You are on page 1of 7

BIIROO BARNOOTA BULCHIINSA MAGAALAA FINFINNEETTI QORMAATA

MOODEELA KUTAA 8FFAA KAN BARA 2012 A.L.I

Gosa Barnootaa: Saayinsii Hawaasaa Yeroo Kenname: 1:00(sa’aatii tokko)

QAJEELFAMA WALIIGALAA

1. Ajaja Kenname Sirriitti Dubbisii Hubadhu.


2. Yoo Gaaffii Qabaattee Osoo Qormaanni Hin Eegaliin Barsiisaa/ttuu kee Gaafadhu.
Qorumsii Jalqanaan Gaaffii fi Deebiin hin Danda’amu.

3. Qormaatichi Fuula shan(5) fi Baay’ina Gaaffii 60 Qabaachuu


isaa Duras Mirkaneeffadhu.
4. Waraqaan Qorumsaa Kun Baratoota Kutaa 8ffaa Qormaata Barnoota Sayinsii
Hawaasaa Barataniif Kan Qophaa’edha.
5. Hatuu fi hachisiisuun bu’aa qormaatichaa gatii dhabsiisa.
6. Tokkoon tokkoon gaaffii filannoowwan afur A, B, C fi D jedhamanii dhihaatan
qaba. Tokkoon tokkoon gaaffii fi filannoowwan isaa erga dubbistee hubatteen
booda filannoo deebii sirrii ni ta’a jettu waraqaa deebiif qophaa’e irratti qubee
filannoo keetii qubeessaadhaan gurraachessi. Fakkeenyaaf “B” kan filatte yoo ta’e
akka armaan gadiitti qubee “B” hamatu keessa jiru sirriitti gurrachessi.
(A) (B) (C) (D)
7. Yoo deebii jijjiiruu barbaadde filannoo kee isa jalqabaa sirriitti haquu qabda.
8. Naamusa qormaataa eeguun dirqamadha.
9. Yeroon qormaata kanaaf kenname dhumuu isaa to’ataan yoo sitti hime
battalumatti dhaabuu qabda.
10. Hanga sitti himamutti fuula kana garagalchuun dhorkaadha.

MOODEELA KUTAA 8FFAA KAN BARA 2012 A.L.I Page 1


Qorumsa Moodeela Barnoota Hawaasaa Kutaa 8ffaa Kan Bara 2012 A.L.I
Qajeelfama : Gaaffilee armaan gadiitti 1-60 kennaman sirriitti erga dubbiftee booda qubee
deebii sirrii ta’e bakka bu’u filadhuutii waraqaa deebii siif kenname irratti barreessi.

1. Ardiin Afrikaa ardii Awurooppaa irraa gara kamiin argamti?


A.Gara dhihaatti C. gara kaabaatti
B.Gara kibbaatti D. gara Bahaatti
2. Fageenyi fiixee kaabaa fi fiixee kibbaa ardii Afrikaa jidduu jiru hagam ta’aa?
A.800KM C. 700KM
B.600KM D. 500KM
3. Afaanonni Naayiloo-Sahaaraa biyya kami keessatti bal’inaan dubbatamuu?
A.Misirii durii C. Niijar koongoo
B.Afrikaa kibbaa D. Morookoo
4. Ardiin addunyaa irratti lafti gadi dhoqaan gadi fageenya guddaa qabu fi gaarri ol ka’iinsa
guddaa qabu irratti argaman isa kami?
A.Awurooppaa C. Ameerikaa kibbaa
B.Afrikaa D. Eeshiyaa
5. Bishaan addunyaa irratti argaman keessaa paarsantii meeqatu bishaan soogidda’oodha?
A.97% C. 50%
B.25% D. 30%
6. Ardiin heemisfeera kaabaatti hin argamne isa kami?
A.Awurooppaa C. Awustiraaliyaa
B.Eeshiyaa D. Ameerikaa kaabaa
7. Misirii durii keessatti meeshaan irratti barreessuudhaaf itti gargaaramaa turan maal
jedhama?
A.Haayiroogilifiksii C. Heliippoliis
B.Paappiiras D. Piyuunikii
8. Biyyi Afrikaa laggeen Zaambeezii fi Limpooppoo jedhaman jidduutti argamtu kami?
A.Gaanaa C. Funjii
B.Maalii D. Zimbaabuwee
9. Afaan Laatinii fi Jaarmaniin maatii afaanii isa kamiiti?
A.Fiinoo-giriikii C. Afroo-eeshiyaa
B.Kawukoosiyaa D. Indoo-yurooppiyaanii
10. Jechi ‘Meesooppotamiyaa’ jedhamu maddi isaa afaan kami irraa dhufe?
A.Giriikii C. Laatinii
B.Daachi D. Xaaliyaanii
11. Seenaa qaroomina addunyaa durii keessatti qaroominni laggeen beekamoo lamaan
Taayigriisii fi Ifiraaxiisii jidduutti hundeeffamee ture kan biyya eenyutii?
A.Chaayinaa C. Meessooppotaamiyaa
B.Roomaa D. Giriikii

