You are on page 1of 6

DHALOOTA FINCILAA.

COM

Dhaloota Fincilaa.com has been named after the title of the third volume of poetry by the poet
Caalaa Hayiluu, which means the revolutionary generation. This page covers identity, culture,
history, political, social and economic situations with current information from Ethiopia, the
Horn of Africa, and focuses on the Oromos and Oromia cases. More importantly, the news,
articles, and poems written and published here are in Afan Oromo and rarely in English. Since
the site was initially created for the entertainment of Oromo literature, specifically poems, stories
and oral traditions, sagas, proverbs, traditional songs and short stories, the author's works and
other works by poets and writers are popularly published. Subscribers, followers and readers can
leave their comments and opinions, and even those who want to contribute to Dhaloota
Fincilaa.com get a place actively. Comments on incorrect information on this page can and will
be taken into account and taken seriously. Marsaareetiin kuni ogwalaloo,asoosama
gaggabaaboo,barreeffamota adda addaa fi seenaa gaggaboo faa yeroo yeroon qabatee baha. Haal
siyaas-diinagdeefi hawaasummaa Oromoodhaas ni ilaala.

Seenaa Obbo Magarsaa Barii(1942-1980). Via Abbaa Xiiqii.

Seenaa Obbo Magarsaa Barii

(1942-1980)

Kutaa 2ffaa Via Abbaa Xiiqii.

Qooda Obbo Magarsaa Barii Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti Bahe

Walkeessa bara kudha sagal jaatamootaa wayta obbo Magarsaa Barii mana barmootaa sadarkaa
lammaffaa keessa barataa ture keessa qabsoon Oromoo fi sochiin barattoota Oromoo boqonnaa
haaraa seenaa ture jechuutu danda’ama.

Sochiin Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi fincilli diddaa gabrummaa kibba Oromiyaa ,Baalee
(naannoo inni keessatti guddate) keessattu kan finiinaa ture baroota sana keessa ture.Kana
malees yeroon sun yeroo barattooti Oromoo sochii barattoota empaayeraattii kan waliigalaa
keessatti urjii ta’anii mulachuu jal-qaban ture.
Obbo Magarsaa Barii bara 1963 yeroo mana Barumsaa Sadarkaa Lammaaffaa Koomersii
Finfinnee seene irraa qabee barattoota Oromoo yeroos Yuuniversitii Finnifinnee keessaa baratan
wajjin quunnamtii akka qabu ni himama.

Gaaffii yeroo sana barattooti Oromoo fi barattooti ummatoota cunqurfamoo kan biro kaasaa
turan keessaa inni tokko “Lafti kan qonnaan bulaa haa ta’u” kan jedhu ture.Obbo Magarsaan
ijoollummaa isaa irraa qabee sirni nafxanyaa ummata Oromoo irratti diiriirgamee ture maal akka
fakkaatu haala jireenyaaa maatii fi nannoo isaa irraa ka’ee bareechee keeka ture. Dhaadabbii
“lafti kan qonnaan bultootaa haa ta’u” jedhu jalatti bara 1965 hiriira mormii barattoota
Yuuniversitii kan qindesse barattoota Oromoo yeroos Gumii Barattoota yuuniversiitii Finfinnee
hoogganaa turan namoota akka obbo Baaroo Tumsaafaa akka turanis seenaan
galmeesseera.sochiin barattoota yuuniversitii kun gara manneetii barumsaa sadarkaa
lammaffaatti baballachuu isaa caalaa obbo Magarsa Barii quunnamtii barattoota Oromoo
yuuniversitii wajin qabuun hirmaannaan isaa guddaa ture. Obbo Magarsaa bara 1967 booda
caalaatti sochii barattootaa fi qabsoo Oromoo irraa qoda ol aanaa fudhachuu itti fufe.

