You are on page 1of 26

BIIROO KONISTIRAAKSHINII OROMIYAA

ADEEMSA HOJII IJOO MIRKANEESSA DIZAAYINII FI


TO’ANNOO GAMOOWWANII

Istaanderdii JBAH Adeemsa kanaaf hojii irra oolchuuf Qopha’e.

Waxabajjii, 2008
Finfinnee
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

Istaandardii

I. Waliigala

 Dizaayniin fi dokmantiin gaafii heeyyama ijaarsaatiif dhihaatu


Oromiffaan ykn Ingliiffaan tahuu qaba.
 Plaaniin dhiyaatu kam iyyuu safara “unit” itti fayadamu /metric
system / ta‟uu qba.
 Diizaayinin dhiyaatu kam iyyuu istaandaardii koodii diizaayini
/Ethiopian Building Standard Code 1995/ irratti hundaa‟uu qaba.
 Iskeeliin Pilaanootiin ittiin dhiyaatu akka kanaa gadii ta‟uu qaba.
”Plans, drawings and diagrams shall be drawn to a suitable scale
selected from one of the following scales:
a) Site plans
1:1000, 1:500 or 1:200

b) Sanitary mechanical & electrical installation drawings


1:200 or 1:1 00

c) Architectural drawings
If the building is < 30m -1:50
If the building > 30m- 1:100

d) General structural arrangement drawings and structural


details.
1:100, 1:50 or l.:20

e) Fire protection plans


1:200, 1:1 00 or 1:50

“The Municipality of the town/the delegated organization may in


circumstances deem exceptionally, accept a scale not set here.”

1
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

II. ISTAANDARDII PILAANI (PLAN DESIGN STANDARDS)

A. Pilaani Arkitikcharii (Architechural Plans)


Plaanii asii gaditti ibsaman Pilaanii Arkitekchuraalii keessatti
ilaalamuu qabu.
“Floor Plan”
 “Floor Plan” niin “floor” hundaafu hojatamuu qaba.
 “Attic floor” iin qofaatti /adda ba‟ee /argisiifamuu qaba.
 Pilaanniin “Floor” yoo kan wal fakkaatu ta‟e /typical floor
plan/niin iddoo tokkotti dhi‟aachuu dandaa‟a.

“Section plan”
 “Section plan” iin yummuu dhiyaatu baaxii /truss/, bu‟uuraa
/foundation/, “floor” lamaa fi isaa oli kan walitti fidu banaaan
/open well/ yoo jiraate kan argisiisuu fi “stair case” kan mul‟isu
ta‟uu qaba.

“Elevation plan”
 Mul‟ata alaa yoo darbii ilaalan mul‟atu mara argisiisuu
qaba.Cinaan gamoo yoo darbii birootiin akka hin mul‟anne yoo
ta‟e “ sectional elevation” dhaan argiiisuun ni dandaa‟ama.

“Detail plan”
 Iddoo plaanii irratti ifatti mullisuuf nama rakkisutti fi “Detail
plan” dhaan mullifamuu /dhiyaachuu/ qaba.

Pilaan Iddo /site plan/


 Saayti pilaaniin tokko wantoota argsiisu qabu:
o Teesso lafa ijaarsaa,
o karaa fi ijaarsa irraa fageenyi ijaarichi qabu,
o Maqaa karaa,
o kallattii darbii ittin seenan ,
o karaa moraan seenan fi kan mooraa keessa jiru,
o Manneen dhunfaarra fageenya meetira 2 keessatti ykn darbii
itti fayyadama uummataatiif oolu irra meetira 6 keessatti
kan jiran dheerinaa fi fageenyi darbiwwan jiranii mul‟achuu
qaban.

2
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

o “Contour plan” iddichaa dhiyaachu qaba.


o Iddoo kosii dhangala‟aan iti galu „„Septic Tank ‟‟ yoo ta‟e
asxa (mark) „ST‟ yookan ujummoo kosiitti kan galu ta‟e
sarara ittiin seenu argisiisuu qaba.
o Gosa bu‟uura misoomaa naannoo sana jiru argisiiisuu qaba.
o ”Type the slope which indicate slope & direction of drainage”
o Ijaarsa iddoon irra jiruu fi kallattii Kaabaa mul‟achuu
qaba./Existing structure & North direction should be
indicated/
o Iddoon konkolaatan dhabatuufi bal‟ina isaa waliin argifamu
qaba /car parking area with its dimension should be
indicated/
o Iddoo konteenariin hawaasni naannoo koosi itti gatu
argisiisu plaaniira jiraachu qaba /solid waste container for
multiple family use site should be indicated by „SWC‟ /
B. Pilaani Istrakcharii/Structural Design/

Qabxiileen armaan gaditti eeraman istrakcharii dizaayinii, herrega


istaatiksifi qormaata qorannoo biyyee keessati hamataman dhihaachu
qaban.

Pilaanii Istiraakcharii
a. Pilaanii dizaayinii solleettaa /slab design/
Solleettaafii teessoo dizaayinni sibiilli solleettaa keessatti qabu
dhabbata lamaaniin kan agarsiisu ta‟e hanga sibiila, dheerina
sibiilaa, baayinaafii gargar fageenya qabu gabateedhan (bar
schedule) kan agarsiisu tahu qaba.

b. Pilaani dizaaynii laboo/beam design/

Pilaaniin “Beam” akkaataa teessuma sibiilli “Beam” keessatti qabu


fi hanga sibiilaa gabateen kan argisiisu tahu qaba.Dabalataaniis
“section” fi “stirrup” argisiisu qaba.

c. Pilaani dizaaynii utubaa /Column design/

”Cross-section” kolamii dalgatti qabu, dizaayinii teessoo sibiilli


kolamii keessa jiru gabatee hanga sibiilaa dheerina, baay‟inaa fi

3
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

fageenya sibiilonni qaban mul‟isu qaba. Dabalataaniis “section” fi


“stirrup” argisiisu qaba.

d. Pilaanii dizaayinii bu‟uraa /Foundation design/ Pilaanii gosa


bu‟uraa, dhaabbii (elevation) fi dizaayinii teessuma sibiilli gosa
bu‟uraa keessatti kan argisiisu ta‟ee gabatee hanga sibiilaa,
dheerina,baayinaa fi addaan fageenya sibiilotaa kan qabu
qabaachuudha.

e. “Shear wall design”


Gamoon tokko “shear wall” qabaachuun yoo dirqama tahe
dizaayiniin ”cross section” dalgee dhaaba manaa fi teessuma sibiilli
dhaaba keessatti qabu mul‟isu tahee kan gabatee hanga sibiilaa,
dheerina sibiilaa, baayinaafii addaan fageenya sibiila ibsu
dabalatan qaba.
f. “Retaining wall design”
Dhaabni gamoo qaama deegarsaa (support) barbaachisu yoo
jiraate dizaayiniin ”cross section” dalgeefi dhaabbataa dabalatee
haala teessuma ijaarsaatiifi bal‟ina kan argisiisu tahu qaba.
Kanaan madditti dhaabni kan armaataa yoo ta‟e hanga sibiilaa,
dheerina,baayinaafii fageenya sibilonni walirra qaban gabateedhan
ta‟u qaba.

g. “Truss and purlin design”


“Trusses plan with Joint and Connection details and their layouts”
Purlin plan with Joint and Connection details”

h. Kutaalee qaama ijaarsa tahan kan akka ”stair case”, ujummoo


dhangala‟aa tortoraa ”Sweage”, kuusaa bishaanii fi kkf...
dizaayiniin teessuma, bal‟inaa kan agarsiisu jiraachu qaba. Ijaarsi
kun armaatan kan ijaaramu yoo tahe hangi sibiilaa, dheerinni,
baayinaa fi walirra fageenyi isaani gabateen dhihaachu qaba.

