You are on page 1of 21

BIRMADUMMAA

MASTURBATION

Irraa
BILISA BA’UU

Getu Abera (BSc)


July 7, 2015/2023
Maxxansa 1ffaa
Fuula Duwwaa
asturbation – Of waliin gochaa saalqunnamtii raawwachuu jechuudha. Gama

M biraatiin Masturbation qaama saalaa ofii tutuquudhaan ofii waliin adeemsa


walqunnamtii saalaa shaakaluudha. Jireenya keessatti eenyumtiyyuu adeemsa
muraasa keessatti gocha gadhee kanaan ni tuqama. Akka gabaasni waa’ee dargaggootaa irratti
gaggeeffame himutti dhiironni 98% fi shamarran 70% ta’an gochaa masturbation umurii 21 dura
raawwatu. Masturbation fedha saalqunnamtii ofii ofiin of gammachiisuu, kunis utuu haadha
manaa/abbaa manaa bira hin gahin ofiin, ofii wajjin shaakala saalqunnamtii taasisuuti.

Amala (shaakala) gadhee masturbation gochuu irraa bilisa ta’uuf dhimmoota ijoo ta’an sadi,
dhuga ba’uumsa nama John Seyifunmi Balogun’ jedhamu irraa qabxii sadan armaan gadii bifa
gaaffiitiin dhiyaatan irratti hundoofnee haa ilaallu;

1. Maaliif Masturbation Raawwatta?


2. Masturbation Cubbuudhaa?
3. Daandii Bilisummaa Hordofuuf Qophooftee Jirtaa?

John S. Balogun akkas jedhee dubbate, ‘Masturbation akka baargamoo hidda qabuuti. Yoo hiddi
isaa goguu baate summii miidhaa si irraan geessisu gadhiisuu hin dhaabu. Hanguma hiddi isaa
akka gogu hin taasifnetti miidhaa cimaaf sababa ta’aa adeema. Mee amma gaaffii isa jalqabaatiin
sin gargaara;

1. Maaliif Masturbation Raawwatta?

Amala guddina hafuuraa kee gadi buuse kana irraa bilisa ba’uu yoo barbaadde dhugaa jiru akka
ofitti himtu sin jajjabeessa. Ani nan yaadadha yeroon gochaa kanaa waliin wal’aansoo qabaa
turetti; yeroodhaaf baay’isee wal’aansoo qabeera; sababni isaa kuni dhugumatti wal’aansoo
hafuura keenyaan mormu dha. Keessumaa dargaggoonni wal’aansoo hafuuraa kana keessa jirtan
hamma dhumaatti akka na faana turtan isin jajjabeessuudhaan nan eegala.

Akkas jedheen gaaffii walfakkaataa of gaafadhe, “John, maaliif masturbation raawwatta?”


Guyyaan gaaffii kanaaf deebii qopheessetti masturbation irraa bilisa ba’uuf carraan argadhe.

1 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


Jalqaba irratti, koree dubartootaa (Chritian sisters) keessatti makamuun fedhiin isaan waliin
hirmaachuu na keessatti uumame. Dhoksaatti isaan booda fedhiin foonii ana irra ture. Garuu nama
hafuuraa of nan fakkeessa. Ilaalchi ejjummaa, yaadni fi hawwiin kun walitti qabamee, utuun hin
beekin yommuun kophaa ta’u, sammuun koo irra deebi’ee ilaalcha ejjummaa kana natti fida. Kun
waan ajaa’ibaati akkaataan sammuun fakkiilee sekondii tokko keessatti ija fayyadamuun argee
olkaa’u.

Kuni argannoo koo isa jalqabaa ti!

Kana irratti hin dhaabanne, maaliifan masturbation raawwadhaa? Jechuun yommuun of


gaafadhu, sababa lammaffaan pornogiraafii / fakkii qullaa argisiisu ilaaluu dha. Yeroo jalqabaatiif
bilbila koo ‘Nokia phone’ jedhamuun fakkii dubaraa qullaa jirtu kanan ilaale dagachuu hin
dandeenye. Xiyyeeffannoo utuu itti hin kennin waa’ee fakkichaa yaadun jalqabe; akkasumas utuun
hin beekin qaama qullaa sana irra deebi’ee ilaaluuf nan hawwe; yeroo sana yaada masturbation
gochuutiin liqimfamuu koo nan yaadadha. Akkuman baay’inaan fakkicha ilaalu, baay’inaan
masturbate gochuuf hawwiin na keessatti uumama ture.

Yerootti, fakkii sanaan fedhiin koo waan hin guutaminiif porn video (blue film) ilaala ture. Yeroon
gocha sanatti hirmaadhu miira of ceepha’uu fi of tuffachuu natti dhaga’ama ture. Fuula
Waaqayyoo duratti jilbeenfadheen cubbuu koo himadha. Waaqayyoon jibbuu koo miti. Waaqayyo
akkan isa waliin deemuu barbaadu ni beeka; garuu haalichi baay’ee ulfaataa ture.

Yaadadhu, amma illee maaliif masturbation raawwatta? yaada jedhu irrattin dubbataa jira.
Seenaa mataa koon sitti himaa jira; atis maaliif masturbation akka raawwattu yaadachuuf akka si
gargaaru.

