You are on page 1of 8

Seenaa Waajjira Barnoota Bul/Mag/Buraayyuu

1.Hundeefama Mana Hojii

 Waajjiirri Barnoota Bul/Mag/Buraayyuu bara 1997tti hundeeffamee

2. Imaamataa (Educational Structure)


2.1 Kindergarten will focus on all round development of the child in preparation
for formal schoo1ing.

2.2 Primary education will be of eight years duration, offering basic and general primary
education to prepare students for further general education and training.

2.3 Secondary education will be of four years duration, consisting of two years of general
secondary education which will enable students identify their interests for further education, for
specific training and for the world of work. General education will be completed at the first cycle
(grade 10). The second cycle of secondary education and training will enable students to choose
subjects or areas of training which will prepare them adequately for higher education and for the
world of work.

2.4 Higher education at diploma, first degree and graduate levels, will be research oriented,
enabling students become problem-solving professional leaders in their fields of study and in
overall societal needs.

.2.5 Non-formal education will be provided beginning and integrated with basic education and at
all levels of formal education.

3.2.6 Basic education will focus on literacy, numeracy, environment, agriculture, crafts, home
science, health services and civics.

2.7 Non-formal education will be concrete in its content, focusing on enabling the learners
develop problem-solving attitudes and abilities.

2.8 Parallel to general education, diversified technical and vocational training will be provided
for those who leave school from any level of education.

3.Aangoo fi GaheeHojii Waajjira Barnoota Bul/Mag/Buraayyuu.

Labsii lakk. 162/2003, keewwata 18 keewwata xiqqaa 1 hanga 27 irratti


fooyya’ee baheen aangoo fi hojiin Waajjira Barnoota Bul/ Magaalaa
Buraayyuu
Aangoo fi hojii armaan gadii ni qabaata.

