You are on page 1of 30

Instiitiyuutii Leenjii

Ogeessota Qaamolee Haqaa


fi Qo’annoo Seeraa
Oromiyaa

Bulchiinsa
Dhangala’insa Qopheessaan ILQSO
hagayya ,
Dhimmoota : Abbabaa
2006 Adaamaa
Jootee Bultii
a (B.DH.DH.)

1
Kaayyoo
Dhuma leenjii kanaa irratti hirmaatotni leenjii
kanaa:
Maalummaa fi barbaachisummaa B.DH.DH (case
flow managment) Irratti hubannaa qaban ni
gabbifatu; qabatamaan manneen murtii keenya
keessatti hojii irra oolmaan yaad-rimee kanaa
sadarkaa maalii irra akka jiru ni hubatu.
Bu’a qabeessummaa B.DH.DH tiif qaamonni
qooda qaban eenyuu? Haala kamiin? Gaaffii
jedhuuf deebii sababaawaa kennuu ni danda’u.
Bu’a qabeessummaan B.DH.DH bifa
saayinsaawaan madaalamuu kan danda’u ta’uu
isaa irratti hubannaa qaban ni gabbifatu. 2
Hiikkoo

Gahee hojii manneen murtii ?

KTAS?

3
Cont…
Bulchiinsi dhangala’insa dhimmootaa
(case flow management) maal???

• Coordination of court processes and


resources to move cases timely from filing to
disposition regardless of the type of
disposition*

4
Madda B.DH.DH.(case flow managment)
Ogummaa of danda’e ta’ee beekamu kan
eegale yeroo calqabaaf biyya Ameerikaatti
bara 1970nii fi 80n keessa akka ta’e
qo’annowwan ni agarsiisu.

Bu’aa qorannoo rakkoo hedduminaa galmee


fi lafarra harkifannaa dhimmootaa irratti
taasifameeti.

5
Maalummaa B.DH.DH.
B.DH.DH.n sirna, tarsiimoo ykn mala ittiin
falmiiwwan guyyaa mana murtiitti dhiyaatan
irraa eegalee hanga xumura (murtii) argatanitti
yeroo hojiiwwan jiranii fi adeemsi tokkoon
tokkoon fudhatu ittiin to’atamuu dha.

Akkamitti to’atama??

 Dhimma gosaan adda baasuu (defferentiated


case management) (DCM)
6
Cont…

 adeemsa dhimmich keessa darbu adda


baasuudhaan xiinxaludhaan.
 Adeemsi tokkoon tokkoon isaa yeroon
fudhatu qoratamee murtaa’a. (fkn mooj.
fuula 9)
 Baay’ina galmee dhiyaatuu bu’uura
godhachuudhaan humni namaa yeroo
qabame keessatti hojii raawwachuu
danda’u ni ramadama.

7
Cont…
 The Goal??????

• Maximize the possibility of achieving a just


result
in each case as expeditiously as possible.

•Create a predictable system of case processing


that sets expectations for the parties and the
public and helps assure that the court provides
on-going supervision of the case process to
ensure the efficient, timely, and fair disposition of
each case.
8
Cont…
Mission of the Court (and JusticeSystem)
• To Do justice
and
• To Appear To Do Justice

9
Cont…
Achieving “Justice” MEANS
Result must be just

and
To “appear to do justice” means
Process must be just
- predictable
- opportunity for each party to

adequately prepare
- time entailed for disposition is reasonably
needed to prepare – and nomore.
10
Kaayyoowwan B.dh.dh.
Dabaree fi yeroo dhimmoonni ittiin
keessumeeffaman tilmaamamoo fi
si’aawaa taasisuu

Walqixxummaa a/dhimmaa mirkaneessuu

Dhimmi si’aayinaan akka xumuramu


gumaachuu

11
Cont…
 Bu’a qabeessummaa hojii m/murtii fooyyessuu.

 Amantaa hawaasni m/murtii irratti qabu


fooyyessuu.

 A/seeraayeroo baal’aa argatanii dhimma gad-


fageenyaan ilaaluun akka murteessan
taasisuudhaan qulqullina murtii dabaluu.

 Gabateenyeroo dhimmi itti xumuramuu qabu


ibsu mooj. Fuula-9 irratti kaa’ameera.
12
Faayidaalee B.dh.dh
Lafarra harkifatiinsa falmii ni hir’isa
Baasii falmii(m/murtii fi a/dhimmaa) ni
hir’isa.
Qulqullina ni dabala
Lakkoofsi dhimmoota murtaayanii akka
dabalan ni taasisa.
Amantaa hawaasaa argachuuf ni gargaara.

