin beekne, yeroo Ateeteen harka


ishee irra ooftu, imimmaan irraa haqxu, akkasumaas yeroo isheen ofitti
qabdee sossobdu, qaamni isaa qaama ishee tuqe naasudhaa
gammachuudhaa hin beekuu, waanumti ta‟e imimmaan isaa isa
keessatti gogse. Walitti butame; ni na‟e. Miira addaatu itti dhaga‟amaa
jira. Gammachuu gaddaan makaa argitanii beektuu isiin?
Tokkummaan egaa kana gidduu taa‟ee machaa‟a. Rukuttaan onnee
isaa dabale. Waan ta‟us wallaale. Fedhii addaatu itti dhaga‟ame.
Qaama Ateetee akkas namatti tolu akka nama of dadhabee irra
walali‟ee miira addaa dhamdhamaa jira.

Ateeteenis qaamni dhiiraa ishee tuqee hin beeku. Intala safuu fi


duudhaa hawaasaatiin guddatte; intala nama guddaati. Jaalallis ishee
qabee hin beeku, garuu durumaa iyyuu yeroo Tokkummaa argitu miira
addaatu itti dhaga‟ama; ija isaa hin baattu; ilaaltees hin quuftu.
Ilaalchaa fi iddoo addaa qabdiif; ni mararsiifatti. Kana jaalalatu qabe
jennuuree? Ateetee moshommoshe konkonni seenxii, rifeensi eegee
79 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
fardaa, ijji kololaa, nyaarri anfarroo, afaan xuuxxoo birraa, mundhiin
mundhii sonsaa, miilli miila gogorrii, ilaalchis ta‟ee bifti “Ajab!” nama
jechisiiftu, kan namni meeqa jilbeeffatee sagadeefii dadhabe, nama
jaalalaaf bakka hin qabneef jilbeeffachuuf deemti. Tokkummaan durba
hin adamsu waan ta‟eef, osoo ishii hin hubatiin tureera. Ittis hin
murtaa‟u Tokkummaan rakkoon daangaa fi damee itti babal‟ifattee kan
inni lafa deemu hundatti baratuu fi argu hoo waa‟ee jibbaa qofaa
akkamitti waa‟ee jaalalaa yaada ree?

Jarreen lachanuu waan arganii hin beeknetu itti dhufe waan ta‟eef irraa
hafuu dadhaban. Tokkummaan qaamni Ateetee onnee dhoosee, laphee
fuudhe, suutuma suuta itti siquu jalqabe. Qaamonni ishii hunduu nama
hawwata. Amma gammachuun isaa daangaa waan dhabeef of to‟achuu
dadhabuun akka nama taa‟umsi itti hin tollee asii fi achi jedha. Yeroo
kana tasa guntuta ishee akka eeboo qaqqaramee dhaabatu tuqnaan
jarreen lachuu miira addaan kaleessa ganama ta‟an. Duruma iyyuu
teessoos ta‟ee ciifni mana Tokkummaa bakkuma ciisa isaati waan
ta‟eef, ciisuma isaa irra taa‟anii turan irratti of wallaalanii kukkufan.
Qaamni Tokkummaa hundinuu hangii fi hojjaan isaanii babal‟achuu
eegalan.

Yeroo kana sagaleen “Ateetee, Ateetee” jedhu alaa dhaga‟ame.


Harmee isheetu ishee waame. Ateeteenis naasuudhumaan akka waan
haati ishee waan isheen gochaa oolte argiteetti ija qaaniin guutamte
wayiin gadi luf itti jette. “Maal hojjattaa asii; edda yoomii immoo as
seenuu jalqabdee?” jetteen. Isheenis, “Dhiisi mee harmee; mucaan
mana kana kireeffatee galu yeroon ani abbaa dubbisee deebi‟u innis
dubbisuu dhaqee imimmaaniifuu abbaatti dubbachuu dadhabee lafa
deemus wallaallaanin qabee fidee, ol seenii ilaalimee.‟‟ jetteen. Haati
Ateetees naasuun yoo ol seentu mucaan naasuun lafa lixu dhabee
gombifamee ciisaa jira. Isheenis maqaa isaa waamaa ol seentee
ilaaluun hedduu gaddite; sossobdees baate.

80 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Ateetee Kanofii Tokkummaa injifattee kan ishee taasifachuufi moo
akkam taati laata? Mucaan rakkoo jajjaboo sadiin rakkachaa ture
arfeeffachuun hin hafne. Guyyicha irraa eegalee Ateeteen kophaa
Tokkummaa arguuf dhiphatti; Tokkummaanis kophaa Ateetee arguuf
rakkata. Yeroo sagalee isaa dhageesse wayi hojjatti yoo ta‟e illee
hojicha dhiiftee naasuudhaan utaaltee baatee ilaalti. Innis uraa balbalaa
mana isaatiin sochii mucattii to‟ata. Gocha ijoollees Haati Ateetee
waan itti xiyyeeffatte fakkaatti. Tokkummaa ijaan arguuf sardamu,
Ateeteen akka manaa hin baane dhorkamteetti. Yeroo isheen mana
fincaanii deemte illee haati duukaa baatee ilaalti. Dubbiin wal jala
darbaa taate.

Obboo Kanofii dubbiin itti jabaatte; hidhaanis irra dheeratte.


Namoonni isa dubbisuuf achi deddeebi‟anis akka fedhanitti dubbisuuf
eeyyama dhaban. Innis dubbii fide. Guyyaa tokko barattoota dabaree
galgalaa seenuuf karra irratti wal kuusan, kan waaree dura baratan
immoo galuuf yoo yaa‟an argatee, Tokkummaan dabalees namoota
Obboo Kanofii dubbisuu dhufan argee akka nama isa dubbisuu yoo
dhaqu ni dhorkame. Achuma dhaabatee iyya kutee ha‟e. Waajjirri
foolisii fi manni barnootaa sadarkaa lammaffaa wal cinaa jira waan
ta‟eef barattoonni achumaa as burquq hin jenneeree! Hojiin
jalqabamtee egaa foolisii fi kaabinee tokko tokkoon funaanuun;
foolisoonni garee barattootaa deeggaranis barattootaaf haala
mijeessanii warra mana hidhaa sababa gaaffii eenyummaan
hidhamanis gadi guuruun. Barattoonni edduma durii reebamanii
du‟anii hidhamanii kan hafe hafe qofti galuu har‟a hunduu
milkaawanii akkuma waliin bahanitti waliin galan.

“Galuun gaafa lafa kaloo geenye.” jette dulloonni. “Galuun gaafa kara-
deemaan manatti goree bahuu dide mana gadhiiseefidhakaa.” Kan
duubaa isaan eeggatu hoo kana hin jedhamuu maal godharee. Akkuma
joobira raqa argee asii wal waamii achiis wal waamii achitti wal
gahikaa. Galgalicha egaa nama argatan funaanuun du‟aa fi jiraa
81 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
hanqisu. Obboo Kanofii akkuma mana hidhaatii baheen booda maaltu
akka ta‟u tilmaamee maatii isaa fudhatee fira isaa baadiyyaa bira
deemeera. Isa barbaadanii dhabnaan qe‟ee isaa akka hin jirre taasisanii
deeman.

Gama biraan immoo Tokkummaan haalota jiran sodaatee hiriyoota


isaa waliin baqatee bosona tulluu Gorfootti galeera. Achittis
konkolaachiftoonni yeroo darban malagaalaadhaa nyaata feestaaliitti
farsoo fi dadhii immoo jeerikaanatti geessuuf. Bifuma kanaan qabsoon
bosonaa maal akka taate shaakaluu jalqaban. Tokkummaa hunduu
garaa gaheetu dubbii Ateetee qofatu isa quuqe. Yaanni ishee isa
rakkise; mukkeen bareenni fi sorooroon bosona keessa jiran illee
Ateeteedhum itti fakkatu. Ateeteenis maraachuu malee homtuu itti hin
hafne; nyaata dhiifteetti; hirribas akkasuma; dhiphachuu fi boo‟uu
qofa. Yeroo namni warra isaan itti baqatan dhaqee karra irraa ijoo
jedhu waanuma Tokkummaan dhufe seetee lapheen fash jedha.
Guyyaan dhumuu didde; dubbiinis fala argachuu dhabe. Yeroon booda
dubbiin qabbanaa‟ee uummannis wal gayii taa‟ee barattoonni akka
mana barnootaatti deebi‟an waliif galamnaan Obboo Kanofiin maatii
isaa waliin mana isaaniitti deebi‟an. Tokkummaa fi hiriyoonni isaas
magaalaatti debi‟an. Warri wal jaalatus hannaan wal arganii jaalala
dheebuu hin bahamne tokko walitti furguggifatanii osoo qalbii fi ijji
isaanii walitti rarraatuu addaan tiksaa sodaa warraatiif wal baqatan.

Jarri Tokkummaa fi Obboo Kanofii magaalaa keessatti waan arganiif


garaan haaruu hin oolle, garuu uummata irraa imaanaa fudhataniiru
waan ta‟eef haaloodhum kuusanii haala eeggachaa jiru. Barnoonnis
hoo‟ee haalaan jalqabeera. Tokkummaa fi Ateeteenis barnoota isaaniis
jaalala isaaniis haalaan ho‟isaniiru. Tokkummaan maatii argatee
kophummaa bahes haalli inni Ateetee waliin itti jiru yoo dhagahame
balaa akka uumu waan tilmaameef harka wayyaa jalaan taasifate.
Kanaaf, Haadha Ateetee malee homtuu irratti hin beekne.

82 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Gaafa kaanii dubbiin baramte yeroo ishee eeggattee dhuftemmoo.
Barattoota walgahii teesisuuf waaman. Barattoonnis wal gahii dhaqanii
haala hin barbaannee fi dhiittaa qomoof haala mijeessu taanaan wal
gahicha dhiitanii bahan. Amma karaan argame waan ta‟eef
Tokkummaa fi Abbaan Ateetee hidhamuun dirqama taate. Hidhaan
isaaniis amma sadarkaa dabalateera waan ta‟eef Tokkummaaf haaraa
ta‟uu baatu iyyuu Abbaa Ateeteef haaraa dha; gara Finfinnee
Maa‟ikalaawaatti. Ateeteenis abbaa fi jaalallee ishee imimmaan
dhanquun gaggeessitee teesse.

Yaa Finfinnee waamtee immoo? “Qomoo biraa gamoo ijaartee,


aangoo qopheessitee, daaraa irraa hurguftee, gaarummaa fi
badhaadhatti waamtaa, numa hoo maaf gidiraatti nu waamtaa? Akka
waan gaarii nuuf yaadduu nu waamuu immoo hin obsitibar. Akka
waan gumaan keenya hafuu immoo waan gootee waan dhiiftu hin
jiruubar. „Hin bari‟u seetee maaloon bobbaa manatti bobbaatee, garuu
immoo inuma barihe‟ jedhan. Kan kees dubbiin ammuma kan
maaliittiti egaa yaa Finfinnee.” jedha Tokkummaan yaada isaatiin.

Abbaa Ateetee fi Tokkummaa kan eeggatu hidhaa lafa dukkanaa, isaa


kan kophaa ofii jiraa dukkanatti galan, yoom isa qofaree reebichii fi
dhidhiittaan daangaa hin qabu bar. Qullaa nama reebuu fi abbaa itti
murteesan immoo qullaa lafa dhagaa irra bulchuun immoo waan
barame. Abbaan Atetee kana quba hin qabu waan ta‟eef laphee
jabduun imalaa jira. Tokkummaan hundaa beekus abdii kutannaan
deemaa jira. Yeroo achi gahanis waanti tokkummaan tilmaame hin
oolle. Guyyuma guyyaan gidiraa bifa jijjiirrate agarsiisu.

Turtii yeroo booda qe‟een Abbaa Ateetee guddichii fi kabajamaan


manca‟ee keessa darbaa isaa amma investmentiif gaafatamee maatiin
isaa irraa kaafamaniiru. Kan kaase immoo osoo dureessa biyya abbaa
isaa ta‟ee nama hin aarsu; „Ashaagiree‟ jedhama; ilma warra qonnaa fi
haamaaf galee osoo ilmi jiruu ilma ajjeesee abbaa qe‟ee dhaaleeti.

83 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Qotticha abbaan qe‟ee machaara keessaa filatee fudhatee galeeti kan
booda goobee abbaa qe‟ummaa fudhate. Ammas egaa qe‟ee ayyaantuu
qorxii gubee, callee ciree gatee, bokkuu fi siiqqee cabsee bobeessee
muka abdaarii muree cilee irraa oomishiisee, meeshaa aadaa oromoo
hundaa mancaasee gamoo itti ijaaruuf qopheesse.

“Hoolaan eegduu ishee abdatte diboo ala bulchiti.‟ akkuma jedhamu


kara–deemaan goree bulee, kara–deemummaa isaa dagatee, warra irraa
nyaatee dhuge irratti badii gara jabinaa dalagu waan guddaa
abdachuutu hin oolle.” jedhu manguddoon araddichaa. Ta‟us, warri
kennan iyyuu ijoolleen boru eessatti bahuuf harka kennuree? Warri
michuuwwan Tokkummaa carraan hidhaa hin arganne qe‟eetti afaniiru
waan ta‟eef gaafa dhimmicha dhagahan ittuma yaa‟anii hunkuta
dhahan. Yericha bakkicha kan jiru ofiifis du‟ee ijoollota madaa‟an
keessaa Gaaddisaan mataa rukutame. Akkuma rukutamen isa
fuudhanii gara mana yaalaa naannichaa yoo geessan, miidhaa cimaa
waan ta‟eef Finfinneetti akka yaalamuuf barreessaniif.

Mucaan yaaliif gara Finfinnee deemes akka carraa isaa ta‟ee harka
ormaa bu‟e. Waa‟ee uummata naannichaa gurra namoota hundaa kan
buufame warri ormaa hundatu quba nyaata. Ogeessichi mucicha
rasaasaan miidhame sababa isaa qoratee waan beekeef yaalee mataa
mucichaa yeroo hodhuuf meeshaa xiqqoo ittiin fayyadame tokko
ittuma yaadee sammuu mucichaa keessatti dhiisee hodhe. Mucaan
carraa fayyuu bal‟aa qabuuyyu guyyaa muraasa booda du‟ee reenfi
isaa warraaf gale.

Ajaa‟ibuma! Yoom isa qofaree mucaan sababa qe‟ee Abbaa Ateetee


ajjeefame du‟ee osoo torban hin gahiin Abbaan Ateetee iyyuu
reebichaa fi gidira cimaa booda halkan guutuu qullaa isaa liishoo
manichaa irra bulchanii yeroo waareen hoo‟u dur boqote. Du‟a isaa
kan dhagahan maatiin isaas reenfa isaa fudhachuuf yeroo deeman,
takka Hospitaala Leenca Gurraachatti, takka immoo Hospitaalaa

84 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Minilikiitti, takka immoo Hospitaala Paawuloositti ergu. Maatinis
iddoo tokko dhaqanii yoo gaafatan “Achi dhaqaa” jedhamu.
Gidduudhuma osoo nanna‟aa oolanii guyyoonni bubbulanii tutturan.
Yeroo booda edda maatiin abdii kutatanii dhiisanii galuuf ka‟anitti
maallaqa humnaa olii gaafatanii bakka inni jiru itti himan. Maatiinis
reenfa abbaa qe‟ee isaanii argachuutti gammadan iyyuu mallaqni
gaafataman kan maalii akka ta‟e wallaalan; akkasumas maallaqa
humna isaanii olii gaafatamuutti hedduu gaddan. Ta‟u illee, “Maqaan
baduu mannaa mataan baduu wayya jette goondaan” jette Haati
Ateetee. Olumaa gadi fiiganii maallaqicha kafalanii reenfa Abbaa
Ateetee fudhatanii galan.

Yoom kana qofaree? Abbaan Ateetee illee carraa tolee reenfi isaa gara
maatii isaatti galeera. Warra kaan immoo dhoksaadhaan fixanii
bosonatti gatuun achii soorata bineensaa fi allaattii ta‟u. Maatiin
ijoolleen isaanii du‟anii fi jiraachuu isaanii adda baasanii hin beekne
lakkoofsa hin qaban.

Reenfa Abbaa Ateetee qe‟eetti galchanii fira fagoo jiru hundatti ergan.
Isaan keessaa ilmi Abbaa Ateetee kan bara qeerrummaa Abbaan
Ateetee sanyoo isaa irraa argate tokko sababa hojiin Baddaa Baalee
jiraata. Yeroo bakka dhaloota isaa naannoo Gudar turetti hidhaa fi
reebichi jaraa hirbaatuma isaa ture. Innis kanumaan waan gameef miila
fageeffatee hojii isaatti jira. Faana isaa duukaa bu‟anii lafa inni jiru
dhabnaan callisanii taa‟an. Maatiin isaa lafa inni jiru waan beekaniif
du‟a abbaa isaa irratti akka argamuuf bilbilanii waaman. Awwaala
abbaa dhoksuun waan ulfaateefi malee akka ajjeechaaf barbaadamu
hunduu ni beeku.

Du‟a abbaa isaa kan dhagahe Jaagamaanis guyyaa yoo dhufe akka
qabatan waan beekuuf dhiha lafaa bakka hojiitii ka‟e. Achii ka‟uu
isaas kan dhagahan jarri warruma waliin duukaa bu‟anii bakka inni
gahe eegu. Halkan keessaa sa‟a afur yeroo ta‟u humna isaanii

85 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


konkolaataa guutuun dhokatanii lafa isaaniif mijaahutti eegan.
Konkolaataan Jaagamaa baattes saffisa isheen dhufte. Jarris akkuma
gorfamanitti konkolaataa dhaabsisanii nama barbaadan keessaa
fudhatanii konkolaaticha lakkoofsa gabatee qabatanii maqaa fi bilbila
irraa fuudhanii dhimmicha eenyuttuu akka hin himne akeekkachiisanii
ofii gara barbaadanitti qajeelan. Kan isaan deemanis gara bosona
Cillimooti. Jaagamaanis abbaa isaa hordofsiisuuf akka karoorsan waan
hubateef abdii kutannaan wajjin deema.

Yeroo bakka gahanis Saajin Dabaalliqaachaawu “Latamaltegn


asroxkegn ayidel- kan na jalaa hin baaneef na fiiksifte mitii?” jedhee
itti dhaadate. Dhaadannoo hedduu edda itti dhaadateen booda
shugguxii cinaa isaa irraa luqqisee adda Jaagamaa irra dhaabe.
Jaagamaanis ergaa tokkittii akka dhaammatu kadhate. Saajin hin
dhorkanne; ni eyyameef Jaagamaanis, “Ani tokkicha; duuti koo waa
takka illee sanyii koo irraa hin hir‟isu; duuti koo qabsoo saba koo
tarkaanfii tokko fuulduratti tarkaanfachiisa; waanti isin hubachuu
qabdan reebichi, hidhaan, gidiraa fi ajjeechaan furmaata isiniif ta‟a
osoo hin ta‟iin akkuma anatti umrii gabaabsitan umrii isinitti gabaabsa;
furmaata kan isiniif ta‟uu fi umrii isiniif kan dheeressu sagalee saba
kanaa yoo dhaggeeffattan qofa dha; namni isin hamaa ooltaniif hundi
dhala dhala isaa haaloo isinitti kuusisa; kan isin fuutan isin buusisa;
kan isin nyaattan isin tufsiisa; warra har‟a nyaatee boru badu hin
ta‟iinaatii boru yaadaa; ajjeechaa fi gidiraan mo‟uuf yaaluu irra
dorgommiin mo‟uuf yaalaa; gaaficha nama taatu; ulfaadhaa amma
dhukaasi kunoo.” jedheen.

Saajin Shugguxii isaa adda Jaagamaa irraa buqqisee of irra


qucuummate. Komaandar Hagos, shugguxii isaa of keessaa butee adda
Jaagamaa irratti boqochiise. Addi Jaagamaas bakka lamatti qoodame;
dhiigni gurraachi asii ol fincaa‟e; akka waan rasaasa guddaan
rukutamee laga keessaa oo‟e. Saajin naasuun bakka taa‟uu utaalee
ka‟ee, “Lamin komander, qoy lamin- Komaandar maaliif; aaffimee
86 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
maaliif?” jedhee mataa isaa harka lamaaniin qabatee achi siqee taa‟e.
Komaandar Hagosis ajaja dabarse, “Ansu kazi; iza gadal wusx xalu-
asii kaasaa; kaasaa hallayyaa sanatti darbadhaa.” jedhe. Warri
Komaandar waliin jiranis reenfa Jaagamaa lafa irra harkisaa reenfum
isaaf illee kabaja hin laannee qoraatti irra harkisaa hallayyaa biraan
gahan. Warri gara–jabeeyyiinis kaan mataa kaan miila Jaagamaa
qabanii qarree irra dhaabatanii hallayyaatti gadi darbatan. Dhimma
isaanii raawwatanii gara magaalaatti deebi‟an.

Haati Ateetee fa‟aas Jaagamaa eegu. Inni hin galu. Bilbila isaa irra
deddeebi‟anii yaalanis bilbilli isaa cufameera. Yaaddoon maatiitti
nam‟e hanga bari‟utti obsumaan eegan. Ganama ka‟anii tarii
konkolaataan akka ittiin garagale shakkanii hubachuuf namoota
muraasa gara sarara Finfinneetti ergan. Hanga bakka inni “Gaheera.”
jedheetti deemanii ilaalan. Akka tasaa ta‟ee konkolaataan garagale
tokko ille hin jiru. Dubbiin bitaa itti gale. Eeganii dadhabnaan abbaa
Ateetee awwaalanii ala eeguutti jabaatan. Namni waa‟ee Jaagamaa
fidee dhufu ni dhabame. Iddoo ka‟anii barbaacha Jaagamaa jabeessan;
tasallee waraabessi isa nyaate yuusuu dide. Abdii kutatanii harka
maratanii deebi‟anii galanii taa‟an.

Abbaan Ateetee awwaalamee ji‟a lammaffaa isaatti waraqaan


eenyummaa Jaagamaa Kanofii kan magaalaa Gudar ganda 02 irraa
baafame bosona Cillimoo keessaa argame.

Niitiin qonnaan bulaa Obboo Ifaa waraqaa ragaa, iskarbii alaabaa


Abbaa Gadaa, qaama namaa mormaa ol, qeensaa fi lafee gara garaa
waliin argitee dhirsa isheetti himti. Obboo Ifaan Abbaa Gadaa
naannichaa waan ta‟eef, Obboo Kanofii waliin hidhata cimaa waan
qabuuf dhimma Jaagamaa durumaanuu quba qaba. Yeroo waan niitiin
isaa itti himte argu daqiiqaa muraaaaf of wallaalee ture. “Warra
hirbaata waraabessaa taanee jarana; yaa Waaqayyoo, sitti haa
mul‟atukaa; si malee kan fala kanaa nu baasu hin jiruu sitti dhiise.”

87 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


jedheetu bilbila gara Gudaritti bilbile. Warri Gudaris badii isaanii
dhagahanii dhaqanii lafee ilmoo isaanii eenyuun akka ajjeefame
beekuu baatanis warabessaan nyaatamee sareen harkifamuu isaa
beekanii walitti funaananii galfatanii awwaallatan. “Warri du‟a
Jaagamaaf haala mijeessanis ta‟ee warri ajjeesanii safuu Waaqni du‟a
namaaf ganama mure cabsanis du‟a mucichaatiin waanti isaan argatan
waan jiru miti. Carraa isaas hin arganne; jiruu isaas hin arganne; jiruu
isaas hin jiraanne. Du‟a Jaagamaan du‟e dachaa isaa immoo ofii fi
ilmoo isaanii irratti dabaree eeggachuu jalqabuu irraan kan hafe.”
Obboo Ifaatu ofitti hasaasa.

Tokkummaan qaamni isaa akka meeshaa suphee irraa hojjatamanii


obboroodhaan bobaa deessee isaa jalatti ibiddaan siilofte qullaa dhagaa
irra bulchuu mitii konkolaataa irra hoofanuu waan du‟u hin fakkatu.
Haalota cigaasisaa harka ormaa irratti dalagaman hundumaa dhagnaan
godhateera. Guyyuma guyyaan gidiraa bifa jijjiirrate agarsiisu. Innis
danda‟aa waan ta‟eef obseetuma danda‟e. Tokkummaa gidirsanii
dadhaban waggaa sadii booda gadhiisan.

Namni mana hidhaa kessatti garmalee dhaaname, akkasumas harka


ormaa isa hamma rukutu hin madaalle, eessa akka dhiituu fi akkamitti
akka dhiitu illee hin laallanneen akkuma nuugii hirree qancaraan
tumamee cafaqamuu tumamaa bahee gale maal akka fakkaatu
tilmaamuun nama hin dhibu. Bifni isaa badeera. Qaamaanis
huuqqateera. Akka malee quucareera waan ta‟eef namuu ijaan ilaaluu
ni sodaata. Yeroo galu qe‟een Abbaa Ateetee bade; Ateeteen fa‟aas
bakka biraatti galaniiru. Tokkummaanis Ateetee arguuf hedduu
sardamee dhufu illee bakka isaanii duriitti argachuu hin dandeenye.
Hiyyaafannaa baay‟een booda yeroo mana isaanii dhaqu Abbaan
Ateetee wareegameera. Innis lammata boo‟a kaasee boo‟ee harqee
iyyee wajagee qabaa fi sossobbaan dadhabee akka abbaa isaatti
gaddeef.

88 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Tokkummaan hoji-dhabeessa ta‟ee jiru qorannoo warra qe‟ee Abbaa
Ateetee balleessee jala taa‟e. Maarree jarroo qe‟ee Abbaa Ateetee qofa
miti kanuma sabichaa balleessuuf kutatan waan ta‟eef saba biraa illee
haalaan qubsiisuu fi lafaa fi qabeenya sabichaa saamsisuun bifa
qinda‟een jalqaban. Yoom isa qofaree dhalataa isaa illee jalaa
balleessuuf jecha saba ormaa kalee ijoollotaa keessaa baasanii
maallaqa guddaatti gurguran leenjisanii itti gadhiisan. Tokkummaanis
qorannoo isaatti milkaa‟uu hin oolle. Tokko tokkoon funaanee irra
qaqqabe. Mal gochuuf ta‟a laata?

Kan qe‟ee Abbaa Ateetee balleessisee lafa inveestmentii taasise tokko


kaasayee jedhama. Maarree gumaan Abbaa Ateetee fi maatii isaa ni
hafa moo akkam ta‟a laata? Tokkummaan odeeffannoo guurrates
qophii isaa xumuree koomee irra taa‟aa jira. Galgala tokko otuma inni
miila diriirfachuuf hiriyoota isaa waliin karaa deemuu dureessa akka
malee machaa‟ee gatantaru tokkotti dhufan. Dureessichis meeshaa
qabeenya isaa ittiin eeggatu eeyyamsiifatee baattatee deema. Lafti
dukkana waan ta‟eef dureessicha qabanii kakkabaluun shugguxii tokko
rasaasa guutuu wajjin irraa fudhatan. Tokkummaa qophii fixee waan
kana “Eessaan argadha laata?” jedhee wiriiqatu kunoo
qopheesseefikaa.

Tokkummaan abbaa shugguxii ta‟e maal gochuuf deema laata?


Galgala lammataa shugguxii isaa fudhatee Kaasayee duukaa deemuu
eegale. Yeroo inni lafa dukkanaa gahu achumatti conqolaasee
shugguxii kan isaas dabalatee figichaan gara warra kaanitti darbe.
Kaan dhaqee dhaba kan argate immoo akkuma nama maraatee
coconqolaasee bira darba. Lafa garaa isaa edda gahee booda fiigichaan
gara hiriyoota isaa dhaqe. Hiriyoota isaa waliinis baduuf walii galanii
jiru waan ta‟eef akkuma argeen “Amma kunoo ka‟aa egaa geessee
yeroon koo.” jedheen. Hiriyoonni isaas biyya isaanii keessatti
miidhamuun itti heddummateera waan ta‟eef qophii turan. Jecha isaa

89 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


fixuu hin eegganne, “Dura iyyuu situ nu tursiise malee nuti ariifachaa
jirraayyu.” jedhaniin.

Hunduu waliif galuun ka‟anii bahan. Yeroo karra bahan Tokkummaan


Ateetee yaadatee “Waa dagadhe; Ateetee koo nagaa itti hin
dhaammanne bar” jedhee fiigicha itti kaa‟e. Yeroo fiigichaan dhufu
Ateeteen teessee boochi; waan isheen taate immoo gaaffii hin
barbaachisu; isa mitii namni kamuu ni beeka. Dursitee abbaa ishee
dhabde; itti aansitee obboleessa ishee dhabde. Itti ansitee qe‟ee abbaa
ishee dhabde; amma immoo biyya ishee dhabuuf deenti. Kana boo‟ichi
itti hin xiqqaatuuree?

Tokkummaanis sossobee garam akka deemuuf ka‟e itti hime.


Ateeteenis murtee isaatti gammaddee isheenis akka biraa hin hafne itti
himte. Innis dhimmichi akka itti ulfaatu deddeebisee akeekkachiisus
biraa hafuu hin barbaanne waan ta‟eef ciniinii qabde. Tokkummaanis
onnee ishee kanatti boonee, “Koottu egaa gaafa dhalannee duune hoo.”
jedhee fudhatee fiigichaan hiriyoota isaa qaqqabe. Yeroo jarri wal
arganii imala eegalanitti guutummaan magaalitti keessumaa qe‟een
warra kara-deemtotaa boo‟aa fi iyya hamaatu jira. “Egaa dabareen kan
isaaniitii haa boo‟an.” jedhanii dargaggoon dhugaa fi abbaa dhugaa
waliin gahuuf akkasumaas biyyaa fi abbaa biyyaa walitti deebisuuf
imaanaa sabichaa fuudhanii dukkana limixiin karaa qabatan.

********************

“Xurree Waaqoo Guutuu jalqaba isaa bareedduu, goolaba dhabdee,


qilleensa irratti hudhamtee, qilleensa hafuurfachuu dadhabdee, eenyutu
hudhaa kutee goolaba itti haa godhu laata? „Gabrummaa hundeen
buqqifna. Yoo dide immoo ilma itti guddifna.‟ jedhee?” jechaa
dargaggoo dararri jiruu isaanii suukanneesse abdii jireenya dhuunfaa
isaanii kutatanii saba isaaniif jiraachuu fi du‟a hin oolle seenaa
hojjatanii du‟uun saba isaaniif qajeelchanii du‟uuf murteessuun imala

90 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


isaanii itti fufan. Miila milkii manaa bahan waan ta‟eef imala isaaniif
gufuun tokko illee osoo hin dhahiin amma ta‟e tokko deeman.

Bosona Doshee keessa tuuta lakkoofsaan muraasaa, kan enyummaan


isaanii hin beekamne, kan daabeen isaanii akka rifeensa dubara
bareedduu dugda irra ciisutu jiraata. Tuunni muuxannoo dheeraa qabu
dargaggoo haalichaaf haaraa ta‟an dhoksaan duukaa bu‟u. yeroon
booda itti yaadanii dargaggoo kanatti of mul‟isan. Turtii yeroo yartuus
waliin dabarsan. Dargaggoonnis guyyicha irraa eegalee jara arguuf
bakka guyyichaatti deddeebi‟u. Jarris dursanii adda baafachuuf
dhokatanii duukaa bu‟u. Gaafa kaanii qonnaan bultoota keessaas nama
waan qabaniif manguddoo tokko nama muka muratu fakkeessanii
qottoo isaa fudhatee gara dargaggoo sanii dhaqee akka qoruuf itti
ergan.

Dargaggoo qorumsa jaarsichaa darban waliin deemuu murteessan.


Yeroo walitti dhufanii wal qoratan warra kaayyoo tokkoof daandii
adda addaa irra bahe ta‟an. Walitti gammaduun “Namni mana tokko
ijaaru citaa wal hin saamuu koottaa wal taanaa.” jedhanii firummaa fi
kaayyoo isaanii walitti makatan. Tuunni duraanii tuuta muuxannoo
qabuu fi miseensa muraasa qabu ta‟uu erga ibsaniifii booda tooftaa fi
sochiilee qaamaa, akkasumas ogummaa meeshaalee waraanaa
leenjisuu fi mudannoo jireenyichi qabu barsiisuu itti ciman.
Dargaggoonnis milkii isaaniitti gammadanii, waan jaallan isaanii irraa
argatan duukaa bu‟uu itti ciman. Karoorri isaanii inni jalqabaas
leenjicha ga‟umsaan argachuu fi miseensa baay‟ifachuu ta‟uu kan
murteessan tuutni hiriyoota muraasan hundeeffame kaayyoo isaanii
gara hojiitti jijjiiru eegalan. Biyya hunda irra deemanii miseensa horuu
babaay‟ifachuu itti ciman.

Tokkummaa fi Ateeteenis jaalala gidiraa keessaa mi‟eeffataniiru.


Dheebuu fi beela, dadhabbii fi gidiraa isaanis walumatti obsu.
Tokkummaan kaayyoon dhiittee manaa isa baafte, Ateetee isaaf jecha

91 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


manaa baate gufachiisuu hin barbaadu waan ta‟eef mucattii
kunuunsaa, jaalala kennaafii, jajjabeessa malee guyyaa tokkoof illee
jaalallee kiyya jedhee saal-quunnamtii waliin raawwatee hin beeku;
fedhii isaas miti; fedha ishees hin turre. Dirqamni tuutaan kennamuuf
waliini waan ta‟eef, yeroo hundumaa walumaan dirqama isaanii
bahanii yoo isheen dadhabde tirsaa, yoo isheen beeloftes barbaadee
nyaachisaa waliin gidiraa oolanii deebi‟u.

