You are on page 1of 181

1

YUNIVARSIITII DILLAATTII, KOOLLEEJJII SAAYINSIIWWAN


HAWAASAA FI NAMUMMAAWWANII

MUUMMEE AFAAN OROMOO FI OGBARRUU

Koorsii……Xiindhamsagaa fi Xiindhamjecha Afaan Oromoo


Barsiisan:

Dr. Taaddasaa G. Raasoo


DILLAA, 2018
2

NOLOGY) 
gaa (Concepts of
• Hiikni isaas damee xiinqooqaa kan:
 waa’ee dhamsagaa qoratu,
 yookaan kan waa’ee sirna qindaa`ina (qubata)
sagaleewwan dubbii afaan tokkoo qo`atu jechuudha.
• Xiinsagni waa’ee sagalee dubbii kan qayyabatu
• Xiindhamsagni immoo sagaleewwan dubbii kun
akkamitti akka walfaana bifa hiika
qabeessummaatiin hiriiran kan qo`atudha.

3
• Xiindhamsagni damee xiinqooqa gooree ta`ee kan
sirna qindaa`ina sagaleewwan dubbii (sound patterns)
xiinxaluudha.
• Kana malees, xiindhamsagni sagaleewwan afaan
tokkoo addaan baasee kan qo`atu yoo ta`u,
xiyyeeffannoon isaa dhamsagarratti dha.
• Dhamsagni ammoo, qaama xiqqaa afaanii sammuu
keessatti argamu.
• Kana jechuun, dhamsagoonni ofii isaaniitiin ba`anii
mul`achuu waan hin dandeenyeef, firsagootaan
bahanii mul`atu.

5
Firsagni bifa dhamsagni tokko bakka garaagaraa
galuun argatudha.

1.2. Tokkummaa fi Garaagarummaa Xiinsagaa


fi Xiindhamsagaa

Tokkummaa Xiinsagaa fi Xiindhamsagaa


• Xiinsagnii fi xiindhamsagni tokkummaas
garaagarummas ni qabu jechuudha.
Tokkummaa Isaanii:
 Lamaanuu bakka bu’ee (unit) sagalee yookaan
kutama (segment) kan qoratanidha.
6
 Lameen isaaniyyuu qo`annoo fi qorannoo
xiinqooqaaf bu`uura.
 Lameen isaaniyyuu damee xiinqooqa gooreeti.
 Lamaanuu mallattoon isaanii tokko yoo firsaga
sagalee hin qabaanne.
 Lamaanuu sagalee dubbifamaa fi sagalee
dubbachiiftuu adda adda baasanii ilaalu.
1.1.2.Garaagarummaa xiinsagaa fi
xiindhamsagaa
 Xiinsagni sagalee (phone) qorata, xiindhamsagni
ammoo waa’ee dhamsagaa (phoneme) ilaallata.
7
 Xiinsagni akkaataa uumama sagalee dubbii
qayyabata. Xiindhamsagni garuu qubata/sirna
qindaa`ina sagalee (patterns of sound system) kan
qoratudha.
 Xiinsagni tokkoon tokkoon sagalee dubbii
qaamolee dubbii dhala namaatiin uumaman
ilaallata. Kanaaf, afaanii afaanitti haalli
qo`annoo isaa walfakkaata yookaan tokko
(language universal). Xiindhamsagni garuu afaanii
afaanitti gargaridha (language specific).
 Xiinsagni ragaafi qajeelfama (procedure)
xiindhamsagaaf dhiyeessa. Xiindhamsagni
ammoo xiindhamsagaafi xiinhima walitti hidha
(link between syntax & phonology)
8
 Qorannoon xiinsagaa hiika giddugaleessa hin
taasifatu; qorannoon xiindhamsagaa garuu hiika
giddugaleessa godhata.
 Walumaagalatti, xiinsagni tooftaa ittiin sagalee dubbii
tokko sagalee biraarraa ittiin adda baafnu yommuu
qo`atu; xiindhamsagni immoo sagaleewwan xiinsagni
qo`atu kun akkamiin qindaa`anii akka itti birsaga,
jecha uuman qo`ata.
1.3. Faayidaa Qorannoo Xiindhamsagaa:
Beekumsi xiindhamsaga,
 Xiindhamsaga maaliif qorannaa?
• Qorannoon xiindhamsagaa qo`annoo afaanii fi
xiinqooqaa keessatti faayidaa olaanaa qaba.
9
• Isaan keessaa muraasa isaanii yoo kaasnee
ilaalle;
A. Haala qindaa`ina dhamsagaa beekuuf-
dhamsagoonni afaan tokko keessa jiran akkamitti
qindaa`uu? Walfaanommii dhamsagootaa
beekuuf.
B.Haala itti dhamsagoonni yaadataman beekuuf-
dhamsagoonni afaan tokko keessa jiran akkamiin
yaadatamu?
C.Dhamsaga afaan ofii/tokko keessa jiru sirriitti
dubbisuuf akkasumas adda baasanii beekuuf
D. Dubbii hiika qabeessa uumuuf
10
E. Jechoota haaraa uumuuf
F. Maxxantoota/latiilee jechoota irraa baasuuf
yookaan itti dabaluuf / maxxansuuf,
G. Dhamsaga afaan tokkoo kan ta’ee fi kan hintaane
addaa baasuf ni gargaara.
H. Looga ambaa hubachuuf,

1.4. Dhamsaga (phoneme)


1.4.1. Maalummaa Dhamsagaa
• Dhamsagni jecha Afaan Ingiliiziin `phoneme`
jedhamuuf kan kennamedha.

11
• Jechi kun jecha lamarraa walitti kan dhufedha. Isaanis:

 jechoota dhamaa fi

 sagalee jedhanidha.

• Jechoonni kun lamaan walitti makamuudhaan jecha


`dhamsaga` jedhu uuman.

• Dhamsaga jechuun sagalee dubbii sammuu dhala


namaa keessatti kuufame yookaan galmaa`ee
jiru jechuudha.

12
• Dhamsagni qubee xiinsaga sammuuti (phonetic alphabet of mind)
jedhama.

• Kana jechuun, akkaataa dubbii

 sammuu keenya keessatti bakka buufnu,

 akkaataa sagaleewwaniin jechoota sammuu keenya keessatti


bakka buufne yookaan galmeessine itti yaadannu kan nutti
agarsiisudha.

• Maalummaa dhamsagaa sirriitti hubachuuf, firdhamsaga


ilaaluun dirqama.

13
• Firdhamsagni:

 fakkaattii dhamsagaati.

 sammuu dhala namaa keessatti galmaa`ee hin


argamu.

 Jecha keessa galee hiika kan argatudha malee of


danda`ee dhaabbatee hiika mataasaa kan qabu miti.

 jechoota keessa galanii hiika jechootaa jijjiiruu hin


danda`an.

14
• Dhamsagni garuu

 sammuu dhala namaa keessatti kuufamee galmaa’anii kan


argamaniidha.

 Qaama xiqqaa hiika mataasaa qabu.

 Uunkaafi hiika mataasaa qabu.

 Jechoota keessa galanii hiika jechootaa jijjiiruu danda’ani.

1.4.2. Ulaagaalee dhamsagoota ittiin adda baafnu


Jechoota keessatti akkamiin dhamsagoota barbaanna?

Hayyoonni xiinqooqaa dhamsagoota afaan tokkoo adda


baasuudhaaf ulaagaalee garaagaraa fayyadamu. Isaanis:
15
xunqaa xiqqaa (minimal pairs), faffaca`iinsa (distribution)
i. Xunqaa Xiqqaa (Minimal Pairs)

• Xundaa xiqqaa jechuun jechoota cimdii hiika addaa addaa


qabaniifi kanneen sagalee dubbii tokko qofaan bakka
walfakkaataatti gargar ta`an.
• Fakkeenyaaf, sagaleewwann jecha

 ‘karaa’ fi ‘garaa’ jedhu keessa jiran waan hundaan


walfakkaatanii sagalee tokko qofaan gargar ta’u.

 Sagalootni kunneenis /g/ fi /k/ dha.

 Garaagarummaan sagaloota kanaas baay’ee xiqqaadha.

 Innis /g/ qooqa qabeessa, harsassee, cufaa yoggaa ta’u.


16
 /k/`n ammoo qooqa dhabeessa, harsassee, cufaadha.

 Kan garaagarummaa fide qooqa qabeesssaafi qooqa


dhabeessa ta’uu isaaniiti.

 Kanaafuu, sagaloonni kun lamaan dhamsaga yeroo ta’an,

 jechoonni lamaan kun immoo ‘xundaa xiqqaa’ jedhamu.

 sagaloonni /g/ fi /k/n jijjiirraa hiika waan fidaniif dhamsagoota


Afaan Oromooti.

 Sagaloonni lamaan kunneen amala xiinsagaanis gargar

 Jechoonni kunis sagalee tokkoon gargar waan ba`aniif,


garaagarummaan kun dirqama sammuu keenya keessatti
17
galmaa`a.
• Ulaagaalee jechoonni xundaa xiqqaa guutuu qaban:
 jechootni xundaa xiqqaa jedhamudhaaf qabxiilee isaan guutuu
qaban kanneen armaan gadiiti.
1. Jechoota cimdii ta`uu qabu- jechoonni kun xaboo /asilii (original)
afaan sanaa kan ta’an tu’uu qabu.
2. Sagalee tokko qofaan gargar ta`uu qabu: - jechoota cimdii
sagaleewwan kaaniin tokko ta`anii sagalee tokko qofaan adda kan
bahan ta`uu qabu.
3. Qindaa`ina jechoota lameenii keessatti sagaleewwan gargar tahan
naannoo tokkotti ta`uu qabu.
4. Sagaleewwan gargar ta`an lameen iddoo waljijjiiruudhaan
garaagarummaa hiikaa fiduu qabu. Asirratti yommuu iddoo
18
ii. Tamsa’ina (Faca`insa) Sagalee
• Dhamsagoonni afaan tokko keessa jiran ulaagaalee xundaa xiqqaa
guutuu dhiisuu danda`u.

• Xundaa xiqqaa uumuu yoo dadhaban gara faca`insa sagaleetti


dabarree dhamsaga ta`uufi dhiisuu isaanii ilaalla.

• Sagaloonni dubbii Afaan Oromoo tamsa`inaan dura, jidduu,


boodarratti dhufuun jecha uumuu danda’u.

• Kana jechuun, sagaloonni dubbii Afaan Oromoo hunduu bakka


qubata sadeenittuu argamuu qabu jechuu miti.

19
Fakkeenyaaf;
dura jidduu booda
b   x
ph x  x
m   
w   x
t   x
d   
g   x
k   
n   

20
• Sagaleen dubbii tokko ulaagaa faca`iinsaa ni guuta jechuuf,
sagaleen dubbii sun

 jalqaba jechaa,

 gidduu jechaafi

 dhuma jechaarratti galuu qaba jechuudha.

• Kanaaf, sagaleen dubbii tokko bakka sadeenittuu jechoota


keessatti kan argamu yoo ta`e dhamsaga jedhama.

21
• Mee fakkeenya fudhannee haa ilaallu.

Sagalee dubbii /l/ mee haa ilaallu.

Jalqabarra: lafa

Gidduu: fala

Dhumarra: sagal

• Sagaleen /l/ kunis Afaan Oromoo keessatti jalqaba jechaarratti,


gidduu jechaatii fi dhuma jechaarratti waan argamuu danda`uf
dhamsaga.

22
iii. Deddeebinsa Sagalee (frequency)
• Ulaagaa deddeebiinsaa guutuudhaaf sagaleen tokko jechoota
afaan sanaa keessatti deddeebi`ee mul`achuu qaba.

• Kana gochuuf barreeffama keessaa keeyyata tokko fudhannee


sagaleen sun si`a meeqa deddeebi`ee akka mul`ate lakkoofna.

• Baay`inni deddeebinsa sagalee sanaa baay`ina sagaleewwan


birootii gad yoo ta`e keeyyata biraatti dabarree keeyyaticha
keessattis deddeebinsa isaa lakkoofna.

• Baay`inni deddeebinsa sagalee sanaa yeroo baay`eef baay`ina


deddeebiinsa sagaleewwan birootii gadi yoo ta`e sagaleen dubbii
sun dhamsaga ta`uunsaa ni 23
shakkisiisa.
W

24

Torban Lammaffaa
Session : Week 2
2.5. Firdhamsaga(allophone)
• Kan inni jalatti qo`atamus xiindhamsaga keessatti dha.
• Firdhamsagni
 jechoota lama ``fira fi dhamsaga`` irraa ijaarame
 fakkaatti dhamsagaati/ fira dhamsagaati
 Karaa ittiin dhamsagni calaqqisu/dubbatamu/
barreeffamu jechuu dha.
 Firsaga jedhamuudhaanis ni beekama

25
• Bifa dhamsagni tokko bakka garaagaraatti
yommuu galu argatu
• Haala kanaan, dhamsagni tokko firdhamsaga
tokkoo fi isaa ol qabaachuu danda`a.
• Kunis kan ta`uu danda`u, sababa dhamsagoota
ollaa isaa jiraniifi bakka galumsa isaatiin.
• Dhamsagoonni afaan tokko keessatti argaman
hundi isaanii firdhamsaga mataa isaanii kan
ittiin bahanii mul`atan ni qabu.
• Kanaaf, dhamsagni firdhamsaga hin qabne
hin jiru.