Sadaffaa irratti, sababni ani argadhe, gocha masturbation kanan raawwadhu yeroo hundumaa
kophaa koo yoon ta’u dha. Yeroo baay’ee kophaa yommuun ta’u, yaadni saalqunnamtii sammuu
koo keessa dhufa. Fakkii fi viidiyoon ilaale sammuu koo keessa deddeebi’a.

Afuraffaa irratti, kanan argadhe fedhiin saalqunnamtii yeroon dhiibbaa adda addaa keessa darbe
fakkeenyaaf qormaataan booda, gochaa galgalaa booda yookiin adeemsa dheeraa boodaa fi kan
kana fakkaatan.

2 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


Walumaagalatti, akkan ani gocha masturbation raawwadhuuf sababiileen jiran kanneen afran akka
ta’an irra gahuu danda’eera.

Kan kees tarii kan koo wajjin walfakkaachuu yookiin gargar ta’uu danda’a. Rakkoo hin qabu;
wanti baay’ee barbaachisaan sababa mataa keetii irra gahuu danda’uu fi gaaffii isa lammaffaatiif
deebii barbaaduu dha.

2. Masturbation Cubbuudhaa?

Amma, gara kutaalee muraasa macaafa qulqulluu keessaa fudhannee ilaalutti sin geessa.
Namoonni tokko tokko macaafni qulqulluun mata duree kana akka calliseetti amanu; garuu akkas
miti. Iddoo kanatti gaaffii ijoon (fundamental question) wal wajjin ilaallu masturbation cubbuu
ta’uu yookiin dhiisuu isaa miti. Gaaffiin ani gaafachuu barbaadu, “Waaqayyo jireenya kee waliin
akka jiru mirkaneeffachuu barbaaddaa?” Yoo dhugumaan akkas ta’e, hubannaa fi kadhataan
qabxiilee armaan gadii waliin ilaalla.

1. Masturbation gocha ejjaa, halalummaa fi hawwii saalqunnamtii caaffanni


qulqullaa’aan hin deeggarre waliin kan walqabatee dha: Mat. 5:28 irratti, “… namni
ija hawwiitiin gara dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” Jedha. Hawwiin akkasii
kuni gara cubbuu hojjechuutti kan geessu dha. “Kajeellaan hamaan erga iddoo ga’ee
cubbuu dhala; cubbuunis erga raawwatamee du’a dhala.” (Yaq. 1:15)
2. Gochi masturbation fedhii namaa garboomfata: Rom. 6:16 “waan tokko of irratti
gooftaa godhattanii harka isaa jala yoo of galchitan isin wanta sanaaf garba akka taatan hin
beektaniiree? Cubbuudhaaf yoo abboomamtan du’aaf, Waaqayyoof yoo abboomamtan
qajeelinaaf in bultu!”
3. Masturbation dhagna namaa isa mi’a qulqullummaa Waaqayyo ittiin kabajamuu
qabu, hawwii ejjaatiif itti fayyadama: Rom. 6:12-13 “ammas cubbuun warra kajeellaa
foonitiif abboomaman akka isin hin godhannetti dhagna keessan isa du’e keessatti isa hin
moosisinaa! Bu’aa dhagna keessanii mi’a jal’inaa godhachuudhaaf harka cubbuu jala hin
galchinaa! Garuu akka namoota warra du’a keessaa bahanii jireenya argataniitti,
Waaqayyoof of kennitanii, bu’aa dhagna keessanii mi’a qajeelinaa godhachuudhaaf harka
Waaqayyoo jala galchaa!”

3 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


4. Gochaa masturbation shaakaluun dhugumatti faallaa caaffata qulqullaa’aati: 1Phe.
2:11 “Michoota koo! Isin warra ormummaatti jiraattan, warra biyyaa baafamtanis nan
gorsa; fedha foonii isa lubbuu keessan lolu irraa fagaadhaa!”
5. Amala kana yeroodhaan irratti dammaquu baannaan sammuun gara shaakala
cubbuu miti jechuu fi qulqullummaa hubachuu dhabuutti guddata: Waaqayyo
namoota akkasii irraa fagoodha. Rom. 1:28 irratti akkas jedha, “Isaan Waaqayyoon beekuu,
dubbii qajeelaatti waan hin lakkaa’iniif, Waaqayyo immoo yaada jal’aadhaa fi waan namni
hin hojjenne hojjechuutti dabarsee isaan kenne.”
6. Sababa masturbation’n namoota baay’etti miirri of qeequu, of jibbuu ni dhaga’ama:
1Yoh. 3:21 “Yaa michoota ko! Garaan keenya yeroo nutti hin faradnettis, Waaqayyo
duratti ija-jabina qabna.”
7. Masturbation dhimmoota jireenyaa kan biroo, fedhii fi dandeettii akkasumas yeroo,
humnaa fi qabeenya balleessuun guddina barbaachisu irraa duubatti akka
harkifatan nama godha.
8. Masturbation warra gaa’ela dhaabbatan irratti dhiibbaa hamaa geessisuu akka
danda’u maddoonni tokko tokko ni eeru: Sababa warri masturbate godhan pornogiraafii
ilaalaniif, hiriyaa isaanii waliin gammaduun itti ulfaata; sababni isaa sammuun isaanii
ilaalcha ejjummaatiin hiriyaa isaanii porni ilaalan wajjin walbira waan qabaniif.
9. Namni gocha masturbation keessatti kufe, fedhii foonii ofii gammachiisuu malee
fedha hafuuraa gammachiisuu hin danda’u.