Herrega Istaatiksii (statical calculation)

Herregni istaatiksii gamaaggama dizaayinii pirojeektii tokkof dhihaatu


qabxiilee armaan gaditti ibsaman kana kan argisiisu tahu qaba.
a. Seensa waliigalaa waa‟ee dizaayinii ijaarsaarratti fi wantoota
ka‟umsaa fi fuuldura dhufu malan ofkeessa kan qabu.
b. Koodii Istandardii ijaarsaa dizaayinichaarratti tajaajilan ibsuu
c. Qaama ijaarsa hundaaf herrega Istaatiksi kan argisiisu.
d. “Software” dizaayinichi itti hojjatame ibsu.

4
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

Firii Qormaata Biyyoo

Firiin laboraatoorii qormaata biyyoo ijaarsa pirojaktii qabxiiwwan


asiin gadii ammachu qaba.
 Wabiilee koodii qormaata ijaarsaatif tajaajilan.
 Firii qormaataatiifi ibsa dandeetti ba‟achuu biyyee
 Filannoo gosa dizaayinii bu‟uraa
 Ibsa qaamoti ijaarsa lafa keessa jiran
Dizaayniin Istrakchara Koodotaa irrati hundahuu Qabu

”The design of the structural system of any building shall be carried


out in accordance with EBCS/1995 and in accordance with one or
more of the following building code standards relating to the materials
used in such building or in any element or component thereof:

(a) EBCS 1 (Basics of Design and Actions on the Structure)


(b) EBCS 2 (Structural Use of Concrete)
(c) EBCS3 (Design of Steel Structures)
(d) EBCS4 (Design of Composite Steel and Concrete Structures)
(e) EBCS5 (Utilization of Timber)
(f) EBCS6 (Design of Masonry Structures)
(g) EBCS7 (Foundations)
(h) EBCS8 (Design of Structures for Earthquake resistance)”

C. Pilaani “Electrical Design”n

Qabixileen kanaan gaditti ibsaman Dizaayinii Elektirikaa keessatti


guutamani dhiyaachuu qabu.

 Gabaasa fi Pilaanii dizaayinii elektirika akkata koodii dizaaynii


EBCS 10/1995” irrati hunddawee hojatamee kan

o Waliigala ba'aa sarara elektirikaa (Total power demand)


o ”distribution boards with loads on each sub circuit,overload
and shortcircuit protecion system,cable/conductor size of
each sub circuit with thier respective duct ,etc”
o ”Socket outlets, telephone/data networks ,fire protection
system ,etc”
o ”Lighting design that meet the minimum required
illumination level set in the Code”
o ”Electrical site plan which indicates power distribution
system, compound telephone/data network system

5
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

o ”earthing details”
o ”Lightning Protection System ,where required”
KKf, of keessatti hammatee dhihaachu qaba.

D. Pilaani “Sanitary Design ”n


Qabxiileen armaan gaditti eeraman qorannoo dizaayinii saanitarii
keessatti argamuu qabu.
 Gabaasaa fi dizaayinii pilaani ujummoo bishaan qulqulluu
dhiheessuu.
 Gabaasa fi diizaayini pilaani dhangala'aa /waste water/ dabarsu.
 Gabaasa fi diizaayinii lola‟a dabarsu /store water drainage system
design/

E. Istandardii Ittisa Balaa Ibiddaa

Pilaanii dizaayinii ittisa ibiddaa sanada heeyyama ijaarsaa wajjin


akka dhihaatu barbaadamu qabxiiwwan armaan gadiittii fi kanneen
biroo guutanii dizaayini irratti mull‟achuu qabu.
Ulaaga waliigalaa

a. Isteerii (stair case) balaa fi balbala yeroo balaan ibiddaa ka‟e


bahuu dandeessisu kan sadarkaa isaa eege tahu.
b. Baayina sa‟aa Ijaarsichi ibiddaa dandamachuu danda‟u.
c. Mallattoowwan agarsiisa balaa ibiddaa guyyaas ta‟ee halkan
akkasumasi yeroo ifaan hinjiree idoo salphatti argamuu
danda‟anitti dhaabamuu / maxxanfamuu isaani.
d. Filoorii hundarratti ujummoon bishaan biifu jiraachu qaba.
ujummon kun kan kuusaa bishaanii fi yeroo ibsaan hinjirrelle
kan madda humna biraatin hojjatu tahu.
e. Bilbila yeroo bal'aa nama dammaksu fi kutaa yeroo bal'aa itti
dahatan.
f. Meeshaaleen harkati qabatamanii ibida dhaamsuf oolan ibida
sababa tajaajila ijaarsaarra ka'uu maluun wajji hariiroo
qabaachu qaba.
g. Meeshaa ittisa bakakkaa
h. Teessumti meeshaalee fi wanni meshaaleen irra hojjataman
ibida kan babalisan tahu hinqabani.
i. Nyaata bilcheessuuf meeshaaleen tajaajilan kan irraa
hojjataman balaa ibiddaa yammuu ka‟u kan babalisuu ta‟uu
hinqabu.
j. Kuusaan buttaa gaazii (L.P.G) lafa keessatti tahu hinqabu.

6
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

Dhaabbata omishaafi kuusaa dablataan kan qabaachu qaban

a. Baayinni balballa yeroo balaaf qophaa'an baayina hojjattoota


gamoo keessa hojjatan fi bal‟ina waliigala ”floor”ii kan jiddu gala
godhate tahu qaba.
b. Amala Jiddugaleessi oomisha /kuusaa irrati hunda‟uun
meeshaalee aara,arraba ibbida, ho'a jiraachuu isaa kan
agarsiisu qabaachuu.
c. Jiddugaleessi oomishaa fi kuusaa bilbila yeroo balaa nama
dammaksu danda‟u qabaachu qaba.

Kutaa kuusaa boba'aa fi buttaa gaasii dablataan kan qabaachu


qaban

a. ”Fixed foam installation”


b. kutaalee gamoo biraa irraa adda bahee kan hojjatame
c. Meesha 'water sprinkler' jedhamu kan qabu.
d. Meeshan ibida boba'arra ka'u dhaamsu 'foam compound fi
“foam monitor trailor” kan qabu.
e. Taankariin bishaan ibida dhaamsuuf oolu kan gahaa ta'e
humna ofi eeganootiin waliin jirchuu isaa.
f. Sararaa ujummoo dhangalaa naanoo sana jiru fi dhangala‟aan
boba‟a mooraa irra bahu haala wal irra itti eeggamu.

