You are on page 1of 200

GAA’ILA ISLAAMAA

Qopheessaan: Abdur-Rahmaan bin Abd Al-Khaaliq Al-Yuusuf

Hiikaan: Gulaalaan:
Shaafii Muhammad
Abdallaah

Raabsaan
Dhaabbata Najaashii Kan Maxxansaalee Islaamaa

‫ﻣﺆﺳﺴﺔ اﻟﻨﺠﺎﺷﻲ ﻟﻠﻄﺒﺎﻋﺎت واﻟﻨﺸﺮ واﻟﺘﺴﺠﯿﻼت اﻹﺳﻼﻣﻲ‬


DHAABBATA NAJAASHII KAN
MAXXANSAALEE ISLAAMAA
NEJASHI ISLAMIC PUBLISHER

Telephone:- 011-2765027/ 011-1577557/90 / 011-


1577391
P.O.Box:- 50514
e-mail: nejashi@ethionet.et

‫إﺛﯿﻮﺑﯿﺎ أدﯾﺲ أﺑﺎﺑﺎ‬


Finfinnee Itoophiyaa
Addis Ababa Ethiopia

Maxxansaa Jalqabaa -------- 2006

Mirgi Hiikkaa Afaan Oromoo


Dhaabbata Najaashii Kan
Maxxansaalee
Islaamatiif Seeraan Eegamaa dha.
All Rights Of Afan Oromo Version Of
This Book Reserved For
Nejashi Publisher
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Dursa:
Faaruun hundikan Rabbiiti, isa faarsina,isuma
gargaarsifannaa ammaas isuma araarama
gaafanna.

Hamtuu lubbuu teenyaa fi hujiilee hamtuu


teenyaarraahiis Isumatti maganfanna. Nama
Rabbiin qajeelche namni jallisu hin jiru,nama inni
jallisees nammni qajeelchu hin jiru.

Dhugaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyyaa


hin qabne malee akka hin jirreen raga ba’a. Ammas
Muhammad gabbricha isaatii fi ergamaa isaa ta’uus
ragaan ba’a.

‫ﯾَﺎ أﯾﱡ َﮭﺎ اﻟﱠ ﱢﺬﯾﻦَ آ َﻣﻨُﻮا اﺗﱠﻘُﻮا ﷲَ َﺣ ﱠ‬


ْ ‫ﻖ ﺗُﻘَﺎﺗِ ِﮫ َوﻻ ﺗَ ُﻤﻮﺗُﻦﱠ إﻻ َوأ ْﻧﺘُ ْﻢ ُﻣ‬
‫ﺴﻠِ ُﻤﻮن‬

“Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbi


sodaadhaa, muslimtoota taatanii malees hin
du’inaa.’’

2
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

‫ﻖ ِﻣ ْﻨ َﮭﺎ زَ ْو َﺟ َﮭﺎ‬ ٍ ‫ﺎس اﺗﱠﻘُﻮا َرﺑﱠ ُﻜ ْﻢ اﻟﱠ ِﺬ َﺧ َﻠﻘَ ُﻜ ْﻢ ِﻣﻦْ ﻧَ ْﻔ‬


َ َ‫ﺲ َوا ِﺣ َﺪ ٍة َو َﺧﻠ‬ ُ ‫ﯾَﺎ أﯾﱡ َﮭﺎ اﻟﻨﱠ‬
‫ﺴﺂ َءﻟُﻮنَ ﺑِ ِﮫ َواﻷَ ْر َﺣﺎ َم إِنﱠ‬ َ َ‫ﺴﺎ ًء َواﺗﱠﻘُﻮا ﷲَ اﻟﱠ ِﺬي ﺗ‬ َ ِ‫ﺚ ِﻣ ْﻨ ُﮭ َﻤﺎ ِر َﺟﺎﻻ َﻛﺜِﯿ ًﺮا َوﻧ‬
‫َوﺑَ ﱠ‬
(1 :‫ﷲَ َﻛﺎنَ َﻋﻠَ ْﯿ ُﻜ ْﻢ َرﻗِﯿﺒًﺎ )اﻟﻨﺴﺎء‬

‘’Yaa ilmaan namaa! Gooftaa,keessan kan lubbuu


takkarraa isin uumee, isiiraayiis niitii ishee
uume,ammas isaan lamaan irraa dhiira hedduu fi
durbartootas facaase sodaadhaa Allah isa ittiin wal
kadhattanii fi firummaas (muruu)
sodaadhaa.Dhugumatti Rabbiin isin irratti tooyataa
ta’eera.”

‫ﺼﻠِ ْﺢ ﻟَ ُﻜ ْﻢ أَ ْﻋ َﻤﺎﻟَ ُﻜ ْﻢ َوﯾَ ْﻐﻔِ ْﺮ‬ْ ُ‫ ﯾ‬.‫ﺳ ِﺪﯾﺪًا‬َ ‫ﯾَﺎ أﯾﱡ َﮭﺎ اﻟﱠ ﱢﺬﯾﻦَ آ َﻣﻨُﻮا اﺗﱠﻘُﻮا ﷲَ َوﻗُﻮﻟُﻮا ﻗَ ْﻮﻻ‬
ُ ‫ﻟَ ُﻜ ْﻢ ُذﻧُﻮﺑَ ُﻜ ْﻢ َوﻣﻦْ ﯾُ ِﻄ ْﻊ ﷲَ َو َر‬
‫ﺳﻮﻟَﮫُ ﻓَﻘَ ْﺪ ﻓَﺎ َز ﻓَ ْﻮ ًزا َﻋ ِﻈﯿ ًﻤﺎ‬

“Yaa warra amantan! Rabbi sodaadhaa,jecha


qajeelaa dubbadhaa; hujiilee keessan isiniif
tolcha,baalleesaa teessaniis isiiniif araarama.Namni
Rabbii fi Ergamaa isaa ajaja godhe dhugumaan
milkii guddaa milkaaye.’’

3
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Kana booda:

Dhugumaan rakkina manaa fi maatii keessa jiru


arrkeen ka’e. Sababa kiyyaan Rabbiin Rakkina garii
obboleeyyanii,hiriyootaa fi shariikkan kiyyaa akka
hiikkatu naaf mirkaneessuuf Rabbii qulqulluu
ta’een faarsa.

Dhugumatti bay’een rakkinaa bu’uraa fi seera


shari’aan walii galtee fuudhaa fi heerumaatiif
keesse wallaaluu akka ta’een arge.Ammaas
bu’urumaa fi seerota sana birannii hujjiiraoolchun
sirini maatii qajeeelee jaarmayni ishee akka
walqabatu yaadeen ka’e.Akkasumaas sababni
waldhabaa fi diigamuu maatii iddoo soditti akka
qoodamuun arge.

Tokkoffaa fi lammaaffaan:

Uumaa lubbuu fi adda addummaa dhiiraafi


dubartoota jidduu jiru wallaalu; gurbaan yeroo
intala takka odoo adda addummaa fi uumaa isaanii

4
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

hin beekin fuudhe, waanuma maalummaa hin


beekin waliin jiraata.Akkasumas dubartiin takka
odoo adda addummaa jirtu hin beekin yoo
heerumatti jegnooomte akkuma dhiiraa san waan
hin beekin waliin jiraatti.

Qoodamni sadaffaa:

Rakkkinni abbaa manaatii fi haadha manaa jiddutti


argamuu;hariiroo isaan lamaaniirraa wanta
dirqama ta’e wallaaluu irraa dhufa.

Fakkeenya kanaa waliin walqabate waan ajaa’ibaa


kaniin arge,abbaan manaa nama hundaa waliin
hariiroo bareedaa odoo qabuu haadha mana isaa
waliin immoo hariiroo faallaa qabaata.

Akkasuma isheeniisnama biroo waliin akkaataa


gaariin jiraatti,abbaa manaa waliin immoo faallaa
taati.

Dimshaashumatti, rakkinni maatii keessa jiru


sababni isaa wantoota kana fakkaata. Kanaafuu

5
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

dirqamni kiyya obbooleeyyan kiyyaaf ergaa kana


barreessee, akka warri wal fuudhan waanisaan
duraa bade kana argatanii jireenya gammachuu fi
nagayaa,akkasumas jireenya qubsumaa jiraataniif
dhiheessuu dha.
Ammaas warri hin fuudhiniis, sirritti,eega ergaa
kana dubbisanii booda mana gammachuu fi
jaalalaan guutame akka bureessaniifiin kana
dhiheessaaf.
Kana malees karaa Nabiyyicha filatamaa qabachuun,
akkasumaas jecha isaa kabajamaa kan: namni nama hin
galatoomfatin Rabbiis hin galatoomfatu jedhe sanirra
dhaabbachuun erga Rabbii guddaatii namni
galatoomfadhu haadhaa fi abbaa kiyya kan ilmii
barbaaduu jaalachuurratti ana guddisanii dha.
Akkasumaas galata kiyya guddaa fi du’aa’ii walirraa
hin cinnee obboleeyyan kiyya kan jalqabarraa hanga
dhumaatti barreessuu fi qajeelfama natti agarsiisuun,
akkasumaas humna isaaniitiin ana gargaaruun ana
cinaa dhaabbatan naan dhiyeessaaf. Keessattuu
obboleessa kiyya Muhammad Ahmad Mahammad-
saanii fi Dr. Abdii Mahammud, akkasumaas
Mahammaad Yusuf akka Rabbiin isaaniif rahamata
godhu isaaniifiis araaramu dhumarratti ruuhii isaanii
jannata bareedaan qananiisu naan kadhadha. Kanarratti

6
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

dabaluun haadha mana kiyyaa Maariyaa Abdusalaam


wantoota baay’een ana cinaa dhaabbattee ana gargaarte
addunyaa fi aakhiratti akka Rabbiin ishee gargaaru niin
kadhadha.

Akka Rabbiin nama kitaaba kana laalee,isa barsiise


hunda kitaaba kanaan fayyadee, galata keenyas
jannata godhu isumaan kadha! yaa Gooftaa
keenya! Warraa fi ilmaan keenyarraahiis
gammachuu ijaa nuuf kenni, warra si sodaatuufiis
dura bu’oonu godhi.’’
Kan barreesse barbaadaa dhiifama Gooftaa isaa kan
ta’e

Shaafii Muhammad Abdallaah

7
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Baafata
Mata Duree Fuula

Dursa: ...................................................................................... 2
Fuudhaa fi Heerumni godhii Rabbiiti .................................... 11
Hikmaa fuudhaa fi kaayyoo isaa: .......................................... 20
Maaliif fuuna? ................................................................... 20
1-Ilmoo: ......................................................................... 20
2-Qananii lubbuu fi qaamaati: ...................................... 22
3-Guutomins ilmaa ga’uu dha. ...................................... 24
4-Jireenya kana jaaruu irratti wal gargaaruu: ............... 25
Akkamitti shariika jireenyaa filatta?! .................................... 25
1. Mul’ata ...................................................................... 26
2. Amantii .......................................................................... 29
3. Jaalala ............................................................................ 31
4. Horii fi duruma: ............................................................. 34
5. Haalaa fi amala .............................................................. 39
6. Bareedina ...................................................................... 41
7. Dubrummaa .................................................................. 44
8. Beekkamtummaa fii ol aantummaa .............................. 46
Qaadhimchuu........................................................................ 48
Seeraa fii naamusa qaadhimachuu: .................................. 48
1. Odoo hin qaadhimanne intala ilaallachuu: ........... 49

8
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

2. Dubartii wajjiin kophaa bahuun hayyamamaa miti.


51
3. Qaadhimachuu namaa gubbaan qaadhimachuu: . 52
4. Iddaa keessa qaadhimachuu ................................. 54
Ulaagalee nikaa hidhuuf barbaachisaan: .............................. 61
1, jaalatuu: ........................................................................ 61
2, fira intaalaa: .................................................................. 64
3. Ragoota lama: ............................................................... 65
4. Mahrii: ........................................................................... 66
5. Badii irraa tiikfamuu .................................................. 68
6. Hiriyyummaa ............................................................. 70
7. Jechoota nikaahn ittiin hidhamu............................... 75
Wantoota nikaah hidhuu sirrii ta’uu dhoorgan .................... 76
1. Firaaf nikaah hidhuu: ................................................ 77
2. Fuudha jijjiirraa (ash-shighaaru) ............................... 78
3. Nikaah Nama biraatiif halaaleessuuf godhamu: ....... 81
4. Fuudha muta’aa (koontoraataa) ............................... 82
Nikaah hidhuu booda wantoota argaman ............................ 88
1. Wantoota isaan lamaan waliin qaban....................... 88
1. Wal-dhaaluu .......................................................... 94
2. Gosummaan argamuu:.......................................... 96

9
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

2. Mirgaa fi dirqamoota sababa nikaah hidhuutiin gurbaa


qofarraa eeggaman ........................................................... 99
1. Masruufa: ............................................................ 100
2. Waliin jireenya tolchuu: ...................................... 101
3. Cimina itti gaafatamummaa: .............................. 102
3. Wantoota sababa nikaah hidhuutiin intala qofarraa
eeggaman:....................................................................... 102
1. Ajaja godhuu: ...................................................... 103
2. Tajaajila kennuu: ................................................. 104
WABIILEE ITTI FUFA MAATIITIIF BARBAACHISAN ............... 106
1. Akka seera uumaatti hoojjachuu: ........................... 106
2. Iddoo wal-dhabanitti manguddoo nama lama
waamuu: ......................................................................... 108
WAL-DHABA GIDDUU MAATIITII FI KARAALEE WAL’AANSA
ISAA ..................................................................................... 113
AKKAATAA GARGAR BAHINSA DHIIRSAA FI NIITII ............... 122
1. Du’a: ........................................................................ 123
a) Faana duuti niitiileerratti argamsiistu:................ 125
2. Hiikkaa : ................................................................... 132
a) hikmaa isaatii fi karaa isaa ...................................... 132
b) Yeroo akkam warra kee hiikuun siif hayyamama?.. 136
I. Yeroo kam hiikkaa argamsiisuun dirqama ta’a? . 137

10
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

II. Hiikamtuun yeroo iddaa lakkaawwattu eeysa


teeysi? ......................................................................... 139
c) Yeroo takkatti Nama wallaalaa ta’e malee sadihitti hin
hiiku:................................................................................ 143
d) HIIKKAA SHARI’AA BIRATTI FUDHATAMA QABU .... 149
1) Gurbaaf niitii isaa deeffachuun yeroo kam akka
hayyamamuu fi ishee hiikamte akkamitti iddaa akka
lakkaawwachuu qabu: ................................................ 156
2) Wantoota iddaa hiikaminsaa keessatti argaman:162
e) Nama ilmaan guddisuu qabu: ............................. 166
f) Gahee dubartiin hiikkaa keessatti qabdu: .......... 174
g. Haalaa fi ga’een dubartiin ittiin abbaa manaa
miidhuu dandeessu ..................................................... 178
3. Khul’iin (niitiin horii kennuun) adda ba’uu: ................ 181
4. Nikaah hidhame balleessuu fi fudhatama
dhoorguu(faskhii) ................................................................ 189
5. Gurbaan niitii isaa zinaan shakkuu (li’aana)................ 192

Fuudhaa fi Heerumni godhii Rabbiiti


Rabbiin Qur’ana isaa keessatti dhiiraa fi
dhubartoota lubbuu takka irraa akka uume nurratti

11
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

himate.lubbuun suniis Aadam yoo taatu, dhiirri


uuma of danda’ee kophu jiraatuu miti.Akkasumaas
uumaan dubartootaas kophuu waan hin
uumanminiif kophaa jiraatuu hin dandeessu
Dubartiin odoo kophatti waan addaarraa umamtee
wal baqatuu fi adda fageenya rabbi malee nut
beekuu hin dandeenyeetu argamuu danda’a.
Akkuma hadiisa uumamuun dubartiin kutaa dhiira
irraa taate ta’uu argisiisa kanaafuu dhiirri
dubartootaaf marar fata dubartoonniis dhiiraaf
mararfata Ergamaan Rabbii (SAW)akkana
jedhe;’’Dubartoonni obboleeyyan dhiiraati’’ kana
jechuun dhiiraa fi durbartoonni fuula lama kana
waan tokkooti ykn raga lama kana wanta tokkooti
ta’uu rgisiisa.
Bifa kanaan uumuun mallattoolee guddina
Rabbiiti waan ta’eef Rabbiin akkana jedhe;’’Rabbii
isa lubbuu takka irraa isin uume,iddoon
qubsumaatii fi kaayamtan isiniif ta’aa dha.

12
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Kanaafuu,Rabbiin tokkummaa kana akka eegnu


yeroo dhiiraa fi dubartoonni waliin jiraatan akkana
jechuun nu ajaje;

‫}ﻳﺎ أﻳﻬﺎ اﻟﻨﺎس اﺗﻘﻮا رﺑﻜﻢ اﻟﺬي ﺧﻠﻘﻜﻢ ﻣﻦ ﻧﻔﺲ واﺣﺪة وﺧﻠﻖ ﻣﻨﻬﺎ زوﺟﻬﺎ‬
‫وﺑﺚ ﻣﻨﻬﻤﺎ رﺟﺎﻻً ﻛﺜﻴﺮاً وﻧﺴﺎء واﺗﻘﻮا اﷲ اﻟﺬي ﺗﺴﺎءﻟﻮن ﺑﻪ واﻷرﺣﺎم إن اﷲ‬

. {ً‫ﻛﺎن ﻋﻠﻴﻜﻢ رﻗﻴﺒﺎ‬

“Yaanama! Gooftaa keessaan kan lubbuu takka


irraa isin ummee, ishee irraas niitii ishee uumuun
isaan lamaan irraa dhiira baay’ee fi dubartootaas
lafa keessa daneesse sodaa dhaa! Ammaas Rabbii
isaan wal kadhattanis sodaadhaa, firummaa
muruus eeggadhaa.Rabbiin isin tooyataa ta’eera.’’
Inumaa waan kanarra guddaatti nu ajaje,innis
akka kanatti nu uumuu irratti godhii isaa akka
yaadamu, gariin keenya garii jaalachuu nu keessatti
uumuu fi rahmta onnee warra walajjii jiraattaniif
niitii namuma akka keessaniiaj fuudhee keessatti
habaqaaluurratti akka ni,imaa isaa yaadannu
akkana jedhee ddubbate;’’Akka ishee wojji

13
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

jiraataniif niitii namuma akka keessanii irraa isinii


uumuun mallattoo isaa irraayi.Gidduu keessanitti
jaalalaa fi rahmata godhuunis dhugumatti sana
keessatti warra xiinxalaniif mallattooleetu jira.’
Akkuma olitti dubbatame kana nama musliimaa
irratti hariiroo gurbaa fi niitii jidduu jirtu qoratuu
keessatti wantoota baay’ee fuuldura isaa kaa’ee
ilaaluu qabuutu jira.
1. dhiiraafidubartoonni waanuma tokko
hundeen isaan irraa argaman Aadami waan
ta’eef dhiiraafi dubartoonni dachii
keessattiis gariin isaanii garii
irraayi,lubbuun takka uumamuuf bishaan
isaan lamaanii wal makateeti malee tokko
qofa irraa lubbuun hin uumamtu.
aaKeessattuu uumamuu ilmoo keessatti dubartiin
ba’aa fi rakkina guddaa dhiirti hin baadhatiin
baadhattee gadaameessi ishee ilmoof iddoo
qubsumaa, guutominaafidagaaginaa ta’eef.Garuu
dhiirtis ga’ee isaa karaa waan ittiin jiraatanii fi

14
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

ishee tiksiitiin rakkina baadhatullee qixa ishee hin


ga’u Akka kanaan gara lamaaniin jiraanyaa fi
qaroominni itti fufe Dubarti tan garatti baadhattu
godhee, hanga lafarratti gadi buututii ilmoof iddoo
qubsumaa godhe, ilmoon
Dhiira immoo humna ittisa diinaa, hojjataa sorata
argarmsiisuuf qabsaa’u waan godheef,tattaaffii
isaan lamaanii walitti dhuftee jaarmaya tokko taatii
2-Dhiiraa fi dubartoota akka kanatti uumuun
mallattoolee dandeetti Rabbii isaan gurguddoo
irraayi waan ta’eef gadi lallaalutti Raabbiin nuuf
akeeke;

‫ ﺧﻠﻖ ﻣﻦ ﻣﺎء داﻓﻖ‬،‫}ﻓﻠﻴﻨﻈﺮ اﻹﻧﺴﺎﻧﻤﻢ ﺧﻠﻖ‬

{‫ﻳﺨﺮج ﻣﻦ ﺑﻴﻦ اﻟﺼﻠﺐ واﻟﺘﺮاﺋﺐ‬


“Ilmi namaa waan irraa uumame haalaaluu!
Bishaan utaalaa dugda dhiiraatii fi qomadubaraa
jidduu ba’u irraa uumame.’’ kana jechuun walii

15
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

gala qaama isaanii,dhukha lafee isaanii keessaa


maddurraa Rabbiin ilma namaa argamiise sababni
isaas akka firummaan,walii rifatuu fi jaalalti jidduu
isaan lamaaniittii, akkasumaas isaanii fi ilmaan
jidduuttiis guutamtuuf. Kanuma irraa ka’uun jecha
Rabbii haa ilaallu;

‫ وﺟﻌﻞ ﻟﻜﻢ ﻣﻦ أزواﺟﻜﻢ ﺑﻨﻴﻦ‬،ً‫}واﷲ ﺟﻌﻞ ﻟﻜﻢ ﻣﻦ أﻧﻔﺴﻜﻢ أزواﺟﺎ‬

{‫ أﻓﺒﺎﻟﺒﺎﻃﻞ ﻳﺆﻣﻨﻮن وﺑﻨﻌﻤﺔ اﷲ ﻫﻢ ﻳﻜﻔﺮون‬،‫ ورزﻗﻜﻢ ﻣﻦ اﻟﻄﻴﺒﺎت‬،‫وﺣﻔﺪة‬

“Rabbiin namuma akka keessanii irra niitii isiniif


godhe, niitii keessan irraas ilmaanii fi ilmaan
ilmaaniis isiniif godhe, wantoota gaggaarii irras
isin soore,Afi kijibattI (sooba) amananiit,godhii
Rabbiitti kafaruu?!
Kanaafuu, niitiin matummaan isiitu kutaa dhiira
irraa taate, ilmaanii fi ilmaan ilmaaniitiis walitti
dhufeenya dhiiraa fi dubartootaati. Haara galfii
lubbuu fi qananiin duniyaas jaalala dhugakan
abbaa manaa,niitii isaa fi abbaa, haadhaa fi ilmaan
isaan lamaanii jidduu argamuudha, Akkasumaas

16
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

ilmaan,abbootaa isaanii fi akkakowwan isaanii


jiddu jaalala argamuu dha. Fkn akaakoon ilmaan
isakan wal jaallatan yeroo arge jaalala ngaata
bareedaa fi dhugaatii mi’aawaairraa argatu caalaa
gammada
Firri wal jabeessuun,sabni waliin jiraatuu fi
qananiikun hunduu karaaa fuudhaa fi heeruma
shari’aatiin malee hin argamu.
Murtii fuudhaa fi heerumni islaamummaa
keessatti qabu; Fuudhaa fi heeruma Rabbiin wanni
karaa godheef akka horteen namaa jiraattee bakka
bu’ummaa namaa dachii keessatti akka Rabbiin
jedhetti itti fufafi;’’yeroo Rabbiin Malay kotaan;Ani
dachii keessatti bakka bu’aa godha jedhe(yaada
dhu).
Bakka bu’oonni asitti dubbatame kun ilma namaa
kan dachii tana jiraachisuu keessatti gariin isaanii
garii irraa bakka bu’anii dha. Ragaan kanaa jecha
Rabbiin achi booda jedhe kana;
{‫}أﺗﺠﻌﻞ ﻓﻴﻬﺎ ﻣﻦ ﻳﻔﺴﺪ ﻓﻴﻬﺎ وﻳﺴﻔﻚ اﻟﺪﻣﺎء وﻧﺤﻦ ﻧﺴﺒﺢ ﺑﺤﻤﺪك وﻧﻘﺪس ﻟﻚ‬

17
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

“odoo nuti si faarsuun si qulqulleessinuu ishee


keessatti warra badii hojjatu,kan dhiigaas
dhangalaasu ishee keessatti gootaa?’’
As irratti dachii keessatti bakka bu’oo ta’uu
hormaanniitti fufu malee hin mijjaa’u.Amantiin
islaamaa amantii uumaa waliin deemu,kan Rabbiin
irratti irratti nama uume,amaas amantii dachii tana
akka kanatti jiraachiduuf fedhamte waan
ta’eef,dhugumatti islaamummaan fudha dhiisuu
haraam godhee,nama fuudha dandau hunda irratti
kakase.Ragaan kanaa Hadiisota armaan gadiiti;
1-Hadiisa sa’ad bin Abii waaqqaakan akkana
jedhe;’’Ergamaan Rabbii (saw) Usmaan bin
Maz’uun irratti yaada fuudha dhiisuu diseera.odoo
isaaf hayyamee of kolaafna turre.’’
2-Hadiis Anas bin Maalik (ra) kanwaa’ee namoota
sadeen mana Ergamaa Rabbii (saw) dhufanii
gaafatanii akkuma gaafataniitti hujii isaa itti
himnaan,gariin isaanii: Ani dubartii hin fuudhu
jennaan, kuuniis: Anii sagadaatii bulaa halkan hin

18
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

rafu jedhee, dubbiinkun Nabiyyi (saw) bira


geenyaan akkana jedhe: ‘’Maali yaanni ummata
akkanaa fi akkan jedhuu? Garuu ani niin soomaniis
niin nyaadha,niin sagada niin rafaas,akkasuma
dubartootaas niin fuudha. Namni karaa jibbe
kiyyaa miti.’’Bukhaarii fi Muslim
3-Hadiisa Abdallah Mas’uus Ergamaa Rabbii irraa
akkana jedhee gabaase:’’yaa garee dargaggootaa!
Isin irraa namni fuudha danda’e haa fuudhu. Fuuni
akkaan ija gadi qaba,qaama saalaas nitiksa waan
ta’eef. Namni immoo hin danda’in soomuun
isarratti haa jiraatu,inni isaaf kolaassii
dha.’’Jam’aatu gabaase.
Garii hadiisota dabarteetiin namoonni fuudha
nama danda’u irratti dirqama godhan,namni odoo
danda’uu dhiise ni dilaawa jedhu kan akka Ibnu
Hazmii faan ragaa godhatu Garuu warreen akka
Imaamuu Ahmad bin Hanbal,baay’een fuqahaa’aa
fi Imaammanii fuuchuun jaallatamaadha jechuu
irra jiru.Garuu namni lubbuu isaa irraa fitnaa

19
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

amanee,hujii gaarii,da’awaafi qabsoon shaaganame


fuudha dhiisuun ni dilaawa natti hin Fakkaatu.

Hikmaa fuudhaa fi kaayyoo isaa:


Maaliif fuuna?
Kun gaafii hundi dargaggoo fi shamarranii,inumaa
namni fuudha barbaade hundi odoo itti hin gahin
dura of gaafatuun barbaachisuu dha. Maaliif
fuuna? Iccitii fuudhaa maali? Kaayyoo fi hikmaan
fuudhaa itti seenuun dura afurtu jira.Fuullee ija kee
lamaaniitti odoo itti hin galin godhadhu:

1-Ilmoo:
Jireenyi dhalanama lafarra jiraachu akka ittifufuuf
Rabbiin fuudhaa waliinkan wal qabatu godhe.
Dhalli namaa jiraachuun kaayyoo Rabbiin uume
qabu waan ta’eef Rabbiin akkana jedhe:

‫ ﺛﻢ ﺟﻌﻞ ﻧﺴﻠﻪ‬،‫}اﻟﺬي أﺣﺴﻦ ﻛﻞ ﺷﻲء ﺧﻠﻘﻪ وﺑﺪأ ﺧﻠﻖ اﻹﻧﺴﺎن ﻣﻦ ﻃﻴﻦ‬

{‫ﻣﻦ ﺳﻼﻟﺔ ﻣﻦ ﻣﺎء ﻣﻬﻴﻦ‬

20
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

“Inni isa wanta hunda uumaa isaa bareeda, uumaa


namaa horofa(dhoqqee) irraa eegale. Ergasii dhala
ilma namaa siddaaraa bishaan laafaa irraa godhe.’’
Kanaafuu ilmoo wahii rakkisuu dachii balleessuu
keessatti akkana jechuun lakkaawe:

‫}وﻣﻦ اﻟﻨﺎس ﻣﻦ ﻳﻌﺠﺒﻚ ﻗﻮﻟﻪ ﻓﻲ اﻟﺤﻴﺎة اﻟﺪﻧﻴﺎ وﻳﺸﻬﺪ اﷲ ﻋﻠﻰ ﻣﺎ ﻓﻲ ﻗﻠﺒﻪ‬

‫ وإذا ﺗﻮﻟﻰ ﺳﻌﻰ ﻓﻲ اﻷرض ﻟﻴﻔﺴﺪ ﻓﻴﻬﺎ وﻳﻬﻠﻚ اﻟﺤﺮث‬،‫وﻫﻮ أﻟﺪ اﻟﺨﺼﺎم‬

{‫واﻟﻨﺴﻞ واﷲ ﻻ ﻳﺤﺐ اﻟﻔﺴﺎد‬

“Nama keessaa isa waa’ee jiruu dunyaa keessatti


jechi isaa si dinqisiisuutu jira. Ammaakan odoo
keessaan mormutti cimaa waan onnee isaa keessaa
irratti Rabbi ragaa godhatuutu jira. Yeroo achi
garagale dachii balleessuu fi hundee akkasumaas
ilmoo bayladaa ajjeesuuf fiiga.Rabbiin yakka hin
jaalatu.’’Ilmoon dachii jiraachisuu,ishee keessatti
bakka bu’uu fi ishee keessa taa’uuf toltu ilmoo
karaa fuudhaatiin argamte.
Ilmoo karaa sagaggaaluutiin argamtee miti

21
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

2-Qananii lubbuu fi qaamaati:


Fuuni dhiiraa fi dubartoota hundumaaf qananii
duniyaa gurguddoo keessaa ishee cimtuu
qopheessaaf.
Qananiin tun iddoo lamatti qoodamti:
-tasgabbi fi haara galfii lubbuu
-Qanani’uu fi mi’aa qaamaan argamtuudha.
Rabbiin akkana jdhe:

‫}وﻣﻦ آﻳﺎﺗﻪ أن ﺧﻠﻖ ﻟﻜﻢ ﻣﻦ أﻧﻔﺴﻜﻢ أزواﺟﺎً ﻟﺘﺴﻜﻨﻮا إﻟﻴﻬﺎ وﺟﻌﻞ ﺑﻴﻨﻜﻢ‬

(21 :‫ﻣﻮدة ورﺣﻤﺔ إن ﻓﻲ ذﻟﻚ ﻵﻳﺎت ﻟﻘﻮم ﻳﺘﻔﻜﺮون{ )اﻟﺮوم‬

“Namuma akka keessanii irraa niitii itti haara


galfattan isinii uumee, jaalalaa fi rahmata jidduu
keessanitti godhuun mallattoolee dandeettii Rabbii
irraayi. Dhudunaan, kanneen keessatti warreen
xinxalaniif gorssaatu jira’’ (Arruum:21)
Dubartitti hara galfiin: hara galfii lubbuutii fi
haragalfii qaamaa ofitti hammata.Fuudhaan haara
galfiin shari’aan barbaadamaa dha.Akka Rabbiinuu
jedhe’’yeroo Zeydi dhimma issee irraa fixate ishee

22
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

sitti heerumsiifne.’’Kuni waa’ee Zeynab(ra)


keessatti. Dubartootatti qanani’uun Rabbi
Gabbarinsa guutuu ta’uu hin
dhabamsiisu.Nabiyyicha (saw) nuu duree warra
Rabbi gabbaruu fi sodaatuu ta’uu waliin
akkana.jedhe;’’Duniyaa teessanirraa shittoofi
dubartootaatuna biratti jaalatame.Gammachuun ija
kiyyaas salaata keessa naaf godhamte.’’
Asirratti shitttoo fi dubartiita jaalatuun Nabiyyicha
(saw) ergamaa Rabbii ta’uu fi duree warra Rabbi
Sodaatuu ta’uu isa hin dhoorgine.
Kanaafuu, Rabbiin akkana jechuun isaaf ballise:

‫}ﻳﺎ أﻳﻬﺎ اﻟﻨﺒﻲ إﻧﺎ أﺣﻠﻠﻨﺎ ﻟﻚ أزواﺟﻚ اﻟﻼﺗﻲ آﺗﻴﺖ أﺟﻮرﻫﻦ وﻣﺎ ﻣﻠﻜﺖ‬

‫ﻳﻤﻴﻨﻚ ﻣﻤﺎ أﻓﺎء اﷲ ﻋﻠﻴﻚ وﺑﻨﺎت ﻋﻤﻚ وﺑﻨﺎت ﻋﻤﺎﺗﻚ وﺑﻨﺎت ﺧﺎﻟﻚ‬

‫ واﻣﺮأة ﻣﺆﻣﻨﺔ إن وﻫﺒﺖ ﻧﻔﺴﻬﺎ ﻟﻠﻨﺒﻲ‬،‫وﺑﻨﺎت ﺧﺎﻻﺗﻚ اﻟﻼﺗﻲ ﻫﺎﺟﺮن ﻣﻌﻚ‬

.‫{ اﻵﻳﺔ‬..‫إن أراد اﻟﻨﺒﻲ أن ﻳﺴﺘﻨﻜﺤﻬﺎ ﺧﺎﻟﺼﺔ ﻟﻚ ﻣﻦ دوﻧﺎﻟﻤﺆﻣﻨﻴﻦ‬

“Yaa Nabiyyicha! Nuti warree kee kan mahrii


isaanii kennitee fi wantoota sirratti deebise irraa

23
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

gabroota mirgikee dhunfattees halaal siif


goone.Dubara adeera keetii,dubara adaadota
keetiis,dubara eesumman keetiis,dubara
haboowwaan keetii kan sii wajjiin
godaananiisdubara haboowwan keetii kan sii
wajjiin godaananiis halaal siif goone.Intala amantes
yoo lubbuu ishee Nabiyyichaaf of kennitee,
Nabiyyichi ishee fuudhuu fedhe halaal gooneef.Tan
boodaa tun mu’uumintootaaf odoo hin ta’in suma
qofaaf halaali.’’