Kanaafuu, waan tokko irra deebi’ee sin gaafadha, “masturbation cubbuu dhaa?” Deebiin kee
EEYYEE, yoo ta’e, ana waliin koottu gaaffii isa dhumaan deebisa;

3. Daandii Bilisummaa Hordofuuf Qophooftee Jirtaa?

Gochi masturbation hidhata cimaa sammuu waliin akka walqabatu; sammuun yaadolee
saalqunnamtii (sexual thoughts) kamiyyuu salphumatti gara raawwiitti jijjiiruuf akka ka’u
dhugaalee tokko tokko ilaallee jira; Gaaffiin ammaa daandii bilisummaa hordofuuf qophooftee
jirtaa? Kan jedhu dha.

4 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


Mee ariifadheen sitti hima, masturbation irraa bilisa bahuun kan danda’amu gargaarsa hafuura
qulqulluu Waaqayyo nuuf kennuuni. Hafuura qulqulluu waliin adeemuuf dirqama qophaa’uu
qabda.

Qabxiilee cubbuutti akka hin kufne si gargaaran tokko tokko siif nan kenna, garuu qabxiileen
kunniin gargaarsa hafuura qulqulluu malee gatii hin qaban. Abdiin qaba akka na hubatte!

Dhugaalee ifa ta’an beekuu qabdu tokko tokko itti dabalee siif nan kaasa;

 Barreeffamaa fi gaazexaa fedhichaaf nama kakaasan dubbisuu yoo itti fufte


masturbation irraa bilisa ba’uu hin dandeessu;
 Viidiyoo pornogiraafii (blue films) ilaaluu yoo itti fufte masturbation irraa bilisa ba’uu
hin dandeessu;
 Hiriyoonni baay’ee sitti siqan warra saala faallaa yoo ta’an, masturbation waliin
wal’aansoo yeroo dheeraa sitti fudhata;
 Yeroo hundumaa waa’ee dubara naannoo keetii yookiin si cina darban hunda irratti
xiyyeeffachuu jaalatta taatan masturbation irraa bilisa ba’uu hin dandeessu.

Mallattoon jalqabaa daandii bilisummaa hordofuuf qophaa’uu kee


argisiisu tokko maddoota gochaa masturbation ta’an balleessuu dha.

Maddoonni gochaa masturbation kee maali dha? Kan koo, garmalee dubartootatti dhiyaachuu,
pornogiraafii, yaadolee ejjaan walqabatan fi yeroo baay’ee kophaa ta’uu dha.

Sababni Kan Kee Maali Dha?

Cubbuun dhukkuba hamaa lafa kana irraati. Hafuura namaa, lubbuu fi qaama namaa hammeenyaa
fi to’annoo jal’inaa jalatti kuffisuu danda’a. Eenyullee yoo taate; beekumsas yoo qabaatte rakkoo
hin qabu, cubbuun jireenya kee seennan, miira kee si dhabsiisuun wanta hin jaalanne akka gootu
si taasisa.

Hafuurri qulqulluun si gargaaruuf qophii dha; garuu ofii isaa dirqamaan gonkumaa si irratti hin
hojjetu. Hafuurri qulqulluun hafuura gaarummaa (gentle spirit) Waaqayyooti. Jireenya kee

5 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


keessatti dirqama wanta inni hin jaalanne irraa fagaachuu qabda. Hafuurri qulqulluun yaadolee
cubbuu ejjaan walqabatan kanneenii fi jeequmsa jireenyaa kee irraa bilisa si baasuu barbaada.

Haa ta’u malee, maddoota gochaa masturbation balleessuu qabda. Sababni isaa hanguma
gochichi itti fufu, hanga fedhe yoo kadhatte, waadaa yoo galte yookiin furmaata fiduuf, bilisa
ba’uu hin dandeessu.

Masturbation akka firii muka irraa ti; mukti hidda isaa irraa hin citu taanan firii buusuu yookiin
summii nama miidhu maddisiisuu itti fufa. Hanguma mukichi akka turu heeyyamtu, miidhaa cimaa
geessisaa deema. Kanaafuu, maddoota gochaa masturbation balleessuun si irra jiraata.

Maddoota masturbation kanneen akka barreeffamaa fi gaazexaa fedhichaaf nama kakaasan


dubbisuu, fakkii fi viidiyoo pornogiraafii ilaaluu, fi kan kana fakkaatan erga balleessitee booda
daandii bilisummaa hordofuuf qophoofta.

Rakkoo hin qabu yaaltee irra deebitee kuftee? Seexanni tarii yaada kee irratti moo’icha argachuu
barbaadee? Abdii hin kutin; wal’aansoo keetti gammachuu qabaadhu! Kuni daandii ati ittiin gara
bilisummaatti ceetudha; sababni isaa Waaqayyo gara kee jira. Waaqayyo gara faallaa kee miti;
inni humna siif kennuuf, bilisa si baasuuf si waliin jira.

Amma Jalqabi!

Amma gochaalee ejjummaan walqabatan keessaa bahuu akka dandeessuuf tooftaalee tokko tokko
erga argattee; kanaafuu masturbation rakkina kee ta’uu hin danda’u. Gochaalee ejjaa fi
masturbation irraa fagaachuuf qabxiilee si gargaaran muraasa;

1. Madda fedhichaa balleessi!

Wantoonni yookiin yaadoleen hin barbaachifne naannoo keenya jiran, kan gochaa ejjummaa
kanatti geessan maalidha?