Tilmaama Ijaarsaa
1. Tilmaama shalaggii waliigalaa ijaarsa akkaataa Biiroon ykn
Waaajjira H.M.M.Godinaa fi Bulchiinsa Magaalaa haala gosa
projaktii tiin kaare meetira tokkoof gatii jeddugalaa baaseen
shalagamee qophaa'ee dhihaachu qaba.
2. Gosa ijaarsa Tilmaama kaareemeetiriin hin shalagamne ka'umsi
gatii haala yeroo magaalaa keessa jiruun tahee shalaggiin gosa
ijaarsaatiif mijjaawa tahen qoratee hojjatee dhiheessu qaba.
Haata'u malee shalaggiin kun qaama xiinxaluun yoo itti
amaname fudhatama argata.

7
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

III. ISTAANDARDII DIZAAYINII IJAARSA.


A. Saayit plaanii/site plan/
 Maaster pilaaniin yoo daangeffame irraa kan hafe, Ijaarsi manneen
jireenyaa karaarra ykn daandiirraa meetra 2, manneen oomishaa fi
kuusaatiif meetira 6 fagaate hojjatamu qaba.
 Mooraa ijaarsaa karaa tokko oliin daangeffaman fageenyai olitti
tuqame kun kan eegamu karaa guddaa iraaa ykn fuula duraan
ta‟u qaba. karaa hafan biroo irraa ammoo
o ”Above ground level three story” kan qabu meetira 1m
o ”above ground level 4-5 story” kan qabu meetira 1.5m
o ”above ground level 6 & above story” kan qabu meetira 2.0m
 ”Floor” irra meetira 1.7 olitti ijaarsi fooda cufaa ykn banamtu qabu
daangaa irraa meetra 1.5 fagaatee ijaaramu qaba. Kanaan alatti
ijaarsi foodda qabu hundi yoo xinnaate fageenya meetira 2 irratti
hojjatamu qaba.

 Daangaa irratti gamoo dhaaba qilleensa galchu osoo hintahin kan


ifa galchu hojjachuuf blookeettii akka daawitiitti kan seentimeetira
5 furdatuu fayyadamuun barbaachisaadha. Kunis dizaayini irratti
taa'u qaba. Daangaa irratti kan ijaaramu yoo tahe dhaaba namni
biraa kan daangaa wajjiin qaban itti fayyadamu waan danda'uf
istandardii ifaa guutuuf gama biraatiin barbaadame ifni (light)
akka mana seenu agarsiisuu qaba.
 Fageenyi ijaarsaa foddaa qabu kan safaramu dhaaba foddaan irra
jiru irraa ta‟a.Fageenyi akka eegamu kaawwame sun ijaarsa lafa
jalaatis ta‟e gubbaatti ijaarame mara ni ilaala.

 Ijaarsi tajaajila hawaasa kan mooraa tokkko keessa jiran


walqabatanii ijaaramanis ta'e kan wal osoo hin qabatiin ijaaraman
walirra fageenyi isaan jidduu jiraachuu malu yoo xiqqaate metira 6
tahu qaba.

 Manneen jireenya qabeenya abba tokko tahani gamoo lamaan


walcinatti ijaaraman dhaabni gamoo tokko kan foodda qabu gamoo
kaan irra meetira 2.5 fagaachu qaba. Dhaabni walitti aanu lachuu
fodda yoo hin qabaatin walirra fageenya meetira 1.5 qabaachu
qaba.

 Jiddugaleessi oomishaa kan humna mootaraatiin sossohu


daangaa irraa meetira 6 fagaachu qaba.

8
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

B. ISTANDARDII DALLAA

 Dhaabbanni (dheerinni) dallaa kan safaramu walalii uumama kan


lafaarra calqaba
 Dallaan daangaa lamaan jiddutti ijaaramu dheerina meetira 2.5
oli ta‟uu hin qabu.
 Dallaa karaa guddaa osoo hintahin daangaa karaa irratti ijaaramu
meeshaa ijaarsaa gama keessatti hin agarsiifneen yoo ijaaramee
dheerinni mana jireenyatiif m1.5, dhaabbataaf m 0.9 qabaata. Ykn
meesha gama keessatti agarsiisun hojjatame % 75 yoo hojjetame
hanga meetira 2 dheeressun ni danda'ama.
 Dallaan daangaa karaa guddarratti ijaaramu,
o Mana jirenyaatiif dheerna santima 70 ykn meeshaa gama
keessatti agarsiisun % 75 yoo hojjetame dheerina m 1.5
qabuun ijaaruun ni danda'ama.
o Manneen hojiitiif , Waajiraaleef , manneen daldlaatiif santima
70
o Dhaabbata oomishaatiif, kuusaatiif tajaajila hawaasaatiif oolu
% 80 gara keessatti kan agarsiisun dallaa m 1.5 dheeressun
ni danda'ama.
o Dhaabbata diplomatotaatif dallaa hanga m2.5 dheeressun ni
danda‟ama. Haata‟u malee gaaffii nageenyaa yoo dhiyaate
hanga meetira sadii dheeressuun ni danda'ama.
 Biqiltuun dallaaf dhaabbate dameen isaa guddatee dheeratee
qabeenya nama biraa keessa seenu hin qabu. Dheerinni isaas
dheerina dallaaf hayyamamee ala tahu hinqabu.

C. ISTANDARDII KUTAALEE

 Bal'inni kutaa kamiyyuu kaaree meetra 6 irraa xiqqaachuu


hinqabu. Dalgeen dhaaba meetra 2 gadi tahuu hin qabu. Haa ta'u
malee manneen qulqullinaatii fi tajaajila adda addaatiif kan oolan
meeshaalee keessa taa‟an irraa ka‟ee xiqqaachuu ni danda'a.

 Dheerinni xiqqaan kutaa lafarraa hanga koorniisaatti meetra 2.6


gad tahu hinqabu. Haata'u malee akka tajaajilaatti
garaagarummaan jiraachuu danda'a. Kanaaf gabatee gadii
ilaaluun barbaachisaa dha.

 Kutaalee koorniisa silaashi (inclined) qabaniif dheerinni gabaabaan


karaa namni ittiin dhihaachuu danda'un jiraachu qabu meetira 2
gad tahu hinqabu.

 Sababa dheerina baaxii zaanigaabbaatiin uumamu m 2 gad yoo


tahe dheerina gara baaxii tti herregama. (crawl-in-room)

9
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

 Iddoo dhaabbata konkolaataa mana keessatti hojjachuuf dheerinni


xiqqaan kutaa akkaataa gabatee gadi keessatti taa'en taha.

Iddo dhaabata dheerina kutaa


konkolaataa (lakk) xiqqa (m)
hanga 10 2.10
10-30 2.30
30-70 2.5
> 70 2.6

 Kutaan walalii ‟atic‟ qabu dheerinni isaa xinnaan m 2.4, guddaan


m2.7 ta‟a.
 Dheerinni kutaa fi kan qooxii /mezzanene floor/ walalitti meetira
6 yoo caale akka walalii (floor) lamaatti herregama.