26
• Dhamsagoonni afaanota addunyaa kanaa lakkoofsaan
murtaa`oodha.
Fakkeenyaaf,
 Afaan tokko tokkoo, Rootaakaas dhamsaga 160 qaba
(hedduudha)
 Afaan Xoosaa dhamsaga 11 qaba (muraasa)
 Afaan hedduu keessatti baay’inni dhamsagootaa naannoo
30ti.
• Firdhamsagoota garuu hagana jennee himuun qorannoo gad
fagoo barbaada.
• Sababni isaas, yoo xiqqaate dhamsagni tokko firdhamsaga
tokkoofi isaa ol qabaachuu danda`a.
• Kanaafuu, dhamsagoonni afaan tokkoo murtaawoo ta`anillee,
firdhamsagoonni isaanii hedduu ta`uu danda`u.

27
Fakkeenya Firdhamsagaa
• Dhamsagni /n/ yommuu ollaa dhamsagoota garaagaraa galuu
firdhamsagoota adda addaa qabaachuu danda’a

 Yommuu dhamsagoota harsassee /g, k, q,/ fuuldura galu


firdhamsaga [ɧ] ta`a.
/Maanguddoo/ [maaɧguddoo]
/n/ [ɧ]/_ g
 Yommuu dhamsaga /f/ fuuldura galu firsaga [ɱ] ta`a.
/ anfaara/ [ aɱfaara]
/n/ [ɱ]/-f
 Bakka biroo yommuu galu [n] fakkaata.
28
Firdhamsagoota kana yeroo gabaabsinee ibsinu:
  [ɧ]/__ g

/n/ [ɱ]/__ f

[n] bakka biroo

29
30

/n/ /b/ β -[mb]


/n/ /w/ ww- [ww]
/n/ __________/l/ __________l- [ll]
[mb]
/n/ [ww]
[ll]
[n] bakka biroo
 Faca’iinsaan walqabatee

• Firdhamagni iddoo adda addaa jechaatti galuu hin


danda’u

• jalqaba jechaarra yoo gale yeroo mara iddoon isaa


jalqabuma ta`a.

• Kanarraa kan ka’e firdhamsaga biraa wajjin iddoo


waljijjiiruu hin danda`u jechuu dha.

31
 Ulaagaan 32
xundaa xiqqaa, faca`iinsa dhamsagaa fi
firdhamsaga addaan baafachuuf nu gargaaru.

• Amala xundaa xiqqaatiin sagaleeleen lama firdhamsaga

ta’uudhaaf:
 Yoo xiqqaate firummaa tokko qabaachuu qabu (haala uumamaa,
bakka uumamaa, haala dibbee sagaleetiin)
 Bakka inni tokko galetti inni biraa galuu hin qabu.
 Jijjirraa hiikaa fiduu hin qaban
2.6. Tokkummaa fi Garaagarummaa Sagalee,
Dhamsagaa fi Firdhamsagaa
• Bakka bu’een (unit) xiinsagawaa ykn citni
(segment) sagalee jedhama.
• Dhamsagni garuu bakka bu’ee ijaan hin
mulannedha.
• Kana jechuunis, seera xiindhamsaga mataa
keessaa qabnutti fayyadamneeti kan
dhamsaga beekuu dandeenyu.
• Sababni isaas, dhamsagni tokko sagalee
adda addaatiin mul`achuu danda’a.
33
• Fakkeenyaaf, dhamsagni /b/ jecha ibsa jedhu keessatti akka [p]
tti yeroo dubbifamu jecha ‘ibidda’ jedhu keessatti garuu [b]
ta’ee dubbifama. Kanaafuu, garaagarummaa kana mul’isuuf
dhamsaga yeroo barreessinu mallattoo muraa / / keessa
goona, FKN’F, /b/ yeroo sagalee barreessinu immoo
mallattoo gaanfee [ ], FKN’F, [b] barreessina

/b/ [ p ]/ – s ykn /n/ [ m ] /– b

[b] [n]
• Sagaloonni [b] fi [p] fiixaa sagalee (allophone) jedhamuu
danda’u.
• Fiixaa sagalee jechuun dhamsagni tokko haala qubata
isaatiin adda adda yeroo sagaleeffamu
34
jechuu dha.
2.7. Walfaanommii Dhamsagoota Afaan Oromoo
 Jecha jalqabaafi dhumarratti sagaleen Afaan
Oromoo hinjabaatu.
 Sagaleen hagam yoo jabaate dubbifamaan sadii
walfaana hingalu /hiriiru.
 Jabeenyi sagalee dubbifamaa gosa tokko yoo lama
barreessuun ibsama.
 Sagaleewwan qubee dachaan bakka buufaman
yogguu jabaatan yeroo lama hin barreeffaman.
 Sagaleen dheeraan jalqaba, gidduufi dhuma
jechaarratti dhufuu danda`a.
 Dheerinni sagalee akkuma jabeenya sagalee,
dubbachiisaa gosa tokkoo yoo lama barreessuun
ibsama. 35
1.Adeemsota Dhamsagaa (Lassaga)
• Adeemsota dhamsagaa (lassaga) jechuun saayinsii
waa’ee dhamsagoonni adda addaa yommuu wal bira
hiriiran dhiibbaa walirraan gahan qu’atuudha.

• Dhamsagoonni sababa adda addaatiif wal bira hiriiruu


danda’u. Fakkeenyaaf:
 yommuu dhamjechoonni adda addaa waliti
dhufuudhaan jechoota addaa uuman yookaan
jechoota horsiisan
 jechoonni adda addaa walitti dabalamuudhaan yommuu
jecha uuman
 Jechoonni hima keessatti yommuu walbira hiriiran
36
• Yommuu kana dhamsagoonni walbira hiriiran
kunneen
 seera afaanichaa cabsuu danda’u yookaan
 dhamsagoota walbira hin hiriirre ta’uu
danda’u.
• Kanaa fi kan kana fakkaataan sirreessuudhaaf
dhamsagoonni walbira hiriiran kun dhiibbaa
walirraan gahu.
• Dhamsaga keessatti dhibbaa dhamsagoonni
yommuu wal bira hiriiran walirraan gahan
kana kan qu’atu lassaga yookaan adeemsota
dhamsagaa jedhamuudhaan
37 beekama.
• Adeemsota dhamsagaa (lassaga) kan
jedhu kun mata duree adda addaa jalatti
maqaalee akka
 ‘adeemsota dhamjechaa’
 ‘adeemsota dhamsagjechaa’ jedhamee
beekkama.
• Dhimma walfakkaatu kanaaf maqaaleen
adda addaa sadi kan kennameef sababa
malee miti.
38
• Akkuma maqaalee kanneen sadeenirraa hubachuun
danda’amu yaadrimee lamatu mul’ata. Isaanis,
 yaadrimee dhamsagaa fi
 yaadrimee dhamjecha jedhaniidha.
• Yaadrimeewwan kunneen mata duree lama keessatti
kophaa kophaa isaanii kan dhufan yoo ta’u, mata
duree sadaffaa keessatti jecha tishoo ta’uun waliin
dhufan.
• Hundumaafuu yaadrimeen lamaan kun dhimma
walfaakkaatu maaf akka bakka bu’uu danda’an ilaaluun
barbaachisaadha.

39
• Boqonnaa kana keeyyata jalqabaa keessatti akkuma eeramuuf
yaalame adeemsi kun kan uumamu yommuu dhamsagoonni
lama
 kan walbira hin turre
 afaanicha keessaatti sababa adda addaaf walbira hiriiruu
hin dandeenye walbira hiriiranii fi
 Seera walfaanommii afaaniichaa cabsani
• Dhamsagoonni kunneen immoo kan walbira hiriiran akka tasaa
osoo hin taane sababa adda addaa irraa kaa’uudhaani.
Kunis,
 dhamjechoonni adda addaa walitti dhufuudhaan jecha
uumuu fi horsiisuuf deeman
 jechoonni lama walbira hiriiruudhaan jecha haaraa
uumuuf yommuu deemaniidha.
 Jechoonni lama hima keessatti yommuu walbira hiriirani

40
• Walbira hiriiruun dhamjechootaa yookaan jechootaa
kun dhimma dhamjechaat waan ta’eef adeemsa kanaan
yeroo tokko tokko adeemsota dhamjechaa
(morphological process) jenna.
• Dhiibbaan yommuu dhamjechoonni yookaan jechoonni
adda addaa walbira hiriiran dhasagoonni walirraan
gahan immoo dhimma dhamsagaa waan ta’eef
adeemsota dhamsagaa (phonological process) ittiin
jenna.
• Yaadrimeen dhaamsagaa fi dhamjechaa adeemsa kana
keessaa waan jiruuf xiyyeeffaannoon dhimmoota
lamaanuu yoo ta’e adeemsota dhamsagjechaa
(morphophonemic process) ittiin jenna jechuudha
41
• Waluumaagalatti, mata dureelee sadeen dhimma
walfakkaatuuf kennaman kana keessaa mata
duree tokko fudhachuudhaaf kaayyoo maaliif
adeemsi kun laalama kan jedhu adda
baafachuun murteessaadha.
• Kutaa kana keessatti haala sagaleewwan
walfaana hiriiruudhaan dhiibbaa walirraan
gahantu ilaallama.
• Jijjiiramni garagaraa yommuu sagaleeleen adda
addaa walbira hiriiran dhufu gosoota adda
addaatti qoodamu. Itti aansuudhaan isaanuma
kana tokko tokkoon ilaalla.
42
1.1. Sabala /haquu
• Saballi adeemsa dhamsagaa sagaleeleen akkaataa seera
walfaanommii dhamsagoota Afaan Oromootti waliin hin
deemne garuu akka carraa wal bira hiriiran lama keessaa
tokko dhabamsiisuudhaan seerri walfaanommii
afaanichaa itti sirratu. Fakkeenya,
Dubbachiisaa haquu
 kana + immoo →kanammoo
 muka + irra →mukarra
 farda + -i→ fardi
 mana + -ni→ manni

43
Dubbifamaa haquu
 alba’- + -aatii → alb’aatii→albaatii
 dhama’- + -aatii → dham’aatii→dhamaatii
Haqamuun dhamjechoonni adda addaa dhimma
dhamjechaa adda addaatiif yommuu walbira hiriiran
uumama. Isaanuma kana tokko tokkoon haa ilaallu.
i. Dhamjechi matimeessituu -ni n yommuu maqaarratti
fufamu dhamsagni /a/n dhuma maqaalee dhufu ni haqama.
 mana + -ni→manni
 gaara + -ni → gaarni→ [gaarri]
 gaala + -ni→gaalni → [gaalli]

44
ii. Dhamjechi –ummaa’n maqaarratti
maxxanuudhaan yommuu maaqaa dhokataa
uumu dhamsagni dhuma jecha dhamjechi kun itti
maxxanuu ni haqama.
 nama + -ummaa → namummaa
 saree + -ummaa → sarummaa
iii. Dhamjechi daneessituun -oota jedhu yommuu
maqaarratti fufamuu dhamsagni dhuma maqicha
dhamjechi kun itti fufamuu ni haqama.
 saree + -oota → saroota
 nama + -oota→ namoota
45
iv. Dhamjechi -aatii n hundee jechaa xumuraarratti
fufamuudhaan yommuu maqaa tolchu dubbifamaan dhuma
hundee jechaa hudhaan ni haqama.

 alba’- + -aatii → alb’aatii→albaatii


 dhama’ -+ -aatii → dham’aatii→dhamaatii

v. Dhamjechi ennaa mul’isu jir- jedhamu yommuu


gochimarratti fufamu ji- ni haqama.
 nyaate + jira→ nyaateera
 kufe + jira→ kufeera
Dhamjechi jir- jedhu yommuu gochimatti fufamuudhaan ennaa
mul’isu dhamsagni dhuma jechaarra jiru /e/n ni dheeratti.
Afaan Oromoo keessatti dheerinni kun dhamjechoota biroo
waliin ta’uudhaan ennaa keessatti raawwima ammeennaa
46
agarsiisa.
1.2. Saagaa
• Baay’ina dubbifamaa walfaanommii dhamsagoota
Afaan Oromoo cabsan sirressuuf
• Seera walfaanommii Afaan Oromoo eegsisuudhaaf
dubbachiisaan /i/n gidduu dubbifamtootaa kanneenii
galuudhaan haalli itti tajaajilu adeemsota dhamsagaa
keessatti saagaa jedhamuudhaan beekama.
Fakkeenya,
 kolf + -t-e→ kolfte → kolfite
 sirb + -n-e → sirbne →sirbine
 tiks+-t-e→ tikste→ tiksite
 darb+-t-an → darbtan → darbitan

47
1.3. Firoommii
• Dhamsagoonni akka tasaa sababa adda addaatiif wal
bira hiriiran amala waliin hirmaachuudhaaf amala dura
qaban dhiisanii amala haaraa horachuudhaan walitti
siquu danda’u.
• Dhamsagoonni wal bira hiriiran kun amala kanneen
akka
 bakka uumamaa,
 akkaataa uumamaa fi
 haala dibbee sagaleetiin walitti siquuf amala dura
qaban dhiisanii amala haaraa isaan wal fakkeessu
yoo horatan
• Adeemsota dhamsagaa sanaan immoo firoommii
jenna.
  48
Firoommiin dhimmoota gara garaarratti hundaa’uudhaan
bakka gara garaatti qodama.

