You are on page 1of 17

MAQAALEE RABBII BABBAREEDOO KAN ARMAAN GADII KANNIINIIN WAAMAA, BU’AALEE HANGANA HINJEDHAMNE

ISINIIF QABANII

Al-Jabbaaru Al-Aziizu Al-Muhaymiinu Al-Mumiinu As-Salaamu Al-Qudduusu Al-Maaliku Ar-Rahiimu


Al-Mutakabbiir Ar-Rahmaanu

Al-Qaabidu Al-Aliimu Al-Fattaahu Ar-Razzaaqu Al-Wahhaabu Al-Qahhaaru Al-Ghaffaaru Al-Musawwiiru Al-Baari’u Al-Khaaliqu

Al-Laxiifu Al-Adlu Al-Hakamu Al-Basiiru As-Saami’u Al-Muzhiillu Al-Mu’iizzu Ar-Raafi’u Al-Khaafidu Al-Baasixu

Al-Hasiibu Al-Muqiitu Al-Kabiiru Al-Aali’u Ash-Shakuuru Al-Ghaffuuru Al-Aziimu


Al-Hafiizu Al-Haliimu Al-Khabiiru

Ash-Shahiidu Al-Baa’isu Al-Majíidu Al-Waduudu Al-Hakiimu Al-Waasi’u Al-Mujiibu Ar-Raqiibu Al-Kariimu Al-Jaliilu

Al-Muhyii’u Al-Mu’iidu Al-Mubdi’u Al-Muhsi’u Al-Hamiidu Al-Waliyyu Al-Matiinu Al-Qawwi’u Al-Wakiilu Al-Haqqu

Al-Muqtadir Al-Qadir As-Samadu Al-Ahadu Al-Wahiidu Al-Majiidu Al-Waajidu Al-Qayyumu Al-Hayyu Al-Mumiitu

At-Tawwaabu Al-Barru Al-Muta’aali’u Al-Waalí’yu Al-Baaxiinu Az-Zahir Al-Akhir Al-Awwal Al-Muakhkhir Al-Muqaddim

Al-Ghani Al-Jami Al-Muqsit Ar-Ra’uufu Al-Afu Al-Muntaqiimu


Al-Mughni Dhul-Jalali Wal-Ikram Malik al-Mulk

As-Sabuuru Ar-Rashiidu Al-Baaqi’u An-Nafi Al-Mani


Al-Waarithu Al-Baadi’u Al-Hadi An-Nur Ad-Darr
Maqaalee Rabbii/ Allah 99 hiikkaa fii faayidaalee isaanii:

ASMAA UL HUSNA
The most beautiful names of Allah
In Afaan Oromo

Maqaalee 99 lan Rabbii/Waaqaa (Allah)

# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

Faayidaalee: kan maqaa Rabbii kana xiqaatu yeroo 1000 jedhee waame,
onneen isaa shakkuufii riffaatuurraa bilisa ta’a. Namni dhibee irraa hin-
fayyineen dararamu kamiyyuu, maqaa kana yeroo baa’ee (many times)
Allah Maqaa Hundaa waammachuun booda gara Rabbii du’aayii kadhannaa godhate dhibee
ollii/Olta’e/Ol’aanaa (The sanarraa dandeettiifi ulfina Rabbiifuu dandamatee nifayya.
Greatest Name)
1 Faayidaalee: kan maqaa Rabbii kana yeroo 100 salaata waajiba booda
jedhate/tte waa yaadachuu/qaabachuu dansa, fi waa quba-qabaachuu cimaa
qabaata/tti; dhiphina onnee hamaarraa bilisa ta’a.
Hubannaa cimaa horata. Hamile-dhablumma/ waan qalbii nama cabsa irraa
Ar-Rahmaanu Kan garalaafessa bilisa ta’a.
ta’e, namaaf nahu, badii
kamiifuu dhiisuu
2 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana salaata Fajr booda yeroo 100
jedhee zakkarate namni biroo hundinuu hiriyyaa ta’aniifi balaafi
hammeenya addunyaa irraayis nibaraarama.
Salaata kamuu booda yeroo 100 jedhatuun zakkatuun muudannoo balaa
Ar-Rahiimu Kan waan hundaan tasaa namatti fidurraa tikfamuuf tola.
fayyadu (The All-Beneficient)
3 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana yeroo hedduu guyyuu
salata ganamaa booda jedhatee zakkaru kabaja hawaasaa/namootaa
qabaata, arjummaa Rabbiitiin ni soorom/durooma/tujjaaroma. Du’aayii
nabi Kadiir aleeyhi salaatu wassalaam barsiise “Allaahumma ataal
Al-Maliik/ Al-Maalik Maalikul Haqqi allazii laa ilaaha illaa anta Yaa Allaahu-Yaa Salaamu Yaa-
Mootii/Hogganaa dhugaa/sirrii Shaafi” itti aansuun “Yaa Shaafiyal Qulub” X 3 jedhachuu.
ta’e. (The Absolute Ruler) Sa’aa booda yeroo heddu namni jedhus qabeenya horata.

4 Faayidaalee: Onneen nama maqaa Rabbii kana yeroo 100 jedhatee


zakkaratee yaaddoo/dhiphina (anxiety) irraa bilisa nitaati.
Jajjabina onnee qabaachuuf ‘Yaa Qudduusu’ dhiya aduurratti jedhu
Yaada qalbii/onnee jeequmsa, gaddafi dukkubbii saxilu irraa bilisa ta’uuf
Al-Qudduusu Kan ‘Yaa Qudduusu’ jedhachu.
Qulqullaawaa ta’e (The Pure
One)
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

5 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana yeroo160 nama dhibame


/dhukkubsatee irratti jedhee zakkare itti afuufe dhukkubsataa sana akka
fayyaan deebi’uuf nigargaara. Namni irra deddeebi’ee “As-Salaamu”
jedhatu/ttu uzrii/hammeenya hundarraa nibaraarama.
As-Salaam Madda Fayyaa deeffachuuf/argachuuf ‘Yaa- Salaamu’ yeroo 100 jedhachu
nagayaa/nageenyaa (The Source
of Peace)
6 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana yeroo 631 jedhatee zakkaratu
balaa/ hubama/ miidhama irraa nibaraarama.
Balaa yaada hammeennaa irraa bilisa ta’uuf ‘Yaa Mu’umiinu’ jedhatu.
Yoo hammeenyafi diddaan lolaa muudate yeroo 36 maqaa Rabbii kana
Al-Mu’umiin Kan amantiin jedhatu. Nageenyaaf maqaa Rabbii kana waraqaarratti barreessanii qabatu.
guutu (The Inspirer of Faith)
7 Faayidaalee: Ifa keessootiif ‘Yaa Muhayyimiinu’ uddu’a booda yeroo 115
jedhatuu. Namni maqaa Rabbii kana nafa/qaama erga dhiqatee booda yeroo
100 haala nageelleefi tasgabbaawaa ta’een jedhatee zakkarate
Al-Muhaymiin Kan Tiksu/Eegu Rabbi(Allah) haala (condition) gubbaa (external)fi keessoo (internal)
(The Guardian) qulqulleessaafi. Milkaa’inaaf guyyaa torbaaf (7) yeroo 5000 ‘Yaa
Muhaymiinu’ jedhatu.
8 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana salaata Fajrii booda yeroo 41
jedhatee zakkaru jireenya uf danda’aa fi kabajamummaa horata
irkattummaa jiruutirraa bilisa taha. Jidduu salaata waajibaa guyya
afurtamaaf jedhachuun hirkattummaarraa bilisa
Al-Aziiz Kan Moo’atu/Injifatu Yeroo 115 jedhachuun waan ijaan hin laalamne beekuuf ta’a
(The Victorious)
9 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana yeroo 21 sa’aa mara jedhatu
dalagaaqajeelina hin-qabne akka hojatu hin-dirqamsiifamu, akkasumas irra
deddeebi’ee namni jedhatu waan hin-feene hojjachuuf/godhuuf/dalaguuf
hin-dirqamsiifamu, akkasumas jeequmsaaf, hammeennaaf ykn dararamaaf
Al-Jabbaar Kan Dirqamsiisaa hin-saaxilamu. Hogganaa jallataarraa tikfamuufis maqaa Rabbii kana
ta’e waan fedhe godhu/goosisuu jedhatu. Qubee irratti boca maqaa Rabbii kana barreeffatuun nam-bira
dirqamsiisu (The Compeller) afotti kabajaa argamsiisa.

