You are on page 1of 4

LUBUMMAA MANA MOOTUMMAA

(A ROYAL PRIESTHOOD)

2 Ximootewos 2:15 keessatti Waaqayyo Sagalee isaa akka qo'annu akka barbaadu dubbisna.
"Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjataa qoratamee fudhatamekan waan isa
qaanessu hin qabne ta'iitii fuula Waaqaa duratti uf dhiyeessuuf tattaafadhu." Qo'annaan Macaafa
Qulqulluu Uumamaa hanga Mul'ataatti ta'uu qaba sababni isaa 2 Ximootewos 3:16-17
keessatti nutti himameera. "Kitaabonni Qulqulluuni cufti Hafuura afaan Waaqaatii bay'een
kennaman; Isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuu, sirreessuufi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu.
Kunis akka namni Waaqaa hujii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaawuufi."

Roomaa 15:4 keessatti akkana jedha, "Nu akka obsaafi jajjabeenna Kitaaboonni Qulqulluun
kennaniin abdii qabaannuuf wanti duri barreeffame cufti barumsa keennaaf barreeffameetii."
Wantonni yeroo dheeraa dura barreeffaman kitaabota Kakuu Moofaati. Israa'el irratti wanti ta'e
fakkeenya akka nuuf ta'e dubbisna. 1 Qor 10:11 "Kun hundi akka fakkeenna ta'uuf isaan irratti
raawwatame; nu warra dhumni biyya lafaa itti dhufeef immoo akka uf eegannaa ta'uuf
barreeffame."

Macaafa Uumamaa keessatti Abrahaamiif sanyiilee lamatu waadaa seename. Sanyii inni
jalqabaa Uumama 13:16 keessatti argama "Ani sanyii kee akka biyyoo lafaa nan godha; namni
biyyoo lafaa lakkaa'uu yoo danda'e, sanyiin kees akkasuma lakkaa'amuu in danda'a; ani isa
waanan siif kennuuf, ka'i, dheerina biyyichaa fi bal'ina isaa keessa adeemi!" jedhe." Sanyiin
lammaffaan inni waadaa seename immoo Uumama 15:5 keessa jira Abraamin alatti gad
baasees, "Gara bantiiwwan waaqaa ol ilaali, urjootas yoo lakkaa'uu dandeesse lakkaa'i!"
jedheen; kana booddee immoo, "Sanyiin kees akkasuma in ta'a!" jedheen.""

Sanyii inni jalqabaa jaalala Waaqayyoo ta'ullee, kakuudhaan garuu hin turre. Sanyii inni
lammaffaan kakuu dhiigaatiin waadaa seename. Uumama 15:9-10 "Waaqayyo immoo kana
irratti, "Goromsa waggaa sadii, reettii dhaltuu waggaa sadii, korbeessa hoolaa waggaa sadii,
gugee horaa, gugee kan biraa sookkee tokkos anaaf fidi!" jedheen.
Abraamis isaan kana hundumaa gara Waaqayyootti fidee, iddoo lama lamatti kukkutee, walakkaa
qixa walakkaa isa kaanii wal ilaalchisee kaa'e; gugeewwan garuu iddoo lama lamatti hin
kukkunne."

Sanyii inni jalqabaa biyoo, lafa isa sanyii uumamaa bakka bu'udha, sanyii foonii. Sanyii inni
lammaffaan akka urjoota waaqarraa, kan waaqarraa, sanyii hafuuraati.

Qajeelfama jalqaba irratti kan uumamaa, lammaffaa immo kan hafuuraa, ergamaa
Phaawuloosiin 1 Qorontos 15:44-48 irratti ibsamee argina "nafa fooniittu facaafama; nafa
hafuuraattu kaafama. Eegii nafni foonii jiraatee, naftni hafuuraas ni jira. Kanaaf, Addaam
namichi jalqabaa lubbuu qabeessa ta'e jedhamee barreeffameera; Addaam inni
dhumaaammoo hafuura jireenya kennu ta'e. Inni jalqabaa garuu isa hafuuraa otoo hin ta'in isa
foonii ti; inni hafuuraa immoo eegasii dhufe. Namichi jalqabaa waan biyyee irraa hojjatameef inni
nama biyya lafaa ti; namichi lammaffaan ammoo samii irraa dhufe. Warri kan biyya lafaa ta'an
akkuma namicha biyya lafaa sanaa ti; warri kan samii ta'an immoo akkuma namicha samii irraa
dhufe sanaa ti.""