1.3.1. Kallattii Firoominaa


• kallattii dhamsagoonni ittiin walitti siqan kan
ilaallatuudha.
• Kallattii firoominaatiin firoommiin bakka lamatti
qoodama.
• Isaanis firoommii duraa fi boodaa jedhamu
• Gosoota firoommii kanatti kallattii osoo hin ce’in jecha
keessatti yaadrimeewwan ‘dura’ fi ‘booda’ laalla.
 Dura kan jennu yommuu jecha tokku dubbisnu
dhamsaga/sagalee dura bira geenyu,
 booda kan jennu sagalee/dhamsaga dhumarra bira
geenyuudha.   49
Fakkeenyaf, adeemsa
• /cab- + -te/→ /cabte/ →[cabde], jedhu keessatti
dhamsagoonni firoommii raaw’atan /b/ fi /t/ yoo ta’an,
 /b/n dhamsaga/sagalee duraa akkasumas
 /t/n sagalee/dhamsaga boodaati.

i. Firoommii Boodaa
• Firoommiin boodaa firoommii boodaa gara duraa
jedhama.
• Sagaleen boodaa amala isaa dhiisuudhaan amala
sagalee isa duraa yoo fudhate
• Yookaan sagaleen dura jiru amala isaa kara sagalee
isa boodaa yoo dabarsu
50
• Yookaan sagaleen dura jiru sagalee isa booda jiru amala
isaa akka fudhatu yoo taasise

Fakkeenya,
 /cab +te/→ [cabde]
Dura Booda
 /bar+ne/→ [barre]
Dura Booda

51
Firooma jiru gabatee armaan gadii keessatti haa ilaallu
/cab + te/→ [cabde]
/t/ → [d] / [b] ______
Amala xiinsagaa /b/ /t/ /d/
sagaleelee
Bakka hidh-lamee Irgee Irgee
uumamaa
Haala uumamaa Cufaa Cufaa Cufaa

Haala dibbee Xiixaa miti-xiixaa Xiixaa


Sagalee
52
ii. Firoommii Duraa
• Firoommiin duraa
 firoommii duraa gara duubaa jedhama.
 Sagaleen duraa amala isaa dhiisuudhaan
amala sagalee isa boodaa yoo fudhatu
 sagaleen booda jiru sagalee isa dura jiruuf
amala isaa ergisuudhaan yoo ofitti firoomsuu  
Fakkeenya:
 /bad+ne/→ [banne]
Dura Booda
/d/→[n]/____[n]

 /d/n /n/ dura yoo dhufe


53 gara /n/tti jijjiirama.
Gaaffii
Adeemsota dhamsagaa armaan gadii kanneen firoommii duraa fi
firoommii boodaatti gargar qoodi.
/gal-+-ne/ → [galle]
/leenca/ → [leeɲca]
/sob-+-te/ → [sobde]
/jig-+-se/ → [jikse]
/danfa/ → [daɱfa]
/hin beeku/ → [himbeeku]
/fiig- + -tan/→ [fiigdan]
/fix- + -tan/→[fit’t’an]
/gadi lakkisi /→/gadlakkisi/→ [gallakkisi]
/koomee/ → [koomẽẽ]
/cooma/→ [c’oomã]
/fuudhe/→[fwuuɗe]
/irboo/→[irbwoo]
/fid-+-siis-+-e/ → [ficcisiise]
/fix-+-siis-+-e/ → [fic’c’isiises]
54
1.3.2. Hamma Firoominaa
• Sagaleeleen walbira hiriiruudhaan adeemsa
dhamsagaa firoominaa raaw’atan firooma
hangamiit qabu yaadrimee jedhu kan
ilaallatuudha.
• Sagaleeleen yommuu walitti firooman amala
xiinsagaa keessaa tokkoon, lamaan yookaam
sadi’iin yookaan maraanuu walitti firoomuu
danda’u.
• Hammi firoomina firoomina gamisaa fi
firoomina guutuu jedhamuun bakka lamatti
qoodama.
55
i. Firoommii Gamisaa
• Sagaleelen wal bira hiriiran lama amala wal
irraa ergifachuudhaan yoo hamma tokko walitti
siqan
• Inni kun, haala sagaleeleen amaloota xiinsagaa
kanneen akka bakka uumamaa, haala uumamaa
fi haala dibbee sagalee keessaa yoo baay’ate
amaloota lamaan yoo xiqqaate immoo amala
tokkoon walfakkaatani.
 Fakkeenyaa,
 /sob+-te/→[sobde]
/qab + -te/→ [qabde]
56
• Firoommiin kun gucaan yommuu ibsamu akka armaan gadii kana
fakkaata.
/t/ → [d] / [b]_____
 /t/n yoo /b/ booda dhufe /d/tti jijjiirama.
• Firooma gamisaa sagaleelee kanneen gidduutti uumame
fakkeenya /sob+te/→[sobde] jedhu fudhachuudhaan haa ilaallu.
Amala xiinsagaa /b/ /t/ /d/
sagaleelee

Bakka uumamaa hidh-lamee Irgee Irgee

Haala uumamaa Cufaa Cufaa Cufaa

Haala dibbee Sagalee Xiixaa miti-xiixaa xiixaa


57
ii. Firoommii Guutuu
• Sagaleelee walcinaa hiriiran lamaan keessaa yoo
sagaleen tokko amala dura qabu dhiisuudhaan sagalee
ollaa isaa jiru sanaan guutumaan guututti
 amalan yookaan
 bifaan walfakkaate firooma kanaan firoommii
guutuu ittiin jenna.
Fakkeenya,
 /haad+-ne/→ [haanne]
/gat + -ne/→ [ganne] 58
• Adeemsonni dhamsagaa kunneen gucaan yommuu ibsaman akka
armaan gadii kana fakkaatu.

d n n
t

• Kana jechuun /d/ fi /t/’n yommuu /n/ dura dhufan


gara/n/tti jijjiiramu jechuudha.

59
Jijjiirama amala xiinsagaa firoommii guutuu keessatti
mul’atu fakkeenya tokko fudhachuudhaan yaa ilaallu.
Amala
/d/ /n/ /n/
xiinsagaa
sagalelee
Bakka Irgee Irgee irgee
uumamaa
Haala cufaa funyee funyee
uumamaa
Haala dibbee xiixaa Xiixaa xiixaa
60
1.3.3. Akaakuwwan Firoommii
• Akaakuwwan firoominaa jechuun yaadrimee sagaleeleen yommuu
walitti firooman amala sagaleelee kam
 gallakkisu
 dabalatu jedhu ilaallata.
• Kara biraatiin akaakuwwan firoommii jechuun dhiibbaa
sagaleeleen walirraan gahan jechuudha. Akaakuwwan
firoominaa hedduu keessaa muraasni kanneen itti aananii dhufani.
I. MITI-XIIXESSUU
• sagalee xiixaa ta’e tokko sababa sagalee ollaa isaa jirurraa kan
ka’e adeemsa gara sagalee miti-xiixaatti geeddaruuti.
61
Fakkeenya,
/jig- + -se/→ [jikse]
/cab- + -se/ → [capse]

g k s

• Guca kanarraa akka hubatamutti /g/n yommuu /s/ dura dhufte


/k/tti jijjiiramti jechuudha.

b p s

• Guca kanarraa akka hubatamutti /b/n yommuu /s/ dura dhufte


/p/tti jijjiiramti jechuudha. 62
/s/ dura waan dhufaniif sababa
duuba isaanitiin gara /k/ fi /p/ttii

mmoo miti-xiixaa waan ta’aniif


miti-xiixessuu ittiin jenna.

sababa sagalee ollaa xiixaa ta’erraa


amsagaa firoominatiin xiixaatti
63
t d g
b
• Guca armaan olii kanarraa akka hubanutti /t/n yommuu /g/fi /b/
booda dhufe /d/tti jijjiirama jechuudha.

Fakkeenya jalqabaa yoo laalle,


• hundeen jechaa fiig- jedhu horuudhaaf ramaddii lammaffaa danuu
keessatti ramaddii mul’isuudhaaf dhamjecha -t- fufateera.
• Sababa kanarraa kana ka’e sagaleen xiixaa ta’e /g/n sagalee miti-
xiixaa ta’e /t/n wal bira hiriiraniiru.
• Sagaleen miti-xiixaa ta’e /t/n sababa sagalee ollaa /g/ xiixaarraa
kan ka’e adeemsa dhamsagaa firoomaatiin gara sagalee xiixaa
/d/ttii jijjiirameera.
64
iii. Firooma Irgee
• Sagaleen irgee ta’e tokko sababa firoomaatiin gara irgee birootti
yommuu jijjiiramuu
• Kana jechuun sagaleen jalqaba tures sagaleen booda sababa
firoomaatiin argames irguma jechuudha.
Fakkeenya:
/coph- + -te/→[c’op’t’e]
/fix- + -tan/→[fit’t’an]
/dhaq- + -te/→[dhak’t’e]

• Caasaa firoomaa kana gucaan agarsiisi

65
iv. Firooma Funyee
• sagaleen haala uumamaa funyee qabu sababa firoomaatiin
gara sagalee haala uumamaa funyee qabu birootti
yommuu jijjiiramu jechuudha.
Fakkeenya,
/danfa/→ [daɱfa]
/leenca/→ [leeɲc’a]
/waan jabaa/ → [waaɲɈabaa]
/hin qabu/→[hiɳk’abu]
/bishaan garbuu/→[biʃaaɳgarbuu]
/isaan beeki/ → [isaambeeki] 
66
• Fakkeenya isa dhumaatiin ala sagaleeleen sababa
firoomaatiin uumaman kunneen dhamsaga Afaan
Oromootii miti.
• Dhamsaga Afaan Oromoo miti jechuun akkuma gama
duubaatti kaasuf yaalame,
 sagalee jecha keessatti bakka walbu’uudhaan
jijjiirraa hiikaa fiduu hin dandeenye
 akkasumas uumama jechootaatiif gahee homaa hin
baane jechuudha.
67
Firoomni armaan duraa kun gucaan yommuu ibsamu akka itti aanu
ta’a
ta’a:

ɱ f

ɲ c’

n ɳ Ɉ

ŋ k’

m g

68
v. Firooma /n/ gara batee fi maddee
/gargaar- + -ne/→ [gargaarre]
/gal- + -ne/→ [galle]
/waan laafaa/→ [waallaafaa]
/aannan raasi/→ [aannarraasi]
Firoomina kana gucaan agarsiisi.

69
vi. Dubbifamaa Funyeessuu
Oromoo keessatti sagaleeleen dubbifamtootaa
uumama isaanii funyee hin taane sagaleelee
famtootaa funyee ta’an cinaa hiriiruudhaan
funyeessuu yoo goonfatan
Fakkeenya:
fid- + -ne/→[finne]
kaat- + -ne/→[kaanne]
Firoomina kana gucaan agarsiisi.