3-Guutomins ilmaa ga’uu dha.


Hikmaan sadaffaa fuudha keessatti sadarkaa
gootomina ilmaan namaa ga’uudha.Gurbaan
gaaddisa fuudha shari’aakan isa keessatti Rabbiin
mirgaa fi dirqamaas ofumaa qoodinsa haqqummaa,
tolaa fi rahmata irratti hunda’ee qoode saniin malee
guutumina ilma namaa ga’u hin danda’u.
Dimshaasumatti, hawaasni tokkoon tokkoon isaa,
dhiiraa fi dhubaraaniis nagaya ta’ee hawaasa
fuudha shari’aa irratti hundaa’ee dha. Kanaan ala

24
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

hawaasni sirrii ta’e inuma hin argamu,hawaasa


diigamaa,jallaa fi faca’aa malee.

4-Jireenya kana jaaruu irratti wal gargaaruu:


Jireenyi nuti lafa gubbaa jiraannukun hawaasaa
wallin akka jiraannu dirqama nutti godha.
Hawaasni imoo jaarmaya guddaa wantaa bay’ee
irraa ijaaramuu dha.aa Wantoota hawaasini ittiin
ijaaramu keessaa inni duraa dhiira ta’uu dubartii
ta’uu nama tokkoo dha
Wantoonnikun kaayyoolee afran hawaasni
ijaaramuu fi waan ta’eef fuuldura keetti godhu:
Ilmoo,qananii, guutomina ilmoo namaa ga’uu fi
jireenya ijaaruuf waliin jiraachuu dha.

Akkamitti shariika jireenyaa filatta?!


Kaayyoolee afran darban akka fuuni keenya
guutuu ta’uuf of dura kaayuun dirqama ta’uu
barree,yeroo garii muraasa ishee dhabuuni
dandeenya.sababni isaas wanta fedhii fi dandeettii
abbaa manaa fi haadha manaatiin alaakan akka

25
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

ilmoo dhabuu faadha. Yeroo tokko tokko immoo


hanqina hujii keenyaarra kan ka’e ta’uu danda’a.
Fkn filannoo balleessuu fi haala jireenya haadha
manaa fi abbaa manaa wallaaluu irraa kan dhufe
ta’uu danda’a.Wanti nuti karaa ittiin irraa fagaachu
barbaaduutti jirru isa kana.
Durarratti, gurbaa fi intala irrattiis dirqama ta’u
wanta filannoon wal qabatu.kan akka dubartii
fudhuuf taatu maal guuttachuu qabdii faadha-
Akkasuma gurbaaniis yoo maalfaa qabaate
heerumuutu nama baasa waan jedhu.
Wantoo kana akka armaan gadiitti haa ilaalu:

1. Mul’ata
Ilmi namaa mullata isaa yoo ilaalate,mullataa fi
uumaa keessaa wantoota ittiin wal dhaban
baay’eetu jira. Kan akka dheerina, gabaabinaa fi
bifaa,isaanumaanuu sadarkaa addaa qabaatuu
danda’u. Walumaa galatti dachii keessatti ilmaan
namaa yoo ilaalte tokko kaaniin wal hin fakkaatu
waan ta’eef hanga ta’etti kan walitti dhihaatuus

26
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

waan ittiin wal dhabunuma qaba. Saniifuu wal


dhabinni uumaa fi bocaakun yeroo wal dhaba
haalaa fi amalaatiin wal cinaa qabane gatii guddaa
hin qabu.
Irra dhugaan fakkeenya wal dhabuu sif namaa
jecha Ergamaati(saw):

‫]اﻟﻨﺎس ﻣﻌﺎدن ﻛﻤﻌﺎدن اﻟﺬﻫﺐ واﻟﻔﻀﺔ وﺧﻴﺎرﻫﻢ ﻓﻲ اﻟﺠﺎﻫﻠﻴﺔ ﺧﻴﺎرﻫﻢ ﻓﻲ‬

[‫اﻹﺳﻼم إذا ﻓﻘﻬﻮا‬

“Namni akkuma uumaan bu’uura ziqeeyaa fi


meetaa wal dhabutti namniis wal dhaba; isaan
keessaakanodoo islaamummaa hin seenin
filatamoo yeroo amantii baratan filatamoo dha.’’
Dhugumatti, bu’uura ilma namaa beekuun waan
akkaan jabaatu waan ta’eef namni hundi hin beeku.
Garuu galmi isaa namoonni haalaa fi amala
beekamaa ta’een adda ta’uun nibeekama. Wanti
jabaan: haalli sabootaa, sablammootaa fi gosootaa
waldhabina waan qabuuf odoo fuudhatti hin galin

27
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

dura bu’ura hundee namaa ilaaluun nurratti


dirqama ta’e.
Isheen tun uumamaan bu’ura iddu galaati malee
kan dirqama waliigalaa miti. Yeroo tokko tokko
ummata lugna keessaa gootni ni argama.
Akkasumaas ummata naamusa hin qabne keessaa
dubartiin tikfamtuu taate ni argamti.
Dimshaashamatti,gurbaan shamarree nama akka
taate qoratuun dirqama, shamarreeniis gurbaa
nama akkam akka ta’e qoratuun dirqama.
Fakkeenya armaan gadii kana ilaali: yeroo Abii
Xalhaan odoo mushrika kaafira ta’ee jiruu intala
muslima taate, ummu suleymi kaadhimatu akkana
jetteen: ‘’Yaa Abaa xalhaa! Wallaahi! Namni akka
keetii kun silaa hin deeffamu. Garuuati garba
kaafira,
ani immoo intala muslima waaniin ta’eef ati naaf
halaalii miti.yoo islaamofte sunumaatu mahrii
kiyyaa!!!’’ Jechi intalti beekuun tuni’’ Ati namni
akka keetii kun silaa hin deebifamu’’ jette kun

28
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

hiikni isaa silaa kufrii qabaatuu baattee dubartiin


dhiiira keessa jiraatuu isaa hawwitu qaba
jechuuudha.

2. Amantii
Amantiin karaa rabbiin ilma namaa kana sifa isaa
keessatti guutuu godhuuf, akkasumaas haalaa fi
amala isaa guutuu godhuuf buuseedha.
Akkasumaas nama wajjiin jiraachuu fi duniyaa
tana keessatti akkaataa guutuu dhugummaa fi
gammmachuu mirkaneessitu irratti akka godhuuf
buuse. Kanaafuu diin kun yeroo bu’ura
namummaa gaarii isaanii waliin yoo wal qunname
waan dinqii hoojjata.

Dhugaan amantii qabaatuun waan


dhokotaadha; sababni isaas haqiiqqaan diin
hanga gubbaa kana waliin wal qabattu
caalaa keessa wal qabatti. Fakkeenyaaf,
namni areeda dhiifatee, anfarroos
gabaabsatee, muslimoota waliinj hiriira

29
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

salaataa keessa dhaabbate hundi nama


dhugaan amanee diin qabate hin ta’u. Kuni
gubbaa isaa waan ta’eef, kuni takkee gosa
munaafiqummaatii fi aadaaf ta’uutu mala.

Akkasumaas dubartiiniis, hijaabni dirqama


islaamaa ta’uu waliin gubbaan kun gaaroomina,
diinii fi beekkumsa diin irratti ni qajeelcha. Garuu
raga kallattii nuuf hin ta’u. Takkee hojiin kun gosa
munaafiqummaa, fakkaatuu fi aadaaf ta’uutu mala.
Abbaa manaa gaarii fi niitii garii yeroo jennu kan
amantii dhugaa gara guddaatti qaban kana irratti
tiikfatan jechuudha. Kana haasa’uun keenya akka
gariin dargaggootaa garii shamarranii qolola
gubbaa kana ilaalanii akka hin gufanneef jecha.
Akkasumaas shamarran gariiniis dargaggoota
mueraasa gubbuma kana ilaalanii akka hin
dogongorreefidha. Kanaafuu, umar binu khaxxaab
(r.a) gurbaa tokko gaafatee “abalu ni beektaa?”
Jennaan, gurbaan “eeyyeen niin beeka” jedhee
achumaan umar “diinaaraa fi diraama isa waliin

30
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

hoojjatee?” Jennaan, gurban “lakkii jedhe.” Yeroo


kana umar “erga akkas taatee hin beektu jedheen.”
Dimshaashumatti, amantii dhugaa beekuuf
ejjannoo ofii waliin hoojjatuun barbaachisaadha.
Ejjannoon dhiirti maallaqaan hoojjattu keessatti
qabdu rakkisaa waan ta’eef yoo yeroo maallaqaan
hoojjattu bamaanaa guutuu danda’e isa bira
jiraatuu irratti mallattoodha. Dubartiiniis
akkasuma kan duniyaa ishee sobdu ta’uu baannaan
diin qabattu irratti mallattoodha.

3. Jaalala
Baay’een namootaa fuudhuu kajeelanii irra guddaa
yaada isaanii fuudha dura jaalalti argamuu irratti
rarraaasuu. Gariin immoo jaalala ulaagaa fuudhaa
kan bu’uraa godhee ilaala. Yaadni kun fedhii ykn
maalummaa fuudhaa wallaaluu irraa dhufe.
Akkasumaas, uumaa waliin jireenya dhiiraa fi
dubraa wallaaluu irraa madda. Jecha jaalala jedhu
hiikkatuu keessatti namni wal dhaba guddaa qaba.

31
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Echi jaalala jedhu onneen uumaa fi xabii’aadhaan


gara waanta tokkoo dabuus ta’uu danda’a.
Fakkeenyaaf akka ilmaan abboota isaanii jaalachu,
akkasumaas abboonni ilmaan ifii jaalachuu.
Ammaas gurbaan uumaadhaan dubartii jaalachuu
irratti wan uumameef dubartiiniis faalluma kanaa
dhiira jaalachuu irratti waan uumamteef isaan
lachuu gara faallaa ofiitti dabuudha. Akkasumaas
jechi jaalala jedhu namni tokko gara gosoota
nyaataa, uffataa fi wantoota ijaan ilaalaman kan
nama harkisanitti dabuu irrattiis ni dubbatama.

Dimshaashumatti jechi jaalala jedhu akka afaaniitti


onneen gara wanta tokkootti dabuu irratti
dubbatama. Garuu jechi jaalalaa kun hiika
dogoggoraa saala walii faallaa jidduutti
raawwatamu qofa irratti hoojjisiifamee ittiin
beekame waan ta’eef hiikni kun daangaalee ykn
kaayyoo jecha kanaa gaarii bareedaa kan ta’e irraa
balleeffamee hafeera. Dhugaa yoo dubbanne
hariiroo gidduu saala lamaan faallaatti seeraan ala

32
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

argamtuuf jechi sirrii zinaa fi saggaggaalummaa


jecha jedhu ta’uu qaba. Sababni isaas jechoota
qulqulluu bareedoo ta’an hiika fokkotaa qofaaf
kaa’uun afaanii fi dhandhama mi’aa afaan keessatti
argamu balleessa. Akkasumaas amantii fi naamusa
diiga waan ta’eef jechi jaalala jedhu hiika isaa kan
sirrii keessatti hoojjisiifamuu qaba. Gabaabumatti
jaalala waan jedhu hiika isaa kan akka afaaniitii fi
shari’aattiis sirrii ta’een beeknee manneen keenya
ololaa fi shakkii irratti odoo hin ijaarre dhugaa
irratti ijaaruun dirqama.

Dhumarratti, jaalalti guutuun dhiiraa fi dubartii


gidduutti erga wal fuudhanii malee argamuu hin
danda’u. Kanaafuu, fuudhaa fi heeruma dura
jaalalti argamu matuma uumaadhaan dhiirti tokko
gara intala takkaatti jallachuu malee guutuu ta’ee
hin argamu. Keessaahuu jaalala bifa kanaa ololaa fi
abjuutu isaan lamaan gidduutti guddisee dabala
waan ta’eef abjuun hirriibaan alaa bu’aa hin qabu.

33
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

4. Horii fi duruma:
Haala guutumattuu irraa hafuu hin qabne kan
gidduu namaattiis wal dhabbiin keesssa hin
jirrerraa tokko nama fuudhaaf ka’e keessatti
durummaan ulaagaa dha. Irra xiqqaan durumaa
kadhaarraa waan ofiin danda’u qabaachuu fi
dirqama abbaa manummaatiin dhaabbachuudha.
Hayyannoonni hadiisaa ergamaa rabbi(saw) kana
yeroo hiikan akkana jedhu: “ yaa garee
dargaggootaa! Isin keessaa namni ba’aa
fuudhaatiin dhaabbachuu danda’e haa fuudhu.”
Jechai ba’aa jedhu baasii dhiirri niitii jiraachisuuf
baasuutu itti fedhame. Islaamummaan, nikaa
hidhuun kani fayyaa ta’u, akkasumaas nikaan kan
itti fufuu danda’u dhiirri qallaba baasuu irratti
danda’aa ta’uu ulaagaa godhe. Garuu namoonni
yeroo ammaa kana gurbaa keessatti wanni isaan
ulaagaa godhatanii ilaalan fuula namaa irraa
duroomuu fi kadhaarraa qulqullaawuu qofa osoo
hint a’in baay’ina horii namticha fuudhuuf

34
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

deemuuti ilaalu. Kuniis kan eegalame erga jireenyi


dinagdee guddaa ta’ee namoota birratti argamee fi
erga wantoonni qananii jireenya addunyaatiif
barbaachisan kan of nama dagachiisan dhufanii fi
miidhagina gatiin isaa daangaa hin qabne
kuugfatuun erga namatti banamee boodaahi.

Muslimtoonni immmoo nama fuudha barbaade


sooreessa irraa wanti isaan gaafatan akkamitti
qabeenya isaa san argate kan jedhu qofa. Kuni
gaafatamuuniis erga yeroo ammaa kana keessatti
karaan ittiin qabeenya argatan bade qumaara,
dhalaa fii gumboon irra guddaa karaa qabeenyi
ittiin argamuu taate boodaahi. Kuniis kani argame
yeroo wallaaallli haaraan biyya fudhate kana
keessatti. Jireenyi ammaantanaa gatii ilma namaa
tan dhugaa balleessitee jirti. Suniis ramadamaa
mootummaa isa godhuudhaan nama hunda iddoo
isaa kan hin ta’initti agarta.

35
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Karaa dubartootaatiin yoo ilaalle akka dhiirarraa


dureessa ta’uun barbaachisutti dubartiirraa
barbaachisaa miti. Keessaahuu hawaasa laafinaan
dhiirti waan isaaniif gahu hoojjachuu danda’u
keessatti dubartiin hiijjachuun barbaachisaa miti.
Garuu, hawaasa harka qalleessa hojiin dubartiitii fi
qabeenyi ishee jireenyaaf iddoo guddaa qabaate
keesssatti dubartiin masruufa jireenyaa baasuu
keessatti hirmaattuu tahuun barbaachisaadha. Kun
immoo jireenyi baduu keessaa isa guddaadha.
Akkasumaas balaa guddaa qaroomina warra lixaa
irraa gara keenya dhufeedha. Sababa kanaan fuul
dura dubartii keessatti ba’aa jireenyaa lamaatu
argama:

1. Ba’aa ulfaa, dahumsa, ilmaan guddisuu fi


waa’ee manaatiin dhaabbatuu dha
2. Jiruu fii jireenya hoojjachuu fi masruufa
manaatiif alatti ba’uu dha.

36
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Asirratti wantoota nama dinqisiisan akka


armaan gadiitti haa ilaallu:

Namoonni dubartiin manarraa baatee akka


hoojjattu deeggaran haadhoolee keessaa mana
nagayaa kan tasgabbii akkasumaas ilmaan
nagayaa kan qaban hin jiran. Isaan sun aalama
hunda keessatti yeroo ilaalte niitiilee jireenyi
isaanii faca’ee fii kan jireenyaan sobaman ta’uu
argita. Faallaa kanaa haadhooliin dhugaatii fi
warreen nagaya ta’an aalama keessaa iddoo
hundatti sagalee isaanii ol kaasuun dubartiin
dirqama lamaaf barbaadamuun miidhaa dha
jedhanii lallabaa jiran. Dirqamni lamaaniis
dirqama uumaa kan akka ulfa baachuu,
hoosisuu fii ilmaan guddisuu. Dirqamni kuun
immoo dirqama hawaasa dubartii miidhu
keessatti argamu kan akka maatii masruufuu
irratti hirmaatuutii fii hawaasa dinagdee dhaan
guddatan ijaaruu keessatti kan argamuu dha

37
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Durumti dhaalmayaa ykn kan dubartii karaa


hojii guyyaatiin argatte wantoota dhiira baay’ee
karaa laafaan sooramuu barbaadan kakaasanii
dha. Nabiyyichi (saw) sababa dhiirti dubartoota
fuudhuuf kajeeltu yeroo dubbatu akkana jedhe:
“dubartiin waa afuriif fuudhamti.” Wantoota
afran keessaa tokko horii akka ta’e dubbate.
Kanaafuu, horiin wanta dubartii fuudhuuf
nama kakaasu keessaa tokko kan ta’u yoo harka
dubartii tiikfamtuu arjummaa qabdu qabeenya
ishii sanirraa mana ishee keessatti baaftu tan
debitee waan san hin himanne yoo taate qofaa
dha. Kuniis akka ulaagaa ta’ee kan fudhatamu
yoo gurbaa intala dureettii fuudhuuf kajeelu
horii isii qofa osoo hin ta’in amantiiniis wajji
jiraattee yoo ilaalamte qofa. Faallaa kanaa yoo
horii malee wanta barbaadu kan biraa hin qabne
yoo ta’e sababa fuudhaatiin gara horiitti achi
tarkaanfachuu kan barbaadu yoo ta’e kun
fuudhaa mitii waanuma biraati. Akka yaada

38
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

kiyyaatti wal ta’iin fuudhaa kan niyyaa kanaan


adeemsifame akka shari’aatti qulqulluu ta’ee
hin ilaalamu.

5. Haalaa fi amala
Ammaan dura odoo fuudhatti hin galle bu’ura
qulqulluu ilma namaa irraa barbaachisu beeynee
jirra. Bu’urri qulqullina ilma namaa suniis waan
abbaan ofiif godhatu osoo hin ta’in hojii rabbiiti.
Ragaan kanaa hadiisa qulqulluu keessatti
ergamaan rabbii (saw) sahaabiyyicha zeyd al
kheyri jedhamuun akkana jedhe “haala lama kan
rabbi fii ergamaan isaa jaalatantu si keessatti
argama. Isaaniis oobsaa fii suuta deemuu dha.”
Achumaan zeeydiin akkana jedhe “yaa ergamaa
rabbi haalli lamaan sun kaniin irratti uumame moo
kaniin ofiif uummmadhe?” Jedhee gaafannaan,
nabiyyichi akkana jedhe: “lakkii kan irratti
uumamtee dha.” Hadiisni kun kan inni argisiisu
bsahaabiyichi kun obsaa fii suuta deemuu odoo
muslima hint a’in dura haalaa fii amala uumaa

39
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

isaaf ta’anii qabaachuu isaa argisiisa. Ergasii


amantiiniis barbaachisaa ta’ee kan ilaalamu yoo
gubbaa qofa osoo hin ta’in amantii dhugaa kan
nama miidhuu, dabuu fii karaa malee deemuurraa
nama dhoorku yoo ta’e qofaa dha. Faallaa kanaa
haalaa fii amalli fokkotaan bu’urri namummaa
fokkotaa ta’uurraa dhalata. Akkasumaas amantii
sobaa ykn diin dharaa irratti guddachu irraa
argama. Kanaafuu rabbiin akkana jedhe:

{‫ واﻟﺰاﻧﻴﺔ ﻻ ﻳﻨﻜﺤﻬﺎ إﻻ زان أو ﻣﺸﺮك‬،‫}اﻟﺰاﻧﻲ ﻻ ﻳﻨﻜﺢ إﻻ زاﻧﻴﺔ أو ﻣﺸﺮﻛﺔ‬

“Sagaggaalaan sagaggaaltuu ykn mushriktittii


malee hin fuudhu. Sagaggaaltuus gurbaa
sagaggaalaa ykn gurbaa mushrikaa malee namni
biraa ishee hin fuudhu.”

kan ayaaata kanarra ballina qabu jecha rabbiiti:


“dubartoonni fokkatoon dhiira fokkatoon malu.
Dhiiroonni fokkatooniis dubartoota fokkatoofi.
Dubartoonni qulqulluun dhiiroota qulqulluufi

40
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

dhiiroonni qulqulluuniis dubartoota qulqulluufi.”


Qulqullinaa fii fokkinatti kan fedhame qulqullina
haalaa fii amalaa yoo ta’u, fokkinniis fokkina
haalaa fii amala bu’uraa fii amantii keessatti isaan
qabanii dha.

6. Bareedina
Bareedinni sifaata gurbaa fii intaltiis barbaadaa
jiranii dha. Sifti tun gubbaallee taatu wajjiin
jireenya itti fufuu fii wal ta’inni kan hogayyuu
ta’uuf dhiibbaa cimaa qaba. Ilmi namaa uumaa isaa
keessatti kan waan hundarra bareedullee yoo ta’e
jidduu isaaniitti yeroo wal dorgomsiifaman wal
caalmaya guddaa qabu. Ammaas ilmi namaa qabxii
bareedina jedhu irrattillee yoo walii gale bareedinni
akkam akka ta’e tokko tokkoon murteessuu fii
dameelee isaa keessatti wal dhaba waan ta’eef
ergamaan rabbii (saw) akkana jedhe: “tokkoon
keessan yeroo intala takka ilaallatu gara waan ishee
fuudhutti isa waamu ilaalachuu yoo danda’e haa
hoojjatu.” Hadiisa kana keessatti nnabiyyichi

41
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

qabxiilee gurbaa gara intala fuudhuutti kakaaftu


odoo hin tarreessin isumarratti irkisee dhiise.

Dhugumatti nabiyyichi kallattii bareedina ulaagaa


godhuu jabeessuurraa kan ka’e hadiisa qulqulluu
keessatti mughiiraan bin shu’ubaa yeroo fuudhuuf
intala ansaaraa takka qaadhimate nabiyyichi (saw):
“ishii ilaallattee” jedhee gaafannaan, mughiiraan
“hin ilaallanne.” Jedhe. Achumaan nabiyyichi
akkana jedheen: “deemii ilaalladhu! Dhugumatti
jaalalti jidduu keessanitti turuuf ilaallachuutu
murteessaa dha.” Kun ajaja waan ta’eef
ilaallachuun dirqama ta’uu murteessa. Hadiisa
biraa keessattiis ergamaan akkana jedhe: “tokkoon
keessan yeroo dubartii qaadhimatu ishee haa
ilaallatu.” Ilaallatuun asitti dubbatame kun
bareedinaa fii dhaabaa dhaabbata ishee barbaaduu
waan ta’eef fokkotaa miti. Akkasumaas diinii fii
haalaa fii amala bareedaa dhaan wal hin faalleessu.
Ammaas gurbaan intala takka waan fokkottuu
taateef fuudhuu dhiisuun hammaa miti, diin

42
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

keessaa fii haala gaarii keessaahiis nama hin baasu.


Sababni isaa intalti takka nabiyyicha (saw) bira
dhuftee ani siif of kenne jennaan nabiyyichi
gubbaarraa hanga jalaatti akkasumaas jalarraa
hanga gubbaatti erga ilaalee booda gara dachii
ilaalee waan isiin bareedduu hin ta’iniif fuudhuu
ishee jibbee callise. Achumaan sahaabiyyichi tokko
lafaa ka’ee akana jedhe: “yaa ergamaa rabbi(saw)
yoo isheetti dhimma hin qabaatin ishee naaf
kenni.” Jennaan nabiyyichi qur’ana ishee barsiisuu
irratti isaaf kenne. Akkasumaas gurbaan tokko
intala bareeddu argee ishee fuudhu kajeeluun
amantii, gaaroominaa fii naamusa guutuu wajjiin
wal hin faalleessu.sababni isaas nabiyyichi (saw)
caalaa namaa kan ta’e juweeyriyyaa binti al haaris
erga boojihamtoota keessatti isii argee
bareedumminaa fii miidhagina isheetiif fuudhe.
Sababaa sanitti heerumni ishee maatii isii hundaaf
toltuu baay’ee isaan hundaaf wal ga’u ta’ee
argame.

43
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Dimshaashumatti waan gurbaan intala keessatti


barbaadu intaltiniis akkasuma gurbaa keessatti
akka jiraatu ni barbaaddi. Yoo dubartiin walumaa
galatti barbaadamtuu ta’uu malee tan hin
barbaanne taatellee gurbaan bareedaan miidhagu
akka isiif dhufu eeguun haala gaarii fii
tasgabbummaa intala muslimaatii wajjiin wal
hinfaalleessu. Kanarraa ka’uudhaan intalti
muslimaa yoo amantii fii naamusa qabaatellee
gurbaa bareedaa hin tahin diduu mirga qabdi.
Ragaan isaas ergamaan rabbii (saw) qeeysi bin
shammaasii fii haadha mana isaas waan inni
fokkotaa ta’eef isheen jibbinaan adda baase. Kun
jiraachuun sodaa fii diina ishee hin faalleessu.

7. Dubrummaa
Dubrummaa fii dardarummaan intalaa fii gurbaa
birattiis fuudha keessatti sifa jaalatamtuu
taateedha. Sababni isaas ergamaa rabbiirraa (saw)
akka hadiisa jaabir kan bukhaarii fii muslim
keessatti gabaafame keessatti akkana jechuun

44
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

dhufeera. Nabiyyichi jaabiriin maal fuute? Jedhee


gaafannaan gursummeetiin (tan heerumtee baate)
fuudhe yaa ergamaa rabbii jedheen. Achumaan
nabiyyichiis akkana jedheen: “intala dubraa tan
ishee taphachiiftu tan isheeniis si taphachiiftu
maaliif hin fuudhin.” Sababni intalti dubrummaa
qabdu fuudhamtuuf akka hadiisa kana keessatti
ibsametti wajjiin taphachuufi. Sababni isaas intalti
dubraa waan heerumtee hin beekneef qaamaa fi
qalbii ishees qunnamtii ishee kan jalqabaatiif
gurbaa dhiiraatii wajjiin dabarsuuf itti dhimmamti
waan ta’eef nabiyyichi (saw) irratti kakaase.
Walumaa galatti dubrummaan sifa fuudharratti
nama kakaastu tan namni itti bololu keessaa sifa
jaalatamtuu dha. Garuu yoo dhimmi barbaachisaan
dubrummaa hin barbaachifne jiraate malee. Akuma
ergamaa rabbiituu jaabir yeroo inni sababa
gursummeettii fuudheef dhiheeffatee akkana jedhu
irraa qeebaletti: “abbaan kiyya Lola uhud keessatti
dubara sagal (9) anarratti dhiisee waan du’eef

45
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

fakkaattuma isaanii isaanitti dabaluu waaniin hin


barbaadiniif tan isaan walitti naaf qabdee mataa
isaanirraa filuun isaan tajaajiltu barbaadee
fuudhe.” Jennaan ergamaan rabbii (saw): “erga
akkas ta’ee tolchite.” Jedheen.