 Ibr. 12:1 irratti akkas jedha, “Egaa nuyi dhuga baatota akka duumessaa lafa uwwisan naannoo
keenyaa qabna; kanaafis koottaa wanta ba’aa nutti ta’u hundumaa, cubbuu isa nutti qabates
of irraa fuunee dorgommee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiigna!”

6 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


2. Ilaalcha kee qajeelfadhu!
3.
Yeroo baay’ee ija kee qajeelchitee gara saala faallaa yoo ilaalte, sammuun kee carraa fakkii
baay’ee kaasuu of keessatti kuusaa adeema; fakkiileen kunniin muraasni fayyummaa hafuuraatiif
sirrii miti.

Wanta ilaaluu qabdu hunda ilaaluu dhiisuu miti; wanti jalqaba irratti ati ilaaltu fayyummaa hafuura
keetiif sirrii ta’uu yoo baate, ilaalcha lammaffaa hanga dandeessu sirreessuu yaali!

Ilaalcha lammaffaa kee sirreessuu yoo hin dandeenye, ilaalcha sadaffaa kee sirreessuu ni
dandeessa; hanga garaa kee keessatti ejjuu jalqabdutti ammas, ammas, ammas gara saala
faallaa hin ilaalin!

 Fak. 4:25 “Ijji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu, wanta ija kee dura jiru duwwaa ilaali!”

3. Gara Ejjaatti Wanta Si Oofuu Danda’u Irraa


HATATTAMAAN OF QABI!

Ofii keetti baay’ee dhiyoo ta’uu akkasumas Waaqayyotti dhiyoo ta’uu qabda; deebii deebisuufiirra
haalicha to’achuu danda’uu qabda.

Namni yommuu ejjitu si arguu dhiisuu danda’a; garuu Waaqayyoo fi si qofatu arga. Kanaafuu
sagalee ayyaanichaa, barsiisa inni akka ati gocha ejjummaa mormitu siif kennu dhaga’uun OF
GARGAARI!

Hafuurri qulqulluun yeroo hundumaa yaadolee kamiyyuu irratti maal gochuu akka qabdu (of
eeggannoo) siif kenna; wanti barbaachisaan ofiif gochuu qabdu sagalee hafuura qulqulluu
dhaggeeffachuu dha.

Kana qalbifannaan yommuu ejjuu jalqabdu, wanta gochuuf turte hatattamaan Waaqayyotti
himachuun dhiigni Yesus cubbuu kamirraayyuu akka si qulqulleessu of kennita.

 Yaq. 1:15 “Kajeellaan hamaan erga iddoo ga’ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga raawwatamee
du’a in dhala.” (Duuni asitti Waaqayyo irraa adda bahuu dha; hanga cubbuu kee himattutti

7 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


carraa fayyinaa qabda (temporary die) yookiin cubbuudhaan yoo duute immoo siif
dhumateera (permanent die).

4. Fayyummaatti of Eegi!

 Yih.1:21 akkas jedha, “Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegaa;” jedha.

Wantoota jireenya hafuuraa kee fayyummaatti eegan raawwachuu fi wantoota jireenya hafuuraa
kee gadi buusan irraa fagaachuu qabda.

Haasa’a saalqunnamtii gurra keetiin dhaggeeffachuu fi haasa’a mi’aa hin qabne dubbachuun
yookiin sirba saalqunnamtii arraba keetiin sirbuun gocha ejjummaa garaa keetti akka raawwattu si
taasisa. Fayyummaatti of eegi!

Wal tuttuqqiin qaamaa fedhii saalqunnamtiif godhamu, dhungoon, wal hammachuun, fedhii
saalqunnamtii kakaasa. Fayyummaatti of eegi!

Walitti dhufeenyi garmalee saala faallaa waliin jiraatu fedhii cimaa nama sana waliin akka
qabaattu taasisa. Namni sun haadha manaa / abbaa manaa seera qabeessaa kee ta’uu yoo baate
yaada ejjummaa isa/ishee waliin qabaachuuf dirqamta. Fayyummaatti of eegi!

Saala faallaa akka kitaaba qayyabattutti qorachuun yookiin yeroo hunda ija kee dura olkaa’uun
fayyummaa hafuuraa ta’uu hin danda’u. Yeroo ilaalchaa fi gochaa ejjummaatiin wal’aansoo
qabdu, wanti hundi rakkoo hin qabu hin jedhin! Fayyummaatti of eegi!

5. Miira of nama tuffachiisuu fi ofitti nama farachiisu keessatti


hin qabamin!

Namoonni gochaa masturbation keessatti argaman yeroo baay’ee miira gammachuu kan hin qabne
yeroo baay’ee miirri of tuffachuu kan itti dhaga’amuu dha. Gochi kuni Waaqayyo biratti
fudhatama akka hin qabaanne garaa isaaniitti ni amanu. Dhiibbaa hafuuratti guddachuu irraa nama
ittisuu dha.