Jireenyi bosonicha keessaa immoo jireenya bineensa bosonichaan


tokkuma. Yoo argame nyaatu; yoo argame dhugu; warra boraatiin
dhagaa; hafanni baala mukaa; uffanis akkasuma. Roobaan tortoraa,
aduun waadamaa, qorraan waxalamaa, warra halkanis guyyaanis
tokkooti. Dhiqannaan bishaan laga yaa‟uun; isaa iyyuu saamunaan hin
jiru; rifeensa murachuu shiiggireen hin jiru mataanis bobaanis….
Daabeedhuma gugguuduroofte baatanii yaa‟u. Tokkummaa
dheengadda dhukkubni mana qonnaan bulaa amanamummaa qabuu
tokko ciibsitee irraa mursiifte irraan kan hafan, warra kaayyoo sabaa
fuudhanii manaa bahan waan ta‟aaniif homtuu isaanitti hin dhagahamu
baataniituma guyyaa laakkawwatu.

Guyyaa keessaa gaaf tokko, garuu osuma tuutni mariidhaaf bosona


keessatti wal gahanii taa‟anii kaabineen gandaa qonnaan bulaa tokko
argee “Saamtuun arge” jedhee bilbiluun loltoota mootummaa itti
waame. Yeroo kana jarris kan barbaadan kana waan ta‟eef,
battalumatti irra garagalanii yaalii to‟annoo taasisani. Tuutichis harkaa
bahuuf yaalii taasise. Wal baqachaa, wal ari‟achaa walii gamsiisaan.
Tuunni dargaggootaas dubbiin itti cimnaan iddoo qabatanii dhukaasa
jalqabani. Edduma tokko tokkoon funaananii of fuuldura garagachanii
rasaasni harkatti haphannaan baqannaa eegalan. Booddee loltoonni
mootummaa muraasni hafan wal hiranii kallattii tuunni dargaggoo irra
faca‟an irra wal facaasan. Amma mala sirrii argachuun isaanii hin
oolle. Dargaggoonnis mala isaanii hubataniiru waan ta‟eef harka
kennuu hin barbaanne.
92 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Haa ta‟u malee, fiigichaa fi dhokachoon isaan laaffisee jira.
Keessumaa Ateeteen jara waliin fiiguu dadhabdee jirti. Ta‟u illee,
harkas kennaa hin jirtu. Humnuma dhumte tokkoon osuma fiigduu lafa
fayyaa seetee boolla xiqqoo tokko keessa bu‟uun miilli achi keessatti
hafee kufte. Ishen hafte jechuun Tokkummaanis hafuu isaati jechuu
dha. Yeroo inni deebi‟e bakka isheen kuftee kaasu miilli ishee boolla
bu‟ee miidhameera waan ta‟eef ittiin fiiguu mitii ittiin deemuunuu
rakkisaa ta‟e. Malli harkatti dhumteetti waan ta‟eef abdii kutatan.
Dhaabatanii harka kennuu irra dahoodhuma wayiitti illee goranii takka
turuu filatan. Isaanis boolla guddaa bineensi qote tokko argachuun achi
keessa ruuqaman.

Loltoonnis kanuma gamteef duukaa isaanii fiigaa jiru. Isaanis amma


dargaggoo dhabaniiru waan ta‟eef abdii kutannaadhaan suuta deemaa
jiru. Suutuma deemaa dhufanii Tokkummaa fa‟aa irra darbu. Kaanis
fiigaa dhufanii bira darbu. Tokkummaan abdii kutee jira. Ateeteen,
garuu, “Amma nu argan; darban; amma hoo nu argan; darban; amma
hoo nu argan” osuma jettuu, osuma onneen ishee akka malee rukutuu
jarri darbanii dhuman. Yeroo isaan darbanii dhuman Tokkummaan
Ateetee miilli miidhame tirfachaa gara duubaatti deebi‟uun karaa
bosona guddaa keessa kutee deemu qabatan. Osuma deemanii malkaa
yaa‟u tokkotti dhufnaan itti irreeffatanii, bishaan dhuganii, fuula
isaanis dhiqatanii, qabbaneeffatanii kara deemaa fakkaachaa daandii
bosonicha keessa bahu irra demsa itti fufan.

Amma loltoonni tuuticha keessaa nama tokko illee qabuu hin


dandeenye waan ta‟eef humni akka dabalamuuf gaafatan. Yeroo kana
humni dabalameef hoomaa dhaan wal guuree bosonicha keessa xiixaa
dhufe. Tokkummaanfaas namoota machaaraa galan irraa waan tokko
tokko bitatanii kara-deemaa fakkaatanii innis uleesaa gateettii irra
kaawwatee isheenis waan tokko tokko harkatti qabattee okkolaa
deemti. Akkuma takka deemaniin hoomaan loltootaa itti dhufanii,
“Ijoolle loltoota asiin darban argitanii?” jedhaniin. Tokkummaanis,
93 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
“Eeyyeen waan ta‟e asiin wal hiranii hiranii fiigaa nu bira
darbaniiyyu.” jedheen. “Kana caalaa homaa hin agarrekaa?” jennaan
“Nutoo homaa hin agarre; maali rakkootu jira moo?” jedheen. “Lakki”
jedhanii bira kutan.

Ammas takka deemanii loltoota lama ta‟anii deemanitti dhufan. Isaan


kun michuuwwan waan ta‟aniif waan wal filatanii duubatti hafanii
dhugaatii wayii fuffudhatanii quuffatanii deeman fakkatu. “Waayi ket
new mitmatut- eessaa dhuftu?” jedhaniin. Tokkummaanis deebisee
“Kabet- manaa” jedheen. “Minihi nech isuwa; waayi ante duriye
sitabaligat wule new mitamatat ayidel- Maal keeti isheen;
saalquunnamtii wajjin gootee dhufta mitii gurbaa kashalabbee nanaa?”
jedheen. Innis deebisee, “Ihite nech iko- obboleettii kooti bar.”
jedheen. “Indi kahone koy ingidi isun yazew– akkas taanaan aaffi isa
qabi egaa” jedhee ofii Ateetee qabate. Tokkummaanis haalichi waan
isa naasiseef naasuudhum isaa, “Min litadarg new?- Maal gochuufi”
jedheen. Loltichis “Zim bal– cal jedhi” jedhee kabale.

Looltuun inni tokko Ateetee harkifatee dahoo bosonaa seenes akkuma


bosonatti seeneen qawwee lafatti ha‟ee, mucaa kuffisee qabsoo
gudeeddii jalqabe. Ateeteenis amma inni qawwee lafa kaa‟utti
garraamattee kufteefi malee yoom harka kenniteree! Jarreen lachuu
walitti hammaatan. Wayyaa ishee irraa baasuun gidira itti ta‟e; as qaba
achi qaba; isheen marmitee katee isheetti harka maratteetti. Loltichis
fala dhabnaan reebuutti ka‟e. Ateeteenis leenjii ispoortii cimaa qabdi
waan ta‟eef hin sarmineef; xaaxessitee qabde. Loltichis osuma of irraa
dhorkuu abdii kutannaa tokkoon Ateetee miilli dura boolla bu‟ee
buqqa‟e guntuta akka eeboo dhadhaabatu dhahe. Isheenis dhaabachuu
dadhabdee kufte.

Namtichis “Injifadheera.” jedhee yeroo kofoo isaa hiikkatee wayyaa


irraa baasuuf jedhu isheen ammas mormii ishee hin dhiifne. Ta‟u illee,
amma akkuma ta‟etti katee irraa baafate. Yeroo inni katee irraa baasu

94 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


kofoon jala jira waan ta‟eef ammas qabsoo biraa barbaachise. Qabsoo
isaa itti fufuun amma illee kofoo ishee irraa baase. Kan hafeef gudeeda
ishee seenuu qofa. Isaaf carraan hin laatamneef. Atetee ciniinnattee
gudeeda ishee walitti hiite loltuun waggaa heddu soorame banuu
dadhabuun isaa nama hin dhibuu! Amma laaffifate waan ta‟eef
bashannanee seenuuf ta‟a. Amma adeemsa hundaa fixee isinii marga
fudhannee gudeeda ishee keessa seenee uddu– mutee of irraa baasee
qaama isaa dhangoogfatee itti mixixuu jalqabe.

Tokkummaanis hedduu haaru illee obsaan amma loltichi Ateetee


qabate dahootti gorutti gurra buusee dhaabate. Sana booda “Na
gadhiisi” jedhee mormuu jalqabe. Loltichis mormii Tokkummaa waan
sodateef akka hin jirretti dhahee lafa buusee rasaasaan dhahuuf itti
tottolfate. Yeroos Tokkummaan ija gamnummaa wayiin “Ishi baka
towegn indafalak adirguwat- tole egaa ana na dhiisaa akkuma feetan.”
jedhee kadhaa eegale. Loltichis “Akimihin satak litintarara nebark
ayidel duriye arfe takamat ahun- humna kee osoo hin beekiin
hihhixachuu barbaaddeeyyuu mitii callisii taa‟i.” sijaaraa fi kibriita
kiisha isaa keessaa gadi fuudhee qabsiifatee aarsuu jalqabe. Yeroo
kana Tokkummaanis waan ispoortii hoo halkanii guyyaa leenji‟aa ture
wan ta‟eef lolticha irra dhaabatee tamboo haarsu achi of irraa ha‟ee
dadacha‟ee asii fi achi u‟utaalee dhukkee irraa kaase. Qawween gama
tokko loltichi immoo gama biraatti kufe. Yericha Tokkummaan
qawwee fudhachuuf achi fiige; loltichis bitittisee ka‟ee duukaa fiige.
Osoo qawwee bira hin gahiin walitti garagalan.

Loltichis waan irra aanu fakkaata; akka malee deddeebi‟ee rukute;


Tokkummaanis deddeebi‟ee qolachuuf yaalii godhe. Booddees loltichi
itti hammaatee akka hin jirreetti dhahee lafa buuse. Tokkummaanis
gatantaree lafaan of dhahe; loltichis kuffise waan ta‟eef qawwee
fudhatee Tokkummaa hidduuf gara qawwee isaatti sussuke.
Tokkummaanis sussuka isaa argee loltichi yeroo qawwee fudhachuuf
gadi gugguufu akkuma leenca gafarsa qabatee dugda gubbaatti utaale.
95 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Osuma wal gangalchanii Tokkummaan takkumaan abootteen
liqilmsituu dhahee conqolaase. Namichi gaggabee lafa dhahuun
kaleessa ganama ta‟e namicha gaggabee kufe ujummoo killeensaa
cufee meeshaa irraa fudhatee karaa Ateeteefaa duukaa kute.

Tokkummaan tokko galaafatee abbaa mirgaa ta‟ee qawwee loltichaa


gateettii irra kaawwatee saffisaan qaxxisaa lafa qabsoo Ateetee
fa‟aatiin bahe. Tokkummaan abshaalummaan nama booji‟ame
fakkaatee kallattii isaan itti bosona seenan hordofaa ture qawwee isaa
fudhatee suuta luuxee irraan bahe. Ateeteen tasa Tokkummaa argitee
humna gara ta‟ee dhufeen lolticha of irraa darbuuf yaalte. Loltichis
achi darbamee yeroo as itti deebi‟u Tokkummaa qawwee naanneffatee
mataa isaa dhahuuf tottolfatu of irratti arge. Miliqee jalaa utaaluun
Tokkummaa dhahee gama tokko qawwee immoo gama biraa buuse.

Sana booda qabsoon jarreen gidduutti hammaatte. Loltuu Tokkummaa


kuffisee qawwee fudhachuuf sussuku Ateeteen duubaan saggoo irratti
utaalte lafaan dhoofte. Ammasittuu Tokkummaan bitittisee ka‟ee wal
gargaaranii loltuu reebuu eegalan. Loltichis itti cimee jara
dabareedhumaan kukuffisa. Ijoolleenis ciccimoo waan ta‟aniif kufanii
hin hafan ittumaan atakaru. Booddees murtee jabaan gama gamatti
isaan kukuffisee qawwee isa fudhachuutti fiige. Yeroo loltichi qawwee
isaa fudhatee ol jedhu Tokkummaan dhagaa cimaa tokko argatee
sammuu loltichaa irra boqochiise. Loltichis qawwee isaa boraafatee
lafa dhahe. Sana booda Tokkummaan fa‟aa qawwee isaanii fudhatanii
yoo dhukaasan loltoonni dura darban sagalee dhukaasaa dhagahanii
deebi‟uu waan shakkaniif akka uleetti ittiin tumanii ajjeessan. Sana
boodas jaalallee isaa kaafatee wayyaa ishee itti uwwisee isa karaa
irratti du‟e akka warri duubaan dhufan hin agarreef bosonatti harkisee
jaalallee isaa fi qawwee lama fudhatee iddoo dhokannaa isaaniitti
qajeelan.

96 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Akkuma bakkee dhokannaa isaanii gahaniin Ateetee kennaa
Tokkummaaf qabdu, isa afaan sareetii baafame, akka kennitee gaabbii
of irraa baaftuuf gaafatte. Tokkummaan dur Ateeteetti gufuu ta‟uu hin
barbaanne waan ta‟aa oole hundaa arge waan ta‟eef osuma ofitti
gadduu kennaa jaalallee isaa fudhate. Dubrummaa Ateetee fudhate.
Ateetee kennaa addaa kenniteef hoo maaltu kennamaaf laata moo hin
barbaachisuufi?

Ajaa‟iba arguuf deemna! Tokkummaan takkumaan raajii hojjechuuf


deema. Kennaan waggaa dheeraaf kunuunfamaa turte har‟a murtee itti
murtaa‟e mufachuun ishee hin oolle; guyyaa muraasa dura Ateeteen
dirqama akka baatuuf ajajamtee Tokkummaa faana ramadamte akka
isheen deemtee dirqama hin baanee fi waanta Tokkummaa biraa ishee
hambisee isa qofaa deemsise ni dagatani moo beekaniituma laata?
Torban lamaan har‟aa Ateeteen laguun rakkisee dhimma irraa ishee
hambise. Akka nama guyyaa lakkaawwatee ta‟ekaa dubbiin. Ijoollee
qodaa saaqamee hin beekne saaqxee dhangaa dhamdhamtee hin
beekne dhamdhamte eenyu wal irraa ittisee danda‟aree? Turanii turanii
walii qunxuru. Badanii badanii walitti hatanii dhufu.

Hiriyoonni isaanis dadhabbii heddu booda osoo harka diinaa hin galiin
hunduu deebi‟anii dhufan. Loltoonnis haalichatti heddu haaranii fala
faluuf walgahii taa‟an. Fala biraa waan dhabaniif bosonicha guddaa
qabeenya uumamaa osoo uummanni hin beekiin dhoksaan gubsiisuu
murteessan. Nama gubus kafalaniifii itti ergan. Karoorri isaanii galma
gahe. Ibiddi bosonichatti qabatee guyyaa hedduuf gubaa tureen booda
barattoonni mana barnootaalee naannichaa duula irratti bahanii
dhaamsan. Barattoota duulicha irratti hirmaatanis tarkaanfii irratti
fudhachuun hin oolle. Warri bosonicha keessa jiraatanis wal hiranii
iddoo dhokannaa isaanii jijjiiruun waliif galanii yoo deeman, warra
carraa biyya alaa argatan ni sokkan; warri kaanis dawoodhuma argatan
jiraachuu itti fufan.

97 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Ateetee jabdittiin ammuma oolte bultu fedhiin addaa fi amalli addaa
itti dhagahamuu jalqabe. Dadhabbii dhukkubbiin makaa, dhiphinaa fi
aarii, akkasumaas isa dur waanuma argatan nyaatanii bulan fedhii
nyaata ishee muraasa ta‟uun waan argamuu hin dandeenye ishee
kajeelchisuu jalqabde. Ji‟oota muraasaafis marsaan laguu ishee addaan
cite. Jarroo waan kana hin beekanii waan ta‟e wallaalanii dhiphatu.
Haalicha kan shakkan hiriyoonni isaanis waan ishee irratti mul‟achaa
jiru hundaa gaafatani edda baraniin booda, isaan keessaa tokko waa‟ee
dhimmichaa ni beeka waan ta‟eef ulfaa‟uu ishee itti hime. Kana ta‟uu
isaaniitti hedduu kan gaddan jaalalleewwan lamaan fala barbaachuuf
mariitti taa‟an. Dhuma irrattis dogoggora isaaniif itti gaafatamummaa
fudhatanii Ateeteen akka deessuuf murteessan.

********************

Yaa Ateetee! Guyyaa maalii manaa baate laata! Dahoon qabsaa‟otaa


dahinsaaf waan hin mijanneef magaalaatti bahanii namatti makamuun
dirqama itti taate. Tokkummaan imaanaa saba isaa fuudhee bahe
sababa jaalallee isaatiif hiriyoota isaatti dabarsee kennee magaalaa
ofiifis ta‟ee magaalaan isaan hin beekne Magaalaa Dambi Doollootti
mana kireeffatanii galan. Ilmoodhakaa maal malaree! Kaayyoo isaa isa
jijjiirsifte. Akkuma galanii jiruu eegalaniin Tokkummaan halkan
halkan waardiyyaa abbaa qabeenyaa tokkoo ta‟uun, guyyaa guyyaa
immoo daldala xixiqqoo magaalaa keessa naannessaa oola. Haala
kanaan ofis jaartii isaas jiraachisuu danda‟eera.

Yeroon booda namnis isa baree maamiltoota horachuun hojii daldalaa


isaa cimsachuun waardiyyaa halkanii dhiise. Adaduma hojii fi nama
baraa deemuun, daldala isaas babal‟isee yeroo tokko tokko immoo
dhoksaan dawoo qabsaa‟otaa michuuwwan isaa faffaca‟anii bosonatti
hafan bira deemee, meeshaa garaagaraa fidee, maamiltoota isaatti
gurguree, maallaqa isa irraa argatus waayiloota isaa kaayyoo sabaa
harkatti dhiisee dhufe deeggara.

98 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Ateeteenis guyyaa ishee eegdee ciniinsuun qabamte. Ilmi abbaatti bahe
akkuma abbaa isaa haadhaaf rakkisaa ta‟uu hin oolle. Innis akkuma
abbaa isaa, “Addunyaa warri koo keessa jiranitti bahu moo dhiisu?”
jedhee osuma shakkuu shaxxee abbaa isaa luf as jedhe. Ateeteenis
hoofkalte; Tokkummaanis gammade. Silaa fira achii hin qabanii
firuma Waaqni qopheesseef kan Tokkummaan sababa hojiitiin wal
baretu itti deddeebi‟ee deeggara. Warri Dambi Doolloos warra
seetanii! Warra garaa nama nyaatani; akkuma Oromoota biroo aadaa
ajaa‟ibaa qabu. Hedduu wal mararsiifatu; Tokkummaas kutaan hin
qoodneetii akkuma ilmoo isaaniitti kunuunsanii haadha manaa isaa
ulmaadhaa kaasan. Ateeteenis jabduu gidiraa meeqa keessa dabartee as
geesse waan taateef, amma kana deeggarsa hin barbaannee mudhii
ishee jabeeffattee kaate. Ilma isaaniitiifis maqaa „Ga‟eeraa‟ jedhamu
baasaniif. Ga‟eeraa Tokkummaa Jabeessaa osoo Waaqni hin
gargaarree silaa ormaaf dhalata ture; abbaa fi haadha jaboo, akkasumas
gargaarsa Waaqaaf kan abbaa isaa ammaa kana ta‟ee dhalate.

Tokkummaan bilisummaa barbaacha manaa bahee ilma argate maal


yaadaa jira laata? “Gabrummaa hundeen buqqifna; yoo dide immoo
ilma itti guddifna.” J/Waaqoo Guutuutu jedhe. Waan qomoo isaa waan
ta‟eef Ga‟eeraa sabboontota irraa miliqqeen dhalate gaaffiin
akaakayyuu irraa darbaa dhufe ammas isa eeggachuuf tirachuun ishee
hin oolle. Maarree Ga‟eeraa yoo ta‟es eessaan badaree; haadha badaaf
Ateetee dha; abbaa badaaf Tokkummaa homtuu hin dandeenye;
eenyutti bahee badaaf nama shakkisiisaree?

Ilmi dhalatee Tokkummaa ol deebisuu hin oolle. Deebi‟ee bultee isaa


yaadate, ta‟u illee mucaa guddisaa barnootatti deebi‟uun akka itti cimu
waan yaadeef hojii isaa hojjachaa qaanqee keessa isaatti dilbaayee
barbada jabaa dhale faffacaasaa mucaa isaa barsiifachuu murteesse.
Maarree haati isaas murteeffattuun ilmoo isheef jecha waadamtee
namaa gadi taatee achi buuteen ishee iyyuu dhabame waan ta‟eef innis
ilmoof iddoo addaa qabaachuun isaa hin oolle. Kanuma
99 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
sababeeffachuun karoora isaa babal‟isee ilma isaa guddisee kaayyoo
jalqabe itti dabarsee galmaan akka inni gahu imaanaa laachuufiin isaa
waan oolu miti. Carraan Ga‟eeraas jiidhaa tokko. Kan dura abbaan isaa
harkatti baatee olii fi gadi naanna‟ee gurguru amma dukkaana banatee
dabareen maamilaa iyyuu wal hin gahu. Tokkummaan kana arguuf
mul‟ata hin qabu ture. “Yeroo kenne hin qacqacu.” jedhe Oromoon.

Tokkummaan daldala qarshii shantamaa irraa ka‟ee amma dukkaana


dhuunfaa isaa bitatee mana jireenyaa bal‟aa kan kireeffamu dabalatee
maallaqa kuma dhibbaan lakaa‟amu horee jira. Ga‟eeraanis ga‟eefii
mana barnootaa galee jira. Mucaa imaanaan baay‟ee itti gatamuuf
deemu kunuunsi barbaachisu haalaan godhamaafii jira. Hubannoon
waa‟ee eenyummaa isaa immoo akkuma nyaaata isaa yeroo yeroon
kennamaaf. Mucaanis qaxalee qaxaleewwan keessaa bahe waan ta‟eef
waan itti himan lafa hin buusu.

Sekondiin wal taatee daqiiqaa dhalte; daqiiqaan wal taatee sa‟aatii


dhalte; sa‟aatiin wal taatee guyyaa dhalte; guyyaan wal taatee torban
dhalte; torban wal taatee ji‟a dhalte; jiini immoo waggaa dhalte;
Tokkummaan fa‟aas jireenya isaanii Dambi Doolloo waggaan
lakkaawwachuu eegalan. Dureeyyii beekamoo magaalichaa waamaa
yoo jedhan, Tokkummaa fi Ateeteen waamamuu jalqaban. Ta‟u illee,
“sirnichi sabicha kallattuma kamiinuu cimuu fi dorgomaa akka ta‟u
waan hin barbaanneef, dureessa sabichaa sababa garaagaraa
uumuun mataa keessa gadi tumanii quucarsanii gadi deebisu. Saba
isaaniif immoo akka caalanii fi dorgomaa dhabaniif karaa hedduu
deeggaruu itti beeku waan ta‟eef dubbiin baramte gara Tokkummaas
dhufuu hin ooltu. Jara deeggarsi kennamuuf lakkoofsa hin qabu. Biyya
namaa dhaqanii akka biyya ofiitti burraaqanii akka fedhanitti
jiraachaa waan fedhan haasawaa abbaa fedhan arrabsaa jiraatu.
Seerri isaan gaafatu hin jiru. Yoo fedhanis heddumminaan
qubsiisaniitu bakkicha akka ofiin of bulchan haala mijeessu.
Akkaatuma kanaani lafti Oromiyaa jedhamtu kallattii hundaan irraa
100 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
ququnxuramtee gara dhumuuti. Deeggarsi gama hojiis maallaqa
kennuufii irraa eegalee hanga lafaa fi qabeenya jajjaboo kennuufiitti
deema. Yeroo daldalanis ta‟ee hojii biraa hojjatan gibirrii fi baasiin
isaan baasan hin jiru. Dabalataanuu gorsaa fi leenjii adda ta‟etu
isaaniif kennama.” jedhu keessa beektonni.

Warra Oromoof immoo “jechoota haamilee nama dhoowwantu


gumaachamaafi. Yoo inni daldaluu eegale „Dhiisi abboo maal
daldalta; maal dhabdee daldalta; qe‟ee kee jirta silaa maaltu si
rakkise; dabalees daldala hin beektu; daldallii waan sanyii keetii miti;
Afaan Oromoo dubbachaa akkamiin duukkana daldalaa keessa
dhaabatta; sis hin fayyadu; Oromoon hin daldalu‟ fi kkf jedhuun.
Abbaa didee daldales gibirrii fi baasiin isa baasisan bara tokko yoo
hojjate bara lammaffaa akka itti fufee hojjatuuf hin dandeessisu.
Dhiisee baadiyyaatti deebi‟ee qonnaa fi horii isaa horsiisa.” Keessa
beekeyyitu itti dabalee haasa‟a. Ta‟u illee, Tokkummaa haamileen isaa
jabaa fi hundaaf deebii waan qabuuf hunda itti beekee dhiibbicha
cabsee baheera.

Tokkummaan dheebuu barnootaa waan qabuuf gara sana illee yaadus,


mucaan isaa iyyuu dheebu baasaa dha. Hojiidhumatti cimee beekamtii
magaalichaa gonfate. Mana kireeffamus hedduu babal‟ise. Mana isaa
kan kireeffatu hojjattoota mootummaa yoo ta‟u, maatiin ciccimoon
tokko tokkos ijoollee isaaniif bakka mijaa‟aa barbaadu waan ta‟eef
mana Tokkummaa barattoonni kireeffatan hin dhiban. Qe‟een
Tokkummaa seensa karra isaa irraa eegalee mallattoolee eenyummaa
ofii nama barsiisanii fi nama dammaqsaniin faayamee argama waan
ta‟eef namni qe‟ee isaa kireeffatu illee nama salphaa ta‟uu hin qabu;
yoodhuma ta‟es namni mana jireenyaa isaa seene kitaabilee seenaa fi
barreeffamoota Afaan Oromootiin barreeffaman, waa‟ee Oromoo
nama barsiisan heddumminaan jiru. Akkuma dallaa keessaa
meeshaaleen isaan mana isaa keessatti fayyadaman kan aadaa
Oromooti waan ta‟eef barachaa fi argaa bulaatii ni dammaqa.
101 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Guyyaa keessaa gaafa tokko dubbiin Tokkummaa quucarsitee biyyaa
isa baafte tokko immoo qaanqee ishii afuuftee ibidda taasifattee
manneen barnootaa biyyattiitti kaate. Tokkummaan yoo argu of
yaadatee dhukkubni isaa itti ka‟uu eegale. Ta‟us, haalonni tokko tokko
isa daangessuu hin oolle. Dubbiin bakka biraatti ka‟e isaan birattis
ka‟uu hin oolu waan ta‟eef barattoota shakkaman walitti guuruun
dhufe. Barattoonni shakkaman muraasnis mooraa Tokkummaa
kireeffatanii galu waan ta‟eef galgala yeroo inni hojii galu jarri
dhufanii ijoollee guurratanii gara mana hidhaatti fuudhanii deeman.
Tokkummaan dukkkaana cufee qe‟ee isaa dhaqee barattoota akka
hiriyoota isaatti waliin haasa‟u warra inni qaree eenyummaa isaaniin
akka boonanii falmatan barsiisee Tokkummaa hedduu oomishe yoo
manaa dhabu akka jarri guurratan shakkee darbee mana jireenyaa isaa
seenuun yoo gaafatu shakkiin isaa ni dhugoome.

Dubbittiin Tokkummaa madaa isaa itti kulkulchiisuu hin oolle.


Halkanicha obseetuma bulee ganama uffata, ciisichaa fi waan
nyaatamu qabatee bakka barattoonni itti hidhaman deemuun
maallaqaan dabaalee kenneef. Jarri Tokkummaa achitti arganii gochaa
isaa kanaan dhukkubsatan qorannoo Tokkummaa eegalan. Innis
deeggarsa isaa itti cimse. Leenca Ateeteef malee jilbeeffatee hin
beekne doorsisas ta‟ee sossobbaan isa hin teessifne. Jarri sossobaniis
doorsisaniis dadhabnaan haala isaa waan sodaataniif qorannoof akka
waajjiratti dhiyaatuuf deddeebi‟anii waaman. Innis, “Ani daldalaa dha
malee gaggeessaa siyaasaa mitiitii qorannoon koo waan meeshaa
gurguramuu fi bitamuuti; inni immoo dukkaana keessattii yoo feetan
as koottaa na qoradhaa.” jechuun deebiseef. Jiruu isaanii keessatti
namni akkanaa isaan mudatee kan hin beekne ergamtoonni eenyuu fi
maaliif akka jiraatan hin beekne hedduu sodaatan.

Yeroon booda dubbiin magaalicha keessatti akka malee cimnaan


magaalicha keessatti barattoota qofa osoo hin ta‟iin jiraattota shakkan
tokko tokko illee mana hidhaa galchuuf murteessan. Akkuma murteen
102 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
baheen lakkoofsa tokko Tokkummaa qabuuf gara dukkaana isaa
deeman. Tokkummaanis jara hidhannoon shan ta‟anii gara dukkaana
isaatti yaa‟an argee rasaasa isaa guuttatee dhaabatee eege. Jarris
akkuma dhufaniin xalayaa waamichaa itti kennanii, “Dafii amma as
bahi.” jedhaniin. Innis, “Tole dhufe.” jedheenii yeroo isaan dukkaana
keessaa gadi yaa‟aniif, “Isin nama waan jiraattaniif hin beeknee
dhumuutu isiniif mala.” jedhee shanan isaanii iyyuu wal irra naqee
dukkaana isaa cufatee karaa irra qajeele. Tokkummaan jiruu isaa
keessatti lubbuu ergamtoota 11 galaafate mana isaa ganamaa kan taate
mana hidhaatti deebi‟e. Ateetee fi Ga‟eeraanis jiruu abbaa qe‟ee hin
qabnee jalqaban. Tokkummaas yakki isaa cimaa waan ta‟eef, mana
isaa duriitti ol erginaan Ateeteenis mucaa ishee fudhattee lafa, mana,
dukkaanaa fi qabeenyaa magaalichaa qabdus gurgurattee bakkee
dhaloota ishee qorattee deebitee galte.

Ateetee fi Ga‟eeraan Gudaritti galanii mana bitatanii jiruu bareedaa


jiraachuu jalqaban. Haadha ishees barbaaduu hin dhiifne, ta‟us
argachuu hin dandeenye. Ateetee haadha ishee barbaaddee dhabde
guyyaa tokko dubartii jiruun itti bade bifti bade rifeensi irratti
caccabee ijoolleen beeloftee itti boochu kan karaa irra teessee
akaawwii gurgurtu argite. Ateeteenis mucaa osoo haadhatti boo‟uu
akaawwii gannaqee haati itti aartee imimmaan ija guute arguu isheetti
garaan badee itti gortee dubbifte. Achiis maal akka ta‟an gaafatte.
Dubartittiinis seenaa jireenyaa ishee hundaa tooraan itti himte. Yeroos
Ateeteenis imimmaan lolaafachaa naasuun of irra qucuummatte.
Boochee harqitee harmee isheetti harka maratte. Haadha Ateetee niitii
nama guddaa qe‟ee fi jiruu guddaa keessaa weeraramtee kashalabboota
sirnichi biyya irra facaase warra dhiiga lammiitiin cooma murachaa
wuskii cirriifkatuun ari‟amtee ijoollee guddisuuf karaa irra teessee
akaawwii gurgurtee jiraatti. Faallaa jiruu ishee ganamaa jiraatti. Sana
booda harmee fi obbolaa ishee bakki bultii isaanii ijaarsa jabaa hin

103 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


qabne machaa‟aan tasuma cufaa isaanii banatee seenee haadha ishee
gudeedee lakkuu deesseef fudhattee gara mana isheetti galte.

Tokkummaanis murteen hidhaa umrii guutuu waan itti murtaa‟eef


abdii isaa kutatee jiruu isaa gaashiree keessaa eegale. Ateeteen jiruu
ho‟ifattes dukkaana bitattee daldala bakka turanitti daldalaa turan waan
eegalteef jiruun itti tolee jira. Abbaa warraa ishees mucaa ishee waliin
yeroo yeroon deddeebitee deemtee dubbifti.

Guyyaan Kamisa ganama; dukkaana daldala ishee banattee mucaa


ishee waliin daldala jabaa irra jirti. Dubartii tokko, dhiira tokkoo fi
mucaa dhiiraa tokko ta‟aniitu balbala dukkaana ishee irra gahanii
nagaa gaafatan. Ateeteenis nagaa gaafattee yoo ilaaltu mucaa xiqqichi
mucuma fuuldura dukkaana isheetii kophee qulqulleessu beekti malee
jarri kuun fuulli isaanii haaraa itti ta‟e. Mucichi jara fidee dhufes,
“Mee jarri kun isin iyyaafatuu namni daka sanaa fidee itti agarsiisi
naan jedhee dubbisaamee.” jedheetu bakka hojii isaatti sokke.