Bara 1960ta keesa qabsoon Oromoo bifa adda addaan of mul’isaa akka ture seenaa qabsoo
bilisummaa Oromoo irraa hubachuutu danda’ama.Haata’u malee qabsoon Oromoo yeroo san
sochii ummataa ta’uu irra dabree ture. Dhaabi siyaadaa qabsoo bilisummaa Oromoo biyya
keessaa fi hidhatee hin turre.Kabaaf qabsoo Oromoo biyya keessaa fi alaa, baadiyyaa fi magaalaa
keessatti bifa faffaca’aan deemaa ture, waaltessuuf dhaaba bilisummaa Oromoo hooggana walii
gala kennu tokko hundeessuun barbaachisaa ture. Kabaaf haalli qabatamaan yeroos turee fi
dammaqiinsi ilmaan Oromoo jechun (objective and subjective conditions) kennatoo turan .
Dhaaba bilisummaa akkanaa ilmaan Oromoo qooda ol aanaa bahan keessaa tokko Obbo
Magarsaa Barii ture.Akka kanaan dhaaba ABO Oromoota bu’uressan keessaa tokko obbo
Magarsaa akka ture seenaa about dubbata.Obbo Magarsaa barii maadheelee ABO keessaa madde
warra jalqabaa keessatti argama. Ilmaan Oromoo qaroo gaafa sana cunqursaa ummata Oromoo
irraa gahaa turee fi gahaa jiru sirriitti hubatanii hubachiisaa turan keessaa nama tokko ture.
Gaaffiin Oromoo gaaffii kolonii ta’uu Oromoota sirriitti qoratanii shi’eessaa turan keessatti
argama.

Akkuma olitti ibdame obbo Magarsaa ilmaan Oromoo muratoo miidhaa ummata isaanii irra gahu
taa’anii ilaluu jibban kan biro wajjin ta’uun sichii Oromoo walltessuuf tattafataa tire.Bara 1971
Yuniversitii Finfinnee irraa eebbifamee jojii mootummaatti haa ramadamu malee irra guddaa
qabsoo Oromoo irraa qooda fudhachuu fi dalgal dhaaba qabsoo bilisummaa Oromoo hogganu
tokko hundeessuu irratti bobba’e.

Gootichi Oromoo Jeneral Taaddasaa Birruu mootummaa H/Sillaasee fonqolchuu yaalan jedhame
yeroo sana Horarge mana hidhaa Galamsoo ture, sochii bilisummaa Oromoo waaltessuu yaada
jedhu dhagoomsuuf birkiin (koreen) qinddeessituu tokko maadheelee sabboontota Oromoo yeroo
sana lafa jala ijaaramanii turan irraa akka tolfamu dhaamsa dabarse.Akka kanaan ilmaan Oromoo
hubatoo, qaroo fi muratoo ta’an .Dhaaba bilisummaa ijaaruu fi hoogganuu danda’an .Adoolessa
1, 1973 walitti dhufanii Birkii Qindeessitu waaltaa (central co-ordinating Body) jedhu uuman,
dura ta’aan Birkii kanaa Jeneraal Taaddasaa Birruu oggaa ta’u, miseensoti isaa obbo Magarsaa
Barii, Obbo Baaroo Tumsaa, fi namoota biroo turan. Akka kanaan dhaaba bilisummaa hunda
hamate tokko dhaabuuf sochiin bal’inaan itti fufe.