 Ijaarsi dheerinni kutaa m6 caaluu baay'inni walalii kan horregamu


dheerina waliigalaa 3 hiruudhan bu'a argamu gara xinnatti
dhiheessun taha. Fakkeenyaf kutaa dheerina m 11 qabu walalii
sadi qabaata. 11/3 = 3.67

D. ISTANDARDII BANAMINSA (openings standard’s)

 Wanti banamu kamiyyuu qabeenya abbummaatiin alatti


banamuun dhorkaadha.
 Moora seenuuf daanga irraa m3 mana jireenyatif m4 keneen
birootiif eegamuu qaba.
 kutaaleen manneenii hundi yoo xiqaate balbala tokko fi fooda
tokko kan ifaafi qillensa galchu qabaachu qaba. Haata'u malee
kutaaleen dhimmaf balabalaa fi foodda akka hinqabne tahani
hojjatamani jiraachu ni malu.
 Kutaalee tajaajila ummataatiif oolan kan akka mana fincaanii,
galma yaa'ii, kutaa gurgurtaaf agarsiisaa oomishaa, fi kusaa kkf
meeshaalee qileensa fi ifa meekanika yookaan kanneen biroo akka
filannootti itti fayyadamuun ni danda'ama. Kanaaf sararri
”Ventilation duct” kan haala qileensa tasgabbeessu ifaa kaa'u fi
sarara ”air conditioner” humna eegannootii wajjin dizaayini irratti
mullifamuu qaba.
 Bal'inni fooddaa yoo xinnaate bal'ina kutaa %10 tahu qaba.
xinnaan isaa meetirkaaree 0.2 gad tahu hin qabu.

 Bal'inni balbalaa ”clear oppening” /70 cm/ yootahu dheerinni


/200 cm/gad tahu hin qabu.

 Daawwitiin namni ittiin of ilaalu (mirror glass) qaama ijaarsaa


gama alaatti fayyadamuun dhoorkaadha.

10
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

 Foddawwan gamoorratti gama alaatiin hojjataman fayyaa


hawaasaatiifi nageenya tiraafikaa jeequ hinqabu.

 Bal'inni balabala gamoo tajaajila hawaasa (entrance) inni guddaan


saantimeetra m 150 gad xinnaachuu hinqabu.

 Ijaarsa cinaa karaa irratti ijaaraman dhaabni karaa karaatti aanu


walalii 2 (floor height) yokiin dheerina (total height) m5,

a. Waajiraafi dhaabata daldalaatiif % 80


b. Oomishaafii raabsaaf % 50
c. Tajaajila lhawaasaa (man-barnoota, hoospitaala) % 40
d. Mana jireenyaatiif %20 darbee meshaa ”Tarnaparent” ta‟een
ijaaramu qaba.

E. ISTAANDARDII YAA’UMSAA ” CIRCULATION STANDARD’S”

 Koriidariin, ”stair case”, ”Ramp”, bal'inni isaa sm 90 mana


jireenyaatif, sm 120 mana tajaajila gosa biraatiif akkasumas
dheerinni kutaa m2 gadi ta‟uu hin qabu .

 Isteeriin (stair) gamoo irratti ittiin baahan bal‟ina ejjata miillaa yoo
xiqaate sm 25 olka'umsa sm 20 caalu hinqabu.

 ”For both private and public stairs the proportion between riser
and tread in stairways with parallel steps shall be according to the
equation:
600mm < 2R + T< 650mm
Where R: Riser in mm
T: Tread in mm”

 Isteeriin (stair) gamoo tokko keessatti ittiin ol bahamu


garaagarumma dheerinaatiifi bal'ina hinqabatu. Haa ta'u malee
kutaa tajaajila addaa kan akka iddoo kuusaa bishaaniitti ittiin oli
bahani, karaa kutaa maashinii nama geessu isteeriin hojjatamu
garaagaruma qabaachu danda'a.

 Liiftiin ”Lift” tajaajila umataa bal'ina sm 90 fi dalgi sm150 gadi


ta‟uu hin qabu.

 Gamoon tajaajila hawaasaa kennu hawaasa qaama irruutiif akka


tolu ”Ground floor” irratti ”ramp” dhuundhula /slope/iin isaa %
4.5 hin caalle kan ”wincher” isaan oli baasuuf gargaartu irra
deemtu jirachu qaba.

11
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

 ”Circulation” keesssaas ta‟e kan alaa gamoo tajaajila ummataa


irratti iddoo
afaan lafarra maxxanfamu ”floor finish” kan hinmucucaanne
tahu qaba.

F. ISTANDARDII OLI - KA'UMSA GAMOO


(Standard building height)

 Maaster Pilaanii irratti dheerinni gamoo xiqqaan tuqamee inni


guddaan fuula dura pilaanii guddina naannootiin akka murta'u
godhame bakka qorannoon hin jalqabaminitti koree Teekinikaatiin
dheerina guddaa akka murteessan godhuun ni danda'ama. Haa
ta'u malee haala ulaagaa pilaana gamoo irratti ibsame osoo
hinfaallessin dheerina ijaarsa jalqaba daangaarratti argamurraa ol
walalii (floor) tokko dabaluudhaan yookaanis hirrisuudhaan
ijaaruun ni hayyamama.

 Ijaarsoliin seerri dheerina gamoo isaan hin ilaallatu jedhamani


Bulchiinsa Magaalaatiin beekaman kan akka oomishaafii kuusaa,
oolmaya daa'immanii, manneen sinimaati fi tiyaatira, ijaarsawaan
amantaa, galama, jiddugala ispoortii dizaayinii isaan dhiheessan
xiinxaluudhan koreen Teekinikaa dheerina gamoo Bulchiinsa
Magaalaatiin ni murtaa‟a. Kanneen ibsaman kana alatti isaaniin
walqabate ijaarsi tajaajila adda addaa isaan madditti hojjatamu
dhaabbanni haala Maaster pilaanii Magaalichatti ibsameen
dheerinni isaanii ni murta'a.

 Kutaan baaxii irra jiru ballini isaa idaa‟ama ista‟irii fi kan liiftii
osoo hin caalle kutaa faayidaa uumataatiif oolu kan biro qabachuu
dandaa‟a. Kutaan kanaa oli qabu yoo jiraate akka walalii /floor/
tokkootti lakkawama.
 Galma ykn jiddugaleessa oomishaa fi kuusaatin alatti dheerinni
zanigaba /gar-tokkee/ m2.8 oli yoo ta‟e akka walalii/floor/
tokkootti lakkawama.

 Toora dheerinni gamoo sababa karaa xayaaraatiin/aviation/


murtaa'etti dheerina jedhame ala dabaluun dhoorkadha.

G. ISTANDARDII AKKAATAA ITTI FAYYADAMINSA LAFAA

 Iddoo lafa tajaajila adda addaatiif dangefame/mixed use/ irratti


gamoon tajaajila hawasaatiif oolu /dhaabbata dipiloomaatikii
malee /karaa irraa naannoo m6 keessatti yoo kan ijaaramu tahe

12
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

dizaayiniin walalii lafoo (Ground floor) karaa fuulduran kutaaleen


jiran faaydaa daldalaatiif ooluu qaban.

 Dhabbata oomishaa fi kuusaa iddoo maaster planii


magaalichaatiin tajaajila oomishaa fi kuusaaf hin eeramin irratti
fooya'insa ykn hayyama itti fayyadamaatiif gaaffiin dhiyaatu
hundinuu qabxiiwwan asii gaditti kaa‟aman guutuu qaban

o Karaan iddoo sanatti nama geessu bal‟ini isaa yoo xiqqaatte


m20 ta‟uu qaba.
o Ulaagaa miidhaa naannoo irra gahu hambisuuf Abbaan
Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa baasu gutuu qaba.
o Dhaabbanni oomishaa fi kuusaa duraan jiru haalduree
gamaaggama dhiibba naannoo abba taaytaatin bahe kan
hinguutin yotahe fooya'insa irratti ijaarsi dhiibba kana
hirrisuuf oolu qorannoo dhiihaatu keessatti jiraachu qaba.
 Dizaayinii lafa oomishaa fi kuusaaf oolurratti oomishaa fi kuusaaf
dhihaatu keessa bal'inni tajaajila waajjiraa, galma, kilinikaa fi
dhimma kana fakkaatanif oolu % 35 caaluu hin qabu.