70
vii. Dubbachiiftota Funyeessuu
• Afaan Oromoo keessatti sagaleeleen amala funyee
qaban dubbiifamtoota qofa; isaanis /m. n, ɲ/
• Akaakuu firoominaa kana keessatti, sagaleeleen
dubbachiiftotaa dubbifamtoota amala funyee qaban
booda dhufuudhaan amala funyee adeemsa itti
goonfataniidha.
• Sagaleeleen dubbachiiftotaa, sagaleelee dubbifamtoota
amala funyee qaban dura dhufan amala funyee kana
argachuu hin danda’an.71
Fakkeenya:
/funyaan/ → [fuɲɲããn]
/nyaanne/ → [ɲããnnẽ]
/samii/ → [samĩĩ]
/moonaa/ → [mõõnãã]
/nu/ → [nũ]
m
A Ã n
ɲ

•  Sararri jajal’aan ( ˜ ) dubbachiiftotarra jiru QXA keessatti


funyeessuu agarsiisuuf mallattoo tajaajiluudha.
72
viii. Amarteessuu
• Xiinsaga Afaan Oromoo keessatti akkuma eerame
sagaleeleen amala amartee qaban dubbachiiftota qofa
• Sagaleeleen dubbifamtootaa, dubbachiiftota amartee
dura dhufuudhaan amala amartee horatu
• Sagaleen amala amartee hin qabne tokko amala amartee
yommuu horatu qubee ‘w’ mataa kara mirgaa sagalee
amala amartee argateerra kaa’uudhaan sagaleen sun
amala amartee horachuusaa agarsiisna.
  73
Fakkeenya:
/fuula/→[fwuula]
/foon/→[fwoon]
/lukkuu/→[lwukkwuu]
/eboo/→[ebwoo]

I Iw o
u

74
ix. Laagessuu
• Inni kun adeemsa dhamsagaa sagalee bakki
uumamasaa laagaa hin taane tokko firoomaaf jecha
adeemsa bakka uumamaa laagaa itti argatuudha.
Fakkeenyaa: /kut-+-siis-+-e/ → [kuccisiise]
/fid-+-siis-+-e/ → [ficcisiise]
/fix-+-siis-+-e/ → [fic’c’isiises]
Firoommii kana gucaan ibsi

75
• Fakkeenya laagesuurratti kenname kessaa fakkeenya jalqabaa
osoo fudhannee laallee, hundeen jechaa kut- jedhu qabatima
mul’isuudhaaf yommuu latii raaw’achiisaa -siis- fufatu argina.
• Guca keenya keessatti dubbifamaa /t/n waan dubbachiisaa /i/dura
dhufeef gara /c/tti geeddarame jenneerra.
• Dubbachiiftonni bakka uumaamaa qabaachuu dhabuurraa kan ka’e
dubbachiiftonni bakka uumamaatiin akka hin ibsamne xiinsaga
keessatti ibsameera. Erga kana ta’ee dubbifamaa /t/n akkamitti
dubbachiisaa /i/ kan bakka uumamaa hin qanbee fi bakki
uumammaasaa laagaa ta’uu hin dandeenye dura dhufuudhaan
sababa firoomaatiin amala laagaa horachuu danda’e?
76
 
• Dubbachiiftonni bakka uumamaa qabaachuu baatanillee qaamni
arraba irraan gadee fi dagalee socho’uudhaan umama
dubbachiiftotaatiif gahee akka taphatu
• Sagaleen dubbachiisaa /i/n kan uumamu qaamni arraba keenyaa
gara fuulduraa yommuu ol-ka’uudhaan qaama keessa afaanii
gama ol’aanu tuqu yookaan qaama keessa afaanii gama
ol’aanu jirutti siquudha.
• Qaamni keessaa afaanii kara olaanuu yommuu dubbachiisaan /i/n
uumamu fuuldurri arraba ol ka’e tuqu kun laagaa ta’uusaa
hubachuun ni danda’ama.
• Kanarraa kan ka’e dubbifamtoonni /t, d, t’/n, sababa
77
firoomaatiin amala laagaa horataniiru.  
• Gaaffiin inni biraa battala waliin jiraachuu dhabuu sagaleelee
dhiibbaa walirraan gahuudhaan wal firoomfatan sanaa yoo ta’u,
firoommi akkanaatiin firooma fagoo ittiin jenna.

/kut-+-siis-+-e/ → [kuccisiise]
Saagaa (booda dhufte waan ta’eef firooma
keessatti gahee hin qabdu)
• Firoomni kan adeemsifame /t/ fi/ii/ halluu samii dibaman
gidduutti. Kanaaf firooma fagoo ta’e.

78
1
• Sag
lam
isaa
hora
• Wal
ama
79 haa
Fakkeenya 1ffaa
/nama +-oota/ → [namoota]
/diina+ -ota/ → [diinota]
/saree + -oota/ → [saroota]
/kitaaba + -ota/→ [kitaabota]
• Dhamjechoonni -oota yookaan -ota jedhaman Afaan Oromoo
keessatti dhamjechoota danooma mul’isaniidha.
• Jechoonni dhamjechoota lamaan kanneen keessa tokko kan filatan
yookaan dhamjechoonni kun kan jechootarratti fufamuun
danooma mul’isan birsga birsaga dhumaa dura jirurratti
hundaa’aniiti.
80
• Birsagani birsaga dhuma jecha dhamjechoonni donoomaa
mul’isan kunneen itti maxxanan dura jiru yoo
 dheeraa ta’e dhamjecha sagalee gabaabaa qabu -ota
 gabaabaa ta’e dhamjecha sagalee dheeraa qabu -oota tu
jechicharratti fufama.
 Fakkeenyaaf birsaga jala sararamee fi halluu dibame ilaali
/nama +-oota/ → [namoota]
/diina+ -ota/ → [diinota]
• As keessatti walbaqa kan jechisiise
 sagalee gabaabaan sagalee dheeraa
 sagalee dheeraan sagalee gabaabaa filachuudha.
81
• Kana jechuun
 sagalee gabaabaan sagalee gabaabaa baqata
 sagalee dheeraan sagalee dheeraa baqata.
• Walumaagalatti, adeemsi kun walbaqa yoo ta’u;
walbaqa dheerinaafi gabaabinaa jedhama.  
• Fakkeenya 2ffaa,
Dhamjechi raaw’achiisaan/qabatima dachaa yommuu
hundee jechaarratti fufamu akkasuma walbaqanni
dheerinaa fi gabaabbinaa ni mul’ata.
82
/deem- + -sis- + -e/ → [deemsise]
/reeb- + -sis- + -e/ → [reebsise]
/qab- + -siis- + -e/ → [qabsiise]
/gam- + -siis- + -e/→ [gamsiise]
• Dhamsagoonni halluu diimaa dibaman dheerinaaf
gabaabinaan akka wal baqatan ilaali.

83
1.5. Waljafuu
• Waljafuun gosa adeemsota dhamsagaa sagaleeleen jecha keessatti
bakka wal jijjiiruudhaan mul’isani.
• Wal jijjiirraan bakkaa kun garaagarummaa hiikaa hin fidu.
Fakkeenyaaf: kolfe↔kofle
qamalee↔qalamee
albee↔ablee
marga↔magra

84
1.6. Garaagarummaa walabaa (Free Variation)
• Kun adeemsa dhamsagaa sagaleeleen adda addaa lama jecha
tokko keessatti
 bakka tokkotti galuudhaan yookaan
 bakka wal bu’uun tajaajilani.
• Sagaleeleen haala kanaan jecha keessatti bakka walbu’an jijjiirraa
hiikaa hin fidan.
Fakkeenya: loowe↔looye
dhawe↔dhaye
nyaadhe↔nyaa’e
booye↔boohe
85
W

86

Torban Sadaffaa
Week 3: Session
1. Xiindhamjecha 
1.1. Yaadrimee Xiindhamjechaa
• Xiindhamjechi saayinsii dhimma jechaan wal
qabate qo’atuudha.
• Kana jechuun xiindhamjechi kallattumaan
waa’ee jechaa qu’ata osoo hin taane dhimma
sadarkaa jechaatti jiru dhamjecha (dhama
jechaa) xiinxala.
• Xiindhamjechi saayinsii akkaataa qaamoleen
xixiqqoo afaanii hiika qabaniifi qaamolee hiika
qaban birootti caccabuu hin dandeenye walitti
dhufuudhaan jechoota itti ijaaran kan
qu’atuudha. 87
• Gabaabumatti, xiindhamjecha jechuun saayinsii
waa’ee caasaa jechootaa gadi fageenyaan qu’atu;
• kallattiin waa’ee uumamaa fi hormaata jechootaa
ilaalchisee dhimmoota jiran gadi fageenyaan kan
xiinxaluudha.
• Xiindhajechi afaan kamiyyuu keessatti uumamaa fi
hormaata jechootaarratti xiyyeeffata.
• Uumamnii fi hormaanni jechootaa afaanii afaanitti
gargari ta’uu mala.
• Kun immoo xiindhamjechi xiyyeeffannoon keessa
isaa afaanii afaanitti garaagarummaa qabaachuu
akka danda’u agarsiisa.
 
88
• Qo’annoon xiindhamjechaa beekumsa caashima afaan
tokkoo keessatti gahee guddaa taphata.
• Fakkeenyaaf jecha nyaate jedhu osoo fudhannee jechi
kun latiilee adda addaa caashima keessatti gahee cimaa
qaban irraa uumamuu hubanna.
• Dhamjechoonni hundee jecha nyaat- jedhurratti
fufamanii jiran dhamjechoota hormaata jechootaa
keessatti gahee qabani.

89
• Jecha kanarratti dhamjecha
90 sadi’itu fufamee argama.

• Dhamjechoonni kunneen tartiibaan sarara


xiqqaadhaan addaan qoodamee yommuu agarsiifamu
nyaat-ϕ-e ta’a.
• Dhamjechi nyaat- jedhu hundee jechaa, dhamjechi

duwwaan (-ϕ-) ramaddii sadaffaa fi saala dhiiraa


yommuu mul’isu dhamjechi -e-n ennaa darbe
mul’isa.
• Akkuma jalqabarratti eeruuf yaallee qaamni nyaate jedhu jecha
tokko yoo ta’u, jechi kun dhamjechoota adda addaa of keessaa
qabaachuusaa fi dhamjechoonni kunneen faayidaa adda addaatiif
kan dhaabbatan ta’uu hubanna.
• Kun kan agarsiisu qo’annoon xiindhamjechaa murteessaa
ta’uusaati.
• Inni biraa uumama jechootaa keessatti xiindhamjechi gahee cimaa
qabaachuusaati.
• Jecha namummaa jedhu osoo ilaallee jechi kun dhamjechoota
nama jedhuu fi -ummaa jedhu of keessaa qabaachuu hubatama.

91
• Jechi nama jedhu maqaa qabatamaa yookaan waan mul’atuu
yoo ta’u, dhamjecha -ummaa fufachuudhaan maqaa hiikni isaa
dhokataa (abstract noun) ta’e namummaa tti geeddarameera.
• Dhimmoota kanaa fi kan kana fakkaatan jechoota Afaan tokkoo
keessatti mul’atan adda baasanii beekuuf xiindhamjechi gahee
guddaa taphata.

1. 2

92
Faayidaa Xiindhamjechaa
93
 Xiindhamjechi faayidaa gurguddaa lama qaba: seerluga
afaanii qopheessuu fi afaan waaltessuu.
Faayidaa Xiindhamjechaa Gama Seerluga Qopheessuutiin
 Seerluga afaan tokkoo beekuun yookaan seerlugni afaan

tokkoo dalagamuun afaan sanaaf faayidaa hedduu kenna.


 Afaan seerlugni isaa hin qoratamne yookaan hin beekamne

tokkko akka afaan hin guddatinitti fudhatama.


 Afaan seerlugnisaa hin beekamne tokkoon barreessuun akka

hin danda’amne waan nama shakkisiisu miti.


• Kun namni afaan karaa idilee
94 ta’een baratu tokko seerluga

afaan sanaa karaa salphaadhaan akka baratu taasisa.


• Inni biraa seerlugni afaan tokkoo beekamuun yookaan

qoratamuun afaan sun koopitaraan akka wal baruuf carraa


bana.
• Afaan koopitaraan wal barsiisuun immoo
 afaan sun koompitararratti sirreessaa dogoggora qubee,
 sirreessaa dogoggora seerlugaa fi
 maashina jijjiirraa akka horatu taasisa.
• Gabaabumatti faayidaan seerlugni afaan keessatti
95

qabu kanneen armaan olii yoo ta’u xiindhamjechi


immoo seerluga qopheessuu keessatti faayidaa
ittaananii dhufan kanneen qaba.
 Hormaanni jechootaa dhimma dhamjechaa yoo ta’u, hormaanni
immoo seerluga afaanii agarsiisuu keessati gahee guddaa taphata.
 Fakkeenyaaf, himoota inni dhufte, inni dhufan fi inni
96

dhufne jedhan sirrii miti.


 Sababni isaa dhimmoonni seerlugaa kanneen akka

lakkoofsaa, saalaa fi ramaddii matimoonni himoota


kanneen keessa jiran mul’isanii fi xumuroonni
himoota kanneen keessa jiran mul’isan waan walhin
deeggarreefi.
Walumaagalatti xiindhamjechi hormaataa faayidalee seerlugaa
kanneen akka

 ennaa,

 maqeessuu,

 ramaddii,

 saalaa,

 lakoofsaa fi kan kana fakkaatan agarsiisuudhaan


tajaajilu.