MOODEELA KUTAA 8FFAA KAN BARA 2012 A.L.I Page 2


12. Dh.K.D bara 2200tti Mootiin garreen sagal diigsisuun hidha bishaanii sagal hojjechiisee
ture qaroomina biyya eenyu keessatti ture?
A.Meesooppotaamiyaa C. Roomaa
B.Chaayinaa D. Giriikii
13. Qaroomina durii ardii Ameerikaa kan hin ta’in kami?
A.Peershiyaa C. Azeeteeksii
B.Inkaa D. Maayaa
14. Daldalli karaa dheeraa Itoophiyaa keessatti yeroo kami jalqabe?
A.Bara mootummaa Aksuum dura C. Bara mootummaa Dargii
B.Bara mootummaa Haayile Sillaasee D. Bara mootummaa ammaa
15. Kanneen armaan gadii keessaa haalli qubannaa (faca’iinsa) ummataa murteessu isa kami?
A.Sadarkaa barnootaa C. qaroomina
B.Waanti daangessu hin jiru D. qabeenya uumamaa
16. Itoophiyaan horsiisa horiitiin Afrikaa keessaa sadarkaa meeqaffaa irratti argamtii?
A.4ffaa C. 3ffaa
B.1ffaa D. 2ffaa
17. Kan guutummaa ykn gar- tokkee qaama lafaa bakka bu’un ibsuu danda’u isa kamii?
A.Gaara C. kaartaa
B.Sulula D. Barruu
18. Malli ykn tooftaan argama waan tokkoo sararran yaada Dagalee fi Gadeetti
fayyadamuun ibsuun danda’amu maal jedhama?
A. Argama bir-qabaa C. kallattii
B. Argama dhugaa D. baldhina
19. Kanneen gadiitti eeraman keessaa Naannooleen cabbii hedduun uwwiifamee hin
argamne isa kami?
A.Sahaaraa C. Tundiraa
B.Alaaskaa D. Giriinlaandii
20. Naannoolee uummanni hedduuminaan irra hin jiraanne isa kami?
A.Hindii C. Saayibeeriyaa
B.Neezerlandii D. Eddoola Moorishees
21. Uummanni maatii Inuuyit maali soorachuun beekamu?
A.Kuduraa fi muduraa C. beeladoota manaa
B.Ija mukkeenii D. foon bineensota bishaanii
22. Baay’ina namoota dubbataniin afaan addunyaa irratti dubbattoota ol-aanaa qabu kami?
A.Afaan Arabaa C. Afaan Hindii
B.Afaan Ingilizii D. Mandarinii
23. Faca’iinsa uummataa murteessuu irratti haallan Hawaasummaa kan hin ta’in kami?
A.Albuuda C. induustirii
B.Qilleensa baramaa D. haala siyaasaa