8 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


 2Qor. 7:10 “Akka Waaqayyo biratti fudhatamutti gadduun yaada garaa geeddarachuu fida; inni
immoo gara fayyinaatti geessa malee, nama hin gaabbisiisu; akka biyya lafaa keessatti
fudhatamutti gadduun garuu du’a fida’o.” Akka sitti faradamu hin godhin! Rom. 8:1-2 irratti,
“Egaa amma firdiin, warra Kristos Yesusitti qabamanii jiraatanitti faradamu tokko illee hin
jiru. Seerri hafuuraa inni karaa Kiristos Yesus nama jiraachisu, seera cubbuu du’atti nama
geessu jalaa si baaseera.”
Yeroo kamuu gocha ejjummaatiin cubbamaa ta’uu kee yoo yaadatte, wanti ati argite, tuqxe,
yookiin dhageesse yookiin jette akkuma sitti dhaga’ameen hatattamaan gara Waaqayyootti
fiigichaan deebi’uun yoo isatti garaa kee guutuu himatte, inni dhiifama siif gochuun hariiroo
kee duraatti akka deebitu si taasisa. 1Yoh. 1:9 irratti akkas jedha, “cubbuu keenya yoo isatti
himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal’ina keenya
hundumaatti nu qulleessa.”
Mee dhugaa armaan gadii kan namoonni baay’een sitti himuu hin barbaanne kana sittan hima;

Wal’aansoo kee daandii bilisummaa hordofuu kanatti gammaddee


utuu itti jabaattuu, dogoggora uumuu fi kufuu dandeessa; MAALOO
KUFAATIIN KEE AKKA SI KUFFISEE GADI SI HIN QABNE HIN
HEEYYAMIN, HATATTAMAAN GARA WAAQAYYOOTTI
FIIGUUN BALLEESSAA KEE HIMADHU!

1Yoh. 2:1 irratti akkas jedha, “Yaa ijoollee koo, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan
caafa; namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna,
innis Yesus Kristos isa qajeelaadha.”

6. Onnee Kee To’adhu!

 Macaafa Fakkeenyaa. 4:23 irratti “wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan
ba’uuf yaada kee ba’eessa godhii eeggadhu!” jedha. Yesus Kristos, Mat. 15:19 irratti akkas
jedheera; “wanti hamaan hundinuu yaada garaa keessaa ba’awo. Isaanis nama ajjeechaa,
ejjummaa, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa ba’uu, nama salphisuu.” Kanaaf, akkamitti

9 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


yaada garaa keetii to’achuu dandeessaree? Macaafni qulqulluun Ermiyaas. 17:9 irratti “garaan
namaa waan hundumaa irra jal’aadha, namnis isa qajeelchuu hin danda’u; egaa eenyutu isa
beekuu danda’a ree?” jedha. Keessi garaa kee si caalaa cimaadha. Onneen kee suma mataa kee
iyyuu hogganuuf dandeettii qaba. Ofii keetiin onnee kee qajeelummaatti to’achuu hin
dandeessu; sababni isaa onneen kee si caalaatti baay’ee cimaadha. Suma mataa kee; abbaa
qabeenyichaa iyyuu to’achuu danda’a. Garuu, Waaqayyo ni DANDA’A! Wanta ati ofii keetiif
gochuu dadhabde inni siif gochuu ni danda’a. Hafuura qulqulluu akkamitti gara onnee keetti
simachuu akka dandeessu gabaabinaan waliin ilaalla. Akkuman armaan olitti siif barreessee
ture, hafuurri qulqulluun dirqamaan gara kee dhufee ofii isaa sirratti hin moo’u! Dirqamaan
waan ati barbaaddu irraa si hin ittisu. Hafuurri qulqulluun wal’aansoo siin hin qabu. Hafuurri
qulqulluun heeyyama kee barbaada; situ ofii kee hafuura qulqulluutti of kennee, hojii
gaarummaa isaa irraa hirmaata.

7. Hafuura Qulqulluun Gaggeeffamanii Jiraachuu Barachuu


Eegali!

Armaan olitti hafuurri qulqulluun adeemsa daandii bilisummaa hordoftu irratti bifa kamiin
ciminaan si gargaaruu akka danda’u irratti dubbannee jirra. Hafuura qulqulluun yommuu
gaggeeffamtu adeemsa jireenya bilisummaa hordofuu keetti baay’ee gammadda.
Hafuura qulqulluun gaggeeffamanii jiraachuun ogummaa baratamuu dha; akka daa’ima
xiqqoo abbaa ishee waliin deemuu hawwituu dha. Adeemsichi baay’ee dadhabsiisaa, olee fi
gadee, bu’aa bahii qaba. Garuu, akkuma daa’imichi deemsa shaakaluu fi qajeelfama abbaa isaa
irraa fudhatuun daa’imichi adeemsa gaarii adeemuutti guddata.
Yeroo tokko tokko tarii daa’imichi qajeelfama abbaa isaa irra daddarbuun kufuu danda’a;
abbaan isaa harka qabee deebisee olkaasee adeemsichi itti fufa. Kanaafuu, adeemsichi hafuura
qulqulluudhaani; isa waliin adeemuu barachuu qabda.
 Gal. 5:16 “Ani garuu, ‘hafuuraan gaggeeffamaa jiraadhaa malee fedha foonii hin
raawwatinaa!’ nan jedha” lakkoofsa 25 irraa, “nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, hafuura
kana duukaa bu’uu keenya.” Far. 46:1 “Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya,
inni rakkina keessatti gargaaraa ta’uun isaa beekameera.” 2Qor. 6:16 “manni qulqullummaa
Waaqayyoo immoo Waaqayyolii tolfamanii wajjin waliigaltee maalii qabu? Waaqayyo jiraata

10 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


dha, nuyis mana qulqullummaa isaati; Waaqayyo ofii isaatii, “Ani isaan bira nan buufadha,
isaan gidduus nan deddeebi’a; ani Waaqayyo isaanii nan ta’a, isaanis saba koo in ta’u”
jedheera.”