Ateeteen maamilli itti baay‟atee ija iyyuu hin qabdu. Osoo isaan hin
dubbisiin gara daqiiqaa hedduu daldaltee booda maamilli xiqqoo
hir‟annaan jara yaadattee gara keessummootaatti deebitee fuula jara
lachuu ilaalte. Yeroo fuula dubartittii ilaaltu mallattooleen
Tokkummaan “Natti himan” jedhee itti himaa ture tokko tokko irratti
mul‟atu. Lapheen fash jedhe. Miira addaatu itti nam‟e; ni naate.
“Ishuma ta‟aa laata?” jettee shakkuufis akka Tokkummaan itti himetti
yoona waan lubbuun jirtu miti. Ta‟us, ateeteen hedduu rifattee ija
naasuutiin fajajjee ilaalti.

Dubartittiinis amma qulqulleeffattutti jarjartee ija irraa qabattee


“Nagumaa? Isin bira dhufneeyyubar.” jettee Ateetee qalbiin bade
deebisuuf yaalte. Ateeteenis naasuudhumaan, “Ih?ih? ih? Naguma,
maal isin gargaaru, maal barbaaddan? jetteen. Dubartittiinis deebitee,
“Ani Simboon jedhama; dur…” jettee yeroo isheen haasaa itti fufuuf
jettu Ateeteen dur isheetti maramtee dhungoon maxammaxxee fuute
104 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
imimmaan of irra lolaasaa. Simboo yoo taate hoo umrii ishee guutuu
boo‟aa baate waan ta‟eef isheef haaraa hin taanee imimmaan ishee
dhaba hin qabne dhanquun lolaasuutti jette.

Simboon waa‟ee mucaa isheen waadamtee waa‟ee abbaa manaa isheen


maraatte yaalii abbaa manaa isheetiin fayyuu dadhabdee wayyaa
buuftee biyyaa baate. Konkolaachiftoonni argan fuudhanii biyyaa
biyyatti osoo dabarsanii Dirree Daawaa qubachiisan. Dirree biyya
jaalalli itti dhalatee, itti guddatee, itti firii horee, itti dulloome hunduu
waan qabu waliin nyaatee dhugee wal gargaaree waliin jiraatu maaf
geesse laata? Simboon Dirreen baate takka maraatuu, takka kadhattuu
fakkaatti; beeki isheen qalbiin darbeera.

Guyyaa keessaa gaafa tokko jiruu Simboo kan duukaa bu‟u namichi
dureessi beekamaan Dirree tokko hedduu waan gaddeef itti siqee
haasofsiisuu barbaade. Yeroo inni bira gahu Simboon, “Gudar
gudeelcha bobeessaa daandii hin dabarsu qorraafuu; dubbii qilleensatu
odeessaa wal hin agarru sobaafuu.” jettee sagalee shimbirroo muka
irraa harcaasu tokkoon weeddifti. Dabaltees, “Ambo keessaa yaa baala
goodarree suman eegaa yaa baala goofaree, yaa jaarsa koo qarree.”
jettee talaliifti. Weedduu ishee yeroo hundaati. Namtichis weedduu
isheetiin qalbiin bade ittuma siqe. Isheenis weedduu ishee addaan
kuttee arrabsoon jechoota hin jedhamne jetteenii gaddisiifte. Namtichis
osoo itti hin aariin gaddeefii dhiisee deeme.

Gaafa biraas deebi‟eetuma tuttuqa. Isheenis inuma arrabsiti. Arrabsoon


ishee namichichaaf araada ta‟ee osoo hin arrabsamiin buluu hin
barbaadu waan ta‟eef karaa ishee daddarba. Yeroo dheeraaf osoo
akkas ta‟anii gaaf tokko inni osoo itti hin dubbatiin callisee darbe.
Yeroo kana bakkuma teessuu kaatee “Maal immoo maal taate har‟a
kan cufamteef, bidden hin nyaannee laata? Garuu, biyya kanattoo
bidden miti jaalalatu nyaatamaa maaf naan hooddaree yaa michuu”
jettee itti kasaate. Innis kolfaa deebi‟ee nagaa gaafate. Isheenis nagaa

105 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


gaafattee akkuma nama fayyaa itti kolfaa simatte. Namtichi itti siqee
nagaa gaafatees qaama ishee hundaa hubatee balaa ibiddaan akkas
ta‟uu ishee shakkee gaddaafii osuma wajjin haasa‟uu gidduutti “Badi
asii kana caalaa si hin gahuu?” jettee itti lollaan biraa deeme.

Guyyaan Kamisa ganama; halkan guutuu dubartittii yaadaa abjuunis


argaa waan buleef akkuma ciree isaa nyaateen yaadatee dhaqee wajjin
taphachuuf sardame. Simboonis akkuma inni dhufeen “Michuun koo
dhufe.” jettee utaaltee kaatee akkuma nama nagaa mana isaatti
keessummaa simatuu lafa qullaa waan teessoon jiru fakkeessitee
yaadaan haxaawaa “Kunoo kunoo as taa‟i bareedaa koo.” jettee
teessifte. Innis isheedhuma gammachiisuuf waliin daaraa keessa taa‟e.

Sana booda waliin taphachuu eegalan. Simboonis hedduu gammaddee


waliin taphatti; amma yoo ilaalan nama nagaa fakkaatti. Innis wajjin
oolee yeroo sa‟aatiin laaqanaa gahu illee achuma taa‟ee mucaa
„Kamaal‟ jedhamu karaa irraa waamee ergee laaqana fichisiisee waliin
nyaatan. Sana booda suutuma suuta gara jiruu fi jireenya isheetti
seenuun eessaa, akkamitti akka dhuftee fi maal taatee akka dhufte
gaafate. Simboonis maraatummaan ishee itti ka‟ee namicha arrabsuun
rukutuuf itti gamte. Akka waan inni ishee barbaadee fakkeessitee
“Ka‟ii badi amma mana kootii; dubartoota biraa nyaattee fixxee anatu
siif hafee? Ka‟i bahi amma.” jeettee akka waan mana keessa jiranii
namicha qaanessite. Namichis naasuudhaan ka‟ee deeme.

Namicha hoo araanni arrabsoo qabeera waan ta‟eef guyyaa biraas


achiin darbe. Yeroo kana Simboon akka waan mana qabduu lafuma
taa‟umsa ishee sana qulqulleessiti. Osuma qulqulleessituu yoo isa
argitu, “Oluma michuu koo situ dhufa jedheen mana qulqulleessa
mitii!” jettee ofitti waamte. Innis kan kaleessaa haaloo itti hin kuufnee
kolfaa bira dhaqee taa‟e. Isheenis adda isaa dhungattee, “Asuma taa‟i
egaa ani bunan siif danfisaa.” jettee itti bashaati. “Kaleessa sin aarse

106 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


mitii? Har‟a dhaggeeffadhu egaa kunoo.” jetteen. Isheenis tokko
tokkoon itti himte. Innis naasuu kachabbaa‟e.

Turtii yeroo dheeraa adda waraanaa irra kan ture namichichi kufaatii
mootummaa inni lolaafii ture booda shakkii yoo gale tarii haadha
manaa isaa jaalatu, “Nama biraatti na jalaa heerumteetti.” jedhuun
galee jeeqamuu kan hin barbaanne Dirreedhumatti hafee jiruu
dhuunfaa isaa ho‟ifatee dureessa ta‟ee basha‟ee jiraata. Maarree
guyyaan milki-qabeettittiin Simboo dhirsa isheef jettee maraatte dhirsa
ishee qarree waliin walitti hin finneeree! Jabeessaanis kan ishee
dhaggeeffatee akkuma fixeen imimmaan ija guutee ture dhanquun
lolaasaa ka‟ee yeroo inni itti marmu isheen immoo “Deemi achi ana
irraa; namichi inni kun qoosaa hin beekuun se‟a? michuu koo jedhee
sitti qoosnaan dhuguma seetee natti rarraataa?” jettee itti qasaate.

Mee osoo si ta‟ee akkamiin amansiifta? Jabeessaan haadha manaa isaa


argate qalbii ishee isaaf jettee dabarte hoo eessa yoo deeme argataree?
Akkamittis amansiisaree? Callisee taa‟ee boo‟uu jalqabe. Isheen
immoo itti kolfiti, “Ka‟i asii maalinni raatuun kun! Lafumaa kaatee
addunyaa kootti dhuftee na jeeqxa mitii amma? Ka‟ii deemi ani
boo‟icha hedduu dabarseeraa amma dabareen kan koo kan kolfaa naaf
dhufeeraa deemi addunyaa koo irraa.” jettee itti qasaati. Maaloo
Jabeessaaf mala inni ittiin amansiisu malaafiikaa!

Jabeessaan mala dhabes imimmaan isaa haxaawwatee Simboo maqaa


waamuun akaakilee fi abaabilee itti lakkaawe. Kan isaas itti dabale.
Firaa fi hiriyoota isaa fi kan ishee itti lakkaa‟e. biyyichaa fi haala
biyya isaas itti kaase. Akkaataa dhirsi ishee Jabeessaan itti qabamee
duulatti ergames itti hime. Dhuma irratti “Jabeessaa Abbaa Buttaa
jechuun ana.” jedhee harka fuudhe. Simboon dawaa dhukkuba ishee
argachuuf jettus akkatti amantu dhabde. Isheenis harka isaatti gogora
tuftee “Qis qis qis qis qis, balleessi achi harka kee kana; harka gumaa
natti qabaa kuni; ka‟i mana koo naaf gadhiisiitii deemi amma;

107 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


lammaffaa addunyaa kootti hin dhufiin.” jetteenii garaa kutte.
Jabeessaan abdii hore harcaasaa, imimmaan isaa of irra yaasaa,
hiiqqisaa, qalbii isaa goodaa irra facaasaa, kophuma haasawaa yeroo
achii ka‟ee harka facaasaa deemu addunyaa Simbootti waan makame
fakkaata. Uumamni marsaa ishee hin dhiifne; kan dhihes ni barihe
waan ta‟eef Jabeessaan ganamaan ka‟ee manneen hojii isaa hunda irra
naanna‟ee hojii ilaalee araanni isaa itti kaanaan ka‟ee gara Simboo
deeme. Har‟a akka yeroo kaanii miti; hoo‟inni Dirree daraan dabaleera
waan ta‟eef Jabeessaanis shaamizii baasee gateettii irra buufatee
jaappoonii qofaan deema. Yeroo lafa Simboo gahu har‟a Simboon lafa
jiruu ishee jijjiirtee olii fi gadi deemtee huuba guurti. Namoota argites
olii fi gadi ariiti. Jaalalli isheen daa‟imaaf qabdu akkuma jirutti jira
waan ta‟eef mucaa xiqqaa tokko argattee haadha irraa ari‟attee
baattattee dhudhungachaa gara iddoo isheetti dhufte.

Akkuma bakka ishee geesseen Jabeessaa iddoo ishee taa‟u argitee,


“Namichoo maal barbaacha manan ani hin jirre keessa teessa; bahi
amma hattittii mana koo hatuufii? jettee akka waan bakkichi mana
ta‟ee itti dheekkamte. Dabaltees, “Naaf deemi amma yeroo hin qabu;
mucaan koo mana barnootaatii dhufee; amma isan keessummeessaa ati
booda koottu.” jetteen. Jabeessaanis haasaa ishee kanaan hedduu
liqimfamee galaana yaadaa daakaa, imimmaaniin taphachaa achi irraa
siqee taa‟e. Simboonis mucicha waliin taphachaa ooltee sa‟aatii
dheeraa booda mucaa harka qabattee deemsa eegalte. Huuba walitti
guuraa nama argitee ishee jibbisiise hundaa dhagaa itti guuraa olii fi
gadi xiichaa karaa Jabeessaan taa‟u darbuuf dhaqxee Jabeessaa
arginaan itti gorte.

Jabeessaa aduun gubnaan shaamizii isaa mataa irra buufatee


jaappooniin taa‟u dhaqxee takka ni hammatti; takka ni qaqqabatti;
takka immoo “Argitee ati qaamni kee nagaa dha; kan koo immoo
ilaali; osoo si‟iitii ilmoo kee ibidda keessaa baasuuf ibiddatti seentaa?
Hin seentu; atibar dhiiraa akkamitti seenta; garaagarummaa haadhaa fi
108 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
abbaa argiteeree; yeroo haati akka boqqoolloo namaaf waadamtu
abbaan immoo jiraachuu fi dhiisuu ilmoo isaa iyyuu… raajii dha; ati
amma jiruu kee kanatti ni gammaddaa? Gammaddu iyyuu amma kootii
miti. Anibar gogaa koo lubbuu mucaa kootiin ittiin bite; ati maal itti
goote; homaa itti hin goone argitee? Hoolgatteettuma ittiin of dhiibdee
deemta kis kis kis kis kis … uuyi uffee.” jechaa osuma waxabarattuu
Jabeessaan yaadaan sokke ija keessa ishee ilaalaa imimmaan
shalalaalal of irra godhe. Simboonis kolfa ishee itti gadhiiftee osuma
hirree isaa qaqqabachaa ilaaltuu suuraa odaa irra jiru argite. Naasuun
achumatti kufte. Sana boodas dafqi irra yaa‟uun as hin deebine.

Jabeessaan niitii isaa argate isheenis dhirsa ta‟uu isaa beekuun ishee
gammachuu itti naqu illee of wallaaltee turuun ishee isa naasisuu hin
oolle. Naasuudhaan fiigee baajaajii fidee dhufee gara hospitaalaatti
yeroo geessu namoonni isa beekan, “Jabuunis ni maraatee jarana;
dubartii maraatuu as teessu waliin asii fi achi jedhabar.” jedhanii itti
qoosu. Jabeessaan niitii isaa hospitaala geessee, ogeessota
hospitaalichaatti sababa hundaa himee raawwatee gargaarsa
barbaachisu hundaa akka godhaniif gaafate. Jarris hanga danda‟an
yaalaniifii humna isaanii ol ta‟uu hubatanii waldhaansa caaluuf gara
Finfinneetti ergan. Warri Finfinnees dhimmichi gahumsa isaaniin ol
taanaan gara biyya Ameerikaatti ergan. Simboonis ji‟a shan guutuu
edda yaalamteen booda fayyummaa ishee gonfattee dhirsi ishee qalbii
ishee jalaa dabarse barbaadee deebiseefii mana isaa Dirreetti fudhatee
gale.

Kan isaan deebi‟anii Gudar deemanis turtii ji‟a jahaa booda egaa edda
Simboon dhukkuba ishee irraa damdamattee sirriitti cimtee
fooyyofteeyyi. Egaa Simboon mana warra ishee durii yoo deemtu
abbaa fi haadha du‟etti dhaqxe; qe‟ee fi nama babbadetti dhaqxe.
Suutuma jettee yoo dhiphatte haphina sammuu ishee beekti waan
ta‟eef hundaa ilaaltee daddaffiin lafa mucaan ishee jiru barbaacha
deebite. Egaa oduu oduu keessa Abbaan Ateetee nama beekamaa waan
109 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
ta‟eef intalli isaa Tokkummaaf dahuu ishee edduma deebitee Gudaritti
daldala jalqabdee beekame waan ta‟eef Simboonis mana mucaa ishee
baruuf baay‟ee hin rakkanne.

Haati Tokkummaa fi jaartiin isaa walitti marmanii eenyu wal irraa haa
gadhiisisuree! Jabeessaas yoo ta‟e akka dubartii imimmaan isaa
lolaafata. Namni “Jarana dhiisaa.” jedhu hin jiru. Gidduudhumaan
maamilli ishee akkuma durii hiriira galee mana guute. Jara imimmaan
lolaafatan kan argan maamiltoonni Ateetee sossobanii adda baasanii
tasgabbeessuuf yaalan. Ateeteenis gidduudhumaan “Kun ilma isaati.”
jetteen. Simboon gammachuu lafti itti dhiphate utaaltee ol fudhattee
liqimsuuf kajeelti. Haammattee of jala keessee takka turteen booda
afuura dheeraa “uufffff……. Ammannuu na gahe bagan waxalame.”
jettee amma dhiphatte galaana gammachuu daakuu jalqabde itti fufte.

“Tokkummaan koo hoo? Tokkummaa, Tokkummaa, maaloo innoo?”


jetti sardamtee. Ateeteen waan jettee himtu dhabdes afaan keessa
qabachaa “ho… ho… hojii deeme aaffaa ni dhufaa.” jetteen. Ateeteen
dambalii gammachuu daaktu dhirsa ishee yaadachuun yaadaan baatee
buuti. Maamilli dhufee dhaabates hunduu waan barbaadan itti himatu.
Isheen sagalee malee waan jedhan hin dhageessu. Fajajjeetu
dhaabattee Simboo ilaalti. Maamiltoonnis haala isheetti gaddanii yeroo
isheen tasgabboofte deebi‟uuf beellamatanii yaa‟u. ateeteenis nama
lapheen barbaaddu waan argatteef dukkaana ishee cuftee
keessummeessuuf mana jireenyaa ishee isa osoo hin nyaatiin nama
quubsutti fudhattee galte.

Ateeteen maatii ishee lammataa argatte waan nyaatamuu fi dhugamu


hundaa gargaartuu ishee waliin daddaftee qopheessitee dhiyeessite.
Ateetee harkii fi argi qixa bareedu nyaata quba nama kutachiisu
qopheessitee dhiyeessite. Jarris nyaata mi‟aawaa nyaachaa haasaa
isaanii wal harkaa butaa haasa‟u. Jarri waa‟een isaanii waan nama
boochisu malee waan nama kolfisiisu hin qabne kan walii walii isaanii

110 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


dhiisanii callisaniituma waluma bashannansiisuuf waan argan
haasa‟anii kolfu. Adeemsum keessa waa‟ee bu‟aa ba‟ii jiruu
dabarsaniitti dhufuun dabareedhumaan walitti odeessu.
Gidduudhumaan Ateeteen kuusaa suuraa affeerteetti waan ta‟eef jarris
ilma isaanii arganii hin beekne suuraa isaa i‟ilaalu. Simboon suuraa
mucaa ishee argite ammas sardamtee “Tokkummaan hin dhufuuyii;
maaloo waamaakaa; anoo…” jettee garaa nama raafti. Ateeteen
ammas deebitee afaan keessa qabatte.

Simboon irruma deddeebiftee sarditee gaafatte. “Maaloo lubbuun hin


jiru moo maaf hin waamne iddoo ta‟ee?” jetti. Ateeteenis,
“Tokkummaan koo osoo hin jiru ta‟ee immoo akkamiinin jiruu akkas
bareedu jiraadhaayyu?” jette kaarruu ishee bishiq gootee. Jarris amma
ka‟anii walitti marmanii Ateetees dhungachuun deebi‟anii tataa‟ani.
Ateeteenis deebitee, “Garuu, …” jechuun waan ta‟e hundaa itti himtee
mana hidhaa inni jirus hubachiisuun bariitu waliin deemanii ilaaluu
akka danda‟an itti himte. Jarris, “Bakkuma fedhe haa jiraatu;
lubbuudhumaan haa jiraatu malee.” jedhan.

********************

Lukkuun deddeebitee iyyite; Weennoonis waljalaa qabanii :Korr korr


korr korr: jedhu; Shimbirroonnis waanuma sirba dhaabbatan fakkaatu,
:Wuc wuc wuc wuicicicicic wuc wuc wuc: jedhu; Bakkalchis bahe.
Guyyaan Jimaata ganama; biiftuun reefu iddoo golgaa ishee asii fi achi
qabdee, “Imala jalqabeera; dhufaan jira.” waan jettu fakkaatti. Maatiin
ilma gahee fuudhee akaakayyuu agarsiise osoo hin beekiin haadha
warraa isaa fi mucaa isaa baran ilma isaaniis baruuf halkan bari‟uufii
diddee rakkisaa bultee akkuma ta‟etti bariite. Akkuma lafti ifeen
walfudhatanii Tokkummaa ilaalcha imala gara Finfinneetti qajeelan.
Waaree keessaa sa‟a afur yoo ta‟u, Tokkummaan bilbila Ateeteen
mana ishee haaraatti galfatte kan yeroo darbe yeroo dubbisuu deemtee
kenniteefiin manatti bilbile. Mana kan jirtu gargaartuu Ateetee qofa

111 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


waan tureef bilbila jalaa kaaftee akka Ateeteen mana hin jirre itti
himte.

Ateetee fi maatiin dhirsa ishee walfudhatanii mana hidhaa


Tokkummaan itti hidhamee gahanii sa‟aatii seensaa eeganii dhaquun
maqaa isaa galmeessisanii dubbisuuf eeguutti jiru. Inni hin dhufu waan
ta‟eef itti deddeebi‟anii waamsisan. Osuma eeganii yeroon bahan itti
geenyaan dhiisanii bahan. Marsaa lammaffaas eeganii dhaban. Aduun
waan dhiiteef galuun dirqama itti taate. Yeroo kana Tokkummaan
deddeebi‟ee bilbilee Ateetee gaafachaa turee dhabe. Amma yeroo
dhumaaf bilbilee mucaa yoo gaafatu, mucaanis akka Ateeteen hin galle
itti himte. Tokkummaan Ateetee gaafatee dhabus hiriyoota mana
hidhaa waliin turan afur waliin mana hidhaa cabsanii baduuf sarara
Moyyaalee qabatanii akka jiran himuun, Ateeteetti akka himtuuf
akeekkachiisee yoo bilbila cufu Ateeteenis Finfinnee ooltee galtee
mana ishee seente.

Mucaan bilbila cuftee yoo as deebitu Ateetee fi maatii Tokkummaatu


mana seene. Mucaanis Tokkummaan yeroo hedduu deddeebisee
bilbiluu fi waan inni jedheen yoo itti himtu jara mukatu afaanitti cite.
Sana boodas, hunduu bilbila jala taa‟aanii sagalee isaa dhaggeeffatu.
Namoonni mana guutuu sagalee bilbilaa dhaggeeffatan ammuma
bilbilli iyyitu “Isaa laata?” jedhanii wareeru. Inni karaa kute waan
ta‟eef amma bakka gahutti waan bilbilu hin fakkaatu. Warris torban
tokko guutuu eeganii “Har‟a hoo egaa ni galla.” jedhanii ganamaan
yeroo isaan sonaa‟an bariidhumaan bilbilli iyyite. Ateeteen utaaltee
jala buute. “Haloo Ateetee… haloo haloo! Haloo Ateetee… haloo!
Haloo Ateetee… akkam, nagumaa? Hojiin hoo? Haloo! Haloo! Haloo!
Haloo! “xiix xiix xiix” jettee bilbilli addaan cite. Ateeteenis imimmaan
of irra lolaasaa achumatti kuftee hafte.

Maatiin mana guutes waan Ateeteen taate wallaalanii itti fiiguun lafa
isheen kuftee ol kaasanii ciisa ishee irra geessanii ciibsan. Isheenis

112 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


yeroo yartuu booda of beekte. Maatiin durumaanuu ilma isaanii akka
hin argine abdii kutatanis ofitti gaddaa jaratti nagaa dhaamanii imala
isaanii gara Dirree Daawaatti taasisan. Ateeteenis mucaa ishee
fudhattee gara dukkaana ishee deemte. Dukkaanni edda turban tokkoo
cufame har‟a baname. Maamiltoonni ishee dhufanii dhufanii ishee
dhabaa turanis har‟a argatan. Ateeteenis dhirsa ishee arguuf abdii
kutattee jiruu ishee eegalte. Warra Tokkummaas bilbilaan duukaa
buutee manaan geese. Isaanis sana booda bilbila ishee fudhatanii galan
waan ta‟eef haalaan duukaa bu‟aa jiru.

Tokkummaan daangaa biyyattii irraa “bahuu dhiisuu” jedha. Uraa


lilmoo barbaadaa jira. Karaan cufame, garuu akkuma ta‟etti guyyaaf
guyyaa machaarri Keeniyaa dhaabbatu waan ta‟eef warri olla sanaas
dhaquuf achi yaa‟a. Tokkummaan gara-kuteessis osuma hiriyoonni
isaa warri kaan seesanii inni adeemsa isaa jalqabe. Jarris isuma
ilaalanii duukaa qajeelan. Tokkummaa fi hiriyoota isaa uummat-
himaalee biyyattii hunda irratti beeksisaanii, suuraa isaanii bakka
hundatti facaasanii ture. Tokkummaan mallattoo hedduu of irraa qaba
waan ta‟eef akkuma tika mootummaa daangaatiin argameen
shakkamuun isaa hin oolle. Jarris shakkii isaanii qulqulleeffachuuf
jecha itti siqanii gaafatan. Tokkummaanis qabamuu isaa murteessee
abdii kutannaadhaan maqaa isaa jijjiirratee himate.

Jarris, “Aaffi mee xiqqoo as turi; suuraa kana beektaa?” jedhaniin.


Innis suuruma isaa ilaalee, “Lakkii ani hin beeku.” jedheen.
Ammanatti hiriyoonni isaa dur daangaa kutanii machaara keessa
badan. Jarris, “Waraqaa eenyummaa yoo qabaatte nuuf kenni; yoo hin
qabdu ta‟e immoo amma qulqulleeffannutti asuma turuu keeti egaa.”
jedhaniin. Tokkummaan abdii kutatee miila haariitiin tarkaanfatee bira
darbe. Jarris meeshaa itti tottolfatanii to‟achuuf yaalan. Innis machaara
keessa asii fi achi baqachaa gamsiiseef. Jarris humna baay‟ifatanii
waraana banuun battalumatti to‟annaa jala oolchuun harkaa fi miila
kaateenaadhaan xaxanii sangaa qaluuf qopheessan fakkeessan.
113 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Tokkummaa jaraaf gamsiise qabatanii hunduu waan haarii ofii bahuuf
yaalan fakkaatu. Furii itti darbanii dhidhiitu, morma irra ejjatanii tumu.
Waantichi isaaf haaraa waan hin taaneef homaa iyyuu itti hin
fakkaanne. Tokkummaa reebanii dadhabnaan bismaara muka keessa
babbahe walitti heddummeessanii dhaabaniifii irra deemsisu. “A‟aa
uuyi, wayyoo haadha koo, wayyoo Oromummaa koo, a‟aa a‟aa a‟aa.”
jedhee watwaata. Yeroo qara bismaaraa irra deemsisanii dhufu miilli
isaa u‟uratee dhiiga lolaafata. Sana booda barmeela guddicha keessatti
sammuun gadi gombisanii miila isaa u‟uratee dhiigni irra lola‟u ol
garagalchanii reebu. “a‟aa, uuuu, uuuu, ufff, uuyii, maaloo, maaloo,
maaloo, a‟aa, uuu, uuu, uuu, uuffff, maaloo kaa isin keessaa dhiirri
garaa qabaatee nama ajjeesu hin jiruu? Uuyii aa wayyoo!” jedhee
nama isa obbaafachiisu kadhata. Dhiigni miila isaa irra gadi yaa‟ee
fuula isaa guutuu golgee jira. Qaamni isaa hunduu reebichaan
botoraa‟ee jira. Bakki hedduus mammadaa‟eera. Dhiigni akka funuuna
hamaa keessaa burqa.

Tokkummaan amma waanti cimaa itti dhufe waan ta‟eef du‟a


kadhachaa jira. Jarri rakkisuu malee yeroof du‟a hin murteessineef.
Amma reeban reebanii yeroo inni laafee ofiifis dadhaban achi keessaa
baasanii dhagaa caccabaa irra akka deemu ajajan. Tokkummaan abdii
kutates, “Na ajjeesi malee hin deemu; atis dhiira taatee haala mijate
argattee natti taphattaa?” jedheenii arrabsa.

Jarri bakka lamatti hirmaman. Warri onnee tokkummaa fakkaatu


baatan akkuma isaa onneen dhiita‟u onneen isaa garaa nyaatee warri
kaan immoo, “Gadheen lafa mirgootti mirga.” hin jenneeree
Oromoonni, carraa argatanitti fayyadamanii leenca guyyaan boojite
obsa fixachiisuun akka waan dhiirummaa ta‟ee itti basha‟u. Booddee
waldhoowwanii gara mana hidhaatti geessan. Tokkummaas dhimmi
isaa qoratamee isa dura mana hidhaa cabsee dhufe dabalatee isa
daangaa cabsee baduuf yaaleen lammata himatamee dubbiin isaa
dubbii hamaa ta‟ee gara mana bare gara mana hidhaa Qilinxootti
114 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
ergame. Tokkummaanis gara mana isaa ganamaatti deebi‟e.
Hiriyoonni isaas haala uumame hundaa dhagahanii abdii
kutannaadhaan ofiif imala isaanii itti fufuun mooraa koolu-galtummaa
argatanii haara galfataniiru.

Ateeteen Tokkummaan bahee fi qabamee isaa lafa inni gahee fi jiru


hin beekne kophuma ishee yaada abbaa warraa isheetiin machoofti.
Tokkummaan turtii yeroo dheeraa booda kophaatti hidhamuu irraa
gara hidhamtoota birootti makame. Mana hidhichaattis mucaa ganda
isaa tokko argatee jiruun isa waliin ho‟iteef.

Hiriyoonni Tokkummaa warri duraas ta‟ee warri ammaa hedduun


isaanii milkaa‟anii kaan gara biyyoota Awurooppaa garagaraatti, kaan
immoo gara Ameerikaatti imaluun achitti bu‟aa bahii hedduu booda
qabsoo jireenyaa injifatanii jiruu mijooftetti bahaniiru. Mijaa‟inni jiruu
isaaniis hedduu isaanii kaayyoo manaa bahaniif dagachiisuu hin oolle.
Baay‟een isaanii dorgommii jireenyaa dhuunfaa itti fufan. Muraasni
isaanii dorgommii jireenya dhuunfaa cinaatti waan manaa isaan
baaftes hin dagannee inuma ifaaju. Gariin immoo kan ifaajjii isaanii
faallessus baay‟achuu hin oolle. Maddi garaagarummaa isaanii
baay‟achaa fi dabalaa bula.

Muraasni miseensotaas akka biyya keessa jiraataniitti yaaduu fi


dubbachuu jalqabuun isaanii hin oolle. Ofiif jiruu ajaa‟ibaa jiraatu
waan ta‟eef warri biyyatti hafes waanuma akka isaaniitti bilisummaan
filatanii nyaatanii filatanii dhuganii, filatanii uffatanii filatanii
konkolaachisan se‟uun isaanii hin oollee haasaa fi karoora isaanii irraa
yoo tilmaamamu. Kaani immoo jiruun harkatti quucaruu hin oolle.
Isaan jiruu fi kaayyoon harkatti quucare dadhabanii gara biyyaatti
deebi‟uun mootummaadhuma jibbanii bahanitti harka kennatanii jiruu
biyyaa eegalaniiru. Warri alatti hafan immoo maddi garaagarummaa
itti bay‟achuun yeroo tokko ijaaruuf yaalu kaan immoo diigaa, yeroo
tokko walitti qabuuf yaalu kaan immoo bittimsaa ergaa fuudhee biyyaa

115 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


bahe qilleensa biyya ormaatti firfirsaa gidiraa fi rakkoo, cunqursaa fi
dhiittaa uummatichaa umrii dheeressa.

Dargaggeessi uummatichaas cunqursaa fi rakkoo uummata isaa mataa


cabee warra kaayyoo fuudhee manaa bahe hordofuuf duukaa ka‟us
baruma baraan lakkoofsi isaa dabalaa dhufe. Isaanis karaa isaanii
irratti kaan beelaan, kaan dheebuun, kaan bishaaniin, kaan bineensaan,
kan loltoota biyya garaagaraan nyaatamanii kan carraan baasetu biyya
warra kaayyoo fuudhee rarraasee alatti hambisee gaha. Kan bahu
malee kan waan fuudhee bahe firii itti godhee uummatichaaf as
deebisu hin jiru. Uummatichis gurra qeensee dadhabee amma abdii
kutannaadhaan mataa walitti qabatee ofumaa jabaachuun jijjiirama
fidachuu waan murteeffate fakkaata.

Ateeteenis yaaddee yaaddee dadhabde waan ta‟eef abdii kutattee


mucuma ishee waliin jiruu ishee hoo‟ifattee hafte. Guyyaa keessaa
gaafa tokko, garuu mucaan ishee mana barnootaa dhaquuf osoo
deemuu riqicha laga Collee irratti namicha naannichaaf bifti isaas ta‟ee
maqaan isaa keessummaa wayii arge. Kiroos Gabrawaahid jedhama.
Kiroos hiyyeessa fakkaata. Afaan Oromoo hin beeku. Fuulli isaa
cicciraamaa dha. Kaayyoo isaatti cimaa fi nama muuxannoo jabaa
qabu dha. Biyya hedduu deemee hojjateera; milkii malee gufuun isa
mudatee hin beeku; lakkoofsaanis baay‟ee ta‟aniitu kan ergamicha
fudhatanii socho‟aa jiran.

Magaalichuma keessatti ijoollee hedduu bahanii gala dhoowweera.


Guyyaa hedduuf reenfi ijoollee laga keessaa argama. Maalii fi eenyuun
akka du‟an, garuu namni beeke hin jiru. Har‟as egaa hojii bare
dalaguuf qophii isaa xumuree riqicha Collee irra dhaabatee kan
guyyaan ergituuf eega. Guyyaanis kenna ishee arjoomuufiif duubatti
hin jennee abbaa guyyaa hoofteefii fiddee harka buufte. Innis mucaa
bareedaa argatee akka namni hin arginetti itti siqee waan ta‟een tuqee
fuuldura qajeele. Mucaanis karaa mana barnootaa irraa goree duuba

116 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


qajeele. Namtichis yeroo bosona mana barnootaa sadarkaa lammaffaa
Gudar duuba jiru walakkaa gahu mucicha dhaabatee eegee harka
qabuun akka inni hin iyyine afaan isaa saamsee akkuma leenji‟etti
meeshaa ittiin kalee baasan gadi itti fudhate.