97
1.2.2. Faayidaa Xiindhamjechaa Gama Afaan
Waaltessuutiin
• Afaan waalta’e haala salphaa ta’een waliigalteef, barnootaaf,
saayinsii fi teeknoolojii ittiin babal’isuuf, sabaafhimaalee fi kan
kana fakkaataniif akka tajaajilu gochuun barbaachisaadha.
• Guddina afaanitiif afaan waaltessuun tarkaanfii murteessaa akka
ta’e beekamaadha.
• Wantoota guddina afaanii ittiin madaalamu keessaa inni tokko
afaan sun waalta’emoo hin waaltofne yaada jedhuudha.
• Loqodoota adda addaa afaan tokko keessatti dubbataman keessaa
dhimmoota adda addaa kanneen akka:
98
 looga bal’inaan dubbatamuu,
 looga salphaa,
 looga tajaajila adda addaa kanneen akka barnootaa,
sabaafhimaalee, amantii, murtii fi kkf irratti tajaajiluuf carraa
argatee jedhurratti hundaa’uudhaan loqoda afaan tokko
keessatti tajaajiluu danda’u filachuun dhimma
xiindhamjechaati.
• Loogota afaan tokko keessa jiran filachuu keessatti tooftaaleen
armaan olitti ibsaman dalaguu yookaan murtee kennuuf kan nama
hin dandeessisne yoo ta’e tooftaa addaatti fayyadamuun afaan
sana waaltessuun dhimma xiindhamjechaati.
99
• Afaan waaltessuu keessatti xiindhamjechi gaheen isaa
inni biroo

 yaadolee haaraa gara afaanichaa dhufaniif moggaasa


kennuufidha.

 jechoota haaraa yaada haaraa waliin gara afaanichaa


dhufan akkaataa seera walfaanommii afaanichaa hin
faallessineen maqicha bocuun

100
1.3. Yaadrimee Dhamjechaa
• Dhamjechi
 qindaa’ina dhamsagootaarraa yookaan dhamsaga tokko
qofarraa kan ijaaramu
 qaama afaanii isa xiqqaa hiika qabuu fi
 qaamolee xixiqqoo hiika qaban birootti caccabuu kan hin
dandeenyedha.
• Qaamni dhamjechaa gadi ta’ee afaan keessatti hiika qabu
waan hin jirreef dhamjechi qamaa afaan keessatti bu’uura
ta’ee dha.
101
• As keessatti hiika yommuu jedhamu hiika akka hiika guuboo
jechootaatti qofa ilaalamuu dhiisuu mala.
• Dhamjecha keessatti hiika jechuun
 dhamjechi hiika maal qaba;
 faayidaa maaliif oola yookaan;
 maal agarsiisa kan jedhu fa’a ilaallata.
• Fakkeenyaaf, jecha fardeen jedhu osoo fudhannee,
 jechi kun lubbu qabeeyyii geejjibaaf tajaajilu mul’isa
 heddumminallee agarsiisa.
• Jechi fardeen jedhu yommuu gurra dhaggeeffataa gahu kan
sammuu dhaggeeffataatti dhufu beellada kotte duudaa tokko qofa
102
osoo hin taane hedduu isaaniti.
• Jechi fardeen jedhu kun dhamjechoota
lamarraa ijaarame. Isaaniis, dhamjecha
farda jedhuu fi dhamjecha -een jedhu dha.
• Dhamjechoota lamaan kanneen osoo
ilaallee, dhamjechi farada jedhu hiika
guuboo jechaa yoo qabaatu dhamjechi -een
jedhu hiikni isaa hiika guuboo jechootaa
osoo hin taane hiika yommuu dhamjecha
farda jedhurratti fufame argatuudha.
• Kunis, yommuu dhamjecha farda jedhurratti
fufametti danooma mul’isuusaati.
103
 
Firdhamjecha
•  Dhamjechi hiika tokkoof dhaabatu (waan tokko mul’isu)
yommuu qaama jechaa adda addaarratti fufamu bifa adda adddaa
qabaachuu danda’a.
• Bifti adda addaa dhamjechi tokko yookaan dhamjechi waan
tokko ibsu iddoo adda addaa jechaatti dhufuudhaan argatu kun
firdhamjecha jedhama.
• Dhamjechi firdhamjecha mataasaa ni ta’a.
Fakkeenya armaan gadii kana ilaali,
 /nama + -oota/ → [namoota]
/diina+ -ota/ → [diinota]
104
/saree + -oota/ → [saroota]
/kitaaba + -ota/ → [kitaabota]
• Fakkeenyota armaan olii kanarraa wanti
hubatamu dhamjechi danooma mul’isu tokko
bifa lama qabaatee dhiyaachuusaati.
• Dhamjechi tokkichi kun yeroo tokko -oota
yommuu ta’u yeroo biroommoo -ota ta’uun
tajaajileera.
• Dhamjechi danooma mul’isu bifa lamaan
dhiyaate kun tokkuma yoo ta’u, iddoo adda
addaa jechaatti dhufuudhaan bifa lamaan
kanneen horachuu danda’eera.
105
• Jechoonni dhamjechoonni kun itti fufamuun danooma mul’isan,
birsagni isaanii birsaga dhumaa dura jiru gabaabaa yoo ta’e
dhamjecha -oota tu jechicharratti fufamuudhaan danooma
agarsiisa, dheeraa yoo ta’e dhamjecha -ota tu jechicharratti
fufamuudhaan danooma agarsiisa.
• Garaagarummaan bifoota lamaan dhamjechoota danooma
mul’isan lamaan gidduu jiru kun garaagarummaa bu’uuraa osoo
hin taane garaagarummaa jechootasaan irratti fufamanii
danooma mul’isanirraa maddeedha.
• Kanaafuu, bifoonni lamaan kun dhamjechoota garagaraa osoo hin
taane firdhamjecha dhamjecha tokkooti (dhamjecha danooma
106
mul’isuu)
• Haaluma walfakkaatuun, dhamjechi Afaan Oromoo keessatti
raaw’achiisaa/ taasisaa mul’isu firdhamjecha waliif ta’u.
Fakkeenya itti aanu kana daawwadhu.
/deem- + -sis- + -e/ → [deemsise]
/reeb- + -sis- + -e/ →[reebsise]
/qab- + -siis- + -e/ → [qabsiise]
/gam- + -siis- + -e/→ [gamsiise]
• Dhamjechi tokkoo iddoo adda addaa jechaatti yommuu dhufu bifa
adda addaa horachuunsaa barbaadamee kan ta’e osoo hin taane
seera walfaanommii dhamsagoota Afaan Oromoo keessattii
dhamsagoonni seera hordofuu qaban waan qabaniifi.
107
1.4. Dhamjechaa fi Jecha
• Jechi yoo xiqqaate dhaamsa tokko qofa yoo qabaatu dhamjechi
garuu dhaamsa tokko qofa qaba.
• Hiika kanarraa wanti hubatamu jechi dhaamsa tokkoo ol dabarsuu
kan danda’u ta’uusaati.
• Dhamjechi garuu dhaamsa tokko qofa kan dabarsuu fi qaamolee
hiika qaban birootti caccaabuu kan hin dandeenye
• Fakkeenyaf, qaama hoolota jedhu osoo fudhannee qaamni kun
qaama lama irraa ijaarame.
• Isaanis qaama hoolaa fi qaama -ota jedhamaniidha.
• Qaamni hoolota jedhu kun dhaamsa lama of keessaa qaba.
108
• Dhaamsi tokko beellada manaa miila afur qabduu fi foonshee
nyaatamu yoo ta’u,
• dhaamsi inni biroo beellanni kun danuu ta’uu dha.
• Akkuma hiika jechaaf kennamerraa hubatamu, qaamni kun jecha
ta’uu danda’a; dhaamsa lama qabaachuun jecha ta’uu waan isa hin
dhoorkineef.
• Qaamni hoolota jedhu (kan jecha jedhame kun) dhamjecha ta’uu
hin danda’u.
• Sababani isaas, jechi hoolota jedhu dhaamsa tokkoo ol kan
qabuu fi qaamolee hiika qaban birootti caccabuu kan danda’u
waan ta’eef  
109
• Jechi hoolota jedhu qaamota dhaamsa qaban hoolaa fi -ota tti
akka caccaabu ilaallee jirra.
• hoolaa yoo xiqqaate kophaasaa dhaabachuudhaan dhaamsa tokko
dabarsuu waan danda’uuf jecha ta’a; dhamjechas ta’a.
• Jecha hoolota jedhu keessaa qaamni -ota jedhu kophaatti
dhaabachuudhaan yoo xiqqaate hiika tokko dabarsuu waan hin
dandeenyeef jecha ta’uu hin danda’u; dhamjecha ni ta’a.

110
1.5. Tooftaalee Dhamjechoonni Itti Gargara Bahan
• Jecha dhamjechootaatti gargar qooduudhaaf yookaan
dhamjechoota afaan tokko keessa jiran adda baasuudhaaf
duran dursani kuufama ragaa qabaachuun barbaachisaadha.
• Dhamjecha Afaan beekanis haa ta’uu afaan hin beeknee adda
baasuudhaaf duraan dursanii kuufama ragaa qabaachuun haala
walqixa ta’een murteessaa fi barbaachisaadha.
• Waanuma hundaafu dhamjecha Afaan Oromoo adda baasuuf
adeemsa jiru keessatti akkamitti dhamjechootaaf hiikni
Afaan Oromoon akka kennamuu fi Afaan Ingiliffaan akka
kennamu haa ilaallu.
  111
Afaan Oromoon
Qubeen An dhufe
Bakka buusa an ɗufe
Hiiggita an ɗuf - ϕ - e
BM HJ -1 -ennaa
Hiika an dhufe (Afaan Oromoo keessatti hin barbaachisu)
 Afaan Ingiliffaan
Qubeen (orthographic representation) an dhufe
Bakka buusa (transcription) an ɗufe
Qoqqoodiinda (glossing) an ɗuf -ϕ -e
Hiiggita (meaning glossing) I come-1st- Past
112
Hiika (translation) I came.
• Hiiggita yommuu barreessinu jechi tokko dhamjecha adda
addaatti qoodamuudhaan hiika adda addaa yoo kenne dhamjechii
fi hiikni dhamjechaa irraan gadee tokkorratti barreeffamuu qabu.
• Irraangadee tokkorra ta’uusaanii mirkaneessuudhaaf sarara
xiqqaan bitaaf mirga dhamjechaa fi hiika dhamjechaa jiru
kallattiidhaan irraangadee tokkorratti argamuu qabu.
Fakkeenya armaan gadii ilaali,

Hiiggita raf -ϕ -an -ϕ


-
hundee jechaa 3ffaa -danooma -ennaa darboo
 
113
• Hayyuun afaan hin beeknerratti qorannoo adeemsisu
tokko hiika dhamjechootaa adda baasuuf, hiika
dhamjechootaa afaan beekutti jijjiiruu qaba.
• Kanaaf immoo, nama afaan qorannoon irratti
gaggeeffamuu fi afaan inni dubbatu beeku argachuu
qaba.
• Kana hin taane taanaan hiika afaan qorannoon irratti
adeemsifamu sana qorattichi waan hin beekneef
qorannoo adeemsisuu hin danda’u.
Dhamjecha afaan beekanis ta’ee afaan hin
beeknerratti qorannoo adeemsisuudhaaf adeemsota
armaan gadii kanneen hordofuun murteessaadha.

114
1. Jechoota garee dubbii adda addaa guuruun garee adda addaa
(maqaa, xumura, ibsa maqaa, bamaqaa fi kkf) keessatti qoqooduun
tarreessuu.
2. Jechoota garee isaanii keessatti uunkaadhaan walfakkaatan bakka
tokkotti guuruu. Fakkeenyaaf jechoota garee maqaa keessatti
uunkaan walfakkaatan akka itti aanu kanatti bakka tokkotti guuruu.

Namoota Bineensota Uummattoota Barsiistota

Harroota kitaabota Barattoota beektota

Baroota Hoolota Bulchitoota  

115
• Jechoonni armaan olii kunneen jechoota danooma mul’isan waan
ta’aniif, jechoota dhamjecha danoomaa walfakkaatu yookaan
walitti dhihaatan qabantu walitti gurmaa’e.

3. Jechoota uunkaadhaan walfakkaatan kanneen bakka


garaagarummaan mul’atutti mummuruu

-oota -ota -toota -tota


nam-oota bineens-ota uummat-toota barsiis-
tota
harr-oota kitaab-ota barat-toota beek-tota
  hool-ota 116 bulchi-toota  
4. Uunkaawwan uumamaniif hiika barbaaduu
Ka’uumsi keenya jalqabumaa dhamjechoota danooma mul’isan adda
baasuu waan ta’eef dhamjechoota of danda’oo (maqaalee) fi
dhamjechoota danooma mul’isan adda baafna jechuudha.

Shaakala
Adeemsa kanatti dhimma bahuudhaan dhamjechoonni adda addaa
xumuroota Afaan Oromoorra jiran akkamitti akka gargar bahan
agarsiisaa.

117
1.6. Gosoota Dhamjechaa
Dhamjechoonni akka walii galaatti dhamjecha hirkataa fi
dhamjecha of danda’aa jedhamuudhaan bakka lamatti qoodamu.
1.6.1. Dhamjecha of Danda’aa
• Dhamjechi of danda’aan of danda’ee dhaabachuudhaaf yookaan
dhaamsa dabarsuudhaaf dhamjecha qaama biraatti hirkachuu hin
barbaannedha.
• Afaan Oromoo keessatti jechoonni uumamaan maqaa, ibsa maqaa,
bamaqaa fi dabal gochima ta’an dhamjecha of danda’aa jalatti
ramadamu.

118
• Afaan Oromoo keessatti qaamni jechaa, hundeen dhamjechaas of
danda’aadha.
• Jechoonni laga, harree, deem-, kana, ishoo, shan, adii fi kkf
fakkeenya dhamjechoota of danda’ooti.
• Akkuma fakkeenyota kenname keessatti arginu qaamoleen
kunneen dhamjecha homaatuu maxxanfatanii hin jiran; garuu
dhaamsa dabarsuu danda’u.
• Namni Afaan Oromoo beeku tokko jechoota kanneen yoo arge
waanti dabalataa osoo isa hin barbaachisin hiika isaanii hubachuu
danda’a.
 