8. Ofii Kee Dubbii Waaqayyoo Keessatti of Eegi

Onneen kee duwwaa taa’uu hin danda’u; dubbii Waaqayyootiin guutuu yoo baatte, wantoonni
biro iddoo qabatu.
 Qol. 3:6 “Sababii wanta kana hundumaatiif dheekkamsi Waaqayyoo [warra isaaf hin
abboomne irratti] in dhufa.” Far. 119:9 “Dargaggeessi maaliin adeemsa isaa qullaa’ummaatti
eeguu danda’a? Akka dubbii keetti adeemsa isaa qajeelfachuudhaan eeggachuu in danda’a.”

9. Kadhata Garaa Irraa Maddee Kadhachuu fi Of Kennuu

 Mat. 6 keessatti, kadhata Waaqayyoo keessaa, himni tokko “qoramatti nu hin galchin; hamaa
nu oolchi malee” jedha. Mat. 26:36-46 keessatti Gooftaa Yesus gara iddoo dhaabaa
Getesemaanee jedhamutti kadhata garaa irraa madde yommuu kadhatu ni argina. Bartoonni
isaa immoo rafanii isaan arge.
Yesus Kristos kadhataan yommuu mo’atu, Phexros immoo si’a sadi isa gane, sababni isaa
kadhatatti dadhabee waan tureef akka ta’e kutaa kana irraa ni hubanna.
Kadhanni muddama nutti dhufe mo’achuu akka dandeenyuuf humna cimaa nuuf kenna.
Muddama si mudate irratti Waaqayyoon yommuu waamattu, inni si oolcha. Hariiroo gaarii
hafuura qulqulluu waliin yoo qabaatte, akkuman armaan olitti ibse, Waaqayyoon kadhachuu
keetti dhuguma ni gammadda.
Ganama yeroo hundumaa akkuma hirriiba irraa kaateen Waaqayyoon kadhadhu, muddamatti
akka hin galle akka si eeguuf; dhugumatti Waaqayyo kadhata kee siif deebisa.

11 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


10. Dhuma Irratti Waa’ee Wal’aansoo Keessa Jirtuu Nama Itti
Himtu Qabaadhu

Mammaaksa baay’ee beekamaan tokko, akkas jedha, quba miidhame tokko uffata kee
keessa dhoksuu hin dandeessu, yoo akkas goote, quba sana dhabuudhaan xumurta; garuu yoo
akka mul’atu goote, nama si gargaaruu danda’u argatta.
Kanaafuu ejjaa fi masturbation waliin; nama amanamaa tokko si barbaachisa, kiristaana
hubannoon guddate. Namtichi tarii gaggeessaa waldaa kiristaanaa keessanii ta’uu danda’a.
Angafa kee yookiin fira kee ta’uus danda’a.
Wal’aansoo keessa jirtu itti himuun kee kallattii ittiin furmaata argattu jalqabuu keeti. Nan
beeka, kuni itti gaafatamummaa fudhachuu fi wanta salphaa miti. Itti hin dhiphatin! Anis itti
gaafatamummaa nan fudhadha, akkasumas daandii milkaa’ina kooti! Namni tokko dhugumatti
akkas jedheera, “Akka siif dhiifamu yoo barbaadde, cubbuu kee Waaqayyotti himadhu;
garuu akka fayyitu yoo barbaadde, nama biraatti himadhu.”
 Yaq. 5:16 “Yoos dhukkubattii akka fayyifamtanitti cubbuu keessan walitti himadhaa, waliifis
kadhadhaa! Kadhannaan nama qajeelaa waan baay’ee hojjechuu in danda’a.”
Nama sirriitti amantu tokko filadhu; nama dadhabina walfakkaataa si waliin hin qabne; Nama
sanaaf hanga inni si gargaaruu danda’utti, hariiroo Waaqayyo waliin qabdu hamma cimsutti
banaa ta’iif.
Yaadadhu, cubbuun dukkana keessa dhokachuu jaalata, garuu ifatti yommuu bahu humna
dhabaa adeema.
Kanan si jajjabeessu kophaatti akka hin duune, diina kee dhoksitee hin kunuunsin ifa baasii of
irraa loli!