Kun kan inni agarsiisu Addaam inni seera uumamaa isa duraa, isa lafaa, isa umamaa ta’uu
agarsiisa. Addaam inni lammataa, waaqarraa, waaqummaa, haafura, inni ammo Yesuus.

Uumamni jalqabaa hundinuu Addaam isa tokkoffaa irraa dhufe. Addaam isa lammaffaa,
Yesuus irraa uumama haaraatu dhufe. Qolosaayis 1:15-18 waa'ee Yesuus akkana jedha, "Inni
fakkaattii Waaqa ijatti hin muldhannee ti; uumama cufaan duras hangafa. Wonni martinuu
jechuunis wonni samii keessaa fi lafa irraa, wonni ijaan argamuu fi wonni ijaan hin argamne,
teessowwanis ta'an yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan aangoowwan hundinuu
isumaan uumamaniitii; isaaf uumamanis. Inni waan mara dura jira; wonni martinuu isumaan walitti
Dhimma: 0415 Fuula 1 ffaa 4 Lubummaa Mana Mootumma
Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2015 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com
qabamee dhaabata. Inni mataa nafa isaa jechuunis mataa waldaa kiristaanaa ti; akka waan cufa
irratti bakka ol-aanaa qabaatuufis inni kan jalqabaa ti; jechuunis warra du'an keessaa
kaafamuudhaan hangafa."

Jechi uumama (creature) jedhu afaan Girik irraa kan fudhatame yoo ta'u uumuu jechuudha. 2
Qorontos 5:17 akkana jedha "Kanaaf eenyuyyuu yoo Kiristoos keessa jiraate inni uumama
haaraya; inni moofaan dabreera; kunoo inni haarayi dhufeera." Ammas kana jechuun uumama
haaraa jechuudha.

Galaatiyaa 3:16-17 akkana jedha, "Egaa Abrahaamii fi sanyii isaatiif waadaan galameera;
kitaabni, akka waan nama hedduuf dubbatameetti, "sanyiiwwan" hin jedhu; garuu akka waan
nama tokkoof dubbatameetti, "sanyii kee" jedha; innis Kiristoosi. Wanni ani jedhus kana; seerri
waggaa dhibba afurii fi soddoma booddee dhufe sun kakuu Waaqni duraan dursee galee diigee
waadaa sana balleessuu hin danda'u."

Yesuus sanyii isa abdachiifame dha, inni urjoota, isa sanyiiwwan hafuuraa isaan kaan irraa
dhufanitti fakkeeffame.

Karoorri Waaqayyoo jijjiirameera jedhee ani dhuunfaa koon hin amanu. Waaqayyo waaqnii fi lafti
utuu hin uumamiin dura akeeka isaa kaa'e. Isaayyaas 46:9-10 "Wanta dur ture yaadadhaa; ani
Waaqayyoo dha, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru, kan akka kootiis hin jiru; ani wanta
booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, durii durii jalqabees wanta amma iyyuu hin ta'in jiru
dubbadheera; akeeki koo dhaabataa in ta'a, wantan yaades nan raawwadha.”

Ibroota 6:17-18 akkana jedha," Waaqni waan haala kaayyoo isaa kan hin jijjiirramne sana
caalaatti ibsee warra waadaa dhaalanitti agarsiisuu barbaadeef waadaa sana kakuun
mirkaneesse. Egaa waan hin jijjiiramne kan Waaqayyos waayee isaanii sobuu hin dandeenne
lamatu jira; kanaaf nu warri isatti baqanne abdii fuula keenya dura kaa'ame sana jabeessinee
qabachuuf jajjabeenna guddaa qabna."