H. ISTANDARDII IDDOO DHABBATA KONKOLAATAA /PARKING/

 Iddoo pilaaniin Bulchiinsa Magaalaa Konkolaataa ala dhaabuuf


hayyamu ykn mana jireenyaa kan dhuunfaa yoo ta‟e malee iddoo
konkolaataa dhaabbatu istandardiin iddoo dhabbata konkolaata
lafa qabeenyaa keessa tahu qaba.
 “At least one parking space /450x350cm/ ,which is clearly
demarcated, per 200 or part thereof of the total number of parking
spaces shall be provided for parking of vehicles used by Physically
impaired persons”
 Iddoon bahinsaa fi seensa konkolaataa gamoo karaa guddaarratti
argamu karaa lama caaluu hin qabu.
 Ijaarsa karaa guddaarra jiruuf karaa guddaa waldarbinsaaf
/circulation/konkolaataa ijaarsa karaa guddaa jiruuf fayyadamun
dhorkaadha.
 Tiraafika karaalee karaa guddatti bahanii salphisuuf akka
gargaaru dhabbattonni oomishaa fi kuusaa iddoo qabeenya isaanii
keessatti iddoon konkolattota fe'iinsaatif fe'uu fi buusuuf
akkasumas naanneffachuuf tahu qophaa'u qaba.
 Dheerina dhabbata iddo konkolaata mana keessatti hojjatamu
haala istaandardii kutaalee jalatti tuqamen taha.

 Dhaabbatoota duraan jiraniif ykn kan ammaan tana ijaarsa irra


jiraniif fooyya'insi yeroo godhamu iddoon dhabbata konkolaataa
ijaarsa dabalataan ijaaramuuf akka seeran kaa‟ameen jiraahuu
qaba.

13
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

 Bal‟ina ”floor” ka‟umsa godhachuudhan herrega bay‟ina iddo


dhaabbata konkolaata yummuu hojjatamu haala qubee ” III M”
jalatti ibsameen ta‟uu qaba.
 Gamoolee kondominiyemii fi ijaarsi manneen jireenya riil isteetii
baay'inni iddo dhabbata konkolaataa haala gabatee gadii keessatti
taa'e kanaan taha.
Housing Floor Area Car park/house hold
Typology
High Income Greater floor space than 57.5m2 ie 50m2, 3 bed 1/1
rooms + 1living room + WC + kitchen) + 15%
circulation = 57.5
Middle Income 46-57.5m2 floor space ie 40 m2 (2 bed 1/5
rooms+1 living room+WC + kitchen) +15%
internal circulation = 46
Upper-low 20 - 46m2 floor space (Minimum habitable 1/10
Income & Low area = 20m2
Income

I. ISTANDARDII SAANITARII

 Manni fincaanii daangaa irra m2.5 fagaate ijaaramu qaba.


 Tankariin bishaanii saanti meetira (sm) 300 lafarra kan olfagaatu
yoo ta‟e fageenya daangaa irraa saanti meetira 100 fagaachu
qaba.
 Ijaarsa daangaa irratti ijaaramu irra dhangala'an baaxii irraa bu‟u
lafa qabeenya ijaarsichaa keessatti tahu qaba.
 Gamoo tajaajila ummataatiif oolu keessatti manni qulqullinaa
qaama hirrattoota barcuma socho‟uun gargaaramaniif yoo
xinnaate sm 180x165 bal'ina qabuuf itti akka itti fayyadamaniif
mijaawaa tahee hojjatamu qaba.
 Ijaarsi iddoo balaa lolaatiif saaxil bahetti hojjatamu ittisa balaa
lolaa qabaachu qaba.
 Haalli bishaan roobaa salphatti mooraa keessa bahu danda'uun fi
akkaataa qabeenya ollaa hinjeeqineen hojjatamu qaba.

 Bishaan roobaa mooraa tokko keessaa bahu ujummoo lolaa


dabarsu kan daandii daangaa irra jiru wajjin walqunnamu qaba.
Yoo haalli taa‟umsa lafaa bishaan karaa ollaa dabarsuun kan
dirqisiisu yoo ta‟e kallattii ollaa sanaaf mijaa‟uun ujummoodhaan
akka darbu ni godhama.Baasiin abbaa lolaa dabarsuun
kanfalama.Iddoo qabeenya ollaa tokkoo oli kana qaxxaamuru yoo
ta‟e namni hundi baasii mataa isaatiin akka hojjetu ta‟a.

 Ijaarsa asiin gaditti tarreeffaman dabalatan hojjechuun


shoorortummaa /slope/ lafaa jijjiiruun ya‟iinsa bishaanii gara
qabeenya ofiitti deebisuun yoo kan hin dandaa‟ame ta‟e qabeenya
ollaa keessaan dabarsuun ni dandaa‟ama. Haata'u malee

14
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

addummaa haallia teessuma lafaatii fi ijaarsawwan duraan jiranii


iraa ka‟uudhaan kophaatti ilaalamuu barbaachisaa yoo ta‟e
sararri addatti hojjatamu kallattii fi haalla isaa Bulchinsi Magaalaa
ni murtessa.
o Guutaminsa sm 50 gadii (fill)
o Gadi fageenya sm 150 qabuu fi dheerina m20 gadi taheef
qotuu (cut)
 Bishaan roobaa iddoo qabeenya nama tokko qofa qaxxaamuree
darbu ujummoon isaa konkiriitiin sm20 /diameter/ qabun
hojjatamu qaba. Qabeenya tokko oli- kan darbu yoo ta‟ee
”diameter” ujummoo dheerina sararaatin kan murta'u taha.
Sararri dhundhula /slpoe/ %2, gadifageenya sm 40 fi dheerina m
25 ykn birkii dabiinsa sararaa hundarratti ”mana hole” akka
qabaatu tahee hojjatamuu qaba.

 Sarara bishaan roobaa dabarsuu dhangala'aa qulqullina


hinqabneef fayyadamun dhoorkaadha. Kosii bishaan roobaatiin
dhufu qulqulleessuun itti gaafatama abbaa bishaan dabarsuuti.
kana godhuuf abban bishaanicha dabarsu mooraa isaa keessa
akka galu godhuu fi nageenya sararaa eegu dirqama isaati.

 Sararri dhangala'a qulqullina hinqabne dabarsu karaa dhi‟oo


irratti kan hinargmne yootahe sarara karaa dhi‟oo biraa irraati
argamuu wajjin walquunnamsiisuun ni dandaa‟ama. Sararri
darbinsa qabeenya ollaa keessa darbuun dirqama yootahe karaa
ollaa mijjaa'un tahu qaba.
 Taankarri dhangala'aa qulqulina hinqabne itti kuufamu /septic
tank/ dhangala'a gara biyyetti akka hindabarsine tahe hojjatamu
qaba.