13
Malawwan sirni B.dh.dh. Ittiin hojii irra
oolu
1. To’annoo adeemsa falmiilee m/murtii
yeroo eeggatee fi itti fufinsa qabu.
 Fooyya’insa sochii falmiileen agarsiisan
to’achuu kan qabu m/murtii malee garee
falmitootaa ta’uu hin qabu.
 M/murtii to’annoo sirrii fi wal irraa hin
cinne yoo taasise yeroo gabaabaa
keessatti furmaata kennuun ni
danda’ama.
14
Cont…
 Kayyoon tooftaa kanaa falmiileen adeemsota keessa
darbuu qaban hunda keessa darbuun otoo hin
barbaachisiin bakka xumura argachuu qabanitti akka
xumuraman taasisuudha. Kunis:
 Falmiin m/murtiin alatti haalli itti xumuramuu
danda’u yoo jiraate qorachuu fi hojii irra
oolchuudhaan.
 Dhimmota abbaan seerummaa m/murtiitiin irratti
kennamuu hin malle fo’achuudhaan hambisuu
danda’uu.
 Galmeen guyyaa banamee irraa eegalee tokko
tokkoo sadarkaa falmii irratti yeroo fudhachuu
qabuu ol akka hin fudhanne mirkaneessu.
15
2. Dhimmoota addaan qoodanii bulchuu
Malli kun a/seeraa qofa otoo hin ta’iin xiyyeeffannaa
gareewwan falmii(abukaattotaa kan gaafatuudha.

Falmiileen amala uumama isaanii fi ijoo dubbii


kaasisaniin adda baafamanii akka dhiyaatan kan
barbaadudha.
S.d.f.h.h. keessatti dhimmootni amala isaaniitiin
sirna adda addaa sadii hordofanii dhiyaachuu akka
danda’an tumameera,isaanis:
1-dhimmoota sirna idileetiin dhiyaatan;
2-dhimmoota sirna gabaabaa(summarliy) tiin
ilaalaman; fi
3- dhimmoota sirna ariifachiisaatiin ilaalamaniidha.
16
Qaamotni bu’a qabeessummaa B.DH.DH.
Keessatti qooda fudhatan eenyuu fa’aat?
B.DH.DH. Bu’a qabeessa taasisuu keessatti
qaamotni adda addaa gahee hojii fi
ittigaafatamummaa mataa isaanii ni qabaatu.
Isaanis: A/seeraa, abukaattota, A/alangaa,
falmitoota garee bitaa fi mirgaa, poolisii,
ragoolee, m/yaalaa, m/sirreessaa, bulchiinsa
m/murtii fi hojjeettoota m/murtii keessattuu
o/seeraa sadarkaa sadarkaan jiraniidha.

17
1. A/seeraa dhaddacha gaggeessu
Bu’a qabeessummaa B.DH.DH.tiif adda
durummaadhaan gahee fi itti gaafatamummaa
kan qabu a/seeraat.
A/seeraa kallattiidhaan adeemsa dhaddachaa fi
adeemsa falmii to’achuuf dirqama qaba.
Dirqamasaa kanas ta’e ittigaafatamummaa
gama kanaan jiru dabarsee kennuudhaan
dhimmootni qaama biraatiin hogganamanii
to’annaa isaa harkaa akka ba’an eeyyamuu hin
qabu.

18
Cont…
A/seeraa akkaataa seeraan lafa kaayameen
yeroo hojii kabajuu fi qaamoleen biroos akka
kabajan gochuu qaba.
Dhimmi tokko sababa gayaa malee sababni
kunis otoo hin galmaayiin akka hin
beellamamnee taasisuu qaba.
A/alangaa fi poolisoota, akkasumas qooda
fudhattoota biroo dhimmi akka lafarra
harkifataniif sababa ta’an ittigaafatamtoota
taasisuu qaba.

19
Cont…

Dhimmoota duuchumatti guyyaati otoo hin ta’iin


sa’aatiidhaan beellamuu qaba. Bu’uuruma kanaanis
yeroo isaatti fayyadamuu qaba. Abbootiin
dhimmaas sa’aatii yeroo m/murtiitti bu’uura
ajajamaniin itti fayyadamuu isaanii mirkaneessuu
danda’uu qaba.
Dhimmoota akkaataa amala isaaniitiin adda
baasuudhaan keessuumeessuu qaba. Barbaachisaa
ta’ee bakka argametti yeroo kaa’ameen otoo hin
daangeffamiin yeroo gabaabaa ta’e keessatti
dhimmi xumura akka argatu guchuu ni danda’a.
Sadarkaa kamittu adeemsi dhimmichaa maal irra
akka ga’e hordofuu qaba.
20
2. Abbootii alangaa
 A/alangaa bu’a qabeessummaa B.dh.dh.
Keessatti qooda ol-aanaa fi itti gaafatamummaa
qabu. Kana galmaan ga’uudhaafis a/alangaa:
 Himannaa dhiyeessuudhaaf sirnaan qophaa’uu
fi bu’uura seerri barbaaduun dhiyeessuu qabu.
 Dhimmi m/murtiitti otoo hin dhiyaatiin dura
sirnaan qoratamee kan dhiyaate ta’uu
qulqulleeffachuu qabu
 Galmeelee falmiif qophaa’an sirnaan qabachuu.
 Jechi amantaa fi waakkii dursee kan kenname
ta’uu adda baafachuu.
21
Cont…
 Yeroo m/murtii lafa kaaye(beellama kenname)
kabajuu fi beellama kana irratti waan irraa
eegamu raawwachuu; fkn ragoolee isaa
gumeessee dhiyeeffachuu fi kkf….
 Ajandaa ofii qabachuu fi bu’uuruma kanaan
yeroon argamuu.
 Galmeelee hin himachiifne m/murtiitti otoo
hin dhiyeessiin cufuu.
 Kabaja m/murtii eeguu fi naamusa dhad.
hordofuu.
22
Madaallii raawwannaa hojii manneen
murtii
Sirna B.dh.dh. Diriirsuun qofaa isaa galma
barbaadame ga’uuf hin dandeessisu. Bu’a
qabeessummaa sirna kanaa madaaluuf sirni
madaalli jiraachuu mala.