119
• Waa’ee jechaa fi dhamjechaa yommuu ilaalletti jechii fi
dhamjechi akka walirra bu’uu danda’an fakkeenya keessatti
laalleerra.
• Jechi dhaamsa tokko qofa kan dabarsu yoo ta’ee fi qaamolee hiika
qaban birootti kan hin caccabne yoo ta’e dhaajecha ta’a.
• Dhamjechi kun dhamjecha of danda’aa jedhama.
1.6.2. Dhamjecha Hirkataa
• Dhamjechi hirkataan dhamjecha qaamolee biroorratti
hirkachuudhaan tajaajila seerlugaa adda addaa kennuudha.
• Dhamjechi kun dhaamsa dabarsuudhaaf qaama biroo waliin
hiriiruu qaba.
• Kophaasaa dhaabachuudhaan hiika yookaan dhaamsa qabaachuu
hin danda’u.
120
• Dhamjechoonni Hirkatoon Kophaasaanii yoo dhaabatan
maal akka dabarsan hubachuun hin danda’amu.
• Afaan Oromoo keessatti dhamjechi hirkataan
dhimmoota akka faayidaa fi kallattii jechaarratti
fufamanirratti hundaa’uudhaan bakka adda addaatti
qoodamuu danda’u.

121
1.6.2.1. Gosoota Dhamjecha Hirkataa
Dhamjechi hirkataan faayidaa fi qubannaarratti
hundaa’uudhaan bakka adda addaatti qoodama.
 A. Faayidaa Kennanirratti Hundaa’uudhaan
Taajaajila yookaan faayidaarratti hundaa’uudhaan
dhamjechi hirkataan iddoo lamatti qoodama:

Dhamjecha Hortee fi Dhamjecha Uumtee.


(Inflectional and deriviational)
  i. Dhamjecha Hortee/Latoorsa
Dhamjechi horteen gosa dhamjecha hirkataa jecharratti
fufamuudhaan faayidaalee seerlugaa kanneen akka
 lakkoofsaa, ramaddii, ennaa, koornayaa fi kkf kan
kennaniidha
122
• Tajaajilli dhamjecha hortee seerluga afaanichaa agarsiisuu yoo
ta’u, garee jechaa fi hiika jechaa hin jijjiiru.
Fakkeenyaaf, hima ‘ishiin nyaatte’ jedhu keessaa jecha nyaatte jedhu
osoo laallee, jechi kun dhamjecha sadi qabaachuusaat hubanna.
Hiiggita ɲaat -t -e
HJ -3N –ennaa
eat -3F -Past

123
 
Walumaagalatti, akkuma maqaarraa hubannu dhamjechoonni horteen
faayidaan isaanii jechoota garee dubbii adda addaarratti
fufamuudhaan jechoota horsiisuu yoo ta’u, armaan gaditti isaanuma
kana tokko tokkoon kan ilaallu ta’a.

a. Horsiisa Maqaa /Noun Inflection


Afaan Oromoo keessatti maqaaleen dhamjecha hortee adda addaa
fudhachuudhaan horu.
Dhamjechoonni horteen maqaarratti fufamuudhaan tajaajila
danoomaa fi tajimaa kennu.

124
 Lakkoofsa
• Maqaan waan tokko qofa yoo mul’isu qeenxee, waan tokkoo ol
yoo mul’isu danuu jedhama.
• Afaan Oromoo keessatti qeenxummaan dhamjechaan bakka hin
bu’amu.
• Danoomni garu dhamjechoota adda addaatiin bakka bu’ama.
Itti aansuudhaan dhamjechoota hormaataa maqaaleerratti
fufamuudhaan danooma mul’isantu dhiyaata.
 Dhaajecha -oota/-ota
/hoolaa + -ota/ → [hoolota]
/nama + -oota/→ [namoota]
   125
Dhamjecha -lee
/naannoo + -lee/ → [naannoolee]
/warshaa +-lee/ → [warshaalee]
/hayyuu +-lee/ → [hayyuulee]
Dhamjecha -een
/muka + -een/ → [mukkeen]
/laga + -een/ →[laggeen]
/mana + -een/ → [manneen]
 Maqaaleen dhamjecha -een fufachuudhaan danooman
dubbachiisaa dhuma jechaa jiru haquudhaan dubbifamaa
dubbachiisaa haqame dura jiru jabeessu.
126
Dhamjecha -yyii
Maqaaleen dhamjecha kana fudhachuun danooman:
/jaldeessa + -yyii/ → [jaldeeyyii]
/sooressa + -yyii/ → [sooreyyii]
Dhamjecha –wwan
Maqaaleen dhamjecha kana fudhachuun danooman:
/koree + wwan/ → [koreewwan]
/daandii + wwan/ → [daandiiwwan]
/sa’a + wwan/ → [sa’awwan]
 Dhamjecha -ootii
Maqaaleen dhamjecha kana fudhachuun danooman:
/waggaa + -ootii/ → [waggootii]
127
Dhamjecha -toota/-tota
Dhamjechi kunis fakkeenyaaf maqaalee armaan gadii kanneenirratti
fufamuudhaan danooma mul’isa.
/hojjetaa + -oota/ → [hojjettoota]
/beekaa + -ota/ → [beektota]
 Dhamjecha -n
Dhamjechi -n Afaan Oromoo keessatti maqaaleerratti
fufamuun danooma agarsiisa.
Fakkeenya,
/beera + -n/ → [beerran]
/eessuma + -n/ → [eessumman]
128
/daa’ima + -n/ → [daa’imman]
Dhamjecha -oolii/-olii
/soddaa + - oolii/ → [soddoolii]
/gaangee + - olii/ → [gaangolii] 
Dhamjecha -oo
Afaan Oromoo keessatti dhamjechi kun maqaalee
muraasarratti fufamuun danooma agarsiisa.
Fakkeenya,
/farda + -oo/ → [faradoo]
/dubara + -oo/ → [dubaroo]
Inni kun kutaa ‘tooftaa dhaamechoota Afaan Oromoo adda
baasuu’ jedhu keessatti bal’inaan ibsameera.

129
 Tajima
• Maqaaleen yommuu hima keessatti galuun tajaajila adda addaa
kennan dhamjechoota adda addaa fufatu.
• Maqaaleen hima keessatti akka matimaa (subject) fi akka
aantimaatti (object) tajaajilu.
• Maqaaleen hima keessatti galuun yommuu akka matimaa fi akka
aantimaatti (object) tajaajilan dhamjechoota maqaan akka
matimaa fi akka aantimaatti tajaajiluu mul’isan fufatu.
• Dhamjechoonni maqaalerratti fufamuudhaan tajaajila akkanaa
kennan immoo Dhamjechoota Horteedha.

130
• Dhamjechoonni maqaan yommuu akka matimatti
tajaajilu maqaarratti fufamuun (maxxanuun) maqaan sun
akka matimaatti tajaajiluu mul’isan matimeessitoota
(qeenxee(Singular) matimeessa) jedhamu.
• Dhamjechonni maqaan yommuu akka antimaatti
tajaajilu maqaarratti fufamuudhaan maqaan sun akka
aantimaatti tajaajiluu mul’isan antimessiitoota
(qeenxee- antimeessa) jedhamu.
• Afaan Oromoo keessatti dhamjechoonni
matimeessitootaa -n, -ni, i, fi ϕ dha.
maqaaleen sagalee dheeraadhaan (AA) xumuraman
dhamjecha -n,
maqaaleen dhumni AIA ta’e dhamjecha -ni,
131
 maqaaleen dhumni IIA ta’e dhamjecha -i
 akkasumas maqaaleen dhamsaga /n/dhaan xumuraman
dhamjecha duwwaa (ϕ) fudhachuudhaan hima keessaatti akka
matimaatti tajaajilu.
• Kana jechuun maqaaleen hima keessatti dhamjechoota kanneen
fufachuudhaan yommuu galan maqaaleen sun matima ta’uusaanitu
hubatama.

Fakkeenya,
 Dhamjecha -n
Caalaa
/Caalaa+ -n/ → [Caalaan]
Caalaan torban darbe dhufe.
132
Ishii
/ishii + -n/ → [ishiin]
Ishiin bishaan buute. 

Dhamjecha -ni
Gaara
/gaara + -ni/ → /gaarni/→ [gaarri]
Ummata
/ummata + -ni/ → /ummatni/ → [ummanni]
Dhamjecha -i
Harka
/harka + -i/ → [karki]
Harki na miidhame.

133
Dhamjecha -ϕ
Bishaan
/bishaan + -ϕ/ → [bishaan]
Ilkaan
/Ilkaan + -ϕ/ → [ilkaan]

• Dhamjecha duwwaa (zero morpheme) jechuun,


hiikni/dhaamsi jiraatee, dhamjechi hiika/dhaamsa sana
bakka bu’u yoo mul’achuu baate mallattoo dhamsa/hiika
sana bakka bu’uudhaan tajaajiluudha.
• Maqaaleen sagalee /n/dhaan xumuraman, yommuu akka
matimaatti tajaajilan tajaajiluunsaanillee ifa ta’u,
dhamjechi maqaalee kanneenirratti ifatti fufamuudhaan
maqaaleen kunneen akka matimaatti tajaajiluusaanii
mul’isu hin jiru. 134
• Kanaaf, dhaamsa kana dhamjecha duwwaadhan bakka
buusna jechuudha.
• Gabaabumatti hiikni jiraatee dhamjechi hiika sana bakka
bu’u yoo jiraachuu baate dhamjecha dhimma itti
bahamuudha.
• Maqaaleen akka antimaatti yommuu tajaajilan
dhamjechoota adda addaa fufatu, maxxana.
• Antimni antima kallattii fi alkallattiitti qoodama.
• Aantimni alkallattiin dhamjecha yoo fufatu, antimni
kallattiin garuu dhamjecha homaatuu hin fufatu,
maxxantu.

135
• Hima kessaatti maqaan akka matimaa (Subject) yookaan akka
aantimaatti (Object) tajaajiluu kan adda baafnu kallattii maqaan
caasaa himaa keessatti qabuun.
• Kanaafuu, maqaa hima keessatti gale tokko dhamjecha fufate osoo
hin ilaalin matima moo aantima jennee adda baasuu dandeenya.
• Itti aansuudhaan maqaan hima keessattui akka aantima
alkallattiitti yommuu tajaajilu dhamjechoota fufatu ilaalla.
 
Dhamjecha -f

Dhamjechi -f n maqaarratti fufamuudhaan maqaan sun akka aantima


alkallattiitti (indirect Object) tajaajiluu mul’sa.
136
Fakkeenya:
Tulluun Tolaaf kitaaba kenne.
Daraaraan barattootaaf hojii manaa kenne.
• Fakkeenyota armaan olii keessatti xumurootaan
walqabatee gaaffiin jalqaba ka’u, gaaffii ‘maal?’ jedhu
yoo ta’u gaaffiin itti aansee ka’u ‘eenyuuf?’ kan
jedhuudha.
• Haaluma kanaan gaaffii jalqabaaf deebii kan ta’u,
aantima kallattiidha, gaaffii lammataaf deebii kan
ta’u, aantima alkallattiidha.
Fakkeenyota kanneen keessatti maqaaleen/bamaqaaleen
jala sararaman aantima alkallattii yoo ta’an martuu
dhaamjecha -f dhumarratti fufataniiru.
137
Dhamjecha -dhaa
Dhamjechi -dhaa jedhu kunis haaluma walfakkaatuun maqaarratti
fufamuudhaan maqaan sun akka aantima alkallattiitti tajaajiluu
agarsiisa.
Fakkeenya,
Margaan horiidhaa marga haame. (fayyadata)
Tikseen faradoodhaa marga haame. (fayyadata)
Moo’annaan haroodhaa bishaan waraabe. (madda)
Barsiisaan Finfinneedhaa kitaaba fide. (madda)

138
Dhamjecha -dhaaf
Dhamjechoonni -dhaa fi -f n armaan olitti ilaalle kunneen waliin
ta’uudhaan maqaaleen akka aantima alkallattiitti tajaajiluu ni
mul’isu.
 Fakkeenya: Beenyaan Angaatuudhaaf qarshii dhibba liqeessee.
Qananiin adurreedhaaf somba bite.
Aagaan Iftuudhaaf kitaaba kenne.
Dhamjechoonni -dhaa, -f fi -dhaaf jedhaman sadeenuu haala
maqaa tokkorratti fufamuudhaan tajaajilantu mul’ata.
Fakkeenyaa: Beekam Tolaadhaa kitaaba bite.
Beekam Tolaaf kitaaba bite.
Beekam Tolaadhaaf kitaaba bite.
139
• Dhamjechoonni maqaa Tolaa jedhurratti fufaman sadeenuu
tajaajila walfakkaatu kennu.
• Sadeenuu aantima alkallattiiratti fufamuun fayyadata agarsiisu.
 Dhamjecha -ii
• Maqaaleen tokko tokko yommuu akka aantima alkallattiitti
tajaajilan dhamjecha -ii fufatu.
• Maqaaleen kunneen maqaalee dubbifamaadhaan
xumuramaniidha.
Fakkeenya,
Raggaasaan Liibanii dalagaa arge.
Tufaan loonii marga haame.
140
 
Maqaalee Dubbachiisaa Dhuma Dheeressan

• Maqaaleen tokko tokko yommuu akka aantima


alkallattiitti (I.object) tajaajilan dubbachiisaa
dhumaarra jiru dheeressuun tajaajiluu.