Tokkummaan bu‟aa bahii jireenya isaa mucaa ganda isaa argatetti


himatee mucichis kan isaa itti himatee isaan mataa fi dhadhaa waliif
ta‟aniiru. Turtii yeroo dheeraa booda guyyaan yaadatamuu jaraa
dhufekaa. Badiiwwan ittiin himatame hundaaf takkaa iyyuu amanee
kan hin beekne Tokuummaan murtii malee waggaa hedduu edda
hidhamee booda gidiraa isaa fixatee hiriyaa isaa waliin akka bahan
eeyyamameef. Tokkummaa fi hiriyaan isaas gammadanii wal
fudhatanii achii bahan. Akkuma baheen Tokkummaan jaalala haadha
warraa fi mucaa isaatiin rirriitamee onneen isaa madoofte waa‟ee
isaanii yaadachiifte.

Akkuma gadi bahee dukkaana tokko argeen, “Aaffimee Ateetee


koottin bilbilaatii na eegi.” jedhee bilbila bilbiluuf dukkaanatti gore.
Tokkummaan bilbila bilbiluuf dukkaanatti gore waa rakkachuun isaa
hin oolle. Innoo abdii isaa kutatee kan biraa mitii ofuma isaa iyyuu kan
hin dagatiin ni jabaatee bilbila Ateetee lakkoofsa hundaa yaadatee
diijiitii lama kan dhumaa dagate. Achumaa dhaabatee lakkoofsa itti
tole jijjiiree bilbila; bilbillis iirra deddeebitee akka dogoggore itti
himti. Innis hin dhiifne namuma hin beeknetti bilbilaa oolee abdii
kutatee deemuuf jedheetu carraa dhumaa jedhee tokko yaale.

Yeroo kana Ateeteen maamilli boqonnaa hin kennineefis waamicha


bilbilaa dhageesse. “Hin kaasu.” jettee daldala ishee itti fufte. Bilbillis
iyya ishee itti fufte. Ateeteenis edda bilbilli iyyitee cufuuf kaatee,
“Aaffaamee bilbilli kun na si‟eesse.” jettee itti fiigdee bilbila kaafte.
Tokkummaanis haariin bilbila minjaala irratti ha‟e. Yeroo kana
Ateeteen kaaftee “Haloo haloo eenyu jedhu?” jetti. Tokkummaa
kafaltii raawwachaa jiru sagaleen Ateetee toora bilbilaa keessaa

117 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


watwaata. Haati dukkaanaas “Silkik tanastowal iko- Bilbilli kee
ka‟eerabar.” jetteen. Innis daddaffiin kaasee “Haloo haloo.” jedhe.
Ateeteenis “Eenyu jedhu?” jette. Tokkummaanis, “Ateetee kiyya
akkam jirta, baga naaf jiraattekaa.” jedheen.

Ateeteen sagalee dagattee turte kan dheebuun sagalichaa ishee gogse


yeroo sagalee Tokkummaa dhageessu ofuma amanuu dadhabdee,
“Har‟a eessaa baate yaa boonaa koo, silaa lubbuun si jiraa? Ilililililil"
jetteen. Sararri bilbilaa waan kukkutuuf waan isheen jettu isatti hin
dhagahamu. Booda siruma isaa iyyuu addaan cite. Ateeteenis
bilbilicha irra deddeebitee yaaltus argachuu hin dandeenye. Hedduu
ofitti gaddite; ni dhiphatte; ni booche; waan maltu wallaalte. Ateetee
sagalee Tokkummaa dharraatee osoo dharraa hin bahiin addaan citeef
gadditee boochu barattoonni bosonicha keessaa qo‟annaaf deeman
namicha mucaa qalee kalee keessaa baafachuuf yaalaa jiru arganii
qabanii du‟aa fi jireenya gidduutti dhiisanii aadduu Ga‟eeraa hafuurri
keessaa tirriftu baatanii gitintiraa namichichaa harkisanii boo‟icha
maraannaan makaatiin itti dhufan. Ateeteenis waan ta‟e wallaalte.
Foolisiin fira Ateetee tokko gochicha dhagahee fiigaa dhufuun
shugguxii mudhii isaa irraa butee namicha adda keessa baasuun
conqolasee Ateeteetti harka marate. Ateeteenis dhimma isaa wallaaltee
ofis wallaalte.

Namoonni bakkicha turan atattamaan aadduu Ga‟eeraa lubbuu isaa


tiksuuf gara Hospitaala Ambootti ittiin fiigan. Ogeessonni
hospitaalichaas yaalii gochuufii danda‟an hundaa godhaniifii humna
isaaniitii ol taanaan gara Finfinnee Hospitaala Phaawuloositti ergan.
Jarris muraasni isaanii mucaa fudhatanii Finfinneetti kutan. Warri
hafan immoo wal gahanii shira uummata isaanii irratti yeroo yeroon
xaxamu xumura itti gochuuf guutummaa saba isaanii tokkummeessuun
falmuun furmaata ta‟uu isaa itti amananii walii galuun gara raawwiitti
sokkan. Guutummaa hawaasa isaanii irrattis labsan. Duraanuu walii
galteen maaltu isaan caala warra lakkoofsaan baay‟ee, lapheen isaanii
118 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
tokkoo. Labsichis labsii ajaa‟ibaa ta‟uun hawaasni hundi laphee walii
hubatee somba tokkoon harganuutti ka‟e. sochiin wal fakkaataan
guutummaa hawwasichaa keessatti yeroo wal fakkaataatti dho‟e.
mootummaa biyya bulchus raase. Dhiittaa irraa gara sossobbaatti
deebi‟e. yeroon sossobbaa darbe fakkaata; yeroon kan hiree
murteeffannaati. “Qeerransa eegee hin qaban; qaban gadi hin dhiisan.”
jedhu Oromoonni.

Warri Paawuloos Ga‟eeraa yaaluuf humna hin godhanne; guyyaa


muraasa booda gara warra Xiqur Ambassaatti ergan. Konkolaataan
yeroo balaa tasaas Ga‟eeraa fi maatii isaa fe‟attee qaanqursaa gara
Hospitaala Leenca Gurraachaatti imala eegalte.

Tokkummaanis bilbila eegee dhabnaan deddeebisee bilbila yaaluutti


cime. Bilbilli hin hojjatu. Innis akka malee haaree “Ateeteen abdii
kutattee dhiira biraatti heerumte moo maali waanti isaa?” jechaa
kophaa haasawaa miira baay‟ee haariin guutameen bilbila ha‟ee
deemsa jalqabe. Yeroo karaa qaxxaamuruuf akkas tarkaanfatu
konkolaataan isa hordofaa turte tokko saffisaan dhuftee buttee of jalatti
gombifte. Tokkummaan balaan meeqa dadhabe konkolaataan
takkumaan hafuura kutte.

Hiriyaan isaas hedduu ofitti gadduun naasuudhumaan Tokkummaa


hafuura tintintu funyaaniin cittee cittee baatu konkolaataa jalaa
hammaarratee gara Hospitaala Leenca Gurraachaatti ittiin sokke.

********************

Konkolaataan Tokkummaa afuura kutte kan lukee mootummaa feete


turte. Lukeen konkolaaticha keessa ture duruma iyyuu kan
dhiyeenyaan Tokkummaa fi waayiloota isaa to‟atu ture. “Himm!
Akkamitti ta‟a? Akkamitti bahe? Osoo dhabamsiifamuu qabuu
akkamiin gadhiifama? Bahee immoo summii isaa haa facaasuu? Eenyu
summii isaa walitti qabuutti immoo rakkata? Osoo facaasee funaanuun
119 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
isaa nu hin dhibiin dhabamsiisuun qaba.” waan jedhu fakkaata
yaadaan. Mana hidhaa cabsee waan bahes se‟eera. Osuma seeraan
bahuu isaa beekee iyyuu Tokkummaan nagaa isaa maatii isaatti yoo
gale karoorri inni baafate yaaddoo keessa galuu akka danda‟u waan
tilmaamee fi sababoota kana fakkaatan yaaduuni egaa kan murtee
konkolaataan ajjeessuu Tokkummaa irratti murteesse.

Konkolaataa Tokkummaa rukutte kan lukee mootummaa ta‟uu


foolisoonni tiraafikaa waan beekan miti. Konkolaataa lakkoofsa
gabatee dhuunfaa maxxanfatte waan taateef, konkolaatittii fi namichi
konkolaachisu battaluma to‟annaa jala oolani. Foolisoonni tiraafikaas
adeemsa deemuu qaban hundaa deemuun konkolaachisicha gara mana
sirreessaatti fudhatanii qajeelan. Gooyitoomii fi konkolaataan isaa
to‟annaa jala oolan iyyuu amma mana sirreessaa gahanitti qaamolee
mootummaa olaanoof bilbila bakka hedduutti bilbilee jira. Qaamoleen
bilbilli bilbilameefis milkaa‟ina hojii Gooyitoomiif hedduu
gammadanii akka inni mana sirreessaa hin galfamneef dursanii mana
sirreessichaatiif ajaja hatattamaa dabrsaniiru.

Foolisoonni tiraafikaa Gooyitoom eenyu akka ta‟e hin beekan.


To‟atanii gara waajjira foolisii geessan. Yeroo achi gahanii qaama
dhimmi isaa ilaalu bira geessan, Komaandar Kiroosi dha. Komaandar
Kiroos Gooyitoom beeka waan ta‟eef ajaja gubbaa dhufe eenyuuf akka
ta‟e qorachuuf homaa hin rakkanne. Foolisoota tiraafikaatiin, “Ishi
baqqaa innaantee wada siraachihu qaxxiluu- Tole egaa isin gara hojii
keessaniitti sokkaa.” jechuun jaraa ajaja dabarsee gaggeessee
Gooyitoom waliin afaan beekaniin haasawaa, baacaa, gammachuu
isaanii waliin ibsachaa yeroo isaanii dabarsuu itti fufan.

Gurmuun Tokkummaa lubbuun keessaa bahuu dhiisuu jettu foon isaa


dhiiga coccobsitu fudhatee Hospitaala Leenca Gurraachaa gahe.
Adeemsa barbaachisu hundaa deemee gara kutaa yaalii geesse.
Ogeessonni yaala olaanoo achi jiran wal makoo dha. Qomoowwan

120 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


garaa garaatu achitti argama. Hedduun isaanii ergama addaa fudhatanii
achi keessa hojjatu. Irbuu yeroo xumura (eebba) barnootaa fi leenjii
ogummaa isaanii galan dagatanii ergama „qomoo ofiif tajaajila sirrii
kennuu, kan ormaaf immoo dhimma dhabuu fi tarkaanfii lubbuu
baasuu‟ jedhuun hojii isaanii hojjatu. Achi keessattis daldalli ho‟eera.
Muraasni isaanii immoo irbuu isaanii eeganii aarsaa jajjaboo kafalanii
lubbuu qomoo kamiiyyuu tiksu.

Lubbuun Tokkummaa balaa hedduu irraa hafte har‟a waan cimaan


hubamteetti waan ta‟eef ofiinuu karaa qabatteettii; ogeessota akkamii
argata laata? Galmeen yaalii Tokkummaa, garuu Dr. Gizaachoo harka
gale. Dr. Gizaachoon galmee maqaa hiika isaa hin beeknee qabatee
yaada lama gidduu dhaabatee machaa‟a. Murtee isaa murteessuuf of
beellamee yaalii dursaa kennuuf gara siree Tokkummaa deeme. Yeroo
bira gahu miidhaan Tokkummaa ol aanaa waan ta‟eef ogeessonni
hedduun wal guuranii dhufan. Itti marsanii yaalii barbaachisu
kennuufii eegalan. Tokkummaan miidhama isaa irraa waan oolu hin
fakkaatu. Ogeessonni ol aanoon achi turan hunduu lubbuu bahuuf
wixxiftu hambisuuf qooda isaani bahu. Dr. Gizaachoonis jara
fakkaachuuf asii fi achi jedha. Hunduu duula wal gargaarsaa gochuun
Tokkummaa qarree irra dhaabatee riqicha du‟aa fi jireenya walitti
hiitee jirtu ilaalee miila isaa tarkaanfachuuf jedhu riqicha jalaa
cabsuun gara jireenyaatti deebisan. Ta‟u illee, Tokkummaan of hin
beekne. Dhiigni isaa hedduu dhangala‟e waan ta‟eef dhiigni dabalataa
akka barbaachisu hubatame.

Konkolaataan balaa tasaa Ga‟eeraa Phaawuloosii fuutee baate


saffisaan Hospitaala Leenca Gurraachaa geesseetti. Ga‟eeraan baay‟ee
miidhame waan ta‟eef yaalii jabaa barbaada. Ta‟u illee bakki ciibsanii
yaalan guutee jira. Galmeessanii waraqaa galmee isaa Dr.
Mohaammad Hasan bira geessan. Dr. Mohaammad dhalataa warra
Siikkoo Mandooti. Hojii isaatti cimaa fi beekamaa dha. Ogeessonni
hunduu waan isaan rakkise isa gaafatu, garuu Dr. Mohaammad eenyuu
121 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
fi eessa akka ta‟e namni isa beeku hin jiru. Hundaa ija tokkoon ilaala.
Tajaajila barbaachisu qixa barbaachisuun tajaajila. Isa bira taa‟ee
namni waa‟ee loogii haasa‟e nama isa ajjeese. Nama namummaa
isaatiin beeka. Kanaafuu, Ga‟eeraan isa bira dhaquu isaatiin waan
carroome fakkaata.

Dr. Mohaammad osoo Ga‟eeraan hin dhufiin dura Tokkummaa yaalaa


ture. Ga‟eeraan dhufnaan isa yaaluuf gara Ga‟eeraa deeme. Yeroo
dhufu Ga‟eeraa cuubeedhaan qalame arge. Naasuu kachabbaa‟e.
Sababa isaa yoo gaafatu gurraa siilettii dha. Dhaloota isaa keessatti
yeroo jalqabaaf dhukkubsataa ijaan argeef imimmaan buusee boo‟e.
Imimmaan of irra yaasaa dafqa isaa lolaafachaa lubbuu Ga‟eeraa
bituuf asii fi achi fiiga.

Dr. Mohaammad Oromoo warra Siikkoo Mandoo warra guddaa, warra


beekaa, warra kaanaan homtuu hin deebifne, warra biyyaaf lubbuu ofii
kennu, warra Oromiyaa tiksuuf qooda ol aanaa bahan, warra waan
jedhan irraa hin deebine, warra Oromummaatti amanu irraa dhalate.
Dr. Mohaammad gaafa ganda dhaloota isaa ture hiriyoota afur ta‟anii
baratu turan. Mana barnootaa isaan itti barachaa turan keessaa arfan
ijji irra bu‟u keessaa isaan kun arfan warra dursee maqaan isaanii ka‟u
turani. Barattoonni kun warra aadaa fi duudhaa, safuu fi kabajni
hawaasichaa irraa calaqqisu turan. Mana barnootichaa keessattis warra
cimina barnootaatiin beekaman, warra kennaa addaa qaban turan.
Dhaloota waa uumee uummaticha boqochiisuu danda‟an jedhamanii
illee abdiin irratti gataman turan. Sirni biyyittii bulchaa ture, garuu
dhaloota akkanaa arguus ta‟ee dhaga‟uu hin fedhu ture. Sababuma
kanaan shirri isaan balleessuu fi bittimsu isaan irratti xaxamuu eegale.
Kanuma irraa ka‟uun egaa hiriyoota Doktar tokko ajjeesanii, tokko
hidhaa umrii guutuun adabanii, tokko maraachan. Doktar, garuu
sababa fira cimaa qabuuf gara Finfinneetti dhokfamee barnoota isaa
barate.

122 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Doktar Mohaammad bara jireenya isaatti Oromummaa isaaf aarsaa
guddaa kafale. Harka wayyaa jalaatiin deeggarsaa fi sochii qabsoo
Oromoo keessatti qooda ol aanaa qaba. Oromoof dhimmuu fi Oromoof
tumsuu irraa of hin qusatu. Guyyaa inni hospitaalicha oole Oromoon
qixuma warra kaanii yaala argata. Ta‟u illee, Oromummaa isaa nama
tokkotti himee hin beeku. Kunis kan ta‟eef Oromummaa isaa yoo
beekan “Icitii fi adeemsa mooraa sanaa isa dhoksuu danda‟u; kanaanis
gumaacha dhoksaadhaan lammii isaaf gumaachu karaa dhabuu mala.”
jedhee waan tilmaamuufi. Dabalataanis, miidhaan yeroo ijoollummaa
isaa isaa fi hiriyoota isaa mudate godaannisa jabaa hin banne ta‟ee
sammuu isaa keessaa yeroo hundumaa itti iyya. Kanaafuu, of mul‟isee
baduu isaa irra of dhoksee uummata isaa tajaajiluu murteesse.

Dubbiin Ga‟eeraan kaate kutaalee Oromiyaa fudhatte. Dargaggoon


Oromoo lammii isaanii kabachiisuuf kutatanii waan ka‟an fakkaatu.
Fincila diddaatu hammaate. Sossobbaanis ta‟ee waraanni hin
dandeenye. Hoomaan waraanaa edda guyyaa maatii isaanii irraa adda
bahanii adda waraanaatti makamanii nama arganii hin beekne,
uummata keessaa bahanitti dhukaasa bananii lubbuu dargaggoo
hedduu galaafatani. Dhiiga akka lolaatti yaasani. Lafee akka hin
dhidhiibamnetti caccabsani. Tokkoon tokkoo maatii uummatichaatti
boo‟icha galchani. Maatii tokko keessaa obboloota lamaa sadii afurii
shan hanga kudhaniifaa ajjeesani. Maatii guutuufaa kaan ajjeesanii
kaan madeessani. Madaa hin qoorre hundatti uumani.

Uummanni tokkummaa malee meeshaa biraa hin qabne yeroof hedduu


dhiibbaa uumus humnaa ol taanaan riphe. Humni waraanaa ajjeechaa
fi badii qaamaa hedduu raawwate amma immoo kaayyoo isaa
boqonnaa lammaffaa itti fufe. Gudeeddii fi saamicha cimse. Hundi
isaanii guyyaa guyyaa qaafira eegaa oolu. Mana dureessaa fi mana
shamarri jirtu ijaan to‟atu. Galgala akkuma waruu, “Waan ifa soratan
dukkana siphatu.” Saniinis hin dhaabanne; dargaggoo waan hundi irraa
bareedu kan balaawwan ta‟an hunda jala miliqan barbaaduun gara
123 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
mana hidhaatti guuru. Dargaggoon wabii biyyattii ta‟an hedduu
keessaa Dargaggoota kanneen seerri jira jedhanii fakkeessuudhaaf
waliitti guuranii gaaf tokko mana murtii geessani. Abbaan murtiis
maqaa fakkeessaaf tarreeffamee kennameef duraa duubaan waamuu
jalqabe: Mangistuu Guddisaa, Cimsaa Abdiisaa, Boonsaa Hayiluu,
Fufaa Reefunrafaa, Nimoonaa Lammeessaa, Caalaa Dhiyeessaa,
Waayyuu Beekaa, Abdataa Baatirii, Dachee Gulummaa, Fileembar
Dhaabaa, Lammaa Bayii, Galaanaa Nagaraa, Obsumaan Uumaa,
Jaarraa Dhiyeessaa, Masarat Asfawu, Kumsiisaa Dhugumaa,
Beekumaa Taaddasaa, Diinayas Tarreessaa, Daraaraa Hordofaa,
Tamasgeen Kumaa, Geetahuun Dastaa, Lammii Iddattoo, Ashabbir
Dassaaleny, Dabalaa Hayilee Kana waamee fixee, hunduu dhiyaachuu
gaafate. Abbaan murtiis….akka waan aangoon murtee isa harka jiruu
poolisiin maaliif dargaggoota kana akka qabee fide gaafate. Poolisiinis
waan ragaa itti hin qabnetti, waan dhugaa itti hin qabnetti dargaggoota
kunneenitti yakka lakkaa‟e. Kanaanis ragaa qindeeffachuudhaaf
sababa jedhuun mana murtichaa beellama gaafate.

“Dargaggoon to‟annoo jala oolan kunis qabamanii kan gara mana


hidhaa naannawaa sanaa geeffaman gantoota ilmaan haadha
hiyyeessaa fi ilmaan gaalamootaa, warra abbaan ishee hin beekamne,
warra faayidaa xixiqqoo bira hin dabarreeni. Warreen mul‟ata
gabaabduu, sareen arrabsamaa ergamtu, garaa ishee guutuu malee
dhala namaaf maaltu barbaachisa jettee hin yaanne, kichuu lammiin
abdatu abdii kutachiisuu, godaannisa hin banne itti uumsisuu fi
balleessisuuf haal duree qixeessitee gooftolii ishee itti waamti. Jarris
egaa qophaawaa kana argatanii moo dhabanii! Walitti guurratanii
fudhatanii lafa gidirsaa isaanii geessu.” warra dubbicha keessa
beekantu jedha.

“Waan nama ajaa‟ibu gochaan diinni Oromoo dargaggoo Oromoo


irratti raawwatu Oromoof xiiqii fi onnee ta‟uun jajjabeessuu irraa kan
hafe guyyaa tokkoof illee abdii kutachiisee hin beeku.” Abbaa hoteelaa
124 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
tokkotu jedha ture. Dabalees, “Tokko yoo dhabamsiisan dhibba
tokkotu bakka bu‟a. Warri gidirfamanis abdii kutannaa osoo hin ta‟iin
onnachuu fi sabbonummaatu itti dhagahama.” jedha ture irra
deddeebi‟ee. Oromoonnis dargaggoota jireenya dhuunfaa dhiisanii kan
biyya abbaa isaanii kabachiisuu waliin bahan “Gootota keenya;
sabboontota keenya; leencota keenya; ilmaan gaafa giitii; warra biyya
tiksan; warra haadhaa fi abbaa isaanii kabachiisan; warra garaaf hin
bulle; warra gabrummaa hin baanne; falmattoota haqaa; warra diina
salphise; qaroo biyyaa; warra waan hundaa itti abdatan.” jechuun
leellisu. Iddoo addaa qabuuf; gantuu fi sobduu ittiin salphisu; ittiin
boonu; ni jaalatu; ni kabaju.

“Egaa gantuun haal duree mijeessitee gooftota isheef dabarsitee


kennite; jarri immoo akka gara itti geeffaman hin beekneef falmattoota
haqaa ija hiitee iddoo qopheeffatte geessiti. Sana booda egaa gochi
raawwatamu waan namni raawwatu hin fakkaatu. Gara jabeenya
akkanaas waan dhalli namaa beeku hin fakkaatu.” himatamaa miira
haariin guutame tokkotu sagalee ol fudhatee dubbate.

********************

Yeroo mara nama gargaaruudhaaf kan duubatti hin jenne Dr.


Mohaammad, Ga‟eeraa akka mucaa isaatti dhimmeefii yaalii
barbaachisu hundaa gochuu itti fufe. Guyyaa lamaaf osoo boqonnaa
hin argatiin akka haadhaatti tajaajila kennaafii ture. Ga‟eeraanis
ijibbaata yaaliitiin lubbuun keessatti tikfamte. Du‟a waan ta‟u hin
fakkaatu, miidhama malee. Dr. Mohaammadis amma qalbiin itti
deebite waan ta‟eef yaalii gara boodaaf barbaachisan hundaa haala
mijeessee abbaa dabareef dhaamee bahe.

Dr. Gizaachoon edda deeggarsa dursaa taasiseefii booda qorannoo


barbaachisu hundaa gochuun Tokkummaa dhiigni isaa lola‟ee kosii
Magaalaa Finfinnee keessa yaa‟e, dhiigni dabalataa akka barbaachisu
Gurmuutti hime. Maallaqa baay‟ees gaafate. Gurmuun maallaqa
125 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
sherfee hin qabu; namaa sa‟as hin beeku, garuu gamna isa hidda gahaa
dha. Tokkummaa mana yaalaatti dhiiseetu finxiriire. Bataskaana
Goorgisii fuul dura dhaqee akkaataa kadhattoonni ittiin kadhatan
ilaalee bakka jijjiirrachuun innis itti jalqabe. Afaan Oromoon kadhata:
“Maaloo na bira hin darbiinaa! Ilma dhiiraa rakkate .. maaloo waan
qabdan naa hiixadhaa...”. Namni abbaa kanaa jedhuun hin jiru.
Finfinneen ittiin hoodde. Oromoon itti dhufes, “Maali waanti yartuun
maqaa lammii balleessitu kun? Oromoon kadhaa hin beeku hoo ati
eessaa dhuftee?” jechaa arrabsoo gumaachaniifii bira darbu. Gumaachi
isaaniis arrabsoo of tuulummaa mul‟iftu malee “maal rakkatteetu?”
jedhee namni itti siqee gaafatee rakkoo isaa baree furmaata laateef hin
jiru.

Gurmuun, “Kaayyoof okkoluun caba miti.” jedhee of amansiisee,


“Afaan Oromoon kadhachuu irra Afaan Oromoon arrabsuutu
salphata.” jechaa karraa fi qooqa jijjiirratee waan kadhattoonni biroo
jedhanii kadhatan jechuu eegale. Gurmuun akkeessuu fi fakkeessuu ni
danda‟a waan ta‟eef namni osoo isa hin ilaaliin bira darbu hin turre.
Namni Gurmuu arge kamuu kiisha isaa osoo hin qaqqabatiin hin
darbu. Gurmuunis obsaa fi gara-bal‟eessa waan ta‟eef turtii sa‟a lamaa
keessatti maallaqa Tokkummaa yaaluu danda‟u walitti guurratee
Finfinneetti haaloo kuusaa fiigichaan gara Tokkummaa deeme.
Kophaa haasawa; “Dhiigni Tokkummaa tuullaa kosii Finfinnee
keessatti lola‟e Finfinneef fayyina yookiin badii ta‟a.” waan jedhu
fakkaata. Dhiigni qulqulluun kosiitti lola‟e yoo haree baasuu danda‟e
malee itti lola‟ee qofaaf waan qulqulleessu miti.

Yeroo deebi‟ee dhufu Tokkummaaf jijjiiramni hin jiru. Yaalii


barbaachisoo hunda gochuuf dura maallaqatu rakkise; amma guuramee
dhufeera waan ta‟eef saniif rakkoon hin jiru. Ogeessonni jajjaboonis
yaalii isaa itti fufanii jiru. Dhawaatumaan fooyyee agarsiisaa dhufe.
Kan dura qaamni isaa qorru jaluma jalaan hoo‟uu eegale. Qaamonni
isaa hojii eegalani. Sosochii eegale. Guyyaa muraasa booda ija libsate.
126 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Nama i‟ilaaluu eegale. Qaamota isaa biraas wawarraaqsuu eegale.
Suutuma suuta boquu isaas sochoosuu eegale. Adadumaan miira
fayyinaatti dhufe.

Ga‟eeraan yaala argatee jira. Du‟a hin taane; miidhama ta‟e malee.
Firoonnii fi namoonni naannawaa Gudar hunduu deddeebi‟anii
dubbisu; deeggarsa jabaa taasisuuf. Mucaa bareedaa nama mararu
kana ogeessonnis namoonni kaanis garaa itti hin jabaanne. Ateeteen
abdii horatteetti. Abbaan Tokkummaa dureessi beekamaan warra
Dirrees daboo jabaa qaba waan ta‟eef deeggarsaafuu abbaa carraa
argate dha. Sana qofaas miti, warri Amboo nama ofii mitii nama
namummaadhuma isaatiinuu akka ajaa‟ibaa dhimmuuf waan ta‟eef
kan isaanii kana immoo akkuma killee barruu irratti baatu.

Dubbiin Ga‟eeraan ka‟e mana hedduu seeneera: kaan lubbuu baase;


kaan harka mure; kaan miila mure; kaan garaa tarsaasee; kaan
caccabse; kaan namummaan ala taasise; kaan hidhaa fokkiftuu hiisise;
kaan ni kolaasise. Kutaalee Oromiyaa hunda keessa naannoftee afuura
kutte; Oromiyaanis dirree waraanaa ta‟e; nageenyii fi jireenyi yaaddoo
keessa galte. Warri abbaa humnaa humnuma isaaniitiin halkanii fi
guyyaa tika eegalan. Qabsoo finiine dhaamsuun hin danda‟amne.
Ibidda qabsiifame dhaamsuun hin danda‟amneef; qaawwaa argameen
diddaan ittuma fufe. Ta‟u illee, Finfinneen biyya biraati. Hiddi dhiiga
ishee jiraattota naannoo isheetti xaxamee akka jiru osoo beektuu
“Maaltu ta‟aa jira? Maal keessa jirtu?” jettee hin beektu. Kanaafi
namuu kan “Finfinneen tuullaa kosiitii; kosii keessaa harree namaan
bakka buufna.” jedhuun. Garuu bar, “Keessaa haruu dhaquun
dadhabbii dabalachuu fakkaata, salphumatti hidda isheen nutti xaxattee
jirtu of irraa yoo cirre kosichi ofumaan gadhiisee keessaa jiga.” warri
jedhanis jiru.

Dr. Mohaammad mana isaatti galee waa yaadate. Osoo Ga‟eeraan hin
dhufiin dura Tokkummaa yaalaa turuu isaa yaadate. Maqaan mucaa

127 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


„Ga‟eeraa Tokkummaa Jabeessaa‟ ta‟uu ni yaadate; garuu Tokkummaa
malee maqaa abbaa isaa hin yaadatu. Ni shakke. Ofitti haare. “Maaltu
qalbii na fuudhe; akkamiinin kana yaadachuu dadhabe?” jedheetu ofitti
haare. “Maalumaafuu jarri lachuu hoo balaa hamaa irra jiru waan
ta‟eef dafanii hin bahanii yeruman deebi‟en qoradha.” jedheetu gara
ciisa isaatti qajeelee dadhabbii guyyaa lamaa baafachuuf cinaacha isaa
lafaan ga‟e.

Dr. Mohaammad dabareen isaa gaafa gahu ka‟ee dhaqe. Akkuma


hospitaala seeneen kutaa Tokkummaan itti waldhaanamu seenee haala
Tokkummaan irra jiru edda hubatee yaalii inni argachaa jiru beekeen
booda waraqaa galmee maqaan isaa irra jiru yoo ilaalu, maqaan
„Tokkummaa Jabeessaati.‟ Dr. Mohaammad naasuudhumaan galmee
minjaala irratti ha‟ee nama Tokkummaa dhukkubsachiisu iyyaafachuu
eegale. Yoo iyyaafatu Gurmuu argate. Gurmuu ofitti waamee Waan
sammuu isaa keessa naanna‟u gaafachuu eegale. Gurmuunis,
“Tokkummaa Jabeessaa ……..” jedheetu bu‟aa bahii seenaa jireenya
Tokkummaa itti hime. Dr. Mohaammadis imimmaan ilma
Tokkummaatiif buuse dabalee Tokkummaafis coccobsaa, “Gurmuu,
koottu maatii isaa natti fakkaatanii asii ilma yaalchisaa jiruu.” jedhee
Gurmuu harka qabatee qajeele.

Tokkummaa fi Ga‟eeraan hospitaala keessaa yammuu gidiraa argan,


dargaggoonni kallattiiwwan Oromiyaa garaa graa irraa walitti
qabaman immoo gara itti geeffaman akka hin beekneef ija hidhamanii
akka hin mormineefis harkaa fi miila xaxamanii konkolaataa keessa
dhokfamaniiru. Hanga naannawaa mana jireenya maatii isaanii irraa
siqaniitti sossobamaa turani. Edda karaa qabsiifamanii, garuu
shugguxiin afaan keessa kaa‟amee, miilaan morma irra dhaabatanii
akka garaa ofiitti dhidhiitaa fi reebaa fudhatanii deeman. Hundaafuu
bakki hin guunne qophaa‟eeraaf waan ta‟eef achitti geessanii qaama
dhimmi mankaraarsummaa ilaallatutti kennan. Abbaan dhimmaa
mankaraarsummaas simanaadhaaf qophii barbaachisu hundaa xumuree
128 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
jira. Gara jabeenya dhala namaa irraa hin eegamne itti agarsiisuuf haal
duree mijeesseera. Reebicha seelota qaama namaa adda diigan,
rifeensa gogaa nama irraa aaduu, qeensa nama irraa bubuqqisuu,
hidhaa gidiraa, adabbii qoonqoo, qaama saalaa kolaasuu fi gochoota
gara jabinaa kanneen waliin wal fakkaatan raawwatu. Dargaggoonni
walitti qabamanii gocha kana simatanis, “Gochaan kun jiilchuu,
doorsisuu fi barsiisuuf yoo ta‟e ittuu nu cimse; xiiqii nu qabsiise; kun
fuulduratti nu dhiiba malee duubatti nu hin deebisu.” jedhanii waan
harqan fakkaatu.