12 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


4. Qabxiilee Dabalataa fi Qo’annoo Macaafa Qulqulluu

I. Masturbation Maaliif Dogoggora ta’ee? Kutaalee Macaafa Qulqulluu Keessaa

A. 1Qor. 6:12 — “Namni, "Anaaf wanti hundinuu dhowwaa hin qabu" jedhu jira; garuu
wanti hundinuu immoo isa hin gargaaru; anis, "Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu"
nan jedha, garuu waan tokko ana irratti gooftummaa hin godhatu.”
B. Mat. 5:27-28 "Yesus, 'Hin ejjin' jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu
isinittan hima, namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera." Yaq.
1:13-15 "Namni yommuu qoramu, qoramsi kun Waaqayyo biraa anatti dhufe hin
jedhin! Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda'u, ofii isaatiis nama tokko
illee hamaadhaaf hin qoru. Garuu tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa
hamaadhaan harkifamee yommuu qabamu in qorama. Kajeellaan hamaan erga iddoo
ga'ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga raawwatamee du'a in dhala."
C. 1Qor. 7:9 “Of qabuu hin danda'an yoo ta'e garuu haa fuudhan, haa heerumanis;
kajeellaa fooniitiin gubachuu irra fuudhuu, heerumuus in wayya.”
D. 1Qor. 7:3-4 "Abbaan manaa jaalalaan haadha manaa isaa bira haa ga'u, haati manaas
jaalalaan abbaa manaa ishee bira haa geessu. Haati manaa abbaa manaa ishee malee,
dhagna ishee akka jaallatte gochuu hin dandeessu; abbaan manaas akkasuma haadha
manaa isaa malee, dhagna isaa akka jaallate gochuu hin danda'u."
E. “Namni mamaa waa nyaatu garuu, amantiidhaan waan inni hin fudhatiniif itti in
faradama; wanti amantiidhaan hin hojjetamne hundinuu cubbuu dha." (Rom. 14:23)
“Egaa yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa
ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!” 1Qor. 10:31

II. Akkamitti Gochaa Masturbation Moo'achuu Dandeenya?

A. Cubbuu akka ta'e sammuu ofii amansiisuu yookiin yaada raafamaa lama keessaa
ba'uu (don't be double minded): Filannoon lama hin jiru. (Yaq. 1:6-8 irratti "Garuu
utuu hin mamin amantiidhaan haa kadhatu; namni mamu akka dha'aa galaanaa isa
qilleensaan asii fi achi oofamee darbatamuu ti. Namni akkasii gooftaa biraa waa nan

13 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


argadha jedhee hin eeggatin! Garaan nama akkasii walaallammii dha, yaadni isaas
waan hundumaa qabee gad dhiisa malee, iddoo tokko hin dhaabatu."

Yaq. 4:7-10 — "Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa!
Innis isin dhiisee in baqata. Waaqayyotti dhi'aadhaa, innis isinitti in dhi'aata. Isin warri
cubbamoonni, harka keessan qulleeffadhaa. Isin warri garaa walaallammii, garaa
keessan qulqulleeffadhaa! Akka gadadamtan beekaatii, gaddaa, boo'aa! Kolfi keessan
boo'ichatti, gammachuun keessan gaddatti haa diddiiramu! Goofticha duratti gad of
deebisaa, inni ol isin in qaba."

B. Himachuu fi furmaata barbaaduu: Fak. 28:13 irratti akkas jedha, “Namni irra-
daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus
garuu araara in argata.” 1Yoh. 1:9 — “Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni
amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya
hundumaattiis nu qulleessa.”

“Ba'i-biiftuu lixa-biiftuutii akka fagaatu, innis irra-daddarbaa keenya nuttii in


fageessa;” — Far. 103:12

“Ani Waaqayyoon waanan yakkeef hamma inni dubbii koo ilaalee dhugaa koo anaaf
baasutti dheekkamsa isaa isa boba'aa nan baadha; inni gara ifaatti na baasa, ani immoo
qajeelina isaa argee nan gammada.” — Mik. 7:9

C. Humnaa fi Jabina Waaqayyoo Gaafachuu — Ayyaana isaa keessa Dhokachuu:


“Inni ayyaana isa caalu immoo in kenna; kanaaf caaffanni qulqullaa'aan, "Waaqayyo
warra kooraanii ol of qabaniin in morma; warra gad of deebisaniif garuu ayyaana in
kenna" in jedha.” — Yaq. 4:6

D. Ayyaana Waaqayyoo Affeeruu — Yaadolee Hamaa irraa Fagaachuu: Rom. 6:14


— “Isin seera jalatti qabamtanii kan jiraattan utuu hin ta'in, ayyaana Waaqayyoo jala
waan jiraattaniif cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu.” (1Qor. 6:9-11; 1Yoh.
5:4-5; 3:9)

2Phe. 1:3-4 — "Nuyi, Waaqayyo isa ulfina isaa fi humna isaa isa dinqisiisaadhaan nu
waame beekuu bira ga'uudhaan wanta nu barbaachisu hundumaa arganneerra. Gooftaan

14 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


humna waaqayyummaa isaatiin gara jireenyaatti nu geessuuf, namoota Waaqayyoo nu
godhachuudhaaf kana hundumaa nuuf kenneera. Kennaa kanaan isin badiisa, isa
sababii kajeellaa fooniitiif biyya lafaa kana keessa jiru jalaa baatanii, dhagna hafuuraa
isa kan Waaqayyoottii hirmaattuu akka taataniif abdiin gati-jabeeyyiinii fi
gurguddoonni nuuf kennamaniiru."

E. Kadhata Hafuuraa Keessatti Hirmaachuu — Kristosin Hogganamuu: “Ani muka


waynichaa ti, isin immoo damoota isaa ti; inni anatti qabatee jiraatu, anis isatti jiraadhu,
isa ija baay'ee kan godhatu; anattii gargar baatanii waan tokko illee gochuu hin
dandessan.” (Yoh. 15:5) Akkasumas (Yaq. 4:6; 1Phe. 5:5)

F. Caaffata Qulqullaa'aa Yaadachuu, Hubachuu fi Xinxaluu: Yoh. 17:17 — “Dubbiin


kee dhugaa dha, dhugichaan isaan qulqulleessi.” Far. 119:11 akkas jedha, "Akkan si
hin yakkineef waan ati jette garaa koo keessa kaa'adheera." (2Xim. 3:16-17; Ibr. 4:12)

III. Kutaalee Caaffata Qulqullaa'aa armaan gaditti tarreeffamaniin qayyabannaa


jalqabi!