10 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana hedduminaan irra deddeebi’uun


jedhatee zakkaratu/ttu sadarkaafi kabajaa qabaata. Hojii kamiyyuu maqaa
Rabbii kana yeroo hedduu jedhatee namni yoo eegale, dalagaa sanas
Arjummaafi kabaja Rabbii(Allah)tiin injifannoo gonfatee xumurata/tti.
Al-Mutakabbiir Kan Hunda- Jollee qajeeltuu ufitti maxaqsuuf maqaa Rabbii kana yeroo 19 jedhatuun
Caalmayaa ta’e (The Greatest) dansa.
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

11 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana guyyuu yeroo 100 guyyaalee


torbaaf walfaana jedhatee zakkarate, Rabbi maleeykaa(angel) gatiin hojii
tola maleeykichaa hundi hanga guyyaa murtii xumura aduniyaa kanaa
nama sanaaf herreegamee qabamuuf uumaafi. See also under Al-
Al-Khaaliqu Kan Uumaa Musawwir. Yoo halkan jedhatan hanga halkan sun bari’utti ergamtoonni
uumama maraa ta’e (The Rabbii (angels) kadhannaa (du’aayii) godhaafii bulan.
Creator)
12 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana yeroo baa’ee jedhatee zakkarate
hojiileen hojjatu ulfaatoo ta’an hundi itti hin-ulfaatan nilaaffataniifi.
Dubartiin dhabduun sooma guyyaa 7 qabattee yoo guyyuu ‘Yaa-
Khaaliqu, Yaa-Baari’u, Yaa-Musawwiiru’ yeroo 21 bishaanirratti jettee
Al-Baari’u Qajeelfama /Tartiiba itti tuftee bishaan saniin sooma furte ilmoo gara qabatti Rabbi ilmoon
/Adeemsa kan tolche (The niqananiisa. See also the suggestions under Al-Musawwir.
Maker of Order)
13 Faayidaalee: Dubartiin ilmoo/daa’ima dayuu barbaaddee dhabde, sooma
guyyaa turba qabattee guyyaalee turban sooma qabatte sanniinitti yoo
sooma furtu (iftaar) maqaalee Rabbii Al-Khaaliqu, Al-Baari’u, Al-
Musawwiiru sadan kana yeroo 21 bishaan meeshaa dhugan keessaarratti
Al-Musawwiiru Kan waa jedhee zakkarattee bishaan saniin sooma furatte, Rabbi (Allah) dubartii
bareechuu (The Shaper of sana ilmoo kenneefii isii qananiisa. Yeroo heddu Yaa-Musawwiiru jedhatu
Beauty) hojiin ulfaataan hundi salphaa ta’aafi.

14 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana yeroo heddu irra deddeebi’ee


jedhatu/ttu cubbuun/diliin nidhiifama. Yoo guyyaa Jumma salaata Jummaa
booda ‘Yaa-Gaffaaru’ yeroo 100 jedhatan cubbuun torbaan sana duraa
hundi ni-dhiifamaafi.
Al-Ghaffaaru Kan dhiifama
(cubbuu dhiisu) namaa godhu
(The Forgiving)
15 Faayidaalee: Lubbuun Nama maqaa Rabbii kana jedhaa zakkaratu fedha foonii
hunda ni-injifata, onneen isaatis hawatama adduniyaa irraa bilisa ta’a,
nageenya keessoo argata, ammaayis maqaan kuni dogongorurraa bilisa
nama taasisa. Nama yakkamaa nam-taasisuu barbaadurraa bilisa nama
Al-Qahhaaru Kan humnaan taasisa. Masoo injifachuuf salaata fajrii booda yeroo 100 ‘Al-Qahhaaru’
hoggansa ufii jelatti galchu, kan jedhachuu.
faccisu (The Subduer)
16 Faayidaalee: Du’aayiin deebisamu halkan qixxee Yaa-Wahhaabu
jedhatuu. Namni rakkina hiyyummaafi beelaan dararamu maqaa Rabbii
kana yeroo hedduu jedhaatiin haazakkaratu ykn maqaa rabbi kana
waraqaarratti katabatee kiisatti haaqabatu ykn salaata duhaa/chashat
Al-Wahhaabu Kan Arjaa suyyuuda xumuraarratti maqaa rabbi Al-Wahhaabu yeroo 40 jedhee
ta’e/hundaafuu kennu (The haazakkaratu, Rabbi (Allah) haala adda ta’een rakkina isaa kana irraa
Giver of All) balleessa. Rakkina leecalloo/maallaqa furuuf Al-Wahhaabu guyyaa 3 ykn
7 yeroo 100 salaata raka’a lama halkan qixxee booda jedhachu. Hajaadhaaf
galma mazgiidaa ykn mana ufii keessatti yeroo 3 suyyuudanii yeroo 100
Yaa-Wahhaabu jedhachu.
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

17 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana irra deddeebi’ee jedhataa


zakkaratu waan jiruufi jireenyaaf ta’u Rabbi (Allah) ni-kennaafi. Gadadoo
jiruu balleessuuf ‘Yaa-razzaaqu’ gara qiblaatitti yeroo 10 kallattiilee
sadanittillee yeroo kudhan-kudhan jedhatu. Waan jiruu barbaachisu ol-
Ar-Razzaaqu Kan waan madda guddisuuf yeroo 545 ‘Yaa-razzaaqu’ jechuu. Hanga nabi Khadir gawuuf
galii ta’u namaa kennu (The bikka kophaa ta’ett yeroo 1000 jedhatu. Bikka hojiittitti milkaawuuf
Sustainer) barreessanii fannifachuu. Dhiphinaafi hamle dhabdummaa balleessuuf
salaatul Jummaa booda yeroo 100 jedhu.
18 Faayidaalee: Onneen nama maqaa Rabbii kana irra deddeebi’ee/te
jedhaatiin zakkaratuu saaqamtuu taatii injifannoollee ni-gonfata/ni-argata.
Salaata fajrii booda harka lameenuu lapheerra kaayatuun yeroo 70 ‘Yaa-
Fattaahu’ jechuun onnee namaa qulqulleessa yaada hin-tollee ni-moo’ata,
Al-Fattaahu Kan Jelqabu irraayis bilisa ta’a.
/Banu/Saaqu (The Opener)
19 Faayidaalee: Salaata waajibaa hunda booda yeroo 100 Yaa-Aliimu
jedhuun dandeettii dafanii waa hubatuu argamsiisa. Beekkumsa dhoksaa
argachuuf Jimaata halkan suyyuudun yeroo 100 Al-Aliimu jechu. Onneen
nama maqaa Rabbii kana irra deddeebi’ee/tee jedhaatiin zakkaratuu ifa
Al-Aliimu Kan Hunduma beeku addaa qabaatti ifa (nuura) Rabbiititu kennamaafi. Hajaadhaaf ala
(The Knower of All) bayuudhaan rakaa’a 2 salatanii yeroo 1000 Yaa-Aliimu jechu.