Fakkeenya: Barattoota
Guutuun barattootaa hojii garee kenne. 

• Afaan Oromoo keessatti maqdhaalonni matayyaa


yommuu akka aantima alkallattiitti (indirect object)
tajaajilan dubbachiisaa dhumaa dheeressuudhaan
beekamu.

141
 Addiraa (Definiteness)
• Addiraan wantoota hedduu keessaa waan duraan dursee beekame
tokko adda baasuuf tajaajila.
 Dhamjecha -icha /icca/, -ticha/-ticca/
• Dhamjechoonni kunneen lamaan Afaan Oromoo keessatti
maqaaleerratti fufamuudhaan wantoota maqichaan bakka
bu’aman wantoota biroo walfakkaatanirraa saala dhiiraa
keessatti adda baasuuf taajaajilu.
Fakkenya:
/nama + -icha/-ticha/ → [namicha/namticha]
/gurbaa + -icha/ → [gurbicha]
/harree + -icha/ → [harricha]
/saree + -icha/ → [saricha]
142
• Fakkeenya jalqabaa /nama + -icha/ → [namicha] jedhu
keessatti, namni waa’een isaa dubbatamu kun namoota
biroorraa adda bahee kan beekkamu ta’uusaati.
• Dubbataa fi dhaggeeffataan waa’ee nama dubbatamaa
jiruu kana duraan dursanii ni beeku waan ta’eef yookaan
waa’ee nama kanaa dursanii dubbataniiru waan ta’eef
addiraa -icha jedhutti dhimma bahuudhaan namoota
kaawwanirraa adda baasaniiru.
 Dhamjecha -tittii, -ttii, -ittii
• Dhamjechoonni kunneen Afaan Oromoo keessatti
maqaaleerratti fufamuudhaan wantoota maqaalee sanan
bakka bu’aman wantoota biroo walfakkaatanirraa saala
naayyee keessatti adda baasuuf taajaajilu.
143
/intala + - tittii/ → [intaltittii]
/intala + - ttii/ → [intalattii]
/nama + - tittii/ → [namtittii]
/nama + - ittii/ → [namittii]
/saree + - ittii/ → [sarittii]
• Fakkeenya jalqabaa intaltittii, intalattii jedhu keessatti dubbataa fi
dhaggeeffataan waa’ee intala tanaa duraan dursanii ni beeku waan
ta’eef yookaan waa’ee intala tanaa duraan dursanii dubbataniiru
waan ta’eef addiraa -tittii, -ttii jedhutti dhimma bahuudhaan
kanneen biroorraa adda baasuu danda’aniiru jechuudha.  

144
 Koornayaa
• kutaa kana keessatti kan irratti xiyyeeffatamu
dhamjechoota maqaarratti fufamuudhaan koornayaa
adda baasaniidha.
Dhamjecha -tuu
• Dhamjechi -tuu n hundee jechaarratti fufamuudhaan
maqaa uuma akkasumas saala adda baasa.
• Kutaa kana keessatti kan irratti xiyyeeffatamu
koornayaa adda baasuu yoo ta’u, maqaa uumuu
keessatti gaheen dhamjechi kun qabu uumama
jechootaa jalatti kan ilaalamu ta’a.
• Dhamjechi kun koornayaa naayyee koornayaa
kormaarraa adda baasuuf tajaajila.
Fakkeenya: /utaal- + -tuu/ → [utaaltuu]
145
/roob- + -tuu/ → /roobtuu/→ [roobduu]
/kaat- + -tuu/ → [kaattuu]
/barat- + -tuu/ → [barattuu]
• Saala osoo adda hin baasin wanta hawaasa keessatti fudhatama
hin qabnellee ibsuuf oolti. Fakkeenyaaf:
/hat-+ -tuu/ → [hattuu]
/dhug- + -tuu/ → /dhugtuu/ → [dhugduu]
Dhamjecha –aa: akkuma dhamjecha -tuu, dhamjechi –aa’nis
hundee jechaarratti fufamuudhaan maqaa tolcha/uuma;
akkasuma koornayaa adda baasa. Fkn:- /utaal-+ -aa/ →
[utaalaa]
146
/roob- + -aa/→ [roobaa]
b. Horsiisa Ibsa Maqaa (Adjectival Inflection)
• Afaan Oromoo keessatti ibsi maqaas dhamjechoota
addaa addaa fufachuudhaan horuu danda’a.
• Dhamjechoonni hormaataa ibsa maqaarratti
fufamuudhaan tajaajila seerlugaa kanneen akka
lakkoofsaa (number), tajimaa ( , fi addiraa
(Defintness)) agarsiisu. 

 Lakkoofsa
• Addeessitoonni tajaajillisaanii maqaa booda
galuudhaan tajaajila addeessaa kennuu akka ta’e
beekamaadha.
• Afaan Oromoo keessatti addeessitoonni
dhamjechoota daneessitoota fufachuudhaan
maqaalee danuu booda147
galuudhaan maqicha ibsu.
Dhamjecha -oo
/diimaa + -oo/→ [diimoo]
Jarreen diimoon dhufan.
/hamaa + -oo/ → [hamoo]
Bineensonni hamoon bosona gara harka bitaa keessa
jiraatu.
   Tajima (Modifiers)
Addeessaan matima waliin yommuu tajaajilu
• maqaa waliin hiriiran ibsu.
• maqaa waliin hiriiranirratti yaada dabalataa kennu.
• Maqaan immoo hima keessatti akka matimaa fi aantimaatti akka
148
tajaajilu gama duubaatti ilaalleerra.
• Addeessitoonni maqaalee akka matimaa fi
aantimaatti tajaajilan waliin yommuu hiriiran
dhamjechoota adda addaa fufatu.
• Addeessitoonni, maqaalee akka matimaatti tajaajilan
waliin yommuu hiriiran akkuma maqaalee
dhamjechoota -n, -ni, i, fi ϕ fufatu.
 Dhamjecha -n
Addeessitoonni sagalee dheeraadhaan (IAA-CVV)
xumuraman dhamjecha -n fufachuudhaan maqaa akka
matimaatti tajaajilu ibsu.
Fakkeenya: /diimaa + -n/ → [diimaan]
• Namichi diimaan dhufe.
/diimtuu + -n/ → [diimtuun]
• Intalli diimtuun magaalaa haramaayaa keessa
jirraatti.
149
Dhamjecha -ni
• Adeessitoonni dhumni AIA-CVC ta’e dhamjecha -ni,
fufachuudhaan maqaalee akka matimaatti tajaajilan ibsu.
Fakkeenyaf: /magaala + -ni/ → /magaalni/→ [magaalli]
Intalli magaalli hiriyyaa kumarraati.
/abshaala + -ni/ → /abshaalni/ → [abshaalli]
Daa’imni abshaalli kun kan Obbo Toleeraati.
Dhamjecha –i : Adeessitoonni dhumni IIA ta’e fi maqaalee matima
ta’an faana hiriiruudhaan tajaajila adeessaa kennan
dhamjecha -i fufachuudhaan hima keessatti tajaajilu.
Fakkeenya: /Gurraacha [gurraacca] -i/ → [gurraachi [gurraacci]
150
Sangaa gurraachi dallaa cabsee.
 Addiraa (Definetness)
• Addiraan dhamjecha wanta tokko wanta biraarraa adda baasuuf
tajaajiluudha.
• Addiraatti dhimma bahuun wanta tokko wanta biraarra adda
baasuudhaaf waa’een waan dubbatamuu sun duraan dursee
dubbataa fi dhaggeeffataadhaan adda bahee kan beekamu ta’uu
qaba.
• Addeessaan kan addiraa fufatu maqaan inni ibsu yookaan
addeessu duraan dursee dhaggeeffataa fi dubbataadhaan kan
beekamu yoo ta’eedha.
 
151
Dhamjecha addiraa saala dhiiraaf tajaajilan -icha [icca], -ticha
[ticca]
Dhamjechoonni kun lamaan, Afaan Oromoo keessatti addeessitoota
irratti fufamuudhaan wantoota maqaalee addeessaan ibsamaniin
bakka bu’aman wantoota biroo walfakkaatanirraa saala dhiiraa
keessatti adda baasuuf taajaajilu.
Fakkenya,
/gowwaa + - icha/→ [gowwicha]
/humna qabeessa + - icha/→ [humna qabeessicha]
/jaamaa + -ticha/ → [jaamticha]
/diimaa + -ticha/ → [diimticha]
152
 
 Dhamjecha addiraa saala naayyeef tajaajilu -ittii
Dhamjechi kun Afaan Oromoo keessatti addeessitootarratti
fufamuudhaan wantoota maqaalee addeessichaan ibsaman saniin
bakka bu’aman wantoota biroo walfakkaatanirraa saala naayyee
keessatti adda baasuuf tajaajila.  
/diimtuu + -ittii/ → [diimtittii]
/gabaabduu + -ittii/ → [gabaabdittii]
/adii + -ittii/ → [adittii]
/gowwaa + -ittii/ → [gowwittii]

153
C. Horsiisa Xumuraa/ Verb Infilection
• Xumuroonni dhamjecha hortee adda addaa
fufachuudhaan tajaajila kanneen akka ramaddii,
lakkoofsaa, saalaa, ennaa fi kkf agarsiisu.
• Itti aansuudhaan gosa tokko fudhachuudhaan
dhamjechoonni xumurtootarratti fufamuudhaan tajaajila
hormaataa kennan ilaalla.
• Dhamjechoota lakkoofsa, ramaddii, fi koornayaa
mul’isan ennaa ammeennaa keessatti bakkuma tokkotti
ilaalla
• Dhamjechoonni dhimmoota sadeen kanneen mul’isan
ennaa adda addaa keessatti tokkuma waan ta’aniif ennaa
adda addaa keessattii laaluun hin barbaachisu
154
• Ennaan garuu haalarraatti hundaa’uudhaan adda
adda waan ta’eef isa tokko tokkoon ilaalla.
 Lakkoofsa
 Ramaddii
 Kornayaa
an ni mur -ϕ -a
Nom (F)xiyyeffannoo HJ(verb) -1Pr -ammeennaa
 
nu ni mur -n -a
Mdh xiyyeffannoo HJ -1DN -ammeennaa
 
ati ni mur -t -a
Mdh xiyyeffannoo HJ -2 -ammeennaa
 
isin ni mur -t -an -ϕ
Mdh xiyyeffannoo HJ -2 -DN -ammeennaa
155
ishiin ni mur -t -i
Mdh xiyyeffannoo HJ -3NY -ammeennaa
 
inni ni mur -ϕ -a
Mdh xiyyeffannoo HJ -3KR -ammeennaa
 
isaan ni mur -ϕ -an -ϕ
Mdh xiyyeffannoo HJ -3 -DN -ammeennaa

156
 Ennaa
• Ennaan yeroo wanti hima keessatti himamu itti raawwatudha.
• Ennaan, yeroo keessatti raaw’aturratti hundaa’uudhaan bakka
sad’itti qoddama:
 wanta amma raaw’achaa jiru –ammeennaa,
 wanta yeroo darbe keessa raaw’ate -dabareennaa fi
 wanta gara fuulduraa raaw’achuuf deemu -durannaa
jedhamuudhaan.
• Ennaan yeroorratti hundaa’uudhaan bakka sadi’itti yaa qoodamu
malee haala keessatti raaw’atu lama (aspect) qaba:

• Raawwilli (Imperctive) fi
• Kan raawwamini(Perfective)157
• Raawwilli (Imperfective) gocha hin raaww’anne
yommuu mul’isu,
• Raawwimni (Perfective) gocha raaw’ate mul’isa.

• Dhamjechoota ennaa mul’isan dhimma hiikni


barbaachiseefirratti hundaa’uudhaan hiika itti
kennun ni danda’ama.
• Yeroorratti hundaa’uudhaa ammeennaa,
durannaa fi dabareennaa.
• Akkasumas haalarratti hundaa’uudhaan
raawwilaa fi raawwima jennee hiika itti kennuu
dandeenya. 158
FKN: Dabareennaa
Dabareennaan yeroo dabre keessa wanta raaw’ate ennaa mul’isuudha.
Fakkeenya,
An gale.
Nu galle.
Ati galte.
Isin galtan.
Ishiin galte.
Inni gale.
Isaan galan.
 
159
160
Verb Person PF Number Example
SG
1 gal - e - ani gale
2 gal -t -e - ati galte
3M gal - -e - inni gale
3F gal -t -e - ishiin
galte
PL
1 gal -n -e - nu galne
(galle)
2 gal -t - -an isin
galtan
3 gal - - -an Isaan
galan
II. Dhamjecha Uumtee/Yaasaa
• Dhamjecha uumteen dhamjecha hirkataa ta’ee qaama jechaa adda
addaarratti fufamuudhaan jecha uumuuf kan tajaajiluudha.
• Dhamjechi uumteen garee jechaa fi hiika jechaa jijjiiruun
beekamu.
• Fakkeenyaaf, jecha daa’imummaa jedhu osoo fudhannee
• jechi kun dhamjecha daa’ima jedhuu fi dhamjecha -ummaa
jedhurraa uumamuusaat hubanna.
• Qaamni jechaa daa’ima jedhu dhamjecha of danda’aa yoo ta’u, -
ummaan dhamjecha hirkataa uumteedha.

