You are on page 1of 4

Brand Legal Analysis

Oomisha bakka argamaa ilaalchisee seeranni addunyaa sadarkaa hedduu keessa darbuun
fooyya’aafi guddataa dhuffe jira. Inni calqabaa Waliigaltee Paaris (Paris Convention) qabeenya
industirii eegaaf bara 1883 kan bahe, lammaaffaan, Waliigaltee Maadrid (Madrid Agreement)
dhiibbaa sobaa yookan agarsiiftuu dogoggorsu madda oomishaa bara 1891 (Repression of False
or Deceptive Indications of Source on Goods), sadaffaa, Waliigaltee Lisban (Lisbon Agreement)
maqaa bakka argama eeguu fi addunyaa irratti akka galmaa’uuf bara 1958 (rotection of
Appellations of Origin and their International Registration), Daldala irratti kan bu’urefate mirga
qalaqa sammuu (TRIPS) bara 1995 fi shanaaffaa, Seera Jeneevaa (Geneva Act) maqaa argamaa
fi agarsiiftuu bakka argamaa bara 2015 (Appellations of Origin and Geographical Indications).

Waliigalteen Jeneevaa (2015) maqaa argamaa, Bakka argamaa (GIs) fi sirna galmeessa
hedduminaa (multilateral registration system) kan qabatedha. Waliigalteen Jeveevaa maqaa
argamaa fi bakka argamaa (GIs) kan eegsisuu fi sadarkaa addunyaatti oomisha bakka irraatti
hunda’e (place‐based products) kan eeguu kan dandeessisudha. Waliigalteen Lisban garuu
maqaa argama irratti qofa kan hojiirra ooludha. Biyyoonni Afrikaa baayyeen Seera Jeneevaa
(Geneva Act) madaqfachuuf konfiransii dipilomaasii irratti hirmaachuun qaama seera biyya
isaanii godhataniiru. Seerri waliigaltee Jenevaa Kew. 2.2 jalatti akkuma ibsametti naannoon
bakka argama oomishaa daangoo kan ce’udha. Kana jechuun biyyoonni tokkoo ol ta’an oomisha
wal fakkaatuuf maqaan argama fi GIs akka eeggamuuf waliin iyyachuu danda’u. Kew. 5(2)
qaamni angoo qabu maqaa fayyadamtootaan addunyarratti akka galma’uuf dhiyeessuu danda’u
kanaaf bakki argama (GIs) fi maqaan argamaa oomishaa sadarkaa adduynaarratti galmeefamuu
ni danda’a jechuudha. Kew. 11.2 mirga maqaa argamaa fi bakka argamaa jiru cabsuu fi
sakkeessanii uumuu dorkaa.

South Africa

Kaaba Afrikaa fi Nigeria keessatti ,Seera Daldalaa (Merchandise Marks Act) jalatti hojii daldalaa
waliin wal qabatee ibsituu daldala sobaa (false trade descriptions) ni dhorka. Kew. 6(e) jalatti
akka ibsametti ibsituun daldalaa bakka yookiin biyya oomishnii (goods) itti oomishamu hima,
ibsituu yookiin agarsiiftuun daldalaa kan of keessatti haammatu. Seerri daldalaa kun mirkaneessa
mallattoo fi mirkanessa mallottoo waloo (registration of certification marks and collective
marks) kan qabatedha. Kew. 42 jalatti galmeessa mallattoo fi galmeessa mallattoo waloo maal
akka ta’e hiikee ibsa. Akkataa seerri daldalaa hiika kennetti mirkanessa mallattoo (certification
mark) jechuun mallattoo yeroo daldalaa, meeshaa yookaan tajaajila gostisti, qulqullinni,
baayyinni, dhimma yaadameef, bakka argamaa yookaan amala meeshichaa yookiin tajaajilichaa
yookaan akkataa fi yeroo itti oomishame yookiin akkkataa tajaajillichi itti kenname kanneen hin
mirkanoofne irraa adda baasuu kan dandeessisudha. Gama biraatiin Kew. 43 jalatti malattoo
waloo jechuun mallattoo daldalaa, meeshaa, yookiin tajaajilaa namoota miseensaa waldaa tokkoo
ta’an daldala, meeshaa, yookin tajaajila kanneen miseensa hin ta’in irraa adda baasuuf kan
dandeessisudha jedha. Seerri Daldala Keenyaa Kew. 40 jalatti bifuma Kabaa Afrikaa walii wal
fakkaatuun mallatto mirkanee fi mallattoo waloo hiika.