20 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana waan nyaatamu 4 (fudraa,


biddeena, kkf) irratti qubaan barreessee guyyoota 40 nyaatee beelarraa
bilisa ta’a. Ykn guyyoota afuriif waan nyaatamurratti qubaan maqaa Rabbii
kana katabanii yoo nyaatan beela, dheebisa, dhukkubbiifi dararamarraa
Al-Qaabidhu Kan Jabeessu nibaraaraman. Hogganaa hamaa irraa tikfamuuf yeroo 903 ‘Yaa-Qaabidu’
(The Constrictor) jedhatu.

21 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbi kana salaata Duhaa (Chashaat) ykn


ssalaatul fajrii booda harkasaa ganaa banee yeroo 10 jedhaatiin zakkaratee
harka saniin fuulasaa sukkuumate rakkatee namarraa gargaarsa namaa
barbaadurraa bilisa ta’a. Nageenya sammuuttiif, dhiphinarraa bilisa ta’uuf,
Al-Baasixu Kan rakkinaafi jaalalaafi kabajaa argachuuf yeroo baa’ee/heddumeessanii ‘Yaa-Baasixu’
gadadoo namarraa balleessu jechu.
(The Reliever)
22 Faayidaalee: Namoonni gayyoota 3 soomanii 4ffaairratti yeroo 70,000
bikka namni walitti qabametti/baa’atetti Yaa-Khaafidhu jedhatan
zakkaratan Rabbi (Allah) miidhaa diinaatirraa bilisa isaan taasisa. Rabbi
(Allah) nama guyyuu yeroo 500 maqaa Rabbii kana jechaa zakkarate waan
Al-Khaafidhu Kan isa barbaachisu hunda niguutaafi.
diqeessu/salphisu (The Abaser) Kabajaadhaaf guyyuu yeroo 10 jedhachu
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

23 Faayidaalee: Nama maqaa Rabbii kana yeroo 101 guyyaafi halkan


jedhatee zakkaratu/ttu Rabbii (Allah) gara kabajaa guddaatitti olqaba,
niduroomsa/tujjaaromsa/sooromsa tolaan beekamaa isa/isii taasisa.
Yoo gaafa Khamisaafi Sambata-guddaa (Ahlada) halkan yeroo 100
Ar-Raafi’u Kan olqabu (The jedhatan Rabbi (Allah) gara kabajaa guddaa, durummaa guddaafi lellifama
Exalter) oltariititti nama siiysa.

24 Faayidaalee: Namni maqaa kana guyyaa Wiixataa ykn Jimaataa salaata


Maghriiba booda/ halkan yeroo 140 jedhatee zakkaratu, Rabbi (Allah) ija
namaatitti kabaja qabeessa taasisa. Namni kun soda Rabbii qofa qabaata.

Al-Mu’iizzu Kan kabajamaa


taasisu (The Bestower of
Honors) ykn kan kabajamummaa
nama kennu
25 Faayidaalee: Nami maqaa Rabbii kana yeroo 75 jedhatee zakkaratu Rabbi
balaa nama fira ykn sahiba fakkaatee ittiin deemurraa bilisa godha. Rabbi
(Allah) isa tiksa/eega. Suyyuudanii yoo ‘Yaa Rabbi hammeenya
namaatirraa nabaraari….; jedhatan hamtuu kamuurraa nibaraaraman.
Al-Muzhiillu Kan diina
salphisu/ kabaja irraa mulqu
(The Humiliator)
26 Faayidaalee: Nama maqaa Rabbii kana guyyaa Kamisaa salaata
Duhaa/Chaashat booda yeroo 500, 100 ykn 50 jidduun nama osoo hin
dubbatin jedhatee zakkaratu Rabbi (Allah) waan namni sun fedhu/hawwu
hunda nikennaafi. Hajaadhaaf Yaa-Saami’u yeroo 500 salaata zuhrii booda
As-Saami’u Kan hundayyuu jedhachu. ‘Yaa-Saami’u’yeroo heddu jedhuun gorsaafi jechoonni nama
dhagawu (The Hearer of All) biratti fudhatamaa akka ta’an taasisa.

27 Faayidaalee: Nama maqaa Rabbii kana salaata Jimaataa sa’aa boodaatitti


aansee yeroo 100 jedhatee zakkarate ija isaatiif ifa onnee isaatis qarooma
jajjaba Rabbi (Allah) nikennaafi. Salaata jummaa dura yeroo 100 ‘Yaa-
Allaahu Yaa-Basiir’ yoo jedhatan dalagaa mara ittiin milkaawama. Salata
Al-Basiiru Kan hundayyuu argu Jummaa booda yeroo 100 ‘Yaa-Basiiru’ jedhuun beekkamtii, laalcha ija
(The Seer of All) namaa afotti namaaf guddisa, onnee namaatis ifa addaatiin guuta.

28 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana halkan yeroo heddu irr-


deddeebi’aa jedhatee zakkarate iccitiin (wantoonni dhoysaa ykn sihriin)
dandeettii Rabbiitiin itti muldhatan (Rabbi itti mudhisa).
Gaafa Kamisaa halkan qixxee yeroo baa’ee Yaa-Hakamu jedhatuun
Al-Hakamu Kan Abbaa murtii hiikkaa icitii wantootaa beekuuf tola.
ta’e (The Judge)
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

29 Faayidaalee: Gaafa kamisaa halkan ykn Jimaata guyyaa/halkan waan


nyaatamurratti katabanii yoo sooratan (nyaatan) jaalalaafi kabaja namaa
argatama namas nikabaja dabalataanis haalaafi amala naamusa qabu
horatama.
Al-Adlu Kan
Haqa/Dhugaa/Sirrii ta’e (The
Just) obedience
30 Faayidaalee: Dhiphinaafi uf-jibbuu/hamilee dhabuun nama muudatu
‘Yaa-Laxiifu’ jedhachu. Namni maqaa Rabbii kana guyyuu yeroo 133
jedhatee zakkarate wanti jiruu issaatiif barbaachisu nidabalamaafi wanti
jireenyaaf isa barbaachisu hunduu hanga inni hajamutti nuguuttamaafi.
Al-Laxiifu Kan wanta Jiruu hiraar hin-qabneef guyyuu ‘Allaahu Laxiifun bi ibaadihii
hundayyuu beekaa ta’e (The yarzuuku minyaashaau wa huwal Qawwiyul ‘Aziiz’ (12:100) yeroo 9
Subtle One) jedhachu. Salaata rakaa 2 erga salaatanii booda yeroo 11 ‘Yaa-Laxiifu’
rakkina, dhibee, dhukkubbii, kophummaafi dhaba gammachuurraa bilisa
nama taasisa.
31 Faayidaalee: Hedduminaan ‘Yaa-Khabiiru’ amala hamaatirraa bilisa
nama taasisa. Guyyaa torbaa ‘Yaa-Khabiiru’ jedhachuun iccitiilee kan
dhoksaa beekuuf tola. Namni maqaa Rabbii kana Haadha rakkina ‘uf-
jaalattuufi amala hammeenyaa qabdurratti’ jedhuun irri-deddeebi’uun
Al-Khabiiru Kan waayee yeroo maraa zakkaratu waan fokkataa kana haadhairraa balleessa.
hundayyuu quba-qabatu ta’e
(The All-Aware)
32 Faayidaalee: Aarii balleessuuf Yaa-Haliimu yeroo 88 jedhachuu. Namni
maqaa Rabbii kana waraqaarratti katabee, waraqaa sana bishaaniin dhiqee,
bishaan sana wayirratti facaase wanti sun manca’uufi baduurraa
nibaraarama. Waraqaarratti katabanii bakka biqiltuu dhaabanitti kaawuun
Al-Haliimu The Forebearing manca’uurraa baraara. Nama jaalalaan miidhameef fudraa apple
jedhamurratti Yaa-Haliimu jedhuun kennufi nyaachisuun nisirreessa.
Biqiltuun akka lalisee guddatuuf bishaanitti jechuun jelatti naquu.
33 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbi kana yeroo heddu jedhataa zakkaru
kabajamaafi jaalatamaa ta’a.
Milkaawinaafi miidhaa diinaa irraa tikfamuuf ‘Al-Aziimu’ yeroo 100
jedhachuun barbaachisaa dha.
Al-Aziimu Kan akkaan guddaafi
muldhataa ta’e (The
Magnificent)
34 Faayidaalee: Namni bowwoo mataa, hoo’a qaamaa (leydaa hamaa) fi
sababaa cubbuu/diliirraa, hamile-dhablummaa ykn abdi-kutannaa ta’e irri-
deddeebi’uun jedhataa yeroo maraa zakkaratu rakkina/dhibee isaatirraa
bilisa taha dhiifama/hofkoltii Rabbii (Allah)tis ni-argata. Salaata jumma’aa
Al-Ghaffuuru Kan balleessaa booda yeroo 100 jedhatuun rakkina onnee ykn yaaddoo cubbuutiin
namaa dhiisu/irradabru fi namaa miidhamuuf furmaata, hojiilee dilii dalagerraa dhiifama ni’argata (Rabbi
dhoysu (The Forgiver and Hider dhiifama nigodhaafi).
of Faults)
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