Kaayyoon guddaan sirna B.DH.DH. Si’oomina


hojii manneen murtii dabaluu yoo ta’ellee
hojiirra oolmaan sirna kanaa qulqullinaa hojii
m/murtiitiifis shoora ol-aanaa akka taphatu ni
ammanama.
23
Cont…

Kanaafuu sirni madaalli bu’a qabeessummaa


B.DH.DH. Kallattii si’oominaa fi
qulqullinaatiin kan ilaalamu ta’uu qaba.
Haa ta’u malee si’oominnii fi qulqullinni
qajooltoowwan amala adda addaa qaban waan
ta’eef haala walfakkaataa fi safartuu
walfakkaatuun kan madaalaman miti.
Si’oomina madaaluun saayinsii salphaa fi
lakkoofsaan kan safaramu yoo ta’u, qulqullina
hojii m/murtii safaruun akka kan si’oominaa
salphaa miti. Garuummoo dhimma
madaalamuu hin dandeenyes miti.
24
Tooftaawwan si’oomina m/murtii
ittiin madaalaman:
1. Dandeetti qulqulleessuu(clearance rate)
 Tooftaa baay’ina dhimmaa manneen murtii yeroo
murtaaye keessatti murteessan baay’ina galmee
yeroo kana keessatti banaman wajjin walbira
qabuudhaan madaaluuf nu gargaarudha.
 Tooftaa kanaan madaalliin dhibbantaa(%) dhaan
ibsama.
 Baay’ina galmee yeroo murtaa’e keessatti murtii
argate baay’ina galmee yeroo kana keessatti
banameetiif hiruudhaan % baay’ifnee “clearance
rate” arganna.
25
Clearance Rates
definition: The number of outgoing cases as
apercentage of the number of incoming cases

purpose: Clearance rate measures whether


the court is keeping up with its incoming
caseload. If cases are not disposed of in a
timely manner, a backlog of cases awaiting
disposition will grow.

Fkn mana murtii aanaa adaamaatti galmeen


bara 2005 baname 4560, baruma kana keessa
kan murtaa’e 4700 dha, cr =?
26
2. Heddummina galmeelee(congestion)
 Tooftaa kanaan galmee yeroo murtaaye keessatti m/murtii
tokko keessatti argaman baay’ina galmee yeroo kana
keessatti murtii argatan wajjin walbira qabnee kan ittiin
madaalluudha.
 Tooftaan kun giddu-galeessaan umurii galmee m/murtii
tokko keessa hangam akka ta’e kan nutti agarsiisuudha.
 Bu’uura madaallii tooftaa kanaatiin si’oominni hojii
m/murtii tokko gutummaa guutuutti galma ga’eera kan
jedhamu baay’inni galmee yeroo murtaa’e keessatti
sochii irra jiru baay’ina galmee murtii argateetiif
qoodamee bu’aan isaa tokko (1) yoo ta’edha.
 Tokkoo ol taanaan galmeen yeroo sana keessatti murtii
argachuu qabu yeroo itti aanutti kan ce’e ta’uu kan
agarsiisuudha.
27
3. Kuufama galmee(backlog)
Kuufama galmee jeechuun baay’ina galmee
yeroo murtaa’e tokko irraa gara itti aanutti
ce’uudha.

Baay’ina galmee manni murtii tokko humna


qabutti fayyadamee murteessuu danda’uun olitti
kan jiruudha.
Kuufamni baay’ina galmee yeroo murtaa’e
(yeroo baay’ee waggaa tokko keessatti) sochii
irra ture irra yeroo kana keessatti baay’ina
galmee murtii argatee hir’isuudhaan kan
argamuudha.
28
Cont…

Kuufama galmee “congestion” wajjin


walbira qabuudhaan maadaaluunis ni
danda’ama.
 Haaluma kanaan m/murtii tokko humna
qabuun, galmee haarawaa banamu dhiisee
kuufama qofa otoo murteessee yeroo
hangamii keessatti fixuu akka danda’u
beekuun ni danda’ama. Kunis:
Congestion rate – 1 = yeroo kuufamni
galmee hundi murtii argatee dhumuu
danda’u jechuudha.
29
aa !
to o m
a l a
G

30

You might also like