161
• Qaamni jechaa daa’ima jedhu nama umrii xiqqaa ta’e yoo
mul’isu, dhamjechi -ummaa jedhu itti dabalamuusaatiin
sansakkaa daa’imaa akka bakka bu’u ta’eera.
• Jechi daa’ima jedhu maqaa waan qabatmaa yommuu ta’u,
daa’imummaa kan jedhu maqaa waan qabatamaa hin taane bakka
bu’uudha.
• Jechoonni daa’imaa fi daa’imummaa jedhan garee dubbii maqaa
jalatti yaa ramadaman malee hiika adda addaa qabu.

162
a. Dhamjechoota Adda Addaatti (Dhamjechoota Uumtee)
Dhimma Bahuudhaan Jechoota Uumuu

 Uumama Maqaalee
Itti aansuudhaan dhamjechoota jechoota adda addaarratti
fufamuudhaan maqaa uuman ilaalla.
 Maqaa Maqaarraa Uumuu
Maqaan dhamjecha maxxanfachuudhaan maqaarraa ni uumama.
Dhamjecha -ummaa
Fakkeenya: nama +-ummaa → namummaa
Dhamjechi -ummaan maqaalee waantoota mul’atan bakka
bu’anirratti fufamuudhaan maqaalee dhimmoota hin mul’anne
163
• Maqaa Maqibsarraa Uumuu
Dhamjechoonni maqibsarratti fufamuudhaan maqaalee uumu.
Daamjecha -ummaa
Afaan Oromoo keessatti dhamjechi -ummaan maqibsarratti
fufamuudhaan maqaalee uumuuf tajaajila.
Fakkeenya,
haxxee + -ummaa →haxxummaa
gamna + -ummaa → gamnummaa
• Amalli durumaanuu dursee waan mul’atu miti.
• Haxxummaa kan jedhu immoo caalmatti amala waan hin
mul’annee kan bakka bu’uudha.
164
Uumama Xumuraa
• Haaluma walfakkaatuun Afaan Oromoo keessatti xumuroonni
gama dhamjechoota uumamaa fufachuutiin ni uumamuu.
• Dhamjechoonni gara garaa jechoota garee dubbii adda
addaarratti fufamuudhaan xumuroota uumuu.  
 Xumura Xumurarraa Uumuu 
• Afaan Oromoo keessatti dhamjechoonni xumurarratti
fufamuudhaan xumura uumuu danda’u.
• Dhamjechoonni xumurarratti fufamuudhaan xumura tajaajila
adda addaa kennan kan uuman yoo ta’u, dhamjechoonni
kunneenis tajaajila kennan kanneeniin beekamu.
165
Dhamjecha -am-
Dhamjechi kun hundee jechaa xumuraarratti fufamuudhaan
xumura biraa uumuuf tajaajila. Dhamjechi kun gocha
matimarratti aantimaan raa’ate mul’isuudhaaf kan tajaajiluudha.
Xumura ce’aa gara xumura ceelaatti waan jijjiiruuf ceelessa
jedhama.
Fakkeenya:
dhug- + -am- → dhugam-
soor- + -am- → sooram-

166
 Xumura Maqaarraa Uumuu
Dhamjechoonni adda addaa maqaaleerratti fufamuudhaan
xumura uumuuf tajaajilu. Kana jechuun dhamjechoonni jecha
garee dubbii maqaa ta’erratti fufamuudhaan jecha garee dubbii
xumuraa uumu jechuudha.
 dhamjecha -oom-
Dhamjechi -oom- jedhu maqaarratti fufamuudhaan xumura
uumuuf tajaajila. Fakkeenya armaan gadii kanneen ilaali.
fira + -oom- → firoom-
nama +-oom- → namoom-
saree + -oom- → saroom-
167
 Maqibsarraa Xumura Uumuu
Afaan Oromoo keessatti dhamjechoonni maqibsootarratti
fufamuudhaan xumuroota uumuuf oolan jiru. Dhamjechoonni
kunneenis akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.
Dhamjecha -s-
Dhamjechi -s- n maqibsarratti fufamuudhaan xumura uuma
Fakkeenya,
furdaa + -s- → furdis-
haphii + -s- → haphis-
qallaa + -s- → qallis-
guddaa+ -s- → guddis-
fokkuu -s- → fokkis-
gabaabaa -s- → gabaabs-
168
 
Uumama Maqibsaa
Afaan Oromoo keessatti dhamjechoota adda addaa jechoota garee
dubbii adda addaa keessatti ramadaman irratti fufuudhaan
maqibsoonni ni uumamu.
Maqibsa Xumurarraa Uumuu
Dhamjechoota adda addaa xumurarratti fufuudhaan maqibsa
uumuun ni danda’ama. Dhamjechoonni muraasni hundee jechaa
xumuraarratti fufamuudhaan yommuu maqibsa uuman kuuwwan
bu’uur uumhorteerratti fufamuudhan maqibsoota uumu.
Dhamjecha -aa
Dhamjechi kun hundee jechaarratti maxxanuudhaan maqibsa
169
uumuuf tajaajila.Fakkeenya: beek- + -aa → beekaa
III. Dhamjecha Duwwaa (ϕ)
• Dhamjechi duwwaan dhamjecha ifatti bahee hin mul’anne garuu
jiraachuunsaa hiika jechaaf murteessaa ta’eedha.
• Jiraachuu fi dhabamun dhamjecha kanaa hiika jechaa ni jijjiira.
• Dhamjechi kun jiraachuun kan beekamu, jecha tokko keessa
hiikni jiraatee dhamjechi hiika sana bakka bu’u ifatti bahee yoo
mul’achuu baatedha.
 Fakkeenya,
Jecha roobe
Bakka buusa roobe
Hiiggita roob -ϕ -e
170
Hundee jechaa-3KR-ennaa
• Dhamjechi duwwaan amala addaa waan qabuuf akka kutaa
tokkootti ilaalame malee dhamjechoota uumtee fi hortee keessaa
tokko jalatti ramadama.
• Sababni dhamjechi kun akka kutaa tokkootti fudhatameef,
dhamjechi hiika bakka bu’u ifatti bahee jiraachuu dhabuusaatiin
waan hin qalbeeffamneef xiyyeeffannoon akka itti kennamu
barbaadameeti.
 

171
B. Kallattii Jecharratti Fufamnirratti Hundaa’uudhaan
Dhamjechi hirkatoon kallattii jecharratti fufamanirrattiii
hundaa’uudhaan bakka adda addaatti qoodamu. Akka walii galattii
dhamjechoonni dhimma kanarratti hundaa’uudhaan afaanota adda
addaa keessatti bakka hedduutti qoodamuu danda’u. Afaan Oromoo
keessatti garuu dhamjechoonni dhimma armaan olii kanarratti
hundaa’uudhan akka armaan gadii kanatti qoodamu.
 I. Dhaamjcha Duree
Dhamjecha dureen dhamjecha jecha waliin hiriiru dursee galuudha.
Fakkeenyaa,
Idilee
al- + idilee → al-idlee
172
al- + uunkawaa→ al-uunkawaa
• Fakkeenyota lamaan kanneen keessatti dhamjechi hirkataan al-
jechoota irratti fufamu idilee fi uunkawaa dura galuudhaan
hi’eentaa agarsiise.
• Kanaafuu, dhamjechi kun dhamjecha duree jedhamuudhaan
bekkama. 
II. Dhamjecha Duubee
• Dhamjecha duubeen dhamjecha jecha waliin hiriiru booda
galuudhaan tajaajilu jechuudha.
Fakkeenya,
nama→nam-oota
gaangee→gaang-olii
mana→mann-een
cab- →cab-s-e 173
Fakkeenyota kanneen keessatti dhamjechoonni -oota, -olii, -een, -s-,
-e, jedhaman martuu dhamjechoota duubeedha.
 III. Dhamjecha Gidduu
• Dhamjechi kun dhamjecha giduu jechaatti dhufu.
• Dhamjecha kanaan walqabatee Afaan Oromoo keessatti ilaalcha
lamatu jira.
• Ilaalchi tokko dhamjechi giduu Afaan Oromoo keessa hin jira kan
jedhu yoo ta’u, ilaalchi lammataa dhamjechi gidduu Afaan
Oromoo keessa jira kan jedhuudha.
•  Warri, Afaan Oromoo keessa dhamjechi gidduu jira jedhan,
birduman (irra deddeebii dhamsagaa jalqaba jechaatti dhufuun irra
174
deddeebii yaadaa mul’isuu) dhamjecha gidduu jedhu.
Fakkeenya,
diimaa→diddiimaa
d-idd-iimaa
laafaa→lallaafaa
l-all-aafaa
Jechoota irra deddeebii yaadaa agarsiisan diddiimaa fi
lallaafaa jedhan keessatti dhamsagoonni jala sararaman
dhamjecha gidduutii jedhu.
 

175
IV. Dhamjecha Laccii
Dhamjechoota lama yookaan lamaa ol ta’anii waliin hiriiruudhaan
dhaamsa tokko dabarsan gidduu dhamjechi (jechi) gidduu yoo gale,
dhamjechoonni lamaan dhamjechi yookaan jechi biraa gidduu gale sun
dhamjecha laccii jedhama.
Fakkeenya,
hinbeeku→ hin-beek-u
hinyaadu→hin-yaad-u
Fakkeenyota lamaan kanneen keessatti dhamjechi hin...u jedhu
qaama jalqaba jechaarra dhufe hin- fi qaama dhuma jechaarra
dhufe -u irraa ijaarame. Dhamjechi kun jecha /dhamjecha biraa
gidduusaa galchuudhaan yoo guutuu ta’u, Afaanicha keessattis
hi’eentaa mul’isuuf tajaajila.
176
 1.7. Qaama Jechaa
• Jechi yoo xiqqaate dhaamsa tokko dabarsuu kan danda’u ta’uusaa
gama duubaatti laalleerra.
• Kana jechuun jechi yaada tokkoo ol dabarsuu danda’a jechuudha.
• Jechi tokko yommuu yaada tokkoo ol dabarsu qaamolee xixiqqoo
hiika qabanitti qoqqoodamuu danda’uusaat mul’isa.
• Kun immoo jechi qaamolee adda addaa of keessaa qabaachuu
danda’uusaat mul’isa. Qaamoleen jechi tokko qabaachuu danda’u
armaan gaditti dhiyaateera.
 

177
1.Wixina/Hundee Jechaa/Root
• Wixinni qaama jecha tokkoo kan dhamjecha ofitti maxxanfatee
hin jirre yookaan kan dhamjecha homaatuu ofirraa hin qabneedha.
• Wixinni handhuura jechaati; jechoota horsiisuudhaafis ta’ee
jechoota adda addaa uumuudhaaf akka bu’uuraatti kan tajaajilu
waan ta’eef.
• Wixinni dhamjecha homaatuu kan ofirraa hin qabne yoo ta’u;
dhamjechoota adda addaa maxxanfachuu ni danda’a.
Fakkeenyaaf, jecha soorame jedhu xiinxalaa

178
2. Bu’uura/Bu’uuruumhortee/ Base
• Akkuma maqaa isaarraa hubatamuu danda’u bu’uuruumhorteen
qaama jechaa dhamjecha hortee (dhamjecha latoorsaa) fi/yookaan
dhamjecha uumtee (dhamjecha yaasaa) fudhachuudhaaf
qophaa’aa ta’eedha.
• Bu’uurri qaama jechaa dhamjechoonni eeraman kanneen keessaa
tokko yookaan lamaanuu yommuu irraa ka’an hafuudha.
• Qaama jechaa tokko bu’uura jennee adda baasuudhaaf kallattii
lamaan laaluun yookaan yaaduun barbaachisaadha ta’a.
• Inni tokko, qaamni jechaa dhamjecha hortee fi/yookaan uumtee
fudhachuuf qophaa’aa ta’uusaa adda baafachuudha.
179
• Qaamni jechaa dhamjecha hortee fi/yookaan uumtee
fudhachuudhaaf qophaa’aa ta’e bu’uura waan ta’eef. Inni
lammataa, jechi tokko dhamjecha maal maal akka ofirraa qabu
adda baasuudhaan, dhamjecha tokko tokkoon irraa kaasuudhaan
qaama bu’uuraa ta’u adda baasuudha.
Fakkeenyaaf, jecha reebame jedhu xiinxali  
3. Willa/jirma/bu’uurhortee/stem
• Willi qaama jechaa dhamjecha hortee fudhachuudhaaf qophaa’aa
ta’e, yookaan qaama jechaa yommuu dhamjechi horteen irraa ka’u
hafuudha.

180
Xumura

Galatoomaa

181

You might also like