8. Beekkamtummaa fii ol aantummaa


Hadiisa qulqulluu keessatti beekkamtummaan
sababa dhiirti dubartii takka fuudhuuf kakaaftu
keessaa tokko jechuun dhufeera. Olaantummaan
jedhame sun intala beekkamtuu sadarkaa fii iddoo
bareedaa qabdu ta’uu agarsiisullee akka aadaatti
har’aan tana dubartii tiikfamtuu taatetu irraa
fedhame jedhanii fassaruun hiika sirrii miti.
Olaantummaa fii beekkamtummaan jiraachuun
horii fii durummaa qabaachuu of keessatti hin
hammatu. Sababni isaas namni tokko beekamaa fii
olaanaa ta’uu wajjiin qabeenya qabaachuu
dhabuun ni mala. Fakkeenyaaf haatim ax-xaa’iin
gosa isaa keessatti odoo dureessa hin ta’in bokkuu
isaanii ture. Akkasumaas gosti banuu haashim

46
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

odoo qabeenya baay’ee hin qabaatin


beekkamtummaa fii olaantummaa keessatti fiixee
turan. Islaamummaan hundeen ilma namaa takka
ta’uu fii arabootaa fii namoonni biro soda rabbiitiin
malee wal hin caalan jechuuttillee nama waamu
garuu haalaa fi amala caaloo ta’an keessatti wal
dorgommiin akka jiru himee jira. Haalaa fii
amaloonni islaamummaa isii qabaachuutti
ajajuudhaan dhufte hundinuu yoo uumaan
qulqullii fii haalli bareedaan isaaf gargaaru yoo
wajji jiraate malee guutuu ta’ee hin argamu.
Dimshaashumatti olaantummaa fii
beekkamtummaa iddoo isaanii qulqulluu keessa
kaa’uu qabna. Olaantummaa fii beekkamtummaan
hiika isaanii qulqulluudhaan bu’ura bareedaa,
haalaa fii amala gaarii fii amantii ta’uu qaba.
Fakkeenyaaf dubartiin olaantummaa qabdu takka
amantii fii haalli bareedaan abbaa manaarratti ol
ta’uu irraa ishee tiksu odoo hin argamin fuul dura
abbaa manaatti mataa jajjabaachuu irratti isii

47
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

kakaasa. Sababa kanaan ga’een dhiirti mana


keessatti ishee wajjiin jiraachuu irratti qabdu ni
barbadaawa waan ta’eef dubartiin
beekkamtummaa fii olaantummaa qabaachuu
wajjiin abbaa manaatti boontu heerumni ishii sirrii
fii heeruma gammachuu ta’ee hin ilaalamu.
Akkasumaas dubartiin dhiira ga’ee isaa gad dhiisee
sadarkaa itti gaafatamummaa fii dhiirummaa
keessaa bahee wajjiin jiraattu jireenyi isii jireenya
gammachuutii miti. Dhiirti rakkataaniis kan odoo
hin jaalatin dubartii isa tuffattu tan isarraa ol
hiixattuu wajjiin jiraatuu dha.

Qaadhimchuu

Seeraa fii naamusa qaadhimachuu:


Qaadhimachuu yeroo jedhamu jala bultii fii seensa
ittiin gara nikaah hidhuu ittiin seenan yoo ta’u
matummaan isaatuu fuudharratti wal tahuu gama
lamaaniin argame beeksisuu jalqabaati.

48
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Qaadhimachuu shari’aarratti adeemsisuuf


tarkaanfiileen armaan gadii kun fudhatamuu qaba.

1. Odoo hin qaadhimanne intala ilaallachuu:


Nama onnee isaa keessa jaalalti intala takkaa buute
odoo hin qaadhimatin intala san ilaallachuun
hadiisoota asii gadii kanarra dhaabbachuun
dirqama ta’a.

a) Hadiisa mughiiraa bin shu’ubaa (ra)


keessatti yeroo inni intala taka qaadhimatuu
barbaadu nabiyyichi (saw) akkana jedheen:
“ishii laalladhu jaalalti jidduu keessanitti itti
fufuuf isaatu murteessa.” Abaa daawuud
waan hin ta’in imaamman shantu gabaase.
b) Hadiisa abii hureeyraa keessatti: “gurbaan
tokko intala takka qaadhimachuu
barbaannaan nabiyyichi (saw) akkana
jedheen: “dhugumatti ija ansaarootaa
keessatti waatu jira waan ta’eef isii
ilaalladhu. Ahmadii fi nasa’iitu gabaase.

49
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Hadiisa keessatti ilaallachuu fi akkaataa isaa


daangeessuun hin jiru waan ta’eef qaama isheerraa
wanta fuul dura alagaatti agarsiisuu dandeessu kan
akka fuulaa fi shanacha lamaanii (salaftootaa fi
beektoota jidduutti wal dhabni jiraachuun wajjiin)
kanuma qofa laaluudha moo waan kana hin
tahiniis ilaallachuun ni gaya moo hin gayu jechuu
keessatti wal dhabaatu jira. Beektoonni muraasni
iddoo kanatti jabeessuun akkana jedhe:
“qaadhimachuuf ilaallachuun fuulaa fii shanacha
lamaan malee hin ga’u.” Gariin immoo baay’ee
ballisuun wanta aadaatti islaamni hayyama godhu
hunda halaal godhan. Karaan lachuu kan duraa
jabeessuu keessa daangaa dabruudha kan boodaa
immoo hanqina qabaachuudhaan duubatti hafaa
waan ta’eef yaadni giddu galeessi akka sirrii ta’e
beekkamaa dha. Kanaafuu nabiyyichi(saw) akkana
jedhe: “ tokkoon keessan yeroo dubartii
qaadhimachuu barbaade, wanta gara ishee

50
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

fuudhuutti isa waamu yoo ilaallachuu danda’e haa


hoojjachu. Ahmadii fi abii daawuudiitu gabaase.

Hadiisni kun yoo qulqulluu ta’e fuulaa fi shanacha


lamaan irra baay’ee ta’uuf ragaa dha. Dhugumatti
garii salaftootaa irraa isaan yeroo qaadhimatan
fuulaa fi shanacha lamaan malee ilaallatuun
dhufeera.

2. Dubartii wajjiin kophaa bahuun hayyamamaa


miti.
Kun akkuma jirutti ta’ee odoo fuudhuu kajeelellee
intala alagaatiin kophaa bahuun hadiisoota baay’ee
raga godhachuudhaan hayyamamaa akka hin ta’in
beekkamaa dha. Fakkeenyaaf hadiisni jaabir kan
ahmad biratti argamu akkana jedha: “namni rabbi
fi guyyaa aakhiraatti amanu intala firri ishee wajji
hin jirreen akka kophaa hin bane. Sababni isaas
sheeyxaanni sadaffaa isaan lamaanii waan ta’uuf
dhoorgame.” Ammaas hadiisni uqbaa bin aamir
kan bukaarii fi ahmed keessatti argamu Ergamaan
Rabbii (saw) : “dubartoota bira seenuu eeggadhaa.”

51
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Jennaan gurbaan ansaaraa tokko akkana jedhe:


“yaa ergamaa rabbii! Fira abbaa manaa yoo ta’e hoo
akkami?” Achumaan nabiyyichi (saw): “firri abbaa
manaa du’a jedhee deebiseef.” Hadiisoota kanarraa
ka’uun dubartii alagaa (ormaa) wajjiin kopha
bhuun odoo fuudhuu barbaadellee yoo fira
intalaatii wajji jiraate malee akka hayyamamaa hin
ta’in beekuun dirqama.

3. Qaadhimachuu namaa gubbaan


qaadhimachuu:
Odoo nama tokkoof hin murteeffamin gurbaa
tokko gubbaan kan lammaffaa, kan sadaffaas
akkasumaas sanii oliis waan yeroo takkatti hin
ta’iniin qaadhimachuun ni danda’ama. Garuu erga
nama tokkoof murteeffamtee booda gubbaan
qaadhimachuun dhoorgamaa dha. Sababni isaas
hawaasa muslimaa keessa diinummaa fi jibbannaa
waan facaasuuf dhoorgaa cimaa dhoorgame.
Nabiyyichi (saw) akkana jedhe: “hanga fuudhutti
ykn dhiisutti qaadhimatuu obboleessa isaa

52
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

gubbaan gurbaan tokko hin qaadhimne.”


Bukhaariitu gabaase.

Gabaasa biraatiin nabiyyichi akkana jedhe:


“gurbaan hanga inni dura qaadhimate dhiisutti ykn
inni qaadhimate sun isaaf hayyamutti
qaadhimachuu gurbaa gubbaan akka hin
qaadhimanne.” Ahmadii fi nasa’iitu
gabaase.

Wanti kun odoo argamee murtiin isaa maal ta’a?

Beektoonni gariin akka jedhanitti nikaahn inni


lammaffaa gubbaan qaadhimatee baduun isa
jalqabaatti deebifamti jedhanii murteessan.
Ulamoonni gariin immoo nikkhn yoo hidhame hin
badu garuu akka shari’aatti inni lammaffaa kun
adabamuu qaba jedhan. Haa ta’u malee yaadni inni
gaariin qaadhimuun walii galtee hayyamamaa
waan ta’eef qur’aanaa fi hadiisa keessatti nikaahn
baduun ala wanti biraa ni fuudhama kan jedhu hin
dhufne. Kanaafuu qaadhimachuu gubbaan

53
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

qaadhimachuun biro yoo argame inni lammaffaa


badii raawwachuun ilaalama malee nikaahn ni
bada hin jennu. Garuu qaadhimachuu isaa irraa
deebi’uun dirqama. Duniyaa fi aakhiraattiis isaa fi
namoonni waan kana irratti wal ta’an intalaas ta’ee
firri ishees adaba haqa godhatu. Dimshaashumatti
walii galtee fuudhaa keessatti jaalatuun bu’ura
waan ta’eef goonkuma odoo jibbaan jiruu walii
galtee uumuun hin hayyamamu.

4. Iddaa keessa qaadhimachuu


Iddaa keessa qaadhimachuu dubartootaatiif yeroo
fi akkaataan waan jiruuf irratti jeeynoomuun hin
hayyamamu. Yeroo fi akkaataan akka armaan gadii
kana fakkaata

a) Iddaa dubartii hiikkamtee qulqullooftee fi


tan hin qulqullaawin: iddaa dubartii
hiikamtee keessatti hanga yeroon dhumtutti
qaadhimachuun hin hayyamamu. Sababni
isaas isheen hiikamtee hin qulqullaawin tan

54
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

hiikkaan lamaa fi takka irratti hafte waan


iddaa keessa jirtuun haada fuudhaatiin
qabamtee jirti. Tan hiikamtee qulqulloofte
ammoo dhiirsa duraattillee erga kan
biraatiin fuudhamtee hiikamtee booda malee
yoo deebi’uun hin taanellee ishee iddaa
keessa jirtu qaadhimachuun hayyamamuu
dhabuu irratti walii galteetu jira.
Akkasumaas qur’aanaa fi hadiisa keessattiis
wanti waan kana hayyamu hin dhufne. Kun
akkuma jiruun ta’ee ishee qaadhimuu
keessatti cinaan dubbatuunuu hin
hayyamamu.
b) Iddaa du’aa: intala dhiirsi irraa du’e hanga
baatii afurii fi bultiin kudhan isheerra
darbutti ykn yoo ulfa qabaatte hanga ulfa
ishee deessutti namni tokko qaadhimachuuf
dhufuun hin hayyamamu. Garuu
qaadhimachuu ishee odoo dirree hin basin
mooggaan itti akeekuun ni hayyamama.

55
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Fakkeenyaaf: ani dubartii caaltuu taateen


barbaadaa jira odoo argadhee niin hawwa.
Jechoonni akkanaatii fi k.k.f kan fuudha
kajeeluu argisiisan kallattumaan hin
dubbatamin malee ni haayyamama. Rabbiin
(sw) akkana jedhe:

‫}وﻻﺟﻨﺎح ﻋﻠﻴﻜﻢ ﻓﻴﻤﺎ ﻋﺮﺿﺘﻢ ﺑﻪ ﻣﻦ ﺧﻄﺒﺔ اﻟﻨﺴﺎء أو أﻛﻨﻨﺘﻢ ﻓﻲ‬

‫ وﻟﻜﻦ ﻻ ﺗﻮاﻋﺪوﻫﻦ ﺳﺮاً إﻻ‬،‫أﻧﻔﺴﻜﻢ ﻋﻠﻢ اﷲ أﻧﻜﻢ ﺳﺘﺬﻛﺮوﻧﻬﻦ‬

‫ وﻻ ﺗﻌﺰﻣﻮا ﻋﻘﺪة اﻟﻨﻜﺎح ﺣﺘﻰ ﻳﺒﻠﻎ اﻟﻜﺘﺎب‬،ً‫أن ﺗﻘﻮﻟﻮا ﻗﻮﻻً ﻣﻌﺮوﻓﺎ‬

‫أﺟﻠﻪ واﻋﻠﻤﻮا أن اﷲ ﻳﻌﻠﻢ ﻣﺎ ﻓﻲ أﻧﻔﺴﻜﻢ ﻓﺎﺣﺬروﻩ واﻋﻠﻤﻮا أن‬

. (‫ )اﻟﺒﻘﺮة‬.. {‫اﷲ ﻏﻔﻮر ﺣﻠﻴﻢ‬ “qaadhimuu

dubartootaarraa waan mooggaan dubbattan


keessatti ykn of keessatti dhooksitan
keessatti diliin isinirra hin jiru. Fuul dura
akka isaan dubbatuu teessan beekeeti kan
armaan olii isiniif hayyama godhe. Garuu
yoo jecha beekkamaa olitti dubbatame san
taate malee dhoksaan fuudhuu isaaniif

56
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

beellama hin godhinaa. Hanga iddaan


bakkaa saa gahutti nikaah hidhuu hin
argamsiisinaa. Ammaas rabbiin waan isin
keessaa akka beeku beekaatii isa sodaadhaa.
Ammaas dhugumatti rabbiin namaaf
araaramaa, oobsaa akka ta’ees beekaa.”
(al baqraa)

Yaadachiisa: qaadhimachuu shari’aan alaa


kan yeroo ammaa jiru:

Murtiilee darban irraa qaadhimachuun


shari’aa islaamaa keessatti walii galtee
gurbaa fi intalaa waan ta’eef intala
qaadhimamtuurraa qaadhimachuun dura
ishii ilaallachuu malee waan tokkollee akka
halaal hin goone ta’uun mul’ataa dha.
Akasumaas wal ta’ii sana diiguun akka
humaatuu namarra hin finne mul’ataa dha.
Ammaas wal ta’ii saniif ragaan jiraachuun
ulaagaa miti. Garuu ragoota biratti yoo

57
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

xumuramte dhoorgaan hin jiru.


Qaadhimachuun kun nikaah hidhuu sababa
isaatiin mirgaa dirqamoonni baay’een isaan
lamaaniif ta’e irratti dhaabbatuuf karaa
banuu dha.

Qaadhimachuun seeraan alaa kan olitti


dubbatame irraa faallaa kan ta’e namoonni
tokko tokko qaadhimachuun wal ta’ii
wantoota hunda halaal gootu jedhanii ilaalu.
Fakkeenyaaf nikaahn dura ilaaluu, wajjiin
kophaa bahuu fi qunnamtii saalaa malee
wanta hunda keessatti wajjiin qanani’uu
faadha. Kanarraa ka’uudhaan wal ta’iin
qaadhimachuu kun fuul dura raagduu fi
ragootaatti mahrii dhiheessuun
raawwatamti. Sababa kanaan qaadhimachuu
kana keessatti wal ga’ii fi wal mariin gidduu
ummatootaatti wantoota hedduu
raawwachuun hoojjatama.sana booda balaan
kun gara muslimtootaatti as darbee

58
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

qaadhimachuurratti aadaa fi wantoota tokko


tokko kan akka hamartii (qubeelaa) walii
kennuu, dhugaatii adda addaa qopheessuu
fi mahriis walii kennuun raawwatamaara.
Sana booda namni qaadhimate akkuma
abbaa manaatti Ishii qaadhimateen kophaa
bahuu fi imalaas wajji deemuun argama.
Inumaa waliin qanani’uu isaanii wal
qunnamtii saalaa waan hin ta’in namni dura
dhaabbatu hin jiru. Kun shari’aalee
dabduudhaan waluma qixa.
Dimshaashumatti obboleeyyan keenya kan
muslimtootaa aadaalee fokkattuu karaa
warra jallatee hordofuun fuudhaa fi
heeruma keessa galte irraa baqachiifna.
Akkasumaas qaadhimachuu keessatti
beeksisuu fi labsuun qofti akka gahu ni
hubachiifna.

Namtichii qadhimaatu qadhiimaamtu isaa


wantuma namonni biraa irratti mul’achuu

59
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

dandaa’an malee isaaf hin hayyamaamu.ammaas


hamartiilee walii kannuun musliimtoota keessa
facaa’ullee shari’aa biroorra dhufe waan ta’eef
gonkumaa facaa’un isaa hayyamamaa isaa hin
godhu.kanaa irra ka’uun qadhiimataan tokko
qadhiimamtu isaa yoo dhisee gurbaa irrattii yookin
intalaa irratti dhibaan humaatu hin jiru.sabaabni
isaa akka amaantti islaamatti qadhimaatu jechuun
adeemsa waal fudhuu irratti walii galuu waan
ta’eef waali galtee saan yoo digees waal makkaatufi
mahrii kanuun waan hin argaaminiif dhibbaan isa
irra gahu hin jiru.ammo yeroo namtichii
qadhimaachuu keessatti waantoota tokko tokko
kenuun kaan daangaa darbee yoo ta’ee wal ta’ii
balleessuun isa bira kan argaame yoo ta’ee akka
yaadaatti wantoota kannee sanaa deefachuu birgaa
hin qabuu.ragaan isaa jechaa nabiyyichaati:”namni
kenna isaa keessatti debi’ee akka saree haqiisee
haqiisaa isatti debi’uuti.” Kanafuu kennaan
gurbaan intaala fudhuu fedheef kennee yeroo innii

60
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

laalaachuusaa dhiise wan isii kennee keessatti


debii’u mirgaa hin qabu.faallaa kanaan kanaa yoo
tan waalta’i diydee ishee taate waan isaa irraa
fudhaatee debiisuufiin ishii irratti
dirqaama.sabaabni isaas gaafa ofii hikkaa barbaade
mahrii isaa debiisuun nikaa isaa jalaa of baafti
waan ta’eef.

Ulaagalee nikaa hidhuuf barbaachisaan:


Gabaabumaatti ulaagaleen nikaa hidhuuf
barbaachisaan: jaalachu,fira
intaala,ragoota,mahrii,tikfaamu,hiriiyyummaa fi
jechaa nikaa hidhuu argiisiisaan.ishiin tuun
ulaagalee torba ibsii ishee bal’iinaan akka armaan
gadii kanaa fakkaata:

1, jaalatuu:
Waltaa’iin fudhaa filaanno waan ta’eef karuuma
tokkoolleenu isaa keessa nama dirquun jiraachuu
hin qabuu.sabaabni isaas fuuni jireenya hadhaa
manaatiifi abba mana wajjiin waan wal qabaatuuf

61
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

akkaasumaas fulduraa isaan lamaanittiifi kan


ilmaan isaan lamaani waan ta’eef qamnii biraa kaan
isaan dirquu keessaa galuun hin
hayyaamammuu.wanni kun dhiraa keesaatti yoo
ta’ee waldhaabbi humaatu hin qabu.intaaala
keessatti immoo waldhaabnii jiraatullee bu’uurri
nutii jalaa deemnu jechaa
nabiyyiichaati(sw):”gursuumeyttiiin firaa ishii irraa
lubbuu ishiitti mirgaa guutu qabdii.intaalti durbaa
immoo lubbu ishee keesaattii hayyamaa
gafaatamuu qabdii. Hayyamnii ishee caliisu dha.”
Gamtaa warreen hadiisatu gabaase

Gabaaasa abu huyraa keesaatti:”gursuumeeytiin


hangaa itti marii’aatamtutti hin kannaamtu.intaalli
durbaas hangaa hayyaamni ishee gaafaatamuttii
hin heruumsifaamtu.”Ergaamaan Rabbii (sw)
jennaaan sahaabonni akkanaa jedhaan: yaa
ergamaa rabbii! Hayyaamni ishee akkamii? Jennaan
nabiyyichii:”caliisuu dha” jedheen. Jama’aatu
gabaase

62
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Ragaalleen kun huduu dubaarti gursuumeeytiis


ta’ee intaala durbaas heruumsiisu keessatti dirquun
akka hin jirree agarsiisu.gursuumeytii fi intaala
durbaa jiddutti garaagarummaan akkataa hayyama
itti godhaan keessatti malee garaagarummaa hin
qabaan.sabaabni isaas adaatti gursuumeyttiin
wa’ee heruuma keessa galtee dubaaatu hin
saalfatuu waan taatef ifuumaaf qadhiimattee
yookin jaalatte fira isheetin na kennii jechuu hin
saalfattuu.kanaafu nabiyyichii(sw) ittii
marii’ataamtii jecha jdhuu fayyadaame.itti
marii’ataamtti jechuun ajaaja isheetu
barbaadama.itaalli durbaa immoo baayiinaan waan
saalfaatuf karaa firaattin qadhiimaamtee firrii ishii
irra hayyamaa fudhaata.yoo afaaniin bafaattee
dubbatee yookin caliifte jaalachuu agarsiisa waan
ta’eef ni herumsiifaamttii yoo diddee immoo
dirqiisifamuu hin qabdu.gariin imaamootaafi
bektoota fuudha nabiiyyichhi aysha odoo waggaa
jaha taan hayyaama kennachuu hin beekne fuudhe

63
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

raga godhaachuun murtii intaltii durbaa hayyamaa


kennatuu qabdi jedhuu kanaa falleesanii
jiraan.garuu nabiyyichii fuudha keessatti adda
addumma baayee waaan qabaaniif ragaan kanaa
keessatti isaaniif hin jiru.fakkenyaaf nabiyyichii
afur irra dabaalee fuudhu ni dandaa’a.akkasumaas
dubaarti dubaartii isaaf of kennitee firaaa fi
ragootaan maleetti fudhuu mirgaa qabu.

Intaala dubraa dirqaani kennuun dogoonggoraa


akka taa’e irratti ragaan hadiisa ibnu abbaas
gabaase kanaatu ragaa dha: intaalti dubraa takka
nabiyyicha biraa dhufuun akka odoo isheen jibiitu
abbaan heruumsiise himaanaan nabiyyichii (sw)
ishee filaachisee .ragaaaleen waan kanaa irratti
qajeelchaan baayeetu jiru.

2, fira intaalaa:
Dubaartiin takka ofuuma nikhaa hitee of
heruumsiisuun umaa fi ilaalchaaniis fudhaaatama
hin qabu.akkasumaas maqa fudhaatiin badii fi

64
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

sagaggaalummattii karaa nama gessuu waan ta’eef


sharii’aan akka firrii intaala nikhaa hidhuu ulaaga
gote.bu’uurri firrii intaala raga ta’uu keessatti jecha
nabiyyichii (sw):”nikhaan firaan malee hin jiru.”
Jedhee fi ammaas dubaartiin hayyamaa isheettin
malee heruumte heruumni ishee sharii’a keessa
bakka hin qabu, heruumni ishee sharii’a keessa
bakka hin qabu, heruumni ishee sharii’a keessa
bakka hin qabu.yoo isii wajjiin jiraate waan qama
saala ishii haalalfateef mahriin isheef kenaamun
dirqaama.fironni yoo mormaanii kennuu didaan
mootichii firaa nama fira hin qabnettii. Nasaa’i
waan hin ta’iin imaaman shanaantu gabaase

3. Ragoota lama:
Nikhaa hidhuun sirrii ta’uuf ragaan sirrii lama
irratti hirmaachu qabu.waan kanaa keessatti
hadiisota baayee ta’aan kan tuqaa fi laafina qabantu
dhuferra.garuu irra baayeen namoota beekusa
qabaan kan muslimtoota irra ta’aan wan kana
irratti hojjaachaa turaan.fakkeenyaaf ibnu

65
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

abbaas,aliyyii fi umar wanta kanaa fatwa


godhaan.imaammaan afran irrahis ahmad,shafi’ii fi
abu haniifaan waan kanaa murteessaan.

4. Mahrii:
Sharii’aan ogeetti taate nikhaa hidhuun sirrii ta’uuf
mahriin gurbaa irraa intaalaf akka kannnaamtu
raga goote.ragaan kanaa jechaa rabbitti:

‫}وآﺗﻮا اﻟﻨﺴﺎء ﺻﺪﻗﺎﺗﻬﻦ ﻧﺤﻠﺔ ﻓﺈن ﻃﺒﻦ ﻟﻜﻢ ﻋﻦ ﺷﻲء ﻣﻨﻪ ﻧﻔﺴﺎً ﻓﻜﻠﻮﻩ‬

{ً‫ﻫﻨﻴﺌﺎً ﻣﺮﻳﺌﺎ‬

“dubartootaaf mahrii isaani kennumaa kennaaf.yoo


waan isaarra ta’ee gammaachuun isiiniif kanaaan
gaarii liqiimfamaa haala ta’een nyaadha.” Ayannii
tuun maluumma mahrii kennaa fi gumachaa
dirqaama ta’uu ibsiite.dhunfaa intaala waan taatef
abba mana isheettiif waan isaa irra tahe kanuu fi
dandeessi.akkasumaas dhirsaa isheettiif wan
hayyaama isiitiin kenaameef rakkinaan maleetti
nyaatun ni hayyaamamaaf.mahri rogaa kanaan

66
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

ilaalutu roga gatii qama saalati jedhuun ilaalutuu


caala.sabaabni isaas funii bitaa fi gurguurtaa osoo
hin ta’iin walittii hidhaa qulquulluu ta’e kan
jireenya itti fufuufi bu’alee wal jijjiiruf akkasumaas
waltahii fi jaalaala ittii fuufa qabu argamsiisuf tahe
qofa.

Mahriin kennaafi gumachaa waan taheef sharii’a


keessatti irra xiqqa fi baayee isaa dangeessuun hin
dhufne.wanni dhiifameef dandeeytiin nama adda
addaa waan tahef. Ergaaaman Rabbi (sw) gurbaa
musliimtoota irra tahee tokko waan innii mahrii
hin qabneef ayaatoota quraana irra tahe barsiisu
irratti intaala takka isaaf heruumsiiserra.sharii’an
mahriif dangaa godhuullee batuu musliimtootaaf
jiddu-galeessa filaatun jaalatamaa taherra.ammas
mahri qalessuun garaa badii adda addatti waan
nama gessuuf irra dhowaamerra.

67
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

5. Badii irraa tiikfamuu


Rabbiin muslimarratti intala muslimaa tiikfamtuu
fii intala warreen kitaaba kennamanii tiikfamtuu
malee akka hin fuune dhoorgee jira. Ragaan isaa
jecha rabbi ol aaneeti: “sagaagalaan sagaagaltuu
malee ykn mushriktittii malee hin fuudhu
akkasumaas sagaagaltuun sagaagalaa malee ykn
mushrika malee ishee hin fuudhu. Suni
mumintoota irratti dhoorgameera.” Akkasumaas
intala warra kitaaba kennamanii jechuuniis
yahuudiyyittii fi nasraanittii keessatti rabbiin
akkana ja’e:

‫}اﻟﻴﻮم أﺣﻞ ﻟﻜﻢ اﻟﻄﻴﺒﺎت وﻃﻌﺎم اﻟﺬﻳﻦ أوﺗﻮا اﻟﻜﺘﺎب ﺣﻞ ﻟﻜﻢ وﻃﻌﺎﻣﻜﻢ‬

‫ﺣﻞ ﻟﻬﻢ واﻟﻤﺤﺼﻨﺎت ﻣﻦ اﻟﻤﺆﻣﻨﺎت واﻟﻤﺤﺼﻨﺎت ﻣﻦ اﻟﺬﻳﻦ أوﺗﻮا اﻟﻜﺘﺎب‬

.‫ اﻵﻳﺔ‬.. {‫ﻣﻦ ﻗﺒﻠﻜﻢ‬

“Har’a wantoonni qulqulluun isiniif halaal


godhaman foon warreen kitaaba kennaman
qalaniis isiniif halaali, akkasuma foon isin qaltaniis

68
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

isaaniif halaali. Ammaas dubartoonni mumintootaa


tiikfamoo kan tahanii fi dubartoonni warreen
isiniin dura kitaaba kennamanirraa ta’an tikfamoo
kan ta’an isiniif halaal godhamaniiru.” Kun
dubartoota mumintootaas ta’ee kan warra kitaaba
kennamaniis ta’ee sagaagaluurraa qulqulluu ta’an
malee fuudhuun akka hin hayyamamin ibsa.
Tiikfamtuu yeroo jedhamu ishee waan fokkottuu
hoojjachuurraa dahoon ishee dhoorgu jiru jechuu
dha. Asirraa ka’uun dubartiin waan fokkotaa
hoojjachuun beekkamte ykn gara sanitti nama
yaamuun beekkamte nama muslimaatiif yoo
fuudhan ni qajeelti jechuu hamiluun ykn sababaa
fuudhaatiin ni sirroofti jechuu yaaduun fuudhuun
hin hayyamamu jechuu argisiisa. Akkasuma dhiirri
sagaagaaluun beekkame intalti muslimaa isa
heerumuu jaalachuun ykn itti heerumuuf
adeemuun sirrii miti ta’uu argisiisa.

69
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

6. Hiriyyummaa
Heerumni sirrii ta’uuf abbaan manaatiifi haati
manaa wal gituun ulaagaa dha. Wal gituu keessaa
wantoota shari’aan fudhattee bu’ura gooteetu jira.
Sana malees wantoota shari’aan fudhatama
dhoorgitreetu jira. Wal gitni shari’aa keessatti
fudhatama qabu kan fuuni sirrii ta’uufiis shari’aan
ulaagaa goote amantiin gurbaa fi intalaa wal
gituudha. Sababni isaas amantiin madaala bu’uraa
kan itiin namni madaala rabbii keessa galu waan
taateefi. Kanaafuu fuudhaa fi heeruma keessatti
ilaalchi jalqabaa wal gita amantii jara lamaanii ta’ee
fudhatame. Fakkeenyaaf isaan lamaanirraa tokko
keessa shirkiin yoo jiraate wal fuudhuuf ulaagaaan
waan dhabameef shirkiin isaan lamaan akka wal
hin fuune ni dhoorka. Ragaan kanaa jecha rabbiiti:

‫}وﻻ ﺗﻨﻜﺤﻮا اﻟﻤﺸﺮﻛﺎت ﺣﺘﻰ ﻳﺆﻣﻦ وﻷﻣﺔ ﻣﺆﻣﻨﺔ ﺧﻴﺮ ﻣﻦ ﻣﺸﺮﻛﺔ وﻟﻮ‬

‫ وﻻ ﺗﻨﻜﺤﻮا اﻟﻤﺸﺮﻛﻴﻦ ﺣﺘﻰ ﻳﺆﻣﻨﻮا وﻟﻌﺒﺪ ﻣﺆﻣﻦ ﺧﻴﺮ ﻣﻦ ﻣﺸﺮك‬،‫أﻋﺠﺒﺘﻜﻢ‬

70
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

{‫وﻟﻮ أﻋﺠﺒﻜﻢ أوﻟﺌﻚ ﻳﺪﻋﻮن إﻟﻰ اﻟﻨﺎر واﷲ ﻳﺪﻋﻮ إﻟﻰ اﻟﺠﻨﺔ واﻟﻤﻐﻔﺮة ﺑﺈذﻧﻪ‬

.‫ اﻵﻳﺔ‬..