Sochii biyya keessaa fi alaa walitti fiduun barbaachisaa ta’uun waan itti amanameef baruma
1973 kana keessa jilli qabsaawotaa Oromoo biyya keessaa fi ala turanii walitti dhufuun marii
bal’aa adeemsisaa turan. Kun kanaan utuu jiruu hogganaa Birkii Qindeessituu Waaltaa kan ture
Jeneraal Taaddasaa Birruu mana hidhaa Galmsoo bahee baadiyyaa Harargee wayta seenu
qabsaa’oti Oromoo biyya alaatti leenjifamanii deebi’an Oromooti akka Hasan ibraahim (Elemoo
Qilxuufaa) akka dhaqqabaniif miseensoti Birkii qindessituu waaltaa hafan Obbo Magarsaa
Bariifaa haala aanjessaa turan.Elemoo Qilxuufaa ,Jeneraal Taddasaa wajjin wal quunnamsiisuu
haa hanqatan malee haalli yeroo sana ture Qabsoo hidhannoo eegaluuf kannataa waan tureef
achumaan qabsoo hidhannoo akka jalqaban taasisan. Kun gara dhuma 1973 yeroo ta’u meeshaa
waraanaa dhoksaan biyya seenisanii Elemoo Qilxuufaa dhaqqabsiisuu irrati Obbo Magarsaa
Barii qooda qabaachaa akka ture ni himama.

Gama biraanis obbo Magarsaan Oromoota fincila diddaa gabrummaa kibba Oromiyaa keessaati
qooda qabaachaa ture hanga baadhiyyaa Baaleetti itti dhaqee qunnamuun dammaqsuu if ijaaruuf
tattaaffii godhaa ture.Keessaayyuu bara 1975-1976 wayta I/bulchaa kutaa Baalee ture namoota
sochii kibba Oromiyaa keessaa qooda qabaachaa turanii fi Oromoo Somaaliyaa irraa meeshaa
waraanaa hidhatanii maqaa Somaalee Aabboo jedhun |Baale konyaalee Waabee, Kurkurru,
Saawweena,Dalloo Mannaa fi Raaytuu keessa socho’aa turan dhoksaan itti dhaqee haasofsiisuun
sochicha qaama sochii bilisummaa Oromoo taasisuuf tattaafataa ture.
Namoota gaafas maqaa Somaalee Aabboo jedhuun Somaaliyaa irraa hidhatanii kibba Oromiyaa
keessa socho’aa tutan obbo Magarsaa I/bulchaa kutaa baalee ta’ee utuu jiruu dhoksaan qunnamee
keessatti namoota akka Siraaj Haaj Isaaq.Maammee Harqaa, Tilmoo Alii fi kan birootu argama.

Namooti obbo Magarsaa waliin bobba’aaturan ammo namoota akka kabbadaa Tulluu, Hawwal
Jiddaa ,Ahmed Abdulqaadirfaa oggaa ta’an namooti biros faana turan.

Obbo Magarsaa Wayta I/bulchaa Baalee ture cunqursaa ummata Oromoo irra gahaa turee fi irra
gahaa jiru barsiisaa waan tureef deeggasaa fi jaalala ummata Oromoo guddaa horachuu isaa
irraan kan ka’e nafxanyooti naannoo sana turan bakka bu’aa Dargii kutaa Baale yeroosii alii
Muusaa qabatanii maqaa dhiphoo jedhun irratti duula turan.

Nafxanyooti kaayyoo obbo Magarsaa Bariifaa ittiin deeman hubatan obbo Magarsaa dabalatee
sabboontoti Oromoo 69 bulchiinsa kutaa Baalee keessaa guuramanii akka radhanaman maqaa
isannii Alii Muusaaf dhiheessuun raggaasifatan.Haa ta’u malee obbo Magarsaa Barii odeessaa
keessaa argateen osoo Alii Muusaafaa itti hin dammaqin mailiqee Finfinnee seene. Kun
walakkessa 1976 ture. Mootummaan Dargii yeroos gama biraanis wal diddaa keessaa fi mormii
muranoota siyaasaa Habashaan muddama keessa ture.Haa ta’u malee, Alii Muusaafaa oromoota
Obbo Marasaafaa wajjin radhanuuf sagantaa itti qabatan keessaa namoota akka obbo Kabbadaa
Tulluu (lawyer). Awwal Jiddaa fi Oromoota bulchinsa konyaa fi aanaa irraa turan kan biro
hedduu qabanii radhanan,

Walakkeesa 1976, wayta obbo Magarsaan Finfinnee dhage Birkiin Qindessituu Waaltaa wixinee
sagantaa siyaadaa bara 1974 keessa qopheesse irratti mari’atee akka raggaasuu if sirna jaaramaa
diriirsuuf kora bu’uuressaa (founding congress) ABO qopheessaa ture.