Tokkummaan yaalii garaa garaa barbaada. Yaaliin barbaachisus


taasifamaafii jira. Maallaqni Gurmuun kadhatee fides Tokkummaa
akka gaariitti yaalchisaa turee amma gara dhumuuti. Malli isaa duraa
sun ammas ni hojjeta yoo ta‟eef itti deebi‟ee yoo yaaleen ala mala
biraa hin qabu. Firaa fi hiriyaa maallaqa itti hiixatu argachuu hin
dandeenye. Maallaqni inni gaafatamus oolee bulee hammi isaa inuma
dabala. Tokkummaa miidhaan dura irra ture illee gargaarsa argatee
hubeera waan ta‟eef yaalii waaraa barbaada.

Dr. Mohaammad Gurmuu harka qabatee waliin haasawaa gara kutaa


ciisicha Ga‟eeraatti imale. Dr. Mohaammad amma achi gahutti irra
deddeebi‟ee akka inni ilma qabu beekuu isaa gaafata. Gurmuunis irra
deddeebi‟ee ilma „Ga‟eeraa‟ jedhamu akka inni qabuu fi edda wal
arganiis waggoota hedduu akka lakkoofsisan, akkasumas mana hidhaa
keessatti „Abbaa Ga‟eeraa‟ jedhee akka waamaa ture itti hima.
Doktaris ammana dhageenyaan onnatee Gurmuu waliin gara kutaa
ciisicha Ga‟eeraatti qalawu jedhe.

Manguddoon magaalaa Gudar michuu walii turan Abbaan Urgee fi


Abbaan Daalachaa ammuma wal argan waa‟ee jiruu dhuunfaa isaanii
irraa ka‟anii hanga kan biyyaa tuqanitti wal biraa hin deeman.
Manguddoon kunniin yaadolee hedduu kaasuun irratti dubbatu.

Abbaa Urgee: Harka fuune, Abbaa Daalachaa!


129 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Abbaa Daalachaa: Harka keessaniin bulaa, Abbaa Urgee

Abbaa Urgee: Nagumaa; jirtuu?

Abbaa Daalachaa: Jirra egaa yoo kun jiruu taateefoo! Hiriyaan nu


beektu dhumtee qixxooftee; anumaa fi situ asitti hafee raajii bara
dhufee darbaa daawwata malee.

Abbaa Urgee: Innoo dhugaa dha. Abbaa Ateetee sabboonticha leenca


gama jigaa dhabnee; Maammoo beekessa lammiif du‟u dhabnee;
Zawugaa qeerransa gantuu fi sobduu dhiiga finceessisu dhabnee;
Daraaraa Kafanii wabii lubbuu namaa dhabnee; gamaa kuunnoo
Alamuu Qixxeessaa fa‟aa dhabnee; ijoollee reefu biqiltu kan akka
Lachiisaa, Jaagamaa, Kabbadaa, Alamuu dhabnee; jajjaboo
lakkoofnee hin fixne immoo hidhaan dhabnee; akka lugnaa gantuu fi
sobduu warra biyyatti qabdii nyaatteen marfamnee amma immoo
dhiiga kichuuwwanii dhangala‟u ilaalaa jiraannakaa.

Abbaa Daalachaa: Mee na dhiisi Abbaa Urgee; quuqqaa garaa koo


natti hin kaasiinii! Warra wabii namaaf ta‟an, warra itti abdatan
dhabnee inuma teteenye. Dhiisi, garuu hin dhabnee. Lafti dhiigni
isaanii itti coccobe, lafa bishaan bonaa ganna itti yaa‟u ta‟eebar; Ni
lalisani. Tokkicha citetu kumaan bakka bu‟e. Mee hubadhuu ilaalimee;
naannuma kanaa dhalataa lafaa bahaa gootota keenya durii dhaalan
hedduu qabnaabar! Ijoolleen amma lafaa baatu biyya abbaa koo jetti
malee jiruu koo hin jettu. Kuni gatii dhiiga isaaniiti. Duuti hiriyoota
keenyaa du‟a hiika qabu dha; du‟a uumamaatiin oli. Diinni uummata
maseensuu kaatu iyyuu, gootummaan ilmaan keenyaa dachaa dachaan
akka biqilu ta‟e. Duuti isaanii dur na gubu amma na boqochiisuu
eegale.

Abbaa Urgee: Ee ee dhugaa dha. Egereen Oromoo ifa. Dhaloonni kun


dhaloota akka keenya gabrummaa baatee rafu miti; Dhaloota didaa
dha. Yoo bifa kanaan itti fufe kaayyoon hiriyoonni keenya du‟aniif
130 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
inuma bakka geessi, garuu ammas taanaan warri ijoollee kana
fakkaatanii keessa seenanii waan karaa saaqan fakkaatanii karaa
dhalootaa irratti gudeelcha guuran jiru. Faayidaa xiqqoon bitamanii
mul‟ata uummata kanaa dukkaneessan jiru. Osoo dhaabatanii
faayidaa waloo yaadanii wayyaaf.

Abbaa Daalachaa: Ee innoo dhugaa dha, garuu kiyyoon jaarraa oliif


kiyyeeffamaa ture takkaatti akkamiin qulqullaa‟a jetteeti? Adeemsaa fi
yeroo gaafatabar. Kaleessa gama ce‟anii, “warri gamaa akkas isiniin
jedhan” jechaa, gamanas dhufanii “Warri gamaa akkas isiniin
jedhan.” nuun jedhanii akka waan gar gar taanee addaan nu cabsani.
Isa addaan cabe kana ilaalcha duraa keessaa balleessanii walitti
deebisanii suphuun yeroo fudhata. Waan hundaafuu namni keenya
inni gamaas ta‟ee kan gamanaa, kan bahaas ta‟ee kan dhihaa, kan
kaabaas ta‟ee kan kibbaa waanti beekuu qabu nuti tokkoo fi qabeenya
walii ta‟uu keenya wal beekuu danda‟uutu nu irra jiraata. Hir‟uun isa
tokkoo kan isa biraa ta‟uu fi guutuun isaas akkasuma kan walii ta‟uu
beekuu qabna.

Abbaa Urgee: Sirrii jette, Abbaa Daalachaa. Warri faayidaa


xixiqqoon namaa fi biyya gurguru kunis osoo Oromiyaan bilisoomtee
faayidaa kanaa olii argachuu akka danda‟u hubachiisuun
barbaachisaa dha. Har‟a ofii waanuma xiqqoo argachaa ormaaf
dabarsee kenna. Osoo bilisa baanee, garuu kan diinotaaf oolu hundi
lammiif oolee guddina waliinii ta‟uu akka danda‟u hunduu cimsee wal
hubachiisuu qaba. Yeroo darbe isan mucaa koo eebbisiisuu
Yuunibarsiitii Maqalee deeme waanin dubbadhun wallaale. „Biyyuma
Itoophiyaan jiraan‟ jedhe. Albuunnii fi qabeenyi biyyattiif murteessoo
ta‟an kan argaman naannoo keenyatti. Misoomni ammayyaawaa
amanuuf iyyuu nama dhiban kan jiran immoo gara kaabaa sana.
Daandiin isaanii irra deemuu mitii irra ciiftuu si hin quuqu. Ijaarsii fi
bocni magaalaa isaanii immoo adduma. Manneen achi keessatti
ijaaraman immoo kana jechuuf nama dhiba. Ani turee tureen waanin
131 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
biyyaa bahe natti fakkaata ture. Warra faayidaa yartuun biyyaa fi
nama gurgurtu sana walitti qabanii geessanii osoo agarsiisaniin
jedhe.

Sana qofaa miti, wal moosifachuu danda‟uu qabna. Tattaafataa


keenyaaf karaa saaquu danda‟uu qabna. Yeroo inni tattaafatee
tattaaffii isaa nutti mul‟ise caalaatti socho‟uu akka qabuuf deeggaruu
qabna. Karaa inni saaqqachuuf yaalaa jiru irratti gudeelcha guurree
itti cufuu fi dadhabsiisuu hin qabnu. Harkatti qabuus hin qabnu.
Karaa inni tokko baafate gargaarree karaa dheeraa fi bal‟aa taasifnee
ofiif immoo karaa biraa saaquu danda‟uu qabna. Dabalataanis, wal
dhagahuun gaarii dha. Hunduu dubbataa ta‟uu hin qabu. Hunduu
dubbataa taanaan kan dhaggeeffatu hin jiru. Inni malli fi haalli
dubbise haa dubbatu. Inni callisuu fi dhaggeeffachuu qabu haa
dhaggeeffatu. Hunda caalaa wal-dhaggeeffachuun gaarii dha; afaan
dubbatu caalaa gurra dhaggeeffatu qabaachuun gaarii dha. Waaqnis
gurra lamaa fi arraba tokko kan nuu kenneef mee baay‟ee dubbachuu
irra baay‟ee dhaggeeffachuun gaarii waan ta‟eef jedhama mitii ree!
Yoo gurra walitti qabnee waan keessa jirru wal-hubannee gaarii ta‟a.
Gaaficha humna godhanna. Kaayyoonis galma geessi. Isa kana kan
dhaloota hubachiisuu qabnu.

Abbaa Daalachaa: Yaa Abbaa Urgee, duruu durii har‟a immoo


nadhiidhumatu afaanii si copha. Dur nama dubbatu dhabnee
rakkannaayyu. Har‟a immoo garagaltoo ta‟ee nama dhaggeeffatu
dhabne. Maaliif akka ta‟e beektaa? Kkk…. Hamma nuti ukkaamamne
ijoolleen keenya immoo afuura baafatteetti. Ta‟u illee, akkuma atuu
jettu dhaggeeffataan dirqama barbaachisa. Hunduu dubbataa yoo ta‟e
eenyutti dubbatu? “Warra walii galtee hin qabne naaf baasi jette
gaadduun.” jedhan. Ammoo yeroo tokko karaa qabatee as bahu kan
biraa „anis bar karaa kana qabachuuf yaadaan tureeyyuu‟ waan jennu
tokkotu jira. Hunduma irra iyyuu ishee kana sirreessuutu nu irraa
eegama. Lafa hundumatti argamuu barbaanna. Gaarii dha! Garuu,
132 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
dandeettii fi gahumsa isaa qabaachuu qabna. Waan hawwinuuf qofa
dubbannee wal harkatti qabnee wal dadhabsiifna yoo ta‟e, waanjoon
kun nurra dheeratti. Kana illeen cimsinee wal hubachiisuu qabna.

Abbaa Urgee: Sirruma jette, garuu kana kan gadi bahee dubbatee
soroorsu eenyu? Silaa anaa fi si‟i warra gorora liqimse, warra qalbiin
waa hubatu, warra umuriin waa barsiifte. Nuti immoo akka sana hin
jirru. Ofii sodaannee mana teenyee ijoolleen ijoollee keenyaa falmitee
irratti duutee nuti itti jiraachuu feena. Silaa osoo akka adeemsaatii
anaa fi situ irratti du‟ee ijoollota keenyaaf sirreessuu qabaayyu. Anaa
fi atoo asii dumbulloo fi shinkoo argannee ittiin guyyaa lakkoofnutti
gammannaa, maal godha? Har‟uma illee edda ijoolleen karaa
qabsiifattee abbootiin dhimminee soroorsaa hin jirru; inumaa carraa
argatanitti fayyadamanii isa ijoolleen meelchite dhiibanii jallisuu
barbaadu. Dhaloota keenya waaqnumti haa soroorsu malee akka hin
soroorretti jallate.

Abbaa Daalachaa: Tole egaa Abbaa Urgee, rakkoo jiru silaa argaa
jirraa; irratti dubbachaa jirraa, nama biraa eeguu dhiifnee anumtii fi
ati tokko jennee waan dandeenyu yoo goone, hoo warri hafan silaa nu
duukaa bu‟uu danda‟uu?

Abbaa Urgee: Anaan natti tola. Har‟aa qabee dhugaa dabu ilaalee
irratti dubbachuu qofa osoo hin ta‟iin qajeelchuuf waanan gochuu
danda‟u hundaa fudheen aarsaa barbaachisu hundaa kafaluuf irbuun
siif seena.

Abbaa Daalachaa: Akkas taanaan nama gammachiisa. Egaa dhaloota


kana gurmuutu itti hir‟ata. Gurmuu hin qabu, gaafa lafaa quba wal
hin qabu. Gaafuma wal arge hoyi jedhee wal dhiiba. Kanaafuu,
hiriyoota keenya irraa eegallee ijoollee fi manguddoo osoo adda hin
baasiin qooda qooda kennineefii garee gareetti qooduun hojii
hojjachuu qabnu hojjachuu qabna. Anis waanin danda‟u hundaa
bahuuf irbuun siif seena.
133 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Abbaa Urgee: Egaa irbuun anaa fi siif akka ijoollee bara kanaa miti.
Irbuun irbuu Oromoo ganamaati; akka dubbii bara kanaa, isa har‟a
dubbatanii bor diigamu miti. Hiika addaa qaba. Akka hojiitti jijjiirrus
abdiin qaba.

Abbaa Daalachaa: Tole, michuu jedhi kana irra nagaatti!

Abbaa Urgee: Hayyee, jedhi ijji nagaan wal nu haa argu!

jechaa waan jabduu mari‟atanii wal biraa ka‟an.

Gurmuun washeeqaa Dr. Mohaammad duuba biddiiqa. Yeroo ol


seenanii siree Ga‟eeraan irra ture ilaalan nama biraatu irra jira. Doktar
na‟eetu miila dhaabbate. Xiqqoo dhaabatee miiluma naasuu tokkoon
gara ogeessa bakkicha jiruutti siqee Ga‟eeraa gaafate. Ogeessichis
Ga‟eeraa akaakayyuun isaa dureessi beekamaan gara biyya
Ameerikaatti geessee yaalchisuuf barreessisiifatee akka fudhatee bahe
itti hime. Dr. Mohaammad mukatu afaanitti cite. Gurmuu
gammachuun dafqisiisee ture imimmaanitti jijjiirame. Doktar seenaa
addaa hojjachuuf yaalii godhu illee hin milkoofne.

Dr. Gizaachoon kaleessa galgala boqonnaaf bahe har‟a deebi‟ee dhufe.


Turtii boqonnaa isaatti imaanaa fi abbaltii jabaa fudhatee dhufe.
Gooyitoom fayyummaa Tokkummaa dhiyeenyaan duukaa bu‟aa ture
Dr. Gizaachoo cimsee qabateera. Turtiin boqonnaa Dr. Gizaachoos
Gooyitoom waliin ture. Dr. Gizaachoof cheekii maallaqaa guddaatu
barreefameef. Dr. Gizaachoonis imaanaa fi abbaltii fudhatee dhufe
hojii irra oolchuuf kutannoo jabaa qaba; muuxannoo dheeraas itti qaba.
Akka carraa yeroo inni dhufu namni Tokkummaa dhukkubsachiisu
bira hin jiru. Tokkichi isa dhukkubsachiisu Gurmuun, Ga‟eeraa
barbaacha Dr. Mohaammad waliin bahe.

Dr. Gizaachoonis haalota mijaawaa argate fayyadamee atattamaan


abbaltii isaa hojjachuuf ol seenee Tokkummaa qaqqabatee nagaa

134 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


gaafatee, bakkee meeshaa yaalii fudhatan ol seene. Akkuma seeneen
uffannaa hojii uffatee golga harkaa/gilaavii kaawwatee hojii isaa
eegale. Qorichoota garaa garaa gochaa hamminaa karoorfateef oolan
bulbulachuu eegale. Saffisaan edda bulbuleen booda, walitti
mammakee hamma isaa dabalee dirtuutti/lilmeetti naqatee
Tokkummaa waraanee badduu baasuun abbaltii isaa xumuruuf
sardamaa gara ciisa Tokkummaatti qajeele.

Dargaggoonni mooraa mankaraarfamaa geeffamanis waan


geeffamaniif tokko tokkoon qooda ofii fudhachaa jiru. Amansiisuuf,
jiilchuuf, doorsisuuf waanti jarri hin taasifne hin jiru. Dargaggoonnis
durumaa gidiraawwan raawwataman akka isaan mudachuu danda‟an
waan beekaniif waanti ta‟u isaaniif dhimma miti. Tarkaanfiin isaan
irratti fudhatamus akkuma ilaalcha nama isaan sodaachise ykn
yaaddesse irratti tarkaanfii cimaatu fudhatama. Waan itti dhufe hundaa
“Oromiyaa biyya abbaa kootiifi.” jedhanii jaalalaan liqimsu.
Uumamaan jabinni namaa garaa gara waan ta‟eef miidhaa irra gahu
damdamachuu dadhabee kan lubbuun baatus heddu. Warra lubbuun
bahes reenfa isaanii akkuma fedhan godhu. Yoo fedhan maatiitti
erguuf; yoo fedhan lafa namni arguu hin dandeenyetti gataniitu achitti
bineensii fi allaattiin nyaatu.

********************

Jabeessaa Abbaa Buttaa, ilma isaa ijaan argee hin beekne, ilma ilma
isaatii argatee carraa yaalchifachuu argachuun isaaf gammachuu
addaati. Adeemsa hundaa fixatee Ateetee fi hirayaa isaa tokko waliin
Ga‟eeraa fudhatee gara Ameerikaatti sokke. Ga‟eeraa milkiitu wajjin
bahe. Bakka deemettis yaalii barbaachisu hundaa argatee lubbuu isaaf
tikseen baay‟atteetti. Hiriyaan Jabeessaa firootaa fi hiriyoota hedduu
Ameerikaa kutaa garaa garaatii qaba waan ta‟eef keessummummaa fi
deeggarsi roobaafii jira.

135 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Ateeteen jiruu ishee keessatti bu‟aa bahii hedduu argites Ameerikaa
arguutu hafaafiiree, isas argiteetti. “Akka cabanitti fayyu” akkuma
jedhan, madaa fi godaannisa hedduun gidiraa turtee lafa bal‟inaa jirti.
Mucaan ishee yaalii argachuun isaa ishee boonseera. Ta‟u illee,
gammachuu hin qabdu. Abbaa mucaa ishee lafa dhiphinaa hedduu
keessa waliin turan osoo lafa bal‟inaa hundumaatti argitee waliin
hafuura fudhattee gammachuu isheetu isa. Abbaa warraa ishee bahee
gala dhabee, achi buuteen isaa dhabameef qalbiin ishee yeroo hunda
dhaabata. Sagalee isaa dhageessee galaana gammachuu daaktee hin
beekne daakuu jalqabdee osoo achi hin siqiini galaanni gaddaa sababa
balaa ilma ishee irra ga‟eetiin kan ishee irra garagalee dhirsa ishee
dagachiise. Kun immoo hedduu garaa ishee madeesse. Edda
fayyummaa mucaa ishee mirkaneeffattee immoo sagalee
Tokkummaatu gurra keessa deddeebi‟a. Bilbilli Finfinnee irraa guyyaa
muraasa dura bilbilamteefii sagalee Tokkummaa ergitee addaan kutte
gurra ishee keessaa kililchiti.

Gurbaan hiriyaan Jabeessaa eessumatti ooluuf hospitaala Ga‟eeraan itti


yaalamu dhufee keessummoota dubbiseen booda Ga‟eeraan haala
gaarii irra jiraachuu isaa hubatee keessummoota affeeruuf fudhatee
bahe. Bakki affeeraman sunis hedduu nama marara. Ateeteen, garuu
Tokkummaa of fuulduratti ilaalti. Sagalee isaa gurra ishee keessaa
dhaggeeffatti. Dhaggeeffannaan sagalee Tokkummaa arraba ishee
waan takaaleef ijaan haasawuu eegalte. Imimmaan dhanquu dhanquun
dhankal dhankal gooti. Namoota hundaa hibboo itti ta‟e; maaltu akka
ta‟e hin beekan; isheen kanan ta‟e hin jettu. Hunduu yaaddoo keessa
galanii itti siquun sossobuu eegalan.

Haasawaa ijaan jalqabde afaaniinis futtaafatte. Tokkummaan bilbiluu


isaa fi taateewwan sana booda ta‟an hundaa jaratti himte. Abbaan
Tokkummaa hedduu mirqaane. Gammachuun isaa daangaa dhabe.
Ateetee yaaddootu boochise; Jabeessaa immoo gammachuutu
boochise. Simboon haalota mijeessuuf Dirreetti deebite. Jabeessaanis
136 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Simboof bilbilee fayyummaa Ga‟eeraa edda itti himeen booda
Tokkummaan argamuu isaa fi yoona jala darbee biyya akka gale
shakkii qabaachuu isaa itti himuun Simboon akka Gudar deentee
Tokkummaa barbaaddu dhaame. Simboon mucaa isheef jettee gubatte
dhibee ishee guutummaa bara jiraatteef furmaata waaraa argachuu
ishee waan dhageesseef gammachuu dachaan imala ishee gara
Gudariif qophii eegalte.

Dr. Gizaachoon haala mijataa argateef milkaawuu isaa shakkii hin


qabu. Yerichatti ogeessi kamuu quba isa hin qabu; haalota mijataa
argateera. Lilmee isaa qoricha guuttatee jirbii waliin fudhatee as bahe.
Tokkummaan ija of dadhabe tokkoon ilaala. Ijji Doktaris ija
Tokkummaa garaa nama laaffiftu tokko irra bu‟e; ni na‟e; waan
Tokkummaan irratti beeke se‟e. Tokkummaa ofiif jiraatee hin beekne,
bara jireenya isaa guutuu hawaasa isaaf jiraachaa ture, guyyuma tokko
illee daandii hawwii isaa osoo ijaan hin argiin, har‟a guyyaan waan itti
dhumate fakkaata.

Dr. Gizaachoon qophii hundaa xumuree hojii isaa gara jabeenyaa dur
bare, kan takkaafuu shakkee hin beekne, har‟a osuma shakkuu saffisa
dabalee Tokkummaa biraan bahuun wayyaa irraa fuffuudhee
tottolfachuu eegale. Yeroo kana bilbilli Gooyitoom irraa bilbilameef.
Doktar naasuudhumaan lilmee lafatti ha‟ee bilbila yoo gadi fuudhu
kan Gooyitoomi. Daddafee kaasee gara dahootti goruun haasaa eegale.
Gooyitoom haasaa ajajaa fi akeekkachiisaan guutame itti haasawuun
bilbila cufe. Dr. Gizaachoon ajajaa fi akeekkachiisa jabaa kennameef
fudhatee atattamaan Tokkummaa biratti deebi‟ee lilmee isaa ol
fudhatee wayyaa irraa fuudhuun waraanuuf lilmee ol qabee quba
gidduun rurrukutee haala mijeeffate.

Warri Ameerikaa Ateetee sossobanii Tokkummaan akka waan qe‟eetti


galeetti jajjabeessuun gammachuu dachaan bohaaranii gara mucaa
isaaniitti deebi‟an. Ga‟eeraan fayyummaa gaarii irra jiraachuun

137 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


isaaniif ammas gammachuu biraa dha. Jabeessaa galgalli isaa ifa
ta‟uun itti toleera. Lubbuu Ga‟eeraa bifa kanaan yaallachuu danda‟uun
hedduu boqochiiseera. Irra caalaa iyyuu Simboon mucaa aarsaa jabaa
taasifteef ni argatti jedhee waan amaneef hunda caala gammadeera.

Dr. Mohaammadii fi Gurmuun hedduu ofitti gaddaa galmee Ga‟eeraa


sakatta‟uu eegalan. Galmees dhiyeenyumatti argachuun bilbila Ateetee
argatani. Gaddi isaanii gammachuu addaa ta‟e. Yeroo isaan bilbilicha
barreeffatanii bilbiluuf yaalan, bilbilli ishee cufaa dha. Deebi‟anii
gaddan iyyuu gaddi isaanii akka duraa hin turre. Ammaaf cufaa ta‟e
malee yeroon booda argachuu akka danda‟an tilmaamani.

Dr. Gizaachoon qophii hundaa fixee waraanuuf yeroo lilmee gadi


deebisu Dr. Mohaammad balbala irraa ol aseene. Dr. Gizaachoon
naasuu lilmee gadhiise. Qaamni hunduu ni hollate. Dr. Mohaammad
haalonni keessummaa itti ta‟ani. Maaltu akka ta‟e hubachuu hin
dandeenye. Itti siqee yoo ilaalu, lilmee qorichi itti guutamee jiru arge.
Yeroo ilaalu, waldhaanamaa sadarkaa dhukkubaa kam irra jiruufuu
hammi qoricha lilmeen sun qabatee jiruu hin eeyyamamu. Dr.
Mohaammad hedduu na‟e; yaaddoo jabaa keessa gale. Maaltu akka
yaadame hubachuu danda‟u illee maaliif akka yaadame hubachuuf
takka rakkate. Dr. Gizaachoon afaan Gurmuun hin dhageenye Afaan
Ingiliziin dhiifama gaafate; „na hin saaxiliin‟ waan jedhu fakkaata.

Simboon yeroo hedduuf deddeebitee afuura ilma ishee dhaggeeffachaa


ija isaa arguuf ija haxaawwachaa turte oduu dhageesseen hedduu
gammaddee miila fuute. Karaan jalaa dhumuu dide. Hamma
Finfinneetti xiyyaaraan dhuftu iyyuu karaan mana Ateetee geessu
baay‟ee jalaa dheerate. Hundaafuu takkaa manaa baateetti waan ta‟eef
achi gahuun ishee hin oolle. Akkuma geesseen iyyaafannoo ilma ishee
itti muddite. Namni maqaa „Tokkummaa‟ jedhu beeku tokko illee hin
argamne. Sochiin Gudar keessaas to‟annaa qabu waan ta‟eef namuu
akka arge keessa hin tarkaanfatu. Ta‟u illee, Simboon Tokkummaaf

138 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


aarsaa hin kafalle hin qabdu. Kutannoon asii fi achi deddeemtee
iyyaafatti. Yeroo isheen deddeemtee „Tokkummaa‟ jettee gaggaafattu
warri of hin amanne shakkiitu itti guutame. “Dubartiin bifti ishee
naannawa kanaaf haaraa kun ergaa dabarfachaa jirtiitii to‟atamuu
qabdi.” jechuun duukaa bu‟uu eegalan. Yeroo yartuun boodas haadha
ilmoo ishee barbaachaaf garaan roora‟u to‟annaa jala oolchuun jiruu
ilmi ishee itti ture dhamdhamsiisuu eegalan.

Warri Baargamaa sagalee Tokkummaa dhagahuuf hedduu gurra


qeensu. Sagaleen Tokkummaa sagalee Simboo iyyuu dabalatee ji‟a
lixxe ta‟e. Bilbilli warri Baargamaa irratti bilbilaa turan cufameera.
Simboon mana hidhaa seentee jirti. Simboo cufamuu bilbilaa qofa
miti, rakkoo heddutu ishee irra gahaa jira. Akka isheen Gudar geesses
namni beeku hin jiru. Bakka to‟atamtetti namni ishee quba qabus hin
jiru. Manni hidhaa Gudar jirus seera waliin quba wal hin qabu waan
ta‟eef ganda isaatti seerri ulee dha. Hiriyoonni Tokkummaa waliin
barachaa turan muraasni isaanii foolisii ta‟anii achi hojjatu. Hojiin
isaaniis egaa nama reebuu dha yoo jedhame namuu waan shakku miti.
Barnoonnis seerris uleen namaaf gala waan jedhan fakkaatu. Silaa
osoo kanatti beekanii yeroo barataa turan of reebsisanii akka
barnoonni isaaniif galu taasisuuyyu malee …...

Foolisoonnis haadha hiriyaa isaanii reebichaan ijibbaachisu. Silaa osoo


gurra qabaatanii dhaggeeffatanii waanti Simboon jettu hunduu isaaniif
barnoota guddaa ta‟a ture. Lammata irra deebi‟anii ulee hin qabatan
ture. Maal godharee jara gooftoliin isaanii gurra duuchaniiru waan
ta‟eef isaan malee namni hin dhagahamu. Simboo yoo taate gidiraa itti
beekti waan ta‟eef reebaniis dhiisaniis isheef homaa miti.

Jabeessaan guyyoota hedduuf bilbila Simboo yaalee dadhabe. Bilbila


hiriyoota isaa biyyatti hafanitti bilbiluun haala Simboo qorachiisuu
eegale. Hiriyoonni isaas waan Jabeessaan beekuu oolitti waa‟ee
Simboo waan beekan hin qabani. Isaan keessaas namni Gudar beeku

139 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


hin jiru waan ta‟eef deemanii barbaaduuf illee ulfaataa ta‟e. Jabeessaan
dhiphina biraa dabalate. Deebi‟ee galuufis yaaliin Ga‟eeraa hin
dhumne. Galaana yaadaa gidduu taa‟ee machaa‟uu eegale.

Dr. Mohaammad hamaa qomoo isaa irratti raawwatamuuf ture


fashalaa‟uu isaatti ijaan argee hedduu gammadu iyyuu gochichi
kanuma baratamee fi bifa kanaan lammii isaa hedduu dhabuu
tilmaamee of irra qucuummatee ijaan haasa‟uu eegale. Gurmuunis
dhimmicha duukaa bu‟uun maaltu akka yaadame tilmaamuu
danda‟eera waan ta‟eef utaalee lilmoo sana fudhatee harkatti qabate.
Dr. Gizaachoon naasuudhumaan utaalee Gurmuu harkatti qabuuf
yaale. Gurmuun waan hedduun madaa‟ee obsa isaa fixate haariidhaan
Dr. Gizaachoo abootteen dhahee gombise. Bakka itti kufetti dhaqee
qabatee lilmicha itti diruun qorichicha itti naqe. Osoo Gurmuun
qorichicha itti hin fixiin Dr. Mohaammad gurmuu harkatti qabee irraa
buqqise. Tokkummaan danda‟ee bakkaa hin sochoone bakka
ciisichaatii wixxisa. Maaltu akka ta‟e beekuu baatu iyyuu Gurmuun
namaan wal lolaa jiraachuu isaa argaa jira.

Dr. Mohaammadii fi namoonni birmatan Gurmuu qabanii gadi baasan.


Dr. Gizaachoon “Geddeluuny, geddeluuny- na ajjeesan na ajjeesan.”
jedhee iyya. Doktoroota biroo birmatanii dhufaniin “Na ajjeesan”
jedhee iyyu iyyuu namni isa hubatu hin turre. Akka lilmoo diran yeroo
himatutti qorichi kobbacha dafaksiisuu eegale. Ija babaasisu itti fufe.
Foolisoonni waamamanii Dr. Mohaammadii fi Gurmuu to‟atanii
deeman. Badii Dr. Gizaachoo irra gahe qoratanii yeroo dawaan
kennamuufitti lubbuun Dr. Gizaachoo dur karaa kutte.

Dubbiin Dr. Gizaachoo hospitaalicha hunkuruu eegale. Maaltu akka


ta‟ee fi maaliif akka ta‟e namoota hundatti gaaffii uume. Badii gahe
Dr. Mohaammad geessisuu tilmaamanii maaliif akka geessise bira
gahuu hin dandeenye. Dubbiin ka‟e sababa dhukkubsattoota kutaa
Tokkummaan ciisuu ta‟uu tilmaamun battalumatti warra kutaa saniif

140 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


bakka ciisichaa jijjiiraniif. Tokkummaafis jaruma waliin jijjiiraniifii
yaalii isaa itti fufe. Ta‟u illee, namni isa yaalchisus ta‟ee maallaqni
dawaa bitanii ittiin isa yaalchisan hin jiru.

Gurmuun mana isaa ganamaatti deebi‟e. Dr. Mohaammad waan argee


hin beekne arge. Shakkamtoota lubbuu ajjeese ta‟anii mana hidhaa
galfaman. Yakkichaafis itti gaafatamummaa ol aanaan kan Dr.
Mohaammad yoo ta‟u, Gurmuun akka gargaaretti himatame. Ta‟u
illee, yeroo waajjira foolisiitti dhiyaatanii yaada kennan, Gurmuun
adeemsa ture hundaa tokko tokkoon himuun itti gaafatamummaa
guutuu ofitti fudhatee Doktar bilisa akka ta‟e dubbate.

Tokkummaa namni gargaaru bira hin jiru. Maallaqni ittiin dawaa


bitaniifis hin jiru. Waa‟een isaa namoota achitti isa argan hundaaf
hibboo cimaa ta‟e. Carraan isaa namuma isa gargaaru illee rakkoo irra
buuse. Namni abbaa kanaa jedhuun hin jiru. Ogeessonni dhufanii
arganis dhimma isaa iyyaafatanii bahuu irraan kan hafe furmaataan
kan dhufuuf hin jiru. Innis gaaffilee ka‟aniif deebii kennu hin qabu.
Dawaan inni ittiin yaalamu dhumeera. Tasuma siree qabatee ciisa.
Ogeessotaafis qormaata guddaa ta‟e. Nama isa waldhaansisus ta‟ee
nama isa baasu hin arganne.

Dubbiin Tokkummaan kaate Dr. Mohaammadii fi Gurmuu


mankaraarsuu ishee itti fufte. As buutee Dr. Mohaammadis maatiin
isaa quba hin qaban. Baay‟ina guyyaa dur turuu bira darbee eeganii
dhabnaan bakka hojii isaa barbaacha deeman. Dr. Mohaammad yoo
gaafatan deebiin isaan argatan waan nama naasisu ture. Mana hidhaa
isaan jiranis yeroo gaafatan namni quba qabu hin turre. Maatiin Dr.
Mohaammad barbaacha abbaa qe‟ee isaaniitti hedduu rakkatan.
Manneen hidhaa fi waajjiraalee foolisii Magaalaa Finfinnee keessatti
argaman hundaa waliin gahanii nama „As jiru‟ jedhuun hin arganne.