“dubartoota mushrikaa yoo amanan malee hin


fuudhinaa wallaahii gabrittii amanteetu intala
mushrikaa odoo isin jaalachiiftellee irra caala.
Akkasumaas dhiira mushriktootaatti yoo amanan
malee dubartoota keessan itti hin heerumsiisinaa
wallaahii gabricha amaneetu gurbaa mushrikaarra
odoo isin jaalachiisellee caala. Sababni isaas
mushriktoonni ibiddatti waamu. Rabbiin immoo
hayyama isaatiin gara jannataa fi araaramaatti
waama.”

Garuu murtii aayata kanaa keessaa dhiirri


muslimaa dubartii warra kitaabaa yahuudittiis ta’e
nasraanittii fuudhuun akka danda’amu aayata
armaan gadii kanaan keessaa baheera: “har’a
wantoonni qulqulluun isiniif halaal godhaman foon
warreen kitaaba kennaman qalaniis isiniif halaali,

71
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

akkasuma foon isin qaltaniis isaaniif halaali.


Ammaas dubartoonni mumintootaa tiikfamoo kan
tahanii fi dubartoonni warreen isiniin dura kitaaba
kennamanirraa ta’an tikfamoo kan ta’an isiniif
halaal godhamaniiru. ” asirratti aayata boodaa
kanaan intala warra kitaabaa fuudhuun akka
danda’amu nuuf ibsaeera. Garuu isheen tiikfamtuu
ta’uudhaan daangeeffamte. Sababni dubartii warra
kitaabaa fuudhuun halaal godhameef warreen
amantii lamaanii islaamummaatti akka seenan
qalbii isaanii harkisuufi. Dhugumatti wanti kun
ummanni shaamii fi misraa akka islaamummaa
keessa galaniif iddoo guddaa qabaatuu ture. Kana
jechuun ummanni biyyoota lamaanii sababa
araboonni muslimtoota ta’an dubartoota isaanii
fuudhanii ilmaan isaanii islaamummaarratti
guddataniif namoonni baay’een amantii seenee
ture. Dimshaashumatti wanti jabaan murtiin kun
qur’aanaa fi hadiisaan mirkanaa’ee jiraachuu yoo
ta’u hanga guyyaa qiyaamaatti fira isaa beekuun

72
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

dirqama ta’uun wajjiin itti fufa. Firri isaa ilmoon


sababa laafina eenyummaa abbaa manaatiin ykn
sababa biyyoota muslima hin ta’in keessa
jiraachuutiin gara amantii haadhaatti geeddaramuu
dhabuu dha. Dhugumatti muslimtoonni sababa
kanatti balaa hamaadhaan tuqameera.

Gabrichi gabrittuma akka isaa malee hin fuudhu.


Akkasumaas bilisni bilistittii malee hin fuudhu.
Garuu rabbiin waan kana keessaa gabrittii
muslimaa namani bilisaa haaramirraa tiikfamuuf
yoo bilistittii muslimaa fuudhuu dadhabe fuudhuu
keessaa baaseera. Ragaan isaa jecha rabbiiti:

‫}وﻣﻦ ﻟﻢ ﻳﺴﺘﻄﻊ ﻣﻨﻜﻢ ﻃﻮﻻً أن ﻳﻨﻜﺢ اﻟﻤﺤﺼﻨﺎت اﻟﻤﺆﻣﻨﺎت ﻓﻤﻤﺎ ﻣﻠﻜﺖ‬

‫أﻳﻤﺎﻧﻜﻢ ﻣﻦ ﻓﺘﻴﺎﺗﻜﻢ اﻟﻤﺆﻣﻨﺎت واﷲ أﻋﻠﻢ ﺑﺈﻳﻤﺎﻧﻜﻢ ﺑﻌﻀﻜﻢ ﻣﻦ ﺑﻌﺾ‬

‫ﻓﺄﻧﻜﺤﻮﻫﻦ ﺑﺈذن أﻫﻠﻬﻦ وآﺗﻮﻫﻦ أﺟﻮرﻫﻦ ﺑﺎﻟﻤﻌﺮوف ﻣﺤﺼﻨﺎت ﻏﻴﺮ‬

{‫ﻣﺴﺎﻓﺤﺎت وﻻ ﻣﺘﺨﺬات أﺧﺪان‬

73
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

“isinrraa namni dubartoota mu’umintoota ta’an


fuudhuuf dandeettii dhabe waan harki keessan
dhuunfatte keessaa shamarran gabrootaa kan
mu’umintoota ta’an fuudhaa! Gariin keessan
gariirraa waan taataniif iimaana keessan
rabbumaatu beekaa hayyama warra isaaniitiin
fuudhaa! Ammaas mahrii isaanii akka beekkametti
isaaniif kennaa. ” Ergasii rabbiin xumura aayata
kanaa keessatti akkana jedhe: “gabroota
muslimtoota ta’an fuudhuun sun isinirraa nama
zinaa sodaateef hayyamama. Garuu isaan
fuudhuurra obsuutu irra isiniif caala.” Sababni
gabroota muslimtoota ta’an fuudhuun jibbameef
isheen hojii gooftaa isheetiin waan qabamtuufi.
Akkasumaas ilmaan isheetiis waan gabroota
ta’aniifi. Ammallee ilmaan haadha hordofan waan
ta’aniif gara haadhaatti achi harkifamu. Sababaa
saniif gabrummaa haadha keesssaatiin injifatamanii
gabri baay’ata waan ta’aniifi.

74
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Faallaa kanaa gabrittii warra kitaabaa irraa taatee fi


majuustittii jala murame fuudhuun hin
hayyamamu. Dimshaashumatti wal gita ta’uu qaba
yeroo jennu amantii fi birmadummaa keessatti jarri
lamaan namoota wal fakkaatan ta’uu qaban.
Wantoonni biraa kan shari’aan hiriyyummaa
keessatti fudhatama dhoorge qabeenya, bifa, gosaa
fi sadarkaa hawaasaa faadha.

7. Jechoota nikaahn ittiin hidhamu


Ulamaa’oonni gariin jechi nikaah hidhuu keessatti
barbaaduu fi fudhachuu irratti qajeelchu argamuu
ulaagaa godhaniiru. Kana jechuuniis afaan
arabaatiin (iijaabaa fi qabuula) jedhamuun
beekkama. Gariin ulamaa’ootaa immoo jechi afaan
arabiitii ta’uu qaba nikaahn afaan arabaatiin malee
hin hidhamu kan jedhaniis jiru. Wanti isaan raga
godhatan fuuni ibaadaa waan ta’eef akkuma
ibaadaalee biraa afaan arabiitiin ta’uu qaba jedhanii
wanta qur’aana rabbii keessa hin jirre ulaagaa
godhan. Dimshaashumatti fuuni walii galtee waan

75
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

ta’eef afaan arabaatiifi kan biraatiiniis hidhuun


hayyamamaa dha. Akkasumaas walii galtee
filannoo waan ta’eef wanta ittiin walii galuun
danda’amuun kan fuudhuu jaalachuu agarsiisuun
walii kennuun ni dand’ama.

Wantoota nikaah hidhuu sirrii ta’uu


dhoorgan
Ammaan dura ulaagaalee nikaah hidhuu irratti
guuutamuu qaban dubbanneerra waan ta’eef
amma immoo wantoota sirrii ta’uu dhoorgan
dubbanna. Wantootni sun gabaabumatti fira firaaf
hidhuu, Ishii abbaa manaa qabdu, nikaah jijjiirraa,
nama saditti hiikeef halaal godhuu yaaduu, fuudha
muta’aa (koontoraata), afurii ol dabaluu, intalaa fi
obboleettii ishee ykn adaadaa ykn haboo ishee
walitti qabuu, yeroo hajji ykn umraa hidhatan
keessa nikaah hidhuu fi iddaa keessa nikaah
godhuu.

76
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

1. Firaaf nikaah hidhuu:


Rabbiin dhiirootarratti garee dubartootarraa ta’an
kan walumaa galatti firoota (mahaarin)
jedhamuudhaan kan moggaafaman sababa sadihiin
haraam godheera. Sababaaleen sadeen: firummaa
dhalootaa, soddummaa fi hoosisuu. Firummaa
dhalootaatiin kan haraam godhaman: haadha,
obboleettii, intala ofii, adaadaa, haboo, intala
obboleessaatii fi intala obboleettii. Soddummaan
kan haraam godhaman: haadha niitii ofii erga
nikaahn intala isheetti godhame, intala niitii ofii
yeroo haadha isheetii wajjiin wal qunnamee booda.
Garuu erga nikaahn hidhamee odoo ishee wajjiin
wal hin qunnamin ishii hiikee intala ishee fuudhuu
ni danda’a. Akkasumaas niitii ilmaatii fi niitii abbaa
ofii. Isaan afuran kun fira soddummaadhaan
argamaniidha. Sababni sadaffaa immoo hodhaa
yoo ta’u namoonni harma tokko waliin hodhan
gariin isaanii garii fuudhuun dhoorgamaa dha.
Akkasuma firoonni isaaniitiis akkuma fira

77
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

dhalootaatti dhoorgamaa dha. Ragaan kanaa jecha


ergamaa rabbiiti (saw): “sababa hodhaatiin
wantoonni sababa firummaa dhalootaatiin haraam
godhame ni dhoowwama.” Fakkeenyaaf harma
intala takkaa namni hodhe obboleettii isheetii fi
haadha ishees hin fuudhu. Wanti dhoorkameef
obboleettiin sadarkaa habootti waan oltuuf haati
ishee immoo sadarkaa akkoo isheetti oltiif
dhoorgama. Ilmaan ishee obboleeyyan isaa waan
ta’aniif ni dhoowwamu.

2. Fuudha jijjiirraa (ash-shighaaru)


Shighaara jechuun gurbaan intala isaa gurbaa
biraatiif intala isaa inniis akka isaa kennuuf
heerumsiisuu dha. Fuudha gosa kanaa haraam
godhuu keessatti hadiisoota qulqulluu ta’an
baay’eetu dhufe. San keessaa hadiisa ibnu umar
kan sahiiha muslim keessatti argamu:
“islaamummaa keessa jijjiirraan hin jiru.” Ammaas
hadiisa abii hureeyraa kan ahmadii fi muslim
keessa jiru: “ergamaan rabbii (saw) nikaah

78
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

shighaaraarraa ni dhoorge.” shighaara jechuun


gurbaan gurbaa biraatii akkana jechuu dha: “intala
tee naa kenni aniis intala tiyyaan siif kennaa ykn
obboleettii tiyyaan siif kennaa obboleettii tee naaf
heerumsiisi.” Fuuni gosa kanaa fudhatama hin
qabu waan ta’eef yoo mahriin ykn mahriin maleetti
godhamees faskhiin isaa dirqama. Sababni isaa
imaamu ahmadii fi abii daawuud abdurahmaan
ibnu hurmuz irraa akkana jedhanii waan
gabaasaniif: “abbaas bin abdillaah bin abbaas intala
isaa abdirrahmaan bin al-hakiimiif nikaah goonaan
abdirrahmaaniis intala isaa nikaah godheef iassn
lamaanuu wal jijjiiruu san bakka mahrii buusanii
waliif keennan.achumaan mu’aawiyaan bin abii
sufyaan akka isaan lamaan adda baasuuf xalayaa
gara marwaan bin al-hakam barreesse. Xalayaa isaa
keessatti akkana jedhe: inni kun jijjiirraa Ergamaa
Rabbii (saw) isarraa dhoorgee dha.”

Hadiisni abdallaa umar kan jama’aan gabaasan kan


isa keessatti akka Ergamaa Rabbii (saw) nikaah

79
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

jijjiirraa irraa akka dhoorge dubbatee dhuma


isaarratti dabala jecha naafi’ jijjiirraa maal akka ta’e
hiikuuf akkana jedhe : “shighaarri gurbaan intala
isaa gurbaa biraatiif akka intala isaa odoo mahriin
gidduu isaan lamaanii hin jirre isaa kennuuf
herumsiisuu dha jedhu kun taabi’iyyii waan ta’eef
bal’ina hadiisoota biraa gabaabsuu hin danda’u.”
Sababni nikaahn jijjiirraa haraam godhameef jiruun
intala jijjiirraan heerumsiifamtee jireenya intala
biraarratti rarra’a waan ta’eef salphina adda addaa
kan yoo intalti isiin ittiin jijjiiramte sun salphatte
isiiniis ittiin saaxil baati waan ta’eef akkasumaas
yoo intalti tuun hiikamte tuniis hiikkaaf saaxil baati
waan ta’eef miidhaa guddaa of keessaa qaba.
Kanumarratti dabaluun mahriin maleetti yoo wal
jijjiiraman mirga isaanii keessatti miidhaa fi
salphinni cimaan akka jiru shakkii hin qabu.

80
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

3. Nikaah Nama biraatiif halaaleessuuf


godhamu:
Fuuni gosa kanaa wanta gariin wallaaltootaatii fi
sooreeyyii akksumaas faasiqtoonni warra isaanii
battalumatti sadihitti hiikuu argamsiisanii namuma
wahi beeka fakkaatu fatwaa gaafachuun inni intalti
tun hiikamtee qulqulloofte waan taateef dhiirsa
biraa yoo heerumte ergasii hiikamte malee halaal
hin taatu yaada jedhu murtii isaanii kenninaan
duriis ta’ee ammaas ittiin hoojjachaa jiranii dha.
Kanumarraa ka’uudhaan isaan sun nikaah
fakkeessanii gurbaa biraa tokkoof nikaah erga
godhanii halkan tokko qofa wajji bulee ergasii akka
gurbaan biro fuudhuuf isheen adda baha. Kun
zinaa guddaa fi badii hanga hin qabnee dha.
Dhugumatti ergamaan rabbii (saw) nama waan
sana hoojjate abaareera. Ragaan isaa hadiisa
abdallaa bin mas’uud kan ahmadii fi tarmiiziin
gabaasanii dha: “ergamaan rabbii (saw) abbicha
namaaf halaal godhuu fi kan isaaf halaal

81
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

godhamuus ni abaare.” Abaarsi ergamaa dilii


gurguddoo namtichi ishii hoojjate rahmata
rabbiirraa ittiin fageeffamuu haqa godhatu
keessatti malee hin dhufu. Dimshaashumatti intalti
sadihitti hiikamuun jaarsa isiirraa qulqulloofte
dhiirsa isii kan jalqabaatiif akkuma rabbiinuu
jedhetti halaal hin godhamtu: “hiikkaan isa booda
deeffatuun halaal godhamu yeroo lama. Sana
booda toltuun qabachuu ykn tolumaan gad
dhiisuu. ” ergasii rabbiin akkana jedhe: “dhiirsi
duraa sadaffaa yoo hiike hanga dhiirsa biraa
heerumtutti isaaf halaalii miti. Garuu dhiirsi
lammaffaa kun yoo ishee hiike seeroota rabbii
qajeelchuu yoo of beekan walitti deebi’uu keessatti
rakkinni hin jiru. Isheen tun daangaalee rabbiin
ummata beekuuf ishii ibsuu dha.”

4. Fuudha muta’aa (koontoraataa)


Bu’urri fuudha keessatti wal-ta’ii itti fufaa waan
ta’eef abbaa manaatii fi haadha manaa gidduutti
adda bahuun wantoota afuriin malee hin ta’u.

82
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Isaaniis: hiikkaa, khul’ii (horiin of baraaruu), niitii


duugda haadhaatti fakkeessuu fi li’aana (wal-
abaaruu). Haadha manaatii fi abbaa manaa
gidduutti walii galtee isaanii yeroo murtaa’e irratti
xumuruuf nikaah hidhuun walii galtee beektoota
islaamaatiin fudhatama hin qabu. Inni kun nikaah
koontoraataa jedhamee waamama. Fuuni gosa
kanaa bara wallaalaa keessa hoojjatamaa ture.
Akkasuma ergamaaniis garii imala isaa keessatti
hayyamee ture. Garuu deebi’ee irraa dhoorge.
Ragaan keenya hadiisoota armaan gadiiti:

a) Hadiisa abdallaa mas’uud kan bukhaarii fi


muslim keessatti argamu akkana jedhe:
“odoo dubartoonni nu wajjiin hin jirre
ergamaa rabbii(saw) wajjiin akkuma lolaa
tureen of kolaafnuu jennee dubbannaan, inni
waan sanirraa nu dhoorge. Ergasii hanga
yeroo murtaa’etti dubartii uffataan fuudhuu
hayyama nuuf godhe. Uffataan fuudhuu

83
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

jechuun uffanni gatii yeroo itti qananiinee


ta’uurratti jechuu dha.”
b) Hadiisa aliyyii bin abii xaalib kan bukhaarii
fi muslim keessatti argamu kan akka
ergamaan rabbii (saw) fuudha
koontoraataatii fi foon harree mana namaa
galtuurraa bara lola kheeybar keessa
dhoorge kan dubbatuu dha.
c) Hadiisa sabraa bin ma’abad kan ahmadii fi
muslim keessa jiru kan akkana jedhu:
“sabraan nabiyyicha (saw) waliin gaafa
makka banamtu akkuma lolleen guyyaa
kudha shan (15) achi keessa teenyaan
fuudha koontoraataa hayyama nuuf godhe.”
Erga jedheen booda dhumarratti akkana
jedhe: “ hanga ergamaan rabbii(saw) isarraa
dhoorgutti makka keessaa hin bane.”
Gabaasa biraatiin ergamaan rabbii (saw)
akkana jedhe: “yaa nama! Dhugumatti
dubartii nikaah koontoraataatiin akka itti

84
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

fayyadamtan isiniif hayyameen ture. Garuu


amma dubartoota sanirraa namni wanto
tokko dhuunfaa isaa jala jiru odoo waan
kennitaniif irraa, hin fudhanne karaa haa
banuufi.” Hadiisni kun fuuni gosa kanaa
hanga guyyaa qayaamaatti haraam ta’uu
irratti raga mul’ataa dha. Garuu sahaabooota
keessa namoota muraasa haraam tahuun
yeroo hundaa kun waan irraa dhokateef
taateen dhuunfaa bara umar bin al-khaxxaab
keessa irraa argame. Kanaafuu umar
namoota keessaa lafaa ka’ee akkana je’ee
gorse: “ergamaan rabbii (saw) fuudha
koontoraataa guyyaa sadihiif akka
fayyadamnu erga hayyama nuuf godheen
booda deebi’ee isa haraam godhe. Wallaahii
kana booda nama erga fuudhee tiikfamee
booda nikaah koontoraataa fayyadame
dhagaan cafaqeen ajjeesa malee hin dhiisu.”
Ibnu maajah sanada qulqulluun gabaase.

85
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Ibnu jariir sanada isaatiin umar yeroo


ummatarratti amiira ta’u gorsa godhuun
akkana jedhe: “ergamaan rabbii (saw)
fuudha koontoraataa guyyaa sadihiif nuuf
hayyamee ergasii haraam godhe.
Dhugumatti nama erga tiikfameen booda
nikaah koontoraataa faayyadame yoon
beeke yoo ragoota afur kan akka Ergamaan
Rabbii (saw) erga haraam godheen booda isii
halaaleesse jechuu raga bahuun dhufate
malee dhagaan cafaqeen ajjeesa. Ammaas
gurbaa muslimtootarraa ta’e kan fuudha
koontoraataa fayyadame yoo raga nama afur
kan ergamaan rabbii (saw) haraam godheeti
deebi’ee halaaleesse jechuu ragaa bahuun
dhufate malee rukuttaa dhibba tokkoon
rukuta malee hin dhiisu.” Dimshaashumatti
umar sahaaboota hunda dura dhaabbatee
akkana jennaan namni tokko kan isarratti
deebisu dhabamuun haraamummaan

86
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

mirkanaawuu irratti raga nuuf ta’a. Namni


faallaa kanaatiin fatwa kenne oduma ragaa
hin beekin ofumaaf murteesse malee
beekeetii miti.

Sababa nikaahn kun haraam godhameef

Fuuni gosa kanaa haraam godhamuu keessatti


bu’aan guddaan akka jiru hin dhokatu. Sababni
isaas fuuni gosa kanaa kabajaa intalaatii fi kan
gurbaatiis qisaasuu yoo ta’u akkasuma hariiroo
gidduu isaan lamaanii fedhii ilmaaniitii fi
qubatinsarratti odoo hin ta’in qanani’uu qofarratti
olchuu of keessaa qaba. Sababni jalqaba
islaamummaa keessatti halaal ta’eef haala rakkina
muslimtoonni keessa turanii fi qabeenyi isaaniis
waan xiqqaa ta’eef akkuma namni rakkate bakhtii
(du’aa) nyaachuun halaal godhame sanatti
fudhatameeti. Ergasii rabbiin muslimtoota godhii
adda addaa itti dhangalaasuun akkasumaas tapha

87
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

bara wallaalaa keessaa gara ifa iimaanaatti isaan


baasuun sanarraa duroomse.

Nikaah hidhuu booda wantoota argaman


Wantoonni sababa nikaah hidhuutiin argaman
iddoo sadihitti qoodamu: mirgaa fi dirqama isaan
lamaan waliin qaban, mirgaa fi dirqamoota
gurbaan qofti qabu akkasumaas mirgaa fi
dirqamoota intalti qofti qabdu. Wantoota kana
hunda tokko tokkotti irraa haasoofna.

1. Wantoota isaan lamaan waliin qaban


Waliin jiraachuu fi qanani’uun halaal ta’uu: waliin
jiraachuu yeroo jennu wal makatuu fi iddoo
jireenyaa keessatti bakka takka waliin jiraachuu.
Qanani’uun immoo mi’aa jireenya qaamaatii fi
lubbuudhaa isaan lamaan waliin qooddachuu dha.
Kun haqa abbaa manaatii fi haati manaa waliin
qabaatanii dha.

88
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Dhugumatti islaamummaan gammachuu isaan


lamaaniitii fi wajjiin jireenya tolchuu gama
lamaaniin hoojjatamuu qabu keessatti wanta wabii
ta’uun dhufeera. Ragaan isaa jecha rabbiiti:

‫}وﻋﺎﺷﺮوﻫﻦ ﺑﺎﻟﻤﻌﺮوف ﻓﺈن ﻛﺮﻫﺘﻤﻮﻫﻦ ﻓﻌﺴﻰ أن ﺗﻜﺮﻫﻮا ﺷﻴﺌﺎً وﻳﺠﻌﻞ اﷲ‬

{ً‫ﻓﻴﻪ ﺧﻴﺮاً ﻛﺜﻴﺮا‬

“Dubartootaa wajjiin akka beekkametti waliin


jiraadhaa! Yoo isaan jibbitan isin wanta tokko
oduma jibbitanuu rabbiin toltuu isa keessa kaa’uun
ni mala.” Nabiyyichi (saw) dubartootaa wajji
jireenya tolchuu irratti kakaasuun isaanii baay’ee
dhaameera: “irra caalaan keessan nama niitii
isaatiif caalaa ta’ee dha. Ani tiyyaa warra kiyyaaf
caalaa keessani.” Ammaas jecha ergamaan rabbii
(saw):

89
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

‫ وإن أﻋﻮج ﺷﻲء ﻓﻲ‬.‫]اﺳﺘﻮﺻﻮا ﺑﺎﻟﻨﺴﺎء ﻓﺈن اﻟﻤﺮأة ﺧﻠﻘﺖ ﻣﻦ ﺿﻠﻊ أﻋﻮج‬

،‫ وإن ﺗﺮﻛﺘﻪ ﻟﻢ ﻳﺰل أﻋﻮج‬،‫ وإن ذﻫﺒﺖ ﺗﻘﻴﻤﻪ ﻛﺴﺮﺗﻪ‬،‫اﻟﻀﻠﻊ أﻋﻼﻩ‬

‫ ﻣﺘﻔﻖ ﻋﻠﻴﻪ‬. [‫ﻓﺎﺳﺘﻮﺻﻮا ﺑﺎﻟﻨﺴﺎء‬

“Dubartoota waliif dhaamaa! Sababni isaas


dubartoonni cinaacha jallaarraa uumaman cinaacha
keessaa akkaan jallaan gama oliiti yoo isa diriirsuu
barbaadde ni cabsita. Yoo isa dhiifte jallaa ta’urraa
hin deemu kanaafuu dubartootatti toltuu
hoojjachuu waliif dhaamaa. ” bukhaarii fi
muslimiitu gabaase.

Hadiisa biraa keessatti akkana jechuutu jira:


“gurbaan mu’umina ta’e intala mu’umina taate
guutumatti hin jibbu yoo haala tokko isii irraa jibbe
haala biraati isheerraa jaalata.” Kan armaan oliitti
dabarsine kun wajji jiraachuu, ajaja godhuu, walii
rifachuu, walii mararfatuu fi jaalala keessatti.
Qananii qaamaa keessatti immoo qajeelfamni
islaamummaa waan kana keessatti irra bareedaa

90
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

qajeelfamaati. Dhugumatti dubartoota akkaataa itti


fayyadamaa keessatti ajajni walii gala jecha rabbii
kana keessatti dhufeera:

‫}ﻧﺴﺎؤﻛﻢ ﺣﺮث ﻟﻜﻢ ﻓﺄﺗﻮا ﺣﺮﺛﻜﻢ أﻧﻰ ﺷﺌﺘﻢ وﻗﺪﻣﻮا ﻷﻧﻔﺴﻜﻢ واﺗﻘﻮا اﷲ‬

{‫واﻋﻠﻤﻮا أﻧﻜﻢ ﻣﻼﻗﻮﻩ وﺑﺸﺮ اﻟﻤﺆﻣﻨﻴﻦ‬

“Dubartoonni keessan ooyruu keessan waan


ta’aniif ooyruu teeysan aakuma feetanitti dhaqaa!
Lubbuu teeysaniif gaarii dabarfadhaa! Rabbiis
sodaadhaa akka isa qunnamtaniis beekaa!
Mu’umintoota gammachiisi.” Itti fayyadamuun
akkuma jirutti ta’ee garuu yeroo dhiiga laguu
isaanitti fayyadamuu rabbiin irraa dhoorgeera.
Sababni isaas yeroo san itti fayyadamuu keessatti
isaan lamaan irratti rakkinni waan jiruufi. Ragaan
jecha rabbiiti: “Yaa Muhammad iddoo dhiiga
laguurraa si gaafatu waan ta’eef inni rakkisaa
(najisa) dha jedhiin kanaafuu yeroo dhiiga laguu
keessatti dubartootarraa lagadhaa.” Kun akkuma

91
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

jirutti ta’ee hadiisoota qulqulluu ta’an keessatti


dubartoota dhiiga laguu qaban iddoo dhiigaa san
waan hin ta’in itti qanani’uun akka danda’amu
irratti kan qajeelchan dhufaniiru. Ammaas
hadiisootaa fi jechoonni ulamaa’ootaa sirrii kan
ta’an dubartoota iddoo ilmoof itti fayyadaman
malee bakka biraa fayyadamuun akka haraam ta’e
kan nama qajeelchan baay’inaan dhufaniiru. Kun
hunduu guutoomina amantii islaamaatii fi
qulqullina agarsiisa.

Hadiisoonni baay’een warra ofii waliin jiraachuun


ibaadaa ittiin gara rabbii dhihaatamu waan ta’eef
naamusoota tokko tokko kan waan san irratti
namaaf gargaaran ibsanii jiran. Fakkeenyaaf jecha
ergamaan rabbii (saw) hime keessatti: “warra
keessanii wajjiin jiraachuu keessatti galata
sadaqaatu jira jennaan sahaaboonni akkana jedhan
yaa ergamaan rabbii (saw) tokkoon keenya fedhii
ofii raawwachuuf itti dhaqa waan ta’eef galanni
waan san keessatti isaaf ni jiraa? Inniis akkana

92
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

jedheen odoo tokkoon keessan haraam hoojjatee


diliin isarratti jira moo hin jiru naaf himaa?
Akkasuma gaafa halaal hoojjatees galanni isaaf
ta’a.” Kanummarraa ka’uun ergamaan rabbii (saw)
barsiisaa fi leenjisaa ta’uun akkana jedhe: “tokkoon
keessan yeroo niitii isaatti dhufu odoo akkana
jedhee bismillaah allaahumma jannibna ash-
sheeyxaana wa jannibisheeyxaana maa razaqtanaa
odoo jedhee walitti dhufinsa sana keessatti ilmoon
gidduu isaan lamaaniitti yoo murteeffame ilmoo
san goonkuma sheeyxaanni hin rakkisu.”
Nasa’ii waan hin ta’in jama’aa hadiisaatu gabaase.

Kun odoo akkanaan jiruu ergamaan rabbii (saw)


iccitii yeroo walitti dhufeenyaatii fi haasawa isaas
tamsaasuurraa akkana jechuun dhoorgee jira:
“guyyaa qiyaamaa rabbi biratti namni sadarkaan
isaa hamaa ta’e gurbaa niitii wajjiin jiraatee
isheeniis isaa wajjiin erga jiraattee iccitii ishee kan
facaasuu dha.” Ahmadii fi muslimiitu gabaase.

93
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Hadiisa biraa keessatti ergamaan rabbii (saw)


akkana jedhe: “fakkiin haadha manaatii fi abbaa
manaa kan iccitii walii baasanii bittinneessan akka
sheeyxaanaatii fi sheeyxaantittii karaarratti odoo
namni laalee dhimma raawwataniiti.”