1) Barnoota Magaalicha keessatti kennamu qulqullinni isaa sadarkaa


biyyaa waliin kan wal simuu fi ga’umsaa fi sirrummaa kan qabu ta’uu
isaa ni mirkaneeffata.
2) Afaan Oromoo afaan barnootaa fi afaan qo’annoo fi qorannoo ta’ee
babldhachaa akka deemu ni taasisa.
3) Ijoollee umriin isaanii barnootaaf gahe haala barumsa itti argatan ni
karoorsa, barnoonni bu’uuraa nama barachuu danda’u hunda akka
walgahu ni taasisa.
4) Hirmaannaan barattoota dubartootaa akka dabaluu fi tooftaalee
harca’iina xiqqeessuu dandeessisan baasee hojii irra ni oolcha.
5) Tooftaa dubartoonni barnoota irratti cimanii dorgomtoota gahaa itti
ta’uu danda’an ni mijeessa, hojiirras ni oolcha.
6) Qaama miidhamtoonni carraa barumsaa fi meeshaalee barumsaa
haala itti argatanii fi naannoon dhaabbilee barnootaa mijaa’aa akka
ta’uuf ni hojjata.
7) Imaammataa fi sadarkaa barnootaa biyyattii hordofuu fi haala
qabatamaa naannichaatiin wal simsiisuudhaan sirna barnoota
sadarkaa 1ffaa fi sadarkaa 2ffaa BBO tiin qophaa’an hojiira ni olcha
8) Sadarkaa hundaatti kitaaba Afaan Oromootiin baratanii fi kitaabota
biroo afaan oromootiin gama BBO tiin qophaa’an ni raabsa hojiira
olmaa isaas ni hordoffa, meeshaalee deggarsa barnootaa ni guuta.
9) Sadarkaa Olmmaa Daa’immanii irraa eegalee hanga sadarkaa 2ffaatti
Barsiisotni ulaagaa guutuu isaanii ni mirkaneessa,Barsiisotaa fi
Hogeeyyii barnootaa akka leenjifaman ni taasisa,Olmaa Daa’immanii
irra hanga sadarkaa 1ffaatti Hayyama beekamtti warra ulaagaa
guutaniif ni kenna.Akkasumas kanneen gahumsa hin qabne
too’annoo fi horgoffii taasisuun hayyama isaanii ni haqa.
10) Qormaata sadarkaa guutuu biyyattiitti qophaa’ee ergame manneen
barnootaa Magaalicha keessatti hordofuun ni raawwachiisa.
11) Ga’umsa qormaataa fi waraqaalee ragaa sadarkaa naannichaatti
qophaa’anii kennaman ni Raabsa .
12) Dhaabbattoota Olmmaa Daa’immanii fi Sadarkaa 1ffaa
Magaalchaatti argaman ni hooggana; ni bulcha, ni deggara.
13) Dhaabbilee mootummaa, mit-mootummaa fi abbootiin qabeenyaa
manneen barnootaa oolmaa daa’immanii irraa eegalee hanga
sadarkaa 1ffaatti akka banan ni jajjabeessa; haarawa banuufis ta’e
kan duraanii sadarkaa isaanii guddisuuf gaaffiin yemmuu dhihaatu
sadarkaa isaa kan eege ta’uu isaa qorachuudhaan hayyama ni kenna;
raawwi isaanii ni hordofa; investimentii barnoota irratti taasifamu
hunda ni jajjabeessa.
14) Piroojektoota sagantaa barnootaa raawwachiisuuf gargaaran ni
qopheessa; yemmuu hayyamamus hojiirra ni oolcha; manneen
barnootaa Hayyama qabaniif deegarsa ogummaa ni kenna.
15) Barnoonni bu’uuraa, ummataa fi keessumaayyuu qonnaan
bultootaa fi Jirrataa Magaalaa haala waliin gahuu danda’amu
qorachuudhaan sirna barnootaa ga’eessotaa fi idileen alaa qophaa’ee
hojiirra ni oolcha.
16) Tajaajiloota barnoota dubartootaa, daa’immanii fi ga’eessotaatiif
deggarsa ni kenna.
17) Sagantaaleen barnootaa meeshaalee qunnamtii hammayyaatiin
akka deggaraman ni taasisa.
18) Qo’annoowwan tajaajila barnootaa fooyyessuu danda’an ni
adeemsisa. Kanneen sadarkaa Naannoo fi biyyaatti adeemsifamaniif
deggarsa barbaachisaa ni kenna.
19) Dargaggoonnii fi daa’imman naamusaa fi hamilee gaarii
horachuudhaan abdii biyyaa haalli itti ta’uu danda’an ilaalchisee
barnoonni lammummaa sagantaa barnootaa keessatti hammatamuu
fi ittiin barsiisamuu isaa ni mirkaneessa.
20) Manneen barnootaa keessatti sirni alaabaa baasuu fi faaruun
mootummaa naannichaa hojiirra ooluu isaa ni too’ata.
21) Haala ittisni ”HIV/AIDS” , eegumsi naannoo, barumsi jabeenya
qaamaa ittiin kennamuu fi cimu, akkasumas barmaatileen boodatti
hafoo ta’an ittiin ittifamu danda’amu sagantaa barnootaa keessatti
galan hojiirra ni oolcha.
22) Manneen barnootaa keessatti tajaajiloota adda addaa barattootaaf
kennaman ni qindeessa.
23) Dhaabbattoota gargaarsaa fi abbootii qabeenyyaa barnoota
Magalcha babaldhisuu fi fooyyessuuf gargaarsaa fi deggarsa taasisan
waliin qunnamtii ni uuma; ni jajjabeessa; ni qindeessa.
24) Leenjii yeroo gabaabaa idilee fi al-idilee ta’aniif karikulamii BBOn
qopheessee hojiirra akka oolan ni taasisa, leenjii dandeettii
barsiisummaa fi hooggansa barnootaa cimsu ni qindeessa .
25) CaasaaBBOn seektara barnootaa yeroo yeroon qoratee
dhiheessuu ni gurmeessa; humna namaa barbaachisaa ta’e ni
ramada.
26) Ragaa barnootaa fi leenjii Magaalcha walitti ni qaba; ni qindeessa;
ni tamsaasa.
27) Dhaabbilee barnootaa keessatti galii maddisiisuun haala itti
fayyadamuu danda’an ilaalchisee sirna ni diriirsa; hojiirrra akka oolu
ni taasisa.
Waajjirri Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu Caasaa Biiroo
barnootaa Oromiyaa waan ta’eef Aangoo fi gahee hojii Biiroo
Barnootaa Oromiyaatiif labsiin kennaman hunda guutuumaa
guutuutti galmaan gahuuf ciminaan ni hojjetaa.

4.Ergamaa, Mul’ata fi Sonawwan Waajjira Banootaa Bul/Mag/Buraayyuu.

 Ergama
Carraa barnootaa walgitiinsi, qulqullinnii fi ga’umsii isaa mirkanaa’e
sagantaalee idilee fi al-idileetiin babal’isuun dhaabbilee barnootaa keessatti
aadaa dimookraasii fi bulchiinsa gaarii dagaagsuun humna nama baratee
hiyyummaa seenaa gochuu danda’u horachuu.

 Mul’ata

Lammii baratee haaromsa eegalame itti fufsiisuun biyya keenya biyyoota galii
giddu-galeessaa irraan ga’uu danda’an horatamee arguu.