 Daangaa karaa irratti ujummoon dhangala'aa qulqullina hin qabne


dabarsan yokan hinjire tahee fi sababa uumama teessuma lafaatin
haalli gamoo sarara hojjachuuf mijjawa hintahin boolla sadarkaa
eeggate kan dhangala'an itti kuufama (spticTank) daangaa ollaarra
sm 150 fageessun qabeenya ofii keessatti ijaarun ni danda'ama.
Dhaabni boolla sibiilaa fi simiinto qorataman ykn meeshaa biraa
sadarkaaa walqixaa qabuun hojjachuf dizaayiniin dhihate yoo
mirkanaa'e saantimeetra 50 daangaa irratti dhihaatame ijaaruun
nidanda'ama.
 Tuubboon boolla dhangala'a qulqlullina hinqabne hafuura
baafachiiftu daangaa irraa yoo xinnaaate meetira 1 fagatee
dhaabbamuu ni dandaa‟a.

15
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

J. ISTANDARDII TOHANNOOFII MILIQA YEROO BALAA

 Sararri karaa balaa jalaa itti miliqan salphatti akka argaman


tahani qopha'u qaban.
 Ijaarsawwan karaarra fagaatanii keessa olseenaniif karaa
darbinsaa m4x4 bal'inaa fi deerina kan qabu ta‟uu qabu .
 Darbii ”storey” 5 oli qabuuf karaa (isteerii) yeroo nageenya ittin
olbahanii irratti dabalatee isteeri yeroo balaa ittiin miliqan
qabaachu qaba. Kuniis adda fageenya m30 irratti ”floor”
hundarraa lafa balaan irra hin geenyetti kan nama buusu
jiraachuu qaba.
 Isteeriin (stair case) yeroo nagayaatiif hojjatame istaandardii yeroo
balaa guutee yoo hojjatame yeroo balaa itti fayyadamun ni
danda'ama.
 Balballi karaa ”stair” miliqa balaa kan ofumaa cufamu tahu
qaba.(self closing).
 Karaan yeroo balaa ittiin miliqan salphatti kan argamu tahee,
mil‟annoo gaariidhan akka mulatu erame, gufuufii gufaatiirra
walaba tahu qaba.
 Meeshaaleen ibida dhaamsuuf tajaajilan darbii tajaajila
ummataatiif kennu hunda keessa jiraachuu qaba.
 Meshaaleen harkati qabamani ibida dhaamsuuf oolan akkaataa
mi'a nannotti argamu gubachuu danda'un qophawani bakka
dhiheenyatti argamu danda'an ta'u qabu.

 Darbiin hundinuu garaa garamma m30 irratti ujummoo bishaani


kan ibida dhaanmsuuf itti fayyadaman iddoo mija‟aa fi wal-qixxee
darbii irratti qabaachuu qaban. Ujummoon bishaanii kun
taankara bishan kuusuu kan darbii gubbaa ykn lafarra jiru kan
paampii dhaan bishaan tohu walqunnamuu qaba. Pampiin kun
yoo kan humna elektiriikaan hojjetu ta‟e /stand by generetor
/qabaachuu qba.
 Paampiin boba‟aa ittiin waraabamu darbii irraa meetira 6
fagaachuu qaba.Taankariin boba‟aatis darbii kam irra iyyuu
meetra 6 fagaatee awwaalamuu qaba. Ujummootaankarii afuura
baasisu (vent pipe) meetra 2.5 dangaa f darbii irraa fagaachuu
qaba.
 Warshaalee mi'a salphatti boba'uu danda‟an fakkeenyaf laastika,
iddoo alkoolii homishan, idoo boba‟aa, Idoo ucuu, meeshaa
waranaa fi kuusa mi‟oota kana kuusuuf itti fayyadaman gamoon
isaanii dabalataan meeshaa arraba ibiddaa, aara, ho‟a argisiisan fi
kan bala ibiddaa of irraa itti ittisan qabaachuu qaba.

16
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

K. STAANDAARDII GABATEE BEEKSISAA

 Iddoon gabatee beeksisaa jiru kam iyyuu bakka namni darbuu,


qilleensa fi ifa galuu, sochii kottee fi traafikaa kan dhorkuu fi kan
jeequumsaan alaa ta‟uu qaba.
 Gabtee beeksasaa lafa irra dhaabbate kam iyyuu dheerina meetra
9 caaluu hinqabu.Isa jalaan kan namni darbu yoo ta‟e dheerinni
yoo xiqqate meetra 2.20 gadi ta‟uu hinqabu.
 Beeksisa gabatee baaxii dheerina darbii irratti fannifame irra
darbuu hinqabu.
 Dheerinni darbii fi gabateen beeksisaa haala plaanii magaalichaa
ta‟ee dheerinni darbii meetra 18 gadi yoo ta‟e gabateen beeksisaa
baaxii meetra 2 caaluu hinqabu. Dheerinni darbii meetra 18 hanga
36 yoo ta‟e garuu hanga meetra 9 caaluu hinqabu. Dheerinni
darbii meetra 36 oli yoo ta‟e dheerinni gabatee beeksisaa meetra
15 caaluu hinqabu.
 Gabatee beeksisaa kam iyyuu ka irratti fannifamu caalaa
dheerachuu / bal‟achuu hinqabu.
 Beeksisni gabatee kam iyyuu akka malee ifu ykn shiboo ibdda
qabuun taasisuun heeyyama dhimmi ilaalu irraa yoo argate
qofadha.
 Gabateen beeksisaa daawitiin kan huwwifamu (covered) yoo ta‟e
bal‟inni isaaa karee meetra 6 caaluu hinqabu. Furdinni daawitii
milimeetra 6 ta‟ee yoo cabes kan arca‟u ta‟uu hin qabu.
 Gabateen beeksisaa bakka xiyyaarri qubatutti dhaabbatu ifaa kan
qabu yoo ta‟e ulaagaa abbaan taayitaa sivil aveeshinii baasu guutu
qaba.
 Gosa beeksisa kanaan olitti tuqamaniin ala ta‟an yoo jiraatan
sadarkaa ijaarsa isaanii Bulchiinsi magaalchaatiin hala gatii
tajaajilaa bahuun kafaluuf wajjira galiiwwan gaafachuun ni
danda‟ama.

L. KANNEEN BIROO

 Teessoon iddoo galma walgahii kan walitti hidhamu ta‟uu qaba.


Bal‟inni teessumaas saantii meetra 45 ta‟ee iddoon nama dabarsu
saantti meetra 30 gadi ta‟uu hinqabu. Bakka nama dabarsuuf jiru
inni guddaan tokko qofa yoo ta‟e teessoo barcumaa 7 oli ta‟uu
hinqabu. Bakka tokkoo oli yoo ta‟e teessoon tartiiba jiru
saantimeetra 50 gadi kan hintaane yoo ta‟e sararri (row) tokko
hanga teessoo 35 qabaachuu ni danda‟a.