35 Faayidaalee: Namni hanqina maallaqaatiin ykn tasa miidhamuufi


shororkaan dararamu maqaa Rabbii kana guyyuu yeroo 41 jedhaatiin
haazakkaratu. Bishaanirratti ‘Yaa-Shakuuru’ yeroo 41 jedhanii fuula ufii
bishaan saniin dhiqachuun dhiphina onnee namarraa salphisee tasgabii
Ash-Shakuuru Kan galanni namaa kenna (insha-Allah).
kennamuuf (The Rewarder of Rakkina kamniifuu ‘Yaa-Shakuuru’ yeroo 41 jedhachu.
Thankfulness)
36 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana idileen irri-deddeebi’uun
jedhatuufi waraqaarratti katabee qabatu sadarkaa oltariirra gaya,
nidurooma/nisooroma fedha qajeelaa qabu hundaanuu nimilkaawaa. Haala
fooyyawaa jiruu keessaa qabaatuuf: jeeqamaan tasgabbaawaa, hiyeessi
Al-Aali’u Kan hundayyuu ol- dureessa, dhibamaan fayya-qabeessa…. Akka ta’aniif tola.
tarii ta’e (olaanaa shakkii hin- Yoo ibaadaan laafan ‘Yaa-Aali’u’ hedduminaan jedhachuu. Rakkina irraa
qabne) (The Highest) dandamatuuf ‘Yaa-Aali’u’ yeroo 41 jedhachuu.

37 Benefits: Namni maqaa Rabbii kana guyyuu yeroo 100 deddeebisaa


jedhatuun zakkaratu kabajaafi leelloo qabaata.
Namni hojii lakkise/dhabe ykn hojiirraa dhiibame haala seera maleessaan
ari’amefi liqii namaa kan deebisuu hindandeenye uf irraa qabu ‘Yaa-
Al-Kabiiru Jabaa hunda caalaa Kabiiru antallazii laa tahdiil uqululii wasfi ‘azhaamatihi’ yeroo 1000 haa
kan ta’e (The Greatest) jedhatu. Namni rakkina maatii keessa isa muudate nyaatarratti yeroo 232
jedhee nama jireenya maatii wajji jaarate saniif hakennu waliin haa nyaatu.
38 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana yeroo heddu jedhatuufi qabatu
muudannoo hammeenna irraa nitikfama.
Waan hin-tollee, hammeenya fi kkf irraa tikfamuuf ‘Yaa-Hafiizu’ yeroo 16
guyyuu jedhachuu.
Al-Hafiizu Tikka/eeggannoo
kataasisu (The Preserver)
39 Faayidaalee: Namni ilmoojoollee amala gadhee qabu maqaa Rabbii kana
bishaan miya ittiin dhugan keessatti yeroo heddu irratti jedhuudhaan haa
obaasuu. Jolleen sun amala gaarii horatti qabaattis. Imalarratti jabina
horachuuf bishaan dhuganirratti ‘Yaa-Muqiitu’ yeroo 7 jedhanii rakkina
Al-Muqiitu Soorata kan kennu imalarraa keessa dabruu. Nama amala gadhe qabuufis bishaanirratti
(The Nourisher) jedhanii obbaasuu. Hajaa guuttachuuf yeroo 7 bishanirratti jedhanii
dhuguu.
40 Faayidaalee: Namni rakkoon isa muudate maqaa Rabbii kana yeroo haddu
jedhatuun haa zakkaratu. Gaafa khamisaa guyyaafi halkan guyyoota
kamisaa 7 ‘Yaa-Hasiibu’ yeroo 70 jedhanii 71-ffaa ‘Allah Al-Hasiibu’
jechuun sodaa dararamarraa, shiraafi miidhaa namni biraa fira fakkaatee
Al-Hasiibu Dhimmamaa kan raawwaturraa bilisa ta’uuf tola. Miya joollee garaan ykn marrimaan
ta’e / kan namaaf yaadu (The dhukkubuu irratti barreessuun fala dhukkubbii daa’ima saniiti.
Accounter)
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

41 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana waraqarratti maskii (musk) fi


saafrooniin (saffron) katabuun qabatu akkasumas yeroo hedduu
deddeebi’uun jedhaatiin zakkaratuu kabajaafi sadarkaa jabaa qabaata.
Waraqaarratti ‘Al-Jaliilu’ qalama maskii fi saafrooniin barreessuun
Al-Jaliilu Dandeetti qabeessa waraqicha dhiqanii dhuguun laalcha/leelloo guddaa qabaachuuf tola.
kan ta’e (The Mighty)
42 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana hanga rafutti yeroo heddu
jedhatee zakkaratu addunya irratti kabajaafi dhaadheefama/leelloo qabaata
qarqaarsa nama birootirra argata, boodarrattis tarree namoota hayyuufi
qajeelloo ta’anii ramadama. Liqii jelaa bilisa ta’uuf yeroo 270 ‘Al-
Al-Kariimu Arjaa kan ta’e (The Kariimu’ jedhachu. Rabbirraa dhiifama cubbuu argachuuf maqaa Rabbii
Generous) jedhachu.

43 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana ufiif, maatii isaatiif, akkasumattis


qabeenya isaatiif yeroo torba jedhatee zakkaratu innis, maatiinis qabeenyi
isaatis tika Rabbii (Allah) jela ta’aniif. Waan bade argachuuf ‘Yaa-
Raqiibu’ jedhachu. Haala gorsa jallina nama biraatiin ta’e balleessuuf/akka
Ar-Raqiibu hin-moyxefatamne gochuuf ‘Yaa-Raqiibu’ si’a 312 jedhachuun fala.
Too’annaan/Xiyyeeffannaan kan
eegu (The Watchful One)
44 Faayidaalee: Ibaadaan itti-fufuuf Yaa-Mujiibu jedhachuu. Haja’aan
galmaa gayuuf/guuttamuuf yoo baha-aduu Al-Mujiibu si’a 55 jedhuu.
Olola maq-balleessiifi raga sobaa ufirraa dhaabsisuuf ‘Al-Mujiibu’ jedhu.
Kadhaan (du’aayiin) nama maqaa Rabbii kana irri-deddeebiin jedhatuu
Al-Mujiibu deebisaa argatti.
Du’aayii/Kadhannaaf deebii
deebisu (The Responder to
Prayer)
45 Faayidaalee: Namni rakkina leecalloo/galii maallaqaa argatu qabu maqaa
Rabbii kana irri-deddeebi’ee amaleeffataa haajedhatu rakkinni nifuramaafi
galii dansaa argata.
Hamile-dhablummaa sababaa jireenya kufaatiirraa namatti dhufturraa kan-
Al-Waasi’u Hunda wal- ka’e midhama nama muudatu irraa fayyuuf ‘Al-Waasi’u’ yeroo 137
madaalee kan beeku (The All- jedhachuun fala.
Comprehending)
46 Faayidaalee: Nama maqaa Rabbii kana yeroorraa yerottii ittifufuun
jedhataa zakkaratu hojii hojjatutti hin rakkatu akkasumas Rabbii (Allah)
balabala ogummaa ni banaaf. Yoo rakkinni dalagaarratti ta’u muudateyuu
irra aanaa/nimooyata.
Al-Hakiimu Ogeessa cimeessa
/Mala (gaheessa cimaa)
qabeessa/ (The Perfectly Wise)
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