Waan hin jijjiiramne jechuun waan hin gedderamne jechuudha. Waaqayyo hin jijjiiramu.
Milkiyaas 3:6 "Ani Waaqayyo waanan ta'eef, hin geddaramu; kanaaf yaa ilmaan Yaaqoob isin
raawwattanii hin badne."

Fedhii fi kaayyoon Waaqayyo Israa'elootaaf qabu luboota mootummaa akka isaan ta'an ture.
Inni sababa kanaaf biyya Gibxii isaan baase. Seera Ba'uu 19:4-6 “Warra Gibxii waanan godhe,
akka joobirri cuucota ishee qoochota isheetiin baattutti isin immoo baadhee gara kootti akkan isin
fide argitaniittu. Biyyi lafaa guutummaatti kan koo waan ta'eef, isin anaaf yoo dhageessan, kakuu
koos yoo eegdan, saba hundumaa keessaa addumaan dhuunfaa koo in taatu. Isin luboota
mootii waaqaa fi lafaa ti, saba qulqullaa'aa anaaf in taatu' jedhii himi! Saba Israa'elitti kan ati
dubbattu isa kana" jedhe."

Kun qomoo tokko qofatti utuu hin taane, qomoowwan kudha lamaanitti dubbatame.
Mootummaan mootiis ni qaba, mootii fi mootonni immoo aanga'ootadha.

Kakuu isaan akka eeganiif gaafataman sun Kakuu Abrahaam isa Waaqayyo Uumama 17
keessatti yeroo shan "Ani" jedhedha. Sababni israa'eloonni hundinuu luboota mootummaa
hin ta'iin Ba'uu 19:8 keessatti yeroo Museedhaan akkana jedhan battalumatti kakuu sana waan
cabsaniif: Jarri hundinuu afaanuma tokkoon deebisanii, "Wanta Waaqayyo jedhe hundumaa in
goona" jedhan; Museenis wanta jarri jedhan fidee Waaqayyotti hime.

Deebii kana booda ture Waaqayyo seera kakuu kan isaaniif kenne, sababni isaa isaan "ni
raawwanna" jedhan.

Kun Galaatiyaa 3:19 keessatti mirkanaa'ee argina, "Yoos seerri maaliif kenname ree? Serri
sababii yakka namaa kan hanga sanyiin waadaan kennameef sun dhufetti tureetiif
kenname; seerri sunis karaa maleekkotaatiin harka namicha jiddu deemu tokkootiin hujii irra
oolfame.” Ammas, yakkii sun “nuy ture”.
Dhimma: 0415 Fuula 2 ffaa 4 Lubummaa Mana Mootumma
Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2015 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com
Lububbaan jalqabaa lubummaa Lewwootaa isa keessatti Aaron angafa lubootaa turedha.
Lubummaan sun Yesuus sanyii inni abdachiifame sun hamma dhufutti seera irratti kan
hundaa'e ture.

Maatewos 5:17 keessatti akkana jedhe, "Isin waan ani seera Muuseetii fi barsiisa raagotaa
cabsuu dhufe hin se'inaa; ani isaan raawwachuuf malee cabsuuf hin dhufne.”

Qolosaayis 2:16-17 akkana jedhamee nutti himameera: "Kanaaf eennuyyuu waan nyaattaniin
yookaan waan dhuddaniin yookaan waayee jilaatiinu yookaan waayee baatiitiin yookaan waayee
sanbataatiin isinitti hin murini. Isaan kunneen gaaddiduu waan dhufuuf jiruuti; inni dhugaan garuu
Kiristoos keessatti argama." Hiikni Macaafa Qulqulluu Ampilifaayidii akkas jedha, "Kanaaf
nyaataa fi dhugaatii, akkasumas guyyoota ayyaanaa fi sambataa ilaalchisee eenyuyyuu isinitti hin
murteessin. Wantonni akkanaa kun gaaddidduu wantota dhufuuf jiranii qofadha, isaan mallattoo
duwwaadha. Garuu dhugaan isaa (wantichi, inni gaaddidduudhaan bakka buufame sun, qaamni
isaa) Kiristoosidha."