MOODEELA KUTAA 8FFAA KAN BARA 2012 A.L.I Page 3


24. Kitaabni Amantii Judaayizimii maali jedhame waamama?
A.Veedaa C. “U”
B.Teraveedaa D. Quraana
25. Magaalli Mumbaay biyya Hindii keessatti guddinaan Niiwdelihiitti aantee sadarkaa
meeqaffaa irrratti argamti?
A.Lamaffaa C. Arfafffaa
B.Sadaffaa D. Tokkoffaa
ffaa
26. Dh.K.D jaarraa 6 tti Amantiin biyya Chaayinaatti eegalee ture isa kami?
A.Shiintoo’iizimii C. Konfishaaniizimii
B.Budihiizimii D. Hinduyizimii
27. Yaada Liberaalizimii jalqaba kan eegale eenyu?
A.Abrahaam Liinkalii C. Joon Ismaart Miil
B.Kaarlii Maarkisii D. Fireedliki Ingilisii
28. Paalastaayiin yeroo Amantiin Kiristaanaa keessatti jalqabame impaayeera eenyu jala
turte?
A.Otooman Tarkii C. Giriikii
B.Roomaa D. Faransaayi
29. Odeeffannoowwan handaaraa kaartaa irratti argaman keessaa maqaan kaarticha isa
kami keessatti ibsama?
A. mata duree kaartichaa C. mallatoolee kaartaa jalatti
B. iskeelii kaartichaa D. kallattii
30. Isa kamtu gosa albuudota siilkaa fi aluminiyeemii irraa uumame?
A.Keessa lafaa C. Handhuura lafaa
B.Baqqanaa lafaa D. Irra lafaa
31. Gosti dhagaa meeshaalee faayaaf oolan irraa tolfamu isa kami?
A.Dhagaa kuus-mansaa C. dhagaa baq-qorii
B.Dhagaa jijjiiramaa D. saandistoonii
32. Fakkeenya harawwan nam-tolchee Afrikaa kan hin taane kami?
A.Naasir C. Qooqaa
B.Abjaataa D. Kaaribaa

33. Naannoo bosona isa kamiitu roobaa waggaa guutuu argata?


A.biqiloota Naannoo qilleensa gammoojjii C. biqiloota naannoo meediteraaniyanii
B.biqiloota Naannoo savaanaa D.bosona roobaa naannoo mudhii lafaa
34. Kanneen armaan gadii keessaa isa kamtu elementii qilleensa baramaati?
A.Teempireechara C. Haroowwan
B.Galaanota D. laggeen
35. Fuula lafaa keessaa kan 70% uwwisee argamu isa kami?
A.Bosona C. Qilleensa
B.Biyyee D. Bishaan

MOODEELA KUTAA 8FFAA KAN BARA 2012 A.L.I Page 4


36. Yaadni siyaasaa keessatti jiraachuu dhaabbilee siyaasaa adda addaa garaagarummaa
qabanii ibsu maal jedhama?
A.Kaappitaalizimii C. piluuraalizimii
B.Liberaalizimii D. dimookiraasii
37. Sababban gurguddoo ka’umsa waraana Addunyaa tokkoffaa kan hin ta’in kami?
A.Dimookirasii C. sabboonummaa
B.Loltummaa D. wal-dorgommii biyyoota impeeriyaalistoota
38. Miseensa Garee wal-ta’iinsa sadeenii (Triple Alliance) kan ta’e eenyu?
A.Faransaayi C. Ingilizii
B.Jaarmanii D. Raashaa
39. Waraanni addunyaa garee Allaayid Paaworii fi Aksiisi Paawor jedhaman jidduutti bara
1939-1945 ti adeemsifamee ture:
A.Waraana Addunyaa I C. Waraana Addunyaa II
B.Waraana Ololaa D. Waraana Adawaa
40. Uummanni addunyaa irratti yeroo duraatiif barreeffamatti fayyadame eenyu?
A.Suumeerota C. Giriikota
B.Misir durii D. Roomanota
41. Waliigaltee Wucaalee mootichi Minilik bara 1889 ti Xaaliyaanii waliin mallateesse
keeyyata kamtu garaagartummaa uume?
A.16ffaa C. 15ffaa
B.17ffaa D. 14ffaa
42. Jechi ‘Maajii’ jedhu afaan suwaahiliitiin maali jechuudha?
A.Bishaan C. lafa
B.Aduu D. samii
43. Dhaabni siyaasaa bilisummaa Tuuniziyaaf qabsa’aa ture maali jedhamuun waamama?
A.Waafd C. Nii’oo Daastar
B.Appaartaayidii D. Naashinaal Paartii
44. Adeemsi qabeenya uumamaa fi namtolchee sirnaan itti fayyadamnu maal jedhama?
A.Baal’isuu C. balleessuu
B.Mancaasuu D. kunuunsuu
45. Kanneen arman gadii keessaa sababa harama biyyee kan ta’e isa kami?
A.Haala teesuma lafaa naannoo C. babal’ina teekinoolojii
B.katara ijaaruu/tolchuu D. qonnaa ammayaawaa
46. Dhiibbaa saffisaan dabaluun lakkoofsa uummataa fiduu danda’u maali?
A.Nageenya tasgabaa’aa C. dabaluu tajaajila hawaasummaa
B.Hanqina lafa qonnaa D. mirkanaa’uu guddina dinaagdee
47. Isa kamtu karaa H.I.V ‘n ittiin daddarbu ta’uu danda’a?
A.Qunnamtii saalaa C. waliin barachuu
B.Mana tokko keessa waliin jiraachuu D. harka wal fudhachuun