47 Faayidaalee: Namoota lamaa jidduu wal-diddaan yoo jiraate (fkn haadha


manaatiifi abbaa manaa) isaan keessaa namni tokko maqaa Rabbii kana
yeroo 1000 waan nyaatamurratti jedhee zakkaaratee nama kaanii kenneefii
nyaachise,wal-diddaan isaan jidduu ni-furamaafi. Wal-jaalala
Al-Waduudu Jaalataa kan ta’e islaamummaa dhirsaafi niitii jidduu kan hanga dhumaa/ xumuraa jiraata.
(The Loving One)
48 Faayidaalee: Dhukkuba gogaa-nafa gubbaa, onnee, dhiphina irraa dhinuuf
ykn fayyuuf Ji’a soomaa guyyaa 13-ffaa, 14-ffaafi 15-ffaa furaarratti yeroo
100 ‘Yaa-Majiidu’ jedhachu.
Namni maqaa rabbi kana irri-deddeebi’aa jedhaa zakkaaratu eebbaa
Al-Majíidu simboo horata/argata.
Eebbifamaa/Kabajamaa addaa
kan ta’e (The Majestic One)
49 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana irri-deddeebi’aa jedhaa
zakkaaratu soda Rabbii (Allah) horata qabaata.
Taqwaafi ogummaa argatuuf ‘Yaa-Baa’ithu’ yeroo 100 jedhachu.
Yeroo hirribaa harka lapheerraa kaayatuun ‘Yaa-Baa’ithu’ jedhatuun tola
Al-Baa’ithu Du’arraa kan kaasu namaaf qaba. Sobaan maq-balleessii hojjii yakka ta’een maqaa namaa bade
(The Resurrector) qulqulleessuuf yeroo 7070 ‘Yaa-Baa’ithu’ jedhatuun fala.

50 Faayidaalee: Namni joolleefi haadha manaa jeeqamoo ajaja hin-


raawwanne qabu maqaa Rabbii kana harka ufii kallachaarra kaayeefii
yeroo 21 ganamuu jedhaatiin zakkarate maatii isaa ajaja kan kabajan
raawwatan ta’aniifi tasgbbaawaa taasisa. Wal-jaalala wal-kabajaa
Ash-Shahiidu Ragaa kan ta’e islaamummaa dhirsaafi niitii jidduu kan hanga dhumaa/xumuraa jiraata
/kan raggeessu (The Witness) (Islamic guaranteed ways to get your wife love forever).

51 Faayidaalee: Namni waa jelaa badan maqaa Rabbii kana irri-deddeebi’ee


jedhatee yoo zakkarate, wanti jalaa bade suni ni’argamaafi.
Waan jireenyaa tolu ykn mijatu argachuuf ‘La Ilaaha Maliikul Haqqul
Mubiin’ guyyuu yeroo 100 jedhachu.
Al-Haqqu Dhagaa haqa kan ta’e
(The Truth)
52 Faayidaalee: Namni ibidda keessatti kufee nan-gubadha jedhee ykn balaa
hamaa fakkaataa sodaa qabu maqaa Rabbii kana irri-deddeebi’ee yeroo
hunda jedhatee yoo zakkarate tika Rabbii (Allah) nitaasifamaafi balaan
kamuu isa hin-argatu.
Al-Wakiilu Amanamaa bakka-
bu’aa / ufitti kan siiysu (The
Trustee)
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

53 Faayidaalee: Namni diina hamaa ufirraa ittisuu hin-dandeenne sodaa


guddaa qabu akka hin-miidhamne yaadee maqaa Rabbii kana irri-
deddeebi’ee jedhatee yoo zakkarate midhaa diina isaa kanarraa bilisa ta’a.
Jabaatanii Ibaadaa godhachuu danda’uuf ‘Al-Qawwiyu’ yeroo 116
Al-Qawwi’u Abbaa jedhachuun mishaadha.
humna/dandeettii hundaa (The
Possessor of All Strength)
54 Faayidaalee: Namni shororkaawe/jeeqame maqaa Rabbii kana irri-
deddeebi’ee jedhatee yoo zakkarate, shorokaan isaa hundinuu dhabama
ta’an. Aannan harma haadha luugsistuu haa dabaluuf maqaa Rabbii kana
waan bishaan dhuganiin irratti barreessanii mi’a saniin haati sun bishaan
Al-Matiinu Humnaawaa kan haa dhugduun. Hoggansa haamaafi ilaalcha jallinaa namarraa balleessuuf
ta’e (The Forceful One) yeroo 500 ‘Yaa-Matiinu’ jedhuun dansaa dha.

55 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana irri-deddeebi’ee jedhatee


zakkarate walyullah (the friend of Allah) nita’a. Haadha/Abbaa mana
Amala hamaa walirra balleessuuf ‘Al-Waliyyu’ walirratti haa jedhanii

Al-Waliyyu Hogganaa akka


hiriyyaa kan ta’e (The Governor)
56 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana irri-deddeebi’ee jedhatee yoo
zakkarate sirritti/akkaan jaalatamaa ta’a. Meshaa bishaaniin dhuganirratti
barreessanii bishaan keessaa yoo dhuganiin sagaleen namaa wayyaawa.

Al-Hamiidu Jaalatamaa
dhuga’aa (The Praised One)
57 Faayidaalee: Namni sodaa gaafii yeroo xumuraa fulduree Rabbii qabu
maqaa Rabbii kana guyyuu yeroo 100 jedhatee yoo zakkarate gafiin irraa
haffallatti/nixiqaatti. Dandeetti waa hubatuufi yaadachuu cimsuuf yeroo
148 ‘Al-Muhsiyu’ jedhachuu. Ammaayis hojii badii ta’uu ufirratti
Al-Muhsi’u Murteessaa (The beekterraa uf-qusattu soddaa namaaf kenna.
Appraiser)
58 Faayidaalee: Maqaa Rabbii kana irri-deddeebi’ee jedhee zakkaree nama
waa gatuuf deemurratti afuufe namni sun balarraa baraarama.
Waan gar-dhabeessa ta’erratti murtii gochuuf ‘Al-Mubdi’ jedhadhu.
Dubartii garaa qabdu kan sodaa garaa-gata jettu qabdu harka mirgaa garaa
Al-Mubdi Bu’uuressaa kan ta’e isiirra kaayee ‘Yaa-Mubdiyu si’a 99 yoo jedheef, dubartiin suni balaarraa
(The Originator) bilisa taati.

59 Faayidaalee: Maqaa Rabbii kana nama maatii isaatiirraa adda bayee fagoo
jiruuf si’a 70 jedhamee yoo zakkaramee, namni suni guyyootaa torba
keessatti nagayaan maatiitti nideebi’a.