Ibroota 7:11-12 fi 15-17 "Otoo sirni lubummaao leewwii sirna mudaa hin qabne ta'ee, lubni biraa
kan akka sirna lubummaa Aarooniitti otoo hin ta'in akka sirna lubummaa Malkiseedeqiitti filatame
dhufuun isaa maaliif barbaachise ree? Sababiin isaas seerri sirna lubummaa Leewwii kana irratti
hundeeffame sabaaf kennameetii. Yommuu jijjiiramni lubummaa jirutti, jijjiiramni seeraas
akkasuma jiraachuu qabaatii."..."Yommuu lubni akka Malkiseedeqi dhibiin ka'utti, wonni nu
dubbanne sun ittuma caalee ifaa ta'a; Innis otoo ajaja fooniitiin hin ta'in humna jireenya dhuma
hinqabneetiin luba ta'e. Waayee isaas, "Akkuma sirna lubummaa Malkisedeeqiitti, Ati luba
barabaraa ti" jedhamee dhugeeffameeraatii." Lubni waa'een isaa dubbatamaa jiru Yesuusidha.

Ibroota 3:1 "Kanaaf yaa obboleeyyan qulqulloota, warra waamicha samii keessatti hirmaattan;
Yesuus ergamaa fi luba ol aanaa amantii keennaa sana ilaalaa." Ibroota 4:14 "Egaa luba ol
aanaa guddicha isa samiiwwan keessa dabre sana jechuunis, Yesuus Ilma Waaqayyoo waan
qabnuuf koottaa amantii keenya jabeessinee haa qabannuu."

Ibroota 5:10 "Waaqayyos akkuma sirna lubummaa Malkiseedeqiitti akka inni luba ol'aanaa
ta'uuf isa (Yesuusiin) waame."

Yesuus Waaqayyo Sagalee akka ta'e Macaafa Qulqulluu irraa ni beekna. 1 Yohaannis 5:7
"Dhugabaatota sadiittu jira; Isaanis Abbaa, Sagalichaa fi Hafuura Qulqulluudha. Sadanuus walii
galu." Yohaannis 1:1 "Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Waaqayyo wajjiin ture; dubbiin sunis
Waaqayyo ture." Yohaannis 1:14 "Dubbiin foon ta'e; innis ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee
nu jidduu jiraate. Nus ulfinna isaa, ulfinna ilmi tokkichi Abbaa biratti qabu argineerra."

Uumama 14:18-20 keessatti Malkeesedeq Abrahaamiin daw'ate, "Malkiisedeq mootiin Saalem


lubni Waaqayyo isa hundumaa gararraa jiruus, Abraamiif buddeenaa fi daadhii waynii fide; isa
eebbisees, "Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru, inni waaqaa fi lafa uume, Abraamin haa
eebbisu! Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru, inni diinota kee harka kee keessa buuse, haa
jajamu!" jedhe. Abraam immoo wanta hundumaa irraa kudhan keessaa tokko isaaf in kenne."

Malkeesedeq kun eenyudha? Deebiin gaaffii kanaa Ibroota 7:1-3 irratti argama "Malkiseedeq
mootii Saaleemiitii fi lubal Waaqa guddichaa ture; innis otoo Abrahaam mootota moo'atee
deebi'uu itti dhufee isa eebbise. Abrahaamis waan hundumaa harka kudhan keessaa harka tokko
isaa f kenne. Jalqabatti maqaan isaa, "mootii qajeelinnaa" jechuu dha; sana booddee immoo,
"mootii Saalemi" jechuunis, "mootii nagayaa" jechuu dha. Inni abbaa yookaan haadha hin qabu;
hidda dhalootaas hin qabu; jalqaba guyyootaa yookaan dhuma jireenyaas hin qabu; akkuma Ilma
Waaqaattis luba barabaraa ta'ee jiraata."

Inni Adda duree Waaqayyoo keessaa tokko ta'uu qaba akkasumas inni Waaqayyoo Sagalicha
dha jedheen amana, sababni isaa Yesuus Waaqayyo sagalee foon keessa jiraatedha
lubummaa isaanis luba ol-aanaa ta'ee itti fufa.