 Iddoon plaanii magaalaa qoratamee bal‟inni darbii yoo murtaa‟e


malee bal‟inni darbii tajaajila ummataaf oolu gara fuulduraatiin
meetra 15 gadi ta‟uu kan hinqabine yoo ta‟u bal‟inni ijaarsaa

17
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

kanaan gadi jiru heeyyamuuf daangaa irra darbiin biraa jiru


heeyyama daangaa irraa jiru argachuu qaba.
 Bakka man jireenyaa hanga kaareemeetra 150 ta‟an kam iyyuu
biqiltuu tokko qabachuu qabu. Bakka dabalata bal‟ina
kaareemeetra 50 qabu dabalataan biqiltuu tokko qabaachuu irra
jira.
 Dhaabbata tajaajila ummataa ta‟aniif bal‟ina meetra 2x2 kan ta‟e
kuusaa kosii gogaa (solid waste container) taa‟u kan agarsiisu fi
karaan konkolaataa kosii baatu galuu danda‟u jiraachuu qaba.

 Dhaabbata tajaajila fayyaa fi kkf kosii bakka itti guban


qabaachuun dirqama yoo ta‟u plaanii isaa waliin dhiyeeffachuu
qabu.
 Plaanii Magaalichaatiin kan daangeffamee jiru (core, intermediate
& periphery /expansion) gaaffii heeyyama ijaarsaa irratti dhiyaatu
kan kondominyemii fi mana jireenyaa (real state) walitti dhiheenyi
jiraattotaa akka gabatee kanaan gaditti ta‟uu qaqba

SN Density zone Proposed Density Population density


House hold /Hec in habitants/Hec
1 Core Area 190 – 380 950 – 2000
2 Intermediate 120 – 190 600 – 950
3 Periphery and 54 – 120 280 – 600
expansion

M. GABATEE ISTAANDAARDII DIIZAAYINII

 Ijaarsi tajajila adda addaa off keessaa qabu tajaajila jiran keessaa
kan ulaagaa guddaa gafatuun herregama.
 Bal‟ina ”floor” ka‟umsa godhachuudhan herrega bay‟ina iddo
dhaabbata konkolaata yummuu hojjatamu bal‟ina kutaalee
tajaajila uummataatiif kennu qofa bu‟ureeffachuun yummuu ta‟u
kan akka isteerii, koriidarri, ”floor” fooqii 1ffaa gadii man-kuusaa,
kutaan nyaanni itti hojjatamu, kutaan ibsaa, bishaanii fi fincaanii
fi kkf herrega keessa hingalu.
 Manneen qulqullinaa herrega ballina ”floor” irraa ka‟uun tajaajila
maamiltootaaf hojjetamaniin alatti hojjettoota keessaa saddeetiif
yoo xiqqaate manni qulqullinaa tokkoo fi ”showor” tokko
qophaa‟uu qaba.

18
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

GABATEE ISTAANDAARDII DIIZAAYINII

Mana qulqullinaa

“Minim
“BAR”
Xiqqaa

dhaan

Iddoo dhabbata
Gosa ijaarsaa

height
(%)

in m”
room
Hubachiisa

konkolaataa

um

Dhi. /Dhala
muummee

(%)dhaan
Tajaajila

Baayina
Guddaa
“BAR”
Sadakaa Lafaa Badda B.dar Gam

Safara
lakk.
/Grade of Land/ a ee ooji
1 2 3 4 5
M.Jireen Baanyoo
M/Jireenyaa 50 40 40 30 30 85 2.60 2.75 2.95 1 -
Mana tokkoof tokko yaa wajjin
jireenya

Gamoo
Mana

Istandaardii iddoo M.Jireen


kondo 50 40 40 30 30 85 2.60 2.75 2.95 1 -
dhaabbata konk. laali yaa “
miniyemii
Suuqii 80 60 50 40 30 100 2.60 2.75 2.95 2 500 m2 3/1
1, m2 70 suuqii taheef
Galma
80 60 50 40 30 100 1, galma gabaa m2 70 2.95 3.20 3.40 500 m2 3/1
gabaa
tiif
Daldala

Hooteelaa fi Baanyoo
50 40 40 30 30 75 2.60 2.75 2.95 500 m2 3/1
Hosteela 1, mana hirribaa 6 wajjin
Dhaabbata
nyaataa fi 60 60 50 50 40 100 2.95 3.20 3.40 500 m2 3/1
1, teessuma 15
Dhugaatii

Waajjira 80 60 50 40 30 100 1, Biiroo m2 70 lafa 2.60 2.75 2.95 500 m2 3/1


Waajjira

qabuuf
Galma yaa’ii 60 60 50 50 40 75 2.95 3.20 3.40 500 m2 3/1
1, teessuma 15f
Omisha

60 60 50 40 30 Iddoo fe’insaa fi 5.00 5.00 5.00 Baanyoo


Omishaaf 75 500 m2 3/1
buufataa wajjin

19
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

Mana qulqullinaa

Xiqqaa

height in m”
dhaan

Guddaa (%)dhaan
“BAR

“Minimum
(%)

Iddoo dhabbata
Hubachiisa
Gosa ijaarsaa

room
konkolaataa
muummee

Sadakaa Lafaa
Tajaajila

Baayina
“BAR”
/Grade of Land/

/Dhala
Safara
lakk.

Dhi.
1 2 3 4 5 Badda B.dar Gam
a ee ooji
Kuus

70 60 50 40 30 Iddoo fe’insaa fi
500 m2 ”
aa

Kuusaaf 75 3/1
buufataa
Gara

Garaajiif 60 60 50 40 30 75 Iddoo konkolaataan 5.00 5.00 5.00 500 m2 3/1 ”


ajii

dhaabbatu
Dhaabbata
60 40 30 20 10 75 1, kutaa barnootaa 2.95 3.20 3.40 500 m2 1/1 ”
Barnootaa
tokkoof
1, mana hirribaa 6 fi
Dhaabbata
50 50 30 20 10 75 iddoo dha. 2.95 3.20 3.40 500 m2 1/1 ”
fayyaa
hawwaasaa

Ambulaansii 1
1,iddoo tajaajila
Kiliniika 50 50 30 20 10 75 2.60 2.75 2.95 500 m2 1/1 ”
fayyaa m2 70f
Mana
50 50 30 20 10 100 1, teessuma 15f 5.00 5.00 5.00 500 m2 1/1
kitaabaa
Galma
dhaabbata
60 60 50 50 40 75 1, teessuma 15f 5.00 5.00 5.00 500 m2 3/1
Amantii fi
hawwaasaa
Dirree
ispoortii Baanyoo
25 25 20 20 10 60 1, teessuma 15f 5.00 5.00 5.00 500 m2 3/1
Dhaabbattoota

jiddu wajjin
galeessotaa
Iddoo
tajaajila

bashananaa
0 0 0 0 0 25 1 ,teessuma 15f 2.95 3.20 3.40 500 m2 3/1
Paarki
bashannanaa

20
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

Gabatee: “OCCUPANCY OR BUILDING CLASSIFICATION”

1 2
Class of Occupancy
occupancy
or building
A1 Entrainment and public assembly
Occupancy where persons gather to eat, drink, dance or participate in other recreation
A2 Theatrical and indoor sport
Occupancy where persons gather for the viewing of theatrical, operatic orchestral, choral,
cinematiorphical or Sport performances.

A3 Education
Occupancy where school children, students or other persons assemble for the purpose of
tuition or learning

A4 Worship
Occupancy where persons assemble for the purpose of worshipping

A5 Outdoor sport
Occupancy where persons view outdoor sport events.