Bakki argama (GIs) kan jedhu oomishni tokko maqaa bakka itti oomishamuu irraa kan ka’e
addummaa kan argatee ittiin beekkamudha. Oomishootni bakka argamasaanii waliin walitti
hidhamiinsa qaban baayyeen Afriikaa keessatti eegumsa hin qabani. Sirni eegumsa GIs baayyeen
seerota biyyaa keessa jiru akkasumas biyyi kamu seera isaaf mijatu filachuu danda’a. Sirni
eegumsa GI bakka gurguddaa saditti qodamuu danda’a. Isaanis; seera hojii daldalaa (trade
practices) kan dorgommii haqa-maleessaa (unfair competition), seera mallattoo daldalaa,
mallattoo wall fi mallattoo mitkana’aa, fi GIs illalchisee seera addatti ba’u, sirna kaanirraa adda
ta’e (sui generis system) jedhamee kan waammamu. Tokko tokkoon isaanii gaarummaa fi
rakkina mataa mataa isaanii qabu.

Biyyoonni fi qoodafudhattoonni baayyeen GI hojiirra oolchuuf fedhii qabu. Dhimmi GI biyyoota


Afrikaa keessatti ammayyuu calqabbiirra kan jiruu fi seeronni qopha’an yeroo baayyee fedhii
Afrikaa kan ibsan miti. Afrikaa keessatti biyyoota muraasatu maqaa argamaa oomishaa
galmeessuuf seerota isaanii fayyadamu akkasumas biyyoonni Afrikaa baayyeen dhabbata qalaqa
sammuu biyyoolessa isaaniirraa fayyadamaa jiru. Kanarraa kan ka’e oomishni baayyeen argamni
isaanii Afrikaa ta’e maqaan kan hin galmoofnee fi eegumsa kan hin qabnedha.

Mallattoon tokko mallattoo daldalaa ta’ee fayyaduuf ibsituu (descriptive) yyokiin kan
dogoggorsu (deceptive) ta’uu hin qabu kana jechuun mallattoon kamuu fayyadamtoota
(consumers) kan dogoggorsu ta’uu hin qabu. Mallatton daldalaa hojii daldaalaaf oolu kaan irraa
adda kan ta’eefi kan nama hin dogoggorsiifne ta’uu qaba, himni bakkaa ibsu mallattoo hojii
daldalaa (commercial trademarks) ta’uu hin qabu garuu adeemsa iiti fayyadamuu keessa
baratamaa dhufee beekkamtii yoo argateefi bakki argama oomishichaa mallattoo daldalaa ta’ee
fayyadame nama kan hin dogoggorsiifne yoo ta’e bakki argamaa mallattoo daldalaa ta’ee
fayyaduu danda’a. Fakkeenyaaf, Itoophiyaa keessatti bunni Sidamoo, Yirgacheffee or Harar
bakka argaman mallattoo daldalaa oomisha bunaa isa kaanirraa adda kan isaan godhu argatanii
jiru.

Dhimmoota akka kanaa adeemsa keessa bakka argamaa maqaan daldalaa kennameef alatti,
seeroonni biyyoota baayyee, seera Itoophiyaa dabalatee, hima bakka argamaa mallattoo daldala
oomishaa ta’anii akka hin galmoofne dorku. Mallattoon daldalaa hojii daldalaa (commercial”
trademarks) hima bakka argamaa ibsu of keessa yoo qabate mallattoo daldalaa hojii daldala sunii
ta’ee hin galma’u. Himi bakka argamaa fudhatama argatee kan galma’uu danda’uu mallattoo
waloo yookiin mirkaneessa mallattoo (registration as collective or certification trademarks)
qofaafi.