Dura taa’aa birkii qindessituu Waaltaa jeneraal Taaddasaa Birruu giddu galeessa Oromiyaa
keessatti dirree qaqbsoo hidhannoo saaquuf bara 1975 keessa bobba’ee utuu hin turin haninin
harka diinaatti kufanee namoota akka koloneel Hayiluu Raggaasaafaa wajjin mootummaa
Dargiin rashaname.

Haa ta’u malee mideensoti Birkii Qindeessituu Waaltaa hafan obbo Mararsaa Barii. Obbo
Baaroo Tumsafaa akeeka Birkiin kun ijaarameef fiixaan baasuuf waxabajji 11,1976 magaalaa
finfinnee keessatti dhoksaan kora bu’ureessaa ABO adeemsisan .Kora bu’uuressa ABO kana
irratti kan argaman bakka bu’aata maadheelee sabboontota Oromoo Finfinnee fi godinoota
Oromiyaa adda addaa, bakka bu’oota jaarmaa Dargaggoota Oromoo warraaqaa jedhamuu, bakka
bu’oota saglii gaafas dirree qabsoo hidhannoo ture yeroo ta’an, hojjattoota Oromoo irraas
namooti argamaniiru.

Wixineen dagantaa siyaasaa kora saba (bu’ureessa) ABO irratti dhiyytee marii bal;aan erga
godhamee booda ragga’ee bulus tumamee tagga’e. Akka heera gaafa anda ragga’eetti caasaan
jaarmayaa diriirafamu koree Gidduu (Central Committee) kan yeroo imaammata gurguddaa
qiyyeessuu fi gumii idilee qaama hoji raawachiisaa lama jechuun koree Hojii Raaw’a-chiiftuu fi
Gabatee Gulaalaa akka qabaatu taasifme. Yeroo sana obbo Magarsaa Barii Dura Taa’aa jechuun
H/ Duree ABO ta’ee filame.Akka kanaan koreen didduu ABO (KG ABO) yeroo dirqama korri
sabaa (bu’ureessa itti kenne) raaw’achaa osoo jiruu bara 1977 keessa jeequmsa siyaasaa
murnoota Habashaa fi Mootummaa Dargii gidduutti hammachaa waan dhufeef hojii lafa jalaa
magaalaa keessatti bal’inaan hojjachuun ulfaataa tahee argame.Oromoonni gariin sirna
mootummaan Dargii diriirse keessatti gaaffiin Oromoo deebii argachuu danda’a jedhanii yaadaa
turanis mootumichaa fi murnoota siyaasaa Habashaatti michoomanii hogganootaa fi miseensota
ABO duraan ejjannoo isaanii beekan saaxiluun dabarsanii diinaaf kennuun bakka bakkatti
mumul’ate.

Gama biraan ammo haalli yeros dirree bahaa keessatti mul’ataa ture qabsoo hidhannoo gochuuf
kennataa ykn mijataa ture. Elemoo |Qilxuu jaallan biro wajjin bara 1975 falmaa diinaa wajjin
adeemsifame keessatti wareegame iyyuu jaallan dirree keessatti hafanii fi kanneen yeroo sana
soomaliyaa irraa biyya seenaa turan namoonni akka Abdulkariim Ibrhaahimfaa (Jaarraa Abbaa
Gadaa) KG ABO wajjin quba wal qabaachuun qabsoo hidhannoo finiinsuuf sulula Gobellee
seenaa turan.Mootummaa Soomaaliyaa fi Dargii gidduuttis lolli jalqabame.

Itti fufa ……

Mddi Kitaaba

Daraaraa Maatii fi Dr.Mohammed Hassan; Goota Oromoo 2008

You might also like