1. Wal-dhaaluu
Nikaah hidhuun qulqulluu ta’ee yeroo xumurame
isaan lamaan keessaa tokko yoo du’e kan lubbuun
jiru isa du’e sana qabeenya isaa dhaaluu danda’a.
Dhugumatti rabbiin qooda murteeffamaa ta’e
kitaaba isaa keessatti abbaa manaatiif yoo haati
manaa tan ilmoo isaas ta’ee tan nama biraas hin
qabne duute walakkaa qabeenya ishee akka
fudhatu godheefii jira. Yoo ilmoo qabaatte immoo
takka afuraffaa qabeenya ishee akka fudhatu isaaf
godheera. Akkasumaas haadha manaa yoo dhiirsi
ilmoo ishees ta’ee nama biraarraas odoo hin qabaati
du’e takka afuraffaa waan inni dhiisee rabbiin
murteesseefii jira. Garuu yoo odoo ilmoo qabuu
du’e ilmoon tan isheerraa argate ta’uus ykn tan

94
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

dubartii biroorraa argate taatuus tokko


saddeettaffaa waan inni dhiisee biraa du’ee
murteesseera. Asumarratti yoo dhiirsi du’e niitii
baay’ee qaba ta’e niitiileen isaa hunduu tokko
saddeettaffaa keessatti waliin hirmaatu. Waa’een
kanaa jecha rabbii keessatti adda baafameera:

‫ ﻓﺈن ﻛﺎن ﻟﻬﻦ وﻟﺪ‬،‫}وﻟﻜﻢ ﻧﺼﻒ ﻣﺎ ﺗﺮك أزواﺟﻜﻢ إن ﻟﻢ ﻳﻜﻦ ﻟﻬﻦ وﻟﺪ‬
‫ﻓﻠﻜﻢ اﻟﺮﺑﻊ ﻣﻤﺎ ﺗﺮﻛﻦ ﻣﻦ ﺑﻌﺪ وﺻﻴﺔ ﻳﻮﺻﻴﻦ ﺑﻬﺎ أو دﻳﻨﻮﻟﻬﻦ اﻟﺮﺑﻊ ﻣﻤﺎ ﺗﺮﻛﺘﻢ‬
‫ ﻓﺈن ﻛﺎن ﻟﻜﻢ وﻟﺪ ﻓﻠﻬﻦ اﻟﺜﻤﻦ ﻣﻤﺎ ﺗﺮﻛﺘﻢ إن ﻟﻢ ﻳﻜﻦ‬،‫إن ﻟﻢ ﻳﻜﻦ ﻟﻜﻢ وﻟﺪ‬
‫ ﻓﺈن ﻛﺎن ﻟﻜﻢ وﻟﺪ ﻓﻠﻬﻦ اﻟﺜﻤﻦ ﻣﻤﺎ ﺗﺮﻛﺘﻢ ﻣﻦ ﺑﻌﺪ وﺻﻴﺔ ﺗﻮﺻﻮن‬،‫ﻟﻜﻢ وﻟﺪ‬
،. {‫ﺑﻬﺎ أو دﻳﻦ‬
“Isin dhiirootaaf walakkaa waan niitiileen keessan
kan ilmoo hin qabne dhiisaniitu isiniif jira. Yoo
isaaniif ilmoon jira ta’e isin dhiirootaaf tokko
afuraffaa waan isaan dhiisaniitu jira. Kun erga
geessuu dhaamsa isaan dhaammatanii ykn liqii
irraa galchuuti. Isaaniif immoo yoo isin ilmoo
hinqabaatin tokko afuraffaa waan isin dhiiftaniitu
jiraafi. Yoo isiniif ilmoon jira ta’e isaaniif tokko
saddeetaffaa waan isin dhiiftaniitu jiraaf kuniis

95
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

erga dhaamsa isin dhaammattan ykn liqii isinirraa


galchuudhaatii argama.”

2. Gosummaan argamuu:
Nikaah hidhuun wal-ta’ii ilmoo dhalatte takka
gurbaa murtaa’etti irkisuu sirrii gootuudha. Ilmoo
isaan waamuun sun ulaagaa lamaan malee hin
guutamu:

a) Ilmoon dhalate sun erga nikaahn hidhamee


booda yeroo ulfi garaa haadhaatii guutamee
jiraa ta’ee dhalatu ga’aa qabaachuu
qaba.ulamaa’oota muslimtootaa keessaa
harki baay’een akka jedhanitti irra xiqqaan
yeroo ilma tokko gurbaa tokkotti irkisuun
sirrii ta’u ji’oota jaha (6) ta’uu danda’a.
Murtii kana ragaa shari’aa kan adda addaatii
fi qorannoowwan akkataa yeroo isaanii
keessa tureerraa argatan. Hadiisa qulqulluu
ta’e keessatti akkana jechuun dhufeera:
“tokkoo keessan wanti inni irraa uumamu

96
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

garaa haadha isaa keessatti guyyaa 40tti


dhangala’aa nuxfaa jedhamu ta’ee yoo
walitti qabamu, afurtama akkasiitti dhiiga
kantaraa alaqaa jedhamu ta’eeti walitti
qabama. Ergasii afurtama akasiitti foon
alanfatame ta’a. Sana booda malaa’ikichi itti
ergamuun lubbuu itti afuufa.” Hadiisni kun
lubbuun jiraachuun ulfa nama tokko erga
guyyoota 120tii malee hin argamu. Kana
jechuun ji’oota afur booda lubbuu qabaata
jechuu kenna. Asirraa ka’uun ji’a jahaan
duratti ilmoo dhalate tokko jireenyi isaan
hin barreeffamu. Dimshaashumatti barumsi
fayyaa yeroo keenya kanatti umrii ulfa
tokkoo murteessuu ni danda’a waan ta’eef
argamuun ulfa sanii nikaah hidhuun dura
ta’uufii ykn nikaahn booda ta’uun isaa ni
beekkama waan ta’eef rakkinni hin jiru.
b) Ilmoon nama tokkoon waamamuu
danda’uuf ulaagaan lammaffaa wal-

97
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

qunnamtiin argamuu dha. Ulaagaa kana abu


haniifaa waan hin ta’in ulamaa’oota
hundaatu ulaagaa ta’uu isaa murteesse.
Dimshaashumatti wal-tahii nikaadhaa
wantoota waliin qabaatan kan wal-ta’iilee
biraa keessatti argamuu hin dandeenyeetu
sababa isaatiin argama. Suniis wal-makatuu,
walitti fayyadamuu fi wal-dhaalaa
akkasumaas gosummaan mirkanaa’uu
faadha. Wantoonni kun hundinuu
barbaachisummaan isaa cimmadha waan
ta’eef wal-ta’ii fi ahdiin fuudhaa ahdii cimaa
akka rabbiin ajajetti ulaagaa fi wantoota
farra isaa ta’an irraa eegamuun
gaggeeffamuun dirqama ta’a.

98
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

2. Mirgaa fi dirqamoota sababa nikaah


hidhuutiin gurbaa qofarraa eeggaman
Islaamummaan qajeelfama isaa keessatti gara gaarii
fi toltuu hoojjachuutti qajeelcheera. Hiikkaan kanaa
gurbaa fi intalliniis gaarii fi toltuu hoojjachuutti
cimuu qaban waan ta’eef mirgaa fi dirqama
qofarratti dhaabbachuu hin qaban. Kanarraa
ka’uun waa’ee mirgaa fi dirqama wal-tahii fuudhaa
fi heerumaa keessatti barbaachisan akka armaan
gadiitti qoranna.

a) Nuti dirqama fi mirga abbaan manaa


haadha manaatii wajjin qabuu fi dirqamaa fi
mirga haati manaa abbaa manaa isheetii
wajjin qabdu keessatti daangaa adda baasu
hin qabnu waan ta’eef, garuu sararoota
dalgee ta’an qofa qabaachuu dandeenya.
b) Wal-ta’iin fuudhaa fi heerumaa maaltu naaf
dirqama akkasuma ishiifiis maaltu dirqama
ta’a jechuun jalamuramee gadi dhaabamuun
hin hayyamamu. Garuu hangam takkaan

99
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

kennuu danda’a ykn qixa kamiin


dhiheessuu danda’a jedhurratti
dhaabamuun dirqama ta’a.

1. Masruufa:
Kana jechuun dhiirti niitii isaa irratti erga
nikaahn hidhamee kaasee bifuma ta’eenuu
hanga ishiin adda bahutti isaatu masruufaan
dhaabbchuu qaba jechuu dha. Masruufni kun
dirqama haadha manaatiif barbaachisu kan
akka nyaata, uffata, iddoo jireenyaatii fi
wantoota biros of keessatti haammata. Haadha
manaarratti masruufa kanarra wanta tokko
matumaanuu qabaattuus qabaachuu baattuus
hoojjachuun isiirratti dirqamaa miti. Ragaan
kanaa jecha rabbiiti:

‫}ﻟﻴﻨﻔﻖ ذو ﺳﻌﺔ ﻣﻦ ﺳﻌﺘﻪ وﻣﻦ ﻗﺪر ﻋﻠﻴﻪ رزﻗﻪ ﻓﻠﻴﻨﻔﻖ ﻣﻤﺎ آﺗﺎﻩ اﷲ ﻻ‬

. {‫ﻳﻜﻠﻒ اﷲ ﻧﻔﺴﺎً إﻻ ﻣﺎ أﺗﺎﻫﺎ‬

100
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

“Abbaan bal’ina qabeenyaa qabu bal’ina isaa


sanirraa haa baasu! Namni sooranni isaa itti
xiqqaatees rabbiin lubbuu takka waan isii kenne
kennuutti malee hin dirqu waan ta’eef, waan
rabbiin isaaf kenne irraa haa baasu.”

2. Waliin jireenya tolchuu:


Kuniis qabiyyee bal’aa waan qabuuf seeraan
daangeessuu hin dandeenyu. Sababni isaa
waa’een wajji jireenyaa haalaa fi amala baay’ee
qabatamaan lafa kaa’amuu hin waan ta’eefi.
Fakkeenyaaf, niitiin dhiirsa isii yeroo isii arge
akka seequu fi ishee qunnamuuf hawwu abbaa
manaarraa ni barbaaddi moo hin barbaaddu?
Kun wajji jireenya tolchuurraa akka ta’e hin
shakkinu. Garuu seeraan nama waan kana hin
hoojjatin akka hoojjaturratti dirquu hin
dandeenyu. Kanaafuu dimshaashumatti
waa’een wajji jireenya tolchuu dubbii bal’aadha
waan ta’eef, wajji jireenya keessatti haalaa fi
amala bareedoo hordofuun dirqama.

101
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

3. Cimina itti gaafatamummaa:


Kana jechuun gurbaan niitii isaa sirreessuuf itti
gaafatama qaba. Akkasumaas waa’ee jireenya
bultii keessatti jecha xumuraa isaatu qaba
jechuu dha. Asirraa ka’uun gurbaan niitiin isaa
tika isaa jala waan jirtuuf itti gaafatama guddaa
qaba.cimina itti gaafatamummaa jechuun
injifatuu fi aangoo irratti laallatuu jechuu miti.
Akkasumaas yaadni gurbaa dogoggara ta’uus
ykn sirrii ta’uus ni fudhatama jechuu miti.
Dimshaashumatti cimina itti gaafatamummaa
jechuun tajaajila bareedaa fi jireenya bultii karaa
wal-mar’achuutii fi gaarii hoojjachuutiin
naanneessuu jechuu dha.

3. Wantoota sababa nikaah hidhuutiin


intala qofarraa eeggaman:
Nikaah hidhuun mirgaa fi dirqamoota dhiirsi niitii
isaarraa qabu murteessa. Dirqamoota san wantoota
sadeen dhufaa jiran keessatti gabaabsinee haa
ilaallu:

102
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

1. Ajaja godhuu:
Maatii irratti itti gaafatama cimaa guyyaa qiyaamaa
fuul duree rabbiitti gurbaan irraa gaafatama waan
ta’eef, akkasumaas duniyaa gubbatti hawaasa fuula
durattii fi fira intalaa fuula durattiis gurbaan waan
gaafatamuuf ajajni isaa godhamuun dirqama ta’a.
Kanaafuu niitiin dhiirsa ishee ajaja godhuun
tokkoffaarratti dirqama rabbiin murteesse waan
ta’eef, lammaffarraattiis tolinaa fi sirni maatii waan
murteesseef, sadaffaarratti ammaas rakkinaa fi
dirqamniis waan murteesseef ajajni isaa
godhamuun dirqama. Rakkina hoggaa jennu
uumaa fi akkaataa jireenyaa kan dhiira malee
dubartiin dhaabbachuunii hin dandeenye ta’uun
yaadameeti. Isa kana nama of tuulu malee namni
biro barbaachisaa ta’uu isaa keessatti hin falamu
ykn hin mormu.

Rakkina jireenyaa fi uumaarraa kan ka’e niitiin


abbaa manaa ajaja isaa godhuu qabdi jechuun ni
gabroomtiifi, isaaf gadi godhatti, ni injifatamti,

103
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

dogoggora isaa hunda sirriitti fudhatti jechuu miti.


Dimshaashumatti wantoota sirna islaamaatiin ajaja
namaa godhuun hayyamamu keessatti ajaja isaa
gooti jechuu dha. Sababni isaas yakka raawwachuu
keessatti uumama ajaja godhuun waan hin jirreefi.
Dirreelee keessatti ajaja godhuun dirqama ta’u
keessaa bultii itti fayyadama keessatti faadha.
Kanaa wajji wal qabsiisee hadiisoota baay’eetu
ergamaa rabbii (saw) irraa dhufaniiru: “gurbaan
yeroo niitii isaa gara firaashaatti waamnaan dhufuu
didde sababa sanatti inni isheetti dallanee bule
hanga bar’utti malaa’ikaan ishee ni abaarti.”
Bukhaarii fi muslimiitu gabaase.

2. Tajaajila kennuu:
Tajaajilli mana keessaa dirreelee ishee keessatti
ajajni abbaa manaa godhamu waan ta’eef,
akkasumaas mirga gurbaan qabu keessaa tokko
waan ta’eef niitiirratti dirqama ta’a. Asitti shari’aaf
tajaajilli sun maal fa’a akka ta’e daangeessuun hin
argamne. Kan kana daangeessu aadaa fi jireenya

104
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

naannoo ittiin jiraataniiti. Dhugumatti namoonni


niitiirratti tajaajila manaa kennuun dirqamaa miti
tajaajilli isheen kennuu qabdu ajaja firaashaa qofa
jedhanii kan yaadan baay’ee haqarra fagaatanii
jiran. Yaadni akkanaa hiikkaa nikaah hidhuu
islaamummaa keessatti yaada fokkotaan xureessuu
dha. Sababni isaa dubartoonni sahaabaa faaximaan
intalti ergamaa rabbii (saw) keessa jiraachuu wajjiin
dhiirsa isaanii kaddamuu turan. Inumaa tajaajila
kana keessatti rakkinaa fi dadhabbii adda addaa
odoo isaan qunnamaa jiranuu ergamaa rabbii (saw)
niitiin abba manaa tajaajiluun dirqamaa miti
guyyaa tokkollee hin jenne. Fakkeenyaaf hadiisa
bukhaarii keessatti aa’ishaan (ra) ergamaa rabbii
(saw) tiif siwaakaa fi bishaan ittiin qulqulleeffatu
qopheessinaafi jette. Kana malees waa’een tajaajila
mana keessaa dubartootaaf gara abbaa manaatti
tajaajila raawwachuun uumaa fi aadaa isaaniiti.
Uumaa wajjiin deemuudhaatu gammachuu
dhugaati waan ta’eef jireenya fuudhaa fi heerumaa

105
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

keessatti irra gammadduun dubartootaa ajaja abbaa


manaatii fi tajaajila isaa mana keessatti kan isaaf
raawwattuu dha. Irra jalloon isaanii immoo nama
yaada uumaa kan nikaah hidhuudhaan tajaajila
kennuu dirqama godhu kanarraa tan duwwaa
taate. Asirratti ammaas bu’a dhabeessi jechaa
tajaajilli kun abbuma manaatiif qofa
dubartootarratti dirqama malee maatii abbaa
manaa tajaajiluun dirqamaa miti yaada jedhuu dha.

WABIILEE ITTI FUFA MAATIITIIF


BARBAACHISAN
1. Akka seera uumaatti hoojjachuu:
Rahmata rabbii guddaa keesssaa gammachuu
maatiitii fi itti fufa ishii gahee hojiitii fi dirqamoota
dhuunfaaf kenne irratti rarraase. Fakkeenyi isaa
gurbaan gurbaa dhugaa yoo ta’e akkasuma
ammaasiis iddoo isaa kan sirrii jiraatee dirqamoota
isaatiin kan dhaabbatu yoo ta’e. Intaltiniis intala
dhugaa yoo taate. Akkasumaas iddoo ishee kan

106
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

sirrii kan uumaa fi shari’aan isiif kennite jiraachuun


dirqama rabbiin isheerra kaa’een yoo dhaabbatte
maatiin gammachuu fi itti fufaan jiraata. Akkasuma
ammaas ilmaaniis ilmaan dhugaa yoo ta’an
dirqamoota rabbiin isaanirra kaa’e kan akka
haadhaa abbaa isaanii ajaja godhuu, jaalachuu fi
sadarkaa isaanii isaaniif beekuudhaatiin ni
dhaabbatu. Dimshaashumatti miseensi maatii
hunduu iddoo isaa kan sirrii yoo jiraate akkaataan
maatii hunduu ni qajeelaa. Faallaa kanaa miseensi
maatii tokkoo iddoo isaatii ka’uun yoo qaawni
argame akkaataan maatii ni diigama. Fakkeenyaaf,
haati manaa olola alaa haasawamu dhageessee
ilmoo dahuu yoo didde isheen jalqaba nama
jallatuuti taati. Haati manaa immoo ga’ee hojii ishee
kan rabbiin isaaf jecha uumeetiin yoo dhaabbatte
rakkinaa fi laafina isheetii wajjiin gammachuu
guddaa gammaddi. Sababni isaa dubartii biratti
gammachuun ulfa garaa ishee keessa socha’u
dhageeffatuutti qixxaa’u hin jiru. Akkasumaas

107
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

iyyeensa daa’ima Ishii mooggaa iyyuu fi halkan


odoo isa eegduu siree isaa maddii qaaxiraa
buluurra wanni ishee biratti kana caalu hin jiru
jechuu dha.

2. Iddoo wal-dhabanitti manguddoo nama


lama waamuu:
Abbaa manaatii fi haati manaa yeroo tokko tokko
wal-dhabuudhaan qabxii isaan lamaan wal’aanuu
hin dandeenyerra wal-dhabni isaanii ga’uu danda’a
waan ta’eef akka wal-dhaba kana manguddoo
maatii dhiirsaarraa ta’ee fi manguddoo maatii
niitiirraa ta’etti akka deebisan rabbiin akkana
jechuudhaan ajaje:

ً‫}وإن ﺧﻔﺘﻢ ﺷﻘﺎق ﺑﻴﻨﻬﻤﺎ ﻓﺎﺑﻌﺜﻮا ﺣﻜﻤﺎً ﻣﻦ أﻫﻠﻪ وﺣﻜﻤﺎً ﻣﻦ أﻫﻠﻬﺎ إن ﻳﺮﻳﺪا‬

. {ً‫إﺻﻼﺣﺎً ﻳﻮﻓﻖ اﷲ ﺑﻴﻨﻬﻤﺎ إن اﷲ ﻛﺎن ﻋﻠﻴﻤﺎً ﺧﺒﻴﺮا‬

“Wal-dhaba gidduu isaan lamaanii yoo beektan


manguddoo maatii isaarraa ta’ee fi manguddoo
maatii ishiirraa ta’e ergaa! Yoo manguddoonnni

108
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

lamaan ykn dhiirsaa fi niitiin isaa wal-dhaba san


tolchuu barbaadan isaan lamaan rabbiin wal-
taasisa. Dhugumatti rabbiin gubbaa fi keessaas
beekaa ta’eera.” Sababni manguddoo maatiirraa
ta’uutti ajajameef iccitiin maatii akka hin facaaneefi.
Akkasumaas haalaa fi amala maatiitiif ilmaan akka
hin arrabsamneefi. Kanaafuu gara
manguddootaatii fi abbootii seeraatti rakkina
maatii tokkoo ergisuun waan cimaa dha. Sababni
isaa hariiroon dhiirsi niitii isaa wajjiin qabu
hariiroo akkaan addaa waan taateef rakkinni
baay’een hariiroolee addaa kana keessatti
uumamuu danda’a. Saniifuu qaanyiileekana
manguddootaa fi fuul-duree abbootii murtiitii fi
ragaatti bittinneessuun ykn facaasuun iccitiilee
saaxiluu ta’a. Akkasumaas qalbii isaanii cabsuu ta’a
waan ta’eef odoo walitti araarsuun abbaa murtii
fuula duratti xumuramellee rakkinni fuul-dura
numa jira. Iccitiilee abbaan manaatii fi haati manaa
dhoksuu barbaadan namoota keessatti gadi ba’uun

109
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

waan hin hafneefi jachaa dha. Kanaafuu rabbiin


rahmataa fi qajeelfama isaatiin iddoo wal dhabni
cimaan argametti manguddoo gama isaatii fi gama
isheetiihis waamuutti nu ajaje. Manguddoo
waamaa jechuu keessatti ajajni kan walii galaati
jechuutu irra sirrii dha. Akka yaada namoota
gariitti ajajni isaan lamaaniif godhame jechuu yoo
ta’u kan biraa immoo namoota waa’eenn kun
ilaalchisuuf kan je’uus jira. Jechi sadaffaa immoo
ajajni sun mu’umintoota rakkina jara lamaan
gidduu dhufe irratti mul’ataniifi kan jedhuu dha.
Dimshaashumatti yaadni bareedaan namootuma
walii galatti dubbisaa jira kan jedhuu dha. Sababni
isaas gaa’illi qubachuun haadha manaatii fi abbaa
manaa qofa yaachisa odoo hin ta’in namoota wanni
kun ilaallatu hunda ni yaachisa. Sana qofa odoo hin
ta’in muslimni akka qaama tokkoo waan ta’eef
isaanuma hundaahuu ni yaachisa. Garuu rakkini
isaan lamaanii jalqabarratti isaan yaachisa waan
ta’eef sadarkaa duraarratti yoo ofii rakkina hiikuun

110
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

itti jabaate gara manguddoota lamaanii geessuun


dirqama isaanirratti ta’a. Wabiilee armaan olitti
dubbataman kanaan maatiileen islaamaa marsaa
sirriitii fi qubatinsa dhugaa hubachuu dandeessi
waan ta’eef bu’uroota wabiilee sanii akka dhufa
jirutti gabaabsuun haa ilaallu.

1. Nikaaah hidhuun ulaagaalee rabbiin itti ajaje


kan akka jaalachuu, ragaalee, fira, mahrii,
hiriyyummaa fi ulaagaalee biraa kan hafan
irratti gaggeeffamuu dha.
2. Wantoota wal-ta’ii kana balleessan kan akka
ulaagaalee darban keessaa ulaagaan takka
dhabamuu ykn fuudha bu’urrummaan
isaatuu dhoorgamaa ta’e kan akka nikaah
jijjiirraa, jaarsa duraatiif halaal godhuuf
fuudhuutii fi fuudha koontoraataa irraa
qulqulluu godhuu.
3. Nikaah hidhuu keessatti ulaagaa qur’aana
rabbii keessa hin jirre keessa godhuu irraa of
eeggachuu.

111
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

4. Gurbaa fi intalti mirgaa fi dirqamoota


rabbiin isaanirra kaa’een dhaabbachuu.
Akkasumaas isaan hunduu yoon mirga isa
kaanii dhiibe sirna rabbiin nuuf lafa kaa’eetu
diigama jechuu beekuu qaba. Sababni isaa
mutii fi uumuuniis rabbirraahi waan ta’eef,
namni murtii rabbii faalleessee ni hoongawa
akkasuma ni jallataasi.
5. Gurbaa fi intalti uumaa rabbiin isaan lamaan
irratti uume of beekuu qabu. Namni tokko
maalummaa ofii yoo beeke akka itti
wal’aanuu fi akka itti dhaabbatuun ni beeka.
Yoo maalummaa ofii wallaale immoo karaa
ittiin sirreessuu fi wal’aanu wallaaleera
waan ta’eef akkamitti lubbuu ofiitti
gammada. Akkasumaas gurbaan uumaa
intalaatii fi haalaa fi amala isheerraa
wantoota tokko tokko beekuu qaba.
Intaltiniis uumaa gurbaa kan addaatii fi
haalaa fi amala isaarraahiis beekuu qabdi.

112
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Kana malees akkamitti akka jaalatuu fi


akkamitti akka jibbu wajji jireenyi gidduu
isaan lamaanii toluuf beekkamuun dirqama.
6. Gurbaa fi haati manaa yeroo wal-dhabni
isaan gidduutti cime maatii isaaniirraa
manguddoo akkan toltuu isaaniif yaadu kan
wal-dhaba isaanii keessaa akka bahaniif
isaan gargaarutti irkatuu qaban. Kanaan
gammachuu fi mi’aan gaa’ila islaamaa
qulqulluu kan ta’e wabii argata.

WAL-DHABA GIDDUU MAATIITII FI


KARAALEE WAL’AANSA ISAA
Dhiirsaa fi niitiin odoo jireenya isaanii keessatti
rakkinaa fi wal-dhabbiin hin dhufne umrii
isaaniirraa yeroo dheeraa dabarsuun akkaan
xiqqaata. Kanaafuu wal-dhabbiilee argamu karaa
nama hin baqachiifneen ykn akka hin fokkanneen
simachuu qabna. Wal-dhabbin yeruma hundaahuu
hamaa dha. Sababni isaas lubbuu ilma namaati

113
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

rakkisa, dagaagina jireenya maatiiti ajjeesa waan


ta’eef karuma hundaanuu irraa dheeysuu qabna.
Garuu balaan guddoon yeroo wal-dhabni argame
hunda ni argamti jennee yaaduu odoo hin ta’in
madaan hundi qoricha akka qabu beekuun nurratti
dirqama ta’a waan ta’eef yeruma hundaahuu
sirreessuuf yaaluu qabna. Guutumaan guututti
wal’aanuurraa odoo garaa hin muranne bu’uroota
kanarra dhaabbachuun jireenya gaa’ila
gammachuu hundeessuu ni dandeenya. Qabxiileen
armaan gadii kun bu’urootaa fi qajeelfama dhiirsaa
fi niitiin yoo isa hordofan ittiin sirraawanii wal-
dhaba isaan lamaan gidduutti uumame fixuu
danda’anii dha.

1. Yeroo wal-dhaba kamiyyuu keessatti


manguddoo sirrii barbaadde mataa kee
iddoo nama biraa buusuun rakkinaa fi
furmaata guutumaan guututti murteessi.
Ergasii rakkina san irratti murtii kenni.

114
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Sababa kanaan ejjannoo kee wanta irratti


wal-dhabdan keessatti beekuu dandeessa.
2. Dhiirootarratti dubartii keessa karuma
ta’eenuu jallinni akka jiru guutumaan
guututti beekuun dirqama. Wanta kana
keessa deeggrsaa fi loogiin jiraachuu odoo
hin ta’in inni kun amala uumaatii fi uumama
rabbiin dubartii uume waan ta’eef dubartiin
takka haalaa fi amala keessatti karaa
hundaanuu guutuu ta’uun hin mijjaa’u.
Dubartiin odoo karaa hundaan guutuu
taatee dhiiroonni rabbi dhiiseeti ishee
gabbara. Kun hiika hadiisa ergamaa rabbii
(saw): “dhugumatti dubartiin cinaacha
jallaarraa uumamte. Cinaacha keessaa
iddoon akkaan jallaa gama oliiti.
Dhugumatti yoo cinaacha san diriirsuu
barbaadde ni cabsita. Dubartootaas oduma
jallina qabanuu yoo itti fayyadamuu
barbaadde itti fayyadamta. ”

115
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

3. Dhiirootarraa kan niitiilee sammuu fi obsaan


akkasumaas hayyummaa fi yaada bareedaa
qabaachuun isaanirra caalan qaban
hedduutu jira. Garuu kun seera walii gala
kan dhiiraa fi dubartoota keessatti kaayame
diiguu hin danda’u. Kana jechuun dubartiin
ga’ee hojii dhiiraa fudhatuun dhiirti iddoo
dubartii bu’a jechuudhaa miti. Rabbiin

akkana jedhe: ‫}وإن اﻣﺮأة ﺧﺎﻓﺖ ﻣﻦ ﺑﻌﻠﻬﺎ ﻧﺸﻮزاً أو‬

{‫إﻋﺮاﺿﺎً ﻓﻼ ﺟﻨﺎح ﻋﻠﻴﻬﻤﺎ أن ﻳﺼﻠﺤﺎ ﺑﻴﻨﻬﻤﺎ ﺻﻠﺤﺎً واﻟﺼﻠﺢ ﺧﻴﺮ‬

“niitiin takka dhiirsa isiirraa mataa jabaatuu


ykn isheerraa gara galuu yoo beekte gidduu
isaan lamaanii tolchuun walitti araaramuu
keessatti rakkinni isaan lamaan gidduu hin
jiru. Inumaa rakkina isaan lamaan gidduu
tolchuutu waa hunda caala.” Sababa wal
diddaan gidduu isaanii dhufeef niitiin jallina
abbaa manaa, mataa jabaachuu isaatii fi irraa
gara galuu isaa iddoo ciisaa jijjiirrachuun

116
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

ittiin ooduun ykn isa dhahuu fi naamusa isa


goosisuun sirreessuu yaaluun badii fi
rakkinarraa kan daangaa ga’ee dha.
Dimshaashumatti ga’ee abbaa manaa niitiin
bakka isaa buutee hojjachuun seera uumaatii
fi badii cimaa fiduudha waan ta’eef akkuma
shari’aan ajajetti deemuutu barbaachisa.
4. Gurbaan itti gaafatama guddaa waan
kennameef tiiksaa fi hojii isaatiin
dhaabbachuun dirqama isaa kan jalqabaa
waan ta’eef itti gaafatama isaa bahuu
keessatti adda durummaan argamee nama
biraa sirreessuurratti danda’aa ta’uu qaba.
Jabina itti gaafatamummaa jechuun of
tuulummaa fi gara jabinaan hoojjachuu
jechuu miti waan ta’eef gara laafinaa fi
rahmataan tiiksaa fi tajaajila raawwatee
wanta hundaahuu iddoo isaa qubsiisuu dha.
Dimshaashumatti gurbaan gahee isaa gara

117
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

jabinaan raawwachuu keessatti faallaa waan


fuudharraa barbaadamee fiduu danda’a.
5. Karaalee rabbiin mata jabina niitiilee hiikuuf
qajeelche dhiiroonni akka armaan gadii
kanatti hordofuu qaban.
i. Gorsuu: inni kun haasawa laafaa
onnee jijjiiruu danda’uudha. Gorsi
yeroo sirrii keessa qixa sirrii ta’een
haadha manaatiif bu’aa qaba. Garuu
dhiirsi lubbuu ofii halkanii fi guyyaa
keessa nama nama gorsu of godhee
dubbachaa oluun badii fida. Guddisa
keessatti gorsi akka summii qoricha
keessa godhamuuti waan ta’eef yoo
xiqqaate bu’aa fida. Baay’een isaa
immoo miiraa fi yaada namaatii
ajjeesa.
ii. Iddoo ciisaa keessatti isheen ooduu:
kana jechuun yeroo hirriibaa qofa
iddoo ishee biraa jijjiirrachuu ta’a.