Al-Mu’iidu Deebisee kanam-


jaaru (kanama deebisu) (The
Restorer)
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

60 Faayidaalee: Namni ba’aa hojii ulfaataan itti heddumaate maqaa Rabbii


kana yeroo torba guyyuu jedhate, ba’aan suni irraa kaafama.
Dhukkuba hammaataa ta’erraa fayyuuf maqaa Rabbii kana salaata maraa
booda si’a 68 jedhachuun tola qaba.
Al-Muhyii’u Lubbuu/jiruu kan
kennu (The Giver of Life)
61 Faayidaalee: Maqaa Rabbii kana irri-deddeebi’anii yoo jedhatan diina
namarraa balleessa. Harka lapherra kaayatuudhaan haala rafuuf ta’anitti
ciisuun Yaa-Muumiitu yeroo baa’ee yoo jedhatan fedha waan hamaarraa
uf-qusatuuf akkasumas masoo dhabama ufirraa godhuuf tola.
Al-Mumiitu Lubbuu kan
fudhatu (The Taker of Life)
62 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana irri-deddeebi’ee jedhatee yoo
zakkarate umrii dheertuu jiraata akkasumas dhibeerraa nidhina.
Nageenyaaf osoo aduun hin bayin ‘Al-Hayyu’ yeroo 500 jedhu.
Al-Hayyu Jiraata umriin hin- Dhibee kamuurraawuu fayyuuf (for shifa) saanaa/ qorii keessatti
daangofne (The Ever Living miski/musk fi bishaan roose (with musk and rose water) barreessanii
One) dhiqanii dhuguu dha.

63 Faayidaalee: Yeroo salaata fajrii ‘Yaa-Qayyuumu’ jedhuun hariiroo


hiriyyummaa namoota wajjiin qabaniif tola. Guyyuu yeroo 16 jedhuun waa
yaadachuuf/qaabachuuf tola. Qabeenyaaf kophaa ufiitti jedhachu. Humna-
dhabuufi dadhabbii balleessuuf fi salaata fajrii booda jedhachu.
Al-Qayyumu Ufumaan jeraataa Namni maqaa Rabbii kana irri-deddeebi’ee jedhatee yoo zakkarate danta-
kan ta’e (The Self-Existing One) dhabummaa (xiyyeeffannaa dhabeessummaa) keessatti hin-kufu.
64 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana irri-deddeebi’ee jedhatee yoo
zakkarate sooroma/guutoma onnee qabaata.
Rakkinaaleef dandeettii saffisaafi mal-cimaadhaan mala/karaa/haala
faccisu argachuu qabaatuuf, nyaata nyaachuuf afaan kaayatan hunda waliin
Al-Waajidu Argataa kan ta’e ‘Yaa-Waajidu’ heddu jedhuun barbaachisaa dha.
(The Finder)
65 Faayidaalee: Namni akka nama hubatuuf ‘Yaa-Maajidu’ yeroo 465
ganamaafi halkan jedhu. Affaan uumama biro (fkn kan akka bineelda,
shimbiro….) hubatuufis maqaa rabbi kana jedhuun tola. Namni maqaa
Rabbii kana addatti tasgabbiifi naamusaan irri-deddeebi’ee jedhatee yoo
Al-Maajidu (The Glorious) zakkarate ogummaa/beekkomsa onnee keessaa qabaata.

66 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana kophaasaa bakka waca hin-


qabnetti yeroo 1000 jedhatee yoo zakkarate sodaafi shakkii/bidhannaa irraa
bilisa ta’a. Bakka dukkanaa keessatti adda yoo ta’an sodaafi waa hamaa
dukkana keessa jira shakkii jedhurra bilisa ta’ufi yeroo 1000 ‘Yaa-
Al-Wahiidu Tokkicha qofa-isaa Waahidu’ jedhuun fala.
ta’e (The Only One)
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

67 Faayidaalee: Yeroo 1000 ‘Al-Ahadu’ jedhachuunyad-namaatiifi fedha


gara karaa Rabbii wal-taasisuuf (unification of nafs) tola qaba. Namni
‘Yaa-Ahadu’ yeroo 1000 jedhatee yoo zakkarate iccitiilee isaaf banaman
qabaata.
Al-Ahadu Tokkicha kan ta’e Joollee amantii/imaanaan jabduu ta’aniif haala dhaabbataa ta’een si’a
(The One) heddu jedhuufiin tola qaba.

68 Faayidaalee: Hiikkaa ykn maalummaa dhokataa wantootaa beekuuf ‘Yaa-


Samadu’ yeroo 1000 jedhachu. Yoo aduun dhiyi/ halkan qixxee ‘yaa-
Samadu’ yeroo 115 yoma suyyudarra jiran jedhuun darara hamaa
(opperassion) baraaramuuf tola. Namni maqaa Rabbii kana yeroo heddu
As-Samadu Kan fedha hunda jedhatee yoo zakkarate Rabbi (Allah) waan barbaachisuuf hunda niguutaaf,
guutu (The Satisfier of All kanaafuu gargaarsa nama biraa hin-hajamu namoota biraatitu gargaarsaaf
Needs) isatti hajama. Amala fooyyawuufis jedhachu.

69 Faayidaalee: Salaatuuf harkaa-luka dhiqataatiin ‘yaa-Qaadiru’ jechaa yoo


tolfatan diinni kamuu miidhaa namarratti hin-raawwatu. Rakkoon nama
yoo muudate ‘yaa-Qaadiru’ yeroo 41 jedhachuun rakkinarraa bilisa taasisa.
Namni jaalalaan dararame yeroo 305 ‘yaa-Qaadiru’ haa jedhu. Namni
Al-Qadiiru Angoo/Humna waan maqaa Rabbii kana irr-deddeebi’ee jedhaatii zakkaratu, wanti fedha isaa
hundaatuu kan qabu (The All hundi niguutamaafi.
Powerful)
70 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana irr-deddeebi’ee jedhaatii zakkaratu,
dhugaa quba qabaata (aware of the truth).
Si’a 744 maqaa Rabbii kana jedhuun dandeettii yaadchuu/qaabachuu
cimaa namaa taasisa.
Al-Muqtadir Angoo hundaa kan
uume (The Creator of All
Power)
71 Faayidaalee: Namni dirree lolaatitti ykn bikka udumee keessa kophaa ta’uu
sodaate maqaa Rabbii kana irr-deddeebi’ee jedhee yoo zakkare, hamtuun
takkalleen hin-muudatu Rabbiifillee qajeelaa ta’a (will become obedient to
Allah).
Al-Muqaddim Wantoota haala sirnaawaa ta’e qabsiisuuf maqaa Rabbii kana jedhu.
Hatattamaan/dhiyyennatti kan
taasisu (The Expediter)
72 Faayidaalee: (Toowbaan) Kadhannaan badiirraa gaabbanii Rabbiin
kadhatan fudhatama akka qabaatu yeroo 100 jedhatu. Namni maqaa Rabbii
kana onnee keessatti yeroo 100 irr-deddeebi’ee jedhaatii zakkaratu jaalala
Rabbii qofatu onnee keessatti isa hafa jaalalti biraa onnee keessa hin-
Al-Muakhkhir Tursiisee kan seentu. Guyyaa torbaaf osoo aduun hin-bari’in yeroo 1447 jedhuun
taasisu (The Delayer) hoggantoonni jallinaa irree akka hin arganne taasisa.
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

73 Faayidaalee: Waan barbaachisaa ta’an mijeeffatuuf kamisa halkan ‘Al-


Awwalu’ yeroo 40 jedhatu. Maqaa Rabbii kana si’a 1000 guyyaa Jimaataa
afurtamaaf jedhatee yoo zakkarate rakkina guutumatti dhabama godhuufi
ykn injifatuufi imalturraa nagayaafi gammachuun manatti deebi’uuf tola.
Al-Awwal Kan Jelqaba ta’e (The Namni ilmoo hin-qabne (maseene) maqaa Rabbii kana guyyuu yeroo 40
First) guyyoota afurtamaaf irr-deddeebi’ee jedhaatii zakkaratu Rabbi ilmoodhaan
qananiisa.
74 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana yeroo hedduu irr-deddeebi’ee
jedhaatii zakkaratu jiruu bareedaa jiraata xumura jiruu isaa booda du’a
dansaa qabaata. Gaafa Jimaataa yeroo 1000 jedhatuun waa bultiidhaaf
Al-Aakhir Xumura kan ta’e barbaachisan namaa baay’isa/ol-guddisa.
(The Last) Cubbuu irraa hofkaltii argachuuf akka kaafiraa hedduminaan jedhatu.