********************

141 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Gooyitoom bilbila Dr. Gizaachoo deddeebisee bilbila. Doktar edda
du‟ee guyyoota lakkofsiseera waan ta‟eef bilbilli isaa hin hojjatu.
Gooyitoom fala wallaale. Doktar dirqama isaa osoo hin bahiin
maallaqa irraa fudhatee waan bilbila cufe se‟eetu na qabaa na
gadhiisaa jedha. Doktar waan dhibetu dhibe malee dirqama isaa
bahuuf duubatti deebi‟ee hin beeku; muuxannoo jabaa itti qaba.
Hospitaalichatti deddeebi‟us argachuu hin dandeenye. Kutaa ciisicha
Tokkummaa duraanii dhaqus sababa dubbii tureef kutaan
Tokkummaan ciisu jijjiirameera. Kun ta‟uun Doktar dirqama isaa
raawwatee irratti beekamnaan waan qabame se‟ee naasuu fi
gammachuun guutame.

Gooyitoom yaanni waliin isa maktee odeeffannoo dhabee rakkata. Dur


guyyaa hunda to‟achaa ture. Tibba rakkoon uumame sana guyyaa
muraasaaf sababa hojiitiin bakkee biraa waan tureef waan uumame
quba hin qabu. As ilaalee achi ilaalee nama beeku tokko illee waan hin
arganneef yaadaan haasawaa gara mana isaa deeme. Guyyaa
muraasaaf irra deddeebi‟ee raawwiidhuma wal fakkaataan deebi‟ee
gara mana isaatti gala. Gaafa biraa ganama yeroo inni dhufu
foolisoonni kutaa Tokkummaan ciisaa ture guutanii jiru. Kan dhufanis
ragaa yakka Doktar irratti raawwatame jabeeffachuufi. Gooyitoom
sababa jarri dhufaniif hin beekne, yoo ilaalu michuuwwan isaa keessa
jiru. Suuta itti siqee nagaa gaafatee sababa isaan achi dhufaniif gaafate.
Foolisiin inni tokko suuta jedhee du‟a Dr. Gizaachoo itti hime.
Gooyitoom hedduu rifatee sababa du‟a isaa gaafate. Foolisichis itti
hime.

Gooyitoom waan dubbatu wallaale. Hanga foolisoonni ragaa


funannatanitti konkolaataa isaa keessa seenee shira xaxuu eegale.
Foolisoota kanneen qabatee warra Dr. Gizaachoo irratti tarkaanficha
fudhatan beekuu fi dhimma isaanii jijjiirsisuu akka qabu murteesse.
Hanga jarri hojii ofii fixanitti koomee irra taa‟ee eega. Waan gochuu
qabu hundaa toora tooraan karoora baasee fixee konkolaataa keessaa
142 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
bu‟uun gara hospitaalichatti qajeele. Jarris hojii ofii fixanii bahuuf
qophaa‟ani. Gooyitoom michuuwwan isaa waliin haasawaa isaa itti
fufe. Kan dubbiin ittiin ka‟e Tokkummaa ta‟uu foolisichi itti himee
ture. Gooyitoomis haalota duraan turan beeka waan ta‟eef sababicha
beekuuf hin rakkanne; kan isa rakkise, garuu ofiif raawwachuu dhaqee
akkamitti irratti raawwatamaa dha malee. Hunda dhagahee, garuu
Tokkummaan sadarkaa kam irra akka jiru gaafate. Tokkummaan
achuma keessaa yaalamaa jiraachuu fi kutaan inni dura ture yeroof
nageenya waldhaanamtootaaf jecha kutaa biraatti akka jijjiirame itti
hime. Gooyitoomis odeeffannoo argateef hedduu gammadee kutaa isaa
gaafate. Foolisichis kutaa inni jiru ragaa gahaa kenneef. Sana booda
nagaa itti dhaamee gara konkolaataa isaa seene.

Warri Baargamaa qaamaan Baargama jiru malee qalbiidhaan biyya


jiru. Simboon baatee gala dhabde. Namni waa‟ee ishee beekus biyya
keessa waan jiru hin fakkaatu. Bilbilli biyya keessaa kaatus as geessee
Simboo kan dubbattu hin jirtu. Yaaddoon isaanii hedduu dabale.
Obboo Jabeessaan gara biyyaatti deebi‟uuf Ateetee fi Ga‟eeraa
namoota achi jiran qofaatti dhiisee deemuuf garaatu isa dadhabe.
Hiriyaa isaa erguuf hiriyaan isaa Gudar hin beeku. Ateeteen akka hin
deebine, yaaliin mucaa ishee hin dhumne. Rakkoon waayillan
guurrattee Obboo Jabeessaa fa‟aa mankaraarsiti. Osoo jiruu
Tokkummaa dhagahanii hoo maal jedhu laata?

Simboon mucaa isheef waan hin taane hin qabne, har‟as aarsaa biraa
kafalaafii jirti. Dubartii garaan dhalaa ittiin taphatu, kan harmi dhalaa
gordee boqonnaa dhoowwu, mormattuu siyaasaa taasisanii cubbuu itti
oolu. Silaa haadha Tokkummaa deesse kabajaa fi barcumatu ta‟aaf
ture. Kan ta‟eef salphinaa fi gidiraa dha. Silaa osoo Tokkummaan
eenyuu fi maal akka ta‟e beekanii aarsaa kafalanii lafa inni jiruu fidatu
malee darbaa dabarsaa sanyii isaa mankaraarsuu hin qaban ture.
Waanti wallaalummmaan nama hin goone hin jiru. Keessa dabarsaa
isaa garaaf nama jilbeeffachiifti.
143 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Dargaggoon naannawa sanii waan waa‟ee Oromoo dubbatan qofaaf
mankaraarfamanis lakkoofsa hin qaban. Dhiiraa fi dubara hin qaban.
Simboon egaa isaan waliin hidhamte. Dargaggoonni hidhamanis
waa‟ee Ga‟eeraa kaasanii haasa‟u. Simboon, qalbi-qabeettiin haasaa
dargaggoo sanii qalbiin dhaggeeffatti. Haasaa isaanii irratti Ga‟eeraan
mucaa Tokkummaa ta‟uu fi Tokkummaan qabsaa‟aa bosonaa ta‟uu
isaa haasa‟u. Haati Tokkummaa Simboo ta‟uu fi waan isheen taatee
du‟aa fi jiraan ishee wallaalame haasawu. Dhuma irrattis dubaroota
hedduu hidhamanii jiran keessaa, dubaroonni obbolaa sadii fi durbii
isaanii tokko waliin hidhaman, Tokkummaan mucaa indootiyyaa
(obboleettii haadha isaanii) isaanii ta‟uu dubbatu. Simboon reebichaan
miidhamtee dura salphaatti dandeessee lafaa hin kaane, gammachuu
kaatee mucaa dubbachaa jirtutti marmite. “Simboo jechuun ana; amma
iyyuu Tokkummaan galee dhageenyaanin isa barbaacha dhufee
qabanii na hidhan.” jettiin. Dubaroonnis gammadanii walitti marmanii
boo‟icha eegalan.

Gooyitoom konkolaataa isaa kaafatee saffisa irra kaa‟e; hanga mana


hidhaa Gurmuun fa‟aa itti hidhaman bira ga‟utti sardama. Achi gahuu
hin oolle; battaluma achiin bahe. Achis yoo dhaqe kiyyoon isaan
diriirsan jira waan ta‟eef shira isaa xaxuuf homaa iyyuu hin rakkanne.
Dr. Mohaammadii fi Gurmuun kiyyoo Gooyitoomiin xaxamanii
dubbiin dubbii siyaasaatti jalaa jijjiiramtee gara mana hidhaa biraatti
akka dabarfaman murtaa‟e.

Gooyitoom hojiin biraa isa hafeera. Tokkummaa bakka itti gochuu


qaba. Kan duraa hedduun isaa fashalaa‟anii lubbuu Tokkummaa
tiksaniiru. Inni ammaa kun, garuu akka lamuu deebi‟ee isa hin
yaaddessinetti karoorse. Dargaggoo kashalabboota magaalaa keessaa
kan jiruun isaanii humnaan wal keessaa barbaadee Tokkummaan fira
isaanii akka ta‟ee fi mana yaalaa dhuunfaatti yaalchifachuu akka
barbaadan himanii mallatteessanii akka baasan yaade. Dargaggoo
sanaafis maqaa isaanii isa dhugumaan osoo hin ta‟iin maqaa sobaan
144 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
waraqaa eenyummaa baasiseefii dhimma isaa akka bahaniif
murteessuun dargaggoo hojii wal fakkaataa akkanaatiin isa tajaajilaa
turan lama barbaacha ka‟e.

Chombee fi Chuuchuun hojii humnaa hojjatanii jiraatu. Sababa


guddinaa fi babal‟ina magaalaa Finfinneetiin maatiin isaanii qe‟ee
dhalootaa isaanii irraa buqqifamanii gargar bittimani. Abbaa fi haadha
isaanii irraa ijoollummaatti adda bahani. Mi‟aa abbaa fi haadhaa hin
qabani. Akka saree, barandaa warra maatii isaanii qe‟ee buqqisee ofii
gamoo tuullateetti guddatani. Kanaaf, jaalalaa fi jibba namaa hin
beekani; ta‟u illee jiruu amma jiraachaa jiran kana akka jiraatan eenyu
akka isaan taasise ni beeku.

Chombeen maallaqa arginaan foon namaa iyyuu ni nyaata.


Chuuchuun, garuu hojii humnaa hojjatee buluu irraan kan hafe nama
irratti balaa geessisuu hin jaalatu. Falmiin hiriyoota lamaanis
dhimmoota kana irratti. Chuuchuun humna isaatiin hojjatee argachaa
daguu argates hatatee jiraachuu, Chombeen immoo tarkaanfii karaa
kamuu fudhatee maallaqa argachuutu kaayyoo isaati. Yeroo hundaa
wal falmu, ta‟us wal jaalatu waan ta‟eef oolmaan isaanii waliini.

Chombeen maamiloota Gooyitoom keessaa isa amanamaa fi dursi


kennamuufi dha. Gooyitoom kan maamiltoota biraa barbaadu gaafa
Chombeen ko‟oome qofaa dha. Hojjataa dhaabbiin qaama isaa nama
quubsu, kan waan hundumattuu garaa nama gahu waan ta‟eef
Gooyitoom hedduu jaalata; itti amanata. Battaluma karoora isaa fixetti
Chombeen sammuu isaatti dhufe. Gooyitoomis Chombee arguuf
beellamatee konkolaataa isaa kaafate. Chombeenis hojii argachuu
isaatti hedduu gammadee bakka beellama isaatti qajeele. Bakka itti
wal-arguuf walii galan taaksii lamatu dhaqqabsiisa; innis taaksii koree
itti qajeele.

Simboon mana hidhaa keessatti ilmaan argatte. Guyyoota hedduuf


namni ishee gaafatu dhibee rakkattu illee, har‟a dhiiga isheetiin walitti
145 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
makamteetti. Dubaroonni Simboo maqaa malee bifaan hin beekne
waliin wal-arguu isaaniifi mana hidhaa keessa akka waliin jiran maatii
isaaniitti himani. Firoonni dubaroos warri duraan ishee beekan, Ijuma
keenyaan ishee argina” jedhanii, warri seenaadhaan ishee beekan
immoo “Nama akkamiiti isheen maaloo!” jechaa dabareedhaan mana
hidhaatti yaa‟anii ishee gaafatu. Simboon maraattee biyyaa baate, kan
firri hunduu akka duutetti abdii kutatee taa‟e, lubbuun argachuu isaanii
gammadanii nuffii tokko malee deddeebi‟anii dubbisu. Simboonis
hedduu gammaddi. Jiruu mankaraarsaa hunda dabarsitee lubbuun
jiraattee waan amma keessa jirtu arguun isheef gammachuu guddaa
dha. Firoota wal hin beekne waliin wal dubbifti. Firoota argite
hundaan sababa itti hidhamte himuu hin dhiifne. Firoonnis
Tokkummaa lubbuun jiraatee bakka dhaloota isaatti gale jechaa
dhagahuun hedduu isaan gammachiise waan ta‟eef akka barbaadanii
simatan abdiin ishee guutu.

Gooyitoomii fi Chombeen bakka isaanii gahanii wal argani. Taa‟anii


wuskii ajajatanii kaayyoo isaanii waliin mari‟achuu eegalani. Waanti
Gooyitoom Chombee ajajaa jiru waan ulfaataa ta‟uu Chombeen itti
hima. Gooyitoomis haalota ulfaatan hundaa mijeessee salphisuu akka
danda‟uu fi maallaqa kuma shantama akka kafaluuf itti hime.
Chombeen fuulli hunduu ilkaan ta‟e. Gochicha raawwachuufis kan
duubatti hin deebinee fi namni biraa akka isa hin barbaachifne himuun
haal-duree barbaachisan saffisaan akka qixeessu itti hime.
Gooyitoomis waa‟ee Tokkummaa hundaa qoratee akka fixe
Chombeetti hime. Waraqaa eenyummaa sobaa akka baaseefii isa
qabsiisu itti himee, mana yaalaa fooyya‟aatti geessee yaalchisuu akka
barbaadu himatee baasuudhaan bosona guddaa namni hin argine
keessatti geessee akka ajjeesu itti hime. Dabalataanis, walakkaa
maallaqichaa gochaan dura, walakkaa immoo dhuma irratti akka
fudhatu itti hime. Chombeen akka ajaa‟ibaa gammadee maallaqni hafe
akka jalaa hin bubbulle akeekkachiise.

146 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Tokkummaa namni yaalchisu dhibe; daawaan jalaa dhumee
ogeessonni fayyaa fala wallaalanii wajjin rakkatu. Namoonni
gaddaniifis itti siqanii isa qoratu. Innis fira qabaachuu fi firri isaa akka
isa hin beekne hima. Namni gaddeef soorata fidaaf malee kan
maallaqa yaaliif ta‟u kennu hin argamne. Tokkummaanis dhumni isaa
akkatti rakkiftuu fi fokkiftuu ta‟uu ishee kolfa imimmaaniin wal
makaadhaan ibsata. Tokkummaan akkatti rakkatu silaa osoo nama
akkamii fi maal baatee akka jiru beekamee hunduu dhimmee
kunuunsaayyu ture.

Firoonni Simboo mana Ateetee beekan achi dhaqanii hojjattuu


Ateeteen Simboon akka mana hidhaa jirtu itti himanii Tokkummaan
akka mana dhufe yoo gaafatan mucattiin Tokkummaa maqaa fi seenaa
isaa malee eenyu akka ta‟e hin beektu waan ta‟eef namni kamuu
dhufee akka ishee hin gaafanne itti himuun Simboon maal balleessitee
akka hidhamte qorachuu eegalte. Jarris waan dhagahan itti himani.
Mucaanis hedduu gadditee Simboo dubbisuuf waan nyaatamu
qopheessuu eegalte. Jarris Tokkummaan akka mana hin dhaqne edda
qulqulleeffatanii booda barbaacha isaanii itti fufan.

Gooyitoom bakkuma walii galtee taa‟ee bilbila bilbiluun maqaa


jijjiiree waraqaa eenyummaa akka baasan ajaja dabarsuun suuraa
Chombee fudhatee haalduree jiran hunda mijeessuuf waan saffiseef
bariitutti beellamatanii wal biraa qajeelan. Chombeenis gammadee
qophii barbaachisu xumuruuf gara bakka bultii isaatti qajeele. Yeroo
lafa bultii isaa gahu Chuuchuu waliin wal argee gammachuu isaa itti
himate. Maallaqa argameef hedduu gammadu iyyuu waa‟een lubbuu
namichichaa fi ulfaatinni gochichaa Chuuchuu yaaddoo itti ta‟an.
Yaaddoo isaas Chombeetti yoo himu, Chombeen deebisee waan
ulfaatina gochaa Gooyitoom akka salphisee fi ulfaatina akka hin qabne
itti himee, waa‟een lubbuu namichaa immoo akka isa hin yaaddessine
jiraachuuf lubbu qabeessi inni tokko isa tokko akka nyaatu itti himee
amansiifate. Chuuchuunis gargaaruu akka danda‟u itti hime.
147 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Dargaggoon maallaqa argataniin gammachuun isaanii daangaa darbe
halkan bari‟uufii diddee irra dheerattee rakkifti.

Hojjattuun Ateetee Simboof nyaata qopheessiti. Ateeteen mala


wallaaltee bilbila gara mana isheetti bilbilti. Hojjattuun Ateetee hojiin
waan muddamteef bilbila hin kaafne. Bilbila kaasuunis nuffisiiseera
waan ta‟eef dhimma itti hin qabaanne. Ateeteen deddeebiftee bilbilti;
mucaan dhiiftee hojii ishee itti fufte. Bilbila mana ishee namni kaasu
dhabamuun ammas Ateeteef yaaddoo dabalataati. Namoonni Ateetee
waliin jiran bilbilli mana Ateetee ka‟uu dhabuu yoo dhaga‟an dubbiin
hammaataa ta‟uu tilmaamani.

Hojjattuun Ateetee nyaata qopheeffattee garuma galgalaa Simboo


gaafachuuf gara mana hidhaa yoo deemtu, Simboon fa‟aa gara mana
hidhaa dhoksaatti dabarfamaniiru. Yeroo gaafattu akka achi hin jirree
fi argachuu akka hin dandeenye itti himani. Mucattiin nyaata baattee
mana hidhaa dhaqxe boo‟aa nyaaticha warruma achi jiranii kennitee
galte. Yeroo mana geessu amma illee bilbilli ni bilbilama. Fiigdee
dhaqxee yeroo kaaftu Ateetee dha. Ateeteen nagaa gaafattee
Tokkummaa yoo gaafattu, Tokkummaan akka achi hin geenyee fi
firoonni hedduun akka barbaadaa jiran itti himtee Simboon akka mana
hidhaa jirtu itti himuuf yoo jettu, bilbilli irratti cufe. Ateeteenis bilbila
deddeebitee yaaltu illee bilbilli hojjachuufii dide.

Chombee fa‟aa lafti bari‟uufii diddee rakkisaa turte hirribni fudhattee


biyyaa baafte as hin deebifne. Gooyitoom eegee dadhabe, bilbilas
yaalee dadhabe. Yeroo konkolaataan lafa bultii isaanii durii dhufu jarri
achi hin jiran. Miila haarii tokkoon konkolaataa keessa seenee kaafate.
Yeroo kana Chombeen hirriba isaa keessaa wareeree bilbila ilaalu
bilbilli isaa si‟a hedduuf akka waamicha keessummeessaa turte itti
himte. Naasuudhumaan bilbila Gooyitoomitti yoo bilbilu Gooyitoom
haasaa haarii haasawa. Chombeenis sababeesseetuma Gooyitoom

148 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


sossobachuun lafa beellama isaaniitti akka wal argan waliif galanii
imala isaanii eegalan.

Gurmuun jiruu mana hidhaa itti beeka. Mankaraarfama bare irra


deebi‟ee haaromfata. Homtuu homaa itti hin fakkaatu. Dr.
Mohaammadiif, garuu haalonni haaraa turani. Reebichaa fi gidirsaa
hedduutu irra gahe. Harkaa fi miila kaateenaan hidhanii harka lamaan
ol fannisanii miila isaa immoo gamaa gamatti dhisanii hidhanii garafu.
Qaamni isaa rukuchaa mitii sukkuummaan harka jabaa iyyuu irra
gahee hin beekne yeroo garafan ammuma tokko rukutan iddoon
rukutan citee dhiigni faca‟a. Qaamni isaa akka lafa kosii dhodho‟a.
Quba isaa abuudduu lamaan walitti hidhanii elektiriikii itti qabsiisanii
wixxisiisu. Dhuma irratti of wallaalee seelonni isaa hojii dhaaban.
Nama du‟e ta‟e; akka lubbuun keessaa baate mirkaneeffachuun bakka
itti gidirsanii hiikanii mooraa jalatti gatan. Lubbuun waaqni kaa‟e
guyyaa ishee malee hin baatuutii lubbuun Doktaris waan guyyaan
ishee gahe hin fakkaattu. Yeroo barihu akka hin duune beekame;
bakka itti gatanii kaasanii kaateenaan harkaa fi miila hidhanii mana
hidhaatti deebisan. Egaa ammuma bulu qaamni isaa bifa kanaan
dhodho‟ee dhiigni keessaa roobaa ture yeroo bubbulu immoo tortoruu
eegale. Foolii godhate. Namni isa bira gahuu dadhabe. Adadumaan
raammoo horachuu eegale. Namni yaalu hin jiru. Isuma irratti iyyuu
gaafa fedhan sababeessanii reebichaan adabu. Adabbiin hunda irra
caalu immoo adabbii nyaataati. Nyaata quufanii nyaachuu mitii
yaaduunuu yakka; ammuma taate iyyuu harka dhiqatanii nyaachuun
yakka. Huccuus torban sadii gaditti of irraa baasuun yakka. Doktarri
fayyaa lammii tiksaa ture man‟ee injiraanii ta‟e. Haala kanaani egaa
Dr. Mohaammad badii isaa malee waan jiruu isaa keessatti tilmaamee
hin beekne kan arge.

Dr. Mohaammad nama namaaf gaddu, gara-laafessa waan ta‟eef


namoota duraan achi keessa jiran yoo argu hedduu isaanii badiidhuma
isa irratti raawwatametu irratti raawwate. Kan miilli cite heddu; kan
149 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
ijji jaames akkasuma; kan qaamni hir‟uu malee kan qaamni guutuu
muraasa. Kana hundaa itti siqee yoo gaafatu hannatti yookiin
saamichatti osoo hin ta‟iin eenyummaa isaaniitiif; biyya abbaa
isaaniitiif; Oromiyaa bal‟oof ta‟uu itti himu. Gurri isaa isaan haa
dhaggeeffattu malee qalbiin isaa immoo waa‟ee Tokkummaa yaada.
Dr. Mohaammad carraa argatee miidhaa isaanii hirmachuufiin hedduu
isa boqochiise.

********************

Gammadaa fi hiriyoonni isaa kurnaan lakkaa‟aman hojjattoota waajjira


mootummaa ol aanoo warra tapha siyaasaa dhiyeenyaan taphatani.
Hiriyoonni kunneen yeroo barattoota turanitti bakki dhaloota isaanii
gargar haa ta‟u illee malee ilaalchi isaanii tokko ture. Har‟a qaama
mootummichaa keessaa warra murteessoo haa ta‟an iyyuu malee
gaaficha barattoota mormii kaasan keessaa tokko turan. Yeroo sana
barnoota isaaniin milkii waan dhabaniif bifa garaa garaatiin hojii
mootummaatti seenanii sirnichaaf amanamoo ta‟anii tajaajilu. Kallattii
garaa garaa irraa qooda garaa garaa taphachaa dhufuun sirnichi hedduu
akka isaan irratti of gatu taasisaniiru. Kana waan ta‟eefis aangoon
dabalataa kennameefii sadarkaa murteessoo irra gahaniiru.

Gooyitoom akkuma jedhetti waraqaa ragaa sobaa baaseefii dhimmoota


mijaa‟uu qaban mijeessee dhufe. Chombeenis haaluma walii galeen
huccuu haaraa uffatee mimmiidhagee qophaa‟ee dhufe. Haaluma
kanaan jarri lachuu qophii isaan irraa eegamu hundaa xumuruun shira
isaanii bifa irratti hin beekamneen wixinatanii gara Hospitaala Leenca
Gurraachaatti qajeelan. Chombeen taaksii yeroo biraa dhimmoota kana
fakkaataniif dhimma itti bahu maamila dhaabbataa waan qabuuf har‟as
isatti bilbilatee qopheeffateera. Gooyitoom Chombee bakkaan gahee
ofii duubatti deebi‟e.

Chombeen abbaltii fudhate dhimma bahuuf adeemsa jalqabe.


Hospitaala seenee toora kutaa Tokkummaan ciisee irra Tokkummaa
150 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
iyyaafachuu jalqabe. Kutaa inni ciise beeku iyyuu akka irratti hin
beekamneef adeemsa bareeffatee iyyaafannaa isaa itti fufe.
Iyyaafannaa keessa ogeessa fayyaa tokko yoo gaafatu ogeessichi
dhiyeenyaan Tokkummaa kan waldhaanaa ture waan ta‟eef sababa inni
barbaadeef gaafate. Chombeenis mana sirreessaatti namicha Gurmuu
jedhamu waliin waan wal beekaniif akka ergee fi Tokkummaa
waldhaanuuf akka dhufe itti hime. Ogeessichis Tokkummaan nama
waldhaansisu akka hin qabne waan beekuuf namni argamuu isaa
hedduu gammadee gara kutaa ciisicha Tokkummaatti fudhatee qajeele.

Gammadaan fa‟aa ilaalchaan wal fo‟atanii adda wal baafataniiru.


Miidhaan hawaasa isaanii gaafa ijoollummaa itti mul‟atu har‟as ittuma
cime. Gadaantummaanis hedduu itti dhagahama. Lubbuun lammii
amma lubbuu tisiisaa illee kabaja dhabdes isaanitti dhagahama.
Dhiigni lammii isaanii dachee isaanii irratti dhangala‟u akka lolaa
lola‟u illee ija fuuldura yaa‟a. Sagaleen boo‟icha haadha ilmoon jalaa
ajjeefamees gurra isaanii keessaa iyya. Gidiraa fi micciirraan mana
hidhaa keessatti lammii isaanii irra gahus akka abjuu abjuu wayii itti
dhufee isaan wawwareersa. Siyaasni miila godhatee karra guddaan
mooraa mana barnootaa seenes barnootaa fi beekumsa mana barnootaa
keessaa dallaa irraan u‟utaalchisee ari‟achuun ofii bakka qabatee iddoo
abbaan barnootaa fi abbaan beekumsaa taa‟uu fi dhaabatu abbaan
siyaasaa fi sobduun dhaabachuu fi taa‟uunis egeree biyya isaaniif isaan
yaaddesse. Dhaloonni hunduu ni hata; kaan maallaqa hata; kaan
dhugaa hata; kaan lubbuu hata; kaan yeroo hata; dhaloonni hattuun
dachee qulqulloota kaleessaa dhaaluunis lafa isaan deeman wajjin
deemee isaan rakkise. Lafeen goototaa fi ijoollee wareegamaniis
teessoo isaanii jalaan ol wawwaraanee taa‟umsa dhoowwe. Dhiigni
gootataa fi daa‟immaniis lafuma isaan deeman kamittuu akka guuta
galaanaa irra garagalee nyaachuuf itti gama.

Chombeen arraba fardaatiin arraabee ogeessicha naalcheera. Jiruun


Tokkummaan asitti dabarsaa jiru maal akka fakkaatus ogeessicha irraa
151 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
qorachuu itti muddeera. Ogeessichis itti himaa kutaa Tokkummaan
ciisu seenee “Kuunnooti inni, dhaqii dubbisii koottu” jedheen.
Chombeen kana argatee moo dhabee, fiigaa dhaqee irratti lafa dhahe.
“Wayine wandime, wayine wandime, ine limutilik, ine ligodalik-
wayyoo obboleessa koo, wayyoo obboleessa koo, ani sii du‟ukaa, ani
sii miidhamukaa.” jedheetu boo‟icha hamaa boo‟a. Haalli Chombeen
itti jiru nama hundaa boochise; garaa nyaate. Tokkummaas yaadaan
fuudhee biyyaa baase, “Kuni immoo eenyu? Ani nama naaf boo‟u
qaba moo? Essaa, akkamitti dhufe? Yaa waaqayyo nama naaf
baaftee?” jedhee kophuma isaa yaadaan bu‟ee baha.

Namoonni achi jiranis Chombee sossobanii tasgabbeessuun rakkoo


Tokkummaan keessa ture tokko tokkoon itti himu. Chombeenis,
“Ahun tawulign; inkwanim behiwot noro tebekegn inji kazi bohala ine
alehulet- Amma dhiisaa; baguma luubbun jiraatee na eege malee kana
boodaaf anuu jiraafi. Amma maaltu barbaachisa?” jedheetu ogeessa
yaalaa jirutti siqee gaafate. Ogeessi fayyaas waan barbaachisu hundaa
edda itti himeen booda Chombeen deebisee miidhama isaa irraa
faaraan damdamachiisuuf akka mana yaalaa dhuunfaa fudhatee
deemuu danda‟u gaafate. Ogeessichis yaadichi yaada guddaa fi
fudhatama qabu ta‟uu itti himee innis waan gargaaruu qabu gargaaree
adeemsa akka fixatu itti hime.

Chombee karaan isaa milkii milkii urgaa‟uu eegalte, Tokkummaatti


siqee kan dhuunfaatti baasee akka yaallatu itti hime.

Chombee: wandime badamb matakam alabik; kazi waten yegil mahed


alabin- obboleessa koo sirriitti yaalamuu qabda; asii baanee kan
dhuunfaa deemuu qabna.

Tokkummaanis ofitti waamee eenyu akka ta‟e baruu barbaadee “Ante


manek- ati eenyuu?” jedhee gaafate. Chombeenis Gurmuu maqaa itti
dhahee.

152 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Chombee: Chombee ibalalehu; yezi katama nawari negn. Batam qirb
zamad indehonin Gurmuu nagaregn; abate kehagarik new mato izi
yewaladegn; baza new zamad yehonew; dagmom Gurmu batam
yemiwadow gowadagnaye new- Chombeen jedhama; jiraataa
magaalaa kanaati. Abbaankoo siif fira dhihoo dha. Biyya keetii dhufee
asitti na dhalche. Gurmuutu natti hime, dabalataanis Gurmuun hiriyaa
garaa koo hedduu jaaladhu dha. Inni mana hidhaa gale. Isatu na ergeen
fiigichaan dhufe.

Tokkummaanis maqaa Gurmuu waan dhagaheef garaa hiree akka


baasee yaalchisuuf eeyyameef. Chombeenis hedduu gammadee asii fi
achi fiiguu eegale. Ta‟u illee, osoo achumatti yaalamuu danda‟uu
bakka biraatti akka hin barreeffamneef ogeessonni dhimma isaa
fixaniif harkatti qaban. Chombee naasuu mukti afaanitti cite.

Simboon fa‟aa bakka namni isaan hin beeknee mankaraarfamu.


Firoonni dur dabareen dhaqanii gaafatan ammas dabareen itti yaa‟anii
iyyaafatanii dhabu. Haadholiin baay‟een dargaggoo isaanii dhabanis
imimmaan xuruurfachaa Waaqa waamaa deebi‟anii galu. Abbootiinis
ilmaan isaanii akka ilmoo abbaa hin qabnee baddee yeroo barbaachaa
fi lafa barbaachaa dhabdu ofitti gaddu. Ekeraan gantootaa fi sobdootaa
akka gubatu abaaraa deebi‟anii gaalu. Dargaggoon carricha jala
miliqan hiriyootaa fi obboloota of biraa dhaban akkamitti akka argatan
mala malu.

Gooyitoom koomee irra taa‟ee adeemsa Chombee eega. Chombee


waatu dhibe. Jarri Tokkummaa yaalan gadhiisuu hin fedhan.
Chombeen mala dhabnaan ogeessa fayyaa jalqaba wal arge waliin
mariif deebi‟e. Yeroo deebi‟u ogeessicha argachuu hin dandeenye.
Mooraa keessa olii fi gadi fiigee barbaada. Maqaa hin beekuu hin
gaafatu; ofumaa ija facaasa. Ogeessichi sa‟aatiin isaa waan gaheef gara
mana isaa deemeera. Chombee barbaacha ogeessichaa olii fi gadi
fiigu, kutaa yaaliitii yaalii Tokkummaaf barbaadu. Chombeen itti

153 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


gaafatamummaa fudhate maallaqa yaalii gaafatama. Chombeen
maallaqa yaalii akka gaafatamu dursee Gooyitoom irraa waan
dhagaheef qophii ture. Maallaqa barbaachisu Gooyitoomtu baasa waan
ta‟eef Chombeen hanga gaafatame kafale. Yaaliin Tokkummaas itti
fufeef.

Chombeen kafaltii kafaleefii Gooyitoom barbaacha bahe. Gooyitoom


waliin wal argee adeemsa isaa hunda edda itti himeen booda hudhaa
isa mudates itti hime. Adeemsi Chombee hundi Gooyitoom hedduu
gammachiise. Adeemsi itti aanus salphaa ta‟uu isaa hubachiisuun
Tokkummaa irraa akka adda hin baanee fi hedduu kunuunsuu akka
qabu akeekkachiisuun ogeessicha eegee akka wabii taasifatee baasu
gorse. Chombeenis haamilee fi gorsa argateen onnatee hojii isaa itti
fufuuf kutannoon ka‟e. Dhimma isaanii milkiin akka xumuranis
dhaadatanii adda adda deeman.

Karoorri lafa warra Tokkummaa dhiphisuu fi sanyii isaa xiqqeessuuf


bahe dhawataan hojiitti hiikamaa turani; ittuma jirus. Sanyii
xiqqeessuun dhaloota dhalate ajjeesuun, akka dabalee hin dhalchine
immoo kolaasuun, kaanis godaansisuu fi mana hidhaatti
mankaraarsuun hojii irra oolaa jira. Lafa dhiphisuun immoo sababa
adda addaatiin cicciranii lammii biraaf tola bahuun lammii ofiis irra
diriirsuun karaa danda‟ame hundaan mummuruun dhiphisu. Kanaafi
egaa Finfinneen warra ofii gantee kan ormaa taate kan isheen olloota
ishee hammachuuf irree bal‟iftuuf. Warri ollaa ishees egaa
babal‟ifannaa ishee kana hin jaalannee, „irree kee ana irraa kaasi‟
jedhanii morma jalaa wiriiqachuu waan dhiisan miti; humnumaan
waan caalteef harka irra loofattee gooluu yaaddi malee.