118
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Inni kun yoo tarkaanfiileen darban


hin milkaa’in faaydaa fiduu danda’a.
iii. Rukutuu: rukutuutti kan fedhame
intala amala isheetiin tarkaanfiilee
lamaan darbaniin fooyya’uu didde
rukuttaa ishee hin miineen miira
ishee dammaqsuu dha. Garuu inni
kun tarkaanfii namoonni jajjaboon
amala bareedaa qaban hin fudhannee
dha. Akkuma Ergamaa Rabbii (saw)
yeroo dubartoonni muraasni rukuttaa
dhiirsa isaanii himannaan dhiiroota
gorsuuf akkana jedhetti :
“dhugumatti dubartoonni dhiirsa
isaanii himatan manneen
muhammad(saw) guutaniiru……
ergasii akkana jedhe dhiiroonni
niitiilee isaanii rukutan sun filatamoo
keessanii miti.” Walumaa galatti
rukutuun tarkaanfii namni jabaan

119
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

haalaa fi amala bareedaa qabu hin


fudhannellee ta’u rukuttaan asitti
fedhame kan odoo ishee hin miine
akkasumaas odoo fuulaas hin
dhoofne gaggeeffamuu dha. Fuula
dhahuu haraam keessatti hadiisoota
bebbeekkamoo baay’eetu dhufeera.
iv. Namoota rakkina argame tolchan fira
dhiirsaatii fi niitii irraa kan ta’een
gargaarsifachuu. Inni kun tarkaanfii
gurbaan tarkaanfiilee darbeen yeroo
rakkina sirreessuu dadhabe marsaa
dhumaarratti kan itti fayyadamu
waan ta’eef manguddoo maatii
isaarraa ta’ee fi kan maatii isheerraa
ta’e warra rakkina dhufe keessa baree
furmaata itti kennuu danda’uun
gargaarsifatuu qaba. Sababni isaas
yeroo bay;ee abbaan rakkina ofii
hiikuurraa ni dadhaba waan ta’eefi.

120
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Walumaa galatti tarkaanfiileen


darban afuran kun aayata armaan
gadii keessatti wal duraa duubaan
tarreeffamaniiru:

‫ واﻫﺠﺮوﻫﻦ ﻓﻲ‬،‫}واﻟﻼﺗﻲ ﺗﺨﺎﻓﻮن ﻧﺸﻮزﻫﻦ ﻓﻌﻈﻮﻫﻦ‬

‫اﻟﻤﻀﺎﺟﻊ واﺿﺮﺑﻮﻫﻦ ﻓﺈن أﻃﻌﻨﻜﻢ ﻓﻼ ﺗﺒﻐﻮا ﻋﻠﻴﻬﻦ‬

‫ وإن ﺧﻔﺘﻢ ﺷﻘﺎق ﺑﻴﻨﻬﻤﺎ‬،ً‫ﺳﺒﻴﻼً إن اﷲ ﻛﺎن ﻋﻠﻴﺎً ﻛﺒﻴﺮا‬

‫ﻓﺎﺑﻌﺜﻮا ﺣﻜﻤﺎً ﻣﻦ أﻫﻠﻪ وﺣﻜﻤﺎً ﻣﻦ أﻫﻠﻬﺎ إن ﻳﺮﻳﺪا‬

. {ً‫إﺻﻼﺣﺎً ﻳﻮﻓﻖ اﷲ ﺑﻴﻨﻬﻤﺎ إن اﷲ ﻛﺎن ﻋﻠﻴﻤﺎً ﺧﺒﻴﺮا‬

“Dubartoota ajaja keessan fudhatuu


diduu isaanii argitan gorsaa, iddoo
ciisaa keessatti isaaniin oodaa. Sana
booda yoo sirraawuu baatan isaan
rukutaa. Garuu yoo tarkaanfiilee
duraatiin ajaja keessan godhan sababa
isaanitti hin barbaadinaa. Dhugumatti
rabbiin ol aanaa guddaa ta’eera.
(Tarkaanfiilee sadeen darban erga

121
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

fudhatanii wal-diddaa isaan lamaanii


yoo beektan manguddoo maatii
isaarraa ta’ee fi akkasuma
manguddoo maatii isheerraa ta’e
ergaa. Manguddoonni kun lamaan
ykn jarri lamaan walitti araarsuu yoo
barbaadan isaan lamaan rabbiin wal-
taasisa. Dhugumatti rabbiin gubbaa fi
keessaas beekaa ta’eera. ) ”

AKKAATAA GARGAR BAHINSA DHIIRSAA


FI NIITII
Gargar bahuun warra waliin turanii wantootaa fi
akkaataalee torban gaditti tarreeffamaniin argama:
du’a, hiikkaa, niitiin of bituu(khul’ii), li’aana(wal-
abaaranii adda bahuu), niitii duugda haadha ofiitti
fakkeessuu(zihaara), abbootii seeraatiin nikaah
balleessuu(faskhii) fi amantiirraa gara galuu dha.
Wantoota tarreeffaman keessatti bu’ura daangaalee
fi naamusa shari’aa kan qajeelfamuun dirqama

122
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

ta’uutu jira waan ta’eef fuul dura dandeettii


rabbiitii fi fedhii isaatiin tokko tokkoon ibsuu
yaalla.

1. Du’a:
Duuti aadaalee jireenya keessatti argaman kan
irraa dheessuu fi baqatuuniis hin taanee dha
waan ta’eef akkuma ijoollee daa’imaa tuquu
danda’utti haadha manaatii fi abbaa manaatiis
ni tuqa. Akkasumaas umrii fi akkaataan gargara
ta’uun wajjiin namoota hunda ni weerara. Duuti
haadha manaatii fi abbaa manaa garii isaanii
gariirraa adda baasa. Garuu wal-ta’ii gaa’ila
isaanii kan shari’aa guutumaan guututti hin
diigu. Kanaafuu jaarsaa fi jaartiin muslimtoota
ta’an jannata keessattiis yoo soda rabbiitii fi
toltuurratti du’an ta’e aakhiraattiis walumaan
jiraatu. Akkuma rabbiin kadhaa malaa’ikoonni
mu’umintootaaf kadhatan gabaasetti:

123
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

‫}رﺑﻨﺎ وأدﺧﻠﻬﻢ ﺟﻨﺎت ﻋﺪن اﻟﺘﻲ وﻋﺪﺗﻬﻢ وﻣﻦ ﺻﻠﺢ ﻣﻦ آﺑﺎﺋﻬﻢ‬

{‫وأزواﺟﻬﻢ وذرﻳﺎﺗﻬﻢ إﻧﻚ أﻧﺖ اﻟﻌﺰﻳﺰ اﻟﺤﻜﻴﻢ‬

“Yaa gooftaa keenya! Jannata qubsumaa kan


isaaniif waadaa galte isaan naqi. Isaan qofa
odoo hin ta’in abbootii, niitiilee fi ilmaan isaanii
keessaa Nama toltuu hoojjatees naqi.
Dhugumatti ati injifataa ogeessa.” Aayata biraa
keessatti ammaas akkana jedhe:

‫}اﻟﺬﻳﻦ آﻣﻨﻮا واﺗﺒﻌﺘﻬﻢ ذرﻳﺎﺗﻬﻢ ﺑﺈﻳﻤﺎن أﻟﺤﻘﻨﺎ ﺑﻬﻢ ذرﻳﺘﻬﻢ وﻣﺎ أﻟﺘﻨﺎﻫﻢ‬

. {‫ﻣﻦ ﻋﻤﻠﻬﻢ ﻣﻦ ﺷﻲء ﻛﻞ اﻣﺮئ ﺑﻤﺎ ﻛﺴﺐ رﻫﻴﻦ‬

“Warreen amanan ilmaan isaaniitiis iimaanaan


kan isaan hordofan ilmaan isaanii isaanitti
dhaqqabsiifna. Dalagaa isaaniirraa wanta
tokkollee isaan duraa hin hirdhifnu. Namani
hundi waan hoojjateef qabama.” Sadrkaa fi
qulqullinni wal-ta’ii fuudhaa asirraa fudhatame.

124
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

a) Faana duuti niitiileerratti argamsiistu:


Haadha manaatii fi abbaa manaa keessaa
tokko yoo du’an dhiibbaa, naamusaa fi haqa
argaman akka armaan gadii kanatti
gabaabsuun tarreessina.

I. Dhaalmaya: isaan

lamaan keessaa tokko


yoo du’e dhiirsaaf
qabeenya niitii isaa tan
duute keessaa
akkasumaas qabeenya
abbaa manaa kan du’e
keessaa niitiif qooda
mirkanaa’e shari’aan
islaamaa dirqama goote.
Fakkeenyaaf haati
manaa odoo ilmoo hin
qabne yoo duute dhiirsi
qabeenya ishee keessaa
walakkaa fudhata.

125
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Niitiin immoo abbaan


mana ishee odoo ilmaan
hin qabne yoo du’e
qabeenya isaa keessaa
tokko afuraffaa fudhatti.
Garuu yoo ilmaan
qabaate tokko
saddeetaffaa fudhatuun
isheef murtaa’eera.
II. Hazaaya(gadda du’aa):
akka shari’aan dirqama
gootetti intalti abbaan
manaa irraa du’e erga
inni du’een booda mana
dhiirsa ishii keessa odoo
hin heerumin
akkasumaas kallattiin
odoo hin qaadhimamne,
niis hin miidhagfannee
fi dhimmaf malee odoo

126
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

gad hin baane baatii


afurii fi bultii kudhan
teessi. Isiin tun azaaya
(gadda du’aa) qur’aanaa
fi hadiisa keessatti kan
mirkanooftee dha.
Rabbiin ol tahe akkana

jedha: ‫}واﻟﺬﻳﻦ ﻳﺘﻮﻓﻮن ﻣﻨﻜﻢ‬

‫وﻳﺬرون أزواﺟﺎً ﻳﺘﺮﺑﺼﻦ ﺑﺄﻧﻔﺴﻬﻦ‬

‫أرﺑﻌﺔ أﺷﻬﺮ وﻋﺸﺮاً ﻓﺈذا ﺑﻠﻐﻦ‬

‫أﺟﻠﻬﻦ ﻓﻼ ﺟﻨﺎح ﻋﻠﻴﻜﻢ ﻓﻴﻤﺎ ﻓﻌﻠﻦ‬

‫ﻓﻲ أﻧﻔﺴﻬﻦ ﺑﺎﻟﻤﻌﺮوف واﷲ ﺑﻤﺎ‬

{‫“ ﺗﻌﻤﻠﻮن ﺧﺒﻴﺮ‬isaannan

niitiilee dhiisanii isin


keessaa du’an niitiileen
isaanii baatii afurii fi
bultii kudhan kophaa

127
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

isaanii haa taa’an. Yeroo


bakka isaanii gahan
wantoota beekkame kan
isaan ofitti hoojjatan
keessatti badiin isinirra
hin jiru. Rabbiin waan
isin hoojjattan beekaa
dha. Sababni gaddi ykn
azaayni godhameef
gadaameessa
guutumaan guututti
qulqulleessuu fi
dirqama intalaa fi
dhiirsi ishee qaban
xumuruu dha.” Gama
dhiiraatiin niitiin isaa
yoo duute yaadannaa
isheetiif azaayaa fi
gadduun isarraa hin
eeggamu. Amantiin

128
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

hangam takka akka


gadduu qabuu fi
akkamitti akka gadduu
qabu murteeessee
isarratti dirqama hin
goone. Hamilee
namoota biraa
keessaahuu maatii ishee
duutee eeguuf yoo ta’e
malee erga isheen
duutee yeruma fedhetti
fuudhuu mirga qaba.
III. Amala bareedaa fi iccitii
tiksuu: isaan lamaan

jireenya waliinii
keessatti wantoota
dhokotaa fi iccitiilee
garii isaanii irratti
waliin mul’atanii turan
waan ta’eef du’aan adda

129
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

bahuun iccitiilee fi
wantoota dhokatan sann
tamsaasuu jechuu miti.
Kanaafuu iccitiilee fi
wantoota dhoksaa
akkuma jiranitti waliif
eeguun dhiiraa fi
dubartoota
huindarrattuu dirqama
amantiiti. Kana malees
dhugumatti gurbaan
gaariin akkuma gaafa
jireenyaa erga isheen
duutees jaalala niitii
isaarratti kan tiikfatu
yoo ta’u, niitiiniis
akkasuma jaalala abbaa
mana isheetiif qabdu ni
eeggatti. Dhugumatti
ergamaan rabbii (saw)

130
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

waan kana keessatti


fakkeenya guddaa
ta’eera. Aa’ishaan
hangaftittiin yeroo
dubbattu akkana jetti:
“qixaan kadiijjaarratti
hinaafe dubartiin
ergamaan rabbii (saw)
wajjiin jiraachuuf hin
hinaafne. Sababni
hinaafuu kiyyaas
ergamaan rabbii (saw)
ishee dubbatuu fi faaruu
ishee waan baay’isuufi.”
Ergamaan rabbii (saw)
yeroo re’ee qale
hiriyyoota kadiijjaatiif
jalqaba akka Kennan
ajaja. Ammaas dubartiin
madiinaa yeroo isa bira

131
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

ol seente hiriyyoota
niitii isaa kadijjaa
sababa taateef baay’ee
ishee kabaja. Kun
hunduu ergamaan
rabbii (saw) niitii isaa
gaarii saniifwaadaa
guutuutti cimaa ta’ee
ilaalama.

2. Hiikkaa :

a) hikmaa isaatii fi karaa isaa


Hiikkaan adeemsa maatii diiguu ta’uu isaa
shakkiin hin jiru. Yeroo tokko tokko maatii
diiguun kun jalqaba karaatii fi iddoo jalqaba
bu’ura kaayuutti ni argama. Akkasumaas
erga jaarmayni xumuramee goojjooleen
baay’attee booda argamuus ni danda’a.
Namoonni islaamummaan ulaagaaleen alatti
hiikuu halaal godhe. Akkasumaas akkuma
fedhanitti fuudhuu fi hiikuufiis balbala bane

132
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

jira jedhanii warri yaadan dhugumaan


dogoggoran. Faallaa kanaas namoonni
hiikkaa dhoorguufii karoota shari’aa hin
ta’iniin hiikkaa daangeessan wallaaloo
sobamoo dha. Karaan sirriin isa amantiin
qulqulliin hanqinaa fi daangaa darbuun
maleetti nuu fidde sana ta’a waan ta’eef fuul
dura yoo rabbiin fedhe ni ibsina. Garuu
amantiin kun hariiroo abbaa manaatii fi
haadha manaa akka itti fufu ajajuudhaan
irratti kakaaseera. Ragaan isaa jecha
ergamaan rabbiiti (saw): “gurbaan
mu’umina ta’e intala mu’umina taate
guutumaan guututti hin jibbu. Haala tokko
yoo isheerraa jibbe kan biraati isheerraa
jaalata.” Ammaas rabbiin akkana jedhe:

ً‫}وﻋﺎﺷﺮوﻫﻦ ﺑﺎﻟﻤﻌﺮوف ﻓﺈن ﻛﺮﻫﺘﻤﻮﻫﻦ ﻓﻌﺴﻰ أن ﺗﻜﺮﻫﻮا ﺷﻴﺌﺎ‬

. {ً‫وﻳﺠﻌﻞ اﷲ ﻓﻴﻪ ﺧﻴﺮاً ﻛﺜﻴﺮا‬

133
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

“Niitiilee keessanii wajjiin toltuun jiraadhaa.


Yoo isaan jibbitan isin wanta tokko jibbitanii
rabbiin toltuu bay’ee keessa kaa’uun ni
mala.”

Kanuma amantiin hariiroo maatii jabeessuu


fi akka itti fufuuf bololu yeroo tokko tokko
wal dhabaa fi toltuun wajji jiraachuu
dadhabuun gara adda wal muruu fi
hamtuutti nama geessa. Dhugumatti
yaadaan adda ba’uu fi hamtuun sun
rakkinaa fi badii cimaatti Nama geessa.
Akkasumaas isaan lamaanuu dirqama
isaaniitiin dhaabbatuu dhabuutti nama
geessa waan ta’eef fuuni duraan jaalala
rabbiitii fi gammachuu adduniyaa ta’e kun
karaa jibbanna rabbiitii fi jallinaatti nama
geessu ta’a. Rabbiin niitiin qofti firaasha
abbaa manaa halku tokkollee akka diddee
oodduun irraa hin jaallatu. Ragaan isaa jecha
ergamaan rabbiiti (saw): “niitii takka abbaan

134
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

mana ishee itti dallanaa ta’ee yoo bule inni


samii keessaa sun isheetti dallanu malee hin
hafu.” Karaa biraatiin ammaas akkana jedha:
“niituma takkalleehuu tan abbaan mana
ishee gara firaasha atti ishee waamnaan
diddee yoo bulte hanga bariisifattutti
malaa’ikaan ishee abaartu malee hin haftu.”
Akkuma niitii ajaja abbaa manaa godhuu
didde rabbiin hin jaalannetti gurbaa niitii
isaa miidhu ykn nama masruufa isaa
baasuun isarratti dirqama ta’u hadiyyeessu
rabbiin hin jaalatu. Dimshaashumatti
hiikkaan rakkina ilma namaa mudatu kan
uumaan dirqama gootuu fi tolinni
hawaasaas dirqama godhuu dha. Hiikkaan
sun jara lamaan gammachuun waliin
jiraanna jechuu yaadanii filannoon erga
fuudha keessa galaniin booda dogoggora
ta’uu arginaan yeroo dheeraaf waliin
jiraachuun hin mijjaa’uu yaadanii akkamitti

135
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

akka adda bahan furmaata shari’aa waan


barbaadaniif, gurbummaan qofti adda
bahina murteessuu ni danda’a moo intalti
qoftiis abbaa mana isheerraa yeroo feetetti
adda bahuu ni dandeessi gaaffii jedhu
deebisuuf akka armaan gadiitti haa ilaallu.

b) Yeroo akkam warra kee hiikuun siif


hayyamama?
Fakkiin fokkotaan saffisaan sammuu
dubartoota baay’ee waa’ee hiikkaatii wajjiin
wal-qabatee argamu fakkii islaamummaa
wajjiin hariiroo hin qabne kan yaada namoonni
ergaa islaamummaarraa waan tokko beekkumsa
hin qabne hoojjatan irraa kan ka’ee dha ykn
adeemsa dogongoraa kan baay’een wallaaltoota
miidhaa raawwatoo ta’an maqaa islaamummaa
qofa ba’atuun hojii takkallee kan biraa hin
qabne fedhinnaa isaaniitiin tarkaanfatan irraa
kan ka’ee dha. Tarkaanfiilee hiikkaa shari’aa
islaamaa akka rabbiin karaa godhetti naamusaa

136
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

fi bu’ura isaa eeggatee kan adeemu faallaa


yaada sammuu dubartoota baay’ee keessa kan
jiruutiin adda fagoo ta’ee argamuu isaa akka
armaan gadii kanatti tarreessina.

I. Yeroo kam hiikkaa argamsiisuun dirqama ta’a?


Akka namoonni tokko tokko yaadutti
gurbaan yeruma fedhetti niitii isaarratti
hiikkaa argamsiisuu ni danda’a yaada
jedhuu dha. Dhugumatti yaadni kun
dogoggora fokkotaa dha. Gurbaa
haasawa rabbiitii fi ergamaan rabbii
(saw) itti amanuuf niitii isaa yeroo isheen
dhiiga laguurraa qulqulluu taate odoo
ishiitti hin ida’amne ykn ishee ulfa
mul’atee beekkame garaa qabdu malee
hiikkaa argamsiisuun hin hayyamamu.
Garuu namni niitii isaa ishee dhiiga
laguu keessa jirtu hiike, hiikuun isaa
yeroo rabbiin isaaf daangeesseen alatti
waan argameef hiikkaa shari’aan

137
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

alaati.ragaan waan kanaa hadiisa


abdallaa umar kani jama’aan hadiisaa
gabaase kan akkana jedhu: “abdallaa
umar niitii isaa dhiiga laguu keessa
hiiknaan umar waan san ergamaan rabbii
(saw) itti hime. Achumaan ergamaan
rabbii (saw) dallanuun akkana jedhe
“akka deeffatu isa ajaji.” Ergasii hanga
qulqullooftee ammaas dhiigni itti dhufee
qulqullooftutti haa dhiifatu. Sana booda
yoo ishee hiikuun isaaf mul’ate odoo
ishee hin tuqne haa hiiku! Isheen tun
yeroodha rabbiin akka dubartoonni isii
keessa hiikaman ajajee dha.” Hadiisni
kun yeroo dhiigaa keessa hiikuun akka
hayyamamu yoo hiikamtellee akka
deebifamtu raga mul’ataa dha.
Ulamaa’oonni ciccimoon hiikkaan gosa
sanii hin lakkaawwamu yaada jedhutti
adeeman. Ulamaa’oota san keessaa tokko

138
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

tokko yoo maqaa dhoofne ibnu


teeymiyaa, ibnul qayyim, ibnu hazmii fi
kanniin birootiis jiru. Qur’aanni
kabajamaaniis yeroo akkana jedhu
waanuma sanirratti qajeelcha:

. {‫}ﻳﺎ أﻳﻬﺎ اﻟﻨﺒﻲ إذا ﻃﻠﻘﺘﻢ اﻟﻨﺴﺎء ﻓﻄﻠﻘﻮﻫﻦ ﻟﻌﺪﺗﻬﻦ‬

“Yaa nabiyyicha! Yeroo dubartoota


hiiktan iddaa isaaniitti hiikaa.”

II. Hiikamtuun yeroo iddaa lakkaawwattu eeysa


teeysi?
Namoonni baay’een wallaalaa fi miidhaa
raawwatamaa jirurraa kan ka’e dubartiin
yeroo hiikamte mana dhiirsa isheetii
baatee yeroo iddaa mana biro keessatti
dabarsuun ni hayyamama yaada jedhu
qaban. Yaadni kun dogoggora fokkotaa fi
amantii wallaaluu dha. Akkasuma
bay’een dubartootaas yeroo jecha hiikkaa
dhageesse mana isheerraa baatee iddoo

139
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

biraa jiraachuun ni hayyamama ykn


dirqama jettee yaaddi. Kuniis dogoggora
fokkotaa fi ajaja rabbii diduu mul’ataa
dha. Walumaa galatti dhiirsi niitii isaa
erga hiikuu itti beeksisee booda yeroo
iddaan dhumeen malee mana isheerraa
baasuun hin hayyamamu. Akkasuma
dubartii rabbii fi guyyaa aakhiraatti
amantuuf yeroo jecha hiikkaa dhageesse
yoo iddaan ishee dhume malee mana
dhiirsa ishee dhiiftee deemuun hin
hayyamamuuf. Ragaan kanaa jecha
rabbii ol ta’eeti:

‫ وأﺣﺼﻮا‬،‫}ﻳﺎ أﻳﻬﺎ اﻟﻨﺒﻲ إذا ﻃﻠﻘﺘﻢ اﻟﻨﺴﺎء ﻓﻄﻠﻘﻮﻫﻦ ﻟﻌﺪﺗﻬﻦ‬

‫ وﻻ‬،‫ ﻻ ﺗﺨﺮﺟﻮﻫﻦ ﻣﻦ ﺑﻴﻮﺗﻬﻦ‬،‫ واﺗﻘﻮا اﷲ رﺑﻜﻢ‬،‫اﻟﻌﺪة‬

‫ وﻣﻦ‬،‫ وﺗﻠﻚ ﺣﺪود اﷲ‬،‫ﻳﺨﺮﺟﻦ إﻻ أن ﻳﺄﺗﻴﻦ ﺑﻔﺎﺣﺸﺔ ﻣﺒﻴﻨﺔ‬

‫ ﻻ ﺗﺪري ﻟﻌﻞ اﷲ ﻳﺤﺪث‬،‫ﻳﺘﻌﺪ ﺣﺪود اﷲ ﻓﻘﺪ ﻇﻠﻢ ﻧﻔﺴﻪ‬

{ً‫ﺑﻌﺪ ذﻟﻚ أﻣﺮا‬

140
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

“Yaa nabityyicha! Yeroo dubartoota


hiiktan iddaa isaaniirratti hiikaa ammaas
iddaa lakkaa’aa. Rabbii gooftaa keessan
ta’e sodaadhaa. Manneen isaaniirraa hin
baasinaa. Isaaniis yoo qaanyii mul’ataa
hoojjatan malee akka hin bane. Isiin tun
daangaalee rabbiiti. Namni daangaalee
rabbii tarkaanfate lubbuu isaa miidhe.
(Yaa ilma namaa akka rabbiin sana
booda wanta biraa fidu hin beektu.)”
Jechi mana isaaniirraa isaan hin baasinaa
jedhu niitii mana dhiirsaa keessaa
baasuun hanga iddaa guuttattutti
hayyamamuu dhabuu agarsiisa. Kuniis
jecha raga godhatuudhaani:

‫}ﻓﺈذا ﺑﻠﻐﻦ أﺟﻠﻬﻦ ﻓﺄﻣﺴﻜﻮﻫﻦ ﺑﻤﻌﺮوف أو ﻓﺎرﻗﻮﻫﻦ‬

{‫ﺑﻤﻌﺮوف‬

141
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

“Yeroo isaan beellama (iddaa) isaaniitti


dhihaatan toltuun isaan dhiifadhaa ykn
toltumaan isaaniin adda ba’aa.” Aayata
kana keessatti beellama isaanii kan jedhu
xumura iddaa isaaniiti. Akkasuma niitiin
abbaa mana ishee jibbitee yeroo ishee
hike isarraa dheeysitee ofumaan bahuun
hin hayyamamu. Kuniis jecha ofiin hin
bahin yoo inni arihe malee jedhu raga
godhamnneeti. Fakkaatuma kana
dubartiin iddoo hiikkaa dhageessetti
akkuma gizee nikaah shari’aadhaan
godhamtetti hanga iddaan ishee
dhumutti ykn yoo walitti deebi’uun
mijjaawe gara dhiirsa ishii deebitutti
oobsaan eeggachuu qabdi.
Dimshaashumatti tarkaanfiileen shari’aa:
jalqaba hiikuun qulqullina ykn xaaharaa
ishee hin xuqin keessatti ykn ulfa mul’ate
keessatti argamuun dirqama.

142
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Lammaffaarratti erga iddaan ishee


guutameen malee haadha mana isaa
mana ishee keessaa baasuun hin
hayyamamu. Akasumaas odoo iddaan
ishee hin dhumne dhiirsa jibbitee
manarraa bahuun niitiifiis hin
hayyamamu.

c) Yeroo takkatti Nama wallaalaa ta’e


malee sadihitti hin hiiku:
Nama muslimaatiif niitii isaa yeroo
takkatti sadihitti hiikuun hin
hayyamamu ragaan isaa akka armaan
gadiiti.

I. Jecha Rabbii ol ta’eeti: ‫}اﻟﻄﻼق ﻣﺮﺗﺎن‬

{‫ﻓﺈﻣﺴﺎك ﺑﻤﻌﺮوف أو ﺗﺴﺮﻳﺢ ﺑﺈﺣﺴﺎن‬

“Hiikkaan wal-duraa
duubaani.gaariidhaan qabachuu
ykn toltumaan gad-lakkisuu.”
Ammaas jecha Rabbiiti: “Yoo isii

143
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

hike (sadihitti) hanga dhiirsa biraa


heerumtutti isaaf halaal hin
taatu.” Isiin yun hiikkaa sadaffaa
tan yeroo ishiin argamte abbaa
manaatiif niitii isaa erga ishii
hiikee booda yoo nama biraa
heerumte achi booda inni
lammaffaas hiikeen booda malee
dhiirsa duraatiif tan halaal hin
godhamne sani. Kana malees jecha
Rabbii ol ta’eeti: “Isheen tun
daangaalee Rabbiiti. Namni
daangaalee Rabbii tarkaanfate
lubbuu isaa miidhheera.” Hiikni
Aayata kanaa inni hiikkaa sadi
jecha tokkoon walitti qabu ykn
iddoo takkatti walitti qabu
daangaalee bu’urootaa fi naamusa
shari’aa kani Rabbiin dirqama
godhee ibse diigeera.

144
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

II. Wantoota namoota biratti


beekkaman keessaa dubartiin
dhiirsa isheerraa jechuma tokko
ati hiikamtuudha(anti xaaliqun)
ykn jechuma hiika kana qabu kan
biraatti fayyadamuun akka jecha
ati gadi dhiifamtuudha ykn ati
duwwaa dha jechuun hiikkamtiitu
ummata biratti beekkamtuu dha.
ammaas yeroo jecha armaan olii
kanarratti yeroon dheertuun
shari’aan lafa keesse odoo hin
deeffatin dabarte isheen abbaa
manaarraa qulqullaa’uun mataa
ishee ajaja isaa jalaa gara
dhuunfaatti deebisti jechuuniis
beekkamaa dha. Walumaa galatti
hiikkaan kanaa haadha manaa
hiikuu keessatti nuti falaasama
gurbaarraa dabalamuun kan akka

145
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

haadha mana isaatiin ati sadihitti


hiikamtuu dha, ati kumaan
hiikamtuu dha ykn lakkoofsa
urjiilee samiitiin hiikamtuu dha
ykn ati guutumaan guututti
narratti haaraami waan jedhu
dhageeffatuutti hin haajamnu.
Jechoonni kun hundinuu miidhaa
fi wallaalatti lakkaawwama.
Akkasumaas badii cimaa fi wajji
jireenya mormuutti lakkaa’ama.
Dirqamni inni kana hoojjate
dhawuu fi salphisuu akkasumaas
hidhuu fi wantoota kana
fakkaataniin adabamuu dha.
III. Hiikkaa erga isaatii deeffatuun jiru
keessatti niitiif mirgoota hedduutu
jira. Suniis iddoo jireenyaa tii fi
masruufa yoo ta’u hiikkaa ishiin
ittiin qulqullooftee sadihitti ittiin

146
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

hiikamte keessatti masruufaa fi


iddoon jireenyaatiis isiif hin jiru.
Garuu dubartiirratti odoo
masruufni isiif hin jirre mana
maatummaatiin (abbaa manaatiin)
alatti iddaa lakkaawwachuun
dirqama ta’a. Kanaafuu inni iddoo
takkatti sadihitti hiiku haqa
shari’aan dubartiif kennite kan
akka deeffachuun hayyamamuutii
fi masruufaa akkasumaas iddoo
jireenyaa diigeera. Sababa kanaan
gurbaan iddoo takkatti sadihitti
hike sun hamilee intalaa cabsuu fi
dirqamoota shari’aa kan haadha
manaatiif godhamuu qaban
diiguu walitti qabee jira. Kanaafuu
badii baay’ee yeruma takkatti of
irratti deebise. Badiileen suniis
akka armaan gadiiti.