75 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana yeroo 15 salaata Jummaa booda


jedhatee zakkaratu ibsaa (Nuura) Rabbiititu (divine light) onnee isaa seena.
Akka ifti/ifnanni Rabbii (divine light) onnee nama seenu yeroo 500 ‘Az-
Zaahiru’ jedhatu.
Az-Zaahir Iftooma kan ta’e
(The Manifest One)
76 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana yeroo 22 ykn guyyuu yeroo 3 irr-
deddeebi’ee jedhatuun zakkaratu waan dhugaa wantoota keessaa arguu
nidandaya. Ogummaa (beekumsaafi hubbannaa) qabaachuuf/ argachuuf
yeroo 33 jedhatuu. Hajaaf (dhimma addaa) tiif salaata rakaa lama erga
Al-Baaxiinu Dhokataa kan ta’e salaatamee booda ‘Huwwal Awwalu wal Aakhiru waz-Zaahiru wal
(The Hidden One) Baaxinu; wa huwwa ‘aalaa kulli sheyi’iin Qadiir’ jedhu.

77 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana irr-deddeebi’ee jedhatee


zakkaratee mana isaa keessatti afuufate, mana isaa balaa kamurraawuu
bilisa ta’a.
Nama dallane/aare tasgabbeessuuf (dallansuu irraa balleessuuf) yeroo 11
Al-Waalí’u Hoganaa nama tiksu Al-Waali’u’ nama dallane saniif jedhu.
(The Protecting Friend)
78 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana yeroo heddu jedhaati zakkaratu
arjummaa Rabbii (Allah) nikennamaaf. Waan nama dhibu salphaa
taasisuuf ‘yaa-Muta’aaliyu’ yeroo baa’ee jedhachu. Dubartiif dhukkubbii
yeroo laguu ji’aarrattis jedhatuun akkaan gorfama. Yoo adabbiif
Al-Muta’aaliyu Oltarii kophaa sadarkaan gad-qabaman kabajamummaa deebifachuuf yeroo 540 jedhatu.
kan ta’e (The Supreme One) Gafiifi-deebii qajeelinaan gaggeessuufis nitola.
79 Faayidaalee: Eebba Rabbii qabaatuufi milki-dhabarraa bilisa ta’uuf ‘Al-
Baarru’ hedduminaan jedhatu. Barmaata hamaa ittisuuf guyyuu yeroo 7
jedhatu. Daa’ima dhalattuurratti ‘Al-Baarru’ yeroo 7 jedhuun waan dhibee
hundarraa tikfamaa taasisa. Namni maqaa Rabbii kana ilmoo isaatirratti irr-
Al-Baarru Tola kan hojjatu deddeebi’ee jedhaati zakkaratu, ilmoon isaa waan hamtuu hundarraa bilisa
(The Doer of Good) ta’a.
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

80 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana yeroo heddu jedhaati zakkaratu


kadhaan nahofkolchii gaabbii Rabbiin kadhannu hundinuu nifudhatama.
Hojii xumuratuuf yeroo baa’ee jedhachu.
Miidhaa/hammeenya/adabbii hamarraa walaba ta’uuf hogganaa jallaa
At-Tawwaabu Nahofkolchii afotti yeroo 10 jedhachu.
gaabbii kan fudhatu (The Guide
to Repentance)
81 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana irr-deddeebi’ee guyyaa Jimaata
3hiif yoo jedhaati zakkarate masoo/adawwii isaa waan hundaanuu ni-
injifata. Masoo injifatuuf yeroo heddu ‘al-Muntaqiimu’ jedhastuu.
Hogansa jalloo angorraa balleessuuf ‘Al-Muntaqiimu’ fi ‘Al-Qahhaaru’
Al-Muntaqiimu Gadoo kan yeroo 1000 jedhuun barbaachisaa dha.
baasu (The Avenger)
82 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana yeroo heddu jedhaati zakkaratu,
dilii/cubbuun hundi ni-dhiifamaafi.

Al-Afu Dhiifama kanamaaf


godhu (The Forgiver)
83 Faayidaalee: Nama eebbaa ta’uuf yeroo baa’ee ‘Yaa-Ra’uufu’ jedhu.
Dandeettii waan addaa hojatuu argachuuf ‘Yaa-Ra’uufu’ jedhachu. Namni
maqaa Rabbii kana irr-deddeebi’ee jedhaatii zakkaratu Rabbi (Allah) ni-
eebbisa (blessed).
Ar-Ra’uufu (The Clement)
84 Faayidaalee: Kabajamummaa argatuufi shakkii/bidhannaa namootaa
balleessuuf ykn dhabama godhuuf ‘Yaa-Maalik-al-Mulki’ jedhachuu.
Haala hin-eegneen waa-jireenyaaf barbaachisu argatuuf yeroo 212 guyyuu
jedhachu. Namni maqaa Rabbii kana irr-deddeebi’ee jedhaatii zakkaratu
Maalik al-Mulki (The Owner of name jaalalaafi kabajaa hawaasaa qabaata.
All)
85 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana irr-deddeebi’ee jedhaatii
zakkaratu qabaataa dureessa/tujjaara ta’a.
Naamusa uf-danda’ummaafi kabajamummaaa horatuuf ‘Dhul-Jalaali
Wal-Ikraami’yeroo baay’ee jedhatuu.
Dhul-Jalaali Wal-Ikraami (The
Lord of Majesty and Bounty)
86 Faayidaalee: Balaa uf-bidhatuu/uf-dhaaduurraa bilisa ta’uufi kayyoo
kaayatan gayuuf yeroo 100 ‘Al-Muqsiixu’ jedhachuu. Hajaadhaaf si’a 700
jedhachuu. Yoo sammuun xiyyeeffannaa salaataa hin-qabne taate salaata
dura si’a 239 ‘Al-Muqsiixu’ jedhu. Arriifi gadda/hiyyummaa hamaa
Al-Muqsiixu (The Equitable balleessuufis jedhu. Namni maqaa Rabbii kana irr-deddeebi’ee jedhaatii
One) zakkaratu hammeenna ibliis (devil) jalaa bilisa ta’a.
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

87 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana irr-deddeebi’ee jedhaatii


zakkaratu waan jalaa bade ni’argata, hiriyyaa/fira gargar bahaniinillee
walitti deebi’an. Maatiin garagara faca’ee walirraa fagaatee jiru walitti
akka deebi’uuf, Zuhriirratti udu’a tottolfadhuutii gara samii harkakee
Al-Jaamiyu (The Gatherer) olkaasii qubbeen harkaa walitti maxxansii si’a 10 ‘Yaa-Jaami’u’ jedhi.