Dhimma: 0415 Fuula 3 ffaa 4 Lubummaa Mana Mootumma


Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2015 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com
Lubummaan maali? Ibroota 7:12 akkana jedha, "Yommuu jijjiiramni lubummaa jirutti,
jijjiiramni seeraas akkasuma jiraachuu qabaatii." Lubni Mootummaa inni Waaqayyo jalqaba
barbaade kana caalaa lubummaa Leewwii utuu hin taane Malkeesedeqidha.

1 Pheexros 2:5 fi 9 keessatti akkana jedha, "Isinis akkuma dhagaawwan jiraatootti luboota
qulqulluu taatanii karaa Yesuus Kiristoosiitiin aarsaa hafuuraa kan fuula Waaqaa duratti
fudhatamaa ta'e dhiyeessuuf mana hafuuraa taatanii ijaaramaa jirtu."..."Isin garuu akka galata isa
dukkana keessaa gara ifa isaa ajaa'ibsiisaatti isin waame sanaa labsitaniif warra filatame,
luboota mootii, saba qulqulluu, saba Waaqaa taataniirtu."

Qomoo luboota mootummaa.

Mul'ata 5:10 keessatti akkana jedha, "Akka isaan mootummaa fi luboota Waaqa keennaa
ta'anis gooteerta; isaanis lafa irratti ni moowu."

Macaafni akka jedhutti nuti amma luboota Waaqayyooti. Lubummaan kun kan bara baraa,
yeroo hundaa kan jiraatudhas.

Ibroota 7:15-16, 21 fi 24 "Yommuu lubni akka Malkiseedeqi dhibiin ka'utti, wonni nu dubbanne
sun ittuma caalee ifaa ta'a; Innis otoo ajaja fooniitiin hin ta'in humna jireenya dhuma
hinqabneetiin luba ta'e."..."Inni garuu yeroo Waaqayyo, "Gooftaan, 'ati luba barabaraati' jedhee
kakateera; inni yaada isaa hin jijjiiru" isaan jedhetti kakuudhaan luba ta'e."..."Yesuus garuu waan
barabaraan jiraatuuf lubummaa hin jijjiiramne qaba."

Faarfannaa 132:7, 9 fi 16 "Kottaa gara iddoo buufata isaa in dhaqnaa,


ejjeta miilla isaa jalattis isaaf in sagannaa!"..."Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan,
warri siif of kennanis sagalee gammachuu haa dhageessisan!"..."Luboota isheetti fayyina nan
uffisa, ishee keessaa warri Waaqayyoof of kennanis sagalee gammachuu guddisanii in
dhageessisu."

Isaayyaas 61:6 "Isin garuu luboota Waaqayyoo in taatu, "Warra Waaqayyo keenyaaf hojjetanis"
in jedhamtu; badhaadhummaa saba warra kaanii in nyaattu, ulfina isaaniis fudhattanii ittiin of in
jajju."

Mula’ata 20:6 “Warri du'aa-ka'iinsa isa jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota.
Warri akkasii lubootaWaaqayyootii fi luboota Kiristoosi ta'anii woggaa kuma tokkoo isa woliin
moowu malee duuti lammaffaan isaan irratti humna hin qabu.”

Nuti luboota mana mootummaa jedhamneerra, akka lubummaa Malkesedeqitti. Ameen.

Jim Walkarii tiin Kan Afaan Oromotti hiike Zaman Indaalee


(Australia) (Tajaajila Sagalee Dhugaa-Finfinnee Itoophiyaa)

Dhimma: 0415 Fuula 4 ffaa 4 Lubummaa Mana Mootumma


Caaffatni qulqulla’oon martinuu kitaaba qulqulluu hiika haaraa irraa waraabaman

Migiiwaraabbii © 2002-2015 REVIVAL FROM DOWN UNDER INC akkasumas JIM fi DEBRA WALKER MINISTRIES INC
Dhimma daldalaatiif barreeffamni, suurri fi fakkiin kam iyyuu waraabamuu ykn baay’famuun hin heyyamamu.
Post Office Box 2224, Rowville, Victoria, Australia 3178 www.rfdu.com

You might also like