147
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

1. Daangaalee fi bu’uroota
akkasumaas tarkaanfiilee
shari’aan wal-ta’ii nikaahtiif
keesse diiguu fi Qur’aana
Rabbiitii fi Hadiisa Ergamaa
rabbii (saw)’n taphachuu dha.
2. Niitii bifa kanaan hiikamte
baay’ee hamilee cabsuu.
Sababni isaas wajji jireenya bifa
fokkotaan diduu fi mormuu
akkasumaas haqa wajjiin
jireenyaa diduu of keessaa
qaba waan ta’eefi.
3. Mirga karaa dinagdeetiin niitiif
kenname diiguu dha waan
ta’eef miidhaa fi daangaa
darbuutti lakkaa’ama.
4. Wallaalaa fi of-tuulummaa
dha. Sababni isaa wal-tahiin
fuudhaa kan yeroo dheeraaf

148
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

adeemsifame jecha takkitti


gurbaan intalaan ati hiikamte
jechuudhaan dhumu tokko
maaliif ati sadihiin hiikamte,
dhibbaan hiikamte, kumaan
hiikamte jechuu wanni fide
goowwummaa fi wallaala yoo
ta’e malee wanni biraa hin jiru.

d) HIIKKAA SHARI’AA BIRATTI


FUDHATAMA QABU
Akka ammaan dura dubbannetti namni muslimaa
taooko niitii isaa yeruma takkatti saditti hiikuun
akka hin hayyamamne dubbanneera. Fedhu karaa
adda addaatiin hiika ta’uus fakkeenyaaf ati
sadihitti hiikamtuu dha ykn ati hiikamtuu,
hiikamtuu, hiikamtuu ykn ati hiikamtuu dha, ati
hiikamtuu dha, ati hiikamtuu dha ykn hanga
dhibbaatti ykn kumaatti kanarra dabaluun ta’uus
inni kun hunduu goowwummaa dha waan ta’eef
namni akkas jedhe adabaa fi naamusa barsiisuu

149
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

haqa godhata. Walumaa galatti hiikuun Rabbiin


karaa godhe yeroo isiin dhiigarraa qulqullooftu yoo
warra dhiigni itti dhufu taate yeroo takka hiikuun
ergasii hanga iddaa fixatutti eeguu dha. Sana booda
achi keessatti gara nikaah isaatti deeffata ykn
hanga iddaan xumuramutti eeguun hiikuun
argamnaan dubartiin mataa ofii handhuurfatti.
Akka kana irra deebi’uun gurbaaf yeroo lama
mirga deeffachuu qabaatuu ni danda’a. Yeroo
hiikimsa sadaffaa argamsiise immoo hanga dhiirsa
biraa nikaah sirriitiin heerumtee ammaas isaan
wajji wal-lollaan yoo inniiis hike malee isaaf
fuudhuun hin hayyamamu.

Garuu namani wallaalaan tokko ka’ee niitii isaa


akka fokkotaa kanarratti battalumatti sadihitti yoo
hiike niitiin isaa sadhitti hiikamti moo hiikkan
tokko qofti argameeti akka shari’aatti qulqulluu
ta’uun lakkaa’ama moo guutumattti
hiikummaanuu hin argamu? Dimshaashumatti
iddoo tana keessa jechoota sadihiitu jira. Hiikkaan

150
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

sadihi yoo jedhame sadihuma ta’ee argamuu,


sadihitti shari’aan ala waan ta’eef takkuma qofa
ta’ee argamuu fi erga sadihitti hike jedhe
innummaanuu jecha sirrii waan hin ta’iniif
hiikkaan matumaanuu hin argamne kan jedhuu
dha. Jechi sadaffaa kan boodaa kun jechoota Ahlus-
sunnati Wal-jama’aatiin waan walfaalleessuuf
qorannaa keenya keessa hin galu. Xiyyeeffannoon
Qorannoo keenya jecha lamaan duraa sanirratti.

Jecha tokkoffaa: hiikkaan sadihii sadihuma ta’ee


argamuu.

Imaamman afuran Abu haniifaa, Imaamu Maalik,


Imaamu Shaaf’ii fi Imaamu Ahmad isa kanaan
murteessan. Sahaabootaa fi taabi’iyyootarraa
namoonni baay’een akkasumaas hedduun
salaftootaa hiikkaan sadihi jedhamee dubbatame
yoo shari’aan alaa fi haraamillee ta’e sadihuma
ta’ee argama yaada jedhu filatan. Kanaafuu
gurbaan erga sadihitti hike niitiin isaa isarraa

151
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

hiikamuun qulqulloofte waan ta’eef yoo dhiirsa


biraa heerumte malee walitti deebi’uun hin ta’u.
ragaan isaan kanaa murtee Umar hiikkaan sadihii
sadihuma ta’ee haa argamu jechuun kenne san ta’a.
akka armaan gaditti ibasame kanatti haa ilaallu:
Umar beektoota walitti qabuudhaan akkana jedhee
itti mari’ate: namoonni wanta keessatti suuta
deemuun isaanirra jiraatu keessatti jarjaran waan
ta’eef odoo hojuma isaanii kana itti murteessinee
akkam ta’an jechuun itti murteesse. Achumaan
Umar nama niitii isaa yeroo takkatti sadihitti hike
hunda isaa fi haadha manaatiis adda baase.

Jechi lammaffaa hiikkaan sadihii tokkuma ta’ee


argama. Jechi kun hangaftootaa (salaftootaa) fi
warreen boodaa (khalaftoota) garee muraasarraa
himameera. Sahaaboota Nabiyyichaarraa kan akka
Zubeeyri Ibnul Awwaam, Abdurahmaan bin Owf,
Aliyyi binu Abii Xaalib fi Abdallaa ibnu Mas’uud
faadha. Akkasumaas jechi kun jecha Taabi’iyyoota
baay’eetii fi namoota isaan booda kan akka

152
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Xaawuusii fi Muhammad bin Ishaaq faadha.


Sheeykhul Islaam Al-Imaam ibnu Teeymiyaan
Fatwaa isaa keessatti karaa kana deemaa ture. Jechi
kun akkuma amma dura dabarsinetti Qur’aanaa fi
Hadisaa wajjiin wal-gala. Ibnu Teeymiyaan fatwaa
isaa keessatti akkana jedhe: “Namuma tokkolleefuu
Rabbiin bakka takkatti sadihitti hiikuu karaa hin
gooneefi. Akkasumaas hiikkaa bakka takkatti
qulqulleessuun intala itti fayyadame takka hiikuu
hin hayyamneefi.” Ammaas Ibnu Teeymiyaan
fatwa isaa keessatti akkana jedhe: “Qur’ana
Rabbiitii fi Hadiisa Ergamaa isaa keessatti iddoo
takkatti qulqulleessuun intala itti fayyadame takka
sadi ta’ee lakkaa’amuun hin jiru.” Kana malees
akkana jedhe: “Yeroo Ergamaa Rabbii (saw) keessa
nama niitii isaa iddoo takkatti sadihitti hiiknaan
Nabiyyichi hiiikuu isaa san sadi ta’uu lakkaa’eef
hin beeknu. Waan sana keessatti Hadiisoota walii
galtee bbeektoota hadiisaatiin llallaafoo ykn
hadiisoota kijibaan Ergamaarra kaa’aman malee

153
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

odeeffamanii hin argamne. Garuu inni Sahiiha


Muslimii fi kitaaboota Hadiisaa kan biraa keessa
jiru Xaawuus Abdallaa Abbaas irraa gabaasuun
akkana jedhe yeroo Ergamaa Rabbii (saw), Abi
Bakrii fi kaliifummaa Umarirraa hanga waggaa
lamaatti hiikkaan sadhiin hiikame tokkummatti
lakkaawamuu ture. Sana booda Umar akkana jedhe
dhugumatti namoonni wanta isa keessatti suuta
deemuun isaaniif barbaachisu keessatti ariifatan
waan ta’aniif akkuma isaan jedhanitti odoo
isaanirratti geessinee maal ta’a jechuun isaanirratti
gaggeesse.” Gabaasa Muslimii fi kan namoota
biraatiin Xaawuus irraa gabaasamee akkana jedhe:
“Namtichi Abaa AS-Sahbaa’I jedhamu Abdallaa
bin Abbaasiin akkana jedhe yeroo Ergamaa Rabbii
(saw), Abii Bakrii fi kaliifummaa Umar irraa hanga
waggaa sadihiitti hiikkaan sadihiin dubbatamte
tokkuma akka godhamaa turte ni beektaa jennaan
Ibnu Abbaas eeyyeen niin beeka jedheen.” Imaam
ibnu Teeymiyaan ibsa isaa waa’ee tana keessatti itti

154
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

fufuun akkana jedhe: “Imaamu Ahmad musnada


isaa kan ibnu Abbaas irraa gabaase keessatti
akkana jedhe Namtichi Rukaanaa bin Abdi Zeeydi
obboleessi bin Abdil Muxxalib kan ta’e tokko niitii
isaa idduma takkatti sadihitti waan hiikeef
yaaddoo cimaa yaaddawee ture. Achumaan
Ergamaa Rabbii (saw) akkamitti hiikte jedhee
gaafannaan sadihittiin hike jedhe. Sana booda
Nabiyyichi idduma takkatti moo jedhee
gaafannaan eeyyeen jedheen. Yeroo kana
Nabiyyichi akkana jedheen hiikkaaan sun
tokkumaatu argama waan ta’eef yoo feete
deeffadhu isaan jenneen yeruma sana deeffate.”
Kanaafuu Al-Imaam ibnu Teeymiyaan erga
ragaaalee kana hunda oofeen booda hiikkaan
sadihi jedhame tokko malee hin argamu gara
jechuutti adeemuun akkana jedhe: “Qur’aana
Rabbiitii fi Hadiisa keessatti jecha tokkoon sadihatti
akka hiikamtu wanni dirqama godhe hin jiru ykn
jechoota hedduun odoo deeffatuun keessa hin

155
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

jiraatin ykn nikaah hidhatuun keessa hin jiraatin


bakkuma takkatti argamti wanni jedhu hin jiru.
Garuu Qur’aanaa fi Hadiisa keessa wanti jiru
hiikkaa Rabbii fi Ergamaa Rabbii (saw) hayyama
godhan hiikuu dirqama godhuutu jira. Qiyaasaa fi
qorannooleen hundee shari’aa adda addaas
kanumarratti qajeelchu.”

1) Gurbaaf niitii isaa deeffachuun yeroo kam akka


hayyamamuu fi ishee hiikamte akkamitti iddaa
akka lakkaawwachuu qabu:
Hiikkaan qulqulluun yeroo gurbaan niitii isaa
jalqaba qulqullina ishii keessatti odoo hin xuqin
ykn ishee ulfa garaa qabdu yoo hiike ta’uu
dabarsineerra. Akkasumaan wajjiin gurbaan niitii
isaa teruma takkatti sadihiin hiikuun akka hin
hayyamamnee fi yoo hike dilaawaa ta’uu wajjiin
hiikkummaan takka akka argamtu dabarsineerra.
Amma immoo akkaataa gurbaan niitii isaa itti
deeffatuu fi isheen hiikamte akkamitti akka iddaa
ishee lakkaawwattu akka armaan gadii kanatti haa
ilaallu.

156
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

I. Niitii isaa gurbaan erga nikaah hidhatee


booda yoo isii tuquu baatellee hiikuu
mirga qaba garuu odoo wajjiin hin galin
hiikuun yoo argame intala san irratti
iddaa lakkaawwachuun waan hin jirreef
nama feete kan biraa yeroo feetetti
heerumuu ni dandeessi. Gurbaan duraan
fuudhe ishii odoo wajji hin galin hike tana
yoo deeffachuu barbaade nikaah
haarawaa fi mahrii haarawatti godhuurraa
hafinsi hin jiru. Garuu isheen tun hiikkaa
lama malee odoo hin qabne isatti deebiti.
Sababni isaa hiikkaa jalqaba hiikeen carraa
isaa sadeen keessaa tokko dhabeera waan
ta’eefi. Rabbiin ol tahe akkana jedhe: “Yaa
warreen amantan dubartoota
mu’umintoota ta’an fuutanii odoo isaan
hin tuqin yoo hiiktan iddaan isii
lakkaawwattan isaanirratti waan isiniif

157
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

hin ta’iniif isaaniif waa kennaa


gaggeessuu bareedaa isaan gaggeessaa.”
II. Isheen erga wajji jiraatanii booda hiikamte
ofii isheetiin mana dhiirsa isheerraa
bahuun akkasumaas gurbaan ishee
baasuun hin hayyamamu waan ta’eef
mana dhiirsa ishee keessatti iddaa
lakkaawwachuun dirqama itti ta’a.
ragaalee wantoota kanaa amma dura
dabarsineerra. Ishiin tun hanga iddaan
dhumutti niitii isaa waan taateef waan
iddaa keessa jirtuun ishee deeffatuun
gurbbaadhaaf mirga.
III. Isheen hiikamte akka armaan gadii kanatti
iddaa lakkaawwachuu qabdi.
a. Dubartii dhiigni laguu itti dhufu yoo
taate xaaharaa gurbaan hiikuu
keessatti labse irraa lakkaa’amuun
xumura xaaharaa sadaffaatiin iddaaan
ishee xumurama. Fakkeenyaaf iddaan

158
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

xaaharaan lakkaa’amu akkana fakaata:


xaaharaa, dhiiga laguu, xaaharaa,
dhiiga laguu ergasii xaaharaa dhumaa.
Asirratti xaaharaan sadaffaa dhumuun
intalti dhiiga laguu itti aanutti yoo
seente hiikkaan ishee xumurameera
waan ta’eef sababa kanatti lubbuu
ishee handhuurfattuu taati.
b. Dubartiin umrii dhiigni laguu itti
dhufu bira yoo dabrtee dhiiga arguu
dhiifte ykn xiqqoo ammaan dura
dhiigni itti hin dhufin ykn sababa biraa
kan ulfa hin ta’iniin yoo arguu dhiifte
iddaan ishee ji’a sadi fixuun
xumurama.
c. Dubartiin tan ulfa garaa qabdu yoo
taate ji’a sadihii gadi ykn achii ol
ta’uus iddaan ishee ulfa dahuu dha.
Wantooni kun hunduu Qur’aana
Rabbii keessatti ibsamaniiru. Rabbiin

159
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

ol ta’e akkana jedhe: “Dubartoota


keessanirraa isaan dhiiga laguu
arguurraa abdii muratan iddaa isaanii
keessatti yoo shakkitan iddaan isaanii
ji’a sadihi. Isaannan dhiigni laguu itti
hin dhufiniis akkasuma iddaan isaanii
ji’a sadihi ta’a. warreen ulfa qaban
immoo iddaan isaanii ulfa isaanii
dahuu dha. Nama Rabbi sodaate
rakkina isaarraa Rabbbiin laafina
godhaafi.” Ax-
Xalaaq(4)
IV. Gurbaan yeroo niitii isaa hiiku dhiira sirrii
ta’an lama raga godhachuu qaba.
Akkasumaas yeroo ishee deeffatuus jecha
Rabbii ol ta’ee kan armaan gadii kanatti
hoojjachuuf raga godhachuu qaba: “Yeroo
isaan beellama isaanii gahan toltuun isaan
dhiifadhaa ykn toltuun isaaniin adda
bahaa. Nama lama kan dhugaa kan

160
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

isinirraa ta’an raga godhadhaa. Raga


Rabbumaaf jecha qajeelchaa! Isa armaan
olii kana nama Rabbii fi guyyaa
aakhiraatti amanuutu ittiin gorfama.
Nama Rabbi sodaate Rabbiin furmaata
isaaf godha.” Raga itti godhuun dirqama
ta’a jechuun keenya dirqama cimaa san
odoo hin ta’in wal-dhaba argamu muruu
fi dubbii san qabuufi.
V. Deeffatuun jecha ykn hojii gurbaarraa
argamu kan deeffatuurratti qajeelchu kan
akka si deeffadhe ykn sitti deebi’e fi k. k. f
. hundaanuu ni argama. Akkasumaas wal-
qunnamtii saalaatiiniis ni argama.
VI. Gurbaan niitii isaa erge hiikeen booda
ddeeffachuu yeroo lama qofaaf mirga
qaba. Hiikkaa sadaffaa yoo argamsiise
guutumaan guututti isarraa
qulqullaawuun ajnabiyyaa isaaf taati.
Garuu hanga iddaan ishee dhumutti

161
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

dhiirsa biraa heerumuu hin dandeessu.


Ammaas iddaa sadaffaa keessatti intalti
hiikamte mana dhiirsa ishee hin teessu.
Akkasumaas masruufaa fi iddoo
teessumaas isarraa hin qabdu.

2) Wantoota iddaa hiikaminsaa keessatti


argaman:
Akka amma dura dabarsinettti hiikkaan eegala
xaaharaa ykn yeroo ulfaa keessatti yoo argame
malee akka sirrii hin taane dubbanneerra.
Akkasumaas yeroo iddaa lakkaawwattu mana
dhiirsa ishee keessa jiraachuun dirqama akka ta’e
dubbanneerra. Kana malees iddaa dhiiga laguu,
kan ulfaa fi ishee dhiiga laguu hin qabne bal’inaan
ibsinee dabarsineerra. Garuu wanti dubachuu
barbaannu yoo yeroon iddaa xumurame
gurbbaaniis murannoo hiikuurratti itti fufe murtiin
niitii sanii dhiirsaaf murtii ajnabiyyii waan taateef
maal akka ta’uu qabdu beekuu qabna. Sababni
isaas wantoota hiikkaa wajjiin wal-qabatanii fi

162
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

dirqamoota rabbiin ogeessa ta’e wal hiikuurratti


kaa’eetu jira. Dirqamoonni sun akkuma haala
dubartootaatiin wal dhaba waan ta’eef akka
armaan gadiitti haa ilaallu:

I. Masruufaa fi mana yeroo iddaa lakkaawwattuu:


Wantoonni kun dhugumatti dirqama niitiin dhiirsa
isheerraa qabduu dha waan ta’eef isheeniis
dhuunfaa isaa jala jiraachuurraa hin deemne.
Akkasumaas deeffachuu waan danda’uuf niitii isaa
ta’uurraa hin deemne. Ammaas mana isaa keessa
jiraatuu hin dhiifne waan ta’eef ishee baasuun isaaf
hin hayyamamu. Kanaafuu yeroo iddaa keessa
masruufaa fi mana jireenyaa itti godhuun isarratti
dirqama. Iddaan ishee akka asiin dura dabarsinetti
xaaharaa sadihiin ykn ji’oota sadihiin ykn yeroo
ulfaa kan ji’oota san caalaa dheeratuun ta’uus
wantoota san godhuun dirqama. Yeroo iddaan
dhume masruufaa fi manni jireenyaa dirqama
ta’uun ni xumurama.

163
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

II. Jibbaa ishee hiikamtee:


Rabbiin dhiiroota niitiilee isaanii hiikan irratti
akkuma haala qabeenya isaaniitiin yeroo hiikkaan
gaggeeffame niitii isaaniitiif kennaa gummaachuu
dirqama godheera. Sababni kennaa kanaa hamilee
ishee hiikamtee eeguuf akka ta’e nama irraa hin
dhokatu. Kennaan kun wanti inni irratti qajeelchu
hiikkaan sababa rakkinaa fi furmaata
tokkichagidduu gurbaa fi intala adda baasuuf
godhame ta’uu argisiisa. Kennaa kana Rabbiin
Aayatoota lama kan Qur’aana isaarraa ta’an
keessatti akka armaan gadiitti dirqama godheera:
“Yerooo odoo isaan hin xuqin ykn mahrii isaaniif
hin murteessin dubartoota yoo hiiktan diliin
isinirra hin jirtu. Ammo qixa dandeettiitiin
qabaataan qixa isaatiin akkasuma dhabaaniis
qixuma isaatiin kennaa akka beekkametti namoota
toltuu hoojjatan irratti haqa ta’e isaaniif kennaa.”
Aayata kana keessatti Rabbiin niitiilee odoo hin
galfatiniin durallee hiikuu halaal nuuf godhe.

164
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Akkasumaas odoo mahrii isaaniif maqaa hin


dhawin hiikuu halaal nuuf godhuu wajjiin kennaa
qixa dandeettiitiin hamilee isaanii eeguuf isaaniif
kennuu dirqama nurratti godhe.

III. Haqa dhuunfaa isaanii kennuufii:


Haqni shari’aa keessatti murteeffame ishee
hiikamteef haqa horii kan dirqama gurbaa keessatti
jiru mahrii isiif hin kenning ta’uus ykn beellama
horrii kan isheef hin guutin ta’uus ykn kennaa
birroo tan yeroo fuudhaa isheef kenne ta’uus abbaa
manaatiif niitii isaa tan hiikamte irraa wantoota
kana hunda deeffachuun akkasumaas waan isheef
beellama godhe ykn of qabsiise mormuun
goonkuma hin hayyamamu. Ragaan wantoota
kanaa jecha Rabbii kan armaan gadiiti: “Iddoo niitii
takkaa niitii jijjiirrachuu yoo barbaaddan odoo
duraan takkaa isaaniitiif qabeenya guddaa
kennitanii jirtanuu wanta sanirraa humaa takkallee
hin fudhatinaa. Cubbuu fi yakka guddaa haala
ta’een isa fudhattanii?! Odoo garii keessan garii

165
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

wajjiin jiraataa turee beellama cimaa isinirraa


fudhatanii turan akamumatti isa san irraa
fudhattan?!” aayata kana keessa hiikkaa fi
murtiileerraa akkasumaas ergaa adda addaarraa
bbarnoota baay’ee iddoon kun nuuf hin fuuneetu
jira. Dimshaashumatti gurbaan intala hiikerraa
wanta isheef kennee turerraa odoo qabeenya
ziqeyaa baay’ee ta’ellaa akkasumaas odoo ishee
wajjiin yeruma gabaabduu qofa jiraatellee irraa
fudhachuun hin hayyamamu. Kana jechuun inni
miidhaa raawwatu guutumaan guututti gurbaa
qofa ykn Dubartiin miidhaa raawwachuuf iddoo
hin qabdu jechuu miti. Akkasumaas inni arjaan
waa kennuu qabu gurbaa qofa malee intalti amala
arjummaatiif iddoo hin qabdu jechuu miti.

e) Nama ilmaan guddisuu qabu:


Ibsa ammaan duraa keessatti sababa nikaah
hiikuutiin dirqamoonni hedduun akka jiru
tarreessineerra. Dirqamoota san keessaa kan
dhumaa ilmaa guddisuu waan ta’eef isaan

166
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

lamaanirraa kan ilmaan guddisuun irratti dirqama


ta’e eenyu gaaffii jedhu deebisuuf akka armaan
gadii kanatti haa ilaallu:

1. Intalti yeroo hiikamtu yoo ulfa qabaatte


hanga isiin deessutti masruufuun
gurbaarratti dirqama. Erga deesseen
booda ilmoo ishee guddisuu ykn abbaaf
kennuu filatuu mirga qabdi. Yoo
guddisuu filatte ishee fi ilmoo danda’ee
masruufa qixa dandeettii isaatiin itti
baasuun gurbaarratti dirqama.
Akka Rabbiin Aayata armaan gadii
keessatti ibsetti hodhaan guutuun
waggaa lama fixa:

‫}واﻟﻮاﻟﺪات ﻳﺮﺿﻌﻦ أوﻻدﻫﻦ ﺣﻤﻠﻴﻦ ﻛﺎﻣﻠﻴﻦ ﻟﻤﻦ أراد‬

‫ وﻋﻠﻰ اﻟﻤﻮﻟﻮد ﻟﻪ رزﻗﻬﻦ وﻛﺴﻮﺗﻬﻦ‬،‫أن ﻳﺘﻢ اﻟﺮﺿﺎﻋﺔ‬

‫ ﻻ ﺗﻀﺎر واﻟﺪة‬-‫ﻻ ﺗﻜﻠﻒ ﻧﻔﺲ إﻻ وﺳﻌﻬﺎ‬- ‫ﺑﺎﻟﻤﻌﺮوف‬

،‫ وﻋﻠﻰ اﻟﻮارث ﻣﺜﻞ ذﻟﻚ‬،‫ﺑﻮﻟﺪﻫﺎ وﻻ ﻣﻮﻟﻮد ﻟﻪ ﺑﻮﻟﺪﻩ‬

167
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

‫ﻓﺈن أرادا ﻓﺼﺎﻻً ﻋﻦ ﺗﺮاض ﻣﻨﻬﻤﺎ وﺗﺸﺎور ﻓﻼ ﺟﻨﺎح‬

‫ وإن أردﺗﻢ أن ﺗﺴﺘﺮﺿﻌﻮا أوﻻدﻛﻢ ﻓﻼ ﺟﻨﺎح‬،‫ﻋﻠﻴﻬﻤﺎ‬

‫ واﺗﻘﻮا اﷲ‬،‫ﻋﻠﻴﻜﻢ إذا ﺳﻠﻤﺘﻢ ﻣﺎ آﺗﻴﺘﻢ ﺑﺎﻟﻤﻌﺮوف‬

. {‫واﻋﻠﻤﻮا أن اﷲ ﺑﻤﺎ ﺗﻌﻤﻠﻮن ﺑﺼﻴﺮ‬

“Haadhooleen nama hodhaa


guuttachiisuu fedheef ilmaan isaanii
waggaa lama guutuu haa hoosisan.
Akka beekkametti haadhoolee sooruu
fi uffisuun abbaa ilmoorratti dirqama.
Luuguun dandeettii isheetti malee hin
dirqamtu waan ta’eef haati ilmoo
isheetti kophaa hin rakkifamtu
akkasuma abbaaniis ilmoo kophaa
hin rakkifamu. Nama isaan
dhaalurratti fakkaataan wanta sanaa
dirqama. Jaalala isaan lamaaniitii fi
wal mariin yoo guusuu fedhan
rakkinni isaan lamaanirra hin jiru.

168
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Isin dhiiroonni ilmaan keessan nama


biro yoo hoosifatuu barbaaddan
wanta kennitan akka beekkametti
yeroo kennitan rakkinni isin irra hin
jiraatu, Rabbi Sodaadhaa, Rabbiin
waan isin hoojjattan argaa ta’uu
beekaa.” Aayata kana keessatti
gurbaarratti masruufa baasuu
dirqama godhe. Inni abbaa ilmoo
waan ta’eef niitii isaa tan hike akka
ilmoo isaa guddiftu masruufa itti
baasuu dirqama dhiirsarratti erga
godheen booda yeroo odoo garaa
qabduu ykn hoosiftuu gurbaan yoo
du’e warra isa dhaalurratti ishee
masruufuu dirqama godhe.
Akkasumaas gurbaa fi niitiif nama
haadha hin ta’in hoosisuu irratti
jaalala ishiitiin yoo ta’e masruufa
baasuu halaal godheef. Garuu niitii

169
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

hiikamte akka ilmoo isaa hoosiftuuf


irratti gurbaan dirquu mirga hin
qabu. Haa ta’u malee isheen guddisaa
ilmoo saniirratti isa akka hin rakkifne
niitii dhoorgeera. Keessaahuu intala
hoosiftuu fi tan ilmoo isaaf guddiftu
yoo dhabe ykn ilmoon sun haadha isa
deesseef malee kan hin tasgabboofne
yoo ta’e. Akkasumaas gurbaan ilmoo
isaatiif haadha qofa akka hin rakkifne
fakkeenyaaf masruufa isii dhoorguun
ykn ilmoo isheerraa fudhachuun akka
hin rakkifne Rabbiin gurbaa
dhoorgeera.
2. Yeroo daa’imichi waggaa lama guutee
haadha isaarraa gu’e maarsaan guddisaa
fi isaaf of qabuu iddoo kanattiis jira waan
ta’eef islaamummaan sana keessatti
karaa guutuu ta’e kan haqaa fi rahmata
akkasumaas gaaroomina of keessaa qabu

170
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

nuuf karaa goote. Islaamummaan erga


hiikamtee booda waan hin heeruminiin
ilmaan ishee guddisuutti haadhaaf
akkaan mirga guddaa kennite. Ragaan
kanaa hadiisa Amri bin Shu’eeybi abbaa
isaarraa inniis akaakoo isaa Amri bin Al-
Aas irraa gabaase kan akkana jedhuu
dha: “Intalti takka Ergamaa Rabbiitiin
(saw) ilma kiyya kana garaan kiyyaa fi
tafti tiyya isa haammataa ta’e harmi isaaf
qalqalloo ta’ee ture. Abbaan isaa
sirraahiin furadha naan jedhe.achumaan
Ergamaa Rabbii (saw) waan hin
heeruminiin siitu itti haqa jedheen.”
Imaamu Ahmad, Beeyhaqii fi Haakimiitu
gabaase.
3. Yeroo ilmaan addaan waa baasanii
hubatuu ga’an haadhaa fi abbaa keessaa
kan fedhan filachiisuun ni hayyamama
waan ta’eef yeroo haadhaa wajjiin hafuu

171
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

jaallatan ishiii biratti hafu. Yoo abbaa bira


jiraachuu fedhaniis mirga qabu. Ragaan
kanaa hadiisa Imaamu Ahmad, Ibnu
Maajah fi Tarmiiziin sahiiha godhuun
gabaasan kan akka Ergamaan Rabbii
(saw) mucaa tokko haadhaa fi abbaa
keessaa kan fedhe filachiise dubatuu dha.
Gabaasa biraa keessatti intalti takka
dhuftee akkana jette: “Yaa Ergamaa
Rabbii (saw) jaarsi kiyya ilma kiyya kana
erga inni bi’irii(eela) Abii Inabaa irraa na
obaasee akkasumaas na fayyaduu eegale
narraa fudhachuu barbaada. Achumaan
Ergamaan Rabbii (saw) isarratti carraa
kaasaa jedhee ajajnaan dhiirsi ishee
eenyuutu ilma kiyya keessatti na waliin
mirga qaba?! Jennaan Ergamaan Rabbii
(saw) micichaan akkana jedhe kun abbaa
keeti tuniis harmee teeti waan taateef
harka isaan lamaaniirraa kan feete

172
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

qabadhu. Achumaan mucichi harka


haadha isaa qabannaan haati isaan
deemmatte.”
4. Iddoo kanatti jechoota baay’ee fi gidduu
beektootaatti wal-dhaba hedduutu jira
waan ta’eef jalqabarratti ragaalee
qulqulluu wajjiin waan wal faalleessa
waan ta’eef jalqaba irratti dubbatuu irraa
gara gallee turre. Sababni isaa yaadaa fi
ilaalcha irratti ijaaramti waan taateef
booda aansine. Isheeniis ilmoo
filachiisuun hin hayyamamu yaada
jedhuu dha. Yoo ilmoon san dubara taate
hanga heeruma geessee bakka argattutti
haadhaatu mirga itti qaba. Dhiira immoo
hanga gaa’ilummaa ga’ee duroomutti
abbaatu mirga itti qaba yaada jedhuu
dha.

173
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

f) Gahee dubartiin hiikkaa keessatti qabdu:


Ammaan dura akka qur’aanaa fi hadiisaatti
hiikkaan maal akka ta’e ibsa bal’aa itti kennuun
dabarsineerra. Akkasumaas hiikkaan karaa
gurbaatiin waan ta’eef gahee gurbaa tarkaanfii
jalqabaarraa hanga dhumaatti ibsuun
tarreessineerra. Har’a immoo gaheen dubartiin
qabdu maali gaaffii jedhu deebisuuf shari’aan
yeroo hiikkaan intalarratti raawwatamte toltuu
hoojjachuuf iddoo kenneefii jiraa? Ammaas abbaa
manaa hiikkaaan harka isaa jiraachuun wajjiin
niitiin isa rakkisuun ni mijjaa’aa?