 Duudhaalee (Sonawwan )

Sagantaa misooma sektara barnoota Bu/Mag/Buraayyuu galmaan gahuuf,


caasaaleen barnootaa hundinuu sonaawan armaan gadii gonfachuun:

 Quuqama /Responsible/
 Kutannoo /Commitment/
 Hirmaachisummaa /Participatory/
 Iftoomina /Transparency/
 Bu’a qabeessummaa /Effectiveness/
 Qulqullina /Quality/
 Fakkeenyummaa /Examplary/
 Kalaqa /Innovation/
5.Kaayyoo

5.1.Kaayyoo Gooroo

 Carraa barnootaa babal’isuun Bul/Mag/keessaatti daa’imman umriin


isaanii barnootaaf qaqqabe hundi carraa barnootaa akka argatan
taasisuu.

5.2. Kaayyoo Gooree


 Carraa barnootaa walgitiinsa qabu, qulqullinaa fi gahumsi isaa
mirkanaa'e babal’isuun lammii beekumsa, dandeettii fi ilaalcha
misomaawaa gonfatee sochii guddina misooma biyya keenya keessatti
shoora ol'aanaa taphachuun haaromsa biyya keenyaa galmaan gahuu
danda'u horachuu.
6. Maamiltoota fi Dhimmamtootaa Waajjira Barnoota
Bu/Mag/Buraayyuu.

6. 1 Maamiltoota
a) Barattoota

b) Barsiisota

c) Maatii/Hawaasa

6.2.Dhimmamtoota
a)Dhaabbilee mit-mootummaa

b) Seektaroota mootummaa

c) Dhaabbilee gargaarsaa misooma barnootaa

d) Dhaabbilee amantaa

e) Waldaalee hawaasaa fi Abbootii qabeenyaa

7. Hojii Ijoo Mana Hojii


 Lammii Gahumsa, Dandeettii fi Naamuusa Qabu Sadarkaa Hundatti Horachuu

8. Caaseefamaa
 Caaseefamni waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu bara
2012tti kan jiru:.
 Supparvaayizara CRC =9 fi Supp.Sad.2ffaa fi Qophaa’ina = 1
 Manneen Barnootaa Oolmaa Daa’imanii=162
 Manneen barnootaa sad.1ffaa =97
 Manneen barnootaa sad.2ffaa fi Qophaa’ina(9-12) =8
9. Seenaa Manneen Barnoota Magaala Buraayyuu Kan Mootummaa
Lak Maqaa Mana Barumsaa Bara itti Yeroo Sad.amma Kaayyoo itti baname Ganda keessatti Yaada
. Hundeefame banamu irratti jiru argamu.
sad.itti
baname
1 Buraayyuu sad.1ffaa 1967 1-6 1-8 Barnoota babal’isuf Gafarsaa Buraayyuu
ffaa
2 GujeQarsaa sad.1 1968 1-6 1-8 Barnoota babal’isuf Gafarsaa Gujee
3 Abdii Noonnoo sad. 1ffaa 1997 1-8 1-8 Barnoota babal’isuf Gafarsaa Noonnoo
4 Gafarsaa Coorrisaasad.1 ffaa
1997 1-8 1-8 Barnoota babal’isuf Gafarsaa Gujee
ffaa
5 Kattaa sad.1 2002 1-8 1-8 Barnoota babal’isuf Buraayyuu Kattaa
6 Malkaa Gafarsaa sad. 1 ffaa
2002 1-4 1-8 Barnoota babal’isuf Malkaa gafarsaa
7 Annee Diimaa Sad.1 ffaa
2007 1-4 1-8 Barnoota babal’isuf Gafarsaa Buraayyuu
8 Sangotaa Sad.1 ffaa
2008 1-4 1-6 Barnoota babal’isuf Gafarsaa Noonnoo
9 Sariitii Sad.1 ffaa
2009 1-4 1-6 Barnoota babal’isuf Gafarsaa Gujee
10 Lakkuu Kattaa 2010 1-8 1-8 Barnoota babal’isuf Lakkuu Kattaa
ffaa
11 Buraayyuu Sad. 2 1995 9-10 9-12 Barnoota babal’isuf Gafarsaa Buraayyuu
12 Burqaa Noonnoo Sad.2 ffaa
2009 9-10 9-12 Barnoota babal’isuf Gafarsaa Noonnoo
13 Qophaa’ina Buraayyuu 2009 11-12 9-12 Barnoota babal’isuf Gafarsaa Buraayyuu
Ida’ama= 13

You might also like