Giinciinis kanuma dhageesse. Isa olloota Finfinnee jiran gaaddidduu


Finfinneen golgamanii, foolii isheen balfamanii jiraatan duruu
taajjabdee itti kolfiti ture. “Edda isheen irree ishee isin irra keessee
wiriiqachuu irra gaafuma isheen harka sosochoofattee foolii isheen isin

154 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


faaltu, maaf harka kee adabadhuu; ati gantuu dha; hanga of beektee
deebitutti as nutti hin siqiin hin jettaniinii?” jettee firoota isheetti
gamti. Har‟a egaa Giinciin waan biraa dhageesse. “Giinciin
hammannaa koo jibbitu kan foolii koo balaaleffattu kun kami? Anaa
gantuun! Ammayyoomuun gantoomuudhaa? Sittis dhufe; sis
hammachuun koo hin ooluu; eessa kee seenta?” jettee Finfinneedhaa
gamuu dhageesse. Giinciinis, “kkkkk „Kan taa‟umsatti jibbantu ka‟ee
namatti sirba.‟ jedhan; ammayyummaa haadha nama jibbisiisu hin
beeku; ammayyummaa lammii nama jibbisiisu hin beeku;
ammayyummaa of nama jibbisiisu hin beeku; ammayyummaan waan
ofii ammayyeessuuni malee waan ofii balleessuun miti; kan kee kuni
gantummaadhaa; warruma barte bira geeffadhu; harka kee gar kootti
kaafnaan irree kee ittiin warra kaan hammatten sirraa muree isaanuu
deeffadha! warra kaan deeffachuu qofa osoo hin ta‟iin irree kee
murraan immoo kosii si keessaa santu jigee warra keetti deebita.”
jetteenii xalayaa barreessiteef.

Finfinneen ergaa kana dhageesse hirriba dhabdee lafa dhidhiitti.


“Hirree koo murtaa? Amma iyyuu na hin barre jechuudhaa ati? Na
keessa kuusaa maaltu akka jiru hin beektu; meeqa akkan of
wallalchises hin beektu; meeqa akkan karaa qabes hin beektu; xaxaan
koo addunyaa irraa akka isin kutes hin beektu; anoo si qofaa iyyuu
mitii, si bira darbeen Ambo fa‟aa iyyuu hammadha; humna kee waan
beekte natti hin fakkaatuu, of madaali.” jetteen.

“Yaa Giincii!” jette Giinciin, “Garbichi gooftaa cimaa qabu muka


tumaan ori‟a.” jedhe sabni kee. “Maal jettaree? Giincii” ofiin jetti
Giinciin. Itti fuftees, “kkkkk nu hin beektu! Ambo gahuu mitii ana
biraa hin geessu; gaafa kana karoorsitee harka kee sochoofte irreen kee
si irraa citee warri ati hammatte si jalaa yaa‟anii atuu akka deebitee
galtu murteeffadhuu bahi. Kosii ati kuuftee baattee teessuufuu mataan
nu dhukkubee, nus baachisuuf yaaltaa? Yoo kosii kee baattee
bubbuluu feete, hihiixachuu kee dhiisi; yoo lammii keetiif deebi‟uu
155 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
kajeelte, akkuman siin jedhe irree kee diriirsiitii wal ilaallaa.” jette.
Giinciin godaannisa hedduu qabdu bifa kanaan Finfinnee garaan hin
haarreef dhaamsa dhaamti. Finfinneen kan ofii wallaaltee orma
kunuunsitus dabaree ishee dhaadatti.

Chombeen yaalii Tokkummaa cimseera. Waan barbaachisu hundaa


gochaafii jira. Guyyaa guutuu bira oolee galgalas bira galgaleesse.
Tokkummaan edda namatti dubbatee torbanoota lakkoofsise har‟a fira
fakkaatee kan seene argatee isa waliin haasaa afuurri addaan ciccitu
wayii haasawa. Waa‟ee isaa Chombee isa waa‟ee namaaf gurra hin
qabneetti haasawa. Chombeenis waan Tokkummaan haasawu haasaa
dhugaa osoo hin ta‟iin waan fiilmii wayii ilaalu itti fakkaata. Sababni
Tokkummaan ba‟aa hamma kanaa baateef osoo herregni isaa bu‟ee
Chombees waan hanqatu miti. Chombeen haasaa namaa taa‟ee sirnaan
dhagahee hin beekne kan Tokkummaa dhaggeeffachuuf qilleensi
arganu iyyuu akka isa hin jeeqneef suuta argana. Haasaan Tokkummaa
namummaa Chombee fa‟aa of keessaa qaba; gara jabinuma Chombee
ta‟eetu malee haasaan isaa imimmaan mitii dhiiga nama boochisa ture.
Boochisuu baatu illee qalbii Chombee hatamtee hin beekne aboottee
isaa keessa galfateera.

Gooyitoom Chombeef bilbila bilbile. Chombeen akka waan


Gooyitoom taa‟umsaa fi haasawa isaanii argaa jiruu utaalee ka‟ee
bilbila ilaale, bilbila Gooyitoomi. Naasuudhumaan, “Haloo, haloo…”
jedhee miilaan gara alaatti sussukaa haasaa itti fufe. Dhimmoota
hundumaa irratti edda haasawanii booda Chombeen waan isa
barbaachisu tokko kan dura dagatee ture amma yaadatee Gooyitoomitti
hime. Gooyitoom dhimmichi akka salphaa ta‟e, shugguxiif yaadda‟uu
akka hin qabnee fi boodaafuu fudhachuu akka danda‟u itti himee barii
lafaa akka kennuuf walii galan. Chombeenis haasaa isaa raawwatee
Tokkummaa waliin haasa‟uuf gara kutaa ciisicha isaatti qajeele.

156 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Dubbiin Oromiyaan dirree waraanaa fi dirree boo‟ichaa taate
Gammadaa fi hiriyoota isaa boqonnaa dhoowwatteetti. Ta‟u illee of
irratti beeksisanii karaa ofitti cufuu hin barbaadan. Dhokfatanii taa‟uus
waanti araddaa abbaa isaanii irratti ta‟aa jiru boqonnaa isaan
dhoowwe. Sa‟a ibidda dhalte ta‟an. “Saani ibidda dhalte arraabuuf
ibidda; ni gubata; dhiisuuf ilmoo dha; garaa dhalaatu rakkisa” jedhan.
Gammadaan fa‟aas dubbii sa‟ittiitu isaan mudate, ta‟u illee qaawwa
urachuuf keenyan tuttuqaa jiru.

Chombeen seenaan Tokkummaa hirriba dhoowwe lafti bariiteef.


Yeroo sa‟a 2:30 ta‟u ogeessi fayyaa Chombeen eegaa ture dhufee hojii
seene. Chombeenis gammachuun isaa daangaa dhabe. Ogeessicha
dubbisaa dhimma akka fixuuf gaafate. Ogeessichis waa‟een
Tokkummaa waan isa gaddisiiseef dhimma fixuufiif yeroo itti hin
fudhanne. Chombeenis dhimmi isaa dhumuufii beeknaan Chuuchuutti
bilbilee taaksii qabee akka dhaqu dhaameef. Chuuchuunis
gammachuudhaan ajaja fudhatee imale. Chombeen gammachuun isaa
daangaa dhabe Gooyitoomiif bilbilee mi‟a galgala gaafate akka
dhiyeessuuf dhaameef. Gooyitoomis dhaamsa fudhatee yeroo fuudhee
bahu karra irratti akka kennuuf itti hime. Akkuma itti himetti shaanxaa
uffanni itti guutame tokko keessa kaa‟ee konkolaataa isaa kaafate.

Chombeen adeemsa hundaa fixee konkolaataa eegaa jira. Chuuchuunis


ajaja fudhate saffisaan hojii irra oolchuuf ariifata; konkolaachisaa
taaksiis ariifachiisaa jira. Konkolaachisaan taaksiis maamila, dabalees
maallaqa torbanitti argatuu ol argata waan ta‟eef waan jedhame
hundaaf ajajamaa dha. Saffisa addaatiin Chombee biraan bahan.
Chombeen yeroo Chuuchuu argu gammadee itti marmuun gurratti
jedhee, “Alamachin malkun kayirowal; yaminsara bizu silahone tankar
bal- Kaayyoon keenya bifa jijjiirrateera; waan hojjannu baay‟ee qabna
waan ta‟eef cimi.” jedheen. Chuuchuun rifatee callise.

157 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Tokkummaan edda hospitaalicha seenee torbanoota lakkoofsise namni
itti raree kaasuun baatanii baasanii konkolaataa keessa kaa‟an. Hunduu
ni jajjabeessu. Silaa osoo lafa geeffamuuf deemu beekanii waan
jajjabeessan hin turre. Chombeenis Gooyitoomiif bilbilee akka
konkolaataa seenan itti himuun waan barbaachisu hundaa akka fidu
dhaame. Gooyitoomis argatee moo dhabee, karra irra dhaabatee eege.
Chombeenis karra irratti konkolaataa irraa bu‟ee mi‟a isaa fudhachuun
akka Gooyitoom maallaqa hafe qabatee isaan waliin deemee bosona
qarqara dhaabatee eegu dhaamuun konkolaataa kore. Gooyitoomis
saniif qophii waan tureef dhaamsa fudhatee isaan duuba qajeele.
Konkolaachisaan taaksii hojichaaf muuxannoo waan qabuu fi bakka
hojichaa waan beekuuf imala isaa itti fufe.

Warri Baargamaa Ga‟eeraa yaalchisanii qorannoo dhumaatiif guyyaa


lama booda beellamamanii mana yaalichaatii bahaniiru. Turtiin isaanii
achii milkii qaba. Yaala gaarii argatani; simannaas akka gaariitti
argatani. Firoota baay‟ee waan argataniif osoo biyya ormaa
jiraachuunsaanii itti hin dhaga‟amiin dabrsani. Ta‟u illee, yaanni
isaanii biyyatti ergamte dhaamsa wayiituu fiddee dhufuu didde.
Guyyaan beellama isaanii gahee yaala isaanii fixanii gara biyyaa
deebi‟anii waan biyyi keessa jirtu dhaga‟uuf sardamu.

Konkolaataan Tokkummaa baattu saffisaan deemti. Chombeen yeroo


kam iyyuu caalaa gammadeera. Chuuchuun, garuu yeroo kam iyyuu
caalaa yaadda‟eera. Lubbuun Tokkummaas isa yaaddessaa jira. Yaanni
Chombeen dura gurratti itti himes gaaffii itti ta‟ee dhiphisaa jira. Ta‟u
illee, maaltu ta‟uuf akka deemu beeka waan ta‟eef kutannoo qaba.
Osuma deemanii konkolaataan daandii ishee isa dhumaa qabatte. Gara
sana manneen hin heddummatani; namnis hin baay‟atu. Carraa kanatti
fayyadamanii Chombeen fa‟aa Tokkummaa afaan ukkaamsanii harkaa
fi miila hidhanii imala isaanii itti fufani. Tokkummaanis eessa akka
geeffamaa jiru waa tilmaameera waan ta‟eef yaadaan, “Inumaa rakkoo
sana irra du‟a wayyaa; dhaqaa.” waan jedhu fakkaata.
158 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Gooyitoom konkolaataa isaa keessaa sirba Afaan Tigree sagalee
guddaa irra kaa‟ee burraaqaa deema. Konkolaataan isaa akka ajaa‟ibaa
bareeddu hojii isaa kana fakkaataniin badhaafame. Hiyyeessi machaara
keessa nannaa‟ee haxooftuu manaa gurguru har‟a duroomee abbaa
manaa gamoo abbaa darbii sadii, abbaa konkolaataa bareedaa fi abbaa
maallaqaa ta‟eera. Jiruu isaa kanas Oromoota hojii irraa ariisisuun,
hiisisuun, ajjeesisuunii fi saamsisuun argate. Lafa Finfinnee keessaa
Oromoota harka jiru maqaa misoomaatiin irraa kaasisee dureessotatti
gurgurachaa ture. Tokkummaa ajjeesisuufis egaa kafaltii guddaatu
kafalamaaf; dabalataanis hojii isaa milkeesse waan ta‟eef gammachuu
guddaa qaba.

Chombeen fa‟aa namni waliin haasawu hin jiru. Hunduu callisanii


imalu. “Tokkummaa afaan hiinee ofiif akkamitti dubbanna?” waan
jedhan fakkaatu. Osuma imalanii lafa dhimma ofii gahan; qarqara
bosonaa ………… gahan. Konkolaachisaan Chombee fa‟aa dahootti
goree dhaabe. Gooyitoomis duubaan qaqqabee dhaabee sagalee sirba
konkolaataa isaa hir‟isee cufaa banatee fuullee ijaa isaa gurraacha
harkaan qabatee bu‟uun konkolaataa cufee gara Chombee fa‟aatti
qajeele. Chombeenis konkolaataa irraa bu‟ee Gooyitoom waamuun,
“Lesawuyewu yamitilew negar kale gizew ahun new- namichaan waan
jettu yoo qabaatte yeroon isaa amma.” jedheen.

Gooyitoomis, “Ine………………carishalehu- ani---- fixeera.” jedheen.

Chombeenis Tokkummaa afaan hiikee, “Antem yamitilew negar kale


gizew ahun new- Atis waan jettu yoo qabaatte yeroon isaa amma.”
jedheen.

Tokkummaanis, “Eenyu akka taate si hin beeku; maaliif akka natti


murteessites hin beeku; jiraachuun koo gatii qabaachaa hin turre;
du‟uun koos gatii qabaachaa ture na dhabsiisu hin qabu; ta‟us, lafti
dhiigni koo itti buute falmattoota gumaa kootii sitti hora; baga
gammadde; nagaatti” Afaan Amaaraatiin jedheen
159 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Sana booda Gooyitoom, “Wonehin wadijewolaw, gin kantu new min
yaragal? Lemanignaw igna ye mangist zaroch indi nen; indazi
keqaxalni ye alamachin siket gizew qirb new; nabsin yimar; chaw.-
gootummaa kee jaaladheera, garuu maal godharee! gati hin qabu; haala
kanaan yoo itti fufne milkaa‟inni kaayyoo keenyaa dhihoo dha;
biyyoon sitti haa salphattu, nagaatti!” jedhee gara konkolaataa isaatti
deebi‟e.

Chuuchuu ijji diimate; hiddi hillee lamaaniin ka‟e; imimmaan ijaa


calalaqe; waan malu wallaale; waan dubbatu wallaalee harka maratee
achi garagalee, “Igna yemangist zer? Man nachew inasu? Yihes yeman
zar new? Lemanignawum isti inayalan- nu warra qomoo mootii?
Eenyu isaan? Inni kunoo qomoo eenyuuti? Maalumaafuu ni ilaalla.”
jedhee yaadaan haasawa. Konkolaachisaan taaksiis hedduu gadde.
Haasaan Gooyitoom haasaa qomoo ta‟uun isaas quuqxeetti, garuu
kaayyoon isaa maallaqa argachuu waan ta‟eef isaaf dhimma miti.

Chombeen Gooyitoom bira dhaqee, “Das alalekim? Indi negn ingidi


ine yante jagna! Sitti hin tollee? Ani goonni kee akkasi egaa!” jedheen.

Gooyitoom: “Wow! Yene nabir gana bizu sira alen; ante bicha barta;
ihen bamasakatik tacamari ganzab isaxalehu hidina carise na- ishoo,
Qeerransa koo! Ati qofti jabaadhu malee sichi hojii baay‟ee qabna;
kana milkeessuu keetiif maallaqa dabalataa siif nan kafala; deemiitii
fixii koottu.” jedheen.

Chombee: “Yihe ko baka alakelata; lelam kale insaralen; lazi gin min
indamaragew bayini ayite tigaramalek;heden incarisilatalen ahun abren
kehedin balataksi yamitabik sew yelam; silazih kasu gar iyawarachehu
koyun; sinmaxa abreen inihedalen- kuni bar raawwateeraa; kan biraas
yoo jiraate ni hojjanna; kan kanaa maal akkan godhu ija keetiin argitee
raajeffatta; deemneetu fixneefii dhufna; amma yoo si waliin deemne
abbaa taaksii namni nuuf eegu hin jiru; kanaafuu, isa waliin haasawaa
turaa; yeroo dhufne waliin deemnaa.” jedheen. Bifa kanaan irratti
160 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
waliif galanii Chombeen gara sirna isaatti qajeele. Yeroo achi gahu
Chuuchuu fuulli badeera. Sun dhimma Chombee miti waan ta‟eef
“Aftin; ansa tashakam; ante dagmo carisen iskinmata ke sawuyewu gar
tachawat hisab yane tiwasdalek- daddafi; kaasi; baadhu; ati immoo
hanga fixnee dhufnutti namicha waliin taphadhu gatii kee yeroo
dhufneen siif kennaa.” jedheen.

Konkolaachisaan taaksiis, “Xaxa yelam sirakin cariseh na- rakkoo hin


qabu hojii kee raawwadhuu koottu.” jedheen.

Sana booda Chuuchuu fI Chombeen Tokkummaa qaamni isaa bakki


hedduun madaa reefu qooru of irraa qabu i‟ifachaa baatanii saffisaan
deemsa eegalan. Isa isaan i‟ifatan Gooyitoom qasa‟ee kolfa.
Chombeen fa‟aas edda bosona keessa fagoo deemanii lafa namni hin
geenye gahanii booda Tokkummaa du‟aaf of qopheessee boonu
buusanii lafa ciibsan. Chombeenis dafee shugguxii fudhatee tottolfate.

Haadha Tokkummaa mana hidhaa keessaa qalbiin bada. Abjuu


isheetiin Tokkummaa waliin mari‟achaa bulte. Yaannii fi qalbiin ishee
abjuu ishee halkan edaa waliin waldhaansoo qaba. “Yaa waaq
dhuguma mucaa koo lubbuun na agarsiifta moo abjuun kun maaf naan
taphatti laata?” jetti. Ni laaffisa; yoo teesse bakka teessee ka‟uu
dadhabdi; yoo dhaabattes achuma dhaabattee fajajji; miira kanaan dura
hin beeknetu itti dhaga‟ama. Diina eeboon Tokkummaa duuba fiigutu
itti mul‟ata, garuu immoo osoo inni hin waraanamiin ija ishee libsatti.

Abbaan Tokkummaas Baargamaa as abjoota. Yaadaan bada. Haasaa


jibbisiisa. Qalbii balleessa. Osoo namoota waliin taa‟ee dhuguu akka
nama mana dhugaatii jiruu miti, cal jedha. Booddee yeroo burcuqqoo
dhugaatii ol fuudhu harkaa mucucaatee lafa dhahe, ta‟u illee
burcuqqoonis hin cabne; dhugaatiinis hin gannam‟ine. Hunduu
kolfanii ajaa‟ibsiifatanii Obboo Jabeessaa gara taphaatti deebisan.

161 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Gooyitoom konkolaataa keessatti deebi‟ee bohaaraa galmee isaa gadi
baasee bakka maqaan Tokkummaa jiru mallattoo raawwateera jedhu
irra kaa‟e. warra tartiiba qabatanii jiraniif immoo sagantaa baasuu
eegale.

Chombeen shugguxii isaa gadi fuudhee tottolfachuun adda


Tokkummaa irra dhaabe. Tokkummaanis ergaa tokko qofa akka
dhaammatuu fi barreessanii gara namni argutti akka darbataniif
gaafate. Chuuchuunis itti utaalee irraa buqqisuun, “Yinagar- haa
dubbatu.” jedheen. Chombeenis ni eeyyameef.

Tokkummaa: ihe mot ketafaxiro mot belay new; yemotkut lekibir new;
honom gin Tokuma kemote yane hizb maxifatu new; bematamamena
bemachegere rasu hizbe ihen yahil techegere; kemotku degmo cirash
yixafal; silazi ine indamotkuna yalatokkummaa yetm madirasina minm
madirag indamayichilu nigarulign; lazim mafte yamihonew lela
Tokkummaa mawulad indalabachaw adirsulign; ahun carisugn- duuti
kun du‟a uumamaatiin oli; kanin du‟eefis kabajaafi; ta‟u illee
Tokkummaan yoo du‟e uummanni koo baduu isaati; dhukkubsachuu fi
rakkachuu kootiinuu uummanni koo wal dhabee hanga kana rakkate;
yoon du‟e immoo sirumaa ni bada; kanaafuu, ani Tokkummaan du‟uu
koo uummata koo hin dhoksiinaa, kanaafis Tokkummaan ala eessa
iyyuu gahuu fi waan tokko illee hojjachuu akka hin dandeenye itti naaf
himaa; furmaanni isaanii, garuu Tokkummaa biraa dhalfachuu akka
qaban biraan naaf gahaa; amma dhukaasi kunoo.” jedheetu harkasaa
lamaan aboottifatee mallattoo isaa kenne.

Chombeen ergaa Tokkummaa dhagahee fixee Chuuchuun akka


Tokkummaa eegu ajajuun fiigichaan gara Gooyitoomitti kute. Fiigee
fiigee yeroo Gooyitoom bira gahu dafqeera. Afuuraa cita.

Gooyitoom: minew min honk- maali maal taate?

162 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Chombee: ara minm das bilogn new mission accomplished- waawuu
homaa hin taane; dhimmichi raawwateera.

Gooyitoom: min? wow? Yene nabir inka; inka; indante ayinat


maabizat new- yee? Ishoo qeerransakoo! Hoodhu; hoodhu; harka na
fuudhi; kan akka keetii baay‟isuu dha!

Chombee: Ayi be ayinik hede min indaraku sataragagix alchabitim.


Ine birik sayihon ichin agar lamaganbat yamitaragachaw nagaroch ina
yamitdakmachaw dikam new kante gar indihon yaragugn- Lakki lakki
maal akkan godhe osoo ija keetiin argitee hin mirkaneeffatiin immoo
harka si hin fuudhu; ani maallaqa kee qofaa osoo hin ta‟iin biyya kana
ijaaruu fi tokkummeessuuf waan ati gootuu fi dadhabbii ati
dadhabdutu akkan si waliin hojii kanatti cichu na taasise.

Gooyitoom: awona indi kalhonk iko jegna zar atonim yichi agarim and
atonin- eeyyeen kaa akkas yoon ta‟uu baadhe qomoo warra mootii
ta‟uu hin danda‟u; ammoo biyyi kunis tokko hin taatu.

Chombee: ine batam gabtognal. Bicha sirayen beayini iyawuna


maskirilign- anaaf sirriitti naaf gale, ta‟u illee hojii koo ija keetiin
ilaaliitii ragaa naaf bahi.

Gooyitoom: ara min tata alewu? na inihid- kun rakkoo hin qabu;
koottu ni deemnaa.

jechaa abbaa taaksiif kafaltii isaa raawwataniifii gaggeessanii waliin


haasawaa saffisaan deemuu eegalan. Yeroo achi gahan Tokkummaan
taa‟eetu jira. Gooyitoom naasuu lafa seenu wallaale.

Gooyitoom: iyadaraki yalew algabagnim! iyashofk new?- waanti


gochaa jirtu naaf hin galle! Qoosaa jirta moo?

Chombee: “ara alakaye be injerana be agar mashof ale inde? Ihewu


kefalak ante adirgek nidetin inditwata biye new inji- waawuu mootii
163 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
kiyya, biddeenii fi biyyaan qoosaan jiraa? Kunoo yoo barbaadde ati
raawwadhuutii haarii kee bahi jedheeni malee.” jedheetu shugguxii
ofii baasee rasaasa nyaachisee itti hiixate.

Gooyitoom: “ahaa, koy koy indaza kahonem tiru; tawu ante ine ko
anadadkegna - ahaa, edaa akkasii? Yoos aaffi; egaa ati dhiisi; na
aarsitee bar.” jedheetu shugguxii harkatti baatee jiru nyaachifate.

Chombeenis shugguxii nyaachifate tottolfatee yeroo Gooyitoom gara


Tokkummaatti naanna‟u saggoo Gooyitoom keessa gadi baase.
Gooyitoomis miila Tokkummaa jalatti funyaanin dhaabate. Kufaatiin
isaa waan Tokkummaa dhiifama gaafachuuf miila irratti kufu fakkaata.
Chombeen rasaasa qisaasessuu hin barbaanne; sana booda hudhaasoon
lubbuu keessaa baase. Harkuma saniin hidhaa Tokkummaas irraa cire.

Chombeen fa‟aa ajjeesanii bakkeetti gatuu hin feene. Kiisha isaa


hundaa edda sakatta‟anii booda qilee buusuuf baatanii qajeelan.
Tokkummaan achumatti akka isaan eegu itti himan. Tokkummaanis
tole jedheenii yeroo isaan achi siqan shugguxii tokko isa biratti
hambisan fudhatee ammuma humna isaa lafa irra foqoqaa bosona
keessa bade. Chombeen fa‟aa Gooyitoom qilee buusanii yeroo
deebi‟an Tokkummaan bakka hin jiru. Olii fi gadi fiiganii lafa inni
bu‟e dhaban. Guyyaa guutuu barbaadanii dhabnaan deemanii
konkolaataa Gooyitoom sakatta‟anii waan argatan hundaa fudhatanii
gabatee konkolaataa fi ragaalee biroos guurratanii konkolaataa qullaa
gatanii gara Finfinneetti deebi‟an.

********************

Tokkummaan bakkee itti ajjeefamuu geeffame irraa osoo hin fagaatiin


boolla bineensaa keessa dhokate akkatti bahu dhabee rakkata. Humni
hin jirtu; fayyaanis akkasuma. Jara jalaa kan dhokateef namicha
qabeenya isaaf ajjeesan; isa immoo ergama bahuuf akka isa ajjeesan
tilmaameetu. Jarri dhabanii deemuu edda mirkaneeffatee booda boolla
164 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
keessaa bahee dahoo sirrii barbaachaaf mixixa. Amma bahe yoo jedhu
deebi‟ee kufa; amma bahe yoo jedhuu deebi‟ee kufa. Booda akkuma
ta‟etti keenyan boollaatti hirkatee fura afaan boollaa irra jirtu qabatee
ol mixixuu eegale. Dhukkubbiinis itti cimaa deemte; dhamaatiinis
dafqa fixachiifte. Osuma jedhuu boollicha keessaa bahee muka guddaa
damee qabu tokko jalatti gangalate.

Tokkummaan muka guddaa jala ciise waa rakkateera. Dhukkubbii


madaa isaa irratti garaa ciniinnaan jalqabe. Takka kottoonfachaa takka
diriirfachaa garaa ciniinnaa hamaa keessummeessa. Kan gidiraan
meeqa dadhabe garaa ciniinnaan galaafachuuf murannoon waan dhufte
fakkaatti. Yaalli isa bira hin jiru; namni gargaarus hin jiru. Asii fi achi
garagalee mukkeen itti marsanii jiranitti ija babaasee harka facaasa.
Iyyuuf namni bosonicha keessatti itti birmatu hin jiru. Yoodhuma
birmatanis reenfi Gooyitoom naannawa isaa sana jira; dhiigni isaas
goodaa irratti lola‟ee jira waan ta‟eef yakkamaa ta‟a. Osuma yakkamaa
jedhamuuf murteessee iyyuu sagaleen isaa isa iyyanii ittiin
birmachiifatan hin qaqqabu.

Ciniinnaan mirga dibachuuf lafa irra gangalchitee dafqa


fixachiifatteetti. Osuma ija babaasee harka facaasuu baala tuultii fura
keessatti alaalaa mil‟ate. Ishee bira gahee buqqifachuun ammas
dhamaatii biraa isa gaafate. Akkuma ta‟u ta‟ee foqoqee baala tuultii
bira gahe. Yeroo inni buqqisuuf harkisu baala isheetu harkatti cite.
Dhukkubbiin afuura kutte. Akkuma ta‟etti ciniinnatee buqqifatee
hundee ishee itti alafkate. Ciniinnaan afuura kuttee duraanuu dafqa irra
yaafte amma siruma qaama hundaa bishaan taasiftee kaleessa ganama
ta‟e; achumaan hirribni fudhattee badde.

Tokkummaa ciniinnaan garaa gamsiifteef hirribatti dabarsitee kennitee


hirribni as hin deebifne. Guyyaanis dhihee halkanaa‟e. Bineensi
bosonichaa guyyaa iyyuu nama nyaata. Halkanicha egaa foolii fuudhee
dur Tokkummaa biraan bahe. Tokkummaa dhukkubni gaggabsee

165 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


hirriba hamaa keessa jiru waraabessi gaaddidduu isaa irra buusee of
hin beeku. Akka malee dafqaa afuura addaan ciccitu afuurfata, ni
kurruufas. Waraabessi suutuma itti siqa. Suutuma itti siqa. Osuma
jedhuu bira gahee yoo argu nama jiraa dha. Ni argana; ni kurruufa.
Ciniinuuf bira gaheetu isa inni kurruufu sodaatee duubatti butama.
Ammas bira gaheetu isa inni kurruufuuf nahee duubatti butama.
Osuma akkas jedhuu yeroo dhumaaf ciniinuuf itti luuxe.

Warri Baargamaas beellama isaanii kabajanii mucaa isaanii


qorachiifatanii fayyummaa waaraa argannaan imala gara biyya isaanii
eegalaniiru. Deemsa isaaniif gufuu tokko illee osoo hin argiin milkiin
xumuranii biyya isaanii galan.

Waraabessi Tokkummaa nyaachuuf yoo itti luuxu Tokkummaan


hirribaa ka‟ee gaaddidduu bineensaa of irratti arge. Yeroo kana sagalee
naasuu wayii dhageessisuun lafa ciisuu butamee ka‟e. Waraabessichis
naasuudhaan albaatii hurufa irra facaasee fiigee bade. Tokkummaanis
naasuu rukuttaan onnee itti dabale; dhibee isaa iyyuu dagatee utaalee
ka‟uun shugguxii isaa fudhatee muka guddaatti mixixuu eegale.

Warri Baargamaa Yeroo Gudar gahan haalonni namatti hin tolan. Achi
buuteen Simboo fi dargaggoota hedduu dhabameera. Sochiin naannoo
sodaachisaa fi jibbisiisaa dha. Tokkummaan akka mana gale
shakkamaa tures lafa inni jiru homtuu quba hin qabu. Jabeessaa yoo
ta‟e Dirree malee Gudar hin beeku. Ta‟u illee, barbaacha haadha
manaa isaa akka dur cal hin jenne; lafa seenamuu qabu hundaa
seeneera. Aarsaa barbaachisu kafalaa jira. Yeroo tokko achi jirti jedhu;
yeroo kaan immoo gara biraa itti himu; yeroo achis dhaqu ammas gar
biraa itti himu. Akka kanaan of ijibbaate.

Tokkummaan jiruu bosona keessaa itti beeka. Osoo dhibamaa ta‟uu


baatee silaa bosonni mana isaa ture. Ta‟u illee, balaan konkolaataan
irra gahe hedduu waan isa hubeef jiruu bosonaa waan danda‟u hin
fakkaatu. Yeroo dhibeen itti furte foqoquu, yeroo dhibeen itti cimte
166 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
immoo achuma ciisuun qabsoo jireenyaa jalqabe. Dur yeroo bosona
turetti firii mukaa, hidda mukaa fi marga nyaataman kan soorataa fi
dawaaf oolan hedduu beeka waan ta‟eef dhibee isaafis dawaa biraa
barbaacha mana yaalaa hin deemu; nyaata isaafis hoteela hin dhaqu.

Tokkummaa jiruu isaa bosona taasifate, kophummaan dararaa jirti.


Ta‟u illee, dararaa gabrummaa hin caalu waan ta‟eef bilisummaan
biqiltootaa fi waan bosonichi qabu waliin jiraata. Gaafa tokko, garuu
iddoo isaa jijjiirratee osoo dahoo wayii taa‟uu achumatti hirribni
fudhattee badde. Osuma rafuu aduun itti dhiitee jiini akka aduutti iftu
itti baate. Galgala sana abjuun wal-guuranii gara Tokkummaa dhufani.
Mucaa isaa Ga‟eeraa arga; saroota haa ta‟anii namoota, maal akka
ta‟an adda kan kan hin baafanne , Ga‟eeraa duuba fiigu. Namootas
sarootas itti fakkaatu; takka namoota, takka immoo saroota fakkaatanii
itti mul‟atu. namoonni baay‟een Ga‟eeraa duuba fiigu. Inni kaan
waan ciniinuuf afaan banu itti fakkaata; warri kaan immoo albee
qabatanii itti fiigu. Jidduutti immoo haadha isaa Addee Simboo waan
argu iiti fakkaata. Haati isaa karaa dheeraa deemaa jiru; tabba guddaa
ol ba‟u, deebi‟anii immoo gadi bu‟u. Hallayyaa wayii irraan waan
qaxxaamuranis itti fakkaatee dhiphata. „„Wayyoo haadha
koo!...Wayyoo deessee koo!...jabaadhu! …” .jedhee watwaata.
…Jidduutti immoo namichi tokko qarree irra dhaabatee „Yaa
Tokkummaa…yaa Tokkummaa…yaa Tokkummaa …‟ jedhee isa
waame. “ Yee…yee…yee” jedhee owwaate.