MOODEELA KUTAA 8FFAA KAN BARA 2012 A.L.I Page 5


48. Walii galteen dhimma mirgoota Daa’immanii sadarkaa Addunyaatti yoom bu’uureffame?
A.Bara 1985 C. bara 1989
B.Bara 1986 D. bara 1987
49. Bulchiinsi gaariin maaliin ibsama?
A.Loogummaan C. malaammaltummaan
B.Sabummaa D. iftoomina
50. Kanneen armaan gadii keessaa kan guddina dinagdee biyya tokkoof hudhaa ta’u isa
kami?
A.Iftoomina C. obsa qabaachuu
B.Malaamaltummaa D. gabaa bilisaa
51. Dhaabbanni tokkummaa Afrikaa bara 1963tti eessatti hundeeffame?
A.Angoolaa keessatti C. Kaameruun keessatti
B.Finfinnee keessatti D. Toogoo keessatti
52. Pireezidaantiin gurraachi jalqabaa biyya Ripuubilikii Afrikaa Kibbaa eenyu ture?
A.Neelsoon Mandeelaa C. Habiib Burgiibaas
B.Waaltar Siisuluu D. Oliivaar Taamboo
53. Gosni volkaanoo waggoota 1000 booda deebi’ee dhohuu danda’u maali jedhama?
A.Volkaanoo socho’aa C. volkaanoo riphaa
B.Volkaanoo dhumataa D. Ertaallee
54. Kiloomeetiriin tokko seentimetirii meeqa ta’a?
A.100,000 C. 1,000
B.10,000 D. 100
55. Humnoota keessa lafaatii ka’anii fuula lafaa jijjiiran kan hin taane kami?
A.Volkaanoo C. babbaqaqiinsa lafaa
B.Dadacha’iinsa lafaa D. harama biyyee
56. Bakki laggeen lama walitti makaman maal jedhama?
A.Laga galtuu C. yaa’a gadii
B.Waldaya lagaa D. yaa’a jidduu
57. Meeshaan humna hoollanaa lafaa safaruuf tajaajilu maali?
A.Sesimoogiraafii C. Termoomeetirii
B.Metirooloojii D. Reektar iskeel
58. Lagni beekamaan biyya keenyaa cirraacha gammoojjii oo’aa keessatti liqimfamee hafu
kami?
A.Gibe C. Waabii shabaalee
B.Ganaalee D. Hawaas
59. Yaa’a olii keessatti laggeen xixiqqoo hedduutu walitti makama. Lagni xiqqoon laga
guddaatti yaatu kun maal jedhamti?
A.Laga galtuu C. yaa’a jidduu
B.Walgaya lagaa D. yaa’a gadii

MOODEELA KUTAA 8FFAA KAN BARA 2012 A.L.I Page 6


60. Xumura jaarraa 19ffaa irratti gara ardii Afrikaatti dhufuu koloneeffatoota Awurooppaaf
sababa ta’uu kan hin dandeenye isa kami?
A.Ummata Afrikaa qaroomsuu fi dinagdee isaanii guddisuuf
B.Meeshaalee industirii isaanii keessatti oomishaaniif gabaa barbaacha
C.Meeshaalee dheedhii industiriiwwan isaaniif argachuuf
D.Humna ummata ardii Afrikaa tolaan itti fayyadamuuf

MOODEELA KUTAA 8FFAA KAN BARA 2012 A.L.I Page 7

You might also like