Mirganeessi mallattoo (Certification marks) mallattoo oomishni yookin tajaajilli sun ittiin
beekkamu amala addaa qabu kan agarsiisudha fakkeenyaaf, bakka argama oomishaa
(geographical origin). Kanaaf mirkaneessi mallattoo ibsituu fi bakka argama oomishaa kan
agarsiisuu fi walitti hidhamiinsa qulqullinaa fi oomisha gidduu jiruu agarsiisuun baayyee hin
barbaachisu.

Mallattoo waloo kan agarsiisuu oomishni tokko kan oomishame yookin tajaajjilli tokko kan
kenname yookin kan daldalame miseensa garee adda bahe tokkoon yeroo ta’udha. Kanaaf
mallattoon waloo abbummaan isaa kan qaama waloo ta’ee tokko ta’eeti, faakkeenyaaf, waldaa
daldalaa, waldaa oomishtootaa fi namni mallattoo waloo sun fayyadamu miseensa garee
(waldaa) suni ta’uu ibsa. Miseensummaan waldaa (garee) mallattoo waloo qabanii, seera waliin
wal simuuf dirqamu, isaan keessaa oomisha bakka naannoo tokko kan mallattoo waloo
fayyadaman seera isa ilaallatu waliin wal simuu qaba. Mirkaneessa mallattoo fi mallattoo waloo
(Collective marks and certification marks) karaa kaka’umsa nama dhuunfaatiin eegumsa maqaa
bakka argamaa (protection of geographical names) mirkaneessa. Galmeessuun maqaa bakka
argamaa karaa mallattoon namni sadaffaa fooyyessee yookin maqaa bakkaa jijjiiree akka itti hin
fayyadamne hin dhorku. Galmeen yeroo yeroon haaromuu barbaachisa. mallattoo waloo fi
mallattoo mirkana’e hojiirra akka ooluu fi akka kabajamu kan godhu nama dhuunfaadha.
Mallattoo isaanii karaa idila’een kan hordofuu fi abbaa kan ta’an namoota dhuunfaa yeroo
barbaachisaa ta’etti himannaa dhiyeessuun mirga qalaqa sammuu isaanii kabachiifachuu
danda’u.

Seera jiru irratti hunda’uun bakka argama seeraan ala yoo itti fayyadaman dhaabsisuuf ajaja
dhorka mana murtii fi midhaan yoo qaqqabe immoo beenyaa fi adabbii akka murtaa’uu taasisuu
akkasumas midhaa cimaa yoo ta’e immoo hanga hidhaatti adabsiisa.

Sirna seeraa Itoophiyaa keessatti eegumsi mirga qalaqa sammuu sadarkaa heera mootummaatiin
ta’eera. Heerri mootummaa Itoophiyaa lammiin Itoophiyaa kamuu mirga qabeenya dhuunfaa
horachuu akka qaban labseera. Kew. 40(2) jalatti akkuma ibsametti qabeenyi dhuunfaa jechuun
kan qamummaa hin qabnee fi qaamummaa qaban (intangible and tangible) ta’anii gatii kan
qaban dafqaan, qalaqaan, interpriziin yookin kapitaalaan kan horatamanidha. Kanaaf heerri
mootummaa eegumsa qabeenya qamummaa qabuu fi hin qabneef eegumsa godhee jira. Eegumsi
kun qalaqa sammuu qabeenya qama hin qabneefis (intangible) qixxuma eegumsa godhee jira.
Garuu ifatti bakka argamaa oomishaa yookin tajaajilaa (geographical indication) ilaalchisee
waanti jedheeru hin jiru. Sababbiinsaas GI bu’aa qalaqa sammuu osoo hin taane maqaa bakka
argama oomisha tokkooti.

It is difficult to determine what types of ownership we should allow for non corporeal, intellectual
objects, such as writings, inventions and secret business information. Thereare intellectual properties
which are not products of the mind. For instance, all trademarks are not products of the mind.
Trademarks creation does not necessarilyrequire intellectual activity. The same holds true for
geographic indication. They don’t require the work of the mind like patent and copyright.

You might also like