Namichis sagalee ol fudhatee, “Mucaan kee diinaan waraanamuuf


ari‟atamaa ture fira argatee buusifameera; haati kees barbaacha keef
manaa baate galuuf karaa irra jirti; abbaan kee si arguuf karaa irra jira;
qomoon kee hunduu Tokkummaa barbaadu; maaloo asii gali namoota
hedduuf barbaachiftaa” jedhee itti dhaame. Tokkummaanis hirriba
keessaa wareeree waan abjoote waliin qalbiin badde. Abjuu isaattis
hiika barbaacha sammuu isaa mudde. Maatiin koo maal ta‟ani jedhee
dhiphate.
167 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Finfinneen dhaadannoo qofaan hin dhiifne; firoota ishee ofitti dabaluuf
haalduree hunda xumurtee harka ishee sosochoosuuf qophoofte.
Giinciin haala fira ishee dhageesses calliftee hin dhiifne; obboloota
ishee warreen kaan waliin marii walii galtee xumuruun akeekkachiisa
ishee ittuma cimsitee, “Ani sammuun itti lammii ganu hin qabu;
golgan kosii keessa dhoksus hin qabuu yoo hidhata keenya barbaadde
koottuu dhiifama gaafadhuu ormatti nagaa dhaami; yoo didde qaama
keenya kunnee gannee ormaaf dahoo taana kan jettu ta‟e immoo
ejjannoon koo kanuma duraati.” jetteen.

Finfinneen gorsa Giincii didde irree ishee diriirsuuf harka ishee yoo
sochooftu Giinciin akkuma akeekkachiifte korommii ishee warra gaafa
giitii, warra gurgura lafaa hadheeffatu itti gadhiiftee quba irraa kutte.
Qubni Finfinnee Giinciin cite dhiiga coccobsuu eegale. Obboloonni
Giinciis walii galtee isaanii kabajanii ejjannoo isaanii calaqqisiisuu
eegalan. Kosiin Finfinnee keessaa wawarraaquu eegale. Gaafa
Finfinneen dhiigdu hiddi dhiigaa isaanii marsaa isaa waan dhaabuuf
bobbokokanii dheekkamuu jalqaban. Finfinneen qubni cite “Qubni koo
citeen taa‟aa?” waan jettu fakkaatti. Waan gara jabummaa hoo itti
beektii, mana nama irraa diigdee nama ari‟achuu, orma quubsitee kan
ishee beelessuu, ormaaf dahoo taatee kan ishee bineensa nyaachisuu,
orma duroomsitee kan ishee hiyyoomsuu, orma kabajjee, kan ishee
salphisuun, hojuma isheetii; harka sochooftee, irree ishee obboloota
isheetti feetee, of fakkeessuu ittuma fufte.

Warri isheen ofitti makuu karoorfattes, “Namni waraabessa yaabbate


nama uddeellachuu kajeela.” jedhe Oromoon jedhaniin. Yeroo isheen
irree ishee kaaftu hunduu itti duulanii irree ishee irraa muran. Irreen
Finfinnee muramtee dhiigni xuraawaan ishee keessaa yaa‟u biyya
faale. Lubbuu namoota hedduu nyaate; dhiiga qulqullootaa hedduu
dhangalaase; lafee daangaa tiksu hedduu caccabsiise; dirra biyya
bareechu hedduu garafsiise. Dhiigni xuraawaa fi makaan ishee irraa
coccobus lafa qulqullittii abboonni qulqulluu kaleessa irra jiraatan
168 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
xureesse. Isa xuraa‟ummaan dhiiga ishee faales dhiiga qulqulloota
hedduu gaafate. Ibidda isheen qabsiiftes bishaan dhaamsu dhabame.
Lubbuun daa‟immanii naatoo dhabe; salphinni manguddootaa yaada
dhabe; safuutu cabe. Obboloonni Finfinnees “Nu salphiftee; si
salphifna.” waan jedhan fakkaatu.

Tokkummaan jiruu bosonaa ho‟ifatee man‟ee bareeffateera, ta‟u illee


kaayyoo achi keessa jiraatuuf dhimma bahuuf riqicha dhabee foolata.
Kaayyoon isaas dargaggoo wabii biyyaa ta‟an walitti qabatee qabsoo
barsiisee biyya bilisoomsuu dha. Dargaggoon biyya keessaas
gabrummaan nuffisiise furmaata jedhanii waan yaadan hundaa yaalii
irra jiru. Osoo muuxannoo fi mala maltee Tokkummaa itti dabalatanii
silaa injifannoon miila isaanii jala turte. Tokkummaan jiruu bosonaa
shugguxii tokko waliin jalqabe carraa argame hundaa fayyadamee
tattaafatee abbaa meeshaalee waraanaa hedduu ta‟eera. Rakkoon isa
mudate, garuu nama dhabuu isaati.

Tokkummaa rakkoo namaa qabu, gaafa tokko humni tikaa


mankaraarfamtoota mana hidhaatti mankaraarfamanii irraa hafuu
dadhaban kudhan konkolaataan reenfa isaanii fe‟anii bosona
Tokkummaan dahoo godhatee keessa jirutti fidan. Dhiha lafaa
konkolaataa ofiin fe‟anii waraana muraasa wayyaa waraanaa hin
uffanne muraasaan of marsanii bosonicha walakkaan gahan. Akkuma
achi gahaniin ajajaan isaanii reenfa achi keessa jiru akka gadi guuranii
darban ajajee ofiif meeshaa isaa nyaachifate sirreeffatee tamboo
aarsuuf qabsiifate. Jarris ajaja fudhatanii saffisaan reenfa yeroo tokko
miila qabu tokko immoo harka lamaan qabee fura keessatti
daddarbatu. Jarris namoota fe‟anii fidan hundaa konkolaataa keessaa
gadi guuranii raawwatanii ofiif konkolaataatti nama‟anii imaluuf
garagalan. Tokkummaan dahoo bosonaa dhaabatu qophii hundaa
xumuree jira. Yeroo isaan konkolaataa naanneffatanii imala eegalan
boonbii kutee gad itti dhiise. Konkolaachisaas saffisaan shugguxii
sammuutti erge. Konkolaataa ibiddi itti qabate. Loltoonnis ajajaa
169 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
isaanii waliin gimiree ibiddatti nam‟an ta‟anii balalchanii jiru.
Konkolaachisaanis rasaasni sammuu keessa bahee konkolaataan ibiddi
irraa boba‟u karaa gadhiiftee bosona keessa seente.

Tokkummaan dhimma ofii xumurate reenfa namootaa irra deemee


i‟ilaala. Kurnan fe‟amanii dhufan keessaa namoota jaha lubbuun
keessaa xiixxi. Sagalee dhukaasaa guddaa dhagahaniin lubbuun isaanii
keessa deebite. Tokkummaan gammachuu lafa seenu dhabe. Warra
lubbuun keessa jiru dabaree dabareen ol ol qabee yaalii danda‟u
kennaaf. Yaalii yeroo muraasaa booda nama afur lubbuun hafuu
isaanii mirkaneeffatee dabaree dabareen baatee iddoo sana irraa
fageessee ciibsee yaaluu eegale.

Warri reenfa erge warra reenfa fide eegee dhaba. Bilbila irra
deddeebi‟anii yaalu; namni bilbila isaanii kaasu hin turre. Halkan sana
adeemsa hundaa xumuratanii barii lafaa koomee irra taa‟anii eegu.
Bosonni jarri itti ergaman bosona dur dhimma itti bahanii fi lubbuu
Oromootaa bifa kanaan nyaatee fixe waan ta‟eef jara hamaatu mudate
jedhanii hin shakkine; ni badan jedhanii shakkan malee. Isas immoo
jarri amanamoo warra abbaa dhimmaa waan ta‟aniif akka itti shakkan
dhaban. Waanuma fedheefuu barii lafaa eeggatu.

Tokkummaan hamma lafti bari‟utti jara lubbuun keessa jirtu dabareen


baatee miila fageeffateera, ta‟u illee hirriba malee bule waan ta‟eef
hedduu dadhabeera. Hojii ulfaataa irra bule. Tokkummaan dafqa
fixachaa bule, Namoonni lubbuun keessatti haftee inni waliin
dhama‟aa jiru Oromoota mana hidhaatti reebichii fi gidiraan irra gahaa
bule ta‟uu isaanii malee eenyummaa isaanii hin beeku. Yeroo lafti
golollisu hirribni muddaan tokko dhuftee qabatte. Takka rafee yoo bir
jedhu namoonni isaa wal jalaa qabanii aadu. Sagalee aadduu keessaa
“wayyoo haadha koo, wayyoo Gurmuu, wallaaltuun sitti taphattee
akkas afaan bineensaaa jalatti si gattee?” jedhu dhagahe. Tokkummaan
sagalee beekuu fi maqaa beeku gurra isaa keessaa iyyitu utaalee ka‟ee

170 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


fuula keessa ilaale. Yeroo ilaalu Gurmuu lubbuu Tokkummaa tiksee
gaafichaan gahe arge. Tokkummaan gammachuu of wallaalee ol
fudhatee baatee morma jala dhungoon maxammaxa. Imimmaan
gammachuu morma jalatti wal gaha.

Warri halkan guutuu yaaddoon shira xaxaa bulan lafti bariinaafiin


waraana guurratanii didichuu eegalan. Saffisaan bakka dur itti
Oromoota fixan yeroo gahan har‟a dhumaa Oromootaa qofa osoo hin
ta‟iin lafee warra isaanii ibidda irraa haftes argan. Naasuu lafa seenan
wallaaluun saffisaan of irra garagalan. Ofumaafuu dhumuu akka
danda‟an shakkanii sodaa kan dafqi irra yaa‟u bosonicha keessaa
bahanii magaalatti dacha‟an. Gooyitoom lafa bu‟e wallaalanii qoratanii
dadhabnaan dhiisanis har‟a lafa inni bu‟e tilmaammatan. Akkuma
magaalaatti dacha‟aniin wal gahii wal waamanii marii naasuu eegalan.
Marii isaanii itti cimsani. Dhuma irrattis bosonicha sakatta‟uu
murteessan. Eenyu akka sakatta‟uuf, garuu irratti walii galuu
dadhaban. “Ati deemi; ati deemi.” waliin jedhu; wal lolu. Dhuma
irratti tokko harka baasee ajajaa Oromoo loltoota Oromoo jajjaboo fi
gara-kuteeyyii akka isaan sakatta‟an akka ajajan eere. Gammachuu
lafa seenan dhaban. Ajajaa murna jedhame qabatee jiru waa jalaa
dhabamtee hin beektu. Dhimma hamaa ofiif dadhaban isuma itti ergu.
Kan amansiisee fi eenyu iyyuu jala dhaabachuu hin dandeenye dha.
Gaafa itti ka‟e isaanuma iyyuu ni raasa. Yeroo akkasii faayidaa isaa
bareechanii eeganiifii of irraa sossobanii dhimma itti bahu. Har‟as
dhimma itti bahuuf irratti waliif galanii faayidaa isaa ol kaasaniifii
ajaja dabarsaniif.

Gurmuu Tokkummaan ol fuudhee morma jala keewwate lafa yoo gad


ilaalu Dr. Mohaammad arge. Gurmuun boo‟aa ture gammadee quba
isaa gara doktaritti qabe. Tokkummaanis gara quba Gurmuun
agarsiisuu yoo ilaalu doktara arge. Tokkummaanis Gurmuu baattatee
gatantaraa doktar bira gahe. Gurmuu doktar bira teessisee doktar ol
qabee sadan isaanii iyyuu wal hammatanii boo‟uu jalqaban. Namni
171 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
isaan sossobu ni dhabame. Jarri aadaa boo‟u. dubartoonni lamaan
achuma cinaa ciisanis jara ilaalanii aadaa boo‟u. Sochii biraa waan hin
dandeenyeef morma ol qabatanii imimmaan ajaa‟ibaa lolaasu. Jarri
maal waliif akka ta‟an hin beekan. Gurmuun Tokkummaa maqaan
waamee “Tokkummaa, a… a… a… kuni sumaa? Wayyoo! Eessaa
dhufte? Ma… maa… Maaltu as si fide? Uf… uf… Nu hoo maaltu as
nu fide? a… a… a…Waan kana abjuu keessan jira moo? a… a… a…
Duuneetu mana jarri jedhan a… a… a…sanatti wal argaa jirra moo?
a… a… a… akkami waan isaa? Maaloo a… a… a…Tokkummaa
haalli isaa yoo siif gale natti himi a… a… a….” jedhee wixxisa.

Doktaris, “A… A… Ati Tokkummaadhumaa? Ufff…E… E… Eessaan


baatee dhufte? a… a… a… lubbuun kee kun akkami silaa?” jedhanii
dabareen watwaatu. Akka hin duune mirkaneeffachuufis qaama ofii fi
kan walii qaqqabatu. Wayyaa kaleessa uffatanis of irratti ilaalanii akka
hin duune mirkaneeffatu. Dubartoonni lameenis fura keessa ciisanii
morma ol qabatanii waan jarri ta‟aa jiraniin imimmaan isaan irra yaa‟u
waan burqaan dhohe fakkaata. Kan boo‟u malee kan deebii kennu hin
jiru. Hunduu waan dubbatu wallaala. Haalli isaan itti deebi‟anii wal
argan qorumsa itti ta‟a. Dubartoota lameen keessaas tokko addumatti
haasaa jarri haasa‟an qaaccessiti. Gaaffii hedduu sammuu isheetti
kaafti. Shakkii hedduunis of guutti. Ragaa ofiif dhiyeessiti. Ofumaaf
yaaddee kuffifti. Dhugaan jiru, garuu iddoo jira.

Tokkummaan jara lachuu wal cina ciibsee dubartoota lameenis itti


marmee dhungatee imimmaan isaa haxaawwatee, "Asuma ciisaa egaa
firii mukaan isinii funaanee dhufaa." jedheetu deeme. Jarri wal hin
beeknes walitti qorachuu eegalan. Dubartoota keessaa tokko “Namicha
kana eessatti beektu?” jettee gaaffii dhiyeessiti. Doktar aadaa deebii
kennuu eegale. Gurmuun gammachuu imimmaaniifuu deebii kennuu
waan hin dandeenyeef adeemsa ture guyyaa gaafa isaan argee eegalee
itti hime. Dubartittiinis hedduu gadditee deebi‟anii wal arguu isaaniif
immoo hedduu gammaddee cal jetti.
172 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
Tokkummaan firii mukaa funaanee yeroo as garagalu hoomaa
waraanaa arge. Hoomaan waraanaa sonaa jira. Tokkummaan baay‟ina
hoomaa waraanaa arge naasuun boolla waraabessaa isa gajjallaa jirutti
gad utaale. Waraabessi naasuun boolla isaa keessaa albaatii gadhiisee
gadi bahe. Loltoonni achi keessa turanis waraabessaan wareeranii
dhukaasa dhudhukaasan. Meeshaan tasa dhukaate loltoota lama
galaafatte. Jarris qaama biraatu isaan rukute se‟anii baqatan.
Tokkummaan firii mukaa funaanuu deeme meeshaa guutuu garaa
garaa booji‟ee jara bira deeme. Jarris hedduu beela‟aniiru waan ta‟eef
waan inni geesseef harkaa fudhatanii nyaatan. Dubartiin isheen tokko,
garuu waan jabaa miidhamteef badaa nyaachuu hin dandeenye.
Tokkummaan man‟ee isaa bakka eenyu illee arguu hin dandeenyetti
waan booji‟aa tureen tolfateera waan ta‟eef miiltoowwan isaa fudhatee
gara dahoo isaa deeme.

Loltoonni haalli itti ulfaate dhimma osoo hin fixiin humna dabalachuuf
yeroo deebi‟an dubbiin Finfinnee fi Giincii gidduutti kahe guutummaa
biyyittii wal gahee biyya raasaa jira. Humni achitti wal hanqateera
waan ta‟eef isaanuu gara biraatti akka deeman ajajni itti bahe.
Loltoonnis bakka ajajni itti bahetti imalan. Dhimmi Gooyitoomi fi
warra dhiyeenya dhumanis ni dagatame. Waraanni hundi guutummaa
biyyattii irratti bobba‟ee dargaggeessa biyyaa duguuguu itti cime.
Dargaggoonis falmii isaanii itti cimsan. Turtii yeroo muraasaa booda
malli dhabamnaan gaggeessitoota warra duraanii kaasanii Gammadaa
fi waayiloota isaa gara aangootti fidan. Gammadaan fa‟aa warra
Oromoota irraa dhalatan waan ta‟aniif waa‟ee Oromoo ni beeku.
Waanti Oromoota biroo keessa jiru isaan keessas waan jiruuf mala
malanii dargaggoota ofitti qabuu eegalan. Gaaffilee isaanii keessaas
muraasaa fi ishee sasalphoo ishee deddeebisuufii eegalan.
Hidhamtoota muraasas gadi lakkisaniif. Haasofni isaanis waan
dargaggoota gammachiisuu fi waan isaan barbaadan ta‟e. Biyyi
raafamte takkumaan qabbanoofte. Gammadaa fi waayillan isaa laphee

173 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


dargaggootaa seenan. Qabsoon uummatichaas harka dargaggootaa fi
barattootaatii bahee daangaa isaa babal‟ifate. Biiftuun uummatichaa
bahuu diddee gidirsites bahuudhaaf amma ol quuqxe.

Dr. Mohaammad xiraan qaama isaa ciccitee tortore ofitti nama hin
butu, ta‟u illee Tokkummaan bira jira waan ta‟eef dawaa funaanee
qaama tortoretti hihidhaafi. Gurmuun immoo isaan keessaa fooyya‟aa
waan ta‟eef wal-dhukkubsachiisuudhaan Tokkummaadhaaf deeggarsa
dabale. Dubartoonni lameen dhibee isaanii irraa battalaan
damdamachuu hin dandeenye. Inumaa dubartiin isheen keessaa umriin
achi jedhe hedduu miidhamteetti; dubbachuu hin dandeessu. Eenyu
akka ta‟anii fi eessaa akka dhufan dubartoota lamaan qofatu beeka.
Dubartii ishee keessaa fooyyee qabdu yoo gaafatan naannoo Ambootii
akka dhufan itti himte. Tokkummaas gammachuutu itti nam‟e.

Dubartoonni yaalii waaraa waan barbaadaniif magaalaatti bahuun


dirqama itti taate. Gurmuun warra kaan irra fooyyee waan qabuuf
Tokkummaan dubartoota waldhaansisuuf jara hafan walitti gatee
deemuu murteesse. Hunduu yaadicha irratti waliif galuun dubartoota
sana dabareen baattatee gara karaatti bahuu murteesse. Tokkummaan
dubartii ishee fooyyee qabdu dursee karaatti baasee gara ishee
lammaffaatti deebi‟e.

Obboo Jabeessaa ganamumaan bilbilli bilbilamteef. Simboo barbaadee


gameef beeksisa bakkee garaa garaatti waan baaseef namoonni
beeksisa sana arganii dubartii umriin achi jedhe yoo argan inuma
bilbiluuf. Har‟as egaa sababuma kanaaf bilbilaniifi. Obboo Jabeessaan
bilbila isaa kaasee haasa‟e. Haasaan tures akka Simboon argamte dha.
Oduu akkasii haa dhaga‟u malee itti deddeebi‟ee dhaqee waan dhabeef
baay‟ee abdii hin horre, ta‟u illee “Har‟a hoo ni ijibbaannaa ka‟aa.”
yaada jedhuun konkolaataa ofii kaafatee Ateetee fi Ga‟eeraa fudhatee
imala eegale. Imala isaa itti fufee dhufee yeroo seensa Magaalaa
Koloboo gahu dubartii mataa xaxattee muka guddaa jala qarqara

174 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


daandii ciiftu arge. Osuma konkolaachisuu karaa foddaa konkolaataa
yeroo mirga isaa ilaalu dubartii ciiftu arge. Naasuudhumaan saffisa
hir‟isee yeroo of irra naanneffatee ilaalu alaala irraa Simboo taatii laata
jedhee lapheen isaa baay‟ee raafame.

Tokkummaan dubartii lammataa miidhaa jabaa qabdu baattatee bosona


keessa dafqa lolaafachaa sussuka. Dubartittiin dandeessee hin dubbattu
malee raafama Tokkummaa arguu hin dhabne. Dafqa isaa fixate.
Dadhabee gitintira. Yeroo gamteefis ishee teessisee boqota. Karaan
dheerattus fixuun isaa hin oolu.

Obboo Jabeessaan konkolaataa isaa keessaa bu‟ee sussukuu eegale. Ijji


isaa waan haadha manaa isaa itti agarsiiftu seetee meeqa rifatti. Lafti
fageenya meetira kudhan hin guunne kiiloomeetira kudhan itti taate.
Ateetee fi Ga‟eeraanis waan argatan se‟anii boo‟icha gammachuu
boo‟aa sussuku. Lapheen jaraa fannifamtee fiigdi. Obboo Jabeessaan
sussukee bira gahe dubartii biraa arge. Dubbisuuf yaale; tasa iyyuu
dubbachuu hin dandeessu. Yeroo itti siqee qaqqabatu dubartii
miidhamtuu itti taate. Gammachuun isaanii fiixa bahuu dadhabde.
Sadan isaanii iyyuu wal ilaalanii waan dubbatan wallaalaan.
Haariidhaan of irra garagalanii konkolaataa ofiitti nam‟an. Harka
haariin motora kaafatan. Konkolaataa naanneffatee yeroo jedhu
sagalee wayii gurra isaa keessaa dhagahe. “Simboonis yoona akkuma
dubartii kanaa yoo taate hoo?” waan jedhu wayiiti. Obboo Jabeessaa
gara-laafessis jiruu dubartittii qulqulleeffachuun deeggarsa
barbaachisu godheefii akka darbu murteessee lammata konkolaataa
isaa dhaabuun keessaa bu‟ee gara dubartittiitti qajeele.

Ateetee fi Ga‟eeraanis Obboo Jabeessaan maal akka ta‟e wallaalanii


konkolataa keessaa bu‟anii duukaa qajeelan. Dubartittii bira gahanii
mataa ishee ol qabanii waan isheen taate gaafachuuf of irra
quqqucuummatan. Yeroo Obboo Jabeessaan “Maal taate dubartii
nanaa?” jedhu Tokkummaanis dugda duubaan dubartii biraa baatee

175 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


dhufee “Isin eenyu? Maal gochuufi?” jedheen. Obboo Jabeessaan
naasudhumaan ol jedhee gara sagalee dhagaheetti garagalee dhaabate.
Tokkummaan dabalee, “Isin eenyu? Maal dalagaa jirtu?” jedheen.
Obboo Jabeessaanis deebisee, “Homaa dalagaa hinji… ji…. jirru.”
jedhee dubbatee osoo hin fixiin dugda Tokkummaa yoo ilaalu fuula
amanuuf nama rakkisu fuula Simboo arge. Obboo Jabeessaanis itti
fiigee Simboo hammaarrate. Tokkummaanis waan isaa wallaale.
Hibboo itti ta‟e.

Simboon Jabeessaa harkatti of argite arrabaan waan hin dandeenyeef


ijaan haasofti; ni boochi. Jabeessaanis imimmaan isaa dhaba hin qabne
roobsuu eegale. Ateeteenis jaratti harka maratte. Ga‟eeraanis akkawoo
isaa argatee kolfaa gammachuun jaratti marme. Tokkummaan waan
isaa wallaales gammachuu jaraan gammadee jaratti harka marate. Jarri
ija isaanii amanuu dadhaban. Wal quufuu dadhabanii walitti boo‟u.
Namni wal sossobu hin jiru. Simboon dhukkubsachaa jirtus
gammachuudhaan of cimsitee jajjabaachaa jirti. Jarri dhukkuba
Simboo hubatanis Simboo mana yaalaan gahuu akka qaban
murteessan. Konkolaataa keessa galchan. Dubartii miiltoo Simboos
dabalatanii deemsaaf qophaa‟an.

Tokkummaan, garuu Simboon fa‟aa fira waan argataniif hiriyoota isaa


biratti deebi‟uu akka barbaade itti hime. Jarris Tokkummaa hiriyoota
isaa bira dhaquu fedhu dhoowwuu waan hin barbaanneef bilbila isaanii
kennaniifii gaggeessuuf yeroo jedhan maqaa isaa gaafatan,
“Tokkummaa Jabeessaan jedhama.” jedhe. Ateeteen duruma iyyuu
shakkaa turte utaaltee itti marmite. Tokkummaan waan isaa wallaalee
itti marme. Warri hafanis itti marmanii boo‟icha eegalan. Gammachuu
dachaa taate Simboon ciiftee seeqxi. Jarri maatii ta‟uu wal beekanii
bosona deemanii hiriyoota Tokkummaa hundaa fe‟atanii tokkummaan
wal guuranii Finfinnee gaaddifti isaanii raasutti ol qajeelan.

176 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


Imala gara Finfinneen boodas amalli Tokkummaa fi Gammadaa fa‟aa
yaadni isaanii wal-fudhachuu hin dandeenye. Tokkummaa fi waahillan
isaa namoota bosonatti, mana hidhaatti, ammas bosonatti
mankaraarfamaa turani dha. Gammadaadhuma fa‟aatu kanaaf isaan
saaxilaa ture. Gidiraan isaanii fi bu‟aan qabsoo isaanii wal madaaluufii
dide; garaa isaan hin geenye. Gammadaadhuma fa‟aatu asii fi achi
fakkeessee babal‟ifatee jiraata. Gaafa barbaadanis, “Akkas isiniif
taasifne mitii; akkas isiniif taane mitii; oolmaan keenya isin irra
baay‟ate mitii?” jedhaniis kan miidhan sana dagatanii yeroo isaan
harka isaanii gateettii irra kaawwatanii hammachuun qoosuu fedhan
Tokkummaan fa‟aa of irraa darbatu. Kanuma keessa wal mufachiisuun
babal‟ate. Waan dabarsanis dagachuun dhufe. Wal qimmiiduun, wal
ula‟uun eegalamte. Wal irraa faffagaachuunis hammaate. Abdii waliif
ta‟uu irra yaaddoo walitti ta‟uutu dhufe. Ta‟ees, garuu jarri hunduu
waliin malee kopha kophaatti hir‟uu ta‟uu isaanii tolchanii beeku.
Kanaafuu, garaas walitti hin kutatan; takka wal sossobu; takka immoo
wal jifa‟u. Isa kanaaf silaa furmaanni salphaa ture. Uummatichi
duudhaa kaleessa tolfatee rakkoo akkasii ittin furu bareechee qaba.
Obbolaan lamaan wal ajjeeftees ta‟ee wal ajjeechiftee, ormis ajjeesee
ta‟ee orma ajjeesanii warri hafe walitti dhufee gumaa muruun waliin
gumaa baasee waliin gumaa nyaatee harka waldhiqa malee wal
ajjeesee yookiin ajjeesisee akkasumas orma ajjeesee yookiin ajjeesisee
ka‟ee deemaadhuma dhufee harka wal irra hin keewwatu ture; warra
gumaan itti gale waan ta‟eef “warra gumaati.” jedha sirni Gadaa.
Duudhaa kanatu cabe; duudhicha bakkatti yoo deebisan bakka garaa
ofii gahu. Hangasittuu nagaa fi tasgabbiis ta‟ee waliigaltee fi
tokkummaan hin jirtu!

Hiriyoonni dur Tokkummaa waliin qabsootti makamanis bakka


turanitti gareen wal qoodanii cubbuu gurraaf siilettii hedduu wal irratti
hojjataniiru; dhaloota qaalii lakkaa‟amanii hin dhumne wal harkatti
fixaniiru. Kan ormi miidhe irra dhaloota isaan miidhantu garaa nama

177 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)


nyaata; akkaataan isaanii fokkisaa ture. Akka warra kaayyoo tokkoof
waliin baheetti hin turre; diina walii turan; akka tokkummaan biyyaa
bahan osoo hin taane adda wal hiranii diinummaan biyya galani.
Amaluma sana fudhatanii biyya galan waan ta‟eef innis rakkoo guddaa
uumeera.

Tokkummaan kana hundaa quba qaba. Warra biyya keessa jirus


ilaallaan isaan biras rakkoo hamaatu jira. Hawaasichi kufaatii
hawaasummaa hamaa keessa jira; hunduu of baasuudhumaaf fiiga.
Kuffisee darbuu, tokko tokko irra ejjatee haala mijeeffachuu,
dorgommii hoo‟aa irra jira. Hannaa fi daldala badaatu jira. Maqaa
sabboonummaatiin wal goolee jira. Kun ta‟uun akka kaleessaa qabsoo
kaleessaatti deebi‟ee keessa bahuu akka hin dandeenyee fi kun kan
ta‟eef waan innii fi waayiloonni isaa irraa fagaataniif ta‟uu hubate.
Kanuma sababeeffachuun mala isaa fi uummata isaa baasu xiinxaluutti
taa‟e.

Tokkummaa: Uummanni koo akka kaleessaa miti; gara


gaggaragaleera; qaroominaa fi ofdagannaa gidduu jira. Sirni isaa
kaleessaa caccabeera; ilmii fi intalli haadha, abbaa, obbolaa
hangafaa, manguddoo fi ollaa kabajuu dhiisaniiru; ajajamuu fi
gorfamuu illee didaniiru. Fedhu bulaa, fedhu galaa ta‟aniiru; safuun
cabeera; duudhaan badeera. Duula gama siyaasaan, dinagdeen,
amantii fi ammayyummaan itti duulametu hawaasa koo akkas godhe;
gaaga‟ama eenyummaa keessa galche. Inni “ani sabboonaa dha”
jedhus dhimmi uummataa, dhimmi duudhaa, dhimmi safuu, dhimmi
kabajaa, dhimmi hojii fi kan biroo dhimma isaa fi ishee ta‟uu
dhiiseera. Waldhaansa cimaatu barbaachisa; duula qawweetu nu
baasa miti; duula, barnootaa, duula gorsaa, duula qixaaxuu, duula
sossobbaatu nu baasa. Lammiin koo biyya kana keessatti baay‟ina ol
aanaa qaba. Akkaatuma baay‟ina isaan cimee hojjatee fi baratee
bakka qabachuu qaba. Dandeettii fi gahumsa isaan dhiibbatee bakka
qabatee irra caaluu qaba. Hidhannoo meeshaa waggoota hin
178 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
lakkaa‟amneef yaallee itti milkaa‟uu dadhabne; amma hidhannoo
beekumsaa fi qabeenyaa nu barbaachisa; cinaatti qawwee keenyas hin
gannu. Dargaggeessa magaalaa Oromoomse bosona baadiyyaatti
waamnee qabsoon keenya achii baajjajaa hafuu hin qabu. Qabsoon
uummatichaa waajjiraalee mootummaa, manneen barnootaa,
manneen loltoota biyyattii, manneen daldalaa biyyattii fi bakkeewwan
biroo kam iyyuu jiraachuu qaba. Yoo kana hin ta‟iin diddaa, mormii fi
dhukaasa meeshaa qofaan siyaasa biyya kanaa mo‟uun hin
danda‟amu. Yoo kana irratti jabaannee hojjanne qabsoo waggaa
150tti mo‟uu dadhabne waggaa 15 keessatti akka moonu abdiin qaba.

jechuun osoo hiriyoonni isaa bosonatti waamanii didee ofitti haasawa.


Tokkummaan haasawa isaas hiriyoota isaa muraasa amanutti himate.
Hiriyoonni isaas haasaa isaatti hedduu gammadanii marii taasisuu
eegalan. Marii guyyoota muraasaa booda qaama mootummaa waliin
akka mootummaan barbaadutti araaramuuf murteeffatan; dhaqaniis
araaramani. Akkaatuma waliigaltee isaaniitiin hojii isaanii hojjachuutti
seenan. Dhagaan fira irraas, orma irraas, hiriyoota irraas itti guuramus
nama kaayyoo fi galma qabu bubbeen hangam ulfaatuu asii fi achi
raasuu hin danda‟u; gufuun hin buqqa‟u jedhamee sodaatamuu fi
gudeelchi hin garagalu jedhamee yaadatamu karaa isaanii irratti
guuramus, warra ejjannoo dinqii maaltu dura dhaabbata! Waggaan 15
yeroo itti karoora isaaniiti; bilisummaan immoo galma uummata
isaaniiti.

********************

……………XUMURAMEERA!……………

Hubachiisa: Kitaabni kun itti fufiinsa kitaaba kiyya “Sagalee


1ummaa” ti. Kitaabicha jildiin barreessuu yaaleen ture. Yaadaa fi
gorsa dubbiftootaa fi gulaaltota koo fudhadheen jildiiwwan lachuu
walitti dabalee, mata-duree qabiyyee kitaabichaa madaalu akkan
uumuuf waanin gaafatameefin bifa amma fakkaatuun dhiheesse. Warri
179 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)
kitaabicha jildii tokkoffaa argattanii dubbiftan, bakka muraasatti
yaanni wal fakkaatu waan isin mudatuuf bifan armaan olitti ibseen
akka na hubattanii fi ammas yaada keessan naaf gumaachitan
kabajaanin isin gaafadha. Waan dubbiftanii yaada keessan naaf
qooddaniif galatoomaa!

180 | P a g e Hiree fi Hiraarsa… MARGAA FAYYEERAA WAAQJIRAATIIN (2020)

You might also like