You are on page 1of 1

Gaafa guyyaa sadaasa 11 ragaa dhagahuudhaaf mana murtii magaalaa naqamtee deemne.

Wanti nuti argine wantoota daree keessatti baranne irrra xiqqo garaagarummaa kan
qabuudha.
Dhimmi isaa himtamtuu aadde jiituu fi himattuu aadde haliimaa giddutti falmii
dhimma miidhaan qaamaa sababa walitti bu’iinsa himatamaa fi himataa giddutti
raawwateen gahe beenyaa kan gaafataniidha
Haaluma kanaan gaafa sadaasa 11 tilmaamaan sa'a 9 irratti ragaan himataa kan
dhiyaate yoo ta’u. Jalqaba irratti miidhaan qaamaa gahuu kan iyyatte himattuun
ragaa isii mara dhiyeessite .
Haaluma seera deemsa falmii hariiroo hawaasaatiin abbaan murtee jalqaba irratti
ragoonni kun akka kakatan taasisuudhaan sana booda qorachuu jalqabe.
Ragaa jalqabaa aadde almaaz gaaffiidhaaf dhiyeesse Jalqaba irrtti firummaan dhiigaa
isii fi himatamtuu giddu akka jiru gaafate? Itti fufuudhaan lolli yookaan walitti
bu’iinsi akka isaan gidduu jiru gaafate
Itti aansuudhaan gaaffiilee dhiima(issue) dhaddachaa mara gaafate? Ammallee gara
himatamtuu deebi'uudhaan gaafii qaxxaamuraa ragaa dhiyaate irratti akka gaafattu
himatamtuu ajaje. Haaluma kanaan himatamtuun dhimmoota ka'an tokko tokko irratti
gaaffii qaxxaamuraa ragicha gaafatte. Ta'ullee akka nuti taajjabnetti himatamtuun
tun sababa beekumsa seeraa hin qabneef gaafii qaxxaamuraa gaafachuu akka hin
dandeenyee fi iddoo tokko tokkotti abbaan murtii yeroo sirreessuuf argineeti jirra.
Dhumarratti abbaan murtii gara ragichaa deebi'uudhaan yaadota yeroo gaaffii
qaxxaamuraa ka'an irratti ragicha gaafate.ragichiniis wanta beeku itti himuudhaan
gara ragaa isa lammataatti cee'ame.

You might also like