Iyo. 31:1 — "Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija
hawwaatiin gara durbaa ilaala ree?”

1Phe. 5:8 — “Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo
beela'utti aadaa naanna'utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna'a.”

1Phe. 5:9 — “Dhiphinni sanyiin isa kan keessanii kun, obboloota keessan warra
guutummaa biyya lafaa keessa jiraatanitti akka dhufu beekaatii, warra amantiitti
jabaattan ta'aa, Seexanaan mormaas!”

Filp. 4:8 — “Ammas yaa obboloota ko, waa'ee waanuma dhugaa ta'ee, waanuma ulfina
qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa'amuu, waanuma qulqulluu ta'e, waanuma
jaallatamaa, waanuma gurratti tolu, waanuma gaarii ta'e, waanuma galata qabu
yaadaa!”

15 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


Filp. 3:13 — “Obboloota ko, ani akka nama harka isaa keessa isa galfateetti of hin
lakkaa'u. Haa ta'u iyyuu malee, waan tokko nan godha; wanta na booddeetti hafe yaaduu
dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha.”

Filp. 3:14 — “Akeeka sana bira ga'ee gonfoo warra mo'anii argachuudhaaf nan kaadha;
gonfoon warra mo'anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol nu
waamee dha.”

Rom. 13:14 — “Gooftaa Yesus Kristosin akka uffata sibiilaatti uffadhaa malee, hawwa
namummaa foonii raawwattanii isas gammachiisuudhaaf garaa hin kenninaa!”

2Xim. 2:22 — “Ati immoo kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu irraa baqadhu,
warra garaa qullaa'aadhaan maqaa gooftaa waammatanii wajjin qajeelina, amantii,
jaalala, nagaa duukaas bu'i!”

Yaq. 1:13 — "Namni yommuu qoramu, qoramsi kun Waaqayyo biraa anatti dhufe hin
jedhin! Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda'u, ofii isaatiis nama tokko illee
hamaadhaaf hin qoru."

Yaq. 1:14 — "Garuu tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa hamaadhaan
harkifamee yommuu qabamu in qorama."

Yaq. 1:15 — "Kajeellaan hamaan erga iddoo ga'ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga
raawwatamee du'a in dhala."

Ibr. 12:1 — "Egaa nuyi dhuga-baatota akka duumessaa lafa uffisan naannoo keenyaa
qabna; kanaafis kottaa wanta ba'aa nutti ta'u hundumaa, cubbuu isa nutti qabates of irraa
fuunee, dorgomee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiignaa!"

Ibr. 12:2 — "Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu.
Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du'uu isaatiif yeelloo
isa irra ga'e homaatti utuu hin lakkaa'in, obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e; ergasiis
gara mirga teessoo Waaqayyoo taa'e."

Ibr. 12:3 — "Isin dadhabdanii yaadni keessan akka hin laafnetti ittiin mormuu
cubbamootaa isa obsaan danda'e sana yaadatti qabadhaa!"

16 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


1Yoh. 1:9 — “Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef,
cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.”

- Xumura -

17 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


BARREESSICHA QUNNAMAA (MEET THE AUTHOR)
Getu Abera – Yuniversity Dillaa irraa Saayiinsii
Kompiteraan degree jalqabaa bara 2012/13 kan eebbifame
yoo ta’u, yeroo ammaa baay’inaan ergaalee dargaggoota
barsiisan irratti xiyyeeffachuun kan hojjetuudha.

Website: https://gracemedia.kbibleverses.com

Kanaan dura PDF mata duree kanaan walqabatu


“Araada Pornogiraafii Ilaaluu Jalaa Ba’uun Ni
Danda’ama” kan jedhu karaa channel telegram keenyaa
https://t.me/Reading_PDF isiniif arjoomuun koo ni
yaadatama. Mata dureen ‘BIRMADUMMAA’ jedhu kuni
kitaaba xinsammuu fi hafuuraa; maxxansa isa jalqabaa
ta’ee akkaataa itti ‘amala gadhee Masturbation Irraa
Bilisa Ba’uun’ danda’amu gabaabinaan kallattii kan
Getu abera
qajeelchudha. Dabalataan kitaaba xinsammuu fi
Adoolessa 7/2015 hafuuraa ta’e dha.

Email1: getuabera041@gmail.com
Phone: +251919872853
Telegram: Username: @Getu_Abera
Channel1: https://t.me/Gaggeessummaa
Channel2: https://t.me/Reading_PDF
Channel3: https://t.me/Getu_Official
Group: https://t.me/Daandii_Guddinaa

18 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera


Bibliography

How to Defeat Pornography and Masturbation, Viny Georges BEKO

Freedom from Masturbation, Dr. John S. Balogun, 2018

How Should a Christian View Masturbation, McLean Bible Church

Victory over Masturbation

19 Masturbation irraa bilisa ba’uu Getu Abera

You might also like