88 Faayidaalee: Haala jireenya nagayaafi gammachuu ta’e qabaachuuf ‘Yaa-


Ghaaniyu’ baay’ee jedhatu. ‘Al-Ghaaniyu’ jedhamee qaamarra yoo
afuufan dhukkubbiirraa dhinuu (for shifaa) tola qabaata. Namni maqaa
Rabbii kana irr-deddeebi’ee yeroo 70 jedhaatii zakkaratu waan hundaanuu
Al-Ghaaniyu (The Rich One) gayeessa ka isa barbaachisu kan qabaatu ta’a kijibaa hinta’u aduunyaa
tanarraa kadhattuu hin-ta’u (rizqii baay’ee qabaata).
89 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana guyyaa Jimaata 10 yeroo 1000
jedhaatii zakkaratu uf-danda’aa ta’a. Guyyaa Jimaata 10if si’a 1121
guyyuu Jiumaata jedhatuun dhibee dhiphina narvii balleessa. Harkarratti
jedhatanii qaama dhukkubbii qabu harka irr-oofuu ykn sukuumuun
Al-Mughni (The Enricher) nidhinsa. Qabeenya diinii-duniyaatiif; salawaata 11 aanse yeroo 1111
‘Yaa-Mugniiyu’ jedhu, xumurattis salawaata fi Suuratul Muzammiil yeroo
11 qara’uu tola.
90 Faayidaalee: Namni maqaa Rabbii kana yoo rafuuf deemu yeroo 20
jedhaatii zakkaratu jireenya maatii dansaa, nagayaafi jaalalaa qabaata.
Aarii balleessuuf yeroo 20 jedhu. Dhikkubbiifi sodaa balleessuuf si’a 161
jedhu. Nageenya imaltuutiif ‘al-Maaniyu’ jedhu. Abbaa-manaafi haadha-
Al-Maani’u (The Preventer of manaa jiddutti araara busuuf /jaalala deebisuuf ‘al-Maaniyu’ sagalee osoo
Harm) hin-dhageesisin jedhu.

91 Faayidaalee: Imaanaan jabaatan sirritti Rabbitti siquuf kamsaa halkan


yeroo 100 ‘Ad-Darru’ jedhatu. Hoggansa dabaa irraa baraaramuuf maqaa
Rabbii kana jedhatu. Namni jireenya nagayaafi tasgabbii qabeessa ta’e hin-
dhandhamanne maqaa Rabbii kana gaaf Jimaataa halkan yeroo 100 haa
Ad-Darr’u (The Creator of The jedhatu. Rahmata Rabbii (Allah)tiin jireenya nagayaafi tasgabbii qabeessa
Harmful) ta’e ni-argata.

92 Faayidaalee: Balaa balleessuuf ‘An-Naafi’u’ guyyoota 4 jedhatu. Namni


maqaa Rabbii kana yeroo 41 jelqaba hujii/dalagaa kamuurratti jedhaati
zakkarate hojiilee tola ta’an hundaa injifannoon xumurata (will be
successful in all his good acts). Nageenya imalarraatis namaa kenna.
An-Naafi’u (The Creator of Joollee imaanaan jabduu ufitti maxaqsuun dura maqaa Rabbii kana
Good) jedhachuun dansa.

93 Faayidaalee: Kamsaa halkan ‘An-Nuru’ yeroo 700 jedhatuun ifnana


keessoo namaa kenna. Namoonni maqaa Rabbii kana irr-deddeebi’ee
jedhaatii zakkaratu ifa keessoo qabaata. Suhra Nur yeroo 7 qara’anii ‘An-
Nuru’ yeroo 1000 jedhatuun ifnana onnee kessaa argachuuf tola.
An-Nuuru Ifa kan tae (The
Light)
# MAQAA fi HIIKKAA FAAYIDAALEE

94 Faayidaalee: beekumsa diinii argachuuf yeroo baay’ee ‘Al-Haadiyu’


jedhatu. Namni maqaalee Rabbii babbareedoo “Ya Hadi Ihdinas-Siratal-
Mustaqim” salaata Ishaayii booda yeroo 1100 jedhaati zakkarate dhaba
waa isa barbaachisaa hundarraawuu bilisa ta’a (will be free from all needs).
Al-Haadiyu Hogganaa /
Qajeelchaa kan ta’e (The Guide)
95 Faayidaalee: Shororkaa balleessuuf ‘Al-Baadiyu’, ‘Ya-Baadiyu as-
samawaati-wal-ardi’ jechuun yeroo 1000 irr-deddeebi’u. Dhiphinaafi
gadadoo niballeessa. Qajeelfama hojii sirnaawwaatiif hirribaan dura
jedhachu. Dalagaa qixa sirriitiin xumuruuf yeroo 1200 ‘Ya-Baadiyu-al-
Al-Baadi’u Kan eegale (The ajaa’ib-bil-kheeyr-Ya-Baadiyu’ guyyaa 12 jedhatu. Namni dhibeefi
Originator) rakkinaalee garagaraatiin dararamu maqaa Rabbii kana yeroo 70,000
jedhataatiin haa zakkaratu, dhibdeerraa nidamdamata nibaraaramas.
96 Faayidaalee: Rakkinaaleerraa bilisa ta’uuf gaafa khamsaa halkan ‘Al-
Baaqiyu’ jedhachu. Kadhaan Rabbi kadhatamu fadhatamaa akka ta’u
jedhatu. Namni maqaa Rabbii kana guyyuu Jimaata yeroo 100 jedhaati
zakkaratu hojiin tolti hundi kabajama ykn ulfina Rabbii(Allah)tiif
Al-Baaqi’u Kan hanga horoo fudhtama/qeebalama nita’aafi.
jiraataa ta’e (The Everlasting
One)
97 Faayidaalee: Rakkooleerraa bilisa ta’uuf ‘Al-Waarithu’ yoo aduun baatu
si’a 100 jedhatu. Hojii mijaawaa taasisuuf hedduminaan jedhu. Aarii
balleessuuf salaata Magriibaafi Ishaahi jidduu si’a 1000 jedhatu. Namni
maqaa Rabbii kana aduu baate booda yeroo 100 jedhaati zakkaratu,
Al-Waarithu Kan hunduma aarii/gadda hundarraawuu kabajama ykn ulfina Rabbii(Allah)tiif kan
dhaalu /abbaa itti ta’u/ (The baraaramu ta’a / nitikfama.
Inheritor of All)
98 Faayidaalee: Shororkaafi rokkoo leecalloo (ittifayadama) balleessuuf
salaata Magriibaafi Ishaahii jidduu si’a 1000 ‘Ar-Rashiidu’ jedhatuun
dansaa dha.
Namni adeemsa hujii wayii ykn karoora hojii baafatuu hin
Ar-Rashiidu Barsiisaa beekne/hindandeenne maqaa Rabbii kana salaata magriibaa fi ishaahii
haqa/dhugaa kan ta’e (The jidduu yeroo 1000 jedhaatiin haa zakkaratu. Jechoota qajeelloo dubbii
Righteous Teacher) taasisuufs maqaa Rabbii kana jedhatuun tola qaba.

99 Faayidaalee: Shororkaa, rakkinaafi, gaddarraa dandamatuuf si’a 33 ‘As-


Sabuuru’ jedhachu. Balaarraa uf-eeguufi arraba diinaa qabuuf si’a 100
baha aduu dura jedhatu. Dhukkubbii qaamaatiif si’a 298 jedhu. Seer-
maleessaan yakkamaa godhamnaan irr-deddeebi’anii heddumina jedhtu.
As-Sabur Tasgabbaawaa kan Rakkoo keessatti si’a 1020 jedhuu. Namni shoororkaa, rakkoo, dararaa ykn
ta’e (The Patient One) gadda kamuu keessa jiru maqaa Rabbii kana yeroo 3000 jedhaatiin haa
zakkaratu, waa muudata kanarraa nibaraarama.

You might also like