B1 High risk commercial Service


Occupancy where a non-industrial process is carried out and where either the material
handled or the process carried out is liable in the event of fire, to cause combustion with
extreme rapidity or give rise to poisons fumes, or cause explosions.

B2 Moderate risk commercial service


Occupancy where a non-industrial process is carried out and where either the material
handled or the process carried out is liable in the event of fire, to cause combustion with
moderate rapidity but is not likely to give rise to poisonous fumes, or cause explosions.

B3 Low risk commercial service


Occupancy where a non-industrial process is carried out and where neither the material
handed nor the process carried out falls into the high or moderate risk category.

C1 Exhibition hall
Occupancy where goods are displayed primarily for viewing by the public

C2 Museum
Occupancy comprising a museum, art gallery or library.

D1 High risk industrial


Occupancy where an industrial process is carried out and where either the material handled
or the process carried out is liable, in the event of fire, to cause combustion with extreme
rapidity or give rise to poisonous fumes, or cause explosions.

D2 Moderate risk Industrial


Occupancy where an industrial process is carried out and where either the material handled
or the process carried out is liable, In the event of fire, to cause combustion with moderate
rapidity but is not likely to give rise to poisonous fumes, or cause explosions.

D3 Low risk Industrial


Occupancy where an industrial, process is carried out and where neither the material
handled nor the process carried out falls into the high moderate category.

D4 Plant room
Occupancy comprising usually unattended mechanical or electrical services necessary for the
running of a building.

21
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

Gabatee (itfufa): “OCCUPANCY OR BUILDING CLASSIFICATION”


Table 1
1 2
Class of
occupancy Occupancy
or building
E1 Place of detention
Occupancy where people are detained for punitive or corrective reasons or because of their
mental condition.

E2 Hospital
Occupancy where people are cared for or treated because of physical or mental disabilities
and where they are generally bed-ridden.

E3 Other Institutional (residential)


Occupancy where groups of people who either are not fully fit, or who are restricted in their
movements or their ability to make decisions, reside and are cared for.

F1 Large shop
Occupancy where merchandise is displayed and offered for sale to the public and the floor
area exceeds 250m2

F2 Small shop
Occupancy where merchandise Is displayed and offered for sale to the public and the floor
area does not exceed 250 m22 .

F3 wholesalers' store
Occupancy where goods are displayed and stored and where only a limited selected group of
persons is present at any one time.

G1 Offices
Occupancy comprising offices, banks, consulting rooms and other similar usage
H1 Hotel
Occupancy where persons rent finished rooms, not being dwelling units

H2 Dormitory
Occupancy where groups of people are accommodated in one room.

H3 Domestic residence
Occupancy consisting of two or more dwelling units on a single site.

H4 Dwelling house
Occupancy consisting of dwelling unit on its own site, including a garage and other
domestic out buildings, If any

J1 High risk storage


Occupancy where material is stored and where the stored material is liable, in the
event of fire, to cause combustion with extreme rapidity or give rise to poisonous
fumes, or cause explosions.

J2 Moderate risk storage


Occupancy where material is stored and where the stored material is liable, in the
event of fire, to cause combustion with moderate rapidity but is not likely to give
rise to poisonous funs or cause explosions.
J3 Low risk storage
Occupancy where the material stored does not fall into the high or moderate risk
category.
J4 Parking garage
Occupancy used for storing or parking of more than 10 motor vehicles.

22
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

Land use shall conform to the minimum Building Area Ratio (BAR) as set out in
the table here under.

Table

Class of
occupancy Occupancy Grade of Land
1 2 3 4 5

BAR BAR BAR BAR BAR

A1, A2, A4, A5 ASSEMBLY 60 60 50 50 40

F1, F2, F3 BUSINESS 80 60 50 40 30

A3 EDUCATIONAL 50 40 30 20 10

C1, C2, D1, D2, D3, D4 INDUSTRIAL 60 60 50 40 30

E1,E2, E3 INSTITUTIONAL 50 50 30 20 10

G1, B1, B2, B3 COMMERCIAL 80 60 50 40 30

H, H2, H3, H4 RESIDENTIAL 50 40 40 30 30

J1, J2, J3, J4 STORAGE 70 60 50 40 30

BAR (Building Area Ratio) is the quotient obtained by the formula:


Pl int h' area. X 100
BAR=
plot `area

2. In the event that there are no official Zoning regulations, each Municipal
Building official shall designate the grade of land under its jurisdiction.

3. Every plot on which a building is proposed to be built shall be served by


a public road with a minimum width of 4.0m.

4. Buildings are not permitted to encroach on the right-of-way of public


roads.
5 The supply of services to a plot shall be from public roads directly
adjoining the plot.

6 No building or structure shall be erected on public property without the


consent of the building official. Such consent shall be given in writing.

7 The use of public property such as roads, side walks and squares for the
storage of construction materials, erection of temporary facilities and any other
uses is prohibited except when specifically permitted in writing by the building
official. 23
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

8 Any person intending to construct a building shall take into account existing
buildings, either completed or under construction, in adjacent plots and take
all precautions not to cause damage or hamper the safety and health of the
occupants of adjoining property.

9 Sub-structure work within 1.0m of buildings or fences on adjoining property is


prohibited, except when the owner of such an adjoining property gives consent
in writing, addressed to the building official before review of plans is finalized.

10 Buildings shall not be constructed on established drainage lines and public


sewers. A minimum right-of-way of 4m shall be observed in the case of public
sewers.

11 New development and property shall not hinder the functioning of existing
service lines of adjoining property.

12 Buildings shall be so sited on a plot as to ensure hygienic and sanitary


conditions and to avoid, as far as possible, any nuisance or annoyance to the
owners or occupiers of neighboring plots.

13 The Local Authority may prescribe a building line for any street or part of a
street.

14 Any person erecting a building shall, before the erection thereof or at the time
of the first inspection, prove the boundaries of the plot.

15 Habitable rooms shall abut on an interior or exterior open space, or open


verandah open to such interior or exterior open space.

16 No projections of any sort whatsoever shall project over the road or over any
portion outside the boundaries of the site. Projection arising out of the vertical
part of the rainwater spouts projecting at the road level or the water pipe may
be permitted in accordance with the drainage plan.

24
Istaandardii Mirkaneessa Dizaayinii, To’annoo Fi Hordoffii Ijaarsa Gamoowwanii

Gabatee Dokimantoota yeroo heyyama ijaarsa/mirkana diizaaynii gaafatan


dhiyaachu qaban

Category Description Design Documents Required

A One-storey buildings with free Architectural design and sewage


spans less than 10.0m not covered disposal system
in categories B and C

B Buildings with a free span of more 1. Architectural drawings and


than 10.0m of reinforced concrete sewage disposal system
or steel frames, or of two or more
storeys‟s, not covered in category C. 2. Structural drawings and
calculations
Large scale building developments 3. Electrical drawings & report
of Category. A
4. Sanitary and mechanical
drawings and report
C
Public and institutional buildings, 1. Architectural drawings and
factories, workshops and buildings report.
with a height to the top most floor
of more than 12.0m. 2. Structural drawings and
calculations

3. Electrical drawings & report

4. Sanitary and mechanical


drawings and report.

5. Fire alarm system design and


report

25

You might also like