Dhugumatti shari’aan niitiif mooggaa haqaa qofa


kennuuf odoo hin ta’in toltuu hoojjachuu keessaa
akka iddoo qabaattu ishii afeertee jirti. Kana malees
iddoo tokko tokkotti oduma rakkisuu dandeessuu
abbaa mana ishee akka hin rakkifne shari’aan niitii
dhoorgiteerti. Amma mooggaa ishiin toltuu
hoojjachuutiin haa eegallu:

174
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

a) Intala odoo hin galfatin hiikamte tan mahriin


isiif maqaa dhawamtee jirtu walakkaa
mahrii sanii rabbiin isheef murteessuun
hamilee ishee eeguuf akkasumaas dhiirsi
duraan hariiroo waliin qabaachuu
barbaadde irraa ishee bakka buusuuf
Rabbiin kenneefi. Walakkaa mahrii
fudhatuun haqa. Akkasumaas giddu gala,
gurbaas hin miidhu akkasuma intalaas hin
miidhu. Garuu intalti yoo toltuu hoojjachuu
feete walakkaa mahrii kan ishee kanarraa
gurbaa nah in galfatin kan anaa waliiniis hin
jiraatin akkamittiin galata horii isaarraa ta’e
halaal goradha jettee akkaa irraa buutu
Rabbiin ishee waameera. Akkasumaas iddoo
kanatti gurbaas niitii odoo hin galfatin
hiikeef mahrii isheerraa walakkaa hafe
hamilee ishii eeguuf akkasumaas hidhaa
nikaah harka isaatti waan godheef Rabbi
galatoomfatuuf ishiirratti akka tola oolu

175
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Rabbiin isaas waameera. Ragaan kanaa jecha


Rabbii ol aaneeti: “Odoo mahrii isaanii
murteessitanii jirtanuu isaan tuquun duratti
yoo isaan hiiktan yoo isaan isinii dhiisan
malee ykn inni hidhaan nikaah harka isaa
keessa jiru yoo dhiise malee walakkaa waan
isaanii murteessitaniitu isaaniif jira. Garuu
waliif dhiisuutu gara Rabbi sodaatti irra
dhihoo dha. Kabajaa gidduu keessanitti
taatees hin irraanfatinaa. ”
b) Rabbiin ol ta’e niitiif abbaa mana isheerratti
mahrii xiqqaa fi guddaa isaatiif daangaa
odoo hin godhin dirqama godhe.
Akkasumaas ulaagaa nikaahn sirrii ta’uuti
godhe. Haa ta’u malee intalaafiis muraasa
mahrii ykn hunda isaa abbaa manaatiif akka
armaan gadii kanatti irraa bu’uu mirga
godheef: “dubartootaaf mahrii isaanii
murteeffamtuu godhaa kennaaf sana booda
waan isarraa fedhe jaalala lubbuu isaaniitiin

176
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

yoo isiniif kennan bareedaa gadi dabraa


haala ta’een nyaadhaa.” Kan asiin oliitti
haasoofne kun hundi tola walii oluurraa
mooggaa tokko yoo ta’u dubartiin dhiirsa
isheetiif muraasa mahrii irraa bu’uun ykn
guutumattuu dhiisuun waliin jireenyi isaanii
akka itti fufu ta’uu argisiisa. Garuu waliif
irraa bu’uun kun iddoo hiikkaattiis argamuu
danda’a. haa ta’u malee gurbaan yeroo ishee
hiikuu fedhe waan niitii isaatii kenne irraa
huma akka hin fudhanne akkuma Rabbiin
jedhetti itti murteeffameera: “niitii takka
iddoo niitii biraa jijjiirrachuu yoo
barbaaddan odoo takkaa isaaniitiif qabeenya
guddaa kennitanii jirtanuu wanta sanirraa
humaa hin fudhatinaa. Sa cubbuu fi yakka
cimaa haala ta’een irraa fudhattanii?! ” kun
akkuma jirutti odoo jiruu gariin isaanii gariif
irraa bu’uu ykn waliif arjoomuu wanti
dhoorgu hin jiru.

177
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

g. Haalaa fi ga’een dubartiin ittiin abbaa


manaa miidhuu dandeessu
Haalaa fi ga’een dubartiin ittiin abbaa manaa
miidhuu dandeessu baay’eetu jira san keessaa
muraasni akka armaan gadii kana fakkaata:

a) Hiikkaa dhaga’uun ykn hiikkaarratti


muratuu isaa dhaga’uuf jecha mana dhiirsa
isheerraa bahuun miidhaa guddoo dha.
Waa’ee kanaa ammaan dura bal’inaan
ibsineerra.
b) Masruufa iddaa keessatti isiif kennamu ykn
iddoo guddisa ilmaaniitiin dhaabbattetti
kennamuuf qixa dandeettii gurbaatii ol
baay’iftee gaafachuu.kun faallaa jecha
Rabbiin ol ta’e dubbateeti: “abbaan
qabeenyaa qabeenya isaarraa haa kennu
namni sooranni isaa itti xiqqaate rabbbii
lubbuu takka waan ishee kenne kennuutti
malee hin dirqu waan ta’eef waan rabbiin
isaaf kenne irraa haa kennu.”

178
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

c) Intalti takka daa’ima ishee hoosisuu fi


guddisuu erga hiikamteen booda heerumuu
kajeeluu fi abbaa ilmoo rakkisuuf jecha
diduu. Yeroo tokko tokko daa’imni harma
haadha isa deessee malee hin fudhatu waan
ta’eef gurbaan ilma isaatiif ni rakkata.
Sababni diduu kanaa gurbaarraa haaloo
bahachuuf fedhinnaan isii daangaa
darbuurraa kan ka’e ykn maatiin ishee akka
diddu godhuurraa kan ka’e hoojjachuu
dandeesse. Adeemsi akkanaa akkuma
Rabbiinuu dubbate wal rakkisuu ta’a: “Haati
ilmoo isheetti kophaa rakkifamuu hin
qabdu. Abbaaniis ilma isaatti kophaa
rakkifamuu hin qabu.”
d) Isheen hiikamte dhiirsa ishee kan jalqabaa
abbaa ilmaan ishee kan ta’e yeroo ilmaan
ishee bira jiru arguu dhoorguu. Hojii kana
keessatti abbaa ilmoo rakkisuun waan jiruuf
dubartiin hiikkamte baay’eetu karaa kana

179
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

qabachuun abbaa ilmaan isaarraa dhoorgaa


jirtuutu jira. Sana qofa odoo hin ta’in haaloo
ofiitiif jecha jibbanna lubbuu ilmaanii
keessatti tan uumtuus jirti. Akkuma
dubartiin kana hoojjattu gariin dhiiraas kan
waan kana hoojjatu jiraatuun mul’ataa dha.
Dimshaashumatti wal-rakkisuun bifa kanaa
isa shari’aan hoojjachuu irraa dhoorguun
akkasumaas irraa baqachiisuun dhuftee dha.
e) Odoo dhiirsi deeffatuu mirga qabuu erga
ishee hiikee hanga iddaan ishee dhumutti
waan isii dhiiseef itti heerumuu diduu.
Yeroo tokko tokko erga hiikee booda
qajeelee ishee qaadhimachuuf yoo dhufe
dubartiin diddu jirti. Kuniis akkuma armaan
oliitti wal-rakkisuurraa ta’a. Dhugumatti
dubartiin hiikamte dhiirsa isa beektu kan
inniniis ishee beekutti deebi’uutu gurbaa
biraa heerumuurra caalaafi waan ta’eef
Rabbiin fira dubartii abbuma manaa kan

180
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

ishii hiikee ergasii itti deebi’uu barbaade


akka deebisaniif irratti akka armaan gadiitti
kakaaseera: “Yeroo dubartoota
hiiktanii(takkatti ykn lamatti) iddaa isaanii
fixatan dhiirsa isaanii gidduu isaaniitti
tolaan jiraachuu yoo walii jaalatan
heerumuu hin dhoorginaa. Isa kana nama
Rabbii fi guyyaa aakhiraatti amanuutu
gorfamaani. Isumaatu isiniif bu’aa qaba,
akkasuma qulqulliidhaasi. Rabbuma kan
beeku isin hin beektan.”

3. Khul’iin (niitiin horii kennuun) adda


ba’uu:
Akka ammaan dura dubbannetti akkaataa haati
manaatii fi abbaan manaa itti gargar bahan keessaa
fkn lama dubbanneerra. Isaaniids du’aa fi hiikkaa
yoo ta’an amma immoo akkaataa sadaffaa khul’ii
(qabeenya kennuun) niitiin abbaa manaa ofii jalaa
of baasuu. Akkuma beekkamutti hiikkaan fedhii fi

181
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

ka’umsa karaa gurbbaatii argamu yoo ta’u khul’iin


immoo fedhii gara niitiitii argamu ta’. Namni tokko
islaamummaan dubartiif yoo isheen barbaadde
dhiirsa ishii dhiisuu keessatti ykn isaa waliin
jiraachuu yoo jibbite mirga ishiif hin goonee?
Jedhee yoo gaafate, deebisaan akka armaan gadii
kana ta’a: dhugumatti islaamummaan intalti takka
dhiirsa ishee waliin jiraachuu yoo jibbite sababa
gahaa erga dhiheeffattee booda isa jalaa bahuuf
mirga kana isheef kenniteerti. Garuu bu’uraa fi
qabatama armaan gadiitti tarreeffameen ta’uu qaba.

a) Karaa godhamuu bifa kanaa keessatti


Hadiisa Bukhaarii fi Nasa’iin Abdallaa bin
Abbaas irraa akkana jechuudhaan
gabaasanii dha: “Niitiin Saabit bin Qeeysi
bin Shammaas gara Ergamaa Rabbii(saw)
dhufuun akkana jettee himatte: yaa Ergamaa
Rabbii(saw)! Saabit naamusaa fi Amantii
keessatti hin komadhu. Garuu kufrii
islaamummaa keessatti taateen sodaadha.

182
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Achumaan Ergamaa Rabbii(saw): ooyruu


isaa isaaf ni deebistaa jennaan eeyyeen niin
deebisaafi jette. Sana booda Ergamaa
Rabbii(saw) Saabitiin akkana jedhe ooyruu
irraa fudhadhuu hiikkaa takka ishee hiiki.”
Hadiisni kun wal tahii nikaah dhiirsa ishee
kan amalaa fi amantii keessattiis rakkina hin
qabne tokko jalaa karaa kanaan of baasuun
akka hayyamamu ragaa dha.
b) Haala kana keessatti gurbaan mahrii intalaaf
kenne deeffachuun ni hayyamamaaf. Ragaan
kanaa Hadiisa reefu darbee fi jecha Rabbiiti:
“wanta isaan of kennitan irraa yoo
daangaalee Rabbii sirreessuu dhabuu
sodaattan malee humaa takka hin
fudhatinaa, yoo daangaalee rabbi sirreessuu
dhabuu beektan wanta isheen ofiin furte
keessatti rakkoon tokko isaan lamaan irra
hin jiraatu. Isheen tun daangaalee Rabbiiti
waan taateef hin tarkaanfatinaa. Namoonni

183
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

daangaalee Rabbii tarkaanfatan miidhaa


raawwatoon isaanuma.”
c) Wanti intalti ofiin baasuuf dhiirsa isheetiif
kennitu mahrii qofa ta’uun dirqama. Ragaan
kanaa jecha Ergamaa Rabbii(saw) hadiisa
Daara Quxniin qulqulluu godhuun abii
Zubeeyri irraa gabaase keessatti akkana
jechuutu jira: Ergamaa Rabbii(saw) “niitii
qeeysiitiin ooyruu inni siif kenne isaaf ni
deebistaa” jennaan, eeyyeen jetteen. Yeruma
kana Ergamaa Rabbii(saw) : “ dabala biraatii
mitii ooyruma isaa qofa ni dhiiftaafii jennaan
eeyyeen jette.” Garuu faallaa kanaa jecha
Rabbiin: “Waan isheen ofiin baafte keessatti
rakkoon isaan lamaanirra hin jiraatu jedhe
san irra dhaabbatuun gariin sahaabootaatii
fi beektoonni baay’een odoo daangaan hin
godhamin waan isheef kenne irra baay’ee
fudhatuun abbaa manaatiif ni hayyamama
jedhu. Isaaniis raga kana iddoon irraa

184
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

fudhatan jecha wanta isheen ofiin furte


bal’ina waan qabuuf kana murteessan haa
ta’uu malee ballinni jecha sanii jecha
Ergamaa Rabbii(saw) wanta inni siif kenne
irra dabaluu miti kan jedhu saniin
gabaabsuutu gaarii dha. Ammaas waan inni
kenneefirra akka dabaltu murteessuun ishee
miidhuu ta’a waan ta’eef haqni waanuma
inni kenneef isaaf deebisuu dha.”
d) Niitiin isaa yeroo khul’ii if goote gurbaan
ishiin adda bahuurratti ni dirqamaa?
Yaadni qulqulluun ammaas intalti yeroo
dhiirsa isheetii wajji jiraachuu hin danda’in
isa jibbuun haqa isaatiin dhaabbachuu irraa
ishee waan dhoorguuf odoo ishee jaalatellee
isheen adda bahuurratti gurbaan ni dirqama
yaada jedhuu dha. Ragaan jecha kanaa
Ergamaan Rabbii(saw) Qeeysi bin
Shammaas niitii isaatiin akka adda bahu
ajajeera. Ajajni suniis jecha Ergamaan

185
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Rabbii(saw) isaan jedhe: “Ooyruu fudhadhu


hiikkaa takka hiiki.” Ajajni Ergamaadhaa
dirqama ta’uu murteessa waan ta’eef yaadni
yoo inni dide niitiin dhiirsuma jibbituu
wajjiin jiraachuu qabdi jedhu bu’ura hin
qabu. Dubartiin abbaa mana ishee erga
heerumteen bbooda jibbitu baay’eetu jira.
Odoo jibbituu akka wajji jiraattu irratti isii
dirquun dachii baleesssuu dha. Sababni
isaas jireenyi fuudhaan boodaa wal ta’uu fi
jaalala irratti hundaa’a malee dirquu
hanqinarratti hin hundaa’u. gurbaan haadha
mana isaa humnaan akka isaa galfamtu
barbaadu namummaa hin qabu.
Akkasumaas niitiin abbaa manaa isii jibbu
wajjiin jiraattu jireenya fudhatama qabuu
miti.
Dimashaashumatti yaadni nuti fudhanne
kun yaada beektoota ciccimoo irraa dhufe
kan akka Imaamu Showkaanii faadha. Inni

186
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

erga hadiisa khul’ii oofeen booda akkana


jedhe jibbanti karaa niitii qofaan argamuun
khul’iin hayyamamuu irratti nama qajeelcha
jedhe. Yaadni Shoowkaaniin dhiheesse kun
dhugaa Rabbiin Qur’aana isaa keessatti
Aayata armaan gadii keessatti dubbate
ta’uun shakkii hin qabu: “Dubartootaaf
dhiirsa isaaniirratti fakkaataa waan dhiirsaaf
isaanirratti jiruutu akka beekkametti jiraafi.
Dhiiraaf immoo isaanirra sadarkaatu jira. ”
asirraa ka’uun akkuma gurbaan niitii isaa
hiikuu mirga qabu intaltiniis dhiirsa ishii
jalaa yeroo isaa wajjiin jiraachuun
daangaalee rabbi sirreessuu hin danda’in
mirga qabdi. Ammaas ibnul Al-Qayyim erga
aayata ammaa kana oofee yaada akkana
jedhu dhiheesse: “Gareen namarraa addaa
takka ragaalee fi walii galtee faalleessuun
khul’ii dhoorganiiru. Aayanni kun hayyama
mooticha ykn nama biraatiin khul’iin

187
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

guutumaan guututti sababiin qabatamaan


jiraannaan akka hayyamamu irratti raga
dha.”
e) Akkaataa olitti ibsameen khul’iin yoo
gaggeeffame hiikkaa qulqulluu ta’eeti
ilaalama waan ta’eef iddaa ishii keessatti
gurbaan deeffachuu mirga hin qabu. Garuu
yoo ishiin jaalatte nikaah haarawaa mahrii
haarawaan itti deebi’uu danda’a.
f) Khul’iin isheen abbaa manaatiin adda baate
iddaan ishee akka iddaa hiikkaatti dhiiga
laguu sadihiin osoo hin taane yeruma takka
dhiigni laguu itti dhufuudhaan argama.
Ragaan kanaa Hadiisa Rubayyi’I binti
Mu’awwiz kan Nasa’iin gabaasee dha. Inniis
akkana jedha Ergamaan Rabbii(saw) intala
dhiirsa ishee jalaa khul’ii if goote dhiiga
laguu tokko qofa dabrfattee maatii isheetti
akka galtu ajajeera.

188
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

4. Nikaah hidhame balleessuu fi


fudhatama dhoorguu(faskhii)
Wal-ta’ii fuudhaa xumuruuf akkaataa lama
dabarsine. Akkaataan tokkoffaa hiikkaa gurbaarraa
argamu kan wal-ta’ii fuudhaa xumuru yoo ta’u,
akkaataan lamaffaa wal-ta’ii ffuudhaa xumuruun
sababa niitiin barbaaddeef khul’iin adda bahuu
dha. Amma immoo wal-ta’ii fuudhaa xumuuruuf
akkaataa sadaffaa kan karaa gurbaatiin ykn karaa
intalaatiin hin ta’in wanni nikaah hidhame
balleessu ykn fudhatama dhoorgu qaama biraatiin
argamuu dha. Inniis akka armaan gadii kana
fakkaata:

1. A. isaan lamaan gidduutti tokko tokkoof


fira godhu kan akka harma intala takkaa
wajjiin hodhuu mul’achuu dha. Yeroo kana
nikaahn isaanii kan duraan hidhame
fudhatama hin qabu waan ta’eef wajji
jireenya isaan lamaan odoo wanta kana hin
beekin turan keessatti Rabbi biratti
sababa(uzrii) qaban waan ta’aniif fuula
dura immoo erga beekanii wajji jireenya itti
fufuun isaanii fudhatama hin qabu.
B. nikaahn isaan lamaanii bu’ura isaa
keessatti kan shari’aan irraa dhoorgite kan

189
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

akka nama biraatiif halaal ggodhuu ykn


nikaah koontoraataa ta’uun mul’achuu dha.
Fuuni gosa kanaa akka fudhatama hin
qabne kanaan dabarsineerra. Yeroo fuuni
isaan lamaanii bifa kanaan gaggeeffamuun
mul’ate nnikaah haraawaan yoo ta’e malee
wajji jiraachuun hin ta’u.
C. niitiii firri ishee daa’imummaatti kenne
yoo taate ulaagaa nikaarraa jaalatuun tokko
waan ta’eef isheen bifa kanaan
heerumsiifamte yeroo gaa’ilummaa geese
gaafa heerumsiifamtu xiqqoo waan turteef
akkasumaas fedhinnaa ishheetiin alatti
waan heerumsiifamteef nikaah san
fassakhuu(balleessuu barbaaduu) mirga
qabdi. Akkasumaas shamarreen odoo hin
jaalatin gurbaa tokkoof heerumsiifamte
wal-ta’ii nikaah yoo balleessuu barbaadde
fassakhuuf mmirga qabdi. Yoo taa’uu
barbaaddees akkasuma mirga qabdi.
2. Wantoota nikaah fassakhuu hayyamsiisan
keessaa eeybii(rakkina dhokotaa) isaan
lamaanirraa tokko ykn firri isaanii yeroo
nikaah hidhan morme yoo argame faskhiin
ni hayyamama. Beektoonni islaamaa
rakkina gama shari’aatiin faskhii hayyamu

190
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

keessatti wal-dhabaniiru. Garuu kan akka


maraatuu, dhukkuboota daddarbaa,
dadhabbii abbaa manaatii fi intaltiniis
qunnamtii saalaatiif tan hin mijjoofne yoo
taate rakkina faskhii argamsiisu ta’uu wal
dhabni hin jiru. Rakkina biraa kan afaan
ajaa’uu fi wantoota kana fakkaatan keessatti
faskhiin ni jira moo hin jiru jechuu keessatti
wal dhabni jira.
3. Wantoonni faskhii dirqama godhu
argamuu dha. Isaaniis akka armaan gadii
kanatti haa ilaallu:
a. Islaamummaarraa gara galuu: gurbaan
tokko odoo intala muslimaa of jalaa
qabuu yoo kafre ykn intaltiniis gurbaa
muslimaa jala odoo jirtuu yoo kafarte
nikaah bballeessuun dirqama.
b. Masruufa dhabuu: kana jechuun
gurbaan niitii isaa jiraachisuu fi
masruufaan hin dadhabuu jechuu dha.
Garuu niitiin gurbaan dadhabuu fi
masruufa itti kennu dhabuu isarratti
obsuun bareedaa dha. Akkasumaas yoo
dandeesse gurbaa sana gargaaruun
haala gaarii irraa lakkaa’ama. Akkuma
gurbaan yoo niitiin haqa isaa tokko

191
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

tokkko isaaf guutuu dadhabde kan akka


itti fayyadamuutii fi sababa dhukkubaa
fi dullumaatiif isa tajaatiluu
dadhabnaan obese wajjiin jiraachuun
haala bareedaa ta’ee akkuma
lakkaa’amutti.
c. Ammaas wanti faskhii dirqama godhu
gurbaan niitii isaa sagaggaalummaan
shakkuu. Waa’ee kanaa fuul dura
bal’inaan iddoo isaatti haasoofna.

5. Gurbaan niitii isaa zinaan shakkuu


(li’aana)
Isa kana keessatti adeemsa akkamiin akka
xumuramuu fi tarkaanfiin shari’aa kan ishee
hordofuun dirqama ta’u akka armaan gadii kanatti
ilaalla:

1. Niitiin tiikfamtuu tahuu fi gurbuma saniifuu


akka shari’aatti tan nikaah godhamte tahuu
dha. Haadha mana isaa tiikfachuun
gurbaarratti dirqama waan ta’eef ilmaan
isheen firaasha isaa irratti deessu isaan
waamamu. Nyaataa fi dhugaatii isaa
keessattiis isaa wajjiin jiraatu. Akkasuma
jireenya isaa keessattiis wajjiin qooddatu.

192
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Niitiin ulfa abbaa manaa kan hin ta’in iddoo


biraatii fiddee isarra kaa’uun yakka guddaa
dha. Akkasumaas diiginsa maatii guddaa fi
fottoqina argamsiisa. Kanaafuu hamilee
abbaan manaa ilmaaniif qabu akkasumaas
obboleessi obboleeyyan isaatiif qabuu fi
ilmaaniis abboota isaaniitiif qaban
qulqullina sanyiitiin malee argamuu hin
danda’u. sababa kanaaf abbaan manaa niitii
isaa akka tiikfamtudirqama irrattti godhuu fi
isheen isuma qofarrratti akka oltu akka
nama biraatii wajjiin hin jiraanne godhuun
dirqama.
2. Nama tokko sagaggaalummaan shakkuun
shari’aa islaamaa keessatti wantoota cimoo
irraa waan ta’eef nama waan san
hoojjaterratti yakka sana mirkaneessuuf
ragoota nama afur kan zinaa hoojjachuu isaa
raga bahan fiduu ykn yoo ragaan dhabame
yeroo saddeettama rukutamee goonkuma
raga ta’uuun isaa hafuu. Ragaan kanaa jecha
Rabbii ol aaneeti: “warreen dubartoota
tiikfamoo arrabsanii ragoota afur hin fidin
yeroo saddeettama rukutaa akkasumaas
goonkuma raga ta’uu isaanii irraa hin
fuudhinaa. Isaan sun finciltoota.”

193
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

Haa ta’u malee yeroo takka takka abbaan


manaa niitii isaa badiirrratti arguun ni
jabaata. Erga argeen booda wanta sanirratti
obsuu hin danda’u waan ta’eef hoojjachuun
ishee isa biratti hoggaa mirkanaa’e saaxiluus
adabni yakka ishee arrabsuudhaa yoo raga
nama afur fiduu dadhabees isarratti hin
mirkanaa’u. kana jechuun shari’aa keessatti
Li’aana jechuun ibsama.
3. Gurbaan niitii isaa sagaggaalummaan
shakkee waan san ragaan mirkaneessuu yoo
dadhabe intalti waamamuun erga Rabbiin
gorfamteen booda waan abbaan manaa
isiidhaan jedhe san ofirratti raga ba’uu ykn
waan abbaan manaa isii shakkeen san
fudhatuu diduu. Isheen yoo ofirratti raga
baate waan erga heerumteen booda
sagaggaalummaa hoojjatteef murtiin ishee
dhagaan cafaqamtee ajjeefamuu dha.
4. Ragaan shakkamuu isiidhaa mirkaneessu
gurbaa wajjiin yoo hin jiraatin ololli inni
ishiirra kaa’e yeroo afur waaniin ishiidhaan
darbadhe keessatti dhugumaan dubbadhe
jedhee kakatee shanaffaa irratti immoo
waaniin isheen jedhe keessatti yoon sobe
abaarsi rabbi narratti haa jiraatu jedhee

194
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

kakatu malee ololli isaa irraa hin fuudhamu.


Yeroo kana intalti firratti mirkaneessuun
adabni yakkaa irratti raawwatamuu ykn
fudhachuu diduun hanga xumuraatti
deemuu ishiiti. Yeroo didde kana karaan
ishee akkanumatti gadi hin dhiifamuuf
waan ta’eef maqaa ana xureessuudhaan soba
narra kaa’e jettee Rabbiin kakattee
shanaffaarratti immoo wanta inni ja’e san
keessatti kan dhugaa dubbatu yoo ta’e
dallansuun rabbi narratti haa buutu jettee
yoo kakatte malee karaan gadi hin
dhiifamuuf. Wantoota kana hunda Aayata
armaan gadii kana keessatti rabbiin akkana
jechuun murteesse: “Warreen mataa isaanii
malee odoo ragaan isaaniif hin jiraatin
niitiilee isaanii sagaggaalummaan darbatan
kakuun tokkoo isaanii ani warra dhugaa
dubbaturraahi jechuun yeroo afur kakatuu,
shanaffaarratti immoo warra soban irraa
yoon ta’e abaarsi narratti haa jiraatu jedhanii
kakatuu dha. Ishiirraa wanti adaba deebisu
inni warra soban irraahi jechuun yeroo afur
erga kakattee shanaffaarratti immoo inni yoo
warra dhugaa dubbatan irraa ta’e

195
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

dallansuun Rabbii narratti haa buutu


jechuun kakatuu dha.”
5. Dubbiin yeroo akka kanaan xumurame isaan
lamaanirraa tokko akka sobe shakkiin hin
jiru. Sanumaa waliin islaamummaa keessatti
murtiin gubbuma ilaaluu waan ta’eef abbaan
murtii akka seera islaamaatti manneen
keessa galee qoma baqaqsee ilaaluutti hin
ajajamne garuu akka isaan firratti raga
bahaniif karaalee adda addaatiin yaaluun
isarra hin jiraatu. Kun hunduu dachii
keessatti badii raawwatuu dha. Yeroo bifa
kanaan isaan lachuu wal kijibsiisuun abaarsi
argame isaan lamaan waliin jiraachuun
ggoonkuma hin ta’u. adda bahina walitti
deebi’iin nikaah haarawaa fi mahrii
haarawaaniis hin hafne. Ragaan kanaa
Hadiisa akkana jedhuu dha: “Jarri lamaan
wal-Abaaruun gargar bahan addunyaa fi
akhiratti walitti hin qaban.”
6. Gurbaan mahriis ta’ee wanta biraa tan isheef
kenne irraa fudhatuun hin hayyamamuuf.
Sababni isaa yoo isiirra soba kaa’a ta’e
fudhatuun isaaf halaalii miti. Yoo kan
isiirratti dhugaa dubbata ta’e waan qaama
saala ishee halaal godhateef jecha mahrii

196
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

isheef kennuu qaba. Ragaan kanaa Hadiisa


Abdallaa Umar kan Bukhaarii fi Muslim
keessa jiruu dha: “Ergamaan Rabbii (saw)
jara lamaan wal Abaaraniin akkana jedhe
keessi keessan lamaan Rabbirratti garuu isin
lamaan irraa tokko sobeera. Ishee
deeffatuudhaaf karaa hin qabdu yeroo
Ergamaan Rabbii (saw) jedhu gurbaan yaa
Ergamaan Rabbii (saw) qabeenyi kiyya hoo?
Jedhee gaafannaan Nabiyyichi akkana
jedheen horii hin qabdu. Isherratti dhugaa
dubbatta ta’e waan qaama saala ishee halaal
godhatteefi. Yoo isheerratti sobde immoo
ishee barbaaduurraa horiitu sirraa fagoo
dha”
7. Niitii bifa kanaan dhiirsa isheetirraa adda
baate masruufaa fi iddoon jireenyaa isheef
hin jiru. Yoo ulfa garaa qabaatte yeroo
deesse ilmi isheedhaan waamama malee
gurbaa isheen adda bahan saniin hin
waamamu. Ragaan kanaa Hadiisa Abdallaa
bin Abbaas irraa Imaamu Ahmadii fi Abuu
Daawuud akkana jechuun gabaasanii dha:
“Ergamaan Rabbii (saw) hilaal bin
Umayyaatii fi niitii isaa erga wal abaaraniin
booda isaan addaan baasuun ilmi ishee

197
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

abbaan akka hin waamamne fi ilmi akka hin


arrabsamne murteesse. Namni ishee ykn
ilmoo ishee arrabse adabni yakka
arrabsuudhaa isarratti raawwatama jedhee
murteesse.”

Faaruu fi galanni gooftaa arjaa ta’e kan samii


fi dachii uumeef haa ta’u. nagayaa fi
rahmanni Nabiyyicha booddee Nabiyyootaa
ta’e irratti haa jiraatu. Akkasumaas maatii fi
sahaaboota isaa irratti haa jiraatu. Kana
malees namoota toltuu hoojjachuuf hanga
guyyaa qiyaamaatti isaan hordofan irratti
haa jiraatu. Kitaabni kun dandeettii fi
gargaarsa Rabbiitiin xumurame. Hojii
keenya kan fuula Rabbiitiif hoojjatame
qulqulluu nuuf haa godhu. Namoota isa
dubbiseefiis kan galu akkasuma qajeelloof
kan karaa banu rabbi haa godhu. Rabbiin
nuufiis haa araaramu sheekkan keenyaafiis
akkasuma muslimtoota hundaaf rabbiin haa
araaramu.

Kitaabni kun Afaan Oromootti kan


jijjiirrame hijraa irraa bara 1435, ji’a Rajabaa

198
Gaa’ila Islaamaa ‫اﻻﺳﻼم‬ ‫اﻟﺰواج ﻓﻲ ظﻞ‬

keessa guyyaa jahaffaa barreeffamuun


xumurame.

199

You might also like